Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 19

BOQONNAA 12

HADHEESSI CUBBUU NI AJJEESA


Himatichi abboommota kurnan fayyadamee si hammeessuudhaaf kan boodatti hin
deebine abbaa alangaa cimaadha. Sababii kanaaf sagaleen waaqayyoo abboommonni
kurnan “tajaajila du’aa” qofa utuu hin taane “tajaajila hammeessaa” akka isaan ta’anis
ni dubbata. Yaadadhu,abboommonni ofiisaaniitii mudaa tokkollee kan hin qabneedha.
Qulqulluu, gaarii akkasuma qajeeloodhas, garuu qulqulluu, gaarii fi qajeelaa si
gochuu matumaa hin danda’an. Seerichi ejjennoo hin dabnee fi hin gaggalagalleedha.
Falmii isaatiifis waliigaltee kennuu hin danda’u. Yoo ati kuftu, ayyaana sitti
agarsiisuu hin danda’u. Yoo akkas godhe garuu, seera ta’uun isaa ni hafa. Kanaaf
ergamichi Phaawuloos seerichi inni jireenyi kennuuf ture, du’a natti fide jedhe.
Yommus cubbuun abboommiin qabatee, na gowwomse, achumaanis na ajjeese.
Hubadhu, cubbuun “karaa abboommichaa” isa gowwomsee isa ajjeese. Akkas
jechuun , seera kakuu moofaa jala yommuu dhufe phaawuloos, akkasumas tajaajila
du’aa fi hadheessa cubbuu jala gale jechuudha. Seerri yeroo hundumaa tajaajila
hadheessaa kenna. Seera jala jirta yoo ta’e, yeroo hundumaa ni kufta, sadarkaa
waaqayyo ni hir’atta, ni hadheeffamtas. Karaa biraan immoo, ayyaanni
qajeelummaadhaaf tajaajila. Sababii kanaaf kan inni tajaajila qajeelummaa jedhameef,
ulfinaanis tajaajila hadheessaa irra baay’ee kan caaluudha.
2Qor 3:9 “wanti firdii du’aaf hojjetu ulfina-qabeessa erga ta’ee, wanti qajeelaa nama
gochuuf hojjetu immoo hammam caalaa ulfina-qabeessaa haa ta’u ree?”
Ayyaana waaqayyoo jalatti, yeroo kuftuu fi sadarkaa waaqayyoo yeroo hir’attu illee,
waaqayyo ammayyuu sababii Yesuus Kiristoosiif jedhee qajeelaa godhee si ilaala.
Waaqayyo ajajamuu ofiisaatiin qajeelaa akka inni ittiin ta’uuf seera namaaf hin
kennine. Cubbuun maal akka ta’e akka ittiin beekuuf namaaf kenne. Phaawuloos
seerichi “hin hawwin” utuu hin jennee ta’ee, hawwuun maal akka ta’e iyyuu hin
beekun ture jedhee sirriitti baay’isee ibsa. Garuu cubbuun, abboommichaan carraa
argatee hawwa hamaa hundumaa na keessatti dammaqse. Lafa seerri hin jirretti
cubbuun du’aa waan ta’eef.
Seerri yeroo hundumaa hadheessaa cubbuutiif hojjeta. Karaa tokkoon garuu,
ayyaanni qajeelummaadhaaf hojjeta.
SEERRI HAWWA HAMAA NAMA KEESSAA DAMMAQSA
Seera bira dogoggorri tokkoyyuu hin jiru. Rakkinni kan jiru foon namaa bira. Inni
akka ijoollota dhiiraa waggaa kudha-keessaa karaa dheeraa irra takka takka
daawwachaa fi bohaaraa adeemaniiti. Ijoollonni kunis utuu deemanii mana daawwitii
biqiltoonni magariisaa keessatti kunuunfaman bira darban. Battala kanatti waa’ee
mana kanaa waan tokko iyyuu hin yaadne turan. Deemanii deemanii, ammas booda
gara dhuma karichatti mana magariisa isa jalqabaan kan wal fakkaatutu jira. Garuu
yeroo kanatti mallattoo dheeraa fi guddaa qubee diimaadhaan naannoo mana
magariisa kanaatti “dhagaa itti hin darbatinaa, yoo darbattan garuu atattamaan
poolisiin qabamtu” kan jedhu argan. Amma manni magariisaa inni jalqabaa mallattoo
hin qabu; ijoollonnis waa’ee isaa lammaffaaf itti hin yaadne. Mana magariisaa isa
ammaa kana garuu kan adda godhu naannoo isaa hundumaatti akeekkachiisa cimaa
waan qabuuf ijoollonni kun ni dhaabbatan; wanti ta’e tokkos isaan keessatti
dammaqe. Dhaabbatanii eenyu akka isaan ilaalaa jiru naannoo isaanii mimil’atanii,
maal itti yaadaan seeta?
