Gabaasa

You might also like

Download as rtf, pdf, or txt
Download as rtf, pdf, or txt
You are on page 1of 22

QOODA LAMA

BOQONNAA SADDEET

8. Hiikkaa, Amalootaafi Gosoota


Gabaasaa

8.1. Gabaasni Maali?

 Jechi gabaasa jedhu yaada bu’uuraa Afaan Ingiffaan


‘Report’ jedhu bakka bu’a.

 Ezinberg (1982) maalummaa gabaasaa yommuu ibsu;


Gabaasni tooftaa raawwii ykn taatee tokko qalbiidhaan erga
xiinxallee booda namoota yeroo raawwii sanatti naannoo sanatti
hin argaminiif ittiin dhiyeessinu jechuudha.

 Tiket (1980) akka ibsutti ammo gabaasni dhugaawwan


qabatamaafi qindaawaa ta’anitti gargaaramuun tooftaa gaaffii
bu’uura ta’e tokkoof deebii ittiin kenninu ykn ammo tooftaa
ragaan murteessaan ittiin dhiyeessuuti. Ragaan funaaname
tokko haala sirna qabeessa ta’een qindaa’ee qaacceffamuun yoo
dhiyaate Gabaasa jedhama. Jedhee ibseera.

 Gama birootiin ammo Susam (1996) akka ibsetti gabaasni


ragaa qabatamaafi gabbataa bu’aadhuma haala raawwii ykn
sochii dhimma murtaawaa tokkorratti haala adda ta’een
dhiyaatu jechuun ibsa.

 Kana malees, Waalkotiifi Anwiin (1983) yemmuu ibsan


gabaasni sanada (ragaa) qulqulluu taatee ykn rakkoo bu’uuraa
tokko madaaluuf ykn xiinxaluuf qophaa’e.

1
 Akka Walkoot’faa ibsanitti, gabaasni dhugaawwan
qabatamoo tarreessuu, addeessuu, dhiyrrssuu, adeemsawwan
gabaasuufi goolabarra gahuu, yaada furmaataa dhiyeessuufi
xummuruu danda’a. Kanaafuu, gabaasni dhugaa jiru
tarreessuufi ibsuu ykn addeessuu qofarratti kan xiyyeeffate miti
jechuudha.

 Gabaasni gahee dhugaa tarreessuu, ragaa qaaccessuu,


adeemsawwan gabaasuufi goolaba irra gahuu, nama ykn garee
murtaawaa tokkoof geessuun ykn dhaqqabsiisuu qaba.

 Haa ta’u malee, gabaasni qabatamummaa dhugaa


tarreessuu, ragaa qaaccessuu, adeeemsawwan gabaasuufi
goolaba irra gahuurratti kan hin loogneefi karooraan kan
qindaa’e ta’uu qaba.

 Marfi fa’a akkka jedhanitti, gabaasni qabatamaa,


gartummaan kan irra hin mul’anneefi akkaataa dhiyeessa
kaayyoo irratti hundaa’ee hordofuu akka dabda’u adeemsa
loojikaalawaa, sirrummaafi ragaa amanamummaa qabuufi miira
dhuunfarraa ibsa bilisa ta’erratti hundaa’uu qaba.

 Gabaasni akaakuuwwan barreeffamaa biroorraa amaloota


adda taasisu waan qabuuf gosoota barreeffamaa kaawwan
wajjiin bakka tokkotti kan ramadamuu miti.

 Akka Ezinberg (1982) ibsutti; Asoosamni gabaabaan


akkuma damee hojiiwwan kalaqa sammuutti akkuma
ramadamu; gabaasnillee adeemsa hariiroo qunnamtii
barreeffama tooftawaafi saayinsaawaa [technical& scientific
writing] keessatti akka dhimma bu’uuraatti

2
8.2. Gabaasa Barreeffamaafi
Gabaasa Afaanii

Gabaasni barreeffamaanis ta’ee ibsa afaanitiin dhiyaachuu


danda’a.Seerri gabaasni barreeffama qofaan dhiyaachuu qaba jedhu
hin jiru. Ta’ullee ammoo, gabaasa barreeffamaafi gabaasa afaanii
keessaa tokko filchuuf yeroon dirqamnu jira.Haalawwan kanneen
keessaa inni duraafi inni murteessaan akaakuufi amala
gabaasichaati.

