Aqidaa PDF

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 139

AqiidAA UlAmAA’ii

Teenyaa

Qophii:

Urjii Ahmad

Email: urjiiahmad@hotmail.com

Facebook Peejii: https://www.facebook.com/urjii.ahmad

Twitter: https://twitter.com/UrjiiAhmad
Baafata

Baafata kitaabaa
Baafata kitaabaa ...................................................................... i
Seensa...................................................................................1
Hubachiisa ...........................................................................4
Galata...................................................................................4
Aqiidaan Maali? ................................................................5
 Aqiidaan Shakkii hin qabduu. ........................7
 Aqiidaan tan Haqaatii fii ta dharaatu jira. .8
Ulamaa’oonni keenya Aqiidaa tamirra jiran? ........11
 Ibaadaa Isaan biratti. .....................................13
 Utubaa Ibaadaa..............................................14
 Gosa Ibaadaa ..................................................15
 Maqaa fii Sifa Rabbii keeysatti Aqiida
Ulamaa’oota keenyaa. .................................................19
 Rabbiin Arshiirratti ol tahuu. ..........................19
 Rabbiin gabarran Isaa wajjiin jiraachuu. ..27
 Sifa gad bu’uu. .................................................30
 Sifa Dubbachuutii fii Quraanni jecha Rabbii
tahuu. ..........................................................................33
 Sifa Harkaa.........................................................36

i
Malaaykootatti amanuu. ..............................................39
Kitaabban Rabbiitti amanuu. ......................................40
Ergamtoota Rabbiitti amanuu. ....................................41
Guyyaa Qiyaamaatti amanu ......................................43
Qadaratti Amanu. ...........................................................45
Waan gheeybii kan itti amanuun dirqamaa. ..........45
 Israa fii Mi’iraaja ...............................................45
 Mallattoo Qiyaamaa:.....................................46
Sahaaboota Rasuulaa s.a.w ........................................46
Imaana ...............................................................................48
 Seenaa Ulamaa’oota keenyaa .......................................50
Sheekh Ahmad Watar ....................................................52
Sheekh Muhammad Amiin Al-Karroo ........................60
Sheekh Aadam Tuulaa...................................................68
Abdullaahi Tuqoo ............................................................76
Sheekh Muhammad Amaan Alii Jaamii ...................80
Sheekh Muhammad Rashaad .....................................90
Sheekh Haaji Yuusuf Ciroo ..........................................103
Sheekh Aadam Caffee ................................................112
Dr. Abdushakuur Muhammad ...................................119
Sheekh Muusaa Su’aalaa ...........................................124

ii
Xumura..............................................................................129
Madda barruu tanaa: ..........................................................131

iii
iv
Seensa
Maqaa Rabbiitin Eegala. Nagayaa fii faaruun
Nabi Muhamamd s.a.w irratti haa jiraattu.

Aqiidaan irra caalaa waan Muslimni itti


xiyyeefatuu qabuu fii baruun Isarratti
dirqamaati. Namni Aqiidaa hin beeyne Rabbii
Isaa hin beeku, Ergamaa Isaa s.a.w hin beeku,
Karaa qajeelaa fii karaa jallinaa adda hin
beeku. Wanni kana hunda adda namaaf
baasu Aqiidaa baruudha.

Aqiidaa yoo ni baranna jenne ammoo


Ulamaa’iitti haajamna. Kanaaf Ulamaa’ii
teenyas beekuun barbaachiisaadha.
Eenyurraa amantii fudhanna? Eenyurraa hin
fudhanne? Ulamaa’ii teenya yoo beekuu
baanne, Warri hin beekkamne dhufee anaatu
Ulamaa’ii teeysan nuun jechuutu mala, Inumaa
jechaati jiran.

Ahbaashii amantiin je’amtu Aqiidaa teenya


qofa balleeysuuf hin dhufne, Ulamaa’oota
keenyas balleeysuuf dhufan. Warra falsafaa
Isaanii hordofu kan Libaanoosii fidatan san
Ulamaa’ii teenya godhanii nu fudhachiisuuf,

1
Ulamaa’ii teenya maqaa xureeysuu fii tan
Isaanii faarsuun mala Isaan itti jiran.

Ulamaa’ii teenya yoo nuti sadarkaa Isaanii


beeynee, beekkumsa Isaanii irraa baratuu fii
karaa ammayyaatiin irraa waraabuun yoo
hambisuu baanne warri falsafaa nu dhaaluuf
karaa argata.

Ana malee Ulamaa’iin hin jiru jechuutti


dhihaata. Ammas jechaati jiran.

Kanaaf jecha “onnee dhaban sombaatu


nama duta” je’ee anis waanin hin dandeenye
itti seene. Ahbaashii Ulamaa’ii teenya arrabsitu
arge, tan Jaahiloota Isaanii faarsitu arge, Ani
akkamittin Ulamaa’ii teenyarraa xiqqollee
taatu hin deebifne jechuun natti dhagayamte.

Akkasitti Seenaa Isaanii xiqqo xiqqo waanuman


dhagaye walitti qabuuf Niyyadhee itti seene.

Dogongora hedduu qabaachuun kiyya ni


mala, Ahbaashii Ulamaa’ii teenya arrabsitu
dogongora sodaaf jalaa hin callisu jechuunin
bahara daakee keeysaa bahuu hin
dandeenye kanatti seene.

2
Badii fii dogongora argitan na gorfachuu fii
haqa na garsiiuun ammoo dirqama
Obbolummaa Islaamaati. Anis Qeebalee itti
qajeeluuf qophiidha.

Kunoo Aqiidaa fii Seenaan Ulamaa’ii teenyaa


amma si harka jira. Xiqqaattu guddifadhuu
keeysa babahii, Kheeyrii gartu fudhu,
Dogongora na beeysisi, Aqiidaa tanaan
Ahbaashii dhawii. Ulamaa’ii teenya dhaqii
Ziyaarii, kabajii, beekkumsa Isaanii irraa fuudhi.

Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun


anumaa fi si eeggatti beeki.

Yaamichi kiyya Isin hundaaf: Ulamaa’iin teenya


Amma Osoo lubbuun jiranii, waan Isaan
barsiisan jalaa waraabuu, seenaa Isaanii akka
kataban Isaan jajjabeeysuu fii Nutis waan Isaan
dubbatan jalaa katabuun dhaloota dhufu
Aqiidaa Isaa haa tiysinu.

Nagayaa fii Rahmanni Nabi Muhammad s.a.w


irratti haa jiraatu.

Urjii Ahmad

Shaaban 26, 1435 Hijira ykn June 24, 2014

3
Hubachiisa
Kitaaba kana abbaan fedhe copy godhuu,
Maxxansuu fii Raabsuu ni dandaha.

Gama Intarneetiin guutuu kitaaba kanaa tahee,


muraasa Isaa facaasuun ni hayyamama. Garuu
Maqaa kiyyaa fii Maqaa kitaabaa jijjiruun ammoo
Gheshii ykn ganinsa je’ama.

Rabbi warra ganu hin jaalatu.

Galata
Galanni kan Rabbiiti. Garuu namni namaaf galata
hin galchine, Rabbiifis galata hin galchu jechuutu
jira.

Ulamaa’oota keenya warra rakkatee baratee nu


barsiise galanni keessan Jannatal firdoos haa tahu.

Obboleeysa kiyya kan footoo fuula dura (Cover)


naaf tolche, Seeyful Islaam Rabbi galata keee
Jannata haa godhu.

Obboleeyyan kiyya kanneen Footoo


Ulamaa’ootaa, Seenaa Isaanirraa waan beeytan
naaf hiraa turtan, Galannai keeysan Jannata haa
tahu. Akkasumas Obboleeyyan osoo wal hin
beeyne Rabbiif jecha Yaada gaggaarii gama
facebook irratti naaf kennaa turtan hunda keessan,
Rabbii milkii adunyaa fii akhiiraa Isiniif haa kennu.

4
Aqiidaan Maali?
Aqiidaan hundee jecha Afaan Arabaa Aq’d
ykn Aqada jedhurraa dhufte.

Hidhuu fii Jabeeysuu jechuudha hikkaan


Afaanii.

Gama Amantiitiin hiikan Aqiidaa hoggaa je’an


wanni itti fedhamu waan namni shakkii malee,
qalbii guutuun itti amanu jechuudha. Amantii
shakkiin keeysa hin dhufne tahuu Isiiti.

Aqiidaan Yaada Qalbiin itti murattee amantu.1

Shari’aa Islaamaatti Aqiidaan waan Qalbiin itti


amanani, Murtii sammuun itti amanuun
dirqamaati.

Hundeen Aqiidaa tan itti amanuun dirqamaa


tan Rabbiin Quraanaatti dubbatee fii tan
Rasuularraa s.a.w hadiisaan sabatte qofa.

Utubaa Aqiidaan Islaamaa irratti dhaabbattu


Rabbiin hoggaa ibsu akkana je’e:

1
. Sharhu Aqiidatil Waasixiyyaa Sheekh Useeymin: 34

5
َ َٰٓ َ َ َ َّ َ َ َ ٌّ ُ َ ُ ۡ ُ ۡ َ َ َ ُ ٓ َ ُ ُ َّ َ َ َ
‫لئِكتِهِۦ‬ ‫ون ُك ءامن بِٱَّللِ وم‬ َۚ ‫نزل إ ِ َۡلهِ مِن َّربِهِۦ وٱلمؤمِن‬ ِ ‫ءامن ٱلرسول بِما أ‬
َ َ ُۡ َ ْ ُ َ َ َ ۡ ‫َو ُك ُتبهِۦ َو ُر ُسلِهِۦ ََل ُن َفر ُق َب‬
‫ۡي أ َح ٖد مِن ُّر ُسلِهَِۚۦ َوقالوا َس ِم ۡع َنا َوأ َط ۡع َناۖ غف َرانك َر َّب َنا‬ ِ ِ
ۡ
ُ ‫ك ٱل َم ِص‬ َ َۡ
٢٨٥ ‫ري‬ ‫ِإَوَل‬

“Rasuulli amanee waan Rabbii Isaatirraa gama


Isaatti buufametti, Mu’mintoonnis (amanan).
Hundi Allaahatti amane, Malaaykoota Isaatti,
Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti. (Isaan ni
je’an), gargara hin baafnu jidduu tokkoo
Ergamtoota Isaa, ammas ni je’an, Dhageenye,
Qeeballe (ee jennee fudhanne). Araarama
kee barbaanna Yaa Rabbii keenya, Gama
keeti deebiin (waa hundaa).”2

Rabbiin Aayata tana keeysatti Arkaana


Iimaanaa kan itti amanuun nama hundarratti
dirqamaa ibsee jira. Aqiidaan haqaa
utubaalee Imaanaa kana Amanuurratti gad
dhaabbatti.

Akkasuma Rasuulli s.a.w Hadiisa Jibriil gaafii


Isaaf dhiheeysee Nabiyyiin deebisu keeysatti
Utubaa Aqiidaa Muslimaa kan tahe Arkaana
Iimaana Ibsee jira.

2
. Al-Baqaraah: 285

6
Deebii Jibriiliif deebise keeysatti “Iimaana
Jechuun: Allaahatti Amanuu, Malaaykoota
Isaatti, Kitaabban Isaatti amanuu, Ergamtoota
Isaatti amanuu, Guyyaa irraa boodaatti
(du’aanii kaafamutti) amanuu, fii Qadaratti
amanuudha” jechuun ibse.

Kanaaf Aqiidaan Muslimaa waan Rabbii fi


Rasuulli s.a.w itti amanuun dirqama jedhan
kana qalbiin itti murattee shakkii malee
amanuu irratti jaaramati.

Waan Rabbii fii Rasuularraa s.a.w dhufe hunda


guutumaan guututti amanuutu Aqiidaa
Islaamaa jedhama.

 Aqiidaan Shakkii hin qabduu.

Aqiidaa jechuun amantii shakkiin malee onnee


guutuun amanani. Aqiidaa je’amuuf amantii itti
muratan tahuu qabdi. Yoo shakkiin itti dhufte
Aqiidaa osoo hin taane, seete ykn shakkii taati.

Rabbiin mu’mintoota Amantii Isaanii hoggaa


ibsu warra eega amane shakkii keeysa hin
seenne jechuun Isaan ibsa.

Rabbiin akkana je’e:

7
ْ ُ َ ۡ َ ۡ َ َّ ُ َّ ْ ُ َ َ َ َّ َ ُ ۡ ُ ۡ َ َّ
ِ ‫ٱَّللِ َو َر ُس‬
‫وِلِۦ ثم لم يرتابوا‬ ِ ‫إِنما ٱلمؤمِنون ٱَّلِين ءامنوا ب‬

“Mu’mintoonni warra Allaaha fii Ergamaa


Isaatti amane qofa, Kan eegasii hin shakkine.”3

Kanaaf Aqiidaan Shakkii waan je’amu


takkalleen irra hin dhuftu jechuudha, warra
Aqiidaa san qabu biratti.

Aqiidaan waan hin argin (gheeybii) amanuu if


keessaa qabdi. Utubaan Aqiidaa Rabbitti
amanuun eegala, Rabbi hin agarre itti
amanuun dirqama, Malaaykaa hin agarre itti
amnuun dirqaman, Guyyaa qiyaamaa hin
agarre itti amanuun dirqama, Kanaa fii waan
kana fakkaatu kan Rabbii fii Rasuularraa s.a.w
nutti dhufe hunda Shakkii malee itti amanuun
dirqama.

 Aqiidaan tan Haqaatii fii ta dharaatu jira.


Ilmi namaa wanni qalbiin itti muratee shakkii
malee amanu Aqiidaadha.

Kanaaf Aqiidaan tan Haqaa takkitti qofaa miti,


Ilmi namaa Aqiidaan Isaa lamarraa takka
tahuun hafa hin qabu.

3
. Al-Hujuraat: 15

8
Sunis:

Aqiidaa haqaa: Suni Aqiida Islaamaa tan


Rabbiin Ergamtoota maraan erge. Isiin
takkittiidha. Rabbiin eega Ilmaan namaa
uumee hanga guyyaa qiyaamaatti, Aqiidaa
haqaa takkitti saniin nama Isa qunnamu
qofarraa qeebala, sanumaan Ergamtoota
hunda erge.

Aqiidaa Dharaa: tuni Aqiidaa ilmi namaa karaa


Rabbirraa goree ifiif uume ykn Sheeyxaanni
uumeefii Isaan itti amanan jechuudha.

Waan dharaa san qalbiin Isaanii itti muratteeti


jala deeman. Kiristaanaa fii Yahuudaan
Aqiidaa dharaarra jiran, Garuu shakki malee
dhara sanitti muratanii amanan.

Rabbiin ilmoo qaba jechuun kiristaana biratti


Aqiidaadha. Aqiidaa tana Isaan shakki malee
itti amanan.

Warri Waaqeeyfataa lagaa fii Muka adda


addaa guddisuu fii barakaa qaba je’anii itti
amanuun aqiidaa Isaaniiti. Aqiidaan sun Isaan
biratti Shakkii hin qabdu, hanga Haqa Rabbi
Isaan garsiisuu.

9
Amantiin Budii (Budist) Dhagaarraa Waaqa
tolfatanii itti amanan, waan ifiif tolchan san
akka balaa Isaanirraa deebisuu fii waan gaarii
Isaaniif fiduu dandahu godhanii shakkii malee
itti amanan. Haalli warra dharaa hundi
akkanuma, Waan irra jiran san shakkii malee
qalbiin Isaanii fudhattee jirti. Suni Aqiidaa
Isaaniti je’ama.

Ahbaashiin Qabrii Awliyaa ykn warra gaggaarii


dhaqanii irratti qalanii Rabbi kadhachuu fii
Isaanuma warra du’e san kadhachuunis balaa
namarraa deebisa, waan gaarii namaa fida
jedhanii itti amanan. Abdullaahi Harariin Namni
du’e yoo kadhatan qabrii bahee haajaa
namaaf fixee qabritti deebi’a jechuu barsiisa.
Warri Isa jala deemu waan kana shakkii malee
itti amanan. Suni Aqiidaa Isaaniiti jechuudha.

Haala kanaan Aqiidaan Namni dharaan itti


amanee jala deemuu fii tan Isiif jecha jiraatu
hedduu lakkaawamtee hin dhumtu.

Aqiidaan haqaa takkittii qofa. Sun Aqiidaa


Islaamaa tan Amabiyoota hundaati.

10
Ulamaa’oonni keenya Aqiidaa tamirra jiran?
Ulamaa’oonni keenya Aqiidaa takkitti Rabbiin
ilmaan namaatiif file sanirra jiran. Aqiidaa san
barachuuf bu’aa bahii meeqa dabranii
baratan. Isii barsiisuuf rakkoo meeqaatam
arganii irratti obsan.

Aqiidaa Nabiyyiirraa s.a.w Sahaabaan baratte,


tan Sahaabarraa warri Salafootaa baratan, tan
Ulamaa’iin durii hanga arraa osoo waliif
dabarsan nuun geeysan, Suni Aqiidaa
Ahlusunnaa WalJama’aati, Aqiidaan Isaaniiti.

Aqiidaan Isaanii maalii eega beeyte, Ballinaan


waan isaan itti amanan sitti himaa qabadhu.

 Aqiidaan Isaanii Arkaana Iimaanaatti


amanuudha.

Utubaa Iimaanaa jahan shakkii malee itti


amanuun Aqiidaa Ulamaa’oota keenyaati.

Utubaan Jahan Imaanaa sunis:

Allaahatti Amanuu, Malaaykootatti Amanuu,


Kitaaboota Rabbiitti amanuu, Ergamtoota
Isaatti amanuu, Guyyaa dhumaa
(Qiyaamaatti) amanuudha, Murtii Rabbii gaarii
fii hamtus amanuudha.

11
Ulamaa’oonni keenya Arkaana Jahan kana
waan Inni dirqama godhatu hundaa wajjiin
amanan.

Allaahatti amanuu jechuun Isaan biratti:


Gooftummmaa Rabbii amanuu, Gabbaramaa
haqaa tahuu Isaa amanuu, Maqaa fii Sifa Isaan
malte qaba je’anii amanuu if jalaa qaba.

Kanas Towhiida haala sadeen kanaan


amanuun diqama jechuun Ibsan.

Isaanis:

Towhiida Rubuubyyaah: Gooftummaa Rabbii,


kan Uumuu, kan ajjeese, kan Razaqu, Mootii
dachii samii tahuu Isaa amanuudha.

Towhiida kanatti amanuu qoftiin gahaa miti.


Rabbiin na uume, na ajjeesa, na razaqa
jechuun namni amanu hundi Muslima hin
je’amu, Amantiileen lafa kanarra jiran hundi
Rabbiin gooftaa waa hundaa uumee, kan
ajjeesu tahuu ni amanan.

Wanni dirqamaa kan itti dabalamuu qabu


Gabbaramaan haqaa isa malee hin jiru
jechuun amanuudha. Sani gosa qooda
Towhiidaa lammaffaadha taha.

12
Towhiida Uluuhiyyaah: Haqaan gabbaramaan
Allaaha malee akka hin jirre amanuu, Ibaadaa
hunda Isuma qofaaf godhuu, Isuma qofa
kadhachuu, Isa qofa Sodaachuu, Isa qofaaf
gad if qabu, Isa qofaaf qodhaa qaluu fii k.k.f
hunda Isumaaf godhuudha.

Hikkaan Laa Ilaaha Illallaah Towhiida kanaan


guuttamti.

Towhiida Asmaa wa Sifaat: Kunis maqaa


babbareedaa fii sifa Rabbiin ifiif sabachiise,
akkasuma tan Ergamaan Isaa s.a.w Isaaf
sabachiise Isa qofaaf akka Isaan malutti
sabachiisuun amanuudha.

Maqaalee Rabbii fii Sifoota Rabbii uumaaf


kennuu dhabuudha.

Haala sadeen kanaan Allaahaatti amanuun


Aqiidaa Sahabootarraa dhaalamaa Ulamaa’ii
teenya bira geeyse.

 Ibaadaa Isaan biratti.

Ibaadaa jechuun Ulamaa’oota keenya biratti:


Waan Rabbiin jaalatu hunda, dalagaa fii

13
jecharraa kan mul’atu tahuu, kan hin Mullanne
tahuu.

Ibaadaan Mullattu tan akka Shahaadaa


Afaaniin jechuu, Salaata, Zakaa…

Tan hin mullanne akka Rabbitti amanuu,


Ergamtoota hundatti amanuu, Rabbirraa
kajeeluu, Rabbi sodaachuu…

 Utubaa Ibaadaa
Ibaadaan Utubaa lamarratti dhaabbatti, Yoo
lamaan sanirraa tokko hin jiraanne Ibaadaa hin
je’amtu.

1. Ikhlaasa: Rabbi qofaaf dalaguu


jechuudha.
Ibaadaa fuula Rabbi barbaada qofaaf
dalagantu Ibaadaa je’ama, wanni sanii achii
tan galata namarraa itti barbaadan ykn tan
gurra itti barbaadan hundi isii Ibaadaa hin
taatu.