Itti aansitee waan ati dhageessu sagalee daawwitii caccabuu fi faana namaa fiigee
badu dhageessa. Ijoollonni kun karaa cina deemaa yoo turan hawwi dira’ummaa
(duguddumaa) kun isaan keessa tureeraa? Eyyee achuma isaan keessa ture. Garuu
seerri achi waan hin turreef, hawwi cubbuu hojjechuu isaan keessatti hin dammaqne
ture. Sun waan seerri hojjetuudha. Cubbuu nu keessatti dadammaqsa.
Mee ammas fakkeenya kan biraan isiniif kenna. Ati nama kophaa isaa kutaa mana
tokkoo keessa jiru yoo taatee fi balballi mallattoo“namni dhuunfaa akka ol hin seenne
“ jedhu yoo agarte, maaltu ta’a? Baay’ee beekamaadha, naannoo sana kaameeraa
dhokataan akka jiru ilaalaa dhokkattee akka seentuuf kan si kakaasutu keessa keetti
dammaqa.
Kun egaa bu’aa seerri hunduma keenya irratti fiduudha. Seera bira dogoggorri
tokko iyyuu hin jiru. Abboommota kurnan (ten commandments) biras wanti sirrii hin
taane hin jiru. Waan ani jechaa jiru mee sirriitti dhaggeeffadhu. Seera waaqayyoo
wajjin gaafa walitti dhuftu, baay’ee baay’ee sirrii ta’uu qabda, kanaafuu mee afaan
caaffata qulqullaa’aatti haa galchinu. Phaawuloos seerri adaba fiduudhaaf tolfame,
caalmaattis adaba baay’isuudhaaf seene jedha.
Seerri hawwa cubbuu nama keessatti kakaasa. Mee waan tokko sittan hima,
hamma foon kee kana keessa jirtutti fedha gara cubbuutti goruu danda’u qabda. Kanas
callisee hin dubbanne. Phaawuloos “waan ani hojjechuuf hawwu hin shaakalu, waan
ani jibbuu garuu nan hojjedha” jedha.
Kun maal jechuudharee? Na amani ! hamma foon kee kana keessa jirtutti
mufannaa kee fi aarii kee dhaabuu yoo barbaadde, deebitee ni mufatta; ni aartas.
Homaa baay’istee itti jabaattee cimtee yoo yaalte illee, ammas ni kufta. Oggaa ati
kuftu seera waaqayyoo akka meeshaatti fayyadamee si hammeessuuf immoo seexanni
ni qophaa’a. Yoo danda’ee hammeessaa jala si buuse, sodaachuu akka ati jalqabdu ni
beeka. Sodaan sunis dhiphina, dhukkuboota lola sammuun walqabatanii fi cunqursaa
utubee jireenya kee keessatti karaa irra buusuu jalqaba. Kun qoosaa miti,
hammeessaan cubbuu ni ajjeesa!

ICCITII HADHEESSA CUBBUU MO’ACHUU


Egaa amma dhukaasa hadheessa cubbuu himatichaatiif furmaatni maaliree?
Phaawuloos qabsoon inni ittiin walaa’ansoo qabame, waan walfakkaataa nuti har’as
ittiin wal’aansoo qabnuudha. Dubbiin gadda isaas Roomaa 7 keessatti “ani waan
gaarii isa ani hojjechuu barbaadu hin hojjedhu, waan hamaa isa ani hin barbaadne
garuu nan hojjedha… ana nama gadadamaa! Qaama du’aa kanarraa eenyutu na fura”
jedhee ibsata. Garuu phaawuloos achitti hin dhaabne. Luqqisa jalqabaa Roomaa 8
keessatti miidhaa himataa keenyaa akkamitti akka morminu itti fufee nutti agarsiisa.
Roomaa 8:1
“Egaa amma warra kan Kiristoos Yesuus ta’anitti hin muramu” (Hiika Haarayaa)
WARRA KAN KIRISTOOS YESUUS ta’aniif HAMMEESSAAN HIN JIRU.
Luqqisni kun humna guddaadha. Kutaa kana sammuu keeetti akka qabattuuf sin
jajjabeessa, oggaa kana miidhaa (rukuttaa) himatichaa ofirraa duuba deebista. Har’a
kan Yesuus Kiristoosii ati? Eyyee, yoo akkas ta’e hammeessaan cubbuu jireenya kee
irra hin jiru.
Egaa ati har’a kan kiristoos erga taatee, hadheessaan jireenya kee irra hin jiru!
