Tamsaasa Wangeelaa 1

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 18

Baafata

Seensa..............................................................................................................................................3
Boqonnaa tokko (1).........................................................................................................................4
1. Yaada/fedha Waaqayyoo Hubachuu........................................................................................4
2. Waaqayyo Galma/ Akeeka Sanyii Ilma Namaaf Qopheesse Beeku........................................4
3. Maallummaa Tajaajillaa Beeku...............................................................................................4
4. Hawaasa Tajaajillu Beeku........................................................................................................5
Boqonnaa 2......................................................................................................................................5
Mul ’ina...........................................................................................................................................5
1. Mul’inni Maalidha?..................................................................................................................5
2. Mul’inni Maaliif Barbaachisa? (Sababii Isaa).........................................................................6
3. Mul’inni Maal Maal Hojjechuudhaaf Nu Gargaara? (Humna)................................................7
4. Waaqayyo Kaayyoo Isaa Kan Ibsu Eenyuufidha?...................................................................7
Boqonnaa 3፡.....................................................................................................................................8
GalmaaTajaajila kayyachuu/beekuu................................................................................................8
1. Galmi maalidha?......................................................................................................................8
Galma jechuun,............................................................................................................................8
2. Galmaa fi Mul’ata Gidduu Garaagarummaan Jiru Maalidha?.................................................8
3. Galma Keeyyachuu/Beekuun Maaliif Barbaachisa?................................................................8
3.1. Bu’uura Kitaaba Qulqulluu waan qabuuf.............................................................................8
3.2. Faayidaalee Biros Waan Qabuuf...........................................................................................9
4. Galma Keenya Akkamitti keeyyannu/Beeknu?.......................................................................9
Boqonnaa 4፡...................................................................................................................................11
Waldaa Amantootaa...................................................................................................................11
1. Waa’ee Waldaa Amantootaa Ilaalchisee Hubannoo Dogograa.............................................11
2. Waldaan Amantootaa Eenyudha?..........................................................................................11
3. Waldaan Amantootaa Kitaaba Qulqulluu Keessatti Fakkeeynawwan Isheen Itti Ibsamte....11
4. Akka Hubannoo Keessaniitti Waldaan Amantootaa Gaarii Jedhamtu Ishee Akkamiitti?.....12
5. Waldaa Amantootaa Akkamii Hundeessuu Barbaaddu?.......................................................12

1
Boqonnaa 5፡...................................................................................................................................13
Naannoo Irratti Xiyyeeffannu Filachuuu.......................................................................................13
1. Barbaachisummaa Naannoo Irratti Xiyyeeffannu Filachuu...................................................13
2. Naannoo Irratti Xiyyeeffannu Filachuudhaaf Haalduree Barbaachisan................................13
Boqonnaa 6፡...................................................................................................................................14
Namoota Hundumaa Gara Kristosiin Amanuutti Fiduu................................................................14
1. Tajaajila Ijoollee Jalqabsiisu..................................................................................................14
2. Dargaggoota Gara Kristositti Fiduu.......................................................................................15
Boqonnaa 7....................................................................................................................................16
Qajeelfamoota Hojiidhaan Waldaa Amantootaa Hudeessuudhaaf Gargaaran.............................16
Boqonnaa 8....................................................................................................................................17
Jireenya Tajaajilaa Hundeessaa Waldaa Amantootaa...................................................................17
1. Walitti Dhufeenya/ Tokkummaa Waaqayyo Wajjin Qabu....................................................17
2. Jireenya Maatii.......................................................................................................................17
3. Jireenya Hawaasummaa.........................................................................................................18
Kitabilee waabii/madaa.................................................................................................................19

2
Seensa
Hawaasa Wangeelatti amanan keessatti uumama hudumaaf Wangeela lallabuun itti
gaafatamummaa amantoota hundumaa ta’uun isaa sadarkaa dubbatamu irraa kaanee yoo ilaallu
dhugaa hundumaa biratti fudhatama qabudha. Haata’u malee, gara raawwii isaatti yommuu
dhufnu Wangeela lallabuun hojii namoota muraasaa ta’anii fi itti gaafatamummaa abbaa
Wangeelaa fi hojii garee tajaajiltoota tamsaasa Wangeelaa irratti boba’anii akka ta’etti waan
ilaalamuuf, amantoota hundumaa hirmaattota hojii Wangeelaa akka ta’aniif hojiin ciminaan
hojjetamu hin mul’atu. Leenjii keenya isa duraa keessatti ilaaluudhaaf akkuma yaalii goonetti
garuu Waldaan Amantootaa isheen jalqabaa kan isheen guddachaa fi baballachaa deemuu
dandeesse, hirmaannaa amantoonni hundumtuu kallattiidhaan taasisaniin ture. Kanaafuu bara
keenya keessattis dhugaan kun akkuma eegametti itti fufeera. Kanaafuu leenjii keenya isa
jalqabaa Wangeela namoota biraatiin geessissuu jedhu keessatti waanuma kana cimsuu ni
barbaadna.

Kanatti fufuudhaan kutaa seensa keenyaa isa jalqabaa irratti ergaa nuti argisiissuu barbaadnu
Wangeela lallabuudhaaf hojii dursaan hojjetamuu qabu beekuu, kanas bara jiraannu keessatti
raawwatamee arguudhaaf kan nu dandeessisu mul’ina Waaqayyo biraa fudhachuu fi
galma/akeeka tajaajilaa keeyyachuudhaan bakka ka’umsaa fi bakka ga’umsaa beekuudhaan
sosocho’uun barbaachisaa ta’uu isaa, eenyuummaa Waldaa Amantootaa of eeggannoodhaan
hubachuun immoo “Waldittiin hundeeffamtu bifa akkamii qabaachuu qabdi?” gaaffii jedhuuf
akka Kitaaba Qulqulluutti deebii argachuuf ni gargaara.