2. Ergamaa Rabbii jala deemuu.

Ibaadaa hunda keeysatti karaa Rasuulli s.a.w


Rabbi ittiin gabbaree fii karaa Inni itti ajaje
qofaan dalagamuu qabdi. Ammoo
beekkumsa malee namni hundi karaa fedheen

14
Ibaadaan dalaga yoo je’e, sun Bid’aa Rasuulli
s.a.w irraa dinniine taati.

Ibaadaan Utubaa lamaan kana malee


dalagamte hundi Rabbi biratti hin qeebalamtu,
hin Jaalatamtu. Namni Ikhlaasaan Rabbiif
jecha Ibaadaa dalagee, karaa Rasuulli s.a.w
dalageen faalleeyse Bid’aadha jalaa taati, hin
qeebalamtu.

Rasuula s.a.w jala deemee ibaadaa hunda


dalage, garuu Rabbiif jecha Ikhlaasaan hin
daleeyne, tunis Rabbi biratti hin qeebalamtu.

Gosti Ibaadaa hundi seera lamaan kana


malee hin qeebalamtu jechuudha.

 Gosa Ibaadaa
Ulamaa’oonni keenya gosa Ibaadaa hunda
Rabbi qofaaf godhuutu dirqama je’anii
amanan, San barsiisan. Rabbi wajjiin kan
ibaadaa haqa godhatu tokkolleen hin jiru. Jinnii
tahuu, Nama tahuu, Malaaykaa tahuu, Muka
tahuu, Dhagaa tahuu, laga tahuu waan
Ibaadarraa tahe tokkolleen haqa hin
godhatan.

15
Gosoonni Ibaadaa tan Rabbiin itti ajaje
hedduudha.4 Sanirraa:

Arkaana Islaamaa Shanan, Arkaana Imaanaa


Jahan, Arkaana Ihsaanaa, Ammas
Ibaadaaleen biroo ta Rabbi qofaaf tahuu
qabdu, tan akka Du’aaii, Sodaa Rabbii,
Kajeellaa, Tawakkula (Rabbitti Irkatuu), gad if
qabuu, gargaarsa Rabbi qofarraa barbaaduu,
Dirmachuu Rabbi qofarraa barbaaduu
(Istighaasaa), Qaluu fii Rabbi qofaaf qodhaa
godhuu gosoota Ibaadaa irraahi.

Ragaan Ibaadaa Rabbi qofaaf godharratti


qajeelchu Quraanaa fii Hadiisa keeysa
hedduudha.

Sanirraa Rabbiin akkana je’a:


ٗ َ َّ ْ َ َ َ َّ َ
َٰ َ ‫َوأ َّن ٱل ۡ َم‬
١٨ ‫ج َد َِّللِ فَل ت ۡد ُعوا َم َع ٱَّللِ أ َحدا‬
ِ ‫س‬

“Masjiddan Allaaha qofaafi; Kanaafuu Hin


yaammatinaa (Hin kadhatinaa ykn hin
gabbarinaa) Allaaha wajjiin tokkollee.”5

4
. Sharhuu Usuul Salaasaa Sheekh Muhammad Amaan Alii Jaamii:
fuula 49-65 Ibsa bal’aa ni argattan.
5
. Al-Fajri: 18

16
Gostii Ibaadaa tan dubbatamte hundi ragaan
Isii Quraanaa fii Hadiisa. Ulamaa’iin teenya
haala kanaan Ibaadaa hunda ragaa Isii wajjiin
ibsanii nu barsiisan.

Du’aa’iin Rabbi qofaaf tahuu qabdi. Ragaan


kanaa jecha Rabbii ol taheeti:
َ َّ َ ‫اخ َر ََل بُ ۡر َهَٰ َن َ ُِلۥ بهِۦ فَإ َّن َما ح َِسابُ ُهۥ ِع‬
َ َ ً َٰ َ َّ َ َ ُ ۡ َ َ َ
‫ند َربِهَِۚۦٓ إِن ُهۥ َل‬ ِ ِ ‫ومن يدع مع ٱَّللِ إِلها ء‬
َ َ ۡ ۡ
١١٧ ‫ُيفل ُِح ٱلكَٰف ُِرون‬

“Inni Allaaha wajjiin gabbaramaa biroo


yaammate (kadhate), kan ragaan waan sanitti
Isaaf hin jirre, Herregni Isaa Rabbii Isaa biratti
tahaadha. Dhugumatti Kaafirtoonni hin
milkaawan.”6

Allaaha wajjiin waan biroo kadhachaa


Ibaadaan nama hin fayyaddu. Rabbi
kadhachaa waan biroo waan wajjiin
kadhateef eega Ibaadaan Isaa waa takkallee
Isa hin fayyanne, kan Rabbi dhiisee waan biraa
kadhatu daran irra hammaata jechuudha.

Waan biraa Rabbi wajjiin yaammachuun kufrii


akka taate Aayaanni adeeysitee jirti.

6 . Al-Mu’minuun: 117

17
Kaafirtoonni hin milkaawan Isaaniin je’e Rabbiin
Osuma Isa kadhatanii, Sababaa waan biraa
wajjiin kadhatuu Isaaniitiif.

Rasuulli s.a.w “Du’aa’iin Ibaadaadha.”


Jechuun Rabbi malee waan baraa akka
kadhachuun hin taane addeeysee jira.

Namni waan kadhatu saniif if xiqqeeysee,


Jaalalaan kajeellaa biraa qabuuf jecha
kadhata. Kadhaan akkasii sun Rabbi qofaaf
haqa godhamti.

Tuni Aqiidaa Ahlusunnaati, Aqiidaa


Ulamaa’oota keenyaati.

18
 Maqaa fii Sifa Rabbii keeysatti Aqiida
Ulamaa’oota keenyaa.

Aqiidaan Isaanii waan sifa Rabbirraa tahe kan


Quraanaa fii Hadiisa keeysattii dhufe hunda
akkuma dhuftetti sabachiisanii dabarsuudha.
Waan Rabbii fii Rasuulli s.a.w sifa Rabbii
keessatti hin dubbatin hunda, irraa callisuu fii
Rabbitti irkisuu dhabuun Aqiidaa Isaaniiti.

Sifoota Rabbii waan Quraanaa fii Hadiisa


keeysatti dhufe, Uumaatti osoo hin fakkeeysine,
Akkaataa osoo itti hin goone, osoo hin dinne,
Akka Rabbiin malutti je’anii sabachiisuun
Aqiidaa Isaaniiti.

Sifoota Rabbii kanneen Ulamaa’iin teenya


sabachiisuudhaan nu barsiisan, kan Ahbaashiin
diddurratti xiyyeefachuun haa laallu.

 Rabbiin Arshiirratti ol tahuu.


Ulamaa’iin teenya akkuma Rabbiin ifiin je’e,
Rabbiin Arshiirratti ol tahuu ni amanan, nullee
nu barsiisanii jiran.

Rabbiin Arshiirratti ol tahuu Aayaanni dubbattu


Quraana keeysatti suuraa torba tan adda
addaa keessatti dhufte.
19
Isaanis:

1. Suuraah A’araaf keeysatti Rabbiin


akkana je’a:
ۡ َ َ َٰ َ َ ۡ َّ ُ َّ َ َّ َ َۡ َ َّ ‫ٱَّلل َّٱَّلِي َخلَ َق‬ ُ َّ َ َّ
ُ َّ ‫ك ُم‬
‫ى لَع ٱل َع ۡر ِش‬ ِ َٰ ‫ٱلسم َٰ َو‬
‫ت َوٱۡلۡرض ِِف سِتةِ أيا ٖم ثم ٱستو‬ ‫إِن رب‬

“Rabbiin keeysan Allaaha, Isa Samii fii dachii


qixa guyyaa jahaa keessatti uume, Eegasii
Arshiirratti ol tahe.” A’araaf: 54

2. Suuraah Yuunus:
ۡ َ َ َٰ َ َ ۡ َّ ُ َّ َ َّ َ َۡ َ َّ ‫ٱَّلل َّٱَّلِي َخلَ َق‬ ُ َّ َ َّ
ُ َّ ‫ك ُم‬
‫ى لَع ٱل َع ۡر ِش‬ ِ َٰ ‫ٱلسم َٰ َو‬
‫ت َوٱۡلۡرض ِِف سِتةِ أيا ٖم ثم ٱستو‬ ‫إِن رب‬

“Rabbiin keeysan Allaaha, Isa Samii fii dachii


qixa guyyaa jahaa keessatti uume, Eegasii
Arshiirratti ol tahe.” Yuunus: 3

3. Suuraat Ar’ad:
ۡ َ َ َٰ َ َ ۡ َّ ُ
‫ى لَع ٱل َع ۡر ِش‬ ‫ۖۖ ثم ٱستو‬

“Eegasii (Rabbiin) Arshiirratti ol tahe.” Ar’ad: 2

4. Suuraa Xahaa
َ َ ُ َ ۡ َّ
ۡ ‫لَع ۡٱل َع ۡر ِش‬
َٰ ‫ٱس َت َو‬
٥‫ى‬ ‫ٱلرحمَٰن‬

20
“Ar-Rahmaan Arshiirratti ol tahe.” Xahaa: 5

5. Suuraa Furqaan keeysattis Rabbiin


akkana je’a:
ۡ َ َ َٰ َ َ ۡ َّ ُ َّ َ َّ َ َۡ َ َّ ‫َّٱَّلِي َخلَ َق‬
‫ى لَع ٱل َع ۡر ِش‬ ‫ت َوٱۡلۡرض َو َما بَ ۡي َن ُه َما ِِف سِتةِ أيا ٖم ثم ٱستو‬
ِ َٰ ‫ٱلسم َٰ َو‬

Inni (Rabbiin) Samiwwanii fii dachii ammas


waan Isaan lamaan jidduu jiru qixa guyyaa
jahaa keeysatti uume, eegasii Arshiirratti ol
tahe.” Al-Furqaan: 59

6. Suuraah Sajiida keeysattis Rabbiin


akkana je’e:
ۡ َ َ َٰ َ َ ۡ َّ ُ
‫ى لَع ٱل َع ۡر ِش‬ ‫ثم ٱستو‬

“Eegasii Arshiirratti ol tahe.” As-Saajidaah: 4

7. Suuraat Al-Hadiid:
ۡ َ َ َٰ َ َ ۡ َّ ُ
‫ى لَع ٱل َع ۡر ِش‬ ‫ثم ٱستو‬

“Eegasii Arshiirratti ol tahe.” Al-Hadiid: 4

Aayaatoonni torban dabran kun hundi, Jecha


Afaan Arabaa (Istawaa) jedhuun dhufan.

21
Istawaa jechuun ammoo ol tahuu jechuudha
Afaan Oromootiin.

Aayaatoota kana hadiisaa fii Aayaatoonni


biroo kan hikkaa kana fakkaatu qaban
hedduudha. Hundi isii Rabbiin Uumaa Isaatirraa
ol tahuudha ibsiti, Ammoo Aayaatoonni torban
tuni Rabbiin eega dachii fii samii uume booda
Arshiirratti ol tahuurratti qajeelchiti. Rabbiin Ol
tahinsa Isaan malu ol tahe, Hikkaa waliigalaa
kan ol tahe je’u kana malee wanni beeynu kan
biraa hin jiru.7

Rabbiin Arshiirratti ol tahuu Hadiisoonni


sabachiisanis hedduudha.

Sanirraa:

Rasuulli s.a.w “Allaahaan kitaaba Isaa kan Arshii


olitti jiru keeysatti Rahmanni tiyya dallansuu
kiyyarra caalte/heddummaatte jechuun
galmeeyse.” Jedhan.

Ammas Hadiisa gabrittiidhaan “Rabbiin eeysa


jira?” jechuun gaafate keeysattis Rabbiin
uumaa Isaati olitti ol tahuun Sabatee jira.

7
. As-Sifaatil Ilaahii Sheekh Muhammad Amaan Al-Jaamii: 226

22
Sahaabtichi Mu’awiyaa binu Al-Hakam
jedhamu Gabritti Isaa tan ra’ee Isaaf eeydu,
sababaa Ra’ee takka Yayyin jalaa nyaatteef
kabalee sheenawe. Bilisoomsuuf yaadee
Rasuula s.a.w gaafannaan Rasuulli s.a.w fidi
je’een.

Intala qabee Rasuula s.a.w bira geeyse. Rasuulli


s.a.w “Rabbiin eeysa jira?” jechuun gaafate.
Gabrittiin “Samii olitti jira.” Jetten. “Ani eenyu?”
jedheen. “Ati Ergamaa Rabbiiti” jetten. Rasuulli
s.a.w “Bilisoomsi Isiin Muslimaa” jechuun ragaa
baheef. Hadiisa Muslimtu gabaase.

Akka Hadiisa kanarraa hubannutti, Rasuulli


s.a.w Intala gaafii lama qofa gaafatee,
sanumaan akka Isiin Mu’mina taate ragaa
baheef.

Rabbii eeysa jira? Deebiin Samii oli jira.

Ani eenyu? Ati Ergamaa Rabbiiti.

Badhaasni deebii ammoo Isiin Mu’minaati


bilisoomsi jechuun Rasuuli s.a.w ragaa isiif
bahuudha.

Rabbiin ol tahuu gabrittiin Osuma hin baratiin


beeyti. Rabbiin ilmaan namaa kan Isa beekan

23
uume, Amantii Fixraatirra jirti, falsafaa fii kijiba
adda addaatiin hin bocalamne.

Kanaaf Rabbiin eeysa jira je’anii gaafatuun


badii takkallee hin qabu. Yoo Rabbiin eysa jira
jedhan, deebiin Samii oli ykn Arshiirratti ol tahe
jechuudha. Gaafiin akkanaa Rabbirratti hin
gaafatamu jechuun warri odeeysan jallina fii
wallaalaatu Isaanitti jira. Waan Rasuulli s.a.w nu
dura gaafate nutis ni gaafanna jechuun
aqiidaa Ulamaa’oota keenyaati.

Rabbiin Arshiirratti ol tahuun waan shakkii


qabuu miti. Hedduminni ragaa kan
lakkaawamee hin dhumu. Ulamaa’oonni
heddumina ragaa irraa ka’anii Ragaa adda
qoodan. Ragaa Arshiirratti ol tahe jechuun
dhufe, Ragaa samii olitti ol tahe jechuu qofaan
dhufe, ragaa waa Isa bira ol koruu fii Isa biraa
gad bu’uu Ibsu, Ragaa Aqlii, ragaa hedduu
fidde Ulamaa’iin ol tahinsa Rabbii sabachiisuuf.

 Ulamaa’oonni keenya Rabbiin Arshiirratti


ol tahurraa maal dubbatan?

Sheekh Muhammad Amaan Alii Jaamii kitaaba


Isaanii As-Sifaatu Ilaahii keeysatti Rabbiin
Arshiirratti ol tahuu Isaa amanuun dirqama.

24
Quraanaa fii Hadiisa akkasumas Sahaabaa fii
warri Isaan boodaa hundi akkas amanan
jechuun ragaa hedduu fidee ibsee jira.8

Sheekh Muusaa Su’aalaa tafsiira sagaleen


Waraaban keeysatti Rabbin arshirratti akka
Isaan malutti ol tahe, ol tahisa Isaan malu.
Hikkaa jijjiruu fii fakkeeysuu, akkaataa itti
godhuu fii didunis hin taatu jechuun ibsanii jiran.

Sheekh Haaji Yuusuf, Sheekh Aadam Tuulaa,


Sheekh Ahmad Watar, Dr. Abdushakuur, Dr.
Jeeylaan, Dr. Kamaal Galatuu fii Ulamaa’oonni
keenya kan biraatis Rabbiin Arshiirratti akka
Isaan malutti ol tahe jechuudha barsiisan. Tuni
Aqiidaa Isaaniiti.

Aqiidaan Ahbaashii Aayaatootaa fi Hadiisoota


Rabbiin Arshiirratti ol tahuu sabachiisu hunda
hikkaa jijjiruu fii diduu irratti gad dhaabbatti.
Isaan sifa Rabbiin ifiin yaame hin amanan,
Akkasuma Sifa Rasuulli s.a.w Rabbiin yaame hin
amanan. Tan fedhan fudhatanii, tan biraa
lakkisan. Aqliin teenya ykn falsafaan teenya hin

8
. As-Sifaatul Ilaahii: 225-237

25
qeebaltu jechuun Quraanaa fii Hadiisa dura
dhabbatan.

Isaan akki jedhan “Rabbiin ol hin jiru, gad hin


jiru, mirga hin jiru, bitaa hin jiru, adunyaa keessa
hin jiru, adunyaa alas hin jiru.” Bakka takkallee
hin jiru.

Duuba jechoota Isaanii kan dharaa kana


Mu’taziilaa firqaa jedhamturraa dhaalan.
Ragaa tokkoon maleetti Aayaata Rabbii
hedduu dhiisanii, hadiisa Rasuulaa s.a.w irraan
tarkaanfatanii Rabbiin uumaa Isaati olitti
jiraachuu Isaa didan.

Aqiidaa Ulamaa’ii teenyaa tan Quraanaa fii


Hadiisarratti dhaabbatte moo tan Ahbaashii
tan kijibarratti dhaabbatte filanna?

Rabbiin Arshiirratti ol tahe, uumaa Isaati ol jira,


Aqiidaa Ahlusunnaa qulqulluun tana.

26
 Rabbiin gabarran Isaa wajjiin jiraachuu.

Rabbiin Arshiirratti ol tahuu Isaatii fii uumaa


Isaati olitti jiraachuu Isaa Ulamaa’oonni keenya
akka amanan arginee jirra.

Akkasuma Rabbiin gabroottan Isaatii wajiin


jiraachu Isaa ni amanan.

Rabbiin gabroottan Isaatii wajjiin jiraachuu


Quraana keeysatti dubbatee jira. Sifa wajjii
jireenya Rabbii kana Ulamaa’oonni keenya
bakka lamatti qoodaniiti laalan.

Isaanis:

1. Wajji jireenya waliigalaa: Rabbiin akka


waliigalaatti gabroottan Isaa hundaa
beekkumsa Isaatiin wajjii jira. Beekkumsi
Rabbii Isaaniin marsee jira.

Kanaaf ragaan jecha Rabbii ol taheeti:


َ ُ َ ُ ُ َ َۡ ۡ ُ َ َ ُ َ
ُ َّ ‫نت ۡم َو‬
٤ ‫ٱَّلل ب ِ َما ع ۡع َملون بَ ِصري‬ َۚ ‫ۖۖ وه َو معكم أي َن ما ك‬

27
“Inni Isin wajjiin jira (beekkumsa Isaatiin), bakka
argamtan hundatti. Allaahaan waan Isin
daleeydan argaadha.”9

Rabbiin beekkumsa Isaatiin bakka hundatti nu


wajji jira.

2. Wajji jireenya kophaa ykn kan addaa:


Rabbiin gabroottan Isaatirraa warra
filate, warra Isa sodaatu, warra ibaadaa
tolchu, warra obsuu ammoo akka
addaatti gargaarsaa fii tumsa Isaaniif
godhuun Isaan wajji jira.

Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:


َ ۡ ُّ ُ َ َّ َّ ْ َ َّ َ َّ َ َ َ َّ َّ
١٢٨ ‫ِين هم ُّمس ُِنون‬
‫إِن ٱَّلل مع ٱَّلِين ٱعقوا وٱَّل‬

Allaahan warra Rabbi sodaatu wajjiin jira,


ammallee Isaannan Ibaadaa tolchan wajji
jira.”10

Rabbii warra Isa sodaatu fii warra Ibaadaa


tolchuu wajjiin jira jechuun, Isaaniif tumsuu fii
Isaan gargaaruun hoggayyuu Isaan wajji jira
jechuudha.

9
. Al-Hadiid: 4
10
. An-Nahl: 128

28
Ragaan kana akka gaaritti ibsuu Rasuulli s.a.w
gaafa Makkaa Hijiraa bahe, Abuu Bakrii wajjiin
gaara keeysatti dhukatan, Warri Makkaah
Rasuula ajjeefna jedhanii Isaan barbaada
dhufanii mataa gubbara Isaa dhaabbatan.
Hoggaa san Abuu Bakri rifate, Rasuulli s.a.w
Abuu bakriin akki je’e:
َۡ َ
َ َّ ‫َت َز ۡن إ َّن‬
ۖ‫ٱَّلل َم َع َنا‬ ِ ‫َل‬

“Hin gaddin Allaahan nu wajji jira.”11

Rabbiin ol tahe Isaanii wajji jira, Tumsa Isaatiin,


Isaan tiysuun, Isaanirraa hamtuu deebisuun
Isaan wajji jira.

Rabbiin gabroottan Isaatii wajji jira jechuun,


Zaataan gad bu’ee bakka hunda Isaan wajjiin
jira jechuu miti. Akkasitti hikkuun Shari’aa fii
seera Afaaniitiin waan sirriitii miti. Wajji jira
jechuun dirqama zaataan wajji jira jechuu hin
kennitu.

