Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 29

Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Macaafa Hojii Ergamootaa


/Book of Acts/

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara


mataa isa nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.

1 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Baafata (Table of Contents)


Seensa ………………………………......................................................................... 3

Kutaa Tokko

1.1.Yeroo ce'umsa Waldaa Kiristaanaa .........................................................................

1.2 . Seenaa Macaafa Hojii Ergamootaa ....................................................................

1.3. Eenyuuf akka barreeffame .....................................................................................

1.4. Taa'umsa Macaafa hojii ergamootaa ......................................................................

1.5. Yeroo fi Bakka itti Macaafni Hojii Ergamootaa barreeffame ................................

1.6. Qabiyyee Macaafa Hojii Ergamootaa ....................................................................

1.7. Macaafa Hojii Ergamootaa amantootaaf ................................................................

1.8. Walga'ii Yerusaalemitti godhame ..........................................................................

Kutaa Lama

2.1. Kaayyoo macaafa Hojii Ergamootaa ...................................................................

2.2. Ijaarsa Macaafa Hojii Ergamootaa .........................................................................

2.3. Barsiisa ciccimoo Macaafaa Hojii Ergamootaa keessaa ........................................

2.4. Adeemsa Hojii Wangeelaa Phaawuloos .................................................................

2 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Seensa
Mafaafoonni Kakuu Haaraa Baay'inaan kan xiyyeeffatan Macaafa Hojii fi Ergaawwan
Phaawuuloos irratti. Barumsa kan keessaatti kan hammatamu egaan , barreessaan Macaafa Hojii
Ergamootaa Eenyu? Eenyuuf caafe? Fi kutaa macaafichaa tokko tokko ibsuus yaalameera.

Gooftaan Yesuus erga du'aa kaasee guyyaa afurtamaaf bartoota isaa warra 11 waliin lafa irra akka
ture Macaafa hojii Ergamoota keessatti arganna. Yeroo turtii isaa kana keessatti waa'ee
mootummaa Waaqayyoo sirriitti isaan hubachiiseera. Abdii Waaqayyoo abbaan waa'ee Hafuura
Qulqulluuf galeef osoo hin argatan Yerusaalem keessa turuu akka qabanis akkeekachiisee ture.
Yeroo muraasa booda hafuura qulqulluun akka guutaman, humna argatanii dhuga baatuu isaa akka
ta'an itti himee ture. Erga itti himee booda osoo iji isaanii ilaaluu samiitti ol fudhatame.

Macaafni Hoiii Ergamootaa qabiyyee isaatiin Macaafa Seenaa ti. Caaculeen keessatti argaman
ifatti jechuu dha Hafuura Qulqulluu, Ergamaa Pheexroos fi Phaawuloos. Kanneen biros jiru.
Macaafni kun akkamitti Waldaan kiristaanaa Yerusaalemitti dhalattee hangaa handaara lafaa geese
kan ibsu dha.

Itti dabalees hafuurri qulqulluun jireenya namootaa keessatti jijjiirama akkamii akka fide kan
hubannu Macaafa Hojii Ergamootaa keessatti. Guddina Waldaa Kiristaanaafis hangam hojiin
humna hafuura qulqulluu gahee taphate argina. Ergaawwan Phaawuloos barreesse ,eenyuuf?
yoom? Kanneen jedhanii deebii bu'uuraa kan argannuu macaafa hojii ergamootaa keessatti

3 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Tokko
1.1 Yeroo Ce'umsa Waldaa Kiristaanaa( bara 29-60 Dh.K.B)
Macaafa Hojii Ergamootaa yemmuu duubbifnu Waldaan Kiristaanaa ishee durii kanneen amma
jiran irraa adda akka taate hubanna. Sababni Macaafni kun barreeffameef ammoo Waldaan
dhugaan tokko maal fakkaachuu akka qabdu agarsiisuuf. Waldaan Kiristaanaa tokko humnii fi
tajaajjilli Hafuura Qulqulluu kan keessatti mul'atu ta'uu qaabdi. Kana malees Waldaan Kiristaanaa
kan jaalallii fi dhugaa keessa guute ta'uu qabdi. Gama sagalee Waaqayyoo lallabuu
ilaalchisee ammo humnaa fi jaalalaan Wangeela kan lallabdu, bakka wangeelli hin geenyeenis kan
geessistu ta’ uutu irraa eegama. Hojii Waaqayyoo hundi kan raawwatamus kadhannaadhaan
kanaaf Waldaan Kiristaanaa kadhannaatis jabaachuu qabdi.

Waldaa Kiristaanaa ishee jalqabaa keessatti waan qaban waliin hirachuunii fi waliin nyaachuun
beekaamaa ture. Jaalala cimaatu keessa ture. Waldaa Kiristaaanaa yeroo ammaa yoo ilaalle garuu
rakkoo guddaattu jira, Qooda wal jaallachuu fi walii ho’ uu, soba, jibbaa kan guuttte dha. Kanneen
akka barumsa sobaa fi hawwi biyya lafaa ammo kan ishee durii caalaatti Waldaa Kiristaanaa yeroo
ammaatti qormaata itti ta'ee argama. Waldaan Kirisita-anaa Ishee jalqabaa jaalalaa fi humna
Waaqayyoo mul’ isitee akka darbite isheen yeroo ammas gochuuf hin danda’ amuu jechuun
sirrii miti. Jireenya Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuun ulfina isaa agarsiisuun in
dandaa’ ama.

Kaayyoo Barumsa kanaa:

 Babal’ inni Waldaa Kiristaanaa Yerusaalemii akka Roomaatti ga’ uu


 Gahee Hafuura Qulqulluu Waldaa Kiristaanaa keessatti.
 Tokkummaa yaadaa fi hafuuraa bu’ aa inni fide
 Waldaan Kiristaanaa isheen duraa ishee ammaaf fakkeenya akka taatu
 Tajaajila keessatti of kennuun hangam barbaachisaa ta’ e ( Total commitment and
submission)
 Tajaajilli bu’ a qabeessi hojiin hafuura qulqulluutiin dhufa

4 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

1.2 .Seenaa Macaafa Hojii Ergamootaa

Barreessaan macaafa kanaa Luqaas. Ergamaa Phaawuloow wajjin kan tajaajile gargaaraa dhihoo
isaa ture. Wangeela Luqaasii fi Hojii Ergamootaa kana kan caafe Luqaas ta'uu beektonni baay'een
irratti walii galu. Innumaa iyyuu Hojiin Ergamootaa kun Macaafa guddicha kutaa lamatti hirame
dha jedhu. Innis Kutaan tokko Wangeela Luqaas akka ta'etti fudhatu. Luqaas hojii ergamootaa
keessatti Kiristaanuummaan eessaa akka dhufe haalota jiran barreesseera. Taateewwan kunniin
Bara 20-64 Dh. K. B gidduutti kan raawwataminii dha.

1.3 Luqaas Macaafa Hojii Ergamootaa Kan Caafe Eenyuuf ture?

Macaafni Hojii Ergamootaa kun kan barreeffame Tehoofiloos namicha jedhamuuf. Tewoofiloos
kun eenyu yoo jenne nama Girikii kan Waaqa sodaatuu fi qabeenya qabu akkasumas kan
Luqaasiin qarshiin gargaaraa ture hin ta'in hin hafu.

1.4. Taa'umsa Macaafichaa

Macaafni Hojii Ergamootaa bakka gurguddoo shanitti hirama.

I. Seensa .............................................................. .............................................................1:1-11


II. Jalqabuu Waldaa Kiristaanaa Yerusaalemitti .............................................................1:12-8:3
III. Bara Ce'uumsa Samaariyaa ......................................................................................8:4-11:18
IV. Ergamuu Phaawuloos Gara Ormootaatti ..............................................................11:19-21:16
V. Hidhamuu Phaawuloosii fi ittisa inni godhe ........................................................21:17-28:31

1.5 Yeroo fi Bakka itti Luqaas Macaafa kana caafe /Yoomeessa/

Beektonni Macaafa qulqulluu baay'een akka irratti walii galanitti seenaan Macaafa Hojii Ergamootaa
kan raawwate naannoo bara 64 Dh.k.b kunis osoo Phaawuloos hidhaa Roomaa keessaa hin hiikamin
tureetti. Macaafni kun osoo yeroo kanaan booda caafame ta'ee waa'ee gubachuu Roomaa,ari'atamuu
kiristaanotaa akkasumas bara 67 keessa ajjeefamuu Pheexiroosii Phaawuloos kana malees
barbadaa'uu Yerusaalem bara 70 Dh.k.b in caqasa ture. Kanaafuu Macaafni Hojii Ergamootaa kun
5 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Bara 62-64 gidduu yeroo Phaawuloos mana hidhaatii hiikamuuf eeggataa turetti barreeffamee
xumurameera jechuun dha. Macaafni kun kan ijaarame Yaada Boqonnaa 1:8 irratti ka'ee irratti.

 Kutaan duraa hojii Yerusaalemitti jalqabame agarsiisa


 Inni lammaffaa ammoo Samaariyaa fi Qiisaariyaatti hojii wangeelaa hojjetame muraasa
agarsiisa
 Kutaawwaan xumuraa lamaan ammoo SagaleenWaaqayyoo Mediteraniyanii darbee Roomaa
gahuu isaa beeksisa

Haalli Gabaaba akkanaa ibsaa cimaa agarsiisa. Waldaan taa'umsa lafaa hordoftee akka galaanaa
babal'achuu ishee agarsiisa.Barressaan kunis sirriitti waan barreessu hubateetti kan lafa kaa'e.