“Garuu soortuu Piriinsi, yeroo hundumaa caaffata qulqulluu akka galumsa isaatti
hiikama jetta; macaafni koo garuu haalonni itti namni hadheessaa cubbuun ala itti ta’u
jira jedha malee, hadheessaan cubbuu hin jiru hin jenne. Akka hafuuraatti deemuu
qabna malee, akka fooniitti miti. Kanaafuu hadheessaan cubbuu kan hin jiraanne yoo
nuti cubbuu hin goonu ta’eedha”
Kana kaasuu keetiif baay’een gammada. Mee luqqisa hunda Roomaa 8:1 hiika
haarawaa kiing jeemsii (NKJV) irraa haa ilaallu
Roomaa 8:1 NKJV
“Kanaafuu egaa amma warra Kiristoos Yesuus keessa jiraniif hadheessaan cubbuu hin
jiru. Isaanis akka hafuuraatti deemu malee akka fooniitti miti”
Eyyee amma akka inni itti macaafa kee NKJV keessatti argamuudha mitii?
Hubattanii egaa dhuma kutaa kanaatti,”akka hafuuraatti malee, akka fooniitti
tarkaanfachuu “akka hin taanee hiiktota kitaabaan malee barruu girikiin akka hin
ka’amne. Kun immoo hiiktonni hunduu kan hubatan hadheessaan cubbuu ykn firdiin
haala malee akka jiruu fi akka hin jiraanne hima. Isa kana isa ani jedhuun utuu hin
ta’in dubbicha gad fageenyaan qorachuun bira geessa.
Hiika baay’ee ifaa ta’eef mee New American Standard Bible (NASB) Room 8:1
“Kanaafuu hadheessaan cubbuu ykn firdiin warra kiristoos Yesuusiin qaban
irra hin jiru”.
Kana egaa yaa firako, hadheessaan warra kan kiristoos ta’anirra hin jiru; haalonni
yookiin gochi dursaa tokkoyyuu utuu hin jiraatin. Dhimma hojii Yesuus isa
xumarameeti malee, dhimma ciminaa fi carraaqqii namaa miti. Haleeluyyaa!
Ammas, hadheessaan cubbuu kan hin jiraatne yeroo nuti cubbuu hin hojjenne
qofaadha jedhanii namootni mormanis jiru. Egaa yaa firako cubbuun hin jiru taanaan
jalqabuma hadheessaan cubbuu eessaa jalqaba? Cubbuun hin jiru taanaan dubbiin
Phaawuloos kan hin barbaachifneedha jechuudhaka. Oduu gaariin inni lallabaa jiru
utuma cubbuun jiruuyyuu warra kan Kiristoos Yesuus ta’aniif AMMA hadheessaan
cubbuu hin jiru isa jedhuudha. Maaliif? Yesuus waa’ee cubbuu keenyaaf
hadheeffameera waan ta’eef. Ameen !
Jecha “kanaafuu” jedhu macaafa keessatti yeroo mul’atu yeroo hundumaa maaliif
akka achi kaa’ame barbaadi. Phaawuloos “kanaafuu amma hadheessaan cubbuu hin
jiru” yeroo jedhe, cubbuun abboommichaan qabatee akkamitti akka isa gowwomsee fi
isa ajjeese ittiin ibsaa jira. Phaawuloos seeraan wal’aansoo walqabaa yeroo ture irra
deddeebi’ee hadheeffama ture (Roomaa 7 keessatti ibsa wal’aansoo phaawuloos ni
argatta). Dhugumatti akkas jedhe “oo ani nama gadadamaa! foon du’aa kanattii
eenyutu na fura? Kun egaa gaaffii of-falmiiti. Deebii inni ofiif deebise immoo mee
ilaali “karaa gooftaa keenya Yesuus Kiristoos waaqayyoof galanni haa ta’u”,
phaawuloos warra kan kiristoos ta’aniif hadheessaan cubbuu hin jiru jedhee labsuu
kan inni danda’eef sababii Yesuus Kiristoosiif ture. Mee ifa mul’ataa hadheessaan
cubbuu hin jiruu keessatti akka guddattuuf tuqaa shaakalaa tokkon siif kenna.
Abboommota kurnan(seera waaqayyoo) fi hadheessa cubbuu akka tokkotti ilaaluu
baradhu. Waa’ee seeraa yeroo dubbistu yookiin yaaddu, waa’ee hadheessa cubbuu
yaadi.
Dhiyeenyatti obboleessa waldaa keenyaa tokko waliin waa’ee kanaa kaasnee haasa’a
turre. Akka hubannaa isaatti seeraaf abboomamuun waan gaarii gochuu akka
ta’eedha. Inni kun dhugaa ta’ee utuu jiruu oggaa gaarii ykn sirraa’aa ta’uu yaaddu
dhumni kee immoo hadheessa karaa seeraa sana ta’ee argama. Seerri tajaajila
hadheessaati; sababni isaa durumaanuu gaarii akka hojjettuuf si tumsuuf hin tolfamne
si hadheessuuf malee. Egaa kana beektaree? Ammuma seera jala of galchituu fi ittiin
qajeelaa of gochuuf yaaltu, ammuma kana ittiin kufta; ittiin hadheeffamtas. Kun
immoo karaa waaqayyoo miti. Akkuman kanaan dura hadheessaan cubbuu hidda
gadfagoo sodaa, dhiphinaa fi gosa dhukkuboota garaagaraa maddisiisuuti jedhee ture,
inni yakkaa fi hadheessaa akkasii keessatti si ilaaluu hin barbaadu. Hadheessaan
cubbuu dhugumatti ni ajjeesa.
