Professional Documents
Culture Documents
Qajeelfama Mirkaneessa Dizaayinii Konstraakshinii-1
Qajeelfama Mirkaneessa Dizaayinii Konstraakshinii-1
Onk- 2012
Finfinnee
Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii
Seensa
Angoo fi gahee hojii Abbaa Taayitaa Konstrakshinii Oroomiyaatiif kenname hojii itti
hiikuu fi industrii konistiraakshinii naannicha keessatti gaggeefamu hogganuuf
dambii fi qajeelfamoota adda addaa baasuu fi hojii irra oolchuun barbaachisaa ta’ee
waan argameef.
Buu’uura angoo fi gahee hojii Abbaa Taayitaa Konstraakshinii Labsii Lakk 213/2011
keewwata 38(5,6,17 fi 25) aangoo fi gahee hojii isaa murteesuuf bahe irratti
hundaa’uun qajeelfamni kanatti aanu bahee jira.
KUTAA TOKKO
Tumaalee Waliigalaa
1. Mata Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun “Qajeelfama Sirna Qorannoo fi Qophii Dizaayinii Pirojektoota
Konstraakshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk 4/2012” jedhamee
waamamuu ni danda’a.
2. Hiika Jechootaa
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee qajeelfama kana
keessatti:
1. “Abbaa Taayitaa” jechuun Abbaa Taayitaa Konstraaksahinii fi Caasaalee isaa
sadarkaa sadrkaan jiran jechuu dha.
2. ”Abbaa Pirojektii” : jechuun nama dhuunfaa yookiin Qamaa Mootummaa
Naannichaa yookiin dhaabbata mit-mootummaa baajata ramaduun Bittaa
Tajaajila Gorsaa fi hojii Konistiraakshinii abbummaan raawwwatu fi sanada
Waliigaltee keessatti “Hojjachiisaa” jedhamee kan beekamuu dha,
3. ”Afaala” : jechuun , qaama gamoo ta’ee dhaabbii lamaan gidduutti kan
hojetamu diriiraa meeshaa fi lubbuu qabeeyyii baachuu kan danda’u/Floor/
jechuu dha.
4. Afaala Qooxii(mezzanine): jechuun olfageeny afaala tokkoo keessa kan jiru fi
afaala bal’inni isaa dhibeentaa afurtama hin caallle afaala qabun jechuudha.
5. ”Bishaan Dhugatii”: jechuun bishaan tajaajila dhugaatii namaa,beeyladaa,fi
tajaajila namaaf barbaachisu fi akkaataa staandardii WHOtti qulqulinaa isaa
kan eeggate jechuu dha.
6. ”Boolla Bishaanii”: jechuun boolla tajaajila adda addaatiif meeshaalee(Ring)
fayyadamuudhaan bishaan lafa keessaa baasuu yookiin qaamole bishaan
daddabarsan lafa keessaa galchuudhaan boolla qotamu jechuudha.
7. ”Bo’oo Lolaa” (ditch): gosa ijaarsaa yaa’a bishaanitiif qarqara daandiitti yookin
qarqara ijaarsatti ijaaramu yookin yaa’a bishaan haftee jalisiif dhagaa yokiin
konkriitii irraa ijaaramuu danda’u dha.
Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 2
Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii
8. ”Daandii”: daandii jechuun ijaarsa iddoo lamaa fi isaa ol walqunnamsiisuu
danda’u kan konkolaattoni irra deddebi’uu danda’anii fi akkaatuma ijaarsa
isaatin daandii koobilistoonii ,daandii cirrachaa fi daandii asphaaltii
jedhamuu dhanda’a.
9. “Darbii ”: jechuun kutaa gamoo ta’ee afaala lama giduu yookiin hojjaa afaala
fi dimdimoo yookin tishoo gidduu jiru jechuu dha.
10. “Dizaayinii”: jechuun sanada pilaanii, gosa, bal’inaa fi hanga ijaarsaa,
galteewwanii fi hojimaata ijaarsaa agarsiisuu fi akka bu’uuraatti fayyadu yoo
ta’u, wixineewwan fakkasa yookiin moodeloota arkitakcharaa, istiraakcharaa,
elektiriikaa, mekaanikaalaa, saanitarii, haydirolikaalii, ittisa balaa ibiddaa fi
kan kana fakkaatan hammachuu ni danda’a.
