Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 66

BOQONNAA TOKKO SEENSA

1.1. Seenduubee Qoannichaa Afoolli karaa dhalli namaa jireenya isaa toora ittiin qabsifatu keessaa isa tokkoo dha. Hiika afoolaaf kennamu ilaalchisee hayyuun Goldestein (1964:2) akkas jedha. Just as there is no one definition of folklore, there is no one approach to folklore studies. Kunis, hiikni afoolaaf kennamuu fi kallattiin afoolli ittiin qoatamu hedduun akka jiru agarsiisa. Haaluma walfakkaatuun Wirtuu Jildii-4 (1991:134) keessatti maalummaan afoolaa yoo ibsamu: Afoolli qabeenya waliigalaati malee qabeenya dhuunfaa miti. Kan mirga abbeentaa falmatu hin jiru. Yaadni kunis afoolli qabeenya hawaasa tauu agarsiisa. Gama turtii afoolli hawaasa keessatti qabuunis Asaffaan (2009:20), Ilmoon namaa barreeffamaan of ibsuu osoo hin jalqabin dura ogafaan (oral literature) ykn afoolaan (folklore) yaada ofiisaa ibsaa ture.Haaluma walfakkaatuun,Masqaluun (2001:10) akkas jedha; Oromoon bara taajjaba, taajjabeet baraan waa jedha.Afoola isaatiin bara madaala. Akkuma naannawa isaatti waa jedha, afoola isaatiin. Isatu mallattoo isaati. Mallattoo dhalootaa. Yaadni kunis hawaasni Oromoo afoola isaa maaliif akka itti gargaaramuu fi afoolli isaa isaaf maal akka tae agarsiisa. Gama biraatiinis, Alan Dundes (1965:3) afoola kallattii fookiloriitiin yoo tarreessu; The list of folklore also contains games, gestures, symbols, prayers (e.g. grace), folk etymologies, food recips, .. kana jechuunis afoolli ykn fookiloriin tapha, sochii qaamaa, mallattoo, kadhannaa, haala moggaasa wantootaa, haala nyaatni itti qophaauu fi k.k.f akka of keessaa qabu agarsiisa. Kanuma irraa kauudhaanis sirni kadhannaa garee afoolaa jalatti ramadamuusaa hubachuun ni dandaama. Kadhannaan immoo dhimma amantaan walqabatuu dha. Hawaasni Oromoos kadhannaa hujubaa akka afoola isaatti qabatee ittiin bulaa jira. Goorowwan afoolaa Dorson (1972:2) addaan qodee yommuu kau,folklore and folklate may be placed under four (4) large groups. These are: oral literature, social folk custom, material culture
1

and folk art. Kana jrchuunis afoolli og-afaan, duudhaa hawaasaa wanta aadaa fi aartii sochiin wal qabate jedhamun iddoo afuritti qodamuu agarsiisa.Haaluma kanaan, waraqaan qoannoo kunis duudhaa hawaasaa irratti xiyyeeffata. Afoola amantaan walqabate ilaalchisuun Oring (1986:45) akkas jedha: Religious folklore is folkore that has to do with religion. Kunis afoolli amantaa jiraachuu isaa fi afoolichis amantaa waliin hidhata qaba yaada jedhu of keessaa qaba. Afoolli kn immooo goorowwan afoolaa keessaa duudhaa hawaasaa jalatti ramadama. Kana malees, waaee amantaa hawaasa Oromoo ilaalchisuun Gumiin Waaqeffannaa Norwey, (2010:50) kitaaba isaanii Yaayyaa keessatti akka ibsanitti: Sirna gadaa jalatti gurmaayee jiraachaa kan ture harallee kan jiru ummatni Oromoo Humni Olaanaan Tokko (supernatural Force) akka jiru amanee eega fudhatee waggaa kuma jaa (6000) akka tae hayyoonni gadaa oromoo ni dubbatu As irraayis amantiin Oromoo jaarrota hedduu lakkoofsisee akka jiruu fi humni olaanaan ummatni Oromoo itti amanu kunis Waaqa Tokkicha akka tae hubachuun ni dandaama.Haaluma wal fakkaatuun, Misgaanuun (2011:84) waaee aadaa fi duudhaa hawaasaa yoo ibsu: aadaan mulistuu eenyummaa fi mallattoo sabichaati.Sabni saba biraa irraa kan addaan bahu aadaa fi safuu ittiin bulu qabaachuu isaati. Mammoonis (2002:39) akkas jedha: Akka amantii waaqeffannaatti kan gara Waaqaa nu geessu dhuudhaan Abbaa keenyaatirraa kaanee of duuba deebinee deemuu dhaan qofa taa. Duudhaa Abbaa fi Haadhatirraa jallannaan waaqaan wal arguu hin dandeenyu. Yaada kana irraas kan hubannu, hawaasni Oromoo Waaqatti kan qajeeluu dandau dhuudhaa haadhaa fi abbaa irra dhaabbatee akka taeedha. Duudhaa haadhaa fi abbaa hawaasni Oromoo itti gargaaramu keessaayis Muudni Hujubaa isa tokkoo dha. Haatauu malee, ummatni Oromoo waaqattis amanu kadhannaa waaqaa kan raawwatu karaa adda addaatiin. Yaada kana ilaalchisuun kitaaba seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa (gulaallii lammaffaa) keessatti, (1998:23) akka ibsametti: .. amantii aadaa Oromoo keessatti ayyaannonni kanneen akka . . . , malkaa, hora, tulluutti baee irreeffatee waaqa kadhachuu, dhibaafachuu, facaafachuu,
2

ayyaana abbaa fi haadhaa ayyaaneffachuu, saa dhaabbachuu, ulmaa/haluu baafachuu, hooda dhaqachuu, rakkina faachuu, ayyaantuu, beekaa gaafachuu, moora ilaalchifachuu, milkii ilaallachuu, sanbata dhaabbachuu . . . k.k.f. jiru. Yaada armaan olii irraa hubachuun kan dandaamu, hawaasni Oromoo kadhaa waaqaa kallattii gara garaan kan gaggeessu tauu isaati. Akkasumas, yaadni ayyaana abbaa fi haadhaa ayyaaneffachuu jedhu hujubaa/awwaala haadhaa fi abbaa muuduudhaan kadhannaa raawwatu tauu agarsiisa. Yaad-rimee kana irraa kauudhaan sirni muuda hujubaa abbaas hawaasa Oromoo biratti kallattii kadhannaan waaqaa ittiin geggeeffamu akka taes hubachuun ni dandaama. Walumaagalatti, yaada hayyoota armaan olitti ibsaman irraa kan hubannu afoolli qabeenya hawaasaa tauu fi afoolli amantaan walqabates jiraachuu isaati. Hawaasni Oromoos amantaa mataa isaa kan akka afoola mataa isaatti qabatu qaba. Kunis, waaqa tokkichatti kan amanu yommuu tau, waaqas kan kadhatu karaa gara garaatiin. Karaalee kanniin keessaas hujubaa abbaa muuduun isa tokko dha. Haalli kun immoo kan hawaasni Oromoo akka duudhaa isaatti qabatee ittiin jiraatu yoo tau, duudhaan hawaasaa immoo gooroowwan afoolaa keessaa tokko waan taeef muudni hujubaa abbaas garee afoolaa jalatti ramadama. 1.2. Kauumsa Qoannichaa Muudni hujubaa abbaa hawaasa Oromoo biratti akka duudhaa hawaasaatti erga tajaajila kennuu jalqabee tureera. Hawaasichis rakkoolee gara garaa isaan mudatan jalaa qolachuuf jecha kadhannaa waaqaa kallattii ittiin gegeessu keessaa sirni muuda hujubaa abbaa isa tokkoo dha. Haatauu malee, sirni kun Hawaasa Oromoo Aanaa Kokkossaa keessa haa jiraatuuyyu malee qoannoon haalaan irratti geggeeffamee bifa barreeffamaatiin wanti taaee hin jiru. Kanas Aanichaa gaafachuun qoatichi kan adda baafatee dha. Bifa barreeffamaatiin tauu dhabuun isaa immoo duudhaan hawaasaa kun akka dagatamu godha. Abbaan Gadaa (2012:11), badaa jiraachuu dudhaa hawaasa Oromoo yoo ibsu: Amantii Waaqeffannaatiif mormitoota kan taan amantaawwan alagaa mootummaa irraa hayyama guutuu argachuudhaan gandoota Oromiyaa keessa
3

daangaa tokko malee bilisaan sochoanii bakkeewwan tokko tokkotti badiisarra kan hafan sirna gadaa, amantii Waaqeffannaa fi aadaa abbootti keenyaa balleessuu irra jiru. Haaluma walfakkaatuun Ben.A. (1982:177), The spread of Islam and Christianity and the increased volume of the mass communication media may affect oral literature, but they have not eradicated it. Yaanni kunis kan ibsu, amantaan Islaamaa fi Kiristaanaa gar malee babalachuun afoola akka miidhuu fi garuu balleessuu akka hin dandeenye agarsiisa. Dabalataanis, Maammoo Gadaa (2002:39) akks jedha: Abbaa fi haadha isaatii abboomamee ayyaana isaanii qabatee namni waaqa hin kadhanne, waaqarraa argatuu hin dandau. Akkuma yaada kanarraa hubatamutti, namni duudhaasaa kanarraa dabee waaqa kadhatee kadhaasaa akka hin arganne hubachuun ni dandaama. Kanaaf, qoannoon gadi fageenyaa waaee muuda hujubaa abbaa irratti geggeeffamuun faayidaa mataasaa qaba. Kunis, afoolli akka duudhaa hawaasa Oromootti tajaajilu kun maal akka fakkaatu hubachuufis taee haala ittiin bulmaata hawaasichaa baruufis faayidaa guddaa qaba. Kanuma irraa kauu dhaan yaadni qoaticha qoannoo kana akka geggeessuuf isa kakaases: afoolicha hawaasa keessa jiru kana gadi fageenyaan qoachuun bifa barreeffamaatiin ol kaauu dha.Yaada kanaan walqabatee, akkuma Asaffaan kitaba isaa Anaaniyaa(2006:5) keessatti, Dhugumaan falaasamni Socrates osoo Pilato-on hin barreessinee baduu mala.jedhe, duudhaan hawaasaa kunis barreeffamee dhaloota kanaan yoo oli hin kaahamin baduu dandaa waan taeef, qoatichas duudhaa hawaasa Oromoo kana irratti akka hojjatu kan kakaase isa kanaa dha. Haaluma walfakkaatuun, akkaataa raawwii muuda hujubaa abbaa irratti kanaan dura Aanaa Kokkosaa keessatti qoannoon geggeeffamuu dhabuu isaati. Kanumaan walqabatee qoatichi gaaffilee qorannoo armaan gadii qoannoo isaa keessatti deebiseera. 1. Hawaasa Oromoo Aanaa Kokkossaa biratti sirni muuda hujubaa abbaa akkamitti raawwata? 2. Sirni muuda hujubaa abbaa yomessa akkamii keessatti taa? 3. Hujubaan abbaa eenyuun muudama?
4

4. Meeshaaleen sirna raawwii muuda hujubaa abbaatiif barbaachisan maal faa?


5. Yeroo ammaa sirni raawwii muuda hujubaa abbaa hawaasa Oromoo Aanaa

Kokkossaa biratti maal fakkaata? Hirachaa deemaa yoo jiraate sababni isaa maali? 1.3. Kaayyoo Qoannicha 1.3.1. Kaayyoo Gooroo Kaayyoon gooroo qoannoo kanaa sirni raawwii muuda hujubaa abbaa maal akka fakkaatu xiinxaluudha. 1.3.2. Kaayyoo Gooree Kaayyoleen gooree qoannoo kanaa:

Akkaataa raawwii sirna muuda hujubaa abbaa addeessuu Yoomessa raawwiin sirna muuda hujubaa abbaa keessatti raawwatu ibsuu. Sirna muuda hujubaa abbaa irratti namoota qooda qaban adda baasuu. Wantoota raawwii sirnichaaf barbaachisan ifa taasisuu. Hawaasa Aanaa kokkossaa keessatti raawwiin sirna muuda hujubaa abbaa yeroo ammaa sadarkaa akkamii irra akka jiru ibsuu fi hirachaa deemaa yoo jiraate sababa isaa ibsuu. 1.4. Barbaachisummaa Qoannichaa

Qorannoon tokko yommuu geggeeffamu barbaachisummaan isaa kaayyoo isaa irratti hudaauun ifatti bahee taauu kan qabuu dha. Kanaafuu, qoannoon kun faayidaalee armaan gadii qaba: Namoota qoannoo kanaan walfakkaatu geggeessaniif buura taa. Afoola kana galmeessanii olkaauufis ni gargaara. Bifa barreeffamaatiin yoo taae hawaasni gadi fageenyaa dubbisuun waaee afoola kanaa haalaan hubachuu dandaa.
Waajjirri Aadaa fi Tuniziimii Aanaa kokkossaa akka buuuraatti gargaaramuun

duudhaa hawaasichaa kana irratti qorannoon garaagaraa akka gaggeeffamuu gochuu dandaa.

1.5. Daangaa Qoannichaa Qoannoon kun kan adeemsifamu Naannoo Oromiyaa Godina Arsii lixaa Aanaa Kokkossaa keessattii dha. Sababiin qoannoon kun aanicha qofa irratti xiyyeeffateefis hawaasa oromoo hunda irra deemuun qoannicha geggeessuun hin dandaamu. Kanis, hanqinna yenoo fi mallaqaa irraa kauu dandaa. Mata dureen qoannichaa muuda hujubaa abbaatiin walqabata. Haa tauu malee, muudni hujubaa abbaa kunis kallattii garagaraatiin ibsamuu dandaa. Kana jechuunis, gama maalummaa, qabiyyeefi raawwiitiin ibsamuu dandaa. Kanaafuu, qoataan kunis kan irratti xiyyeeffate raawwii sirna muuda hujubaa abbaa irratti dha. Achi keessattis qoatichi akkaataa sirnichi itti raawwatu, yoomessa, namoota sirnicha keessatti gahee qabanii fi wantoota sirnichaaf barbaachisan maal akka fakkaatan dhiyeesseera. 1.6. Hanqinna Qoannichaa Akkuma beekamu hojiin tokko yoo hojjatamu guutumaan guututti hanqinna tokko malee kan xumuramu miti. Sababni isaas yeroo hojii tokko dalaguuf yaalamu gufuuwwan gara garaa nama mudachuu bira darbanii hojii sana irraas nama daangessuu dandau. Haaluma kanaan, waraqaa qoannoo kana qopheessuu keessatti akka hanqinnaatti qabxiileen kaan: Hanqinna kitaabaa Duudhaalee Oromoo irratti kitaabileen balinnaan barreeffaman waan hin jirreef odeeffannoo gahaa mata duree qoannoo kanaan walqabatu argachuun rakkisaa dha.
Hanqinna mallaqaan walqabatee baasiin waraqaa qoannoo kanaaf bahu gahaa waan

hin taaneef, hamma barbaadame deemanii hojjachuu irratti gufuu taeera.


Yeroon waraqaan qoannoo

kanaa, yeroo barnootaa waliin walitti buuun isaas

dhiibbaa fideera.
Bakki qoatichi qoannoo irratti gaggeessee fi Yuunibarsiitiin Jimmaa walirraa fagoo

waan taeef odeeffannoo hawaasa irraa funaanamu irratti dhiibbaa uumeera.

1.7. Seenduubee Bakka Qoannichaa Qorannoon kun kan gaggeeffame naannoo Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Hawaasa Aanaa Kokkossaa jiraatanii aadaa ykn duudhaa kanatti dhimma bahan irratti. Godinni Arsii Lixaa Aanolee kudha afur (14) of keessaa qaba. Aanaan kokkossaa Aanoolee Godina Arsii Lixaa keessaa tokko taee, gandoota baadiyaa 22 fi ganda magaalaa 1 walitti gandoota 23 of keessaa qabdi. Aanaan Kokkossaa haala amma jirtuun kan hundeeffamte jaarraa 20ffaa keessa bara 1920 tti. Maqaan kun kan moggaafameef biqiltuu Koskosee jedhamtu iddoo magaalaan dhaabbatte irratti argamtu irraayi jedhu maanguddoonni. Garuu sanaan dura maqaa Xexee jedhamuun yaamamaa turte. Yeroo sana iddoon magalaan jirtu daangaa ummata kibbaa iddoo hara sariitii jedhamtee waamamtu ture. Iddoon kun daangaa Ummata kibbaa irra waan taateef, sidaama waliin walitti buiinsi waan tureef shakkiidhaan achii kaasanii iddoo hara jirtu kanatti dhaaban jedhu. Maqa Kokkossa jedhamu kana kan moggaase namticha Galgaluu Jaajoo jedhamuu dha. Aanaan kun magaalaa Godina Shaashammannee irraa kun 116 fagaattee gara kibbaatti argamti. Akkasumas, Finfinnee irraa km 365 gara kibbaatti fagaattee argamti. Kallattiwwan gara garaatiin aanotni daangessan: Bahaan- Aanaa Dodolaa Dhihaan Naannoo kibbaa Aanaa Gorchaa fi Malgaa Kaabaan Aanaa Kofalee Kibbaan- Naannoo Kibbaa Aanaa Arbegoonaafi Kibba-Bahaan - Aanaa nansaboon marfamtee argamti. Aadaan aanaa Kokkossaa fi aanolee olla hedduun isaanii walfakkaatu. Hariiroon isaan qabanis baayee cimaa dha. Hariiroon kunis, gama fuudhaa fi heerumaatiin, gumaa waliin baasuu, guddisa waliif kennuu, geegawoo waliif foouu fi k.k.f faaa dha. Baayinni ummata aanichaas: Dhiira = 78,904
7

Dhalaa = 82,124 Idaama = 161,028 Hawaasni aanaa kana keessa jiraatu dhibbeentaan 95.5 Oromoo, dhibbeentaan 4 sidaamaa fi dhibbeentaan 0.5 immoo Amaara. 1.7.1. Haala Qilleensaa Haalli qilleensa aanaa Kokkossaa baddaa fi badda daree dha. Dhibbeentaanis yommuu ibsamu: 98% Baddaa 2% Badda-daree dha. Kanaaf, naannoon kun jireenya namaa fi bineeldotaaf mijooftuu dha. Aanaan kun irra caalaa waqtii gannaa keessa rooba gahaa kan argatu yoo tau waqtiilee hafan keessas darbee darbee ni rooba. Waggaadhaan 1200-1700mm ni taa. Olkaiinsi sirnii galaana irraas 2500mm-3060mm faa. 1.7.2. Haala Jireenya Hawaasummaa Ummatni aanaa Kokkossaa akkaataa ittiin bulmaata mataasaa qaba. Kana keessaa tokko jaarsummaadha. Kana jechuunis, namootni sababoota gara garaan yoo walitti buan mala jaarsummaa kanaan araarsu. Jaarsotni dubbii dubbatanis namoota yookaan qaamota waldhaban lamaaniifuu qixxee dhaabbatee dhugaa irratti hundaauun araarsu. Nama balleessaa qabu ni yakkisiisu. Nama humna jaarsotaatii ol taes yaaa gosaatiin dhaqabu. Akkasumas, humna gosaatii ol yoo taes gosti itti murti. Itti muruu jechuun diinsanii of keessaa adda baasuu jechuudha. Nama gosti itti murte yoo namni isaa irraa due irraa hin awwaalan, manni isaa jigu irraa hin kaasan, olla irraa ibidda hin fudhatu, isaan waliin hin haasaan. Seerri kun seera Ulee Gosaa jedhama. Hawaasni aanichaas seera kanaan jiraata. Nama itti muranis yoo inni balleessaa ofii fudhatee yakkaa gosaa qalee baafate ni araaramuuf. Haalli diinagdee hawaasichaas qonnaa fi horsiisa loonii irratti hundaaa. Gosootni midhaanii kan hawaasni oomishu kanneen akka warqee (enset), garbuu, boqolloo, dinnichaa fi k.k.f dha. Kanneen keessaa irra caalatti warqetu qotama. Baayladoota kanneen akka loonii, bushaayee
8