Yeroo himatichi dhufee dogoggora kee hundumaaf si hadheessuuf wantoota akka
“mee ati akkamitti kiristaana jettee of waamta? Yookiin ati addunyaa keessatti nama
of hin arginee isa guddaadha!” siin jedhu, yeroon sun yeroo ati itti hadheessa kam
irraayyuu bilisa taatee of ilaaluu qabduudha. Faallaan tajaajila hadheessaa, tajaajila
qajeelummaa isa ulfinaan baay’ee caaluudha. Ofii kee qajeelaa godhii ilaaluu jalqabi;
sababii waan hojjettee yookiin hin hojjenneef utuu hin taane, sababii waan Yesuus
hojjetee fi dhiigasaa isaa isa itti fufee si qulqulleessuuf. Yaadadhu! Hafuurri
qulqulluun kan ergame hojiikeen ala qajeelaa ta’uu kee dhugaa siif ba’uuf malee sitti
faraduuf miti. Garuu, waaqayyoof galanni haa ta’u! kanaafuu AMMA hadheessaan
warra kan Kiristoos Yesuus ta’anirra hin jiru. Eessaa? Yoom hadheessaan cubbuu hin
jiru? “AMMA” hin jiru, sagalee waaqayyootu akkas jedha.
IJA JABINAAN GARA TEESSOO AYYAANA ISAATTI DHIYAACHUU
Garuu, soortuu Pirinsi yeroon cubbuu hojjedhu akkamin godha? Gaaridha AMMI
wayita ati itti cubbuu hojjette ni hammataa? Sirriimatti ni hammata. “Kanaafuu,
amma hadheessi cubbuu hin jiru…”luqqisa “ammaa” ti. Labsichi wayita hunda,
guyyaa hunda dhugaadha. Ganama dhugaadha. Galgalas dhugaadha. Guyyaan borii
yoo dhufus ammayyuu dhugaadha. Ammayyuu, itti fufees, siif hadheessaan cubbuu
hin jiru sababni isaa, ati Kiritoos keessa waan jirtuuf.
Kan akka ati fuula waaqayyoo dhaqxu ija jabina siif kennu, akkanni
guutummaatti qajeelaa godhee si ilaalu beekuu keeti.
Yeroo kufnu waaqayyotti deebi’uuf, xiqquma ishee illee hin hadheeffamnuuree?
Addaam yeroo hadheeffame waaqayyo jalaa dhokate. Jaallatamaako, oggaa kuftu
hadheessaan cubbuu fi yakki akkati argamuu waaqayyoo irraa fiigdu si taasisa.
Hadheessaan cubbuu fi yakki gara waaqayyootti si geggeessa jechuun sobadha. Wanti
har’a akka ati gara isaa dhaqxuuf ija jabina siif kennu, inni ayyaanaan guutuu ta’uu
isaa fi guutummaatti qajeelaa godhee akka si ilaalu beekuu keeti. Wanti gara teessoo
ayyaana isaa ija jabinaan akka dhaqxuuf sababa siif ta’u, Yesuus Kiristoos keessa
waan jirtuuf inni matumaa akka sin hadheessine beekuu keeti.
GARAA AYYAANAA ISA KAN ABBAA
Yeroo ati kuftee argamtu abbaan kee inni waaqa irraa akkamitti akka siif deebisu
ilaaluu ni barbaaddaa? Mee fakkeenya ilma akka malee jiraatuu isa Yesuus dubbate
ilaali.
Luqaas 15:11-24
¹¹ Gaaf tokko immoo Yesus "Namni tokko ilmaan lama qaba ture.
¹² Inni quxisuun abbaa isaatiin, 'Yaa abbaa ko qabeenya kee keessaa kan na ga'u
hirmaata koo naa kenni!' jennaan abbaan isaanii waan qabu hundumaa ilmaan isaa
lamaaniif hire,
¹³ Guyyaa baay'ee utuu hin turin ilmi namichaa inni quxisuun, kan isa ga'e hundumaa
calleeffatee, mana abbaa isaatii ba'ee biyya fagoo dhaqe; achitti akka malee jiraachuu
isaatiin horii isaa hundumaa akkasumaan bittimse.
¹⁴
Yeroo inni waan qabu hundumaa fixetti, beelli jabaan isaa biyya sanatti bu'e,
kanaafis baay'ee rakkate.
