Professional Documents
Culture Documents
Gula Deemtuu
Gula Deemtuu
1Qor.13:11; Efe.4:12-15;
GUDDINNA
Guddinna jechuun adeemsa dhalachuu fi gahoomuu, biqiluu fi midhaan qabeessa ta’uu, jidduu
jiruudha. Akkasumas, jalqabbii xiqqaa irraa gara galma yaadameetti dabalaa adeemuu
jechuudha.
Guddinni gosi hedduun ni jiraata. Guddinna nama tokkoo ibsuudhaaf karaa baay’een ilaaluu
dandeenna. Akka fakkeenyaatti kaasuuf yoo yaalle, qaamaan guddachuu, hafuuraan guddachuu,
sammuun guddachuu (yaadaa fi ilaalcha), diinagdeen guddachuu, jireenya hawaasummaatiin
guddachuu,…kkf. Kana keessaa Guddinna Hafuuraa (Hafuuraan guddachuu fi bilchaachuu) kan
jedhu gadi fageenyaan ilaalla.
Hafuuraan Guddachuu:- Guddina hafuuraa jechuun yaadaa fi ilaalcha dhiigaa foonii irraa gara
jireennaan Kiristoosi fakkaachuu fi gara nama guutuu te’uutti ol guddachuu fi dabalaa
deemuudha. Kana jechuun nami tokko Gooftaa Iyyesuusitti yoo amanu akka daa’ima reefuu
dhalatee jireenna hafuuraatiin dhalachuu isaa muldhisa. Nami tokko qaamaan erga dhalatee
guddinna qaamaa akkuma jalqabu; Kiristaanni tokko hafuuraan erga dhalatee guddinna hafuuraa
jalqabuu qaba. Akkasuma, hubannaa jecha Waaqaatiin jabaachuun dubbii, herregaa fi hubannaa
ijoollumma’aa (dheedhummaa hafuuraa) irraa gara Jireenna dhugaa bilchina qabuutti dabalaa
deemuudha.
Guddinni qaama kamiituu akkaatuma sanyii isaa fakkaata. Kana jechuun wonni tokko yennaa
guddatu amalaa fi bifa, akkasuma boca sanyii irraa argamee irraa hin goru. Fkn, sanyiin
boqqolloo akkuma biqiltuu boqqolloo guddattee midhaan boqqolloo buusti malee, buna woliin
wol hin fakkaattu. Jabbiin loonii akka loonii, darmeen fardaa akkuma fardaa, ilmeen hoolaa
akkuma hoolaa, namille akkuma namaa…ta’anee guddatan.
Nuuti sanyii Kiristoosiiti, 1Pheex.1:23. Kanaaf jireenna keennaan nuuti akka Kiristoosii teenee
gara isaatti ol guddanna. Kiristaanni guddinnaan Kiristoos fakkaatee hin guddanne sanyiin isa
keessa jirtu kan Kiristoosiitii miti jechuudha.
“Ani Yennaa Ijoolle’ee akka ijoolle’ee dubbadhe; akka ijoolle’ee yaadadhe; akka
ijoolle’ee herrege; amma ammoo guddadheen duuba amala ijoollumma’aa lakkiseera.
Gama biraatiin daa’imi tokko harma haadhaatii fi nyaata lallaafaa fayyadamu’uun jalqabee, erga
ilkaan baasee ammoo nyaata jajjabaa akkuma nyaatu, Guddinni jireenna hafuuraa aannan irraa
gara nyaata jajjabaatti ol guddachuudha, 1Pheex.2:2.
Akkuma jecha Waaqaa (1Qor.13:11) irraa dubbinyee hubannutti, qabxiilee ijoo asi keessa jiran
adda baanyee guddinna jireenna hafuuraa amantootaa irratti irraa barachuu dandeennu ilaalla:
daa’imi dubbii ifaa kan namaaf galtu dubbachuu hin danda’u. dubbiin daa’immaanii:-
Dubbii fi amala amantoota hafuuraan hin guddatinii fi ijoollee te’anee akkuma Dubbii Waaqaatti
yoo tuquuf yaalle, hamii, arrabsuu, hammeenna, jibba, hinaaffaa, qoxxee fi …kkf 1Phex.2:1.
