Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 19

Lubummaa /priesthood/

Seensa

Waaqayyo Waaqinni keenya ofii isaa qulqulluu fi mudaa kan hin qabne akkuma ta’e
nuutis sabni isaa waan hundumaanuu isa fakkaachuu akka qabnu illee duraan dursee
dubbii isaa kessatti nuuf caqaseera (1phex. 1:15-16, 2:9). Bara durii sanatti Waaqa
qulqulluu kana dura kan dhaabatee aarsaa aarsuu fi sirnaalee sabni Waaqayyoo kun ittin
of qulqulleessu qaban kan raawwatu luboota akkuma turan bara kakuu haaraa kanatti
immoo luboota ta’anii dhimma qulqullummaa kanaaf kan dhaabbatanii fi
fakkeenyummaa agarsiisuun kan irraa eegamu amantoota maqa Gooftaa Yesuusitti
amanani dha. Kanaafuu, barumsa kana keessatti maalummaa lubummaa fi hojii isaanii
akkasumas Waaqaayyo fuul duratti amantoonni maal maal irra qulqullaa’uu akka qaban
kanatti fufnee yaa ilaallu.

I. Lubummaan/ Luba jechuun maal jechuu dhaa?


Hiika: barnoota kanatti osoo hin seeniin dura hiika jecha lubummaa jedhu kanaa
ilaaluunii fi hubachuun barbaachisaa dha.kanaaf barnoota kanatti seenuun dura mee
dura hiika isaa haa ilaallu.

Luba jechuun Waaqayyoo fi nama gidduu galee /ta’ee/ nama Waaqayyo waliin kan
walqunnamsiisu jechuu dha. Kana jechuun akkuma namoonni yommuu wal lolan
jaarsi araaraa gidduu taa’ee garaa garanaa dubbii isaanii ilaalee walitti fidu/
walqunnamsiisu/ lubnis akkasuma aarsaa namoonni waa’ee cubbuu isaaniitiif
dhiyyeeffatan fuudhee fuula Waaqayyootti dhiyeessuutiin nama cubbamaa sanaaf
Waaqayyoo gidduu dhaabatee kan araarsu dha. Lubni kun bakka aarsaa irratti dhiiga
horii garaagaraa qalee yommuu facaasu akka seera Waaqayyo kakuu moofaa keessatti
kennetti namoonni cubbu isaanii irraa ni qullaa’u turan. Kanaafuu akka waliigalaatti
yommuu ilaalamu yaadni luba jedhu qulleessuu/qulqulleessuu kan jedhu wajjiin wal
qabata.

Seensa: Tajaajilli lubummaa kun kan inni raawwatamu/ fiixaan ba’umsa argatu waan
lamaan dha. Isaanis:

1
1. Aarsaa dhiyeessuu dhaan

2. Waaqa Kadhachuutiin

Amantaan hunduu Luba mataa isaa qaba. Fakkeenyaaf:

-amantaan warra Gibxi Luba qaba (Um.41:45)

-warri Filiisxemootaas qabu (1Sam.6:2)

-Luba warra Yihudootaa (Hojii E.14:13)

II. Lubummaa bara kakuu Moofaatti


Bara kakuu moofaatti aarsaa sababii cubbuutiif dhiyaatu eddo lamatti hirree ilaaluu
dandeenya.

A. Utuu seerri Musee/abboommiin kurnan hin kennamiin dura.

Utuu seerri hin kennamiin dura namoota warra jalqabaa kan ta’an akka Qaayel fi Abeel
ofuma isaaniitii aarsaa ofii isaanii kan dhiyeessanii fi kan aarsan turan (Uma. 4:3-4).

Itti dabalees namoonni Nohii fi Taaraa abba Abiraamfaa yoo ilaalle bakka maatii isaanii
bu’anii aarsaa dhiyeessu tura(Uma.8:20, 12:7,18).

B. Erga seerri kennamee booda

Erga seerri kennamee booda aarsaa dhiyeesuudhaaf fula Waaqayyoo duratti ija
Waaqayyootiin ilaalamee kan filatame lammii Israa’el kudha lamaan keessaa lammii
Leewwii ti. Lammii kana keessaa immoo addummaatiin kan eyyemameef maatii
Aaroon dha. Lammiin Leewwii bakka sadii tti qoodamu. Isaanis:

1. Gershon
2. Qoat,Amiraam, Aaron/Musee/, Eleazer, Itaamar
3. Meeraarii dha.

Akaakuu lewoota olitti caqafaman keessaa lubummaa dhaaf Kan addaan ba’e warra
Qoat jedhamanii beekaman sanyii Aaronii fi Musee fa’i (Ba’u28:1).

Aaronii fi maatiin isaa qofaan aarsaa yommuu dhiyeessan lammin lewootaa isaan
kaan immoo tajaajila naannoo mana qulqullummaa hojjetu turan (Lak.3:5-10).

2
Geggeessituun geggeessitoota warra lewootaa Eleazer ilma Aaron lubichaa
ture(Lak.3:32). Inni warra eddo qulqullaa’aa eeguuf itti gaafatamaan sana irra deemee
ilaala.

Baruma kakuu moofaa sanatti takka takka ijoollee Aaronii ala kan ta’an namoonni
Waaqayyo mataa isaa itti mullise aarsaa utuu isaan dhiyeessanii argina.

Fakeenyaaf Gedewoon (Ab. 6:18-26,13:16).

Eeliyaas (1Moto18:30).

Maatiin Aaroon fuula Waaqayyoo duratti lubummaa dhaaf aarsaa dhiyeessuuf haa
filataman malee akkaataa abboomamanii ala/seera malee/ aarsaa yoo dhiyeessan adaba
Waaqayyoo jalaa ba’uu hin danda’an (Lewo.10:1-2).

Har’a immoo nuti amantoonnii fi tajaajiltoonni bara kakuu haaraa keessa jirru kun akka
lubummaa isa kakuu moofaa keessaa gosa/lammii mutaa’een kan ta’u osoo hin taane
gosa adduyaa kana irra jiran hundumaa keessaa Waaqayyo saba dhuunfaa isaa warra isaaf
qulqullaa’anii fi fuula isaa duratti aarsaa isaaf dhiyeessuuf filataman akka taanuuf
amantiidhaan karaa Kiristoos Yesuus jaalalaan nu fo’ate (1phe.2:9).

Haata’u malee, fo’amuun keenya qofaan lubummaa keenya dhaabbataa gochuu hin
danda’u. Lubummaan keenya fuula Waaqayyoo duratti dhaabbataa akka ta’uu fi aarsaan
keenya abboommii Waaqayyoo/sagaleesaa giduu-galeessa kan godhate ta’uu qaba.
Karaa Waaqayyo nu irraa hin eegneen aarsaa isaaf dhiyeessuun eebba osoo hin taanee
dha’icha nutti fida.

Nuti amantoonnii fi tajaajiltoonni kakuu haaraa aarsaan nuti Waaqayyoof dhiyeessinu


akka bara kakuu moofaa horiin qalamee dhiiga horii sanaa facaasuun osoo hin taanee
tajaajila gosa adda addaa qabuun isa tajaajiluudha. Fakkeenyaaf;- lallabuun, faarfachuun,
tiksuun, bulchuun, kadhachuun, humnaan, qabeenyaaa fi beekumsa kennuunii fi kan kana
fakkaatan illee aarsaa dha. Wanti nuti ulfina Waaqayyoof goonu marti/hundi tajaajila
yokaan aarsaadha(1Qor.10:31).