11. “Fooyya’iinsa Dizaayinii ”: jechuun dizaayinii duraan mirkanaa’e gartokkeen
jiiruu,dabaluu yookiin yir’isuu jechuudha.
12. “Gamoo”: jechuun mana jireenyaaf, mana hojiif, waarshaaf, yookiin tajaajiloota
biroo kamiifiyyuu kan oolu ijaarsa dhaabbii yookiin kan yeroo jechuu dha.
13. “Gamoo Ramaddii A”: jechuun fageenya yookiin ball’ina utubaawwan
konkiriitii yookiin sibiilaa yookiin kan biroo lama gidduu jiru meetira 7 fi isaa
gadi yookiin gamoo abbaa darbii lamaa gadii mana jireenya dhuunfaa
kamiyyuu kan ta’e jechuudha.
14. “ Gamoo Ramaddii B”: jechuun fagenya yookiin ball’ina utubaawan konkiriitii
yookiin sibiilaa kan biroo lama gidduu jiru meetira 7 ol kan ta’e yookiin gamoo
abbaa darbii lamaa fi ol kan ta’ee fi gamoo ramaddii “C” jalatti kan hin
hammatamne yookiin ramaddii “A” jalatti kan ramadame misooma manneenii
kanneen akka ’Real state’ jechuu dha.
15. “Gamoo Ramaddii C”: jechuun gamoo tajaajila uummataatiif oolu yookiin
gamoo dhabbataa ta’ee warshaa, workishooppii yookiin lafa irraa hanga
darbbii dhumaatti kan dheerinni isaa meetra 12 oli ta’e gamoo kamiiyyuu
jechuu dha.
16. Heeyama Ijaarsaa: jechuun qaamnni yookiin dhaabatnni ijaarsa gamoo
gaggeessuuf batbaadu tokko ulaagaalee ijaarsa gamootiif barbaachisan
guutuun qamaa gamichi akka ijaaramu heyyamuuf aangoo qabutti ragaa
gamachi dhiyeessun heyyam kennamu jechuu dha.
Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 3
Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii
17. ”Hidha”: jechuun ijaarsa laga irratti ijaaramu fi bishaan lagaa dhaabuun
tajaajila bishaan dhugaatii,jallisii fi madda humna ibsaatiif
oolchuuf,meshaalee filatamoo naannoo irratti argamaniin yookiin dhagaan
yookiin ‘concrete’n kan ijaaramu jechuudha.
18. ”Ijaarsa Ittisaa”:- jechuun gosa ijaarsaa sigiga lafaa, foxoqii’insa lafaa fi lolaa
ittisuuf dhagaa, koonkritii, kan biroo irraa ijaaramu kan danda’u jechuudha.
19. Ijaarsa Heroo: jechuun ijaarsa gamoo, hojiiwwan bishaanii fi daanddii ta’ee
yeroo murtaa’eef lafa bakka heyyamameefii irratti ijaaramee kan diigamu
jechuudha.
20. ”Jallisii”:- jechuun ijaarsa madda bishaanii laga,burqaa,lolaa fi bishaan lafa
keessaa gara lafa misoomaa qonnaaf oolutti dhiyeessuu jechuu dha.
21. “Labsii”:- jechuun Labsii aangoo fi gahee hojii Abbaa Taayitaa konsitrakshinii
Mootummaa naannoo Oromiyaa murtessuf bayee Lakk 213/2011 jechuu dha.
22. Mada Bishaanii: jechuun bishaan tajajila dhugaatiif, jallisiif fi humna
ibasaatiif lafa irraa yookiin lafa keessaa kan maddu jechuu dha.
23. ”Mirkaneessuu”:- jechuun Abbaan Taaytichaa, Dizzaayinii ijaarsa
pirojektotaatiin walqabatan yookiin gaaffiiwwan iyyataan dhiyaatan
ilaalchisee, sanadaa fi ragaa abbaa pirojektii irraa dhiyaatu sakatta’uudhaan,
istaandaardoota, koodota, seerotaa fi sadarkaalee bittaa konistiraakshinii
waliin kan walsimatu, fedhii fi faayidaa ummataa fi mootummaa naannichaa
kan eegsisu ta’uu isaa yoo murteesse, gaafiin dhiyaate fudhtama argachuu fi
hayyamamuu isaa barreeffamaan ibsuudhaan mallattoo ogeessotaa fi
daarikteera dhimmi dhimmi ilaallatuu fi chaappaa Abbaan Taaytichaatiin
raggaasisuu dha.