(hoolaa fireee), farda, gaangee fi harreen ni horsiifamu. Walumaagalatti diinagdeen aanichaa Dhibbeentaan torbaatamni (%70) qonna irratti kan hundaau yoo tau, dhibbeentaan soddomni (%30) horsisa loonii irratti hundaaa. 1.7.3. Amantii (Religion) Hawaasni aanaa Kokkossaa amantii gara garaa hordofu. Amantiileen kunniinis kanneen akka Musiliimaa, Kiristaanaa fi Waaqaffannaa dha. Harki caalaan hawaasicha amantii Musiliimaa kan hordofan yoo tau, kanneen hafan amantaa Kiristaanaa fi Waaqeffannaa hordofu. 1.7.4. Qabeenya Uumamaa Aanaan Kokkossaa qabeenya uumamaatiin kan badhaatee dha. Qabeenyi uumamaa kunneenis kanneen akka laggeenii, gaarreenii, Tulluuwwanii fi biqilootaa fi bineensota heddutu argama. Laggeen gurguddoon Aanicha keessatti argaman: o Waabee o Loggitaa Gaarreen gurguddoo Aanicha keessatti argaman:
o

o Hafuursa o Maganaamo o Shamee

Gaara Gorxee

o Gaara Tirsuu
o

Gaara Aganaa

Tullwwan beekamoo Aanichaa: o Tulluu Gaduudaa fi o Tulluu Arbaati Biqiltoota Aanicha keessatti argaman: o Heexoo o Waddee ssa o Kombol cha o hindhee nsa o Anshaa o Tuullaa o Ejersa o Koraqqa a o Korraall aa o Leemma n
9

fi k.k.f dha. Bineensota Aanicha Keessatti Argaman:


o

Qeeransa

o Arroollee o Awwaaldigeessaafi
o

o Waraabessa
o

Borofa

Allaattiiwwan argama.

gara

garaatu

o Kuruphee 1.7.5. Iddoolee Seena Qabeeyyii Aanichaa

Aana Kokkossaa keessatti iddooleewwan seena qabeeyyiin heddutu jiru. Isaanis faayidaa gara garaaf oolu.
Haroo Wocaa: Haroon kun ganda Bokoree keessatti kan argamu yoo tau, iddoo

kanatti hawaasni aanichaa xaaliyaaniin wal lolaa turan jedhama. Kanaaf, iddoo lafeen gootota Oromoo itti cabe jedhamee ayyaanni Aduwaa waggaa waggaan itti kabajama.
Gamoo Abbaa Amboo: Ganda Woyyoo Kombolchaa keessatti akka iddoo falaatti

oola.
Ilka: Madda laga waabeeti. Ganda Hoogisootti akka iddoo muudaa fi yaaaatti

ilaalamti.
Burqituu Araarii: Ganda boorootti falaaf itti gargaaramu. Kullaa: Ganda Ombaatti akka iddoo yaaaa fi falaatti fayyada. Koraqqaa Raaruu: Ganda hora sabbuutti akka iddoo Raabaatti gargaara. Gashee-Mude: Ganda Dikiitti tajaajila muudaatiif itti gargaaramu.

1.7.6. Aadaa Nyaataa Nyaatni aadaa kanneen akka Micciirraa, Finiinaa fi Marqaa balinnaan beekamu. Nyaatni kunniinis midhaan gara garaa irraa tolfamu. Micciirraan garbuufi dhadhaa, Finiinni foonii fi dhadhaa akkasumas marqis midhaan gara garaa fi dhadhaa irraa qophaaa. Nyaata aadaa kanneen keessaa Micciirraan kabaja guddaa qaba.
10

1.7.7. Dhaabbilee Misoomaa Aanaan Kokkossaa dhaabbilee misoomaa heddu qabdi. Dhaabbileen kunniin, buufata fayyaa 6 fi keellaa fayyaa 21, keellaa fayyaa loonii 6, wiirtuu leenjii qonnaan bulaa 6, manneen barnoota kutaa 1-4 = 20, kutaa 1-8 = 30, kutaa 9-10 = 3 fi oolmaa daaimmanii 2 qabdi. Hojjattoota dhaabbilee adda addaa keessa hojjatanis 1052 qabdi.

BOQONNAA LAMA
SAKATTAA BARRUU 2.1. Maalummaa Muudaa Maalummaa Muudaa ilaalchisuun hayyoonni gara garaa hiika mataasaanii kaaanii jiru .Haaluma kanaan akka, Ten Leus (2006:472) jedhetti; Muuda is only a little bit, and is associated with ceremony. Yaadni kunis kan ibsu, Muudni waan xiqqaa sirna ayyaanaan walqabatu akka taee dha. Akkasumas, Asmarom, (1973:15); The term Mudawhen used by itself is the name of cermomy that is celebrated once. of the kallu jedha. As irraayis hubachuun kan dandaamu muuda jechuun maqaa sirna ayyaanaa akka taee dha. Dabalataanis, Asmarom Lagesse (1973:94) kitaaba isaa keessatti cerulli wabeeffachuun waaee muudaa yoo kaasu; . . . . . it is the place where the Oromo went to celebrate the muuda ceremony. Kana jechuunis, Abbaa muudaa jechuun iddoo hawaasni Oromoo sirna ayyaana muudaa itti kabajatu akka tae kan agarsiisu yoo tau, yaada kanarraa immoo muuda jechuun sirna ayyaanaa akka tae hubachuun ni dandaama. Kana malees, Dirribii Damusee (2009:248) akka ibsutti; Sirna muudaa jechuun mana warra ayyaantuu dhaqanii dhangalaasaa (dilaalaa) kennanii eebba argachuu jechuu dha. Yaadni hayyuu kanaas kan ibsu sirni muudaa waan tokko argachuuf kadhannaa tauu dha. Haaluma walfakkaatuun, Gadaa Melba (1988:21) akka jedhutti Religious Oromo often made muuda
11

pilgrimage to some of the great Qallus and religious centers such as Arsis Abbaa muuda (father of annointment).kana jechuunis, hordoftoonni amantaa oromoo yeroo tokko tokko muudaaf gara Qaalluu gurguddoo fi iddoolee amantaa yookaan kadhannaa kan akka Abbaa muudaa Arsii keessatti argamuutti imala taasisu yaada jedhu of keessaa qaba. Gara Qaalluu gurguddoo fi iddoolee muudaatti kan deemaniif immoo sirna kadhannaaf akka tae yaada armaan olli kanarra hubachuun ni dandaama. Gama biraatiinis, Dirribii Damusee (2009:248) akka ibetti; ayyaanni muudaa yeroo durii osoo labsii minilikiin hin dhoorkamin dura sirna gadaa ummanni Oromoo bakka fagoo adda addaa akka Lixa Oromiyaa, sayyoo fi kaaba Oromiyaa Raayyaa Assibuu kaee galaa qabatee, loon oofee, yeroo heddu karaa bulee irratti argama ture. Akka ibsa kanaattis Ayyaanni Muudaa kan Oromoonni kallattii gara garaa wareega qabatanii irratti hirmaatanii fi umrii dheeraa lakkoofsisuu isaa hubanna. Akkasumas, wirtuu Jildii-3 (1990:72-73) keessatti ibsametti; . . . . bakki muudaa fi sagadaa kun seenaa waggoota dhibba saddeetiifi digdamaa (820) ol akka qabu seenessoonni naannayaa ni himan Akka yaada kanaattis Dirreen Sheek Huseen iddoo muudni itti geggeeffamu tauu fi muudanii fi sagadni iddoo kanatti gaggeeffama ture yeroo dheeraa akka lakkoofsisee jiruu dha. Walumaagalatti, yaada hayyoota armaan olitti ibsamanii irraa hubachuun kan dandaamu, Muuda jechuun mataasaatiin sirna ayyaanaa akka taeefi sirnichis kadhannaa waaqaaf kan geggeeffamu tauu isaati. Akkasumas, sirni kadhannaa kun yeroo dheeraa hawaasa Oromoo biratti lakkoofsisuu isaas ni hubatama. 2.2. Gosoota Muudaa Muudni ayyaana sirna kadhannaaf qophaauu tauu isaa ibsamee jira. Kaayyoo fi iddoo itti geggeeffamu irratti hundaauun immoo garaagarummaa qabaachuu dandau. 2.2.1. Muuda Gadaa

12

Asmarom Lagesse (1973:10) waaee muuda gadaa keessatti raawwatuu yoo ibsu; What is special about muuda ceremony is that it is the one of the rare instances when the hereditary leaders of the kinship (Kalluu) system and the elected leaders of Gadaa system (Abbaa Gadaa) came to the same cermonial grounds to participate in the event. Kana jechuunis muudni Gadaa kan yeroo abbootiin gadaa fi warri qaalluu taee yookaan gocha tokko irratti walgahan kan raawwatamu tauu agarsisa. Dabalataanis Ten leus (2006:472) akkas jedha; In the muuda Gadaa the two main qallu, oditu and karayu, are anointed by the leaders of three years yaa Gadaa . . . Kuuis muuda gadaa keessatti namoonni muudanii fi muudamuu dandaan eenyuu faa akka taaniifi muudni Gadaa jiraachuu isaa agarsiisa. Haaluma walfakkaafuun Ibid (2006:475) . the muuda gadaa can be highly politicized, originally each of the clans announted their own qallu and .. . . Yaadni kunis, muudni gadaa siyaasa irratti kan hundaae tauu agarsiisa. Akkasumas, muuda gadaa keessatti tokko tokkoon gosaa qaalluu mataa isaanii akka muudatan ibsa. Asmarom lagessa (1973:91) yeroo muuddni gadaa itti raawwatu yoo ibsu akkas jedha; the ceremony is the occasion when the Gadaa class power makes an offering to the ritual leaders of the moieties, the kallu of the oditu and the karrayyu. jedha. Ibsi kunis ayyaanni muuda gadaa yeroo warroonni kutaa gadaa keessatti aangoo qaban kennaa warra ayyaana qabaniif yookaan warra Qaalluuf dhiheessan sirna raawwatuudha yaada jedhu of keessaa qaba. Walumaagalatti, yaadni hayyoota kanneenii kan ibsu, muudni Gadaa yeroo abbootiin gadaa kutaalee garagaraa taee yookaan gocha tokko irratti walitti dhufanii fi yeroo abbootiin gadaa warra Qaalluu muudan kan raawwatu tauu agarsiisa. 2.2.2. Muuda Qaalluu Maalummaa muuda Qaalluu ilaalchisuun Toleeraa fi Hundasaan (1995:103); Oromootaafi waaqa kan walqunnamsiisan Qaallota jedhamujedhu. Kanaaf, ayyaana namaa fi waaqa walqunnamsiisan waan qabaniif hawaasa gara garaan muudamu. Yaaduma kana deeggaruun Ibid (1995:104) akkas jedhu, Qaalluun gosa beekamaa keessaa baha Achi keessaa bahee gosoota hafaniifis taa. Hundaanis muudama.
13

Dabalataanis, Asaffa Jallata (2005:34) akkas jedha: The qaalluu is thought to posses sacred characteristics that enable him to act as intermediary between the people and .. .. (God)) Kana jechuunis, qaalluun ayyaana ummataa fi Waaqa walqunnamsiisuu dandau akka qabu ibsa. Akkasummas, Gadaa Melbaa, (1988:19). Yaaduma olitti kae kana deeggaruun yoo ibsu; An effecfive relationship is often maintained between ayyaanaa and oromoo by Qallu (male) and/or Qallittii (females) Kana jechuunis, walitti dhufeenyi gaariiin ayyaanaa fi hawaasa Oromoo gidduu jiru karaa Qaalluun ykn Qaalittiin akka tae agarsiisa. Gama biraatiinis, faayidaa muuda Qaalluu ilaalchisuun Maammoo Gadaa (2002:65), Dandeettii waaqa roobsuu fi caamsuu kan agarsiise yoo tau, wanta sabni barbaadu mara waaqarraa argatuu waan dadaeef hawaasicha biratti kabajaan addaa kenna maafi . jedha. Kunis, Qaalluun waan hawaasni barbaadu guutuuf dandeettii akka qabu agarsiisa. Kanaafuu, qaalluun waaqaafi ilmaan namaa waan walqunnamsiisaniif, hawaasni waan barbaadan argachuuf qaalluu muudanii Waaqa akka kadhatan hubachuun ni dandaama. 2.2.3. Muuda Iddoolee Waaqeffannaa Hawaasni Oromoo kadhannaasaa haala gara garaatiin iddoo gara garaatti geggeessuu dandau. Iddoolee waaqeffannaa Oromoo fi sababa iddoo kanneenitti waaqeffatamuun walqabatee WADOn (2010:53) kitaaba isaanii Daaniyaa keessatti akkas jedhu; Waaqeffattoonni bakkeewwan kanneen akka malkaa, Tulluu odaa fi Galmaa faa akka iddoowwan kabajamootti filtan.Bakkeewwan kanneen bakka raajiin waaqaa itti mulateedha jedhanii amanan. Kanumma irraa kauudhaan iddoowwan kanniin yeroo gara garaatti muudu. Muudni hujubaas akka iddoowwan kanneeenniitti kan tajaajiluudha. 2.2.3.1. Muuda Galmaa

14

Toleeraa fi hundasaan (1995:104) waaee muuda galmaa yoo dubbatan, Bakki itti waaqa kadhatan, galateeffatanii fiirreeffatanis galma ijaarame keessa, . . . kanneen kana otuu godhanuu yeroo yerootti dhaqanii qaalluu muudu. Jedhu. Dabalataanis Gadaa Melbaa (1988:20) waaee galmaa ilaalchisuun akkas jedha. the place of worship of Qallu ritual house is called the Galma. Each ayyana has its own galma and its special ceremonies. Kana jechuunis, qalmi iddoo waaqeffannaa qaalluu akka taee fi iddoo sirni ayyaana qaalluu itti geggeeffamuu tauusaati. Ayyaanichi galmatti gaggeeffamus ayyaana muuddaati. Kanaafuu, galmis iddoo muudni itti raawwatu keessaa tokkoo dha.

2.2.3.2. Muuda Malkaa fi Tulluu Muuda malkaa fi Tulluu ilaalchisuunis Maammoo Gadaa (2002:35) akkas jedha . . . . . kanaaf waaqeffataan ayyaana malkaafi Tulluu ni kadhata, ni muuda, itti dhibaafata, itti irreeffata. Yaaduma kanarraa kauun hawaasni Oromoo malkaa fi tulluu muuduun sirna kadhannaa isaa geggeessuu akka dandau hubachuun nidandaama. Akkasumas, Gumiin waaqeffannaa Norwey (2010:121) akkas jedhu;Sabni Oromoos . . . . . gaaraa fi lagatti baee waaqasaa kadhata. Kana malees, Abbaa Gadaa (2012; 12) sababa hawaasni Oromoo malkaatti bahee Waaqa kadhatuuf yoo ibsu akkas jedha;ummatni Oromoo kadhata gochuudhaaf laga kan inni buuuf, jiidhaa fi qilleensa qulqulluu waan qabuuf malee akka alagaan jedhu bishaanitti sagaduuf miti. Kanaafuu, hawaasni Oromoo Malkaa fi Tulluu akka iddoo waqeffannaatti itti gargaarama. 2.2.3.3. Muuda Muka Guddaa Jalaa Muuda muka guddaa jalatti raawwatamu ilaalchisanii GWN (2010:109), Oromoon muka odaa, Qilxuu fi Jaraabbii jalatti walgahee waaqayyoon sagada malee odaafi qilxuutti hin sagadu. Akkasumas, Asmarom Lagesse (1973:15) akkas jedha; the actual place where the ceremony is
15

held is at the shrine of oda . . . . to the west of Gennale Rivers, yaadni kunis odaan iddoo sirni muudaa itti raawwatuu fi gosa muka guddaa keessaa tokko akka tae agarsiisa. Kanaaf, hawaasni Oromoo odaafi mukkeen gurguddoo biroo muudee waaqa kadhachuu dandaa. 2.2.3.4. Muuda Hujubaa Maammoo Gadaa (2002:39), Bakkeen waaqa itti kadhatanis iddoo ulfoowwan Abboonniifi haadhotiin ittiin kadhataa turan . . . jedha. Kanuma buuura godhachuun hujubaanis iddoo abbootniifi haadhotiin waaqa itti kadhatan tauusaa hubanna. Haaluma walfakkaatuun, Ibid (2002:66) waaee kadhannaa waaqaa iddoo hujubaatti tauu akka armaan gadiitti ibsa. Qaalluu kana foonuma loonii sana keessatti gatanii kan awwaalan yoo tau Hujufa Boosat lumee jeameet ammaan tanas ni beekama. Barri hoongeen hoggaa dhufe Hujufa (awwaala) isaa sanatti ulfaa uumaa kan abbaa isaa qabatanii bahuu dhaan yoo kadhatan rooba argatanii akka galan qabatamaan mulataa jira. Haaluma walfakkaatuun, Ibid (2002:66) waaee kadhannaa waaqaa iddoo hujubaatti tauu akka armaan gadiitti ibsa. Qaalluu kana foonuma loonii sana keessatti gatanii kan awwaalan yoo tau Hujufa Boosat lumee jeameet ammaan tanas ni beekama. Barri hoongeen hoggaa dhufe Hujufa (awwaala) isaa sanatti ulfaa uumaa kan abbaa isaa qabatanii bahuu dhaan yoo kadhatan rooba argatanii akka galan qabatamaan mulataa jira.

