Yaadannoo GeEs 331

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 18

Argama,Bal'inaa fi Danaa Itoophiyaa

Xumura Boqonnaa kana booda.

Argama bir-qabaa fi argama astiroonoomii Itoophiyaa ni himta

Biyyoota Itoophiyaa daangeessan ibsita.

Garaagarummaa argama dagalee fi gadee ibsita.

Dheerina sarara daangaa Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu qaacceessita.

Gosoota daangaa addaan baafta.

Danaa Itoophiyaa fi amala isaa ibsita.

Bal'ina Itoophiyaa fi fayidaa bal'inni guddaan qabu qaaccessita.

Mootummaalee naannoo Itoophiyaa wal bira qabanii madaalta.

Argama Astiroonoomii Itophiyaa:- Itoophiyaa dagaleedhaa 30 ka-150 ka fi gadeedhaan 330ba-


480 ba gidduutti argamti Argama kanaan Itoophiyaan bantiirra oolmaa biiftuu waggaatti si'a lama
akka argattuu fi garaagarummaa yeroo fiixaa bahaa fi dhiha gidduutti sa'attii toko akka qabdu
taasisa.

Argama Birqabaa Itoophiyaa:- Argama birqabaatiin Itoophiyaan biyya dacheen marfamte


(galaana ishee daangessu hinqabdu) taatee biyyoota Sudaan, eritiriyaa, jibuutii, Somaaliyaa fi
Keeniyaatiin daangeffamti.

Sababa argama bir qaba kanaan Itoophiyaa dhimmoota hawaasummaa, dinagdee,afaanii fi aadaa
biyyoota ollaa waliin qooddatti

Bal'ina Itoophiyaa:-Bal'inni Itoophiyaa km2 1,088,600 dha. Bal'inaanni kun Afriaarraa


sadarkaa 8ffaa, adunyaarraa sadarkaa 25ffaa irratti argamtu taasisa.

Bal'inni guddaa kun Itoophiyaan naannoo qilleenssa garagaraa, qabeenya uumamaa


(biqiloota,albuuda, bineensota, biyyee) akka qabaattu taasiseera.

Itoophiyaan bal'inaa biyyoota ollaa waliin yoo ilaalmtu Jibuutii harka 48 yoo caaltu,
Sudaanimmoo Itoophiyaatiin harka 2.3 caalti. Kanaafuu biyyoota ollaa waliin yoo ilaalmtu
Itoophiyaan Sudaanitti aantee lammaffaa dha.

Danaa Itoophiyaa :-Danaan Itoophiyaa kompaaktii dna korboo yoo ta'u danaan kun fageenya
handhuuraarraa gara handaaraatti jiru kallattii hundaanuu wal qixxee qaba.

1
Dangaa Itoophiyaa :-Dheerinni daangaa Itoophiyaa km 5260 dha. Haala kanaan daangaa
Itoophiyaa biyyoota ollaa waliin qooddattu guddaadhaa gara xiqqaatti Sudaan km 1750,
Somaaliyyaa km 1600, Eritiriyaa km 840, Keeniyaa km 760 fi Jibuutii km 310 dha.

Daangaan akaakuu gurguddaa afuritti qoodama. Isaanis

1. Daangaan fiizikaalaa:- gaarreen, laggeen harawwanii sululawwan fayyadamuun kan


daangeffame. Fkn Lagni Daawwaa kara kibbaatiin Somaaliyaa, Itoophiyaa fi Keeniyaa addaan
qooda. Laga Takazee fi Marab Itoophiyaa fi Eritiriyaa addaan qooda. Laga Akooboo Itoophiyaa
fi Somaaliyaa addaan qooda. Hara Abbee Itoophiyaa fi Jibuutii addaan qooda.

2. Daangaa Aadaa-hawaasummaa daangaa afaan, amantaa,fi saba jiraatanirratti hundaa'ee


qoodamu dha. Afriikaa keessatti gosti daangaa kana hojiirra hin oolle. Itoophiyaa fi olloonni
shee bifa kanaan hinqoodamne.

Fkn Somaalee Somaaliyaa fi Itiiphiyaa keessatti, Afaan Nuweer Itoophiyaa fi Sudaan keessatti,
Isaan Itoophiyaa fi Jibuutii keessatti dubatamu.

3. Daangaa Ji'oomeetirikaalaa:- daangaa nam tolchee sarara gadee fi dagaleetiin


daangeffamuu fi kaartaarratti ifaam mul'achuu danda'u dha.

4. Daangaa wal xaxaa gosa:- daangaa haallan fiizikaalaa, adaa hawaasummaa fi


ji'oomeetirikaalaa wal makuun daangeeffamu dha. Gosti daangaa Itoophiyaa gosa daangaa
walxaxaa dha.

Naannolee Bulchiinsa Itoophiyaa:- Sabootaa fi sab lammoota irratti hundaa'uun Itoophiyaan


naannolee sagalitti qoodamti. Isaanis Mootummaa naannoo Tigiraayi, Affaar, Amaaraa,
Oromiyaa,Somaalii,Benishaangul Gumuz,Uummattoota kibbaa, Gambeellaa fi Hararii jedhamu.
Naannolee kana keessaa Oromiyaan bal'ina lafaa fi baay'ina uummatatiin tokkoffaa yoo ta'u,
Harariinimmoo bal'ina lafaa fi baay'ina uummataatiin daran xiqqoo yoo taatu
heddumina/rukkina uummataatiin tokkoffaa dha.
Gaaffilee mirkaneeffannaa

Gaaffilee armaan gadii isa beektu Eyyee jechuun kan hin beekne lakkii jechuun gabatee kenname keessatti barreessi

Argama dagalee Itoophiyaa beektaa ?


Biyyoota Itoophiyaa daangessan tarreessuu dandeessaa ?
Garaagarummaa daangaa fiizikaalaa fi daangaa wal xaxxaa beektaa ?

2
Duub duubee Ji'ooloojii Itoophiyaa
Xumura boqonnaa kana booda

Qoodama yeroo ji'ooloojii ni ibsita.

Seenaa ji'ooloojii Itoophiyaa keessatti ta'eewwan uumaman ni qaaccessita.

Uumama kattaalee Itoophiyaab yeroo jo'ooloojii waliin wal bira qabani ibsita.

Ummama laavaa Tiraappiyaanii fi laavaa Eden addaa ni baafta.

Seenaa Ji'ooloojii Itoophiyaa :-Seenaan ji'ooloojii Itoophiyaa qaama seenaa Ji'ooloojii


addunyaa ti. Seenaan ji'ooloojii bara ji'ooloojiitiin ibsama. Barri ji'ooloojii iskeelii sadii qaba.
Isaanis Iraa, Weeyitii fi Ippookii jedhamu.