Rabbiin Beekkumsaan gabroottan Isaa hunda


wajji jira. Wanni beekkumsa Isaatii ala jiru

11
. At-Towbaa: 40

29
tokkolleen hin jiru. Isaan hunda quba qaba.
Beekkumsi Isaa Isaaniin marsee jira.

Akkasuma Rabbiin gabroottan Isaa keeysaa


warra Amanee waan Inni itti ajaje hunda
dalagu, Tumsaa fii Isaan tiiysuudhaan isaan
wajji jira.

Haala kana lamaaniin Rabbiin gabroottan wajji


jira jechuun Aqiidaa ulamaa’oota keenyaati.
Aqiidaan tun Aqiidaa Sahaabootarraa warri
salafaa dhaale.

 Sifa gad bu’uu.

Gad bu’insa Rabbi akkuma Hadiisaan dhufetti


gama samii duniyaa gad bu’a, bu’insa Isaan
male. Aqiidaa Ahlusunnaati. Aqiidaan
Ulamaa’oota keenyaatis kanuma. Waan
Rasuulli s.a.w nuuf hime tan Sifa Rabbiitti ijjattu
hunda itti amanuun dirqama. Kan akkaataa Isii
hin gaafanne, kan akkaataa ittis hin goone,
kan hin fakkeeysine, kan waan hadiisaan dhufe
hin lakkifne itti amanan.

Sheekhni Muhammad Amaan Al-Jaamiin gad


bu’insa Rabbii ilaalchisee akkana je’e:

30
“Hadiisooleen gad bu’insa Rabbii sabachiisan
hedduutu dhufe, Imaam ibnu Teeymiyyaan
Hadiisa Mutawaatira (lakkoysi hedduun)
odeeyse je’een, Haafiz Ibnu Abdul Bar
akkasuma Hadiisni gad bu’insa Rabbii himu
Mutawaatira karaa hedduun odeeyfame
jechuun addeeyse.

Imaam Az-Zahabiin Imaamoota lamaan Ibnu


Teeymiyaa fii Ibnu Abdul Bar deeggaree
akkana je’e: <Hadiisa gad bu’insa himu san
Jildii (mujallada) tokkotti katabeetin ture,
Hadiisni sun Mutawaatira karaa hedduun
odeeyfame tahuu itti mirkaneeyfadheetin jira.>

Hadiisoota sanirraa:

Hadiisa Abuu Hureeyraan Nabiyyirra


odeeysu s.a.w:

“Gad bu’a Rabbiin keenya halkan hunda


hoggaa harki sadii halkanirraa dabre. Rabbiin
<<Ani Mootiidha eenyu kan na gaafatu? nin
kennaafi, Eenyu kan na khadhatu Isaafiin
awwaadha? Eenyuutu Araarama narra
barbaada nin araaramaafi?>> je’a.”12

12
. Sahiiha Bukhaarii: 1145, Sahiiha Muslim: 758

31
Sheekhni ragaalee hedduu Hadiisaa fii
jechoota Ulamaa’ii fidee akkasumas warra
didu hunda kijiba Isaanii saaxile.

Dhumarratti wanni Sheekni Dubbii Isaa


goolabeen Rabbiin gad bu’a akkuma
hadiisaan sabate. Jecha Rabbii fii Rasuulaa
s.a.w bira dabarree humaa itti hin idaanu, gad
bu’insa Isaan male gad bu’a jennee bira
dabarra akkuma warra salafa nu dura dabree.
Ammoo warri hikkaa jijjiree Malaaykaatu bu’a,
Rahmataa bu’a je’u waan hin beeyne
Rabbirratti dubbataa jiran. Sahaabaa fii warri
Isaan dhaqqabe Taabi’oonni Sifa tana akkuma
Rasuulli s.a.w hadiisa keessatti ibsetti
sabachiisanii bira dabran. Isaanitti hidhachuun
Amantii keeysatti waan filannoo biroo hin
qabne. Dhumarratti wanni jennu jecha
Imaamu Maalik Ol tahuu Rabbii keeysatti je’e
sani ‘Gad Bu’unisi Rabbii akkuma hadiisaan
dhufe beekkamaadha, Akkaataan hin
beekkamu, itti amanuun dirqama, Akkaataa
gaafachuun ammoo Bid’aadha.’13

13
. As-Sifaatul Ilaahi: 252-256

32
 Sifa Dubbachuutii fii Quraanni jecha
Rabbii tahuu.

Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa Rabbiin ol


tahe ni dubbata jechuu amanan. Rabbiin
Quraana dubbatee jira, jecha Isaati jechuu
amanan.

Ragaan Rabbiin dubbachuu irratti qajeelchu


hedduudha. Sanirraa:

Jecha Rabbii ol tahee kana:


ٗ ‫كل‬ۡ َ َٰ َ ُ ُ َّ َ َّ َ َ
١٦٤ ‫ِيما‬ ‫وَكم ٱَّلل موَس ت‬

“Allaahan Muusaa dubbisiinsa dubbise.”14

Rabbiin Nabi Muusaa nageenyi irratti haa


jiraatuu, dubbisee jira jechuun Quraana
keeysatti mirkaneeysee jira. Dubbiin Rabbii
nama dubbifame saniif ni dhagayamti. Kanaaf
Rabbiin Muusaa dubbisee jira, Muusaan jecha
Rabbii dhagayee jira jechuudha.

14
. An-Nisaa: 164

33
Rabbiin ol tahe ammas bakka biraatti akkana
je’e:
َ َ ۡ ُ َ ۡ َ َ ۡ َّ َ ُ ُ ُّ َ ۡ
ُ َّ ‫لَع َب ۡعض م ِۡن ُهم َّمن ََكَّ َم‬
٢٥٣ ۖ‫ٱَّلل‬ ٖۘ ٖ َٰ ‫۞ت ِلك ٱلرسل فضلنا بعضهم‬

“Sun Ergamtoota, Garii Isaanii gariirra


caalchifne, Isaanirraa kan Allaahaan
dubbiseetu jira.”15

Rabbiin aayata tana keessatti Ergamtootarraa


garii Isaanii dubbisne je’a. Kanaaf Rabbiin ni
dubbata. Diduun hin taatu.

Rabbiin Quraanni dubbii Isaa akka tahe


hoggaa Ibsu akkana je’e:
َّ َ َ ََ َ َ َ َ ۡ َ ۡ ُۡ َ َ َ ‫ِإَو ۡن أ‬
ِ‫َ س َ ۡس َم َع كٰ َٰ َم ٱَّلل‬
َٰ َّ ‫ر ۡر ُ َح‬
ِ ‫ِرك ِۡي ٱستجار فج‬
ِ ‫م‬ ‫ٱل‬ ‫ِن‬
‫م‬ ‫د‬ ‫ح‬

“Yoo mushrikootarraa tokko nagaya akka Isaaf


kennitu sirra barbaade, nagaya kenniif, hanga
jecha Allaahaa dhagayutti.”16

15
. Al-Baqaraa: 253
16
. At-Towbaa: 6

34
Quraanni jecha Allaahati. Kanaaf hanga jecha
Allaahaa dhagayuu jechuun Rabbii dubbate.

Sheekh Muhammad Amaan Al-Jaamiin


Rabbiin dubbachuu Isaa sabachiisuun akkana
je’e:

“Tuutti nagaya baatuu taate, Tan waan


Nabiyyiin s.a.w irra ture qabatte, Rabbiin akka
dubbatu ni sabachiisan. Dubbii haqiiqaati
dubbata, tan namni itti dubbatame dhagayu.
Quraanni nuti Arraba keenyaan Qaraanu, kan
Qooma keenyatti haffaznu, kan kitaabatti
katabnu, Dubbii Rabbiiti, Jecha Inni dhugaan
dubbate jechuu amanan. Ammoo akkaataa
irraa hin dubbatan. Nuti kana ni amanna. Kuni
waan warri Salafaa Rabbiin dubbatuu
ilaalchisee amanani, nutis kana amanna…”17

Ulamaa’oonni keenya karaa salafoonni irra


turan kanarratti deemuudhaan, Rabbiin
Quraana akka ifiif dubbate, akkasuma Rabbiin
hoggaa fedhe, abbaa fedhe akka dubbisu ni
sabachiisan.

Sheekh Muhammad Rashaad akkana je’e:

17
. As-Sifaatul Ilaahi: 262-263

35
“Qur’aanni Rabbiin Nabi Muhammadirratti
buuse dubbi Rabbiiti, Rabbumaatu dubbate.
Jibriil Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad
Jibriilirraa dhagayee, ummanni Nabi
Muhammadirraa dhagaye.”18

Sheekh Muhammad Rashaad Quraana Jibriil


Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad s.a.w
Jibriil irraa dhagayee jechaa jira. Rabbiin waan
dubbate san Abbaa fedhe dhageeysisa,
Dubbiin Rabbii sagaleen dhagayamteef
jechuudha Jibriiliif. Akka warri Falsafaa je’uu
dubbiin Rabbii hin dhagayamtu hin jenne.

 Sifa Harkaa
Rabbiin ol tahe harka lama qaba, harka uumaa
Isaa hin fakkaattu. Quraanaa fii Hadiisaa sabatee
jira, diduun hin taatu, hikkaa jijjjiruun taatu,
fakkeeysuun hin taatu, akkaataa dubbachuun hin
taatu. Harka Isaan malu qaba je’anii amanuun bira
dabruun dirqama. Aqiidaan Ulamaa’ota keenyaa
Rabbiin harka Isaan malu qaba jechuun
dhugoomsuudha.

Ragaan Isaanii jecha Rabbii ol taheeti:

18
. Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya Afaan Oromootiin: 20-21

36
‫ان‬ َ َ ُ ۡ َ ُ ََ َۡ
ِ ‫بل يدا مبسوطت‬

“Garuu Harki lameen (Rabbii) ballifamtuudha.”19

Rabbiin ol tahe harka Isaan malu qaba jechuu


aayaanni tuni ni addeeysiti.

Ragaan biraa Rabbiin Ibliis gaafa Nabi Aadamiif


Sujuuda bu’uu dide akkana jedheen:

َ َ ُ ۡ َ َ َ َ ُ ۡ َ َ َ َ َ َ َ ُ ‫يإبۡل‬ َ َ َ
ۖ‫ِيس ما منعك أن تسجد ل ِما خلقت بِيد َّي‬ ِ َٰٓ ‫قال‬

“Yaa Ibliis! Maaltu waanin ani harka kiyya lamaaniin


uumeef sujuuduu si dhorge?”20

Rabbiin ol tahe harka Isaan maltu qaba jechuu


kanarraa hubanna. Aqiidaan Ulamaa’oota
keenyaa Quraanaa fii hadiisa akkuma dhufetti itti
amanuudha malee, bakka fedhan jijjiranii, bakka
fedhan didanii, bakka fedhan amanuu miti.

Sheekh Muhammad Rashaad akkana jedha:

“Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka


keenyaatii miti.”21

19
. Al-Maa’idaa: 64
20
. Saad: 75
21
. Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34

37
Sheekh Muhammad Amaan Al-Jaamii akkana
je’e:

“Harka lameen Isaan maltu qaba, dandeetti


je’anii hiikuun hin tahu, dandeettiin sifa if
dandeeyse ta biraati, Qananiidha jedhanii
hiikuun hin tahu, qananiin sifa Rabbii ta biraa
tan if dandeeyse, Fakkeeysuun hin taatu, Inni
fakkaataa tokkollee waan hin qabneef.”22

Ulamaa’oonni keenya Aqiidaa tanarra jiran.


Quraanaa fii Hadiisarraan hin tarkaanfatan.

Haaluma kanaan Ulamaa’oonni keenya


Sifoota Rabbii hunda akkuma Rabbiin ifiin
yaametti, akkuma Rasuulli s.a.w Isaan yaametti
ni sabachiisan, ammoo akkaataa osoo itti hin
goone bira dabaran. Waan Rabbiin nin qaba
je’e didanii hikkaa hin jijjiran, fakkeeysanii tan
uumaa Isaatiin wal bira hin qaban, akka Isaan
malutti Ol tahe, gad bu’a, Guyyaa qiyaamaa
ni dhufa, ni dubbata, Harka qaba, Ija qaba, ni
dhagaya, ni arga, ni jaalata, ni jibba, tanaa fii
sifoota Rabbii hunda akkuma dhuftetti
sabachiisuun bira dabran.

22
. As-Sifaatul Ilaahi: 305

38
Sifoota Rabbitirraa waan gurguddoo
Ahbaashiin diddu hanga kana eega laalle
Aqiidaa Isaanitirraa waan hafetti dabra.

Ballinaan Namni Sifa Rabbii irratti hubannoo


gahaa Argachuu barbaade, Kitaaba As-
Sifaatul Ilaahi kan Sheekh Muhammad Amaan
Al-Jaamii haa dubbisu. Ykn Sharhu Matil Aqiidat
Xahawiyyaa Sheekh Muhammad Rashaad
Afaan Oromootiin qopheeyse dubbisuun kijiba
Ahbaashii ifa namaaf ni galacha.

Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa Arkaana


Imaanaa Jahan akka tahe gubbaatti ibse ture.
Allaahatti amanuun akka asi olitti ibsame waa
hedduu if keeysaa qaba.

Malaaykootatti amanuu.

Malaaykootatti amanuun Aqiidaa


Ahlusunnaati. Ulamaa’oonni keenya
sanumarra jiran. Malaaykaan Uumaa Rabbii
tan Nuura (Ifaa) irraa uumamte.

Rabbii Isaaniitiif ajajamuu malee ajaja Isaa hin


khallafan. Heddummina Isaanii Rabbumaatu
beeka.

39
Isaanirraa warra Maqaa Isaanii Quraanaa fii
hadiisa keeysatti mirkaneeyfame itti amanna.
Sanirraa Jibriil (Jibraa’eel), Mikaa’eel, Maalik,
Israafiil dubbachuu ni dandeenya.

Malaaykaan waan gheeybiiti (waan nuti hin


argine), Arguu baannus Quraanaa fii Hadiisaan
sabatee jira. Itti amanuun dirqama. Namni
Arkaana Iimaanaa jahan keessaa tokkotti hin
amanne, Muslima hin je’amuu Kaafira.
Malaaykaatti amanuun arkaana Iimaanaa
jahanirraa tokko itti amanuun dirqama jechuun
Aqiidaa Ulamaa’oota keenyaatti.

Kitaabban Rabbiitti amanuu.


Rabbiin ergamtootaaf yeroo adda addaatti
kitaaba buusee jira. Itti amanuun dirqama.
Aqiidaa Ahlusunnaati, Ulamaa’oonni keenyas
kanumarra jiran.

Kitaaboota Rabbiin buuse keessaa kan nuuf


himame:

Zabuur Rabbiin Nabi Daawud irratti buuse.

Towraat Nabi Muusaa irratti buuse.

Injiil Nabi Iisaa Ilma Maryam irratti buuse.

40
Quraana Nabi Muhammad irratti buuse. Hunda
Isaanii nagayaa fii Rahmanni irratti haa jiraatu.

Kitaaboonni maqaan Isaanii dubbatame kuni


Rabbirraa buufamuu amanna. Ammoo kan itti
dalaguu fii jala deemuun dirqamaa Quraana
qofa.

Kitaaboonni amma Kiristaanaa fii Yahuudaan


harkaa qaban, shaaramee jira. Shaaramuu
qofa osoo hin taane harka namaatiin wanni
haarawani itti dabalamee, irraa irrifamee,
jijjiramee jira. Kanaaf jala deemuu fii itti
dalaguun dirqamaa miti. Rabbiin kitaaboota
buusuu amanuu qofaatu dirqama.

Ergamtoota Rabbiitti amanuu.


Ergamtoota Rabbiin erge hunda itti amanuun
Aqiidaa Warra Haqaati. Arkaana jahanirraa
Ergamatoota Rabbiitti amanuun tokko.
Ergamtoota hunda itti amanna, ni jaalanna.
Amma kan jala deemnu Nabi Muhammad
s.a.w xumura Ambiyootaati. Ergamtoonni hundi
ummata Isaanii qofaaf ergaman, Nabi
Muhammad s.a.w malee. Nabi Muhammad
s.a.w Ummata hundaaf ergame, Alama
hundaaf ergame, Jinnii fii Ilma namaa hundaaf

41
ergame. Isa Booda Nabiyyiin hin jiru. Inni
xumuraa Ambiyootaati.

Nabiyyootarraa 25 kan maqaan Isaanii


himameetu jira, Kan Maqaan Isaani hin
himaminis hedduudha.

Diydamii Shanan Maqaan himame:

Aadam, Idriis, Nuuh, Huud, Saalih, Ibraahim,


Luux, Ismaa’iil, Is’haaq, Yaaqub, Yuusuf,
Ayyuub, Muusaa, Haaruun, Shu’eeyb, Zul kufli,
Daawud, Suleeymaan, Yuunus, Al-Yas’a,
Iliyaas, Zakariyyaa, Yaahyaa, Iisaa,
Muhammad s.a.w.

Hunda Isaanii nagayaa fii faaruun Rabbii


Isaanirratti haa jiraattu.

Namni Isaanirraa tokkotti hin amaniin hundatti


hin amanne. Namni Nabi Iisaan ilmi Maryam
ergamaa tahuu hin amanin, Muslimaa miti.
Iisaan Ilma Rabbii kan Isaaf dhalate osoo hin
taane Ergamaa Rabbii kan Rabbiin ergate. Inni
Abbaa malee haadha qofarraa tahii Rabbiitiin
argame, Akkuma Nabi Aadam Haadhaa fii
Abbaa malee tahii Rabbiitin argame.

42
Ergamtoota hunda itti amanuun Aqiidaa
Ahlusunnaati.

Guyyaa Qiyaamaatti amanu


Arkaana Iimaana jahan keeysaa tokko guyyaa
Qiyaamaatti amanuudha. Guyyaa
Qiyaamaatti amanuun Qabriitti waan nama
qunnamurraa jalqabee hanga Jannataa fii
Jahannam seenanii waan jiru hundatti
amanuudha. Waan hin Mul’anne kan Rabbii fii
Rasuulli s.a.w itti amanuu dirqama godhan
keeysaa guyyaa qiyaamaatti amanuun dame
takka. Ulamaa’oonni keenya Aqiidaan Isaanii
tana.

Guyyaan irraa boodaa kan jalqabdu


du’urraahi. Namni du’e Qiyaamaan Isaa
dhaabbatte jedhama.

Azaaba Qabrii, Gaafii Qabrii, Qananii Qabrii


hunda ni amanna. Shakkii hin goonu kana
keessatti. Akkasuma Du’aa kaafamuu, kitaabni
mirgaa bitaan guyyaa qiyaamaa kennamuu,
warri bitaan fudhate Jahannam akka seenu,
warri mirgaan fudhate jannata akka seenu ni
amanna.

43
Siraaxitti ni amanna. Dildila Jahannam
gubbarra jiru, Qallinni Isaa akka lime, qarri Isaa
seyfirra qara, namni hunda sanirra dabruu
tattaafata. Kan akka qilleensaatti dabru, kan
akka farad guluufutti dabru, kan fiigaa dabru,
kan shorroqaa dabru, kan hokkoon Jahannam
buttee Ibiddatti kufus ni jira.

Guyyaan qiyaamaa guyyaa akka malee


jabaati, Guyyaa Haadhaa fii ilmoon wal
dagatan, guyyaa daa’imni arroytu, guyyaa
Gosummaan hin daleeyne, guyyaa qabeenyi
nama hin baafne, guyyaa warri amanee fii
dalagaa gaarii dalagate qofti nagaya bahani.

Guyyaa Qiyaamaatti Amanuun Shafa’aa Nabi


Muhammad s.a.w Rabbi biratti nuuf seenu
Amanuu if jala qaba. Guyyaa Qiyaamaa nabi
Muhammad Shafa’aa eega seene ykn eega
Inni Maangudummaa Rabbitti dhaqe booda,
Rabbiin irraa qeebalee nama jiddutti murtii
godha. Suni Shafa’aa gudditti jedhamti.
Shafa’aan biraa tan Nabiyyiin s.a.w ummata
Isaatiif seenu warra Towhiidaa kan cubbuu
adda addaatiin ibidda seenan Rabbi biratti
magantaa seeneefii Isaan baasa.

44
Kuni hundi waan guyyaa qiyaamaatti amanuu
jala seenu. Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa
kana hundatti amanuudha.

Qadaratti Amanu.
Arkaana Imaanarraa kan hafe qadaratti
amanuudha. Qadara Rabbii mi’awaa fii
hadhaawas, gaarii fii hamaa hunda itti
amanuun Aqiidaa warra sunnaati.
Ulamaa’oonni keenya Aqiidaan Isaanii tana.

Rabbiin waan hunda beekee, Murteeysee,


galmeeysee jira. Waan Inni fedhe malee wann
Inni hin feene hin argamtu.

Waan gheeybii kan itti amanuun dirqamaa.