2.3. Maalummaa Muuda Hujubaa Abbaa Muuda hujubaa jechuun sirna ayyaana kadhannaa Waaqaa iddoo hujubaatti ykn awwaalaatti raawwatamu akka tae armaan olitti ibsameera. Haa tauu malee, muudni hujubaas hujubicha muudamu irratti hundaauun gosni garagaraa jiraachuu dandaa. Kanneen keessaa muudni hujubaa abbaa isa tokkoo dha. Muuda hujubaa abbaa ilaalchisuun kitaaba seenaa Oromoo hanga
16

jaarraa kudha jahaffaa (gulaallii Lammaffaa) (1998:28) keessatti akka ibsametti Amantii aadaa Oromoo keessatti ayyaanonni kanneen akka Boorantichaa . . . ayyaana abbaa fi haadhaa ayyaaneffachuu, ateetee . . . . k.k.f ni jiru. Yaada kana irraas kan hubannu, maatiin nama tokkoo hujubaa abbaa isaanii irratti sirna ayyaana kadhannaa waaqaa kan rawwatan tauu isaati. Akkasumas, GWN (2010:111) akka ibsanitti Afirikaan warra duan Abbootii waaqessuu waan taeef yeroo yerotti ayyaana abbootii isaaniif dhibaafatu jedhan. Kunis, yaada Awurooppaanonni amantii Afriikaa irratti qaban yoo tau, warra duan abbootii waaqessu yaadni jedhu,hujubaa abbaa muuduun Waaqa akka kadhataa turan agarsiisa. Hujubaan abbaa kunis maatii fi warra namicha duee sanaan mukkeen gara garaa irraatti dhaabamuun akka iddoo kabajamaatti sirni kadhannaa Waaqaa itti gaggeeffama. Yaada kana deeggaruunis WADOn (2010:55) akkas jedha; Waaqeffannaan akka amaanutti Waaqni iddoo fedhettiiyyuu ni argama, garuu callisaafi kadhannaaf iddoon filatamaan ni jiran. Iddoowwan kunneen akka iddoo ulfootti ilaalamu. Kanaaf, hujubaanis akka iddoo ulfaataa, kabajamaafi gaaddisaatti ilaalama. Walumaagalaatti, muuda hujubaa abbaa jechuun sirna ayyaana kadhannaa waaqaa taee garee maatii tokkoon hujubaa abbaa ykn awwaala abbaa muuduun kan ayyaaneffatamu tauu isaa yaada hayyoota armaan olii irraa ni hubanna. 2.4. Qabiyyee muuda Hujubaa Abbaa Yeroo sirni muuda hujubaa abbaa raawwatu sirnoonni biroos kanneen akka aarsaa qaluu, irreeffannaa, dhibaayyuu, buna qalaa`, kadhannaa, daddarbaa, eebbiffannaafi wareegaa ni raawwatu.

2.4.1. Aarsaa Qaluu Waaee aarsaa qaluu ilaalchisuun gadaa Melba (1988:21), one is obliged to pray to and to give offering by slaughtering an animal, every so often to ones parents ekeraa jedha. Yaadni kunis
17

kan ibsu, namni tokko awwaala ykn ekeraa maatii isaa irratti horii aarsaa qaluun waaqa kadhachuu akka qabuu dha. Dabalataanis GWN (2010:121) akkas jedhu; Sabni israael waaqa isaa yommuu kadhatu gaara guubbaa dhaqee aarsaa dhiheessa, sabni Oromoos akkuma kana waaqa isaa waaqessuuf horiiqalee aarsaa dhiheessa. Haaluma walfakkaatuun, Dirribii Damusee (2002:248) Waaqeffataan tulluutti, caffeetti, burqaatti, horaafi malkaatti qaleetu waaqa nagaa horii fi fayyaa isaafi ummata isaaf kenne galateeffaatee . . . ayyaana ofii kabaja, jedha. Haluma walfakkaatuun, Abbaan Gadaa (2012: 13) iddoo raawwii sirnichaatti horii aarsaaf dhihaate namoota qalan ilaalchisee akkas jedha;Namoota bakka Waqeffannaatti walgahan keessaa hiddi latiinsa sanyii isaa angafummaa kan qabaate tokko kormicha erga kuffisaniifii booda morma mura (qala).Gama sababa horiin aarsaa qalamuutiinis, Ibid (2012: 12),Horiin aarsaadhaaf dhihaatus Waaqaaf malee eenyuufuu miti.jedha. Kanaafuu yaada hayyoota kanneenii irraa kauun aarsaa qaluu jechuun iddooleewwan waaqeffannaa kanneen akka hujubaa malkaa, tulluu fi k.k.f tti horii qalanii waaqa kadhachuu akka tae hubachuun ni dandaama. Kana malees, sirni raawwii muuda hujubaa abbaas kadhannaaf waan qophaauuf, kadhannaa kana keessatti sirni aarsaa kun ni qalama. Horiin qalamus kadhannaa Waaqaaf yommuu tau, nama angafa taetu morma mura (goorraa). 2.4.2. Irreeffannaa Irreeffannaan walqabatee Maammoo Gadaa (2002:35) akkas jedha; .waaqeffataan ayyaana malkaa fitulluu ni kadhata; ni muuda, itti dhibaafata itti irreeffata. Akkasumas, WADOn (2006:55) akka ibsutti: Wirtuuwwan kana namni hundi beekee akka safeeffatuuf yoo bira darban marga jiidhaa kutanii itti irreeffatan. Yaadota kanneen irraa kauun hawaasni Oromoo wirtuuwwan waaqeffannaa hundatti yeroo kamiiyyuu irreeffachuu akka dandauu fi yeroo kadhannaa muuda hujubaa abbaas irreeffatee kadhachuu akka dandau hubachuun ni dandaama.

18

2.4.3. Dhibaayyuu fi Daddarbaa Diribii Damusee (2009:74) waaee dhibaayyuu yoo ibsu: waaqa dhangalaaa wanna akka bookaa farsoofi aannanii waan namaa kanne galateeffachuuf, qicuudha jedha. Kana malees, sirna ayyaana kadhannaa keessatti dhibaayyuun jiraachuu isaa yoo ibsu Asmarom Lagesse (1973:44) akkas jedha: on one occassion I was observing a large number of adult celebrants taking part in the annual dibayu ceremony. Akka yaada kanaattis, Asmaroom ayyaana tokko irratti gaeessonni hedduun sirna dhibaayyuu jiaan raawwatamu irratti hirmaatanii akka ayyaaneffatan daawwadhee jira jedha. Gama birootiinis, WADO: (2006:350) iddoo dhibaayyuun itti raawwatuun walqabatee akkas jedha: Dhibaayyuu fi daddarbaan iddoo ulfoo, Diinqa Qarmammeetti balbalaa, utubaa dhibaayyuu, mukarsaa, furda, malkaafi tulluu, mijjirii, abdaarii fi k.k.f biratti jifuu guutatan. Haaluma walfakkaatuu Maammoo Gadaa (2002; 35) akkas jedha,Wanti daddarban wanta nyaatan yommuu tau, maqaa amantiitiinDaraaraa jeamaDaraaraa dhandhamatuu dura ulfinnaafi kennaa lafaa yaadachuun kutamee lafatti daddarbama.Haaluma kana irraa kauun, sirna muuda hujubaa abbaa keessatti loon aarsaaf yoo qalame dhandhamni osoo namaan hin nyaatamin daddarbama.Yaada kana deeggaruunis WADOn (2006:259) akkas jedha: Dhiigni gabateetti qocame kun erga bunni danfee eebbisamee booda dhandhamaafi mijuu wajjiin iddoorsatti dhibaafatama; daddarbatamas. Walumaagalatti, dhibaayyuun waan dhangalaaa akka bookaa, aannanii fi k.k.f iddoolee kadhannaatti dhibaasuun kadhachuu dha. Muuda hujubaa abbaa keessattis wantootni dhangalaaan kunneen maatii hujubicha muuduun dhihaatee dhibaafama. Akkasumas, sirni dhibaayyuu kun ayyaanota biroo irrattis ni raawwatama. Yaada kana deeggaruun Ibid (2006:350) akkas jedha: Dhibaayyuu fi daddarbaan ayyaana mararrattuu ni raawwatama. 2.4.4. Buna Qalaa ykn Killa Qalaa ,.. . . osoo ofii irraa hin dhandhamin waaqaa fi lafaa dhibaaffanna jedhanii bakka murtaae tokkotti xiqqoo irraa

19

GWN (2010:37) waaee buna qalaa ykn killa qalaa akkasitti ibsu: Akka amantaa ummata oromootti buna qalaan korma qalma ayyaanaaf qophaau waliin walgita /walqixa jedhama. Buna qalaan akka buna isa danfisanii yeroo mara qophaauu osoo hin taane waggaatti yeroo tokko horteen warra tokkoo iddoo tokkotti walitti dhufee ayyaana abbaa/ ayyaana Nabii bakka tokkotti kan itti araara waaqaa kadhatan. Yaadni armaan olii kun bunni ykn killi qalaan amantaa ummata Oromoo keessatti akka korma wareegaatti ilaalamuu isaatii fi kadhannaa maatiin tokko hujubaa abbaa muuduun taasisu keessatti kan qophaau tauusaa ibsa. Kana malees, akkaataa bunni/killi qalaan itti qophaau ilaalchisuun Ibid (2010:41) akkas jedhu: Calaqaba irratti bunni jiidhaan ciramee aduu keessatti goggoffama. Warri buna qeetti marge hin qabnes yoo jiraatan kanuma duraan goggoge gabaadhaa buna duudaa bitanii qopheeffatu. Buna qophaae keessaa firii 90 maqaa waaqa sagaltama gabraatiin, firii 9 maqaa waaqa salgan booranaatiin, firii 7 maqaa waaqa torban barreentummaatiin fi firii 5 immoo maqaa waaqa shanan gadaa oromootiin erga lakkoofsaan fuudhanii booda walitti dabaluun miicu. Abbaan manaa firii bunaa kana tokko tokkoon funaanuun ilkaaniin ykn qeensaan funyaan buna duudaa sana irraa ciran isa kanatu Buna Qalaa jedhama. Haatauu malee, hawaasa Oromoo biratti buna qalaan ayyaana muuda hujubaa abbaaf kan qophaau taus, hawaasa Oromoo kutaa gara garaa biratti haala gara garaan qophaauu dandaa. 2.4.5. Kadhannaa Waaqaa Akkuma kanaan dura ibsametti hawaasni Oromoo iddoolee garagaraatti waaqa kadhata. Iddoolee kanneen keessaas tokko hujubaa abbaa yoo tau, maatiin tokko kennaa fi aarsaa qabachuun muudanii waaqa kadhatu. Yaada kana deeggaruun kitaaba seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa (gulaallii 2ffaa) (1998:23) keessatti akka ibsamettii . .. . . Oromoon irreessa, coqorsa, . . . . Waan jiidhaa harkatti qabatee, galchaafi haarsaa godhee (through offerings ans sacrifices) waaqa kadhata.

20

Kana malees iddoo kadhannaan waaqaa itti raawwatamu ilaalchisuun Maammoo Gadaa (2002:29-40), Bakkaan Waaqa itti kadhatanis iddoo ulfoowwan abboonnii fi haadhotiin ittiin kadhataa turan . . . kadhachuu qabna. Walumaagalatti kaayyoo muuda hujubaa abbaa keessaa tokko kadhannaa waan taeef, qabiyyee muuda hujubaa abbaa keessaa isa tokko jechuun ni dandaama.

2.4.7. Eebbiffannaa Eenniffannaan qabiyyee raawwii sirna muuda hujubaa abbaa keessaa tokko yommuu tau, waaee eebbiffannaa ilaalchisuun Dirribii Damusee (2009:78) akka ibsutti: .. . . . . kan qalame sana irraa mataa deebii waaqaa lafaa daddarbee kan hafe waliin nyaatee, waaqa galateeffatee, eebbaan sirbaan ayyaana ofii kabaja. Ayyaana kadhannaa keessatti eebbi iddoo akka qabu agarsiisa. Akkasumas WADOn (2006:259), . .. . . warri angafaafi maatiin ykn firoottan warra angafaa walgaanii ayyaanasaanii galateeffachuun aarsa qopheessan eebba wajjin kennan jedhu. Walumaagalatti, sirni raawwii muuda hujubaa abbaa eebbiffannaa kan of keessaa qabuufi eebbichis kan raawwatuun maatii sirnicha irratti argaman keessaa warroota hangafa taaniin akka tae yaada hayyoota armaan olii irraa hubachuun ni dandaama. 2.4.8. Wareega Wareegaan walqabatee Diribii Damusee (2009:249) akka jedhutti: . . . . . ummanni akka mana angafaatti gosa gosaan dhihaatee galchaa galchee wanna hawwuuf immoo bara dhufutti wareegee waadaa galee muudama ture. Haaluma walfakkaatuun, WADOnis (2006:259) akkas jedha: Namootni wareega qabanis taee aarsaa baasan ayyaana kana waggaatti altokko kabajatanii areerratan.

21

Yaaduma armaan olii kana buuura godhachuun maalummaan wareegaa yoo ibsamu, wareega jechuun kan namootni waan barbaadan argachuuf horii isaanii keessaa waggaatti wareeganii iddoo itti wareegan san fidanii dha. Iddoo wareegni itti godhamu keessaas tokko hujubaa abbaa akka taeefi sirna muuda hujubaa abbaa keessattis sirni wareegaa kan raawwatu tauu hubachuun barbaachisaadha. 2.5. Faayidaa Muuda Hujubaa Abbaa Sirni raawwii muuda hujubaa abbaa yommuu gaggeeffamu kaayyoo fi faayidaa mataasaa qaba. Faayidaa muuda hujubaa abbaa kana ilaalchisuun hayyoonni gara garaa yaada qaban akka armaan gadiitti ibsanii jiru. Maammoo Gadaa (2002:66) Barri hoongeen hoggaa dhufe hujufa awwaala isaa sanatti ulfaa uumaa kan abbaa isaa qabatanii bahuu dhaan yoo kadhatan rooba argatanii akka galan qabatamaan mulataa jira. Akkasumas GWN (2010:54) akka ibsutti: Oromoon waan hawwe tokko argachuuf, yaa waaqa ati na gargaari jedhee waaqa kadhata. Dabalataanis Hayiluu Bantii (1997:91), Waaqayyo bakka hunda jira jedhanii waan amananiif yoo dhibeen isaan qunnamu iddoo gaariidha jedhanitti walgahanii waaqayyoon (Rabbiin) kadhatu. Ittuma fufee WADOn (2006:40) akka ibsutti Waaqni araaraa fi nagaa dha. Kadhannaa fi iyyaannaa namaaf deebii ni kenna; birmataa gaafa rakkooti. Kana malees, Sahluu Kidaanee (2002:5) hawaasni Booranaa maaliif akka kadhatu yoo ibsu: the Borana are deeply religious people who pray regularly and frequently for peace, fertility and rain. Kana jechuunis, hawaasni Booranaa amantaa isaanii waaqeffannaa haalaan kan geggeeffatanii fi yeroo hundaa irra deddeebianii kan kadhatan nagaaf, hormaataafi roobaaf akka tae nutti agarsiisa. Akkasumas Ten Leus (1989:474) yeroo muudaa waan hawaasni barbaadu yoo ibsu: [He] then asks for a blessing such as, hormaata bultuumaa naa kenni: give me a good and prosperous life, or raadaa jibicha na horsiisi: help me to increase my heifers and bull caves, or ilmaa intala naa kenni: give me sons and soughters. jedha.
22

Walumaa galatti, yaada hayyoota armaan olii buuura godhachuun muudni hujubaa abbaa maaliif akka raawwatamu yommuu ibsamu: nagaa babrbaaduuf, hormaataaf, qabeenya argaachuuf, rakkina jala darbuuf, dhibee fayyuuf, waan hawwan argachuuf, ilmaafi intala argachuuf, hoongee laaffisuu fi rooba argachuuf akka tae hubachuun nidandaama.

BOOQONNAA SADII
MALLEEN QOANNICHAA Boqonnaa lama keessatti yaadotni garagaraa kitaabilee gara garaa irraa bifa mata duree qoannoo kanaatiin walqabataniin sakattaamanii dhihaatanii jiru. Boqonnaan kun immoo mala qoannoon kun irratti hundaaee gaggeeffame ilaallata. Malleen qorannoo tokkoof barbaachisaan gara garatu jiru. Haatauu malee isaan hundinuu gosa qorannoo geggeeffamuu irratti hundaauun gara gara tau. Haaluma kanaan, gosti qoannoo qoataa kanaas qorannoo qulqulleeffataa irratti kan xiyyeeffatee dha. Sababni isaas waan tokko ifa baasee mulisuuf humna waan qabuuf. Malleen gosa qoannoo kanaaf filatamanis kanneen qoannoo kanaa waliin deemuu dandaanii dha. 3.1. Madda Odeeffannoo Adeemsa qoannoo gaggeessuu keessatti maddi odeeffannoo kallattii lamaan taa. Kunis madda odeeffannoo jalqabaafi madda odeeffannoo lammaffaati. Qoataan kunis kan akka madda odeeffannoo isaatti itti gargaarame madda odeeffannoo jalqabaati. Maddi odeeffannoo kunis qaama dhimmi ilaallatu irraa odeeffannoo funaanuun kan argamuu dha. Haaluma kanaan, qoataan kunis hawaasa qoannoon irratti gaggeeffame keessaa namoota waaee afoolichaa beekaniif afgaaffii, marii garee fi yeroo sirni muuda hujubaa abbaa raawwatu daawwannaa taasisuun odeeffannoo isaa funaannate. 3.2. Irraawwatama Qoannichaa
23

Irraawwatamni qoannoo kanaa hawaasa Oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Kokkossaa keessa jiraatanii dha. Haatauu malee, irra caalaan kan itti xiyyeeffate maanguddoota waaee raawwii sirna muuda hujubaa abbaa beekanii dha.

3.3. Iddattoo fi Iddatteessuu Qoannoo tokko gaggeessuuf gosaawwan iddattoo gara garaatu jira. Isaan kunis, haala yeroo fi mallaqaa irratti hundaauun filatamaniiru. Kanaaf, qoannoo adeemsifame kanaaf hawaasa Aanaa Kokkossaa hunda irra deemanii odeeffannoo funaanuuf rakkisaa waan taeef, qoatichi iddattoo mataasaa gargaaramee odeeffannoo wlitti qabateera. Iddattoon kunis, iddattoo kaayyoo (purposive sampling) yommuu tau, barbaachisummaa fi haala adeemsa qoannichaa irratti hundaaee kan filatamee dha. Akkasumas, gosti iddattoo kanaa gosoota iddattoo al-carraa keessaa tokko taee odeeffannoo barbaadame argachuuf namoota gargaaran irratti kan xiyyeeffatee dha. Kanaaf jecha qoatichis namoota odeeffannoo gahaa kaayyoo qoannichaa irratti hundaauun kennuu dandaan mala kanatti gargaaramee waan argateef iddattoo kana filate. Haaluma walfakkaatuun, qoatichi gandoota Aanaa Kokkossaa digdamii sadi (23) keessaa ganda magaalaa tokkoo fi gandoota baadiyaa afur, walumaagalatti gandoota Shan (5) filatee kaayyoo qoannichaa irratti hundaauun namoota waaee raawwii muuda hujubaa abbaa beekan irraa odeeffannoo qoannoo kanaaf isa barbaachisu walitti qabateera. Gandoota kanneen keessaas namootni filataman hangafooma gosaa fi balbalaatiin. Hangafooma gosaa fi balbala namoota filatamanii beekuu dhaafis qoatichi iddattoo nama namarraanii (snow ball sampling) gargaarame Sababni isaas, gosti iddattoo kanaas iddattoo al-carraa keessaa tokko taee nama odeeffannoo kennuu dandau tokko filachuun gara namoota birootti nu geessuu waan dandauuf. Haaluma kanaan, qoataan kunis gandoota filate keessaa ganda tokko keessatti nama gosaan hangafa tae argatee kanneen biroo immoo eerumsa isaatiin gandoota hafan keessaayis argatee odeeffannoo isaa funaannateera.

