Afaan Oromoo Akka Afaan Lammaffaatti

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 11

WAAJJIRA BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA ADAAMAATTI QORUMSA

MOODEELA KUTAA 8FFAA BARNOOTA AFAAN OROMOO AKKA AFAAN


LAMMAFFAATTI BARA 2011

1 1

Kutaa 1ffaa Waliin dubbii

Qajeelfama I gaafilee 1-5 jiran waliin dubbii irraatti hundaa’uun yaada waliin dubbichaa
haalaan xumuruu danda’u filannoo siif kenname keessaa filachuun deebisi

___1. Firaa’ol :- Akkam bultee?

Magartuu _____________________

A / Nagaadha C/ Nagaadha galata waaqayyoo

B / Fayyaadha D/ Hunduu deebiidha

___2. Firaa’ol:- ____________________________

Magartuu:- Magartuu Abdiisaan jedhama

A/ Yoom dhalattee ? C/ Maqaan kee eenyuu ?

B/ Eessaa dhuftee ? D/ Umriin kee meeqaa ?

___3. Magartuu _________________

Firaa’ol:- Firaa’ol Lammiin jedhama.

A/ Kan kee hoo? C/ Hojiin kee maalii?

B/ Ati eessa deemta? D/ Barsiisaadha

___4 . Firaa’ol:- Hojiin kee maalii?

Magartuu :- ____________________________

A/ Gara hojiin deema C/ Ati maal hojjettaa ?

B/ Barsiiftuudha D/ Nagaatti ooli

1 Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatt ii Qorumsa


Afaan Oromoo Bara 2011
WAAJJIRA BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA ADAAMAATTI QORUMSA
MOODEELA KUTAA 8FFAA BARNOOTA AFAAN OROMOO AKKA AFAAN
LAMMAFFAATTI BARA 2011

1 1
___5. Magartuu :-____________________

Firaa’ol:- Ani konkolaachisaadha.

A/Ati maal hojjettaa ? C/ Guyyaa gaarii

B/ Nagaatti ooli D/ Hunduu deebiidha

Kutaa 2ffaa Seerluga Afaanii fi jechoota

Qajeelfama II Gaafilee 6-23 jiran Itti fayyadama Afaanii fi jecha bakka duwwaa
guutuuf ta’u filachuun deebisi

___6 Jechi jechoota hiika adda addaa qaban lamarraa ijaaramu

_______________ jedhama.

A/ Tishoo C/ Xumura

B/ Bamaqaa D/ Maqibsi

___7 Tolaa fi Magarsaan kubbaa qabu. Kubbaan kun kan _______________.

A/ isaati C/ keenya

B/ ishiiti D/ isaaniiti

___8 “Jaarsa” jennee “Jaarsummaa” yoo jenne “gowwaa” jennee

_______________ jenna.

A/ gowwoota C/ gowummaa

B/ gowwoomu D/ gowwaa

___9 Anii fi obboleessi koo ganama ganama_________________ waliin

nyaanna.

A/ ciree C / oolfata

B/ irbaata D/ laaqana

2 Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatt ii Qorumsa


Afaan Oromoo Bara 2011
WAAJJIRA BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA ADAAMAATTI QORUMSA
MOODEELA KUTAA 8FFAA BARNOOTA AFAAN OROMOO AKKA AFAAN
LAMMAFFAATTI BARA 2011

1 1

____10.Leensaan maallaqa qabdu saanduqa ______________ kaawwatta.

A/ ol C/ keessa

B/ ala D/ gaditti

____11.Maqaan ___________________ eenyu jedhama ?

A /isaan C/ isaa

B/ nuti D/ isin

____12.’Barate’ jedhee ‘barattuu’ yoo jedhe ‘barsiisee’ jedhee__________

jedha.

