Professional Documents
Culture Documents
QO'ANNAA MACAAFA QULQULLUU1 R
QO'ANNAA MACAAFA QULQULLUU1 R
Table of Contents
Qo'annoo Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootiin...........................................................................................................3
Seensa.............................................................................................................................................................................3
I. Uumaa Macaafa Qulqulluu..........................................................................................................................................4
II. Haala Waaqayyoo.......................................................................................................................................................6
A. Waaqayyo Abbaa........................................................................................................................................................7
B. Waaqayyo Ilma............................................................................................................................................................9
C. Waaqayyo Hafuura Qulqulluu...................................................................................................................................11
D. Walqixxummaa Dhagnoota Sadanii..........................................................................................................................12
E. Gamtaa Sadi’ummaa Ykn Sadan Tokkummaa Waaayyoo.........................................................................................12
III. Ergamoota................................................................................................................................................................14
IV. Seexanaa Fi Daabiloos..............................................................................................................................................16
2. Galmoota Isaa...........................................................................................................................................................17
V. Lola Kiristaanni Seexana Wajjin Qabu.......................................................................................................................19
VI. Uumaa Sanyii Namaa...............................................................................................................................................20
VII. Cubbuu....................................................................................................................................................................21
VIII. Fayyina...................................................................................................................................................................22
IX. Israa'el......................................................................................................................................................................24
X. Waldaa Kiristaanaa...................................................................................................................................................26
A. Waldaa Kiristaanaa Addunyaa..................................................................................................................................26
B. Waldaa Naannoo......................................................................................................................................................27
C. Gamtaa Namoota Ergama Wangeelaatiif Bobba'anii...............................................................................................28
XI. Karoora Milkii Fuula Duraa Argisiisuu Danda’u........................................................................................................30
A. Ol-Butamuu...............................................................................................................................................................30
B. Yeroo Gidiraa Guddaa...............................................................................................................................................30
C. Bara Masihummaa Ykn Barkumee............................................................................................................................31
D. Firdii Bara-Baraa.......................................................................................................................................................32
E. Baroota Bara-Baraa.....................................................................................................................................33
Furtuu Jireenya Eebbifamaa.........................................................................................................................................33
Waa’ee Amantii Keessanii Isaan Kaanitti Himaa...........................................................................................................37
Caaffatoota Qulqullaa’oo Qo’adhaa..............................................................................................................................37
Luqqisiiwwan Yaadatamuu Qaban................................................................................................................................38
Waldaa Kiristaanaa Yookiin tokkummaa Gaarii Kan Macaafa Qulqulluutti amanu barbaadadhaa..............................38
Aangoon Inni dhumaa kan barsiisaa otuu hin taane kan Macaafa Qulqulluu akkuma
ta’e, qabxiiwwan irra-jireessa ani kaaseef caaffattoota wabii ta’uu danda’an akka
ragaatti dhi’eesseera. Kadhannaan koo Yihuudota Beriyaa warra labsii Phaawuloosii fi
Siilaas dhaggeeffatanii wantoonni kunniin akkasuma ta’uuf dhiisuu isaanii ilaaluuf
guyyuma-guyyaan caaffattoota qoraa turanii akka fudhattanidha (HoE 17:10-11).
Hubannaa kana keessatti, ani keessattuu dhimmoota raajii waa’ee fuul-duraa irratti
xiyyeeffatan ilaalchisee yaadachiisan kennuun qaba. Dubbisoonni ani eeru tokko-tokko
maree dabalataatiin ala guutummaa-guutuutti hubatamuu hin danda’an. Akka carraa
ta’ee mareewwan akkasii kana kitaaba xiqqoo kana keessaan dabarsuuf dandeettiin ani
qabu garmalee muraasa. Kanaafuu barreeffama kanarraa wanta dandeessan akka
barattaniifi wantan ani jedhuuf iddoo mirkaneessa hin argannetti, wantan ani jedhe
callisiituma akka yaada guduunfaa ani qo’annoo hedduun booda argadheetti akka
Dhuma irratti, Macaafa Qulqulluu qo’achuu qofaan galma isa dhumaa miti. Galmi isaa
Waaqeffannaa gadi fageenyaa akkasumas qulqulummaa fi tajaajila fedha olaanaa
Isaatti seenuu akka dandeenyuuf waa’ee Waaqayyoo fi karaawwan Isaa nu
barsiisuudha. Kanaafuu jireenya keenya hafeef barataa dubbii Waaqayyoo taanee of
wareeguun Waaqa isa cubbamoota akka keenya dhiiga Isaa isa cubbu-maleessaan
baraaruuf ilma Isaa nuuf erge kutannaadhaan Waaqeffachuu fi tajaajiluutti haa seennu.
Noormaan Manzoon
Waraabbiileen kunniin dhuma Macaafa Qulqulluu kan ta’e Kitaaba Mul’ata Yohaannis
gara xumuraa, waraabbilee dhumaa sadii ykn afur dura jiru.
Ani kana kanan caafu, nama dubbii macaafa kana keessatti raajii
dubbatame dhaga’u, of eeggachiisuudhaa fi dhugaa itti ba’uuf nan
jedha. Namin dubbii kanatti yoo waa dabale, Waaqayyo adaba isaa
irratti dha’icha waa’een isaanii macaafa kana keessatti caafaman
isatti dabaluuf jira. Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii
dubbatame irraa yoo waa hir’isee immoo, Waaqayyo muka jireenya
kennuu fi mandaratti qulqulluu waa’een isaanii macaafa kana
keessatti caafaman keessaa qooda isaa hir’isuuf jira.
~ Mul. 22:18-19 ~
Duulli hedduun Macaafa Qulqulluu irratti taasifamaa turaniiru. Haa ta’u malee,
abukaatonni rakkina Inni qabu barbaaduuf dubbisanii booddeerra amantoota ta’aniiru!
Iddoon Macaafin Qulqulluu dhimmoota seena-qabeessa ta’an tuqutti beektoonni seenaa
fi arkiyooloojistoonni haala dinqii ta’een sirrii ta’uusaa arganiiru. Iddoo Inni waa’ee
saayinsii dubbatutti dhimma uumama bantiiwwan Waaqaaf lafaa fi lubbuu dabalatee
dhugaa ta’uunsaa mirkanaa’eera. Carraaqqii umrii guutuu booda saayintiistiin itti’aanu
kun dhugaa inni ba’e dhaggeeffadhaa:
“Hafteewwan biqiltoota bara durii yommuu ilaallu, hundumtii isaanituu marroo dhaabbii
ta’eefi yeroo tokkotti akka tasaa daraaraa guutuu ta’anii heddumminaan jiraataa akka
turan hubanna. Jijjiiramin wayiituu gonkumaa hin jiru. Kun ti’oorii jijjiirama suuta-
suutaatiin kan walfaalleessu ta’ee mul’ata. Argannoowwan koo hundinuu haala
dinqisiisaa ta’een gara walfaalleessuutti qajeelaniiru … ti’ooriin jijjiirama suuta-suutaa
guutummaa-guutuutti hafuu qaba hanga jedhamutti … Inni qoo’annoo baayoolojiitiif
gufuu hamaadha. Jijjiirama suuta-suutaa qorannoodhaan mul’isuuf carraaqqiiwwan ani
waggoota 40 caalaaf gochaa ture guutummaan-guutuutti na jalaa fashalaa’aniiru!
Kitaabni akka Macaafa Qulqulluu waa’ee jaalalaa jajjabeessu tokkollee hin jiru. Inni
“Obboleessa kee akkuma ofii kee jaal’adhu jaalachuutu siif ta’a.(Seera Lewotaa 19:18),
Wangeela Maatwos 22:39) akkasumas immoo “diinota keessan jaaladhaa, warra isin
ari’ataniifis kadhadhaa!” (Mat. 5:44) jechuun labse. Inni dabalataanis miidhaginaa fi
Ulfina dubartoota, warra, ijoollee, warra hin dhalanne, hiyyeeyyii, warra qaamaan
gidiramanii fi keessummootaaf kennamuu qabu irrattis Inni akka Sunaamiitti addunyaa
waliin gaheera. Shakkii tokko malee Inni sagalee jaalala Waaqa jaalalaa biraa dhala
namaa isa Inni karaa hundaan fayyisuu fi eebbisuu fedhuuf dhufedha.
2. Miira jabaa: dandeettii hafuura nama tokkootiin miiraan dhaga’u (Ba’u 4:14; Efe.
4:30).
Waaqayyo sadii Waaqa Tokko. Inni Dhagnoota Waaqummaa, Abbaa, Ilmaa fi Hafuura
Qulqulluu sadanii kan jiraatu Waaqayyo Tokko. (Mat. 28:19).
Waaqayyo jalqabaa fi dhuma hin qabu: Inni wantoota kamiiinyyuu, bifa humnaatiin,
lubbuun, hafuuraan, yaadaan, miiraan, iddoodhaan, ykn immoo wanta kan biraa
mootummaa lafaatiiinllee ta’ee isa gararraadhaan haalli jireenya Isaa kan
daangeeffamme ykn kan murtaa’e miti” (1Motota 8:27).
Waaqayyo Waaqa bara-baraati; Inni otuu adda hin cinne ykn yeroo darbetti, yeroo
ammaattii fi yeroo fuulduraatti hin daangeeffamiin jiraata (Ba’u 3:14, Kes. 33:27; Far.
90:2).
Waaqayyo waanuma hunda danda’a. Inni wanti tokkoyyuu otuu Isa hin daangeessin
wantoonni hundiyyuu otuu haala Isaa hin hidhin raawwachuuf daangaa malee humna
kan qabuudha. Haa ta’u malee Inni wantoota ulfina Isaatiin faallaa ta’an raawwachuu
hin danda’u. Fakkeenyaaf Inni Waaqayyo ta’uu dhiisuu hin danda’u (Far. 90:2); Inni
gochaawwan cubbuu bira hin darbu (Yaaqob 1:13) Inni kakuu galee hin diigu ykn Dubbii
Isaa keessa hin deebi’u (Lakk. 23:19; 2Xim. 2:13); Inni sobuu hin danda’u (Lak. 23:19;
Ibr. 6:18; Tit. 1:2).
Waaqayyo muudaa hin qabu. Inni guutummaan guutuutti hanqina kan hin qabnee fi
muudaa kan hin qabnedha (Mat. 5:48).
Waaqayyo jaalala (1Yoh. 4:8, 16). Waaqayyo haala baay’ee barbaachisaa ta’ee fi
bu’uura ta’een jaalala.”4 Kanaafuu fedhiin Isaa Inni bara-baraa eebbisuudha. (1Yoh.
3:16; 15:13; 1Yoh. 4:10).
Waaqayyo Ifa (1Yoh. 1:5): haaluma Isaa isa cimaadhaan Waaqayyo burqaa ifoota
hafuura hundaati.
Waaqayyo kan hin jijjiiramne, Inni haala Isaatiin bara-baraaf kan hin geeddaramne,
akkasumas immoo argamuu Hafuura Isaa amalli, seeronni, abdiiwwanii fi kanneen
maalummaa Isaatiin walqabatan kan birootiin kan hin jijjiramnedha (Milkiyaas 3:6;
Yaaqob 1:17).
Karaa kamiinyyuu Inni kun akka waan dadhabsiisaa ta’etti fudhatamuu hin qabu: Yaa
Waaqayyo Gooftaa koo, gocha kee isa dinqisiisaadhaa fi yaada gaarii nuuf qabdu nuuf
baay’ifteetta; tokkollee kan siin qixxaatu hin jiru, isaan kana yoon labse yoon himes,
isaan wanta lakkaa’amuu danda’u gararraa in ta’u (Faarsaa 40:5).
A. Waaqayyo Abbaa
Dhagna Sadan Waaqaa keessaa inni jalqabaa Abbaadha. Abbaan Waaqayyoodha.
Galaatiyaa 1:3: Waaqayyo Abbaan keenya, Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ayyaana,
nagaas isiinif haa kennu!
jiru.
Abbaan Dhagna Isa tokko. Inni dandeettii cimaan, miirri jabaa fi fedhii kanuma Isaati.
Yohaannis 3:16: Waaqayyo, akkasitti tokkicha Ilma Isaa hamma kennuufitti biyya lafaa
jaallate, kun immoo Isatti kan amanu hundinuu jireenya bara-baraa haa qabaataniif
malee, haa baduuf miti. Gammachuu haqaa walitti fufeenya qabuu fi qulqullaa’uu dhala
namaatiif karoora tokko karoorfachuuf dandeettii cimaa barbaachisa. Jaalalli Inni biyya
lafaatiif qabu miirota Isaa in argisiisa. Ilma Isaa tokkicha cubbamoota fayyisuuf aarsaa
gochuun Isaa Inni fedha cimaa qabaachuu Isaa argisiisa.
Ani mootichi seerrata Waaqayyoo himuufan jira, Inni anaan, ‘Ati Ilma kooti, ani har’an si
dhalche’ (Faarsaa 2:7). Yohaannis 5:26 farrfannaa 2:7 namatti mul’isa. Abbaan ofuma
Isaatii burqaa jireenyaa akka ta’e, akkuma kanatti Ilmi Isaas immoo burqaa jireenyaa
akka ta’uuf Isaaf kenneera. Doktar Luuwiis Ispeerii Shaafer “Inni kun jireenya dhala
namaa isa sanyii namaatiin jalqabu miti, jireenya Waaqayyo isa baraa-hamma-baraatti
ta’e kan eeruudha”5 jedhee barreesse. Jireenya bara-baraaf darbe keessatti “Guyyaa”n
tokko, Waaqayyo Ilmummaa Ilmaaf kenne.
2. Akkuma armaan olitti 1Qorontos 8:6 fi Yaaqob 1:17 keessatti mul’ate Waaqayyo
Abbaa uumamaati. Kanaafuu Inni bulchaa birmadummaa isaati. Iyyob 9:5-7: [Inni]
dheekkamsa Isaatiin tulluuwwan yeroo garagalchu, otuu isaan quba-hin-qabaatiin,
iddoo isaatii isaan in buta, Inni lafa iddoo isaatii in sochoosa, utuboonni lafaas in
raafamu, Inni biiftuu in abbooma, akka isheen ifa hin keninnes in godha; ifa urjootaas
mallattoodhaan in cufa.
5. Miira isa Inni ishee saba addaa akka taatuuf filatee kaaseef Waaqayyo Abbaa
Isiraa’eli. (Ba’u 4:22 Kes. 7:6; 32:6; Isa. 64:8; Hosee 11:1, Milkiyaas 1:6).
6. Waaqayyo waraa Ilma Isaatti amanan hundumaafuu Abbaadha (Mat. 5:45; 6:6, 15;
Yoh. 1:12; Rom. 8:14-16; 1Yoh. 3:1).
Hojiin addaa Waaqayyo isa Abbaa, sadummaa Waaqaa gidduu jiru akka itti’aanu kanatti
walitti qabamee kaa’amuu in danda’a.
3. Wanta Inni, Ilmi hojjechuun isaaf ta’u, Ilmatti in argisiisa, akkasumas immoo aangoo
isa Ilmi raawwate, gochaa jiruu fi fuulduraaf godhu akka Inni godhuuf Isaaf in kenna
(Yoh. 5:19-20, 22, 36).
4. Wantoota kanneen Inni akka dhufanii darbaniif fedha qabu hundumaa abboomuuf
Inni Aboo kan qabuudha (Faarsaa 2:5-7).
5. Inni warra Masihiitti fayyuuf jiran in filata (Efesoon 1:3-6), ta’us, namni waan fedhe
murteeffachuuf mirga inni qabu otuu hin dhabamsiisiini.
6. Akka Abbummaa dhala namaatti, Ilma Isaa cubbuu isaaniitiif aarsaa gochuu fi kennaa
fayyinaa itti fufeenyaan kennuuf fedhiiwwan hafuuraa isaa kenneera (Yoh. 3:16, 2Qor.
5:19-20; 2Phex. 3:9). Inni fedhii foonii isaanitiifis in dhimmama (HoE 14:17),
hammamiyyuu yoomma akka gara Isaa dhufaniif barbaachisaa ta’etti Inni isaan
sirreessuullee (Hisqi’el 38:16).
7. Akka Abbaa kanneen amantii Ilma Isaatiin kan Isaa ta'aniitti, Inni jireenya fooniifis in
yaadda'a (Maatewos 6:25-30) akkasumas immoo karaa kamiiinyyuu karaa hafuuraatiin
isaan guddisuuf wantoota barbaachisoo ta'an hundumaa itti fufeenyaan in raawwata
(Ibroota 12:6-7; Filipiyuusis 1:6).
B. Waaqayyo Ilma
Dhagni lammataa sadan Waaqa-Tokkoo Waaqayyo Ilma.