Amantooti eessattuu dubbii afaan isaanii to’achuu fi ifi eegganna’aan dubbachuu malan.
Amantoota yeroo hundaa afaan isaanii keessaa jechoota gaarii jireenna namootaa ijaarutti
bahuu qaba S/Uum.49፡ 21.
Akkuma abiddi faayidaa guddaa fi miidhaa guddaa qabu, dubbiin teenna o’aa fi qabbana
qaddi. Yoo dubbii dubbannu akeekaan itti yaannee ka dubbannu te’e namoota fayyisuu fi
ijaaruu dandeenna. Yoo dubbii dheedhii bilchina hin qanne ka hin xiinxalamin dubbannu
ta’e ammoo namoota diiguu fi balleessuu dandeenna.
Nami ibidda manatti qassiisee bu’aa irraa dhaggadha jedhu hin jiru. “Gongomaan guddaan
ibidda diqqaa tokkoon akkam akka gubatu hubadhaa! Arrabille ibidda”. Yaay.3:5.
(Gondooroo Haareya) Yeroo hunda nami dubbiin isaa namoota ijaaruu fi karaa itti
mudhisuu hin dandeenne ykn amala ijoollee cabaqaan dubbattuutiin jireenyi isaa kan wal-
fakkaatu nama keessi isaa hafuuraan hin guddatin daa’ima.
Daa’imi gargaarsa nama biraatiin (matiitiin) waan jiraatuuf akka yaada isaatti waan hundaa
nami hundi isa qofaaf waan yaadu itti fakkaata. Wonni inni barbaadu hundi haga
Gama biraatiin ammoo daa’imi waan dhagge maraa ka mataa ifii godhachuuf yaada.
Yeroo baay’ee kanalle, sanille, jedhaa Worra ofii farreessa. Waan isa fayyaduu fi waan isa
miidhuuyyuu adda baasee hin beeku. Waan hundaa qabachuuf harka diriirfata.
Kiristaanni jireenna isaa kan hafuuraatiin hin guddatin akkuma daa’ima sanii kanalle,
sanille, jedhaa waaqa gaafachuun alatti, jecha waaqaa jireenna isaa gara bilchina
hafuuraatti guddisu hin nyaatu. Dhugaa akka dansaa waan hin hubanneef adoo isaaf hin
galin waan isaaf hin barbaachinnelle argachuuf dharra’a. Luq.12፡ 13-15.
Jireenna Hafuuraa isaa gaggeessuuf ifi dande’ee hin jiraatu; gargaarsaa fi utubaa nama ykn
amantoota biraatiin jiraachuu fedha. Kun ifa. Ifii isaatii dhiisee akka nami biraa isaaf kadhatuu fi
jecha Waaqaalle isa barsiisu yaada. Ofii isaatiif hafuuraan jijjiiramuuf tarkaanfiin inni fudhatu
tokkolle hin jiru. Jalqabaaf deeggarsa nama biraa kan isa barbaachisu yoo te’elle, duubarra
ammoo akka daa’ima woggaa lama guutee ifumaan ifi dande’ee ol ka’ee deemuu male. yaada
garaa ifii caalaa yaada garaa Waaqaatiin sooreffamuu male.
3. Beekkumsa Daa’imummaa/Ijoollummaa:-
Daa’imni waan dansa’aa fi waan hamaa ta’e adda baafatee waan hin beekneef, waan arge
hundaa harkatti qabachuu fedha. Sababi isaa woy adda baafatee beekuuf herrega gahaa
hin qabu. Akkuma guddinni isaa dabalaa deemuun yaadi(beekkumsi) isaalle waan
dabaluuf waan mara adda baafataa deema.