Aqiidaan Ulamaa’oota keenya Aqiida warra
Ahlusunnaa qajeeltudha. Waan gheeybii kan
nuti argin, kan amantii teenyaan sabate hunda
itti amanuun dirqama jechuu amanan.

Sanirraa:

 Israa fii Mi’iraaja

Rasuula s.a.w Jibriil Makkaa halkan fuudhee,


Beeytal Maqdas geeysee, Achiin gama Samii
torbanii ol bahee jira. Manaabaa miti Zaahira,

45
Osoo dammaqarra jiruuti wanni sun hundi
argame. Akkuma dhufetti amanna.

 Mallattoo Qiyaamaa:
Mallattoo Qiyaamaatirraa waan Shari’aatti
mirkanaawe arguu baannus hunda ni amanna.

Tan akka Dajjaal, Nabi Iisaan Ilmi Maryam s.a.w


gad bu’ee Dajjaal ajjeesuu, Ya’juuj fii Ma’juuj
bahuu, Daabbaa ykn Bineensi deemtu tan
nama dubbiftu bahuu, Aduun seensaan bahuu
fii waan kana fakkaatu kan Quraanaa fii
Hadiisaan sabate ni amanna.

Sahaaboota Rasuulaa s.a.w


Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa Sahaaboota
Rasuulaa s.a.w hunda Jaalachuudha. Hunda
Isaanii Rabbi irra haa jaalatuu maqaa
kabajaatii fii Jaalalaan qofa Isaan dubbatuun
Aqiidaa Ulamaa’oota keenyaati. Isaanirraa
tokkollee hin jibban, hin xiqqeeysan, hin
arrabsan. Waan Isaan jiddutti argame hunda
Rabbiif dhiisan.

Sheekh Muhammad Rashaad akkana je’e:

“Sahaabaa Nabi Muhammad s.a.w, nama


Isaanirraa taye, tokkolleedharraa hin cinnu.

46
Hundi Isaanii jaalalloota keenya. Nama
As’haabaa Nabi Muhammad jibbu hunda, ni
jibbina.”23

Sahaabaa warri arrabsu Shii’aa kijibdootaa fii


Ahbaashiidha. Ahlusunnaan Sahaabaa hunda
jaalachuu malee arrabsuun Aqiidaa Isaaniiti
miti. Ulamaa’oonni keenya Aqiidaan Isaanii
Sahaabaa Jaalachuudha.

Rasuulli s.a.w “Sahaabaa tiyya hin arrabsinaa,


tokkoo keeysan osoo dahaba hanga gaara
Uhuud sadaqate, Hammaarrii shanachaan
tokkoon Isaanii (sadaqatu) hin gahu.”24

Sahaaboota hunda akkuma jaalannu Beerran


Nabiyyii s.a.w hunda ni jaalanna. Isaan hundi
haadha Muslimootaati.

Sahaabootarraa irra Caalaan Abuu Bakr As-


Siddiiqi, eegas Umar binu Al-Khaxxaab, eegas
Usmaan Binu Affaan, eegas Aliyyi binu Abi
Xaalib Rabbi irraa haa jaalatu hunduma Isaanii.

Jarri Afran kuni Khulafaa’u Raashiiduun


jedhaman bakka bu’oota qajeeloo Nabiyyii

23
. Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa Afaan Oromoo: 117-118
24
. Sahiiha Bukhaarii: 2673

47
s.a.w bakka bu’anii Ummata Isaatiif duree
tahan.

Rasuulli s.a.w Sunnaa tiyyaa fii sunnaa


Khulafaa’u Raashiduun qabadhaa, itti
ciniinnadha, je’e.

Imaana
Imaanni Qalbiin dhugoomsuu, Afaaniin
dubbachuu, dalagaan mirkaneeysuudha.
Gaarii dalaguun dabala, hamtuu dalaguun
xiqqaata ykn irratta hanga dhabama tahutti.

Kuni Aqiidaa Salafootaati, Ulamaa’oonni


keenyas kanuma Aqiidaan Isaanii.

Afaaniin dubbachuun akka Laa Ilaaha Illaah


jechuuti.

Qalbiin dhugoomsuun akka arkaan Iimaanaa


amanuuti.

Qaamaan dalaguun akka salaataati. Hundi


Iimaana, amantiidha.

Warri Ahlusunnaa cubbuu gurguddoo Shirkii


gadii Muslimoota dalagan akka Khawaarijaatti
hin kafarsiisan. Namni cubbuu dalage maqaa
Iimaanaa jalaa hin bahu hanga Shirkii dalagu.

48
Ammoo Imaanni Isaa irruudha, badii dalagaa,
Cubbaawaadha je’ama.

Akka Ahbaashii fii Murji’aan jettu Iimaanni


dhugoomsuu qofa hin jettu Ulamaa’iin teenya.
Iimaanni dalagaa fii jechas if jalaa qaba.

Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa


gabaabinaan akka ibsame kana. Ballinaan
namni baruu fedhe tokkoo Isaanii bira dhaqee
kitaaboota Aqiidaa irraa barachuu dandaha
ykn Waraabbii Isaanii barbaadee irraa
barachuun daran hubachuu ni dandaha.

Ahbaashii fii Ulamaa’oonni keenya Aqiidaan


hedduu adda fagaatan. Ulamaa’oonni
keenya Aqiidaa qulqulluu Sahaaboota
Rasuulaa s.a.w irraa dhaalamte jala deeman.
Ahbaashoonni ammoo falsafaa adda addaa
tan warri jallate fi warri wallaalaa argamsiise
jala deeman.

Aqiidaa tana barsiisuuf Ulamaa’oonni keenya


balaa meeqa arganii nu biraan gahan, arra
nutis barannee jallinaa fii falsafaarraa eeguun
dirqama keenya.

49
 Seenaa Ulamaa’oota keenyaa
Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa gabaabsinee
yoo laalle akka gubbaatti ibsame san taha.
Aqiidaa tana akkamitti nuun gahanii beekuuf
ammoo seenaa Isaaniitirraa waa xiqqo
dubbachuun barbaachiisaadha.

Seenaan Ulamaa’oota hanguma kana qofa


jechuu kiyyaa miti. Ulamaa’oonni keenyas
haganuma jechuu kiyyaa miti. Garuu hagan
ani argachuu fii beekhuu dandahetu hagana.

Ulamaa’oota keenya Amantii teenya akkamitti


akka baratanii fii akka itti barsiisan yoo laalle
waan ajaa’ibaati agarra.

Tokkoon Isaanii jiruu Isaa guutuu barachuu fii


barsiisuu qofatti dabarsa. Hoggaa baratu
rakkoo meeqa argee, hoggaa barsiisu balaa
hedduu qunnama.

Seenaan Ulamaa’oota keenyaa dhalootaaf


akka dabru Namuu Ulamaa’oota ganda
keenya jiru qofa seenaa Isaanii yoo katabne,
yoo sagalee ykn vidiyoo irraa waraabnee ol
keenye, dhugumaan seenaa daleeyne
jedhama.

50
Ahbaashiin guyyaa keeysaa dhuftee anaatu
Ulamaa’ii akka nuun hin jenne, Ulamaa’oota
keenya arrabsanii akka warra falsafaa Isaanii
Ulamaa’ii nuuf hin goone seenaa Ulamaa’oota
keenyaa baruun dirqama, galmeeysuun
dirqama, waraabuun dirqama keenya.

Ulamaa’ootan seenaa Isaanii argachuu


dandaha kudhanan kana kunoo wal baraa.

51
Sheekh Ahmad Watar
Sheekh Ahmad Usmaan Muhammad Al-Oromii
(Oromticha akka jechuuti)

Garuu Sheekh Ahmad Watar Jechuun


beekkama. Watar bakka Inni itti dhalate
hoggaa taatu, Harargee bahaa Oromiyaa
keessatti ganda argamtu tahuu Isiiti.

Barri dhaloota Isaa Xaaliyaan biyya seentee


amata 3 keessatti. Xaaliyaan kan biyya kolonii
Isii jalatti galchite bara 1936 a.l.f.

Sheekh Ahmad Watar daa’imummaa Isaarraa


eegalee Barnoota Islaamaa barachuu fii
barsiisutti jiruu Isaa dabarse. Inni Sheekha
Ulamaa’oota hedduuti. Hararge, Jimmaa, Arsii,
Iluu Abbaa booraa fii naannoo adda
addaarraa barattoonni beekkumsa Islaamaa
dheebuu bahuu fedhan gama Isaa dhufanii
galaana beekkumsaa kan inni walitti
qabaterraa waraabbataa turan. Ammallee itti
jiran.

Sheekh Ahmad Watar Barnoota Islaamaa


waan tahe gosa hin barsiisne hin qaban.
Beekkumsa Hadiisa Rasuulaa s.a.w keessatti
fakkaataan Isaa hin jiru jechuun Ulamaa’oonni

52
ragaa bahaniifii jiran. Fiqhi barsiisutti hoggaa
seene Faqiiha honga hin qabne. Seera Afaan
Arabaa (Nahwii, Sarfii fii Balaaghaa) hoggaa
barsiisu Seerluuga Afaan Arabaa qofaan nama
eebbifame fakkata. Usuulul Fiqhi hoggaa
barsiisu Isii qofa kan baratee Isiin honga gahe
tahuu hubbatta. Tafsiira hoggaa Barsiisu,
Mufassira fakkaataa hin qabne akka tahe
Ulamaa’oonni irratti baratan ragaa bahan.

Maqaa Albaanii Oromoo ykn Albaanii biyya


teenyaa jedhuun Sheekkan Isa beekan Isa
boodaa Isaan yaaman.

Amata 45 oliif barsiisuudhaan beektoota


hedduu uumuu dandahee jira. Sheekh Ahmad
Watar amata Afurtamii Shanan dabarte
keessatti ganama Salaata Subhii irraa hanga
Asrii ykn Hanga Maghriibaa barsiisuun dabarsa.
Boqonnaa wanni je’amu hin jiru. Tuutti
barattootaa takka barattee hoggaa irraa
baate tan biraatu itti aansa, tuutti tun hoggaa
baate tan birooti itti aana. Haala kanaan
hanga galgalaa barsiisuun dabarsan.

Haalli kun Ulamaa’oota biyya teenyaa irra


hedduu biratti waan baratame. Haala kanaan
amantii Islaamaa bareedduu beekkumsaan

53
asiin gahan Rabbiin Jannataan Isaan haa
badhaasu.

Sheekh Ahmad Watar Joollummaarraa


barnoota barachuun beekkumsa hangana hin
je’amne argatanii jiran.

Sheekh Isaa kan duraa Sheekh Muhammad


Ahmad Abdullaahi kan jedhamarratti amata
10 oli barate. Kitaaboota Fiqhii jalaa hanga
honga Isiitti irra daddeebi’ee Sheekha Isaa
kanarratti baratee haffazee jira.

Sheekh Muusaa Addeellee jechuun Sheekha


Seera Afaan Arabaa barsiisuun beekkamu
biratti amata 10 dabarsan. Kitaaba Afaan
Arabaatti ijjatuu jalaa hanga honga Isii
baratanii jiran.

Sheekkootiin Inni waggaa dheeraaf irra


deemee irraa barataa ture hedduudha. Hunda
biraa Ijaazaa barsiisummaa akka aadaa
Ulamaa’ootaatti fudhatee jira. Sheekkootiin
Inni Ijaazaa barsiisuuf irraa argate hedduudha.
Sheekh Abdullaahi Tuqoo, Sheekh Aadam
Tuulaa, Sheekh Aadam Walloo (kan Makka
jiraatu. Sharhii Nasa’ii barreeysuun adunyaa

54
kan ajaa’ibsiise.), Dr. Jeeylaan Kadiir fii kanneen
birroo heddudha.

Ballinaan hubachuuf Kitaaba Sheekh Ahmad


Watar

“ ‫”إتحاف القاري بأسانيد أحمد الوتري‬

<<Ittihaafu Al-Qaarii bi Asaaniidi Ahmad Al-


Watarii>> dubbisaa.

Kitaaba kana keessatti Sheekh Ahmad Watar


Sheekkootii Irraa baraterraa Muraasa ni ibsa.
Kitaabni bali’naan Sanada Isaa walitti
dhaabbataa taheerraa dubbata. Akkas
jechuun Kitaaba tokko hanga Abbaa kitaaba
barreeyseetti, akkasumas hanga Rasuulaa
s.a.w gahutti Sheekha Isaa irraa eegalee,
Abalu abalurraa jechuun akka sanada itti qabu
ibsa.

Fakkeenyaaf Sahiiha Muslim Sheekh Aadam


Tuulaa, Sheekh Abuu Abdurhmaan Al-Madanii,
Sheekh Aadam Walloo fii warra biraarraan siif
odeeysa je’ee hanga dhumaa oofa.

Sheekh Adama Tuulaa ammo Sheekh Ebalu


jedhamurraa barate, Ebalu ammoo Abalurraa,
jechuun oofee Rasuula s.a.w biraan gaha.

55
Jidduu Sheekh Ahmad Watarii fii Imaam Muslim
binu Al-Hajjaaj nama 23 jira. Hunda Isaanii bara
itti du’an, seenaa Isaanii guutuu himuudhaan
oofan. Sheekh Ahmad Watarii fii Nabiyyii Rabbii
s.a.w jidduu nama 27 jira. Akka fakkeenyatti
Sanada Sahiiha Muslima kanarraa akka
hubattaniif fide.

Haala kanaan Kitaaba Islaama keessatti


beekkamu hunda oofee ebaluurraa, eebaluun
ebalurraa, jechuun abbaa kitaabaatti geysa.

Muhaddisni beekkamaan kun Umrii Isaa guutuu


Ilmii akkatti haala kanaan baratee barsiisuun
dabarsee as gahe. Harargee Bahaa Oromiyaa
ganda Watar keeysaa beekkumsa fakkaataan
Isaa zamana kanatti bakka takkatti hin
argamne facaasaa ture, ammallee facaasaa
jira.

Harargee, Jimmaa, Arsii, Iluu Abbaa booraatti


Sheekni beekkamaan Ilmiin itti amanan kan
Sheekh Ahmad Watar bira hin dabrin akka
waan hin jirreeti.

Sheekkootii Inni barsiise lakkaawanii fixuun hin


dandahamu Amata 45 oliif nama kumaa
meeqaatamaan lakkaawamu barsiisaa jiran.

56
Sheekh Ahmad Watar beekkumsaa Isaa tan
honga geysee fii dandeetti yaadachuu Isaa
ibsuuf fakkeenya tokko Isinitti haa garsiisuun
gahaadha.

Seenaa tana darsoota Isaarraa gurra kiyyaan


dhagaye. Gaafa tokko Shekkootii gurguddoo
Osoo barsiisaa jiranii tokko Hadiisarraa Isaan
gaafate. Hadiisni akkanaa kan sanadin Isaa
eebaluu fii ebaluu kan Sunana Abuu dawuud
keessa jiru da’iifa moo sahiiha? jechuun
gaafate. Sheekh Ahmad Watar deebii Isaa
deebisun duratti “Hadiisni ati jettu kunii fii
sanadni ati jettu kun Abuu Dawuud keessa hin
jiru.” Jechuun deebiseef. Sunana Abuu
dawuud keessa Hadiisa 5200 olitu jira.

Mee laali! Kitaaba Hadiisa 40 qabu haffazuu


dadhabnee jirra. Inni hadiisa Sunana Abuu
Dawuud keessa jiruu fii hin jirre addaan
babaasee beeka. Allaahu Akbar!

Sheekh Ahmad Watar Kitaaba Ulamaa’iin


Islaamaa katabde hunda kan Imaamu
Shaafi’ii, Imaamu Abuu Haniifaa, Imaamu
Ahmad, Imaamu Maalik, Imaamu Bukhaarii,
Imaam Muslim, Imaam Ibnu Khuzeeymaa,
Imaam Daaramii, Imaamu Al-Qurxubii,

57
Imaamul Beeyhaqii, Imaam An-Nawawii,
Imaam Ibnu Teeymiyyaa, Imaam Ibnu Kasiir,
Imaam Ibnul Qayyim, Imaam Ibnu Abdul Bar,
Imamu Zahabii, Sheekh AbdulQaadir
Jeeylaanii, Sheekh Muhammad binu
Abdulwahhaab fii Kitaabuma Islaamaa kan
beekkamaa tahe hunda baratuu qofa osoo hin
taane sanadaan hanga nama barreeysee
hidhaa qaba. Ebelurraa ebalu naaf odeeysee
jechaa nama 10, 20, 30, eega lakkaawe booda
abbaa kitaabaa bira gaha.

Ilmiin Haala kanaan as geeyse! Aqiidaan


Islaamaa haala kanaan eeggamte.

Dr. Jeeylaan Kitaaba Sheekh Ahmad Watar


irratti dursituu barreeyseen “Sheekh Ahmad
Watar irra beekaa Ulamaa’ii teenyaati
jechuun” ragaa baheefii jira.

Sheekh Aadam Walloo kan Sunana Nasa’ii Ibsa


itti godhee adunyaa Islaamaa ajaa’ibsiise.
Sheekh Ahmad Watar waliin qunnamtii
Makkatti godheen, beekkumsa Isaanii eega
wal dura qabatan booda Kitaabban Ani
Sanadaan Odeeysu hunda akka narraa
odeeysitu Ijaazaa si kenne jechuun beekkumsa
Sheekh Ahmad Watariif ragaa bahee jira.

58
Sheekh Ahmad Watar yoo argan nama
beekkumsa qabu hin fakkatu, namuma
Muslimaa tokko tahuu Isaa malee beekkumsa
Isaa wanni irraa mul’atu tokko hin jiru. If hin
guddisu, hin boonu, Adunyaarraa dantaa hin
qabu. Adunyaa quba hin qabu, Akhiiraa Isaatiif
carraaqatuu qofa dalagaan Isaa.

Sheekh Ahmad Watar Aqiidaan Isaa maal


fakkaatti kan je’uuf? Kitaaboota Inni
barsiisurraa beeku dandeenya.

Sheekni Bahar Beekkumsaa kuni Oromiyaa


Harargee Bahaa Watar jira.

Sheekha Rabbiin dalagaa Isaanii irraa haa


qeebalu.

59
Sheekh Muhammad Amiin Al-
Karroo
Sheekh Muhammad Amiin Abdullaahi
Oromticha.

Oromticha maqaa je’u anaa miti kan itti ide’e


Sheekni Kitaaba Isaa hundarratti (Al-Oromii)
Oromticha jechuun if yaama.

Bara 1930 (Akka Lakkoofsa faranjii)


Haramaayaa Ganda Karrootti dhalate.

Sheek Muhammad Amiin Al-Karroo jechuun


beekkama, Karroon ganda dhaloota Isaati,
Ganda naannoo Magaalaa Haramaayaa jirtu
takka.

Sheekni Joollummaan Quraana Isaa amata 6


fixee Ilmii biraa baratuu seene. Isaa amata 14
ammoo ni barsiisa, ni baratas. Ilmii Islaamaa tan
baratee hin haffaziin akka waan hin qabneeti.
Afaan Arabaa, Tafsiira, Fiqhii, Hadiisa, hunda
baratee eega hoonga gahe booda barsiisee
jira, barreeysee jira.

Eega shekkotii irraa barate hundarraa Ijaazaa


hayyama barsiisuu argate booda, Bara 1953
A.L.F Ganda Isaa Karrootti deebi’ee waan

60
barate hunda barsiisuu jalqabe. Darasaa 700 ol
tahan barsiisuun eegale. Hundi waan adda
addaa baratan. Sheekni ganama salaata
Subhii irraa hanga Ishaa’ii barsiisaa ture. Halkan
ammoo ibaadaa fii Kitaaba dubbisutti bula.
Sa’aa 24 kheeysatti sa’aa 4 qofa rafuun aadaa
Isaati hanga arraatti.

Booda Gabrummaa amantii fii saba Isaa irratti


godhamtu jibbee qawwee bitatee
mootummaa nafxanyaa irratti Jihaada godhuu
eegale. Humni waraana Isaa fii meeshaan
jalaa dhumattee bakka ajjeefamuu gahetti
Rabbiin harka kaafiraati Isa baasee biyyaa
baqate.

Su’ud Arabiyaa hoggaa dhaqe Arabni sirraa


baranna jette jalatti hidhatte. Kolleejjii Hadiisaa
“Daarul Hadiisa” Makkatti argamu kheeysatti
amata 30 oliif Ulamaa’ii gurguddoo barsiisaa
ture. Kitaaba hedduu maxxansee jira.
Keessattuu Beekkumsa Afaan Arabaa “Nahwii”
“Sarfii” “Balaaghaa” fii waan akkasii keessatti
ilmi namaa kan yeroo ammaa kana Isatti
dhihaatu akka waan hin jirreeti je’an
Ulamaa’iin.

61
Inni Muhaddisa, Muffassira, Faqiiha, Mu’allifa,
Imaama, Allaamaa, Beekaa, Hayyuudha.

Seenaa Sheekhaa namni haalaan baruu fedhe


kitaaba Isaa tokko bitee gama duraa irratti
dubbisuu ni dandaha.