Ilmi Waaqayyoodha. Yohaannis 1:3: Wanti hundinuus Isumaan ta'e, waan ta'e keessaas
Isa malee kan ta'e tokkollee hin jiru. Dabalataanis Qolaasiyaas 1:16): Barreeffamni kun
sirumaayyuu otuu Inni Maariyaam irraa hin dhalatin durayyuu amaltoota namummaa
Ilmaa lama, hunda danda'uu fi fedha, ibsa. Amala sadaffaa namummaa kan ta’e Miirri
cimaan, Faarsaa 40:8 keessatti haala otuu Ilmi foon hin uffatiin dura jiruutiin ibsameera,
achittis Inni Waaqayyo Abbaa Isaatiin, Yaa Waaqayyoo koo, fedha kee gochuun anatti
tola, seerrii kees garaa koo keessa jira jedhe Ilmi foon uffate: Yesuus imimmaan isaa
Foon uffachuu Isaatirraan, Ilmi gara Waaqummaa Isaa isa barbaachisaa fi hafuura
namaa guutuu fi dhagna namaa guutuutti in dabalame; ta'ullee kan biraa haa hafuutii
fooniiniyyuu guutummaan Waaqayyummaa namummaa Kiristoos keessa in jiraata.
(Qolaasiyaas 2:9). Inni gamtaa Tokkummaa sadan Waaqummaa Abbaa Isaa fi Hafuura
Qulqulluu wajjin qabu keessaa isa tokko ta'ee hafe, akkasumas immoo guutummaan
guutuutti bakka hundattii argamuu, waan hunda beekuu fi waan hunda danda'uu irraa
gonkumaa hin dhaabatu.
Yesuus yeroo nama ture sana akkuma namoonni kan biroon raawwatan cubbuu hin
qabu ture (Luqaas 1:35) akkasumas yaadaan, jechaa fi gochaan cubbuu-maleessa ture
(Yohaannis 8:46). Inni cubbuu keenyaaf fooniin du’ee, awwaalamee, warra du'an
keessaa fooniin ka'e (Yohaannis 20:25-28), foon ulfina argateen gara Abbaa Isaa
Waaqarra jirutti ol ba'e (Maarqoos 16:19, 1Qorontos 15:4, 42-44).
Hojiin addaa Waaqayyo isa Ilmaa, sadummaa Waaqaa gidduu jiru akka itti’aanu kanatti
walitti qabamee kaa’amuu in danda’a.
3. Inni dhagna sadan Waaqa Tokkoo foon uufate Isa Tokkicha. (Luqaas 1:35)
4. Dhiiga mataa Isaatiin lubbuu namaatiif abaarsa Waaqayyoo fudhatee cubbuu keenya
irraa nu furuudhaan Inni Furaa dhala namaati. (Galaatiiyaa 3:13, 1Phexroos 1:18-19)
6. Inni yeroo ammaa kanatti teessoo Waaqayyoo duratti qulqulloota Waaqayyoon walitti
araarsaa jira. (Ibroota 7:24-25)
25:31-46), akkasumas jal’oota warra du’an Gonfoo Adii Guddaa Firdiitti (Mul’ata 20:10-
15) biratti qulqullootaaf kan faradu.
Hafuurri Qulqulluun Waaqayyoodha. Inni uumuu keessatti si’aawaa ture (Uumama 1:2)
akkasumas immoo HoE 13:2 keessatti akka dubbatetti “hojiin ani Barnabaasiifi Saawul
akka hojjetaniif isaan waame kan koo kophaatti naaf kaawame” jechuudhaan mirga
addaa Waaqayyummaasaatti fayyadame.
Hafuurri Quqlulluun dhagna tokko isa dandeettii cimaa, miira jabaa fi fedha mataasaa
qabudha.
Dandeetti cimaa: Romaa 8:26: Hafuurichis immoo akkuma kanatti dadhabbii keenyatti
nu gargaara; nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta’utti hin beeknu;
hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namin dubbiidhaan mul’isuu hin dandeenyeen
nuuf in kadhata. Namaa kadhachuun dandeettii addaa gaafata.
Miira jabaa: Efesoon 4:30: Hafuura Waaqayyoo Isa Qulquluu, Isa guyyaa fayyinaatiif
ittiin mallatteeffamtan hin gaddisiisinaa!
Hojiileen addaa Hafuura Qulqulluu Dhagnoota sadan Waaqa tokkoo gidduu jiran akka
asiin gadiitti walitti qabamanii kaawwamuu in danda’u.
2. Inni, cubbuu qabaachuusaanii warra hin amanne (kun sirrummaa warri qulqulloota
Masihii qofaan qabaachuu malaniidha) fi firdii bara-baraa warra hin amanne in
amansiisa (Yohaannis 16:8).
Maarree hiikni echad keessa-deebii 6:4 keessaa isa kamirree? Inni Waaqayyo
guutummaan guutuutti tokko ta’uu Isaa labsa moo gamtaa tokko? Mee qabxiiwwan
kanneen haa hubannu:
2. Yahween Dhagnoota sadan keessaa maqaa dhagna tokkoo ol ibsudha (Uma. 19:24,
Zakkaariyaas 2:8-9)
4. Abrahaam ijoollee baay’ee qaba ture. Ta’ullee Seera Uumamaa 22:2 keessatti
Muuseen ilma Abrahaam isa tokkicha adda ta’e Yisihaaq tokkummaa mudaa hin qabne
ta’uu isaa addeessuuf echad otuu hin ta’in Yachid fayyadame.
Yohaannis 10:30, Abbaanii fi Ilmi amala addaa walfakkaatu tokko qabaachuu isaanii
argisiisa. 2Qor. 3:17 Ilmii fi Hafuurri Qulqulluun amala addaa qabaniin tokko ta’uu isanii
argisiisa. Maarree, bu’uurri tokkummaa Dhagnoota sadanii amala addaa walfakkaatu
qabaachuu isaaniiti.
Qabxii dabalata tokko: Dhagni sadan Waaqayyoo inni tokko gonkumaa iddoo dhagna
isa biroo hin fudhatu ykn bakka hin bu’u. Inni kun tarii haala gaariidhaan Luqaas 3:22
keessatti ibsameera. Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mul’atee irra bu’e; sagaleenis
Waaqa irraa dubbatee “Ati Ilma koo isa jaallatamaadha; gammachuun koos sitti in
raawwatama” jedhe. Ifumatti, Dhagnoonin sadan adda baafaman, Ilmii Inni cuuphamee
ture, Hafuurri, fi Abbaan, Inni sagaleen Isaa Waaqa irraa dubbate, kana keessa as in
jiru. Dhagni tokko kan biraa ta’uu ykn bakka bu’uu gonkumaa hin danda’u.
III. Ergamoota
Qolaasiyaas 1:6 Kiristoos hojii Isaatiif jecha ergamoota akka uume nutti hima.
Wanti Waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti
ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra
taa’anii fi warri mootummaa qaban warri bantii Waaqaa keessaa
gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaataman Isaan
uumaman; wanti hundinuu karaa Isaa uumame, Isaafis
uumame.
Teessoowwan mootummaa, aangoowwan abbootiin taayitaa fi bulchitoonni
sadarkaawwan ergamootaa yoo ta’an, akkasumas immoo isaan wantoota hin
lakkaa’amneedha (Ibroota 12:22).
Iyyoob 38:4-7 keessatti Waaqayyo Iyyoob in rifaasisa; 4. Yommuu ani hundee lafaa
kaa’ee ati eessa turte...7. Yeroo sanatti arjoonni gara barii in faarfatan warri Waaqa
irraa “Ilmaan Waaqayyoo” jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisu;
Urjoonni gara barii fi ilmaan Waaqayyoo kan jedhaman ergamoota Waaqayyoo in eera
(urjoonni gara barii: Mulata 1:20; 9:1; 12:3-4, ilmaan Waaqayyoo: Seera Uumamaa 6:2,
4; Iyyoob 1:6; 2:1), akkasumas immoo dubbisichi erga Waaqayyo bantiiwwan Waaqaaf
lafaa mul’atu otuu hin uumamin dura isaan uumuu isaa ifa in godha. Haaluma kanaan
akkuma caaffattoonni yeroo biraa kamiyyuu waa’ee uumama ergamootaa hin
dubbanne, akkasumas isaan wal horuuf hin dandeenye dubbatan (Maarqoos 12:25),
nuyi ergamonni hundinuu bantiiwwan Waaqaa fi lafaa otuu hin uumamin dura
uumamanii akka turan guduunfuu qabna.
Ergamoonni hafuurota jiraatan yoo ta’an (Ibroota 1:13-14), akkasumas isaan dhagnoota
dandeettii addaa (1Phexroos 1:12), miira jabaa (Iyyoob 38:7) akkasumas fedha
(Yihudaa 1:6) qabani, Isaan qulqulloota, (Luqaas 9:26), garmalee caalaatti humna kan
qaban (2Seena Baraa 32:21) akkasumas immoo bara-baraaf jiraatu (Luqaas 20:36).
2. Tartiibaan itti aananii kan jiranu Suuraafeel. Isaayyaas 6:2-3 isaan teessoo
mootummaatii ol dhaabatanii yommuu Isaa Waaqessan argisiisa.
Ergamni addaa ergamaa kanaa maal ture? Akkuma dubbisa karaa Inni itti mul’ateen
qorannu, Inni seenaa Isiraa’el, qopheessuu Isaa akkasumas immoo Isiraa’eliif seenaa
qopheessuu Isaa in argina. Shakkii tokko malee, Abrahaamii kaasee hamma
fannootti Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata,
Inni isaa in oolchas (Faarsaa 34:7). Haa ta’u malee, Bara Waldaa Kiristaanaa keenyatti
otuu hojjetuu Isa hin arginu.
Wanti dabalataa kan biraa dubbatamuu qabu tokko in hafa: Nuyi gonkumaa
ergamootaaf sagaduu (Waaqessuu fi kadhachuu) hin qabnu (Qolaasiyaas 2:18; Mul’ata
19:10; 22:8-9). Waaqayyuma Abbaadhaaf qofaa sagaduu fi kadhachuu qabna
(Maatewos 6:9).
Kufaatii isaatiin dura, seexanni dabalataanis akka Urjii, Guyyaa, Ilma Bariitti in beekame
ture (Isaayyaas 14:12), akkasumas Hisqi’eel 28:12 qarummaan isaas dhugaa isa Inni
dandeettii ergamummaatiif ogummaa fi miidhaginaan guutamuu isaatiin akka ture in
mul’isa.
Taayitaan seexanaa erga yeroo fincila isaatii kaasee ittiin isa beeknu caalaatti waa’ee
isaa in ibsa:
1. Haala Isaa
Isa Hamaa (Maatewos 6:13, Yohaannis 17:15; 2Tasalonqee 3:3; 1Yohaannis 5:18-19).
Inni guutummaan guutuutti haalaa fi wantoota Inni too’atuu fi raawwatu hundumaanuu
hamaadha.
Seexanni, hiikkaan isaa Diina jechuudha. Maqaan taayitaa kun caaffata keessatti yeroo
shantama caalu dhahameera. Inni diina Waaqayyoo, saba Waaqayyoo, fi ummata
hundaati. Gochi diinummaa isaa ifumatti 1Seenaa Baraa 21:1 keessatti mul’ifamee jira.
2. Galmoota Isaa
Barbadeessa (Mul’ata 9:11). Barbadeessaan kun awaannisoota sodaachisoo,
dhugumaan daabiloosota, Mul’ata 9:1-10, isa bool’a dhuma hin qabnee ol ba’e irratti
mootiidha. Galmi barbadeessichaa karoora Waaqayyoo, Masihicha mataa Isaa, fi saba
Waaqayyoo barbadeesuufi.
Leenca Aadu. Inni kun sirrumatti seexana akka barbadeessaa uummataatti fakkii isaa
lafa kaa’a. 1Phexroos 5:8 addumatti isa akka barbadeessaa amantii fi deddeebi’uu
amantootaa ta’e fakkii isaa lafa in kaa’a.
Ergamaan Ifaa 2Qorontos 11:14 keessatti argamu; gochi kun Sheexanni hubannoo
hamileefi hafuuraa dhugaa irratti amantiiwwan sobaa, falaasamaafi yaada hedduu
addunyaan of-keessa qabdu keessaa raga sobaa dhiyeessuudhaan hojii gowwoomsaa
akka hojjetu agarsiisa.
Daabiloos. Daabiloos jechuun hadheessaa, ykn maqaa namaa balleessaa jechuu akka
ta’eefi, akkamitti Waaqayyoo fi saba Isaa, fi saba Waaqayyoo akka gargar baasuu
labsa. Inni Kakuu Haaraa keessatti qofaa argama, si’a soddomii shanis in argama.
…obboloota keenya Inni halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya duratti isaan hadheessaa
ture… (Mul’ata 12:10). Iyyob 1:9-11 fi 2:5 Inni Iyyoob qajeelicha fuula Waaqayyoo
duratti yommuu hadheessu in argisiisa.
Oolchu
Boficha Seexanni yeroo kurnan tokko keessattuu Seera Uumamaa 3:1, iddoo itti
abshaalummaa fi haxxummaan isaa Heewaan qoruudhaan mul’atetti akka bofaatti
fakkeeffameera.
Jawwee (Mul’ata 12) gochi kun humna guddaa fi bineessummaa seexanni Yesuus isa
mucaa nyaachuufi (Maatewos 2, Mul’ata 12:4) akkasumas dubartii Isiraa’el jedhamtu
ishee Mucaa deesse balleessuuf fayyadame cimsee agarsiisa (Mul’ata 12:13).
Aboo Qilleensa keessa jiru irratti isa Gooftummaa qabu: Aboon Efesoon 2:2 keessatti
ibsame kun seexanni inni yeroo ammaa qilleensa keessa jiraatu, humnoota xixiqqoo isa
fakkaatan kan qilleensa keessa jiran, daabiloosota kan bulchu isa ta’uu argisiisa.
Hamaa biyya lafaa kana seerratu. Gochi kun Wangeela Yohaannis 12:31, 14:30, fi 16:11
keessatti in mul’ata. Hunduma isaanii keessattiyyuu, jechi warra Giriikii biyya lafaa ibsu
Koosmoos kan jedhudha, innis hafuura Sheexanaa sirna biyya lafaa keessa guutee jiru
akkasumas akkaataa inni itti tarreeffameefi raawwatamu ibsa. Kun immoo faallaa
hafuura mootummaa Waaqayyoo akkasumas akkaataa inni itti tarreeffameefi
raawwatamuuti.
Mootii Baabiloon (Isaayyaas 14:4). Qixa waraabbilee 4-17, keessa jiruun yommuu
ilaallamu, aangoon kun, Sheexanni mootummoota biyya lafaa hunda kan to’atu
fakkeessee mul’isa.
Mootii Xiiroos (Hisqi’el 28:11-12). Qixa waraabbilee 4-17, keessa jiruun yommuu
ilaallamu, aangoon kun, Sheexanni mootii Daabiloos mootummoota lafaa hunda to’atu
fakkeessee mul’isa.
Bi’el Zebul. Bi’el Zebul jechuun "humna hangafa seexanootaa" jechuu yoo ta’u,
Wangeelota Maatewos 10; 25; 12:24, 27; Maarqos 3:22; fi Luqaas 11:15, 18, 19
keessatti argama. Innis maqaa barsiisota amantaa fi seeraa bara Yesuusiin seexanaaf
kenname jecha qoosaa fakkaata. "Bi’el Zabub" tapha "Be’il Zabul" irraati, maqaan
Filisxeemii bifa Giriikii isa sirrii/jalqabaatiin, hiikni isaa Gooftaa Masaraa Mootummaa
jechuudha.
Isaanuma irraa: Inni Diinnisaa eenyu akka ta’e (saba otuu hin ta'in, seexanaa fi
daabiloosotasaa akka ta’an) fi beekuu qaba, akkasumas immoo inni akka nama
Waaqayyootti yaaduu akka danda’u sammuusaa Dubbii Waaqayyootiin guutuu qaba
(2Qorontos 10:3-5; Efesoon 6:10-18). Inni seexana (Daabiloos) diduu, akka jireenya
isaattis hin galle karaa itti cufuu qaba (Efesoon 4:26-27; Yaaqob 4:6-7; 1Phexroos 5:8-
9). Kanaafuu inni Yesuus akkamitti seexanaan akka morme (Maarqoos 8:31-33, Luqaas
4:1-14) qorachuu fi fakkeenya Isaa hordoofuuf waan gaarii gochuutu isaaf ta'a.
Warra Kiristaanota hin taane irraa: isaan diinota isaa ta'aniyyuu inni isaan jaalachuu
qaba (Maatewos 22:39, Galaatiyaa 5:14, Yaaqob 2:8). Inni akkuma Waaqayyo isa
dandeessisetti bakka isaanii bu’ee isaaniifi hojiiwwan humnaatiif dhiifama gochuufii
qaba (Maatewos 14:15-21; 20:34; Yaaqob 1:27). Hundaa ol Inni fayyina lubuu isaanitiif
Wangeela lallabee duuka buutota kiristaanaa isaan gochuu qaba (Maatewos 28:18-20).
Seexanni, Hoolaan Waaqayyoo cubbuu biyya lafaatiif akka hin duune dhoowwuufis ta’e;
carraaqqii isaatiin filatamtoonni Gooftaa gara Waaqaa akka hin dhufne dhoowwuu ykn
dhufaatii Isaa ittisuuf hin milkoofne.
Haata’u malee Gooftaan dura bu'ummaa Isaatiifi humna nuuf kennuudhaan injifannoo
harka keenyatti galcheera.
Guyyaa kan jedhu kun asitti akka bara ji'oolojii tokkotti kan hubatame ta'uu hin qabu;
inni guyyaa sa'aatii diigdamii afurii qofaa ibsuu danda'a. Doktar Fruchtenbaum Afaan
Ibraayisxiin, ja'aaffaan guyyaadhaan wal-qabatee guyyuma idilee tokko mul’isa.