Wangeelaa Karaa Kiristoos duuka buutota isaaf:

 Gara warra ormootaa biraan ga'uu irratti kan dura bu'aa ture Phaawuloos.
 Kunis jalqaba Yihuudota irra booda ammoo gara ormootaatti
 Seera irraa gara ayyaanaa ti
 Siyaasa irraa gara amantiitti fi gara Roomaa tti ce'umsa argame sirrii godhee dhi'eessera.

Ergamin bartoota gooftaa jalqaba Yerusaalemitti eegale. Waldaanis Yerusaalemitti dhaabate.


Maqaan jalqaba kenameef Hoe 9:2 irratti caqasameera. Achii immoo hoe 24:5 irratti. Geggeesitoota
Yihuudotaa gidduutti mormiin kan kaase yeroon booda ari'atamua kan amantoota irraatti fide lallaba
Isixifaannos ture. kunis geggeesitootaa fi warra wangeela lallabaa turan akka bifa haaraan jalqaban
giddisiiseera. Wangeelli kunis Saamaariyaatti, Anxookiyaatti fi saba hin amanne gidduutti lallabuuf
karra banamee ture.

Waldaan Kiristaanaa baay'ee kan dhaabbatan yeroo Macaafa Hojii Ergamootaa kana keessatti ture.
Iddoo garaa garaattis wangeelli akka lallabame kan ibsu dhas. Du'a Isxifaanoos booda bakka garaa
garaatti amantoonni faca'anii wangeela lallabaniiru. Hanga Qoophiroosii fi Anxookiyaatti deemaniiru.
Bara 46 Dh.k.b waldaan Anxookiyaa ofii ishee dandeesse dhaabate.Jireenya hafuuraanis beekamte.
Kana malee warra Waldaa Yerisaalem keessaa beela'aniifis gargaarsa goote. Lallaba wangeelaatiifis

6 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Baarnaabaasii fi Phaawuloosiin ergite. Isaanis bakka garaa garaatti lallaban. Haala kanaan dubbiin
sagalee Waaqayyoo bakka garaa garaatti babal'ate.

1.6 .Qabiyyee Macaafa Hojii Ergamootaa

Akkuma beekamuu bartoonni gooftaa 12n Yihuudota turan. Yesuus mootummaa birmaduu baatee
mootii mataa ishee qabdu Israa'eliif akka dhaabu barbaadaa turan. Sababni isaas yeroo sanatti
Yihuudonni bittaa Roomaa jala waan turaniif. Ta'us Sababa Yesuus biyyaal afaa irra dhufeef isa
kanaaf miti. Inni mootummaa Waaqayyoo babal'isuuf dhufe malee mootummaa siyaasa Israa'el cimsu
dhaabuu miti. Mootummaan Waaqayyoo kan babal'atu ammoo humna hafuura qulqulluun malee
siyaasaan miti. yesuus ilmaan namootaa fayyisuuf lafa irra erga dhufee kaasee mootummaa
waaqayyoo labsaa ture. Mootummaan waaqayyoo kan saba hunda bittu dha. Kanaaf ajaja Yesuus
kenneef keessatti hanga handaara lafaa kan jedhu ( hoe 1:8).

Hafuurri qulqulluun abdachiifame gaafa Ayyaana Guyyaa Shantamafaa bu'eera ( Hoe 2:1-4). Barsiisa
Kiristoos keessaa tokko waa'ee hafuura qulqulluu ture( Mat 3:11). Hojiin hafuura qulqulluu namni
akka qalbii diddiiratu gochuu, itti dabalees akka fayyu gochuu kana malees humna argatee akka
tajaajilu gochuu dha. Osoo hafuura qulqulluun hin cuuphamin dura akka qalbii diddiiratan isatu
godha. Hafuuraa qulqulluun cuuphamuu jechuun hafuura qulqulluun guutamuu jechuu dha. Kunis
gaafa Ayyaana Guyyaa Shantamafaa jalqabe. Macaafa hojii Ergamootaa kan keessatti hafuura
qulqulluun guutamuun kan wal qabate afaan hin beekamneen dubbachuu waliin. Kunis Hafuura
qulqulluun cuuphamuuf mallaattoon afaan haaraan dubbachuun ( speaking in tongues) dhugaa hin
ganamne dha. Hafuura qulqulluun guutamuun humnaa fi jabina ittiin wangeela lallaban akka
argamsiisu Macaafa Hojii Ergamootaa keessatti hubanna. Pheexiroos osoo hafuura qulqulluun hin
guutamin dura Yesuusiin gooftaa isaa yeroo sadii sodaatee ganee kan ture guutamuu hafuuraan booda
ija jabinaan warra Yihuudotaatti dhugaa baheera. (Hoe 2:14-41). Kana malees dhugaa hafuura
qulqulluun cuuphamuu kan argamsiisu kanneen armaan gadiiti.

 Raajii dubbachuuf Waaqayyoon galateeffachuuf ( Hoe 2:14-17,10:46).


 Jireenya Kiristoosiin gammachiisu jiraachuuf ( Yoh. 16: 13-14)
 Mul'ata haaraa fudhachuuf

7 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
 Kennaa hafuuraa argachuuf
 Kadhannaaf kaka'umsa argachuuf (Hoe 2:41-42)
 Sagalee Waaqayyoof jaalala gad fageenya qabu qabaachuuf ( Yoh 16:13) fi kkf.
Ayyaana Guyyaa Shantamaffaa fi guutamuu hafuura qulqulluu wajjin wantoota
ka'an
Jalqabbiin Waldaa Kiristaanaa gaafa hafuurri qulqulluun yeroo jalqabaaf ayyaana guyyaa
shantamaffaa irra akka ta 'e beektoonni macaafa qulqulluu baay'een irratti walii galu. Akka Warra
Yihuudotaatti ayyaanni kun ayyaana makariis jedhama. Ayyaanni kun kan kabajamu Faasikaan
darbeen guyyaa 50 booda. Gaafa ayyaanni kun kabajamutti bartoota gooftaa dabalateenamoonni 120
ta'an osoo kadhachaa jiranii hafuuri qulqulluun bifa bubbee fi abiddaan dhufee manicha guute;
tokkoo tokkoo isaanii irras buufate. Kana malees sagaleenis jira ture. Sababa haala kanaan
Waaqayyo hafuura qulqulluun isaan cuupheef shakkii tokko illee deebi'anii akka hin qabaannee ta'uu
danda'a. Yeroo kanaan booda dhufti hafuura qulqulluu akkas hin taane. Kanaaf gara amantoota
yeroo ammaa bifa yeroo sanaatiin hin dhufu jechuu dha.
Macaafa hojii Ergamootaa kana keessatti wanti hubannu tokkoo tokkoon namootaa hafuura
qulqulluun cuuphamuu dha. Sabni kamiyyuu gooftaa Yesuusitti kan amanee guutamuu ykn
cuuphamuu hafuura qulqulluu argateera.
Bartoonni gooftaa warri jalqabaa haalli isaan ittiin wangeela lallabaa turan nuuf fakkenya guddaa
dha har'a. Xiyyeeffannoon isaanii du'uu fi du'aa ka'uu Yesuusiin fayyina argame irratti qofa ture.
Humni isaanii ammoo hafuura qulqulluu ture.
Pheexiroosii fi Phaawuloos yeroo Yihuudotaaf wangeela labsanitti raawwii Kakuu Moofaa ibsaniifii
turan. Pheexiroos boqonnaa haaraa banuuf waa'ee dhufaatii hafuura qulqulluu Iyo 2:28-32 caqasuun
raawwii isaa agarsiise. handhuurri lallaba isaan waa'ee gooftaa Yesuus yoo , haalotaa hanga inni ol
fudhatame ture hundaa ibsaa ture Yihuudonnis dhimmanii dhaggeeffataa turan. Baay'een isaanis
Yesuus Kiristoositti amananiiru.Achiin booda cuuphaman. Amananii cuuphamuuf yeroo dheeraa itti
hin fudhanne. Hafuurri qulqulluun humnaan jijjiiraa waan tureef battalummatti jireenyi isaanii
jijjiiramaa ture.

8 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
1.7. Hojii Ergamootaa Amantootaaf
 Sagalee Waaqayyoo barachuun waan isaan barbaachisuuf Luqaas ifatti namootni fayyan
lakkoofsaan naannoo 3000 ta'an bartoonni akka barsiisaa ture ibsa.
 Walitti dhufeenyi isaanii cimaa ture.
 Wal gargaaraa tura;waliin nyaachaa turanis.

Waldaan yeroo ammaas kana gochuu qabdi. Fakkeenyaa isaanii hordofuu qabdi. Walitti dhufeenyi
Kiristaanotaas cimaa ta'uu qaba. Kana gochuufis kan dandeesisu ammoo:

 Waliin kadhachuu
 Macaafa Qulqulluu dubbisuu fi qo'achuu
 Humna hafuura qulqulluu irratti hirkachuu
 Wal gargaaruu
 Waan hundumaaf Yesuusiin giddu galeessa godhachuu

Macaafni Hojii ergamoota macaafa dinqiin guutame dha.Bartoonni gooftaa dinqii garaa garaa
hojjechuun namoota gara fayyinaati fidaniiru. Yeroo kan Yihuudonni irratti ka'anii turan. isaan garuu
mormii isaanii hin sodaatanii hojii hin dhaabne kadhannaatti cimanii itti fufan malee. Waaqayyoo
guddaa isaan gargaare. Baay'inni amantootaatis Waldaa Yerusaalem keessatti guddachaa deeme.