Gooftaan keenya Yesuus tajaajila/ aarsaa keenya dhiyeessuu dura kan nu abboome qaba.
Innis aarsaa dhiyeessuu keenya dura namni kam iyyuu iriyyaa isaa waliin wal
miidhee/gaddisiisee yoo jiraate, aarsaa isaa bakkuma aarsaa sanatti dhiisee dursa nama
gaddisiise sanatti araaramee booda aarsaa isaa dhiyeessuu akka qabu dubbateera (Mat.
5:23-24). Yoo akkas ta’uu dhaabaate ni kadhanna, lallabna, faarfanna,………yoo ta’e
tajaajiluun keenya Waaqayyoof ulfina nuuf immoo eebba kan fidu osoo hin taanee
fayyuma seera dabarsuu dha/gatii hinqabu/. Tajaajilli jaalala otoo hin qabaatiin

3
tajaajilan/utuu nama jibbanii/ akka sibiila walitti rukutamee fayyuma iyyu isa hiika hin
qabneeti (1Qor.13:1).

Gaaffii:- ati aarsaa kee waaqayyoof dhiyeessuuf yommuu kaatu( lallabuuf,faarsuuf,


kadhachuuf, kkf, dursitee iriyyaa kee waliin dhiifama ni gootaa? Moo hin afiin
jetteedhuma hamaas gaariis garaatti qabattee deddeebitaa? Mee itti yaadi.

Yoo akkas ta’e, namni akkasii ani kiristaana, tajaajilaa akkasii fi akkasiiti utuma ofiin
jedhee illee of sossobaa jira malee utuu iriyyaa isaa jibbuu aarsaan isaa Waaqayyo bira
hin ga’u dukkana keessa jiraata malee (1Yoh.2:9,3:15). Nutis aarsaan keenya Waaqayyo
duratti fudhatama akka qabaatu yoo barbaanne hiriyyaa keenya wajjiin nagaa fi
tokkummaatti jiraachuun dirqama ta’a.

III. Garaa garummaa Lewootaa fi Lubootaa


Lewoota/levites/ jechuun ijoollee Isiraa’el/Yaaqoob kudhalamaan keessaa lammii
tokkodha. Luboonni kakuu moofaa hundi isaanii lammii Lewootaa akka turan macaafni
seera Lewootaa ni ibsa (Ib7:11). Waaqayyo ofii isaa qulqulluu akkuma ta’e saboonni isaa
Israae;loonnis qulqulloota akka ta’aniif waan fedheef cubbuu saba isaa kana kan isaaniif
araarsu gara isaatti kan dhiyaatan luboota akka isaaf ta’aniif gosa Leewwii filate. Gosa
Leewwii keessaa iyyuu addumaan maatii Aaron tajaajila lubummaa kanaaf
filate(Ba’u.28:1Lew.8:12-13:30).

Maatii Aaron keessaa kan ta’an gosoonni Lewwootaa kan biroon immoo tajaajila bakka
bultuma Waaqayyoo/የእግዝአብሔር የማዸሪያ ዽንኳን አገልጋዮች akka ta’aniif
muudaman(Lew.11:44-45 Lak.1:47-50, 3:1-10,18:1-7).

Luboota/priests

Lammii leewwii keessaa iyyuu maatii Aaron irratti kan xiyyeeffate dha
(Ba’u6:18,20,28:1).

Luboonni Waaqayyo isa qulqulluu sanaaf qulqullaa’uuf akkasumas saba isaa


qulqulleessuuf kan filamanii fi gara Waaqayyootti dhiyaachuun kan hayyamameefidha.
Abboommiin/seeronni macaafa seera Lewootaa kana keessatti kennaman yeroo Museen
tulluu Siinaa irratti Waaqayyo wajjiin dudubbachaa turetti Waaqayyoo irraa kan
kennamanidha. Isaanis;-

1. Abboommonni warri jalqabaa namni Waaqayyoon gammachiisuu yommuu


barbaadu aarsaa attamii dhiyeessuu akka inni qabu kan ibsanidha (Lew.1-3).

4
2. Abboommonni warri itti fufanii jiran immoo cubbamaan Waaqayyo irraa gargar
ba’ee akka hin afneef Lubichi attamittiin araarri ta’ee cubbamaan sun qulqullaa’ee
deebi’ee Waaqa/Uumaa isaa waliin akka wal qunnamsiisu kan ibsu dha (Lew 4-7).

Kanaafuu luba jechuun Waaqayyoo fi nama gidduu ta’uudhaan/ dhaabachuu dhaan/


nama Waaqayyo waliin kan walqunnamsiisu dha. Tajaajilli lubummaa kunis kan inni
raawwatamu waan lama gochuudhaan dha.

1. Aarsaa dhiyeessuudhaan/horii qalanii/


2. Kadhata gochuudhaan

Akkuma olitti ilaalletti luba jechuun namaa fi Waaqa gidduu dhaabatee namootaan
Waaqayyo waliin kan qunnamsiisu fi isa cubbamaa deebisee uumaa isaa wajjiin kan
walitti araarsu erga ta’ee nuti immoo har’a karaa Kiristoos Yesuus luboota kakuu
haaraa erga taanee namoota sababa adda addaatiin namoota uumaa isaanii irraa
baqatan deebisnee uumaa isaanii waliin walitti araarsuuf maal gochuu qabna jettanii
yaadduu?

Biyyi lafaa/addunyaan nuti keessa jiraannu kun karaa baayyee yommuu ilaallu
cubbuudhaan xuraa’ee uumaa isaa irraa gargar ba’ee garbummaa seexanaa fi foon
isaatti qabamee hafuurri isaa/lubbuun isaa/ isa keessatti dhiphachaa jirti. Akka
luboota Waaqayyootti addunyaa akkas dhiphataa jiru kanaaf gumaachi/gargaarsi nuti
goonu maal ta’uu qabaa?

Addunyaa kana uumaa isaa waliin wal qunnamsiisuuf shoora amanaan/tajaajilaan


tokko taphachuu qabu mee kanatti fufnee haa ilaallu.

IV. Hojii Lubootaa/Duties of priests/


Akka luboota/namoota Waaqayyootti addunyaa deebifnee uumaa isaa waliin
walqunnamsiisuuf wanti nuti gochuu qabnujiru. Isaanis:

1. Dubbi Waaqayyoo Dhugaa Ba’uu

Dubbii Waaqayyoo namoota barsiisuun/dhugaa ba’uun hojii luboota bara kakuu


moofaa akkuma ture har’a immoo hojii nama Gooftaa Yesuusitti amane hundumaati
(2Sena15:3). Kanaafuu seerri/dubbiin Waaqayyoo harka lubootaa akka ta’e dha.

Iziraan lubichi namoota bara boojuu keessa dubbii Waaqayyoo irraa fagaataniif seera
Musee gad fageenyaan dubbisee hiikee isaan barsiise (Izirz8:1-4).

5
Namoonni Waaqayyoo sunis yommuu Iziraan macaafa seeraa sana barsiisuuf banate
isaan immoo ka’anii dhaabbatan. Iziraanii fi warri lewootaa macaaficha hiikanii isaan
barsiisan, warri barsiifamanis garaa cabaadhaa fi imimmaaniin dubbicha
fudhatan(Izira 8:5-9).

