Hiika Soomaa

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 9

TORBEE 5ffaa-->TULLUU EJERSAA/ደብረ ዘይት Fuula 6ffaa-9ffaa

MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKOTTI


NI AMANNA

Sooma Guddaa/አብይ ጾም/ፋስካ.


Sooma jechuun dhiisuu, irraa of dhorkuu,murtaa’uu fi of-to’achuu jechuudha. Foon keenya dadhabsiifnee lubbuu keenyaaf bichisiisuudhaaf kan
soomamudha. Kunis “ትግኡ ወጸልዩ ከመ ኢትባኡ ውስተ መንሱት ኢስመ መንፈስ ይፈቅድ ወስጋ ይደክም” MAT:-26:41 ”Qorumsatti akka hin galle
dammaqaa kadhadhaa foon dadhabaadha lubbuun garuu qophooftudha”. Gal :-5:16-20 “Afuuran deddeebi’aa … Foon lubbuu,lubbuunis foon moo’uuf
barbaadu kanaaf waa barbaaddan raawwachuu hin dandeessan. Lubbuudhan yoo geggeessitu ta’e garuu seeraa gadi hin taatan” jedha. Rome:-16:17
“ኢለ ከርሶሙ አምልኮሙ” ‘garaan isaani waaqa isaaniti’ kan jedhameef namni foon isaa gammachiisutti waaqa isaa gaddisiisa waan ta’eefi. Hayyoonni
kiristaanaa “soomni madaa lubbuu keenyaa ni fayyisti,fedha foonis ni dhabamsiifti,Dargaggootaf obsa barsiifti” jedhu. Museen soomuu isaatin
waaqayyoo biratti aboo argateera. Daani’eel soomuu isaatin gargaarsa waaqayyoo argateera. Walumaa galatti sooma jechuun sababa amantaa ofiitin
yeroo murtaa’eef nyaataf dhugaatii irraa fagaachuu jechuudha. Aster:-4:16, Dan 10:2-3 , SKD 9:9-19 , lew 16:29, zakk 8:19.

Soomni dhuunfadhaanis gamtaadhanis ni jira. 2ffaa sam 12:22, sooma gamtaa macaafa Abbootii Murtii(firdii) 20:26, nahim 1:4, sooma gaabbii 1ffaa sam
7:6, Sba’u 34:28

Walumaa galatti sooma jechuun maal akka ta’e raajichi isaayyaas haala baay’ee namatti toluun nuuf ibsee jira Isa 58:10. Ayhuudonni wiixata fi kamisa
soomaa turan Luq 18:12. Raajittiin Hannaan soomaa,kadhachaa fi sagadaa turte Luq 2:37. Qulqulluu yaared Barreeffama ጾመ ድጛ irratti ”Ijji hamaa
ilaaluu irraa,Afaan hamaa dubbachuu irraa haa soomu, harki keenyas arjoomudhaaf kan diriire yaa ta’u” jedha. Qulqulluu Yaared dabalee akkas nuun
jedha. “Obboloota koo dadhabina namoota biraa osoo hin komatiin,waaqayyoon osoo hin gaddisiisin haa soomnu. Hiyyeessotas hin dagatiinaa” jechuun
waqtii soomaa maal hojjechuun akka nurraa eegamu nutti himeera. Kanaaf sooman, kadhaa fi qoomma’uun gochaawwan waqtii soomaa raawwatamuun
irra jirudha.

Sooma Guddaa
manni Amantaa Kiristaanaa Ortoodoksii Barumsa duuka bu’oota waaqayyoo irratti kan hundoofte waan taateef sirnaafi seera soomaa ni qabdi. Sooma
manni Amantaa keenya nutti himtes gosaan torbadha. Isaan kana hunda keessaas kan waqtii ammaa kana ilaallatu Sooma Guddaa isa jedhamu ni ilaalla.

Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos nuuf fakkeenya ta’uuf nu barsiisuuf kan soomedha.Sooma guddaa kanattis diinni keenya jalqabaa
seexanni kan itti moo’amedha. Nutis kana hubachuun karaa adda addaa qormaata nutti dhufu ofirraa fageessuuf eebba guddaa sooma kanarraa akka
argannuuf ni soomna.

Mat 6:16 irratti kadhadhaa,soomaa nuun jedha.Ajajasaas eeguuf ni soomna. Soomni guddaan gooftaan soome kunis maqaa adda addaa qaba.

1ffaa.Sooma Guddaa:- Waaqa waaqotaa kan ta’e Gooftaa Iyyesuus Kiristoosiin kan hundaa’e waan ta’eef Sooma Guddaa jedhameera. Sooma
kana kan soomnu guyyoota 55’f dha.Sooma jiran keessaas dheerina guyyootaan isa guddaa waan ta’eef Sooma Guddaa jedhama. Gooftaan keenya
Iyyessuus kawaala Qoronxoos keessatti soomaa osoo jiruu seexanni qorumsa gurguddoo sadii isaaf dhiyeesse.Qorumsi kunis sassatuu, of-tuulummaafi
jaalala Qarshii dha.Qormaata kanneen sadaniinis seexanni yeroo baay’ee waan nama qoruuf Waaqayyo qorumsa sadan kana moo’icha taasise. Kanaafis
soomni kun sooma guddaa jedhama.

2ffaa.Sooma Hudaadee:- Bara durii lafti bal’ina qabuu fi lammiin hundi gamtaadhaan misoomsu uummata biratti “hudaadee” jedhamuun
beekama ture. Soomiin kunis lammii amantii Kiristaanaa kan ta’e hundi, xinnaa-guddaa, dhiira-dubartii otuu hin jedhiin Kiristoosiin fakkeenya

1|Page
godhachuun waan soomaniif (sooma hundaa ta’uu ibsuuf) “hudaadee” jedhameeera.

3ffaa.Sooma Beenyaa:- Addaamii fi Hiwaan Jannataa kan ari’ataman ,gabrummaa si’ooliif kan gahan sababa nyaataani.Sababa nyaataan
ilma namaa du’eef Gooftaan beenyaa kanfale.Beela afuuraa beela’aa isaaniif beenyaa kanfaleef.Kanaafis Sooma Beenyaa jedhama.