Kana malees, sababni gabaasichi itti dhiyaatuufi eenyummaan


namoota namoota gabaasichi dhiyaatufillee tooftaa gabaasichi
ittiin dhiyaatu murteessuu danda’a.

Akkuma armaan olitti ibsame, karaa ykn tooftaa gabaasni ittiin


dhiyaatu sababoonni murteessan jiraatanillee baay’ee kan
baratameefi hedduminaan hojirra oolaa kan jiru gabaasa
barreeffamaan dhiyaatu. Namoonni hedduun akka irratti
waliigalanitti filannoon kun filannoo fooyya’aadha. Gabaasa
barreeffamaan dhiyeessuu sababoota filatamaa taasisan keessaa
gurguddoon kanneen gadiiti.

A. Gabaasa barreeffamaan dhiyaatu, barreessichi qaamaan


argamee dhiyeessuuf hindirqamu. Kanaafuu gabaasni
barreeffamaa ergaa barbaachisaa namoota iddoofi yeroo adda
addaatti argamaniif dabarsuuf humna (leecalloo) yeroofi mallaqni
akka qusatamu taasisa.

B. Gabaasni barreeffamaa, adeemsa qunnamtii haalgalumsa


tokkoo keessatti geggeeffamu caalmatti daandii idilee qabsiisa.
Kana waan ta’eefis, gabaasni osoo afaaniin dhiyaatee dhimmoonni

3
xiyyeeffannoo hinarganne; tooftaa sirna qabeessa ta’een
dhiyeessuun gabaasichi carraa dubbifamuu olaanaa akka
qabaatu taasisuurratti gahee guddaa taphata.

C. Gabaasni barreeffamaa adeemsa qunnamtii jecha afaanitiin


dhiyaatu ykn raawwatamu caalaa ergaawwan walxaxaa ta’an
qaama tokkorraa qaama biraatti dabarsuuf gahumsa qaba.
Hunda caalaa ammoo, dhimmoota dhedheeroofi walxaxoo ta’an
qindeessee dhiyeessuuf filatamaadha.

D. Gabaasni barreeffamaan dhiyaatu akka gabaasa jecha


dubbiitiin dhiyaatuu carraa dabuufi bifa jijjiirachuutiif kan
saaxilamee miti. Kanaafuu, gabaasni barreeffamaan
dhiyaaturratti dhimmi gabaafammu dabinnaa? Bifa jijjiiratee
ergaa biroo qabaatinnaa? Sodaaawwan jedhanirraa dhiyeessaa
gabaasichaa bilisa taasisa.

E. Gabaasni barreeffamaan dhiyaatu; akka galmee tokkotti


eeggamee (kaa’amee) turuu danda’a. Gabaasni barreeffamaa
ragaa barbaachisaafi qabatamaa hammatee waan turuuf yeroo
dheeraan boodallee yoo barbaadame baasanii mirkaneeffachuufi
akka madda ragaatti itti gargaaramuun ykn tajaajilarra oolchuun
akka danda’amuuf carraa kenna.

Akka waliigalaatti, gabaasni barreeffamaan yemmuu dhiyaatu;


miira bitaacha’uu jamaa gidduutti uumamuu malu ni hambisa.

Kana malees, gabaasni barreeffamaa akka gabaasa jecha


afaanitiin dhiyaatuu ariitiin (dafee) kan dagatamuu miti.
Amaloonni gabaasaa kanniiniifi kanneen fakkaatan gabaasni

4
barreeffamaa gabaasa jecha afaanitiin dhiyaatu caalaa akka
filatamu taasisa.

8.3. Kaayyoo Gabaasaa

8.4. Amaloota Gurguddoo Gabaasaa

8.4.1. Dhugummaa

Gabaasni tokko dhugummaa qaba kan jedhamu gaaffii, “Ragaan


dhiyaate hammam dhugaadha?” jedhu deebisuu qaba.