Har’a nuti namoota Waaqayyoon hinbeekneefis ta’e warra dhugaa irraa galagalaniif
akkasumas namoota amantoota ta’an xinnaa fi guddaa otuu addaan hin baasiin dubbin
Waaqayyoo maal akka jedhu yelloo /saalfii malee ija jabinaa fi inaaffaa hafuuraan
qabamnee dhugaa itti ba’uu ni dandeenya laataa?

Kiristoosiin dhugaa ba’uun dirqama amanaa tokkoo ti. Sababni isaas Gooftaan
Yesuus “Nama duratti kan dhugaa naaf ba’u anis waaqa irratti abbaa koo duratti
dhugaa nan ba’aaf”’ jedheera(Mat.10:32).

Namoonni uumaa isaaniitti araaramuuf fedha akka godhataniif qooda Kiristoos ta’anii
biyya lafaa kana irraa kan dubbatan/waaee isaa kan dhugaa ba’an
amantoota/tajaajiltoota dha (2Qor5:18).

Kan nuti dubbii Waaqayyoo kana dugaa baanus karaa lamaani dha. Isaanis: A. dubbii
afaan keenyaa fi jireenya keenyaani dha. Yoo kana goonee hojii lubummaa keenya
hin daganne jechuudha.

A. Attamittin afaan keenyaan Waaqayyoon dhugaa baana?


Dubbi afaan keenyaan Waaqayyoon dhugaa ba’uu yommuu jennu Waaqummaa fi
gooftummaa isaa, dandeettii isaa fi ol aantummaa isaa akkasumas uumaa ta’uu
isaa namoota dubbiin Waaqayyoo kun hin galiiniif gad fageenyaan isaaniif ibsuuf
fedhii cimaa qabaachuu dha. Macaafni qulqulluun Yesuus Gooftaa akka ta’e afaan
keenyaan beeksifnee garaa keenyattis ni amananna yoo ta’e fayyinni bara baraa
kan keenya akka ta’e nutti hima (Roome 10:9 Mat. 10:32).
Kanaafuu dubbiin/jechi/ namoota Waaqayyoo akka qoraatti caq kan godhee
madeessu osoo hin taanee akka soogiddaa nama kan harkisuu fi kan jajjabeessu
akkasumas kan ijaaru ta’uu qaba(Qol4:6).
B. Jireenya keenyaan Waaqayyoon dhugaa ba’uu

Yeroo baayyee jireenyaan dhugaa ba’uun afaaniin dhugaa ba’uu irra kan ulfaatuu
fi gatii kan nama baasisu ta’ee argama. Sababiin isaa iyyuu jireenyaan dhugaa
ba’uun isa dubbanne sana hojiidhaan agarsiisuu dha waan ta’eef dha. Fakkeenyaaf,
kiristaanni/tajaajilaan tokko dubbiin afaan isaaf jireenyi inni hawwaasa naanno
isaa jiru keessatti mullisu kan wal faallessu yoo ta’e attamitti namoota warra
Waaqayyoon hin beekneef jiereenya isaan dhugaa ba’a?kun tasuma iyyuu kan hin

6
danda’amnee fi jireeny fafakkeessuuti malee jireenya kiristaanummaa dhugaa miti,
of sossobuudhas.

Akka luba Waaqayyootti/nama Waaqayyoof qulqullaa’eetti dubbii keenyaanis


afaan keenyaanis Waaqayyoon abbaa keenya kan galateeffachiifnuu fi hojiin
gaariin illee kan nu irraa mullatu yoo ta’e namootaafis irra daddarba isaanii kan
dhiifnuuf yoo ta’e inni nuti afaaniin dubbanne hojiidhaanis mullateera waan ta’eef
fayyinee fayyifneerras (2xim.2:24-26).

Afaan keenyaan qofa Waaqayyoon beekna malee hojiin/jireenyi keenya immoo


akka isa beeknu kan hin mullisnee yoota’e inni akkasii jireenya luboota/namoota
Waaqayyoo miti jireenya fariisummaati male. Fariisoonni dubbii Waaqayyoo
namatti ni himu ni barsiisus. Garuu immoo dubii Waaqayyoo isa namatti himan
sana hojiidhaan jiraatanii hin agarsiisan waan ta’eef dhuga- ba’umsi isaanii
dadhabaa ta’a malee fagoo hin ga’u/hin milka’an.

Itti hin jiraatu malee Waaqayyoon beekuu isa akka kan fariisotaa kanaree seexanni
iyyuu ni beeka. Waaqayyoon beekuun keenya afaaniin malee hojiidhaan miti yoo
ta’e inni akkasii kun kan seexanaa ti(Yaq. 2:19-20).

2. Kadhata irratti xiyyeeffanna cimaa qabaachuu


Angafa lubootaa inni ta’e Gooftaan Yesuus biyya lafaa kana irra jiraachaa yommu
turetti kanneen inni irratti xiyyeeffannaa cimaa gochaa ture keessaa kadhannaan
isa ol aanaa dha. Yeroo itti mijatus ta’e yeroo hin mijannetti jireenya isaa keessatti
garaa dhugaadhaa fi gara laafinaan kadhataaf iddoo guddaa kennuutiin beekama
(Luq.22:39-48, Ib.5:7).
Dubbii Gooftaan waa’ee kadhannaatiif dubbate kana irraa kn nuti barannu,
gooftaan ofii isaa qofa kadhata irratti xiyyeeffatee kan dhiise otuu hin taanee nuti
ijoolleen isaas akkuma isaa jireenya Waaqayyoon kadhachuu kana qabaachuun,
bu’uraa fi giddu- galeessa jireenyaa nuuf ta’ee akka itti guddanu fedha isaa ti.
Hojiin lubummaa barsiisuu, faarfachuu, tiksuu, bulchuu fi araarsuun kan
birootiinis akkuma raawwatamu kadhannatiinis akka inni hojjetamu beeknee irratti
xiyyeeffachuu qabna.
Gaaffii:- kadhannaan amma kanaa dhimma irratti xiyyeeffatamuu qabu haata’u
iyyuuti malee namootiin baayyeen jireenya kadhataa kan qabanii fi kadhata kan
jaallatan sitti fakkaataa? Waawuu, namoonni baayyeen jireenyi isaanii kadhata kan
jaallatan yoo jiraatan iyyuu guyyaa kadhataa dhimma mataa isaanii qofatti kan
qabamanii fi waa’ee kadhataa afaaniin qofa kan labsan malee irratti argamanii
kadhachuu kan hin jaalanne lakkoofsi nanootaa xiqqoo miti.

