Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 7

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!

 “Ammuma iyyuu laphee keessan guutuudhaan, soomaan, boo’ichaan,


gaddaanis, gara kootti deebi’aa!” Iyyu’el 2:12.

Amantaan dubbiin qofa kan ibsamu miti. Hojii gaariin itti dabalamuu qaba malee. Duuka Bu’aa
Yaaqoob “Amantiinis akkasuma hojii gaariidhaan hin agarsiifamu yoo ta’e, inni ofii isaatii du’aa
dha.” Yaaq 2:17 akkuma jedhe amantaan gocharraa adda bahe kan du’e dha. Kanaaf immoo
soomni fi kadhannaan iddoo guddaa kan qabanii fi kan gargar ba’uu hin dandeenyee dha.
Abbootni keenya inumaayyuu soomni fi kadhannaan walii obboleewwani jedhu.

Abbootni soomni kan eegalame yookaan Waaqayyo akka soomnuuf kan ilma namaa abboome
duruma yommuu nama uumee Gannata Eden keessa Addaamiin teessisee booda, ija mukicha
hamaa fi gaarii ittin beekan sana akka hin nyaanne yoo abboomu, iccitiin isaa soomi jechuu akka
ta’e ibsa. Nyaanni cubbuu hojjechuuf bu’uura akka ta’es nu hubachiisa. Uma 2:16. Kanaaf
midhaan maal rakkina qaba yoo nyaanne namoota jedhaniif ijji mukicha Addaam nyaate sunis
maal rakkina qaba ree jedhamee deebi’uu kan dandeessisuu dha. Haa ta’u malee Waaqayyo
abbommii uumaa fi uumamaa gidduu jiru ibsuuf nama jalqabaa kan ta’e Addaamiin abboome.

Soomni madaa lubbuus gogsiti, ni fayyistis jedhu. Isaanis mi’a lolaa diina keenya hamaa seexana
kan ittiin of irraa qolannuu dha. Kadhannaan immoo haasawa afuura nuti fi Waaqayyo giddutti
godhamuudha. Waaqayyotti kan garaa keenyaa itti himannuu fi kan ittiin galateeffannuu dha.
Hojiiwwan gurguddoo kana Kitaabni Qulqulluun yeroo baay’ee ibsee jira. Kunis jiruu fi jireenya
Kiristaana tokkoon gochawwan addaan hin baane dha. Soomni fi kadhannaan seera ittiin
raawwatamanis qabu. Maaliif akka raawwataman eessatti akka raawwatanii fi eenyu fa’aan akka
raawwataman adda ba’ee sirriitti ibsuun barbaachisaa dha. Egaa barreeffama kana keessaatti,
gaaffiiwwan hedduu sammuu keessan keessa deddeebi’aniif deebii ni argattu, ykn soomaa fi
kadhannaa ilaalchisee isuma beektan sana ni cimsattu jennee amanna. Akkuma mata duree irratti
ibsuuf yaalletti mata duree lamatti adda baasuudhaan tokkoon tokkon isaanii hiikaa fi yoom fa’a
raawwatamuu akka qaban gabaabsinee isiniif dhiyeessinee jirra. Waaqayyo laphee ittiin hubannu
nuuf haa kennu. Ameen!

Soomaa
Hiika jecha sooma jedhu kana yoo ilaallu dimshaashumatti waan lama of keessatti qabatee
argina. Inni tokkoo sa’aatii murtaa’e nyaataa fi gosa nyaata adda ta’e irraa of qusachuu, of
dhoowwuu dha. Kunis foon keenya dadhabsiisuudhaan fedhii foon keenyaa fedhii lubbuu
keenyaaf akka bitamu gochuu jechuu dha. Gosa nyaataa yeroo soomaa hin nyaatamne immoo
gosa foonii, hanqaaquu fi aannanii ti. Sababni isaas Faarsaan Daawwiit “Jilboonni(humni) koo
soomaan dadhabe, foon kootiis dhadhaa dhabuudhaan qallate(huqqate).” Far 10/109:24 waan
jedhuu fidha. Kunis gosa nyaataa qaama keenya haala gaaridhaan ijaaranii fi dallansanii gara
cubbuutti harkisan waan ta’aniif isaan nyaachuu irraa akka of qusannu hayyootni (abbootni
amantaa) 318 yaa’ii sadarkaa addunyaatti ta’etti duruma irraa iyyuu nuuf tumanii jiru. Sa’aatii
soomaan alatti immoo baatii soomaa keessa nyaatuma foonii fi aannanii ykn hanqaaquu hin ta’in
irrayyuu sa’aatii murtaa’eeef of qusachuun, dhoowwuun barbaachisaa dha.