Kitaabni Isaa hundi Afaan Arabaatiin


barreeyfame.

Fakkeenyaaf Kitaaba Isaa “Baakuuratul


Janniyyaah” Sharhii “Ajaruumii” Darsaan biyya
teenyaatii fii tan biyya birootis tan baranne waa
xiqqoodha.

Kitaaboonni Inni katabe hedduudha, Sanirraa:

1. Tafsiira Quraanaa Mujallada 33


2. Sharhii Muslim Mujallada 26

Lamaan kana qofa dubbachuun ni gaha.


Kataaboota Saayinsi Afaan Arabaa irratti
xiyyeefatan hedduu qaban, Hadiisaa fii Fiqhii
Shaafi’iyyaa irrattis ni qaban. Kitaabni Isaan
mata duree adda addaa irratti barreeysan 200
oli.

Umrii Isaan guutuu barnootaa fii barsiisutti


dabarsan. Ammallee waan ajaa’iba namatti

62
tahu eega maanguddooman boodallee
katabuu hin dhaabne.

Mana Isaanii keessatti mana kitaabaa guddaa


qaban, Achi keessa oolanii bulan. Sa’aa 24
keessaa sa’aa 4 malee hirriba waan je’amu hin
beekan.

Waan kheeyrii tanarratti sa’aa dabarsuuf


hedduu bolalaniif namoota Isaan ziyaaruuf itti
dhaqullee daqiiqaa muraasaaf malee wajjiin
haasawu hin dhaqqaban jedhan.

Kitaaboota Hadiisaa kenneen hafan hunda


sharhii itti godhuuf akka carraaqaa jiran, warri
Dhiheenyaan Isaan beeku naaf ibsanii jiran.

Sheekhni Mazhaba Shaafi’ii kanuma dur


biyyatti baraterra jira, Aqiidaan ammo
Ahlusunnaa wal jama’aadha. Aqiidaa
salafaarra jira.

Mee Sheekha guddaa kana Aqiidaa Isaa xiqqo


irraa haa laallu.

Duratti Sheekni Aqiidaan Ashaa’iraa ture.


Zamana Isaan darasaa kitaabonni Aqiidaa
haalan biyya teenyatti barataman Kitaaba
Aqiidaa Ashaa’iraati. Kitaaba Aqiidaa Salafaa

63
qulquluu ibsu biyya teenyatti argatuun waan
akka malee jabaatu. Ashaa’iraan Aqiidaan
Mu’atazilaa tan foyyoyte jechuudha.

Eegasii Shekhni Biyyaa bahanii kitaaboota


hedduu eega qoratan Aqiidaa Salafaa
Aqiidaa Ahlusunnaa Qulqulluu irratti akka
deebi’an Kitaaboota Isaa irratti ibsee jira.

Ani Kitaaba Isaa Tafsiira keessaa waaniin


argeen isiniif hima.

Sanirraa Ani kaniin itti xiyyefadhe waan


Ahbaashiin Halkanii guyyaa kijibsiistu, Sunis
Arshiirratti Ol tahuu Rabbiiti.

Sheekni Kitaaba Isaa kan Tafsiiraa Suuraa


A’araaf, Aayaata 54ffaa hoggaa sharhii godhu
(hoggaa Ibsu) akkana je’a:

“Rabbiin Arshiirratti ol tahe, Ol tahinsa guddina


Isaatiin malu.”

“Ol tahinsa Rabbii tan uumamaatti hin


fakkeeysinu, hin dinnu, ni sabachiifna. Akka
Isaan malutti ol tahe jechuu amanna, waan
Isaan hin malle hunda irraa qulqulleeysina. Ol
tahuu Rabbii Amanuun akkaataa ol tahinsa
Isaa beekutti hin haajamtu. Sahaabaan hundi,

64
Imaamman Isaan boodaa hundi, ol tahuu
Rabbii keessatti wal hin dhabne. Rabi’ii Sheekni
Imaamu Maalik Rabbiin akkamitti ol tahe
jechuun gaafatamee, ‘Ol tahuun Rabbii
beekkamaadha, akkaataan hin beekkamu,
Ergaan tan Rabbiiti, Rasuulli s.a.w nuuf himee
jira, nuti ammoo amanuun dirqama keenya.’
Jechuun deebise.”

“Hafiz Ibnu Hajar “Mazhabni Salafaa, warri akka


Maalik, Owza’ii, Sowrii, Leeys binu Sa’id,
Shaafi’ii, Ahmad, Is’haaq binu Raahaweehi fii
Imaamman Muslimootaa hundi durii hanga
arraatti sifa Rabbii akkuma dhuftetti
sabachiisanii bira dabran, fakkeeysuu fii
akkaataa sifa Rabbii dhubbatuun maleetti.”

Nu’eymi binu Hammaad Sheekni Imaamul


Bukhaarii akki je’e:

“Namni Rabbi uumaa fakkaata je’ee


fakkeeyse kafare, Namni sifa Rabbiin ifiin
yaame dides kafare. Waan Rabbii fii Rasuulli
s.a.w Rabbiin Wassafan keessa fakkeeysuun hin
jiru. Namni sifa Rabbii tan Hadiisa sahiihaa fii
Quraana keessatti dhufte akka Rabbiin malutti
sabachiise, ammallee kan Rabbirraa waan

65
Isaan hin malle qulqulleeyse, karaa qajeelaa
qabatee jira.”

Imaamu Ahmad akki je’e:

“Sifa Rabbii akkuma dhuftetti sabachiifnee bira


dabarra. Hin fakkeeysinu, hin dinnu, akkamittii
hin jennu, maaliif hin jennu. Rabbiin Arshiirratti
akka ifiif fedhetti ol tahe jechuu amanna.”

Qurxubiin akki je’e:

“Salafarraa namni tokkolleen Rabbiin Arshiirratti


ol tahuu hin falamne, garuu akkaataa ol
tahinsa Isaa hin beekan, akkaataa Rabbii
namni tokkolleen beekuu hin dandahu.”

Ragaan Asii olitti dubbiftan hundi Tafsiira


sheekhaa Suuraat Al-A’araaf: 54 irraahi
fuudhame.

Akkasuma Sheekni Suraa Xahaa Aayaata 5ffaa


biratti akkana je’a:

“Rabbiin akka Isaan malutti Arshiirratti ol tahe.


Akkasitti amannee sabachiifna, hin
fakkeeysinu, akkaataa hin gaafannu, hin
dinnu.”

66
Gabaabinaan Aqiidaan Sheekha guddaa
kanaa Sifa Rabbii keessatti tana fakkaatti.

Dabalata ammo Kitaaboota Sheekhaa laaluun


Aqiidaa Ulamaa’ii teenyaa baruu ni
dandeenya.

Sheekhooti beekkumsa akkanaa qaban osoo


qabnu wannu Ahbaashii Libaanoosii nuuf
fidaniif hin jirtu.

Garuu nuti Yoo Ulamaaii teenya wallaalle isaan


maal haa godhan?

67
Sheekh Aadam Tuulaa
Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo Al-Oromii

Goodina Harargee Bahaa, Aanaa


Kombolchaa, Tuulaa ganda je’amtutti Abbaan
Isaa Ahmad Hammarroo Amata 90 dura Ilma
Aadam je’ee Moggaase Rabbiin kenneef. Kan
booda Sheekha Sheekkootaa tahuuf taa’u.

Inni Ulamaa’ii biyyi teenya qabdu guddichaa fii


Hangafa. Barsiisaa ulamaa’ootaa, leenjisaa
Ustaazootaa, abbaa ilmaaniiti.

Barnoota Islaamaa joollummaan barachuu


jalqabe. Barnoonni Islaamaa Itti Mi’aawee
dargaggumma Isaa Beela, Oowwa, qabbana,
osoo hin janne barnootumarratti dabarse.
Ulamaa’ii akka aduutti dukkanna wallaalaa
ibsaa turan hunda irra deemee barnoota Isaan
qaban irraa fuudhatee jira.

 Sheekootii Isaa Gurguddoo fii


Beekkamoo.
1. Sheekh Abdullaahi Tuquu Al-Oromii

Sheekh Abdullaahi Tuqoo addeeysaa Aqiidaa


fii Sunnaah, Mujaahida Harargee, Arsii fii Baalee
Towhiidaan Ibse ture. Abdullaahi Tuquu Bahara

68
beekkumsa Islaamaa, Abbaa Hadiisaa fii
Towhiidaa kan miilaan Ilmii barbaada biyyaa
bahe, Eegas Doonii yaabbatee garaa Baharaa
gubbaa guyyaa 15 Nyaataa fii dhugaatii
malee taa’ee Makka gahuu dandahe. Biyyaa
fii Biyyaa alatti baratee Ulamaa’ii hanga
ammaa Towhiidaan biyya teenya Ibsaa jiran
barsiisee biraa Akhiiraa gale Rabbi Rahmata
haa godhuuf.

Sheekh Aadam Tuulaa Sheekkootii akkanaa


tanarraa barate.

 Sheekh Ahmad Basiiraa

Inni haafiza hadiisa Rasuulaa s.a.w kan Ijaan hin


agarre ture. Sheekh Ahmad Basiiraa barnoota
barachuuf Hararghee ka’ee Jimmaa Abbaa
Jifaar hoggaa dhaqu Saahiba Isaatu harka
qabee Isaan deemaa ture. Waahilli Sheekh
Ahmad Basiiraa harka qabee karaa itti
garsiisaa, Harargeerraa Miilaan deemaa
Jimmaa Abbaa Jifaar guyyaa hedduu booda
hoggaa gahan, dhukkubsatee ciise. Maaliif
Dhukkubsate beeytaa? Sheekh Ahmad
Basiiraa Ijaan waan hin Agarreef saahiba Isaa
yeroo hedduu duubaa itti gufataa karaa
dheeraa deeman, Waahilli Isaa miilli Isaa gama

69
hirphaa gadiitiin dhiiguu fii Madaawuu jalqabe.
Garuu hanga Jimmaa gahanii Obsee
deemaanii ture. Jimma hoggaa gahan garuu
dhukkubsatee baati oliif ciise jedhan.

Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa


Barsiistoota akkanaa hedduu irra deemee irraa
barate. Hundi Isaanii Ijaazaa/ hayyamaa
barsiisuu fii Fatwaa godhuu kennaniifii
gaggeeysan.

Sheekh Aadam Tuulaa haala kanaan barsiisuuf


gad taa’e. Amata 60 oliif barsiisaati jiruu Isaa
dabarse.

 BARSIISUU JALQABUU ISAA

Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa


Harargee Bahaa Aanaa Dirree Xayyaaraa,
Aradaa Suqul keessatti waan amata 30 oliif
deemee barate barsiisuuf Majlisa
barnootaa/Yuniivarsiitii Islaamaa tan Majlisa
Sheekh Aadam Tuulaatiin beekkamtu gad
dhaabe.

Sheekharraa baratuuf Ilmii namaa Hararghee,


Jimmaa, IluuAbbaa Booraa, Arsii, Baalee,

70
Wallaggaa fii Kafaa irraa lakkoofsa hedduun
dhufuu jalqabe.

Sheekni Salaata Subhii booda barsiisuu


jalqaba. Hanga Asrii barnoonni adda addaa itti
fufa. Nyaataa fii dhugaati wanni je’amu jidduu
tana hin jiru. Salaataa fii barsiisuu qofa.

Hadiisaa, Fiqhii, Towhiida, Tafsiira Gosti


barnootaa hedduutu baratama. Baratoonni
Isaanii 1500 hanga 2000 amata guutuu ji’a
Ramadaanaa malee ni baratan.

Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa


Ulamaa’ii akka Isaa hedduutu Isarratti barate.
Inni beekaa Hadiisaati. Umrii nama tokkoo
waan tahuu amata 60 ol barsiisummaan itti
fufanii jiran.

Sheekkootii Isa biratti baratan keessaa Haafiza


Hadiisaatii fii barsiisaa Ulamaa’ootaa Sheekh
Ahmad Watar, Sheekh Usmaan, Sheekh Aliyyi
Fallaanaa, Sheekh Muhammad Zabuur fii
Ulamaa’oonni biroo hedduudha.

Sheekkootiin yeroo ammaa majlisa barsiisaa


jiran tan Isaan bira hin dabrin waa xiqqoodha.

71
Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa
arrallee hin dadhabne, hin hifanne barsiisuu,
gorsuu, Haqa dubbachuu, Aqiidaa Salafaa
Qulqulluu facaasuu, warra bid’aa ragaan
saaxiluu itti fufee jira.

Sheekhni Amata dheeraaf waan barsiisaa jiruuf


Abbaa barsiisee, Ilmoo barsiisee, Ilmoo Ilmoo
barsiise jira.

Suni akkamitti tahe yoo jette? Kunoo dubbiin


akkana, Sheekha bira darsaan tokko gaafa Inni
dura barsiisuuf gad taa’e, Isaa dardaraa bira
dhufee baratee Sheekni barsiisuuf hayyameefii
biraa deeme. Inni Sheekha tahe kuni Ilmoo
dhalee Sheekh Adam Tuulaa biratti erge, Inni
kunis baratee biraa bahe, Ilmoo Isaa itti erge,
amma kan sadeeysoo kuni Majlisa sheekhaatti
barataa jira.

Amata sagaltama dabran jedhama umriin


Isaanii garuu akka nama amata 19tti Halkanii
guyyaa barsiisuu fii ifiif dubbisuun dabarsan.

Waan Amantii Islaamaa faalleeysu, Jallinoota


adda addaa karaa bareedaa Quraanaa fii
Hadiisaatiin Ummataaf ni ibsan.

72
Sheekni Darasaa qofa osoo hin taane warra
biyyaa guutuu Abbaa fii Ilmaanis walumaan
sagantaa barnootaa godheefii barsiisaa jira.

Kana hunda wajjiin kitaaballee qopheeysee


jira. Gariin Afaan Oromootiin, gariin ammo
Afaan Arabaatiin qopheeyfamee jira
Maxxanfamuu baatus.

Sheekh Aadam Tuulaa Zamana mootummaa


dabree keessa akka biyyaa bahuuf dhibbaan
adda addaa itti godhamtee turte, Garuu
didee Obsaan ummata barsiisuu filate.

Mootummaan Dargii ummata barsiisuu


Sheekhaa waan jibbeef amata lamaaf Hararitti
badii malee hidhee miidhaa qaamaa hedduu
irraan gahee jira. Sheekni san hunda booda
hoggaa bahan akkuma nama imaltuu
deemee dhufee tokkotti barsiisurra gad
taa’aan.

Sheekni Sheekkootaa Tuminsa dur tumamerraa


kan ka’e godaanisa guddaa Milarraa qaban,
Miilli yeroo garii tumaa sanirraa Isaan
dhukkuba.

73
Rabbiin irraa haa jaalatu Sheekha
Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa.

 Aqiidaa Sheekhaa

Aqiidaan Sheekhaa Aqiida Islaamaa


Qulqulluudha. Kanas kan beeynuun kitaaboota
Aqiidaa Isaan barsiisaa jiraniin.

 Aqiidaa Xahaawiyyaa
 Aqiidaa Waasixiyyaa
 Kitaabu Towhiid fii Kitaaboota Aqiidaa
Salafaa qulqulluu addaan namaaf
baasu hunda barsiisuun Dukkana Shirkii
dura dhaabbachaa turan.

Ahbaashiin gaafa dhuftee Ulamaa’ii teenya


arrabsuu jalqabde Mormii beekkumsarratti
irkate ummata duratti baanee goona, feetan
TVn dabarsaa koottaa ykn nu yaamaa je’ee
yaamicha dabarsee ture. Garuu Ahbaashiin
Jaahiloonni akka ummata duratti hin
saaxilamneef diddee Isaan duubaa kijibaa fii
Maallaqaan nama sobuu itti fufte.

Sheekh Adam Tuulaa Nama haala gaarii qabu,


Abbaa ilmaaniit. Darsoota Isaatis akka Ilmaan
Isatti Jaalata. If tulummaa fii beekkumsa

74
qabuun if guddisuun Isa bira hin jirtu. Amantiin
Rabbii yoo tuqamte ammoo sodaa malee dura
dhaabbatee ibsa, jallina warra Jallatee
hawaasaaf Ibsee karaa haqaa itti garsiisa.

Sheekkootii akkanaa hawaasni qabu akkamitti


Jaahiloota Ahbaashii irraa leenjiin kennamtiif?

Silaa Ulamaa’ii teenyaatu Ahbaashii fii warra


Isaan mooggaa fiigu hunda walitti qabee
leenjisuu haqa godhate.

Garuu dubbiin faallaa taate!

75
Abdullaahi Tuqoo

Sheekh Abdullaahi Tuquu Al-Oromii jechuun


beekkama.

Inni addeeysaa Aqiidaa fii Sunnaah, Barsiisaa


Harargee, Arsii fii Baalee Towhiidaan Ibse ture.
Abdullaahi Tuquu Bahara beekkumsa
Islaamaa, Abbaa Hadiisaa fii Towhiidaa kan
miilaan Ilmii barbaada biyyaa bahe, Eegas
Doonii yaabbatee garaa Baharaa gubbaa
guyyaa 15 Nyaataa fii dhugaatii malee
dabarse, San hunda booda Makkaa gahuu
dandahe. Biyyaa fii Biyyaa alatti baratee
Ulamaa’ii hanga ammaa Towhiidaan biyya
teenya Ibsaa jiran barsiisee biraa Akhiiraa gale,
Rabbi Rahmata haa godhuuf.

Sheekh Abdullaahi Tuqoo Harargee Bahaa


Fadisitti dhalate, Ilmii barates deebi’ee
achummatti barsiisaa ture. Hanga Towhiidaaf
jecha tumamee, hidhamee, balaa hedduu
dabarsu gahee ture. Tuminsa mana hidhaatti
irra gaheen Gurri Isaa duudaa hin dhageenya
tahutti dhihaate. San hunda wajjiin Haqa
addeeysuu fii Towhiidaaf tumsuu irraa hin

76
deebine. Bid’aa fii Shirkii Beekkumsaan dura
dhaabbatee hawaasa towhiida qabsiise.

Ulamaaiin gurguddoon bakka hundaa gama


Isaa dhufuun irratti baratuu turan. Darasaan
Majlisa Isaa keessatti barataa turte 500-1000
akka tahan Ulamaa'oonni Isarratti barataa
turan Ragaa bahanii jiran.

Sheekh Abdullaahi Tuqoo Kitaaboota Hadiisaa


hunda, Fiqh fii Kitaaba Aqiidaa barsiisaa ture.
Kitaaba Aqiidaa Xahawiiyyaa, Aqiidatul
Waasixiyyaa, Kitaabu Towhiid fii kana Malees
kitaaboota Aqiidaa kan biroo barsiisuun
beekkaman.

Akka Ulamaa'oonni himanitti Inni nama yeroo


duraatiif Kitaaboota Hadiisaa fii Aqiidaa
barsiisuun, majlisa gad dhaabe jedhan,
Ulamaa’iin biroolleen takka takka tan Hadiisa
barsiistu kanuma jirtu guddinaan Majlisni Fiqhii fii
Waan Afaan Arabaatti dhaabbatu barsiisuun
beekkama yeroo san.

Majlisa Isaatti barsiisaa oolee, ifiif qotataa, Ifiif


haramata, Bishaan ifiif obaafataa jiruu Jiraataa
ture. Inumaa If bira dabree Yataamaa fii
Hiyyeeyyi gargaaraa ture. Sheekhootiin

77
dalagaa dhiiftee namarratti irkachaa
jiraachuun sirri miti jechuun Ifumaaf qotatee
Jiraachuun barsiisaa ture.

Majlisa Isaatti Salaata Subhii booda Kitaaboota


Hadiisaa gabaabaa "Riyaadu Saalihin",
Buluughul Maraam", fii k.k.f Barsiisa. Yeroo
sa'aan faxaraa dabarte "Tafsiira Ibnu Kasiir"
barsiisa, Yeroo sa'aan Duhaa dhihaate "Sahiiha
Bukhaarii" hanga Zuhritti barsiisa.

Muftii zamana Isaa, Aaliim biyyaa Sheekh


Abdullaahi Tuqoo Rabbi Rahmata haa
godhuuf.

 Ulamaaii Inni barsiise keeysaa:


1. Sheekha Sheekkootaa Sheekh Aadam
Tuulaa
2. Sheekha Sheekhootaa Sheekh Ahmad
Watar
3. Sheekha Sheekkootaa Sheekh Haaji
Yuusuf Ciroo
4. Sheekh Husseen Zubeeyr Mansuur Baalee
(Sheekh Husseen Fadis) jechuun kan
beekkamu.

Kanneen biroo hedduu lakkoofsa Isaanii Rabbi


haa beekhu.

78
Aqiidaan Sheekh Abdullaahi Tuqoo Aqiidaa
warra Sunnaah qulquluu tan Rasuula s.a.w irraa
eegaltee hanga guyyaa Qiyaamaa turtu akka
taate Ulamaa’oonni Isarraa baratan ragaa
bahaniifii jiran.