Wangeelli uumama hundumaa bira akka gahuuf dhugumatti kan hawwinu yoo tahe, hawaasa
hundumaa biraan ga’uudhaaf tarkaanfii nu dandeessisu deemuudhaaf naannoo xiyyeeffannoo
filachuudhaan namoota hudumaa gara Kristositti fiduudhaaf dhimmuu akka qabnu, dhimmanii
hojjechuun kunis jireenya hafuuraa cimaadhaan kan deeggeramu akka ta’uuf jabaatanii
hojjechuu ni gaafata. Keessumaayyu immoo Wangeelli bara jireenya koo keessatti waamicha
koofi adaraa/itti gaafatamummaa anatti kennamedha jedhanii Waldaa Amantootaa hundeessuu
irratti kan bobba’an hundumtuu, waantoota bu’uuraa ta’an kana beekuun barbaachisaadha.
Kanaafuu kutaa tokko kana keessatti dhimmoota tuqaman kana irraat xiyyeeffannoo
barbaachisaa ta’e kennuudhaan ni ilaalla.

Kaayyoon keenya inni guddaan yaalii Wangeela uumama hundumaa biraan ga’uu keessatti
fedhii Waldootii amantoota keenyaa guutuu fi waamicha keenyaaf deebii kennuu qofaa otuu hin
taane, yaada Waaqayyo nuf qabu hirmaachuu ta’uu isaa beekuudhaan dhimma Waaqayyo dursaa
kennuuf irratti nutis dursaa kennuudhaan bara dhumaa kanatti qomoo fi afaan garaa garaa kan
dubbatanii fi qulqulloota walitti qabaman fuula Gooftaa duratti arguun hawwii keenya isa cimaa
ta’uu isaa argisiisuu fi dimma kana irratti Waldaa Amantootaa qopheessuudha.

3
Marii Garee Tokkoffaa

Deemsa Wangeela namoota biraatiin ga’uu keessatti hojiin dursaan hojetamuu qabu maal ta’uu
qaba jettu?

Boqonnaa tokko (1)


Deemsa Wangeela namoota biraatiin ga’uu keessatti hojiin dursaan hojetamuu qaban :

1. Yaada/fedha Waaqayyoo Hubachuu


Deemsa Wangeela namoota biraatiin geessisuu keessatti hojii dursaa ta’uu kan qabu fedhii
fayyinaa Waaqayyo ilmaan namootaa badan hundumaaf qabu beekuu, akkasumas yaada
Waaqayyoo hubachuu fi dhaggeeffachuu danda’uudha.

❖ "Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef,
Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera.” (Yoh.
3፡16)

❖ " Fedhiin isaas akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe
akka argatani dha.” (1Xim. 2፡4)

❖ "Namoonni tokko tokko Gooftaan akka turu godhanii akka yaadan, inni abdiiwwan kenne
raawwachuuf hin turu; kanaa mannaa hundumtuu yaada akka geddaratan malee, namni tokko
illee akka badu waan hin barbaadneef isiniif jedhee ni obsa.” (2Phex. 3፡9)

2. Waaqayyo Galma/ Akeeka Sanyii Ilma Namaaf Qopheesse Beeku


“Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo’ate, fakkaatti ilma isaa isa obboloota baay’eedhaaf
angafa ta’uuf jiru,akka ta’aniif yaadaan isaan qabe" Rom. 8፡29

Waaqayyo nama fayyisuu isaa irratti dabaluudhaan, namni fayye hirmaattuu amala waaqummaa
isaa ta’uudhaan akka isaan Kristosiin fakkaatanii fi jaalala isaaniitiin akkuma isaa guutuu akka
ta’aniif ilmaan namootaaf galma/akeeka isa dhumaa inni kaa’edha (Mat. 5፡48, 1Yoh. 2፡6, 2Phex.
1፡4).

3. Maallummaa Tajaajillaa Beeku


Tajaajilli maalidha? Eenyutu Tajaajila? (marii yaa’ii)

Tajaajila jechuun, namoonni Yesus duukaa akka bu’an gochuu qofa otuu hin taane, namoonni
guddatanii Yesusiin akka fakkaatan gargaaruu fi guddisuu danda’uudha. Kana waan ta’eef,
adeemsa Wangeela namoota biraatiin ga’uu keessatti tajaajila jechuun maal akka ta’e hubachuun
hojii keenya isa duraa ta’uu qaba. " Innis tokko tokko ergamoota, tokko tokko raajota, tokko
tokko labsitoota Wangeelaa,* tokko tokko immoo tiksitootaa fi barsiisota godhee kenne; 1 kanas
kan godhe, qulqulloota akka qajeelchan, warra kaan akka tajaajilanii fi qaama Kiristoos akka

4
ijaaraniifi; kunis hamma hundi keenya tokkummaa, isa amantii fi waaʼee Ilma Waaqayyoo
beekumsa sirrii qabaachuudhaan argamu bira geenyutti, akkasumas hamma bilchaatoo taanutti,
jechuunis akkuma Kiristoos hamma bilchina guutuu bira geenyutti dha. " (Efe. 4፡11-13) " Nama
hunda tokkummaa Kiristoosii wajjin qabuun guutuu goonee akka dhiheessinuuf, inni isa nuti
ogummaa hundumaatiin nama hunda gorsinuu fi nama hunda barsiisnu, akkasumas balʼinaan
akka beekamu gochaa jirru dha. Anis jabina isaa isa humna guddaadhaan na keessatti hojjechaa
jiruun, kana fiixaan baasuuf carraaqqii cimaa gochuudhaan jabaadhee hojjechaan jira." (Qol. 1፡
28-29)

4. Hawaasa Tajaajillu Beeku


Haala qabatamaa hawaasa tajaajillu sana jechuun, aadaa, haala jireenyaa, kan isaan kabajanii fi
tuffatan, waliiti hidhata hawaasichaa, qaama hawaasa addunyaa kan biraa wajjin walitti
dhufeenya inni qabuu fi kan kana fakkaatu hubachuun Wangeela namoota biraatiif geessisuu fi
sochii Waldaa Amantootaa hundeessuu bu’a qabeessa gochuudhaaf, waanta biraa hojii keenya
isa duraa gochuu kan qabnudha.

Xumura

Kanaa olitti boqonnaa kana keessatti ilaaluudhaaf akkuma yaalametti, adeemsa Wangeela
namoota biraatiin geessisuu keessatti fedha Waaqayyo namoota hundumaa fayyisuudhaaf qabuu
fi galma/akeeka Kristosiin fakkaachuu inni ilma namaaf qopheesse hubachuunii fi tajaajila
jechuun maal jechu akka ta’e beekuun akkasumas haala qabatamaa naannoo hawaasa tajaajillu
sana hubachuun hojii keenya isa dursaa ta’uu qaba.

