Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 7

BOQONNAA LAMA

2.1 SAKAATTA’AA BARRUULEE


Qabiyyeen boqonnaa kanaa mata dureewwaan adda addaa of keessaa
qaba isaanis:
Maalummaa afoola,amaloota afoola,faayida afoola, gosoota afoola,
maalummaa weedduu, gosoota weedduu maalummaa weedduu loonii
fi faayida weedduu looniiti
2.2 Maalummaa Afoolaa
Abarra(1993:52) Afoola yommuu ibsu afoollii dame og barruu hin
barreefamin ta’ee aadaa,seenaa,falasaam,kkf.
Yaada kanarraa wanti hubannuu afoollii afaaniin dhaloota dhalootattii
darbuu isaa akkasumas og barruu hin barreeffamiin akka ta’ee dha
Akkakitaabni Soofiyaa (1999:1) irrattii ibsuuttii afoola jechuun akkuma
maqaasarraa hubatamuu barreeffamaan osoo hin ta’iin afaaniin
dhaloota dhalootattii darba.
Akka walii galattii yaada kanarraa kan hubannuu afoollii afaaniin
dhalootarraa dhalootattii darbaa kan dhufe fi darbaa kan
jiruu,fuldurattis kan darbuu akkasuumas eenyuummaa,haala jiruu fi
jireenyaa hawaasa tokko kan mul’isu ta’uu ni hubannaa
Dabalataanis Zarihun (1992) Afoola yommuu ibsuu,afoola kalaqa
afaaniin ta’ee kan muudannoo hawaasaa tokko afaaniin dhalootarraa
dhalootattii darbuudha. Kunis kan darbu, bifa weedduutiin,barsiifatan,
gochaan, sirbaan kan dhaloota dhalootattii darbuudha jedhe.
Yaada kanarra wanti hubannuu afoollii jirufi jireenyaa ilma namaa
keessaatti gochaalee dhallii nama keessaa darbe afaaniin dhalootarraa
dhalootattii dabarsa.
Haaluma kanaan Tafariin (1998:157) afoola yommuu ibsuu,Afoollii hojii
huccuu midhagina walitti qindeessee afaaninn dhalootarra dhalootattii
kan dabarsaa tureedha.
Kanaafuu aadaa fi seenaa saba tokkoo, sadarkaa guddina saba
hawaasichi irraa ture, sadarkaa gudinna fi bal’innaa afaanii kan
calaqisiisuudhajechuun ka’a.hawaasichii irrature, sadarkaa gudinnaa fi
bal’innaa afaanii kan calaqisiisuu dha jechuun dkalaqa sammuu fi
(imagination) ilma nama keessattii mullatuudha uummatni tokko
uummata nama naannoo isa ogummaa, muuxannoo, fi beekamtiin
hubachuu fi xinxalluurraattii xiyyeeffataa gammachuu, gadda, rakkoo,
badhadhinna ykn misooma diqisiifannooti hawaasa kan biroo adda addaatin ibsudha.

