Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 32

Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Naamusa Kiristaanaa (Chritian Ethics)

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara


mataa isa nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.

1 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Baafata (Table of Contents)


Seensa …………………………………………………………………………………………

Kutaa Tokko ……………………………………………………………………………………...

1. Naamusni maal? …………………………………………………………………………


2. Adeemsota Naamusaa……………………………………………………………………
3. Yaadolee hubatamuu qaban ……………………………………………………………
4. Qaroominaa fi Naamusa…………………………………………………………………
5. Burqaa Aboo fi Naamusa Dagatame…………………………………………………….

Kutaa Lama: Akkaataa Naamusni kiristaanaa itti raawwatamu

1. Duroominaa fi hiyyummaa ………………………………………………………………


2. Naamusa hojii kiristaanummaa …………………………………………………………
3. Gubboo nyaachuu fi kennuu ……………………………………………………………
4. Gaa’elaa fi Hiikkoo ………………………………………………………………………
5. Walquunnamtii saala walfakkaatuu ……………………………………………………
6. Ulfa Baasuu …………………………………………………………………………….
7. Xumura ……………………………………………………………………………………

2 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Seensa (Introducation)

Macaafni qulqulluu akka dubbatutti (Mat 5:13-16) “Isin sooggidda biyya lafaa ti, soogiddi
garuu miyaa yoo of keessaa dhabe maaliin deebi’ee miyeeffamaree? … Isin ifa biyya lafaati,
mandarri tulluu gubbaatti ijaarama dhokachuu hin danda’u.” kana malees (1Xim3:15) “Tarii yoo
ani tures, namni warra mana Waaqayyoo keessatti amala attamii qabaachuun akka isaaf ta’u,
akka beektuuf kun si gargaara; manni kunis waldaa Waaqayyoo jiraataa, isa utubaa fi demdemoo
dhugaa ta’e dha.”

Hawaasni haaraan sirriitti kan yaadu, dhugaaf kan dhaabatu, nageenyaaf kan jabaatu uummata
Waaqayyo qabaachuuf sabni Waaqayyoo isaa wajjin nageenya qabaachuun waan hundumaa
dursa. Barsiis kakuu Haaraas isa kana akka kakuu Haaraan barsiisutti amanaan tokko amala
gaarii fi naamusa sirrii akka qabaatuuf ayyaana Waaqayyootu barbaachisa. Karaa biraatiin amala
gaarii kiristaanaa tokkoof ayyaanni Waaqayyoo adda adda bahuu hin danda’an.

3 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Tokko

1. Naamusni maal?

*Naamusa kan jedhu qo’annoo falaasamaa keessaa tokko


* Mootummaa Waaqayyoo keessattis bakka guddaa kan qabu yoo ta’u, naamusa sirrii ykn sirrii
miti kan jedhu adda baasuun kaa’ama as keessatti .

* Barbaachisummaan isaa as gubbaatti raakkoolee gama naamusaan amantoota giddutti mul’atu


furuuf.

Fakkeenyaaf: 1. Ulfabaasuu – cubbuu dha

2. Ulfabaasuu dhiisuu – qulqullummaa dha

3. Akka carraa ta’ee yeroo kanatti eenyutu miidhamuu danda’a kan jedhuuf

naamusni kiristaanaa kan qoramee ilaalamu.

Yeroo waa’ee naamumsaa ykn amala gaarii qo’annutti wantoota afur ilaalcha keessa galchuu
qabna. Isaanis:

1. Inni jalqabaa gochaa yoo ta’u,

* Kunis dogongora, waan sirrii ykn haalota daangessuu waan danda’u ta’uu danda’a.

2. Inni lammaffaa ammoo bu’aa yoo ta’u.

* Kunis gochaan tokko waan fidu waan gaarii ykn badaa ta’uu danda’a .

3. Inni sadaffaa amala kan daangessu dha.

4. Inni dhumaa miira keessaa yoo ta’u,

* Waan tokko raawwachuuf kan nu kakaase keessa keenyatti maal uumera?

4 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

* Keessa keenya kan guute waan gaarii moo hamaa dha?

* Yeroo baay’ee wanti dhokataan kan nu miidhuufi Waaqayyoo irraa kan nu fageessu
ta’uu danda’a.

2. Adeemsota Naamusaa

 Naamusaa ilaalchisee ilaalcha adda addaa fi barsiisa garaa garaatu jira.


 Yaadoleen dhimma kana irratti ka’an, walfalmiin jiru illee ‘naamusa’ keessaa baasanii
yaada isaanii waan irra dhaaban hin qaban.
 Karaa biraatiin yoo ibsamu namuusa irratti barsiis fi wal falmiin jiraate illee naamusaan
geggeeffama.
 Walfalmiin geggeeffamu illee naamusa mataa isaa qaba.

1. Humna guddaa kan qabaate sirrii dha

Yaada kana kan geggeessan gareen waan tokko murteessuuf aboo haa qabaatan malee,
rakkoolee biroof dhimma hin qaban .
Yookiin ammoo isaa qofti kan fudhatanii itti walii galan qofa raawwatu .
Yaadni akkasii ammoo firdii madaachi isaa eeggate hin ta’u .

2. Yuutiiliiteriiyaaniizim:

Gammachuu ol aanaan uummata lakkoofsa guddaa qabuuf garee jedhanii dha .


Lakkoofsa baay’een kan hammatame barbaachisummaa isaa malee sirrii ta’uun isaa
baay’ee bakka hin qabu.
Naamusni tokko sirrii dha ykn miti jechuuf waan nu gammachiisee fi gaddisiise wal bira
qabuun. Yoo kan nugammachiisetu caala ta’e inni naamusa gaarii dha.
Naamusa kan jedhamu namoonni baay’een yeroo dhaabbataaf waan gaarii fiduu yoo
danda’e dha.
Baay’een of keessatti haa hammatu malee sirrii ta’uu isaaf wabii wanti ta’u hin jiru
jedhu .

5 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Yaadni garee kanaa warra kaan waan of keessatti hin hammaneef ofii isaa iyyuu rakkoo qaba.

3. IIGOOYIZIM

o Ofii koo kan jedhu dha.


o Tokko tokkoon namaa waan gaarii fakkaate yoo hojjete naamusa sirrii dha.
o Baay’een yaada kana adeemsisan jiru.

Kunis karaa fi bifa baay’een mul’ata .

3.1. Sammuun kan walqabate

o Ofii keenyaaf yaaduu alatti filannoo biroo hinqabnu.


o Xiyyeeffannoon faayidaa ani ofii koof yaaduun kan walqabate ta’uu qaba.
o Anaaf bu’aa guddaa fiduu kan hin dandeenye kaka’umsa koo gad buusa .

3.2. Tajaajilu, fayyaduu kanaan qabu ofii kooti

o Waa’ee warra kaanii maaltu nagalche.


o Akkamis yoo ta’e maaltu na dirqisiise.
o Karaa kamiyyuu of jaallachuun kan cufame, eenyuun illee hirmaachisuu kan hin
barbaanne.

3.3. Kamis haa ta’u maalis namni biro kan hojjetu faayidaa koo eegsisuu kan danda’u ta’uu qaba

o Namni hundinuu ana tajaajiluu qabu .

3.4. Hanga fedhe illee mirga namoota biro yoo xuqe illee, fedhii isaanii waliiniis kan hin deemne
yoo ta’e illee, fedhii koo fi faayidaa akka eegeetti sirrii dha.

Rakkoolee Namoota faayidaa Dhuunfaa koof jedhanii

a. Naamusa dhabeessa jajjabeessa.

b. Nama tokko qofaaf wanti sirrii ta’e uummata keessatti fudhatamaa dha jechuu miti.

