Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 1

Meseret Assignment

1 Akkuma dhala namaa, afaan isaa dhalachuu, guddachuufi du’uu danda’a. Dhalachuun afaanii
afaan duraan ture tokkorraa argamuu isaa yoo bu’uureffatu, ogbarruu garagaraa horachuun
hawaasa biratti beekamuun ammoo, guddachuu isaatiin wal-qabata. Yoo namni afaanichaan
afaan hiikkatu hinjirre ammoo, du’e jechuu dandeenya. Akka afaanii waan darbe tokko isa
ammaatiin wal-qabsiisee isa dhufuuf qopheessuu kan danda’u meeshaan biroo hin jiru Kanaafuu,
maalummaan afaanii daangaa, bakkaafi yeroo ce’ee deema jechuudha. Haata’u malee, aadaa
hawaasa itti fayyadamuu afaanii afaanitti adda addummaa agarsiisa.

2. Hayyoonni garee adda addaa yeroo garagaraa keessatti afaaniif hiika kennanii jiru __ kennaas
jiru. Afaan jireenya dhala namaa keessatti iddoo guddaa waan qabuuf, waa’een isaa daangaa
hubannoo namaatiin ol ta’uu mala. Hayyoonni xinqooqaa (linguists) sagalee dubbiirratti
xiyyeeffachuun, afaan kan dhalli namaa sagalee dubbii walitti qindeessuun ittiin waliigalu waan
ta’eef, meeshaa walta’iiti jedhu.

E Hayyoonni xinqooqa hawaasaa (sociolinguists) ammoo, afaan mallattoo eenyummaa hawaasa


tokkooti jedhu.

3.1 Jijjiiramni afaanii jijjiirama hawaasaa kan gama aadaa, amantii, dinagdeefi, siyaasaa
bu’uureffata.Akkuma dhala namaa, afaan isaa dhalachuu, guddachuufi du’uu danda’a.
Akkaasumas ogbarruu garagaraa ofitti fudhachuun dagaaguu fi isa darbe kan ammaatiin waliin-
qabsiisee isa dhufuuf kan qopheessu illee sadarkaa jijjiirama afaaniti. Ogbarruu garagaraa
horachuun hawaasa biratti beekamuun ammoo, guddachuu isaatiin wal-qabata.

You might also like