¹⁵
Warra biyyasii keessaa gara isa tokkoo dhaqee itti of gate; namichis waan godhu
dhabnaan, booyyee haa tiksuuf lafa darabaa isaatiitti isa erge.
¹⁶
Baay'ina beela isaa irraa kan ka'es qola booyyeen nyaatuun illee garaa isaa
guuttachuu in kajeela ture, garuu isuma iyyuu argachuu hin dandeenye.
¹⁷
"Yommus gurbichi yaada isaa naanneefatee, 'Hojjetoonni guyyaa abbaa kootiif
hojjetanii buddeenni isaan irraa hafu nama meeqa? Ani garuu asitti beelaanan badduu
ba'a.
¹⁸
Ka'ee gara abbaa koo dhaqeetan, "Yaa abbaa ko, Waaqayyoon, sis yakkeera;
¹⁹
si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u, hojjetoota kee keessaa akka isa tokkoo
na godhadhu'" jedhaan.
²⁰
Ka'ees gara abbaa isaa dhaquudhaaf karaa irra bu'e; amma illees fagoodhaa utuu
inni dhufuutti jiruu, abbaan isaa fuulleetti isa argee garaan isaa mooga'e; itti fiigees
ilma isaatti marmee dhungates.
²¹ Ilmi isaa garuu, 'Yaa abbaa ko, ani Waaqayyoon, sis yakkeera, si'achis ilma kee
jedhamuun anaaf hin ta'u' jedheen.
²² Abbaan isaa garuu ergamtuu isaatiin, 'Dafaatii uffata isa keessaa caalu fidaatii itti
uffisaa, amartii warqees quba isaatti kaa'aa, kophees miilla isaatti kaa'aa.
²³ Tuntunicha isa coomaa sana fidaatii qalaa, in nyaanna in gammannas.
²⁴
Ilmi koo kun du'eedhuma ture deebi'ee jiraate, badee ture in argames jedhe;
hundumtinuus itti gammadan.
Abbaaan gara ilma isaa isa akka malee jiraatu kanaatti fageenya irraa argee akkuma
argeen hammachuuf itti fiiguu isaa argina. Dhugumatti amalli abbaa illee seera musee
wajjin akka wal mormu beektuu? Yeroo tokko tokko kana boodatti deebi’ee
qayyabachaan ture; akka seeratti yoo namni tokko ilma hin abboomamnee fi diraa’aa
ajaja maatii isaatii didu qabaate, namni sun ilma isaa maangudoota magaalichaa
duratti fidee, maanguddoonni magaalichaa hundinuus hamma du’utti dhagaadhaan
akka isa rukutan, akka kanattis isa hamaa ofkeessaa akka baasan; kanas isiraa’eel
hundi dhaga’ee akka sodaatu dubbata. Sun egaa seera museeti. Yeroo Yesuus seenaa
ilma of-hin arginee kana isaaniif qoode, namoonni yihuudotaa isa dhaga’an hundi
seera kanaa wajjin walbeeku turan. Haa ta’u malee, qooda hadheessa cubbuu fi
adabbii ilma didaa kanaaf akka seeraatti maluufii , Yesuus garaa ayyaanaa isa kana
abbaa fi dhiifamaa mul’isuu isaa argina. Iddoo sana irratti ammayyuu Yesuus kakuu
haaraa isa ayyaanaa hundeessuuf hin duune ture; namoonni isa dhaga’aa turan hundis
seeruma musee jala turan. Yesuusis dhandhammii isa dhufuuf jiruu isaaniif kennaa
ture. Waan qabatamaa nuti har’a itti gammadaa jirru kana isaanitti agarsiisaa ture.
Haaleluyyaa!
Ilmi abbaa isaatti cubbuu hojjetee? Eyyee, sirriidhumatti. Garuu abbaan utuu ilma
isaa hin fudhatin dura hadheessaa cubbuu fi yakka ilma isaa irratti walitti qabeeraa
ree? Miti, akkas hin goone. Dhugumatti abbaan haasaa isaa isa gulaalamaa illee irra
deebi’ee dhaggeeffachuuf illma isaatiif carraa hin laanne. Hojjetoota mana isaa
keessaa akka isa tokko akka isa godhatuuf utuu inni gaafachuu illee hin danda’in
abbaan isaa dubbii addaan isa kuchisiise. Sababii cubbuu ofiisatiif akka inni of hin
hadheessineef abbaan dubbii addaan kuchiisiisee, garuu Qoloo keessaa isa caalu akka
fidaniif , qubeelaa harkaa isaatti akka diranii fi kophee miilla isaatti akka kaa’an
hojjetoota isaa ajaje.
Yaadni mucaa isaatii hamma sana gaarii ta’uu dhiisuun abbaa rakkiseeraa ree?
