Barreeffama Qolichaa

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 1

Aboo! Dhiirummaan kilaashii asittii miti!

Kan qabannaan kilaashii irraa miidhagu, Yoo


dhukaasellee kan Simbira hin qolle abbaa qaba. Innis bosona beegiif gaara mul’ataa keessaa
kukuffisaa jira. Warri kaanis asuma bosona Mogor keessaa dhukaasa akka voolkaanootti
dhodhoosaa jiru. Yoo onnee qabaatte sin geessan jedheen. Waanuma hundaafuu of rukuttaa of
eeggadhu! jala deemtuu fi ergamtuu akka keetii kanatu shiftaa jedha malee Oromoon goota
jedheet waama jedheen itti dhaadadhe.
“Atillee kan jibbite jibbi malee ana garuu kan akka warra galtuu Sanaa sammuu koo boqonnaa
dhorku hin jiruum ” jedhe Firaa’ol. Warri galtuun tami isheen? Gaaffii kooti. “Sirumaa warra
galtuu hin beektuu? Biyya kana keessatti warra abbaa qabeenyaa, warra lafa gurguru, warra
nama gurguru, warra korojoo gurgur, warra waanuma gatii baasu hunda sharafatu hin beektuu?
Amma hoo siif hin gallee” jedhee kolfa qasa’e.

Nama haaloo hin baafanne, kan lammiif hin falmanne, kan goota hin jabeeffanne, kan abbaaf
maqaa hin baafne, kan seenaaf galmee hin saaqne goota kiyya jechuun qaanidha. Raammon
bokoktuyyuu lafee dugdaa hin qabdu, ol jettee hin adeemtu, jireenyi ishee dhagaadhuma jala
hiriyyaa mixiiti. Kurupheenis gosuma re’eeti garuu gola hin galtu, re’ees hin jedhamtu. Quuftus
beeloftus waraabessi yuusa hin dhiiftu maqaatu bineensa. Nyaattus dhiiftus harreen handhuura
hin qabdu quuftee hin galateeffattu, badhaadhinni isheen afarsitus tanaan wal hin caaltu jedheet
kikik-kik jedhee kolfe Jaal qabsoon.

>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>Kitaabicha keessaa kan fudhatame <<<<<<<<<<<<<<<<<<<<<<<<<<

Mana Maxxansaa Raajii: 0911802178

Fakkii qola kitaabichaa kan hojjate:

Gatiin Qar: 100

You might also like