Iraan Ji'ooloojii iskeelii yeroo Ji'ooloojii isa bal'aa dha.. Yeroon ji'ooloojii ta'eewwan mul'atanii
fi turmaata isaaniirratti hundaa'uun iraa afrutitti qoodama. Isaanis fagoodhaa gara dhihootti:-

1. Iraa Piriiaambiriyaanii yeroo waaggoota biliyoona 4.6-600,000,000 qabata

2. Iraa Paaliyoozooyikii yeroo waggoota 600,000,000-225,000,000 qabata.

3. Iraa Meesoozooyikii yeroo waggoota 225,000,000-70,000,000 qabata

4. Iraa Seenoozooyiii yeroo waggoota 70,000,00- ammaatti jiru qabata.

Weeyitiin qoodama xixxiqqaa iraa ti. Iraawwan hundu weeyitii mataa isaanii qabu. Isaan keessaa
weeyitiiwwaan meesoozooyiii fi seenoozooyiii ta'ewwam mul'atan waliin wal qabsiisnee ilaalla.

Ippookiin qoodama weeyitii xixiqqaa dhaWeeyitiiwwan hundi Ippookii mataa isaanii qabu.
Yeroodhaaf weeytiwwan Ippookiitti qoodnee hin ilaallu..

Iraa Piriikaambiriyaanii :- ta'eewwan aka voolkaanizimii,dhiqama lafaa fi penepileneshiiniin


aka raawwatame ni tilmaama. Yeroo kana kattaan bu'uuraa piriiaambiriyaanii Itoophiyaa akka
uumamee himama. Kattaan bu'uuraa piriiaambiriyaanii bakka hedduutti kattalee biroo jalatti kan
argamu yoo ta'u, naannoo kaabaatti Gondor kaabaa fi jiddu gala Tigiraayi, Dhihatti Wallagga,
Goojjama, Asoosaa,Sulula laga Abbayyaa fi Baaroo, Kibbatti Sidaamaa, kibba laga oomoo,kibba
Baalee,Boorana,Gaamoo goofaa, Bahatti naannoo magaalaa Hararitti fuula lafaarratti argama.

Iraa Paaliyoozooyiii ;-harka caalaa adeemsawwan ji'oomoorfooloojii (uumama teessuma lafaa)


akka dhiqama dachee fi penepilanashiiniitiin beekama.

Iraa Meesoozooyikii;:- Weeyitii sadiitti qoodama. Isaanis Weeyitii Tiriyaasikii Juuraasikii fi


Kiraatishiyeesitti qoodama.

3
Weeyitii Tiraayisiik waggota 225,000,000-180,000,000 qabataJalqaba Weeyitii kana lafti gaanfa
Afriiaa humna keessa lafaatiin kibba bahaatii gara kaaba dhihaatti gadi waan dhooqateef bishaan
garba Hindii gaanfa Afriiaa weeraruu eegale. Adeemsi kun Tiraansgireeshinii Jedhama.

Adeemsa kuufamaatiin Kattaan Cirrachaa Addigiraat Itoophiyaa keessatti uumame. Kattaan


cirrachaa Addigiraat Kibba Baha Itoophiyaatti dulloomaa yoo ta'e, kaab dhiha Itoophiyaatti alfii
dha.

Weeyitiin Juuraasikii:- waggoota 180,000,000-135,000,000 yeroo jiru of keessatti qabata.


Weeyitii kana Itoophiyaa bishaaniin uwwifamtee bishaan jala waan turteef dhagaa hoofii
Hinxaalloo lubbu qabeeyyiirraa uumame.

Weeytii Kiraatishiyees:- waggoota 135,000,000-70,000,000 qabata. Weeyitii kana lafti gaanfa


Afriiaa fiArbiyaa waan olka'aniif bishaan gara garba Hindiitti duubatti deebi'e. Adeemsi kun
Rigireeshinii jedhama. Weeyitii kana kattaan cirrachaa Irraa adeemsa kuufamaatiin Itoophiyaa
keessatti uumame. Kattaan cirrachaa irraa kaaba dhiha Itoophiyaatti dulloomaa yo ta'u, kibba
baha Itoophiyaatti alfii dha.

Iraan Seenoozooyikii:- Weeyitii gurguddoo Tershiyaarii fi Kuwaatirnarii jedhamanitti qoodama.

Weeyitiin Tershiyaarii:- waggota 70,000,000-2,000,000 yeroo jiru yoo qabatu olka'uu lafa
Itiyoo-Arabiyaa fi uumama Sululaatiin beekama. Laavaa yeoo kana fuula lafaarratti yaa'e
laavaa Tiraappiyaanii jedhamee beekamu, kattaa baazaaltii, pilaatoo lavaa fi gaarreen
voolkaanoo Itoophiyaa uume.

Humnoota wal harkisaniin kattaalee baazimantii fi kattaalee irraa gargar babbaqaqanii lafti
baqaqa gidduu yeroo gadi bu'u sulullu qiinxamaa uumame.

Weeyitii kuwaaternerii:- waggoota 2,000,00-ammatti yeroo jiru kan qabatu sochiilee


voolkaanoo, jijjirama qilleensaa fi argama nama ammayyaa fi hoosiftootaatiin beekama.
Voolkaanoon weeyitii kanaa voolkaanoo Eden jedhamu burkaana muuxxataa fi si'ataa fi
dhuka'aa akka Ertallee Affaar,gaarreen olka'aa akka Fantaallee,dirree laavaa fi diriiraa fi bishaan
hoo'aa sulula qiinxamaa uume. Jijjiramni qilleensaa weeyitii kuwwaternerii rooba yeroo dheeraa
fi caama yeroo dheeraatiin beekama. Roobni kuwwaternerii rooba piluuviyaalii jedhamuun
beekam. Roobni piluuviyaalii harama pilaatoowwan Itoophiyaa, uumama hara guddichaa fi lafa
caffaa'aa uume.Caamni kuwwaternerii huurkuu bishaan harawwanii, addaan qoqqoodamuu
harawwaniitiin harawwan xixiqqoo hedduun akka Danbal, Abjaataa, Laangannoo, Shaalaa,
Hawaas, Abbayyaa fi Caamoo uumamani.

Qabeenya uumamaa sochiilee Ji'ooloojii waliin wal qabatan Kattaa baqi-qorraa baasaaltii,
puumisii,giraanaayitii,kattaa kusmaansaa ashaboo, dhagaa cilee, dhagaa booralee,dhagaa
cirrachaa fi Kattaa jijjiramaa sileetii, sheelii, marbilii, diyaamondii kf
Gaaffilee mirkaneeffannaa

4
Gaaffilee armaan gadii isa beektu Eyyee jechuun kan hin beekne lakkii jechuun gabatee kenname keessatti barreessi

Iraawwan afran tarreessuu dandeessaa ?


Ta'eewwan Iraa meesoozooyikii fi seenoozooyikii addaan baastee ibsuu dandeessaa ?
Garaagarmmaa Laavaa Tiraappiyaanii fi Laavaa Eden addaan baasteettaa
Ta'eewwan Weeyitii Kuwaaterneerii uumaman beektaa ?
Haala Fiizikaalaawaa lafa Itoophiyaa
Qoodama teessuma lafaa Itoophiyaa guguddaa fi xixiqqaaqoodanii himta.

Argama gaarreen gurguddoo Itoophiyaa ni himta..