2.2Amaloota Afoolaa
Afoollii amaloota hedduu qaba isaan keessaa kanneen bu’uura ta’an
hurruubummaa,jijjiiramuummaa lufummaa uummatummaa
miidhagummaa fa’aadha.
Gadittii dhiyaatuu jirraa waabiti Wasane Bashaa
Yaada kanarraa wanti hubannuu afoollii amaloota hedduu qabachuu
isaatii. Isaan keessaa muraasni isaanikanneen ta’u isaati.
2.2.1 Hurruubummaa
Amaloota afoola keessaa tokko hurruubummaadha. Zarihun (1992:25)
yoo ibsu akkan jedha.( )
Kana jechuun,dhaamsi afoola tokko guutumaan guututii hala
dubbatameen darbuu kan danda’u,akkasumas midhagina qabiyyee fi
buu’aa isaa waliin argachuu kan danda’amu gochaan kan dhiyaatu yoo
ta’e qofaadha.
2.2.2 Jijjiiramummaa
Jijjiiramni afoola jijjiirama fedhii hawaasa yeroodha yerootii taasifamu
waliin waliin waan wal qabatuuf kan uumamuudha Finnegan(1970:7)
jijjiiramummaa yommuu ibsitu there are also the case when the
performer introduces variation on older pieces or eventually new forms
interims of the detailed word in, structure, or the content jettii.
Yaada aramaan olii kanarraa wantii hubannuu afoollii dhalootarraa gara
dhalootattii kan darbu afaaniin waanta’eef fageenya yerootin kan ka’e
qabiyyee buusaa isaarraattii jijjiiramni uumamuu danda’a kan jedhu
hubachuun ni dandaama.
2.2.3 Uummatummaa
Jaarraa fi Wasanee (2009:66) akka jedhanittii afoollii qabeenyaa
uummataatii afoollii afaan oromoo keessaa jiranis kan saba oromoo
hundaa waan ta’eef miseensichii hawaasichaa hundinuu abbuummaa
keessaa qaba.
Kana jechuun afoollii qabeenyaa uummataati afoollii akka kitaaba
abbaa barreesseen hin waamamuu uummata sanaan wamamaa afoollii
yeroo kamiyyuu garee barbaada afoollii amala hawaasuma qaba.
2.2.4 Lufummaa
Afoollii hara’a jiru kaieessarra qaxxamuree as ga’e akkasumas
boruttilee ni tarkaanfata. Kanaafuu barnoota dheeraaf dhalootarraa
dhalootattii daddarbuu danda’a yaada kana Finnegan (154) Wirtuu jildi
4ffaa keessattii yoo ibsitu afoollii dhaloota,dhalootattii kan daddarbuu
kara laman. Innis afaaniin fi gochaan yoo ta’u afaaniin kanneen
daddarban mammaaaksa, hiibboo, sheekoo, eebbafi abaarsa,durduri
yoo ta’an, kanneen gochaan daddarban ammo shaggoyyee, ateete,
ragada, weedduu, tirii, gelloo, gerarsaa, jechaan deggaramanii gochaan
darbu jechuun ibsite.
2.2.5 Miidhagummaa
Ulaagalee qabiyyee og barruu barreeffamoota akka saayinsii fi
seenarraa adda taasiisan keessaa miidhaginafi qindoomina qabaachu
isaatii afoollii miidhagina addaa akka gonfatan wantoonnii gargaaran
yaa’afi yeedaloo qabachuu isaa, dubbiiwwaan qalaa adda, addaatttiin
dhiyaachuu,deddeebii sagale, suuraa sammuuttii uumuu, qomatti
qabatamuu danda’uu fi muuxannoo dhugaa hawaasicharraa kan
maddan ta’uusaatii yaaduma kana cimsuufWasanee(2005:168)irraattii
miidhagummaa yommuu ibsa miidhagummaan ergaa (dhaamsa) ifa
ta’een yoo dabarsinemiidhagumaa jennee moggaafna miidhagummaan
haala afoollii sun miira sammuu ilma nama hawwachu dandahun
dhiyaachuu ifaa mul’isa jechuun ibsa.
2.3Faayidaa Afoolaa
Afoollii faayidaa hedduu qabaa isaan keessaa akka jaarraaW.B Fi WB
yaada tu(2008)kanneen armaan gaditii isaanis ibsuu, cimsuu, dabarsuu,
too’achuu fi miliqsuu fa’a.
2.3.1 Ibsuuf
Afoollii gaafillee naannoo keenyaarraaka’anii deebi kennaa wantoota
naannoo adda,addattii argaman irrattii hubannoo cima ta’a tokko
dabarsa eessa dhufte ykn madda wanta garaagaraa irraattii deebi nuuf
kenna.
Yaada armaan olii kanarraa wanti hubannuu afoollii gochileenaannoo
keenyarratii ka’aniif deebiikennuuf nu fayyadaa. Akkasumasnaannoo
keenyaa keessaa wantoota jiran ibsuufi
2.3.2 Cimsuu fi dabarsuu
Afoollii aadaa ummaticha dhalootarraa dhalootattii cime akka darbu
taasisaa aadaan fudhaati heeruma aadaa hawaasaa, addaa nyaata,
ateetee aadaa wal kabajuu cimee akkaadarbu taasisaa. Afoollii waa’ee
cnamootaa hawaasaa keessaatti ga’ee guddaa taphatani cime darbu
akka qabu taasisaa kanaatuu afoollii seenaa aadaa saba tokko barruu
qofarrattii kan xiyyeeffayu osoo hin ta’in cime osoo wal irraa hin citin
itti fufuu qabaachuu qaba hariiroo amantii cimsuu dhaloota dhalootii
dabarsa. Kana jechuun afooli wantoota hawaasa keessattii
argamanbarreffaman osoo hin ta’iin afaaniin cime dhaloota
dhalootattiiakka darbuu taasiisa jechuudha.
2.3.3 Too’achuu
Afoollii seeraa ykn aadaa uummanii qabuu keessatti amaloota
bada(gadhe) ta’an akka balaaleffataniif,amalooni fudhatama qaban
ammoo akka cimaanifii itti fufan gochuudhan ykn amma seerii
aadaan/ummatichaa/ akka cabe eegudha afoolii amaloota badii fidu
danda’aan balleessuudhaan saaxiluu.
Kana jechuun afoollii safuu hawaasichaa akka hin cabne fi wantootni
fudhatama hin qabne akka hafuu taasisaa. Kana malees wantoota
hawaasicha irratti midha fiduu danda’aan jedhamuun yaadamu nii
balleessaa.