4ffaa.Sooma Moo’insaa:- Qormaata seexanaa gurguddoo sadan- sassatuu, of-tuulummaaf Qarshii jaalachuu- Gooftaan soomarra osoo
jiruu mo’ichaan waan bira darbeef nutis qormaata dhufu hunda soomaan akka bira dabarruuf soomni kun Sooma Mo’insaa jedhama.

5ffaa.Sooma Ce’umsaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos seera Ooriitii irraa gara seera Wangeelaatti nu ceesisuus sooma soome
waan ta’eef soomni kun Sooma Ce’umsaa ni jedhama.

6ffaa.Sooma Barumsaa:-Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos kan soome nuun nu barsiisuufidha. Inni soomuu kan qabu ta’ee osoo hin taane
nuuyiif fakkeenya ta’uufidha.Kanaafuu soomni kun Sooma Barumsaa jedhama.

7ffaa.Sooma Eebba Jireenya Kawaalaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos magaala fi namarraa fagaatee soomuun jireenya
kawaalaa kan akka qulqulluu Yohaannis cuuphaafi raajiichi Eeliyaas jiraatan eebbiseera. Kana ilaalchisuun warreen sana booda jiran hundaaf jireenya
kawaalaa waan eebbiseef soomni kun Sooma Eebba Jireenya kawaalaa jedhama.

8ffaa.Sooma Qophaa’inaa:- Uummatni Isiraa’eel hoolaa faasikaa nyaachuu isaanii dura qophii ni taasisu ture. Nutis du’aa ka’umsa Gooftaa
kabajuuf fooniifi dhiiga Gooftaatti dhiyaachuun keenya dura soomaafi kadhaan qophii kan goonu waan ta’eef soomni kun Sooma Qophaa’inaa jedhama.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Maaliif Guyyaa 40 Soomee?


Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos hundeessaa seeraa waan ta’eef hojii Isaa soomaan jalqabe.Sooma jalqaba hojii hundaa taasise. Nyaatni foonii
hundi cubbuu hojjechuuf hundee akkuma ta’e, soomnis nyaata lubbuu isa bara baraan nama jiraachisuuf hundeedha.

Raajonni gurguddoon darban guyyaa afurtama,afurtama soomani. Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoosis “ani kanan dhufe seera raajotaa hanbisuuf miti;
raawwachuufidha malee” akkuma jedhe (Mat.5:17) guyyaa afurtamaafi halkan afurtama soome. Yoo guyyaa afurtama caalchise Ayihuud seera raajotaa
hin eegne jedhanii seera wangeelaa fudhachuurraaa duubatti akka hindeebineef; yoo sanaa gadi soomes fudhachuurraa duubatti waan deebi’aniif
akkuma raajotaa halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soome.

Museen halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomee seera ooriitii akkuma dhugoomse Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos halkan afurtamaa fi guyyaa
afurtama soomuun seera wangeelaa hundeesseera.

Museen waggaa afurtama biyya Miidiyaam erga jiraatee booda saboota Isiraa’eel bittaa Misiraa jalaa baaseera (Ba’uu. 3). Gooftaan keenya Iyyesuus
Kiristoosis halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomuun lubbuuwwan si’ool keessa jiran baaseera.

Isiraa’eloonni deemsa isaanii waggoota afurtama booda biyya isaanii Iyyerusaalem galaniiru; Gooftaanis nuyiin guyyaa afurtama yoo soomtan
mootummaa Waaqayyoo ni dhaaltu jechuuf guyyaaa afurtamaafi halkan afurtama soomee nu agarsiise.

Hizqi’eel cinaacha isaa isa bitaan guyyoota afurtama ciisuun lubbuu du’an 600 kaaseera (Hiz.4:4-6). Gooftaanis guyyaaa afurtama yoo soomtan du’aa
ka’umsa kabajaa ni argattu jechuuf guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama some.

Nuti Maalif 55 Soomnaree?


Soomni Guddaan (Soomni Gooftaa) kun torbeewwan saddet yookiin guyyaa 55 qaba. Guyyoota kana keessaas Sanbata torbaafi Dilbata saddeetitu
jira.Guyyootni kunis (Sanbatafi Dilbatni) nyaata gosawwan beeyladaa irraa malee sa’aatii hedduu turuun kan soomnu miti. Kanaaf sanbata 8 +Dilbata
7=15 dhiisna waan ta’eef Karaa biraatiin immoo guyyaa 55 jiran keessaa torbeen lama sooma Hirqaaliifi torban Gidiraa Kiristoos (Himamat)

2|Page
dha.Torbeewwan kun lamaan kan gooftaan guyyaa afurtama soome osoo hin taane torban inni gidiraa itti argeefi mootichi Hirqaal sooma labsiin
soomsise dha. Inni duraa soooma Hirqaal jedhama. Inni dhumaa immoo torbee Gidiraa Gooftaa jedhama.

SOOMA GUDDAA:--KUTAA JALQABAA (SOOMA HIRQAAL) Guyyaa 7

KUTAA 2FFAA (SOOMA GOOFTAA) guyyaa 40

 KUTAA 3FFAA (TORBEE DHUKKUBBII) guyyaa

Torbee jalqabaa(gad-bu’uu:-ዘወረደ)(sooma hirqaal):-samii irraa bu’ee dhalatee du’ee nu fayyisuu isaa Torbee itti
yaadannuudha. Akkasuma abbootin sooma gooftaatif qophaa’aa akka ta’an dursanii soomaa akka turan seenaan qulqullootaa ni ibsa.