Fayidaa laggeen Itoophiyaa ni ibsita.

Sirna yaa'a Itoophiyaa addaan nibaafta.

Amaloota laggeen Itoophiyaa qaaccessita

Harwwan Itoophiyaa wal bira qabdee ni madaalta.

Teessuma Lafa Itoophiyaa:-Teessumni lafa Itoophiyaa bakka gurguddoo Sadiitti qoodama.


Isaanis Lafa olka'aa fi diriiraa Kaaba dhihaa, Lafa olka'aa fi diriiraa kibba bahaa fi Sulula
Qiinxama Itoophiyaa jedhamu.

Lafti olka'aa fi diriiraan kaaba dhihaa lafa olka'aa fi lafa dakeetti qoodama

Lafti olka'insa sirrii galaanaatii olitti m 1000 ol ta'an lafa olka'aa yoo jedhamu, kanneen olka'insi
isaanii m 1000 gaditti ta'e lafa dakee jedhamu.

Lafa Olka'aa kaaba dhihaa :- Lafti olka'aa kaaba dhihaa sulula qiinxamaarra gara kaabaa fi kaaba
dhihaatti argama.

Lafti olka'aa kaaba dhihaa sulula laggeeniitiin naannoo xixiqqoo afrutti qoodama. Isaani Pilaatoo
Tigiraayi, Lafa olka'aa kaaba giddi galeessaa, Pilaatoo Showaa fi lafa olka'aa Kibba dhihaa
jedhamu.

1. Pilaatoo Tigiraayi Laga Marabii fi Takazee gidduutti argama. Pilaatoon kun lafa olka'aa kaaba
dhihaa keessaa 13% qabata. sababa harama yeroo dheeraarraa kan ka'e ciccitaa fi bu'aa ba'ii
guddaaqaba. Lafti daran olka'aan pilaatoo Tigiraayi guddaa dhaa gara Xiqqaatti Gaara Siidii m
3,988, gaara Algeem3290, gaara Asiimbaa m3248 qabu.

2. Lafa Olka'aa Kaaba jiddugaleessaa karaa kaaba laga Takazee, karaa kibbaa laga Abbayyaatiin
daangeffama. Gadinaalee Gondor, Gojjaam fi Walloo of keessatti qabata. Lafa olka'aa kaaba
dhihaa keessaa 58% qabata. Garreen daran gurguddoon lafa olka'aa kaaba giddu galeessaa
keessaa Gaara Raas Dajan m 4620, gaara Guunaa m 4231, gaara Abuna Yooseef m4190 fi gaara
Raas Birhaan m 4154 duraa duubaan isaan ijoo dha.

5
3. Pilaatoon Showaa laga Abbayyaa, laga Gibee fi Sulula qiinxamaa gidduutti argama
Bal'ina .lafa olka'aa kaab dhihaa keessaa 6% qofa qabata.Gaareen gurguddoon pilaatoo kanarratti
argaman gaara Abbuyyee Meedaa m4000 fi gaara Guraagee m 3721.

4. Lafa olka'aa Kibba dhihaa lafa olka'aa kaaba dhihaa keessaa 23% qabata. Naannoon kun
lageen Gobee, Abbayyaa fi Hara Soogiddaatiin daangeffama.

Lafti olka'aa Kibba dhihaa godinaaleeWallaggaa, Iluubbaaboor, Kafaa fi Gaamoo Goofaa of


keessatti qabata. Laggeen akka Baaroo, Okooboo,Gobee,Dabis fi Dhidheessa of keessatti qabata.
Gaarreen gurguddoon qaama lafa kanaa gaara Gugee m4200, gaara Guddoo m3344 isaan ijoo
dha.

Lafa diriiraa Kaaba dhihaa:- Tigiraayii hanga gaarreen Goofaatti daangaa Itophiyaa fi Sudaan
gidduutti diriiree argama. Naannoon kun giddu galeessaan olka'insa m 500-1000 gidduu qaba.

Lafti diriiraa kaaba dhihaa naannolee xixiqqoo afruritti qoodama. Maqaaleen lafa diriiraa kanaa
laggeen isaan qaxxaamuranin moggaafame. Isaanis lafa diriiraa Takazee, lafa diriiraa Abbayi
Dandir, Lafa diriiraa Baaroo fi lafa diriiraa Gobee/Oomoo jedhamu.

1. Lafa diriiraa Takazee:- Fiixee kaaba Itoophiyaa hanga Matammaatti diriiree argama.

2. Lafa diriiraa Abbaayi dandir matammaatii hanga laga abbayyaatti diriiree argama.

3.Lafa diriiraa Baaroo lafa bal'aa fi jiidhaa dha.

4. Lafa dakee Oomoo Hanga hara Turkaanaatti diriiree kan argamu yoo ta'u karaa fiixee kibbaa
haala uumamasaatiin qaama sulula qiinxamaa ti.

Lafti olka'aa fi diriiraan kibba bahaa sulula qiinxamaarra gara kibbaa fi gara bahaatti argama.
Naannoon kun bal'ina Itoophiyaa keessaa 37% qabata. Naannoon kun bakka lamatti qoodama.
Isaanis lafa olka'aa Kibba bahaa fi lafa diriiraa Kibba bahaa jedhamu.

Lafti olka'aa kibba bahaa naannoo sadiitti qoodama. Isaanis lafa olka'aa Arsii-Baalee, Pilaatoo
Jamajam fi lafa olka'a Harargee jedhamu.

Lafti olka'aa Arsii-Baalee oomisha qamadiitiin beekamaa dha. Lafti olka'aan kun laga
Waabeetiin lafa ol ka'aa Arsii fi lafa olka'aa Baalee jedhamuun bakka lamatti qoodama.

Lafti olka'aa Arsii diriiraa yoo ta'u gaarreen gurguddoo akka Kakaa m4180, gaara Baddaa m
4139, fi gaara Cilaaloo m4036 of keessatti qabata.

Lafti olka'aa Baalee lafa Pilaatoo ta'ee gaarreen aka Tulluu Diimtuu m 4377, Baatuu m4307 of
keessatti qabata.

6
Pilaatoon Jamjama lafa olka'aa baaleerraa laga Gannaaleetiin qoodama. Pilaatoon kun oomisha
bunaatiin beekamaa dha. Gaarreen pilaatoo Jamjamirratti argaman gaara Diiloo m3600, gaara
Gaaraambaa m3400 fa'a.

Lafti olka'aa Harargee jiddugaleessaan olka'insam1500- m2000 ol qaba. Gaarreen gurguddoon


lafa olka'aa Harargee gaara Mul'ataa m3381, Jabal Xiixaa 3122.

Lafti Diriiraa Kibba bahaa qilleensa gogaadhaan beekama. lafti diriiraan kun lafa Ogaadeen,
Elkerree,fi Boorana of keessatti qabata. Naannoon kun naannoo horsiisee bulaa ti.

