Haqa Rabbiin Gabrootan Isaarraa Irraa Qabuu

You might also like

Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 16

AQIIDAA ISLAAMAA QURANA FI HADISARRA 1.

Haqa Rabbiin Gabrootan Isaarraa Irraa Qabuu


1. Rabbiin maalif nuumee? Deebiin:- Nuumee akka isa gabbaruf isattis akka waatakka itti hin qindesinef. Ragaan Qur'anaa Rabiin akki ja'ee "Jinni fi Namalle hin umnee akka nagabbaranif malee" sura zariyat Ragaan Haiisaa Ergamaan Rabbi akki ja'ee (SAW) " haqni Rabbiin garbroottan irraa qabu akka isa gabbaran kan isatti waatakka itti hin qindessine" { hadiisa bukhari fi muslim irratti waligalan } 2. Ibaadaa { gabbarti } jechuun maal jechhudha? Deebiin:- Ibaadaa { gabbartii } jechuun maqaa walii gala tan waan Rabbiin jaalatuu cufa if kessatti walitti qabate. Fakkenyaaf :- jechaan dhagesisu,fi hujiin agarsisu kan akka duaaii{rabbiin kadhatu},salaata { duulatu } goraati, fi kan kana fakaatan . Ragaan Qur'anaa Rabbin san laalchise kitaaba isaa kabajamaa kessati akkana jea jii yaa ergamaa kiyya salatni{duulatni}kiyya, gorraatiin tiyyaas, jiruun tiyyaa fi duutii tiyyaas Rabbi alammanitifi { suraa Anaam } Ragaan Haiisaa Ergamaa rabbirraa odeeffamee (SAW) Rabbin oltahe nijae Gabrichii kiyya nabiratti hin dhihatuu waan nabiratti jaalatamaa tahe takkaan waanin irratti dirqama { wajiba } godherra bukharitu gabaase hadisul qudusi. 3. Akkamitti { haala kamiin } rabbin gabbarra? Deebiin:- Akka Rabbii fi Ergamaan isaa nuajajanitti gabbarra.Ragaan quranarra Rabbin oltahe nijae Yaa warra imaana kennamtan{yaa warra Rabbitti amantan}qaalii Rabbi goodhaa { ajaja Rabbi guutaa}qaalii Ergamaa Rabbittis gutaa { waan isinittin dhufee irraa qebalaa jala demaa } hujii kessan if duraa hin baleesinaa. { suraa Muhammed } Ergamaa Rabbiirraa odeefamee nijaee<namni hunji takka hojjatee kan ajajni Keenya kessa hin jirre isumarratti debiti{irraa hin qebalamtuu} Muslimtu gabaase. 4. Sii Rabbi Kenya sodaachaati fi khajeelaa nigabbarraa? Deebiin:- ee akkasitti gabbarra rahmata isaa khajeelaa azaaba{adaba}isaarra sodaachaa gabbarra .kanarratti Rabbin sifa { haala } muumintotaa yero dubbatu akkana jea {{ Rabbi isaanii gabbarra isa sodaachaa isa khajelaa }} (sura sajada}Ergamaan Rabbiitis (SAW) akkana jechuni Rabbiin kadhataa ture '' Yaa Rabbi jannataan sikadhadhaa ibiddarraahis sittiin maganfadha '' { hadisni sahiha Abu Dawudi gabaase }

5. Ihsaana {toltu } jechuun maalii gabbartii Rabbi kessatti? Deebiin:- { toltuu ihsaan } jechun:- Gabbartii Rabbiin gabbartuu kessatti Rabbiin naarga jeani qubaqabaatu { beeku } Rabbiin oltahee kana laalchise akkana jaee '' Isa siarguu san yeroo salataaf { duulataaf } dhaabbattu siihiwarra sujudu kessa oli fi gad jettu '' ( suraa shuaraa ) Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jean yero hadisa jibriil bekkamaa fi dheraa san kessatti yero jibril { A.S } Ihsanarraa tolturraa gaafateen '' Ihsanni { toltuun } atii Rabbiin gabbarudhaa akka waan argitutti yoo ati arguu baattees inni siargaati '' Muslimtu gabaase.

2.Akaakuu Tawhiidaati Fi Fayida Tawhida


6. Maalif Rabbiin ergamota erge? Deebiin:- { Rabbiin ergamoota wanni ergeef Rabbi qofa gabbarani fi waan isaatti qindessan akka dhabamsisan wamicha gara ilmaan namaa dabarsanifi Rabbiin jabaate oltahe nijaee '' Dhugaa gara ummata hundaa ergamoota nierginee { Rabbin gabbaraa jallistootarraa fagaadhaa janne } '' { sura nahli } jellistotaa jechuu:-cufuma sheyxanaa kan jinni tahee kan insi warra wamicha gara gabbarti waan rabbi gaditti namaa goodhaatii Ergamaan Rabbii(SAW) nijaan Ambiyaan cuftii obboleyyani amantiin isaaniti tokko{hadisa bukhari fi muslim irratti waligalan} 7. Tawhiida Rabbii {Rububiyya} jechuun maali? Deebii:- Rabbi hujii isaatin tokkuchoomsudha .fakkenyaf:- umaa umuu, amrii hunda akka fedhetti garagaggalch, rizqii razaqu fi k.k.f kana laalchise Rabbiin oltahe akkana jaa '' Faaruu { galanni } kan Allaha { gooytaa } hatau isa addunyaale { alamman}umee toohatuuf } '' Ergamaan Rabbiitis(SAW) nijaan ''Atii yaa Rabbi kan dachii fi samii umee tohatuu '' jechuni dubbatan { hadisa bukhaarifi muslim irratti waligalan } 8.Tawhida Uluhiyya{Gooftumma} jechhun maali? Deebii:- Rabbii gabbartin kophxessudha.F.K:- akka duai{rabbiin kadhatu},goorraatii ,qodha godhu fi k.k.f. Rabbiin oltahe akkana jaa {Rabbin keyssan Rabbii tooko isa malee kan gabbarti haqa godhatee hin jiru isa addunyaarratti umaa hundaaf tola oolu kan akhiiratti muumina qofaan tola olaa tahe} ''sura baqara'' Ergamaan Rabbitis akkana jean(SAW) Wanni dura ittin nama yaamttan hataatuu Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu akka hin jirre raga bahinsarratti { hadisa bukhari fi muslim irratti waligalan } '' gabaasa birooti '' { akka Rabbiin tokkuchoomsan } 9.Tawhiidu sifaati Allahi waasmaihi {tawhiida maqaa tifi haala Rabbi} jechun maali?