Hirqaal bara 614 Dh.K.B mootii biyya Beezaantaayiin ture. Torbeen kun maqaa isaatiin sababni inni itti waamame bara sana mootichi faars kiriyoos
Iyyerusaalemiin weeraranii namoota kuma 60mni miidhamanii ,namootni kuma 30 ta’an booji’amanii, lubootni ajjeefamanii magaalattii gubanii Iddoo
illeenin kabajaan keesse keessaa fannoo Gooftaai fudhatanii gara biyya isaanii faaris baabiloonitti galan. Yeroo kanatti lola jalaafi miidhaa akkanaa
jalaa warri miliqanii holqaafi bosonaalee adda addaa keessa warri turan uummanni Iyyerusaaalem waggaa 14 booda bara 628 Dh. K. B. iyya isaaniifi
gidiraa isaanirra gahe Waaqa isaanii fi kiristaanicha mootii Roomaatti (Hirqaalitti)dhageessisan. Loliitii namoota keenya booji’aman akkasuma fannoo
gooftaa nuuf deebisi isaatiin jedhan. Innis deebisee “abbootin lubbuu kan baase yookiin ajjeese umurii isaa guutuu haa soomu jedhanii barsiiisaniiru.
Kanaafuu sooma umurii guutuu kana sodaadheen malee osoon siniif lole natti tola jedhe. Isaanis deebisaniis namni tokko kan jiraatu yoo baay’ate
waggaa 70 ykn 80; nuti hundi keenya walii hirree sii soomna kanaafuu loltee bilisa nu baasi jedhani. Innis hundi uummataa torbee tokko tokko akka
isaaf sooman erga ajajee booda gara Faarsitti duulee fannoo Gooftaa deebisiisee, ummatas bilisa baasee gara Iyyerusaalemitti deebi’eera. Kana booda
isaafis fakkeenya akka ta’uuf sooma inni labsiin soomsise kana abbootiin sooma guddaa kana faana akka soomamu taasisan. Soomni isaas Sooma
Hirqaal jedhama. Seenaan isaas seenaa jaalalli fannoo kan itti mul’atedha.

Nuti Maalif soomna?


Akkuma jalqaba irrattii ilaalle akkuma abbootin keenya soomanii eebbifaman sooma gooftaan keenya soomee nuuf eebbise kana akka dandeenyee
soomnee eebba irraa argannuuf torbee kana kadhannaa fi sooman “yaa waaqa keenya nuufis akka abbootii keenyaa sooma ati soomte soomnee akka
eebbifamnu cimina nuuf kenni jennee kadhanna” mat 11:29.

Cubbuun addunyaa kanaa nu booji’ee jira waan ta’eef yaa waaqayyoo ati abbaa dhiifamaati. Hunda dandeessa waan ta’eef hirqaalif humna kennitee
ummata israa’el fi fannoo bilisa kan baasifte nutis cubbuu addunyaa kanaa jalaa nu oolchi. Waraana afuuraa(efe 6:14-18) akka naaf kennitu, cubbuudhan
bitamuu irraa nu deebisi .

Qulqulleettii(ቅድስት)
Qulqulleettin torbeewwan saddeet keessa lammaffaadha. Sanbatni lammaffaa kun guyyaa gooftaa fi fayyisaan keenya iyyasuus kiristoos sooma itti
jalqabeedha. Innis harka yohaannisiin erga galaana yoordaanositti cuuphamee booda osoo tajaajila hin jalqabiin gara (ገዳመ ቆሮንጦስ)kawaala
qoronxoos deemee kan sooma itti jalqabe jechuudha. Egaa kaa sooma kana torbee saddeetitti kan maqaa itti moggaase hundeessaa bu’uura yeedaloo
qulqulluu yaaredidha. Innis faaruu isaatin yeroo faarfatu waa’ee sanbataa olkaasee faarfateera. “ዛቲ እለት ቅድስት ይዕት” guyyaan kuni qulqulleettidha.
“ሰንበትየ ቅድስትየ እንተ አዕረፍኩ” guyyaan itti boqadhu sanbatni qulqulleettidha. Akkuma qulqulluu phaawuloos “egaa sanbatni boqonnaa saba
waaqayyootif kan dhiifamtuudha” Jedhe. “ኣብ ቀድሳ ለሰንበት” waaqayyo abbaan sanbata eebbise fi kkf jechaa faarfate. gooftaa fi fayyisaan keenya
iyyesuus kiristoos waa’ee sanbataa irra deddeebi’ee barsiisaa ture. Keessattuu guyyaa sanbataa waan gaarii hojjechuun akka barbaachisu akkas
jechuun barsiiseera. “guyyaa sanbataa waan gaarii raawwachuun heyyememee jira” mat 12:12

Jedhee sanbata barsiisaa marq 6:2, dhukkubsataa fayyisaa yoh 9:14 “guyyaan dhoqqee dibee ija isaa kan baneef sanbata ture”, phaawuloos fi
barnaabaas mana qulqullummaatti ummanni cimanii akka dhaabatan barsiisaa turan. Hdb 13:44 “sanbata lammaffaatis nama muraasa malee namoonni
magaalittii keessa jiraatan hundinuu sagalee waaqayyoo dhaggeeffachuuf walitti qabaman” Nutis guyyaa sanbataa sagalee waaqayyoo kan itti

3|Page
dhaggeeffannu amantaa keenyatti kan itti wal cimsinu ta’uu akka qabu sanbata kana irraa ni baranna.

Qulqulluu yaared barreeffama isaa “ጾመ ድጛ” sooma dugwaa isaa keessatti “waaqaf bitamaa, maqaa isaa waamaa,hojii isaas ormatti himaa,maqaa
isaaf galata dhiyeessaa, sanbata kabajaa, waan gaarii raawwadhaa, kan hattuun hin hanne, kan nyaattun hin balleessine galmee samii irratti walitti
qabadhaa,qophaa’aa taa’aa, gara kiristoos jirutti ol yaadaa” jedhee nuuf barreessee jira.

Torbee 3ffaa mikuraab


Mikuraab jechuun lafa ol ka’aa, hanga gaaraa gahu jechuu yoo ta’u innis mana kadhannaa (Mana Qulqullummaa) Yihuudotaati. “gaafa guyyaa sanbataa
gara mikuraabitti seene” luq 19:-47. Torbee kana gooftaan mana qulqullummaa(mikuraaba) keessatti barsiisuu isaa kan itti yaadatamu fi
barsiifamuudha. ‹‹ቦአ ኢየሱስ ምኩራበ አይሁድ››

Bara kakuu moofaatti sirni waaqeffannaa Yihuudotaa kan gaggeeffamu manaa Qulqullummaa isa Iyyerusaalem turee fi isa seeraan hundeeffametti
ture. Nabukadanatsoor garuu Mana Qulqullummaa isa Yihudoonni sirna Waaqeffannaa isaanii itti gaggeeffatan diigee uummata kanas gara
Baabiloonittis isaan booji’e. Yeroo kana irraa eegalee Yihuudonni bakka argaman hundaatti mana addaa tajaajila kadhannaa fi hawwaasummaaf oolu
ijaaruu akka eegalan ni tilmaama.