Aqiidaan Isaa Kitaaboota Inni barsiisaa tureen


beekkamti: Tafsiira, Hadiisa, Aqiidaa
xahawiyyaa, Aqiidaa Waasixiyyaa fii Kitaabu
Towhiidi. Sun ammoo Aqiidaa Ahlusunnaa wal
Jama’aati.

Seenaa Sheekh Abdullaahi Tuqoo daran


hubachuuf.

Ulamaa'oota lubbuun jiran kenneen


gaafadhaa:

1. Dr. Jeylaan Kadiir Gammadaa


2. Haajii Yusuuf Ciroo
3. Sheekh Aadam Tuulaa
4. Sheekh Ahmad water

Sheeka Sheekkootaa Sheekh Abdullaahi Tuqoo


Rabbii Rahmata haa godhuuf.

79
Sheekh Muhammad Amaan Alii
Jaamii

Sheekh Muhammad Amaan Alii Jaamii Al-


Oromii.

Sheekni bara 1349 Hijiraa ykn bara 1930 A.L.f,


Harargee Lixaa DhagaDhaab ganda je’amtu
dhalate.

Joollummaan ganda Isaa Dhagadhaabitti


barnoota shari’aa Quraana, Fiqhii Shaafi’ii,
Afaan Arabaa baratee jira. San booda Sheeyni
ganda Isaatii deemee biyya keessa bakka
adda addaatti barnoota Islaamaa
waraabbatee jira. Kitaaboota hedduu
haffazee jira.

Booda Hajjiif gama Makkaa karaa seene.


Somaaliyaan Doonii yabbaatee Yaman
keessaan Su’ud Arabiyaa dhaqe.

Sheekhni Biyyatti Ilmii Ulamaa’oota keenyarraa


gosa hedduu baratee eega haffaze biyyaa
bahe. Garuu Hoggaa Su’udii dhaqes akkuma
haarawatti Ilmii barachurra gad taa’e.

80
Ulamaa’ii gurguddoo Su’udii jiran hundarra
deemuun ilmii irraa fudhatee jira.

Barnoota ammayyaatiin mana barnoota


sadarkaa 2ffaa xumuree Digrii duraa fudhate.
Achitti hin dhaabbane barnoota Isaa itti fufe,
Maastar (Digrii Lammadaa) Punjaab
Paakistaanirraa fudhate, Doktara (PHD)
ammoo biyya Misraa Kaayroo (Daarul Uluum)
irraa fudhate.

Sheekni hanga baratu kana hunda waan


ammayyaatis fudhachuu fedheeti malee Ilmii
biyyarraa eegalee qabaachuu ture. Osuma
Ulamaa’ii tahee jiru barnoota kana hunda
baratee jira.

Sheekni bahara Ilmi erga tahe booda


barsiisurra gad taa’e. Su’udii Masjida Nabii
s.a.w keessatti, Yunivarsiitii Madiinaa fii bakka
adda addaatti barsiisee jira.

Nama beekaa biyyi hundi waan jaalattuuf


Su’udiin Lammummaa Kenniteefii jirti. Hangan
Ani dhagayetti Sheekkootii Oromoo Keessaa
kan Jinsiyyaa (Lammummaa) Su’udi argate Isa
qofa. Inni Ulamaa’ii Su’udii gurguddoo barsiisee

81
jira. Yunivarsiitii Madiinaatti Damee (Faculty)
Aqiidaa keessatti itti gaafatamaa ture.

Ulamaa’iin Gurguddoon akka Ibnu Baaz,


Saalah Al-Fowzaan fii kenneen biroo Sadarkaa
beekkumsa Isaatii fii qulqullina Aqiidaa Isaatiif
ragaa bahanii jiran.

Hoggaa Madiinaatti Yunivarsiitiin Islaamaa


banamte warra dura Sheekh Ibnu Baaz akka
Aqiidaa barsiisan itti amanee file keessaa
Sheekhni Hangafa.

Sheekhni Barsiisaa Aqiidaa qulqulluuti ture.


Afrikaa biyyoota adda addaa keeysa deemee
Karaa Qajeelaa Salafootatti Muslimoota
gorsaa ture. Ulamaa’ii Oromoo tan
Mootummaan biyyaa ariite Su’uditti akka
kabajamanii barsiistoota tahan haala
mijjeeysaa fii ture.

Gabrummaa Amantii fii sabummaan ummata


keenyarratti Mootummoonni adda addaa
gaggeeysaa turan katabee Ummata keenya
Araboonni akka gargaaran kakkaasaa ture.
Jaarraa Abbaa Gadaatiif Qabsoo Inni godhaa
turerratti Qabeenyaa fii yaadaan gargaarsa
godheefii jira.

82
Sheekha kana ani seenaa Isaa himee fixu hin
dandahu, web site Isaa seenuun dubbisuu ni
dandeessan.

Sheekhni Rabbi Rahmata haa godhuufii


Kitaaboota Aqiidaa Ahlusunnaa Ibsan hedduu
barsiisaa turan. Hoggaa Yunivarsiitii Barsiisanii
irraa bahan, Masjida Nabii s.a.w keessatti
Ulamaa’oota barsiisuu fii fatwa godhuun
dabarsan. Biyya adda addaa keessa deemanii
Aqiidaa Sunnaah Ibsuun akkasumas Bid’aa fii
Shrikiin Saaxiluun irraa dinniinuuf hirriba hin
qaban ture. Heddummina dalagaa tana
hundaati wajjiin Kitaaboota Muslimoota
Adunyaa fayyadan hedduu gumaachanii
Jiran.

Kitaaboonni Isaanii guddinaan Aqiidaa ibsuu fii


Jallina Saaxilurratti xiyyeefatan.

Sanirraa:

1. Sharhu Usuul As-salaasaa (Usuul As-


salaasaa ballisee Ibsa)
2. Aqiidatul Islaamiyyaah wa Taarikhihaa
(Aqiidaa Islaamaa fii Seenaa isii irraa
dubbata)

83
3. As-Sifaatul Ilaahii Fil Kitaabi wa sunnati
Nabawiyyaah
4. Hal ta’arfu Sha’bal Oromoo Al-Muslim (Sa
Saba Oromoo Muslimticha ni beeytaa)
jechuun waa’ee Oromoo katabanii jiran.

Kana malee Kitaaboota biroo hedduu qaba


namni argachuu fedhe website Isaanii haa
laalu.

Kunoo web sitiin Isaa: http://www.eljame.com/

Namni hundi Adunyaa tanarra hanga Rabbi


Isaaf hayyame qofa jiraata, Sheeknis dalagaa
Isaa waan Rabbiin Isaaf laaffise karaa Isaa
keessatti carraaqaa eega dabarse booda
baatii Sha’baanaa guyyaa 20, bara 1416 hijiraa
ykn 2005 dhukkubsatee du’e.

Qabrii Sahaabootaa Baqi’ii Al-Gharqad


Madiinaatti Awwaalame.

Ulamaa’iin gaafa Inni du’e akka malee Rifatan


keessaa tokko Sheekh Ibnu Baaz ture. Gaafa
du’a Isaa dhagaye Ibnu Baaz akkana je’e:

“Inni na biratti nama sadarkaa ilmiitii fii Aqiidaa


gaariin beekkamu, Gama Rabbii nama
Yaamuuf Nashaaxa/mirqaana guddaa

84
qabaachuu ture akkasumas Bid’aa fii jallinoota
adda addaa irraa dinniinaa ture. Rabbi Isaaf
haa araaramu, Jannata Isaa Bal’oo keessa Isa
haa qubsiisu, Ilmaan Isaatillee haa qajeelchuuf.
Rabbiin Isaa fii nullee ganda Isaa tan kabajaa
sanitti walitti nu haa qabu.” Sheekh Ibnu Baaz
Ramadaan 1 bara 1417 Hijiraa akkana je’e.

Sheekha Rabbi rahmata haa godhuuf.

 AQIIDAA ISAA GABAABDUU

Aqiidaa Sheekhatti hoggaa seenne, Inni duree


Aqiidaa Ahlusunnaa turre, Itti gaafatamaa
damee Aqiidaa kan Yunivarsiitii Madiinaati.

Kitaaboonni Isaatii fii Muhaadaraaleen Isaa tan


warraabamtee jirtu Aqiidaa Isaatiif ragaadha.

Aqiidaan Sheekhaa Gabaabinaan Aqiidaa


warra Ahlusunnaati, Isiif tumsaa jiruu Isaa
guutuu dabarse.

Ahbaashii fii fakkaattuu Isii hunda ragaa


Quraanaa fii Hadiisaatiin Albaasaa ture.

Aqiidaa Isaa irraa waa xiqqo. Kitaaba Isaa


Sharhu Usuul Salaasaa fii Sifaatul Ilaahi qofarra
bakka Ahbaashiin hedduu falamtu qofan

85
dhiheeysa. Namni dabalataan dubbisuu fedhe
Kitaaboota lamaan haa laalu.

1. Rabbiin Arshii Isaarratti ol tahuu fii Uumaa


Isaati ol jiraachuun haqa.

Sheekhni Akkana je’a: “Dhugumatti Rabbiin


Arshiirratti ol tahuun Isaa Quraana keessatti
Aayata Torba keessatti dubbatame. <Istawaa>
Ol tahuu Aayaanni ibistuu tartiiba Suuraatiin
akka Armaan gadiiti taha: Al-A’araaf: Aayaata
54ffaa, Yuunus: 3ffaa, Ar-Ra’ad: 2ffaa, Xahaa:
5ffaa, Al-Furqaan: 59ffaa, As-Saajidaa: 4ffaa,
Al-Hadiid: 4ffaa.

Aayaatoonni kun hundi Rabbiin Arshiirratti ol


tahuu sabachiisan. Akkasumas Aayaatoota
biroo hedduu fii Hadiisoota hedduutu jira, kan
hiikkaan aayaatoota Arshiirratti ol tahuu Ibsitu
san fakkaatu. Ammoo Aayaatoonni torban sun
<<Istawaa>> jechuun Rabbiin eega dachii fii
Samii uume akka Isaan malutti Arshiirratti ol
tahuu Isaaf sabachiifti.”

Sifaatul Ilaahii: 225-226

86
2. Gad bu’insa Rabbi akkuma Hadiisaan
dhufetti gama samii duniyaa gad bu’a,
bu’insa Isaan male.

Sheekhni siif gad bu’insaa ilaalchisee akkana


je’e:

“Hadiisooleen gad bu’insa Rabbii sabachiisan


hedduutu dhufe, Imaam ibnu Teeymiyyaan
Hadiisa Mutawaatira (lakkoysa hedduun)
odeeyse je’een, Haafiz Ibnu Abdul Bar
akkasuma Hadiisni gad bu’insa Rabbii himu
Mutawaatira karaa hedduun odeeyfame
jechuun addeeyse.

Imaam Az-Zahabiin Imaamoota lamaan Ibnu


Teeymiyaa fii Ibnu Abdul Bar deeggaree
akkana je’e: <Hadiisa gad bu’insa himu san
Jildii (mujallada) tokkotti katabeetin ture,
Hadiisni sun Mutawaatira karaa hedduun
odeeyfame jechuu itti mirkaneeyfadheetin
jira.>

Hadiisoota sanirraa:

Hadiisa Abuu Hureeyraan Nabiyyirra


odeeysu s.a.w:

87
“Gad bu’a Rabbiin keenya halkan hunda
hoggaa harki sadii halkanirraa dabre. Rabbiin
<<Ani Mootiidha eenyu kan na gaafatu nin
kennaafi? Eenyu kan na khadhatu Isaafiin
awwaadha? Eenyuutu Araarama narra
barbaada nin araaramaafii?>> je’a.”

Sheekhni ragaalee hedduu Hadiisaa fii


jechoota Ulamaa’ii fidee akkasumas warra
didu hunda kijiba Isaanii saaxile.

Dhumarratti wanni inni fixeen Rabbiin gad bu’a


akkuma hadiisaan sabate. Kana bira dabarree
humaa itti hin idaanu gad bu’insa isaan male
gad bu’a jennee bira dabarra akkuma warra
salafa nu dura dabree.

Sifaatul Ilaahi: 252-256

Haaluma kanaan sheekhni Sifoota


Rabbiin ifin yaamee fii Nabiyyiin Isaa
s.a.w isaan yaame tartiibaan sabachiisuu
itti fufa.

Namni Aqiidaa Ahlusunnaa Siifaa fii maqaa


Rabbii kheeysatti gadi fageenyaan hubachuu
fedhe, akkasumas kan jallina warra jallatee

88
adda baruu fedhe Kitaaba Sheekhaa As-
Sifaatul Ilaahi haa laalu.

Namni Aqiidaa Isaa tan Towhiida Ibaadaa fii


hiikkaa jecha Laa Ilaaha Illallaah baruu fedhe
Kitaaba Isaa Sharhu Usuul Salaasaa haa laau.

Sheekh Keenya Rabbiin Rahmata haa


godhuuf.

89
Sheekh Muhammad Rashaad

Dr. Sheekh Muhammad Rashaad Abdullee


Bara 1934 Abbaa Isaa Kabiir Abdullee Kabiir
Muummayyaa fii Haadha Isaa Faaximaa
Shurraa Irraa dhalatan. Bakki Dhaloota Isaa
Ammoo Goodina Harargee Lixaa Laga Arbaa
bakka jedhamutti.

Joollummaaan Abbaa Isaa Kabiir Abdullee


irratti Quraana irraa eegalee barnoota
jalqabaa baratee jira. Abbaan Isaa Ilma Isaa
Sheek Muhammad Rashaad ilmiif kennee
deemii baradhu je’ee Eebbiseen. Sheek
Muhammad Rashaad haaluma saniin
barnoota biyya keessatti barataa erga ture.
Hajjii fi Umraaf gama Su’udii deeme.

Achiin Filisxeemii Fii Shaam ykn Suriyaatti


barachuu jalqabe. Barnoonni Inni
Shaam/Suriyaatti barataa ture Barnoota
Islaamaa gosa hunda ture garuu dipiloomaa fii
digrii wanni je’amu achi hin jiru. Akkuma
Ulamaaii durii baratanii Ijaazaa ykn barsiisuuf
hayyama fudhatan.

90
Sadarkaa Muftummaa erga gahan Booda
Azhar Osuma Ilmii qabuu seenee barachuu
jalqabe. Bara 1962 Usuulu diiniin tokkoffaa
bahuun Preezidaantii Misraa kan yeroo sanii
Jamaal Abdu Naasir irraa badhaasa fudhate.

San booda Azhariin Somaaliyaa keeysatti akka


barsiisu ramadame. Somaaliyaatti madarsaa
barsiisaa Qorannoo Afaan Oromoo fii
Somaalee irratti godheen Qubee Afaan
oromoo tan amma itti fayyadamaa jirru tana
waan qopheeyseef Doktorummaa Isaa
argatee jira.

Bara 1965 – 1984 Raadiyoo Moqaadishoo jiruun


Afaan Oromootiin Seenaa fii barnoota
Islaamaa ummata Isaa barsiisaa ture. Inni Dura
nama afaan Oromootiin Raadiyoo
Moqaadishoo keeysaa dhagayamee ture.

Kitaaboota hedduu Afaan Oromootiin hiikuun


saba Isaa guutuu fayyaduu dandahee jira.

• Tafsiira Afaan Oromoo Sagalee fii


barruun qopheeysuuf amata 20 ol itti rakkatee
hawaasa biraan gahuu dandahee jira. Tafsiira
Afaan Oromoo yeroo duraatiif namni sagalee

91
fii barrun qopheeyse Sheek Muhammad
Rashaad Abdulleeti.

Kitaaboota biraa hedduu qopheeysee jira


sanirraa:

 Aqiidaa Xahawiyyaah
 Arba’iin Nawawii
 kitaaba Guddina nabi Muhammed
Rabbi biraa qabu namaa ibsu
 Abuu Shujaa fi kitaaboota 20 ol
qopheeysee jira.

Kitaaboota qopheeysu kana hunda


maallaqaaf osoo hin taane Ummata Isaa
fayyaduu qofaaf qopheeysaa ture. Inni
Kitaaba gurgurate tokko hin qabu.
Qopheeysee warra maxxansuu itti barbaadee,
erga maxxanfame booda warra biyya Isaaf
geysee hawaasaan Isaaf gahu barbaadee,
Hawaasaan gaha. Kana hunda godhaa ture.

Bara 2009 Dr. Muhammad Rashaad gama


biyyaa deebi’ee jiraachuu jalqabe.
Aadaamaa qubatee waan dandahe
barreeysuu itti fufe.

92
Bara 2011 gama dhumaa Ahbaashii amantiin
je’amtu Haarawni biyya seente. Sheek
Muhammad Rashaad waan jijjirame hunda
quba hin qabu ture. Akka tasaa warri Majlisaa
Wallaansa siif goona jechuun fuudhanii
Finfinnee geysan, Finfinnee Hooteelatti
Mootummaarraa namni itti dhufee Oromoon
waan si jaalattuuf wal gahii majlisaa irratti
waa’ee Abdullaahi Hararii dubbadhuu je’aniin.

Dr. Muhammad Rashaad, bara 1957


Abdullaahi Hararii Suriyaatti addaan erga bahe
walitti hin deebine. Garuu bara 1957 dura
Abdullaahi Harariin Sheeka Suufiyyaa tahuu
Isaa argee jira, bara san qaalichii falsafaa
haarawa Ahbaashii je’amtu hin uumne ture.
Kanaaf namicha bara 1957 tti addaan bahe
san faarsee akka Inni nama nagayaa tahe
dubbataa ture.

Abdullaahi Hararii Jallinaan daangaa dabre


bara 1983 Ahbaash amantii je’amtu uumee jira.
Dr. Muhammad Rashaad ammoo bara 1957
Isaan adda bahe. San booda waan argamee
fii waan tahe quba waan hin qabneef waan
dur beekuun walgahii Majlisaa Irratti Osoo hin
feene argamee Abdullaahi Hararii faarsee jira.

93
Booda Sheekh Dr. Muhammad Rashaad
Aqiidaan haarawni akka biyya seente
dhageenyaan irraa qulqullaawee labsa
baasee jira. Osoo namni tokko dubbachuu
sodaatu Sheek Muhammad Rashaad sodaa
takka malee labsa baasee Aqiidaa Isaa akka
hin jijjirin akka Tafsiiraa fii Aqiidaa Xahawiyyaa
Isaa namni laalee Aqiidaa Isaa hubatu
yaamicha dabarse.

Sababaa Labsa baasee Aqiidaa Isaa tan


duraa irratti sabateef, Sababaa Aqiidaan tiyya
tafsiiraa fii Aqiidaa xahawiyyaan ani barreeyse
sani jedheef, dhiibbbaan adda addaa bakka
ciisutti irratti godhamaa turte. Bilbilaan
sodaachisuu fii arrabsuun yeroo dheeraaf erga
itti fufan booda, mana Aadaamaa kan keeysa
jiraachaa ture keeysaa Ari’amee Dirree
Dawaatti galuuf dirqame.

Diree Dawaatti dhukkubni itti jabaate wallansa


irra Osoo jiruu duuti nama hundarraa hin hafne
itti dhuftee may 25 bara 2013 Adunyaarra
gama Akhiiraa godaane.

Dr. Muhammad Rashaad seenaa


dubbatamtee hin dhumne dalagee jira.

94
Saba ifiitiif waan dandahame hunda
dalaguudhaan Sheek Muhammad Rashaad
fakkenya addaa nuuf taha, Inni Sheekha,
Gaazeexeeysaa, walaleeysaa, barreeysaa,
barsiisaa, qabsaawaa fii Abbaa Seenaa,
Abbaa Qubee Afaan Oromooti ture.

Rabbi Rahmata haa godhuuf.

 AQIIDAA DR. MUHAMMAD RASHAAD

Hoggaa gama Aqiidaa Isaa seenne, Kitaabni


Aqiidaa Xahawiyyaa Afaan Oromootiin Inni
hiikee fii Tafsiirri gahaadha. Ani Kitaaba lamaan
san hundi keessan akka dubbiftan Isin afeera.

 Hiikaa Towhiidaa Sheek Dr. Muhammad


Rashaad Abdullee akka Armaan gadii
kanattii hiika.

“Laa ilaaha illallaahu jechuun: Rabbii tokkicha


malee, kan ibaadaa akka salaataa,
soomanaa, Isaaf waa qalu’uu, Isa kadhatuuu
haqa godhatu hin jiru; kan sifa akka sifa Isaa
qabu hin jiru; kan humna wahiin argamsiisu
qabu, kan sifa waa hundaan beekuu qabu hin
jiru, tanaaf jecha kan waa uumu Isa malee hin
jiru. Rabbiin tokkichaa yaadun, waan biraatif,

95
sifa akka sifa isaa kennuu dhabuu ammallee
nama biraatu, waa uumaa, nama razaqaa,
ilmoo namaa kennaa, nama ajjeesaa yaaduu
dhabuu. Ammallee nama Isan tayeniitu
ibaadaa haqa godhataa, yaaduu dhabuu.
Namni Rabbiin tokkichaa yaadaa, waan biraa
ibaadu (gabbaru), iimaana hin qabu.”

Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 1

Sheekhni Haala kanaan Towhiida


sadeen Afaan Oromootiin Ibsa.

kunii qooda Towhiidaa sadeen Afaan


Oromootiin Ibsuudha, Kan Ibaadaa akka
kadhachuu haqa godhatu hin jiru Rabbi malee
(Towhiidul Uluuhiyyaa je’ama), Kan siifa akka
sifa Isaa qabu hin jiru (Towhiidul Asmaa wasifaat
je’ama), kan waa uumu Isa malee hin jiru
(towhiidu Rubuubiyyaa je’ama).

Gabaabinnatti kuni Towhiida Sadeen itti


amanuun dirqamaati. Namni tokko sadii je’ee
qoodee dubbachuu baatullee yoo akka
sheekhni Afaaniin Ibse kanatti amane sadeen
barbaachisaa tahe sanitti amane jechuudha.

96
 SIFA RABBII KEESSATTI SHEEKNI MAAL JE’E?

Sheekhni Sifoota Rabbii akka dhuftetti


sabachiisuun akka dirqama tahe dubbata.
Akkasumas fakkeeysuu fii akkaataa Isii
dubbachuun dhorgaa akka tahe
akeekkachiisa.

Sanirraa:

 Arshiirratti Ol tahuu Rabbii Ilaalchisee

“Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa Isaan


malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa
hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa
hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti
fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame
diduunis kufrii”

Tafsiira Quraanaa Suuraa Xaahaa: 5

Haaluma Quraana keessatti Rabbiin Arshiirratti


ol tahuu sabachiise kanaan Kitaaba Aqiidaa
xahawiyyaah keessattillee sabachiisee jira.

Kunoo Akkana je’a:

“Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan


uume hundaa oli. Arshii waan Inni uume

97
keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin
dhoowwamu shari’aatu dhufeen…

Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan


Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru.”

Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36

Sheek Muhammad Rashaad kitaaboota Isaa


keessatti kana barreessee jira. Inni waan
Muslimoonni amanan barreesse, Anis muslima
waanin taheef hikkaa Isaa argee amanee jira.
Kuni Aqiidaa Muslimootaati, Rasuula s.a.w irraa
eegalee warri karaa Sunnaa deeman hundi
Rabbiin Arshiirratti akka Isaan malutti ol tahuu
Isaa ni amanan. Kanas Rabbumaatu Quraana
Keessatti nuuf hime.

 Quraanni jecha Rabbiin dubbate tahuu


Isaatii fii Rabbiin dubbachuu.

Sheekh Muhammad Rashaad akkana je’e:

“Qur’aanni Rabbiin Nabi Muhammadirratti


buuse dubbi Rabbiiti, Rabbumaatu dubbate.
Jibriil Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad
Jibriilirraa dhagayee, ummanni Nabi
Muhammadirraa dhagaye.”

98
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula: 20-21

Sheek Muhammad Rashaad Quraana Jibriil


Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad
dhageesisee jechaa jira. Akka Ahbaashiitti
jechi Rabbii hin dhagayamuu hin jenne, Jibriil
keessatti jecha Isaa kan Azalii uume hin jenne.
Ni dhagayee jechaa jira. Rabbiin keenya ni
dubbata, Abbaa fedhe dubbisa. Yeroo fedhe
dubbata. Waan fedhe dubbata. Namni inni
dubbise jecha Isaa ni dhagaya.

 Rabbiin Ija qabaachuu Isaa.

Sheekh Muhammad Rashaad akkana je’a:

“Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan


uumameetii miti.”

Sharhumatnil Aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34

Rabbiin Ija qaba, ni arga. Garuu Ijji Isaa tan


uumamaa hin fakkaattu. Ija Isaan maltu qaba.
Wanni hundi Ija isiin maltu qabdi. Iji Rabbiitis Ija
waan uumamee takkallee hin fakkaattu.
Kanaaf warri Sunnaa waan Rabbiin nin qaba
ja’e hin qabduu hin ja’aniin.

 Rabbiin harka qabaachuu Isaa.

99
Sheekh Muhammad Rashaad akkana je’e:

“Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka


keenyaatii miti.

Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34

Rabbiin harka Isaan malu qaba, kanas Isaatu


dubbate malee nuti kijiba Isarra kaayuu hin
dandeenyu. Sheekh Muhammad Rashaad
Aqiidaa warra Sunnaa addeesse. Rabbiin sifa
Isaan malte qaba.

 Sahaaboota Rasuulaa s.a.w nama jibbu


ni jibbina.

Sheekh Muhammad Rashaad Warra


Sahaaboota hamtuun dubbatu hunda ni
jibbina jechuun dubbate.

Kunoo akkana je’e:

“Asaabaa Nabi Muhammad, nama Isaanirraa


taye, tokkolleedharraa hin cinnu. Hundi Isaanii
jaalalloota keenya. Nama Asaabaa Nabi
Muhammad jibbu hunda, ni jibbina.”

Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula: 117-


118

100
Tunis aqiidaa warra Sunnaati Sahaabaa hunda
ni jaalanna, waan Isaan jidduutti argames
Rabbiif dhiifna. Tokkollee maqaa hamaadhaan
hin kaafnu. Aqiidaan warra Sunnaatu tana. Tan
falsafaa ammoo abbaa fedhan keessaa
arrabsuu fi xiqqeessuudha. Rabbi nu haa tiysu
jallina falsafaa irraa.

 Rabbiin guyyaa Qiyaamaa Murtii


godhuuf ni dhufa.

Sifa Dhufiinsa Rabbii tan guyyaa Qiyaamaa


sabachiisuun karaa warra Salafaati. Sheekni
Akkana je’a:

“Gaafa Rabbiin kee amrii isaatin dhufe


dhufiinsa Isaan malu.”

Al-Fajr: 21-22

Aqiidaan warra Sunnaa Rabbiin guyyaa


Qiyaamaa akka Isaan malutti dhufa jechuu
amanan. Halkan gama boodaa akka Isaan
malutti gama samii adunyaatti gad bu’a
jechuu amanan. Kanas Quraanaa fii Hadiisa
irraa baratan malee ifiif uumaniitii miti. Garuu
warri falsafaa jala deemu ni didan, Falsafaan

101
teenya hin qeebaltu, aqliin teenya hin
hayyamtu je’an.

Sheekh Muhammad Rashaad Haala kanaan


Aqiidaa Isaa Kitaaboota Isaa keeysatti ibsa.
Afaaniinis Aqiidaa Isaa tan katabe tanarraa
akka hin deebi’iin du’uu Isaa dura dubbatee
jira. Labsa Website Isaa www.rashaad.org irratti
baaseen irra deebi’ee Aqiidaa tiyya namni
baruu fedhe Kitaaba kiyya tafsiiraa fii Aqiidaa
xahawiyyaah haa laalu jechuun himatee jira.

Kanaaf Sheekh Muhammad Rashaad wanni


Madaalluun kitaaba Isaati.

Ahbaashiin yoo Sheekh Rashaa jala deemte


aqiidaa Inni Kitaaboota lamaan Tafsiiraa fii
Aqiidaa xahawii keeysatti ibse haa fudhatan.
Garuu Isaan waan Muslimoonni amanu
takkallee hin fudhatan.

Sheekh Rashaad Rabbi Rahmata haa godhuuf.

102
Sheekh Haaji Yuusuf Ciroo

Maqaan guutuun Sheekh Yuusuf Aadam Aliyyii


Qumbii.

Maqaan ittiin beekkaman Haaji Yuusuf Cirooti.


Ulamaa’ii akka ifaa aduutti dukkana wallaalaa
fii shirkii addeeysaa umrii fixe keessaa inni
hangafa.

Barsiisaa Sheekkootii fii Ulamaa’ii Oromootaati.


Sheekkootiin Ifiif darasaa barsiisan darsaa
Isaanii wajjiin wal guurratanii Madrasaa Sheekh
Haajii Yuusuf dhufanii bahara beekkumsaa
irraa waraabbatee if qabbanneeysa.

Sheekni Sheekkootaa Haaji Yuusuf Ciroo jiruun


Isaa guutuun barachuu fii Barsiisuudha.

Dhaloonni Isaanii Xaaliyaan biyya


koloneeffattee amata 3ffaa keeysa. Bakki
dhalootaa Isaanii Baale, Raayitu bakka
je’amtu.

Joollummaan amata 10 osoo hin gahin


barnoota diinaa Qur’aana Rabbii haffazuun
jalqabe. San booda barnoota Fiqhii hanga
honga Isii Sheekkootii hedduurratti baratan,
103
akkasuma Kitaaba Aqiidaa Ashaa’iraa
(Falsafaa) hanga honga Isii baratanii jiran. Seer
luuga Afaan Arabaa (Nahwii fii Sarfii) Harargee
Lixaa Sheekh Abdurhamaan Awwaaree
naannoo Magaalaa bardooddeetti dhihaattu
keeysatti amata 11 baratan.

Seena Isaanii gabaabduu Sagaleen


waraabamte keessatti Sheekh Haajii Yuusuf
eega Ilmii hedduu baratan booda, Hadiisa
barattuutti akka seenan ibsan.

Sababaa Hadiisa baratuuf Isaan kaase


hoggaa himan Sheekh Abdullaahi Tuqoo
Sheekni je’amu Fadisitti Hadiisaa fii Aqiidaa
Salafaa barsiisuu jalqabnaan ‘Mu’taziilaatu
Hadiisa barata,’ jechuun Sheekkootiin Fiqhii
qofa barasiistu itti kaate. Haajii Yuusuf Sheekh
Abdullaahi Tuqoo bira dhufee Hadiisa wanni
barachuu jalqabeef Aqiidaa Ashaa’iraa
(Falsafaa) irraa deebisuuf akka tahe dubbata.
“Garuu Osoo Hadiisa irratti deebisuuf barannuu
Hadiisni gama Isaa nu deeffate” je’an. Rabbiin
sifa Isaan maltu qaba kan je’u Imaam
Muhammad binu Abdulwahhaab qofa jennee
Osoo amannuu, Imaamu Tirmiziin Amata kuma

104
1 dura Waan warri Salafaa amanu kitaaba Isaa
Sunan At-Tirmiizi je’amu keeysatti ibsee jira.25

Sheekhni “hoggaa Tirmiizii barannu wanni


Falsafaa taate hundi akka kijiba taatee fii
Aqiidaan Muhammad binu Abdulwahhaab
tan bineensa fakkeeysan kijiba tahuu agarre.”
je’an.

Abdullaahii Tuqoo fii Beekaa Hadiisaa kan


zamana Sanii Sheekh Ahmad Basiiraa irratti
Hadiisa amata dheeraaf baratanii jiran.
Sheekkootii Baalee fii Harargee keessatti Inni
bira dhaqee irraa barate hedduudha.

Sheekni Ilmii Qir’aa Irraa Hafsii, Warshii, fii Qir’aa


Abuu Amrii baratanii, haffazanii jiran. Kitaaba
<Xibbii> ykn Fayyaa hanga hoonga isii
baratanii barsiisaa jiran.

Zamana dheeraaf eega Sheekkootiirra


daddeemanii baratan booda akkaa aadaa
biyya teenyaatti <Ijaazaa> hayyama basriisuu

25
. Sunana Tirmiizii Hadiisa: 661 irratti laalladhu. Akkasuma
Kitaaba Aqiidaa Ahlusunnaa Afaan Oromootiin Ani qopheeyse
fuula 43-45 irratti Aqiidaa Imaamu Tirmiizii Guutuu ni argattan.

105
Sheekkootii Isaa hundarraa argatanii
eebbifaman. Eegasii barsiisuutti gad taa’an.

Sheekni Amata 40 oliif barsiisaa jiran. Amata 40


dabaran Sheekh Haajii Yusuuf Ciroo
Ulamaa’oota lakkoofsa Isaanii Rabbi qoftiin
beekuu hedduu oomishanii jiran, arrallee
barsiisuu ittuma jiran.

Maqaan Haaji Yuusuf Ciroo je’u ganda Inni


qubatee barsiisu irraa kan itti maxxane hoggaa
tahu Sheekhni Maqaa Abbaa Isaanii caalaa
maqaa Haaji Yuusuf Ciroo jedhamu kanaan
nama hunda biratti beekkaman.

Sheekni eega Falsafaa baratee hubate booda


gama Aqiidaa Salafaa waan deebi’eef,
Falsafaa fii Bid’aa dura dhabbachuun
fakkaataa hin qabu. Umrii Isaa guutuu
Towhiidaa fii Shirkii adda baasaa jiraate
jechuun ni dandahama. Aqiidaa Ahlusunnaa
Qulqulluu ummata biraan gahuuf carraaqqiin
Isaan godhan hangana je’ame hin dhumu.
Ulamaa’iin Isaan biraa eebbifaman hundi
karuma Isaanii san qabachuun Shirkii fii Bid’aa
Osoo ummanni firraa hin beeyne biyya seente
qulqulleeysaa jiran.

106
Sheekh Haaji Yuusuf Ciroo yeroo dheertuuf
naannoo Magaalaa Ciroo ganda Laga Sheekh
Aadam jedhamutti barsiisaa turan. Akkuma
Aadaa Ulamaa’oota biyya teenyaa ganama
salaata Subhii yoo barsiisuuf gad taa’an Asrii
booda malee boqonnaa fii nyaatuun hin
beekkamu. Darsaan akkuma sadarkaan wal
dhabduun tarree galtee dhufti, tuutti tun
barattu, tan biraatu boodaan dhufa, haala
saniin hanga Maghriibaa barsiisaa jiruu Isaanii
dabarsan.

Osuma akkasi barsiisanii guyyaan galgalaawa.

Haala kanaan Harargee Lixaa naannoo


Magaalaa Cirootti waggaa dheertuuf eega
barsiisaa ture booda gama Arsii Lixaa
Asaasaatti qubsuma Isaanii jijjiruun achitti
Majlisa haarawa gad dhaaban.

Gaafa Isaan Ciroo gama Asaasaa fi’atan warri


naannoo Ciroo akka taa’ziyaatti lakkaawe.
Warri Asaasaa fii naannoo Isii milkii guddoo
Rabbiin Isaaniif fide itti fayyadamuuf itti figan.

Asaasaatti barsiisuu jalqabuun Isaa


dhagayamanaan Arsii fii Baalee irraa
Ulamaa’iin duraan Majlisa barsiisaa turan

107
darasaa Isaanii wajjiin gama Majlisa Haaji
Yuusuf Magaalaa Asaasaatti fi’atanii itti
dhufan. Sheekkootii fii darasaan bakkatti ilmii
Isaanii bal’oo Irraa warraabbatanii Ijaazaa Irraa
fudhachaa gama barsiisuu deebi’an.

Asaasaan Markaza Ulamaa’ootaa fii


beektootaa akka taatu Rabbiin Haaji Yuusuf
Ciroo achitti galche.

Arsii fii Baalee keeysattis Bid’aa fii Shirkii dura


dhaabbatuun fakkeenya tahan guddaa
Ulamaa’ii hundaaf tahanii jiran. Haala kanaan
Asaasaatti Quraanaa fii Hadiisaan karaa
haqaa Ibsaa turan. Ammas itti jiran.

Aalimni guddan kuni Harargee hanga Arsiitti,


Jimmaa hanga IluuAbbaa Booraatti,
Sheekkootii fii Ustaazoota hedduu Omishee
eebbisise.

Haala kanaan jiruu Isaa guutuu Muslimoota


khaddammuun dabarse.

Muftiin Guddichi Haaji Yuusuf Ciroo Dadhabe fii


hifadheen Isa bira hin jirtu. Darasaa Isaa
akkuma barsiisu hawaasa bal’aafis gorsaa fii
barnoota kenna.

108
Sheekha Sheekkootaa Haaji Yuusuf Ciroo yoo
argan wanni Hawaasuma muslimarraa tokko
fakkaata. Xiqqaa fii guddaa kabajee gaafii
Isaanii dhaggeefata. If guddisuu fii if tuuluun
Isaan bira hin jiru.

Sheekni diina Rabbii keessatti komii nama Isa


komatuutiif dantaa hin qaban.

Sheekni Sheekkootaa Sheekh Haaji Yuusuf


Ciroo Kitaaba Sanada Isaanii Ibsu barreeysanii
jiran. “Axiyyatu As-Samad” Kitaaba je’amu
keeysatti Ulamaa’oota irraa baratan jalaa
kaasani hanga Abbaa kitaabaatti sanada
Sanada Isaanii keeysatti Ibsan. Sanada
Jechuun akkuma amma dura ibse sani: Sheekh
Kiyya Abaluu irraa, Inni Abaluu irraa, Inni abaluu
irraa jechuun Oofanii Kitaaboota hunda
abbaatti galchan. Hadiisa Rasuulaa s.a.w
hanga Rasuulaatti galachan, Sheekh Isaa irraa
kaasee haala saniin nama Jidduu Isaanii jiru
hunda lakkaawanii nama dura dubbii san
je’etti galchan.

Ani Kitaaba kana Sheekni akka qabu Ibsa Isaan


sagaleen godhan keeysatti dhagaye malee
hin agarre.

109
Ulamaa’ii akkanaa tanaan Aqiidaan teenya nu
bira geeyse. Isaaniin Amantiin teenya
qulqulluun tiiyfamte.

Barachuuf balaa meeqa arganii, baratan.


Barsiisuuf mindaa takka malee ganamarraa
hanga galgalaa barsiisan. Ramadaana malee
haala kanaan amata guutuu jiruu Isaani
dabarsan.

Adawwiin Islaamaa balaa irraan geeyse hunda


obsanii arras amantii Islaamaa khaddamuu itti
fufanii jiran.

Sheekhni Sheekkootaa kuni Oromiyaa Asaasaa


jira. Hanga Libaanoosii Ahbaashii nuuf fidan
Osoo Isaan kana biyya leenjisaa je’anii carraa
kennaniif maal qaba?

Sheekhni gaafa Ahbaashiin biyya seente warra


sagalee ol fuudhee jallina isaanii ibserraahi.

Beekkumsa qabaattan koottaa kitaaba


keeysaniin, Nutis Quraanaa fii Hadiisa
qabannee dhufna jechuun labsanis Ahbaashiin
toora Isaanii dhaabbachuu sodaattee
dheeyfa ceete.

110
Garuu Isaan duubaa kijibaa fii dhara biyya
keessa facaasuu carraa waan argataniif itti
jiran.

Sheekh Haaji Yuusuf Ciroo Qumbii Rabbiin


Dalagaa Isaanii irraa haa jaalatu, Umrii Isaanii
nuuf haa dheereysu.

111
Sheekh Aadam Caffee

Sheekha Sheekkootaa Aadam Daadhii Al-


Oromii.

Rabbi Rahmata haa godhuuf February 8, 2014


du’an.

Maqaa Sheekh Aadam Caffee jedhuun


beekkama. Aalima beekkomsa Islaamaatiin
honga gahe, Beekhaa Hadiisaa, Tafsiiraa,
Usuulaa fii Aqiidaa Barsiisuun Ulamaa’oota
kumaatama Omishe.

Umrii Isaa guutuu amantii Islaamaatiif jiraate.


Barachuu fii barsiisuu akkasumas Ibaadaa
godhuun umrii isaa fixe.

Sheekkootii biyya teenyaa gurguddoo


Beekkumsa Islaamaatiin honga gahan hedduu
bira dhaqee irraa barate. Akkuma Aadaa
Ulamaa’oota biyya keenyaa Barsiisuuf
sheekkootii Isaa hundarraa Ijaazaa eega
argate booda, Harargee Lixaa Naannoo
Galamsoo qubatee, Barsiisuu jalqabe.

Darasoonni gama hundaa Isa biratti walitti


qabamanii Ilmii Inni Sheekkootii Isaatirraa
112
amata dheeraaf barate, irraa warraabatan.
Inni Bahara beekkumsaati ture.

Sheekh Aadam Caffee Majlisa barsiisuun


Ulamaa’oota hedduu oomishe. Towhiida
qulqulluu, amantii Rasuulaa s.a.w facaasuun
Muslimoota Bid’aa fii Shirkii irraa akka fagaatan
diniinaa jiraate.

Amantii Islaamaa qulqullutti nama yaamanii


nagaya bahuun waan hin jirreef Sheekh
Aadam Caffee balaa adda addaa
Munaafiqootaa fii warra Bid’aa irraa Isa
dhaqqabuun hin olle. Karaa Rabbii keeysatti
rakkachuu fii balaa qunnamuun Sunnaah
Nabiyyootaa akka tahe waan beekuuf obsee
haqa Ibsuu itti fufe.

Sheekh Aadam Aqiidaa Ahlusunnaah qulqulluu


barsiisuu Isaatiif yeroo hedduu hidhaa fii
sodaachiisaan adda addaa irra gahaa turte.