Deebii:- Waan Rabbiin fakkenya isaa ani akkanaan fakkadha jae kitaaba isaa kessatti sabachifatee sabachisudha .Akkasumas Ergamaan isaa hadisa sahiha kessatti irra sabachise dhugarratti sabachisudha . kessa qoqotuu{kessa waa lallaalu maleen}, waan Quraaanaafi Sunnaa kessatti argan jijjiru maleen , bikka sanii hikkaa biroo jijjiru maleen, akkasumaas fakkenya biroo baasufi maleen akka Quraanaa fi Sunnaarraa nutti gadiin dhufametti sabachisutu nurratti dirqama.akka warri garii waa jijijjiru godhu dhabu fakkenyaaf:- akka arrshirratti oltahisa Rabbii , halkan walakka gara sami duniya buinsa isa, harka qabaatu isaa ti fi k.k.f irraa waan guuddina{guutummaa} rabbitin maluu . Rabbiin oltahe nijae'' Rabbitti wanni fakkatu takkalleen hin jiru inni argaa fi dhagahaadh'' { sraa shuuraa } Ergamaan Rabbii (SAW) nijaee '' Rabbiin halkan hunda gara samii duniyaati gad bua {hadisa muslimtu gabaase} '' buinsii inni buus buinsa guddina isaatin malee buinsa isaa sanitti umaa isaa kessaa kan buinsa isatti fakesse buu dandahu hin jiruu. 10. Rabbiin Essa Jira? Deebii:- Rabbiin samii gubbaa arshiirratti oltahe jira. Rabbiin oltahe

nijae Rahmaan { kan umaasatiif tola olaa tahee } Arshiirratti oltahee { suuraa Xaaha } jechuu oltahe ammas gubbaa tahe akka bukhariin gabaaseetti ergamaan Rabbii nijae(SAW) Rabbiin kitaaba barreesse Kitaabni sunu isa bira arshi olitti kan jiru. {hadisa bukhaarifi muslim irratti waligalan}
11. Sii Rabbiin nuwalin jiraa? Deebii:- Ee Rabbiin dhagetti isaatin argaa isaa ti fii beekkumsa isaatiin nuwalin jira yeroo maraahu. Akkuma Rabbiin oltahe jaetti < Rabbin nijae hin sodaatinaa ani isini walinin jiraa nindhagahaas ninargaas > { suuraa Xaahaa } Ergamaa Rabbiitis nijaee(SAW) '' Isiin niyaammattan{nikadhattan}dhagayaa fi dhihaataa kan tahee akkasumas kan isini walin tahe.'' { muslimtu gabaase } 12. Faayidaan Tawhidaa Maali? Deebii:- Faayidaan tawhiidaa:-akhiraatti ibidda jalaa nagaya bahinsa

addunyaarrattis qejeellumma namaa argamsifti dilillee namarra hayxi . Rabbin oltahe nijaee '' warra amanee kan ergasii hujii isaani shirkiin walitti hin makin , isaan sanif nagayaatu taheef akhira isaan sani warri qacelaanis '' { suuraa anaam } Ergamaan Rabbii nijaee(SAW) Haqni gabroonttan Rabbi Rabbiirraa qaban akka isaan hin gubne { hin adabnee } nama isatti waattakka hin qindessin { hadisa bukhaarifi muslim tu irratti waligalee }

3.Shirkii Gurguddo
1. Diiliin akkaan gurguddo rabbi biratti maali? Deebii:- Diliin akkaan rabbi biratti jabduu : Rabbiitti waaqindessu{shirki } dalagu Ragaan :-Rabbin guddatee oltahe akkana jaa '' yero Luqmaan ilma isaa goorsu yaa ilmakooRabbitti waatakka itti hin qindessin .Rabbitti qindessun dukkana hamtudha '' { suuraa luqmaan } Ergamaan Rabbitis(SAW) akkana jaa <yeroo namni dhufe gaafatu dili tamtuu akkan jabdu? jaan nijaen > Rabbi siuumeetti waa qindessutu dili akkaan jabdudha { hadisa bukhaarifi muslim tu irratti waligale } 2. Shirki Guguuddaan maali? Deebii:- Shirkii gurguddaa jechun gabbartti waan Rabbi asitif dabarsu { wan rabbi gadi gabbaru } fakeenyaaf:-Rabbi male waan biraa kadhatu{yamatuu}, waan birorra gargaarsa barbaadu, nama duee fi kan hinduini fagoo jirus yaammachu { khadhatu } Rabbiin oltahee nijaa < Rabbin gabbaraa isatti watakkallee itti hin qindesinaa > { suuraa nisaai } Ergamaan Rabbiitis nijaee(SAW) < Diilii kessaa guddoon Rabbiitti waaqindessu { isatti sharraksisu } > { bukharitu gabaase } 3. Ummata Mohammed kana kessa shirkiin nijirti? Deebii:- Ee nijirti.Ragaan Rabbiin nijaee '' Irraguddinni isaani Rabbiitti hin amanne erga Rabbitti waaqindesan boda male '' { suuraa yusuf } Ergamaan Rabbitis(SAW) nijae '' qiiyaamaan hin dhaabbattu haga ummata kiyyarraa gosti takka mushrikatti warra sanama gabbarutti } dhuftee sanama gabbartutti '' { hadisni sahiha tirmizitu odesse } 4. nama duee fi nama fagoo jiruu yaamatuun{kadhatuun} murtiin isi maali? Deebii:-Duaa yaamatufi nama fagoo jirurra gargaarsa barbaaduun shirkii gurguddorraa lakkawwamti. Rabbiin oltahe nijae '' Rabbii asitti hin yaammattin waan fayidaa siif hin kaninee fi hamtuu sirraa hin demsisne , yoo Rabbi asitti yaammatte yeroo san ati warra if midherraahi { mushriikarraahi } ( sura yunis ) Ergamaan Rabbi nijaee(SAW) namni duee oso Rabbi cinaatti waan biro yaammatu ibidda sena { warra jahannami }. ( bukhaaritu gabaase ) 5. Duuaain ibaadaadhaa{gabbartiidhaa}? Deebii:- Ee duain ibaadaadha { gabbartidha } Rabbiin nijaee Nijaee Rabbin kessan nakadhadhaa isinifin qebalaa { nayaammadhaa isin jalaahin awwaadhaa } warrii ibaadaa kiyyarra { duaaI kiyyarraa } boonanjahaannam senuf taaan hala xiqqaato tahaniin ( suraa ghaafir ) Ergamaan Rabbii nijaee(SAW) duuaaiin ibaadaadha gabbartiidha.