Marii Garee Lammaffaa

Mul’inni maalidha? Maal maal hojjechuuf nu gargaara? Maaliif barbaachisa?

Boqonnaa 2

Mul ’ina
1. Mul’inni Maalidha?
(Warri leenjii kana irratti hirmaatan tokkoon tokkoon isaanii waa’ee mul’inaa hubannoo qaban
daqiiqaa 2 keessatti haa barreessan)

Sadarkaalee sadii mul’ina keessatti kan yaadatamuu qaban፡

❖ Waaqayyo maal akka hojjennuu fi maaliif akka hojjennu nu argisiisa.

❖ Waaqayyo akkamitti akka hojjennu nu argisiisa.

❖ Waaqayyo yoom akka hojjechu qabnu nu argisiisa.

5
Mul’inni ilaalcha garaa garaadhaan yeroo ilaalamu, hiika baay’ee qabaachuun isaa ni beekama.
Haata’u malee boqonnaa kana keessatti haala qabatamaa nuti mul’ina ittiin ilaallu kallattii
Waldaa Amantootaa hundeessuu keessatti hiikaa fi faayidaa inni qabudha. Kana waan ta’eef
waantoota muraasa ta’an akka kanaa gadiitti ni ilaalla. Mul’ina jechuun፡-

❖ Waaqayyo biraa kan kennamu, karoora yaada Waaqayyoo keessa jiru qulqulleeffatanii
fagootti arguu jechuudha.

❖ Yaada keenya keessatti ulfaa’amee/uumamee gara fuula duraatti kan dhalatuu fi kan
arginudha.

❖ Galma/akeeka tokko bira ga’uudhaaf sammuu keessatti kan mul’atu yookiin wixinee yaadaa
ta’ee kan mul’atudha.

❖ Waanta fuula duratti ta’uuf jiruuf ilaalcha nuti har’a qabaannudha.

❖ Waaqayyoo karaa keenya hojjechuudhaaf waanta inni yaade tokko, akka Waaqayyo ilaalutti
arguu danda’uudha.

2. Mul’inni Maaliif Barbaachisa? (Sababii Isaa)


➢ Jireenya nuti jiraannuuf sababii dhugaa kan ta’e akka beeknuu fi yaada gargar hin hiramneen
waanta nutti mul’atu irratti akka xiyyeeffannufidha.

➢ Galma/akeeka keenya akka keewwannuu fi milkaa’ina gurguddaa bira ga’uufidha,

➢ Hawaasa keenya bakka Waaqayyo akka isaan ga’an barbaadutti guddisuu fi mootummaa
Waaqayyoo hundeessuudhaaf,

➢ Jireenya keenya keessatti gufuuwwan nu mudatan mo’achuu fi waanta nutti mul’ate sana
galmaan ga’uuf cimina keessaa argachuufidha.

➢ Uummanni/sabni jireenya gad-dhiisii keessaa ba’uudhaan jireenya hiika qabu akka jiraatu
gochuudhaaf mul’inni barbaachisaadha.

3. Mul’inni Maal Maal Hojjechuudhaaf Nu Gargaara? (Humna)


➢ Miira gad-fagoo nu keessatti uuma. Abdii guddaa akka qabaannu godha.

➢ Nu kakaasa –otuu namni biraa nu hin dadamaqsiin waanta nutti mul’ate sana kaka’umsa
mataa keenyaatiin akka jalqabnu godha.

➢ Kallattii nuuf kenna – guyyaa guyyaatti maal hojjechuu akka qabnu ni beekna.

➢ Kaayyoo akka qabaannu nu godha – jireenya hiika qabu akka jiraannu nu godha.

4. Waaqayyo Kaayyoo Isaa Kan Ibsu Eenyuufidha?


Waaqayyo kaayyoo isaa kan ibsu;
6
❖ Namoota biraa tajaajiluudhaaf guutumaan guutuutti jireenya isaanii namoota Waaqayyoof of
kennanittidha.

❖ Namoota hidhachiisuu fi qopheessuudhaaf jaalalaan kan gubatanii/jaalalaa gubaa kan qabanii


fi aarsaa ta’uudhaaf namoota qophaa’an,

❖ Namoota hanga deebiin kadhannaa isaanii Waaqayyo biraa dhufuutti soomaa fi


kadhannaadhaan fuula isaa dura turanif,

❖ Mul’ina isaanitti mul’ate sana karaa sirrii ta’een namoota biraatiif hiruudhaan namoota isaan
wajjin hojjechuu danda’aniif,

❖ Guyyaa guyyaatti Kristosiin fakkaachuudhaaf kan shaakala godhan,

❖ Namoota waanta dhaga’aniif abboomaman, fedha Waaqayyoo guutuuf dhimmanii fi namoota


mataa isaanii gad of deebisanittidha.

Xumura

Mul’inni waanta yaada Waaqayyoo keessa jiru qulqulleessanii arguu akka ta’ee fi keessa
keenyattis miira gad-fagoo uumuudhaan kaayyoo tokkoof kallattii kennuudhaan akka inni nu
kakaasu boqonnaa kana keessatti hubanneerra. Kana waan ta’eef, tajaajiltoonni Waldaa
Amantootaa hundeessan, tajaajila Wangeelaa namoota biraatiin ga’uu keessatti mul’ina sirrii ta’e
akka qabaataniif fuula Waaqayyoo duratti dhi’achuunii fi mul’ina isaanif kenname sanaaf of
kennuudhaan aarsaa barbaachisu kaffaluudhaan galmaan ga’uun isaan barbaachisa.

Marii Garee sadaffaa

Galmi/galiin maalidha? Galmaa fi mul’ina gidduu garaagarummaan jiru maalidha?


Galma/galii keeyyachuun maaliif barbaachisa? Galma/galii akkamitti keeyyanna?

Boqonnaa 3

GalmaaTajaajila kayyachuu/beekuu
1. Galmi maalidha?

Galma jechuun,
❖ Fiiguudhaan, deemuudhaan, taphachuudhaan, barachuudhaanis, lallabuudhaanis, barsiisuu fi
kkf… bira ga’uuf kan hawwinu, waanta inni nurraa barbaadu hundumaa kaffaluudhaaf tole kan
jennu fi bakka ga’uu barbaadnudha.