8.4.2. Qabatamummaa

Gabaasni bu’aa kalaqa sammuu ta’uu hinqabu. Gabaasni tokko


qabatamaafi alkalaqummaa akka ta’uuf loojikaalawaa malee miira
dhuunfaa kan calaqqisiisu ta’uu hinqabu.

Kanumaaf, akka nu gargaaru gabaasni miira dhuunfaafi amantaa


nama gabaasicha dhiyeessu gonkumaa haala hincalaqqisiisneen
dhiyaachuu qaba. Qorataan waan arge haala qabatamummaa
qabuun dhiyeessuu qaba. Gabaasni arga yaadaafi miira cimaan
guuttamee dhiyaate qabatamummaa hinqabu. Kanaafuu madaallii
gabaasaa keessaa iddaoo hinqabu.

8.4.3. Iftummaa

Gabaasni iftoomina qabu bu’aa sammuu( yaada ) qazjeelaati. Kanaafuu gabasa


barreessuuf ka’uun dura dhimma gabaasuuf kaane sana ilaalchisee yaada ifaa sammuu
keessatti qabachuu qabna. Yaada dukkanaawaa qabannee dubbistootaaf yaada ifaa ta’e
barreessuu hin dandeennu. Kana malees, rakkoon akka loojikaalawaallee gabaasni ifaa

5
ta’e hin barreeffamne yeroon gufuu itti ta’ullee jira. Dabalataanis, filannoon
jechootaafi dhangala’iinsi yaadaa sonaan too’achuu dhabuun iftoomina gabaasaa
hammeessuu (miidhuu) danda’a. Kanaafuu, gabaasni jechoota ciccimoorra jechoota
sasalphaa; jechoota ergisaafi nuffisiisoorraa of fageessuun qopheessuu qabna.

Gabaasa keessatti jechoota kanneen akka jechoota ulfaataa, jechopota nuffisiisoo,


jechoota ergisaafi jechoota ogummaatti gargaaramuun amala idilummaa gabaasaa
miidha. Haa ta’u malee gabaasni daraboo hojiitiif barreeffamu jechoota ogummaa
qabaachuun kan balaaleffatamu ta’uu baatullee; qaama gabaasaa ogummaa hojii sanaa
hin qabneef jechoota ogummaatti hedduminaan fayyadamuun iftoomina
gabaasichaatti mudaa waan ta’uuf kan jajjabeeffamuu miti.

Kanaafuu gabaasa tokko bareessuun dura dubbistoonni ykn dhaggeeffattoonni keenyu


eenyu fa’a? Gaaffii jedhuuf xiyyeeffannoo laachuu qabna.

Filannoo jechootaatiin gamattis gabaasni sirna qindoomina himootaallee seera guutee


argamuu qaba.

8.4.4. Tibbanummaa

Gabaasni tibbanummaa qabu rakkina jiru yweroodhaan eeruudhaan yaanni murtii


(furmaanni) akka darbu/kennamu daandii saaqa. Gabaasni tibbanummaa qabu
rakkoowwan yaada furmaataa yeroodhaan dhiyeessa. Gabaasni tibbanaawaan oduufi
jette jetteen hin durfamu.

8.5. Ija Dubbii [point of view]

Ijji dubbii beekkamaan gabaasni ittiin dhiyaatu lama.

Isaanis: - Ija dubbii ramaddii 1ffaa fi

- Ija dubbii ramaddii 3ffaa

6
Ija Dubbii Gabaasaa

Ramaddii 1ffaa Ramaddii 3ffaa

- Ana/ nuti - (Nama/Abbaa/ hineeru)

- Ni beeksifna - Akka yaada furmaatatti dhiyaateera

- Ni ibsina - Ibsamee jira

- Yaada koo dhiyeessa - Yaaddamee jira

- Murteessinee jirra - Yaalamee jira

Ija dubbii olitti ibsaman lamaan keessaa tokko filatanii gabaasa barressuun ni
danda’ama. Akaakuu ija dubbii itti fayyadamnu kan murteessu kaayyoofi amala
gabaasa barressuuf karoorfanneeti. Kaayyoofi amaloota isaaniirraa ka’uun
gabaasonni alidilee yeroo baay’ee ija dubbii ramaddii 1ffaatiin dhiyaata. Gabaasni
idilee garuu amala dhihaannaa addaa qaburraa kan ka’e ramaddii 3 ffaatiin akka
dhiyaatu haala dirqisiisu qaba.
Gabaasni idilee aangoofi eenyummaa abbaa gabaasaa hin eeru. Haala murtiifi yaada
waliigalaa dabarsuurratti fuulleffata. Barreessitoonni hedduun akka jedhanitti,
gabaasa idilee keewssatti ijja dubbii ramaddii 1ffaatti gargaaramuun hin deeggaramu.