Ahmadi gabaase tirmizin hadini gaaridhaa akkasumas qulqulludha jaen { hasanun sahih } 6. Sii duuaan yeroo yaammatan{kadhatan }nidhagahaa? Deebii:Hin dhagahuu Rabbiin nijaa (1) ''yaa ergamaa kiyya atii dua hin dhagesistu'' ( suraa naml ) (2) '' Atii waahin taanee kan nama qabrii kessa jiru dhagesistu '' ( suraa faaxir ).

4.Akaakuu(goosa) Shirki gurguddo


7. Nama duee fi kan fagoo jiruu yaammatu{tumsa irra barbaadu} nidandenyaa?

Deebiin:- Isaanin gargaarifachuun hin dandahamu Rabbiin oltahe nijaee (1) warrii Rabbii gaditti yaammatan sun watakka ummu hin dandahan ififu umamoodha.sanu isaan duoodha jiraato miti guyyaa duarraa kafamanille hin bekan(suuraanahl) (2) '' yeroo Rabbii kessanirr gargaarsa barbaaddan isinif qebalee isinif tuumse'' (suuraa anfaal) Ergamaan Rabbii (SAW) nijaee '' yaa jiraataa yaa kan zalaalan jiraataa tahe toolee ketiin gargaarsifanna '' { hadisni gaaridha{hasani tirmizitu gabaase }
8. Rabbi gaditti waan birorra tumsa barbaadun nidandahamaa? Deebiin:- Hin dandahamu. Rabbin oltahee nijaee '' summa qofa gabbarra,suma qoofarra tumsa barbaadna'' { suuraa fatihaa } Ergamaan Rabbii(SAW) nijaee '' yoo gaafatu { khadhatu } fete Rabbuma gaafadu yoo tumsa barbaaddes Rabbumarra barbaadi '' { hadisni hasani fi sahiha Tirmizitu gabaase } 9.Nama jirurra gargaarasa barbaadun nidandahamaa? Deebiin:- Ee nidandahama waan dandahan kessatt. Rabbiin oltahee nijae '' walgargaaraa toltuu fi soodaa Rabbiirratti '' { suuraa maaida } Ergamaa Rabbitis nijaee(SAW) '' Rabbiin gargaarsa gabrichaarra hin demu waan gabrichii obbolessa isaa gargaaraa jirun '' { muslimtu gabaase } 10.Rabbi gaditti umaaf qoodhaa goodhun nitahaa { nihayyamamaa } ? Deebiin:- Qoodhaan Rabbiif malee goodhun hin hayyamamu.Rabbiin oltahee nija ee < yaa Rabbi kiyya ani ilmoo garaa kiyya kessa jirtu qoodhaa ketiif qulqulleese jiraa narraa qebalii } > { suraa Al imraan } Ergamaan Rabbii(SAW) nijaee '' namni Rabbif qoodhaa godhee xaaaa rabbirratti yoo tahee hagutu qoodhaa isaa san namni maasiyaarraati { dilirratti } qoodhaa goodhemmo dilisan hin gutini hadhisu '' { bukharitu gabaase }

11. Rabbin maleetti waan biraatif gorrauun{qalun}nihayyamamaa? Deebiin:- Hin dandahamu! Rabbiin oltahee nijaa '' Rabbi ketiif sagadi rabbima keetif goorrai '' { suura kawsar } Ergamaan Rabbii(SAW) nijae Rabbiin niabaare nama goorraee waan Rabbi gaditiif {muslimtu gabaase } 12. Rabbitti akka olnudhihessanif jecha qabri nixawaafnaa? Deebiin:- Xawaafnii kaaaba malee qabridhaaf hin hayyamamu! Rabbiin oltahe akkana jaee '' haxawaafani mana kiyya qulqullaawaa sanitti '' { suuraa hajj Ergamaan Rabbiitis(SAW) nijaee '' namni kaabaan toorba naannawe { xawaafe } ergasi achitti rakaaa 2salaate, akka nama gabra bilisomseti '' {hadisni sahihaibnumajaatu gabaase}. 13.Nama Sihri Dalagu Murtin Isaa Maali ? Deebiin:- Namni sihrii godhu kaafirarraahi! Rabbiin oltahe nijaee < sheyxaanaatu kafare ilma namaa sihri barsise > { suuraa baqaraa } Ergamaan Rabbiitis(SAW) nijaee < waa toorba { 7 } tan nama halaaktu irraa fagaadhaa san kessa {Rabbitti waa qindesu, sihrii godhu, ..} > {muslimtu gabaase} 14. WArra waan fagoo beynaa himatu fi warra raagaa bekuumsa fagoo kessatti dhugoomsuun nihayyamamaa? Deebiin:- Dhugoomsuun hin dandahamu!Rabbiin oltahee nijaee '' jiiin yaa ergamaako samii fi dachii kessattillee namni beku hin jiruu bekkumsa fago Rabbiin maleetti'' { suuraa naml } Ergamaan Rabbiitis (SAW) nijaee <namni warra waa raagu { waan fago beyna himatutti } dhufee waan isaan jaan dhugomseedhugaa waan muhammed irratti bueetti kafare { kijibsise dide } { hadisni sahiha Ahmed tu gabaase } 15. Sinamni waan fagoo beku nijiraa? Deebiin:- Namni waan fagoo beeku hin jiru nama Rabbiin ergamtoota isaarra waan garii irra fidee malee! Rabbiin oltahee nijaee ''Rabbiin isa waan fagoo beku bekumsa isaa kan fagoo san nam tokkoof if hin baasneef ergamtotaisaarra nama jaalateef malee'' {suraa jinni } Ergamaan isaatis nijaee (SAW) ''namni waan fagoo beku hin jiru Rabbiin malee''{ hadisni gaaridha ( hasani_Xabraaniitu gabaase }