Bara gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos biyya lafaa Naanna’ee barsiisaa turetti, bakka kanattis ta’ee bakka biraatti Mikuraabonni baay’een
turaniiru. Duuka bu’oonnis gara bakka Yihudoonni bibittinaa’anii jiran hundaatti yeroo deeman gara Mikuraabii isaaniitti deddeebi’uun Wangeela ummata
kanaaf labsaa turan. Maat. 4:23, HDB. 6:9, 9:2, 19:8. Dargaggoonni kudhan yoo argaman Mikuraabii hojjechuun isaaniif eeyyamama ture. Yeroo
sagaleen Waaqayyoo dubbifamu, namni dubbisu ergaan inni dubbisu akka dhagahamuuf bakka ol-ka’aa qophaa’e irra dhaabbata. Dhiironnii fi
dubartoonni walitti makamanii hin taa’an; akkuma amma mana Kiristaanaa keessatti dubartoonni karaa bitaa dhiironni immoo karaa mirgaa taa’an
qofa qofaa isaanii taa’u. Mikuraabiin tajaajila waaqeffaannaa fi barumsaaf akkasumas hawaasummaaf ni oola. Qulqulluu Maarqoos, “Iyyaar’iroos kan
jedhamu museewwan Mikuraabii keessaa inni tokko dhufe,” (Maar.5:22) jechuun akkuma barreesse, Mikuraabiin kan dursamu museewwaniidha. Duuk.
13:15, 18:8. Museewwan kun warra balleessan rukkutuun/garafuun/ ykn Mikuraabii keessaa ari’uun isaan adabuuf aangoo qabu ture. “… Gara alaattis
isa baasani.”Yoh. 9:34;. Tajaajilaan Mikuraabii ijoollee ni barsiisa; barreeffamoota dubbifaman ni dhiyeessa, “Kitaabicha maruudhaan tajajilaatti kennee
taa’a.” (Luq. 4:20) kan balleessan ni adaba/garafa akkasumas ajaja musootaa ni raawwata ture. “Muuseenis … kan isa lallaban
qaba.” HDB.15:21. Waaqeffannaa isaanii yeroo sanaa keessatti, kadhannaan seeraa fi dubbisa raajotaa keessaa, faarfannaa Daawit faarfachuun lallabnii
fi raawwiin eebbaa ni gaggeeffama ture.

Akka seera kakuu moofaatti/ooritiitti, gara mana qulqullummaa deemuun Yihuudotaaf seeraa fi heera isaanii ture. Yeroo garaa garaa wantoota garaa
garaaf kan deemanirrayyuu waggaatti yeroo tokko aarsaa fi balcha kennuuf gara mana qulqullummaa ni deemu ture. “Yeroo waggaa kudha lama guute
turetti akkuma isa barsiisan(amaleeffachiisan) gara Iyyerusaalemitti ayyaanaaf dhufan.” Luq. 2:42. Gooftaa fi fayyisaan keenya seera kana erga
cuuphamee Wangeela barsiisuu eegaleen boodas sirriitti ni raawwata ture. Kitaabnis yeroo kana jabeessee dubbifamu, “Guyyaa guyyaan mana
qulqulluummaatti (Mikuraabitti) ni barsiisa ture,” jedha. Luq. 19:47.

Maalif torbeen sadaffaan mikuraab jedhame? Torbeen kun kan inni Mikuraabii jedhameef Kitaaba sooma digguwaa irraa gaafa sanbata sadaffaa
faarfatamu, “Iyyasuus gara Mikuraabii Yihuudiitti deeme,” (Luq. 4:14-23) jechuun farfatammufidha. Yaad-rimeen isaa gooftaan keenyaa fi fayyisaan
keenya Iyyasuus Kiristoos, warreen lubbuudhan dhukkubsatan barumsa isaatiin, kan foonin dhukkubsatan immoo hojii ajaa’ibaa isaatiin Mikuraabiitti
argamuun hojii fayyisuu isaa akka isaaniif raawwate yaadachiisaa barsiisuudha.

Hojiiwwan gooftaan keenya Mikuraabiitti argamuun raawate keessaa kanneen armaan gadii mee haa ilaallu.

 Sirna qulqulleessaa Mikuraabii(Mana kadhannaa)


Mikuraabiin kun, bakka seeronni bara kakuu moofaa/Ooritii raawwataman itti gaggeeffamu ta’uu isaatiin, wantoonni aarsaaf dhiyaataan kanneen akka
horii, meeshaa aarsaan itti dhiyaatu, gabateewwan, … asitti gurgurtaaf dhiyaatu ture. Yihuudonni seera Waaqeffannaa gaggeessuurra darbanii bakka
kanatti bakka: saamichi, haaloo fi wal goyyomsuun itti gaggeeffamu taasisanii turani. Akkuma abbaan keenya Daawit “Inaaffaan mana kee naa
nyaate,” jedhe gooftaan keenyas inaaffaan mana isaa, gara lafa gabayaa kan fedhii foonii itti gaggeeffamu ta’uu isaa yeroo argetti, gara isaanii
deemuun, “ ‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’ jedhamee barraa’eera; isin garuu holqa saamichaa fi hattootaa taasistani,” Maat. 21:13. (Isaa. 56:7,