7
❖ Milkaa’ina mul’ina keenyaatiif yeroodhaan hiruudhaan, harka keenyaan qabachuudhaaf
yookiin gara xumuraatti fiduudhaaf kan nuti keeyyannu, firii bakka ga’uu barbaadnu sanaati.

2. Galmaa fi Mul’ata Gidduu Garaagarummaan Jiru Maalidha?


Mul’ina: - Waanta bira gahuu qabnuu fi kan yaada Waaqayyoo keessa jiru nuuf ifee jennaan
fakkii isaa arguu yoo ta’u, galma jechuun immoo akkauma kana dura ilaaluuf yaalletti sadarkaa
sadarkaadhaan deemudhaan waanta nu gaafatu kaffaluudhaan waanta xumura irratti bira
geenyudha. Kanaafuu mul’inni fakkii isaa yoo ta’u, galmi immoo sirriitti raawwatamee kan
xumura irratti arginudha.

Galma dursanii ilaaluun yookiin bakka ga’uu barbaadu nanga’a, waanta tokka akka milkaa’u nan
taasisa jechuun kan danda’amu yoo ta’e illee, galmi tokko galma kan ta’uu danda’u bakka ga’uu
barbaadan sana yoo ga’anidha.

3. Galma Keeyyachuu/Beekuun Maaliif Barbaachisa?

3.1. Bu’uura Kitaaba Qulqulluu waan qabuuf


Waa’een galama kaayyachuu bu’uura Kitaaba Qulqulluu akka qabu hamma tokko kan argisiisan
akka kanaa gaditti ibsametti ni ilaalla.

❖ Waaqayyo ofuma isaatiin illee galma yeroo dheeraa keessatti waan hojjetuuf (Uma 3 ፡15, Gal.
4፡4)

"nuuyi dhoksaa ogummaa waaqayyo isa hin beekamin ture sana dubbanna; Waaqayyo ulfina isa
irraa akka hirmanuuf Ummamu biyya lafaa dura ogummaa sana yaadee. 1Qor. 2፡7 " "inni
umammu biyyaa lafaa dura iyyuu warra qulqulla’aan, warra isa duratti mudaa hin qabnee akka
taanuuf, jaalalaan karaa kristoos nuu fo’ateera’’ Efe. 1፡4 .

❖ Yesus galma yeroo dheeraa keessatti waan hojjetaa tureef (Mat. 4፡18-22, HoE1:8),

❖ Phaawulos tajaajjilli isaa kan milkaa’eef karoora gaarii irratti hundaa’uudhaan gara galma
isaatti waan fiiguufidha ture. (1Qor. 9፡24-26, Fil. 3፡12),

3.2. Faayidaalee Biros Waan Qabuuf


Galma kaayyachuun bu’uura Kitaaba Qulqulluu qabaachuu irra darbuudhaan faayidaawwan
kanaa gaditti ibsaman ni qabaata; -

❖ Raawwatama mul’ina keenyaa fi sirrii ta’uu isaa mirkaneeffachuuf,

❖ Hojii madaalamuu fi safaramu hojjechuudhaaf,

❖ Tooftaalee garaa garaa akka barbaachisummaa isaatti qopheeffchuuf,

❖ Karoorri keenya duraa duuba akka qabaatuuf,

8
❖ Beekumsa, yeroo, maallaqaa fi humna haala sirrii ta’een itti fayyadamuu fi kan akana
fakkaatuuf ni fayyada.

4. Galma Keenya Akkamitti keeyyannu/Beeknu?


❖ Waanta hojjechuuf yaadne tokko ifatti keeyyachuudhaan

Fakkeenyaaf; - Waldaa Amantootaa hundeessuu nan barbaada. Sirriidha. Nan tajaajila. Walitti
qabaa waan ta’eef maalis ta’e maalis kan jedhu fakkaata, kanaafuu dogogoradha.)

❖ Hojii safaramuu danda’u keeyyachuu.

Fakkeenyaaf፡ Namoota 100 tokkoof Wangeela nan lallaba. Sirriidha. (Namoota baay’eetti
Wangeela nan hima. Safaramuu fi madaalamuu hindanda’u waan ta’eef dogogoradha.)

❖ Bira ga’uun kan danda’amu yookiin kijiba/waan tokko baay’ee ol kaasanii dubbachuu/ kan
hin taane.

Fakkeenyaaf: - Namoota 1000 tokkoof otuun lallabee nan jaalladha. Sirriidha. (Afrikaa
hundumaan walgeessisa. kijiba/waan tokko baay’ee ol kaasanii dubbachuu/waan ta’eef bira
ga’uun hin danda’amu. Mul’inni Afrikaa bira ga’uu kan danda’amu yoo galmi namoota kuma
tokko bira ga’uu danda’uun milkaa’e kan itti demamudha.)

❖ Dhugummaa kan of keessaa qabu

Fakkeenyaaf፡ Waldaa Amantootaa namoota 1000 tokko fiduu dandeessun hundeessa. Sirriidha.
Dogogora kan ta’e- Waldaa Amantootaa namoota miliyoona tokko fiduu dandeessun hundeessa.
Dhugaa jriu irraa waan fagaateef dogogoradha.)

❖ Yeroodhaan kan daangeffame

Galmi keenya fakkeenyawwan afur hojiirra ooluu danda’an kanaa olitti ilaalle kan guutu yoo ta’e
illee, yeroon kan hin kaayamneef yoo ta’e, bu’aa barbaadamu argachuun hin danda’amu. Kana
waan ta’eef, yeroo galma keeyyannu yeroodhaan daangessuun dirqaamadha.

Yaada kanaa olitti tuqamanii fi waanta nuti beekuu qabnutti dabaluudhaan galma keeyyachuuf
kan barbaachisu immoo kadhachuu, Waaqayyo biraa geggeeffama fudhachuu, waa’ee naannoo
tajaajilluu sana odeeffannoo qindeeffachuu, hiikuu, mul’ina keenya qulqulleessinee beekuu,
waantoota hojichaaf barbaachisan bakka qabsiisuu qaama dhimmi isaa isaan ilaallatu hundumaa
hirmaachisuudhaan, karoora hojii raawwatamuu fi safaramu qopheessuudhaan hojiirra
oolchuudha.

xummura

Galmi, bakka ga’uuf yaadne sana ga’uudha. Kanaa olitti akkuma ilaaluuf yaalletti galmi bu’uura
Kitaaba Qulqulluu fi faayidaalee baay’ee ni qaba. Kanaafuu, jireenya hundumaa keessatti

9
akkuma barbaachisu Waldaa Amantootaa hundeessuunii fi sochiin hojii Wangeelaa namoota
biraatiin ga’uun galama ifa ta’ee fi haala barbaachisaa ta’een qindaa’e qabachuun
barbaachisaadha. Kanaafis qaamni dhimmi isaa isaan ilaallatu hundi isaanii milkaa’ina galma
kanaatiif aarsaa isaan barbaachisu hunda kaffaluudhaaf kan qophaa’an ta’uu qabu.