16. Jibrii mormarratti dawaaf hidhatu fi waan akka guumee tan sibilarra dalagamtu dawaaf harkatti naqatuun nihayyamamaa? Deebiin:- Hin dandahamu! Rabbiin oltahee nijae < yoo Rabbin hamtuu takka situqe wanni hamtu san irraa debisu hin jiru isa malee { Rabbii male } > { suraa anam } Ergamaan Rabbitis nijaee < bekii isin raraafatee tun xiqqenya malee siif hin idaatu,firraahiki darbbi ,ati silaa dutee odo hala kanarra jirtuu abadan ibidda rabbi jalaa najaa hin baatu { hin milkoytuu } > ( hadisni Haakimtu gabaase sahiha ja een imaamu zahabi wajinis irrati waligalan } 17. Waan bahara kessaa bafamu kan ijaaf hidhataniifi waan san fafakaatu godhatuun nihayamamaa? Deebiin:- Hin rarannu ija sodaaf! Rabbiin oltahee nijae '' yoo Rabbiin hamtu takkan situqee namni sirraa kaasu hin jiru isa malee '' { sura anam } Ergamaan Rabbiitis(SAW) nijaee '' namni ija sodaaf ykn fayyaaf waa rarraafatee dhugaa Rabbiitti waaqiindesse { shirki godhe } '' { Ahmad tu gabaase } 18. Seera biraa Kan shariaa islaamaatin waldhabuun murteffatun nitaha? Deebiin:- Namni seera seera islaamaati alatti tumame hujirra olche yoo santu caala jaee yaade yookin nitaati jae nikafara { amanti islaamarraa baha } Rabbiin oltahee nijaee '' namni waan Rabbiin buseetti hin murteffatiin isaantu kaafira '' { suuraa maaidaa } Ergamaan Rabbiitis(SAW) nijaee <motummaan tokka kitaaba Rabbiitin murteffatu hin dhistu,waan Rabbii busserra waan biraa filatun , yoo Rabbiin isaan jiddutti waldiddaa khaaye male hin taane > { hadisni hasani { garidha } Ibnumajaah fi warra biratu gabaase } 19. Haala kamiin gaafi sheeyxaanaa ifirraa debisna: yoo enyutu Rabbii ume siin ja ee? Deebiin:- Yoo tookko kessan sheyxaanni gaafi akkasitin isin waswaase Rabbiitti irraa maganfadhaa. Rabbiin oltahee nijaee '' yeroo butaan sheyxaanarraa taate sibutte siwaswaaste Rabbiitti irraa maganfadhu Rabbiin dhagayaa fi waan hunda bekaadhaati '' { suuraa fussilat } ergamaan Rabbii nubarsisee akka mala sheeyxaanaa ifirraa debisnuf '' Rabbiifi Ergamaa isatti amanee, Rabbiin tokko,Rabbiin kan umaan hundi itti irkattu;isa hin dhalatini isa hin dhalinis isa fakkaataan isaaf hin jirre '' duaI tana jaee ergasi yero sadi (3) gara bitaa hatufu sheyxaanarraa hamaganfatu, hafixatu, ergasi halle waswaasaa sun irraa demti}(kutaan kanaa asirratti dhumatti { hadisni sahiha bukhari fi muslim kessatti dhufte jirti akkasumaas Ahmadi fi Abu dawudisgabaasan } 20. Sherkii gurguddoon ibidda dawaamuf sababa namarratti nitaati?

Deebiin:- Ee ibidda dawaamuf { abad taauf } sababa nitaati ! Akkuma Rabbiin oltahee jaeetti '' dubbiin namni Rabbiitti sharraksise { waa itti qiindesse } Rabbiin jannata haraam irratti goodhee qubsumni isaa ibidda warra lubbu ofi shirkidhaan midheef tumsii hin taane '' { suraa maaidaa } Ergamaan Rabbitis nijaee (SAW) namni oso Rabbiitti waaqinddesu duee Rabbiin qunname ibidda seena. { muslim tu gabaase }

5. Shirkii xixiqaa
1. Shirkii xixiqaa jechuuun maalii? Deebiin:- Shirki xixiqaa jechun naargaadha! Rabbiin oltahe nijaee <namni Rabbii isaa qunnamu fedhe dalagaa gaarii hadalagu gabbartti Rabbii kessatti humaa itti hin qindessiin '' { suuraakahf } Ergamaan Rabbiitis(SAW) nijaee '' wannin akkaan isinirraa sodaadhuu shirkii xixiqoodha { naargaa } '' { sahiha Ahmed tu gabaase } -Shiirkii xixiqorraa wani lakkaawwamu tan akka waan rabbi fi abaluf ykn waan Rabbiin fedhe fi ati fete}akka jechufaa Rabbiifi abalu walbira qabani dubbatu Ergamaan Rabbii nijaee(SAW) waan Rabbiin fedhe fi waan abalu fedhe hin jaiinaa,hataatu garu waan Rabbiin jae ergasi abalu jaee jaaa { sahiha Abu Daawud tu gabaase }