8.6. Miirsagalee [Tone] Gabaasaa

7
Gabaasni miirsagalee dhaabbataa ta’e hin qabu. Miirsagaleen gabaasaa, akaakuu,
kaayyoo, dhiyeessaa gabaasichaarratti hundaa’uudhaan garaagarummaa qaba.
Kaayyoon gabaasaa addeessuu, ibsuu, tarreessuu, ajaja dabarsuu waan danda’uuf
miirsagaleen isaallee haaluma kanaan garaagarummaa qabaachuu danda’a. Kun
ammoo gabaasni miirsagalee tokko (walfakkatu) qabaachuu akka hin dandeenye
agarsiisa.

Walumaagalatti, gabaasni kaayyoo barreeffamuuf, eenyummaa barreessaa, akaakuufi


amala gabaasichaarratti hundaa’uun akkaataan itti fayyadama afaanii laafaa ykn cimaa
ta’uu mala. Kun ammoo garaagarummaan miirsagalee jiraachuu mirkaneessa.

8.7. Gosoota Gabaasaa

Gabaasni karaa tokko qofa hordofee waan hin qoqqoodanmneef qoqqoodanii kaa’uun
hojii salphaa miti. Akkaataa qoqqooddii tokko waan hin hordofneefillee qoqqooddii
murtaawaa argachuun ulfaataadha.

- Gabaasa kurmaanaa

- Gabaasa raawwii

- Gabaasa qabannaa galmee

8
Gilgaala Shaakalaa

1. Gabaasa barreessuun maaliif akka barbaachisu addeessi!

2. Sababiiwwan gabaasni barreeffamaa gabaasa afaanii caalaa filatamuuf


tarreessi!

3. Amaloota gabaasaa keessaa akka ilaalcha keetti dusaa ta’uu kan qabu isa kami?

4. Amaloota gabaasaa keessaa inni tokko iftoomina. Gabaasni iftoomina


hinqabne dubbifamummaa hinqabu. Kuni maaliif akka ta’e ibisi.

5. Gabaasa, asoosama gabaabarraa maaltu adda taasisa?

6. Miirsagaleen gabaasaa akaakuu tokko ta’uu hindanda’u kan jedhameef


maaliif akka ta’e addeessi!

7. Ijji dubbii ramaddii 2ffaa gonkumaa gabaasa barreessuuf hingargaaru kan


jedhamuuf maaliif?

8. Gabaasni ulaagaa qoqqooddii akkamiitiin akka qoqqoodamu ibis!

9
9. Akaakuun gabaasaa baramaafi kan yeroo baay’ee itti fayyadamamu
jedhamu kami? Maaliif filatame?

8.7.1. Gabaasa Al Idilee

8.7.1.1. Maalummaa Gabaasa Al-idilee

Gabaasni al-idilee gabaasa idileerraa adda. Gabaasni al-idilee gosoota gabaasaa adda
addaa hedduu of jalatti hammatu ta’ee, gabaasa idileerraa karaa ittiin adda ta’u tokko
haala gabaabaan dhiyaachuu danda’uusaati.

Haala dhiyeessaa gabaasaa waan qabuufillee fuula waraqaa tokko ykn muraasarratti
dhiyaachuu waan danda’uuf, yeroo baay’ee waraqaa qoola alaa [Outer cover page],
axeereraa (abstract), galata (aknowledgment), yaadannoo (yaadannoo), baafata (table
of content), wabiiwwan (references/ bibliography), dabaleeykn mul’istuu (appendix) fi
kkf hin hammatu. Iddoo kanaaf ta’ullee hin qabu.(Marfi fi Pek 1980).