4|Page
Eer. 6:11,Luq.19:46, Maar. 11:17) jechuudhaan gurgurtootaa fi bittoota mana Qulqullummaa isaa keessatti walitti qabaman qacceen rukkutee/garafee
isaan ari’eera. Maat. 21:12. Akkasumas, “Eenyuyyuu meeshaa baatee akka karaa mana qulqullummaa darbu hin eeyyamne,” Maar.11:16. Kan jedhan hojii
sirna qulqulleessuu isaa kan ibsanidha.
 Wangeela mootummaa isaa barsiise.
“Gaafa Dilbataa gara Mikuraabiitti seenee isaan barsiisuu eegale. Akka barreessitoota isaanii osoo hin taane akka abbaa taayitaatti isaan barsiisaa
waan tureef barumsaa isa ni ajaa’ibsiifatani,” akkuma jedhu. Maar.1:21, Luq.4:14-23 Kunis maaliidha yoo jennu, isaan kaan kan barsiisan kan dubbisanii
fi kan barsiisota isaanii irraa dhagahanidha; inni garuu dandeettii isaa isa addunyaa kana uumeen barsiisa. akkuma, “Ani addunyaaf ifattin dubbadhe;
Yihuudonni yeroo hundaa kan itti wal gahan mana qulqullummaa Mikuraabiitti yeroo hundaan barsiise. Dhoksaattis kanan dubbadhe wanti tokkollee hin
jiru,” Yoh. 18:20. jedhe, gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo barsisaa turettis kan inni barsiisu ifaan ifatti malee dhoksaatti hin turre.
Gooftaan keenya maaliif ifatti barsiisee? Akka armaan gadiitti ilaalla.
Haala armaan olitti ibsameen Mikuraabiitti argamee ifaan ifatti barsiisuun lubbuuwwan badanis gara hoolota isaatti ni dabala ture. Kan inni ifaan ifatti
barsiisus barreessitoonni Yihuudotaa sababa isarratti barbaadaa waan turaniif isaanin sababa dhorkachuuf ykn dhabsiisuufidha. Kanas osoo
dhoksaatti barsiiseera ta’ee Galiilaa irraa eegalee hanga guutummaa Yihuudaatti ummata barsiisuun isaan akka mootummaa irratti ka’an taasisa
jedhanii, akka isa himataniif /yakkaniif sababa ga’aa hin ta’u ture.
Akkasumas, uummata isa irratti kakaasuun adda duree kan turan hangafoonni lubootaa fi barreessitoonni, “Angafoonni lubootaa fi barreessitoonni
dhaabbatanii baay’ee isa rakkisu ture,” jedha. Luuq. 23:5:10. Yihuudonni gooftaa keenya irratti sababa barbaadu waan tureef kun isaaniif gufuu akka
hin taaneef ifatti barsiise.
Sababni biraan immoo, quqlulluu Yohaannis Wangeela isaa irratti, “Ilmi abbaa bukkee jiru inni nuuf ibse,” (Yoh.1:18) akkuma jedhu, rajootaa fi
fakkeenyota hiikaa, isa dhokate ifa baasaa barsiisaa gara addunyaa kanaa dhufeerati barumsa isaa ifatti taasise.
Akkasumas, yeroo mana Qulqullummaa qulqulleessaa raawwatetti ergaawwan dabarse keessaa tokko haalli aarsaa ittiin dhiyeessa turan inni duraa
darbuu isaa labse. Kanaafis, hoolota aarsaadhaaf dhiyaatan akka baasan ajaje. Aarsaan kakuu haaraas matuma isaa ta’uu isaa ibse. Yohaannis
cuuphaannis kanaas, “Kunoo hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu addunyaa haqu/balleessu,” jedhee kan yeroo garaa garaatti dubbate. Yoh.1:29 fi 1:36.
 Dhukkubsattoota ni fayyisa ture.
Akkuma “Mana Qulqullummaattis kan hin arginee (jaamaa kan ta’an) fi kan deemuu hin dandeenye gara isaattis ni dhiyaatan; ni
fayyiseeniis.”(Maat.21:14) jedhu, gooftaan keenya Mikuraabiitti yeroo argamaa ture namoota hedduu fayyisaa ture.
 Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu Mikuraabii keessa dubbifamanii fi faarfataman.

Faarfannaa Daawit faarfatamu(Misbaakii)

Faar. 88:9. “Inaaffaan mana kee na nyaate. Arrabsoon si arrabsanis anarratti kufe; lubbuu koos soomaanan adabe.”Hiika. Inaaffaan yeroo Mana
Qulqullummaa kee gabaa taasisanii arge inaafe, akka ibiddaa na gube. Mana qulqullummaa kee gabaa taasisanii yeroo si morman gabaa isaanii yeroon
diigu, “Eenyutu akka kana raawwattuuf aangoo sii kenne?” naan jedhan. Yoh. 2:8Wangeela. Yoh. 2:12-dhumaatti.

 Sirna Galatoo = kan gooftaa keenyaati


Kutaa kitaaba Qulqulluu dubbifaman.
Qol. 2:16-dhumaatti ………. Diyaaqonii tokkoffaatu dubbisa
Yaa’i. 2:14-dhumaatti …….. Diyaaqonii lammaaffaatu dubbisa
Duk. 10:1-9 ……………….. luba gargaaratu dubbisa.
Hubbachiisa dubbistootaaf
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Manni isaa isa dhagaa bara sana jiru lafa gabayaa kan bittaa fi gurgurtaan itti gaggeeffamu ta’ee yeroo
argetti, “Inaaffaan mana kee na nyaate,” (Faar.88:9) akkuma jedhamee raajiin dubbatameef, hedduu inaafee manni isaa bakka cubbuun itti
raawwatamu waan jalaa ta’eef, “Manni koo mana kadhannaa jedhamti,” (Isa. 56:7) jedhee warreen achi keessa jiran hundaa gadi baasee ari’e. Ammas
hubadhu! Kan Waaqni mana isaa isa dhagaaf akkas inaafe isa jiraataaf immoo hagam haa inaafu? Jechuun lubbuu tokkoon tokkoo keenyaaf jechuudha.
“Mana Qulqullummaa Waaqayyoo akka taatan, afuurri Waaqayyoos akka isin keessa jiraatu hin beektanii? Eenyuyyuu Mana Qulqullummaa Waaqayyoo
yoo diige, Waaqayyo immoo isa diiga. Manni Qulqullummaa Waaqayyoo qulqulluudha; innis isinidha.” 1Qor. 3:16:17. Yaa maatii Waaqayyoo dhuguma
manni Waaqayyoo har’a meeqatu mana ejjaa, mana daldalaa, mana machii fi araadaa, mana sobaa fi hamii, mana seeronni Waaqayyoo itti diigamanii fi
kabaja dhaban ta’ee jiraa? Nuti hoo maal fakkaanna? Meeqan keenyatus Qaamni keenya Mana Qulqullummaa Waaqayyoo, kan Waaqayyo itti
galateeffamuu fi kan Waaqayyo itti kabajamu ta’uu isaa beeknee isaaf eegaa jirra? Qaamni keenya mana qulqullummaa isa dhagaa kanarraa