7
Kadhata ilaalchisee wanti nuti hubachuu qabnu tokko jira. Innis tajaajila abbaa
fedhe mana Waaqayyoo keessaa yoo tajaajille jireenya kadhataa jabaataa hin
qabnu yoo ta’e amma fedhe utuu dhimminee/dammaqnee hojjennee illee fiixaan
ba’umsa/milkaa’insa hin argannu. Kanaafuu dubbiin Waaqayyoo yeroo hundumaa
kadhachuun akka nuuf ta’u nuti dubbata (Filph. 4:6).
3. Urmii fi Tumiimiin Jaalala/fedha Waaqayyoo Gaafachuu

Urimii fi tumiim kun bara duriitti boorsaa laphee lamaan lubootaa irratti hodhamee
jiru keessa kan taa’uu fi meeshaa ittin fedha/jaalala / Waaqayyoo ittiin
baran/beekanidha (Ba’uu.28:30). Dubbiin tokko akka inni fedha Waaqayyoo ta’ee fi
hin ta’iin gargar baafachuuf kan ittin gargaaraman urmii fi tumiim kanaan
ture(Lak.27:21,Izira 2:63). Daawwit mootichi iyyuu karaa kanaatiin Waaqayyoon
gaafatee deebbii argachaa tureera (1Samu. 23:6-13). Urmii fi tumiim kun borsaa
laphee lubichaa gamaa gamana taa’u.

Akkaataan itti meeshaa kanaan fedha Waaqayyoo baranis kanatti fufee jira. Akkuma
saantiima irratti fakiin lama kan namaa fi leencaa argaman

sibiila urmii fi tumiim jedhamu kana irrattis kanneen garaa gara ta’an fakiin lama jiru.
urmii fi tumiim tokkoon tokkoo isaanii akkuma saantiima keenyaa sanaa fakii wal
fakkaatuu fi wal faallessu qabu. Meeshaa kanaan fedha Waaqayyoo beekuuf yommuu
ka’anii meeshicha irra ilaalan yoo dubbichi ati gochuuf kaatee Waaqayyoon
gaafachuu barbaadde sun fedha isaati ta’e urmii fi tumiimin yommuu ilaaltu fakii wal
fakkaatu argatee dubbichi fedha Waaqaa waan ta’eef itti fuftee raawwatta. Wanti ati
gochuu yaaddee karaa urmii fi tumiimiin fedha Waaqa gaafachuu barbaadde fedha
Waaqaa miti ta’es urmii fi tumiimiin yomuu ilaaltu fakii wal faallessu lamaan argita.
Yommuus dubbichi fedha Waaqaa miti waan ta’eef ni dhiifama. Jechuudha.

Nuti kana irraa maal baranna? Wanti nuti kana irraa barannu luboonni Waaqayyoo
kan godhan hundumaa dursanii fedha uumaa isaanii gaafatanii kan godhanii fi kan
uumaa isaaniitti hin tolleerraa akka fagaatanidha. Nutis har’a karaa Kiristoosiin
luboota kakuu haaraa ti waan taaneef wanti goonu hundi fedhaa fi jaalala Waaqayyoo
giddu-galeessa kan godhate ta’uu qaba. Waaqayyo keenya immoo warra fedhaa fi
jaalala isaatiin karaa isaa irra geggeeffamuu barbaadan ni geggeessa isaan wajjiin
ta’as (Uum.28:15). Kanaaf, nuti sabni Waaqayyo hundi luboota isaati waan taaneef
jireenya keenya keessatti fedhii mataa keenyaa caalaa fedhaa fi jaalala Waaqayyoo
gochuunii fi dursisiisuun nu irra jira.

8
Fedha Waaqayyoo kan ittiin beekan meshaan urmii fi tumiimiin caalu as nu bira jira.
Innis macaafa Qulqulluu keenya dha. Dubbiin jaalala Waaqayyoo ta’ee fi hin taane
achi keessa jira waan ta’eef isa dubbisuu, dhaga’uu fi jecha isaaf abboomamuu qabna.
Dubbiin Waaqayyoo qara-qabeessa akka billaa, beekumsa hundaan guutuu dha
(Ib.4:12, Far. 119:18,24,130).

4. Mana Qulqullummaatii Tajaajiluu

Bara kakuu moofaatti Waaqayyoo sanyii Leewwii lubummaatti waan filateef isaan
malee kan biraan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti aarsadhaaf ixaana
qabsiisee aarsuu akka hin dandeenye dhorkamaniiru. Tajaajilli lubummaa kun
lewwootaaf garuu hayyamameera(Lak.16:40). Hojiin/tajaajilli isaaniis kanatti fufee
kan jiru dha.innis:

- Amanamummaa fi qulqullummaan seera Waaqayyoo eeguu fi barsiisuu (Lew.


10:11,2Seen.17:8-9).
- Saanduqa kakuu baachuu(kees.31:9).
- Hojii dunkaana walga’ii keessatti hojjetamu wal gargaaru(Lak.18:4).
- Namoota keessummeessuu-namni biyya hin beekne tokko biyya kanaa’an yoo
deeme akka inni wallaalee hin rakkanneef akka poolisiitti dhaabbatee karaa kan itti
agarsiisan luboota dha. Harras namoota karaan fayyinaa jalaa badeef deebisee
karaa kan isaanitti agarsiisu nu mataa keenya dha.
- Mana qulqullummaa banuu fi cufuu.
- Mana qulqullummaa eeguu. Nutis mana qulqullummaa Waaqayyoo isa ta’e
namummaa keenya waan hin barbaachifne irraa eeguu qabna.
- Aarsaa booda qodaa miicanii/qulqulleessanii kaa’uu.
- Maxinoo bakka aarsaatti barbaachisu bilcheesuu/tolchuu.
- Yeroo waaqeffannaatti faarfannaa geggeessuu.
- Horii aarsaaf dhiyaate qaluu irratti luboota gargaaru.
- Akka seeraatti namoota dhukkuba lamxii qaban walga’ii irraa adda baasuu.
V. Itti Gaafatamummaa Lubootaa/Responsibilities of
Priests/
Luboota/lewwoota Waaqayyo bakka isaan kaa’e sana itti gaafatamummaa wajjiin achi
isaan kaa’e malee akkasumatti hojii hordoffii hin qabne/qarmattii/ sodaa kan hin qabne
itti hin laanne. Matuma iyyuu waan isaan itti gaafataman waliin itti kenne(Lak18:1). Itti
gaafatamummaan isaanii kunis:
9
1. Yakka Eddoo Qulqulla’aa irratti Ta’uuf itti Gaafatamu
Akkuma wangeelli jedhu Waaqayyo qulqulluu waan ta’eef mana qulqullummaa
isaa keessatti /bakka aarsaa isaa irratti yakki tokko yoo raawwatame kan itti
gaafatamu lubootadha (Lew.18:1). Arras yoo ta’e nuti tajaajiltoonnii fi amantoonni
hundi dhagni/namummaan keenya mana qulqullummaa/bakka aarsaa Waaqayyoo
ti waan taaneef yakki mana isaa kana keessatti akka hin argamneef of eeggannaa
guddaa gochuu qabna (1Qor.3:16). Yakki mana isaa xureessu kunis

A. Garaa Waaqayyoon sodaatu malee deddeebi’uu.

B. Jireenya qulqullummaa hin qabneen mana kadhataa deddeebi’uu dha.

2. Yakka Hojii Lubummaa irratti hojjetamuuf itti gaafatamuu

Hojiin lubummaa qulqullummaa fi of eeggannaa dhaan hojii raawwatamuu qabu waan


ta’eef luboonni illee akka tasaa yakka raawwatanii osoo of hin qulleessiin fuula
Waaqayyotti yoo dhiyaatan/tajaajilatti yoo seenan itti gaafatamu/ ni adabamu(Lew.18:1).
Yeroo tokko hojii lubummaa kanaaf addaan ba’anii kan turan ilmaan Aaron lubichaa
ibida alaa/ bakka aarsaatii ala isa Waaqayyo isaan hin abboomiin aarsaadhaaf waan
dhiyeessaniif du’aan adabamaniiru (Lew.10:1-2).