24

3.4. Meeshaalee Odeeffannoon Ittiin Funaaname Adeemsa hojii qoannoo keessatti odeeffannoo funaanuun dirqamaadha. Sababni isaas, qoatichi hojiin qoannoo isaa amanamummaa akka qabaatuu fi bua qabeessa akka tauuf malleen gara garaa gargaaramuun odeeffannoo qoannichaaf barbaachisu walitti qabachuun barbaachisaa waan taeef. Kanaaf, qoataan kunis malleen odeeffannoo funaanuuf gargaaran keessaa afgaaffii, daawwannaa, marii gareefi sagalee waraabuu gargaaramee odeeffannoosaa walitti qabateera. 3.4.1. Af-Gaaffii Af-gaaffiin mala odeeffannoon ittiin funaannamu keessaa tokkoo dha. Tooftaa kanatti gargaaramuunis kan barbaachiseef namootni dandeettii barreessuu hin qabne, garuu, odeeffannoo gahaa waaee qoannichaa irratti kennuu dandaan hawaasa Aanaa Kokkossaa keessa waan jiraniif. Af-gaaffichis bifa hin daangeffamneen raawwatame. Haala kanaanis maanguddoonni gaaffii gaafataman bilisa taanii balisanii deebisaniiru. Qoatichis yeroo odeeffannicha funaannatu waan ifa hin tainiif irra deebiee gaafatee qulqulleeffateera. Kanaaf irra caalatti qoatichi malleen jiran keessaa mala kanatti dhimma bahe. 3.4.2. Daawwannaa Qoannoo gaggeesse kana keessatti tooftaan biraa qoatichi itti gargaarame daawwannaadha. Mala kanatti gargaaramuun qoatichi iddoo sirni muuda hujubaa abbaa raawwatetti argamee waan argee fi dhageeffate walsimsiisee barreeffateera. Bakki daawwannaan sirna muuda hujubaa abbaa itti gaggeeffame kunis Aanaa Kokkossaa Ganda Booroo iddoo Raaree jedhamtuttii dha. Sirnichis kan raawwate guyyaa 18-12-2003 (Kamisa) saaatii saddeetii hanga kudhanii (8:0010:00) gidduttii dha. Bakka sanattis qoatichi waan isaaf hin galin irra deebiee maanguddoota sirnicha irratti hirmaatan gaafatee adda baafateera. 3.4.3. Marii Garee

25

Haaluma walfakkaatuun, qoatichi marii garee namoota jahaan (6) waliin taasisuun yaada walfalmii qabu gidduu isaaniitti dhiheessee yaada amansiisaa tae tokko gidduu isaaniitii argateera. Namoonni filatamanis kanneen raawwii sirna muuda hujubaa abbaa irratti odeeffannoo kennuu dandaanii dha. Haaluma kanaan, tooftaa kanatti gargaaramuun qoatichi yeroo muraasa keessatti odeeffannoo gadi fagoo taee fi raga xiinxaluuf kallattii agarsiisuu dandau argateera.

3.5. Mala Qaaccessa Odeeffannoo Odeeffannoon qoannoo kanaaf walitti qabame qabiyyee odeeffanichaa irratti hundaauun qaacceffamee dhihaateera. Qoatichis gosa qorannoo qulqulleeffataa gaggeesse kana odeeffannoo isaa karaa Yaadiddama Caasaatiin (Structural Theory) hiikee ykn qaaccessee dhiheesseera. Sababni isaas, yaadiddamni kun afoola tokko caasaa afoolichaa fi afaanii walbira qabee kan xiinxallu waan taeef dha.

26

BOQONNAA AFUR
ODEEFFANNOO HIIKUU FI QAACCESSU Boqonnaawwan darban keessatti seensa, barruulee mata duree qoannichaan walqanatanii fi akkaataan odeeffannoon ittiin walitti qabaman dhihaatanii jiru. Boqonnaa kun immoo odeeffannoowwan malleen gara garaan walitti qabaman iddoo hiika itti argatanii fi qaacceffamanii dha. Haalli odeeffannoowwan itta hiikamanii fi qacceffamanis odeeffannoo bifa afgaaffii, Daawwamaa, Marii garee fi sagalee waraabuutiin walitti qabaman gadi fogeenyaan xiinxalluu dhaan. Odeeffannoon karaa afgaaffiin namoota sadarkaa gara garaa irra jiraniifi hojii gara garaa qaban irraaa walitti qabame bakkaa tokkotti deebiuun qoannichaaf hiika kenneera. Akkasumas, daawannaan qoatichi sirna raawwii muuda hujubaa abbaa irratti taasises odeeffannoowwan argaman haala qabatamaan akka hiikamaniif heddu gargaareera. Marii garee namoota waaee muuda hujubaa abbaa irratti beekumsa qabaniin gaggeeffame gidduus yaadni qoatichi argate odeeffannoo argaman hiikuuf karaa baneera. Haaluma walfakkaatuun, sagaleen namootaa bilbila kaameeraan waraabames bilbila irraa gara barreeffamaatti jijjiirammuun qaaccessaaf dhihaateeteera. Gama birootiins, odeeffannoon malleen armaan oiitti ibsamaniin argamanis kan irratti hundaaanii qaacceeffamanii fi hiikaman Daayessa Caasaa (Structural Theory) ti. Sababni isaas, Daayessi kun afoola hawaasaa haala hawaasichi itti gargaaramuun caasaa gama afaaniifi
27

afoolichaan jiru wal bira qabee waan dhileessuuf. Akkasumas, afoolli hawaasaa tokko akkaataa itti raawwatu caasaa isaatiin adda baasee agarsiisa. 4.1. Akkaataa Muudni Hujubaa Abbaa Itti Raawwatu Muudni hujubaa abbaa akkaataa ittiin gaggeeffamu kan mataasaa qaba. Akkanumaan iddoo hujubaa sanatti walgahanii calisanii tuma waaqa kadhatanii kan galan osoo hin tain gochaaleen wal duraa duubaan dhihaatanii muuda hujubaa abbaatiif gumaachan jiru. Gochaaleen kunniinis tartiiba mataasaanii kan ittiin raawwatu qabu. Gochaaleen kunniinis walduraa duubaan armaan gaditti ibsamaniiru.(Biraanuu Bariisoo, Ifaa Dheekkoo fi Girmaa Galatoo). 4.1.1. Hujubaan Alatti Dhimmoota Raawwatan Hujubaan abbaa iddoo gaaddisaa fi gamoowwan (mukkeen) gara garaa irratti dhaabamanii argamanii fi dallaa qaba. Kanaaf guyyaa hujubaan kun muudamu osoo dallaa hujubichaa kana keessa hin seenin dhimmootni dallaan alatti raawwataman jiru. Isaan kunis haala armaan gadiitiin dhihaataniiru. 4.1.1.1. Shanoo Lakkaahuu Adeemsa raawwii muuda hujubaa abbaa keessatti gochaalee duraa duubaan jiran keessaa kan dursu shanoo lakkaahuudha. Shanoo jechuun akka sirna muudaatti namoota maanguddootaa shan kanneen ayyaana baasan jechuudha. Haaluma kanaan, namni hujubaa abbaa muudu nama shan warra sirnicha naaf raawwatan jedhee yaadu lakkaaee shanoo godhata. Haatauu malee maanguddoonni kunniinis osoo guyyaan sirnichi itti raawwatu hin gaahin dursanii waamamu. Guyyaa sirnichi raawwatu immoo, namni hujubaa abbaa sana muudu maanguddoonni inni shanoodhaaf yaadee waame sirnicha irratti argamuu saanii erga mirkaneeffatee booda shanoon sirnicha kan naaf baasan ebalu faa jedhee maqaa isaanii dhahee lakkaawata. Haatauu malee, maanguddoonni haala kanaan lakkaaamanis akkanumaan kan lakkaaamanii miti.

28

Ulaagaa ittiin lakkaawamu qabu. Ulaagaa kana keessaa tokko hangafooma gosaa fi balbalaati. Gosa keessaa hawaasa Oromoo Aanaa Kokkossaa biratti yeroo hunda sirna muuda hujubaa abbaa irratti argamuun dirqama kan itti tau, maanguddoo gosa Adamoonyeeti.Sababni isaas, gosti kun gosaawwan biroo kanneen Aanicha keessa jiran hangafummaan waan dursuuf Adamoonyee Warra Aduu Masakke jedhanii sodaatu. Eebbisanis ni argachiisu. Kadhannaanis waaqarraa argatu; abaarraanis akkasuma ni geessu. Kanaafis akka kaumsaatti kan ilaalan yaada tokko. Kunis, dhala namaa dursee miluu waaqaa dursee warri arge gosa Adamoonyeeti. Bishaan Bahaar addaan kutuun gosa hunda masakkee gara ardii tanaatti kan fide gosa kana jedhanii amanu. Kanaaf, sirna kadhannaa irrattis yoo waaqa kadhatan ni argatu jedhanii waan amananiif dursanii isaan waamu; hangafummaas isaaniif kennu.Namoonni Shanoos shank an taaniif Gadaan Oromoos shan waan taeef. (Kdiiroo Curraa, Qaabatoo Mariboofi Guyyee Kadiir). Yaada hanga fummaa kana ilaalchisuun WADOnis (2006:105) akkas jedhu: Namni cufti gara dachii kanaatti kan dhufe sia tokko hin turre. Waaqni nama jalqaba Horo erga uumee booda dhaloonni diroo daddarbaadhufan. Yaadni kunis, namni gara ardii tanaatti walduraa duubaan dhufuusaafi hangafni jiraachuu agarsiisa. Haaluma kanaan, namni hujubaa abbaa muudus gosa hangafataate Adamoonyee keessaa maanguddoo naannoo saatti argamu waama. Yoo tasa taee naannoo isaa sana gosti kun hin jirres naannoo biraa deemee barbaada. Namni argamus dirqama maanguddoo tauu hin qabu. Wanti guddaan gosaan Adamoonyee tauu isaa qofatu ilaalama. Akkasumas, gosa biroo keessaayis namoota gosa gara garaa afur nama gosa Adamoonyeetti dabaluun nama maanguddoota shan Shanoo godhatee lakkaawata. Garuu, gosoota namoonni keessaa lakkaawaman keessaas balbala hangafa gosaawwan tokko tokkoo tae eeguun lakkaau. Kanaaf, namni hujubaa abbaa muudu maanguddoota gosa gara garaa shan shanoo godhata. Haala kanatu Shanoo lakkaahuu jedhamee waamama. 4.1.1.2. Aarsaa Qaluu

29

Akka Tulluu Nabii afgaaffii qoatichi dhiheesseefitti gargaaramee ibsetti guyyaa sirni muuda hujubaa abbaa raawwatu erga shanoon lakkaawamee booda adeemsi itti fuufu horii wareegame achitti dhihaate qaluudha. Namni hujubaa abbaa muudu waggaa waggaadhaan wareegee, wareegasan guyyaa sirnichi raawwatu oofee iddoo hujubaa sana fida. Sana booda horiin achitti dhihaate sun ni qalama. Horiin dhihaatus korma loonii ykn korbeessaa hoolaa tauu dandaa. Goromsaanis muuduun ni dandaama. Garuu, irra caalatti hujubaan abbaa korma looniitiin muudama. Akkasumas, akka qoatichi sirna muuda hujubaa abbaa irratti argamuun daawwatetti horiin guyyaa san sirnichaaf dhihaatee ture korma looniiti Hujubaa abbaa isaas kan muudee ture Godaanaa Nabiiti. Horii inni sirnichaaf fide kanas kan goorraan warra hangafa taan, maanguddoo gosa Adamoonyeeti. Sababni isaas, gosti kun hangafummaa waan qabaniif wanta kamuu hojjachuuf namni isaan dursu hin jiru. Hawaasaanis ni kabajamu; ni sodaatamu. Yaaduma kanaan walqabatee WADOn (2006:106) akkas jedhu: Angafti dursee miluu Waaqatti bahe. Kanaanis quxisuu ni dursa. Waaqni dursee waan dhala namaaf malumara kan kenne (badhaase) anagafa. Kanaaf, angafti kabajamuu qaba; quxisuunis ittaanuu qaba. Haaluma kanarraa kauun hawaasni Oromoo Aanaa Kokkossaa horii aarsaaf dhihaate kan goorraasisan warra gosaan hangafaa Adamoonyee dha. Erga goorraanii kaaniis dhiiga horii sanaa waaqaa fi lafaa kennu. Itti fuufuunis namoota iddoo sirnichaatti argaman hundaaf qabu yookaan kallachaan tuqu. Isaan biroo itti aananii walii qabu. Horiinis, kan qalamu iddoo maatiifi firoottaan akkasumas, iddoo hawaasni naannoo nama hujubaan isaa muudamutti wal qixxaaee argamettiidha. 4.1.1.3. Dhandhama Daddarbuu Dhandhama jechuun, foon horii sirnichaaf qalamee bifa waddiitiin dhihaatuu dha. Foon qalame keessaas kan irra caalatti dhandhamaaf oolu: cinaacha, tiruu, handaraafa, Lukaa fi kanneen biroos itti aanuu dandau. Akka seera muuda hujubaa abbaatti foon kunniin ibiddatti erga waddamee booda namni kamuu afaaniin osoo hin qabin maanguddoonni hangafootaa dursanii daddarbu. Yeroo daddarbanis akkas jedhu: Waaqaa fi lafa tana galanni si haa gahu.
30

Situ daraaraa kana nuuf kennee, Amallee nu daraarsi. Maatii kanas daraarsi. Warra waggaa waggaan. Daraaraa facaafatu godhii. Hala kanaan, maanguddoomni shanoofi namni muudu bahaa fi dhihatti, kaabaa fi kibbatti naannaanii daddarbu. Kan daddarbanis lafattii dha. (Kdiiroo Curraa, Qaabatoo Mariboofi Guyyee Kadiir). Yaaduma marii gareen argame kana gabbisuun faayidaa fi iddoo dhandhamni itti daddarbatmu ilaalchisuun Maammoo Gadaa (2002:35), Daraaraa dhandhamaatu dura ulfinaa fi kennaa lafaa yaadachuun kutamee lafatti daddarbama jedha. Kanaaf, hawaasa Aanaa kokkossaa biratti ulfinnaafi kennaa lafaa galateeffachuuf dhandhamni horii aarsaaf qalamee bakka hirmaatonni sirnichaa hundi jiranitti maanguddoota shanoo fi nama hujubaa abbaa muuduun daddarbama. 4.1.1.4. Dhandhama Nyaachuu Dhandhamni erga daddarbamee kaee booda ni nyaatama. Maanguddoonni shanoo dursanii nyaatanii maatii hujubaa abbaa muudes waliin gahanii nyaachisu. Dhandhammicha waddames haala wal hin caalleen kan qoodu maanguddoota keessaa nama tokkoo dha. Foon horii qalamees irra caalaan isaa namoota achitti argamaniin nyaatamee dhumata. Adde Yuuboo Bariisoo afgaaffii qoatichaa irratti hundaaanii akka ibsanitti, dhandhamni iddoo muuda hujubaa abbaatti nyaatamu nama hundaa haala walqixa taeen walgahuu qaba. Dhiirafi dubartiis taee guddaa fi ijoollee hanqachuu hin qabu. Haaluma kanaan, foon walakkaan (cinaan) horii aarsaaf qalamee achumatti namoota sirnicha irratti hirmaataniin nyaatamee dhumata. Nama sirnicha irratti hirmaate qofas osoo hin tain namoota karaa sirnichi raawwataa jiru san darbanis yoo argan waamanii nyaachisu. Hiyyeessii fi kadhattuunis naannoo sana yoo jiraatan ni quufu. Kaayyoon horiin qalameefis kadhannaaf waan taeef, namni achitti (iddoo sirni muuda hujubaa abbaa) raawwatutti argaman hunduu nyaatanii waaqa kadhatu. 4.1.2. Dhimmoota Hujubaa Keessatti Raawwatan
31

Adeemsa raawwii sirna muuda hujubaa abbaa keessatti dhimmootni armaan olitti kaan dallaa hujubaa osoo hin seenin kanneen alatti raawwatanii dha. Haatauu maleem sirnicha irratti gochaaleen hafan hundi kan raawwatan dallaa hujubaa keessatti Matiin sirnicha raawwatuu fi hirmaatonni sirnichaa hundinuu gara keessa hujubaatti seenu. Haala kanaan gochootni dalla hujubaa keessatti raawwataman tartiibaan armaan gaditti dhihaataniiru.

4.1.2.1. Karra Soodduutti Qajeeluu Warra Dhiiraa Akka Dekkenaa Buuqatoo afgaaffii qoatichaa irra dhabbachuun ibsetti, soodduun dhagaa qajeelaa harka ogeessaatiin bocamee awwaala abbaa irratti ilmaaniin dhaabamuudha. Soodduun dhaabamus lakkoofsaan afur ykn jaa yookaan immoo saddeettauu dandaa. Lakkoofsi isaaniis baayinna ilmaan nama duee jiruu sana irratti hundaaa. Sababni isaas soodduu ilmatu abbaa isaatii dhaabata waan taeef. Yeroo dhaabanis awwalicha irratti kallattii hundaan naannessaniiti. Karras lama itti godhu. Karri kunneenis, tokko gara bahaatti yommuu tau, inni lammataa immoo gara dhihaatti baafama. Kan gara bahaatiin jiru, kan ittiin seenan yommuu tau, kan dhihaa immoo bahiinsaaf oola. Haaluma kanaan, hirmmaatonni iddoo sirna muuda hijubaa abbaatti argamanis karaa karra seensaatiin gara keessa hujubaatti galu. Garuu, dursee ala hujubaa irraa gara karra seensaati warri qajeelan maanguddootaa fi namoota dhiiraa kanneen achitti argamaniidha. Abbaan hujubicha muuduu fi maanguddoonni akka shanootti lakkaahaman hunduu marga jiidhaa (Sardoo) fi dhiiga yeroo horiin qalame gabataatti qabame qabatanii qajeelu. Maanguddoota shanoo duras buee kan gara karraa soodduu seensaatti qajeelu abbaa hujubbicha muuduu dha. Haalli kun, karra soodduutti qajeeluu warra dhiiraa jedhama. 4.1.2.2. Irreeffanna Soodduu Warri dhiiraa erga karra seensa soodduu bira gahanii booda namni hujubaa abbaa muudu sun sooduu karraa bitaa fi mirgaa sardoo irra kaahuun irreeffata. Dursee soodduu mirgaa irra erga kaaee booda tan bitaa irras kaaa. Dhiiga gabataatti qabames akkuma sardoon irreeffatee kaeen

32

soodduu karraa irraa jalqabe hunda isaaniiti diba. Maanguddoonni shanoos isa duubaan deemaa waan inni raawwatu hunda godhu. Namni hujubbicha muudus yeroo soodduu sardoofi dhiigaan irreeffatu afaaniin akkas jedha: Abbaa kiyya Yoo bitaa jiraattan, Mirga ciisaa. Yoo mirga jiraattan, Bitatti ciisaa Booboo naa jedhaa x2 Kadhannaa kana naa dhagahaa Naa awwaadhaa. Akkuma inni akkana jedhaa soodduu irreeffatuu warri shanoos duubaan irreeffataa akka armaan gadii jechaa waaqa kadhatuuf. Yaa abbaa isaa, Yoo bitaa jiraattan Mirga ciisaa. Yoo mirga jiraattan Bitaatti ciisaa. Booboo jedhaafii x2 Kadhannaasaa kana dhagahaafii Awwaadhaafii. Boobboo naa jedhaa/ jedhaafii jechuun, namni hujubaa abbaa muudu sun waan barbaadu akka argatuuf kadhannaasaa waaqni haa deebisuuf akka jechuuti. Sirni haala kanaan raawwatu irreeffannaa soodduu yommuu jedhamu, kan rawwatamus osoo warri dubartootaa alarraa gara keessa hujubaatti hin seeniniidha. (Kdiiroo Curraa, Qaabatoo Mariboofi Guyyee Kadiir). 4.1.2.3. Karra Soodduutti Qajeeluu Warra Dubartootaa Akka qoatichi sirna muuda hujubaa abbaa irratti daawwatetti warri dubbartootaa gara seensa soodduu hujubaatti kan qajeelan erga warri dhiiraa hujubbicha keessa seenanii irreeffatanii
33

kaanii boodadha. Dubbartoonni sirnicha irratti argamanis maatii, firaafi olla nama hujubaan isaa muudamuu keessaa tauu dandeessi. Akkasumas maanguddoota akka shanootti gosa gara garaa shan keessaa waamaman waliinis ni waamamu. Dubbartoota haala kanaan waamamanis haadha manaa abbaa hujubbicha muudatu waama. Karama kamiinuu haa tauu dubbartoonni raawwii muuda hujuba abbaatiif waamaman meeshaalee sirnichaaf barbaachisuu kanneen akka buna qalaafi gaadii qabatanii achitti bahu.