Kaayyon guddaan gabaasni idilee barreeffamuuf ragaawwan murtii dabarsuuf


gargaaran qindeessanii dhiyeessuudhaafi. Ragaa qaama tokkorraa qaama birotti
dabarsuun qaama dhimmicha ilaaluuf hubannoo gahaa qabsiisuurratti xiyyeeffata.

Haala kanarraa adda ta’een garuu gabaasni al idilee dhimma tokkoof wixinee
qopheessee, qorachuun xiinxalee goolabarra akka waan gahuufi bu’aa qorannoo
bal’aafi gadi fageenya qabu akka dhiyeessuutti ilaaluun hin barbaachisu. Kun
jalqabumarraayyuu kaayyoo gabaasa al idilee miti.

Gabaasni al idilee of jalatti akaakuuwwan gabaasota adda addaa hammata.


Gabaasonni damee gabaasa al idilee jalatti hammataman hedduu keessaa gurguddoofi
bebbeekamoon kanneen armaan gadiiti.

a. Gabaasa Yaadannoo

b. Gabaasa Adeemsaa

10
c. Gabaasa Imala Daawwii

d. Gabaasa Muuxannoo Dubbisaa

e. Gabaasa Qaboo Yaa’ii

8.7.1.2. Tartiiba Dhiyeessa Gabaasa Al-


Idilee

Gabaasni al- idilee, barreeffamaan yommuu dhiyaatu haala qindoominaa mataasaa


qaba. Haalla qindaa’inaa kanaanis duraa duuba ykn tartiiba armaan gaditti kaa’ame
hordofee dhiyaata.

Seensa

Qaama Muummucha

Goolaba

Furmaata

I. Seensa :-Seensi baniinsa gabaasaati waan ta’eef qabxiiwwan


gaditti tarreeffaman hammata.

a. Sababa gabaasichi dhiyaateefi

b. Daangaa gabaasichaa

c. Madda ragaa gabaasichaa

d. Dhiyeessaafi qindeeffama ragaawwan gabaasichaa

II. Qaama Muummichaa :- Qaamni gabaasaa muummichi handhuura


gabaasichaa waan ta’eef dhaamsi akka darbuu barbaaddamee dhiyaata.

11
III. Goolaba (Xumura) :- Goolabni iddoo gaaffiin bu’uuraa
gabaasichaa deebii itti argatu kutaa cuunfaaykn xumuraa gabaasichaati.
Kanumaaf akka nu gargaaru; wantoonni ijoon gabaasicha keessatti
gabaabinaan qindaa’anii xumura keessatti dhiyaachuu qabu. Gabaasa yaanni
furmaataa of danda’ee kophaa hin dhaabbanne keessatti yaanni furmaataa
xumura keessatti cuunfamee dhiyaata.

IV.Yaada Furmaataa (Yaboo)

Gabaasa al-idilee keessatti, yaanni furmaataa of danda’ee dhiyaachuykn


dhiisuu danda’a. Yeroo baay’ee garuu goolaba keessatti cuunfamee dhiyaata.
Gabaasni yaanni furmaataa kophaatti of danda’ee dhiyatu keessatti
qabxiileen armaan gadii akkka bu’uurratti xiyyeeffannoo argachuu qabu.

a. Yaanni furmaataa: qabatamaafi hojiitti kan hiikkamu ta’uu qaba.

b. Yaanni furmaataa: Gabaabaafi ifa ta’uu qaba.

c. Yaanni furmaataa: goolaba hordofe bu’uura


godhatee dhiyaachuu qaba.

8.7.2. Gabaasa Idilee

8.7.2.1. Gabaasni Idilee Maali?

Gabaasni idilee, gabaas al idileerraa kan bal’atuufi dhimmoonni bu’uura ta’an kan
keessatti dhiyaataniidha. Kaayyoon muummichaa gabaasa idilee ragaawwan murtii
dabarsuuf gargaaran qaama tokkorraa qaama birootti dabarsuu miti.

Gabaasni idilee gabaasa al idileerraa haala bal’inaafi gadi fageenya qabuun kan
dhiyaatu ta’ee tooftaa bu’aawwan hordoffii, qorannoofi qo’annoon kan ittiin ifa ta’u.