5|Page
Waaqayyoon hedduu isa inaafsisa. Kunis, nuti hojii harka isaa waan taaneef. Kanaaf, mana isa dhagaa osoo hin taane mana isaa laphee keenya haa
ijaarruuf. Yaa obboloota koo, manni qulqullummaa jireenya kee lafa gabayaa akka hin taane of eeggadhu! “Egaa yaa obboloota koo, qaama keessan
aarsaa Waaqayyoon gammachiisuu fi qulqulluu jiraataa taasisuun akka dhiyeessitaniif gara-laafummaa Waaqayyootiinan isin kadhadha.” Room.12:1

TORBEE 4ffaa Matsaaguu


Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa arfaffaati . Moggaafamni guyyaa kanaas Matsaaguu jedhama . Moggaafamni kun kan itti moggaafamuu danda’e
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kanatti dhukkubsattoota fayyisuu Isaa, raajii goochuu Isaa, warra dhibee addaddaan qabamanii turan
hundaaf fayyina kennuusafi qulqulleesuusaa; waluumaa gala fayyisaa ta’u Isaa ibsuudhaaf.
Keessumaayyuu guyyaa kanatti seenaan fayyinaa yaadatamu ni jira: dhukkubsatan tokko bakka itti xabala cuubbatani Beeta Saayidaa jedhamte
waamamtuutti ciise ture. Maqaa Matsaaguu jedhamuun beekama. Kanaafuu Matsaaguu jeechuun dhukkubsataa jechuudha. Dhukkubsataan kuni
waggoota 38 tiif dhukkuba cimaatiin hubamee siree irratti rakkachaa kan ture yogguu ta’u, guyyaa kana Gooftaan sagaleesaatiin qofa isa fayyise;
“ka’itii sireekee baattadhuu deemi” jechuunis guboo dhukkubbii tokko malee bilisa isa baaseera.
Mata-dureen faaruu Q/Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “አምላኩሰ ለአዳም” (Uumaa Addaam) isa jedhudha.
Sirna Qiddaasee guyyaa Matsaaguu keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa dubbifaman warren armaan gadii jiranidha:
 Galaatiyaa 5፡1
Ya’iiqoob 5:14
 Hojii Ergamoota 3:1-12
 Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 40 (41):3-4
እግዚአብሔር ይረድኦ ዉስተ ዐራተ ሕማሙ (Waaqayyo dhukkubsataa siree isaarratti ni gargaara)
ወይመይጥ ሎቱ ኩሎ ምስካቢሁ እምደዌሁ (Yeroo dhukkubasaa ciisicha isaa ni afaafi)
አንሰ እቤ እግዚኦ ተሣሃለኒ (Anoo yaa Gooftaa dhiifama naaf godhi siinan jedha).
 Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu፡ Yohaanis 5:1-25
Wangeela kana keessatti Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Matsaaguutiin “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffi akka dhiyeessef ni duubisna.
Garuu gaaffi kana Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan dhiyeesseef Matsaaguun gara fuulduuraatti cubbuu inni raawwatu Waaqummaa isaatiin
hunda waan beekuf ture.
Innis maali jenne yennaa ilaallu, akka ibsa Abbootiin Mana Amantaa keenyaa ibsa isaanii Andimtaa irratti eeranitti:
 Gaafa guyyaa jimaataa kaballaatiin fuula Isaa kan rukutu isa waan ta’eefi;
 Warrootni Ayhuudi yeroo isa himatan ragaa sobaa ta’e kan gooftaa irratti raagu isa waan ta’efidha.
Namootni “fayyina kan siif kenne irratti badiinsa kana maaliif rawwatta?” jedhanii yeroo isa gaafatani “yoom na fayyisi isan jedhe, ofumasaa na fayyise
malee?” akka hin jenneef sababa dhabsiisuuf jecha “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffii dhiyeesseefi. Har’as Waaqayyo Waaqa bilisaa waan
ta’ef, “abiddaafi bishaan fuuldura keetti qopheesseera; harkakee gara barbaaddetti ergi” jechuudhaan mirga hin daangeffamne nuuf kenneera. Bilisaan
akka Isa Waaqeffannu nu taasisee waan jiruuf badiinsa keenyaaf ,goocha keenyaaf sababa dhiyeeffanu gonkumaa hinqabnu. Kanaafuu, badiinsa irraa
ooluuf jecha cubbuu iraa fagaannee Mootuumaa Isaa akka dhaallu eeyyama Isaa nuuf haa ta’u; akkasumas araarsummaan durbee Maariyaamii nuu
waliin haa ta’u-ameen!

TORBEE 5ffaa Debre Zeyit(Tulluu Ejersaa)

Debre zeyit(Tulluu ejersaaa) jechuun gaara mukkeen Ejersaa irratti baay’inaan argaman yoo ta’u gara baha iyyerusaalemitti dhiyootti kan argamuudha.
Daawit kakuu moofaa keessatti abeseloom jalaa dheeffee gaara ejersaa akka bahe kitaabni qulqulluun 2ffa mot 15:30 irratti kan argannu dha. Wangeela
maarqoos irrattis gooftaan keenya iddoo tulluu ejersaa kana irraa gara hosa’enaa akka deeme ni arganna. Bete-fage fi bitaaniyaa kan jedhaman
achuma maddii tulluu ejersaa kanatti kan argamaniidha. Marq 11.1. Geetee-seemaanii iddoo gooftaan keenya itti kadhates asuma gaara kana jalatti
kan argamuudha. Iddoon olba’iinsa gooftaa keenya iyyasuus kiristoos kan ture gaara kana irraati. Dhufaatin isaa lammaffaas gaara kana irratti akka