Hiikni inni biraa ammo afaaniin badaa dubbachuurraa, ijaan badaa ilaalurraa, miilaan iddoo
gadhee oolurraa, guutummaa qaama keenya cubbuu irraa eegudha. Haa ta’u malee yoo soomnu
akka soomuun keenya nurratti beekamu taanee coolaguu hin qabnu. Bara araaraa keessatti,
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga lafa kana irra deddeebi’ee barsiisee, deebi’ees gara
mootummaa isaatti ol ba’e booda, Manni Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo isheen jalqabaa
dhiiga Gooftaan hundeeffamte akkuma taate Duuka Bu’ootni Gooftaas hoogganaa kan turan
waan taateef seera soomaa Duuka Bu’oota irraa argatte ni qabdi. Haaluma kanaanis amantaa
Ortodoksii Keessatti sooma bakka lamatti hirtee barsiisfti. Isaaniis sooma dhuunfa fi sooma
labsiiti.

Sooma  Dhuunfaa: Sooma Dhuunfaa yoo jennu namni tokko fedhii isaatiin osoo namni irratti
hin beekiin kan soomu, gaaffii qabus yookan immoo yaada adda ta’e kan sammuu isaa keessa
jiru kadhannaa wajjiin kan Gooftaaf dhiyeessu dha. Wangeela irrattis soomni dhuunfaa kun
akkasitti ibsamee jira

“Soomuu kee abbaa kee isa wanta dhoksaatti hojjetamu hunduma arguutti malee, namoota
duratti akka hin mul’anne taasisi! Abbaan kee inni wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argu
immoo gatii siif ni kenna” Maat 6:18

Sooma Labsii: Sooma Labsii yoo jennu kan kiristaanonni hundi irratti hirmaatan kan ifatti yoom
akka eegalamu, yoom akka xummaramus beekkamu, kan abbootni keenya tuman jechuudha.
kunis yeroo tokko gamtaan kan Amantaa Kiristaana Ortodoksii hordofu hundi kan irratti qooda
fudhatanii dha. Isaanis akka Amantaa Ortodoksiitti lakkoofsan torba(7). Tokkoon tokkoo isaanii
maaliif akka soomaman akka armaan gadiitti gabaabbatee dhiyaatee jira.

1. Sooma Guddicha Goofta Iyyasuus.

Soomni Kun Sooma Guddicha jedhamuunis ni beekama. Sooma kana Gooftaan keenya Iyyasuus
gadaamii (lafa onaa) Qorontoositti guyyaa afurtama waan soomeef isa fakkeenya
godhachuudhaan maatiin Waaqayyoo ni soomu. Maat 4:1. Kan soomamus qamni keenya akka
dadhabee hammeenya hin yaadnee fi hin hojjenne, sa’aatii murtaa’eef midhaan nyaachuu fi
bishaan dhuguurraa yoo ta’u, hanga baatiin soomaa sun raawwatutti foonii fi bu’aa foonii,
aannani fi hanqaaquu nyaachuun gonkuma dhoorkadha.

2. Sooma Duuka Bu’oota:

Kun immoo erga soomni Gooftaa hiikkatee booda guyyaa 50 barii irraa eegalee hanga Adoolessa
5 tti soomama. Sooma Waxabajjii jedhamees beekama. Duuka Bu’ootni Gooftaa erga Afuura
Qulqulluun fudhatanii booda gara wangeela lallabuu osoo hin deemin dura, Gooftaan akka
lallabbii wangeelaa isaanii eebbisuu fi isaan jajjabeessuuf kan soomaniidha. Qulqulluu
Phaawulosis “hojjetoota Waaqayyoo ta’uu keenyas agarsiisudhaaf baay’ee ni obsina, ni
rakkanna, gidiratti, muudamattis ni galla, ni reebamna, ni hidhamna, hirriba ni dhabna, ni
soomna” 2Qor 6:4 jedheera.

3. Sooma Filchataa (Maariyaamii):

 Soomni kun Giiftiin  keenya dubroo Maariyaamin akkuma ilma ishii du’aa kaatee
Iyyaruusaalem ishee haaraa galte jennee amanna kanaaf soomna. Fakkeenya Iyyaruusaaleem
ishee haaraa kan godhannus kanaafidha.