6 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Fakkeenyaaf: Walquunnamtii saala walfakkaatu gidduutti ta’u. Kun mirga koo kan jedhus
dabalateetis.

c. Xiyyeeffannoon keenya dhimma dhuunfaa irra qofa yoo ta’e fedhii, filannoo fi mirga
namootaa hineegnu. Madaallii gochuuf qoramna.

4. Dhala Namaa Akka Madaalii Naamusa Gaariitti

o Akkaataa warra kanaatti dhalli namaa uumamaan waan hamaa fi gaarii kan ittiin adda
baasu qabu.
o Kennaa uumamaa kana fayyadamee naamusa gaarii fi badaa adda baasee murteessuu
danda’a.
o Namoonni addaa, falaasamaa fi haala jireenya garaa garaa keessa waan darbaniif isa
kanatu gaarii jedhanii murteessuu rakkatu jedhu.
o Akkaataa macaafa qualqulluutti dhalli namaa sababaa cubbuun kufeef aboo murteessuu
sirritti hin qabu jechuunis mormii dhi’eessu.

5. Naamusa Kan Jennu Gammachuu Uumuu kan danda’u dha

o Isa kanaan kan geggeeffaman ammoo naamusa gaarii dha kan jedhan yoo namootaaf
gammachuu fiduu danda’e dha jedhu.
o Gammachuu jedhamaa kan jiru dhugumaan gammachuu dhugaa dhaa? Gammachuu
hundumtuu barbaachisaa fi sirrii dhaa? Rakkooleen hundinuu barbaachisoo fi sirrii dhaa?
Kanneen deebii kan hin arganne dha.

6. Naamusa Wal biri qabii

o Warri kun ammoo biyya lafaa hundumaatti hojjechuu kan danda’u dha jedhanii hin
amanan .
o Naamusni akkaataa aadaa fi filannoo namootaatti garaa garummaa qaba jedhu .
o Naaamusa sirrii kan jedhamu hin jiru.
o Inni kun yeroo ammaa warra hin amanne biratti fudhatama argateera.

7 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

3. Yaadolee Hubatamuu Qaban

1. Naamusa Deeyontoolojii kaalii

o Gocha irratti kan xiyyeeffatu dha.


o Gocha tokko sirrii kan taasisu maal?
o Naamusnii Deeyontoolojikaalii xiyyeeffannoon isaa gochaa irratti waan ta’eef bu’aa inni
fidu maalis haa ta’u, adeemsa raawwachuu irratti rakkoon hanga hin uumamnetti sirrii
dha.
o Karaa biroon ammoo fedhii nama dhuunfaa tokkoof hin ta’in malee, kaka’umsa gaariin
waan tokko yoo raawwate, waan sirrii dha.
o Yaadni kun “Eessatti iyyuu daaki, daakuu fidi” kan jedhu falaasama of keessaa qaba
o Tasumaa wanti akkasii ammoo fudhatama hin qabu.

2. Tiliiyooloojiikaal

o Yeroo hundaa xiyyeeffannoon isaanii bu’aa irratti .


o Akkaataa warra kanaatti ammoo adeemsaas ta’e gochi tokko sirrii dha kan jechisiisu
bu’aa isaati jedhu .
o Adeemsi isaa, haalli itti hojjetame waan fedhe haa ta’u, garuu dhuma irratti firii isaan
barbaadan argamuu qofatu naamusa gaarii jechisiisa warra ilaalcha kana hordofan.

3. Haalaan Naamusa kan murteessan (situational)

o Haala uumamaa fi wantoota yeroon murteessu malee akka seera tokko tti hin fudhatan,
naamusa .
o Heeraa fi seera naamusaa hunda balleessuu osoo hintaane isaan kana irratti hundaa’anii
kan hojjetan miti.
o Wanti tokko sirrii fi sirrii ta’uu dhiisuu kan murteessan haala yeroo ture irratti hundaa’un.

8 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Fakkeenyaaf: Mucaan durbaa heeruma geessa tokko osoo wal hin fuudhi kaadhimaa ishee
waliin wal quunnamtii saalaa yoo goote akka ejjaati hin lakkaa’amu ;akka ilaalcha kanaatti
sababni isaas haalli yeroo isaan ilaalanni irratti xiyyeeffatan jaalala.

4. Qaroominaa fi naamusa

4.1. Qaroomina si’anaa

* Jaarraa 21ffaa bara keessa jiraannu kana hojiiwwan duuka buutonni Kiristoos nut dabarsan
eeguun nurraa eegama kanaafuu eenyu illee osoo nu hin kakaasin mootummaa Waaqayyoo
keessatti miseensa ta’uu keenya qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa keenya bahuutu nurraa
eegama.

 “Egaan attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee
akka warra ogeessota hin ta’iniitti hin jiraatinaa Guyyoonni kun guyyota gadhee waan
ta’aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa” (Efe 5:15-16). Yeroo
kam caalaatti yeroo ammaa ajajamuu dhabuu, of jaallachuu, maal jedhuun kan dhibee fi
hojiin dukkannaa kan itti baay’ate dha. Kanaaf bara badiisaa keessa baduu irraa of
qusachuu dha .
 Waaqayyo baroota keessatti ijoollee isaaf mala ittiin waan hamaa keessa darban in
kennaaf. Kanaafuu hubannoo fi ogummaan yaadni Waaqayyoo maal akka ta’e hubachuun
raawwachuun mishaa dha.
 Waldaan Kiristaanaa rakkoolee keessaa fi alaa itti dhufan cimtee keessa darbuu fi
kadhannaa fi sagalee Waaqayyoo barsiisutti of kennuu qabdi .
 Bari kun bara namoonni sababa mataa isaanii dhi’eefatan itti baay’atan dha.
 Barichi bara jijjiiramaa fi fooyya’iinsaa ti kunis maalif dhufe hin jedhamu. Haa ta’u
malee of eeggannoo baay’ee bakka barbaddutti of eeggannoo gochuun barbaachisaa dha.
 Guddina baraa qofa duukaa yoo buune seerota Waaqayyoo nu dagachiisa. Seerotni
Waaqayyoo kan sagalee isaa keessatti kennaman ammoo hin jijjiiraman. Kanaaf
naamusaan walqabsiisuu kan sagalicha.

9 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

4.2. Qaroomina jechuun maal jechuu dhaa?

Jaarraa 17ffaa fi 18ffaa keessa kan jalqabe jaarraa 19ffaa keessa ciminaan qaroomina mul’ate dha.

Bara kana irra caalaatti hubachuuf ilaalcha dargagoonni qaroominaan walqabatee jiru qaban haa
ilaallu .

1. Namni sammuu isaa fayyadamee waan hundumaa hubachuu danda’a yaadni jedhu dubbii
hafuuraa keessatti bakka hin qabu.
2. Dhalli namaa karaa saayinsaawwaa ta’een waan hundumaa hubachuuf humna qaba.
3. Jireenya adeemsaa keessa galuun hin hafu, addunyaa adeemsa irra jirtu keessatti .
4. Haa ta’u malee bara baraan yaada kana kan faalleessan ka’aa jiru.
5. Akka ilaalchaatti rakkoolee hundinuu furmaata qabu kun harka nama birmaduu bahe
keessa jira.
6. Qaroominni beekumsaan kan jiru dhiibbaa tokko malee dhaabbachuu kan danda’u dha.
- Dhugichi waan tokko mariif hin dhi’aatu.
- Amantiin nama dhuunfaa fi Hawwaasaan kan murteeffamu dha. Amantiin ykn
Kiristaanummaan kana irraa adda kan tahe dha.
- Ilaalchi akkanaa ammoo amantii warra adii baay’ee illee balleesse dha
7. Dhalli namaa waan kami irraa illee walaba ta’ee kan uumame waan kamii wajjin illee
walitti hidhata hin qabu.
- Waluumagalatti qarromini olaantummaan dhala namaa kan itti mo’ate akka ta’e
hubachuun in dandaa’aama.
- Karaa biraatiin ammoo uumaa kan itti dagatame dha .
- Burqaan fi bu’uurri waan hundaa Waaqayyoo dha kan jedhu yeroo itti dagatame dha
- Qaroomini waan gaariis hamaasna gonfachiiseera.
- Qaroomini kun jaarraa 20ffaa kaasee babal’achaa kan jiru dha.
- Kana malees amantii hundinuu sirrii dha yaada jedhu qaba.