Laggeen keessa qaxxaamuran irratti hundaa'ee lafti diriiraa kibba bahaa lafa diriiraa Waabee
Shabalee fi lafa diriiraa Gannaalee jedhamuun naannoo lamatti qoodama. Lafti diriiraa Waabee
Shabalee lafa diriiraa kibba bahaa keessa 60% yoo qabatu, lafti diriiraa Gannaaleemmoo 40%
qabata.

Sulula Qiinxama Itoophiyaa qaama sulula qiinxama Afriikaa isa guddichaa yoo ta'u, Affaar rog
sadee-sulula garba soogiddaatti km1200-km 1500 dheerata. Bal'inni sulula kana jiddu galeessaan
km2 1700 ta'a Olka'insi naannoo kana sirrii galaanaati gaditti m116 fi sirrii galaanaatii olitti
m2000 ol gidduutti argama.

Sululli Itoophiyaa naannolee afuritti qoodama. Isaanis kaabaatii gara kibbaatti Affaar rog sadee,
Sulula laga Hawaas, Naannoo Harawwanii fi Sulula Garba Soogiddaa jedhamu.

Affaar rog sadee (Triangle) bal'aa, dheeraa fi olka'insa xiqqaa kan qabu dha. Naannoon kun
olka'insa m500 gadii, tempirechera hanga 500c qaba Affaar rog sadeen oomisha soogiddaa,
horsiisa loonii fi misooma qonna Tandaahootiin beekamaa dha.

Sulula laga Hawaas Affaar rog sadee fi naannoo Haroowwanii gidduutti argama. Naannoon kun
warshaa Shukkaaraatiin beekama. Gaarri Fantaallee m2006, Yerer m3029 naannoo kanatti
argama.

Naannoon Harawwanii karaa kaabaa hara Danbal karaa kibbaa hara Caamoo ga'a. Harawwan
naannoo kanatti argaman kaabaatii gara kibbaatti Danbal. Abjaataa, Laanganno, Shaallaa,
Hawaasaa, Abbayyaa fi Caamoo dha.

Naannoon kun bal'ina xiqqaa (km50-80)fi olka'insa m1000-2000 jidduu qaba.

Sulula Garba Soogiddaa fiixee kibba sulula qiinxama Itoophiyaa ti. Naannoon kun caffaa'aa,
dhooqaa fimarga dhedheeraa qaba.

Sirna Yaa'a Itoophiyaa:-Sirni yaa'a Itoophiyaa bakka sadiitti qoodama. Isaanis Sirna yaa'a
dhihaa, sirna yaa'a kibba bahaa fi sirna yaa'a biyya keessaa jedhamu.

Sirni yaa'a dhihaa sirna yaa'aa Meditiraaniyaa jedhamaSirnii kun bal'ina lafaa fi qabiyyee
bishaaniitiin isa daran guddaa dha. Sirni kun qorii laga Abbayyaa, qoroo laga Takazee fi qorii

7
laga Baaroo of keessatti qabata..Lagni Abbayya qabiyyee bshaanii sirna dhihaa 65% yoo qabatu.
bal'ina lafaatiin isa guddaa dha.

Sirni yaa'a Kibba bahaa laggeen bishaan gara garba Hindiitti dhangalaasan of keessatti qabata.
Sirni kun qoriiwwan qoriiwwan akka Waabeeshabalee fi Gannaalee kan qabu dha..

Sirni yaa'a biyya keessaa sirna yaa'a sulula qiinxamaa jedhama. Sirni kun kallatti yaa'aa ifa ta'e
hun qabu. Sirna yaa'a Sulula qiinxamaa keessaa inni beekamaan sirna yaa'a laga Hawaasidha.
Lagni Hawaas Showaa keessaa madda. Lagni Hawaas hara Abbee ga'ee dhaabbata.

Laggeen Itoophiyaa amallan armaan gadii qabu. Isaanis.

1.Qabiyyeen isaanii waqtiidhaan waan jijjiramuuf hidha barbaadu.bishaan waggaa guutuu


argachuuf

2. Laggeen Itoophiyaa fududdee jajjaarraa gadi waan ficaa'aniif humna Elektirikii maddisiisuuf
mijataa yoo ta'an geejjibaaf hin mijatani.

3. Laggeen Itoophiyaa daangaa waan qaxxamuraniif walitti dhufeenyaaf ykn walitti bu'insaaf
sababa ta'uu danda'u.

4. Laggeen Itoophiyaa hallayya gadi fagoo keessa waan yaa'aniif fayyadama jallisiif rakisoo dha.

Harawwan Itoophiyaa:-Akka uuama isaaniitti harawwan Itoophiyaa hara uumamaa-Xaanaa,


Wancii, Danbal kkf fi hara nam tolchee- Qooqaa, Finca'aa, Malkaa waaqkennaa kkf qabdi. Akka
argama isaaniitti harawwan Itoophiyaa harawwan lafa olka'aa. Xaanaa, Ahangee, Haayiq, Wancii,
Dandii kkf fi harawwan Sululaa- Danbal, Shaalaa,Abjaataa, Abbayya, Caamoo kkf qabdi.

Harawwan Itoophiyaa bal'inaan guddaadhaa gara xiqqaatti Xaanaa,Abbayyaa, Caamoo yoo ta'an
gadi fageenyaanimmoo Shaallaa,Laangannoo fi Ashangee dha.

Laggeenii fi harawwan Itoophiyaa fayidaa hedduu qabu. Isaan keessaa bishaan dhugaatii,
Elektirikii maddisiisuu, bishaan jallisii, geejjiba fi oomisha qurxummii isaan ijoo dha.

Qilleensa Baramaa Itoophiyaa


Hariiroo temperechera fi olka'insa lafaa qabu ibsu.

Godinaalee temperechara Itoophiyaa fi amala isaanii himu.

To'attoota temperechera Itoophiyaa addaan baasu.

Gosoota biqiloota Itoophiyaa argama isaanii waliin wal biraqabanii ibsu,

Gosoota bineensota bosona Itoophiyaa fi amala isaanii himu.

Argama gosoota biyyee Itoophiyaa himu.


8
Temperechara Itoophiyaa :-Akka dagaleetti Itoophiyaan godina tirooppiii keessatti waan
argamtuuf hoo'itu dha. Haa ta'u malee sababa olka'insa lafaarra kan ka'e lafti Itoophiyaa dagalee
wal fakkaataarra jiru tempeherchera wal fakkaataa hin qabu. Olka'insa lafaarratti hundaa'uun
Itoophiyaa godinaalee temperechera shanitti qoodamti. Isaani Baddaa Dilallaa, Baddaa, Badda
Daree, gammoojjii fi gammoojjii hoo'aatti qoodamu.

Itoophiyaan bantiirra oolmaa biiftuu waggaatti si'a lama argatti. Bantiirra oolmaan biiftuu
dheerina halkanii fi guyyaa garagara taasisa.

Dherina halkanii fi guyyaa irratti hundaa'uun jechoota Soolaastisii fi Ikkunooksi fayyadamna.

Soolaastisiin waqtii dheerinni halkanii fi guyyaa wal caalu dha. Soolaastisiin gosa lamatti
qoodama. Isaanis Soolaastisii gannaa fi soolaastisii bonaa jedhamu.

