Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 5

QABSUURA WAREEGAMTUU QULQULLEETTII

ARSEEMAA
QABSUURA WAREEGAMTUU QULQULLEETTII ARSEEMAA
Mulugeetaa Ayyaaloon
27/01/2010 B.A

Jalqaba isaa eenyumtuu beekuu kan hin dandeenyee fi onnee namoota foon uffatanii jalaa iccitiin
isaa baay’ee fagaataa kan ta’e; asii hamma achii, as keessa jira as immoo hin jiru jechuun kan hin
danda’amne, garuu jalqaba kan jiruufi jiraachuu waan hundumaa inni kan beeku samiifi lafa, kan
muula’atuufi kan hin muul’anne hundumaa kan uume maqaa Waaqa Abbaa, Addunyaan utuu hin
uumaminii fi hin hojjetamin iccitiidhaan Abbaa isaa wajjiin tokko kan ta’e waan hundumaan
Abbaa wajjiin kan wal qixxaate maqaa Waaqa Ilmaa Gadaamessa garbawwanii keessaa
burqaawwan bishaanii utuu hin dhangala’in, galma isaa guddaa keessaas ifni utuu hin ba’in,
Abbaa irraa kan ba’e maqaa Waaqa Afuura Qulqulluutiin dursina.
Kadhannaan isheetii fi Eebbi ishee nu hunda keenya irra bara baraan haa jiraatu.
Fulbaana, 29 haati keenya Wareegamtuu Qulqulleettii Arseemaan, itti gaafatamtuu kawaala
isaanii kan taate wareegamtuu Agaataa wajjiin wareegamummaan boqatan. Wareegamtuu
Qulqulleettii Arseemaan B.A. 290 Biyya Armaaniyaatti kiristaana umrii dardarummaatti
wareegamteedha.

1
Dhaloonni Ishee Room yoo ta’u wareegamummaa kan fudhatte immoo biyya Armaaniyaatti.
Manneen Kiristaanaa Ortodooksii Isaan Bahaa (Oriental and Eastern) Fulbaana, 29 ykn October
9 guyyaa wareegamummaa itti fudhatte kabajuuf.
Seenaa Ishee Kitaaba Sinkisaara Fulbaana, 29 irratti akkuma barreffametti mootii bara sanaa kan
ture gantuu Diyooqilixiyaanos; durba bifti ishee baay’ee miidhagduu taate fuudhuu waan
barbaadeef biyyoota bulchiinsa isaa jala jiran hundumaa keessa barbaadanii akka fidaniif
hojjettoota isaa ajaje. Miidhaginaafi naatoodhaan dorgomtuun kan hin argamneef Qulqulleettii
Arseemaa Kawaala dubartootaa Room keessatti argatanii fakkii ishee kaasuudhaan fidaniif. Otuu
loon hin galin hattuun mooraa guutte akkuma jedhan, Mootichis fakkii ishee qofa ilaalee baay’ee
waan gammadeef hatattamaan cidhi akka raawwatamuuf gara warra abbootii aangoo
gurguddaatti xalayaa waamichaa erge.

Dubartoonni Qulqulloonni kunis kana yommuu dhagahan akka isaan oolchuuf, durbummaa
isaanitiinis akka isaan eeguuf boo’anii gara Waaqayyootti kadhannaa taasisan. Kana boodas
dhokatanii kawaala sanaa baqatanii gara kutaa bulchiinsa mootii Dirxaadis; Isa Armaaniyaa,
iddoo ija namaarraa fagaachuun gammoojjii keessa qubatan. Isaan wajjiin kan baqatan dhiirota
torbaatamii shanii (75)fi dubartoota soddomii sagali(39)turan. Waan nyaatan waan hin arganneef
rakkoo guddaa keessa turan. Haa ta’u malee,Waaqayyo ijoollee isaa hin dagatuutii, Isaan keessaa
meshaa ifaa hojjechuu kan beektu isheen tokko waan jirtuuf qarshii meeshaa ifaa sanarraa
argamuun xixinneessanii sooratu ture.
Mootichi Diyooqilixiyaanos Qulqulleettii Arseemaa barbaadee argachuu baatus biyya
Armaaniyaa akka jirtu waa’ee ishee dhagahe. Namoonni biyyichaatis Diyooqilixiyaanos jalaa
baddee kan dhufte waa’ee Qulqulleettii Arseemaa mooticha Armaaniyaa Dirxaadisitti himan.
Innis bulchiinsa isaa keessatti muudamaasaa kan ta’e tokkotti anaaf eegiitii naaf ergi jedhee
ajajeen. Achittis kana yemmuu dhagahan achiis baqatanii deeman. Namoonni isaan arganis
mootichaaf isaan saaxileessanii jennaan, mootichis kabajaan akka fidaniif tajaajiltoota isaa
ajajeen. Isheen garuu dhaquu dinnaan lafarra harkisanii mooticha bira ishee geessan. Mootichis
miidhaginaafi naatoo ishee ilaalee fedha fooniitiif waan hawweef qulqullummaa ishee xureessuu
barbaadee, Itti waamamtuu ishee Agaataan akka isaaf sossobdee tole jechisiistu ishee
ajaje.Qulqulleettii Agaataanis gara Qulqulleettii Arseemaa deemtee laphee ishee jabeessiteen,
akkanas jetteen, “beekkadhu! xuraa’aan amantaa hin qabne kun akka sin xureessinee fi
misirrummaa samiikee akka hin dhabne, kunis galannii fi ulfinni isaaf haa ta’uutii jiraataa Ilma
Waaqayyoo Kiristoosidha.” jetteen. Qulqulleettii Arseemaan tole jechuu dinnaan mootichis
humnaan qabee gara gola isaatti fudhachuuf durboota kanneen keessaa Qulqulleettii Arseemaa
qabe, yeroo sanattis Qulqulleettii Arseemaa irra humni Waaqayyoo waan buleef mooticha lafa
irratti isa diriirsite. Mootichis dirree waraanaa keessatti goota cimaa waan tureef durba daa’ima
tanaan waan moo’ameef baay’ee qaana’ee, leeyya’ee morma ishee seefidhaan akka irraa kutan
ajajee fi Itti waamamtuu ishee Agaataa , durbootaa fi qeerrota hundumaas akka ajjeesan ajaje.