Mucichi dogoggora isaa waan hubateef qofa gara abbaa isaatti akka hin deebi’in
hundi keenyayyuu ni beekna. Kan inni deebi’aa jiruuf waan beela’eef qofa. Gaafa
Booyyee nyaachisaa tures, hojjetoonni qacaramanii abbaa isaaf hojjetan illee hamma
isaan irraa hafutti nyaachuuf akka danda’an ni yaadata ture. Sun wayita inni gara
abbaa isaatti deebi’uuf murtesseedha. Abbaan garuu yaadni ilma isaatii hamaa ta’uu
isaa, irraa dhimma hin qabaanne. Ammayyuu ilmichi akka malee jiraatu sun karaa
fagoo irra utuu jiruu (abbaanis ilmichi maaliif akka deebi’aa jiru murteessuuf utuu
karaa hin argatin), abbaan isaa isa argee, garaa raafamaadhaan gara isaatti fiigee
morma isaa irratti maramee isa dhungate. Kun agarsiistuu garaa jaalala waaqayyoo isa
ajaa’ibsiisaa akkamiiti!
Fakkeenya ilma akka malee jiraatuu kana kan qoodaa jiru eenyu? Yesuus mataa isaa
ture. Yesuus abbaa isaa sirriitti beeka jedheen yaada; kanatti walii hin galtuu? Dhuga
ba’iinsa Waaqayyo Abbaan ijaaf ijatti maal akka fakkaatu, nutti himu dhaga’aa jirra;
kanas Yesuus beeka. Deeebii waaqayyo warra yakkaniif qabu akkamitti akka inni ibse
ilaali. Amma iyyuu ilmisaa fagoorra utuu jiruu abbaan isaa akkamitti isa ilaalee? Sun
sababa abbaan ilmi isaa akka deebi’uuf eegaa fi dheebochaa tureef. Guyyaa
hundumaa iji isaa deebi’uu ilma isaatii isa jaallatamaa sana eeguudhaaf qara ilaala.
Guyyaan tokkoon tokkoon ishee guyyoota inni deebi’uu ilma isaatii abdiidhaan eegaa
tureedha.
Yeroo ati isa gammachiisuu dadhabdu illee garaa jaalala isaa argitee? Tarkaanfii
tokko gara waaqayyootti deemuu qabda. Abbaan jaalalaa kee inni samii irraa immoo
hadheessa cubbuu tokko malee gara keetti fiiga. Inni jaalalaan sitti maramuu, si
dhungachuu fi jaalalaa fi eebba isaatiin si jiisuu barbaada. Inni qoloo qajeelummaa si
uffachiisuuf, bitayyoo fi qubeela aboo ilmummaa siif diruuf, akkasumas kophee
qajeelummaan sirriitti dhaabbachuu keetii siif kaa’uuf si eegaa jira. Inni iddootti si
deebisuu, si miicuu fi sababa ati manatti deebiteefis nyaachisa siif qopheessuu
barbaada. Waaqayyoon keenya waaqa hadheessaa tokko malee gara keetti fiiguudha.
Yaada amantaa (religious ideas) keenya isa waa’ee waaqayyoof qabnu duubatti haa
dhiisnu. Yerooma dadhabdu illee gara abbaa keetti faana tokko fudhadhu; innis gara
keetti ni fiiga; si hammatas. Inni si jaallata; akkuma ati jirtuttis eenyummaa kee wajjin
si simata. Inni yeroo ati dadhabduu fi waan mo’amte sitti fakkaatu si gargaaruuf
humna qaba.
Gammadi, firako amma egaa hadheessi cubbuu sirra hin jiru; sababni isaa ati
Kiristoos keessa jirta!
Ababbaaan (Daddy) kee si jaallata, akkumati jirtuttis si simata; akkasumas inni yeroo
ati dadhabduu fi waan mo’amte sitti fakkaatu si gargaaruuf humna qaba. Ameen!

BOQONNAA 13
KENNAA ISA CUBBUUDHAAN SIN HADHEESSINE
Akkuman barumsa koo xumureen amma qabxiin barumsa idilee gad nuuf dhiifamutti
hafaa yeroo kootti mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti barsiisuufan qacaramuuf
murteeffadhe. Qacaramees itti gaafatamaa kutaa ijoollewwn umuriin isaanii kudhanii
fi naannoo isaa ta’e baay’inni isaanii soddoma hin caalle irrattan ramadame.