A/ Barattoota C/ Barsiisota

B/ Barsiistuu D/ Barumsa

____13. Ani barataa kutaa____________ ti.

A/ Biiftuu C/ 8ffaa

B/ Adaamaa D/ Bara 2001

____14. Ati bara dhufu kutaa 9ffaa____________?

A/ barataa C/ barattuu

B/ barattaa D/ barata

____15. Lukkuun ni iyyiiti yoo jenne sareen ni ___________jenna.

A/ yuusa C/ harqa

B/ aada D/ dutti

3 Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatt ii Qorumsa


Afaan Oromoo Bara 2011
WAAJJIRA BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA ADAAMAATTI QORUMSA
MOODEELA KUTAA 8FFAA BARNOOTA AFAAN OROMOO AKKA AFAAN
LAMMAFFAATTI BARA 2011

1 1
____16. Inni har’a barataa ________________.

A/ jirti C/ jiru

B/ jira D/ jiran

___17.Isaan boru mana barumsaa ________________.

A/ deemna C/ deemti

B/ deema D/ deemu

___18. __________ Jechuun obboleessa abbaati.

A/ wasiila C/ adaadaa

B/ sayyuu D/ akkoo

____19. Ayyaantuun rifeensa mataa ishee____________.

A/ dhahatte C/ murate

B/ raawwatte D/ nyaate

____20. Jecha tishoo kan ta’e kami ?

A/ marga C/ bishaan

B/ sar -diida D/ baala

____21. Jechi sagalee irra butaa of keessaa hin qabne kami?

A/ jilba C/ morma

B/ far-da D/ mana

____22. Jechi sagalee jabaa of keessaa qabu isa kami ?

A/ marqa C/ buddeena

B/ baaduu D/ raafuu

___23. ‘Sangaa’ jennee ‘ sangoota’ yoo jenne sa’a jenne _________ jenna.

A/ hoolota C/ saawwan
4 Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatt ii Qorumsa
Afaan Oromoo Bara 2011
WAAJJIRA BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA ADAAMAATTI QORUMSA
MOODEELA KUTAA 8FFAA BARNOOTA AFAAN OROMOO AKKA AFAAN
LAMMAFFAATTI BARA 2011

1 1
B/ jabboota D/ sangoota

Kutaa 3ffaa Sirna Tuqaalee

Qajeelfama III Gaafileen 24-25 jiran Sirna Tuqaalee irratti hundaa’u.


Mallattoolee Sirna Tuqaalee sirrii himoota armaan gadii keessatti galuu qaban
filadhu.

____24.Tolasaa Mootii Abdii fi Horaan barattoota kutaa 8ffaati

A/ mallattoo gaaffii (?) C/ tuqaa (.)

B/ qoodduu (,) D/ sarara xiqqaa (-)

___25. Biqilaa fi Magartuun yoom dhufani

A/ hamattuu C/ mallattoo gaaffii (?)

B/ mallattoo waraabbii(<< >>) D/ tuq-lamee(:)

Kutaa 4ffaa Jechoota waliin deeman

Qajeelfama Iv Gaafilee 26-30 jiraniif Jechoota waliin deemuu danda’an filadhu.

___26 . Konkolaataa ___________________.

A/ ijaaru C/ facaasuu

B/ oofuu D/ deessisuu

___27. Aduun _____________.

A/ bu’e C/ yaa’e

B/ roobe D/ baate

___28. Lafa __________________.


5 Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatt ii Qorumsa
Afaan Oromoo Bara 2011
WAAJJIRA BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA ADAAMAATTI QORUMSA
MOODEELA KUTAA 8FFAA BARNOOTA AFAAN OROMOO AKKA AFAAN
LAMMAFFAATTI BARA 2011

1 1
A/ ijaaruu C/ qotuu

B/ nyaachuu D/ miiccuu

____29. Bubbeen __________________.

A/ bubbise C/ yaa’e

B/ roobe D/ seene

____30. Bishaan _________________.


A/ bu’e C/ roobe

B/ seene D/ yaa’e

Kutaa 5ffaa Faallaa jechootaa

Gaafilee 31-35 jiraniif Jecha siif kennameef kan faallaa ta’uudhaan himicha
dhugoomsu filannoowwan kennaman keessaa filachuun deebisaa.