Haala kanaan, erga warri dhiiraa hujubaa keessa seenanii irreeffatanii booda warri dubbartootaas meeshaalee kadhannaaf mijatan qabatanii gara karra seensa soodduutti qajeelu. Akka maanguddoon Huseenaa Muddee sirnicha irratti afgaaffii qoatichi gaafateen ibsetti, dubbartoonni dhiira boodaan gara karra seensa soodduutti kan qajeelaniif aadaa Oromoo keessatti dubartiin waan hunda raawwachuu irratti dhiira hin dursitu. Erga dhiirri waan tokko raawwatee booda itti aananii raawwatu. Warra dhiiraa ni kabaju. Isaanis yoo san kabajaa argatu. Fakkeenyaaf haati ilma ofii deesse waliin osoo deemtu riqicha bishaaniitti yoo dhufte, isa dursitee hin buutu. Kun immoo kabajaa fi han gafummaa warri dhiiraa aadaa hawaasa Oromoo keessatti qabu agarsiisa. Kanaaf, warri dubbartootaas dhiira boodaan gara karra soodduutti qajeelu jedha.

4.1.2.4. Haala Teessuma Hujubaa Keessaa 4.1.2.4.1. Haala Teessuma Warra Dhiiraa Maanguddoon Godaanaa Nabii qoatichaaf akka ibsetti, warri dhiiraa akkuma dubbartoota dursanii seenaniin erga irreeffatanii booda fuulaan gara baha aduutti ykn soodduu seensaatti deebianii harka mirgaa irraan taau. Haaluma walfakkaatuun, akka qoatichi sirna muuda hujubaa abbaa irratti argamuun daawwatettis, haalli teessuma warra dhiiraa kan hujubaa keesa akkuma maanguddoon kun jedhettiidha. Akkaataan taaumsa isaanii kunis bitaa irraa gara mirgaatti akkaataa hangafooma gosaatiin. Haaluma kanaan, namni hujubbicha muudus gidduu maanguddootaa taaa.
34

4.1.2.4.2. Hala Teessuma Warra Dubartootaa Dubartoonnis erga warri dhiira gara mirgaatiin bakka qabatanii booda bitaa isaaniitiin hiriiranii taau. Isaanis akkuma warra dhiiraa fuulaan gara baha biiftuutti yookaan karra soodduu seensaatti deebianii taau. Haalli teessuma isaaniis duraa duuba hangafummaa gosa abbaa manaa isaaniitiin mirga irraa gara bitaatti taa. Haati manaa nama hujubbicha muuduus akkuma inni gidduu maanguddootaa taau isheenis gidduu dubbartootaa teessi. Akkasumas, maatii fi firoottan nama hujubaan isaa muudamuu yoo jiraatanis gara keessa hujubaatti seenuun warra duraan hiriiranii taaan duubaan marsanii taau. 4.1.2.5. Gaadii Afuu Dubartootaa Namoonni sirna muuda hujubaa abbaa irratti affeeraman gara keessa hujubaatti seenanii erga bakka teessumaa qabatanii booda adeemsi itti aanu gaadii afuudha. Gaadii kanas akka kadhannaaf tolutti gidduu dhiiraafi dubbartootaatti kan afan warra dubbartootaati. Kaanaaf jecha, dubbartoonni sirnicha irratti hirmaatan martinuu gaadii isaanii qabatanii kan bahaniif. Akka Kinniisoo Nabii afgaaffii qoatichaa buuura godhachuun ibseetti gaadiin yeroo horii qalan gogaa horii sana irraa kan bahuudha. Horii keessaas horiin saaa yoo kan qalamu tae luka gamaa gamanaa irraa gogaa walitti baasuun tolfama. Faayidaan gaadii kanaas, dubbartoonni horii dhale ittiin elmatu. Akka hin dhiitneef jecha luka saaa lamaan walitti hidhuuf itti gargaaramu. Sirna muuda hujubaa abbaa irratti immoo ittiin kadhatuuf oola. Kadhannaaf jechas gaadiin afamus lama, afur, jaa yookaan saddeet taa Garuu, lakkoofsaan sadi, shan yookaan torba tauu hin dandau. Sababni isaas, wanti kadhannaaf dhihaatu kamuu lakkoofsaan hiruu tauu hin qabu. Kadhannaan waaqaa wanta guutuun yoo kadhatan mijaaaa taa. Yoo tasa taee sirnicha irratti gaadiin lakkoofsaan hiruu taes tokkicha keessaa gaara manaatti deebisu. Haala kanaan, dubbartoonni gaadii lakkoofsi isaa guutuu tae gidduu isaanii fi warra dhiiraatti diriirsanii afu. 4.1.2 6. Mijuu Aannanii, Killa Qalame, Daadhii Fiixaa fi Buna Xuwwee Gaadii
35

Irratti Dhaabuu Mijuun aannanii, killi qalame, daadhiin fiixaa fi bunni xuwwee wantoota kadhannaa waaqaaf sirnicha irratti qophaaan yommuu taan, isaan martinuu gaadii afame irratti olkaafamanii dhaabbatu. Wantoota kanneenis kan qopheessan maatii warra hujubaa muuduu qofa osoo hin taane, warri gara biraatii sirnichaaf waamamanis qopheeffatanii dhufu. Meeshaaleen kunniinis qodaa ittiin dhihaatanitti guuttamanii waan dhufaniif, waaqa guutuu kanaa nu guuti jedhanii ittiin kadhatu. Kanaaf, meeshaalee kanniin akka kadhannaaf tolutti ol qajeelchanii gaadii irratti dhaabu. 4.1.2.7. Faarfannaa Wantoonni kadhannaaf qophaaan marti erga gaadii irratti ol qajeelffamanii dhaabbatanii booda hirmaatonni sirnicha hunduu wantoota akka guutuutti dhihaatan sana harka mirgaatiin qabanii faarfannaa eegalu. Sana booda faaruu waaqa ittiin galateeffatanii fi kadhatan jalqabu. Akka Tulluu Nabii gaaffii afaaniin gaafatameen ibsetti, faarfannaan sirna muuda hujubaa abbaa irratti faarfamu bifa lama qaba. Isaanis, faarfannaa baniinsa kadhannaafi faarfanna kadhannaaf tauu dha. 4.1.2.7.1. Faarfannaa Baniinsa Kadhannaa Faarfannaan baniinsa kadhannaa kun osoo faaruun kadhannaa hin jalqabin akka seensaatti kan gargaaruudha. Faaruu kanas warri jalqaban shanoo keessaa warra gosa Adamoonyeeti. Ergasii maanguddoonni hafanis jalaa fuudhanii faarfatu. Warri dubartootaas warra dhiiraa jalaa dabaree dabaree isaanii eeganii jalaa qabuun faarsu. Faarfannaan baniinsa kadhannaa kanaaf oolus kan armaan gadii kana dha. Adamoontu dachii sagahee Rabbi nuu dhagahee Adamoontu dachii sagahee Rabbi nuu dhagahee x4 x4 warra dhiiraa warra dubartootaa
36

Warri dhiiraafi dubbartootaas faaruu baniinsa kadhannaa kana sia afur afur qofa jedhu. Maaliif akka akkas jedhanis qoatichi afagaaffii taasiseen maanguddoon Waabee Muddee akka ibsetti, Adamoontu daclii sagahee jechuun dachii yookaan ardii tana kan taasgabbeesse Adamoonyeedha jechuudha. Sababni isaas garaa ardii tanatti dursee kan dhufe isaan waan taeef, yeroo isaan dhufan ardiin tun taasgabbooftuu akkanaa hin turre. Oliifi gadi raafamti jedhama. Erga gosti Adamoonyee kun dhufee halangeen lafa tuqee Rabbi isaaniif dhagahee ardiin tun taasgabboofte jedhu. Kanaaf, adamoontu dachii sagahee jedhu. Rabbi nuu dhagahee jechuunis rabbiin ykn Waaqni yeroo san isaanii akkasitti dhagahee ardii akkas raafamtuu turte taasgabbeesse hara nuufis karaa isaaniitiin nuu dhagaha akka jechuuti. Kanuma irraa kauun, gosti adamoomyee sirna kadhannaa waaqaa hawaasa Oromoo Aanaa kokkossaa keessatti raawwatu kamiinuu keessaa hafuun kan hin barbaachisneef. 4.1.2.7.2. Faarfannaa Kadhannaa Waaqaa Akka maanguddoon Godaanaa Nabii jedhanitti faaruun kadhannaaf faarfamu yoo xiqqaate afur taa. Faaruuwwan kunniinis gosa gara garaa tauu qabu. Kaayyoon isaan faarfamaniifis kadhannaa waaqaatiif. Faaruun baniinsa kadhannaa irratti faarfamuu fi kadhannaa waaqaaf faarfamu kaayyoo gara gara qabu. Inni duraa waaqni yoo kadhatan akka namaa dhagau kan agarsiisu yommuu tau, faaruun kadhannaa immoo waaqa kadhatanii argachuuf gargaara. Kanaaf, faarfannaan kunis kan jalqabu maanguddoota shanootiin. Erga isaan jalqabanii hirmaatonni hunduu dabaree isaanii eeganii waan maanguddoonni jedhanii faarsan faana faarsu. Yeroo kanas wantoota gaadii irratti qophaaan sana harkaan qabaniiti. Haaluma kanaan faarfannaan jalqaba kadhannaaf faarfamu faaruu gosa Adamoonyeeti. Faaruun kunis haala armaan gadii kanaan faarfama. 1. Adaamoonyeen Adamoonyemaa, Mee takkatuu Adamoon jennaa x2 Adamoonyeen ka Abbaa harbee,
37

Mee takkatuu adamoon jennaa. Falfaltoolee nu jalaa xanbee, Mee takkatuu adamoon jennaa. Kooraa feii ana geegessii, Mee takkatuu adamoon jennaa. Koolaa banii nurra dheeressii, Mee takkatuu adamoon jennaa. Adamoonyeen adamoonyemaa Mee takkatuu adamoon jennaa. x2 Adamoonyeen adamoonyemaa, Mee takkatuu adamoon jennaa, jechuun, akka maanguddoon Waabee Muddee jedhetti, Adamoonyeef waaqni kennaa addaa kadhatanii argachuu, eebbisanii argachiisuu fi abaaranii geessuu waan qabaniif isaan maqaa dhoofnee kadhanne jechuu dha. Kennaan isaanii kunis jalqabuma isaan gara arditti dhufanii ardii taasgabbeessan irraa jalqabee hamma haraattis jira. Adamoonyeen ka abbaa Harbee, Falfaltoolee nu jalaa xanbee, kan jedhus abbaan gosa adamoonyee kan duraa Harbe akka taeefi isaan namoota nama miidhaan ykn falfalan yoo kai jedhanii abaaran kaasu akka dandaan agarsiisa. Haaluma kanaan miidhaan akkanaa kunis nama hujubaa abbaa muudu sana irra yoo jiraate karama kanaan ykn karaa faaruu kanaatiin kadhatu. Kooraa feii ana geegessi Koola banii nurra dheeressi Kana jechuunis, kadhannaa waaqaa faaruu kanaan godhaamaa jiruun waaqni gaarummaa isaa akka isaaniif diriirsu agarsiisa.

Haaluma walfakkaatuun, faaruun kadhannaaf ittaanee faarfamu kan armaan gadii kana taa. 2. Killa feessee
38

Rabbiyyoo

Sitti dheessee Killaan bahee Sirraa dahee

Rabbiyyoo Rabbiyyoo Rabbiyyoo

x2 x2

Killa feessee jechuun killa qalee qopheesse jechuu dha. Killi kunis kan kadhannaa Waaqaaf ooluu dha. Haaluma kanaan, yaadni faaruu kanaas wanta kamiifuu namni gara rabbiitti kadhaan dhihaate waan barbaade akka argatu ibsa. Killa feessee Sitti dheessee Shaan qulle faarachuuuu Nu baasi waan jabduuu Rabbiyyoo Rabbiyyoo Rabbiyyoo Rabbiyyoo x2

Yaadni faarfannaa kanaa, hirmaatonni sirnichaa waan nutti ulfaate maraa nuu laaffisi, waan ambatti jabaate keessaa nu baasi jedhanii kadhachaa jiraachuu isaanii agarsiisa. Shaanqulle Faarachuuu kan jedhus, Shaanqulle maqaa nama yommuu tau, Faarachuun maqaa gosa Oromootii. Walumatti nama maqaa Shaanqullee kan gosa Faarachuu jechuudha. Killa feessee Sitti dheessee Killa faataa ganamaa Waaqotu keessa jiraa Waaqa nu uumetu beeka silaa. Killa faataa ganamaa jechuun, akka maanguddoon Dekkenaa Buuqatoo jedhetti ,Oromoonni durii yeroo hundaa killa ykn buna qalanii bakka bultii mataa isaanii bira kaawwatanii buu.Ganamaan lafaa akkuma kaaniin faateffatanii Waaqa nagayaan nu bulchite, nagayaan nu oolchi jedhanii maatii isaanii waliin killa qabatanii Waaqa kadhatu. Haala kanatu killa faataa ganamaa jedhama. Yeroo killa ganamaa kana faateffatanis akkas jedhu; Abbaa manaa Maatii isaa
39

Rabbiyyoo Rabbiyyoo Rabbiyyoo Rabbiyyoo x2

Faatee Waaqni dhagahi Faatee lafti dhagahi Nagayaan nu bulchitee Nagayaan nu oolchi Irraa gora nu oolchi Dogoggora nu oolchi Dhiitee bariuu hin didin Bariitee dhihuu hin didin

dhagahi dhagahi Oolchi oolchi oolchi Hin didin Hin didin

Haala kanaan faarfatanii killa ganamaa kana faateffatu. Waaqotu keessa jira kan jedhus nama maqaa Waaqootu killa faataa ganamaa sana keessa jira jechuu dha. Waaqa nu uumatu beeka silaa jechuunis, waan hundumaa hamaas taee gaariinu mudatu Waaqatu beeka jechuu taa. karama kanaan walqabsiiee namni hujubaa abbaa sana muudus yaada keessa isaa jiru hunda waaqatti kennata. Killa feessee, Sitti dheessee, Halangeen afurii Amanneerraa nu furii. Rabbiyyoo Rabbiyyoo Rabbiyyoo Rabbiyyoo

Yaadni faaruu kanaas rakkoolee maatii warra hujubaa abbaa muudan qunnamanis taee kan hawaasa hunda giddu galeessa godhatan kan akka beelaa, hoongee fi waraanaa yoo jiraatan rakkoolee sanniiniif badii kan uume isaan tauu hubatanii waaqni akka irraa kaasuuf amanneeraa nu furii jedhanii kadhataa jiraachuusaanii agarsiisa. Dabalataanis, akkuma faaruun armaan oliitti ibsame xumurameen faaruun gosa saddaffaas itti fuufa. Faaruun kunis waaee hujubaa abbaa amboo irratti xiyyeeffatee kaa. 3. Hujubaan Abbaa Amboo Gaaxa irraan mulataa
40

x2

Waaqa nu uumetu nuu dubbataa Hujubaa Abbaa Amboo kan jedhamus, hawaasa Aanaa kokkossaa Ganda Woyyyoo Kombolchaa keessatti argama. Hujubaa Qaalluu beekamaa Abbaa Ambooti. Akka Tulluu Nabii jedhetti,Qaalluun kun hawaasa Aana kokkossaa fi olla sana jiran kan akka Aanaa nansaboo faaaf tajaajila kennaa ture. Ayyaana Waaqaafi nama walqunnamsiisu waaqarraa waan argatee tureef waaqaa fi hawaasa walqunnamsiisaa ture. Qaalluu qulqulluu ayyaana qabuun hawaasa isa tajaajilaa ture jedhamee amanama. Osoo haala kanaan tajaajilaa jiru guyyaa tokko due. Erga dueen booda guyyaa awwaalchaaf iddoo qopheessanii gara awwaalichaatti geessan waaqni akka duumessaa fi hurrii godhee, achi keessa Qaalluun duee ture kun kaee gara waqaatti bararee osoo hin deebiin hafe jedhamee amanama. Sana booda iddoon isa itti aawwaluuf qopheessan san mukkeen gara garaa hawaasni naannichaa irratti dhaabuun gamoo taee hujubaa Abbaa Amboo jedhamee hamma haraattis waamama. Haraan tanas hawaasni Oromoo Aanaa kokkossaa bakka falaafi kadhannaa godhatee muudee kadhata; itti falata. Gaaxa immoo magaalaa Aanicha jala jirtu taatee lafa olkaaa irratti dhaabbattee jirtii Hujubaan Abbaa Amboo immoo magaalaa Gaaxaa gaditti gara kibba bahaatiin argama. Hujubbichi baayee beekamaa fi guddaa waan taee maqaa isaa ol guddisuuf jecha, Hujubaan Abba Amboo Gaaxa irraan mulata, jedhanii kadhannaa keessatti faarfatu. (Marii garee, Hagayya 20, 2003) Ceesisa faarfannaa kadhannaa kanaas haala armaan gadii kanaan itti uumanii faarfatu. Kombolchi goobe jiraa, Tokkoochi mooe simaa, Waaqa nu uumetu nuu dubbataa Hujubaan abbaa amboo Gaaxa irraan mulataa, Waaqa nu uumetu nuu dubbataa x2

41

Faarfannaa kana keessattis kombolchi goobe jiraa kan jedhu kombolchi maqaa mukaa yoo tau, Goobe iddoo mukichi sun itti argamuu dha. Akkasumas, Tokkoochimooe simaa jechuunis waaqni warri hujubaa abbaa muuduu fi hirmaatonni sirnichaa kadhatanii fi itti amanan waaqa Tokkicha qofa akka tae ibsa. Yaadni kun gama biraatiinis, yaada waaqeffataan waaqa heddutti amana jecdhu dhugaa akka hin taane agarsiisa. Abbaan Amboo bararee, Hin buluu oola galaa, Meetatu shaa jedha Koola jalaa. Hujubaan abbaa amboo Gaaxa irraan mulataa, Waaqa nu uumetu nuu dubbataa x2 Faarfannaan kunis, akkuma kanaan dura ibsametti abbaan amboo guyyaa awwalcha isaa bararuu isaa fi waaee hawaasa isaatiif akka hin callisne ibsa. Meeta jechuunis meeshaa sibiila irraa tolfame taee, kan Qaalluun kun waaqa ittiin kadhatuu dha. Yeroo inni baranu meeshaan kun akka waan sagalee shaa jedhu dhageessisaa waliin barareetti himama. Kanaaf, meetatu shaa jedha koola jalaa jedhamee, farfama jedha maanguddoon Tullluu Nabii. Hindheessi kee qurxamee, Hiyyeessi kee muddamee, Waaqa nu uumetu beeka silaa Hujubaan abbaa amboo, Gaaxa irraan mulataa Waaqa nu uumetu nuu dubbataa x2 Akka ceesisa, faarfannaa kanaattis, warri ykn namoonni rakkinaa gara garaatiin qabamanii jiran rakkoo sana keessaa bahuuf muddamanii waaqa kadhachaa jiraachuusaaniiti. Haaluma kanaan walqabatee namni yookaan maatiin hujubaa abbaa sana rakkoo mataasaanii kanneen akka beelaa, finna dhabuu, qabeenya dhabuu fi k.k.f yoo qabaatanis karama farfannaa kanaatiin yaada keessa
42

galchanii kadhatu. Rakkina hawaasa hundaas yoo tae hawaasni iddoo sirnichaa hundi yaada tokkoon wal gahanii kadhatu. Akka maanguddoon Huseenaa Muddee afgaaffii qoatichaa buuura godhachuun ibsetti, faaruun kadhannaa kan dhuma irratti faarfatamu gama loonitiin walqabatee kaa. Sababni isaas, loon duudaadha. Akka namaas cubbuu hin hojjatan jedhee hawaasni waan amanuuf, rakkina jiruuf loon maqaa dhahanii faarsuun waaqa kadhatu. Faaruun kadhannaa gama looniin walqabatee kau kunis kan armaan gadiiti.