24. “Pilaanii”:- jechuun ragaa hanga gamoo tokkoo, akaakuu fi ballina,
akkasumas meeshaa fi dizayinii tooftaa ijaarsaa gamoo agarsiisu yookiin
moodela yoo ta’u arkiteekicharii, istiraakicharii, saanitarii, elektiriika,
mekaanikaala ta’ee ittisa balaa ibiddaa fi hojiilee dizaayiini biroo ni dabalata.
25. ”Pilaanii haadhoo”: jechuun pilanii itti fayyadamaa fi sadarkaa lafa magaala
kan ibsu jechuu dha.
26. ”Pilaanii Iddoo” : jechuun iddoo yookiin bakka qabiyyee nama tokkoo fi
yookiin dhaabbata tokkoof kenname kan ibsu jechuu dha.
Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 4
Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii
27. ”Pirojektii”:- jechuun hojii ijaarsa kan calqabaa fi xumura qabu baajata
murtaa’adhaan iddoo murtaa’atti faayidaa murtaa’e tokkoof kan ijaaramu
jedhuudha.
28. ”Qaama Bakka Bu’e”:- jechuun labsii, dambiii fi qajeelfama Abbaa Taayitaa
raawwachiiisuuf dhaabbata yookiin qaama bakka bu’e jechuu dha.
29. ”Qorannoo”:- jechuun galteewwan ijaarsa pirojektiitiif oolan guuruun
bu’uuraLabsiiwwan,istaandaarddootaa fi manuwaalota irratti hundaa’uun
raagaa fi odeeffannoo guuruu fi xiinxaluudhaan gabaasa yaada murteef
gargaaru dhiyeessuu jechuu dha.
30. “Riil Isteetii”:- jechuun gamoowwan gurgurtaaf yookiin kiraadhaaf yookiin
tajaajila liiziitiif oolan bu’uraalee misoomaa barbaachisaa ta’an wajjiin iddoo
muraa’e tokkotti kan ijaaraman jechuu dha.
31. ”Riqicha”:- jechuun qaama ijaarsaa iddoo bishaanii yookin yaa’a lagaati fi lafa
sulula ta’e ce’uudhaaf gargaaru kan dheerinaa (span length) meetira jaha ol fi
bal’ina mataa isaa kan qabu jechuu dha.
32. “Sanada” jechuun qorannoo pirojektii yookiin dizaayinii ijaarsaan walqabatee
ragaa barbaachisaa ta’e yookiin pilaani qophaa’e, tilmaama gatii yookiin
ragaa dhimma teeknikaa kamiiyyuu kan ibsu jechuu dha.
33. “Waligaltee Pilaanii”:- jechuun ragaa ijaarsa gamootiif qophaa’u ta’ee pilanii
magaalaa waliin kan walsimu ta’uu isaa mirkaneessuuf hanaga yookiin
bal’ina karoorfame kan agarsiisu jechuu dha.
3. Daangaa Raawwatinsaa
Qajeelfamni kun,
1. Abbootii pirojektii, kontraakteroota, gorsitoota, ogeessota, dhiyeessitootaaa
fi dhaabbilee hojii qorannoo fi dizaayini ijaarsa pirojektota naannicha
keessatti bobba’an irratti raawwatiinsa ni qabaata.
2. Pirojektootaa konistiraakshinii baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin,
maallaqa hirmaannaa uummatatiin, maallaqa deegarsa feederaalaatiin fi
maallaqa deegarsa biyya alatiin hojetaman hunda irratti raawwatiinsa ni
qabaata.
KUTAA LAMA
Mirkaneessa Qorannoo fi Dizaayinii Pirojektoota Gamoo
5. Qorannoo Bu’a-Qabeessummaa Piroojektootaa Gamoo
1. Abbaan pirojektii kamiyyuu qorannoo bu’a qabeessummaa yeroo gaggeessu
akkaataa armaan gadiitiin qopheessuu qaba;
a) Abbaan pirojektii ijaarsa pirojektoota mootummaa gaggeessu hojii qorannoo
pirojektchaatti osoo hin seenin abbuurraa (TOR) istaandaarddii isaa eegate
akkaataa karooraatiin abbaa taayitichaaf dhiyessee mirkaneessuu qaba.