Ganama gaaf tokko ijoollewwan durbaa kutaa kootii keessaa tokko utuu
dhabamtuun arge. Barattoonni darbee darbee sababa adda addaatiin guyyaa tokkoo fi
lama mana barumsaa utuu hin dhufin akka hafan waanan beekuuf baay’ee nan
yaachisne. Guyyaa sana utuun mana kootti kadhataa jiruu gooftaan hunda keessaa
intala sana gara sammuu koo fide. Isa dura guutummaa barattoota koof nan
kadhadhan ture. Guyyaa kana garuu mucaa tokkittii gooftaan kan natti mul’iseef
akkan isheef kadhadhuuf ta’uu nan bare. Kanaaf Gooftaan dhiiga isaatiin akka ishee
golguuf waaqayyoon nan kadhadhe. Isa dura dhiigni gooftaa maal akka ta’e beekumsi
koo muraasa haa ta’u malee akka inni nama eegu nan beeka. Kanaafan dhiigicha
waamee kadhadhe.
Guyyoota baay’ee booda mucaan durbaa sun ammayyuu mana barumsaatti hin
deebine turte. Isatti aanee bifi ishee televishinootaa fi gaazeexoota irra oduu jiraniin
wal ta’ee guutuu jalqabe. Mucaan kun akka oduu barreeffamaniitti nama walitti
aansee namoota ajjeesu tokkoon butamuu isheeti. Namni kun maqaan isaa Adiriyaan
Liim kan jedhamuudha. Namni kun akka oduwwan ibsanitti namoota tolchitootaa fi
dhahicha adda addaa gochuun beekamanitti kan ida’ameedha. Kanumaan wal qabatee
immoo kan inni ijoollee xixiqqoo butuuf ijoollota kana waaqa tolfamaa itti amanuuf
aarsaa dhiheessuuf akka ta’e dhaga’ama. Kan nama ajaa’ibsiisu, mucaan kun namicha
lubbuu namaa balleessuun beekamu kana biraa gadhiifamu isheeti. Gaazexessitootaan
gaaffii fi deebii godhameen akka ibsitutti mucaan kun namni sun kutaa xiqqaa ibiddi
isaa altokko illee hin dhaamnetti akka ishee ol galche dubbatti. Kutichi ifa
dimimmisoo ta’aniin gar malee kan calaqqisu yommuu ta’utti Andiriyaa Liim immoo
waaqa tolfamaa isaa duratti kufee kadhachaa aarsaa akka dhiheessuuf ibsiti.
Dhumarratti gara mucaa kanaatti gara galee waaqoliin isaa ishee akka hin barbaanne
ykn aarsaa ta’uu akka hin dandeenye ibseef. Kanumaan mucaan kun ijoollewwan
Andiriyaa Liimiin butaman keessaa bilisa taatee gad dhiifamuun ishee duraa taatee
argamte. Yemmuun kana dhaga’etti, gooftaan eegumsa mucaa kanaaf gochuu isaa nan
bare. Ishee dura kan butaman ijoollonni hedduun garaa laafina malee kan qalaman
turan. Amma garuu waaqa biraa tokko illee utuu hin ta’in kan ishee golge dhiiga
kiristoos isan waameedha. Har’a mucaan kun gaa’ila isheef geessee ijoollee kan
godhatteedha. Galanni waaqayyoof haa ta’u!

DHIIGICHI HADHEESSA CUBBUU IRRAA SI TIKSA


Battala sanatti hojiin dhiiga Yesuus inni ijoon maal akka ta’e yookiin maaliif akka
eegumsa namaaf godhu hin beeku. Waan hundumaa dhiiga Yesuusiinan golga.
Kiristaanota eegumsaaf dhiiga Yesuus jajatan mormuukoo miti; garuu har’a waa’ee
dhiiga Yesuusiif hubannoo gad fagoon qaba.
Galgala itti dabarfamee kenname sanatti Yesuus waa’ee dhiiga isaatii maal akka
jedhe ni beektaa? Irbaata isa dhumaa irratti Yesuus xoofoo harkatti qabatee maal
jedhe “kun dhiiga kakuu haaraa isa eegumsa keessaniif dhangala’uudha jedhee? Miti,
akkas jedhe “kun dhiiga koo dhiiga kakuu haaraa isa dhiisuu cubbuu namoota
baay’eetiif dhangala’uudha”. Dhiigni isaa dhiifama cubbuu keetii hundumaaf
dhangala’e. Dhiigni Kiristoos nama ni eegaa? Eyyee, dhugumatti ni eega! Garuu
dhiigni isaa kaayyoo diinaa hundumaa irraa yoo nu eege iyyuu, sun sababa dhiigni
isaa dhangala’eef isa ijoo miti.
Hadheessa cubbuu irraa akka eegamte beekuun cubbuu sana irratti akkati mootu
si taasisa; araada yookiin dhiphina har’a waanjoo isaatti si qabe irrattis.