Gara jireenna hafuuraa haa dhufnu; daa’imi wonni marti isa qofaaf akka teetu akkuma
herregu san, nami kennaa hafuurri qulqulluun isaaf kennu bu’aa worroota biraatiif adoo
hin te’in bu’aa mataa isaatiif qofa oolfatu kiristaana hin guddatin jiruudha.
“Obboleeyyaan tiyya! Waan hantu’uuf daa’immaan te’aa; yaada keessaniin ammoo worra
guddattane te’aa malee daa’immaan hin te’inaa” 1Qor.14፡20 (Gondooroo Haareya)
Nami jireenna ifii bareechee gara bilchinaatti guddachuu ka dande’u, qaami daa’ima tokkoo
jabaachuuf nyaata madaalamaa akkuma isaaf barbaachisu, Jecha waaqaatii fi daadimataan
yennaa maraa yoo jabaateedha. Jecha Waaqaa akka nyaataa, daadimannaa hafuuraa immoo
akka bishaan dhugaatiitti haa fudhannu. Nami yoo hin nyaatinii fi yoo hin dhugin
jiraachuu akka hin dandeennee fi qaamni isaa akkuma hin jabaanne, jireenna
hafuuraatiinille nami Jecha Waaqaa yoo hin nyaatiniifi daadimanna’aan hin jabaatin
guutuu fi gahaa te’ee gara bilchinaatti hin guddatu.
Dubbii Waaqaa keessatti nyaata jajjabaa fi nyaata lallaafaa jedhamee ka ibsame sagalee dhiigaa
fooniif teetu adoo hin te’in barumsa Dubbii Waaqaa ilaalchisa. Haa ilaallu mee:
Nyaata Lallaafaa: Nyaata lallaafaa jedhamee fakkeenya aannaniitiin kan ibsame, akkuma
daa’immaan reefuu dhalatan haga jabaatanutti harma haadhaatii fi aannan qulqulluu1
xuuxxo’ootiin eegamanu, baarumsa dubbii Waaqaa amanoota haareyaaf haga isaan hafuuraan
jabaatanutti fayyinna isaanii akka hubatanuuf isaaniif kennamu.
Ergaa 1Qorontoosii 3:1-3 irratti Phaawuloos amantoota san sadarkaa fi haala jireenna isaanii
duraa itti himaa gara Kiristoosiitti bilchinaan guddachuu akka isaan malane isaan akeekkachiisa.
“Obboleeyyaan tiyya, ani akka worra yaada foonii gula deemuutii fi kiristoosiin daa’immaan
te’aneetti malee, akka worra ayyaantole’eetti isin hin barsiinne. Isin sagalee jajjadduu
nyaatiisa waan hin geenneef, aannan isin areere malee sagalee jajjaddu’uu moti.
Ammaayyuu sagalee jajjadduu nyaatiisa hin geenne” 1Qor.3:1…
Amantooti Qorontoosii yeroo san waan lafa tanaatiin badhaadhina hedduu qaban; ergaa dubbii
Waaqaa gadi fageenyaan qorqoruu fi hafuuraan guddachuu biratti kufaatii keessa jiran. Kanaaf,
sagalee isaan jabeessituu fi gara bilchinaatti isaan geessitu nyaatiisaaf gahumsa hin qabanu.
Nyaata Jajjabaa: Nyaata jajjabaa kan jedhamu ammoo barumsa Kitaaba Woyyichaa amantoota
hafuuraan jajjabaataneef kennamu te’ee, jireenna isaanii guyyaa guyya’aa keessatti ka isaan
hujiirra oolchanu, namoota biraalle akka sooranuuf (deebisanuuf) fi midhaan jireennaa akka
buusanuuf ka gatii isaan gaafatu. Ibr.5:11-14.
Amantooti maaf sagalee jajjadduu nyaachuu sodaatan? Deebiin isaa ifa. Jireenna hafuuraatiin
daa’immaan ykn ijoollota waan te’aneef.