Arras nuti amantoonnii fi tajaajiltoonni bara keenyaa waan Waaqayyo hin


abboomiin/hin jaallanne jireenya keenya keessatti qabannee fuula Waaqayyoo dhaquun
kan nama adabsiisuu fi isattis kan hin tolle ta’uu isaa beeknee gara bakka aarsaatti osoo
hin dhiyaatiin dura akka luboota isaatti of dhiyeessuu/qopheessu qabna. Kana ta’u
baannaan Waaqayyo ofuma isaa nurratti ka’ee nu adaba (Ba’u.19:22).

3. Namootaan Waaqayyotti araarsuudhaaf itti Gaafatamummaa qabu

Angafa lubootaa inni ta’e Gooftaan Yesuus, namootaan Waaqayyotti


araarsuudhaaf jedhee mataa isaa aarsaa godhe. Akkasuma nutis karaa
Kiristoosiin luboota Waaqayyoo waan taaneef, namootaaf karaa isaan itti uumaa
isaanii waliin walitti araaraman mijeessuun nu irra jira. Waaqayyos tajaajila
araarsuu/nagaa buusuu/ kana ofii keenyaas itti jiraannee warra kaaniifis kana
akka labsinuuf imaanaa nutti kene (2Qor. 5:17-20).

Namoonni uumaa isaaniitti akka araaramaniif attamittiin fakkeenya taanaaf?

- Kiristoos cubbuu isaanii akka dhiisuuf itti himuu dura ofii keenyaa dhiifama
gochuu beekuutiin fakkeenya ta’uu qabna. Waan ofiikeenyaa hin goone yoo
namatti dubbanne immoo hin tolu (Rome. 2:17-24).

10
- Gad-of deebisuu fi jireenya abboomamu qabaachuutiin Kiristoosiin fakkaachuu
qabna (Filp.2:6-11).
- Akkuma Abirahaam namoota uumaa isaaniitti araarsuuf jennee faaayidaa Kenya
illee aarsaa gochuu/ dhabuu qabna (Uma.12:1-2, 13:1-13).

Nutis karaa ittiin namoonni Waaqayyotti araaraman mimmijeessuufii qabna.

4. Warra Rakkina Qabanitti Gar-laafina Agarsiisuuf Itti gaafatamu

Angafa lubootaa inni ta’e gooftaan Yesuus bara tajaajila isaatti uummata dhibee foonii fi
hafuuraa qabaniif baayyee gar-laafessa/oo’a-qabeessa ture (Mat.9:35-38).

Yeroo tokko tokko akkuma Gooftaa kana gar-laafinni utuu nu irraa eegamuu, warra
dhibaman nuti ilaallee idhii xuuxuu qofaan bira darbina ta’a. Haata’u malee, namoonni
hin amaniin immoo warra amanan caalaa gara-laafina utuu agarsiisanii ni mullata
(Luq.10:30-37). Akka seerichaatti utuu ta’ee warra rakkataniif kan yaaduu qabu
lubootadha. Isaan namicha karaa irra ciisu kana ilaalanii bira darbinaan inni namni tuffatu
namni samariyaa tokko itti goree nama kana gargaare. Arras yoo ta’e namoota dhibee
garaa garaa qaban gargaruuf kiristaanni tokko itti gaafatamummaa guddaa qaba.

5. Qulqullummaa isaanii Eeggachuuf itti Gaafatamummaa qabu

Qulqullummaa jechuun addaan ba’uu jechuu dha. Luboonni/tajajiltoonnii fi amantoonni


marti karaa hundumaanuu qulqullummaa isaanii eeggachuun isaaf adda ba’uu qabu
( 1Pex.2:9,1:16, Lew.11:44).

Karaa Kiristoos Yesuusiin luboota Waaqayyoo kan ta’e sabni isaa qulqullummaa
attatamii qabaachuu qabaa?

VI. Akaakuu Qulqullummaa


Qulqullummaa attamii qabaachuu akka qabnu mee kanatti fufnee haa ilaallu.

Kiristaanni qulqullummaa isaa eeggachuuf maal maal irraa of eeguu qaba?

1. Cubbuu karaa namoota hin amaniinitti hidhachuun dhufu irraa of eegu.


(Isa.52:11,Fak.13:20 1Qor.15:33). Kutaa kana keessatti akka ilaallutti amantoonni
namoota hin amaniin, Waaqayyoon kan hin ulfeessinee fi hin waaqessine waliin
walitti hidhachuun farra qulqullummaa keenyaa akka inni ta’e arguu dandeenya.
2. Cubbuu karaa Gaa’elaa namatti dhufu irraa qulqullaa’uu

11
Gaa’elli yaadaa fi akeeka Waaqayyootiin kan ta’uu fi eebba kan qabu yoo ta’e
iyyuu of eeggannaa cimaa ta’een itti hin jiraatamu yoo ta’e rakkoo akka inni qabu
dubbiin Waaqayyoo nu akeekkachiisa (Mil.2:10-14). Kanaafuu gaa’ela keessatti
Waaqayyos kan jibbuu fi qulqullummaa keenyas kan xureessu heedduu keessaa
muraasa haa ilaallu.
A. Ejjummaa (fornication): ejja yommuu jennu bakka baayyeetti qoodnee ilaaluu ni
dandeenya. Fakkeenyaaf:-
-Haati manaa abba manaa ishee dhiiftee nama biraa barbaaduun ejja dha
(Lew.20:10, Rome 7:3).
-Yaada ejjaatiin guutanuun iyyuu ejja dha (Mat.5:27-28).
-Waaqayyoon dhiisanii waaqa biraa/tolfamaa duukaa bu’uun ejjuu dha (Lew.17:7
Er.3; 6-7).
-Dhungoon qulqullaa’aa hin taanes/kissing/ ejjummaaf kan nama kakaasu waan
ta’eef ejjummaa dha cubbuudhas (1Tas.5:26).

B. Hiikkaa (divorce):-macaafnii qulqulluun abban manaa fi haati manaa wal

hiikuu akka danda’an bakka tokkotti illee hin ibsine. Kakuu moofaa

keessattis ta’e kakuu haaraa keessatti hiikkaan akka hin danda’amne

dubbatameera (Mil. 2:10-13, Mat. 19:6).

C.Wal jeequu:-wal jeequun maatii tokkoo maddi isaa waliif amanamuu

dhbuu yommuu ta’u xumura irratti waliif amanamuu dhabuun nama

lama /abbaa manaa fi hadha manaa gidduutti uumame amma immoo

maatii mara walitti naqee manni guutummaatti nagaa dhabuu jalqaba.

Dubbiin Waaqayyoo immoo amanamummaa malee waliin jiraachuunii fi waaqessuuf


imimmaan lolaasuun illee gaarii akka hin taane nutty hima (Mil.2:13-15, Fak.11:29).