4. Sheekni Arshii lallabee Hawaashi jedhee, Loontu rabbiin kadhatee Nu baasi jedhee, Saayya muchiin afurii Muddii nu furii Yaadni faaruu kanaas kan agarsiisu, akkuma loon duudaa taee hamaa hin beekne san nutis homaa hin beeknu; nutis loonuma santu si kadhataa jira waan taeef, badii keenyaaf nu muddii kaii nuu dhiisi jedhanii waaqa kadhachaa jiraachuu hawaasa sirna muuda hujubaa abbaa irratti hirmaatanii agarsiisa. Haaluma walfakkaatuun, faaruu kadhannaa dhuma irratti faarfannaa kadhannaa waaqaa garee hawaasaa fi maatii hujubaa abbaa sana muude bakka tokkotti qabatuun sirni kadhannaa bifa faaruun gaggeeffamu kun raawwatama. Faaruun dhumaa kunis: Korma bajii Korma daalacha baajii Amba baasii Amba keessa nu baasii Rabbiyyoo Rabbiyyoo x2

Haala kanaan, yoo xiqqaate faaruuwwan kadhannaa waaqaaf oolan afran armaan olitti ibsaman dallaa hujubaa sana keessatti faarfamuun warri sirnicha irratti argame hundi maatii hujubaa abbaa sana muudeef waaqa kadhatu. Akkasumas nagaa fi rakkina hawaasa hundaafis wal taanii
43

faarfachuun kadhatu. Akka qoatichi daawwannaa sirna muuda hujubaa abbaa irratti qabiyyee kadhannaan bifa faaruun gaggeeffamu of keessaa qau ilaalchisee afgaaffii maanguddoota sirnicha irratti argamaniif godhetti, kadhannaan haala kanaan tau nagaa barbaaduuf, waan barbaadan kan akka qabeenyaa, finnaa fi k.k.f argachuu, hoongee laaffisuu, beelaaf, walumaa galatti, kadhannaa rakkina dhuunfaa maatii hujubaa abbaa muudee fi kadhannaa rakkina hawaasa hundaa of keessaa qaba. 4.1.2.8. Dhibaaffannaa Erga faaruu kadhannaa xumuranii booda adeemsi itti aanu sirna dhibaaffannaa raawwachuu dha. Gara dhibaaffannaattis yoo seenan dursanii falfala luxubu Kunis, warri Waaqa kadhataa turan hundi harka mirgaa isaaniitiin wantoota dhibaayyuuf gaadii irratti qophaaan qabanii, harka bitaa isaaniitiin immoo falfala luxubadhuu bitaan lafa dhahi jedhanii lafa rukutu. Akka maanguddoon Godaanaa Nabii jedhetti, yaadni kunis, wanta gaarii namaaf hin taanee fi nama hamaa namaa yaadu abaaruu agarsiisa. Haala kanaan erga falfala luxubanii booda maanguddoonni shanoo sirnichaa taan wantoota dhibaayyuuf qophaaan hunda sia tokkoon dhibaasu. Abbaan sirnicha raawwatus isaanuma waliin dhibaasa. Waantoonni dhibaafamanis kanneen guutuu taaniidha. Guutuun sun osoo namni kamuu hin unin lafatti dhibaafama. Sababni isaas kennaa waaqaa fi lafaa galateeffachuudhaaf dhibaasu. Maanguddooni dhibaayyuu kana dhibaasanis dursanii gara mirgaatti, ergasii immoo gara bitaattis qodaa meeshaalee dhibaayyuu sana deebisuun dhibaasu. Yeroo sirni dhibaayyuu kun raawwawatus maanguddoonnii fi warri dhibaasan hundi afaaniin akka armaan gadii kana jedhu. Baattoo baadhu, x2 Falfalticha hin baatini. Falfaltittii hin baatini. Madda sifeessi. Marga sifeessi. Ititii nu itichi. Waan loonii bahe namaa sifeessi.
44

Waan lafaa bahe saaa sifeessi. Waan keenyatti jinfuu nu aansi. Waan ormaa nun ilaalchisin. Waan keenya nun wallaalchisin. Wantootni dhibaayyuu kana irratti haala armaan olii kanaan dhibaafamanis aannan mijuu, daadhii fiixaa fi buna xuwween dhihaatee dha. Maanguddoonni akka shanootti sirna dhibaayyuu kana raawwatanis maqaan dhuunfaa isaanii kan akka Badhaasoo, Nageessoo, Gammadaa fi k.k.f osoo tae gaariidha jedhamee maanguddoota tokko tokkoon dubbatama. Sababa isaas yoo kaasan ,milkiin yookaan carraan maqaa isaanii irraa ilaalamu waan jiruuf jedhu. Fakkeenyaaf: Maqaan Badhaaso badhaadhina waan hundaaf taa Maqaan Nageessoo- nagaa namaa fida Maqaan Gammadaa gammachuu namaf taa jedhu. Maanguddoonni erga dhibaayyuu raawwatanii booda waan dhibaasan hunda irraa ofii isaaniitii unanii kaanii nama sirna nuuda hujubaa abbaa irratti hirmaate hunda waliin gahanii unsiisu. Wantoota haala kanaan dhibaayyuu irratti dhugaman keessaa aannanii fi daadhiin fiixaa tokko dha. Maanguddoonni maatii hujubaa abbaa sana muude daadhii fiixaa sana unanii itti biifu. Yoo itti biifan sanas akkas jedhanii eebbisu: Fiixayaa Fiixaan teessan ha dheerattu Urgaayaa Wal uladhaa Horaa Dagaaggaa (.(Biraanuu Bariisoo, Ifaa Dheekkoo fi Girmaa Galatoo).

4.1.2.9. Killa /Buna Qabachuu

45

Killi qalamee sirna muuda hujubaa abbaa irratti dhihaatu lama yookaan afur yookaan immoo jaha tauu dandaa. Garuu lakkoofsaan hiruu tauu hin qabu. Yoo lakkoofsi buna qalamee dhihaatee sadi ykn shan tae tokko gara manaatti deebisanii lama ykn afur sirnichaaf dhihaata. Killichis kan qophaauun maatii hujubaa abbaa muuduunii fi warroota akka shanootti waama maniin. Kan tolfamus buna duudaa dhadhaan akkaawamee osoo hin gubatin baheefi dhadhaa baqsaa irraayi. Killi immoo meeshaa bunni itti qalamuudha. Haala kanaan, bunni qalamee sirna muuda hujubaa abbaa irratti kadhannaa waaqaaf dhihaate kana yommuu qabatan, ammas maanguddoonni shanoo dursanii Qawa Jaba jedhanii buna qalame kana dhadhaafi buna waliin makanii afaan kaawwatu. Itti aansuunis maatii hujubaa abbaa sana muudan duraa duuba hangafaa maandhaatiin abbaa manaa irraa jalqabanii afaan kaau. Yommuu buna qalame kana afaan kaaanis akkasa jedhanii maatii sana eebbisu: Daraaraa Buna taaa Baayadhaa Walhoraa Maatiin sirnicha qopheesses Amiin jechaa eebba maanguddootaa fudhatu. Sana booda maanguddoonni shanoo namoota sirnicha irratti argaman hunda Daraaraa x4 jechaat buna qalame afaan kaau. Haaluma walfakkaatuun, namni hujubaa abbaa muudu sunis itti fuufee buna qalame sana keessaa dhadhaa baqsaa fuudhee soodduu karra seensaa mirga irraa jalqabee hunda waliin gaha. Maanguddoonni shanoos isa duubaan taanii soodduuwwan hunda dhadhaan muudu. Yeroo soodduu muudu kanas abbaan sirnichaa afaaniin akkana jechaa waaqa karaa soodduu sana muudeen kadhata: Boobboo naaf jedhi. Yoo si waamadhe Naa awwadhu. Naa dhagai. Anaafi maatii koo
46

X4

Irra naannai. Maanguddoonni shanoos isa faana akkas jechaa kadhatuufi; Boobboo jedhiif. Yoo si waamata dhagaiif. Awwaadhuuf. Isaa fi maatii isaa Irra naannai. Warri sirna kana raawwatanis warra dhiiraati. Soodduus muudanii yoo kaan maatii sirnicha qopheesse dhadhaa buna qalameetiin mataa isaanii dibu. Ofiifis warri maanguddoota dursanii dibatu. Erga maatii sirnicha qopheesse waliin gahanii booda namoota sirnicha irratti hirmaatnan hunda dhadhaa dibu. Yeroo kanas afaaniin Jiidhaa x2 jedhu. Haala kanaan muuda hujubaa abbaa irratti sirni raawwatu killa yookaan bunaqabannaa jedhama. 4.1.2.10. Hayya Nagee Galchuu Akkaataa sirni muuda hujubaa abbaa itti raawwatu keessatti adeemsi xumuraa Hayya Nagee Galchuu dha. Akka Kinniisoo Nabii jedhetti, Hayya Nagee jechuun Nagaa jechuu dha. Hayya nagee galchuu jechuunis, nagaa maatii hujubaa abbaa muudeef galchuu dha. Naga kanas kan galchan maanguddoota shanoofi namoota sirnicha irratti afeeraman dha. Warri itti galchanis abbaa manaa fi haadha warraa hujubaa abbaa muudan maatii isaanii waliin teesisaniiti. Wantoonni akka hayya nageetti maatii hujubicha muudeef galanis wanta nyaatanii, dhuganii hafe kan akka aannan mijuu, daadhii fiixaa, buna qalaa fi buna xuwwee faaadha. Maanguddoonni yeroo hayya nagee maatii hujubbicha muudeef galchanis akka armaan gadii kan jedhu. Hayya Nagee 2x Kee elmadhu, Kee ergadhu, Harooressaan bobbaaffadhaa
47

Haroo gannaa obaafadhaa Keessa bulaa. Keessa turaa. Kana jechuunis, aannan hin dhabinaa, nagaa argadhaa 2x, ilmaan ergattan qabaadhaa, duroo madhaa, jiidhaa, jiraadhaa jechuu dha. Haala kanaan haati warraa fi abbaan manaa Hayya Nagee x2 jechaat waan maanguddoonni gara isaanitti galchan irraa fuudhanii dalla hujubichaatti hidhatu. Kana booda sirnichi raawwatee namni martinuu karra sooduu bahiinsaatiin hujubbichaa keessaa bahanii gara mana mana isaaniitti galu. Maatiin hujubaa abbaa muudes suuta jedhee meeshaa hafe walitti qabatee walgahee gala. Akkaataa kanaan sirni muuda hujubaa abbaa raawwata. 4.2. Yoomessa Muuda Hujubaa Abbaa Hawaasni Oromoo duudhaalee heddu kan walfakkaatu qabaatus iddoo gara garaatti haala gara garaan raawwachuu dandaa. Haaluma kanaan muudni hujubaa abbaa hawaasa Oromoo Aanaa kokkossaa biratti yeroo fi iddoo mataasaa kan ittti raawwatu qaba. Hawaasa keessatti raawwatus qaba.Isaan kunniinis, akka yoomessa hujubaan abbaa keessatti raawwatuutti ilaalamu. Isaanis, armaan gaditti ibsamaniiru. 4.2.1. Iddoo Muudni Hujubaa Abbaa Itti Raawwatu Hujubaan awwaala namaa kan mukkeen gara garaa irratti dhaabamee gaaddisa taee akka iddoo gaaddisaatti ilaalamuudha. Abbaan, maatii tokko irraa yoo due awwaalli isaa iddoo maatiin isaa barbaadetti raawwata. Erga awwalli isaa raawwatee booda guyyaan afurtamni yoo gae maatiin isaa firoottanii fi ollaa akkasumas, hawaasa naannoo sanaa waamee afurtama abbaa baasa.Guyyaa kana nyaatni fi dhugaatiinis qophaaee guyyaa abbaa itti yaadatanii dha.Ilmaan nama duee sunis guyyaa kana awwaala abbaa isaanii irratti soodduu dhaabbatu. Gaafa sanaa jalqabee mukkeen garaa garaa kanneen akka Anshaa, Garambaa, Korraallaa fi k.k.f ilmaaniin awwaalicha irratti dhaabbata. Mukkeen kunniinis guddatanii iddoo sanatti gaaddisaa fi kabaja gonfu. Haala kanaan iddoon sun Hujubaa jedhamee waamama. .(Biraanuu Bariisoo, Ifaa Dheekkoo fi Girmaa Galatoo).
48

Kanuma irraa kauun hawaasa Oromoo Aanaa Kokkosaa biratti hujubaan abbaa akka iddoo kadhannaa Waaqaatti ilaalama. Iddoo kanatti kadhannaa Waaqaa kan geggeessu hawaasa naannoo sana jiraatuu fi kanneen biroos tauu dandau. Haatauu malee, yeroo baayee hujubaa abbaa muuduun sirna kadhannaa Waaqaa iddoo sanatti kan gaggeessuu maatii abbaa sanaati. Maatii keessaas ilma hangafaa abbaa sanaati Guyyaa hujubaa abbaa muudan kanas horiifi wantoota sirnichaaf barbaachisan qopheessuudhaan. Akka maanguddoo Tulluu Nabii jedhetti, ilmi hujubaa abbaa yoo muudu, gaaraa gaachana abbaa kiyyaa yoomuu hin dagadhu. Waaqa abbaa kiyya irraa na uumee isas narraa fudhate kanas nan galateeffadha jechuun, awwaala abbaa isaa irra dallahee waggaa waggaan muuda. Kanaafuu, hawaasa Aanaa kokkossaa keessatti iddoo mudni hujubaa abbaa itti raawwatu keessa tokko hujubaa abbaati. 4.2.2. Yeroo Muudni Hujubaa Abbaa Itti Raawwatu Muudni hujubaa abbaa yeroo mataasaa kan itti raawwatu qaba. Kana jechuunis, yeroo dhaabbataa tae osoo hin tain guyyaa fi yeroo murtaaaa itti raawwatu qaba. Haalli kunis adeemsa duraan maatiin abbichaa hujubaa abbaa sana itti muuduu eegale irratti hundaaa. Kunis, waqtiilee afran keessaa ganna dursanii muudanii jiran yoo tae, waggaa itti aanus gunnuma san taa jechuudha. Sababni isaa hujubaan abbaa waggaa waggaan waan muudamuuf. Waqtii biraas yoo tae akkasums garuu, waqtii sana keessattis jiini tokko filatameetu muudama. Jia sana keessaas guyyaan sirni muuda hujubaa abbaa itti raawwatu kan murtaau guyyaa ayyaanni gaariin irra ooluuni. Akka maanguddoon Godaanaa Nabii waaee Ayyaanaa kana ilaalchisanii ibsanitti, Waaqni yeroo uumama mara uumu kan ittiin qajeelchu ayyaana waliin uume. Ayyaanni kunis beekumsa ittiin seeraa fi heera Waaqaa beekanii ittiin qajeelfaman, waaqaan walqunnamanii fi ittiin sirraaaniidha. Akka duudhaa Oromoottis ayyaanonni jia tokko keessatti argaman digdamii torba (27). Kanaafuu, muudni hujubaa abbaas ayyaanota jia tokko keessatti argaman kanneen keessaa ayyaanni sirnichaaf tolu guyyaa irra ooleen raawwatama. Guyyaa ayyaana gaarii qabu kanas kan beekan namni hujubaa abbaa muudu sun warra Ayyaantuu (dhaha dhooftuu) bira deemee gaafata.
49

Maanguddoon Dekkanaa Buuqatoo afgaaffii gaafatameen akka ibsetti, ayyaanota jia tokko keessa jiran keessaa muuda hujubaa abbaatiif filatamoo kan taan Ayyaana Dullattii, Dureettii, Salbaan Deettiifi Garba Deettiidha. Akka yaada maanguddoo kanaatti ayyaannonni biroonis jiraachuu dandau. Garuu, isaan eeraman kunniin baayee filataamoo kanneen taaniidha Haaluma kanaan namni hujubaa abbaa muudu ayyaanota kanneen keessaa tokko filatee muuda. Guyyaa sanas yeroon sirnichi itti raawwatus ganama osoo fixeensi hin badinii fi saafaya tauu dandaa. Haa tauu malee, qoatichis muuda hujubaa abbaa saafaya saaatii saddeetii hanga kudhaniitti raawwate daawwateera. Yeoon kunis maaliif akka filatame gaaffii sirnicha irratti maanguddoota gaafateen, maanguddoonni akkas jechuun ibsan, yeroon kun saafaya. Saafaya kanatti immoo wanti hundinuu nilaafti; qilleensis ni qabbanaaa. Yeroo kadhannaan waaqaa itti fuudhamus, yeroo kana jedhu. Kanumaan walqabatee yeroon kun filatame. Sirnichi qoataan daawwate kunis waqtii gannaa jia hagayyaa guyyaa kamisaa raawwate. Walumaagalatti, hawaasa Aanaa kokkossaa biratti muudni hujubaa abbaa irra caalatti waqtii bonaafi gannaa guyyaa ayyaana gaarii qabutti saaatii ganamaa osoo fixeensi hin badin yookaan saafaya saaati saddeetii hanga kudha tokkootti raawwatamuu dandaa. 4.2.3. Hawaasa Muudni Hujubaa Abbaa Keessatti Raawwatu Duudhaaleen Oromoo hawaasa oromootiin gaggeeffama. Haatauu malee, naannoo tokko tokkotti duudhaaleen hawaasichumaan dagataman ni jiru. Kunis, dhimma amantaalee gara garaa kan alaa dhufan madaqfachuu fi hammayyummaan wal qabata. Tauu darbee darbee hawaasni aadaa fi duudhaa isaa haalaan gaggeeffataa jiru ni jira. Haaluma kanaa, hawaasni Oromoo Aanaa Kokkossaas darbee darbee duudhaa kana gaggeessaa jira. Akka maanguddoon Huseenaa Muddee afgaaffii qoatichaan dhihaateef irratti hundaauun jedhetti, hawaasa aanichaa keessaa warri sirna muuda hujubaa abbaa kan raawwataa jiru warra amantaa Oromoo kan ganamaa (waaqeffannaa) harkaa qaban qofaa dha. Sababni isaas, hawaasni