Soolaastisiin gannaa guyyaa dheeraa fi halkan gabaa qaba. Innis ji'oota waxabajjii, Adoolessaa fi
Hagayya of keessatti qabata. wWaqtii kana Itoophiyaan Insooleshiinii yeroo dheeraaf argatti

Soolaastisiin bonaa guyyaa gabaabaa fi halkan dheeraa qaba. Innis ji'ootaa Mudde, Amajjii fi
Guraandhala. Waqtii kana Itoophiyaan yeroo gabaabaaf insooleshiinii argatti.

Ikoonooksiin waqtii dheerinni halkanii fi guyyaa walqixa ta'e dha. Isaanis Ikuunoksii birraa
Fulbaana, Onkololeessa fi Sadaasa yoo ta'an, Ikuunooksii afraasaa ji'oota Bitootessa Ebla fi
Caamsaa of keessatti qabatu. Waqtii kana Itoophiyaan sa'aa 12f insooleshiinii argatti.

Rooba Itoophiyaa:-Roobni Itoophiyaa gosa rooba gaaraa ti. Maddi rooba Itophiyaa harki
guddaan Garba Atilaantikii fi Garba Hindii ti. Roobni gannaa harki caalaan Garba Atilaantikirra
yoo dhufu, roobni kun lafa Itoophiyaa daran guddaa uwwisa.

Roobni Afraasaa fi birra harki caalaan Garba Hindiirra kan dhufu yoo ta'u, lafa olka'aa Kibba
Baha Itoophiyaaf jiidha kenna.

Itoophiyaan , naannoo rooba gannaa fi naannoo rooba afraasaaa fi birraa jedhamu.

Naannoon rooba waggaa guutuu godinaalee Wallaggaa, Kafaa, Iluubbaboor fi Gaamoo Goofaa
of keessatti qabata. Naannoon kun rooba waggaa mm1400-mm2200 ta'u argata.

Naannoon rooba gannaa lafa olka'aa kaaba dhihaa fi lafa olka'aa kibba bahaa Itoophiyaa of
keessatti qabata. Naannoon kun Waxabajjii, Adoolessaa fi Hagayya rooba argatan yoo ta'u
roobni waggaa mm1000 ta'a. Naannoon kun naannoo rooba gannaa goggaa fi naannoo rooba
gannaa jiidhaa jedhamuun gosa lamatti qoodamu. Naannoon rooba ganna jiidhaa rooba waggaa
mm1000 ol yoo argatu, naannoon rooba ganna googaammoo rooba waggaa mm1000 gadi argata.

Naannolleen rooba gannaa hin arganne lafa dakee kibba bahaa, sulula laga Hawwasii fi Affaar
Rog sadee dha.

9
Naannoon rooba Afraasaaa fi Birraa Lafa kibba baha Itoophiyaa yoo ta'an raabni waggaa
naannoo kanaa mm500-mm1000 gidduu dha.

Itoophiyaan biyyota hongeedhaan rukutaman keessaa ishee tokko. Sababoota hongee kanaaf inni
guddaan biqiloota mancaasuu dha.

Hongeen dhumaatii beeyiladaa, beelaa fi godaansaaf sababa isa cimaa dha.

Biqiloota Uumamaa:-Biqiloonni uumamaa biqiloota osoo namni hin dhaabiin adeemsa mataa
isaaniitiin biqilanii argamani.

Itoophiyaan biqiloota uumamaa gosa shan qabdi. Isaanis:

1.Biqiloota naannoo gaarrenii olka'insa lafaa m 3000 fi isaa olitti biqilani Isaanis biqiloota
gaarreen olka'insa guddaa m4000 olitti biqilan akka margaa,jibirraa fi biqiloota gaarreen
olka'insa xiqqaa m300-4000 akka margaa, saaxoo fi xoosanyii kan magarsani.

2.Biqiloota naannoo bosonaa olka'insa m2300-m3000 gidduutti argama. Naannoon bosonaa,


bosona naannoo lafa olka'aa akka heexoo ,gaattiraa, leemmanaa,birbirsa,qararoo fi ejersa fi
bosona naannoo lafa dakee qarqara laggeeniitti margan akka Odaa, laaftoo fi harbuu jedhamani.

Biqiloonni naannoo lafa mukaa fi margaa olka'insa lafaa m250-m2300 gidduutti biqila.
Naannoon kun mukkeenii fi marga wal makaa qaba.

Lafti mukaa fi margaa gosa sadiitti qoodama. Isaanis lafa muka gaattiraa, lafa muka laaftoo fi
lafa muka walmakaa jedhamu.

Biqiloonni lafa qoraatti naannoo olka'insa lafaa m100-m1400 fi rooba waggaa mm100-mm550
keessatti marga. Naannoon kun marga, mukkeen gaggabaaboo fi sanyii muka laaftoo adda addaa
of keessatti qabata.

Biqiloota naannoo gammoojjii olka'insa lafaa m600 gaditti biqila. Naannoon kun rooba waggaa
mm50-300 gidduuutti argata. Biqiloonni gammoojjii Zeeroofaayitii (Xerophyte) jedhamu.

Biqiloonni zeeroofaayitii baay'ee gaggabaaboo, hidda dheeraa, baala qaqal'oo, baala yabbuu fi
yeroo gogaa amala riphuu qabu.

Rakkooleen biqiloota Itoophiyaa manca'insa biqilootaati.

Biqiloonni uumamaa sababa dabaluu lakkoofsa uummatarraa kan ka'e dhimma adda addaaf
manca'u. Isaani:Lafa qonnaa babal'isuu, fayidaa qoraanii fi cilee, mukkeen ijaarsaa, yeroo
dheeraaf beeyilada bakka tokotti bobbaasuu, abidda bosonaa, babal'achuu warshaalee muka
baqaqsuu kkf.

Manca'insi biqilootaa rakkoolee hedduu uuma. Isaanisharama biyyee,goginsa burqaalee,goginsa


biyyee,sanyiin biqilootaa baduu, jijjirama qilleensaa kkf.

10
Rakkoolee manca'insa biqilootaatiin dhufan xiqqeessuuf biqiloota kunuunsuun barbaachisaadha.

Malleen kunuunsa biqilootaa uummataaf hubannoo,abidda bosonaa to'achuu,oomishtummaa lafa


qonnaa olkaasuu, annisaa akka baayoogaasii, elektiriii fayyadam

Bineensota Bosonaa:-Bineensonni bosonaa lubbu qabeeyyii ta'onnaa dhala namaatii alatti


bosona, bishaanii fi boolla keessa jiraatani.

Bineensonni bosonaa akka soorata isaaniitti gosa sadiitti qoodamu. Isaanis biqiloota sooratoo -
bosonuu. gafarsa, arba, foon sooratoo- sardiida, leenca, waraabessa, qeerransa, biqilootaa fi
foon sooratoo- jaldeessa of keessatti qabatu.

Rakkoon bineensota Itophiyaa badiitii sanyii bineensotaa ti. Sababoota badiitii sanyii
bineensotaa keessa isaan ijoon cirama bosonaa,adamoo seeraan alaa, hongee fi dhukkuba
bineensotaa kkf.