Qorannoofi qo’annoorratti waan hundaa’ufillee rakkoo bu’uuraa tokko maddarraa


fonqolchee qorachuun karaa rakkinnichi ittiin maquu ykn salphachuu danda’urratti
yaada furmaataa dhiyeessa.

12
Gabaasni idilee akkuma gosoota hedduu gabaasa al idilee barreeffamaan dhiyaata.
Gama qabiyyee, bal’inaafi gadifageenyaatiin garuu gama hedduun gosoota gabaasa al
idileerraa adda addummaa qaba. Gabaasni idilee bal’inaafi gadifageenya waan qabuuf
kutaawwan gabaasa qorannoo gurguddoo sadii kanneen akka:

I. Kutaa Duraa:- (Preliminary Sections)

 Uunka Qoola Alaa (Fuula Mata Duree qorannichaa)


 Uunka Qoola Keessaa (Fuula Mirkaneessaa)
 Galata
 Baafata
 Tarreeffama Gabateewwanii (yoo jiraataniif)
 Tareeffama Danaawwanii (yoo jiraataniif)
 Tareeffama Fakkiiwwanii (yoo jiraataniif)
 Axeereraa /Ariirrata
II. Kutaalee Muummichaa (Main Body)
 Seenduubee Qorannoo
 Ka’umsa Qorannoo
 Kaayyoo Qorannoo
 Barbaachisummaa Qorannoo
 Daangaa Qorannoo
 Hanqina Qorannoo ( optional in proposal)
 Ibsa Jechootaafi Ibsa Gabaajewwanii
 Sakatta’a Ogbarruu (kan wixinee gabbisuu)
 Malleen Qorannoo
 Dhiyeessaafi Qaaccessa Ragaalee
 Cuunfaa, Goolabaafi Yaboo
III. Kutaalee Dhumaa (End Matter)
 Wabiiwwan

 Dabaleewwan

13
 Indeeksiiwwan (Yoo jiraataniif) Kutaawwan kunneen gabaasa idilee gabaasa
al- idileerraa adda taasisu.

Qabxiilee Marii Garee

1. Gabaasni idilee gabaasa al- idileerraa maaliin adda ta’a?

2. Gosoonni gabaasaa xixiqqaan gabaasa al idilee jalatti hammataman


maalfaadha?

3. Qaboo yaa’iin maal akka ta’e addeessi!

4. Qaboo yaa’ii yemmuu barreessinu qabxiilee hammatamuu qaban


gurguddoo tarreessi!

14
5. Qabxiiwwan gurguddoo gabaasni idilee of jalatti hammatu tarreessuun ibsa
isaanii wajjiin dhiyeessi!

Yaadannoo Walgahii Qabachuufi Qaboo Yaa’ii Barreessuu

- Adeemsa walgahii tokko ilaalchisee yaadannoo qabachuuf meeshaalee


akka sagalee waraabdufii (tape recorder) yaadannoo gaggabaabsanii
fudhachuu

- Yaadannoo qabatamerratti hundaa’uun Qaboo Yaa’ii barreessuun


salphaadha ta’a.

- Yaadannoo walgahii qabachuun kallattii murtaawaa tokko qofa waan


hin hordofneef hundinuu tooftaa mataa isaaniitti fayyadamuu danda’u.

- Akka Gartsayid (1981) fi Parson (1975) ibsanitti akkaataan tooftaa


qabannoo yaadannoo walgahii tokko ta’uu baatullee qabxiiwwan armaan
gadiirratti xiyyeeffachuu barbaachisa. Isaanis:-

A. Yaadannoon fudhatamu ifaafi dubbifamuu kan danda’u ta’uu


qaba.

B. Duraa duuba yaadannoo qabatamee addaan baasuuf lakkoofsa itti


kennaa deemuun murteessaadha.

C. Barreessitoonni tokko tokko yaadannoo yommuu qabatan


mallattoowwaniifi gabaajewwan adda addaatti kan fayyadaman yommuu
ta’u dubbisuu namoota biro akka hin danqinetti of eeggannoon
barreessuu qabu.
15
D. Iftoomina yaadannoo qabatamee mirkaneeffachuun
barbaachisaadha.