Amantoonni hundi waan qaban walii qoodanii jaalalan jiraatu turan. haa ta'u malee raakkoon ka'ee
ture. Innis Yihuudoonni Yerusaalemi turanii fi Yihuudonni biyya biroo dhufan haala addaan wal
ilaaluu ture. ka'umsi isaas dhimma amantii osoo hin taane , yeroo waan fayyadaman namoota rakkoo
qabaniif qoodan Yihuudonni Girikii miidhamni nurra gahe jedhu. kanaaf bartoonni callisanii bira hin
darbine . Marii ifaa ta'e godhanii Daaqonoota torba filan kan raabsa nyaataa fi kanneen biroo hojjetan.
Ofii isaaniitii hojii wangeelaa itti fufan.

Waldaanis akka malee guddina ishee itti fufte. Isxifaanoos Yihuudota Girikii keessaa Daaqonii filame
ture. Inni humnaan wangeela in lallaba ture. Ergamoonnis hojiin kee kana mitii dhiis hin jenneen.
Hojiin hafuuraa egaa Yeruusaaleemii iddoo garaa garaatti babal'achuu eegale. Isxifaanoos yeroon in
ajjeefame. Itti fufuun ari'atamin amantoota irra gahe. Kunis babali'ina hojii Wangeelaaf shora guddaa

9 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
taphate. Waaqayyos hojii isaa yerusaalemitti akka eegalamu godhe fayyinni garuu addunyaa maraaf.
Ari'atamin amantootaa egaan karoora Waaqayyo addunyaa maraaf qabu fiixaan baaseera. Amantoonni
biroon bakka adda addaatti faca'anii yemmuu wangeela lallaban bartoonni 12 n garuu Yerusaalemii hin
bane turan. Waan gooftaan Yesuus Hoe 1:8 irratti itti hime waan dagatan fakkaata.

Wangeela Samaariyaatti

Wareegama Isixifaanoos irraa kan ka'e amantoonni bakkaa bakkatti faca’ anii turan .Bartoonni
gooftaa 12n garuu Yerusaalem keessa turan. Filiiphoos Daaqonota torba filataman keessaa tokko
ture .Isatu wangela biyya Samaariyaa deemee lallabee ture. Luqaas tajaajila Filiphoos kana
wanta inni caafeef hojii amantoota biros akka fakkeenyaatti caqasuuf. Namoonni biyya
Samaariyaas gooftaatti amananii hafuuraa qulqulluun guutumuun maatii waaqayyoo ta'uu
danda'aniiru.

Warri Yihuudootaa warra Samaariyaa waan jibbaniif biyya isaanii keessa illee darbanii gara
Galiiba hin deeman turan. Qooda karaa gabaabaa Samaariyaa keessaa karaa fagoo naanna'uun
Yerusaalemii ka'anii Galiilaa deemu turan.Haa ta'u malee hafuurri qulqulluun akka Masiihii isaan
eegan akka deemee dhugaa bahuuf Filiphoosiin erge.Yeroo warri Samaariyaa haala kanaan gara
amantiitti dhufan warri Yerusaalem turan amanuu dadhaban. Kanaaf dhimma kana
qulqulleessuuf ergamoota gooftaa kan ta'an Yohaannis fi Pheexiroosiin ergite waldaan Kiristaanaa
Yerusaalemiin turte. Yohaannis deemee erga qulqulleessee booda harka irra kaa'ee kadhatee fii,
hafuura qulqulluun cuuphaman.

Waaqayyo sabni biro saba Yihuudotaa biratti akka saba Waaqayyotti akka ilaalamaniif, Pheexiroos
ergamee ture. Akkasuma warri Samaariyaas saba Waaqayyoo akka ta'anii Yihuudota biratti
ilaalamaniif Philiphoos ergame. Pheexiroos ammas saba Samariyaa bira deemuun maatii
Waaqayyoo ta'uu isaanii ifatti argisiisa. Kanaan booda Yihuudii, samaariyaa fi saba biro jedhee
garaa garummaan mana Waaqayyoo keessa hin jiraatu. Hundumtuu tokkummnaadhaan
maatii waaqayyoo ta'u.

10 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Filiphoos namicha Itoophiyaaf wangeela akka lallabuuf naannoo 80 km akka deeme dha. Namichi
kun Itoophiyaa ishee durii keessatti nama aboo guddaa qabu turee fi mootii kan gargaaraa ture,
akkasumas nama Waaqayyoo sadaatu ture. Namichi kun biyya isaatti deebi'aa ture. Gaarii Fardaa
irras taa'ee osoo jiruu hafuura qulqulluun akka Filiphoos itti siqee haasofsiisu godhe. Akka karoora
waaqayyootti fayyina namootaaf qophaa'e kutaa Macaafa qulqullu ibsu, Isaayaas 53, waa'ee
gidiraa Masihii dubbisaa ture. Innis akkuma Yihuudota kaanii Masihii dhufee mo'achuuf jiru
malee gidiramu miti kan inni eegaa ture. Kanaaf kutaa inni dubbisaa ture hin galleef. Egaan
Filiphoos raajiin kun akkamitti akka raawwatame ibseef. Achiinis namichi kun gooftaatti amanee
cuuphame.

Damaasfoonni Godina sooriyaa keessatti kan argamtu Magaalaa Roomaa keessaa tokko,
yihuudonnis keessa jiraataa turan. Phaawuloos yihuudoota kiristaanoota ta'an gara firidiitti
dhi'eessuuf gara Daamasqoo deemaa osoo jiruu Yesuus Kiristoos itti mul'adhate. Yeroon isaa
guyyaa yeroo aduun jiru yoo ta'e iyyuu ulfinni Kiristoos inni ifa aduu irra caalu isa irra dhufee, ijii
isaa arguu dadhabe. Yeroo Sanatti Phaawulos ulfina ittiin Yesuus of fudhatame arge (1Qor 9:1,
15:7-8).

Phaawulos amanuu kan jalqabe egaan karaa Damasqoo irratti yeroo Gooftaan yesuus mul'ataan itti
argamee kaaseeti. Guyyoota sadiif soomaafi sagadaan erga turee booda. Hannaaniyaasis erga
kadhateefii booda amantiin isaa guutuu ta'e. Iji isaas in baname hafuura qulqulluunis cuuphame,
yeroo sanatti.

Phaawulos akkuma fayyeen Damaasqootti wangeela lallabe ergasii booda ammoo gara Biyya
Arabaa deemuun waggaa sadiif achi ture. Yeroo baay'ee booda gara Damaasqootti deebi'e lallabni
isaas ija qabeessa waan tureef yihuudonni isa qabuu barbaadan. Haa ta'u malee gargaarsa
kiristaanoota birootiin gara yerusaalemitti deebi'e. Achittis Barnaabaas wajjin walarge.
Barnaabaasiis pheexiroosiifi obboloota biroo wajjin wal isa barsiise. Isaanis jijjiiramu Phaawuloos
hubatan (Gal 1:19 haa ta'u malee Yerusaalemittis Yihuudonni isa qabuuf waan barbaadaniif,
obboloota biro wajjin osoo wal hin quunnamin gara biyya dhaloota isaa Tarseesitti akka deebi'u
godhan. Jireenya Phaawuloos keessatti Bara callisaa kan jedhu qaba ture. Kunis warri Ormootaaf

11 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
ergamaa kan ta'e Phaawuloosiif bara guddinaa ture. Waaqayyos amala Phaawuloosiin haala ittiin
jijjiiru qabaachuunis barbaachisaa ture.

Wangeelli Yihuudaa fi Qisaariiyaatti (Hoe 9:32 ,10:48) Hanga ammaatti wangeelli biyyoota
gurguddoo sadii akka gahe dha.

 Yihuudota Yerusaalem keessa jiraatan bira


 Yihuudaa keessa warra jiraatan bira
 Yihuudota samaariyaa keessa jiraatan bira

Haa ta'u malee hanga handaara lafaa kan jedhu hafeera. Kanafuu Luqaas akkamitti wangeelli
handaara lafaa akka gahe nuuf ibsa. Hanga fedhe illee yihuudonni warra samaariyaa yoo jibban
walakaan isaanii yihuudota turan warri samaariyaa.

 Warra samaariyaa Macaafota kakuu moofa kan amanani turan. Haa ta'u male Yihuudonni

Warra waaqa hin beekne, abdiis kan hin qabne gara waaqayyoos dhufuuf kan hin dandeenye
godhanii lakkaa'aa turan.

Gara amantiitti kan dhufan karaa amantaa yihuudootaa qofa waan ta'e itti fakkaachaa ture. Haa ta'u
malee hojiin waaqayyoo dinqii dha. Pheexiroosiin fayyadamee akka itti ormoota biraa wangeelli
gahe (Hoe 9:31, 11:30) ilaaluun in dandaa'ama kana gochuuf Waaqayyo jalqaba laphee pheexros
jijjiiree ture. Kana malees lapheen warraYihuudotaa akka warri ormootaa gara Waaqayyoo
dhufuu danda'an beekuuf banamuu qaba. Haa ta'u malee jibbiinsa isaan warra hin amanne irratti
qaban yeroo baay'ee tureera. Waaqayyo Pheexiroosiin gara mana Qorneeliyoositti erge.
Qorneelewoosis waaqayyo akka nama wal hin caalchifne hubate (Hoe 10:34-35).