Kan soomamus yeroo mara Hagayya 1 hanga Hagayya 15 yoo ta’u Hagayya 16 immoo soomichi
ni hiikkata. Dubroo Maariyaamiin kan booqatte Amajjii 21 yoo ta’u Duuka Bu’ootni gara
Geetesemaanii foon ishee awwaaluu yoo deeman Yihudoonni itti inaafanii addan bittinsan.
Yeroo kana Ergamoonni foon dubrooMaariyaamii fuudhanii gara balbala jennata jala teessisan.
Baatii 8 booda Duuka Bu’ootni Waaqayyoon kadhatanii akkamitti osoo foon ishii hin awwaaliin
jedhanii baaayyee xiiqa’anii(inaafanii) kadhaatan. Yemmus Gooftaan kadhannaa isaanii
dhagahee, foon ishee balbaala jeennataa jala jiru sana kenneefii kabajaanii fi kadhaadhaan
awwaalan.

Sirna awwaalaa sana irratti Duuka Bu’oota 12 keessaa Toomaas wangeela lallabuu waan
deemeef hin turre. Toomaas Wangeela lallabee yommuu deebi’u, isheen immoo akkuma ilma
ishii erga awwaalamtee, guyyaa sadi booda du’aa kaatee yoo ol baatu innii immoo wangeela
lallabee gara Iyyaruusalemitti duumessa yaabbatee yoo dhufu karaatti walitti dhufan. Ol ba’uu
ishee Duuka Bu’ootni biroo quba hin qaban ture. Innis yeroo duuka bu’oota bira ga’u dubroo
Maariyaamiin akkam taate jedhee isaan gaafannaan “Bar awwaalle” jedhanii itti himani.

Toomasis lakki anis waanuma keessan dhagahuuf malee du’aa kaatee yeroo ol baatu arge jedhee
itti hime. Kafanichas itti agarsiise. Waggaatti immoo isaanis du’aa ka’uu ishee Toomas argee nu
qofaosoo hin argin hafne jechuudhaan soomaa torban lamaa qabatan. Isaanis eeyyama Waaqaa
ta’ee du’aa ka’uu ishee guyyaa 16 irratti yeroo lammataaf akka haaraatti ni argan. Sanarraa kan
ka’e hanga ammaatti Manni Kiristaanaa keenya hordoftoonni amantaa Ortodoksii akka sooman
ni ajajji.

4. Sooma Gannaa(Raajotaa): Soomni kun Sadaasa 15 kan eegalu yoo ta’u hanga Muddee 28/29
(hanga guyyaa Iyyasuus Kiristoos dhalatutti soomama). Sababni isaas raajootni Gooftaa
Iyyasuus ni dhalata jedhanii hawwii guddaadhaan kan eegaa turan waan ta’eef Gooftaa Sooman
ofitti fudhachuu qabna jechuudhaan kan soomamuudha.

5. Sooma Gaadii (Ifa ba’uu): Soomana kana jala bultii guyyaa cuuphaati soomna. kunis ifa ba’uu
gooftaa ibsuuf yookan yaadachuuf. Guyyaa tokko qofa soomama. Namoonni sooma gannaa osoo
hin soomin hafanis ammo guyyaa tokko jalabultii gannaa gaadi jedhanii ni soomu.

6. Sooma Nanawee:  Soomni kunis guyyaa sadi kan soomamu yoo ta’u, akka seenaan isaa
kitaaba qulqulluu irratti barraa’etti biyya Nanawee jedhamtu cubbuun namootaa bay’achuu irraa
kan ka’e ibiddi balleessuuf kaanaan Waaqayyoon raajii Yoonaas ergee akka guyyaa sadii fi
halkan sadi mootii fi lowwan dabalate akka soomanii waaqayyo araara gaafatan kan itti godhame
(Yonas 2:7) .Waaqa kadhatan godhee nutis isa yaadachuuf ni soomna.

 7. Sooma Fayyinaa (Roobii fi Jimaataa): kun immoo guyyoota ayyaana 50 irraa kan hafe, ji’a
hunda keessa guyyaa Jimaataa fi Roobii ni soomama, sababni isaas Roobiin guyyaa gooftaa
Iyyasuus itti qabame yoo ta’u, Jimaatni ammo guyyaa inni itti fannifame waan ta’uuf  sana
yaadachuuf soomna.