50

biroon kanneen amantaa orama kan akka amantaa Isilaamaafi Kiristaanaa hordofan duudhaa kana akka boodatti hafummaatti (aadaa boodatti hafaatti) ilaalu. Yaaduma kana irraa kauun yommuu ilaalamu sirni muuda hujubaa abbaa kun hawaasa amantaa waaqeffannaa hordofuun qofa kan raawwatamuu tauu isaati. Hawaasa aanichaa keessatti hordoftoonni amantaa kanaa akka odeeffannoon Waajjira Aadaafi Turiziimii Aanichaa irraa fudhatame agarsiisutti Dhibbeentaa tokko qabxii shan (%1.5) qofa. Kanuma irraa kaanee hawaasni aanichaa irra caalaan amantiiwwan biroo waan hordofuuf sirni muuda hujubaa abbaa hawaasa muraasaan kan gaggeeffamu tauu mulisa. Walumaa galatti, hawaasa Aanaa kokkossaa keessatti sirni muuda hujubaa garee hawaasa muraasaan iddoo tokko tokkotti darbee darbee raawwatama. 4.3. Hujubaa Abbaa Eenyutu Muudaa? Akkuma kanaan dura ibsametti muudni hujubaa abbaa kan muudamu maatii abbaan irraa due sanaani. Haatauu malee, maatii sana keessa namni sirna kana itti yaadee raawwatu ni jira. Yaada kana ilaalchisuun akka Kinniisoo Nabii afgaaffii gaafatameen jedhetti namni muuda hujubaa abbaa raawwatu maatii abbaa sanaa keessaa ilma. Ilma keessaas ilma hangafaati. Sababni isaas, maatii sana keessaa dura miluu waaqaa kan argee fi abbaa keessaa bahe isa waan taeef. Yoo akka tasaa taees hangafni abbaa sanaa intala taates dubartiin muuduu waan hin dandeenyeef ilmuma dursee dhalatetu hujubaa abbaa muuda. Kana malees, sababa intalli hujubaa abbaa muuduu hin dandeenyeef ilaachisee maanguddoon Waabee Muddee daawwannaa irratti afgaaffii godhameefiin akka ibsetti, intalli gaafuma dhalattetan ormaati. Sababni isaas, qeee abbaa taauu hin dandeessu; ni heerumti. Kanaaf, ardaa fi qeee abbaa ishee qabdee waan hin teenyeef hujubaa abbaa muuduu keessatti qooda hin qabdu. Qeee abbaas qabee, abbaanis duu qabeenyasaa kan dhaalu ilma. Aadaa Oromoo keessattis ilmi hangafaa abbaa dhaala jedhama. Kanaaf, gaheen muuda hujubaa abbaa ilma hangafaaf kenname. Yoo ilmi hangafaas lubbuun hin jiru tae ilmuma itti aanutu muuda.

51

Yaada kana deeggaruunis WADO (2006:105) keessatti akka ibsametti: Angafni dursee miluu waaqaatti baha. Kanaanis quxisuu ni dursa. Waaqni dursee waan dhala namaaf malu mara kan kenne (badhaase) angafa. Kanaaf angafni kabajamuu qaba; quxi suunis itti aanuu qaba. Haaluma kanaan hawaasa Aanaa kokkossaa biratti muudni hujubaa abbaa ilma hangafaatiin raawwatama. Ilmi hangafaa obboleewwanis yoo jiraatan sirnicha irratti waamee waliin waaqa kadhatu. Akkasumas, firoottanii fi ollaa isaaniis waamanii waliin sirnicha gaggeessu. Sirnichaafis wantoota barbaachisan kan akka buna qalaa, aannanii fi k.k.f maatiin nama hujubaan isaa muudamuu walgargaaranii qopheessu. Haala kanaan, gaheen hujubaa abbaa muuduu ilma hangafaa nama hujubaan isaa muudamuuf kennama. 4.4. Wantoota Muuda Hujubaa Abbaatiif Barbaachisan Muuda hujubaa abbaatiif wantoonni barbaachisan gara garatu jiru. Isaan kunis maatii nama hujubaan isaa muudamuutiin qophaau. Akkasumas, warri akka shanootti waamamanis wantoota kana qopheessuu keesatti gahee qabu. Kaayyoon wantoota qophaaan kanaas kadhachuuf.Kanaaf, wantoonni sirnicha irratti dhihaatanis armaan gaditti kaaaniiru. 4.4.1. Horii Aarsaa Namni hujubaa abbaa muudu dursee qopheeffachuu kan qabu keessaa tokko horii aarsaaf qalamuu dha. Horiin kunis waraagamee dhufa. Gosti horii muuda hujubaa abbaatiif oolus gara garaa. Haalli kun immoo sadarkaa jireenya nama muuduu sana irratti hundaaa. Kana jechuunis, namni qabeenya gahaa qabu akkuma qabutti muuda. Kan qabeenya gahaa hin qabnes akkuma humna isaatti muuda. Kanaaf, horii sirna muuda hujubaa abbaatiif dhihaatan keessaa kormi loonii tokko. Akka aadaa Oromomootti kormi gaachana abbaati. Kanaaf, ilmi gaachana abbaa isaatiif hujubaa isaa irratti korma aarsaa godhee Waaqa kadhata. Waaqnis akkuma inni kennee kadhate sanatti waan inni barbaade kennaaf, Namni korma hujubaa abbaa isaa irratti qalee Waaqa kadhate akkuma kormaa sana jabaa taa jedhamee amanama. Warri sirnicha irratti hirmaatanis nama hujubaa abbaa kormaan muude sana abboo abbaa kankee kormaan muuddee Waaqa kadhettee korma tai, akka koramaa misii baroodi, muldhadhu jedhanii eebbisu. Waaqa ittiin

52

Akka maanguddoon Huseenaa Muddee afgaaffii qoatichaan ibsetti, namni ilma hin qabne hujubaa abbaa isaatiif korma waggaatti wareegee waaqa kadhata. Yoo waggaa sanatti ilma argate korma achitti fidee muuda. Waggaa sana keessattis hin arganne taanaan korma wareegeen muudee kaee, ammas waggaa itti aanuufis irra deebiee kormuma sana wareegee ilma barbaade argata. Yaadni maanguddoo kanaas, hawaasni Oromoo duudhaa isaa irratti hundaaee dhugaan waaqa isaa yoo kadhate waan barbaade akka argatu agarsiisa. Haaluma walfakkaatuun, hujubaa abbaa Goromsaanis muuduun ni dandaama. Namni haala kanaan Muudus yoo hormaata namaa fi saaa argachuu barbaaade dha. Saaa namaan nahorsiisi, ammas dabaltee dabaltee yoo na horsiiste, bara baraan goromsaan si muuda jedhee kadhata. Akkasumas, namni humni isaa sadarkaa looniin hujubaa abbaa isaa muudu hin geessines yoo jiraate korma hoolaatiin ykn korbeessaan muuduu ni dandaa. Korbeessi kunis akkuma korma looniitti ilaalama. Walumaagalatti, namni horii kamiinuu muude akka armaan gadii kanatti maatii fi hirmaatota sirnichaa waliin waaqa kadhata. Nama muudu Kormaan si muudee Korma ambaa na godhi. Amba keessa na bulchi. Goromsaan si muudee, Namaafi saaan na horsiisi. Raadaa jibichaan na horsiisi. Ilmaa intalaan na horsiisi. Na magarsi. Barana kanaan si muudee, Bara dhufus waan biraatiin dhufaa, Naa dhagai Dhagai Horsiisi Horsiisi Horsiisi Magarsi godhi bulchi Shanoofi hirmaatota biroo

Haala kanaan, waan namni hujubaa abbaa muudu keessa isaatti yaade shanoo fi hirmaatonni sirnichaa guutiif jedhanii kadhatu. Kana malees, akka maanguuddoon Birhaanuu Bariisoo
53

afgaaffii gaafatameen ibsetti, namni horii hin qabnes callisee waan qabuun hujubaa abbaa yoo muude Waaqni akkuma warra horiin muudetti ilaala. Sababni isaas, waaqni horii qofa qalanii akka isa kadhatan waan hin feeneef. Akka duudhaa Oromoottis, Oromoon wanuma qabu kennee waaqa yoo kadhate, waaqni ni dhagahaaf. Walumaagalatti, namni hujubaa abbaa muudu horii aarsaa qalee yookaan akkasumaan hujubaa abbaa muudee Waaqa kadhachuu dandaa. Horiin muuda kanaaf taus, Korma loonii, Korbeessa hoolaa fi Goromsa. Garuu, dirqamatti waan kanaan muudamuu qaba wanti jedhu hin jiru. Akka dabalataattis saani cimeessi muuda hujubaa abbaatiif ni tola. Sababni isaas, jireenyaa dheeraa nu jiraachisi jedhanii waaqa ittiin kadhatu. 4.4.2. Buna Qalame Bunni /killi qalaan sirna raawwii muuda hujuba abbaa keessaa waan hafuu hin qabnee dha. Akka maanguddoon Waaqayyoo Tuulaa jedhetti; bunni qalaan korma hujubaan muudamuun walqixa akka taetti ilaallama. Kunis, waaqa buna duudaa uumte kadhaa keenya nuuf dhagai jedhanii Waaqa ittiin kadhachuuf waan toluuf sirna kadhanaa muuda hujubaa abbaa keessatti gahee guddaa qaba. Isaayaas Hordofaa (2002:30) kitaaba asoosama Yoomi Laataa? Keessatti buna qalaan maal akka tee yoo ibsu: Buna qalaa jechuun buna duudaa dhadhaan akaawamee nyaatammuu dha jedha. Gama biraatiinis, yaadni hayyuu kanaa bunni qalaan maal irraa akka qophaaus ni agarsiisa. Qoatichis sirna muuda hujubaa abbaa irratti buna qalamee dhihaate akka daawwatetti, akkuma hayyuun armaan olitti maqaan isaa kae jedhetti bunni qalaan buna akaawamee fi dhadhaa baqsaa irraa hojjatama. Buna qalaas kan qopheessu maatii hujubaa abbaa sana muuduu fi warra akka shanootti waamaman dha. Akka hawaasa Aanaa Kokkossaatti buna qalaa dubbartootatu qopheessa. Lakkoofsi buna ykn killa qalaa sirnichaaf dhihaatuus guutuu tauu qaba. Kana jechuunis lama, afur, jaha ykn saddeet tauu qaba. Sababni isaas, wanti hiruun kadhannaa waaqaa ittiin gaggeessuuf waan hin mijoofneef. Buna /killa haala kanaan qalamee sirna muuda hujubaa abbaa
54

irratti dhihaate erga Waaqa ittiin kadhatanii kaanii booda ni Qabatu. Kana jechuunis, maanguddoonni shanoo Qawa Jaba jedhanii afaan kaaatanii maatii hujubbicha muudes dhadhaa fi buna walitti qalame sana afaan kaau. Sana booda dhadhaa sanaan abbaan hujubbicha muuduu fi maanguddoonni shanoo soodduu erga muudanii booda mataatti dibatanii namattis dibu. Killa Qalaa jedhamees ni waamama. Killi meeshaa bunni itti qalamuu dha. Meeshaan kunis meeshaalee faaya Oromoo keessaa tokko taee, muka, kalaalaa, elellaanii fi calleewwan gara garaa irraa hojjatama. Kanaaf maqaa killa kanaatiif jecha killa qalaa jedhanii waamuu. 4.4.3. Gaadii Akkuma akkaataa raawwii muuda hujubaa abbaa jalatti ibsametti, gaadiin meeshaa dubbartootaa taee gogaa horii irraa tolfama. Gogaa horii keessaas kan gaadiif tau, gogaa saaati. Faayidaan isaas dubbartoonni horii ittiin elmatti. Kana malees, hawaasa Oromoo Aanda kokkossaa biratti gaadiin kabaja guddaa qaba. Kunis, dubartiin takka gaadii qabattee waan rakkatteef namatti yoo dhaqxe ni argatti. Nama waldhabes isaan kadhattee araarsuu dandeessi. Isheenis kabajamtuu tauu yoo baatte waan gaadiin harka ishee jiruuf kabajanii waan isheen jette fudhatu. Kanaaf, gaadiin meeshaa dubbartiiti waan taeef guyyaa muuda hujubaa abbaa sanas ittiin waaqa kadhachuuf qabatanii bahuun. Yeroo kadhannaa Waaqaa iddoo sirnichaatti godhanis wantoonni kadhannaaf qophaaan hundi gaadii diriirfamee afame irratti dhaabamu. Gama biraatiinis, lakkoofsi gaadii sirna muuda hujubaa abbaa irratti kadhannaa waaqaaf dhihaatu lakkoofsa dubartoota sirnicha irratti hirmaatanii irratti hundaaa. Garuu, haati warraa nama sirnicha raawwatuu fi dubartoonni akka shanootti waamaman dirqamatti qabatanii bahu. Wanta lakkoofsaan hiruu tae qabatanii Waaqa kadhachuun gaarii waan hin taaneef, gaadiin sirnicha irratti dhihaatus afur,jaa ykn saddeet taa. Akka mallattoo hormaataatti qabatanii Waaqa ittiin kadhatu. Kanaaf, meeshaan kunis sirna muuda hujubaa abbaa keessatti waan hafuu hin qabanee dha. (Marii Garee, Hagayya 20, 2003). 4.4.4. Aannan Meeshaan inni biroon sirna muuda hujubaa abbaa irratti barbaachisaa tae aannan. Maqaa amantaa Waaqeffannaatiin Mijuu jedhama. Gosoota aannanii keessaas kan sirnicha irratti
55

qophaau aannan itittuudha. Sirnichi raawwachuuf guyyaa afur yookaan saditu hafa jechaat aannan ittiffamuu kan jalqabu. Meeshaan aannan mijuu itti ittichanis sabaree ykn elemtuu jedhama. Aannan haala kanaan dhihaate dursa ittiin kadhatama. Waaqa guutuu kana uumte yaada keenya nuuf guuti jedhanii ittiin kadhatu. Sana booda osoo namni tokkoo hin unin lafatti dhiibaafama. Maanguddoonni akkuma dhibaasanii kaaniin unanii hirmaatota sirnichaa hunda waliin gahanii unsiisu. Akkuma namni hundi aannanicha unee waliin gaheen maanguddoonni akka armaan gadii kana jechaa warra hujubaa abbaa muudanii fi aannan mijuu qopheessan eebbisu. Maanguddoota Horaa 2x Coonaaa. Mooraaa. Akka aannanii miaaaa. Ameessi keessan hin gain. Loon keessan taadhii haa dhalu. 4.4.5. Daadhii Fiixaa Hawaasni Oromoo Aanaa Kokkossaa daadhii sirna falaa fi kadhannaa Waaqaa keessatti haalaan itti gargaarama. Daadhiin sirna muuda hujubaa abbaatiif qophooftus damma qofa irraa manatti hojjatamti. Sirnicha irratti meeshaa Buqqee irraa hojjatame Duloodhaan dhihaatti. Haala kanaan, daadhii tanas kan qopheessu nama hujubaa abbaa sana muudu. Afaan kadhannaatiin Fiixaa jedhamti. Duloo sanatti guutanii Waaqa guutuu kanaa uumte yaada keenyas guuti jedhanii Waaqa ittiin kadhatu. Haaluma kanaan, maanguddoonni maatii hujubaa abbaa muude daadhii unanii akka armaan gadii jedhanii eebbisu. Maanguddoota Fiixayaa. x2 Urgaahaa.
56

Warra Aanna mijuu qopheesse Amiin Amiin Amiin Amiin Amiin Amiin

Maatii Hujubaa abbaa muuda Amiin x2 Amiin

Damma taaa. Fiixaa dheeradhaa. Abaabaa. Walitti bulaa. Walitti turaa.

Amiin Amiin Amiin Amiin Amiin

Gama biraatiinis, daadhiin fiixaa araara namoota waldhabanii irrattis ni qophoofti. Kunis, qaamni namoota sana walitti araarsu, erga namoota waldhaban walitti araarseen booda guutuu fiixaa fidaa jedheenii fichisiisee akka qodaa tokko keessa afaaniin walitti jedhanii waliin unan taasisa. Qaamni araarse sunis unee itti biifa. Walitti urgaahaa, walitti bulaa jedhee eebbisa.(Afgaaffii Daawannaa Irratti Dhihaate, Hagayya18,2003). 4.4.6. Buna xuwwee Bunni xuwwees sirna muuda hujubaa keessatti buna akaawamee tumamee fi bishaan qabbanaaaa irraa tolfamee kadhannaaf dhihaata. Xuwween immoo meeshaa suphee irra tolfamtee fi buna itti dhuguuf oolti. Buna kadhannaaf bishaan qabbanaaaa fi buna tumame irraa qopheessan kanas xuwwetti qopheessu. Kanaaf, buna xuwwee jedhamee waamama. Buna xuwwee kanas akkuma meeshaa dhangalaaa biroo Waaqa guutuu kana uumte yaada keenya guuti jedhanii sirnicha irratti ittiin kadhatu. Maqaa sirnichaan Buna Dhaabaa jedhama. Haala kanaan, erga Waaqa ittiin kadhatanii booda maanguddoonni lafatti dhibaasu. Dhumarrattis maatii hujubbicha muude Buna taaa, bunaa fi Nagaa hin dhabinaa jedhanii eebbisu.Maatiinis Amiin jedhee eebba maanguddootaa fudhata. Kanaaf, bunni xuwwees muuda hujubaa abbaa keessatti gahee mataasaa qaba. 4.4.7. Ibidda Ibiddis guyyaa muuda hunjuba abbaa sana ni barbaachisa. Sababni isaas, horii aarsaaf erga qalanii booda dhandhama daddarbamuufi nyaatamu itti waddan waan taeef. Kanaaf, warri dubartootaa eelee sibiilaa baloo taatetti manaa haranii iddoo muuda hujubaa abbaa sana fidhuun hujubaan alatti bobeessu. Kan bobeessus warra dubaartootaati. Ijoolleen xixxiqqoonis bobeessuu
57

dandau. Garuu, dhandhama kan itti waddu warra dhiiraa keessa nama tokko dha. Dhandhamni waddamu malee daddarbaaf waan hin taaneef, yoo horiin aarsaa jiraate ibiddis dirqamatti barbaachisa jechuu dha.