Achiin booda mana Qorneelewositti pheexiroos waa'ee du'uu fi du'aa ka'uu gooftaa Yesuus, haala
itti raajiin kakuu moofaa raawwate ibsuufii eegale. Osoo Pheexiroos isaan hin cuuphin dura
namoonni mana Qorneelewositti walitti qabaman Hafuura qulqulluun guutaman. Maalif? Sababni
isaa batalummatti gooftaa yesuusitti waan amananiif.

12 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Amantoonni yerusaalemiin turan garuu hojii Pheexiroos warra Ormootaa wajjiin godhe dhagahanii
ittiin morman. Haa ta'u malee erga pheexiros waan ta'e hunda itti himee isa hubachuu
dandaa'aniiru. Luqaasis mul'ata pheexiroos osoo mana Qorneelowos hin deemin dura erge ifa
godhee caafeera. Kun kan nu hubachiisu Ormootini osoo gara warra Amantii yihuuduutti
(Yihuudii hin ta'in) hin dhufin kiristaanota ta'uu akka danda'anii dha. Qorneelewos Qesaariyaa
keessatti amanuun nama jalqabaa ture. Suuta suuta ammoo waldaan babal'ate, kunis hanga
Anxookiyatti.

Anxookiyaa Bittaa warra Roomaa jala kan jiran keessaa guddinaan sadarkaa sadaffaa irra kan turte
dha. Magaalotni ishee caalu turanis Roomaa fi Isindiraa dha. Anxookiyaa baroota baay'eef
magaalaa guddittii Giriki turte. Harka warra Roomaa yemmuu turtetti ammoo handhuura siyaasaa
taateeturte. Kanaafuu magaalaattii kana wangeelli qaqqabuun waan denqii dha. Kun kan ta'es akka
akeeka waaqayyootti, fayyinni Ormoota bira akka gahu, wangeelli yerusaalemitti jalqabee hanga
handaara lafaattis akka ga'u kan godhe isuma. Innumaa iyyuu wangeela iddoo garaa garaan
geessisuuf gahee guddaa kan taphate waldaa. Kiristaanaa Anxookiyaatti argamtu turte. Waldaan
Kiristaanaa Yerusaalem turte seera yihuudootaa irratti waan xiyyeeffatteef hojii wangeelaaf ga'aa
ta'uu hin dandeenya. Karaa biraatiin ammoo waldaan kiristaanaa Anxookiyaatti dhaabamte
yihuudootaa fi Ormoota waan of keessatti qabattee turteef lallaba wangeelaa haala mijataa irra
turte. Yeroo jalqabaaf Ormoota amanan baay'ee waldaa qabates turte, waldaan Anxookiyaa
Yerusaalem irraa fageenya 500km irra turte. Waldaan Yerusaalem turte wanti Anxookiyaa fi yaatti
ta'aa ture sirrii ta'uu hubachuuf Barnaabaasiin ergite. Wanti achi ture Baarnaabaasiinwaan
gammachiiseef qooda yerusaalemitti deebi'u achuma turee tajaajiluu eegale. Baarnaabaas kun
warra Ormoota gidduutti dhalatee kan guddate nama yihuudii ture. Waan waaqayyo achitti gochaa
ture. Argee guddaa dinqisiite Achiis Phaawulosiin ofitti fidee waliin tajaajiluu eegale. Wanta
Luqusnutti himuu barbaadu ijoon lamaan waa'ee Anxookiyaa.

 Inni jalqabaa maqaa Kiristaanota jedhu kan warra Kiristoos faana bu'aniif kenname
 Inni lammaffaa ammoo Sangantaa gargaarsaa waldaan Kiristaanaa eegaluu

13 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Beelli yerusaalemitti ka'uu dhageessee waldaan Anxookiyaa buusii walitti qabuun karaa
geggeesitoota isaanii Barnaabaasii fi phaawulos akka geessan goote. Qaamaan amantoota
yerusaalem jiran waliin yoo wal hin beekne illee maatii waaqayyoo ta'uu isaanii hubateetti.

Bara sanatti Herodiyoos kan yerusaalemiin bulchaa ture. Amantoota yihuudootaa baay'ee
dhiphisaa ture. Yaaqoob obboleessa Yohaannis erga ajjeesisee booda pheexiroosiin ammoo akka
hidhamu godhe. Ayyaanni Faasikaa akkuma darbeen saba duratti baasee itti faraduuf ture. Haa ta'u
malee halkan Herodiyaas ajjeessuuf yaadaa turetti kadhannaa obbolootaa irraa kan ka'e ergamaan
waaqayyoo mana hidhaatii isa baase. Ergasii mana Maarqoos Yohaannis jedhamuu halkaniin
deemee haala ittiin mana hudhaa keessaa bahe itti hime (Hoe 12: 1-17) itti aansuun kan arginu
tajaajila phaawuloos kunis gahee Ergamaa fudhatee gara wangeelli hin geenyeen geesisuun eegale.
Haala babal'ina hojii wangeela fi bakkeewwan phaawuloos gahes kutaawwan hafan keessatti
arganna. Yeroo kanatti waldaan Kiristaanaa erga bu'uureffamtee naannoo waggaa kudha Afuriiti.
Yeroo Isixifaanos du'etti ari'atamin guddaan amantoota irra ga'ee ture kan keessas darbateetti.
Amma ammoo ari'atama birootu karaa Herodiyoos quunname. Herodiyoos birootu karaa
Herodiyoos qunname. Herodiyoos Agiriphaa kan jedhamu kun yihuudaa, samaariyaa, fi Galiilaa
akka bulchuuf warra Roomaan muudamee ture. Kanaaf warra yihuudootaa wajjin shirkoomuu
barbaadee ture.

Yeroo sanatti yihuudonni baay'een amantoota in jibbu waan tureef, inni ariatamuu irraan geesisuuf
murteesse. Ari'atamin kunis geggeesitoota irraa akka jalqabu barbaadee yaaqoobiin ajeesise. Gochi
kunis hangam warra Yihuudootaa akka gammachiise hubatee pheexiroosiin hiisise. Haa ta'u malee
Pheexiroosiin ajjeesuu akka hin dandeenye olitti argineera. Waaqayyo Herodiyoos yeroo isaatti
adabeera. Hanga fedhe illee mootummaan jiru gara jabinaan namoota waaqayyoo irratti ka'us
babal'ina wangeelaa dhorkuu hin dandeenye; hin danda'us.

Amma Hojii Ergamootaa 13:28 kaasee kan jiru haala seenessa isaa in jijjiira. Luqaasa Boqonnaa 9
irratti Phaawuloosiin erga walnubarsiisee booda, waaqayyo karaa phaawuloos hojii inni hojjete
irratti xiyyeeffata. Akkuma beekamu Hoe 1:8 irratti wangeeli hanga handaara lafatti akka gahu
dha, kan Waaqayyo fedhu. Haa ta'u malee waggaa 14 keessatti wangeelli kan qaqqabe hanga
Anxookiyaati qofa ture. Yeroo itti waaqayyo akka babal'ina wangeelaaf kaka'aniif waldaa turan
14 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
dammaqsu gahee ture. Walaan Anxookiyaan lallabdoota wangeelaa erguuf ishee jalqabaa turte.
Waldaan kun tikseewwan ciccimoo qabdi turte. Isaanis Raajotaa fi barsiisota jedhamu. Tiksee ol
aanaan waldattii Baarnaabaas ture. Kanneen biros turaniiru. Phaawuloosiis achi ture.

Waldaan Anxookiyaa soomaa fi sagadaan yeroo turtii gootetti hafuurri qulqulluun Baarnaabaasii fi
Phaawuloosiin hojii koof adda naaf baasaa jedhe. Waldatiinis yeroo jalqabaaf harka irra keesee
kadhateefii gara qophiroosii ti phaawuloosii fi Baarnaabaasiin ergite.

Qophiroosittis wangeela akka hin lallabneef yemmuu namichi xibaaru tokko dhorkuu yaalu,
phaawuloos iji isaa akka jaamu godhe. Haa ta'u malee xibaartichi dubbii wangeelaatti amane.
Isaanis achii gara kutaa biyya galaatiyaa deeman. Bakkee Pheergan jedhamtu yemmuu gahan
yohaannis maarqos kan jedhamu isaan wajjin ta'e. Namichi kun mucaa wajiila (adaadaa)
Baarnaabaasture, Yohaannis Maarqoos kun isaa Wangeela Maarqoos caafe dha. Phaawuloos faa
waliin garuu itti fufee hin turre. Phaawuloosii fi Barnaabaas garuu iddoo biraa deeman phaawulos
jalqaba barsiisa isaa kan barsiise mana sagadaa yihuudotaa keessatti. Phaawuloosii fi Baarnaabaas
Iqooniyaanitti fi Lisixiraatti akkasumas tajaajila Baarnaa baasgabaabaatti akka armaan gadiiti.

Iqooniyoon: Anxookiyaa irraa fageenya 100km irratti kan argamtu magaalaa xiqqoo turte. Yeroo
Phaawulos wangeela bakka kanatti lallabu namootni baay'een amananiiru. Mormiinis irratti ka'ee
ture. Dinqiin garaa garaas ta'ee ture. Yihuudonni garuu firoota isaanii warra aboo irra jiran wajjin
walii galtee uumuun, warri hin amanne akka phaawuloosii fi Baarnaabaas irratti ka'an godhan.
Ari'atamin kun yemmuu itti cimu, Phaawuloosii fi Baarnaabaas gara lisixiraa deeman. Isheen
Iqooniyoon irraa fageenya 20 km irratti argamiti.