Bineensonni bosonaa Paarkiiwwan babal'isuu fi adamoo seeraan alaa to'achuun kunuunsamuu


danfda'u.

Paarkiwwan Itoophiyaa isaan beekamoon Hawas, Hara Shaalaa-Abjaataa,Moogoo, Gambeellaa,


Gaarreen kaabaa,Omoo,Gaarreen Baalee,Nacci Saar of keessatti qabatu.

Biyyee Itoophiyaa:-Biyyeen makama dhagaa caccabe, biqiloota fi bineensota


bosbosaan,bishaanii fi qilleensaa waan ta'eef, biyyeen isfeerota Liitoosfeerii, Haayidiroosfeerii,
baayoosfeerii fi atimoosfeerii jedhaman qaba.

Biyyeen mana kuusa bishaanii fi nyaata biqiloota fi hidda biqiloota deeggaruuf fayidaa qaba.

warrrr biyyee, qilleensa baramaa, teessuma lafaa, yeroo fi ilbiisotni to'attoota biyyee jedham..

Gosoota biyyee Itoophiyaa keessaa isaan ijoon Biyyee Nitoosoolsi-Akiriisoolsi baay'inaana


naannoo kibbaa, kibba-dhihaa,dhihaa fi baha Itoophiyaatti argamu,Vertiisoolsi kattaa
baasaaltiirraa uumamee Gojjaam, Showaa,Arsii Baalee keessatti argamu,Liitoosoolsi kan
guddina isaa hin xumurree fi naannoo Sululaa fi Carcaritti argamu,Filuuviisoolsi kuufama yeroo
dhihoo naanno harawwanii fi qarqara laggeeniitti argamuu fi luuviisoolsii kan naannoo Hara
Xaanaatti aragamutti qoodamu.
Gaaffilee armaan gadii isa beektu Eyyee jechuun kan hin beekne lakkii jechuun gabatee kenname keessatti barreessi

Qoodamaa Xixiqqaa lafa olka'aa kaaba dhiha Itoophiyaa tarreessuu dandeessaa ?


Qoriiwwan sirna yaa'a Itoophiya dhihaa tarreessuu dandeessaa ?
Harawwan lafa olka'aa fi harawwan Sululaa addaan baastee tarreessuu dandeessaa ?
Amallan laggeen Itoophiyaa ibsuu dandeessaa ?
Uummata Itoophiyaa
To'attoota faca'insa uummataa Itoophiyaa ibsu.

11
Makama uummataa Itoophiyaa addaan bbaasu.

Gosoota godaansa uummataa Itoophiyaa ibsu.

Faca'insa uummata Itoophiyaa madaalu.

Heddumina Uumataa qooyyabu.

Baay'ina Uummataa:-Baay'inni uummataa yeroo dhaa yerootti dabalaa adeema. yeroo saffisni
ida'insa uumataa dabalaa adeemu yeroo dachaan dabaluu uummataa gababbachaa adeema.

Fkn Bara 1900 uummanni Itoophiyaa 11,800,000 ture. Bara sana saffisni ida'insa uummata
Itoophiyaa 0.2 waan tureef yeroon dachaan dabaluu waggaa 246 ta'a jedhamee tilmaama.
Waggaa dhibba booda bara 2000 63,000,000 yoo ta'u saffisni ida'insa uummatta 2.9 kunimmoo
yeroo dachaan dabaluu waggaa 25 taasisa.

Yeroo dachaan dabaluu=70/saffisa ida'insaa

Jijjiramni baay'ina uummata waan sadiin to'atama. Isaanis Dhalata, Du'a fi godaansa.

Dhalata:- Dhalanni du'a yoo caale lakkoofsi uumataa ni dabala. Daballiin akkanaa daballii
uumamaa jedhama. dhalannii waantota sadiin to'atama. Isaanis Dinagdee- hawaasummaa, aadaa
fi dimoogiraafii jedhamu.

Dinagdee-hawaasummaan kanneen akka barnootaa, hirmaannaa dubartootaa, Fayyadama mala


ittisuu fi garaagarummaa guddina dinagdee of keessatti qabata. Hallan kun dhalata guddisuu ykn
xiqqeessuu keessatti ga'ee qabu.

Adaan amantii,saala filachuu fi barbaachisummaa hijoollee kan of keessatti haammatu.

Dimoogiraafiin dafanii ykn turanii heerumuu fi du'a daa'immaniin ibsama.

Dhalachuun safartoota qaba.Safartuun kun safartoota saffisa dhalachuu jedhama. Saffisni


dhalachuu herrega daa'imman dhalatan waggaatti namoota kuma keessatti hangam akka ta'e ibsa.

Saffisni Dhalachuu bifa lamaan ibsama. Isaanis Saffisa dhalachuu Dhuubbaa(SDhDh) fi Saffisa
dhalachuu Waliigalaa (SDhW0 jedhamu.

SDhDh=da'imman waggaa keessatti dhalatanx1000

Lakk uummataa walakkeessa waggaa

FknBara 2000 Uummanni biyya" X" 20,000,000,daa'imman bara sana dhalatan 20,000 yoo ta'e
SDhDh barbaadi.

SDhDh= 20,000x1000/20,000,000=100/00 ta'a

12
Saffisni Dhalachuu waliigalaa hariiroo daa'imman dhalata lakkoofsa dubartoota umriin isaanii
da'umsaaf ga'e (15-49)

SDhW= daa'imman Dhalatan X1000

Dubartoota umrii 15-49

Du'a:- Hangi uummata du'ee isa dhalate yoo caale lakkoofsi uummataa ni hir'isa. Saffisni du'aa
bifa lamaan ibsama. Saffisa du'a Dhuubbaa(SDDh) fi saffisa du'a daa'immanii(SDD) jedhamu.

SDDh= Lakk namoota du'anx1000

lakk uummata walakkeessa waggaa

Fkn Bara 2015 uummanni biyya "X" 20,000,000, namoonni bara sana du'an 500 yoo ya'e,
SDDh barbaadi.

SDDH= 5,000x1000

20,000,000

=0.2500/00

SDD= daa'imman waggaa tokko gadii du'anx100

Daa'mman barasana lubbuun dhalatan

Fkn Bara 2015 biyya "X" keessatti daa'imman 200,000 yoo dhalatan, daa'iimman bara sana du'an
2000 ture. SDD barbaadi.

SDD= 2000x1000

200,000

=10 00/00

Saffisni du'aa bakkaatii bakkatti garaagarummaa qaba.Waantonni garaagarummaa saffisa du'aa


uuman kun to'attoota du'aa jedhamu. Isaanis balaa tasaa, tajaajila fayyaa,sadarkaa jireenyaa fi
sadarkaa barnootaa ti.