Jechamni halkaniifi guyyaa jedhus akkasuma guyyaa idilee tokko ta’uusaa cimsee
hubachiisa.8
Namni akka bifa Waaqayyootti uumame (Seera Uumamaa 1:26-27). Inni kun garuu foon
isaa otoo hin taane hafuura namaa qofaa ilaallata, Waaqayyo hafuura waan ta’eef foon
hin qabu (Yohaannis 4:24). Galmi inni dhumaa wanti kun barbaachisuuf mallattoo
jirenya bara-baraa kan ta’e (Yohaannis 17:3) hafuuraan walitti dhiyeenyaan waaqa
duuka bu’uuf dandeettii kan qabu nama qofaa waan ta’eefi (1Yohaannis 1:7).
Ergamoonni quqlulloonni Waaqayyoon Waaqeessanillee gonkumaa Isa wajjin walitti
dhiyeenya cimaa qabu jedhamanii hin beekan.
VII. Cubbuu
Cubbuun haala afuuraa, yaada, jecha ykn gocha, safuu Waaqayyoo isa mudaa hin
qabne wajjin faallaa ta'eedha (Roomaa 14:23; Yaaqob 4:17; 1Yoh. 3:4). Wantichi cimaa
ta'uusaa dacheen keenya otoo cubbuun itti hin seenin dura qulqulluu mudaa hin qabne
turteefi ergasii as dhukkubaa, hiyyummaa, beela, dhibee, du'a, waraana, qullummaa,
badiisaa fi balfamuu dachee keenyaa, fannifamuu Ilma Waaqayyoo fi ergamoota harka
sadii keessaa harki tokko akkasumas irra-jireessi sanyii namaa gara Garba Ibiddaatti
gadi-darbatamuu isaanii wajjin wal-bira qabnee tilmaamamuu in dandeenya (Mul'ata
19:20; 20:10, 14,15).
Waaqayyo, abbaa fi haadha keenya jalqabaa kan ta’an Addaam fi Hewaaniin foon,
yaada, dubbii fi gochaan cubbu kan hin qabne godhee isaan uume, garuu isaan
abboommii tokkicha isa Waaqayyo isaaniif kenne cabsanii cubbaman (Seera Uumamaa
2:16-17; 3:1-6). Cubbuun isaanii kunis rakkoolee itti’aanan kana fide:
1. Hafuurri isaanii wal-dhahee gara haala isa nuyi uumama cubbuu jennee waamnuufi
isa caaffanni “foon” jedhee waamuutti geeddarame (Ermiyaas 17:9; Roomaa 7:18, 23;
Galaatiyaa 5:16, 19-21, Efesoon 2:3), foon dhagna keenyaa wajjin wal dhahuu hin
qabu.
3. Du'a hafuuraa, walitti dhufeenyi hafuuraa namni tokko Waaqayyoo wajjin qabu
du'uusaati (Seera Uumamaa 2:17, 1Qorontos 2:14, Efesoon 2:1).
Fayyinaan dura, namoonni hundinuu bulchiinsa cubbuu (Roomaa 3:9; 7:14; Galaatiyaa
Abbaa fi haati keenya jalqaba fedhuma mataa isaanii shaakaluudhaan qofaa cubbuu
hojjetani. Nuyis, akkasuma humna fedha keenyaatiin cubbuu hojjenna (Roomaa 3:23;
1Yohaannis 1:8), garuu immoo fedhiiwwan keenyas yeroo ammaa kana kan
raawwataman uumama cubbuu keenya irraani. Akkuma aannan quqlulluun burcuqoo
keessaa yommuu summiin itti nammu faalamuu, hafuurri ilma namaas garmalee
jeeqameera, sababiin isaas cubbuun hafuura abbaa fi haadha keenya jalqabaa
keessatti waan walitti makamee fi nuyis walitti makamuu sana isaanirraa waan
fudhanneefi. Hafuurri keenyaa inni guutummaatti jeeqame kun isa caafanni amala
dhabummaa jedhuun yoo ta’u innis mallattoo amala cubbuuti (Hose 5:2; 9:9; Roomaa
1:28; 1Ximotewos 6:5; 2Ximotewos 3:8). Namoonni hundumtuu cubbuu in qaba-
nuyillee, warri kan Gooftaa taane in qabna. Namni kamiyyuu jireenya kabajamaa
jiraachuudhaan ykn tola ooluu fi gochaalee qulqullummaa hojjechuudhaan fayyina
argachuu kan hin dandeenye sababuma kanaani (Efesoon 2:8-9). Kana malees warri
kutannoodhaan Gooftaa tajaajiluuf ifaajanillee xuraa'ummaa hafuuraa muraasa kan of-
keessaa hin dhabne kanumarraa kan ka'edha.
VIII. Fayyina
Fayyisaa ta'uu kan danda'u eenyu? Haalota akkamii keessa darbuutu isaaf ta'a?
1. Inni bakka namoota kan biroo adabbii firdii Waaqayyoo cubbuurratti baachuuf kan
fedha qabu ta'uu qaba (Faarsaa 40:7-8, Yohaannis 12:27; 17:19; 18:11).
2. Inni uumaa cubbuu qabaachuu hin qabu, akkasumas immoo bakka namoota kan
biroo adabbii cubbuu baachuuf gochaan guutummaan guutuutti cubbuu kan hin qabne
ta'uu qaba (Luqaas 1:35; Yohaannis 8:46).
4. Aarsaan Isaa lubbuu nama kan biraa qofaaf otuu hin ta'in hundumaafuu akka ga'uu
maluuf inni Waaqayyo ta'uu qaba (Yohaannis 1:3, 29, 26, Qolaasiyaas 1:15-17, 19; 2:9).
Amma yaa obboloota koo! Wangeela isa ani isinitti lallabe...caaffanni Qulqullaa'oon
akka jedhanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf du'eera, Inni awwaalameera, caaffanni
Qulqullaa'oon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis du'aa kaafameera (1Qorontos 15:1-4).
Kiristoos cubbuu keenyaaf jecha bakka keenya du'e. Duuti Isaas awwaalamuu Isaatiin
mirkanaa'e, Waaqayyos cubbu-maleessa ta'uusaa, Daabiloosii fi du'a irratti humna inni
qabu, akkasumas namoota kan biroo of-duukaa buusee gara injifannoo guutuutti
qajeelchuuf dandeettii inni qabu, inumaayyuu gara qaama fooniitti isaan deebisuufi gara
iddoo Waaqayyo jirutti ol isaan fudhatamuu dabalatee dandeettii inni qabu mullisuuf
du'aa isa kaase (1Qorontos 15:12-57; 1Tasolonqee 4:13-18).
Namni kamiyyuu fayyuuf Yesuusitti amanuu qaba (Maatewos 7:13-14; Yohaannis 8:24 fi
14:6; HoE 4:12), garuu immoo kanneen Isa hin dhageenye hoo maal ta'uu? Caaffata
keessa seera tokkotu jira, Namni tokko ifa argachuu danda'u yoo argate, ifa fayyinaaf
baay'ee isa barbaachisu hamma Inni argatutti Waaqayyo gara ifaa isa caalutti isa
qajeelcha, (Ermiyaas 29:12-14; Maatewos 7:7-8). Fakkeenyaaf, namni tokko mul'ata
uumamaatiin otoo Waaqa beekee (Faarsaa 19:1-4; Roomaa 1:18-20), maarree
Waaqayyo hamma Inni Wangeela dhaga'utti ibsaa sirriitti ifu in kennaaf, yoo
barbaachisaa ta'e immoo, tajaajilaa wangeelaa iddoo fagoo namni bira hin geenyettillee
in ergaaf.
Garuu fannoon nama fayisu yookiin fayyisaan nama Naazireet Yesuus jedhamu ta’uu
akka malu Waaqayyo otoo hin ibsin dura namoonni bara dur-durii akkamitti fayyaa
turan? Waaqayyo waan inni hanga ammaatti hin ibsine namoonni eenyuyyuu akka
amanu gaafatee hin beeku; garuu immoo wantuma Inni hanga ammaatti ibse akka
amananiif gaafatee ture. Kanaafuu fakkeenyaaf, wanti Waaqayyo fayyina Addaamii fi
Hewaaniif gaafatee, Ilma dubartii takkarraa dhalatu yeroodhaaf seexanni akka miidhu,
garuu immoo dabaree Isaa Inni seexana guutummaan guutuutti akka moo'atu akka
Dhugaa isa Yesuus cubbuu keetiif du'uu Isaa, awwaalamuu Isaa fi Waaqayyo warra
du'an keessaa Isa kaasuu Isaa in fudhattaa? Hojii Waaqayyoo isa jaalala irratti
hundaa’eefi ulfaataa ta’e kana amaniitii, fayyina bara-baraa argadhu!
IX. Israa'el
Waaqayyo Abraamiin amma Biyya kee, firootaa fi mana abbaa keetii irraa, Gara biyya
Ani si argisiisuu dhaqi;2. Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan
guddisa, eebbas in taata; 3. Warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan nan
abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifama. Ani biyya
kkanaa sanyii keetiif nan kenna” jedheen (Seera Uumamaa 12:1-3, 7). Kakuu
Waaqayyo Abraamiif gale kanarratti hundaa’uudhaanis, karaa ittiin eebbasaa biyya
lafaatiif dabarsuu danda’u tolchuuf saba tokko uume.
Isiraa'el xiqqittiin wiirtuu saba seenaa fi raajiiti. Isheen xiyyeeffannaa fi handhura giddu-
gala oduu biyya lafaati. Qaroominnii fi seenaan addunyaa isheen biyya lafaatiif
gumaachitu bal'ina isheetiin kan walitti dhufuu miti. Walitti dhufeenyi isheen Waaqayyo
wajjin qabdu gochaalee dhumaarra ta’an irratti fuulleedhaan dhiibbaa qaba. Akkaataan
sabnii fi namoonni tokko-tokko ishee wajjin walitti dhufan hiree isaanii in miidha.
Waaqayyo paatiraarkii Isiraa'eliif Warra si eebbisan nan eebisa, warra si salphisan nan
abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifama. “Ani biyya kana
sanyii keetiif nan kenna” jedhe (Umama 12:3), kun ummataafis ta’e sabaaf in hojjeta.
Kanaafuu waa'ee Isiraa'el wanta caaffanni dubbatu qo’achuufi keessumattuu wangeela
fayyinaa isheedhaaf fiduudhaan eebba isheedhaaf ta’uun faaydaa guddaa qaba.
Dubbifni asiin olii Kakuu Waaqayyo jalqaba Abrahaamiif gale isa walumatti Kakuu
Abrahaam of-keessatti qabatudha. Dubbisoonni kan biroon: Seera Uumamaa 13:14-17;
15:1-21; 17:1-21 fi 22:15-18dha. Kakichi har'allee sababoota asiin gadiitiin hojiirra oolaa
akka jiru beekna:
1. Waaqayyos isa gara ilma Abrahaam Yisihaaqitti (Uma. 26:2-5, 24), gara Ilma
Yisihaaq yaaqob (Uma. 28:13-15) warra maqaan isaa Isiraa'el ta'eefi (Uma. 32:28)
achumaan, dhuma irratti ilmaan Isiraa'el hundumaa, dursitoota gosoota kudha lamaan
Isiraa'el, warreen wantoonni egeree isaan waliin raajametti (Uma. 49:1-28, keessattuu
waraabbii 10) in dabarse.
3. Waaqayyo Seera Uumamaa 17:7 keessatti fuuluma dura kakuusaa Abrahaam qofaaf
otuu hin ta'in dhalattoota (sanyii) isaatiifis akka raawwatu dubbateera: Ani siif
Waaqayyo ta'ee, si booddeedhaanis sanyii keetiif Waaqayyo ta'uuf kakuu koo ofii koo fi
si gidduutti dhaloota si booddee jiran, sanyii isaanii hundumaa gidduuttis kakuu bara-
baraa godhee, cimsee nan dhaaba.
Kakuun Abraam kakuuwwan kan biroo sadii kanneen Waaqayyo saba Isiraa'eliif gale
kanneen hamma yeroo dhumaatti ta'an (Roomaa 9:4, 11:29), Biyya kakuu (Keessa
Deebii 9:4, 11:29). Kakuu Daawitii (2Saamu'el 7:11-16; 1Seenaa Baraa 17:10-14), fi
Kakuu Haaraa (Ermiyaas 31:31-37) irratti faca'e. Kakuuwwan kunniin ammayyuu kan
Isiraa'eli (Roomaa 9:4) garuu immoo Waaqayyo sabni biyya lafaa hundumtuu amantii
Yesuus Kiristoosiin wantoota gaarii hafuuraa kanniinitti akka galan godhee jira (Efesoon
2:12-22; 3:6; Galaatiyaa 3:13-14).
Waaqayyo Isiraa'eliin kan filate isaan saba addaa ta'uun waan isaan barbaachisuuf ykn
immoo badhaasa adda akka argataniif yookis immoo filatamuun isaanii saba kan biroo
caalaa baay'ee gaarii ykn kan cubbuun itti hin guddanne ta'uu isaanii irratti kan
hundaa’e hin turre. Filannoon Isiraa'el kophumatti kan Waaqayyooti. Inni
walabummaadhaan Isiraa'el kan filate Qulqullummaafi ulfina Isaa sabootaatti agrsiisuu fi
Abraamii kaasee dhaloonni jiru hundi warra jalqabaa sagalee Waaqayyoo fudhatan
akka ta'aniif, saboota kan birootti raajii akka himaniif, Masihichi akka isaan irraa
argamuuf, waldaa kiristaanaa bara durii akka dhaabu leenjisuu fi qajeelchu, biyya lafaa
hojii wangeelaatiin waliin gahuuf (fuulduratti), yoomiyyuu ykn seenaa kam
keessattiiyyuu saba isa tokkicha (dhaloota sichi dhufuuf) fayyina waliigalaa
biyyaaleessaatiin kan eebbifamte akka taatuuf, Abraamii kaasee biyya lafaa keessatti
baroota hundaa hoomaa hojjettoota jalqabaa Masihichaa akka ta’aniif, akkasumas
akkuma Inni asiin dura mamii malee haalota kakuuwwan danuu sirrumatti raawwate,
sichis kanneen hafan mamii tokko malee galmaan in ga'a.
Kakuun kan biraa Waaqayyo Isiraa'eliif gale in jira. Kakuu Muusee ykn salphaadhumatti,
Seerootaa fi gaaffiiwwan isaa Seera Ba'uu 20:1 kaasee hanga Keessa-Debii 28:68tiitti
tarreeffamee jirudha. Asitti qabxiilee barbaachisoo afur keessa deebinee ilaalla:
2. Inni kan isaaniif kenname saboota biraatirraa adda isaan baasuun akka danda’amuufi
(Lewota 11:44-45; Keessa Deebii 7:6; 14:1-2), waa’ee qulqullummaa isaan leenjisuuf,
fuulduratti caaffattootaa fi Masihicha akka isaan fidaniif, akkasumas gara amantii
Masihichaatti isaan qajeelchuufi (Roomaa 8:1-4; Galaatiyaa 3:24-25).
4. Waadaawwan kakuchaa keessaa ammallee otoo hin guutamin kan jiran seerichi
hojiirra oolaa waan hin turreef, seericha irratti hundaa’uudhaan guutamuu hin danda’an,
garuu kakuu Abraam, Biyyaa, Daawitiifi Kakuuwwan Haaraa haal duree hin qabneen in
guutama.
X. Waldaa Kiristaanaa
Isiraa'el dhaloota uumamaatiin saba Waaqayyooti. Waldaan kiristaanaa dhaloota
hafuuraatiin Pheenxeqoosxii fi ol fudhatamuu/butamuu gidduutti saba Waaqayyooti
(Yohaannis 3:6-7). Nuyis amma waldaa kiristaanaa kallattiiwwan sadan caaffata
keessatti beekamaniin: waldaa kiristaanaa addunyaa, waldaa kiristaanaa naannoo fi
gamtaa ergama wangeelotaa qoranna.
2. Garee kana qofaatu “Kiristoositti hafe” jedhama (Roomaa 12:5; 1Qorontos 1:2; 15:18
kkf)
3. Yeroo ol-butamutti warra du'anii fi lubbuudhaan jiran garee kanaa keessaa qofaa
B. Waldaa Naannoo
“Waldaa kiristaanaa naannoo garee amantoota masihichatti amananii kanneen kaayyoo
Ergama guddaatiif, ajaja cuuphaa fi irbaata Gooftaa amaleeffachuuf, Waaqayyoof
sagaduudhaan Dhagna ijaaruuf, walitti dhufeenya amantoota gidduu jiru, barsiisa
sagantichaa fi hojiirra oolmaa kennaawwan hafuuraatiif cuuphamaniifi kanneen ofii
isaanii hoggansa jaarsolii fi diyaaqoniyaa jalatti of gurmeessaniidha.
Macaafni Quqlulluun walitti dhufeenya karaa baratame qofaa hin taane in jajjabeessa,
walitti dhufeenyi inni baratamaan ergama waliini tokkollee sadarkaa Macaafa
Qulqulluutiin waldaa kiristaanaa naannoo guutummaatti barsisuu danda'u miti.