Marii Garee Arfaffaa

Waldaan Amantootaa eenyudha?

Akka hubannaa keessanitti Waldaan Amantootaa gaarii kan jedhamtu ishee kamidha?

Waldaa Amantootaa akkamii hundeessuu barbaaddu?

Boqonnaa 4
Waldaa Amantootaa
Waldaa Amantootaa ilaalchisee baroota garaa garaa keessatti maqaan garaa garaa isheef
kennameera. Boqonnaa itti aanee jiru kana keessatti immoo waa’ee eenyummaa Waldaa
Amantootaa ilaalchisee yaadota dogogora ta’anii fi akka Kitaaba Qulqulluutti hiika sirrii ta’e
muraasa isaa ilaaluuf ni yaalla.

1. Waa’ee Waldaa Amantootaa Ilaalchisee Hubannoo Dogograa


❖ Mana ijaarame/gamoodha,

❖ Bakka murtoofte tokkodha,

❖ Bakka sagantaa sochiin garaagaraa jirudha; jechuunis ergaan, farfannaan, lallaba Wangeelaa,
tokkummaa fi waaqeffannaan qofti iti geggeeffamudha,

❖ Sirnoota garaa garaa qofadha,

❖ Qaama mana amantaa tokkootti,

❖ Bakka galmeen namoota yeroo murtaa’eef tokkummaadhaan walitti qabaman irratti


barreeffamudha,

❖ Jaarsa, iaaltuu waldaa /tiksee, abbaa wangeelaa jechuudhaan namoonni sadarkaa


taayitaadhaan ijaaramanii sirnaa fi qajeelfama ittiin bulmaataa qopheessanii dhaabbata jiraatu
qofadha kan jedhui fi kkf.

2. Waldaan Amantootaa Eenyudha?


Kitaaba Qulqulluu kana keessatti, kutaa kanaa gad jiru gareedhaanis ta’e dhuunfaadhhan erga
dubbistanii booda, jecha mataa keessaniin hiika Waldaa Amantootaa lafa ka’aa.

10
1Mot. 8፡27, Mat. 16፡18, Yoh. 4፡21-23, HoE. 7፡47-49, 17፡24, 20፡28, 1Qor. 3፡16, 6፡19-20

Waldaa Amantootaa jechuun namoota Gooftaatti amananii fayyanii fi dhiiga Kristosiin kan
qulqullaa’an, walga’ii tokkummaa qulqullootaa yoo ta’u, abbummaanii fi hundeessaan ishee
immoo Kristosidha.

3. Waldaan Amantootaa Kitaaba Qulqulluu Keessatti Fakkeeynawwan Isheen


Itti Ibsamte
1. Qaama፡- Rom. 12፡4-5, Efe. 1፡23, Efe. 4፡11-16, Qol. 2፡19, 1Qor. 12፡12-27

2. Tuuta/Karra፡- HoE. 20፡25-31, 1 Phe. 5፡1-4, Yoh. 10፡16

3. Gamoo/ijaarsa፡- 1Qor. 3፡9-16, Efe. 2፡19-22

4. Maasii Waaqayyo፡- 1Qor. 3፡5-9

5. Durba misirroo፡- 2Qor. 11፡2, Efe. 5፡25-33

6. Mana qulqullummaa፡- 1Qor. 8፡16-17

7. Sanyii filatamaa፡- 1Phe. 2፡9

8. Luboota mootii፡- 1Phe. 2፡9

9. Maatii፡- Efe. 2፡16-22

4. Akka Hubannoo Keessaniitti Waldaan Amantootaa Gaarii Jedhamtu Ishee


Akkamiitti?
Nuti hundumti keenyna Waldaa Amantootaa keessatti maatii taanee jirra. Nuti hundumti keenya
Waldaan Amantootaa keenya gaarii akka taatetti ni yaadna. Garuu gaarummaa ishee kan ittiin
safarru/madaallu maalidha?

Waldaan Amantootaa gaarii jedhamtu Kristos mataa kan ishee irratti ta’e, yeroo hundumaa
dhugaadhaaf hafuuraan Waaqayyoon kan waaqessitu, Wangeela/sagalee misiraachoo namoota
biraan ga’uudhaaf yeroo hundumaa dhimmitee kan hojjettu, lallabaa fi barnoota Kristosiin giddu-
galeessa godhate barsiissuudhaan bartoota kan horattu, Hafuura Qulqulluudhaan kan
geggeeffamtuu fi kennaan ayyaanaa hundu kan ishee keessatti mul’atu, amantoota ishee beektee
kan soortu/nyaachiftu, baay’inaa fi qulqullinaan lafa kana irratti kan baay’ataa deemtu, tajaajila
guutuu ta’een hawaasa bira kan geessu, akkasumas dhufaatii dhirsa misirroo dammaqinaa fi
qulqullinaan kan eeggattudha.

11
5. Waldaa Amantootaa Akkamii Hundeessuu Barbaaddu?
❖ Waldaa Amantootaa ishee jalqabaa kan fakkaattu (Kan Iyerusaalemii fi kan Antsokiyaa)
Jireenya keenyaaf fakkeenyaa gaarii kan ta’u Krstoosidha; tajaajila keenyaaf immoo fakkeenyaa
gaarii kan taate Waldaa Amantootaa ishee jalqabaadha.