Garuu Rabbirratti galata herregatee ganduma


balaan itti Isa dhaqabdu san keeysatti umrii
Isaa guutuu barsiisuun dabarse. Arrabaa fii
diniinni gama Kaadreetii fii Majlisaatiin Isarra
gahaa ture kan biyyaa nama baqachiisu

113
tahullee, Obsee ummata barsiisuun Oomishaa
Ulamaa’ootaa fii du’aataa tahuu dandahe.

Rabbiin barnoota Isaa keeysa barakaa


kaayee, Akkasuma darasoota Isaa keeysallee
barakaa Isaaf kaaye. Sheekkootiin Isa biraa
Beekkumsa hedduu eega argatan
eebbifaman hedduudha. Lakkoofsa Isaanii
Rabbumaatu beeka. Warreen beekkamoo Isa
biratti baratanii biyya fayyadan kanin ani
dhagaye waa xiqqo.

Sanirraa

1. Sheekh Amin Ibroo Daa’ii beekkamaan


Isa tokko. Sheekh Amin Ibroo da’waa
mi’oytuu godhuun afaan Oromootiin
warra da’waa godhu keessaa
fakkaataan Isaa hin argamne.
Hayyummaa fii mala itti nama gorsaniin
Rabbiin Isa badhaasee jira.
2. Sheekh Muussaa Kurfaa Rooqaa (Rabbi
Jannataan haa qubsiisu) Sheekh Aadam
caffee irratti baratanii Majlisa Naannoo
Bookeetti dhaabuun Darsoota kumaa ol
barsiisaa turan. Hadiisaan biyya faayanii
yaamicha Rabbii kan hafa hin qabneen
du’anii jiran.

114
3. Sheekh Bashiir Daa’ii fii Imaam
beekkamaa Magaalaa Machaaraa.
Kan Towhiidaan biyya tolche, Sheekh
Aadam Caffee biraa eebbifaman.
4. Sheekh Alii Kaakumaa kan Naayroobiitti
barsiisaa ture. Amma Ameerikaa khan
jiru, Sheekh Aadam Caffee irratti
baratan.

Sheekootiin Aalima guddicha Sheekh Aadam


Caffee biraa eebbifaman lakkaawamnii hin
dhuman.

Umriin Isaanii Rabbi dheereeysee amata 100 oli


Diina Islaamaa khaddamaa jiraatan. Hanga
Umriin Isaanii 95 olitti dhihaatutti Sheekhni
Barsiisaati ture. Akkuma ulamaa’oota biyya
keenyaa Innis ganama Salaata Subhii irraa
jalqabee hanga Salaata Asrii ykn maghriibaa
barsiisuun dabarsa. Umriin amata 90 ol eega
dabre booda silaa kan boqonnaa godhu, Inni
Nashaaxaan barsiisuu hin dhaabne. Amata 60
oliif barsiisaa Ulmaa’ootaa fii Muslimoota
hundaa tahee jirruu Isaa dabarse. Amata
hedduu kana hoggaa barsiisu Mindaa addaa
kan kafalamuuf hin qabu.

115
Amanta 95 olitti hoggaa ol dabrsan
Maanguddoomanii Sagaleen Isaanii hanga
calliftuu barsiisuu itti fufan. Booda barsiisuu
dadhabanii barataa Isaanii coollee fii hayyuu
Sheekh Qaamuus Majlisa Isaanii akka irraa
qabu itti ramadanii Ibaadaaf achi bahan.

Sheekhni Sheekkootaa Sheekh Aadam Caffee


hanga sagaleen Isaa maangudummaarraa
dhagayamuu dadhabduu barsiisuun Seenaa
akkanaa dalagee jira.

 Aqiidaa Isaanii

Sheekhni Aqiidaa Ahlusunnaa Wal Jama’aa


qulqulluurra ture. Isiif jiraatee, Isii barsiisee, Isiif
jecha hidhamee, tumamee, arrabsame.

Towhiida darasaa qofa barsiisaa hin turre


Sheekhni Hawaasa bal’aa hunda barsiisaa
ture. Aqiidaa qulqulluu Sahaabootarraa
Salafoonni dhaalan barsiisuun Sheekkootii fii
Ustaazoota Isaaf ragaa bahan omishee jira.

Kitaabu Towhiidii fii Kitaaboota Aqiidaa warra


Sunnaah qajeeltuu addeeysan hunda barsiisaa
ture. Gorsaa Isaati Aqiidaa ture. Wanni Inni irraa
dinniin Shirkii fii Bid’aadha. Rabbi irraa haa
jaalatu.

116
 Haala Isaanii
Sheekh Aadam Caffee nama adunyaarraa
dantaa hin qabnee Zaahida ture. Namni Isa hin
beeyne yoo arge Qootee bulaa malee
Sheekha waa beekhu hin sahu.

Diina Rabbii keessatti nama komii fii miidhaa


Isarra geeysuuf dantaa hin qabnee fii Haqa
dubbachuuf nama hin sodaanne ture.

Jibbaa warra Bid’aa Irraa Isarra gahaa ture fii


dhiibbaa hunda akka Kheeyrii Isaaf dalaganiitti
laalee, Adawwii warra Isa godhateef Nasiihaa
godhaa ture. Hamtuu itti dalagan Inni gaarii
Isaaniif dhaamuun deebisa.

Sheekhni Obbolummaa Islaamaatiif dursa


kennuun, Warra wallaalaan Isa dararaa ture
gama karaa qajeelaatti yaamuun fakkeenya
gaarii akka ture warri Isa beekan ragaa
bahaniif.

Rabbiin adunyaa tanarra nama tokkofillee


bara baraan du’a malee akka jiraatu hin
mijjeeysine, duuti hunda namaa tuquun hafa
hin qabu.

117
Sheekh Aadam Caffee guyyaa 8, February
2014 du’aan adunyaarraa gara Jalqaba jiruu
akhiiraa dabare.

Dalagaa Isaa bareedduun dhalootaa


dhalootatti dabartu Isa fayyaduu itti fufti.

Rabbiin badii Isaa dhiiseef Jannataan akka Isa


badhaasu khadhannaaf.

Ulamaa’ii akkanaa tanaatu diina keenya badii


fii jallina hundarraa eegee asin gahe.

Maaliif akka Libaanoosii Ahbaashii nuuf


afeeran Isaantu beeka.

118
Dr. Abdushakuur Muhammad

Maqaa guutuun Dr. Abdushakuur


MuhammadAmaan Abdulkariim jedhaman.

Bakki dhalootaa Goodina Baalee, Ganda


Amaan lamaa je’amutti. Bara 1361hijira/1942
dhalate.

Qaraatii Osuma daa’imaa abbaan Isaa


Sheekha waan tureef, Hoggaa darasaa Isaanii
barsiisan dhageefachaa haffazuu eegale.

Abbaan Isaa yeroo Inni amata 7 waan du’eef


Sheekha haadhaatu guddise. Abbaa Isaa
barsiisaa Isaa kan jalqabaa dhabnaan
Barnoota hin dhaabne. Garuu itti fufee
Quraana Sheekh Ahmad Sheekha
jedhamurratti xumure.

Joollummaarraa Rabbiin dandeetti haffazu


Isaaf kenneen barnoota bakka dhaqe hundatti
haala gaariin qabachuun itti fufe.

San booda Sheekh Aadam Daawwee, Sheekh


Muhammad Sabroo, Sheekh Bakrii Saphaaloo
fii Sheekkootii hedduu irratti barate. Baaleetti
Ulamaa’iirra eega naannawanii Fiqhii, Nahwii,
119
Tajwiida, Towhiida baratan booda gama
Harargeetti Ilmii barbaada fi’atan.

Harargeetti Sheekh Bakrii Saphaaloo biratti


amata tokko ol eega baratan booda
baruumsa dabalataa barbaada biyyaa
bahuuf Murteeysan.

Akkasitti Somaaliyaa dhaqanii karaa


baharaatiin Yaman dhaqanii, Achiin Makka
seenan.

Dirqama Hajjii fii Umraa eega godhatan booda


Makka keeysatti Ulamaa’ii gurguddoo irratti
baratuu jalqaban.

Waggaa lamaaf Makkaatti sheekkootii


gurguddo irraa eega baratan Booda, Bara
1964 Madiinaa Yunivarsiitii seenanii barachuuf
Gama Madiinaa Rasuulaa s.a.w imalan.
Xalayaa barreefatanii iyyannoo galfatan,
Yeroo Sanitti Sheekhni Ilmii akkuma aadaa
Ulamaa’iittiSheekkootii durii baratanii
Sheekkootirraa Ijaazaa fudhataa dabruu
malee xalayaa ragaa qaban. Madiinaa
Yunivarsiitiin ammoo xalayaa ragaatiin nama
galmeeysiti.

120
Hoggaa Isaan xalayaa ragaa takka malee
Yunivarsiitii barachuu feena jedhanii dhaqan,
Qormaata kennaniif qormataa yunivarsitii
qoratamanii qabxii ol aanaa waan fidaniif
Madiinaa Yunivarsiitii jalatti barnoota sadarkaa
lammaffaa fii ol aanaa barachuuf carraa
argatan.

Carraa barnootaa eega argatan xalayaa


seeraan itti jiraatan qabaachuu barbaachisa,
Sheekni karaa baharaatiin waan dhaqeef
xalayaa takkallee hin qaban ture. Sheekh Ibnu
Baaz Rabbi Rahmata haa godhuufii Malik
Feeysalitti xalayaa katabanii Barattoota
jajjaboo akkanaa akka Yunivarsiitii Madiinaa
baratan akka xalayaa jireenya argatan
(iqaamaa) gaafateef. Malik Feeysal
hayyameefii Sheekhaa fii warri Isa wajjiin turan
Sheekkootiin lama barnoota jalqaban.

Yunivarsiiti Madiinaa irraa digrii duraa qabxii ol


aanaan eega argatan booda, Makkatti
Deebi’anii Yunivarsiitii Malik Fu’aadirraa Diigrii
lammeeysoo (Maastara), akkasumas Doktara
(PHD) fudhatan.

Hundaahu qabxii ol aanaan waan


eebbifamaniif Achumatti barsiisaa tahuun

121
barsiisuu jalqaban. Amata 20 Oliif Yunivarsiitii
Makkaatti barsiisan. Eegas Masjida Haramaatti
barsiisuu fii fatwaa godhuuf afeeramanii
sanumarra jiran.

Kitaabban adda addaa hedduu afaan


Arabaatii fii Afaan Oromotiin barreeysanii jiran.

Sanirraa muraasni:

 Azaatul Ilaahiyyaa beynal Islaam


wanasaraaniyyaa
 Aqiidatul Muslim fi Rusul
 Tafsiira Quraanaa Afaan Oromootiin (hin
maxxanfamne)
 Hikkaa jechoota Quraanaa
(maxxanfame).

Aqiidaan Sheekhaa Aqiidaa Ahlusunnaa Wal


Jamaa’aati. Ahbaashii dirqamaan
Mootummaan gaafa nama cuuphuu jalqabe
jallina Isaanii Muslimoota Su’udii Jiraniif,
akkasumas gama paltalkiin Muslimoota biyya
adda addaa jiraniif ibsaa turan.

Sheekhni Biyyaa bahus Hawaasa isaa bakka


jiruu gargaaruuf tattaafii adda addaa godhaa
ture.

122
Gama Siyaasaatinis gabrummaa
mootummata dabran keeysatti ummata
Isaarratti gaggeeyfamaa turte Adunyaan akka
beeytuuf barreeysaa turan.

Rabbiin dalagaa Isaanii irraa haa jaalatu.

123
Sheekh Muusaa Su’aalaa

Sheekh Muusaa Hassan Abdiiti maqaan Isaa.

Bakki Dhalootaa Goodina Harargee Bahaa


Aanaa Jaarsooti.

Joollummaan Barnoota Islaamaa barachuu


jalqaban. Akkuma Aadaa Ulamaa’oota biyya
teenyaa Quraanaan jalqabanii eega xumuran
Kitaaboota baratuutti dabaran.

Darasummaa deemanii rakkoo meeqa obsanii


Sheekkootii hedduu biratti amata hedduuf
baratanii jiran.

Sheekkootii Gurguddoo urjii lafaa tahan kan


Isaan irraa baratan hedduu keeysaa tokko
Sheekh Abdullaahi Tuqooti.

Sheekh Abdullaahi Tuqoo nama barnoota


barachuuf biyyatti Ulamaa’ii heddurraa eega
barate biyyaa deemee Su’ud Arabiyaatti eega
barate, biyyatti deebi’uun Majlisa Hadiisaa fii
Aqiidaa barsiisuun ija biyyarraa bane.

Sheekh Muusaan Sheekh Abdullaahi Tuqoo


biratti Aqiidaa, Hadiisaa fii Tafsiira akka gaaritti

124
baratanii jiran. Sheekkootiin Inni irra deemee
amata dheeraaf irraa barate hedduudha.
Hunda biraa Ijaazaa barsiisuu eega argate
booda, Waan barate barsiisuuf Majlisa Isaa
Gursumitti dhaabee barsiisuu jalqabe.

Sheekh Muusaa Su’aalaa maqaan jedhu kan


itti bahe Osoo darasummaarra jiraniiti. Sheekhni
gaafa darasaa turan hoggaa waahiloota
Isaanii wajjiin waan baratan irra deebi’anii
qo’atan, Gaafii jajjabduu darasoonni deebisuu
hin dandeenye gaafachuu ture.

Achirraa kaasanii Maqaa Su’aalaa jedhuun


maqaa Abbaa Isaa bakka buusan.

Su’aala jechuun gaafii jechuudha Afaan


Arabaatiin.

Sheekhni barnoota lagaa fii gaara meeqa


bahee barate, kan beelaa fii dheebuu itti
obese walitti qabate amata 40 oliif Hawaasaaf
deebisaa facaasaati jira.

Sheekhni Darasoota ilmii barbaada Majlisa Isaa


dhufaniif ganama Subhii salaata booda
eegalee hanga Asrii barsiisuun dabarsa.

125
Hawaasaafis gorsaa fii yaamicha Towhiidaa
godhuun beekkamoodha.

Aqiidaa qulqulluu warra Sunnaah hawaasa


ballaaf ibsuun hojii Isaanii tan amata 40 oliif itti
jirani. Akkasumas Shirkii fii Bid’aa
Islaamummaatti warri wallaalaan dabale
hawaasaaf ibsuun irraa dinniinuu fii gorsuun
dalagaa Isaaniiti.

Mufassira beekkamaan kun amata 40 dabran


Harargee bahaa Gursumitti barsiisaa jiran.
Darasoonni beekkumsa barbaadan Oromiyaa
bakka adda addaatii Sheekh Muusaa Su’aalaa
bira dhufanii barnoota Isaanirraa
waraabbatan. Harargee, Arsii, Jimmaa, Baalee
fii iluu Abbaa booraa irraa majlisa Isaaniitti
barataan hin argamne hin jiru.

Sheekkootii hedduu ummata fayyadan amata


Afurattamman dabraniif omishanii jiran.
Ammas itti jiran. Umarii nama tokkoo amata 40
oliif hoggaa barsiisan mindaan Isaaniif
kafalamu hin jiru, garuu amata afurtamaaf
mindaa takkaa fii gargaarsa takka malee
barsiisaati jiran.

126
Tafsiira Afaan Oromootiin waraabanii sagaleen
qopheeysanii warra barachuu fedhuuf haala
bareedaa fii gabaabaa namaaf laafuun
qopheeysanii jiran.

Sheekh Muusaan Barsiisaa hawaasa muslimaa


dadhabbee fii hifadhe hin beeyne, Kan
hoggayyuu barsiisuu jaalatuu fii Xiqqaa fii
guddaa kabajuun beekkamu. Namni hundi Isa
biratti kabajamaadha. Haala gaarii fii
laafinaan gorsuu jaalatan, ammoo diina Rabbii
keeysatti komii namaa sodaaf waan dhiisan hin
qaban. Waan Rabbii fii Rasuulli s.a.w itti ajaje
hunda Ibsuuf sodaa hin qaban.

Ahbaashiin gaafa biyya seentee dirqamaan


na qeebalaa jechuu jalqabde, Sheekhni
Aqiidaa Isaanii tan kijibaa saaxiluun Ummata
Muslimaatiif dirree bahee ibsee jira. Jallina
Isaanii ibsuu qofa osoo hin taane, Ahbaashiin
beekkumsaa fii Beekaa yoo qabaatte, walitti
dhufnee wal haa morminu jechuun Ibsanis
Ahbaashii toora Isaanii dhufuu hin dandeenye.

Aqiidaaf xiyyeefannaa kennuun eega


Ahbaashiin biyya seente kitaaboota aqiidaa
hedduu barsiisuun Muslimootaaf karaa haqaa
garsiisaati jiran.

127
Sheekh Muusaa Suu’aalaa Aqiidaa warra
Sunnaah tan Salafarraa ulamaa’iin walirraa
dhaalaa as geeyse barachuuu fii barsiisuutti
jiruu Isaanii guutuu dabarsaa jiran. Jiruun Isaanii
guutuun Muslimoota tajaajiluudha jechuun ni
dandahama.

Sheekha Muusaa Su’aalaa Rabbiin umrii haa


dheereeysu, Dalagaa Isaa irraa haa jaalatu.

Seenaan Ulamaa’oota keenyaa waan


ballinaan qoratamee barreeyfamuu qabu. Ani
dhageeytiin barreeyse. Qorannoo gahaa hin
goone. Irrinaa fii dogongoraa kiyyaa wajjiin
hangi qopheeysuuf naaf laafe hangana.

128
Xumura
Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa balloo
hangan ani ibse san qofaa miti. Aqiidaa
Isaanirraa gurguddoo Ahbaashiin didduu fii
ittiin nama kafarsiistu tuquufin yaale. Seenaan
Ulamaa’oota keenyaa hangana qofaa miti,
Hangan dhagaye qopheeysuuf yaale.

Jalqabaa fii xumurarrattis faaruu fii galanni


Rabbiifi. Qeebaltis Rabbuma itti kadhanna.

Rabbiin dalagaa Isa biratti jaalatamtu haa


godhu, Guyyaa qiyaamaa warra waan
dalagerraa hongawu akka nan goone Rabbiin
kadhadha.

Rabbiin Ulamaa’ii teenya tan diina nuun gahan


hunda Jannataan haa qananiisu.

Nagayaa fii Rahmanni Nabiyyii keenya


Muhammad irratti haa jiraatu.

Xumurame guyyaa:

Shaaban 26, 1435

June 24, 2014

129
Yaadaa fii komii dhiheeysuuf:

Email: urjiiahmad@hotmail.com

Peejii Facebook:
https://www.facebook.com/urjii.ahmad

Twitter: https://twitter.com/UrjiiAhmad

130
Madda barruu tanaa:
Barruu tana barreeysuuf Kitaabooleen na
gargaaranii fii ragaaleen kiyya:

1. Tafsiira Afaan Oromoo Sheekh


Muhammad Rashaad
2. Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa
Sheekh Muhammad Rashaad
3. Sharhu Usuuli Salaasaa Sheekh
Muhammad Amaan Al-Jaamii Al-Oromii
4. As-Sifaatu Al-Ilaahi Sheekh Muhammad
Amaan Al- Jaamii
5. Itihaaful Qaarii bi Asaanid Ahmad Al-
Watar, Sheekh Ahmad Watar
6. Lum’atu I’itiqaad Abuu Qudaamaa Al-
Maqdasii
7. Sharhu Aqiidatil Waasixiyyaa Sheekh
Muhammad Salaah Al-Useeymiin
8. Ibsa Aqiidatil Waasixiyyaa Afaan
Oromoo Jafar Bayan Al-Baddeeysii
9. Al-Aqiidatu Fillaah, Dr. Umar Suleeymaan
Al-Ashqar
10. Aqiidatu Salaf wa As’habil Hadiis, Imaam
As-Saabuunii
11. Sharhu Aqiidat Xahawiyyaa Aliyyi Ibnu
Abil Izzi Al-Hanafii.

131
Sagalee:

1. Gaafii fii Deebisaa Haaji Yuusuf Ciroo


wajjiin godhame.
2. Tafsiira Quraanaa Sheekh Muusaa
Su’aalaa
3. Tafsiira Quraanaa Sheekh Muhammad
Waadoo
4. Seenaa Dr. Abdushakuur kan
gaafatamanii deebiin Isaanii
warraabbame.
5. Tafsiira Sheekh Muhammad Rashaad
Abdullee
6. Gaafii fii deebii waa’ee Aqiidaa irratti
Sheekh Muhammad Rashaad Abdullee
wajjiin godhame.
7. Aqiidaa Waasixiyyaa Sheekh
Muhammad Waadoo
8. Usuul Salaasaa Sheekh Yuusuf Nuuree
9. Tafsiira Sheekh Jeeylaan Aadam

Web site (weeb Saaytii) Marsaa intarneet.

1. Web site Sheekh Muhammad Amaan Al-


Jaamii www.eljame.com

132
2. Web Site Sheekh Muhammad Rashaad
www.rashaad.org
3. www.maddaislaamaa.com
4. www.furaat.org
5. www.waldayauo.org
6. www.waqfeya.com
7. www.islamhouse.com

133

You might also like