b) Qaamni qorannoo geggeessu kamiyyuu kutaa hawaasa koorniyaadhaan osoo
adda hin qodiin, qaama miidhamtoota, jaarsolii fi abbootii amantaa dabalatee
naannoo ijaarsi piroojektichaa itti geggeefamuu yoo xiqqaate marsaa tokkof
hirmaachisuu fi mariisisuu qaba.
c) Akkaataa kewwata kana kewwata xiqqaa (b) jalatti eerameen bu’aa
qabeessummaa fi akkaataa barbaachisummaa isaatiin sadarkeessuun
piroojektiin dursi kennameef adda bahee qaama qorateen ulaagaa baraachisoo
ta’an irratti hundaa’ee dhiyaachuu qaba.
d) Akkaata keewwata kana kewwata xiqqaa (b) fi (c) tiin qorannoon bu’a
qabeessumma piroojektii yoo hin dhiyaanne qoranichi mirkanaa’ee sadarkaa
qophii dizaayiniitti hin ce’u.
2. Abbaan pirojektii kamiyyuu osoo dizzaayinii hin qopheessin dura akkaataa
barbaachisummaa isaatti sakatta’iinsa dhiibbaa naannoo buu’ura armaan gadiitti
ibsameen Abbaa Taayitaaf dhiyeessuu qaba.
a) Qorannoon sakatta’insa dhiibbaa naannoo labsii eegumsa naannoo 295/2002,
299/2002, 300/2002, 513/2007 fi qajeeltoo sakatta’insa dhiibbaa naannoo
(EIA Guide lines) (may 2000 EIA procedural guidlines Nov 2003), pilanii
manajimentii kunuunsa naannoo eeggateen haala guutuu ta’een dhiyaachuu
qaba.
b) Keewwata kana keewwata xiqqaa (a) jalatti kan eerame akkuma jirutti ta’ee
qaamni yookin dhaabbani qorannoo gaggeessu kamiyyuu qaama seera
qabeessa fi muuxannoo gahaa ta’ee kan qabu ta’uu qaba.
dhiyaachuu qaba.
3. Kan kewwata kana kewwata xiqqaa 2(f) jalatti akkaataa ibsameen tilmamni gatii
proojektii gatiiwwaan ramaddii gamoo lamaaf taa’e gidduu yoo ta’u baay’inni
wabii inshuransiin kan herreegamu isa olaanaa safara dhibbentaa
madaaluun gatii proojeektichaatti bay’iisuudhaan ta’a.
14. Tilmaamnni gatii ijaarsa afaala (floor in m2) gamoo tokkoo kan shallagamu,
qorannoo gatii ijaarsa wayitawaa ta‘ee naannoo ijaarsichi keessatti gagefamu fi
ramaddii gamoo irratti kan hundaa’e yoo ta’u kunis kan qoratamee dhiyaatu
Abbaa Taayitaa yookiin qaama bakka bu’een ta’a.
15. Pilaanii gamoo walfaakaata lamaa fi isaa oliif kafaltii gamaaggama pilaanii kan
shallagamu, gatii ijraarsa gamoo tokkoo fudhachuun fi gatii ijaarsa walii gala
gosoota pilaanii kanneen biroo dhibbantaa kudhan (10%) irratti ida’uudhaan
ta’a.
16. Pilaanoota kufaa ta’aniif irra deebi’iin sirreeffamee mirkanaa’uuf kan dhiyaate
yoo ta’e kaffaltiin gamaaggama pilaanii
a) Gamoo ramaddii ‘A’ tiif kaffaltii duraan kafalame walakkaa (50%) isaa.
b) Gamoo ramaddii ‘B’ fi ‘C’ tiif kaffaltii duraan kafalame dhibbantaa digdami
shan (25%) ta’a.