❖ Waldaan Amantootaa safartuu/madaallii kanaa ol, lakkoofsa afur irratti tuqame kan guuttu,

Xumura

Waldaan Amantootaa kan Kristosidha; inni ishee hundeesseera. Bara kana keessatti Waldaa
Amantootaa keessatti rakkoowwan uumamaniif sababa guddaa kan ta’e waa’ee Waldaa
Amantootaa ilaalchisee hiika sirrii ta’e hubachuu dhabuu fi abbummaan Waldaa Amantootaa
waan karaa irraa waan maqeef/dogogoreefidha. Kana waan ta’eef Waldaa Amantootaa ishee
haaraa hundeeffamtu keessatti safartuu/madaallii Kitaaba Qulqulluu irratti hundooftee akka
isheen guddattu gochuudhaaf cimsinee hojjechuun nu barbaachisa.

Marii Garee Shanaffaa

Naannoo irratti xiyyeeffannu filachuun maaliif barbaachisa?

Naannoo irratti xiyyeeffannu attamitti filanna?

Boqonnaa 5

Naannoo Irratti Xiyyeeffannu Filachuuu


Naannoo irratti xiyyeeffatan filachuun Waldaa Amantootaa haaraa hundeessuu keessatti
dhimmoota ol aanoo ta’an keessaa isa tokkodha. Sababiin isaas, gara biyya lafaa hundumaa
deemaa… kan jedhe Gooftaan gara Iyerusaalemitti, Yihudaatti, Samaariyaatti… jechuudhaan
deemsa duraa fi duubaa nuttii argisiiseera. Kana waan ta’eef, boqonnaa kana keessatti
barbaachisummaa dhimma kanaa fi kana filaachuudhaaf waanta dursinee hojjechuu qabnu
hamma tokko/muraasa isaa ni ilaalla.

1. Barbaachisummaa Naannoo Irratti Xiyyeeffannu Filachuu


Naannoo Wangeelli hin geenyetti Wangeela geessisuudhaaf sochii godhamu keessatti naannoo
irratti xiyyeeffannu filachuun faayidawwan kanaa gaditti ibsaman ni qabaata.

❖ Galmaa kan qabuu fi qabatamaa kan ta’e Waldaa Amantootaa hundeessuuf nu gargaara,

❖ Qabeenya humna namaa, yeroo fi qabeenya biraa haala seera qabeessaa fi bu’aa buusuu
danda’auun akka itti fayyadamnuuf nu gargaara,

❖ Aarsaa hin barbaachisne baasuu irraa nu oolcha,

12
❖ Qabiyyee ergaa Wangeela keenyaa (akka haala naannoottii akka qopheessinuuf) nu gargaara,

❖ Naannoo Wangeelli hin geenya addaan baasnee beekuuf nu gargaaruu fi kkf.

2. Naannoo Irratti Xiyyeeffannu Filachuudhaaf Haalduree Barbaachisan


Naannoo irratti xiyyeeffannu filachuudhaaf haaldureewwan hojjechuu qabnu keessaa muraasa
isaanii akka kanaa gaditti ni ilaalla.

❖ Geggeessa Waaqayyoo kadhataan gaafachu HoE. 16፡6,

❖ Waa’ee hawaasa naannoo, aadaa, afaan, amantaa fi dhimmoota kana fakkaataniif odeeffannoo
guutuu argachuu,

❖ Lallaba Wangeelaa akka haala qabatamaa naannootti dhi’eessuuf gargaaran tooftaalee ga’aa
ta’an qindeessu,

Xumura

Hawaasa Wangeelli isaan bira hin ga’iin yookiin naannoo nurtaa’aa adda ta’e tokko Wangeelaan
bira ga’uudhaaf xiyyeeffannoo goonee filachuun barbaachisaadha. Kunis hojii keenya duraa
duubaan haala qabatamaa ta’een raawwachuuf nu dandeessisa. Kanaafu, otuma kadhatanii
naannoo sana basaasuu/qorachuudhaan qophii haalduree gochuun baay’ee barbaachisaadha.

Marii Garee Ja’affaa

Tajaajila ijoollee akkamitti jalqabnu?

Dargaggoota akkamitti gara Kristositti fiduu dandeenya?

Namoota fedhii addaa qabanii fi namoota hin baratiin akkamitti Wangeelaan isaan bira
ga’uu dandeenya?

Boqonnaa 6

Namoota Hundumaa Gara Kristosiin Amanuutti Fiduu


Wangeelaan namoota hundumaa bira ga’uu yeroo jennu ijoollota, dargaggoota, ga’eessota,
jaarsolii, warra baratan, kan hin baratiin, sooressoota, hiyyeessota, warra hawaasa keessatti
gatamanii fi dagataman gosoota hundumaa fi kkf. jechuu keenya yoo ta’u, isaan kana keessaa
muraasni isaanii leenjii kana keessatti kophaa isaaniitti ni ilaalamu.

1. Tajaajila Ijoollee Jalqabsiisu


Fayyinni ijoollotaaf kan barbaachisuu fi qaama hawaasaa Wangeelli isaan bira ga’uu qabu waan
ta’anii fi Waaqayyo dhalootaaf bakka guddaa kennuu isaa irraa kan ka’e, Waldaa Amantootaa

13
hundeessuu yeroo yaadnu, kana wajjin dhimmoota dursaa argachuu qaban keessaa tajaajila
iloollotaa haala bifa qabuun qindeessuunii fi tajaajila jalqabsiisuu danda’uun isa tokko dha.
Tajaajilli kun gurmaa’uu ijoollee amantootaa qabuu fi ijoollee Wangeelli isaan bira hin ga’iin
qaqqabuu kan karoofate/kan itti yaadame ta’uu qaba. Kana waan ta’ee, tajaajila kana
jalqabsiisuudhaaf,

❖ Jaalala ijoollee fi ba’aa kan qaban tajaajilotoota ijoollee leenjisu,

❖ Meeshaalee ijoollee barsiisuuf oolanii fi waantota tajaajila kanaaf barbaachisan


qopheessuudhaan tajaajila jalqabu,

2. Dargaggoota Gara Kristositti Fiduu


❖ Dargaggoota gara Kristoos fiduudhaaf karaa hiriyoota isaanii Wangeelli akka isaan bira ga’u
gochuu,

❖ Tooftaalee Wangeela dargaggoota bira geessisuudhaaf hawwatoo ta’an garaa garaa


fayyadamuudhaan fakkeenyaaf, farfannaa, ogbarru,spoortii, kennaa dandeetti argisiisu, fiilmii
hafuuraa fi diraamaa garaa garaa fi kan kana fakkaataniin Wangeelli akka isaan bira ga’u gochu,