10 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

- Amantii hundinuu sirrii dha yemmuu jedhanitti (Budiisimiin, Islaamin, Kiristaanni,


Amantiin yihundotaa hundi (sirrii dha) .Garaa garummaa tokko malee gara uumaatti
geessu.

4. Karaa biraatiin amantii hundi gara Waaqayyootti geessuu danda’u jechuu dha.

3. Qaroomina Addunyaa Hordofanii kan dhufan

1. Kan ittiin adda bahan ammoo wal danda’uu jecha jedhutti kan fayyadamanii dha, amantii
hunduu sirrii dha warri jedhan .

- Kiristaana wanti adda godhu hin jiru .

- Dhugaan jirus walbira qabuun, haalaan malee seerri dhaabbataan baheef hin jiru jedhu .

- Kanaafuu barichi yeroo itti wal danda’uun jiraatanicha .

Naamusa badaa kan jedhus wal bira qabuun kan ilaalamudha malee akkasumaan miti. Akka
tasaa naamusa gaariif akkas jedhamee dubbatamuun haalli itti hin dandeenye in uumama ta’a.

2. Kan biroo ammoo yaada dhuunfaa ti (of jaallachuu) fi sassatina

- Jechoonni kunniin lamaan adda baasuuf nama dhibu

- Jechoonni ‘of jaallachuu’ fi ‘sassatuu’ jedhan bu’aa kufaatii yoo ta’an illee bara kanatti garuu
iddoo guddaa qabu.

- Qaroomina kan jedhamu fidee kan dhufe akka fedhii Waaqayyootti kan hin taane, adeemsa
badaa kan mootummaa Waaqayyootti hin geessine, gara jabinaan kan guute dha.

- Qaama tokko osoo taanee jiruu, walgargaaruun nuuf ta’a jennee osoo jirruu of jaallachuu
jechuun bu’uura kiristaanummaa nu harkaa gatuuf. Jarreen kun duuka buutota Kiristoos akka
ta’an odeeffannoo tokko illee irraa hin argannu.

11 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

3. Wantoonni hundinuu kan madaalaman namaan

- Giddu galeessi waan hundaa nama

- Kunis kan burqe waa’ee namaa qofa yaaduu irraati. Olaantumaa namaa qofa babal’isuun
qoroomina yeroo boodaa ta’aa dhufeera.

- Ol aantummaan namootaa kan ifatti bahuun beekameef ammoo namni waan hundumaa ofii
isaatiin bara murteeffatu waan ta’eef.

- Gammachuu hanga kenneefitti namni kamiyyuu wanta inni hojjetu isaaf sirrii dha. Kanaaf
dhugaan wal biraqabuun kan ilaalamu dha malee seera dhaabbataa hin qabu

- Sabummaa kan hordofan waanti uumame humna hafuuraa olitti jedhu. Waaqayyo uumaa waan
hundaa akka ta’etti hin fudhatan.

- Jireenyi haala biyya lafaa yemmuu maatii isaanii keessatti mul’atu argamaa jira .

- Haalli kun ammoo suuta suuta waldaa Kiristaanaa keessa galuuf jira. Jarreen kunnis akka
waldaan seera qabeessa gootee fudhatu gochuuf carraaqu .

- Jarreen kun barreeffama macaafa qulqulluu akka waan yeroon irra darbeetti lakkaa’u. Yaada
barichaan wal simu jechuun waa’ee jireenya bara baraa nu dagachiisaa jiru

- Har’a waldaa Kiristaanaa keessatti qabiyyee macaafa qulqulluu waliin kan walsimite bifa
Kiristoosiin uffate dhabaa jirra.

- Waldaa Kiristaanaa akka Waaqayyo ilaalutti ilaaluun gaarii ta’us, ifa ishee dhabaa deemuu
irraa kan ka’e kallattii ishee gad dhiiftee rakkoo baay’een ishee quunnamaa jira.

- Har’a waldaa Kiristaanaa keessatti kan arginu namoota wal mufatan, gaa’ela hiikame,
akkasumas walitti bu’iinsa garee gaa’eelaa keessa jiran gidduutti, obboloota gidduutti walitti
bu’iinsi babal’achaa dhufe ifa dhabuu isheen wal qabatee kan dhufe dha.

12 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

4. Dhalli Nama karaa saayinsaawwaa ta’een waan hundumaa hubachuu danda’a

o Karaa saayinsaawwaa ta’een waan hundumaaf furmaata in kenna .


o Balaa warra yaada kana geggeessanii.

Fakkeenyaaf: Amantii qofaan rakkoo hiikamuu maluuf karaa saayinsii furmaata kennuuf
yemmuu dhama’an .

o Amantiin yoo saayinsiin hin mirkanoofnee ammansiisummaan isaa in shakkisiisa jedhu.


o Barsiisni Kiristaanaa waan hin mul’atne waan harkaan hin qabamne waan ta’eef dhugaa
ta’uu isaa gaaffii jala gala jedhu. Akkasumas kallattii jireenyaatti jedhamee kan
hordofamu miti jedhu
o Yaadni kun balaa baay’ee kan qabu yoo ta’u:
- Tokko tokko balaa isaan fiduuf jiraniif dantaa hinqaban .
- Walkaan isaanii ammoo adeemsa kan in mormu.
- Kaan ammoo cimsanii kan faana bu’ani dha.
o Qaroomini yeroo booda kun egaan daangaa barbaachisaa malee akkasumaan callisaan
kan bira darbamu miti.
o Madaallii sirriin yaadalee of falaasama kamillee macaafa qulqulluu ta’uu qaba.
o Dhaloota haaraa kana waan sirrii fi gaarii ta’e barsiifnee yoo qophoosine dha bor biyya
kan biyyaaf ta’an tauu danda’u .

2. Naamusa Walbir-qabiin

Yaadni kun akka tasaa kan yeroo tokkotti biliqile miti. Yeroo baay’een dura dhugaa sagalee
Waaqayyoon akka hin madalaamti miliqee kan qormaataa ture dha. Dhaloonni bara kanaa
ammoo qaroomina bara boodaa kana kangeggeessu dha.

a. Naamusa wal bir-qabii jechuun maal jechuu dha?

Bakka gurguddoo sadiitti hirama

1. Aadaan kan wal bira qabamu


13 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

2. Yaad qalbii sammuun kan wal bira qabamu

3. Labsii kan wal bira qabu

1. Aadaan kal walbira qabamu (Naamusa)

 Gaarii ykn sirrii ta’uu fi dhiisuu waan tokkoo kan murteessamu aadaan.
 Akka saba aadaa sanaatti sirrii dha, kun sirrii miti jedhee namni mormeuummaticha
keessatti in balaaleeffama.
 Aadaan waan murteessuun rakkoo mata isaa danda’e yoo qabaate illee kan fayyadan
keessaa fudhachuun gaarii ta’a.