E. Akkuma walgahichi rawwatameen qulqullina yaadannoowwan


qabataman madaaluufi fooyyessuu.

F. Yaadannoon qabatame, qaboon yaa’ichaa walgahii marsaa


ittaanuutti dhiyaatee hanga mirkanaa’utti barreesichi sonaan olkaa’uu
qaba.

Ajandaa Walgahii

 Ajandaan walgahii qabxiiwwan marii walgahii tokkorratti


mari’achuuf dhiyaatu.

 Ajandaan wal gahii yeroo baay’ee dura taa’aa waajjiraa, itti aanaa
waajjiraa ykn barreesaa qaboo yaa’iitiin qophaa’ee kan dhiyaatu yommuu
ta’u qaamni hirmaattotaallee qabxii marii barbaachisa jedherratti yaada
kaasuufi maariif dhiyeesuu ykn walgahichi eegaluun dura akka
galmaa’uuf gaafachuu danda’a.

Qaboo Yaa’ii (Minute)

 Qaboon yaa’ii ragaa walgahii tokkooti.

 Ragaa barreeffamaa waan ta’eefillee yeroo itti aanuuf akka madda ragaa
dhaabbataatti gargaara.

 Qaamni dhimmi ilaallatullee murtii dabarsuu akka danda’aniif ka’umsa


ta’ee tajaajila.

16
 Haftee raga barreeffama walgahii tokkooti jedhamullee waan dubbatamu
hunda tokkollee osoo hin hambisin jalqabarraa hanga dhumaatti galmeessee
ibsa ykn kaa’a jechuu miti.

 Qboon yaa’ii dhimmoota walgahiirratti ka’an gurguddoofi barbaachisoo


ta’an cuunfee haala duraa duuba isaanitiin kaa’a malee hunda hin tarreessu.

 Kanaafuu, qabxiiwwan walgahicharratti ka’an yaada furmaataa, adeemsa,


yaada dabalataa, mormii jedhaa ibsuun dabalata barbaachisaa ta’ee yoo argame
maqaa namoota yaadicha maddisiisellee eeruu ni danda’a.

 Qaboon yaa’ii haala kanaan dhiyaatu yeroo baay’ee ramaddii 3ffaa


dabarennan (past tense) irratti hundaa’uun dhiyaata.

Amaloota Qaboo Yaa’ii

Gartsaid (1981) akka ibsutti qaboon yaa’ii amaloota bu’uuraa armaan gadii
hammachuu qaba. Isaanis:-

A. Dhugummaa:

- qaboon yaa’ii dhugaa ta’uu qaba. Kana ammo qabxiiwwan keessatti


hammatamanitu murteessa.

- Qaboo yaa’ichi yaada miseensonni walgajhichaaa hundi irratti


waliigalan kan hammatu yoo ta’e dhugummaa qaba jechuudha.

- Haa ta’u malee, qaboon yaa’ii yaada miseensonni walgahichaa irratti


waliigalaniin ala kan hammatu yoo ta’e dhugummaafi
fudhatamummaasaa garmalee miidhuu danda’a.

- Kanaafuu, dhugummaafi sirrummaa qaboo yaa’itiif dursi kennamuu


qaba.

B. Iftoomina:
17
- Qaboon yaa’ii tokko fudhatamummaa argachuuf iftoomina qabachuu
qaba.

- Igtoomina qabaachuu yemmuu jedhamu haal namoonni


walgahicharratti hin hirmaatin dubbisanii hubachuu danda’aniin
qophaa’uu ykn barreeffamuu jechuudha.

- Kanaafuu, qaboon yaa’ii iftoomina goonfachiisuuf jecha barreessichi


filannoo jechootaa, gurmaa’ina himootaafi qindoomina yaadaarratti of
eeggannoo olaanaa gochuu qaba. Walumaagalatti, barreessichi yaadasaa
hala loojikaalawaa ta’een dhiyeessuu qaba.

C. Tartiiba

- Qaboon yaa’ii haala gabaabaafi cuunfamaa ta’een qophaa’uufi


duraaduubaan dhiyaachuu qaba.