4.5. Sadarkaa Muudni Hujubaa Abbaa Yeroo Ammaa Irra Jiru Akka maanguddoon Tulluu Nabii afgaaffii gaafatameen ibsetti, hawaasa Aanaa Kokkossaa keessatti muudni hujubaa abbaa raawwachuu erga jalqabee umrii dheeraa lakkoofsiseera. Kunis gaafuma abbaan ilma argate irraa hujubaa abbaa muuduun jalqabe jedha. Dabalataanis, yaaduma kana irratti afgaaffii gaafatameen maanguddoon Biraanuu Bariisoo akka jedhetti, hujubaan abbaa muudamuu kan jalqabe guyyaa namni lafa tana irratti jalqaba argamee, abbaan ilma argatee deebiee due irraayi. Sababni isaas, yeroma sanaa jalqabee rakkooleen gara garaa waan turaniif rakkoole sana jala qolachuuf jecha ilmi karaa awwaala abbaasaa dueetiin Waaqa kadhachaa waan tureef. Yaada maanguddoota lamaanii kana irraa hubachuun kan dandaamu duudhaan hawaasaa kun jalqabuma argama dhala namaatii kaasee tajaajilaa turuusaa agarsiisa. Yeroo sanas hawaasni Oromoo amantaa alaatiin waan hin qabaminiif karaa kanaan Waaqa kadhataa akka turan himama. Haatauu malee, duudhaan haala kanaan dura ture kun yeroo ammaa kana hawaasa Aanaa Kokkossaa keessatti sadarkaa baduutti deemaa jira. Duudhaan kun badnaan immoo hawaasichi miidhamuu dandaa. Sababni isaas, hawaasni duraan rakkoo gara garaa isa qunnamuuf hujubaa abbaa muudee kadhatu, haala kana irraa yoo dabe waaqatti dhihaatee rakkoolee isa qunnamaniif fala argachuu hin dandau. Akkasumas, waan barbaades akka barbaadetti argachuu hin dandau. Haaluma walfakkaatuun, duudhaaleen hawaasa Oromoo kanneen kanaan dura hawaasa Aanaa kokkossaa keessatti raawwatamaa turan kan akka marsaa gadaa kabajuu (Raabaa) fi Buttaa qaluu
58

sirumaa badanii jiru. Badiinsi duudhaalee kanneenii immoo hawaasicha waan gara garaatiif akka saaxilaa jiru maanguddoonni naannichaa hedduun ni dubbatu. Kanumatti dabaluun muudni hujubaa abbaas siruma yoo bade daraan hawaasicha miidhuu dandaa. (Marii garee, Hagayya 20, 2003, Afgaaffii)

4.6. Sababa Dadhabaa Deemuu Muuda Hujubaa Abbaa Akkuma mata duree armaan olii keessatti ibsametti muudni hujubaa abbaa dadhabaa deemuun sadarkaa duaa ykn badiinsaa irra gahee jira. Akka marii garee qoatichi taasiseen maanguddoon ni hedduun sababa dadhabaa deemuu muuda hujubaa abbaatiif amantaa fi aadaa ormaa madaqfachuu kaasu. 4.6.1. Amantaa Hawaasni Oromoo Aanaa Kokkossaa dhibbeentaan torbaatamni (%70) amantaa Isilaamaa hordofu. Dhibbeentaan digdamii saddeet qabxii shan (%28.5) amantaa Kiristaanaa, tokko qabxii Shan (%1.5) ammoo Waaqeffataa dha . Hirachaa deemuu raawwii muuda hujubaa abbaatiifis sababa kan taan amantaa Isilaamaa fi Kiristaanaa (pirotestaantiti). 4.6.1.1. Amantaa Isilaamaa Amantaalee hawaasa Aanaa Kokkossaa keessa yeroo dheeraa keessatti babalatan keessaa amantaan isilaamaa tokko dha. Hawaasichis balinaan amantaa kana hordofu. Haali kun immoo duudhaan hawaasichaa kun akka baduuf gahee taphateera. Kunis, amantaan kun faallaa duudhaa Oromoo kanaa waan taeef, hawaasni amantaa kana faana bues faallaa duudhaa kanaa taa. Kanaaf, hawaasni hedduun aanichaa amantaa kana madaqfateera waan taeef, amantaa isaa faana buuun muuda hujubaa abbaa kanas akka aadaa boodatti hafaatti ilaalu. Akkasumas, nama hujubaa abbaa muudee Waaqa kadhatus akka waan waaqa biraa Waaqessaa jiruutti ilaalu. Warri haala kanaan yaadanis, kanneen duraan amantaa Oromoo kan ganamaa irratti hundaaanii duudhaasaanii gaggeessaa turan, hara garuu amantaa ormaa fudhatanii dha.
59

Hawaasa Aanaa Kokkossaa keessattis haalli akkanaa kun kallattiilee hedduun babalate. Kallattii kana keessaas tokko maqaa amantaa warra muuda hujubaa abbaa raawwatuu Waaqeffataa irraa Awaamatti jijjiiranii waamuu dha. Awaama jechuun immoo, nama amantaa hin qabne jechuu dha. Namni amantaa hin qabne gaafa due ibiddatti gubata jedhanii itti busheessanii amantaa musilimaa fudhachiisu. Akkuma yaada nama tokkoo jijjiiranii amantaa biraa fudhachiisaniin maqaa nama sanaa kan ganama haatii fi abbaan isaa duudhaafi aadaa isaanii irratti hundaaanii baasaniifis jijjiiru. Fakkeenyaaf, maqaa akka Badhaasoo, Ganamoo, Dureettii, Obboree fi k.k.f gara maqaa amantaa armaa kan akka Abdulsalam, Abdallaa, Faaxumaa, Kadijaa fi f.k.k.f tti jijjiiru. Haalli akkanaa kun immoo hawaasicha keessatti babalachuun isaa muudni hujubaa abbaa gara badiinsaatti deemaa jiraachuusaa agarsiisa. Gama birootiinis, hujubaa abbaa muudanii waaqa kadhachuu akka waan hujubbicha san qofa waaqessaa jiranitti ilaalu. Akkasumas, kadhannaa Waaqaa iddoolee gara garaa kan akka malkaa fi tulluu fi galmaatti gaggeeffamaniin walitti qabanii isin waaqa gara garaa waaqessaa jirtu jedhanii hawaasa duudhaasaa qabatee jiu gara ofiitti jijjiiru. Nama jijjiiramu dides ati gaafa duute ibiddatti gubatta jedhanii sodaachisuun. Haalli kunis hirachaa deemuu sirnichaatiif gahee guddaa qaba. Walumaa galatti, hawaasni Aanaa Kokkossaa irra caalaan isaanii amantaa Isilaamaa kana waan hordofaniif muudni hujubaa abbaa gara sadarkaa badiinsaatti akka deemuuf amantaan kun gahee guddaa taphateera. 4.6.1.2. Amantaa Kiristaanaa Amantaan kiristaanaa kunis gara badiinsaatti deemaa jiraachuu muuda hujubaa abbaatiif gahee mataasaa qaba. Keessattuu amantaan pirotestaantii yeroo dhihoo keessa hawaasicha keessatti babalachaa waan jiruuf, akkuma amantaa Isilaamaa namoota sirnicha raawwatan heddu ilaalchaa fi yaada isaanii jijjiiruun fudhachaa jiru. Akkasumas, nama muuda hujubaa abbaa gaggeessu yoo argan, seexana waaqessaa jirta waan taeef, kana dhiisiitii amantaa qulqulluu tae kana fudhadhu jedhanii amantaa warra Ormaa fudhachiisu. Haaluma walfakkaatuun, kan ati horiin gabbaraa jirtu, seexana malee waaqaa miti, awwaala Waaqessaa jirta malee Waaqaa miti jedhanii Wangeela isaanii itti lallabuun hawaasni hedduun duudhaasaa akka dagatan godhanii
60

jiru; godhaas jiru. Nama sirnicha raawwatus yoo argan iddoma sirnichi raawwachaa jiru sanatti Wangeela qabatanii dhaquun itti lallabu. Gocha sanas tuffatamaa fi gocha seexanaa akka taeetti itti himu. Akkuma warra amantaa Isilaamaa isaanis maqaa Oromoo kan ganamaa maqaa amantaa isaanii kan akka Muse, Daawwit, Maatiwoos, Maarqoosii fi k.k.f jijjiiru. Haala kanaan, amantaan kiristaanaas gadi buaa deemaa jiraachuu muuda hujubaa abbaatiif dhiibbaa mataasaa dandae uumeera. (Marii garee, Hagayya 20,2003). 4.6.2. Aadaa Ormaa Madaqfachuu Aadaa ormaa madaqfachuun jijjiirama yeroon walqabatee waan haaraa dhufeedha. Akka maanguddoonni hedduun Marii Garee, Hagayya 20, 2003ii irratti kaasanitti aadaa ormaa madaqfachuun kunis sadarkaa badiinsaa irra gahuu muuda hujubaa abbaatiif gahee mataasaa taphateera. Sababni isaas, aadaa fi duudhaa hawaasa Oromoo hedduu isaanii akka aadaa boodatti hafaatti waan ilaaluuf. Kanumaan walqabatee, dhaloonni ammaa hawaasa aanichaa keessa jirus saayinsii fi teeknoolojii yeroo keessa dhufe faana sochoaa waan jiruuf, namni duubatti deebiee duudhaa abbaafi haadha isaatiif xiyyeeffannoo kennu hin jiru; ni tuffatu. Akka aadaa boodatti hafaatti ilaalu. Haalli kun jiraachuun immoo gara fuulduraatti namni bakka haadhaafi abbaasaa buee muuda hujubaa abbaa kana dhaloota dhufutti dabarsu akka hin jiraanne godha. Haalli akkanaa kun immoo hawaasicha keessa jiraachuun sirnichii kun akka baduuf gahee mataasaa qaba.

61

BOQONNAA SHAN
GOOLABAA FI YAADA FURMAATAA 5.1 Goolaba Afoolli qabeenya hawaasaa taee dhalootaa dhalootatti kallattii gara garaatiin darbaa kan dhufeefi daddarbaa kan jiruu dha. Qabeenya hawaasaa haala kanaan darbaa ture keessaa duudhaan hawaasaa isa tokko. Hawaasa Oromoo birattis wantoonni akka duudhaa hawaasaatti ilaalamanis kanneen akka Sirna Gadaa, Fuudhaafi Heeruma, Sirna Kadhannaa Waaqa, Kabaja Ayyaanaa fi k.k.f dha. Haaluma kanaan, xiyyeeffannoon waraqaa qoannoo kanaas duudhaa hawaasaa keessaa sirna kadhannaa waaqaan kan walqabatu, akkaataa muudni hujubaa abbaa hawaasa Aanaa kokkosaa keessatti itti raawwatuudha. Hujubaan abbaa kan muudamu kadhannaa Waaqaatiif. Guyyaa hujubaan abbaa muudamu sanas adeemsaawwan hedduun kanneen keessa darbaman ni jiru. Isaanis gama maatii hujubaa abbaa muudee fi hawaasa sirnicha irratti hirmaateen raawwatu. Haala kanaan, akkaataan muudni hujubaa abbaa itti raawwatu wal duraa duubaan yoo ibsamu, shanoo lakkaahuu ,horii aarsaaf dhihaate qaluu, dhandhama daddarbuu fi dhandhama nyaachuun gochoota osoo hirmaatonni sirnichaa hundi gara keessa hujubaatti hin seenin raawwatamanii dha. Kana boodas adeemsa gara keessa hujubaatti seenuuf godhamu keessatti hirmaatonni warri dhiiraafi dubbartootaa walduraa duubaan gara karra soodduu hujubbichaatti qajeelu. Haaluma walfakkaatuun erga hawaasni sirnicha irratti hirmaate hundi gara keessa hujubaatti seenanii boodas raawwileen itti fuufuun raawwataman: haala teessuma warra dhiiraa fi dubbartootaa, gaadii afuu wantoota kadhannaa waaqaatiif sirnicha irratti dhihaatan gaadii irratti dhaabuu, faarfannaa, dhibaaffannaa, killa
62

qabachuu fi hayya nagee galchuu dha. Haala kanaan, gochaaleen kunniin walduraa duubaan dhihaatanii muudni hujubaa abbaa akka raawwatu godhu. Haaluma walfakkaatuun, muudni hujubaa abbaa iddoo hujubaan abbaa sun argamutti gaggeeffama. Yeroon sirnichi itti raawwatus waqtiilee jiran keessaa tokkoon taa. Haaluma kanaan, akka odeeffannoo hawaasa aanaa kokkossaa irraa argametti muudni hujubaa abbaa yeroo baayee waqtii gannaa keessa raawwata. Sababni isaas, waqtii kana keessa roobni akka malee waan ulfaatuuf, rakkoolee gara garaa rooba hamaan walqabatanii dhufan hambisuuf sirnicha raawwatu. Waqtii gannaa keessaas jia tokko tauu dandaa. Jia sana keessatti guyyaan sirnichi sun itti raawwatus guyyaa ayyaana gaarii qabu taa. Akkasumas muudni hujubaa abbaa hawaasa aanichaa keessatti kan gaggeeffamuun hawaasa amantaa Oromoo kan ganamaa (waaqeffannaa) hordofaniin. Hujubbichas kan muudu ilma hangafaa nama hujuban isaa muudamu sanaati. Akkasumas, hawaasni aanaa kokkossaa muuda hujubaa abbaa irratti wantoota kadhannaa waaqaatiif itti gargaaramu qaba. Wantoonni kunniinis, horii aarsa odhamu, buna qalaa, gaadii aannan mijuu, daadhii fiixaa, buna xuwweefi ibidda. Isaan kanniin keessaa wantoonni bifa dhangalaaan dhihaatanii fi bunni qalaan akka meeshaa guutuutti qabatamanii ittiin kadhatamu. Horiin aarsaa wareegamee waan dhufuuf, dhiigaafi dhandhamaaf qalama. Ibiddi immoo meeshaa dhandhamni itti waddamuudha. Gama birootiinis, muudni hujubaa abbaa yeroo ammaa hawaasicha keessatti hiracha deemuu bira darbee sadarkaa badiinsaa irra gahee jira. Sababni isaas hawaasicha keessatti babalachuu amantaalee alaa kan akka amantaa Isilaamaa fi pirotestaantiiti. Amantaaleen kunniin hawaasa Aanaa Kokkossaa keessatti garmalee babalachuu fi babalachaa jiraachuun isaanii hawaasichi irra caalatti amantaalee alaa kanneen faana buuun duudhaa isaanii duraan gaggeessaa turaniin faallaa tau. Haala kanaan, nama muuda hujubaa abbaa raawwatus akka waan waaqa biraa waaqessaa jiruutti ilaalu. Keessumaayyuu amantaan Isilaamaa hawaasicha keessatti balinaan babalatuun isaa duudhaa kana irraan miidhaa guddaa gaheera. Akkasumas, aadaa ormaa madaqfachuu walqabatee dhaloonni yeroo ammaa hawaasa aanichaa keessa jiru waan haaraa dhufu ilaalaa fixiinxallaa guddataa waan jiruuf muuda hujubaa abbaa
63

akka aadaa boodatti hafaatti ilaalu. Haalli kun immoo namni hawaasa duraan jiru bakka buee duudhaa hawaasichaa kana dhaloota dhufuuf dabarsu akka hin jiraanne godha. Sababoota kanneen irraa kauun sini raawwii muuda hujubaa abbaa Aanaa Kokkossaa keessatti gara badiinsaatti deemaa jira.

5.2. Yaada Furmaataa Hawaasni Oromoo duudhaalee gara garaa heddu qabaatus duudhaaleen kunniin godinaalee Oromiyaa fi aanaalee gara garaa keessatti haala gara garaan raawwatamuu dandau. Kanneen haala walfakkaatuun gaggeeffamanis jiru. Haaluma kanaan hawaasni Oromoo Aanaa Kokkossaas duudhaalee hedduu gaggeessaa tureera. Isaan hawaasichaan gaggeeffamaa turan keessaas kanneen gonkumaa dagatamanii jiran akka jiran odeeffannoon hawaasa anichaa irraa funaaname ni ibsa. Fakkeenyaaf, sirni akka Buttaa Qaluu fi Raaba Yaabbachuu yeroo ammaa hawaasa aanichaa keessatti dagatamanii jiru. Haala kanaan, raawwiin muuda hujubaa abbaas yeroo ammaa hawaasa aanichaa keessatti sadarkaa dagatamuu irra gahee jira. Kanaaf, duudhaan hawaasaa kun akka hin badneef yaadotni qoatichi akka furmaataatti kaauu akka armaan gadiitti dhihaataniiru. Maanguddoonni hawaasa Oromoo Aanaa Kokkossaa waaee muuda hujubaa abbaa irratti muuxannoofi beekumsa gadi fagoo qaban hawaasa naannoo isaanii jiraataniifi maatii isaaniitiif waaee muuda hujubaa abbaa irratti hubannoo wal irraa hin citne kennuu qabu.
Hawaasni aanichaa dhimma duudhaa isaa fi dhmma amantaa walqabsiisee ilaaluu

akka hin qabne hubachiisuu. Kunis qaamni barachaa jiruu fi baratee jiru, kan waaee duudhaa Oromoo irratti hubannoo qabu, faayidaa duudhaan sun qabuu fi ilaalcha amantaan biroo duudhaa sanaaf qabu walbira qabuun yeroo hawaasa keessa jiraatanitti barsiisuun barbaachisaa dha.
Waajjirri Aadaa fi Turiziimii Aanaa Kokkossaa waaee muuda hujubaa fi duudhaalee

biroo irratti galmee mataasaa dandae qopheessuun barreessee ol kaauu qaba.


64

Akkasumas, hawaasa faana hiriiruudhaan hawaasichi duudhaa isaatti akka jajjabaatu gorsuu fi duudhaan hawaasaa tokko hawaasa sanaaf eenyummaasaa akk taee fi hawaasichaaf guddina akka tau waltajjii gara garaa hawaasa waliin uumuun hojjachuu qaba.
Hayyoonni Oromoo biyya keessaa fi alaa waaee duudhaa Oromoo irratti qorannoolee

gara garaa adeemsisaa jiran yoo jiraatan duudhaalee hawaasa Oromoo keessa jiran akkaataa isaan godinaalee fi aanaalee gara garaa keessatti gaggeeffamaniin qoratanii olkaauu qabu.
Barattoonni muummee Afaan Oromoo fi Ogbarruu akkasumas, Fookilorii fi Ogbarruu

Godinaalee Oromiyaa gara garaa irra Yuunibarsitii gara garaa seenanii baratan, yeroo eebba isaanii irratti waraqaa qorannoo digirii ulaagaa jalqabaa ittiin guuttatan yommuu qopheessan, hamma dandaameen duudhaalee hawaasaa naannoo isaanii jiran irratti hundaaanii hojjachuun gaarii taa. Sababni isaas, duudhaan hawaasaa tokko haala hawaasicha biratti raawwatuun gadifageenyaan qoatamee yoo taae, dhaloota duubaan dhufuuf buuura taa. Haalli kun akka tauufis ogummaa fi beekumsi barsiisota isaanii barattoota kanneeniif qajeelcha tauu qaba. Haala kanaan, duudhaan hawaasaa tokkoo osoo hin badin dhaloota hedduuf dabarsuun ni dandaama.

65

66

You might also like