Akkuma bara Milkiyaas raajichaa arras abban manaa fi haati manaa mana keessaa osoo
nagaa hin qabaatiin bakka aarsaa/waaqeffannaa deemanii imimmaan lolaasan ni jiru
laataa? Yoo jiraataniif waaqeffannaa isaanii kan dursuu qabu maatii isaanii waliin waliif
amanamuuf wal kabajuun erga guutamanii booda ta’uu qaba kan ija-jabinaan bakka
aarsaa deemanii kadhatan. Yoo kana ta’uu dhaa baate, fayyuma iyyina malee iyyi keenya
akka hin dhaga’ame hubachuu qabna.

3. Cubbuu kara hojii hiikuujibbuu dhufu irraa qulqullaa’uu

12
(work ethics and moralized issue)

Namoonni hojiin /dafqanii buluun bu’aa abaarsaa ti jedhanii umama boqonnaa 3


hubannaa malee utuu dubbatanii ni argina. Hojiin garuu kufaatii namaa duraa
iyyuu kan jiruu fi itti gaafatamummaa Waaqayyoo namatti kennee dha
(uma.1:28,2:15-17 1Tas 2:9,2Tas3:6-12).

Hojii cubbuu irraa kan hafe gosa hojii addaan baasnee osoo hin qoodiin/hin
tuffatiin dammaqummaa dhaan yoo hojjenne karaa eebbaa nuuf ta’uu ni danda’a.
takka takka namoonni hojii gargar qooduutiin hojiin qonnaa, kophee
bareechuu/sirreessuu fi kkf…akka hojii tufatamaatti waan ilaalaniif hojii kan biroo
barbaaduu irratti xiyyeeffatu malee isaan kana akka hojiitti hin lakkaa’an. Kun
immoo hanqina hubannoo keenyaati malee iddoo iddoo isaatti hojiin hundi kan
barbaachisuuf madda galii/ jireenyaa nuuf ta’uu kan danda’u ta’uu isaa haa
ubannu.

Hojiin kam iyyuu qulqullummaa nuti Waaqayyo waliin qabnu kan hin xureessine
fi bu’aa kan nuuf qabu taanaan hojjechuu qabna malee tuffachuu hin qabnu.

4. Cubbuu Miidhagummaa/ of koorsisuu Gar-malee ta’e irraan dhufu irraa of eeguu.


(Keeping ourselves from extereme self decoration)
Of kuuluu/miidhagsuu keenya keessatti raawwatee akka amantootaa dhiisee akka
nama Gooftaatti hin amananne kan nu godhu yoo ta’eef akka namoota
Waaqayyootti/ amantootaatti madaalii jireenya keenyaa eeggachuu nubarbaaachisa
malee fayyuma kan argine fakkaachuun sirri hin ta’u.
Fakkeenyaaf:- shamarreen biyya keessa jiraattuu fi mana barumsaa kutaa 1-12
turte keessatti uffata gadi dheeraa fi qullaa/saala namaa hin mullifnee uffachaa ture
gaafa yuunvaristii deemte ufaata gadi dheeraa fi qullaa namaa dhoksu sana
kukkuchiiftee gabaabsitee akka naannootti/kampaasiitti sirreefachuun gaarii hin
ta’u. Sababiin isaas yoom iyyuu taanaan uffanni keenya qullaa namaa
mullisuudhaan kan gara ejjummaatti nama kakasuu fi hawatu ta’uu hin qabuu
iyyuuti.
Of kuuluuf yommuu kaanu gaaffiiwwan barbaachisoo ta’an nuti of gaafachuu
qabnu jiru kanatti fufanii jiru. Isaanis:-
1. Waaqayyoof ulfina ni kennaa? 1Qor10:31)
2. Jireenya hafuura koof faayidaa qabaa? (1phexi 5:4)
3. Of miidhagsuun keessa ba’e kun immoo namoota warra kaan ni gufachiisaa?
(Mar. 9:46). Jennee of gaafachuun barbaachisaa dha.
4. Cubbuu karaa arrabaa dhufu irraa Qulqullaa’uu

13
Arrabni keenya waaqayyoon ittiin tajaajiluufis ta’e ittiin waan hin taane
dubbachuuf kan waa’ee baasu dha. Yaaqoob ergamaan gooftichaa waa’ee
kanaa ba’eessa godhe ibseera (Yaaqob 3:12). Cubbuu karaa arraba keenyaa
nutti dhufuu danda’u mee kanatti fufnee haa ilaallu. Isaanis:-
A. Hamii: kana jechuun dubbii hin taane, hundee hin qabne, fi kkf
dubbachuudhaan bakka namichi hin jirretti maqaa nama tokkoo hadheessaa/
gurraachessaa turanii nagaa fakkaatanii jiraachuu dha. Hamachuu dura
dubbichi dhugaa dhaa ? barbaachisaa dhaa? Dhimmi kana keessa seenuu nu
dandeessisu jiraa? jedhanii yaaduun gaariidha. (Lew. 12:16, Fak.18:8,
20:11,Faar.15:1-3).
B. Soba: afaaniin sobni kan seexanaa ti yoo jedhame illee seexana harkatti
qabuutiin/irraa hirmaachuutiin namni hin sobne hin jiru. Bara kana keessa
namoonni heedduun sobaan dubbii dhugaa haqaaqu, fira isaaniif jedhanii
sobaan dhugaa utuu ba’anii fi namoota illee gargar baasanii mullatu. Kun
immoo gaarii miti (Fak.6:16-19). Kanaan akka hin xuroofne of eeggachuu
qabna.
C. Dubbiitti Ariifachuu: dubbii dhaga’uuf ariifachuudha malee dubbachuuf
ariifachuun barbaachisaa akka hin taane beekne irraa of qusachuun
gaarummaa qaba. Waaqayyos isa kana dubbii isaa keessatti akeekkachiiseera
(Far.106:32-33, Fak.29:20 Lallaba 5:2).
D. Nama arrabsuu/abaaruu: dubbiin nama gufachiisu amma fedhe utuu cimee ille
kan nama arrabsuu fi abaaru namoota akka yaada garaa isaaniitti oofamanii fi
warra jireenyi isaanii of qabuu hin dandeenye malee namni dubbii waaqayyoo
hubatee dubbatuu fi kan raawwatu miti (Yaaqob 3:5-12, 1phexi 3:8-12, Rome
12:14).
E. Baaltii: kun immoo nama walitti naquu dha. Warri akkasii daldaltoota dubbii
ti. Isaan akkasii kun kan jedhames kan hin jedhamiinis walitti sassaabanii
nama walitti naquun hojii isaanii yommuu ta’u bu’aan isaanii immoo garaa
namootaa yakkanii /xureessanii/ gargar baasuu yommuu ta’u waaqa biratti
immoo jibbamoodha (Fak.6:19).
F. Tapha xuraa’aa: tapha xuraa’aa kan jedhamu yeroo dheeraadhaaf hojii hiikanii
dadhabbii namootaa lakkaa’uudhaan taa’anii kolfuu baayyisuu dha. Itti
dabalees dubbii macaafni qulqullaa’aan hin deggerree fi ulfina hinqabnee
funaananii taphachuun of xureessuu irraa of eeguun namoota/luboota
waaqayyoo irra jira. Dubbiin akkasii nama waaqayyoo ta’uu irraa kan nama
fageessu dha (2Xim. 2:16-19). Kun koflaa fi qoosaa hin taane baayyisuu dha
(Lallaba 7:6, Fak. 10:19).