2. Yaadqalbii sammuun kal wal bira qabamu

 Wanti nama tokkoof gaarii fi sirrii ta’an isa kaaniif immoo gaarii ta’uu waan dhiisuuf,
naamusni akkaataa filannoo fi muuxannoo nama dhuunfaatti ta’a jedhu.
 Akkaataa uummataatti osoo hin taane akka nama dhuunfaatti naamusni ilaalamuu kan
qabu jedhu .
 Namni kamiyyuu dhiibbaa eenyu illee malee, uummataa ykn hawaasa keessa jiraatu,
waan sammuu isaatti sirrii ta’e raawwachuu dhanda’a .
 Waan anaaf ta’u anuu beeka, waan sirrii fi sirrii hin taane eenyu illee natti himuu hin
barbaachisu jedhu. Namni hundinuu waan sammuun isaa isa hin ceephaane yoo hojjete
naamusa gaarii dha.
 Hojiin kamiyyuu ceephoo sammuu tokko malee raawwatamee nama dhuunfaa tokko yoo
fayyade, isa kaan irratti dhiibbaa akkamii illee haa uumuu sirrii dha.

3. Labsiin kan wal bira qabu

 Akka warra kanaatti ammoo namni tokko tokkoo isaa jirachuu kan qabu akkaataa seera
uummatichi baasee labseen ta’uu qaba
 Kan buu’uurefatan aadaa dha malee seera dhaabbataa miti .

14 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kan ittiin daangeffamu :

1. Namni tokko aadaan dhaabbataan tokko bakka hin jirretti waan ittiin murtoo argatu waan
hin qabneef.
2. Akkaataa uummata tokkootti aadaan jiru marti sirrii dha jechuunis dogongora ta’uu waan
danda’uuf .

Fakkeenyaaf: Dhaqna qabnaa ijoolle durbaa .

3. Waan Hawaasni tokko itti amanee baase fooyyeessuun akka ilaalcha kanaatti sirrii miti.
Qaama biraa gidduu galchuunis ta’e qaama olaanaa kan jedhus hin jiru.

5. Burqaa Aboofi Naamusa Dagatame

5.1. Burqaa Abboo (Sirrii isa ta’e)

Hanga ammaatti namusa madaaluuf wantoota baay’ee ilaalleera. Amma ammoo madaalli sirrii
irratti maal akka fakkaatan ilaalla.

a. Sagalee Waaqayyoo (Macaafa Qulqulluu)

o Macaafni qulqulluun akkaataa namoonni yaadan miti. Namoonni tokko tokko sammuu
dhala namaa keessa kan burqe dha jedhu. Garuu macaafni qulqulluun sagalee humna
qabu qajeelafama jireenyaati malee akka isaan jedhan miti.
o Macaafni qulqulluun qabiyyee isaatiin adda kan ta’e, barri kan hin fooyyesine,
dorgommii kan hin qabne faayidaa bal’aa kan qabu, amanamaa dha (2Xim 3:16-17)
o Macaafni kun giddu galeessa godhee kan dhi’eessu Yesuus Kiristoosiin. Hordofamuu kan
qabus fakkeenyummaa Yesuus Kiristoos. Innis naamusa sirrii fi qajeelaa dha.
o Kanaafuu murtee qajeelaa argachuu burqaan aboo hundi sagalee Waaqayyoo ti. Kanneen
biroos burqaan isaanii maal akka ta’e kan ittiin sakkataa’aman sagalee waaqayyoon.

15 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

o Macaafa Qulqulluu akka burqaa abootti fudhachuun wal qabatee haala inni ittiin
hiikamuu qabu ilaaluunis gaarii dha. Macaafni qulqulluun haala sirrii ta’een hiikamuu
qaba.
o Sababni isaasi jaarraa 1ffaa fi jaarraa 2ffaa gidduu haalonni jiran:
- Aadaa jireenyaa
- Haala namni itti yaaduu fi aboo yeroo sanaa
- Keessa isaatti haala jijjiirama siyaasaafi diinagdee

Wal qabsiisuun kan wal fakkaatanii fi hin fakkaanne waan jiraanif qajeelfama tokko hordofuun
barbaachisaa dha.

b. Sammuu dhala namaa

Waaqayyo dhala namaa hundaaf kan amananiifis hin amaneefis walqixa kan kenne sammuu
yaadu dha.

 Baay’een sammuu isaanii irraa kan ka’e yaada Waaqayyoo osoo hin raawwatin argamu.
 Sammuun dhala namaa Macaafa qulqulluu tti aanee burqaa aboo isa olaanaa dha.
 Hanga fedhe illee cubbuun sammuu namaa booressus waan hamaa fi gaarii adda
baasufis yoo dangeefame, sammuu keenyaaf ajajamuun yemmuu murtee dabarsi nutty
wantoota sirrii ta’an yeroo itti adda baafnu jira
 Karaa biraatiin ammoo sammuu keenyaan murtoo sirrii dabarsuu dandeenye iyyuu,
sammuun dhala namaa raawwatee dogongora irraa kan qulqullaa’e dha jechuu miti.

i. Sammuun dhala namaa maal?

Sammuun wantoota qalbii namaa, seera qabeessa ta’aniif kan bitamuufi deebii kan kennu
eenyummaa keessa namaa ti.

ii. Hojii sammuu


a. Waantota addaan cinne bulcha.
b. Waan sirrii fi dogongora ta’e adda kan baasu dha.
16 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

iii. Kiristaana taanee osoo jirruu guutummaa guutuutti maalif sammuu keenyatti hin
hirannuu?

Hanga fedhe Kiristaanota taanu illee guutummaa guutuutti sammuu keenyatti hirkachuu hin
dandeenyu. Isa kanaaf immoo sababoota garaa garaatu jiru:

 Sammuun sababa garaa garaan qabanaa’uu danda’a (1Xim 4:1-2)


 Guddinni yaad qalbii muraasa waan ta’eef (1Qor. 8-11 fi Rom 14) kutaa kana
dubbisuun dhimmicha haala ifaa ta’een akka hubanna nu gargaara.
 Sammuun xuraa’uu danda’a.

- Nama Sammuun isaa xuraa’eef waaqayyoon tajaajiluun dhiphina.

- Waaqayyoon kan beekan yoo ta’an illee yeroo hunda hojii isaaniitiin in ganu.

- Namoonni akkasii waan sirriin isa kam akka ta’e yoo beekan illee adda baasanii
raawwachuun dhiphina guddaadha. Kanaaf sammuutti hirkachuun kasaaraa ta’a.

Iv. Amanamummaa sammuu akkamitti ol kaasuu dandeenya

o Yesuus Kiristoosiin akka fayyisaa lubbuutti fudhachuu fi duuka buutuu dhugaa ta’uu.
o Sagalee Waaqayyoo guyyaa guyyaan dubbisuun haaromsa addaan hin cinne gochuu .
o Dhugaa macaafa qulqulluuf ajajamuu.
o Naamusa Kiristaanumaa hordofuun namootaaf fakkeenya ta’uu .
o Keessattuu fiigicha hafuuraa Waaqayyoon malee waan hin dandaa’amneef sirriitti
kadhachuu .

C. Aadaa

o Aadaan ibsa saba tokkoo ti, mallattoo ittiin adda bahu dhas. Biyyi hundumtuu aadaa
qabu
o Aadaa hundumtuu gaarii akka hin taane, aadaa hundumuu badaa miti
o Aadaa hundumtuu sirrii ta’us ta’uu baatus wal qixa.

17 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

o Biyyi hundumtuu addaa ittiin bulmaata mataa isaa qaba.