6|Page
ta’u raajichi zakkaariyaas caqaseere. Zakk 14:4 . Kanaaf gooftaan keenya iyyasuus kiristoos waa’ee dhufaatii isaa gaara kana irratti bal’inaan
barsiiseera.
Torbeen sooma guddaa 5ffaan kun waa’ee dhufaatii kiristoos fi bara xumuraa kan itti lallabamu fi barsiifamu waan ta’eef Tulluu ejersaa(ደብረ ዘይት)
Jedhamee moggaafameera. Kan moggaases abbaa yeedaloo qulqulluu yaarediidha. Qulqulluu yaared torbeewwan soomichaa hundaaf iyyuu
faarudhaan(ጾመ ድጓ) Maqaa moggaasee faarfachaa kan turedha. Guyyaa kanattis kan inni faarfachaa ture “እንዘ ይነብር እግዝኣኢነ ዉስተ ደብረ ዘይት”
akkuma gooftaan keenya gaara ejersaa taa’een” mat 24:-3 kan jedhudha.
Tulluu ejersaa irra yeroo jirutti maaltu ta’e jennee yoo gaafanne. Duuka bu’oonni isaa waa’ee bara xumuraa gooftaa keenyan gaafachaa akka turan fi
innis bal’inaan waa’ee bara xumuraa fi mallattoolee isaa akkasuma waa’ee dhufaatii isaa lammaffaa kan barsiisaa fi isaanitti himaa ture ta’uu isaa
wangeela keenya irraa ni hubanna.
Iyyesuus mana qulqullummaan keessaa bahee osoo deemaa jiruu, bartootni isaa ijaarsa mana qulqullummaa isatti agarsiisuuf dhufan. Inni garuu
deebisee “isaan kana hundumaa ni argitu mitii? Dhuguman isiniin jedha, iddoo kanatti dhagaan tokko illee wal irratti hin hafu in digamma malee”
jedheen.
Sana boodas gara Tulluu ejersaatti ol bahee taa’e . bartootnis dhufanii “Inni kun yoom ta’a? dhufaatin kee inni lammaffaan yoomi? Mallattoon bara
xumuraa maali faadha” jedhaniin. Innis mallattoowwan kana itti hime. mat 24:4
Mallattooleen bara xumuraa fi dhufaatii kiristoos kun maal faadha?
1. Namootni baay’een ani kiristoosi jedhanii Maqaa isaatin ni dhufu(mat 24:4-5)
2. Oduun waa’ee waraanaa addunyaa tana ni dhiphisa. Addunyaa hunda irratti waraanni ni ka’a. Oduu waraanichaas ummanni hundi ni dhagaha.
Kiristaanotni garuu dhufaatii kiristoos eeggatu malee rifachuu fi sodaachuun hin barbaachisu. Mat 24:6
3. Ummatni walirratti, mootummoonnis walirratti ni ka’u. ummanni wal waliin wal dhabu(wal lolu) Mootummoota gidduutti wal-Amanuun fi
walii galteen hin jiraatu. Mat 24:7
4. Beela,hongee,gogiinsa, fi hoollannaa lafaa iddoo gara garaatti ni raawwata. Kuni hundumtuu jalqaba ciniinsuuti. Mat 24:8
5. Yeroo sanatti warri kiristoositti amanan gidiraadhaf dabarfamanii ni kennamu, ni du’u,Maqaa isaaf jedhanii ahizaabota biratti jibbamoo ta’u.
mat 24:9
6. Yeroo sanatti namootni baay’een ni gufatu. Walii walii isaanii dabarsanii ni laatu. Mat 24:10
7. Raajotni sobaa baay’een fi barsiisotni soba ani ka’u. namoota baay’ee ni dogoggorsiisu. Wal irratti ka’uun ni baay’ata, jaalalli namoota
baay’ees ni hir’atti, hanga dhumaa kan obsee jiraate garuu ni fayya. Namni waan hunda obsaan dabarsu ni fayya. Mat 24:11-13
8. Saba hundumaa irratti dhugaa akka ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti ni lallabama. Yoo sana barri dhumaa
dhiyaachaa adeema. Mat 24:14
9. Yeroo sanatti inni cubbamaan iddoo qulqullaa’aa, inni qulqulluun immoo iddoo xuraa’atti ni dhaabatanii ni argamu. Diinni(daabloos) ani
kiristoos kan ofiin jedhu sobdicha irra bulee kan eebbifaman ni balleessa, kan ijaarramanis ni diiga. Mat 24:15
10. Yeroo sanatti kan magaalaa keessaa jiraatan gara gaarreniitti ni baqatu. Qotee bulaan yeroo maasii isaa irraa deebi’ee uffata ofii fudhatu
hin argatu. Hundi keenya godaansi keenya ganna ykn sanbata irra akka hin taane, kana jechuun osoo firii hin buusin baala qofa qabaannee,
guyyaa itti boqonna jennee yaadne sanbata irra akka hin taane cimnee kadhachuun nurraa eegama. Sababni isaas uumamuu addunyaa
jalqabee hanga ammaatti kan hin mul’anne gidiraa hamaan waan ta’uuf Mat 24:17
11. Firiin balasii yeroo lalistu. Jechuun israa’eel isheen badde yeroo itti hundooftu, mallattoo dhufaatii gooftaati Mat 24:22
Sana booda yeroo nuti hin beeknetti waaqayyoon Waaqummaa isaatin akkasuma namummaa isaatin qulqulloota ergamootan marfamee ni
dhufe. Kan isa waraananii turan hunduu ni arg, saboonni lafarraas sagalee booyichaa ni dhagahu(mul 1:6-8). Cubbamtootni karaa bitaa,
qulqulloonni karaa mirgaa ni dhaabatu. Sana boodas du’aa ka’umsa gosa lamatu ta’a. qulqullootni du’aa ka’umsa fayyina, cubbamtootni
immoo irratti murteeffamuuf ni ka’u. Mat 5:29 Qulqulloota ni eebbisa, cubbamoota ni komata.
Namootni Qulqullootni Kennaawwan Du’aa ka’umsa irraa argatan
 Barri boo’ichaa isaanif darba. Gaddi addunyaa kanaa isaa irraa fagaata, kana booda hin gaddan. Mul 21:4
 Burkutaa’uu irraa hafanii, Kabajaadhan, humnaan, qaama afuurawaa ta’een ka’anii du’a irratti ni moo’u. 1ffaa qor 15:42
 Gooftaa simachuuf gara samiitti ol fudhatamu. 1ffa tes 4:16
 Waaqa isaanii fuula dura isaanitti ni argu. 1ffaa Qor 13:12, Mul 1:7,Mul 22:4
 Warri isa argan gooftaa isaanii akka fakkaatan ni beeku. 1ffa Yoh 3:2
 Qulqullummaadhan miidhaganii misirricha biratti ni argamu. Mul 19:8
 Mootummaa isaa ni dhaalu. Mat 25:34