Ergamaan Phaawuloos worra Ibirootaa duraan baay’ee gatii itti kaffalee isaan barsiisee, duubarra
ammoo marroo isaan bakkaa munyuuquu dhabaneef, baay’ee dallanee isaan aalata. Yennaa inni
irraa turee deebi’ee gara isaanii dhufu, worri bakkuma duraan inni isaan dhaggaa biraa ka’e kaan
jiran. Tanaaf Phaawuloos “…Isin silaa yoona barsiisota te’uu maltane; ammalle nama barnoota
Dubbii Waaqaa ka bu’uuraa isin barsiisu nama biraa isin barbaachisa. Nami aannan dharra’u
maraa daa’ima waan te’eef, jecha balchumma’aa hin hubatu; sagaleen jajjadduun garuu worra
hantu’uuf dansaa adda baasiisaaf yaada bilchaataa qabanu namoota bilchaataneef malte”.
Ibr.5:11-14. (Hiika Afaan Amaaraa 1997)
Daa’imi dhalate tokko adoo ol ka’ee hin deemin woggaa kudhan yoo guute maan jetta? Ykn
gaafa woggaa 10ffaa isaalle harkumaan(daaddee) deema yoo te’e maanti sitti dhage’ama? Fayyaa
1
Aannan qulqulluu:= Aannan hin makamin, Aannan hin caamolamin
Kiristaanni amanee woggaa kudhaniin duuballe akka nami biraa isaaf kadhatuu fi isa barsiisu
dharra’u akka fayyaa te’e ifi qorqoruu qaba. Jireenni isaa hafuuraa waan biyya lafa tanaatii fi
halchaa foon isaatiin jalaa shalbamee jiraatinaa? Adhumarraa jalqabee tarkaanfii guddinnaa
fudhachuu qaba.
o Cubbuu irraa ifi qusachuu fi yakkaa ifii araara Waaqa gaafachuu 1Yoh.3:6; 1:9.
o Gadhaa araaraa obboleeyyaaniif qabaachuu. Maat.6:14
o Yeroo isaanii kennanee Waaqa woliin turan
o Dubbii Waaqaa nyaachuu fi daadimatuun isaaniif jireenna. Filp.1:21.
o Ajajama Fil. 2:12
o Worra kaan tajaajiluu fi Wongeela lallabuu HoE. 15:35
o Tokkummaa qulqullootaatti makamanee jiraachuu Efe.4:12-13, Faar. 133:1-3
Asii ol mata duree guddinna jedhu jalatti waan baay’ee kaasnee ilaaluuf yaalleerra. Jireenna
amantootaa keessatti gaddi guddaan hafuuraan guddachuu dhabuudha. Nami dhalatee akkuma
dhalate saniin woggaa dheeraa jireenna isaa irratti jijjiirama adoo hin muldhisin ka jiraatu yoo
te’e, keessa isaa rakkinni akka jiru muldhisa; isaan kana asii olitti ilaalleerra. Asi jalatti ammoo
“bilchinna/Maturity” bu’aa jireenna guddinnaa irraa dhaggamu ilaalla.
Bilchinni namaan jiraachuurraa gara namaaf jiraachuutti ce’uudha. Nyaachuu irraa gara
nyaachisuutti, barachuu irraa gara barsiisuutti, hojjatamuu irraa gara hojjachuutti, fudhachuu
irraa gara kennuutti, gargaarsa barbaaduu irraa gara gargaaruutti, ba’atamuu irraa gara
ba’achuutti, gaafachuu irraa gara gaafatamuutti, barbaaduu irraa gara barbaadamuutti….
darbuudha.
Daa’immaan worra nyaata barbaadu, gargaarsaa fi utubaa namoota biraa barbaadan, salphumatti
worra sobamu, worra hantu’uu fi dansaa gargar baasanee hin beenne, kophaa isaaniitti worra ifi
hin dandeenneedha. Daa’immaan hafuuraan reefuu dhalatanelle akkasuma. Diqqoo yoo guddinna
jalqabanu kunuunsi duraa hirdhataa, ifumaa ifi gargaaraa, ifi eeggataa, ajajamuu barataa, waan
dande’anu hujaa, qalbeeffataa, bilchaataa deeman. Te’ulle baay’ee hafaaf.