Fakkeenyaaf:- Aadaa gaariin

- Abbootii fi harmootii kabajuu

- Maan guddootaaf dursa kennuu

- Nama keessumessuu

Kanneen kana ijaaruuf faayidaa isaanii simachuun barbaachisaa dha. Naamusatti dhihoo waan
ta’aniif itti fufuun in dandaa’ama.

Karaa biroon ammoo aadaa rakkina qaban, sirrii kan hin taane, kan armaan gadii ti

- Umriin kan wal hin gitne wal fuusisuu

- Dhaqna qabaa dubartii

- butii – kanneen aadaa duubatti hafaa fi dhaabbachuu kan qabanii dha. Aadaan biroon
illee jijjiiramuu qabu malee hafuu qofa miti

 Aadaan seerota macaafa Qulqulluun hanga walitti hin buunetti naamusa gaariif
madaallii ta’uu danda’a.
 Haa ta’u malee aadaan bakkaa bakkatti waan garaa gara ta’eef akka biyyoolessatti waan
ittiin madaalamu hin qabu.
 Fakkeenyaaf: Warri Chaayinootaa arraba isaanii yemmuu baasan nagaa walgaafachuu
yoo ta’u, Itoophiyaa keessatti garuu mallattoo tuffii fi arrabsoo ti.
 Kanaafuu aadaa hunda hojii irra oolchuuf rakkoo waan ta’uuf sagalee Waaqayyoon
madaaluu barbaachisa.

18 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

d. Muuxannoo

 Baroota keessatti – wal quunnamtii garaagaraa keessatti, leenjii garaa garaa fi iddoo
hojii irraa muuxannoonuti arganne waan gaariis ta’e gaarii hin taane raawwachuuf
gahee taphatu qaba. Kunis gara naamusaati fida.
 Kana irraa kan ka’e muuxannoo keenya akka burqaa abooti itti fayyadamuu dandeenya
 Dhugumaan muuxannoon beekumsa baay’ee kan ittiin guddifnu Yuniiversiitii guddaa
dha. Kanas ta’ee muuxannoo qabnu irratti guutummaa guutuu waan hin hirkanneef
macaafa qulqulluun madalaamuu qaba.

e. Dandeettii sirriitti yaaduu

 Waan tokko gad fageenyaan yaaduu fi murtee kennuun dandeettii olaanaa gaafachuu
danda’a. Kana gochuun waan sirrii fi sirrii hin taane adda baasuu yoo danda’e akka
burqaa abboti fudhatamuu danda’a.
 Namni kan hubachuu danda’u dhala namaa kan uumee ofii isaatii fakkeenya akka ta’e
dha.
 Bifa Waaqayyoon uumamuun dhala namaa ammoo sirriitti yaaduu akka danda’uuf.
 Haala kanaan gad fageenyan yaaduun wantoota sirrii ta’an irratti xiyyeeffachuun
raawwachuutu irraa eegama.
 Akkuma warra kaannii, burqaa aboo isa kanas kan madaallu dhugaa sagalee Waaqayyoo
kan ta’e, macaafa qulqulluu dhaan.

11. Naamusa Dagatame (Fakkeenyummaa Yesuus)

 Gooftaan keenya Yesuus kiristoos dhalli namaa akka itti jiraatuuf naamusa kakuu
haaraa qabatee gara biyya lafaa dhufe. Naamusa kana egaa Naamusa Kiristaanaa kan
jennu.

19 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

1. Akka saba kakuu Waaqayyootti jiraachuun Maal fakkaata?

 Yesuus kan fide naamusa haaraa ykn jireenya kiristaanaa barbaachisaa ta’e, isa dura
warrra turan biratti jechuun fariisota fi seera warra beekan biratti fudhatamu hin arganne
 Hanga du’aatti dabarsanii kennuu irraan kan geessise iyyuu isuma kana. Kun immoo
haala jireenya isaan mormuu dha.
 Seera bade sirreessuuf baay’ee ma’eera Qualqullummaan maal akka ta’e, seerri
Waaqayyoo maaliif akka kennamee fi akkamittis akka hiikamuu qabu agarsiiseera

2. Naamusni mootummaa waaqayyoo maal?

 Mootummaa Waaqayyoo kan jedhamuu kan naamusni isaas ka’u kan yesuus Kiristoos
saba cubbuun faalameef du’ee qajeelche dha. Kunis naamusa kakuu Haaraa keessatti
ta’uu malu dha. Inni kun naamusa yesuus kiristoos jedhamee beekama. Haalli jireenya
isaa wal xaxaa kan hin taane dha.

“Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti


hidhaa!” (Mat 6:33)

 Kutaan macaafa qulqulluu kun kan nu hubachiisu jireenya gaarii jechuun bulchiinsa
mootummaa waaqayyoo jalatti ta’uu fi mootummaa isaa qofa hawwuun akka fedha
isaatti jireenya jiraatamu dha. Kana malee gammachuu garmalee bar baaduu miti.
- “Yemmus yesus deebisee, Waaqayyo kee goofiticha garaa kee guutuu dhaan, yaada
kee guutuu dhaan is jaallachutu siit ta’a!” (Matt 22: 37)
- “Nama akka mataa keettiiti jaallachuutu siif ta’a (Mat 22: 39) jechuun Yesuus ajaja
lama kenneera.
 Naamusni Kiristaanaa dorgommii kan hin qabne jaalala guddaan ibsamuu qaba. Isa
kanaaf yesuus lubbuu isaa kan kenneef.
 Yesuus fidee kan dhufe naamusni haaraan dursinee mootummaa Waaqayyoo fi
qulqullummaa isaa kan ittiin barbaannu irratti kan bu’uurefame dha. Kunis Waaqayyoo
wajjin walitti dhufeenya qabaannee maatii isaa ta’uu akka dandeenyuuf .

20 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Kutaa Lama

Akkaataa Naamusni Kiristaanaa itti raawwatamu

Waa’ee raawwii naamusa Kiristaanummaa kana irratti yemmuu dubbannu ilaalcha garaa garaatu
jiru. Barsiis garaa garaas jiraachuu danda’a. Haa ta’u malee ilaalichi kamiyyuu sagalee
Waaqayyoo busheessuu hin danda’u. Akkasumas macaafa qulqulluun kan wal mormu ta’uus hin
qabu. Kutaa kana keessatti gaaffii naamusaa kan kaasan keessaa muraasa ilaalluu yaalla.

1. Duroominaa fi hiyyummaa

Bara kana barmsi baay’ee barbaachisaa dhaa fi kennamuu qabu yoo jiraate waa’ee duroominaa fi
hiyyummaa irratti kennamuu kan qabu. Yesuus dhimma kana irratti irra deddeebi’ee barsiiseera.
Kun wanta inni agarsiisu yeroo sanatti illa mata duree cimaa ture jechuu dha. Maalif? Baroota
baay’ee keessatti qabeenyi (durrominaa fi hiyyummaan) ilaalchisee ilaalcha garaa garaatu ture.
Kanneen kana ammoo, kanneen wal faallesanis ta’e, kan wal siman, erga ilaallee booda akkataa
Macaafa Qulqulluutti gara ta’etti ammoo ceena.

a. Ilaalcha warra Noositisim waa’ee duroominaa irratti

Jalqabumaa kaasanii qabeenyis ta’e kanneen biro akka waan faalamaniitti waan ilaalaniif,
qabeenya lafa irraa horachuuf kan dhama’an waa’ee kan hin baasne jedhanii fudhatu.

o Kanaa wajjin wal qabuun ilaaluun kan dandaa’amu Eesitiisiimi dha. Ilaalchi kun
daangaa kan darbee qabeenyas ta’e meeshaa mul’atu irraa fagaachuuf hiyyummaa kan
fo’ate dha.
o Hawaasin jaalala qarshiif qaban mormuuf, gocha mormii isaanii kana ammoo ifatti kan
mul’isanii dha. Kanaan booda namni hundinuu cimee hojjechuu qaban gareen jedhu
ammoo uumame. Gareen amantii kun ammoo Piiwuriitaansi jedhamuun kan
beekamanii dha. Sun xuraawwadha kun qulqulluu dha wanti jedhamu hin jiru.
Waaqayyoon kabajuuf hojiitti jabaachuun illee waan tokko jedhu.