7|Page
 Iyyerusaalem ishee haaratti gammachuudhan ni jiraatu. Mul 21:2-3
 Badhaasa isaanii ni fudhatu. Mul 22:12, Dan 12:3,2ffa Xim 4:2-3, 1ffa Qor 9:25, 1ffaPhex 5:4,Fil 4:1,1ffaTes 2:19
 Mana harki hin hojjenne(tolchine) Keessa ni jiraatu. 2ffaQor 5:1,Yoh 14:2
 Waan hundumaa haaraa argatu. Mul 22:5
 Adda isaanii irratti maqaan isaa ni barreeffama. Mul 22:4
 Waaqayyoon bara baraaf abbaa fi waaqa isaanii ta’a, isaanis ijoolle isaa ni ta’u. Mul 21:3
 Kana booda halkan,dukkanni hin jiraatu,gooftan Waaqni isaanii isaanif ni ibsa, Ifni aduu isaan hin barbaachisu. Mul 22:5
Misbaakin guyyichaa “waaqayyoon ifaan ni dhufa, Waaqni keenya ni dhufa, hin callisu, abiddi fuuldura isaa ni boba’a” far 50:3
Hiikan misbaakii kanaatis
1. dhufaatii gooftaa keenya iyyasuus kiristoos lamaan isaa kan ilaallatudha. Waaqayyo ilmi foon haadha keenya dubroo maariyaam uffateen ni
dhufe. Dhufee hin callisu (“አሌ ለክሙ ጻሕፍት ወፈሪሳዉያን መድልዋን”) “barreessitoota fi fariisotaaf isiniif wayyoo” jedhee isaan komata.
Wangeelas isaan ni barsiisa.
2. Waaqayyo gooftaan humnaa fi Waaqummaa isaatin lammaffaa ni dhufa. Dhufees hin callisu. “qulqullootaan isin eebifamtoota abbaa koo
koottaa” yoo jedhuun cubbamotan immoo “Isin abaarramoo nana deemaa” jedhee kan itti geggeessu jechuudha.
Fuuldura isaatti abiddi ni boba’a yeroo jedhu eebbifamtoonni ykn qulqullootni kan ittin oolan, cubbamtootni kan ittin gubatan abiddi jira jechuudha.

Sirna galatoo irratti kuttaawwan kitaaba qulqulluu dubbifaman


Kan dubbifamu Kan dubbisu
1ffaa teselonqe 4:13 Daaqonii jalqabaa (ገባሬ ሰናዩ)
2ffaa phex 3:-7-15 Daaqonii lammataa(ንፍቅ ዲ.)
HDB 24:1-22 Luba gargaaraa (ንፍቅ ካህን)
Sirna Galatoo -----------------------------------------------------(ቅዳሴ)Galatoo Atinaatiyoos

Ergaa
 Gooftaan keenya addunyaa gara addunyaa kanaatti kan dhufeef kaayyoo lama gurguddaadhaf akka ta’e kan hubannuudha,
a. 1ffaa, dhukkuba addaami dhukkubsachuuf, Jaalala namaaf qabu hubachiisuf, cubbuu keenya baachuuf gooftaan kan itti dhufe
dhalatee nu fayyisedha. IBR 9:26.
b. 2ffaan addunyaa tana dabarsuuf. Namoota qulqullootaf faraduuf(Murteessuf),Cubbamoota irratti murteessuf kan itti dhufu
dhufaatii isaa lammataadha. Ibr 9:28
Egaa Obboloota keenya Addunyaa kana irratti rakkoon nutti baay’atee jira, mallattoolee bara xumuraa jedhamee kan Kitaaba
Qulqulluu(Kitaaba Jireenyaa) Keenya irratti caqafaman baay’ee argaa kan jirruudha. Dhukkubni addunyaa raasu dhufe hundumaa dhiphisaa
jira. Kanaaf nuti gaheen keenya maali, maaltu nurraa eegama jennee murteessuu fi waan murteessinu raawwachuu qabna isaanis:-
a) Waaqayyootti Amannee Dubbii gatti hin qabne namootni nutti odeessan irraa of eegnee, araarsummaa qulqulloota hundumaatti
amannee isaan firoota godhannee jiraachudha. Luq 169
b) Ofii keenya laphee binnee, qalbii keenyatti deebinee, waaqayyoon kadhannee, qalbii jijjiirannee hariiroo waaqayyo abbaa keenya
waliin qabnu jabeessuu.
c) Mammaaksi Oromoo “akka durii fi Harka xuriitti hin hafan” jedha. Nutis cubbuu keenya gaabbidhaan dhiqnee, qurbaanaf of
qopheesssinee fudhachuu.
d) “Kan ofii hin taane Namaa hin toltu” akkuma jedhu mammaaksi, ofii keenyatti aansee waa’ee fayyina namootaa yaadda’uu, waa’ee
hiriyoota keenya dhiphachuu,kadhachuu fi gara qalbii jijjiirrannaatti akka dhiyaatan gochuudha.
e) Kana booda shakkii tokko malee waaqayyootti amannee. Rakkina addunyaa kana kamiifuu rifachuu osoo hin taane obsinee,
qalbiidhan ejjennoo fudhachuu qabnu yaadnee ija kiristaanummaatin furmaata laachudha

8|Page
Buruuk Mokonnin Welde-gabri’eel

…TORBEE ITTI FUFA


Madda:-
 Kitaabota Afuuraa fi barreeffamoota afaan Amaariffaa irraa hiikudhaan.
 Website adda addaa amaariffa fi Ingiliffaa irraa.
 Kitaaba “መዝገበ ታርክ”.

TORBEE ITTI FUFA...

Tajaajilaa Amanamaa/ገብርሄር

9|Page

You might also like