Godaansa:- Godaansi lakkofsa uummata nannoo jireeneenya isaanii bakka biraatti jijjirratani
dha.Godaansi godaansa biyya keessaa fi godaansa biyyaa alaa jedhamuun gosa lamatti qoodama.
Godaansi biyya keessaa godaansa daangaa biyyaa keessatti badiyaadhaa gara magaalaa,
magaalaa gara baadiyaa, baadiyaadhaa gara baadiyaa biraa fi magaalaa tokko gara magaalaa

13
biraatti gaggeeffamu dha. Godaansi biyya keessa lakkoofsa uummataa sadarkaa biyyatti
jijjiirama hin fidu.

Godaansi biyya alaa godaansa daangaabiyyaa qaxxamuru dha. Godaansi kun itti baqachuu fi
irraa baqachuu jedhamuun gosa lamatti qoodama.

Itti baqachuun godaansa biyya alaatii gara biyya keessatti raawwatamu dha. Godaansi kun
lakkoofsi uummata biyya itti godaanamee akka dabalu taasisa.

Irraa baqachuun sochii uummanni biyya keessaa gara biyya alaatti taasisu dha. Kuni Lakkofsaa
biyya arra baqatamee akka xiqqaatu taasisa.

Walmakinsa Ummataa:_Walmakinsi uummataa Caasaan uummta saalaan, amantaa,


afaan,sadarka barnootaa, amala hojii, sabaa ibsamu dha.

Qoodinsi uummata umriidhaan Ijoolleewaggaa<15, 43.7%ga'eessa waggaa 15-64, 53.6% fi


Mangyddoota waggaa>64,2.7% qabata. Kana jechuun hirkattuummaan Itoophiyaa 46.4% ta'a
jechuu dha.

Reshoon(walmakinsi saalaa Itoophiyaa umriidhaan garagarummaa qaba, Reeshoon saalaa


foormulaa = Baay'ina dhiiraax100

Baay'ina dubartootaa

Haala kanaan Reeshoon Saalaa yeroo dhalata 103, Ijoollummaa 101, yeroo ga'eessummaa 100
yoo ta'u yeroo dullumaa 83 dha. Kana jechuun umrii dhalachuu fi ijoollummaatti dhiirri dubara
caala, umrii ga'eessummaatti dhiraa fi dubarri wal qixa yoo ta'u umrii dullumaatti lakkofsi
dubartootaa lakkoofsa dhiiraa caala. Maaliif laata ?

Faca'insa uummataa:Faca'insi uummataa heddumina/rukkina uummataataatiin safarama.


Heddumminni uummata hariiroo bal'ina lafaa fi baay'ina uummataa gidduu jiru ibsa.

Heddumina uummataa= baay'ina uummataa

Bal'ina lafaa(km2)

Heddumminni uummataa heddumina uummataa waliigalaa, heddumina uummata lafa qonnaa fi


heddumina uummata fiizikaalaa jedhamu.

Heddumminni uummata waliigalaa hariiroo baay'ina uummataa fi bal'ina lafaa waliigalaa jidduu
jiru ibsa.

Heddumina uummataa waliigalaa(HUW)= baay'ina uummata

Bal'ina lafaa waliigalaa (km2)

14
Fkn. Uummanni biyya "X" 20,000,000 yoo ta'u bal'inni lafaa km22,000,000 dha. heddumina
uummataa waliigalaa barbaadi.

HUW= 20,000,000 =20/km2

km2 2,000,000

Heddumminni uummata lafa qonnaa hariiroo uummata baadiyaa fi bal'ina lafa qotamaa jiru ibsa.

Heddumina lafa Qonnaa( HLQ)= Uummata baadiyaa

bal'ina lafa qonnaa (km2)

Fkn uummata biyya "X" keessaa 16,000,000jiraataa baadiyaa yoo ta'u, bal'ina lafaa keessaa km2
600,000 lafa qotamaa jiru ta'e heddumminni lafa qonnaa meeqa ? dha.

Akka kanaatti heddumminni lafa qonnaa= 16,000,000 =26.7/km2

km2 600,000

Heddumminni Fiizikaalaa hariiroo baay'ina uummata waliigalaa fi bal'ina lafaa qotamuu danda'u
(lafa qonnarra oolee fi lafa qonnarra hin oolle fi uummata magaalaa fi baadiyaa) gidduu jiru ibsa.

Fkn ummanni biya "X" 20,000,000 yoo ta'u lafti qotamuu danda'u km2 yoo ta'e heddummina
Fiizikaalaa biyya "X" barbaadi.

Kanaafuu Heddumminni Fiiikaalaa= 20,000,000 =125/km2

km2 160,000
To'attoota Faca'insa uummataa:-Faca'insi ummataa haallan gurguddoo sadiin to'atama.
Isaanis haallan fiizikaalaa,hallan nam tolchee fi dubduubee seenaa jedhamu.

Hallan Fiizikaalaa teessuma lafaa, qilleensa baramaa, gabbina biyyee, argama bishaanii kkf of
keessatti qabata. Fkn uummanni Itoophiyaa naannoo rooba gaarii fi qilleensa qabbanaa'aa,
biyyee gabbataa,lafa diriiraa fi bishaan dhugaatiin argamutti baay'inaan gobbatee argama.

Hallan nam tolcheen sochiilee dinagdee fi nageenyaa of keessatti qabachuu danda'a. Uummanni
Itophiyaa naannoo horsiisee bulaa uummata qonna midhaaniitiin jiratanii gaditti walirraa
fagaatee (haphatee) jiraata.

Dubduubeen seenaa sochii ummanni Itoophiyaa kaabaatii gara kibbaatti, kibbaatii gara kaabaatti
raawwataa ture dha. Fkn Bara Minilik UummanniAmaaraa weera Minilik hordofuun gara
kibbaatti raawwate faca'insa uummata kibbaarratti dhiibbaa fideera.

15
Amallan Diimoogiraafii Uummata Itoophiyaa:- Uummanni Itoophiyaa saffisaan guddachuu
uummataa, du'a daa'immanii guddaa, du'a da'insa saldheessa guddaa,reeshoo hirkattummaa
guddaa,bara jireenya gabaabaa fi reeshoo saalaa walmadaalaatiin beekama.

Imaammata Uummata Itoophiyaa:_Imaammanni dhimma uummata adunyaa gosa lamatti


qoodama. Isaani imammata dhalachuu deeggaruu fi imammata dhalchuu mormuu jedhamu.
Itoophiyaan biyya uummata guddaa fi dinagdee xiqqaa qabdu waan taateef imaammata
dhalachuu mormu hordofti.

Iamaammanni kun bifa kallattii fi alkallattitiin hojiirra ooluu danda'a.

Iamaammanni kallatti du'a hir'isuu, dhalachuu daa'immanii xiqqeessuu, fi faca'insa uummata


walmadaalsisuu kan of keessatti qabatu dha.

Imaammanni al kallatti gochaalee dinagdee fooyyessuu, hirmaannaa dubartootaa


fooyyessuu,barnoota babal'isuu kkf imaammata galmaan ga'uu of keessatti qabata.