21 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

b. Qabeenyi burqaa Gammachuu ti

o “Qabeenyi burqaa Gammachuuti” yaadni jedhu jireenya dhugaa fi qabeenya irraa


kallaattii faallaa irra kan jiru dha. Ilaalcha kana kan geggeessan bal’isaan iddoo biroon
gahaniiru.
o Falaasamni isaanii lubbuun gammaddee kan jiraatu yoo qabeenya gahaa tahe qabaatte
dha kan jedhu dha.
o Ilaalcha kana kan hordofan qarshii gahaa ta’e argachuun jireenya gammachuun guute
geggeessuuf wanti isaan hin hojjenne hin jiru. Kana gochuuf is rakkoo keessa kan
seenan baay’ee dha.

c. Abbaa Qabeenyaa ta’uun ofiisaan rakkoo qabaa?

o Yoo ilaalame qabeenyi qofaa isaatti rakkoo tokko illee hin qabu .
o Qabeenya hangam illee haa qabaannuu rakkoo hin qabu.
o Qabeenya gaariis badaas kan godhu ilaalcha nuti qabeenyichaaf qabnu dha.
Waaqayyoon kan ittiin kabajuunuu fi hiyyeesota kan ittiin gargaaru ta’uu qaba.
(fak 23:4)

d. Kennuu

o Macaafni Qulqulluun bakka waa’ee qabeenyaa dubbatu hundaatti waa’ee kennuus in


dubbata .
o Kennuun waan qarshiin raawwannu keessaa isa caalu dha. Qarshiin kan uumames
tajaajila kanaaf. Qarshiin nurra irratti akka hin moone, garba akka nu hin godhanne
karaa inni guddaan kennuun
o Harka keenya qarshiin galu marti warra rakkatan akka gargaarruufi waaqayyoon akka
galateeffamuuf.

Akkaataa itti kennuun ta’u

1. Kennaa akkasumanii jennee laachuu qabna (Mar 12:41-44)

22 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

2. Yoo sababa qabaannetti wantoota garaa garaa illee kennuu yeroo itti qabnu in jiraata
3. Dhaabbata tokkoofi hojii isaaniif namoota galanni ta’uufiif maluuf illee kennuun
barbaachisaa dha

Haala kanaan qabeenyi keenya osoo nu hin bitin, garba isaas osoo nu hin godhatin Waaqayyoof
galata galchaa namoota biros gargaaruu kan dandeenyu

2.2. Naamusa Hojii Kiristaanummaa

o Amantoota gidduutti hojii gara namootaatti kan dhufe ilaalchisee yaadaan gargar
bahuun jira. Tokko tokko hojiin gara dhala namaa kan dhufe ‘kufaatiin dura’ yemmuu
jedhan kaan ammoo hojiin bu’aa kufaatii ti’ jedhu
o Ta’us hojiin bu’aa kufaatiiti, kufaatiin booda dhufe yaadni jedhu fudhatama akka hin
qabne dha (Um 2:8-28)
o Aadaa hojii nuti qabnu akka hojii hin jaallannee fi hiyyeesota nu godheera. Kanneen
keessaa muraasni
1. Hojii fiixaan ba’iinsaa fi maqaan wal qabsiisuu .
2. Waan itti hin dhamaanne Waaqayyo nuuf kenna jechuun yaaduu; akka yaalletti yoo hin
taane carraa koo guyyaa afurtamaa ti jechuu .
3. Hojii kan hojjennu jiraachuu qofaaf yaadni jedhu sammuu namootaa keessa taa’uu.
Yaada kanaan yoo jiraanne hojii sirrii hojjechuu hin dandeenyu.

Maalif hojii hojjennaa?

1. Waaqayyoon kabajuuf: Hajii hojjennu kamiillee Waaqayyoon kabajuu qabna


2. Bifa Waaqayyoon uumamuu keenya kan calaqqisiisu dha. Hojjechuuf uumamne
3. Waan nu barbaachisan guuttachuuf
- Hojii wanti hojjennuu kanneen ijoo armaan olii guuttachuuf. Hundinuu sadarkaa wal
qixaan barbaachisoo dha.

23 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

- Nuuf haa kaffalamu haa dhiisuus, wanti kaffalamu quubsaa ta’us ta’uu baatus
hojjeechuutu nurraa eegama. Hojii kabajuun bu’aa namootaaf illee hojjechuu qabna
waan hojjennu keessatti illee qulqullummaa agarsiisuu dandeenya.
- Hojiin hundinuu gara cubbuu kan hin geessinee fi cubbuu kan hin taane, kan
kabajamanii fi sadarkaa walqixaan Waaqayyoon duratti fudhatama kan qaban dha.

3. Gubboo nyaachuu fi kennuu

Gochi akkas naamusa badaa dha. Murtii sirriin dhabamuus agarsiisa keessattuu yeroo qaroomina
si’anaa keessatti baay’ee rakkisaa dha. “Yeroo muudametti kan hin nyaanne gaafa buufamu
gaabba,” haalaan dubbiin jedhu illee jira.

Gaheen waldaa kiristaanaa maal ta’uu qaba?

Waldaan Kiristaanaa akkuma lammiitti qaama hawaasichaati. Kanaafuu waan sirrii hin taane
uummaticha keessatti mul’atu ifatti baasuu keessaa qooda qabaachuu qabdi. Ana hin ilaallatu
jechuu hin qabdu. Akkasumas keessa ishee qulqulleessuu qabdi wantoota xixiqqoo fi gatii
guddaa hin qabneen fira ofii wandaa kiristaanaa keessatti adda baasanii gargaaruun dhaabbachuu
qaba. Sagaleen Waaqayyoo maalaan maltummaa in jibba.

4. Gaa’elaa fi Hiikkoo

a. Gaa’ela

 Gaa’elli fuudhuu fi heerumuuf kan gahan dhiiraa tokkoo fi dubara tokko gidduutti akka
sagalee fi fedha Waaqayyooti waadaa raawwatu dha.
 Tokko tokko waadaa galuun walabumaa nama dhabsiisa jechuun waadaa yeroo
gabaabaa kan galan jiru. Kunis yeroo muraasa qofa waliin jiraachuuf.
 Lamaan isaanii keessaa tokko walitti dhufeenya yoo dide, addaan kutuu akka danda’an
godhatanii waadaa isaanii uummatu.

24 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Bara giddu galeessaatti gaa’elli maal fakkaata ture?