2. Rabbi gaditti waan biraatin kakatun nihayyamamaa? -Rabbii gaditti waan biraatin kakatuun hin hayyamamu! Rabbii oltahee nijaee jiin yaa ergamaa kiyya dhugaa maqaa Rabbii kiyyaatin isinif kakadhaa kaafamuf tessa '' { suratu tagabun } Ergamaan Rabbii(SAW) nijaee '' namni Rabbiin maleetti waan biraatin kakate dhugaa Rabbiitti waa qindesse { sahiha Ahmed tu gabaase } ammas Ergamaan Rabbii njae '' namni kaktu fedhe Rabbiin hakatu ykni hadhisu kakuma sanu '' { hadisa irratti waligalan bukhaarifi muslim }

6. Tawassula ( gama Rabbitti onldhiyaatu) fi Shafa'aa barbaadu


Maaliini Rabbiitti oldhihaatan? Deebiin:- wanni Rabbitti oldhihatanin tan dhorgaa ti fi tan dandahamtutu jira 1.-tawassulli dandahamu akka Rabbuma maqaa isaati fi haala { sifaa } isaatin kadhatanii oldhihaatuammas dalagaa gagaari qaban irraatti raraani -Rabbiin oltahe nijaee < Rabbiif maqaa gaggaaritu taheefi sanin waan barbaadan gaafadhaa > { suuraa Aaraaf }

- ammas Rabbiin oltahee nijaee < yaa warra imaana kennamtan Rabbi kessan sodaadhaa waan isatti isin dhihessus isumarra barbaada > jechuun ajaja Rabbi gutuun gama isaa dhihaadhaa hujii inni jaalatu hojjedhaa { ibnu kasir nidubbate akkuma qataadarraa gabaasetti } { ayatani suraa mayidarraahi } -Ergamaan Rabbiitis(SAW) nijaee < yaa Rabbii maqaa kee hundaanin sikadha >. { sahiha Ahmed tu gabaase } Ergamaa Rabbiirra odeffame(SAW) ammas nijaee < waaee sahabtichaa jannata kessatti saahiba kee tahun jaaladhaa kan jaeenirraa wani inni debisef hayyega yoo akkas fete sujuda heddumesun nagargaari jadheen > { jechhun salaata heddummessi hujin caaltuun salaataati } { muslim tu gaabaase } -ammalle tawassulli{gara Rabbi dhihenya barbaadun}Rabbi jaalatuun ergamaa isaa jaalatun gabroottan Rabbi gaggaari jaalatun barbaadun nidandahama. akka jara gaara senani dhagaan itti cufamee hujii isaani gaggaari duraan dabarsanin Rabbitti oldhihaatani sanin isaan farrajee { furmaata kanneef } 2.Tawassulli{rabbitti oldhihatinsa barbaadun} dhorgamaan:- akka duaafaa yaammatu,nama duerra hajaanabaasa jaani isaanirra waabarbaadu, akkuma yeroo amma kana bikka hundatti bekkama tahee haala san goodhun shirki guguddodha . akkuma Rabbiin oltahe dubbatetti < Rabbii gaditti waan sihinfayyadne ykn dararaa sirra fidu hin dandenye hin yaammatin, yoo haala san sirraa argame ati yero san nama lubbu ofi shirkin midheerraa taata > { suuraa yunus } 3.barakaa Rassulaatin { S.A.W } dhiheenya barbaaduun akka <yaa Rabbi barakaa Rassulaatin nafayisi > jechfaa, tuni bidaadha maalif yoo janne sahabaan dalagaa isaani irraa hajaalatu hala kana hin goone { hinhijenne }, Umarilleen Abbas odoo inni lubbun jiruti duaaii isaatin dhihate{jechun abbas odo jiruti akka duaI goodhuf gaafate malee barakaa abbaasin jadhe ykn rassulaatin jadhee erga duani barakaa isaanitti hin irkanne, tawassullii nama dueetti godhan kun shirkitti nama gessiti, kessaafu yero gabrichi tokko rabbin duaaI namarraa qebaluuf waasixaa { ergaa duai san itti gesittutti } hajama jeani yadan akka motumma dachirra jirutti inumaa yeroo san umamatti fakessehu. Waaee kanaa gabaasa heddu ragaalee adda addaa argatuuf kitaaba shekh il muhaddis < Mohammed binu Naasirudin Al Albani > kaaye ( Attawasulu waahkaamihi wanwaaihi ) jadhuu laaladhaa . 2.Duaaiin namarraa qebalamuuf nama olgessutti nihajamti? Deebiin:- Duaaiin nama olgessuutti hin haajamtu , kanaafu Rabbiin oltahee kitaaba isaa kabajamaa kessatti akkana jechun dubbate<yeroo gabroottan kiyya waae kiyyarraa sigaafan ani isinitti dhihodha jiin waamicha nama nayaame niqeebala yero nayaamatanitti .itti fufa > ( suuraa baqaraa ) Ergamaan Rabbiitis(SAW) nijaee < isin kan yaammatan dhagehaa fi kan akkaan isinitti dho kan isini wajji jiru. { waji jirenyi zataan odoo hin taane kan bekumsa isaatin nuwalin jiraatu } ( muslimtu gaabaase )

3. Nama lubbun jiru duaaI naaf godhi jeani gaafatuun nihayyamamaa?

Deebiin:- Ee nama lubbuun jirurra duaaii barbaadun nidandahama garuu nama dueen jechun hindandahamu.Rabbiin oltahee Ergamaa isaatin nijae <dili teetiif araarama gaafadhu muumintotaafis > ( suuraa muhammed ) Hadiisa sahiha { qulqullu } Tirmizin gabase kessatti< namticha iji dhukubdu tokko Rassulatti { S.A.W } dufee yaa ergamaa rabbi duaaI naafgoodhi akka nafayyisuf jaeen> 4. Maalii waasixaan { wanni Ergamaan Rabbii nufi rabbi jidu itti jiru }?