Waldootiin kiristaanaa naannoo dhaabbatoota, itti gaafatamootaa fi wantoota ofii isaanii
balaa irraa ittiin of-ittisan walitti dhufeenya baratamoo hin taane keessa kan hin jirre
qabu.
Abboommiin Gooftaa inni, Egaa dhaqaa, Maqaa Abbaatiifi Ilmaatti, kan hafuura
Quqlulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa (Maatewos
28:19) jedhu xiyyeeffannaa akka argatu gochuun waamicha waldaa kiristaanaa
hundaati, garuu immoo Inni waamicha warra hojjettoota wangeelaaf kennameefi (HoE
8:5, 26-36) gamtaa namoota ergama Waneelaatti bobba'anii, wangeela isa dhugaa gara
naannoo asiin dura gonkumaa hin geeffamneetti geessuudha. Phaawuloos warra
Roomaatiin akkas jedhee tue “Hundee namin kan biraa jalqabe irratti akkan hin
hojjanneef immoo, lafa takkaa maqaan Kiristoos hin dhaga'amiintti malee, wangeela
akkan hin lallabne murtoo godheera, akkuma caaffameyyuu “ISAAN ISA TAKKAA
WAA'EEN ISAA ISAANITTI HIN HIMAMIN IN ARGU, ISA TAKKAA WAA'EE ISAA HIN
DHAGA'INIS IN HUBATU” jedha (Isaayyaas 52:15) (Roomaa 15:20-21); akkasumas
immoo gara warra Qorontositti, ammas nuyi isa namni kan biraa lafa hojii isaatitti
hojjetee qopheesseen otuu of hin jajin, isin garasittiyyuu darbinee Wangeela in
lallabna (2Qorontos 10:16).
Daangaa qulqullummaa keessatti Phawulos caalaatti kan milkaa'e ta'uu ofiisaa aadaa
hundaa fi namoota gara-garaatti madaqsuuf in carraaqe (HoE 17:19-23. Dabalataanis
1Qorontos 9:19-23; Qolaasiyaas 4:6). Innii fi gareen isaa Wangeela lallabanii, waldoota
kiristaanaa dhaabanii, jaarsolii waldaa muudanii (Titoo 1:5), akkasumas immoo kallattii
isaa kamiiniyyuu hojii fi sagalee Gooftaa akka babal'isaniif amantoota haaraa in leenjisu
ture (2Ximotewos 2:2). Wanta isaanirra ga'uuf malu sodaachuun otuu hin mamin
iddoowwan jibbitoonni jiranitti akkuma iddoowwan nagaadhaan qophaa'anitti Wangeela
lallabuudhaan itti gaafatama guddaa fudhatan (HoE 4:19-20, 23:29; 2Qorontos 11:21-
33). Isaan wantoota hundumaa yeruma tokkoon hin hubatan ture (HoE 15), Gooftaan
karoora isaanii gidduutti jijjiire (HoE 16:7-9); isaan gidduu isaaniitti mormii fi
gaarreeffannoowwan ciccimoo qabu ture (HoE 11:2; 15:36-40; Galaatiyaa 2:12-14);
ta'ullee, si’aayinni ergama isaanii gufuufi hanqina hundumaa irra aanee, isaanis
Waaqayyo hojii isaa akka isaan keessatti hojjetu amananii hojiisaanii itti fufan, Innis
akkasuma godhee: gareen Phaawuloos qofaan lafa galaana Mediteraaniyaa qarqara
kaabaa hunda keessatti waldootii kiristaanaa dhaabanii in leenjisan. Yesuusis akkuma
waadaa galetti, raawwate; Anis dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo nan ijaara,
gooftummaan du'aas mootummaa waldichaa irratti humna hin godhatu hin
moo'us (Maatewos 16:18).
Gareen Phaawulos ergama isaannii sirriitti hubatanii turan: Innis barsiisaa warra ormaa
ta’uun ergama dura-bu’aa isaanii ture. Inni wanta addatti yaadatamuu qabuudha,
ta'ullee Waaqayyo Phexroosiin warra Yihudootaatiif Phaawuloosiin immoo warra
Ormaatiif waamullee (Galtaatiyaa 2:7), ergamichi warra Ormoota gara fedhe yoo
deemellee, yeruma hunda jalqaba warra Yihudootaatiif lallaba ture (Roomaa 1:6),
sababiin isaas Inni barbaachisaa waan ta'ee fi (HoE 13:46). Kitaaba HoE guutuusaa
dubbisaa. Kun dhugaa ta'uu isaa in argitu. Phaawulos gara iddoo asiin dura itti
tajaajiletti yommuu deebi'u inni deebisee haaluma walfakkaataa hordofa ture (HoE
18:19; 19:1-8). Jalqaba Yihudootaaf seerri jedhu har’allee hojiirra oolaa jira, akkasumas
waldaa kiristaanaa akkuma waggaa 1900f waan kana dagattee turte amma hanga
danda’ametti hordofuuf qophooftee eegdi.
hammayyaafi kanneen biroo, isaan kun immoo gaariifi bayeessa. Ta'ullee, pirojektiin
Joshuwaa giddu-gala ergama addunyaa Ameeriikaa (josuaproject.net), akka jedhutti,
addunyaa keessaa dhibbantaa afurtamii tokko bira wangeelli ammayyuu hin geenye,
gareewwan ergamoota wangeelaa kan akka Phaawulosii ammayyuu in barbaadamu.
Wanta Yesuus waggoota kuma lama dura dubbate har'as in hojjeta Midhaan
sassaabamu baay'edha, hojjettoonni sassaaban garuu muraasa: egaa hojjetoota warra
midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa! jedhe
(Maatewos 9:37-38). Hojiin ergamummaa wangeelaa akka itti fufuu fi gara
naannoowwan gararraatti akka erguuf Waaqayyo dhiiraaf dubartii ciccimoo, jajjaboo fi
ogeessota haa kaasu. Ameen
A. Ol-Butamuu
Warri saba Kiristoos hin ta’in al-tokko guutummaatti saba isaatti erga dabalamanii
booda (Roomaa 11:25), Waaqayyo miseensota isaa du’an hunduma du'aa-kaasee
jaraafi miseensota isaa lafarra jiran hundumaa, iddoo inni jiruutti sirna ol-butamuu
jedhamee beekamuun ofitti ol isaan fudhata (1Qorontos 15:12-57; 1Tasolonqee 4:13-
18), kanaafis [isaan] baruma-baraanuu Gooftaa wajjin jiraatu (Tasolonqee 4:17).
Kanneen Kiristoos wajjin jiran qofaatu itti makama (1Tasolonqee 4:16). Qulqulloonni
Kakuu Moofaa fi kanneen yeroo Gidiraa Guddaatti fayyfaman jalqaba bara
muudamummaatti du'aa kan kaafaman in ta'u (Isaayyaas 26:19; Daani'el 12:2). Ol-
butamuun battalatti, hamma liphisuu ijaa yommuu ta'u, yerichatti dhagnoonni keenya,
kanneen amma dadhabootaa fi dhukkuba, du'aafi tortoruudhaaf sababa ta'an, yeros kan
hin dadhabne, humnaan kan guutamaniif kan hin duune in ta'u (1Qorontos 15:52-54).
Foon keenya yeroo ammaa kana jireenya abaaramaa lafaa kanaan walitti mijaa'ee
jiraatu, jireenya ulfina qabeessa iddoo Waaqayyo qulqulluun keenya jiru wajjin wal-simu
ta'ee bara-baraaf kan jiraatu in ta'a.
1. Inni Yihudota dhuma waggootta torbanii irratti lubbuudhaan hafan hunda baraaruuf
jecha danqaraa Isiraa'el Masihicha diduudhaan uumte in cabsa (Isaayyaas 28:14-22;
Hisqi'el 20;33-38; Zakkaariyaas 13:1; Maatewos 23:39).
2. Saboota biyya lafaa keessa danuu isaanii gara amantii fayyinaatti in fida (Mul'ata 7:1-
4, 9-17).
3. Inni qajeelfama biyya lafaa jal'aa fi kanneen Kiristoos akka fayyisaa isaanitti
fudhachuu didan hunda in barbadeessa (Isaayyaas 13:9; 24:19-20; Zakkaariyaas 12:2-
9, Mul'ata 17:1; 18:2; 19:2).
Fayyina Isiraa'elirraan, Masihichi baabura Isaatiin waldaa kiristaanaa wajjin gara lafaatti
in deebi'a (Roomaa 11:26-27; Yihudaa 1:14-15). Inni waggaa kuma tokkoof seexana
hidhuudhaan diinota isiraa'el in moo'a (Mul'ata 19:11-21), akkasumas immoo
Mootummaasaa waggaa kuma tokkoo lafa irratti in dhaaba (Mul'ata 20:1-3, 5, 7).
Waaqayyo quqlulloota Kakuu Moofaa fi yeroo Gidiraa Guddaatti du'an hunda du'aa in
kaasa (Isaayyaas 26:19; Daani'el 12:2), akkasumas immoo, biyya lafaa kana akka
D. Firdii Bara-Baraa
Ergamoonni qulqulloonni hundumtuu iddoo Waaqayyo bara-baraaf jiraatu hunda in
jiraatu (Ibroota 12:22). Seexannii fi ergamoonni isaa hundinuu gara Galaana Abiddaa
isa bara-baraaf guubatuutti in darbatamu (Maatewos 25:41, Mul'ata 19:11-21; 20:1-2,
10). Nama ilaalchisee, namoonni al tokko du'uuf kaa'amaniiru; isa booddee immoo
firdiitti in dhi'aatu (Ibroota 9:27) Deebi'anii foon uffachuun wayiituu hin jiraatu. Hireen
gochaa nama tokko fulduratti murteessu hin jiru. Eenyutu yomiyyuu isa argata? Iddoon
gadadoo, bakki namni tokko jannata otoo hin seenin dura cubbuusaa ofirraa itti dhiqu
jiraachusaa Kitaabni Qulqulluun bakka itti dubbatu hin qabu. Yesuus fannoo irratti
hatticha amanaadhaan, “dhuguman sitti hima har’a ana wajjin jannata keessatti in
argamta (Luq 23:43);” jedheen. Phaawuloosis, “Mana dhagna keenyaa kana irraas
fagaannee, mana keenyatti gooftaa bira jiraachuun nuuf in wayya (2 Qor 5:8).” Fayyinni
warra baraaramanii mudaa dhabuu Masihichaatiin argama: mudaa dhabuufi qulqullinni
isaa keenya kan ta’u cubbuu keenyaaf aarsaa ta’uusaa yommuu amannudha
(1Qorontos 1:30).
Ergamaan Phaawuloos akkana jedha, Sanyiin namaa hundinuu namicha tokkicha irraa
argamanii, irra lafaa irra akka jiraatan godhe; bara isaaniitti iddoo taa’umsa isaaniittis
daarii itti godhe (Hojii Ergamootaa 17:26).
Nuti iddoo adda addaatii dhufne, nuti garuu wal qixa. Hundi keenya hiika jireenyaa
ilaalchisee gaaffii keenya isa gadi fagoof deebii barbaanna, bantuu balbala jireenya
eebbifamee kan ittiin warra kaan eebbifnu bira ga’uufis ni dhamaana. Anii fi namoonni
isaan kaan hedduun furtuu arganneerra. Seenaa argannoo koo akka hubattan isinan
gaafadha.
Kanan guddadhe Magaalaa Niwu Yoork, amantaa Ortodooksii Yihudootaa keessatti yoo
ta’u, jalqabatti seerota Musee shanan, akkasumas seera Ortodooksii Yihudootaa
akkamitti ilaaluu akkan qabu, barreeffamoota barsiisota hedduun barreeffamanin
qo’adhe. Umrii saafelummaa keessa yommuun seenu, amantaa duwwaa ta’e kan
dheebuu nama hin baasne dhiiseen, Yihudummaa garasitti addunyaa kana qorachuu
eegale.
haalan ittiin wantota ilaalu kan mataa kootii uumuun, achumaanis barnoota filoosoofii fi
wal bira qaba amantaawwan adda addaa baradhe. Akkasumas kollejjicha keessatti
gurmuu faarfattootaatti dabalamuun waa’ee hojiiwwan mimmiidhagoo waggoota dhibba
torban darban keessatti hojjetamanii faarfachaa turre. Gooftaan haala nama ajaa’ibuun
hojjeta ture. Amma yommuun yaada gurmuu faarfattootaa sanatti dabalamuun laphee
koo keessatti barreeffamoota gaggaarii akka maxxanse, Caaffatoota Qulqullaa’oo afaan
Ibrootaa isan jalqabatti qo’adhe irraa duwwaa utuu hin taane, Kakuu Haaraa keessaas
jechuu dha argeera, barreeffamoonni sunis warra jaalalaa fi humna Leencicha gosa
Yihudaa isa ta’e Yesuus Masihichaa ti.
Kollejjii irraa yommuun eebbifame, hawaasatti nagaa dhaameen, haala jireenyaa isa
amantaawwan keessatti argamu dhiisuun miilla koo akkasumas yaada koo waliin
deeme. Yeroo umuriin koo waggoota digdamii sadii ta’u, dargaggeetti booda haadha
manaa koo ta’uuf jirtu Suuzaan wajjin wal argine. Baay’ee utuu hin turiin, qarqara
Dhihaa fi Kibba Dhiha Unaayitid Isteetis (United States) gidduutti konkolaataa tola nu
geessu eeggachaa turre, kanas kan barbaanne gartuu obbolootaa kanneen ayyaana
waggaa haaraa ayyaaneffachaa turan irraa yoo ta’u, nuti wantota adda addaa kanneen
akka meeshaa konkolaataa dhufu gargaarsa gaafachuuf nu gargaaru, mucaa durbaa
keenya, qalqalloo meeshaa keenya kanneen akka wanta daa’imni itti fincooftu (diapers)
fi uffata halkanii kan itti qabannu qabannee turre; galgala sana eessatti akka dabarsinu
hin beeknu turre, tarii kattaa gaarota mimmiidhagoo Meeksikoo Siitii irra, yookiin immoo
imaaltota isaan kaan wajjin mana jireenyaa namoota hedduu qabatu keessa, yookiis
godoo muka irraa ijaarame kan durii keessa, yookiin galma Haaree Kirishiinaa isa Loos
Anjeles keessatti argamu keessa, yookiin hoteela isa Saalveeshin Armiin (Salvation
Armey) nuuf qopheessu keessa, yookiin immoo mana yookiis lafa qonnaa qote
bultoonni nuuf kennan keessaa eessa akka bullu hin beeknu turre. Jireenya sana
keessatti wanti yaadannoo ta’ee yeroo hundumaa na keessatti hafu, haati manaa koo fi
ani mucaa keenya baadhannee halkan gurraacha sana keessa karaa bukkee
dhaabbannee, roobaan dhaanamaa konkolaataawwan hedduu nu bira darban akka
isaan nu fudhatan isaan kadhachaa turre, konkolaataawwan dhibbaan lakkaa’aman
garuu nu bira darban.
Guyyoonni sun wantota hedduuf ija keenya nuuf banan, yaadnii fi ilaalchi kan mataa
keenyaa nu gaddisiise. Walumaa galatti nuti lafa hektaara dhibba afur bakka kuduraan
guute isa namni bilisaan irra jiraachuu danda’u, bakka waa’ee isaa duraan dhageenyee
turre jiraachuuf gara Hawaay deemne. Laficha irra kuduraa hedduu kan nama
hawwatutu ture, nama Niwu Yoorkii dhufu tokkoof daran mijataa dha; garuu dhibba afur
inni jedhame sun gara afuriitti xiqqaachuun, nuti godoo xiqqoo kan bishaanii fi ibsaa
elektirikaa warra kaan wajjin hirmaachuu nu hin dandeessisne keessa jiraanne, kuduraa
nyaannee booda bookeewwan gurguddoon nu nyaatu turan. Gogaan koo waan
ho’ifatuuf, miilla koo irratti madaan na ba’ee, gaa’elli keenyas akka cabbie nu jalaa
dilallaa’e. Ani abdii kutannaa guddaa keessa seenuun, gaaf tokko bubbeen hamaan
ka’ee yookiin meeshaan waraanaa guddaan dho’ee akka na ajjeesu hawwiin
eeggachuu jalqabe. Yeroo kana, Gooftaan bantii waaqaa keessaa gad na ilaaluun
akkana naan jedhe, “Ilaa amma qophaa’eera.”