 Kan wal fuudhan lamaan akka bara baraan adda hin baaneti waadaa galu.
 Bara giddu galeessatti abbootiin amantii turan waa’ee hiikkoo tasumaa akka yaadni isaa
hin kaane godhanii barsiisaa turan. Yaadni kun garuu mormii argateera akka Luutiriinii fi
Kaaliviin kkf tiin macaafa qualqulluu keessatti bakka itti hiikkoon eyyamame jira jedhu.
 Akka hiikkoon babal’atuuf sababa kan ta’an:-
- Hir’ina qabeenyaa (dinaagdee)
- Waadaa galaniif amanamoo ta’uu dhabuu
- Mirga daangaa hin qabne
- Saalquunnamtiin wal simuu dhabuu
Walumaagalatti hiikkoon fedha Waaqayyoo miti. Gochi gaarii miti.
b. Hiikkoo fi Lammata Gaa’ela godhachuu
1. Waldaa kiristaanaa ishee jalqabaa keessatti ilaalcha abbootiin kiristaanaa qaban :-
 Akkaataa abbootii waldaa Kiristaanaatti hiikkoon tasumaa waan hin yaadamne ture.
 Kiristaanota biratti gaa’ela haaraa ijaaruuf jecha hiikkoon godhamu baay’ee kan
dhowwame dha .
 Hiriyaa gaa’elaa waliin erga wal hiikani booda deebisanii kan biraa fuudhuun yakka.
 Kan biroo hafee yoo tokko du’e illee deebisanii fuudhuu fi heerumuun, abbootii waldaa
kiristaanaa biratti akka ejjaatti lakkaa’amaa ture

2. Hiikkoo Bara haaromsaa keessatti

 Gaa’elli qulqulluu akka ta’e in amanu garuu hiikkoonis yoo wanti rakkisanii hin jirre hin
barbaachisu, yoo wanti rakkisaan jiraate garuu hiikuun in dandaa’ama jedhu
 Maartiin Luuter qaamin miidhame gaa’ela dhaabbachuu danda’a yaada jedhu in deggera
ture .
 Yeroo ammaa kana barsiisonni macaafa qulqulluu hiikkoo waan baay’ee rakkisaan yoo
mudate in dandaa’ama yadda jedhu qabu.

25 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

3. Hiikkoo jaaraa 20ffaa keessaa

 Kan adda nu baasu du’a qofa jedhu .


 Hiikkoon tasumaa kan hin yaadamne dha .

c. Hiikkoo fi deebisanii gaa’ela dhaabbachuun Macaafa Qulqulluun yammuu


ilaalamu.

 Kakuu Moofaa fi Haaraan Lamaanuu qaroominaan wal qabatee Hiikkoo dhufe irratti
gorsa kennan qabu
 Hiikkoon bara keenya ammaa kana kan jalqabe osoo hin taane durii kaasee rakkoo ture
dha. Rakkoo kana hiikuuf barumsa keenya itti fufnee ilaalla.

Kakuu Moofaa

Fakkeenyaaf (Kes Deb 24:1-4). kutaan kun kan ibsu:-

 Namni tokko dubartii tokko erga fuudhee booda yoo waan badaa ta’e irratti arge waraqaa
hiikkoo kenneefii geggeessuu danda’a.
 Erga abbaa manaa isa jalqabaa biraa haala kanaan baate, abbaa manaa kan biroos fuudhee
akkasuma yoo geggeesse, inni jalqabaa lamuu ishee hin deebisu.
 Fuula waaqa keetti wanta jibisiisaa dha.

Kutaa dubbisa kanaa irraa qabxiilee ilaaluu dandeenyu,

Jalqaba: Hiikkoon yeroo itti barbaachisu ibsu illee hiikkoo hin jajjabeessu.

Lammaaffaa: Haala kanaan dubartii hiikamte deebisee fuudhuun waan badaa dha. (Mil 2:16)
kutaa kana keessatti waaqayyo hiikkoo akka jibbu argina.

Kakuu Haaraa

Fakkeenya: (Mat 5:32) irratti

26 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Osoo sagaagaltuu yoo arge malee kan haadha manaa ishaa hiiku akka isheen ejjetu
godha.
 Haadhamanaa isaa hiikee kan biraa kan fuudhu in ejja
 Luqaas 16:5 fi Mat 5:32, Akkasumas Mat 19:3-9, 10:2-12 yoo ilaalle hiikkoo waan
jajjabesuu fi eyyamu miti
 Phaawulos ammoo akkas jedha (1Qor 7:10-15) irratti “…. Haati manaa abbaa manaa
ishee irraa yoo adda baate garuu osoo hin heerumin haa teessu, kanaach wal hin hiikin.”
Kanaachis walitti araaramanii haa jiraatan jedha. Karaa biro ammaa niitiin abbaa manaa
hin amane qabdus hin hiikni. Abbaan manaa niitii hin amanne qabus akkasuma.
 Hiikkoon waan nama gaddisiisu dha. Kunis fedha Waaqayyoo waan hin taaneef.
 Hiikkoon akka filannootti eenyuuf illee hin gorfamu. Waan jibbisiisaa waan ta’eef hin
jajjabeeffamu. Garuu haalli rakkisaan yoo uumame eyyamamuu danda’a. Kanas ta’ee
dirqama hundaa gochuun waan dursi kennamuuf dha

5. Walquunnamtii saala Walfakkaatanii

1. Gochi kun dhaloota kiristoos dura illee waan ture yemmuu ta’u, yeroo ammaa addunyaa mara
waliin gahaa kan jiru dha

a. Haalli kun akkamitti waldaa kiristaanaa seenuu danda’e?

 Waldaan Piroteestanii fi Kaatoliki hanga bara 1950ti cimsanii balaalleffataa turaniiru.


 Bara 1950 -1970 waldaa Kiristaanaan alatti walquunnamtiin saala wal fakkaatu gidduutti
godhamu eegumsa seeraa argachuuf barsiisonni dhimma hafuuraa itti yaadaa yemmuu
turanii dha.
 Yerooma kanatti dhimma kana waldaaleen simatan mul’achuu eegalan.
 Gochi kun sirrii miti jedhanii mormaa kan turan waldooleen turaniiru.

Waldaan Kiristaanaa akkamitti suuta suuta fudhachuu akka dandeesse:

27 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

1. Dhimmichi mariif dhi’aate:

* Marii fi falmiin kun dhimmicha gulantaa tokko olkaase.

* Sababni isaa ejjaan, dirqiin gudeeduun, hatuu fi kanneen kana fakkataan cubbuu ta’uu fi
dhiisuu isaanii wal mormiif hin dhi’aatan.

2. “Cubbuu jibbi, cubbamaa jaalla dha” yaada jedhu irraa ka’uun kana kan raawwatanis
ijoollemma Waaqayyoti gara jedhutti dhufe.

3. Haalli akkasii kun jaallatanii waan raawwatan miti, kanaaf cubbuu miti gara jedhutti dhufame

4. Kanalees namoota biroo miidhuu hin danda’u akka amala isa kaanii yaadni jedhus ka’eera

5. Dhuma irraths namni tokko haala seera qabeessa ta’een jireenya saal quunnamitii saal
waltefakkii raawwachuu akka danda’u waldaan toora haa qabsiistu kan jedhutti dhufan

b. Ka’umsa Walquunnamtii saalaa walfakkii gidduuttii

* Hanga yoonaatti beektonni qorannoo gochuun ka’umsa dhimma kanaa bira gahuuf yoo
carraaqan illee maal irraa akka dhufe beekuu hin dandeenye

* Karaa biraan ammoo yaadoleen beektota irraa dhufan tokko tokko jiru

* Uumama /Genetism

 Yeroo dhii’oo asitti qorattoonni tokko tokko, uumama sammuunii fi hoormoonii


wajjin kan walqabate dha jechaa jiru.
 Kanaaf namni tokko fedhee walquunnamtii saal walfakaatu gidduutti hin raawwatu,
uumamatu dirqisiisu malee jedhu.
 Haa ta’u malee yeroo dhiyoo kanatti qorannoon yunii versatic kolombiyaa keessatti
godhame akka ibsutti yaadni kun odeeffannoo gahaa ta’een akka hin deggerame lafa
kaa’e.