14
5. Yakka/cubbuu karaa waaqeffannaatiin dhufu irraa qulqullaa’uu
Waaqeffannaan eenyummaa ofii gad deebisanii fi bichisiisanii waan
hundumaanuu waaqayyo duratti gad bu’anii isa kabajuu, jajuu, faarfachuu,
kadhachuu, galateeffachuu fi ol ol qabuu dha. Waaqayyoon waaqeffachuuf
dhiyaachuu keessa illee takka takka utuu of hin qopheessiin dhiyaachuu irraa
kan ka’e cubbuutti ni galla. Kunis kan inni ta’u:-
A. Oftuulummatiin waaqeffanna yoo ta’e
Waaqayyoo kan inni waaqeffamu qaama keenya isa diidaan mullatu qofaan osoo
hin taanee keessa namummaa keenyaa isa dhokataan illee waaqeffamuu barbaada.
Takka takka nuti namoonni qaamaan mana kadhataa deemnee, lallabnee,
faarfannee, kadhannee, buusii fi kurneffaa akkasumas kennaa adda addaa laannee
waan waaqeffanne nutti fakkaachuu danda’a. Wantoota olitti caqafaman kana
gochuu utuu hin dhiisiin waaqayyoo wanti inni ittiin waaqeffamu inni ol’aanaan
keessa namummaa keenyaa isatti akka tolutti isaaf qopheessuun akka nu irra jiru
beekuu qabna. Waaqeffanaa keessatti waan hundumaa caalaa kan Waqayyo nu
irraa barbaadu fuula isaa duratti gad of deebisuu/ garaa cabaa qabaachuu dha.
Waaqyyoon waaqessuuf, isa kadhachuufis ta’e aarsaa isaaf dhiyeessuuf garaan
cabaan murteessaadha.
Waaqayyo namoota hafuura oftuulummatiin deddeebi’an fuula isaa duratti hin
jaalatu (Yaaqob4:6-7, 1phex5:5). Fakkeenyaaf:-
- Kadhata Farisichaa( Luq.18:9-14).
- Uuziyaa mooticha (2sena. 26:16).
- Nabuka Dinaazaar (Dan. 4:28-33). Kkf.
 Waaqayyo yeroo hundumaa keessa garaa namaa ilaala waan ta’eef gad of
deebisuudhaan miila isaa jalatti kufnee garaa keenya guutuu isa waaqessuu
qabna.
B. Dhugaadhaan utuu hinta’iin fakkeessuudhaan waaqeffanna yoo ta’e.
Waaqa isa garaa namaa keessa beeku dhiisiitii nama akka ofii wajjiin illee
yaada guutuu dhaan hin dubbatan yoo ta’e namicha salphisuutti
lakkaa’ama. Akkuma kanaa waaqeffannaanis dhugaadhaan utuu hinta’iin/
fakkeessuudhaan ta’uu akka danda’u macaafni qulqulluun ni dubbata
(1Xim.3:5,Tito1:1-5). Isaan akkasii kun bifa waaqeffannaa kan qaban garuu
immoo humna isaa kan gananidha.
Waaqeffannan sirriin yaada garaa ofii hundumaa qabatanii hafuuraa fi
dhugaadhaan waaqayyoon waaqeffachuudha ( Yoh. 4:23-24).
C. Warra nu yakkaniif utuu dhiifama hin godhiin waaqeffanna yoo ta’e
cubbuu dha.

15
Waaqayyoo cubbuu nuti ittiin isa yakkine waan nuuf dhiiseef gara isaatti
dhiyaachuuf ija jabina qabna. Erga waaqayyo cubbuu keenya nuuf dhiisee
nuti immoo wanta namoonni biroon ittiin nu yakkan isaaniif dhiisuun nu
irra jira
( Mar. 11:25-26, Mat. 6:14-15).
D. Eenyummaa keenyaan/ guutummaa jireenya keenyaan isa hin waaqeffannu
yoo ta’e cubbuu dha.
Wanti nuti qabnu hundi isaa waaqayyo biraa arjummaa isaa irraa kan ka’e
kan nuuf ta’e /inni ofii isaatii kan nu badhaase dha malee waan tokko iyyuu
mataa keenyaan godhachuu/ argachuu/ hin dandeenyu. Qabeenyi,
beekumsii fi kkf hundi kan waaqayyoo ti. Inni nuuf kenne kun immoo erga
nuuf kennee booda isuma nuuf late kana irraa deebifnee akka isaaf
kennuudhaan ittiin isa waaqeffannu barbaada (Mar. 12:30).
6. Cubbuu karaa Qabeenyaa dhufu irraa Qulqullaa’uu
Namnii hundinuu qabeenyaa ni jaalata. Haata’u iyyuu malee jaalala
waaqayyoof qabnuu kan horii wajjiin wal qabsiisuun balaa guddaa qaba
(1Xim. 6:10).
Waaqayyo qabeenyaa nuuf laate kana ofuma keenyaa nyaannee dhugnee itti
bashannannee bara keenya akka dabarsinu qofaaf osoo hin taanee kallattii
barbaachisaa ta’een qabannee ofii keenyaas qixa sirrii ta’een itti gargaaramnee
karaa inni nu irraa barbaaduunis ulfina waaqayyoof akka oolchinee darbinuuf
dha.
Kanaafuu nuti luboonni/ namoonni waaqayyoo yakka karaa qabeenyaa
keenyaa nutti dhufuu danda’uu beekuutiin irraa of qulqulleessuu/eeguu qabna.
Isaanis:-
A. Waaqayyoon barbaaduurra qabeenyaa barbaaduu irratti xiyyeeffachuun
deddeebi’uu
Qabeenyi waaqayyo namaaf kennu naga-qabeessaa fi eenyummaa waaqayyoo
baruudhaan kan argamu dha( Ba’u. 23:25-26, Keessa. 28:1-14). Phaawuloos ergaa
isaa keessatti qabeenyaa/ soruma irratti qofa xiyyeeffannoo barbaacha isaa namni
godhatee adeemu rakkina keessaa ba’uu hin dandeenyetti akka kufu dubbateera
(1Xim. 1:10).

B. Qabeenyaa keenya irraa warra hin qabne/ iyyeessota/ dhowwachuun cubbuu dha.
Wanta waaqayyo nuuf laate irraa iyyeessota warra wanta barbaachisaa dhabanii
rakkataa jiran ilaaluudhaan amma dandeettii keenyaa isaan gargaaruu yoodhiifne
nuuf gaarii hin ta’u. gara-jabinnii fi of tuulummaan waaqayyo duratti gaarii miti.