Samii Hawaay isa bareedaa jalatti Waldaa dhagaa irratti ijaaramte kan keenyan hin
qabne keessatti sirna gaa’elaa adeemsifame hirmaadheen ture. Misirroo fi dhirsi
misirroo attamitti gara Kiristoos akka dhufan akkasumas jijjiirama guddaa inni jireenya
isaanii keessatti taasise maal akka ta’e akka ibsan gaafatamaniiru. Tajaajilaan gaaf
sanaa uffata jiinsii (jeans) uffatee, gaa’elli attamitti fakkeenya Kiristoosii fi Waldaa
Kiristaanaa akka ibsu jaalala isaa isa hin madaalamne irraa kan ka’e Kiristoos akkamitti
lubbuu isaa dabarsee akka isheef kenne, ofii isaa waan inni isheef kenneef Waldaan
Kiristaanaa akkam akka isa jaallattuu fi isa tajaajiltu nuuf ibse. Sochiiwwan hafuuraa fi
gaggeessitoota yeroo darbe keessa turan ilaalchisee wanti bitaa na gale hedduun
jiraachuu baatu illee, saganticha erga dhumee booda gara tajaajilaa sanaa deemeen,
“Tarii na gargaaruu ni dandeessa” ittiin jedhe. Ani waa’ee Yesuus isa gaafadhe; innis
gaaffilee ani gaafadhe hundaaf Macaafa Qulqulluu isaa keessaa caqasuun deebii
quubsaa naaf kenne; wanta inni dubbise hundumaa keessaas dhugaan laphee koo
keessatti qabatee hafe. Ani wal ga’ii isaanii itti fufee hirmaachuun, gaaffilee ani kaasu
hundumaaf haala quubsaadhaan deebii argadhe. Torbanoota muraasa booddee
jireenya koo fayyisaaf kennuun bishaan Hawaay isa cuquliisa kan hedduu miidhagu
keessatti naannoo Waldaa sanaattin cuuphame. Hafuurri Yesuus Kiristoos inni jiraataan
hafuura koo isa du’u keessa seenuun jireenya haaraa na jalqabsiisee jennaan abdiin,
ifnii fi gammachuun jireenya koof deebi’an.
Ani kollejjii yookiis seminaara Macaafa Qulqulluu kam keessatti iyyuu hin baranne,
dhugaa beekuuf garuu gatii baaseera. Harmeen koo akka ani Kiristaana ta’e yommuu
dhageesse, shaamaa yaadannoo naaf ibsitee turte, obboleessi koo garuu haala jiru
ibseefii haala sana keessaa ishee baase. Bara 1979, Suuzaanii fi ani mana keenya
gurguruun, waggoota lamaaf duuka bu’ummaa fi tamsaasa Wangeelaa irratti leenjii
fudhannee, ergama Wangeelaa (mission) kan dargaggootaa keessa seenuun gara
Awurooppaa deemnee achittis ani jaalala gooftaan Yihudoota biyya Jermenii jiranii fi
musiliimotan tajaajile. Waggoota lama booda, anii fi haati manaa koo ijoollee keenya
lamaan wajjin gara Hawaayitti deebine, yeroo sana qarshii, mana, hojiis hin qabnu turre;
Waaqayyo garuu karaa biraa nuuf qopheessu kun garuu seenaa adda biraa ti. Isa kana
ilaalchisee fakkeenyan kennuu danda’u hedduun qaba, garuu salphaadhumatti
wareegama namni tokko dhugaaf taasisuuf, Waaqayyo yeroo dheeraa booda gatii isaa
ni baasaaf.
~ Maatewoos 55:1-2 ~
Isin yoo dhuunfaa keessaniin jaalala Waaqayyoo kan hin beekne taatan, amanaa ifni
Waaqayyoo dukkana koo akkuma ibse laphee keessan keessas seenee isiniif ni ibsa.
Ani dur nama hafuura hamaan guutamen ture sababni isaa waggootaaf daawwaa
araada nama qabsiisan hedduu fudhachuu akkasumas waaqolii tolfamoo waaqessuu,
amantaawwan seexanaa fi filoosoofii sobaatti qabameen ture, dhiigni Yesuus garuu
bilisa na baase!
Ilmi Waaqayyoo inni cubbuu hin qabne jaalala Waaqummaan isin jaallatee fannoo irratti
dhiiga isaatiin gatii cubbuu keessanii isiniif baaseera. 2 Qorontoos 5:19 keessatti
akkuma dubbatu Waaqayyo karaa Kiristoosiin biyya lafaa fi ofii isaa gidduutti nagaa
buuseera. Gatiin cubbuu keessanii isiniif baafameera. Gama keessaniin wanti hafe
isin Waaqayyo wajjin nagaa qabaachuu duwwaa dha (Lakkoofsa 20). Inni riqicha isa
dhumaa ta’uun balbala baneera. Wanti isin gochuu qabdan gama keessaniin balbalicha
bantanii gara isaa deemuu qofaa dha. Oduu fayyinaa isa gammachiisaatti amanaa,
Waaqayyo immoo cubbuu keessan hunda isiniif dhiisa. Inni laphee keessan keessa
buufachuudhaan, jireenya keessan jijjiiree jennaan isin akka bakka bu’ee isaatti isa
tajaajiluu dandeessu, battalumattis eebba jireenya bara baraa isa irraa hafaa fi dhuma
hin qabne argattu.
~~~~~
Karaa ilma isaa jireenya keessan Waaqayyoof kennitaniittu yoo ta’e, dubbisuu itti fufaa.
Amanaa haaraa yoo taatan, gara duuka bu’aa bilchaataatti akkamitti guddachuu akka
Isin kanas beekuu qabdu: Namni tokko maatii amantoota ta’an keessaa dhalachuu
isaaf, yookiis dhaabbata amantaa keessaa iddoo guddaa waan qabuuf, yookiin
miseensa Waldaa Kiristaanaa waan ta’eef, yookiin hojii gaarii waan hojjeteef (Efesoon
2:8-9) duwwaan, yookiin Yesuusiin alatti kan biratti amanuudhaan fayyuu hin danda’u
(Yohaannis 14:16). Ergamaan Pheexiroos akkana jedheera, Fayyinnis Yesuus Kiristoos
duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun
kan nuuf ta’u, waaqa jalaa ilmaan namootaatiif hin kennamne jedhe (Hojii Ergamootaa
4:12).
Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a; kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesuus
Gooftaa keenya wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti.(Roomaa 6:23)
Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun
immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa
baduuf miti! (Yohaannis 3:1)
Yesuus akkana jedhe, Hojii isa ana ergee guyyaadhaan hojjechuuf nuuf in ta’a, yeroon
namni tokko illee itti hojjechuu hin dandeenye halkan ni dhufahoo (Yohaannis 9:4).
Itoophiyaa keessattis wanti kana fakkaatu ta’uu ni danda’a. Isin namoota keessan gara
fayyisaatti qajeelchuun Dubbii Waaqayyootti isaan cimsuun isiniif ta’a. Yommuu isin
akan gootan Waaqayyo isin haa eebbisu!
caafameera.
~ Roomaa 10:12-15 ~
Kiristaanonni maaliif akka ani amantii dhiisee ragaa mul'atu irratti hundaa'e
ajaa'ibsiifachuu danda'u ta'a. Sun sababa hin ta'u. Waaqayyo akka inni isa amanatu
Iyoobiin amansiisuuf ragaaleetti fayyadameera (Iyo 38-40). Itti dabalees, nuti namoota
sammuu ta'uu qabna. Phaawulos akkana jedhe:
Qo'annichi bal'aadha, garuu akkamitti Arba nyaattu? Yeroo tokkotti al tokko qofa
alalfachuudhaan! Nyaata gaarii isiniif haa ta'u!
Hiika Jechootaa
Macaafni Qululluun Dubbii Waaqayyoo ta'uusaa mirkaneessuu yoon barbaade duraan
dursee jechoota akka "Macaafa Qulqulluu", "Waaqayyo", fi "Dubbii Waaqayyoo"
jedhaman hiikuun qaba.
Dubbii Waaqayyoo. Macaafa Qulqulluu keessatti hiikni "Dubbii waaqayyoo" inni tokko
qabiyyee Macaafa Qulqulluu guutummaa isaa jechuu dha. Haala kanaan, "Dubbiin
Waaqayyoo" guutummaa ergaa Waaqayyo kan inni namoota filatetti humnaa fi aboon
dubbatee jennaan isaan immoo haala dhugaa ta'ee fi dogoggora hin qabneen Macaafa
Qulqulluu isa Macaafota jaatamii ja'a qabu keessatti barreessanii dha.
Wantota Macaafa Qulqulluun ala ta'an utuu hin qo'atiin dura, maaloo wanta Macaafi
Qulqulluun amantootaaf mirkaneessuu fi dhuga ba'umsa inni namoota hundaaf kennu
ilaalaa:
Waaqayyo Horebitti Museetti dubbate kun, Seerota Musee warra bal'inaan Macaafota
Seera Ba'uu, Lewwootaa, Lakkoofsaafi Keessa Deebii keessatti argamaniif bu'uura dha.
Yesuus seerota Musee akka Abboommii Waaqayyoo ykn Dubbii Waaqayyootti
ibse(Maatewos 15:3,6).Yeroo seexanni isa qores Seerota Musee keessaa yeroo sadii
caqaseera.Maatewos 4:4 keessatti Keessa Deebii 8:3 caqase, Keessa deebii 6:16
immoo 4:7 keessatti caqase, akkasumas Keessa Deebii 6:13 Maatewos 4;10 keessatti
caqase.
Phaawulos Macaafota Kakuu Moofaa digdamii torba keessaa kudha sadan isaanii
barreesse. Ergamaan Pheexiros Caaffatoota Qulqullaa'oo jedhee waame.
Kiristoos, isa inni ittiin wanta dafee ta'uun irra jiru hojjetoota isaatti argisiisuf Waaqayyo
biraa argatee dha; inni ergamaa isaa waaqarraa ergee hojjetaa isaa Yohaannisitti
beeksise. (Mul 1:1).
Isin sanyii baduttii utuu hin ta'iin, sanyii hin badnettii Sagalee
Waaqayyo isa jiraataa fi isa akka jirutti hafuun haaraa taatanii
dhalattaniittu. Kanaaf Caaffanni Qulqullaa'aan, "Namni foon uffate
hundinuu akka margaati; margichi ni coollaga, daaraan isaas ni
harca'a. Dubbiin Gooftichaa garuu hafee bara baraan ni jiraata" ni
jedha. Dubbiin kun immoo isa misraachoo isinitti himamee dha.
~1 Phexiros 1:23-25~
Ani kana kanan caafe, nama dubbii macaafa kana keessatti raajii
dubbatame dhaga'u, of eeggachiisuudhaa fi dhugaa itti ba'uuf nan
jedha. Namni dubbii kanatti yoo waa dabale, Waaqayyo adaba isaa
irratti dha'icha waa'een isaanii macaafa kana keessattii caafaman
isatti dabaluuf jira. Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii
dubbatame irraa yoo waa hir'ise immoo, Waaqayyo muka jireenya
kennuu fi mandarattii qulqulluu waa'een isaanii macaafa kana
keessatti caafaman keessaa qooda isaa hir'isuuf jira.
~ Mul'ata 22:18-19~
Macaafni kun waa’ee Macaafa Mul’ataa dubbata, yoo guutuummaa Macaafa Qulqulluu
yoo ta’uu baate illee akka amantii Yoohaannisitti macaafni Mula’ataa sagalee
Waaqayyoon biraati.(Sagalee Raajii akka ta’ees ni dubbata); garuu Mul’anni
Yoohaannis macaafota Kakuu Moofaa keessaa waan caqasaa tureef, ergaa kakuu
haaraa waliinis akka adeemuuf hojjechaa waan tureef, guutuummaan Macaafa
Qulqulluu dubbii Waaqayyoon akka ta’e akka Yoohaannis amanu beekuun nama hin
rakkisu.
Seera Bahuu 24 keessatti seerri Museedha akkuma dubbatuutti, Nuyi dubbii Waaqayyo
dubbate kana hundumaa in goona (lak. 3, 7) Museen dubbii Waaqayyo dubbate
hundumaa in caafe; ganama barii immoo ka’ee tullicha jalatti iddoo aarsaa ijaaree, akka
lakkoobsa gosa Israa’el warra kudha lamaaniitti utubaa dhagaa kudha lama in dhaabe.
(Lakk.4). Dugummatti Waaqayyo seera kurnan dubbachuu qofa osoo hin taane (Ba’uu
20:2-17) dhagaa irrattis akka barreeffamuu qaban dubbateera. (Ba’uu 24:1, 32:16).
Iddoo baay'eetti raajonni raajii Waaqayyo biraa ta'e raajaniiru. Fakkeenyonni tokko
tokko: Kanaaf Gooftaan akkana jedha... (Isa 56:1); Kanaaf Gooftaan Maccaa Akkana
Jedha....Ermiyaas keessatti dubbichi waaqayyo biraa ta'uusaa argisiisuuf yeroo 49
dubbata (Ermiyaas 6:6,9,...); Isa booda Dubbiin Gooftichaa gara koo dhufee akkanan
naan jedhe ... (Hizqeel 12:1). Barsiisaan Macaafa Qulqulluu Wiinkey Piraatney akkana
jedhuun barreessu, "Dubbiin GOOFTAA Macaafota Kakuu Moofaa jalqabaa shanan
keessatti yeroo 560, guutummaa Macaafa Qulqulluu keessatti immoo yoo xiqqaate
yeroo 3800 barreeffamee argama!"
olii ta'uu isaanii ibseera: Waaqnii fi lafti ni darbu, Dubbiin koo garuu hin
darbu (Maatewos 24:35). HoE 9:11 keessatti, Gooftaanis isaan akkana jedhe...kan
jedhu dubbifna 2 Qor 12:9 keessatti Phaawulos Innis akkana naan jedhe...jedha Mul 1:8
keessatti Yohaannis Waaqayyo waa'ee ofii isaatii yeroo itti dubbatu, "Ani Alfaa fi
Omegaa dha" jedha Gooftaan, "Inni ture, Inni jiru, Inni dhufu, Dandada'aan waan
hundumaa" jedha.
2 Pheexiros 1:20-21 tti yaada kana darab ifa taasisa: Caalaadhumatti immoo raajiin caaffata qulqullaa'aa
akka namni tokko yaada ofii isaatiin kennutti hiikamuun akka hin taane beekuun isin irra jiru. Raajii
dubbachuun takkaa jaalala namaatin hin taane; garuu namoonni Hafuura Qulqulluudhaan
geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru.
Raajiin dandeettii mul'ata kallattiidhaan fudhachuu argisiisa. Raajota isaa keessaa tokko tokko kakaasee
Waaqayyo akka isaan mul'ata isaanii barreessan isaan taasise. Namoonni hojii adda addaa hojjetan isaan
kaanis hojii isaanii kana akka barreessan isaan taasise (Luq 1:1-4 ilaalaa). Pheexiros
waa'ee raajummaa Macaafa Qulqulluu waan inni jedhe jedhe --- Namoonni Hafuura Qulqulluudhaan
geggeeffamanii Dubbii Waaqayyoo dubbatan — kan jedhus bu'aa qorannoolee Macaafa Qulqulluuti
sababni isaa barreeffama isaanii Waaqayyotu isaaniif kenne.
Garuu namoonni Hafuura Qulqulluun geggeeffamanii dubbii Waaqayyoo dubbatan jechuun maal jechuu
dha? Jechi afaan Girikii geggeeffamnii ykn oofamanii jedhamee hiikame isa HoE 27:15 fi 17 keessa jiruun
walqixa, sun jechuun bidiruu qilleensa jabaadhaan galaana irra dhiibamtu ykn harkifamtu jechuu dha.
Raajiin nama Waaqayyo geggeessaa fi kakaasee haala dogoggora hin qabneen dubbii isaa ifa ta'ee
dhaga'amu itti dubbatu dha. Kanaaf akkana jennee gudunfuu dandeenya, namoonni Macaafa Qulqulluu
barreessan marti—raajonni, barreessitoonnii fi qorattoonni, mul'ata isaanii kan barreessan hafuura
Waaqayyoon hoogganamniiti. Waaqayyo qilleensa Hafuura Isaa isa Dubbii Isaa of keessaa qabu akka
barreessan isaan geggeesse.
Kanaaf Macaafni Qulqulluun dubbii Waaqayyoo ibsuu isaa qofa miti kan arginu, akkamitti akka
Waaqayyo dubbii isaa kennes ni ibsa.
ibsa malee Dubbii Waaqayyoo afaan isaarraa dhaga'uu miti. Dubbii isaa afaan
Waaqayyoo irraa dhaga'uun mul'ata jedhamee ibsame. Geggeessi hundinuu mul'ataan
ta'e jechuu miti (Luq 1:1-4), geggeessi hedduun garuu akkana. Fakkeenya geggeessa
mul'ataan durfamee keessaa tokko: Waaqayyo ammas Museedhaan, "Dubbii ani sii fi
saba Israa'el wajjin ittiin kakuutti gale kanaakkuma inni jirutti caaffadhu!" jedhe (Bau
34:27). Kanaaf geggeessa Waaqayyoo jalatti, Museen guutummaa seeraa isa
Waaqayyo isatti mul'ise barreesse—sunis kutaa Kakuu Moofaa isa guddaa dha.
Kanaafuu, namni barreessaa ta'e tokko walitti qabees haa barreessu yokiis Waaqayyo
isatti haa mul'isu, Waaqayyo waan dhugaa ta'e tokko akka barreessuuf isaaf kenneera
jechuu dha.
Jecha geggeessa hafuuraa (Inspiration) jedhu haala yeroo sanaan yeroo fayyadamnu,
haala miiraa ol ka'aa kan hubannaa uumamaa gararraatii waan dhufetti dabalame
jechuu akka ta'e ilaalla; Macaafni Qulqulluun garuu akkaataan itti Macaafota isaa
jaatamii ja'an keessatti fayyadamu Waaqayyoon to'atamuu akka ta'etti dha.