Giddu- Osoo afaalli lafaa gad jiru hin lakaa’amiin Gamoo mana Waggaa 3
galeessa jireenya baaqqee kan afaala afurii (4) fi isaa gad ta’aniif
ol yoo ta’e
5. Mana kitaabaa fi galma waliigalaa ta’ee namoota 500
fi isaa ol qabachuu kan danda’u yoo ta’e
6. Dirree ispoortii fi giduugalaa namoota hanga 500 fi
isaa ol qaabaachuu kan danda’u yoo ta’e
7. Dhaabilee kuusaa, oomishaa xixiqaa fi gidduugalaa
ta’aniif
8. Dhabbilee buufata geejjibaa sadarkaa addunyaatii
yookiinn biyoolessaatti yookiin magaalaatti kanneen
ijaaramniif
9. Dhaabbilee dipilomaasiitiif
10. Sadarkaa ijaarsota gad’aanaa fi gidduugalessaa
kanneen armaan olitti ibsaman alatti jiraniif
KUTAA SADI
KUTAA- AFUR
e) Manuwaalii yookin
Agarsiistuu kallatti yookin
ulaagaa qorannoo bishaan
dhugaatii akka biyya
keenyaatti beekamtii qaban.
d) MOA-AGP-CU-2013
KUTAA SHAN
Gahee Hojii Abbaa Taayitaa fi Caasaalee Isaa
25. Akkaata JBAHs irra deebi’iin (recalibrated) qoratamee mirkanaa’een, Gaheen hojii
Abaa Taayitaa fi caasaalee jala jiranif hojiiwaan gamagama, mirkaneessa dizayinii
fi kenninsa heyyam ijaasa bu’uura gabatee armaan gidii keessattii tarreefameen
kan raawatamu ta’a.
1. Mirkaneessa Dizaayinii Pirojektoota Ijaarsaa Gamootiif
KUTAA JAHA
Bulchiinsa Adabbii
26. Adabbii Gorsaa fi Ogeessa Dizaayinii qopheessu
1. Dhaabbanni yookiin gorsaan diizayinii ijaarsaa qopheessu akkaataa labsii,
dambii, qajeelfamaa, istaandaardii fi koodii ijaarsaa fi haala qabatamaa iddoo
ijaarsi itti geggeeffamu giddu galeessa godhatee qulqullinaa fi gatii ijaarsaa
madaalawaan osoo hojjechuu danda’uu maal na dhibdeen fi xiyyeeffannoo
malee yoo qopheessee argame adabbiin armaan gadii kan irratti raawwatu ta’a.
Lakk. Gosa badii Gosa adabbii
1 Dizaayini abbaa dhimaatiin dheyaatee
gamagamamee akka sirraa’uuf yaada sirreefama Of-eggannoo afaanii
xalaayaadhaan kennameef yeroo laatameef
dabarsee yoo dhiyeesse
2 Dizayinii gamagamameef yaada sirreefamaa
xalayaadhaan gorsaaf kenname osoo hin sirratiin Of-eggannoo Barreefamaa
yoo deebi’e.
3 Dhaabatni yookiin qaamnni dizayinii qopheessuu Heyyamni gorsaa ji’a jahaa hanga
kamiyyuu labsii,dambbii, qajeelfama, istaandaardii waggaa tokkoo kan hin
fi koodii ijaarsa osoo hin eegin qopheessee yoo haaromsimne ta’a
dhiyeesse
4 Diizayinii gorsaan qophaa’u haala qabatamaa iddoo
hojichaa giddu galeessa kan hin godhannee fi Heyyamni gorsaa waggaa tokkoo
waraabbii diizayinii iddoo biraa ta’ee yoo argamee fi hanga waggaa lamaatti kan hin
kan lakk 3 jalatti ibsame irra deebin yoo balleesse haaromsimne ta’a.
5 Oggeessi dhaabbata gorsaa jalatti diizayinii Heyyamni mirkaneessa ogummaa
2. Keewwata 5(4) kan kutaa 2 jalatti eerame akkuma jirutti ta’ee qaamni yookiin
dhaabbatni qorannoo piroojektootaa ijaarsaa karaa guutuu fi qulqullina
qabuun osoo hin hojjeetiin hafuu irraa kan ka’e miidhaa hawaasa- dinaagdee
irratti dhufuuf kan itti gaafatamu ta’a.
3. Adabbii Ogeessa Dizaayinii gamagamee mirkaneessu
a) Ogeessi abbaa taayitaa yookin qaamni bakka bu’e diizayinii gorsaan
hojjetamee dhiyaatu yeroo kennameef keessatti akkaataa dambii labsii,
qajeelfama, koodii, maanuwaalii fi istaandaardii jiruun gamaggamee yoo
mirkaneessuu baate bu’uura qajeelfama bulchiinsa hojjettoota
mootummaatiin gosoota adabbii 1-6 tiin akkaataa ulfaatina badii uumetiin
kan adabamu ta’a.
b) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 fi 2 jalatti eerame akkuma jirutti ta’ee
aakkaata gad fageenyaa fi ulfaatina miidhaa qaqqabuu danda’un qaamni
yookiin ogeessi yookiin gorsaan badii armaan olii kana dalagee argame
gama seeratiinis kan itti gaafatamu ta’a.