Biyya lafaa irratti amantooti guddatanee guutuma guutu’utti nama dhidhuu hin qanne hin te’anu;
ammoo waan maraan gara Kiristoosiitti guddataa deemiisaan haga inni deebi’ee dhufu jabaachuu
malane. Waren W.Werzib akkas jedhan “Haga Iyyesuus deebi’utti guutuma guutuutti nama
dhidhuu hin qanne hin teenu, garuu amma guddataa gara bilchinaatti deemuu malle”2
Guddinni hafuuraa ka yeroo tokkoo qofa adoo hin te’in tattaaffii yeroo hundaati. Daa’imi nama
ganna 20 te’ee dhalatu hin jiru. Kiristaannille bilchina woliin hin dhalatu. Karaa Kiristoosiitiin
dhaloota baasaa dhalatee gara maatii ajaa’ibaa dabalamulle, midhaan Waaqaaf buusuu akka
dande’u gara bilchinaatti guddachuu qaba. Nama hafuuraan bilchaate ka beekanu midhaan
jireenna isaatiin.
Midhaan qabeessa.
Cubbuu irraa ifi eega.
Qormaata keessatti hin daaqu
Mataa ifii qofaaf hin jiraatu
Rakkinna laakkawuu qofa adoo hin te’in furmaata fiduu beeka.
2
Xebiib Hun, Waren W.Werzib fuula 106
Midhaan: bu’aa dhumaa muki tokko ergii latee guddateen duuba isarraa eeggamuudha. Muki
tokko waqtii gara garaatti amaloota gara garaa mudhisa. Yeroo baalli isaa irraa harca’ee haphatu,
yeroo baalli sun itti dacha’ee lalisu (urruubu), yeroo daraaru, yeroo midhaan kennuu fi midhaan
isaa nyaataaf dhiyaatu….
Midhaan maalummaa muka tokkooti. Muki kamiiyyuu midhaan isaatiin beekkama. Akkuma
Kitaabi Woyyichi jedhu namille hujii isaatiin beekkama, Maat.7:16. Midhaan keenna bu’aa hujii
teennaati.
Nami tokko nama dansaa yoo te’e midhaan hamaa buusuu hin dande’u. Inni ani nama dansa’a
ifiin jedhee, midhaan dansaan yoo isarraa hin dhaggamne te’e, nama dansaa te’uun isaa dhuga’aa
moti. Muki bunaa midhaan boqqolloo yoo buuse, inni bunaa moti. Kanaaf, midhaan maalummaa
muka tokkooti. Akkasuma midhaan hafuuraa amantootaaf eennummaa isaaniiti. Yoh.15:8.
Muki tokko midhaan buusuu bira gahuuf sadarkaalee hedduu keessa dabara. Jalqaba mudhee
(biqilee) obba, itti aanee dameelee baafatee, qaamaan furdatee, daraaree, midhaan buusa. Erga
latee kunuunfamee muki tokko kaayyoon isaa abbaa isaatiif midhaan buusuu akkuma ta’e,
Kiristaanni tokko erga amanee fayyee wonni inni lafarra jiraatuuf akka Waaqaaf midhaan buusu.
Wongeela Yohaannisii 15:1-8, irratti Gooftaan Iyyesuus barumsa keenna kanaaf ergaa hangafaa
fi mataa teete nuuf kenneera.
1. Onneen namaa yoo Hafuura Qulqulluun guutantee fi Hafuurri Qulqulluun yoo onnee san
bite. (Efe.5:18; Yoh.20:22; 4:14; 7:37)
2. Midhaan qamadi’ii yoo lafa irra bu’ee du’e qofa biqilee, midhaan hedduu akkuma
kennuu dande’u, Kiristaannille yaadaa fi halchaa /fedhii/ foonii ka mataa ifii irraa
yoo du’e qofa midhaan hafuuraa hedduu buusuu dande’a. (Yoh.12:24; Gal.5:24)
3. Dameeleen haadhoo (Sarbaa) ifii woliin malee qofi midhaan buusuu akka hin
dandeenne amantooti kiristoosi woliin yoo hojjatan qofa midhaan buusuu dande’an.