Kaayyoon Imammata uummataa garaagarummaa baay'ina uummataa fi guddina dinagdee


walsimsiisuu,godaansa xiqqeessu, oomishtummaa guddisuun naannoo kunuunsuu,hirmaannaa
dubarstootaa guddisuu irratti xiyyeeffata,
Gaaffilee mirkaneeffannaa

Gaaffilee armaan gadii isa beektu Eyyee jechuun kan hin beekne lakkii jechuun gabatee kenname keessatti barreessi

To'attoota dhalachii fi du'aa ibsuu dandeessaa ?


Sababoota godaansaa tarreessuu dandeessaa ?
Garaagarummaa saffisaa dhalchuu dhubbaa fi saffisa dhalachuu waliigalaa addaan baasuu
dandeessaa ?
Gosoota walmakinsa uummataa himuu dandeessaa ?

Sochii Dinagdee Itoophiyaa


1 Hiika qonnaa ibsu.

2. Naannoole qurxummiin Itoophiyaa guuramu addaan baasu.

3. Naannolee warshaa Itoophiyaa addaan baasu

4. Daldala Itoophiyaa qaaccessu.

5. Naannolee hawwattoota turuzimii fi gosoota turuzimii ibsu.

16
Akkuma addunyaa kamii sochiin danagdee Itoophiyaa sadarkaa sadiitti qoodama. Isaaniis Sochii
dinagdee Sadarkaa tokoffaa, sochii dinagdee sadarkaa lammaffaa fi sochii dinagdee sadrkaa
sadaffaa jedhamu.

Sochiin dinagdee sadarkaa tokoffaa Itoophiyaa qonna, misooma bosonaa, qurxummii guuruu fi
albuda baasuu of keessatti qabata.

Qonnii gosa sochii dinagdee lafa qotanii midhaan oomishuu fi horii horsiisuu of keessatti qabata.
Akka waliigalaatti qonni Itoophiyaa bal'ina lafa Itoophiyaa 56% kan uwwisuu fi uummata
Itoophiyaa 84% carraa hojii kan uume, Oomisha biyyoolessaa 50%, daldla biyyaa alaa 90% kan
qooddatu dha.

Qonni Itoophiyaa qonna oomisha midhaanii, qonna horsiisa loonii fi qonna walmakaa jedhamun
gosa sadiitti qoodama.

Gosoota Midhaanii :-Midhaan nyaataa (cereals),midhaan dheedhii,midhan zayitaa,warqee,


midhaan gurgurtaa fi midhaan warshaa of keessatti qabata.

.Qonni horsiisa loonii naannoo lafa dakee fi sulula qiinxamaatti beekamaa dha. Isaanis uummata
Oromoo, Somaalee, Affaar, Nuweer kkf.

Qonni walmakaan gosa qonnaa lafa qotuu fi horii horsiisuun wal faana raawwatu dha.

Qurxummii guuruu:- Qurxummii guuruun qabeenya qaama bishaana'oo qabachuu dha.


Qurxummiin Itoophiyaa harawwanii fi laggeen keessa argama. Harawwan Itoophiyaa keessaa
Xaanaa, Abbayyaa, Danbal (zuwaayi,Qooqaafi Laangannoo) duraaduubaan isaan gurguddoo dha.

Laggeen Itoophiyaa keessaa inni daran beekamaan laga Baaroo jedhama.Rakoolee qurxummii
guuruu keessaa mala adaatiin qurxummii guuruu, aadaan nyaata qurxummii dhibamuu, mala
kuusaa qurxummii duubatti hafaa, hanqina geejjibaa fi gabaa fi haroowwan gogaa adeemuu kkf.

Warshaalee :-Warshaalee Itoophiyaa warshaa aadaa fi warshaa ammayyaa jedhamuun gosa


lamatti qoodamu. Warshaan adaa Suphee dhahuu, gogaa duuguu, sibiila tumuu, hojii mukaa...kkf
kan of keessatti qabatu yoo ta'u humna namaa baay'ee fi lakkoofsaan daran olaanaa dha.

Warshaan ammayyaa warshaalee sasalphoo/xixiqqoo fi warshaalee ulfaatoo/gurguddoo


jedhamuun gosa lamatti qoodamu.

Warshaaleen xixqqoon warshaa nyaataa fi dhugaatii, warshaa huccuu of keessatti qabata.


Warshaaleen kun lakkoofsaan guddaa yoo ta'u, warshaan saslaphoon Itoohpiyaa kannee akka
warshaa simintoo,konkolaataa walitti qabuu kan hammatu.Faca'insaan yeroo ilaalamu warshaan
Itoophiyaa 44.42% naannoo Finfinnee, 37.73% Oromiyaa, 7.575% amaaraa,4.57% uummattoota
kibbaa,0.02% Dirree dawaa fi 3.07% naannolee biroo keessatti argama.

17
Daldala :-Daldalli hojii meeshaa wal jijjiiruu ti. Daldalli Itoophiyaa daldala biyya keessaa fi
daldala biyyaa alaa jedhamuun gosa lamatti qoodama.

Daldalli biyya keessaa gosa daldalaa daangaa keessatti magaalaa gara baadiyaa fi baadiyaadhaa
gara magaalaa, magaalaa gara magaalaa fi badiyaadhaa gara baadiyyatti gaggeeffamu.

Daldalli biyya alaa daldala daangaa qaxxamuru. Itoophiyaan harka caalaa meeshaalee oomisha
qonnaa akka bunaa, gogaa,abaaboo, zayita,jimaa alatti yoo ergitu, oomisha warshaalee biyya
akka konkolaataa, huccuu biyya keessatti galchiti.

Kanaafuu daldalli biyya alaa Itoophiyaa mijataa kan hintaane dha.

Itoophiyaan meeshaalee 70% Awurooppaarraa, 16%,15% USA irraa galchiti.

Itoophiyaan45% Awurooppaa,24% Eeshiyaatti,10% Afriikaatti,10% Ooshiniyaatti ergiti.

Geejjiba:-Geejjibni Itoophiyaa geejjiba aadaa fi geejjiba ammaayya jedhamuun gosa lamatti


qoodama. Geejjibni aadaa geejjiba horii fi namaan gaggeeffamu ta'a dhibbantaa guddaa haguuga.

Geejjibni ammayya geejjiba dandii konkolaataa,geejjiba xiyyaaraa, geejjiba baaburaa fi geejjiba


doonii of keessatti qabata.

Turizimii:-Turizimiin sochii dinagdee bashannanarratti hundaa'e. Itoophiyaan hawwattotaa


Turizimii kan ta'an akka Siidaa Aksuum,teessuma lafaa garagaraa, Bataskaana Lallibalaa, Holqa
soof Umar, dirree Shhek Huseen, gamoo Jogol, bineensota garaagaraa gaarreen Balee fi simeen
qabdi.
Gaaffilee mirkaneeffannaa

Gaaffilee armaan gadii isa beektu Eyyee jechuun kan hin beekne lakkii jechuun gabatee kenname keessatti barreessi

Gosoota qonnaa Itoophiyaa tarreessuu dandeessaa ?


Naannolee argama Warhaalee Itoophiyaa sadarkeessuu dandeessa ?
Maalummaa turizimii ibsuu dandeessaa ?

18

You might also like