Unka 002
Kanaaf gaaffiin koo kun ilaalamee waligalteen pilaanii akka naaf kennamu gaafachaa ragaan ani kenne kun sirrii fi
dhugaa ta’uu mallattoo kootin ni mirkaneessa.
Maqaa fi qaama gaafate__________________ mallattoo ____________Lakk. bilbilaa________
B- Kutaa heyyama kennuun kan guutamu odeeffannoo pilaanii
5. Teessoo qabiyyee ijaarsichi itti gaggeefamu__________________________
Yoo waraqaan abba qabeenyummaan liziiidhaan ta’e, yeroon dizaayiniin xumuraa itti
dhiyaatu______________________, guyyaa xumuraa ijaarsi itti jalqabuu qabu_______________________, Maqaa abbaa
qabiyyee lafichaa____________________ sanadaan kan mirkanaa’e bal’ina qabiyyee____________
6. Odeeffannoo ulaagaa pilaanii haadhoo/Master Plan/
Tajaajila Ramaddii Sadarkaa Ol-dherina Bu’ura Lakk Odeeffanno iddoo
Iddoo ijaarsich Master BAR idichaa gamoo misoomaa (Coordinates)
itti gaggeefamu Pilaanii (%) (H/Regu) iddicha irra X Y
idichaa jiru
1
2
3
4
5
6
7
8
Mallatto___________Guyyaa__________
Hubachiisa:
✓ Odeeffannoon kun akka raga mirkaneessa abbaa qabeenyummaatti hin tajaajilu,
✓ Guyyaa waliigaltee pilaaniin kennamee kaasee hanga wagga tokkoof qofa tajaajila,
✓ Ijaarsa buleeyiitiif hang ji’a jahaatti qofa tajaajila.
✓ Unki kun kopii lamaan kan guutamu yoo ta’u kopiin tokko abbaa dhimaaf yoolaatamu kopiin tokko immoo
fayiliitti kan hidhamu ta’a
Unka 001
Hub: Unkii kun koppii lamaan guutamee koppiin 1 iyyataaf koppii 2ffaan faayila waliin walqabata.
Unka 007
Arkitekcherala
Istirakcherala
Elektirikala
Saanitarii
Mekanikala
8. Ani gaafataan jijjiirraa tajaajilaa ragaan kanaan olitti gaafatamee dubbisee hubadhee sirrii fi dhugaa ta’uu
isaa mirkaneessaa, ragaa sirrii hin taane yoon laadhee fi sababa kanaan rakkoo huumamuuf itti gaafatamaa
ta’uu koo beekee unka kana irratti ibsamus ibsamuu-baatus tumaaleen walii galtee pilaanii fi heyyama ijaarsaa
raawatiinsa akka qabaatu hubadhee heyyamni jijjiirraa tajaajilaa akka naaf laatamuuf ni gaafadha.