2.3.4 Miliquuf
Jiruufi jireenyi ilma namaa dhiibbaa, hidhaaseerota adda addaa, yeroo
siyaasa, amantaa, uuma,uumaa ti qabeenyaarraa kan ka’ee bu’aa ba’ii
heedduun kan guutamee. Dhiibaawwan kanneen kallattiin qolachuti
mormaachun rakko namarran kan ga’uufi midhaa qaamaa,
hawaasummaa, dinagde fixiin sammuu fidu dandanda’aan jeedhamee
yoo sadatame afoola adda addaattinfayyedamanii miiraa keesaa
isaanitii dhikifatuu fukkafachun boqonnaa argachu fi dhiibbaa
mudhaachu danda’uu jalaa miliquun addunyaa yaada boqonnaa
qabduttii gadaanuun gara addunyaa kolfaa, taphati bashannansiisaattii
darbuu.
Yaada armaan olii kannarraa wantii hubannuu, afoollii yeroon
rakkooleen adda, addaa nama qunnaman rakkoo san jala akka bahan
nama taasiisaa kana male rakkoolee kanas kalattiin osoo hin ta’iin
alkallattiin afoolotii fayyadamu wanta samuu namaa rakkisuu baafatuu
jechuudha.

2.4 Gosoota Afoolaa


Akka jaarra fi wasane bashaa ibsanitti afoola gosa gosaatti qooduun ni
danda’ama. Isaanis mammaksa, Hibboo jechama, sheeko, weedduu
fkkf fa’aadha. Kanneen armaan oliin keessaa weedduuhaa ilaalluu.

2.5 Gosoota Weedduu


Weedduun afoola walaloo dhaan dhiyaaatan keessaa isa
tokkodha.Akko syke J.R (1916:72) weedduun yommuu hiikuu “Ballad is
simple song to some especially sentimental or komantic or narrative
composition of several kereses each song to some meledy with
accompaniment merlysubordinate” jechuun hiika. Yaada kanarraa
wantii hubannuu weedduu jechuun salattii qoosa ta’ee yeedaloo
midhaagaa miira namaa harkisuun qinda’ee seeraa jaalalaa akkasumas
marartee fi jajuu kan ibsu jechudha.

2.6 Gosoota weedduu


Weedduun akaakuu heddu qabaachuu danda’aa. Isaan keessaa akka
Cloude (1995) ibsetti kanneen akka weedduu jaalalaa, weedduu loonii,
weedduu amanta , weedduu godaansa, weedduu gootaa fa’aadha.

2.7 Maalummaa weedduu loonii


Haalumaa ibsaa weedduu jedhurraa hubatamuun dandamutii
weedduun loonii jechuunis sirba gaarii namni jaalala , marart fi
nyaattoo looniif qaban ittin ibsatanidha.weedduu aadaa oromoo
keessattii beekaman keassaa inni tokko weedduu loonnitti. Oromoon
loon isaa kan farfatu qabata male miti.
Loon uumamumaan jirenya namaatif kan barbachisan,tajaajila adda
addaa kennuu omishaa midhaanii ga’ee ol-aanaa qabu kanaaf sabni
oromoo loon guddaa mararsiitata. Hayiluun baanti(1997:118) jaalala
oromoon looniif qabu yeroo ibsu oromoo fi saawwan /loon jechuun
hadhaa fi ilmoo jechuudha jedha.
Yookan kan nu hubachisuu oromoon swwaniin/loonin/gargar bahe
jirachuu hin danda’uu jiruu fi jireenya isaanii loowwanii. Dabalaatanis
caloud summer(1997:23) in oromoo society the best cattelment are
equally respected together with those who have distinguished them
selves on the battle field or a big game hunting jedha. Yaada armaan
oli kanarraa wanti hubannuu mararte sawwwniif qabaniirati kan ka’ee
sani oromoo namoota sawwaan baay’ee horsiisuudhaan beekkamanille
akkuma goota kaba gudda kennuf fi

2.8 Faayidaa weedduu loonii


Akka Nagariin (1992:82) ibsuttii weedduun marartee ummatichi looniif
qabu ibsuurra darbee dhageeffatoota sawaanii weedduu loonii gara
tokkoon amala fi faayidaa loonii akkasumaas kunuunsa isaaniit qabu
hubachiisa karaa kanaan weedduu loonii tooftaa barsiisuu kan
oromoon oollee isaa haala jiruu fi jireenya isaa ittin of jechuun ni
danda’ama. weedduun loonii egaa akkuma og barruu hin barreeffaminii
dhugaa jireenya hawaasaa miidhaagsee kan ibsuudha. Yaada armaan
olii kanarraa wanti hubannu weedduun loonii akkuma afoola kaawanii
dhalootaa dhalootatti darbuu isaati. Akkasumas, jiruu fi jireenya isaanii
akka beekan taasisa.

You might also like