Yeroo Phaawuloos Lisixiraatti wangeela lallabutti namichi naaf tokko lallaba isaatti amanee,
dinqiin fayyee ture. Uummatni naannoo sana turanis dinqisii fatanii, phaawuloosii fi Baarnaabaas
waaqa tolfamoo isaanii Hermeenii fi zewoosiin to'achuu waan dhufan itti fakkaatee ture.

Kanaaf Baarnaa baas baay'ee waan hin dubbaneef maqaa isaa zewoos jedhan, Phaawuloos ammoo
cimisee lallabaa waan tureef Hermeen jedhanii waaman. Kana malees aarsaa dhi'eesuufii
barbaadan phaawuloos faaf. Phaawulos faan garuu waaqolii akka hin taanee fi akkuma isaanii
namoota akka ta'an ibsaniif. Phaawulos haala kanatti fayyadamee dhuga bahumsa isaa uumamaa
15 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
kaasee tarreesseef. Haa ta'u malee lisixiraa odoo baay'ee hin turin yihuudonni Iqooniyoonii fi
Anxookiyaa turan jeequmsa irratti kaasisan. Yeroo kanatti hanga du'atti haala geessisuun
phaawuloosiin dhagaan rukkutan. Waaqayyo garuu phaasuloosiin du'a irraa hambise yeroo kanatti
phaawuloosii fi Baarnaa baas Lisixiraa irraa fageenya 30 km irratti kan argamtu gara Darbeetti
deeman. Waa'ee Darbee Luqaas waan baay'ee hin ibsine amantoonni baay'een jiraachuu alatti.
Amma egaan phaawuloosii fi baarnaabaas gara Anxookiyaatti deebi'u. Wangeela erga lisixiraan,
Iqooniyooniin fi Darbeen geessisanii booda.

1.8. Wanga'ii Yerusaalemitti Taasifame

Walga'iin kun isa jalqaabaa ti. Akka walitti qabamaniif wanti dirqisiise phaawuloosiifi
Baarnaabaasiin ergamin wangeelaa godhame, warra ormoota gidduutti jijjiirama ariifachisaa
yemmuu fidu rakkoo biroonis waliin ka'ee ture. Warra Ormoota sababa maaliif Waaqayyo Simate?
Yesuus, isa Masihii akka fayyisaa isaanii godhatanii erga fudhatanii booda seera jiru hanga
maaliitti eeguu qabu? Gooftaan Yesuus raawwii seerotaa barsiiseera. Innis seerotaa ol dha.

Egaan fayyina jechi jedhu battalumatti fudhatama hin arganne amantoota yihuudota biratti.
Amantii qofaan fayyinni ta'a dubbii jedhu wanta isaan hin simanneef, isaan waggoota hedduu dura
seera muse eega turaniiru. Kanaaf Ormootni gara mana Waaqayyootti dabalaman seerota tokko
tokko yoo hin raawwanne akka fayyinetti lakka'uu eegalan.

Hafuurri qulqulluun namoota baay'ee karaa dhugaa irra buuseera. Ormoota abdii dhufa masi hii hin
qabnes gara dhugaa beekuutti fideera. Fayyina argataniiru jedhuu dha. Haa ta'u malee warri
yihuudota ta'anii gara Kiristaanaa nummaatti dhufan seera muse akka eegan, keessattuu dhaqana
qabaa akka raawwatan dirqisiisaa turan. Maatii Qorneeloswos irra kan ka'e walitti buniinsi ture.
Maatii Qorneelowos irraa kan ka'e walitti bu'iinsi ture yeroof tasgabaa'ee ture. Hafuurri
qulqulluun akkuma gaafa ayyaana guyyaa shantamaa warra Yihuudotaaf dhufe, akkasuma
ormoota irrasdhufee ture. Haa ta'u malee Yihuudonni dhimma kana itti hin gammanne. Sababani
isaas dursa seera yihuudootaa eeguu qabu yaada jedhu waan qabaniif.

16 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Waldaan Yerusaaleemiin ture egaan ammas seera muse kana cimsuun warra Ormootaa gara
Kiristaanummaatti dhufan dhiphisaa turan. Fayyuus hin dandeessan jechaanii turan (Hoe 15:1),
Barsiis kun ammoo saba amanee fayye tokkoof waan naasisu ture. Sababni isaas warri Ormoonni
seera kana baratanii hin raawwanne Kiristoosiin seera amantii duratti qaban irraa walaba ta'aniiru.
Amma ammoo yaadni biro itti dhufe hidhaa biro keessa seenuuf. Seera dhaqna qabaa seera museen
tumameera (Bau1 12:48), jechuun yihuudonni baay'een itti cimsanii turan. Seera kun Abrahaamiif
kan hojjete ture.

Raakkoon ka'e garuu firii warra Ormootaa biratti argame yemmuu gabaasa ture. Hanga fedhe illee
firii yoo qabaate tajaajilli tokko seera yihuudootaa malee hin ta'u jechuun mormii kaasanii turan.
Kanaaf walgahii kana irratti marii walabaa fi bal’ aan geggeeffame. Bu’ aan buu’ ura ta’ anis
argamaniiru. Pheexiroos walgahii kana irratti haasaa inni gadhe bakka guddaa argateera. Qabxiilee
inni dhi’ eeses:

 Warri Ormoonni sagalee Waaqayyoo akka dhagahan fedhii Waaqayyoo ti (Hoe 15:17)
 Adda bahumsa tokko malee isaaniifis hafuurri qulqulluun kennameera (Hoe 15:10)
 Seera yihuudootaa ammoo isaanumaaquu ba’ aa dha (15:10)
 Fayyinni kan argamu yihuudotaafis ta’ e kanneen biroof ayyaanaan (Hoe 15:11) jechuun
pheexiros gad fageenyaan ibsa

Baarnaa baasii fi phaawuloosis tajaajila hojii wangeelaa keessatti dinqiiwwan ta'an. Kaasuun marii
godhaniiru. Kana jechuun waaqayyo osoo tajaajila isaanii hin simannee bu'a qabeessa akka hin
taane hubachiisuuf. Dhuma irrattis waldaa Yerusaalem jirtuuf tiksee kan ture yaaqoob haasaa
godhe. Innis caaffata qulqullaa'aa caqasuu waaqayyo saba hundaaf fayyina akka qopheese ibse.
Yaadota yaaqoob dhi’ eesse kanneen armaan gadii ti kunis kan Ormoonni amanan irraa of
eggachuu qabanii dha.

1. Waaqa tolfamaa waaqeessuu irraa


2. Ejja irraa
3. Nyaata dhorkaman nyaachuu irraa
4. Dhiiga nyaachuu irraa ture

17 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Kana malees Yaaqoob Ormootni dhugaa kana beekuun osoo irraa eegama ta'e, kanaan dura mana
sagadaa turan keessatti lubootni barsiisuutu ture jedhee dhugaa jiru caqasee ibse.

Walga'ichi egaan yaada tokko irratti walii galuun xalayaa barreessanii phaawuloosii fi Barnaabaas
fuudhanii gara Anxokiyaati akka deebi'a ta'e. Xalayicha irratti wantootni caafaman:

1. Dursee wal mormiin dura buutota yihuudootaan ka'e akka dhaabbatu (15:24)
2. Murtechas Phaawuloosii fi Baarnaabaas akka ibsan (15:25)
3. Yihuudaa fi siilaas bakka bu'iinsa akka qaban (15:25)
4. Waaqa tolfamaa, nyaata waa'ee hin baafnee, dhiiga nyaachuu fi ejja irraa baqachuun
Hafuurri qulqulluu fi Nuti kan dabarsine qofa hordofaa murtee jedhu turan.

Waldaan Anxookiyaa murtoo kana gammachuun fudhatte Phaawuloosii fi Baarnaabaasis


tasgabbiin barsiisa isaanii itti fufan. Walgahiin Yerusaalemitti ta'e egaan nageenya buuseera.
Walgahiin kana fakkaatu isa kanaan duras boodas hin taane.

Waa'ee walgahii yerusaalem hangas maras ibsuun kan barbaachiseef, rakkoo tokko hiikuuf jalqaba
wal simachuun barbaachisaa akka ta'e hubachiisuuf waldaa Kiristaanaa ishee jalqabaa keessatti isa
kana argina. Yaada geggeessaan tokko kaase inni biro ammoo irratti walii galuun babal isaa turan.
Kanaaf qaawwi diinaaf dhiifame hin turre. Har'a nutis tokkumaa waldaa Yerusaalem keessatti ture
kana akka fakkeenyaatti fudhannee, rakkoo yeroof nu mudatan hiikuuf tokkummaa Hafuurri
qulqulluun nu kennetti hirkachuu qabna.

Phaawuloosii fi Baarnaabaas giddutti rakkoo uumame

Rakkoo isaan gidduutti uumame sababa isaa Luqaas ibsa Yohaannis Maarqos kan jedhamu
tajaajila addaan kutee manatti isaatti deebi'ee ture. Amma garuu isaanii wajjin deemuu yemmuu
barbaadutti phaawulos adeemsa keenya hojii wangeelaa isa jalqabaa irratti nu biraa waan deebi'ee
tureef ammas nuu wajjin itti haa fufu yemmuu Barnaabas jedhutti, Phaawuloos ifatti ittiin morme.
Kana irraa kan ka'e Barnaabaasii fi Phaawulos addaan bahan. Baarnaabaas Yohaannis Maarqosiin
qabatee gara biyya Qoophiroos yemmuu deemu Phaawuloos ammoo siilaasiin qabatee gara biyya
wangeelli hin geenyeetti qajeele.