Maqaa abbaa ijaarsaa ______________________________________bil.________________
Maqaa iyyataa abbaa qabeenyaa ala yoo ta’e_______________________bil. ________________
Lakk.addaa kaffalaa gibiraa/yoo jiraate_________________________mallatoo______________
9. Kutaa heyyama laatuun kan guutamu
Ramaddii gamoo jijjiirraan tajaajilaa itti gaafatame
Gamoo ramaddii A B C
Beellama _____________________ogeessa odeeffannoo fuudhe _______________________
Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 52
Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii
Mallattoo _______________ guyyaa _______________sa’atii_____________________
Gamoo jijjiirraan tajaajilaa itti gaafatame fageenya daangaarraa
Daangaa irratti kan ijaarameedha___________________________________________
Dangaa irraa meetira 2 gadi kan ijaarameedha_________________________________
Dangaa irraa meetira 3 gidduutti kan ijaarameedha_____________________________
Sanadni jijjiirraa tajaaajilaatiif dhiyaate guutuudha________________miti__________
Lakk .heyyama ijaarsaa_______________qarshii kaffaltii tajaajilaa_________________
Beellama waligalteen itti fudhatamu 1________________ 2_______________________
Jijjiirraan tajaajilaa heyyamameera__________________hin heyyamamne__________
10. Sababa hin heyyamamneef
______________________________________________________________________________
__________________________________________________________________
Maqaa hogganaa heyyame/hin heyyamnee____________________mallattoo____________
Guyyaa __________________sa’atii_________lakk.waliigaltee pilaanii_______________
Yaadachiisa :
o Unki kun koppii lamaan guutamee koppiin tokko iyyataaf koppiin lammaffaa faayilatti hidhama
Unka 008
1. Teessoo
Maqaa iyyataa________________________________________________________
kutaa Magaalaa____________________Aaanaa/Ganda______________
2. Gosa ijaarsaa
Ijaarsa haaraa____________ijaarsa durii fooyyessuu__________ ijaarsa durii babal’isuu __________
haaromsa ijaarsaa_________________ijaarsa diiguu _________Bal’ina daandii cinatti argamu____
Dheerina ijaarsaa meetiridhaan: lafaa oli _________oli ka’iinsa gamoo meetiraan_____lafaa gadi_____
Abbaa ijaarsa daangessaa : Dhuunfaa ___________ganda__________eejeensii manneenii__________
3.Qabiyyee walii gala ijaarsa daangaa iraa fi ibsa walii galtee daangessaa
Iyyataadhaan kan guutamu
Fageenya ijaarsa
Gosa ijaarsaa daangaa Baay'ina darbii Fageenya ijaarsa
Maqaa buleeyyii
Daangessaa Kallattii irratti hojjetamuuf ijaarsa buleeyyii haaraa daangeessaa
daangessaa daangessaa
karoorfame daangessaa irraa (meetiraan)
meetiridhaan
1 Kaabaan
2 Kibbaan
3 Bahaan
4 Dhihaan
5
6
Labsii gamoo lakk.174/2004 bu’uura dambii fi qajeelfamni labsii gamoo raawwachiisuf 156/2005 qabeenyi
daangessitoota isaan ilaallatu olitti ibsamee hordoffii dhihoo akka barbaachisu beekuudhaan waa’ee dangaa fi
daangessitootaa odeeffannoon sirrii kennamuu isaa fi bu’uura unka dirqamaa fi heyyama ijaarsaatiin nageenya
jiaarsa durii daangssitootaa yeroo qotiinsaae fi ijaarsaa eegganno barbachisoo gochuuf dirqama seenuu koof
mallattoo kootiinan mirkaneessa.
Iyyataa __________________________mallattoo_______________________________
Daangaa fi daangessitoota ilaalchisee ka’umsa ragaa/odeeffannoo iyyataan latanii fi Labsii gamoo lakk.174/2004
bu’uura dambii fi qajeelfamni labsii gamoo raawwachiisuf 156/2005 tiin ijarsa duri dangessaa irratti dizaayinii
nageenyaa fi dhiibbaa akka hin huumnetti eeggannoon barbaachisaan iyyataadhaan akka godhamu kenniinsa
heyyama ijaarsaa irratti tarkaanfiin barbaachisoo kan fudhatame ta’uu ni beeksisa.
Hubachiisa: Unki kun lakoofsa daangessootaa irratti hundaa’uun kopii lamaan kan guutamu yoo ta’u kopiin tokko
iyyataatiif yoo kennamu kopiin lamataa immoo faayila wajjiin hidhama.
Unka 009
Maqaa Malattoo
1 Kaabaan
2 Kibbaan
3 Bahaan
4 Dhihaan
5
Bu’uura lakkoofsa qajelfama heyyama ijaarsaa ___________tiin akkaataa kallattii olitti ibsameetiin
daangessitoota isaan ilaallatu waliigaltee fi hordoffii dhihoo barbaachisuu isaaa beekee waa’ee daangaaa fi
daangessitootaa odeeffannoon sirrii ta’e laachuukoo fi unka dirqamaa kanaafi bu’uura unka dirqamaa fi heyyama
ijaarsaatiin nageenya jiaarsa durii daangssitootaa yeroo qotiinsaae fi ijaarsaa eegganno barbachisoo gochuuf
dirqama seenuu koof mallattoo kootiinan mirkaneessa.