❖ Kitaabni Qulqulluun dargaggoota bira akka ga’u gochuudhaan akka isaan dubbisan gochu,

3. Namoota Fedhii Addaa Qabanii fi Namoota Barumsa Hin Qabne Gara Kristoositti Fidu

❖ Qaamota hawaasaa fedhii addaa qaban fedhii isaanii haala quubsuu danda’uun tajaajila
guutuu kennuudhaan Wangeela lallabu,

❖ Barreessuu fi dubbisuu akka isaan danda’an gochuudhaan Kitaaba Qulqulluu akka isaan
dubbisuu danda’an gochu,

❖ Seenaa Kitaaba Qulqulluu seenessuudhaan dhugaa Wangeelaa akka isaan hubatan gochu,

Xumura

Wangeelli ergaa fayyinaa kutaa hawaasa hundumaaf barbaachisu waan ta’eef, haala qabatama
fedhii isaanii qorachuudhaan, toftaa tamsaasa Wangeelaa fedhii isaanii guutu danda’u
qopheessuudhaan dhuga ba’umsaa fi sagalee Waaqayyoo gara Kristositti isaan fidu qopheessuun
barbaachisa.

Marii Garee Torbaffaa

Naannoo keessanitti qajeelfamoota qabatamaan qorataman kan Waldaa Amantootaa


Hundeessuudhaaf gargaaran irratti bal’inaan mari’adhaa.

14
Boqonnaa 7

Qajeelfamoota Hojiidhaan Waldaa Amantootaa Hudeessuudhaaf


Gargaaran
Hojjiin waldaa amantoota inni angafaa fi guddaan yeroo yerootti Wangeela qaama hawwassa
adda addaa bira geesiftee waldaa amanttoota biro hundeessu dha . Erga ishee kana immoo akka
ta’uuti fixaan baassuudhaaf tooftalee /qajeelfama tamsaasa wangeela ba’eessaa fi haala yeroo
keessaatti hojjechuu danda’u diririfatee socho’uu qabdi . kanuma bu’ureffachuudhaan leenjii
kana keessaatti murasa isaani akka armaan gadditi qubaan tuquun yaalamera. Isaanis :

1. Bakka Xiyyefanna filachu


2. Addaa , afaan , amantaa fi dudhaalee Hawwassa wangeela biraan gesisuudhaaf filanee
sana beekuu
3. Wangeela akka haala hawwasa sanaaf ta’utti biraan gesisuudhaaf dhama’u.
4. Wangeela namoota biraan gesisuun ga’een isaa kan amantoota hundumaa akka ta’ee
amantootaaf leenjii kennu,hubachisuu fi dadamaqsu
5. Sabni nu filane sun Gooftaati Yesuusiti akka hin amane kiyyoo kan isati ta’ee maal akka
ta’ee sirriti addaan baasani beeku
6. Hammaan/seexani saba nannoo sana hidhee ta’uu akka digamuuf kadhata cima
gochuu/tasisuu(Matt12:29)
7. Tooftaa Wangeela nama tokkon nama tokko bira gesisuu addaa keenyaa godhachuu
8. Amantoota /namoota mul’ata/ba’aa tamsaasa wangeela qaban adda baasani beekuufi
isaan leenjisani bobaasu,keessuma dargagootaan
9. Bajjeta ga’ee tamsasaa wangeelaf ramaduu
10. Humni faayisuu Goofta Yesuus waldaa amantoota keessaatti akka hojjetuf haalaa
mijjesinee namoontni fayyinaa foon isaanif dhufaani Gooftaati akka amana gochuu
11. Human Hafuura Qulqulluu fi geggeessa isaati hirkachuu(Yoh16:8,13).
12. Teknoolojjiiti fayyadamuu. Fak.caqasa gababaa fi ifa ta’ee michoota keenyaa Goofta hin
beekneef yeroo yerooti ergu.
13. Barulee gagababoo fi xixiqoo tamsaasaa wangeelaf nama gargaranitii fayyadamuu
14. Fakkeenyumaa gaarii warra hin amaniin irraatti dhibbaa gaarii fiduu qabachuu
15. Nama hundumaa amantaan , aadaan , afaaniin , sadarkaa jireenyaatiin ,saalaan ,
qomootiin siyaasaan uttu hin qodiin jaalachuu
16. Yeroo gaddaa fi gammachuu namoota keessaatti hirmana gaari agarsifnee dhibbaa gaarii
isaan irraati umuu.
17. Yeroo mijataaf I haala mijatati fayyadamuun
18. Amanaan hunduu karoora tamsaassa wangeelaa bira ga’amuun fi hojjira olluu danda’u
akka qabatan dadamaqsu
19. Namootaf tajaajila hundaa galessaa kennudhaan wangeela isaan bira geesisuu

15
20. Caaraa jiru hundumaati fayyadamuun fakk .konkolaatan yomuu imalu , bakka cidhaati
,bakka awaalchati , namoota olla keenyaa jiraataniti, namoota waliin hojjenuu , waliin
baranuu , fi kkf .
21. Warra hin amane walliin Michomii/hidhata ummudhaan .
22. Duula tamsaasaa wangeelaaf guyyaa addaan baasani qabachuu fi garee kadhata guyyaa
sana kadhatan hundeesuu
23. Waldaa amantoota keesaatti koree tamsaassa wangeelaa ba’aa qabuuf garee kadhataa
tamsaassa wangeela ba’aa qabuu hundeessuu.
24. Amantootni hundumtuu tamsaassa wangeelaaf human isaani , yeroo isaani , qabeenya
isaanii fi beekumsa isaani arsaa akka godhaan dadamqsu.

Marii Garee Saddetteffaa

Tajaajilaan Waldaa Kistanaa hundeessu Waaqayyo, maatii isaa fi hawaasa wajjin jireenya
inni jiraachuu qabu irratti bal’inaan mari’adha.

Boqonnaa 8

Jireenya Tajaajilaa Hundeessaa Waldaa Amantootaa


Tajaajilaan Waldaa Amantootaa hundeessu tokko haala madaalamaa ta’een jireenya isaa
geggeessuudhaan hawaasa tajaajilu sanaaf fakkeenya gaarii ta’uu qaba. Kanaafu boqonnaa kana
keessatti walitti dhufeenya Waaqayyo wajjin, maatii isaa fi hawaasa wajjin jireenya inni
qabaachuun isaaf ta’u ni ilaalla.