28 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

2. Ijaarsa hawwasaa haala sirrii hin taane:

 Yaadni kun ammoo uumamaan yaada jedhu kan faallessu yemmuu ta’u, waa’een
walquunnamtii saalaa namootni hawwasa keessa jiraatan irraa kan baran dha jedhu.
 Karaa biraatiin haalli saal quunnamtii nama dhuunfaa kan murtaa’u haala hawwasa
isaan jedhu .
 Haala kanaan namni tokko walquunnamtii saala walfakkaatuus ta’e isa sirrii kan
hordofu haala hawwaasni isaa raawwatuunii fi fudhatuun ta’a jechuu dha.
 Ta’u illee yaadni kun gaaffilee baay’eef deebii waan hin laanneef baay’een amananii
hin fudhanne .

3. Rakkoolee yeroo ijoolummaatti Quunnaman irraa

 Ilaalchi kun qorannoo dhimma sammuu daa’immaniin wal qabsiisee kan dhi’eessu
dha. Kunis ijoollummaan dhimma akkanaa keessa yoo darban akka itti fufan.

4. Haala Naannoo

5. Filannoo Nama dhuunfaa

 Yaadni kun namni dhuunfaa tokko fedhee filatee waan raawwatu malee wanti alaa isa
dirqisiisu tokko illee hin jiru yaada jedhu qaba.
 Karaa biroon ammoo filaannoo dhabuun (Fakkeenyaaf mana hidhaa keessatti, mana
Barumsaa buluun baratan keessatti, fi aadaa tokko tokko /irraa kan ka’e ta’uus danda’a
jedhu.

6. Daangaa dhabuu jireenyaa

 Walumaa galatti kanneen armaan olii hundi, baay’inaan wal quunnamtii saala wal
fakkaatuu cubbuu akka hin taanee fi namni kana raawwatus akka hin gaafatamnetti
jajjabeessu.

29 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Karaa kamiyyuu garuu haalli kun cubbuu dha ka’umsi isaas yaada boora’ee fi daangaa
malee walquunnamtii saalaa fedhuu dha, Macaafa qulqulluu irraa kan hubannu.

c. Walquunnamtii saalaa saala wal fakkaatu gidduutti ta’u macaafa qulqulluun yemmuu
madaalamu :-

o Macaafni qulqulluun waa’ee gaa’elaa, saal quunnamtii fi hiikkoo xiyyeeffannoon ibsa.


o Kanaafuu Macaafni qulqulluun waa’ee walquunamtii saalaa saala wal fakkaatu gidduutti
ta’u ijoo kan ta’an haa ilaallu.
i. Waan hundaa dura haala uumamaa haa ilaallu (Uum 1:27) fi Uum 2 irratti kan
caqafame yoo ilaalle waa’ee saala faallaa gaa’elaan waliin jiraachuu ifatti argina.
ii. Waaqayyo yemmuu seera gaa’elaa dhaabbatti dhiira tokkoo fi dubara tokko qofa akka
ta’u dha. Kanaafuu saalli walfakkaatu lama gaa’ela gochuufis ta’e wal quunnamtii
saalaa raawwachuuf wanti deggeru hin jiru
iii. Walquunnamtiin saal walfakkii kanneen badaa fi cubbuu ta’anii wajjin lakkaa’ameera
(1Qor 6:9, 1Xim 1:10)

Iv. Kakuu moofaa keessatti Uum 18:16 – 19:29, Firdi 19 fi leewwota 18:22, 20:13 irratti dhimmi
kun bal’inaan ibsameera Kakuu Haaraa keessatti Rom 1 lakkoofsota dhuma irratti argaman irratti
dhimma kana ibsamee arganna.

6. Ulfa Baasuu

a. Ulfa Baasuun Maal?

o Jechaa gabaabaan mucaa osoo hin da’in of irraa buusuu dha, kunis dhibeedhaan ykn
haala uumama biroon ta’uu danda’a.
o Waggoota kudhan dura ulfa baasuun sababa tokko qofaaf raawwatamaa ture. Sunis yeroo
ulfaatti rakko cimaan yoo dubartittii irra gahe lubbuu ishee ham bisuuf. Booda garuu
dhalachuuf guyyaan tokko kan hafeef illee akka qo’annoon kaa’uutti osoo yeroon hin
gahin yoo baasan ulfa baasuutti lakkaa’ameera

30 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

o Akkaataa Meeshaaleen baraa lafa kaa’anitti garaa keessatti nama kan jedhamu ji’a sadii
booda.
o Eegaan naamusaan kan wal qabate ulfa baasuun yeroo ammaa mirga dubartii /haadhaa
ta’aa dhufeera.
o Lubbuu wanti jedhame hundi kan Waaqayyoo malee kan nama dhuunfaa miti. Kanaaf
mirga ishee mucaa garaa tti baattuutti jedhame mucaa lubbuu dhabamsiisuun cubbuu
dha.
o Dubartiin dirqisii famtee gudeeddamte yoo taate akkuma beekamu ija laafiraa fi hawaasa
keessatti qaaniin itti dhufuu danda’a. Haa ta’u malee ulfa baasuun eenyuufi llee cubbuu
dha
o Ulfa baasuuf cubbuu qofa osoo hin taane yakkas .

b. Ulfa baasuu kan deggeeraanii fi Morman

Kan deggeran Kan Mormaa


- Haati mirgaa fi filannoo qabdi Mucichi walqixa mirga qaba
- Ulfichi irkataa dha, namas hin taane Erga ulfa ta’ee lubbuu qaba
- Ulfichi dhiiga walitti kuufame dha Ulfichi dhibeen kan itti dhagaachamu malee
kan du’e miti
c. Macaafni qulqulluun waa’ee ulfa Baasuu maal jedha?

“Keessa namummaa koo situ uume, gadameessa haadha koo keessatti situ na tolche, isa ati
guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha, gochaan kee waanuma raajiiti,
anis kana ba’eessa godhee nan beeka … Nama ta’uun koo utuu hin beekamin iji kee na arge …”
(Far 139: 13-16) “Kanaan booddee utuu hin turin maariyaam kaatee ariifattee baddaatti ol
baatee, gara mandara yihuudaa dhaqxe. Mana Zakaariyaasitti olgaltee, Elsaabexin nagaa
gaaffate, yeroo Elsaabex nagaa Maariyaam dhageessetti, mucichi gammachuu dhaan in
guutame.” (Luq 1:39-42). Kanaafuu haala Kamiin illee ulfa baasuun sirrii miti sababin isaas
ulfa garaa haadhaa keessatti kan uume Waaqayyo dha. Waaqayyos akka nama guutuu ta’etti
lakkaa’era; beekas.

31 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Xumura (Conclusion)
Naamusni qulqullummaa Waaqayyoo fi hammina cubbuu kan itti hubannu dha. Bara badaa
ta’e kana keessatti jireenya yesuus jiraate calaqqisiisuuf naamusa gaarii qabaachuun baay’ee
barbaachisaa dha. Kana gochuuf ammoo guyyaa guyyaan sagalee isaa dubbisuu fi kadhachuu
wanti bakka bu’u hin jiru. Kana malees waa’ee naamusa badaa ta’ee yemmuu lubannutti cubbuu
irraa kan hin fagaanne ta’uun hubanna, kanas Waaqayyo gara firdiitti fida.

Har’a barreeffama xiqfoo kana yemmuu barattanis ta’e barsiistanitti jireenya jiraachuuf itti
waamamne madaallii isaa hubachaa deemna jechuu dha. Kana malees waan amantoonni guyyaa
dhaa guyyaatti shaakalan jireenyaa fi tajaajila isaanii keessattis gahee inni taphatu hubachaa akka
deemaniif barsiis kun fayyada.

32 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com / eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/ +251-926-545-440; P. O. B. 2209. Ethiopia, Hawassa

You might also like