18 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Wangeela Biyya Awurrooppaatti

Kaayyoon Phaawulos dubbii wangeelaa biyya Esiyaa ishee xiqqoo waliin gahuu ture. Kanas karaa
Efesoon darbuuf yemmuu yaadetti hafuurri qulqulluun dhorke. Kanaaf karaa biro deeman. Yeroo
sanatti nama Giriki tokko biyyi isaa maqadooniyaa kan turetti akka wangeela dhugaa bahuuf
waaqayyo Phaawuloositti mul'ataan agarsiise. Yeroo kanatti Phaawuloos mallattoo kana waaqayyo
biraa argatee, isaan dura bakka deemee hin turre, biyya Awurooppaa deemuuf ka'e (Hoe 16:1-
10)

Luqaas dargaggeessi ximootewos jedhamu Lisixiraatti akka phaawuloos faati dabalame ibseera.
Ximootewos kun abbaan isaa Girikii yoo ta'u haati isaa ammoo nama Yihuudii turte. Haati isaa fi
akkoon isaa namoota Waaqayyoon sodaatan waan turaniif wangeelli gara Galaatiyaa yemmuu
dhufu amanan waggoota itti aanan 15n keessatti ximootewos hiriyaa gaarii Phaawuloosiif ta'eera.

Itti aansuun barreessaan Macaafa kanaa Phaawuloos garee Phaawuloos faati yemmuu makamu
arguuf (Hoe 16:11). Haa ta'u malee yeroo muraasa booda, gareen kun yemmuu filiphoosii ka'u
isaan irraa adda bahuun Isaan jedhee jalqaba barruu isaa irraattil

Phaawuloos Filiphiisiyoositti (Hoe 16:19-11:40)

Phaawuloos tajaajila isaatiif yoom illee haalaaa fi bakkamijataa yaada filatu qaba ture. Kanaafis
Maqadooniyaa keessatti tajaajiluu irra gara Fliphiisiyoos seene. Filiphiisiyoos jechuun ammoo
warri Roomaa kan keessa jiraatan (Yihuudota xiqqoo wajjin) bittaa warra Roomaa jala kan turte
dha. Magaalaa guddoos turte.

Akka magaalota biro manni sagadaa keessa hin turre. Sababni isaas Yihuudoota lakkoofsaan
xiqqoo ta'anitu keessa jira waan ta'eef ijaaruu hin dandeenye. Magaalattis keessaa bakka tokkotti
garuu walgahu turan. Phaawuloos bakkee xiqqoo kanatti wangeela lallabe. Liidiyaa kan jedhamtu
daldaltuun tokkos Kiristoositti amante. Liidiyaa Ormoota keessaa waaqa tokkicha Israa'el
waaqessuun kan baate turte. Egaan lallaba Phaawulos booda ishee fi maatiin ishee hundiamananii
cuuphaman. Filiphisiyoositti waldaan dhaabamte.

19 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Luqaas waldattiin kun akkamitti akka guddate baay'ee waan ibse hin qabnu. Phaawulos faan
tajaajila isaanii bakkaa bakkatti itti fufan. Gaaf tokko Phaawuloos Ximbaartuu ximbaaraan galii
warra ishee bulchaniif galchaa turte keessaa yemmuu hafuurri hamaan baausu, irratti ka'anii
Phaawulosii fi siilaal akka hidhaman godhanii turan. Kunis Qamantii seera qabeessa hin taane
barsiisan jechuun.

Waaqayyo karaa hidhamuu isaanii nama fayyisuu barbaade tokkos qaba ture. Inni isa mana
hidhichaa eegaa ture. Isaan mana hidhaa keessa taa'anii osoo faarfatanii masaraan manichaa
raafamee, ulfina waaqayyoon ba'uu dandaa'aniiru. Namichi mana hidhaa eegaa turees naasuu irraa
kan ka'e amantii Kiristoositti qabaateera. Inni Waaqayyo Phaawulositti mul'ataan agarsiise,
namichi maqadooniyaa isa kana. Inni maatii isaa hundaa wajjin amanee cuuphame. Dhimma
Waaqayyoof akka fedhe isaatti baanee hangam illee mormiin yoo ka'e waaqayyo ammoohumna
isaatiin keessaa nu baasa. Haalotni to'annoo keenya jalaa ba'uu danda'u haa ta'u malee
Waaqayyoon alatti wanti tokko illee hin ta'u.

Phaawuloos Tasaloonqeetti (Hoe 17:1-9)

Yeroo baay'ee phaawuloosii fi silaas bakka tokko hin turan yoo amantoota muraasa argatetti
Phaawuloos isaanitti adaraa kennee ofii isaatii iddoo biro deema ture.

Tasalonqeen Filiphisiyoos irraa 120 km fagaatti. Yihuudonnis keesa in jiraatu turan. Phaawuloos
akkuma alama isaa wangeela dhugaa bahuuf jalqaba gara mana sagadaa Yihuudotaa seene.
Tasalonqeettis torbaan sadiif walitti aansee dubbii sagalee waaqayyoo barsiise. Ormootni waaqa
tolfamoo dhiisanii gara Kiristoositti deebi'an. Yihuudonni garuu in dheekkaman. Kanaaf
Phaawuloosii fi siilaas irratti jeequmsa kaasan. Isaan miidhuu waan hin dandeenyeef Iyyaason
namicha jedhamu, isa isaan gargaare gara warra aboo qabaniitti geessan.

Phaawuloosii fi Siilaas amantii seera qabeessa hin taane barsiisan jedhaniit kan hiisisan. Iyaason
immoo haala kana mijeeseef jedhanii akeekachiisa itti kennan. Kun magaalaa jeequu dha akka
yihuudotaa ti. Halkan sanatti amantoonni Tasalonqee magaalattii dhiisanii akka deemanii fi
Phaawuloosii fi Siilaasiin gorsan

20 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Phaawuloos Namoota Beeriyaaf wangeela Lallabe (Hoe 17:10-15)

Beeriyaa keessa yihuudota baay'eetu jiraata ture. Phaawuloosii fi Siilaas mana sagadaa yihuudotaa
keessatti lallaba wangeelaa jalqaban. Baay'ee osoo hin turan amantoota horachuun waldaa
kiristaanaa dhaaban. Akka duraatti yihuudonni hin amannee jeequmsa irratti kaasan. Phaawulos
irratti xiyyeeffata waan ture dhaabbiin waldatti, innis achi keessaa bahe. Yeroon booda Siilaasii fi
Ximotewoos deemanii amantoota haaraa barsiisuu isaanii itti fufan.

Phaawuloos wangeela Ateenaatti lallabuu isaa (Hoe 17:16-34)

Anteenaan kan argamtu kibba Beeriyaa irraa fageenya 200 km irratti magaalaa argamtu turte
phaawuloos gara magaalaa kanaa markabaan dhaqe. Magaalattiin kun barumsaan, ogummaan,
Falaasamaan fi barreeffama garaa garaatiin kan beekamte, qaroomini Girikii magaalaa kana irraa
kan babaal'ate dha. Yeroo Phaawuloos magaalattii seenu haala akkasii keessa turte.

Phaawuloos Ateenaatti wangeela haalaitti lallabe adda ture. Sababin isaas namootni Ateenaa
waaqa kan jedhamu waaqessuu hin beekan. Phaawuloos barsiisa isaa kan eegale ormootni beektota
ta'an yaada isaan hin beekine irra tti. Namoonni Giriki waaqa tokkicha, waaqayyoon osoo hin
beekiniifi hin kabajin hafanii akka isaanitti hin gaddineef in sodaatu turan.

Kana waan ta'eef waaqa hin beekamneef aarsaa dhi'eessaa turan iddoo aarsaa qopheessanii.
Phaawuloos as irraa ka'uun Waaqni dhugaa kun kan ijaan hin argamne, waan hundumaa kan uume,
burqaa jireenya hundaa akka ta'e ibse, Itti aansuun ammoo yaada kaase kana Falaasfota Girikii wal
qabsiisee caqase. Beektonni asi irraa ka'uun phaawuloos falaasama waaraa Girikii hin baratin hin
hafu jedhu.

Phaawuloos Ateenaatti du'uu fi du'aa ka'uu Kiristoos dhugaa bahuu hin dandeenye ture. Sababni
isaas yemmuu Phaawuloos dhimma kanaa dubbachuu eegalutti warri Girikootaa waa'ee du'aa
ka'uutti waan hin amanneef itti kolfu turan. Kanaaf Ateenaatti amantoonni muraasni yoo argamaa
illee waldaa dhaabuu hin dandeenye ture.

21 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Haalli Ateenaa ture egaan warra baratan wajjin wal mormii hafuuraa gochuun baay'ee bu'a
qabeessa akka hin taane dha. Achiin booda Phaawuloos gara Qoronxoos deeme, yaada isaas
fannoo Kiristoos qofa irra qodhate (1Qor 1:18).

Phaawuloos wangeela Qoronxoositti lallabe (Hoe 18:1-22).

Ateenaan magaalaa guddittii warra Giriki turte. Phaawuloos achii bahee gara magaalaa daldalaan
beekamtee Qoronxoos deeme. Qoronxoos Ateenaa irraa fageenya 80km irratti argamti. Bakkee
daldalaa. Waan turteef lakkoofsi uummata ishee guddaa ture. Waaqa tolfamaa Waaqa jaalalaa
jedhamuun beekamu qabu turan. Waaqa tolfamaa kanaaf kanneen aarsaa dhi'eessan walquunnamtii
saalaa luboota waaqa tolfamaa kanaa wajjin godhu turan.