Wanni Ergamaan Rabbii Rabbi fi ilma namaa jiddu ittin jiru dhaamsa Rabbin itti buusee dhaqabsisudha . Rabbiin oltahe nijaee < yaa ergamticha dhaqabsisi waan Rabbikee biraa sirratti bufamee > { suuraa maaidaa } Ergamaan Rabbiitis nijaee < yaa Rabbi raga tahii,! Debisaa jecha sahabaan akkana jettetif yaa ergamaa rabbi nuti dhaamsa dhugaan dhaqabsisukee raga siif tana yero jedhan > ( muslimtu gaabaase ) 5. Mangudummaa Rassulaa barbaanna? tan guyyaa qiyaamaa Rabbii biratti nuf tahu enyurra

Shafaaa{manguddummaa}Rassuulaa Rabbiirraa barbaadna, Rabbiin oltahee nijaee <jeeiin yaa ergamaa kiyya manguddummaan{ shaaan }cuufti tanuma rabbit i> ( suuraa zumar ) -Ergamaan Rabbii sahaba isaa nibarsise akka akkana jean < yaaRabbi akka nashafau isa godhi > ( Tirmizitu gabaase hadisni jabaa fi qulqulludha ) -Ergamaan Rabbii ammas nijaee < Ani olin kaayee duaaii tiyya akka guyya qiyaama ummata kiyyaaf shafaaa taatuf , ummatni sunu warra odo Rabbiiti waan hin qindessin{shirki}hin godhin dueef > ( muslimtu gabaase ) 6. nama lubbun jirurra shafaaa barbaadun{mongudummaa gafatun} nihayyamamaa? -Ee hajaa duniyaa kessatti manguddoo walif tahu nidandahama, Rabbiin oltahe nijaee < namni monguddummaa gaarii namaa tahe sawaabarra qooda argata, namni hamtutti monguddo tahemmo dilirra qooda fudhata> { suuraa nisaa } Ergamaan Rabbii nijaee<mangudummaa nama jiddu taha ajri itti argattaniti > { hadiisni sahiha Abu Daawudi gabaase } 7. Faaruu Ergamaa Rabbii kessatti if biraa itti idau nidandenyaa? Faaru isaa if bira idau hin dandenyu Rabbiin oltahe nijaee < jiin yaa ergamaa kiyya ani nama akka kessanitti wahyitu natti godhama bar Rabbiin kessan isa tokkicha > ( suuraa Alkahf ) Ergamaan Rabbii nijaee < nahinfarsinaa { faruu kiyya kessa daangaa hin tarkaanfatina } akka nasaaraan Isa ilma Mariyam dangaa itti tarkanfatanitti, ani gabricha rabbiti ergamaa rabiti fi gabricha isaa naan jaa > { Bukhaaritu gabaase }

7.Jihada Jaala Fi Murti


1. Maali murtiin jihadaa {gara rabbitti lolu}? Deebiin:- Jihaadni Rabbif jecha godhamu waajiba { dirqama } lubbu ofitin falmatu horii ofitin falmatu fi arraba ofitin fi k.k.k. Rabbiin oltahee nijaee(SAW)''duula bahaa yeroo nashaaxa qabdani fi yero nashaaxa hin qabnes falmadhaa {lolaa}horii kessani fi lubbu tessaninis gara rabbiiti '' ( suura tawba ) Ergamaan Rabbi { N.R.I.H } i nijaee '' mushikatti dulaa lubbu kessain horii fi arraba kessaninis '' { Abu dawudtu gabaase sahiha } 2. walaa{jalatun} jechn maali ? Wala jechun jaalalaa fi tumsa. Rabbiin oltahee nijae '' muuminoota dhiraatifi kan dhalatilleen tokkon isaani tokkof jaalallodha '' { suuraa tawba } Ergamaan Rabbitis nijae(SAW) '' muuminoonni muumintotaaf akka jarmayaati tokkoon isaani tokko jabeessa '' {muslimtu gabase} 3. Kaafira jaalallo godhatu fi isaanif tumsuun nidandahamti? Deebiin:- Hin dandahamtu akkas godhun. Rabbiin oltahe nijaee '' namni isaan { kafirota } jaalallo godhatee isaanumarraahi.. '' { suuraa maaiida } Ergamaan Rabbiitis nijaee(SAW) '' warri abaluufaan jaalallo kiyyarrahi miti jadhe dubbate '' { sahiha Ahmaditu gabaase 4. Waliyyin enyu? Deebiin:- Waliyyin muumina Rabbi sodaatu,Rabbiin oltahe nijaee '' beekaa { dhagahaa } jalallotan kiyyaan sodaan isaanirratti hin taane hin yadawanis,isaan sun warra Rabbitti amane isuma sodaatu '' { suuraa yunus } -Ergamaan Rabbiitis(SAW) nijaee '' jaalalloon kiyyaa Rabbidha akkasumas gabrottan Rabbi gaggaaridha '' { sahiha Ahmed tu gabaase } 5. Muslimni maalin murti tumata{murtefata} ? Deebiin:- Quraanaa fi hadiisa sahihani murtefata. Rabbiin oltahe nijae '' hamurtefatani jiddu isaani waan Rabbiin buseen. '' { suuraa maaidaa } -Ergamaan Rabbiitis(SAW) nijaee '' yaa Rabbii waan fagooti fi tan dhihotis beku sumaatu jiddu gabrotan keti murtessa '' { muslimtu gabaase }

8.QURAANAA FI HADISA RASULATTI HOJETU


1. Rabbiin maalif quraana busee?

-Rabbiin wanni quraana buseef akka itti daleynufi,Rabbiin oltahee nijaee < jaladeemaa qebalaa waan Rabbii kessan biraa isinitti bufametti > { suuraa aaraaf } -Ergamaan Rabbii(SAW) nijaee < quraana baradhaati itti dalagaa, itti hin nyatinaa{horiin hin barbaadinaa > { sahiha Ahmeditu gabaase } 2. maali murtiin hadiisa sahiha qulqullutti hojetu? Haadisa sahihatti hojetuun waajiba { dirqama }, Rabbiin oltahe nijaee < waan ergamaan kiyya isinittiin dhufee qebalaa waan irraa isin dhorgees dhorgamaa>{ suuraa hashr } Ergamaan Rabbiitis(SAW) nijaee < hayye sunnaa tiyya { karaa kiyya } qabatun isinirra hajiraattuakkasumas karaa bakka butoota afrani { khulafaaurraashidin } qaceelfamo kan tahan itti hidhaadhaa > { sahiha Ahmad tu gaabase }