Egaa soomni Amantaa Ortodoksii keessatti soomamu torban kan arman olitti ibsamaniidha.
Soomni lubbuuf qofa osoo hin taane, fooniifis faayidaa guddaa akka qabu saayintistoonni yeroo
ammaa baldhinaan himaa jiru. Fakkeenyaaf dhibeewwan yeroo amma baay’ee nama rakkisan,
kan akka baay’achuu dhiigaa fi kaansariin, baay’ina nyaata irraa waan dhufaniif foon keenyas
yoo soomne mardhimaan keenyas boqonna waan argatuuf dhibeedhaan hin hubamnu. Umurii
dheeraa jiraachuufis soomni iddoo guddaa akka qabu ni himama. Mana Kiristaanaa Ortodoksii
warra bahaattis soomni kabajamaa fi jaallatamaadha.

Akkamitti soomama?

“Yeroo dhuma soomtanitti immoo akka warra of agarsiiftuu,nyaara keessan hin guurinaa, isaan
soomuun isaanii namootatti akka muldhatutti fuula isaanii ni boosomsu. Ati garuu yeroodhuma
soomtutti,mataa kee dibadhu,fuula kees dhiqadhu” (Mat 6:16-17)

Baatii soomaa keessa kan hidhame gadhiisisuu, kan dhukkubsatee siree irra jiruus gaafachuu,
Waaqa kadhachuufiin barbaachisaa dha. Ammas sooma yoo jennu, Afaan keenya badaa
dubbachuu irraa, ijji keenya yaraa ilaaluu irraa, miilli keenya bakka gadhee ooluu irraa, harki
keenya dhiiga dhangalaasuu irraa fi hojiiwwan jibbaman hunda irraa of qusachuu jechuudha.
“Soomiin ani foo’adhe, warra murtii jal’aadhan hidhaman hiikuu, hudhaa wanjoo itti furuu,
Warra cunqurfaman luba baasuu, waanjoo hundumas isaan irraa caccabsuu mitii ree? Buddeena
keessan warra beela’aniif,  hiyyeessa olii fi gadi jooruuf iddoo bultii kennuu, isa qullaa ta’e
yemmuu argitan daara baasuu, warra aantii keessan ta’anitti dugda gatuu dhiisuu mitii ree? Yoo
kana hunduma gootaniif ifni keessan akka biiftuu ganamaa ol ni ba’a.Madaan keessanis dafee
deebi’ee ni fayya."(Macaafa Isaayyas Raajichaa 58:6)

Kadhaannaa

Kadhannaa fi soomni oboleewwan waliiti, jedhu abbootni keenya. Akkuma kanaa olitti ibsine.
Kadhannaan haasawaa nuti Waaqayyoon waliin taasifnuudha. Waan garaan keenya barbaadus
kan Waaqatti himannee irraa argannuudha. Kadhannaan akka Ortodoksii Tawaahidootti seeraa fi
sa’aatii itti kadhatmus qaba. Kadhannaan yeroo hunda dursee galataan jalqabamuuu qaba. Dursa
kan hardhaan si ga’e galateeffattee, Waaqayyoof galata dhiyeessuu qabda. Sana booda araara
kadhatta, dabalataanis obboleewwaniif, biyyaaf akkasumas namoota kadhannaa keessaniin nu
yaadadhaa jedhan hunda yaadachuun barbaachisaa dha.

Kadhannaa keenya yeroo hundaas akkuma Gooftaa Iyyasuus nu


barsiise kadhannaa Abbaa keenya samiirra kan jiraattu isa jedhu sanaan jalqabamee isaan
xumurra. Isas yeroo hunda irra deddeebine kadhachuu qabna. (Mat 6:9),(Luq 11:2).

Sa’aatii kadhannaa.

Namni yeroo hunda sa’aatii 24 akka Waaqayyoon yaadachuun barbaachisaadha. Haa ta’u malee
kana gochuun namootaaf waan ulfaatuf, akkuma humna isaanitti galateeffatu. Fakkeenyaaf
gadaamii keessatti sa’aatii 24 abbootni galateeffatan ni jiru. Seerri abbootni barreessan immoo
akka jedhu: namni danda’u guyyaa keesatti sa’aatii 24 ykn guyyatti yeroo torba ykn yeroo sadi
yoo gamteef immoo guyyatti yeroo tokko dheeressee Waaqayyoon kadhachuu akka qabu seerri
tumameera.

Mee kadhata sa’aatii bakka torbatti adda qoodame haa ilaallu. Maaliif saa’atii sanatti akka
kadhatamus haa hubannu.