Phaawuloos Qoronxoositti Phirisqiilaa fi Aqiilaa namoota jedhaman argatee wajjin dunkaana


hodhaa tajaajilaa ture. Mana sagadaa keessatti wangeela lallabaa ture. Phaawuloos yeroo kamiyyuu
lallaba wangeelaa kan jalqabu yihuudota irraa waan ta'eef, ammas haaluma sanaan itti fufe. Warri
yihuudota garuu jeequmsa isatti kaasanii Gaayos namicha jedhamu duratti akka adabamuuf
dhi'eessan. Haa ta'u malee Gaayos yaada isaanii kana hin fudhanne. Innumaayyuu Yihuudonni
mormii kana kaasan akka itti gaafataman akeekachiise. Bakka kanatti yemmuu ilaaluu yihuudonni
warra Ormootaa wajjin waan walii galtee qaban fakkaata. Jeequmsi jiraatus amantoota muraasa
argateera.

Phaawuloos waggaa tokkoo fi walakkaa booda phirisqilaa wajjin gara Efesoon deeman.
Phaawuloos bakka tokko yeroo baay'ee hin turu. Erga waldaa dhaabee booda geggeesitoo filee
deema. Ergasii booda geggeesitoota waldaa fi hafuura qulqulluuf adaraa kennee deema. Kanaanis
hin dhiisu yeroo yerootti deemee to'ata. Xalayaas barreessee in jajjabeessa, in ceepha'as. Namoota
akka ximootewoos jiranis ergaafii ture. Kana wanti inni godhuuf amantoonni hafuura qulqulluu
irratti akka irkataniif isa irraa ija isaanii fuudhanii. Haala kanaan waldaan dhaabbate of dandeessee
dhaabbatti.

22 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Wangeelli Phaawuloosiin Efesoonitti (Hoe 18:23-19:4)

Phaawuloos gara efesoon deemuun dura waaqayyo laphee namootaa bane ture. Aphiloos yeroo
muraasa erga Efesoonitti barsiisee booda gara Qoronxoos deeme. Aphiloos dandeettii barsiisuu
guddaa qaba ture. Phaawulos namoota cuuphaa yohaannisitti cuuphamanii amanan argatee ture.
Garuu waa'ee du'uu fi du'aa ka'uu yesuus sirriitti waan hin beekneef ibseef. Kana boodas hafuura
qulqulluun akka guutamaniif kadhateef.

Luqaas macaafa hojii ergamootaa jalqabaa hanga dhumaatti dhimmi inni tarreesseef, fayyinni
karaa kiristoos, kunis du'uu fi du'aa kaasuutti amanuun akka ta'u beeksisuuf. Kanaaf Pheexiroos
Hoe 4:12, karaa fayyinaa yesuus qofa akka ta'e yemmuu dubbate luqaas kan qabaaseef.

Tajaajilli Phaawuloos Efesoonitti maal fakkaata ture?

Efesoon keessa magaalota biro caalaa phaawuloos tureera. Tajaajilli isaas mana sagadaa
yihuudotaa keessatti ture. Yihuudonni barsiisa isaa yemmuu fudhachuu didanis gara Ormootaatti
darbe. Efesoonnitti mana sagadaa bal'aa fayyadamuun tajaajila isaa itti fufe. Guyyaa guyyaan kan
amanan in barsiisa ture. Godina Esiyaa keessaa kan dhufan wangeela dhagahan bakka dhufanitti
fuudhanii deemu turan. Fakkeenyaaf waldaan warra Qolaasiyaas kan dhaabamte efesooniin
dhufanii warra wangeela dhagahan Ephaafiraa fi Filimoonaa namoota jedhamaniin ture, jedhamee
yaadama.

1. Waaqayyo harka pheexirosiitti dhinqii gurguddoo gochaa akkuma ture, harka


Phaawuloosiin itti fufe waldaa inni dhaabetti
2. Efesoonnitti humni wangeelaa cimaa waan tureef, Arximees waaqa tolfamaa namootni
waaqessan soda keessa seenan. Arxemees kun gadameesi ijoollee akka godhatu gooti
jedhamee amanama.
3. Waaqeffannaan Arxemees hojii ejjaan baay'isee kan wal qabate ture.
4. Walqee fi meeshaalee bareedinaa kan hojjetan Arxemeesi irratti irkatu turan. Kanaaf
namootni baay'een amantoota irratti ka'an.

23 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
5. Sababni isaas namootni efesoon waaqa tolfamoo Arximees xixiqqoo bitanii gara mana
isaanitti galu turan

Efesoon keessa rakkoo guddaan jiraatus wangeelli uummata hedduu bira akka hin geenye hin
dhorkine. Kan nama dhiba mootummaan waaqayyoo haala rakkisaa ta'e keessatti akka itti babal'ate
dha. Phaawuloos yemmuu jeequmsi efesoonitti ka'e achii ba'ee gara Qoronxoos deeme. Adeemsa
isaa keessatti Filiphisiyoosin, Tasalonqee fi Beeriyaatti waldaa Kiristaanaa turan daawwate ture.
Qoronxoositti waldaa kiristaanaa keessatti osoo barsiisuu fi wantoota dogongora turanis osoo
sirreessuu naannoo ji'a sadii taa'e.

Phaawuloos karaa Maqadooniyaa fi Qoronxoos yemmuu darbatti kanneen inni raawwate keessaa
tokko warra rakkataniif qarshii sassaabuu ture. Yeroo kanatti yihuudonni phaawulosiin ajjeesuu
waan barbaadaniif geggeesitoota waldaa ijoo ta'anii wajjin kara Maqadooniyaa darbe. Luqaasii
wajjin gara xiiroo aadaa kan yeroo amma Turki jedhamutu deeman. Achitis Phaawuloos
dinqiiwwaan gurguddoo keessaa tokko raawwate. Phaawuloos lallabaa osoo jiruu, karaa foddaa
dargageessa du'e ture akka kaassuuf Waaqayyo humna kenneef. Achii boodas Phaawuloos warra
waldaa efesoon geggeessatti saba Waaqaayyoo kennee deeme (Hoe 20: 13-38).

Phaawuloos gara Roomaa deemuuf yaadaa ture. Magaalaan Roomee magaalaa guddittii turte.
Kanaaf wangeela lallabuuf mijataa ture. Haa ta'u malee Phaawuloos hidhamee gidiramaa akka
biyya roomaa dhaqu quba hin qabu ture. Hafuurri qulqulluun garuu rakkoon akka isa quunnamu
isa beeksiseera. Phaawuloos rakkoon Yerusaaleemitti akka isa irra gahu osoo beekuu deeme.
Hafuurri qulqulluun bartootaa isaa wajjin turanis beeksisee ture. Egaan Phaawuloos hafuura
qulqulluun akka rakkoon Yerusaalemitti irra beeksisaa akka inni Yerusaaleem dhaqu ammoo
godhe.Bartoonni gooftaas akka inni Yerusaaleemitti hin deebine dhorkaa turan.

Phaawuloosii fi kanneen isaa wajjin turan gara Qiisaayiraa deeman. Achittis Agaaboos Raajiin
jedhamu Yihuudaadhaa dhufe. Raajiin kun akka Phaawuloos Yerusaalemitti hidhamu ifatti itti
hime. Phaawuloos garuu deemsa isaa itti fufee deeme malee boodatti hin deebine.
Yerusaalemins gahee mana qulqullummaa seene. Dinqii garaa garaa ormoota gidduutti Waaqayyo
hojjetes dhugaa baheef. Kanas kan godhe waldaa kiristaanaa Yerusaalem turte keessatti .

24 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
Amantoonni guddaa gammadan garuu sodaa keessa seenan. Namoonni Yerusaalemii fi
geggeesitoonni Yihuudotaa Phaawuloosiin akka diina Seera Museetti lakka'anii irratti ka'an. Osoo
kun ta'aa jiruu Phaawuloos waa'ee du'aa fi dua'aa ka'aa Yesuus dhugaa bahuu eegalu
innummaayyuu bakka lamatti qoodaman. gareen saduqootaa du'aa ka'uun hin jiru waan jedhaniif
warra Faarisotaa wajjin waldhaban. Phaawuloos irrattis ka'anii rakkoo uumaa jirta jechuun qabanii
akka hidhamu godhan.

Waaqayyo akka Phaawuloos Roomee deeme wangeela lallabu jajjabeessaa ture. Phaawuloos
hidhamee Qiisaariyaa waggaa lama ture.Yihuudonnis dhimma Phaawuloos kana fuula mootii
Roomaa fiiliksiitti geessan. Dhimma kanaaf kan dhaabbatu Xerxerluus kan jedhamu bakka
buusanii kaa'an. Innis Phaawuloos kiristaana ta'ee osoo jiruu Mana Qulqulluummaatti jeequmsa
kaase jedhee himachuu eegale. Yeroo kanatti Fiilikisi kiristaannon mootummaa Roomaa homaa
gochuu akka hin dandeenye waan beekuuf Phaawuloosiin homaa hin miinne.Innumaa iyyuu
dhoksaatti haadha manaa isaa ishee nama Yihuudii taatee fi isaaf akka kiristoosiin dhugaa bahu
godhe. Ta'us inni ofii isaatiii amanuu hin barbaanne. Fiiliksi waggaa lamaaf akka hidhamuuf
Phaawuloosiin mana hidhaaatti deebise.