16
Fakkeenyaaf:- Alaazaar namicha rakkataa sanaa fi sooressicha yoo ilaalle baayyee
nama gaddisiisa (Luq. 16:19-30).
Waaqayyo nama qabeenyaa isaa irraa warra kaaniif kennuuf ni kenna (Luq. 6:38).
Namni iyyeessaaf kennu akka waan waaqayyoof liqeessee ti (Fak.11:24-25,19:17,
2Qor.9:9).
Namaaf kennuun waaqayyo irra kawwachuudha (Luq.12:33-34).
C. Waaqayyotti amanachuu caalaa qabeenyaatti hirkachuun cubbuu dha.
Lafa kana irratti qabeenyi barbaachisaa yoo ta’e illee isa amanachuunii fi itti
irkachuun immoo gowwummaa guddaa dha Luq.12:13-21). Kan nuti fayyine
warqee fi meetii dhaan osoo hin taanee Kiristoosiin akka ta’e beekuu dha
(1phexi1:18-19).
D. Sooromuuf jecha waaqa tolfamaaf aarsaa dhiyeessuun cubbuudha
Takka takka kan dhaga’amu namootiin qarshii heedduutti gurgurama jechuu
dhaga’anii hanqaaquu jawwee akka barbaadan, qorichaa fi waan garaa garaa akka
godhanidha. Namoonni akkasii waaqayyoon caalaa horii dhaaf gatii guddaa
kennaniiru waan ta’eef yoom iyyuu hin milkaa’an.Waaqayyoo fi horii wal
cinaa/qixxeessanii jaalachuun hin danda’amu waan ta’eef tokko filachuun dirqama
dha Mat.6:24).
Waaqayyyo isa dursa barbaadamuu qabu dursinee yoo barbaaddanne immoo
horiin/qabeenyi ofii isaa nu barbaada (Mat.6:33) hin rakkannus.
E. Qabeenyaa keenyaan waan Waaqayyo hin jaalanne hojjenna taanaan cubbuu dha.
Qabeenya nuuf laateen nama miidhuutti hirmaanna taanaan gaarii mit. Bara kana
kessa “Horiin jiraannaan waaqarra karaan jira” jechi jedhamu jira. Kana jechuun
horii keenyaan kan fedhii keenyaa godhachuu dandeenya kan jedhu qofa osoo hin
taanee horii keenyatti hirkannee nama irratti kan feene hojjechuu dandeenya kan
jedhu of keessatti qabata. Karaan qabeenyaatiin cubbuu hojjetan kanatti fufee jira:
-
- Gabbarsuu kennuu fi fudhachuu tiin murtoo/firdii/haqa jal’isuu
- (Ba’u.23:8, keess.16:19).
- Namoota horii hin qabne hiiqii/araaxaa/ itti kennanii jaanjessuu
- Horiidhaan nama namatti bitanii reebsisuu/ajjeesissuu (keessa. 27:25).

7. Cubbuu karaa maatii raawwatamu irraa qulqullaa’uu.


(Preventing sin in the family stage)
Maatii kan jedhaman abbaa manaa, haadha manaa, akkasumas ijoollee isaanii
dabalatee ti. Cubbuun sadarkaa maatiitti raawwatamu maal maal dha?

17
A. Ijoollee akka dubbii waaqayyootti guddisuun abbaa fi haadha irraa kan
eegamu dha (uma.18:19).
Ijoolleen kennaa nuti waaqayyoo irraa fudhanne ta’uu isaa beeknee qabaa
qajeelaa fi naamuusa gaarii dhaan guddisuu qabna (Faar. 127:3). Karaa
waaqayyootti qabnee guddisuudha malee xuxxuqnee aarsuun gaarii miti(Efe.
6:1-4).
Warri soorataa fi uffata barbaachisu hunda ijoollee isaaniif guutuu qabu
(Fak.23:13-14,22).
B. Ijoollonnis warra isaanii kabajuu fi kan isaan barbaachisu akka godhaniif
Waaqayyo abboomeera (Ba’u. 20:12).
- Ijoollonni warra isaaniif kabaja hin kennine jireenya qannoo hin qabne jiraachuuf
jiru (Fak.20:2030:17).
- Ijoollonni warra isaanii qallabuun/sooruun/ isaan irraa barbaadama (1Xim. 5:4).
C. Haati manaa fi abbaan manaa waliif abboomamuu diduun /wal jeequun
cubbuu dha. Jireenya isaanii har’aafis ta’e jireenya maatii isaanii boorii
irrattis balaa fidu qaba.
Haati manaa abbaa manaa isheef abboomamuun, abbaan manaas haadha
manaa isaa akka mataa isaatti jaallachuudhaan yoo waliin jiraatan maatiin
isaaniis ta’e ofii isaanii jireenya bu’aa qabuu fi guddina hafuuraa qabu
jiraachuu ni danda’u (Efe. 5:23-27).
D. Cubbuu karaa hojjetoota manaa dhufu irraa qulqullaa’uu
Hojjetaanii fi hojjechiifataan lachanuu yeroo hundaa fuula waaqayyoo dura
jiru.
Qonnaa qochisiifnas yoo ta’e hojii kan birootti kan ramadanne hojjeta mana
keenya taa’ee hojjetu kana qabaa fi ilaalcha sirrii ta’een bulchuutu nu irraa
jira. Yoo kana ta’uu dhaabaate mataa keenya, mana keenyaa fi maatii keenya
irratti yakka/cubbuu fiduu keenya dagachuu hin qabnu. Hojjettoonni keenya
yoo Waaqayyootti nu iyyatan inni ni dhaga’aaf. Kana booda inni haqa-
qabeessi waaqayyo akka nutti hin murteessineef hojjetaa kam iyyuu yoo
qabaanne Waaqayyoon of irratti sodaachaa hafuura gorsaa fi obbolummaatiin
dogoggora yoo qabaatan illee sirreessaa gammadanii akka isaan hojjetan
gochuun ba’eessummaa qaba. Kanaafuu akkuma waliigalaatti yoo ilaalle
hojjettoota irraas ta’e isa hojjechiifatu irraa kan eegamu dubbii waaqayyoo
keessa waan jiruuf isa kabajuutiin akka kanatti fufee jirutti hojiitti hiikuun
barbaachisaa dha. Innis:-

18
- Inni hojjechiifatu hojjetaan harka isaa keessa jiru kun nama akka isaa akka ta’e
beekee waaqayyoon of irratti sodaachuudhaan miindaa isaa illee eegee yeroo
isaatti kennuufii qaba (Qola. 4:1, Yaaqob.5:4).
- Hojjetaan qacaramee hojjetu sunis waaqayyoon sodaachuudhaan kan itti ergame
mara garaa guutuu fi amanamummaatiin raawwachuun irraa eegama (Efe. 6:5-7,
Qola. 3:22-23).

Yaada Xumuraa
Akkuma barnoota gabaabaa olitti ilaalle kanaatti nuti amantoonnii fi
tajaajiltoonni Kiristoositti amanannee jirru karaa gooftaa Yesuusiin luboota
mootummaa waaqaa waan taaneef jireenya keenyaaf gatii guddaa kennuutiin
luboota kakuu haaraa warra Kiristoosiin tajaajiluuf of qopheessan ta’uu qabna.
Akkuma olitti ilaalletti hojiin luba tohhoo maal akka ta’e fi itti
gaafatamummaan lubni mana Waaqayyoo tajaajilu tokkoos maal akka ta’e
beekuutiin haa raawwann. Luboota Kiristoos ta’uu keenyas kan agarsiifnu
keessa namummaa keenyaanis malee/hafuuraan, diidakeenyaan qofa /qaama
keenyaa fi kallattii kamiin illee taanaan qulqullummaa keenya eeggachuu fi
jireenya fakkeenyummaa qabu qabaachuutiin hojii Waaqayyo nu irraa
barbaadu hanga dhumaatti utuu hin dagatiin akka fiixaan baafannuuf
Waaqayyo nu haa gargaaru.

19

You might also like