Barreeffamni yeroo sanaa garuu cufameera (Ibr 1:1-2; Mul 22:18-19). Namoonni yeroo
fakkii kaasan, muuziqaa barreessan ykn wangeela lallaban argamuun Waaqayyoo itti
dhaga'amuu danda'a, garuu hojiin isaanii yokiis dubbiin isaanii kana booda aboo
qabaatee Macaafota Qulqulluutti dabalamuu hin danda'u.
Gudunfuuf, dhuga ba'umsi Macaafni Qulqulluun waa'ee mataa isaatii dhugaa ba'u
amansiisaa, jabaa, kan hin sochoonee fi sirrii dha.
II. Ragaawwan
Ragaawwan itti aanan kana keessaa tokko tokko akka ragaatti of danda'anii hin dhaabbatan, garuu
ragaawwan jiraniratti ida'amu. Isaan kaan immoo Macaafni Qulqulluun dubbii Waaqayyoo ta'uusaa ragaa
quubsaa kennu. Kanatti aansuun ragaawwan tokkoon tokkoon isaanii sakattaanee ilaaluuf yaalii ni goona.
Macaafni kamiyyuu akka Macaafni Qulqulluun itti barreeffametti hin barreeffamne. Inni waggoota 1600
keessatti afaanota sadiin barreeffame (Ibroota, Aramaayikii fi Girikii). Namota hojii adda addaa yoo
xiqqaate kudha tokko hojjetaniin barreeffame (mootota, luboota, raajota, loltoota, aanga'oota,
tiksitoota, namoota qurxummii qaban, warra qaraxa funaanan, nama dunkaana hodhu, doktora,
qonnaan bulaa) fi yoo xiqqaatan biyyoota ja'a keessatti (Israa'el, Baabiloon, Gibxi, Girik, Roomaa,
Arabiyaa) ardiilee sadii keessatti (Eshiyaa, Afrikaa fi Awurooppaa) barreeffame. Kitaabonni walitti
qabaman hedduun addunyaarra jiru, Macaafni Qulqulluun garuu akka isaanii miti. Walitti qabama
kitaabota jaatamii ja'aa kan isaan tokkummaa guutuudhaan kitaaba tokko uumani dha. Kitaabni akkanaa
waggoota 1600 keessatti yommuu raawwatamu ilaalaa. Pirojektii akkanaa hojjechu kan danda'u
Waaqayyo duwwaa dha jedhee namni yaaduu danda'a.
a. Hawaan akkamitti akka dhufe kan ibsu Macaafa Qulqulluu duwwaa dha
b. Waaqayyo tokko qofti akka jiru kan ibsu Macaafa Qulqulluu qofa dha
Waaqayyo isa tokkicha malee kan biraan akka hin jirre beekna (1 Qor 8:4).
Akka waaqolii tolfamoo warra aarsaa ijoollee warra isaan waaqessanii barbaadanii utuu
hin taane, Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon akka albaadhessaatti hin ibsu, garuu akka
Waaqa Ilma ofii isaatii waaqeffattoota isaa qofaaf utuu hin taane, guutummaa biyya
lafaaf kenne.
Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun
immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa
baduuf miti. (Yohaannis 3:16)
d . Cubbuu Haala Hafuura Namaa akka ta'e kan Ibsu Macaafa Qulqulluu qofa dha
Amantaleen tokko tokko hammeenya akka hojii namaatti dhi'eessu, akka dhaalaa sanyii
namaatti kan dhi'eessu Macaafa Qulqulluu duwwaa dha. Phaawulos akkana jedha,
e. Cubbuu Irraa Fayyuun Hojii Waaqayyoon Akka Ta'e Kan Ibsu Macaafa
Qulqulluu Qofa dha
Barbadichas afaan kootti buusee, "Kunoo, kun afaan keetti waan bu'eef, yakki kee si
irraa fuudhameera, cubbuun kees siif dhiifameera" naan jedhe. (Isaayyaas 6:7).
Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta'iin, akka araara isaatiitti
dhiqannaa lammaffaa dhalachuutin, haaressuu Hafuura Qulqulluutiinis nu fayyise. Tiitos
3:5-6 (Hojii fayyinaa keessatti eenyummaawwan Waaqayyoo sadanuu qooda akka
fudhatan ilaalaa).
Egaa si'achi Kiristoos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani
amma fooniin jiraadhu immoo, Ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa
anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha. (Gal 2:20)
Ani Wangeelattu hin yella'u, inni humna Waaqayyoo isa warra amantii
qaban hundumaa, duraan dursee warra Yihudootaa akkasumas warra
Girikootaa fayyisuu dha. Qajeelummaan Waaqayyo namaaf kennu
amantii irra ni dhaabbata gara amantiittis nama ni geessa. Kunis
Wangeela keessatti ni mul'ata; akkuma caafamee jiru immoo, "Namni
amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa
ni jiraata."
~Rom 1:16-17~
Jalqaba Macaafa Qulqulluutii hamma dhumaatti ergaan jaalala Waaqayyoo yeroo bara
baraaf ija godhachaa utuu deemuu argina. Namoonni afurtamni ykn isaa ol waggooa
1600 keessa faca'anii kan turan ardiilee torba irraa biyyoota ja'a keessa kan turan
Macaafa kitaabota jaatamii ja'a kan guutummaan guutuutti tokkummaa qaban
barreessuu danda'u jedhamee ni amanamaa? Guutummaa pirojektichaa hoogganaa
kan ture sammuun adda tokko tureera.
dhugumatti wal-diddaawwan hin jiran. Kanneen armaan gadii kun wantota waldiddaa
fakkaatan, garuu waldiddaa dhugaa kan hin taane dha:
Wal diddaa xiqqoo dha, garuu qabatamaa miti. Yoo xiqqaatan ibsawwan gurguddoo
lamatu jiru:
1) Ibsa uumamaa: Yihudaan bowwaa irratti of fannise, dameen mukaa inni itti fannifame
finyoon hidhamee ture, finyichis ni cite ta'a.
Wal diddaa xiqqaa dha; garuu afaan Ibrootaa keessa ajjeesuutti kan hiikaman jechoota
hedduutu jiru. Inni 20:13 keessatti caqasame humnaan ajjeesuu (murder) dha. Warri
dhi'ootti hiikaman Humnaan hin ajjeesin jedhu. Kanaaf seera Musee keessatti humnaan
nama ajjeesuun dhorkaa dha, nama abbaa ykn haadha isaa rukkutuuf garuu akka
Himicha mee haala inni keessatti barreeffame keessatti haa qo'annu: Ittiin isin
tajaajiluuf, waldoota warra kaan saameera. Miti, inni waldoota warra kaan hin saamne.
Jecha kana dubbii dhokataa ykn qolaan dubbate, waldoota isaan kaan irraa gargaarsa
fudhatee waldaa Qorontoos isa isa hin gargaarin tajaajileera jechuu dha. Waldiddaa hin
qabu.
Yeroo tokko tokko, jechi itti aanee jiru himicha ifa taasisa, fakkeenyaaf akka isa amma
ilaalle kanaa jechuu dha. Yeroo biraammoo, keewwatoota muraasa ilaaluu qabna, yeroo
biraammoo guutummaa kitaabichaa dubbisuu qabna. Haala kam keessattuu, haala inni
keessatti barreefame keessatti ilaaluun barreeffama ifa nuuf taasisa.
Yoo Waaqayyoon barreeffame ta'e malee, kitaabonni Macaafa Qulqulluu jaatamii ja'anii
waldiddaa tokko malee barreeffaman jechuun nama dhiba.
1. Antirooppooloojii irraa
"Barreeffama guutummaan guutuutti dhugaa ta'e." Uumama 10, yeroo hundumaa akka
gabatee Sabaatti lakkaa'ama, waa'ee saba warra jalqaba toora Nohii fi ijoollee isaa
sadan irraa dhufanii ibsa. Akkaataa Macaafa Qulqulluu Unger, kan Young's Analytical
Concordance (Fuula 25) akka ibsetti Dr Wiiliyaam F. Albiraayit Gabatee Sabaa
"barreeffama guutummaan guutuutti dhugaa" jedheera. (4)
Dhugummaan isaa baay'ee ajaa'ibsiisaa dha, ilma Noh Sheemiin barreefame (Uma
11:10), sunis Dh. K. D 2300 ture, naannoo DHKD 1450-1400tti seerota Musee keessatti
hammatame.Oduun durii as hin jiru, dhugaa antirooppooloojii qabatamaa dha.
2. Seenaa Irraa
Iyyaasuun Yerikoo kan mo'ate DhKB naannoo 1400 ture. Akkaataa Macaafa Qulqulluu
Haaleyitti, (5) Dr Joon Garistaangi, Yerusaalemitti aanga'aan jaarnayaa British School
of Archaeology in Jerusalem and of the Department of Antiquities of the Palestine
Government jedhamuu, caccabuun Yerikoo naannpp bara 1400-1370 DhKB akka ture
mul'ise. Mee Macaafni Iyyaasuu (kan Iyyaasuun naannoo bara 1400-1370 DhKB
barreesse) akkamitti argannoo Dr Garistaangi waliin akka walitti firoomu haa ilaallu.
a. Dr Garistaangi manneen Yerikoo keenyan isaanii karaa keessaafi alaa manneen wal
qabatoon kan walitti hidhaman ta'an ibseera. Iyyaasuu 2:15 akkana jedha, Manni
dubartittiin keessa jiraattu gar tokkoon kellaa mandarichaa wajjin walitti
waan ijaarameef, karaa qaawwa kellichaa funyoodhaan gad isaan buufte. Manni
Rahaan ijaarsa isa oliirra ture.
b. Dr Garistaangi magaalittiin bara 1400 DhKB akka barbadoofte, keenyan isheen wal
qixxaatee akka kufe ibseera. Iyyaasuu 6:20 irratti, Keenyanichis wal qixxaatee
jige jedha.
c. Dr Garistaangi "tuullaa kasalaa fi daaraa hedduu kan manneen gubatan irraa walitti
qabame arge" Sana jechuun "Manneen sun gubataniiru" jechuu dha. Iyyaasuu 6:24
akkana jedha, Israa'eloonni magaalattii ibiddaan guban, wanta ishee keessa jiru hundas
gubaniiru.
d. Tuullaa daaraa fi mana gubate sana jalatti Dr Gaaristaangi manneen kuusaa kan
midhaan gosa adda addaa itti kuufamaa ture arge. Warri booji'an sun achi keessatti
nyaata irraa hafaa argachuu isaaniif kun ragaa dha" Iyyaasuu 6:18 keessatti qabachuu
isaanii dura Iyyaasuun akkana jechuun Israa'eloota akeekkachiisa, Isin wanta
balleeffamuu qabu kanarraa fudhattanii badiisa akka ofitti hin fidnetti of eeggadhaa.
(Lewwoota 27:28 b irratti akkana jedha, Wanti akka hin tuqamne godhamee kenname
hundinuu waan hundumaa irra ana Waaqayyoof kan qulqullaa'e dha.)
Badisni Yerikoo waggoota 3,400 dura ta'e. Macaafni Qulqulluun isa kana dhugumatti ni
ibsa! Kun sheekkoo warra Ibrootaatiiree? Raawwatee akkana miti. Macaafni Qulqulluun
dubbii Waaqayyoo ta'uusaa ragaa dha.
Dubbisicha akka barreeffamaatti yoo ilaalle samii fi lafti amma jiran kun ibiddaan
gubachuuf akka jiran argisiisa. Macaafni Qulqulluun samiiwwan sadii ibsa: samii bakka
Waaqayyo jiraatuu fi samiiwwan ijaan argamuu danda'an lachuu, hawaa (space) fi
hawaa atimoosferaa isa simbirroonni keessa barrisanii fi duumessi keessa qubatu
jechuu dha. Qo'annoo keenya itti aanu keessatti, samiin inni kan Waaqayyoo akka hin
barbadeeffamne nan ibsa. Dubbisichi samii isa atimoosferii fi isa alaan mul'atu qofa
argisiisa.
Yeroo sadii deddeebi'ee dubbisichi ruqooleen isaa ibidda baay'ee gubuub akka
gubatan ni dubbata. Akka Ibsa Macaafa Qulqulluu Istiroongitti, balleeffamuu jedhamanii
jechoonni afaan Girikii hiikaman lachuu lakkoofsota sadanuu keessatti "caccabuu" fi
"bulbulamuu" dha. [17] Itti dabalees, Gama biraatiin, ruqooleen hawaa isa jaan mul'atu
kanaa ho'a cimaadhaan gubachuu (baquu)f jiru.
Namni qurxummii qabaa ture Pheexiros keemistirii yokiin nukilaar fiiziksii hin baranne;
sun naannoo DhKB 64 ture., paartikiloonni hawaa kun guyyaa tokko akka gubatan
garuu barreesseera.
lafti jajjabaan argamu kun garuu baduuf jira jechuu dha" (Mul 20:11).
(8)
Dr Mooris haala gubannaa kana Mul 3;20 waliin wal qabsiisa, sun Mootummaa Waggaa
kumaa booda Firdii isa guddaa dura raawwatama. Isaan kaan haala mootummaa
waggaa kumaa dura raawwatamu jedhanii fudhatu. Maaliyyuu yoo ta'e, qabxii Dr Mooris
ibsu kana qabachuu dandeenya. Walqabannaa atoomawaas yoo ta'e (akka barattoota
Macaafa Qulqulluu hedduutti fakkaatu), yokiis humni keemikaalaa dho'ee gara annisaa
biraattis yoo jijjiirame, Pheexiros waggaa kuma lama dura haa turuu jaarraa
digdamaffaattiyyuu kan hin yaadamne waa'ee dho'insa wantotaa dubbata. Sababa
sanarraa kan ka'e jaarraa digdamaffaa keessa Macaafa kanatti ga'ifamee ture; yeroo
sanaa kaasee garuu dhalli namaa teleskooppii fayyadamee urjoota dho'an qo'achaa
ture, hidhiin warra ga'isaa turaniis cufameera.
4. Baayoloojii Irraa
Uumama 3 keessatti, muka akka hin nyaatamne dhorkame akka isaan nyaatan bofni
Addaamii fi Hewaaniin gowwoomse, sanaan kufaatiin dhala namaa dhufe. Kanarraa kan
ka'e, Waaqayyo boficha abaare, abaarsa sana keessaa inni tokko Garaadhaan lafarra
ni loota (lakk 14) kan jedhu ture. Kun kan argisiisu, hamma yeroo sanaatti, yokiin
miilaan deema yokiin immoo akka Kaangaaroofaa ol jedhee eegee isaarra ijaajja ture.
Namoota baay'eef, seenaan kun sheekoo yokiis himtee arrabaati; garuu mee
gaazexaa The Israel Today jedhamu kan Hagayya 2008 ba'e kana irraa kan fudhatame
barreeffama armaan gadii kana ilaalaa.
Sanyiin dhaalaa jiinii gargar cabee seelii ykn orgaaniizimii keessaa dhalootaa gara
dhalootaatti darbuu dha. Barreeffama Genetic Entropy Points to Young Creation, Ph.D
jedhamu keessatti Jofirey Toomkiins qorannoolee saayintistoota addunyaa lamaan
dhi'eenya kana taasifame irratti hundaa'uun akkana jedhee gabaasa:
(creation)." (10)
Lachuun isaanii wal mormu, dhugaan isaa tokko yokiin kan biraa ta'a, sababni isaa
lamaan isaa altokkotti ta'uu hin danda'u. Namoonni tokko tokko hawaan kun yeroo
darboo bara baraan dhufe jedhu, kun garuu hin danda'amu. Seerri
termoodaayinaamiksii lammaffaan kan ibsu annisaawwan hawaa keessa jiran hundi
naannoo madaalamaa yokiis boqotaatti dhufan, akkuma yeroo ho'i qodaa bishaan qabu
keessaa gara isa qorraatti deemuu jechuu dha. Ho'ichi hamma bishaanichii fi qodichi
ho'a wal qixxaataa qabanitti itti fufee deema; yeroo wal qixxaatu deemsa ho'i
bishaanicha keessa taasisu ni dhaabbata. Haa ta'u malee, yeroo kana ammallee
annisaan hawaa keessa sadarkaa maayikirooskooppikiitti fi maayikirookoosmikiitti
bakkaa bakkatti ni socho'a—garuu utuu hawaan kun yeroo darboo bara baraa irraa
argame ta'ee, sochiin annisaa waggoota hedduu dura dhaabbata ture. Kanaafuu,
hawaan kun yeroo darboo bara baraa irraa kan argame miti. Inni jalqaba qabaachuu
qaba, "moodeloota ta'uu danda'an lama qofatu jiru....jijjiirama tirannaa yokiis uumama."