Wangeelli ammas mootii Roomaa Fiisixoosiif lallabame. Kaayyoon Waaqayyoo wangeelli karaa
Phaawuloos gara warra Roomaa akka gahu ture. Phaawuuloos mootonni Roomaa kan Yihuudotaa
wajjin jiraataan murtii sirrii hin kennan waan Yihuudota sodaataanif jedhee himanni isaa gara
Magaalaa Roomeetti akka darbu ol iyyata isaa dhi'eeffate.

Phaawuloos gara Roomee deeme

Waaqayyo akka Phaawuloos wangeela gara roomee geessu itti dubbatee ture. haa ta'u malee haala
itti Waaqayyo waan dubbate kana raawwatu Phaawuloosiin dabalatee kanneen biroos hin beekan
turan. Kunis haala Phaawuloos hidhamee, gidiramee itti Roomee gahu jechuu dha. Deemsi galaana
irraa kun egaa yeroo rakkisaatti haala rakkisaa keessa ture (Hoe 27:1-28:18). Yemmuu Phaawuloos
deemsa jalqabu kanatti Luqaas ''''nu'i'' jedhee barreesse. Deemsa isaanii keessatti rakkoo
guddaan bidiruun caccabuu ture.Waan Waaqayyo dubbate yeroo dheeraa fudhatus raawwatamuu
in oolle. Phaawuloos Roomee gahe. Hojii wangeelaas itti fufe. Phaawuloos akkuma Roomee

25 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
gaheen geggeesitoota Yihuudotaa argatee haala ittiin achi gahe ibseef. Kana keessatti raawwii
Kakuu Moofaa waa'ee Kiristoos hubatan. Yihuudota keessaa muraasa kan ta'an yaada
Phaawuloos kana yemmuu morman baay'een garuu amananiiru. Phaawuloos warra Kiristoositti
amanuu dhiisani akkasumaan dhiisee hin darbine diduun isaanii illee raawwii raajii akka ta'e
ibseef. fayyinni gara ormootaatti akka darbes isaanitti hime(Hoe 28:17-31.)

Luqaas egaan wangeelli Yerusaaleemii ka'ee haala itti Roomee gahe akkaataan nuuf tarreesse.
Kunis akkuma Hoe 1;8 irratti waa'een handaara lafaa isitti ifa ta'eera. Haa ta'u malee seenaa
Phaawuloos hunda nuuf hin ibsine Luqaas.Macaafa Hojii Ergamootaa kan keessatti luqaas
xiyyeeffannaa isaa Pheexiroosii fi Phaawuloos gochuun. Ta'us geggeessaa hafuura qulqulluutiin
barreesse. Kaayyoo Waaqayyoo hafuura qulqulluun hojjetame fi lallaba wangeelaa isa Kiristoos
Yesuus handhuura godhates sirrii godhee ibeera Luqaas. Kaayyoon Waaqayyoo kun immoo hanga
deebi'ee dhufuu gooftaa Yesuusitti kan addaan citu miti.

Macaafa Hojii Ergamootaa keessatti Waldaan Kiristaanaa isheen


duraaWaldaa Kirista-anaa ishee amma maal barsiifti?

1. Lallaba wangeelaaf humni hafuura qulqulluu hangam barbaachisaa akka ta'e.


2. Waaqayyoo gidduu isaanniiti akka argamuuf tokkummaan obbolootaa cimaa ta'uu akka
qabu.
3. Tokkummaan yaada cimaa Kiristoos fannoo irratti du'uun barbaachiseef. Kunis garaa
garummaa Yihuudotaa fi ormoota gidduu jiru balleessuuf ta'e dha. Kanaaf kaayyoon
Waaqayyoo tokkummaa amantootaa ti.
4. Jaalalaan waan hundaa raawwachuu fi wal gargaaruu. Waldaan tokko waldaa biraa illee
gargaaruu.
5. Kadhannaatti jabaachuu. Sagalee Waaqayyoo qo'achuu fi barsiisuu.
6. Hiyyeesota gargaaruu.
7. Lallaba keessatti giddu galeessi Kiristoos ta'ee, xiyyeeffannoo isa Waaqa irraa ta'uu.

26 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Lama
2.1. Kaayyoo Macaafaa Hojii Ergamootaa
1. kaayyoon Macaafa kanaa inni jalqabaa yaada Wangeela Luqaas keessatti ka'e xumuruu
dha . Wangeelli Luqaas waa'ee jalqabbii amantii kiristaanaa yemmuu ibsu, Hojiin
ergamootaa ammoo babal'inaa waldaa kiristaanaa itti dalee ibseera.
2. Akkataa dubbiin wangeelaa Yerusaalemitti jalqabee Yihuudaa, Samaariyaa fi hanga
handaara lafaatti babal'ate ibsuuf.
3. Amantii Kiristaanaa raawwii kakuu moofaa ta'uu. Kunis warra Yihuudotaa fi Roomaa
biratti akka beekamuuf. Sochii hafuuraa malee adeemsa siyaasaa akka hin tane.
4. Baroota keessatti waan Yesuus Kiristoos Waldaa Kirstaanaa irraa barbaadu
fakkeenyaan agarsiisuuf.
5. Guddinaa Waldaa Kiristaanaa adeemsa isheen keessa darbitee babal'ate agarsiisuuf.

2.2. Ijaarsa Macaafa hojii Ergamootaa

1. Taa'umsaa irraa
 Wangeelli Yerusaalemiin waliin gahe ( Hoe 1:8-2)
 Wangeelli Samaariyaa gahe ( Hoe 8: 4-11:8)
 Wangeel handaara lafaa waliin gahe ( Hoe 11:8-28:31)

2. Karaa Tajaajiltootaa

 Pheexiroos -ergamaa Yihuudotaaf ture ( Hoe 1-6)


 Isxifaanoof - isa jalqaba wareegame (Hoe 6-7)
 Kanneen biroo waldaa Anxookiyaa fi Yerusaalemitti ( Ho6-7)
 Phaawuloos-ergamaa warra ormootaaf ( Hoe 13-28)

2.3. Barsiisa ciccimmoo Macaafa Hojii Ergamootaa keessatti argaman

1) Waa'ee Kiristoos dhugaa bahuuf Hafuura qulqulluu bu'a qabeessa taasisa.


2) Kiristoos kan fannifame akka fedha Waaqayyo abbaa ti.

27 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)
3) Wangeela cimsinee yemmuu lallabnu ari'atamuun akka jiru. Waaqayyo garuu waan
hundumaa ol ta'ee akka to'atu.
4) Guddina Waldaa Kiristaanaa akkasumas bilchina hafuuraa ture.
5) Tokkoo tokkoo Waldaa Kiristaanaa keessatti kan geggeessuun tajaajilan dandeettii
gahaa isaan qaba.
6) Giddu galeessi lallaba hundaa du'uu fi du'aa ka'uu Yesuusiin ta'uu.
7) Jaarsa kan jedhu jechoota biroon, Daaqota, tikksee jedhamuun waamamuu.

2.4.Adeemsa Hojii Wangeelaa Phaawuloos

1) Adeemsa Hojii Wangeelaa isa jalqabaa ( Hoe 13:16- 14:28) Erga Gara Warra Galaatiyaa
waliin walqabata.
2) Adeemsa Hojii Wangeelaa isa Lammaaffaa (Hoe 16:24-40) Ergaa Gara Warra Filiphisiisoo
wajjin walqabata.
3) Adeemsa Hojii Wangeelaa isa Sadaaffaa ( Hoe 19) Ergaa Gara Warra Efesoon wajjin wal
qabata.
4) Inni biroo ammoo isa inni Garaa Roomee deemee dha. Hidhamee deemus hojii wangeelaaf

28 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible Colege (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Goolaba (Conclusion)

Macaafni Hojii Ergamootaa tajaajila gooftaan Yesuus wangeelota keessatti jalqabee ture bartoonni
isaa itti fufuu isaanii kan agarsiisu dha. Kunis akkaataa Yesuus waadaa galeefiin. Gaafa Ayyaana
Guyyaa Shantamaffaa Hafuura Qulqulluu argatanii abdii fi humni isaanii haara'ee lallaba isaanii itti
fufan. Giddu galeessi lallaba isaanis du'a fi du'aa ka'uu akkasumas ol fudhatamee ulfinaan mirga
abbaa isa jiru Kiristoos ture. Gooftaan Yesuus hanga handaara lafaatti dhuga baatuu koo taatu isan
inni jedhe Yerusaalemitti jalqaban. Macaafa kana keessaa inni guddaa nuti hubannu yaada tokkoon
ta'anii kan isa cimaa dha.

Macaafani Hojii ergamootaa kun waan baay'ee nu hubachiisa. Osoo hafuura qulqulluu hin argatin ykn
hin guutamin Yerusaaleemii hin ba'inaa jedhamanii turan. Erga hafuura qulqulluun guutamanii booda
garuuu bakka hundaatti lallabuu danda'an. Har'asa humni hafuura qulqulluu baay'ee nu barbaachisa
tajaajila keenya keessatti. Macaafni kun walumaa galatti barsiisa hafuuraa gurguddoo kan qabate dha.
Kan qofa miti babal'ina wangeelaa kutaa biyya addunyaa as keessatti arganna. Walumaa galatti
jalqaba fi dhaabbachuu Waldaa Kiristaanaa akkasumas babal'ina isaa macaafa kana keessatti
hubanna.

29 DBC “Be disciple and go to others to create the tryue disciple creator!”
Email: danbiblecoll@gmail.com /eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.o.b. 2209 Hawassa, Ethiopia.

You might also like