___31. Adii A/ Qalama C/ Magariisa

B/ Gurraacha D/ Kitaaba

___32. Gadda A/ Gammachuu C/ Yaaddoo

B/ Booyicha D/ Hunduu deebiidha

___33.Guddaa A/Muraasa C/ Yabbuu

B/ Xiqqaa D/ Dheeraa

___34. Sooreessa A/ Hiyyeessa C/ Dhabaa

B/ Qabaataa D/ Nama gaarii


6 Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatt ii Qorumsa
Afaan Oromoo Bara 2011
WAAJJIRA BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA ADAAMAATTI QORUMSA
MOODEELA KUTAA 8FFAA BARNOOTA AFAAN OROMOO AKKA AFAAN
LAMMAFFAATTI BARA 2011

1 1
___35. Hir’uu A/ Kan hin guunne C/ Dhuma

B/ Guutuu D/ Deebii hin qabu

Kutaa 6ffaa Hiika jechootaa

Gaafilee 36-40 jiraniif Jecha siif kennameef Hiika sirrii kan ta’an filannoowwan
siif kenname keessaa filachuudhaan deebisaa.

____36.Sayyuu A/ obboleesaa abbaa C/ haadha abbaa

B/ obboleetti abbaa D/ deebii hin qabu

____37.Muddamuu A/ saffisuu C/ suuta jechuu

B/ sardamuu D/ A fi B deebiidha

____38. Irbaata

A/ nyaata ganama nyaatamu C/ nyaata galgala nyaatamu

B/nyaata guyyaa nyaatamu D/ deebii hin qabu

____39. Hoboomboleettii

A/ bubbee salphaa C/ rooba cimaa

B/ bubbee cimaa D/ rooba salphaa

____40.Warroomuu A/ fuudhuu C/ heerumuu

B/ cidha godhachuu D/ A fi C deebiidha

Kutaa 7ffaa Jechoota Adda ta’a

Gaafilee 41-45 jiraniif Jechoota kennaman keessaa kan adda ta’e filachuudhaan
deebisaa.
7 Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatt ii Qorumsa
Afaan Oromoo Bara 2011
WAAJJIRA BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA ADAAMAATTI QORUMSA
MOODEELA KUTAA 8FFAA BARNOOTA AFAAN OROMOO AKKA AFAAN
LAMMAFFAATTI BARA 2011

1 1
____41. A/ Aannan C/ Marqaa

B/ Dhadhaa D/ Itittuu

____42. A/ Danuu C/ Baay’ee

B/ Hedduu D/ Tokko

____43. A/ Qotuu C/ Facaasuu

B/ Haamuu D/ Haxaawuu

____44. A/ Hoolaa C/ Re’ee

B/ Sa’a D/ Leenca

____45. A/ Ciccitaa C/ Haaraa

B/ Moofaa D/ Xuraawaa

Kutaa 8ffaa Afoola (Mammaksaa fi Hibboo)

Gaafilee 46-50 jiraniif Mammaksa siif kennameef kan deebii sirrii ta’e
filannoo kennaman keessaa filachuun deebisaa

____46. Obsaan Aannan ______________________.

A/ Goromsaa dhuga C/ Sa’aa dhuga

B/ Qotiyoo dhuga D/ Re’ee dhuga

___47. Warqeen harkaa Qaban ________________dha.

A/ muka C/ sibiila

B/ dhagaa D/ baala

8 Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatt ii Qorumsa


Afaan Oromoo Bara 2011
WAAJJIRA BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA ADAAMAATTI QORUMSA
MOODEELA KUTAA 8FFAA BARNOOTA AFAAN OROMOO AKKA AFAAN
LAMMAFFAATTI BARA 2011

1 1
____48. Akkaa ebaluun sirbaan ________________.