- Qaboon yaa’ii tartiibummaa qabu adeemsa walgahichaa keessatti


jalqabarraa hanga dhumaatti dhimmoota geggeeffaman walduraa duubaan
dhiyeessa. Goolabaafi murtii irra gahamellee ifatti agrsiisa.

- Qaboon yaa’ii haala kanaan barreeffame; walgahicharratti yaada


akkamiitu dhiyaate? Walgahichi haala akkamiin xummurame? Fi gaaffilee
kana fakkaatan nama dubbisu keessatti hin uumu.

Qaboon yaa’ii amaloota armaan olitti tarreeffaman kanneen guutee barreeffamu


dubbifamummaafi fudhatamummaa olaanaa qaba. Kanaafuu, namni qaboo yaa’ii
barreessu tokko qabxiilee ulaagaa kanneen dagachuu hin qabu.

18
Qaboon yaa’ii dhimma bal’aa ykn dhiphaa hammachuu danda’a. qaboon yaa’ii bal’aas
ta’ee dhiphaan qabxiiwwan gaditti tarreeffaman kan guutu ta’uu qaba.

Qabxiiwwan Qaboon Yaa’ii Hammachuu qabu

 Guyyaa walgahichi itti geggeeffame

 Maqaa dhaabbatichaa [gahee koree sanaa wajjiin]

 Bakka walgahichi itti geggeeffame

 Kaayyoo walgahichaa

 Geggeessitoota walgahichaa gahee isaanii wajjiin

 Hirmaattota wagahichaa gahee isaanii wajjiin [attendance]

 Maqaa hirmaattota hayyamaan hafanii

 Sa’aa walgahichi itti eegalame

 Murtiiwwan walgahii darbee mirkaneessuu

 Mata dureewwan muummichaa qaboo yaa’ii haaraa dhiyeessuu

1.

2.

3.

 Hirmaattonni mata duree biro yoo qabaatan mariif dhiyeessuu

 Marii geggeessuu [discussion]

1.

2.

3.

 Tarkaanfii fudhachuu [action]

19
 Qaama tarkaanfii fudhatu [responsible person]

 Beellama walgahii idilee itti aanu, guyyaa, iddoo,sa’aa murteessuu

 Sa’aa walgahiin itti xummurame.

Faayidaa Qaboo Yaa’ii

 Murtiiwwan walgahirratti darban yaadachuuf

 adeemsafi murtiiwwan waajjirichaa ifa taasisuuf

 murtiiwwan walgahii yeroo birootiif akka muuxannoofi madda


odeeffannootti itti gargaaramuuf

 miseensonni walgahicharratti hin hirmaatin murtiiwwan kennaman akka


beekaniif.

Rakkoowwan Qaboo Yaa’ii

 Miseensonni hundinuu waan itti fakkate waan dubbataniif murtiin


kana jechuun rakkisuu mala.

 Miseensonni qabxii marii tokko osoo hin xummurin kan biraatti


waan darbaniif, waan dubbataniif walitti cuunfuun rakkisuu mala.

 Mariin dheeratee yoo dhiyaate kan faayidaa hin qabnee fi kan


faayidaa qabu addaan baasuun rakkisaa ta’a.

 Namni qaboo barreessu yaada ofi ibsaa ofumaa deebisee


barreessuun waan itti hin mijoofneef

20
 Sirriifi dogongora addaan baasuun ulfaataa waan ta’eef

Qabxiiwwan Marii Garee

1) Yadannoon qaboo yaa’ii akkamitti barreeffama?

2) Ajandaan qaboo yaa’ii maali?

3) Qaboon yaa’ii maali?

21
4) Faayidaan qaboo yaa’ii maali?

5) Unkaawwan gurguddoon qaboo yaa’ii maalfaadha?

6) Rakkoowwan gurguddoon qaboo yaa’ii barreesssuu keessatti nama


muudatan maalfaadha? Falli isaaniihoo maali?

7) Ulaagaawwan ga’umsa barreeffama qaboo yaa’ii murteessan


maalfaadha?

a. Dhugummaa

b. Iftoomina

c. Hawwatamummaa

d. dubbifamummaa

22

You might also like