2
Isaanis ajjeesuuf yommuu fuudhanii deemaa jiran, durboota qulqulloota kana keessaa isheen
tokko dhukkubsattee ciisaa turte, isheenis iyyuudhaan warroota ajjeesuuf deeman sana waamtee
anas akka obboleewwan kootii morma koo narraa kutaa jettee kadhatte, isaanis garaa laafina
tokko malee morma ishee irraa kutanii hundumtuu tokkummaan gonfoo kabaja wareegamummaa
fudhatan. Qeerrota Roomii isaan wajjiin dhufan sanas hundumaa ajjeesanii reeffa isaanitis gaara
gubbaatti gatan. Wareegamtoonni kun erga wareegamanii booda mooticha irratti Afuuronni
hamoon walga’an. Bifti namummaa isaatis badee akka karkarroo/booyyee ta’e.
Qulqulluun Gorgooriyoos gara isaa dhufee isaaf kadhatee fayyinaan, galanni isaaf haa ta’uutii
Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoositti ni amane. Sana boodas qaama kabajamaa wareegamtootaa
bakka gatamanii walitti sassaabee iddoo kabajamaa kaa’uudhaan Mana Kiristaanaa bareedaas
isaaniif ijaarsiseef. Isaan irraas dinqiiwwan gurguddaan ni rawwataman.
Bara ammaa kana keessa Wareegamtuu Qulqulleettii Arseemaan Ijoollee Ortodooksi
Tewaahidoo biratti caalaatti beekkamaa fi kabajamaa dhufteetti. Ijoolleen Tewaahidoo waa’ee
wareegamtuu durbee tanaa kaasanii kabajuun isaanii kan isaan galateeffachiisudha. Haa ta’u
malee waa’ee Kiristoosiif jettee wareegamummaan isheen kaffalte, qulqullummaa foon ishee
kabachiisuuf gidiraa isheen argite, shamarrummaan otuu ishee hin gowwoomsin gatiin isheen
amantaaf kaffalte, fooniin biyya lafaarra otuu jirtuu kan hojjette caalaa, firii wareegamummaan
buuste yaadachuun isheerraa barachuun, bara keessa jiran moo’achuu irra, yaadannoo
wareegamtuu kanaa gaa’ela addunyaa kanaa, jaalala foonii isaa yeroof qofa ta’eefi shakkii
seenaa ishee wajjiin deemuu hin dandeenye wajjiin wal qabsiisuun gaarii hin ta’u.
Dabalataaniis yeroo ammaa Fakkii wareegamtuu Qulqulleettii Arseemati jedhamee bal’inaan kan
beekkamu akkaataa seera fakkii Qulqulloota Amantaa Ortodooksi Tewaahidootiin fakkii
Qulqulleettii Baarbaaraati. Armaniyaatti, awwaala ishee irratti kan argamu isa gaditti agarsiifame
kana. Mana Kiristaanaa ishee Odola/lafa cittuu Xaanaa keessatti argamtu keessattis fakkii ishee
haala duudhaa Fakkiiwwan Itiyoophiyaatiin qophaa’e (Ethiopic Iconography) argachuun ni
danda’ama.

Fakki Qulqulleetti Arseemaa Mana Kiristaan Ortodoksii Armaaniyaati argamu.

3
Fakkii Qulqulleettii Baarbaaraa

Fakkii Awaala ishee irratti fakkii argamu

4
Walumaa galatti seenaan Wareegamtuu Qulqulleettii Arseemaa, kiristaanota addunyaa hunda
biratti kan beekkame, kabajaafi qulqullummaa wajjiin baay’isee kan wal qabate, wareegamtoota
dardarraniif fakkeenya guddaa kan ta’u, qulqullummaa ofii eeggachuun qorumsa guddaa kan ta’e
bara kana keessatti fakkeenya kan ta’uufi duris obboleewwan shamarranii fi haawwoliin keenya
waa’ee Kiristoosiif jecha gatii isaan kaffalan kan agarsiisu ta’uu isaatin guyyaa ayyaanaa ishees
afuura kanaan kabajuun barbaachisaadha.

Madda
 SINKISAARA FULBAANA 29
 Mil’uu D/n Daani’eel Kibret

You might also like