1. Walitti Dhufeenya/ Tokkummaa Waaqayyo Wajjin Qabu


Tajaajilaan Waldaa Amantootaa hundeessu tokko walitti dhufeenya inni Waaqayyoo wajjin
qabuun eenyummaa isaa guutuudhaan nama Waaqayyoon waaqessu ta’uu qaba. Kunis yeroo
dhuunfaatti Waaqayyo wajjin turu akka qabaatu gochuudhaan sagalee Waaqayyoof, kadhataa fi
gad fageessanii yaaduudhaaf xiyyeeffannoo barbaachisaa ta’e itti kennuu qaba. Kanatti
dabaluudhanis yeroo Waaqayyo wajjin turan irraatti waantoota gufuu ta’an jireenya isaa irraa
fageessuudhaan Waaqayyo irratti hirkachuudhaan mormuu qaba (Mat. 14:23, Luq. 6:12).

Yeroo dhuunfaatti Waaqayyo wajjin qabaachuu ilaalchisee muuxannoo dhuunfaa keessanii yaa’ii
walga’iif kanaaf dhugaa ba’i. (Marii gumii)

2. Jireenya Maatii
Tajaajilaan hundeessaa Waldaa Amantootaa tokko maatii isaa kan jaallatuu fi kan kunuunsu,
yeroo barbaachisaa ta’e kan kennuuf, sagalee Waaqayyoo maatii isaa kan nyaachisu, ijoollee isaa
haala gaariidhaan kan bulchu akkasumas fakkeenyaa ta’ee kan geggeessu ta’uu qaba. (1Xim. 3፡1-
9).

16
3. Jireenya Hawaasummaa
Namoota amananii fi kan hin amanne wajjin nagaatti jiraachuudhaaf jireenya mudaa hin qabne
kan qabu, yeroo gaddaa fi gammachuu namoota wajjin kan hirmaatu, jireenya fakkeenyummaa
qabaachuudhaan jireenya fudhatamaa qabu jiraachuudhaaf kan hojjetu akkasumas aadaa
hawaasichaa kan beekuu fi kan kabaju ta’uu qaba (Mat. 5፡13-16).

Xumura

Mootummaan Waaqayyoo lafa kana irratti babal’atee, tajaajiltoonni immoo hojii isaanii
hubachuudhaan karaa sirna qabeessa ta’een hojjetanii guyyaa dhumaatti firii tajaajila
baayyeedhaan marfamanii yelloo/qaanii tokko malee fuula Mootichaa dura dhaabatanii arguun
hawwii keenyadha.

Hawwiin keenya kun hojiitti hiikamee akka arginuuf Waldaan Amantootaa jiraattuu taate
hundeeffamuun ishee, haala barbaachisaa ta’een kunuusni barbaachisaa ta’e isheef godhamee
guddachuun ishee, tokkummaa bartoota Kristosiin fakkaataniin midhagdee, geggeessitoota
jireenya fakkeenyummaa isaanitiin garaa saba isaanii booji’aniin guutamtee, ifaa fi soogidda
ta’uudhaan amantoota hundumaa kan hirmaachisuu fi akka isaan harka wal qabatan
gochuudhaan, kennaa Hafuura Qulqulluudhaan miidhagdee gara biyya lafaa hundumaatti
deemuuhaan uumama hundumaaf Wangeela kan lallabduu fi waanta Kristos abbome hundumaa
barsiisuudhaan mo’ichaan garaa fuula duraatti deemuu danda’uun ishee bakka bu’aa kan hin
qabnedha.

Ilaalchi keenya waanta yaada Waaqayyoo keessa jiru ilaalu, mul’inni keenya amantoota
hundumaa kan hirmaachisu, kennaan ayyaanaa hundumtuu kan keessatti mul’atan, sagalee
misiraachoo/ Wangeela sanyii namaa biyya lafaa irra jiru hundumaa geessisuudhaan abbummaan
ishee Kristos kan ta’e Waldaa Amantootaa jiraattuu taate hundeessudha.

Leenjii kana keessatti mata duree dhimmoota garaa garaa kaasnee ilaalletti garaan keenya yoo
kan tuqameeru ta’e, tarkaanfii qabatamaa ta’eef dafnee ka’uuf, dhimma kana irratti dafnee
dammaquun hojii kan jalqabne yoo ta’e, hojii keenya kan duraa irra caalaa hojechuuf qabxiilee
nu fayyadan fudhachuuf, carraa nuti arganne warri kaan akka argataniif waanta baranne
barsiisuuf, sochii tajaajila dadhabsiisaa ta’ee fi fiigicha bifa aadaadhaan godhamu keessaa dafnee
banee gara Waaqayyo ittii ulfaatuu fi gara sochii tajaajilaa isa nu boqochiisuu danda’uutti galuun
nu barbaachisa.

Yesus Kristos deebi’ee yeroo dhufuuf jedhuu fi bara waanti hundumtuu xumuramaa jiru, waanta
baayyee erga balleessanii booda sirreessuuf yeroon waan hin jirreef, dafnee ka’uudhaan sarara
sirrii ta’e qopheessuudhaan fiigicha bara gabaabduu kana seeraan fiiguun nu barbaachisa.
Gooftaan tajaajila kanaa warra hojii kana irratti hirmaatan haa eebbisu!

“Ergasii barattoonni dhaqanii iddoo halletti lallban; gooftaan immoo isaan wajjin hojjete,” (Mar.
16፡20) kan jedhu sagaleen Waaqayyoo inni jiraataan bara keenyatti raawwatamee ni argina!!

17
Kitabilee waabii/madaa
Kebede Bekere .Record on church planters Training program Ethiopia .May, 2015

Rajendran(Dr.) , kingdom of God Training program , Module I-08/05/2015.

Rajendran(Dr.). New Life-A personal Evangelism Tool for ModuleI.08/05/2015

Reverend RonVander Griend.Church planter Training Trainars Guide.Persented on The


Ethiopian Church planters Training ,Asella May,2015

Good Tools –digital evangelistic tool(Four Spiritual Laws )-Cru.

National church planters draft on module one – The curriculum Designing

committee.Semptember ,2015

18

You might also like