Jaarraa kudha salgaffaa keessa seeminaarota Jarmanii keessatti kan kaafame shakkii
Macaafa Qulqulluu irratti ka'een alatti, hamma giddu gala jaarraa kudha salgaffaa
amantii namootaa balleessuuf hojiin hojjetamu hin turre—sunis sababa tiwotii jijjiirama
tirannaa (evolution) dha. (Hayyoonni tiwooloojii Jarman tokko tokko Macaafni
Qulqulluun kitaaba aboo waaqummaa qabu akka hin taane, kitaabuma namoonni
barreessan akka ta'e dubbatanii turan.) Jijjiiramni tirannaa, bara 1865 Chaarles Daarwin
kan dhi'eesse, ka'umsa uumamaa kan ilaallatu yoo ta'u, hawaan kun akkamitti akka
jalqabame ibsuu yaala. Akka inni ibsutti, geggeessa waaqummaa malee hawwaan kun
adeemsa itti fufiinsa uumamaatiin akka argame dha. Hawaan kun salphaamatti kan
dhufe vaakiyumii qullaa, bakka dhuma hin qabnerraa yoo ta'u, haaluma kanaan bifa
amma jirutti jijjiirame: lubbu qabeessas ta'u lubbu dhabeessa. Doktiriiniiwwan lamaan
kun, iddoo lafa jalaatti dhalatanii, amantii namoota miliyoona dhibbootaan lakkaa'amanii
kanneen amantaalee adda addaa hordofanii raasaniiru. Uumaa jireenyaa ganuudhaan,
gatii jireenyaa gad buusanii jaarraa digdamaffaa keessa biyya Yuunaayitid Isteetis
keessatti qofa hamma bara 1973tti du'a daa'imman gadameessa keessa jiranii
miliyoona tokkoo fi walakkaaf sababa ta'eera.
Amma mee dogoggora jijjiirama tirannaa kana iddoo xixiqqootti qoodnee ilaaluudhaan
dhimma uumamaa isa Macaafni Qulqulluun dhi'eessu ilaalla.
Sammuun nama tokkoo qofti odeeffannoo kompuutaroota addunyaa irra jiran hunda
keessa jiru caalaa kuusuu fi irratti hojjechuu akka danda'u beektuu? Kompuutara haa
turuu meeshaa shallagaa saayinsawaa (scintific calculator) kalaquuf hamma
walakkeessa jaarraa digdamaffaatti sammuuwwan saayinsii gurguddoo kan gaafate
ture, namni ga'umsa akkanaa qabu kun akkuma salphaatti jijjiirama tirannaadhan dhufe
jedhanii yaaduun ni danda'amaa? Namni garuu sammuurrayyuu baay'ee caala! Qaamni
namaa seelota biliyoona kudhanii ol irraa kan ijaarame yoo ta'u, tokko tokkoon seelota
kanaa keessa isaaniitti ruqoolee xixiqqoo orgaaneloota jedhaman naannoo afurtamii
shanii qabu, kun hundi egaa uummata magaalaa guddaa tokko keessa jiru caalaa haala
qindaa'aadhaan waliin hojjetu. Seelonni haalota adda addaan walitti dhufanii tishuu ta'u,
tishuuwwan wal fakkaatan immoo walitti dhufanii orgaanii ta'u, orgaanonni kun immoo
sirna (system) qaamaa keessatti argamu, fakkeenyonni isaanii: lafee, maashaa, nervii,
indookiraayinii, onnee, liimfii, hargansuu, nyaata bulleessuu, xuraawaa baasuu,
hormaataa (sirnichi walakkaan isaa dhiira keessa, walakkaan immoo dhalaa keessa jira,
lachuun isaanii sirriitti walitti dabalamu!), isaan kun hundi isaanii guutummaa namichaa
ijaaru. Namni garuu qaama irra caala! Lubbuu qaba, ni yaada, miirawwan qaba
deebiiwwan barbaachisoos ni barbaada.
Dr Iskoot M. Huus akka jedhutti, carraan guddina sirnaa (system) kan kutaalee 200 irraa
ijaaramee lakkoofsa 1 kan akka 2 tti barreeffame kan zeeroowwan 270 n dudduubaan
itti dabalaman, sana jechuun si'a 2 tti zeeroowwan 190 elektiroonota hawaa keessa
jiran irra caala (1 tti zeeroowwan 80 dabalamanii)! (Jecha 'evolution' (jijjirama tirannaa)
jedhu barreessuuf carraan jiru kutaalee adda addaa sagali dha [haala kanaan, qubeelee
barreeffamaati] qubeelee sagal akka feeteen filachuudhaan yoo hojjenne
5,429,503,080,000 keessaa tokko dha.) "Ammallee" jedha Dr Huus, "lubbu qabeeyyii
waliin yeroo madaalamu kutaawwan 200 irraa ijaaramuun salphaa dha." (12)
Baakteeriyaanillee lubbu qabeessa akka jedhamu beekaa. Namni akka carraa
jijjiiramaan dhufe jedhanii yaaduun gowwummaa akkamiiti!
Dr Daa'unee Giishii fi Riichaardi Biliis akkana jechuun barreesse, "Akka galmee haftee
qaamaa (fossil) irraa arginu jireenyi haala wal xaxaadhaan keessaa mul'ata, sanyii
lubbu qabeeyyii garaa garaaf galmeen haftee qaamaa barreeffame hir'ina (gap) qaba."
(14)
Yeroon mucaa ture wantota naannoo koo jiran ilaaluun na gammachiisa ture: sanyiilee
kanaan dura badan kanneen "missing links" jedhaman ilaaleera. Wal fakkeenya
sanyiilee Jaavaa Eep Maan, Niyaandertaal Maan, Piiltdaawun Maan, Hiidelbergi Maan,
Nebraaskaa Maan, Peekingi Maanii fi Kiroomaaginoon Maan jedhaman gidduu jiru
ilaalee ajaa'ibsiifachaan ture. Garii akkam nama gaddisiisa! Lafeen sanyiileen kun irraa
tolfaman yokiin kan namaa dur bade yokiin immoo sanyii namaarraa raawwatee adda
ta'a. Wanti bade hin jiru! Nebiraaskaa Maan, Iskoopsi Tiraayaalii bata 1925
adeemsifame keessatti ga'ee olaanaa kan taphate (Manneen barnootaa Amerikaa
keessatti jijjiirama tirannaaf ija isaanii kan bane), ilkaan booyyee kanaan dura bade irraa
akka tolfame haala gad fagoodhaan saayinsiin bira ga'ameera. Jaavaa Maaniin tokko,
lafee jilba Arbaa kanaan dura badeerraa tolfame! Bara 1970 ta keessa Itoophiyaatii kan
argamte Luusiin, tarii jaldeessa taati. Namni isaan keessa hin jiru. Gudunfaan Baayron
Neelson qorannoo kompuutaraan taasise hariiroo lafeewwan keessan gidduu jiran
argisiisa. (15)
Doogilaas Diiwaar, naachuraalistiin biyya Biritish kan duraan jijjiirama tirannaa jaallataa
ture akkana jedha, "Galmeen haftee qaamaa (Fossil record) kunjijjiirama tirannaatiin
kan morman akka ta'an ni argina, hafteewwan qaamaa duraan beekaman keessaa
walakkaan qofa kan guddate hin jiru, hundi isaanii guutummaatti guddatanii turan." (16)
Wanta hubatamuu qabu kan biraa tokko: Faallaa jijjiirama tirannaa (devolution)
yaaddanii beektuu? Utuu dhuguma vaayirasoonni gara Enistaayinootaatti jijjiiramanii,
maaliifan qorannoon kallattii fi alkallattiin taasisaa ture keessatti—akkuma qorannoon
dhi'eenya kana Israa'elitti bofa irratti taasifame mul'isu—saayintistiin kamiyyuu
Enistaayinoonni vaayirasiitti ni gedderamu jedhee kan amanu maaliif dhibaree?
Barreeffama sanaan alatti, sanyiin guddaan tokko faallaa jijjiirama tirannaadhaan sanyii
xiqqootti utuu gad jijiiramuu dhageessaniis ta'u dubbistanii beektuu? Uumamni hundi
gara baduutti deemaa jira (Seera Intirooppii yokiis Seera Termoodaayinaamiksii isa
Lammaffaa), sun faallaa jijjiirama tirannaa malee kan biraa maal fakkaata? Ammallee,
ragaan jijjiirama tirannaa bakka hundatti waan argamu fakkaata!
Hubannaa fi kaayyoo kan hin qabne, jijjiiramni tirannaa akka tasaa ta'eera jedhamu
wantota gad fagoo hawaa keessa jiran kana fiduu hin danda'u. Miti, hiddi kee jaldeessa
miti, ka'umsi kees bineensa miti (barsiisaan sadarkaa lammaffaatti Baayoloojii na
barsiise tokko akkana ta'uu koo natti himee ture) yokiis wanta wal xaxaa ta'e
qurxummiirraallee hin dhufne ati. Dhugaan isaa akka Macaafni Qulqulluun dubbatu
dha: Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume (Uma 1:1). Waaqayyo
gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in
baafate; akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta'e (Uma 2:7).
Dhimmoota saayinsiin hin argine yokiis arguu hin dandeenye irratti Macaafni Qulqulluun
ibsa baay'ee ifaa fi amansiisaa ta'e dhi'eessa.Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayoo
ta'uu isaaf kun ragaa guddaa dha!
Biriyaan T. Kooliij, Abboommii Kurnan sabaaf mul'inatti kennamuu isaanii kan mormu,
"Abboommiiwwan sun barsiisa saba addunyaa hundumaaf ta'u qaba" jedhee
dubbateera. (19) Toomaas Huksiley, jaarraa kudha salgaffaatti namichi amantii hin
qabnee fi tiworii jijjiirama tirannaa Daarwin deggeraa kan ture, Macaafni Qulqulluun
manneen barnootaatti mul'inatti dubbifamuu isaa ilaalchisee akkana jedhee ture:
Sheerwuud Wiirti, gulaalaan gaazexaa Biilii Giraam kan Decision jedhamu duraanii,
jijjiirama bara Konistaantaayinii gara Kiristaanummaatti ta'e keessatti jijjiiramoota
gurguddoo impaayeraa Roomaa keessatti raawwatame gabaabaatti barreessee ture:
Jijjiiramoonni armaan olitti Obbo Wiirtiin barreeffaman barsiisa Macaafa Qulqulluu waliin
deemu. Barsiisi Macaafa Qulqulluu naannoolee jireenyaa adda addaaf ta'u
Konistaantaayin keessatti hojiirra ooluudhaan guutummaa fi amanamummaa Macaafa
Qulqulluun haalaan argisiisee, aangoo isaa mirkaneesseera. Gama biraatiin,
dhimmoota biraa irratti, Konistaantaayin murtoo Macaafa Qulqulluu waliin hin deemne
murteessuudhaan hamma har'aatti miidhama guddaaf saaxilameera. Fakkeenyi tokko
warra Yihudootaan "garee hamootaa" jechuu isaati. (22) akkasumas yaadota arrabsoo
isaan irratti dubbachuu isaati. Gochi akkanaa Konistaantaayin Yihudoota irratti ari'atama
suukaneessaa akka geggeessu boba'aa ta'eeraaf, miidhamni isaas yeroo qajeelfamni
Macaafa Qulqulluu cabu miidhamni akkamii akka mudatu argisiisa.
Macaafni Qulqulluun jijjiirama hammam ga'u namoota irratti fide? Bara 1876, Meerii
Sileeser dubbii Waaqayyoo Naayijeeriyaa qaqqabsiisuuf Iskootlaandi dhiiftee deemte,
yeroo sana Naayijeeriyaa keessa namoonni nama nyaatan miliyoonii afur ta'u turan.
Utuu Macaafni Qulqulluun hin jiraannee biyyi lafa kun kan ammaa caalaa cubbuudhaan
bada ture. Biyyoota dhiibbaan Macaafa Qulqulluu keessatti guddaa ta'e keesatti
jireenyaa fi kabaji guddaan hammamii akka jiru ergamaan wangeelaa muuxannoo
guddaa qabu irraa yeroo tokkoo ol dhaga'eera. Dhuguma, bu'aa guddaan Macaafni
Qulqulluun saba lafa irraaf buuse olii kennamuu isaaf ragaa guddaadha.
Chuuk Koolson hojiin inni hojjete piresedaanti Niikseniin mana hidhaatti kan isa galche,
suuta suutaan ergaan fayyinaa Yesuus Kiristoos kan Macaafa Qulqulluu isa tuqe.
Namoota hidhamanii jiran tajaajiluuf qophaa'ee haqni jal'achuu isaa mormee dubbatee
filoosoofii fi poolisiiwwan mootummaaf hawaasaa miidhaa qaban morme.
Humni ergaa Macaafa Qulqulluu kan namoota hammina irraa gara gaariitti jijjiiru ta'uu
isaa Macaafni Qulqulluun dubbii Waaqayyoo ta'uu isaaf ragaa guddaadha.
Dokter Jeemsi Kenedy akka jedhetti, [Baach] daawwattoota isaatti himaa kan ture
dandeettii isaanii harka Gooftaa Yesuus jala galchuudhaa yoo baatan, muuziqeessitoota
gurguddoo ta'uu hin danda'an, sababni isaa akka Baachitti muuziqaan gocha
waaqeffannaati! (26). Kitaabni The Pilgrim's Progress jedhamu hojiiwwan hogu –barruu
addunyaa gurguddoo keessaa isa tokko. Yeroo amantii isaaf jedhee hidhamee turetti
Joon Buniyaaniin kan barreeffame, adeemsa Kiristaanaa ilaalchisee waantota dhokatoo
ajaa'ibsiisoo of keessaa qaba, rakkinoota kiristaanonni beekuu qabanis ni ibsa. Macaafa
Qulqulluutti aansee kitaaba kam iyyuu caalaa baay'inaan kan maxxamfame kitaaba The
Pilgrim's Progress jedhamu kanadha. Hojiiwwan ajaa'ibsiisoo Hooliwodi hojjetaman
keessaa seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessaa fudhataman; abboommii kurnan,
Beenhur, konkolaataawwan ibiddaa.
Kitaabni yookiis miidiyaan quunnamtii kan biraan kan hojiiwwan aartiif kaka'umsa ta'e ni
jiraa? Hin jiru. Kitaabni itti dhiyaatu iyyuu hin jiru. Dhugaan kun barreeffamni Macaafa
Qulqulluu Waaqayyoon kan to'atamee fi ka'umsi isaas Waaqayyo ta'ee hojiiwwan aartii
gurguddoo namoonni akka hojjetan taasisuu isaa argisiisa.
1. Egumsa Macaafotaa
Uumama 2:4 irraa kan hafe, maqaan goota tokkoo caqasameera. Akka sirna
barreeffamaa warra Baabiloon duriitti maqaaleen kunneen mallattoo namoota
barreeffama isa jalqabaa barreessaniiti. Sana jechuun, tokkoo tokkoon gootota sanaa
seenaa dhaloota keessa jiraatanii waraabaniiru, sanas dhagaa irratti yookaan suphee
irratti barreessanii dhuma irratti maqaa isaanii irratti barreessan. Toora itti aanu irratti
immoo waa'ee dhalootaabarreessan kunis jecha Ibrootaa toledoth jedhamuun
beekama.(27)
Uumama 5;1 keessatti akkuma dubbisnu, kun Macaafa Dhaloota Addaam, Addaam
Uumama 2:4 walakkaa irraa kaasee hanga walakkaa jalqaba 5:1 tti kutaawwan kana
fakkaatan isaan kaan dabalatee akka inni barreesseedha. Barreeffamoonni kun suuta
suutaan qabeenya Musee ta'anii, inni immoo Macaafa isa nuti Uumama jennutti
dabalate.
Kanaafuu, seerri Musee, kan barreeffama Addaam of keessaa qabu, bara 444 DHKD
saba Waaqayyoof qabeenya akka ta'an arguu dandeenya. Bara Iziraa keessa
guutummaan macaafota Kakuu Moofaa barreeffamanii xumuraman.
DhKD naannoo bara 335, Aleksaander namni Meqedooniyaa Sooriyaa fi Israa'el irratti
mo'e. Bara 323 yeroo inni du'e, aanga'oonni isaa afur impaayeraa isaa isa bal'aa
hiratan. Sooriyaa fi Israa'el seera seluusidootaa jalatti kufan. DhKD bara 167, mootiin
Seluusidootaa Anxookiyaa Eppiifaanes Yerusaalemitti duulaa Yaahiwwee akka isaan hin
waaqeffanne isaan dhorke. Wantota inni dhorke keessaa dubbifamuu Caaffata
Qulqulla'aa yoo ta'u caaffatichi gad baafamee akka gubamu kaayyoo isaa ture. Namichi
akka gubuuf yaalus Waaqayyo garuu dabarsee dubbii isaa gubannaatti hin laanne.
Anxookiyoos irratti fincila akka kaasuuf inni maatii Ibrootaa keessaa nama Makaabee
jedhamu tokko kaase. DhKD bara 164, loltoonni Yihudootaa kutata loltoota Eppiifaanee
lama mo'atanii Yerusaalem keessaa isaan ari'atan, Yihudoonni Haannuukaa
ayyaanessan. Kiristaanonnis kana kabajuun gadhee miti: Macaafni Waaqayyoo utuu hin
gubatiin hafe!
kutaabonni kudhan yokiis kudha shan akka kitaabota addaatti ilaalamuu danda'u,
"Macaafonni Kakuu Haaraa garuu guutummaan isaanii keessummaa DhKB bara 150
kan qophaa'an, hamma 200tti baay'ee adda ta'aniiru." (29)
Seenaa keessatti Macaafni akka Macaafa Qulqulluu lolame hin jiru, garuu Waaqayyo
namoota isa dubbisan hundumaaf macaaficha ol kaa'eera (eegeera).