(Yoh.15:4-5)
Gooftaan Iyyesuus Wongeela Maatewoos 21:18-22 irratti muka harru’uu tokko irraa midhaan
akka barbaade dhaggina. Yeroo sanitti muki sun baalli isaa urruubee mudhatuu malee Gooftaan
ka isarraa barbaade baala adoo hin te’in midhaan ture.
Midhaan Ayyaana Woyyichaa hujii Hafuura Qulqulluuti. Ayyaana Woyyichaan yoo guutamne
midhaan jireennaa qabaachuu dandeenna. Akkasuma, midhaan Waaqi jiruu namaa irraa
barbaaduudha. Nami midhaan Hafuura Qulqullu’uu isa irraa mudhatu ifii isaatii fi namootaafille
jireenna boqonna’aan guutame qabaata. Midhaan Hafuuraa kun guutuma guututti jiruu
Kiristoosii irraa muldhata.
Akka Ergaa gara worra Galaatiyaa 5:22 irraa dubbisnutti midhaan Ayyaana Woyyichaa:-
1. Jaalala
Jaalalli dhugaa miira namaa keessaa hin bahu; jireenna namaa keessaa baha. Jaalalli dubbii
afaaniitii fi fedhii miira keennaa irra baay’ee fagoodha. Jaalalli gochaa qabatamaati.
Jechi Waaqayyoo akkas jedha “Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatuuf
malee, akka hin banneef Waaqi biyya lafaa hagaa ol waan jaalateef ilma ifii tokkocha kenneef”
Yoh.3:16.
Kiristoos namoota biyya lafaatiif lubbuu ifii kennee jaalala isaaniif qabu mirkaneesse. Jaalalli
kun namoota keessa akka jiraatuu fi namooti woliif jaalala akka qabaatanu Kitaabi Woyyichi
nutti akeeka. “…Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa garaa tokkoon wol
jaalladhaa” 1Pheex.4:8.
“Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf” yaadi jedhu, bakka jaalalli jiru nami hanqinna
kamiiyyuu yoo qabaate isa jibbuuf sababi hin jiraatu. Nuuti hanqinna jireennaa baay’ee qabna,
Kiristoosi garuu nu jaalachuuf sababa hin barbaanne. Jaalalli dhugaa jaalala kana. Yaada kana
jecha kana woliin mirkaneessi, 1Qor.13:4-13.
2. Gammada
Jecha Filiph.4:4 irratti “Yennaa maraa Waaqaan Gammadaa” jedhu akkamitti hubatta? Nami
biyya lafaa keessa jiru tokko yeroo hundumaa akkamiin gammaduu dande’a? Haalli gammachuu
namaaf hin kennine jiraachuu dande’a. Haala kamiiyyuu keessatti Waaqa woliin yoo jiraanne
ayyaana gammadaa arganna. Gammadi kun Ayyaana Waaqaa irraa kan argamu malee, waan
biyya lafaatti nama gammachiisa jedhamee ilaalamu irraa kan dhufuu miti. Inni kun sodaa
fi rifuu keessa yoo seennulle nu keessaa hin badu.
3. Nageya
Nami tokko nageya qaba kan jedhamu dursa yoo mataa ifii woliin nageya qabaate qofa. Namoota
woliin nagaa qabaatee jiraachuun nagaa keessa isaa guutee irraa hafe irraa madda. Nageenni
midhaan jireennaa keessaa isa tokko.