1. Barraaqa: Yoo hirriibaa kaanu, sa’aatii Gooftaan himatamee Philaaxoos fuuldura dhaabbatee
(Mat 27:1) waan ta’eef, waan nagaan nu bulcheef fi kan biroos jiru.

2. Sa’aatii 3itti: Gooftaan Philaaxoos fuulduratti kan reebame (Yoh 19:1) waan ta’eef isa
yaadachaa kadhachuu qabna

3. Sa’aatii Jahatti: Sa’aatii Gooftaa Iyyasuus itti fannisanii waynii hadhaawaa obaasanii dha
(Yoh 19:14)

4. Sa’aatii Sagalitti: Gooftan lubbuu isaa fooniin kan adda baasedha. Sa’aatii itti fannoo irratti
du’e dha. (Mat 27:46)

5. Sa’aatii 11 itti: Kun sa’aatii foon Gooftaa Iyyasuus gara boolla awwaalaa itti seene dha. (Mat
27:57)
6. Galagala sa’aatii hirribaa: (Gooftaa Iyyasuus Geetesemaniitii kan itti kadhatee dha,
Yihudoonnis gara Yihuudaatiin qabaniiru (Mat 26:38)

7. Halkan qixxee: (Hojii duuka bu’ootaa (Mat 16:25) Kun sa’aatii gooftaan itti dhalate, du’aa
sa’aatii itti ka’ee fi ardii fi samii dabarsuuf sa’aatii itti deebisee dhufu dha waan ta’eef sa’aatii
kanatti kadhachuun barbaachisaa dha. Faarsaa Daawitis “Halkan maqaa kee nan yaadadha” jedha
Far (119:55)

Namni kana godhuu dadhabe garuu guyyatti yeroo sadi: ganama yoo hirriibaa ka’u guyyaa
sa’aatii jahattii fi galgala hirribarratti tti Waaqayyo yaadachuun barbaachisaadha

Amms namni kana gochuu dadhabe yoo dhoowwe guyyatti yeroo tokko galgala ykn ganama
yeroo tokko bataskaana dhaqee kadhachuun bartbaachisaa akka ta’e seerri tumamee jira.

Gamtaadhaan immoo kadhaa qiddaasee irratti, kadhaa irratti ganama barraaqa kidaanii(Waadaa),
kadhaa gara galgalaa irratti(serk), kadhaa halkan guutuu(Mahleet), kadhaa
yeroowwanii(Se’ataat) hirmaachuun barbaachisaadha. Manni amantaa Ortodoksii kadhaa nama
du’ee iratti godhamu, kadhaa namoota dhibamanii,kadhaa takliilii fi kan biros ni qabdi.

Yeroo maaddiin dhihaatees, eega maaddiin kaa’ees boodaa kiristaanni akka Waaqayyoof galata
dhiheessu ajajameera. 

Kitaabota kadhaaf nu gargaaran keessaa faarfannaa Daawiit, galata Mariyaam Malkaa Iyysessu fi
Malkaa Maariyaamitti akkasuma kan birootti fayyadamuu qabna.

Torbanitti dilbata ganama Qiddaase dhaquun dirqama dha.Mana keenya irras bataskaana
dhaqnee kadhachuu qabna malee jecha dadhabdootaa qabannee  siree irrattis Waaqayyo nu
dhagaha jechuudhaan hojii hafuuraa irratti dadhabaa ta’uu hin qabnu.

Guduunfaa

Barreefama kana Keessatti waa’ee soomaa fi kadhannaa baay’ee gabaabsineet dhiheessine malee
waa baa’yee kaasuun ni danda’ama.Ka’uumsaaf garuu bu’uurri jiru kanuma.Fakkeenyaaf waa’ee
sooma habaaboo(Tsiggee) hin kaafne,inni abboomamee osoo hin taane,fedhii ofiitiin kan
soomamuu dha.Waa’ee akkanaa kana immoo baatii isaa eeggannee dhiheessina.Dubbisaa
,jechootni dogongora qaban yoo jiraatan nu hoofkalchaa, ergaadhaan dafnee akka sirreessinu nuti
himaa.Hunduma ol immoo kadhaa keessaniin nu yaada dhaa.Kakaasee kan nu
jalqabsiise,jalqabsiisee kan nu xumursiise,maqaan gooftaa Iyyasuus haa ulfaatu.Kadhaan haadha
keenyaa fi qulqulloota hundaa nu faana haa ta’u.Ameen!

You might also like