DhKD bara 500 eegalee hamma ammaatti, barreeffamni afaan Ibrootaa kakuu Moofaa
sirriitti eegameera; bara 1947 booda garuu, amanamummaan barreeffama Maasoretikii
Kakuu Moofaa qormaata keessa gale. Bara 1947, DhD bara 125 hanga DhKB 100 tti
kan turan, hafteen barreeffamoota xixiqqoo naannoo dhibba shanii ta'an naannoo Deed
Sii tti argaman. Kanneen keessaa, naannoo 175 kan ta'an Caaffatoota Qulqullaa'oodha,
Barreeffamoota Deed Sii keessaa DhKD bara 125 kan barreeffame, Isaayyaas isa
Maasooretikii waggoota 1125 kan dursu ni argama. Haala nama ajaa'ibuun, Isaayyaas
kan Deed Sii fi Maasooretikii wal qabamee yeroo ilaalamu garaa garummaa hin qabu.
Waa'ee Macaafa Qulqulluu kan Deed Sii fi Maasooretikii ilaalchisee yeroo barreessu Dr
Arnooldi Firuuchtenbaa'um akkana jedha, "Bakka adda addummaan jiru,
garaagarummaan hiikaa hin jiru. Fakkeenyaaf, barreeffamni tokko, "Yerusaalemiin
deeme" yeroo jedhu, inni kaan immoo "Gara Yerusaalem deeme" jechuu
danda'a....kanaaf barreeffamichi hin jijjiiramne jechuu dha." (33)
Waggoota kuma lamaan darban Waaqayyo Macaafota Kakuu Moofaa eegeera yoo
jenne, yeroo jalqaba barreeffamanii kaasee eegeera jennee gudunfuu ni dandeenya.
"Isin sanyii baduttii utuu hin ta'iin, sanyii hin badnettii Sagalee
Waaqayyo isa jiraataa fi isa akka jirutti hafuun haaraa taatanii
dhalattaniittu. Kanaaf Caaffanni Qulqullaa'aan, "Namni foon uffate
hundinuu akka margaati; margichi ni coollaga, daaraan isaas ni
harca'a. Dubbiin Gooftichaa garuu hafee bara baraan ni jiraata" (Isa
40:6,8) ni jedha. Dubbiin kun immoo isa misraachoo isinitti himamee
dha"
~ 1 Phex 1:23-25 ~
Macaafni Qulqulluun eegumsa bara baraa qaba. Eyyee, eegumsi Macaafota Qulqulluu
jaatamii ja'anii fi sirrummaan isaanii inni mudaa hin qabne, Macaafni Qulqulluun
Waaqayyoon akka kennamee fi isaan akka eegame ragaa guddaa dha.
K. Eegumsa Yihudootaa
Eegumsi eenyummaa biyyoolessaa Yihudootaa Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon
barreeffamuu isaaf ragaa guddaa dha. Mee qorannoo Deevid Egner Kutaa Raadiyoo
Macaafa Qulqulluu irraa taasise kana ilaalaa:
Balleessuuf shira isaan irratti ka'e hunda akkamitti oolan? Mee walakkaa Kakuu isa
Haaraa kan gara boodaa haa ilaallu:
Inni biiftuun guyyaa akka ibsituuf, jiinii fi urjoonni immoo halkan akka
ibsaniif abboome; inni galaana raasee dha'aan isaa akka huursu
godhe, maqaan isaa Waaqayyo gooftaa maccaa ti;
inni, "Seerri jabaatee dhaabate kun fuula koo duraa yoo bade
duwwaa, sanyiin Israa'el bara baraan saba ta'uu dhiisee fuula koo
duraa in bada; kana ana Waaqayyotu dubbate. Akkuma bantiin
waaqaa safaramee beekamuu, hundeen lafaas gad qoramee bira
Ani, Gooftichi, hin gedderamu; yaa ijoollee Yaaqoob isin kanaaf hin badne (Milkiyaas
3:6).
Caaffatoonni qulqullaa'oon, wal duraa duubaan bara 597 DhKD fi 397 DhKD kan
barreeffaman, hamma aduu, ji'aa fi urjoonni jiraatan hundumaatti Waaqayyo
eenyummaa biyyoolessaa Israa'el akka eegu dubbachuu isaa nutti himu kunis hamma
samii fi lafti kun jiraatan hundatti ittuma fufa. Danuudhuma lola seexanaa isa itti
deddeebi'ee fi badiisa sabni biroon isaanitti fiduuf yaale keessaa, macaafonni kun
barreeffamanii waggoota 2400 fi 2600 booda har'allee lafa kanarra Yihudoota
13,000,000 tu jiru.
Labsiiwwan waaqayyo yeroo sana waa'ee isaaniif dubbate kun dubbii namoonni
qulqulloonni qofti akkanumaan dubbatanimoo—yokiis Dubbii Waaqayyoo turan?
Seenaa irraa ilaalaatii murteessaa
1. Bu'uura Seenaa
DhKD naannoo bara 601, abjuun ajaa'ibsiisaan tokko Naabuukednaazar mootii
Baabilooniif kenname, hiikkaan isaammoo gorsituu isaa kan ture Ibricha Daani'eel
jedhamuuf kenname (Dan 2:1-45). Abjuun sun wal duraa fi duubaan dhufiinsa
impaayeroota lamaa kan Macaafa Qulqulluuf akkasumas biyya lafaaf giddu galeessa
ta'ee mul'isa: Baabiloon, Meedoopershiyaa, Girik, Roomaa, Roomaan bahaa fi lixatti
gargar cabuu isaa, fi impaayera mootummoota kudha of keessaa qabu, kan dabaree
isaa caccabee Mootummaa isa Waaqni waaqotaa dhaabuuf jiru...isa bara baraan hin
badneen akka bakka buufame (lak. 44). Ruqoolee kana keessaa watti jalqabaa shanan
seenaa keessatti raawwatameera!
2. Carraa Sabootaa
DhKB naannoo 850, Obaadiyaan waa'ee badiisa saba Edoom
kudhanii raajee ture (Kibba Baha Deed Sii). Akkana jedhee
raaje, Mana Eesawu kan oolchu hin jiru (Obaadiyaa 1:18).
DhKB bara 450 fi 400 gidduutti, karaa Milkiyaas raajichaa,
Tulloota Eesawu nan balleessa (Milkiyaas 1:1-3) jedhee ibseera.
Har'a Edoom ta'ee kan lubbuudhaan jiraatee beekamu hin jiru.
Raajii Hizqeel dubbate waggoota 2,540 booda, biyya isaaniitii buqqa'anii seexanaanis
qorumsa guddaa qoramanii waggoota 1800 booda (1939-1945), Waaqayyo walitti isaan
qabe! Walitti qabamuu Israa'elootaa isa ajaa'ibsiisaa kana kan morman hedduutu jiru,
olitti akkuma ibsame, raawwiin raajii kanaa wanta namoonni of keessa fuudhan—yokiis
raawwii seenaa gara fuula duraa kan Waaqayyo mul'ataan kenne ta'uusaa ilaalaa.
Seenaa keessatti sabni luqqisa olii kana keessatti caqasaman kun waliin
ta'anii Israa'eliin kan morman hamma bara 1948tti dha. Seenaa durii
keessatti kun dhugaa hin turre. Hamma 1948 tti qofa ture biyyoonni
Arabaa kun waliin ta'uun Israa'eliin kan fincilan. Kun keessummaa
hamma Lola Guyyaa Ja'aa [1967] tti baay'ee dhugaa ture, yeroo sana
geggeessonni Arabaa duraafi boodaan walirraa fuudhanii karaan ittiin
Baha Giddu Galeessaatti nagaan argamuu danda'u akka sabaatti
Israa'eliin yoo lafarraa balleessan qofa akka ta'e dubbatan. (38)
Faarfannaa 83 waggoota kuma sadii dura barreeffame. Asaaf faarfatichi sabni kun
hundi—kudhnan isaanii—waliin ta'anii Israa'eliin akka lolan barreessuun isaa adda
mitiiree? Namoonni shakkan tokko tokko raajiiwwan Macaafa Qulqulluu raawwii
wantotaa booda akka barreeffaman falmu. Namoonni ciccimoon tokko tokko
Faarfannaa 83 kana hamma bara 1948 tti amananii fudhachuu isaaniif maaltu adda
taasisa?
Winkey Pratney, akka Keemistii qorannootti kan leenji'e waa'ee carraawwan kanaa akka
armaan gadiitti ibsa kenna:
III. Gudunfaa
Macaafni Qulqulluun ofii isaatii akka mirkaneessu; Dubbii Waaqayyooti, addummaa
isaatiin kan dhaabbatu, qabiyyee giddu galeessa isaatiin adda kan ta'e, waggoota 1600
oliif guddina isaa kan itti fufe, qabiyyeen isaa tasumaa kan waliin hin mormine,
dhugaawwan Saayinsiitiin kan hin mormine, waantota saayinsii keessatti hin mul'annee
fi mul'achuu hin dandeenye ilaalchisee ibsa qabatamaa kan kenne, biyya lafaa kana
irratti dhiibbaa gaarii fi ajaa'ibsiisaa kan fide, jireenya namoota dhuunfaa irratti dhiibbaa
gaarii fi ajaa'iba kan uume, barreeffamoota jiran keessaa barreeffama baay'ee
ajaa'ibsiisaa kan ta'e, hojiiwwan aartii addunyaa kana irratti hojjetaman hedduuf
kaka'umsa kan ta'e, erga jalqaba barreeffamee kaasee hamma ammaatti sirriitti
kunuunfamee fi dhugummaa isaa eeggatee kan eegame, Yihuudota eeguudhaaf
waadaa kan seenee fi raajiiwwan gadi fageenyaan raawwataman dhibbootaan kan
lakkaa'aman kan mul'iseedha.
amannee yaabbana, aboo Macaafa Qulqulluus amanuun nuuf ta'a. Dr Lewis Ipelii
chaafer, hundeessaa seminary tiwoloojii Daalaas, akkasumas kitaabota tiwooloojii
sadarkaa isaanii eeggatan 8 kan barreesse akkana jedhe, "Macaafni Qulqulluun waanta
namni barreessuu barbaadee barreessu miti, akkasumas Macaafni Qulqulluun namni
barreesuu waan danda'uuf duwwaa kan barreessu miti."(41) Wiliyaam E. Gilaadistoon
akkana jedha, "namoota barakoo keessa jiraatan gurguddoo keessaa 95 nan beeka,
kanneen keessaa 87 hordoftoota Macaafa Qulqulluu turan. Macaafni Qulqulluun
ka'umsa addaa qaba. Dorgomtoota isaas fageenya guddaadhaan mo'ata."(42)
IV. Bu'Aawwan
Macaafni Qulqulluun dubbii Waaqayyoo ta'uu isaa yoo amante yoo xiqqaate bu'aalee
sadan armaan gadii sadan hubadhu:
A. Macaafni Qulqulluun Qaolaa Hamma Qolaattiqo'Atamuu Qaba
Macaafa uumaan keenya inni jaalala ta'e aboo kenneef qo'achuun waan guddaadha.
Waan tokko barachuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun, harka namaa keessaan kan
Waaqayyo barreesse, namas waaqas isa ta'e Yesuusiin ibsa. Yesuusiin Maasihicha
beekuu hin barbaadduu?
Waaqni Macaafa Qulqulluu waaqa jaalalaa waan ta'eef yaadaa fi karaa keenya gara
kansaatti akka jijjiirrannu barbaada. Bu'aalee fi barbaachi Waaqayyoo bu'aa fi
barbaacha namoota isa hin beekne irraa adda ta'uu isaa nama hin ajaa'ibu. Bu'aa fi
barbaachi saba lafarraa iyyuu iddoodhaa iddootti addaddummaa guddaa qaba.
Bu'aalee isaan kamtu fudhatamuu qabu: bu'aalee aadaa saba tokkoo? Kan isa biraa?
Bu'aalee tokko isaan kaan irra maaltu caalchisa? Homtuu-wanti ittiin safaran sadarkaa
isaa kan eeggate hin jiru: bu'aaleen bara baraan waaqayyo bira jiraatan kan macaafa
qulqulluu isaa keessatti argaman hundumaa irra caalu! Isaan kun bu'aalee amanaan
tokko dhugumatti, namoonni addunyaa kana irra jiran hundi –fudhachu qabaniidha.
Eebbisuuf, eebbifamuufis isaan qabadhu.
Noormaan Maanzon
Footnotes
1. Ryrie, Dr. Charles C., Basic Theology, Victor Books, Wheaton, Illinois, 1986, p. 67.
2. Pratney, Winkey, "The Holy Bible - Wholly True," Pretty Good Printing, Last Days
Ministries, Lindale, TX., 1985.
3. Morris, Dr. Henry M., The Defender’s Study Bible, World Publishing, Inc., Grand
Rapids, Michigan, 1995, p. 1498.
4. Unger, Dr. Merrill F., Unger’s Bible Handbook, The Moody Bible Institute of Chicago,
Chicago, Illinois, 1966, p. 52.
5. Halley, Henry H., Halley's Bible Handbook, Zondervan, Grand Rapids, Michigan,
1959, pp.160-161.
6. Morris, Dr. Henry M., op.cit., pp. 1523-1525.
7. The New Strong's Exhaustive Concordance to the Bible. 1996.
8. Morris, Dr. Henry M., op.cit., p. 1407.
9. Tompkins, Dr. Jeffrey. "The Institute for Creation Research." Home | The Institute for
Creation Research. The Institute for Creation Research, Web.
<http://www.icr.org/article/8374/>.
10. Morris, Dr. Henry M., op. cit., p.1496.
11. Pratney, Winkey, "Creation or Evolution? Part II - The Historical Record," Pretty
Good Printing, Last Days Ministries, Lindale, TX., 1984, p. 4.
12. Huse, Dr. Scott M., The Collapse of Evolution, Baker Book House, Grand Rapids,
Michigan, 1983, p. 67-68.
13. Morris, Dr. Henry M., op. cit., pp. 1496-1497.
14. Gish, Dr. Duane T., and Bliss, Dr. Richard B., Impact, Nos. 95-96 - "Summary of
Scientific Evidence for Creation," Institute for Creation Research, El Cajon, California,
1981, p. iii.
15. Huse, Dr. Scott M., The Collapse of Evolution, Baker Book House, Grand Rapids,
Michigan, 1983, pp. 96-103; and Nelson, Byron, After its Kind, Bethany House,
Minneapolis, Minnesota, 1967, pp. 126-138.
16. Why We Believe in Creation, p. 312, quoted by Pratney, Winkey in "Creation or
Evolution? Part III - The Fossil Record," Pretty Good Printing, Last Days Ministries,
Lindale, TX., 1984 p. 1.
17. Nilsson, Dr. Herbert, University of Lund, Sweden, quoted by Pratney, Winkey, Ibid.,
p.1.
18. "The Life of Leonardo da Vinci, Part V." Questar Video, Inc., Chicago, Illinois 60611.
19. Moore, Roy S. “Putting God Back in the Public Square.” Imprimis Magazine,
Hillsdale College, Hillsdale, Michigan 49242, September (?) 1999.
20. Ibid. (?)
21. Wirt, Sherwood, The Social Conscience of the Evangelical, quoted in Kennedy, D.
James, What if Jesus Had Never Been Born, Thomas Nelson Publishers, Nashville,
Tennessee, 1994, p. 13.
22 Egner, David C., Those Irrepressible Jews!, Radio Bible Class, Grand Rapids,
Michigan 1983, p. 50.
23. Kennedy, D. James, op. cit., pp. 168.
24. "Breakpoint" with Chuck Colson, December 29, 1995.
25. Moore, Roy S. op. cit.
26. Kennedy, D. James, op. cit., p. 186.
27. Morris, Dr. Henry M., op. cit., , p. 9.
28. Morris, Dr. Henry M., op. cit., p. 546.
29. International Standard Bible Encyclopedia, 1973, v. 1, p. 492.
30. Enns, Dr. Paul P. The Moody Handbook of Theology, Moody Press, Chicago,
Illinois, 1989, p.171.
31. Halley, Henry H., op. cit., pp. 759-760.
32. Encyclopedia Britannica CD, 1999, “Masoretic Text.”
33. Fruchtenbaum, Dr. Arnold G., Radio Manuscript 30: The Nature of the Bible, Ariel
Ministries, Tustin, California, 1983, p. 5.
34. Morris, Dr. Henry M., op. cit., p. 1989.
35. Fruchtenbaum, Dr. Arnold G., op. cit., p. 5.
36. Halley, Henry H., op. cit., p. 19.
37. Egner, David C. op. cit., back cover.
38. Fruchtenbaum, Dr. Arnold G., Radio Manuscript 8: Arab States in Prophesy, Ariel
Ministries, Tustin, California, 1983, pp. 7-8.
39. Geisler, Norman L. and Brooks, Ronald M., Come, Let us Reason, Baker Book
House, Grand Rapids, Michigan, 1990, p. 145.
40. Pratney, Winkey, "The Holy Bible - Wholly True," Pretty Good Printing, Last Days
Ministries, Lindale, TX., 1985.
41. Chafer, Dr. Louis, quoted by Fruchtenbaum, Dr. Arnold G., Radio Manuscript 30:
The Nature of the Bible, Ariel Ministries, Tustin, California, 1983, p. 8.
42. Halley, Henry H., op. cit., p. 18