Iyyataa ______________________________Mallattoo_______________lakk.bil._____________
Guyyaa _____________
Daangaa fi daangessitoota ilaalchisee ka’umsa ragaa/odeeffannoo iyyataan latanii fi bu’uura qajeelfama
gamootiindirqami dizaayiniidhiyaate nageenyaa fi dhiibbaa akka hin huumnetti eeggannoon barbaachisaan
iyyataadhaan akka godhamu kenniinsa heyyama ijaarsaa irratti tarkaanfiin barbaachisoo kan fudhatame ta’uu ni
beeksisa.
Ogeessa qulqulleessu__________Mallattoo_______ Guyyaa ______________________
6. Mana Hojichaatiin/Daariktera Gamoo/W/K/ kan mirkanaa’u
Hubachiisa:
✓ Unki kun lakoofsa daangessootaa irratti hundaa’uun kan qophaa’ee ijaarsa daangaa irraa kan ilaallatu
daangesitootaa fi iyyaataatiin mallattaa’ee mallattoo ogeessa xiinxaleen mirkanaa’ee kopiin tokko kan
iyyataatiif koppiin tokko tokko daangesitotaa ilaallatuuf yookennamu yoo kennamu kopiin tokko immoo
faayila wajjiin hidhama.
✓ Nageenya ijaarsa daangessaa buleeyyii qaamnni ijaarsaa kan walquunnamuf iyyataan ijaarsa battala
gaggeesutti daangessaan hordoffii akka taasisuuf iyyataan eeyyamuufii qaba.
Unka 010
Dirqama Gorsaan galuu qabu
1. Gorsaadhaan kan guutamu
Akkaku Gorsaa: Dhuunfaa Dhaabbata gorsaa
2. Maqaa abbaa ijaarsichaa _____________________________
Teessoo ijaarsichaa: kutaa magaala____________Ganda/aanaa___________lakk.manaa_________
Tajaajila gamoo_____________________lakk. pilootii___________
Baay’ina darbbii : Lafaa olii ____,Lafaa Gadi_____ Bal’ina darbii: lafaa gadi____lafaa oli___, Bal’ina
Lakk. kaartaa _________________tilmaama baasii waliigalaa____________
3. Maqaa dhaabbata gorsaa__________________________
gosa gorsaa_________________________________sadarkaa___________
Hubachiisa
Unka 020
Hubachiisa
o Unki kun koppii 2n qophaa’ee koppiin 1 iyyaataaf, koppiin 1 faayilatti hidhama.
Unka 022
5. Ani maqaan koo armaan gaditti kan ibsame gaafataa heeyyama ijaarsaa, armaan olitti kan ibsame dubbisee kan
hubadhe , odeeffannoon kenne dhugaa ta’uu fi kan siirrii ta’e mirkaneessaa, odeeffaannoo dharaa yoon kennee fi
sababuma Kanaan raakkoon mudatuuf itti gaafatamaa ta’uu koo beekaa akasumas unka iyyannoo kana irratti
ibasamees ta’e ibasamuu baatus tumaaleen ijaarsaa kamiyyuu kan murtaa’u ta’uu isaa hubachuun fooyya’ins
pilaanii(dizaayinii) akka naaf heyyamamu ni gaafadha.
Maqaa gaafata: _____________________ Lakk. Bilbilaa__________________
Mallattoo: _______________ Guyyaa: ___________________
6. Karaa kutaa heeyyama kenneen kan guutamu
Sanadootaa fi Dizaayinoota dhiyaatan: Arkiteekchera fuula_____, Istraakchera fuula____, Saanitera Fuula___
Elektrikaala fuula____, Mekaanikaala fuula____, Odeeffannoo daangaa irraa fuula____, Dirqama ogeessaa
fuula____, Kan biro__________________________________________________________________
Sanadootaa fi pilaanota dhiyaatan; Guutuudha guutuu miti
Beelama yeroo heeyyamnni itti kenname 1_______________, 2_______________
Nama Sanadootaa fi pilaanota fudhate: Maqaa______________________, Mallattoo___________
Guyyaa______________, Sa’aatii_______
Hubachiisa
o Unki kun koppii 2n guutamee koppiin 1 iyyaataaf yoo kennamu koppiin 1 faayilatti hidhama.
Unka 023
✓ Unkkaan kun fuula 2 qophaa’ee mallataa’ee Chaapaadhaan mirkkaneeffamee booda fuulli tokko abbaa
qabeenyaatiif fuulli tokko fiyila waliin hidhamee ta’aa.
Unka 024
Unka 028
Mallatoo_____________Guyyaa_____________
Unka 029
Unka 003