A/ morma nama bareecha C/ namatti tola

B/ morma nama jallisa D/ beekkumsa barbaachisa

____49. Waraabeessa darbee____________________.

A/ sareen fiigde C/ sareen wal-lolte

B/ sareen dutte D/sareen cimte

___50. Adaamii olla hagamsaa ________________________.

A/ Ganamas galgalas boo’a C/ Gagala galgala boo’a

B/ Guyyaa guyyaa boo’a D/ Ganama ganama boo’a

Gaafilee 51-55 jiraniif Hiibboowwan kennamaniif filannoo kenname keessaa


kan deebii sirrii ta’e filachuun deebisaa.

___51. Miila afur qabaa danda’ee laga hin ce’u.

A/ nama C/ dhagaa

B/ siree D/ qawwee

___52. Walumaan nyaannaa maaliif huqqattee ?

A/ fal’aana C/ muka

B/ gingilchaa D/ leenca

___53. Ofiillee gurraattiidha fincaan gurraacha fincoofti.

A/ sa’a C/ jabanaa

B/ hubboo D/ eelee

9 Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatt ii Qorumsa


Afaan Oromoo Bara 2011
WAAJJIRA BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA ADAAMAATTI QORUMSA
MOODEELA KUTAA 8FFAA BARNOOTA AFAAN OROMOO AKKA AFAAN
LAMMAFFAATTI BARA 2011

1 1
___54. Yoo ciisu akka reeffaa yoo aadu akka leencaa.

A/ Arba C/ Qawwee

B/ Roophii D/ Xiyyaara

___55. Foon baatee deema ofii hin nyaatu namaaf hin kutu.

A/ lukkuu kormaa C/ konkolaataa

B/ xayyaara D/ buna

Kutaa 9ffaa Jechoota waliin deeman

Qajeelfama Gaafilee 56-60 jiran dubbisa kennamerratti xiyyeeffatu .


Odeeffannoo dubbisa asii gadii irratti hundaa’uun deebii sirrii ta’e filadhu.

Maqaan kiyya Jiituudha. Kanan dhaladhee guddadhe Godina Shawaa Bahaa aanaa
Fantaalleeti .Hiriyaan kiyya Gaaddisee jedhamti. Ishiinis ollaa keenyaadha. Haati Ishii
Caaltuu jedhamti. Maqaan haadha kiyyaa immoo Obseedhaa. Abbaan Gaaddisee hojjetaa
m ootummaati. Abbaan kiyya garuu barsiisaadha. Lamaan keenyayyuu kutaa 8ffaa
baranna. Gaaddiseen qo’achuu hin jaalattu Ani garuu qo’achuu waanan jaaladhuuf
barumsaan yeroo mara tokkoffaan baha. Walumaagalatti haala ani amma irra jiru
ilaalanii maatii koo gara fuula duraatti Doktora taata naan jedhu.

___56. Seenaan dubbisa kanaa kan eenyuuti ?

A/ kan Ayyaantuu C/ kan Jiituu

B/ kan Obsee D/ kan Gaaddisee

____57. Maqaa haadha Gaaddisee eenyu jedhama ?

A/ Caaltuu C/ Jiituu

B/ Obsee D/ Ayyaantuu

10 Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatt ii Qorumsa


Afaan Oromoo Bara 2011
WAAJJIRA BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA ADAAMAATTI QORUMSA
MOODEELA KUTAA 8FFAA BARNOOTA AFAAN OROMOO AKKA AFAAN
LAMMAFFAATTI BARA 2011

1 1
____58. Hiriyaa Jiituu eenyu jedhamti ?

A/ Obsee C/ Caaltuu

B/ Gaaddisee D/ Ayyaantuu

____59. Gaaddisee fi Jiituun kutaa meeqa baratuu ?

A/ kutaa tokkoffaa C/ kutaa saddeettaffaa

B/ kutaa torbaffaa D/ kutaa lammaffaa

____60. Hiriyoota lamaan keessaa eenyutu barnootaan cimaadha ?

A/ Caaltuu C/ Jiituu

B/ Adilee D/ Gaaddisee

11 Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatt ii Qorumsa


Afaan Oromoo Bara 2011

You might also like