4. Obsa
“Obsa jechuun haala namaa jijijjiiramu keessatti, namaaf ilaalcha hin jijjiiramne
qabaachuudha” (Yonatan Aklilu/by SMS text)
Obsa jechuun waan hundaa hamtuu fi dansaa maraa ba’achuu jechuu miti. Yeroo rakkinnaatti
qorumsa jireenna keennatti dhufe, tarkaanfii hamaa ifirratti fudhachuu dhiisnee malli nuuti
dandeennee ittiin keessa dabarru Obsa jedhama. obsinee dabaruu qofa adoo hin te’in,
namootaafille garaa obsaa qabaachuun midhaan kana qabaachuu keenna muldhisa.
Nami tokko haalli isaa kamiiyyuu yoo te’e dandeennee isa woliin jiraachuun obsa jedhama.
“…Rakkinni obsa akka fidu beeknee rakkinna nutti dhufe gammachuudhaan himanna. Obsi
qoramanii bahuu fida, qoramanii bahuunis abdii fida” Room.5:3-4
5. Arjummaa
“Waan namooti akka isiniif godhanu barbaaddanu isinille akkasuma godha’aaf” Maat.7:12.
Nami arjummaa namaaf godhuu dande’u, nama arjummaa isaaf godhamte beeku. Garaa
qullu’uun nama dande’uun, namaaf kennuu fi gargaaruun midhaan arjummaati. Nuuti waan
argachuu barbaannu akkuma qabnu namootille waan barbaadan akka qaban beekuu malle.
Arjummaa jechuun dansummaa addaan hin cinne jechuudha. Darbee darbee yeroo tokko tokko
waan goonu adoo hin te’in, namootaaf dansummaa fi qajeelummaa addaan hin cinne
qabaachuudha.
6. Dansummaa
Dhugeeffannaa fi jabeenna keennaa irratti dansummaa yoo daballe, garaa baldhaa nama ba’atu
qabaanna. Hammeenna hundaa irraa fagaachuun, yaadaa fi hujii ifiitiin guutuu fi
dhugaamessa ta’uun midhaan dansummaati.
“Maarree! hojjetaan amanamaa fi qaroon gooftaan isaa namoota mana isaatiif yeroo eegee
nyaata isaaniif malu akka isaaniif kennuuf, mana isaa irratti muudu eennu ree? Luq.12:42
Isa kanaaf waan Waaqi akka nuuti bulchinuuf nutti kenne beekuun murteessaadha.
Abdatamummaan itti gaafatamummaa bahuu waan ta’eef, itti gaafatamummaan nuuti qabnu
maal? Isa kana beekuun nurraa eeggama. Waaqi maan irratti nu muude? Ykn wantoota akkamii
bulchina?
8. Qajeelummaa
9. ifi qabachuu
Ifi qabuu jechuun mataa ifii to’achuu jechuudha. Rakkinna keessatti ifi hidhuu jechuu miti;
Fedhii ifii fedhii Waaqaatiin bakka buusuu fi hagatti jiraachuu jechuudha.
Guddina hafuuraa jechuun yaadaa fi ilaalcha dhiigaa foonii irraa gara jireennaan Kiristoosi
fakkaachuu fi gara nama guutuu te’uutti ol guddachuu fi dabalaa deemuudha.
Kiristaanni guddinnaan Kiristoos fakkaatee hin guddanne sanyiin isa keessa jirtu kan
Kiristoosiitii moti.
Amantooti Jireenna isaanii hafuuraatiin hin guddatin dubbii, yaadaa fi beekkumsa
ijoollumma’aa qaban. 1Qor. 13:11.
Amantooti eessattuu dubbii afaan isaanii to’achuu fi ifi eegganna’aan dubbachuu malan.
Kiristaanni yaada garaa ifii caalaa yaada garaa Waaqaatiin sooreffamuu male.
Nami yoo hin nyaatinii fi yoo hin dhugin jiraachuu akka hin dandeennee fi qaamni
isaa akkuma hin jabaanne, jireenna hafuuraatiinille nami Jecha Waaqaa yoo hin
nyaatiniifi daadimanna’aan hin jabaatin guutuu fi gahaa te’ee gara bilchinaatti hin
guddatu.
Eebbifamaa!!
Gammachuu Duubee