3. Quraanumaa qofaan hadiisarraa duroomu nidandenyaa? Quraanan hadisarraa hin duroomnu. Rabbiin oltahe nijae <goorsa garakee nibufne akka namaaf addaan baaftuf jecha waan isaanitti bufamee>{suuraa nahl} -Ergamaan Rabbi nijaee(SAW) < beekaa { dhagaha } ani ninkanname quraanaa fi waan isa fakkatulle walin > { sahiha Abu Daawudifi warri birotiis gabaasani jiran }
4. jeecha Rabbiti fi kan ergamaa isaa dura jechaa biraa dursu nidandenyaa? -dursu hindandenyu jecha Rabbitifi kan ergamaa isaa dua Rabbiin jabaate oltahe nijaee < yaa warra imaana kennamtan Rabbi fi Ergamaa isaa dura hin dursinaa > { suuraa hujuraat} Ergamaan Rabbiitis(SAW) nijaee < qaalii umamaa dursuun{qebaluun hin jiru Rabbittidilaawu kessatti > { sahiha xabranitu gabaase } - jechaa Ibnu Abbas: { wannin isinirraa soodaadhuu akka dhagaa samidha isirratti buu! sababaa odoon aniErgamaan Rabbin akkana jaa jeu isnimo Abu bakri fi umar akkana jaan naan jettan!! } jechi kun wanni itti fedhamee jecha Rasulaa dura jecha nama biraa dursun akka hin jirre { hin hayyamamne nugarsisa } 5. yoo wahirratti waldhabne maal goodhutu nurra jira? -gara quraana Rabbiti fi hadisa Rassula qulqullu taatetti debisna. Rabbin oltahe nijae < yoo waan takka kessatti waldhabdan gara Rabbiti fi gara Ergamaa Rabbi debiisaa, yoo kan Rabbi fi Ergamaa isatti amantan taatan, hala santu{gara Rabbi fi Ergamaa isa}debisu santu isinif caaladha santu furmaata { hiikkaa } gaaridha > { suuraa nisaa } Ergamaan Rabbitis nijaee (SAW)< hayye sunnaa tiyya { karaa kiyya } qabatun isinirra hajiraattuakkasumas karaa bakka butoota afrani

{ khulafaaurraashidin } qaceelfamo kan tahan itti hidhaadhaa> { sahiha Ahmad tu gaabase }

6. Akkamitti {haala kamiin } Rabbi fi Ergamaa isaa jalanna ? -Isaan jaalanna isaan ee jechun ajaja isaani qebalufi jala demun: Rabbiin oltahee nijaee < jiin yaa Ergamaa kiyya yoo kan Rabbin jaalattan taatan najala demaa Rabbinis isin jaalataati dili tessanis irra isini dabra, Rabbiin muumintootaaf araaramaa fi tola olaadha > { suuraa imraan } Ergamaan Rabbitis nijae (SAW) < tokkoon kessan hin amanne { amantin isaa guutu hin taane } hagan ani biratti irra jalatamaa tahutti warra isaati fi ilmaan isaati fi ilma namaa cufarra > { hadisa bukhaarifi muslim irratti waligalan }
7. Rabbiin waahunda{milki fi hongo} murtessejira janne ibaada dhisne taaun nidandenya? -Ibaadaa dalagu hin dhifnu :jecha Rabbi oltahetin < namni Rabbin sodaate sadaqate '' kan toltu hunda kan dhugomse ''nilaafisnaaf lafinsa hunda > { suura leyli } Ergamaan Rabbitis(SAW) nijaee < dalagaa { hojjedhaa}hunddi namaatu wahuma umameefi laaffataafi > { bukhaari fi muslimtu gabaase }

9.Suunaafii Bida'a Waan Rassulli(SAW) Kara Godhe Fi Baasa Amma Bahe


1. Amanti kessatti bida hasana wanni jedhamtu nijirti? Amnti islaamaa kessatti bidaa hasanaan hin jirtu :ragaan jecha Rabbi oltaheti < Arrarra egale Amanti kessan isinif guute jira qanani tiyyalle isinif guute jira Amanti islaamaa tana isinif jaaladhee jira > {suura maaidaa } Ergamaan Rabbitis(SAW) nijaee < baasni harawni cuftinu jalina, jallinni cuftinis ibidda keesatti taati > { Ahmadifi warri birati gabaasani jiran } 2.. bidaan { baasni } Amanti kessati maali? -Amanti kessatti basa fidu jechun waan harawa itti idau yoking amantiirraa waairrisudh:Rabbin oltahe bida mushrikni basterratti yero irratti debisu<si isaanif tahe warra sharia harawa isaani busu ,waan Rabbin isaanif hin hayyamin kessatti > { suuraa shuuraa } Ergamaan Rabbiitis nijae(SAW) < namni waan harawa baasa baase amri amanti kessatti kan duraan hin hayyamami yoo tahe isarratti debifamti { irraa hin qeebalamtu } { haadisa irratti waligalan } 3. Amanti islaamaa kessatti sunna hasana { karaa gaari }wanni jedhan nijirti?

-Ee nijirti karaa gaariin:Ergamaan Rabbi nijae(SAW) < namni islaamummaa kessatti karaa namaaf goodhe sawaaba itti argata ajrii warra isa boodaan dalagetillen argata kani warra dalagurraa ajriin irraa hin irrifamne > { bukhaaritu gabaase } { hadisa kana keessatti wanni laallu karaa yero jedhamu waan harawaa miti wanni namtichi baasu wahuma karaa godhamterratti egalee itti laallanna gaarii namaaf tahudha itti fedhame }. 4. Muslimni yoom tumsa argata? Muslimni yeroon tumsa argatu yooni kitaaba Rabbii isaani jabefatani sunna Rassulaatis (SAW)jabefatan , yeroo tawhida Rabbi ummata kessa facaasu guddisani shirkirraa nama diniinan(dhorgaan) waan dandahan hundaan fi gara dandahan cufaan, yero adaawaa isaanitif hubna waan qabanin qophaawan, Rabbin oltahe nijaee < yaa warra Rabbitti amantan yoo isiin Rabbif tumsiitan Rabbinis isiniif tumsa faana kessanille isin gad jabessa > { suuraa muhammed } -Ammas Rabbin nijae jabaate oltahe < Rabbin ahdii senee warra amanee isinirra warra toltu dalaguf, dachii tanarratti booda isin ansuuf jiraata akka warra asiin duura dabree booda ansetti wiliidha Amantti tessan tan isinirraa jalate tanaas isif mijjessa ,soodaa isin adaawaa tessan sodaatanirraahis nagaya isinif buusa , anuma qoofa gabbaran humaa natti hin qindeessan > { suuraa nur }.

Sadarkaa Guyyaa kurnaan (10) Duraa Zul Hujaa


1. Sadarkaa guyya kurnaan(10) duraa waan nugarsiisurra Rabbii isiin kakatee " Yeroo fajrii fi galgalowwan kurnanitti (kakadhee) " Ibnu kasiir Rabbiin rahamta isaaf hagoodhuti (Tafsiira isaa kesatti) akki ja'e "galgalowwan kurnanitti " jachuun 'Guyya kurnaan Zul Hijaati', Akkuma Ibnu Abaasi fi ibnu Zubeyrifi Mujaahi jadhanitti . Ayaata " Rabbii keessan yaadadha hanga guyya beekkamtuu takka " Ibnu Abbaas akki ja'ee ' kutta kurnaan Zul Hijjaati . 2. Hadiisa Bukhaari fi kan biroolle kesatti , Ergamaan Rabbi (Nagayaa fi Rahamanni isaaniratti haajiraatu ) Akki ja'aan "Guyyaan dalagaa garri itti dalaguun Rabbi birati irra jaalataam hin jiru guyyawaan kanarra ' Guyyawwan kurnaan Zu lhijjaa' " eegasi "Yaa Ergamaa Rabbi Jihaadinilleen moo? "Ja'aani gaafatan , Ergamaan Rabbii " Ee Jihaanilleen , Nama karaa Rabbirrati lubbuu isaatiinifi hoorii isaatiin bahee eegaasi humatakkanille kandeebi'iin yoo taate malee " . Eega guyyawan kuni sadarkaa akkanatti qabaati isa keesatti maal godhuu qabna? - Isa kesaatti Soommanu , dalagaa babbareduu Eragamaan Rabbii dubbate kesatti waaljacha , ammalle ergaam Rabbi guyywan kana kesatti sommanutti numirqaasee jira.

Aqidaan islaamaa sababaa hundee gurguddo if keessa qabduun

nama isii tanatti amaneef

faa'idaa guddoo fi heddu argamsiistiif , Rabbitti amaanuun maqaa isaatii fi bifa isaan

maltutti amanuun gabricha Rabbiitiif akka Rabbii isaa jaalatuu fi guddisutti isa geesitii tan sababaa saniin heera Rabbiin lafa kaayee hujira olchuu fi waan inni irra dhorkee irra fagachutti isa geesituu , ka isaan lamaatiin nama akka dhuftaatiifi hawaasa hundaafu gammachuu addunyaatifi akhiraa argama , akkauma Rabbiin ja'eeti " Namni toltuu takka dhirraa fi dubartiirra tahuu haala isaan Rabitti amananiin jiruu gaarii rakkoo hinqabne isaan jiraachifna ammalle galataa isaani irra gaarii waan isaan dalagataaniin galfamaan " [ SuraaNahalii : 97]

Faa'idaa Aqiidaa Islaamaa


Aqidaan islaamaa sababaa hundee gurguddo uf keessa qabduun nama isii tanatti amaneef faaydaa guddoo fi heddu argamsiistiif , Rabbitti amaanuun maqaa isaatii fi bifa isaan maltutti amanuun gabricha Rabbiitiif akka Rabbii isaa jaalatuu fi guddisutti isa geesitii tan sababaa saniin heera Rabbiin lafa kaayee hujira olchuu fi waan inni irra dhorkee irra fagachutti isa geesituu , ka isaan lamaatiin nama akka dhuftaatiifi hawaasa hundaafu gammachuu addunyaatifi akhiraa argama , akkauma Rabbiin ja'eeti " Namni toltuu takka dhirraa fi dubartiirra tahuu haala isaan Rabitti amananiin jiruu gaarii rakkoo hinqabne isaan jiraachifna ammalle galataa isaani irra gaarii waan isaan dalagataaniin galfamaan " [ Suraa Nahalii : 97] Bu'aan Malaa'ikaatti amanuu : 1.Guddiinaa fi jabeenyaa fi motumma Rabbiisaan kana akkanatti umee irra beekutti nama geesiti 2.Galata Rabbii akka galchinuuf waan inni isaan kana umee isaanitti gargaafatee waan akkka isaan kessa warra nama tiisu huji gabroottan barreysaan kanaa fi waan biralle waan isaan fayyada kahojjataan 3.Jaala malaaykaan dirqama isaanirra kayaamee jalataan hubanna san kessa akka Rabii isaani haala gahaa fi guutuu taheen gabbaraab, warra Rabbitti amaneef araara ma isarra barbaadufii. Bu'aan Kitaabawwanitti amanuu:1.Kitaabaa itti qajeelaan ummata hundattu buusuun wanni nuhubachiisaa akka Rabbiin gabrottan isaatiif rahamta qabuu nuhubachisa. 2.Hikmaa Rabbi ari.

You might also like