Firako, sababni ijoon dhiigni fayyisaa keenyaa dhangala’eef dhiifamuu cubbuu
keenyaafiidha. Kana jechuun dhiigni Yesuus hadheessa akka kamii irraa iyyuu
eegumsa nuuf godha jechuudha. Dhiigni Yesuus qajeelaa akka si godhee fi cubbuun
kee hundinuu akka siif dhiifame gaafa siif ifu, hadheessaa himatichaa irraa ni
eegamta. Kana beekuun kee baay’ee waan nama ajaa’ibuudha; sababni isaa ija
jabinaan gara teessoo waaqayyoo akka dhuftuu fi akka abbaa jaalalaatti akka isa
ilaaltu humna siif kenna. Kun cubbuu irratti akkati mootu si taasisa; araada yookiin
dhiphina har’a waanjoo isaatti si qabe irrattis si moosisa.
QABSOON HADHEESSA CUBBUU WAJJIN GODHE
Yeroo ani cubbuu dhiifama hin qabnen godhe jedhee hadhaa yaadaa sana keessa ture
mul’ata kana nama tokkoo wajjin utuun qooddadhee nan hawwan ture. Hadheessaan
cubbuu natti dhaga’amaa turee fi hafuura qulqulluu arrabsuutti amanuun koo
dhugumatti iyyuu himaticha biraa kan maddaniidha. Guyyootni sun dhugumaan anatti
kan sodaa uuman sababa turaniif barumsi ani baradhe hunduu na gargaaruu hin
dandeenye.
Har’a amanaan tokko cubbuu dhiifama hin qabne hojjechuu akka hin dandeenye
hubadheera. Innis cubbuu dhaabbataa fi beekamaa isa ta’e Yesuus Kiristoosiin
fudhachuu diduudha. Kanaafuu amanaa (believer) yoo taate, ati kana booda Yesuusitti
amanteetta; cubbuu dhiifama hin qabne karaan itti hojjechuu dandeessu tokko illee
hin jiru.
Garuu yeroo sanatti ani dargaggeessa beekumsa ayyaana kakuu haaraa
tokkollee hin qabneedha; waa’een kiristoos keessatti qajeelaa ta’uu kootii fi hojiin
dhiiga Yesuus inni ijoon maal akka ta’es hubannaa isaa hin qabun ture. Dhugaa kana
utuu hin argatin ani gowwomsaa guddaa keessatti kufeen ture. Duuba deebii tokko
malee waaqayyo irratti cubbuu hojjedheera jedheen amana. Waa’ee waaqayyoo fi
hafuura qulqulluu yaada garmalee waanan qabuuf hafuura qulqulluu akkan arrabsettin
amanan ture. Aara galfii malee yaada yakkaa fi hadheessaan waanan dha’amuuf,
sammuun koo hamma na dhuka’utti natti dhaga’ama ture.
Hadheessaan cubbuu sun hundumtuu seexana irraati. Himatichi yaadota hin
taane waa’ee waaqayyo waan na keessa buusuuf, akkamitti akkan isa didu hin beeku.
Kanaafuu yaadota sana, hadheessaa fi soba isaa hundumaas akka kan kootiittin
fudhadha. Isa booda waamicha waaqayyo jireenya koo irratti qabu illee hin beekun
ture. Akkamittan beekuu danda’aree? Cubbuu dhiifama hin qabnen hojjedha jedhee
waanan yaaduuf waa’ee gara samii deemuu illee tasumaa hin yaadun ture.
Miira hadheessaa narra guute kanaan liqimfamee utuun jiruu sodaa koo fi gad-
qabaa koo kana keessaa na baasuu danda’a jedheen gara nama waaqayyoo tokkoo
kadhataaf deeme. Maqaan isaa Peersii Koompeel jedhama. Inni yeroo sanatti
geggeessaa mana barumsaa macaafa qulqulluu Siingaapoor keessatti beekamaa
tokkoo ture.
Peersiin harka isaa ana irra kaa’ee naaf kadhachuu jalqabe. Afaan biyya
dhaloota isaa isa ta’ee afaan Niwuuzilaandiin “Jo’ee, hafuuraan namoota kumaan
lakkaawwaman fuuldura dhaabbattee utuu lallabduun si arga” jechuu isaa amma
har’atti hin irraanfadhu. Guyyoota sana keessa barataa ta’ee illee namoota kumaan
lakkaawwaman dura dhaabbadhee yaalii guddaadhaan utuun jechoota irra hin
deddeebi’in yookiin utuun hin giinga’in nan dubbadhan ture. Dhugumaan yeroo sana
barsiisaa hamaan tokko kan yeroo hundumaa kutaa keessatti akkan dhaabbadhee
dubbisu na dirqisiisu tokko ture. Yeroo kana eega gaafan jedhoota irra deddeebi’uu fi
giinga’ee illee dubbachuu yaaluu shamarran kutaa kootii hundi kan lafa gangalatanii
natti kolfan. Yeroo kana waanan aaruuf fuulli koo na diddiimatee, gurri koos na guba.
Yeroon kun dhugamatti yeroo baay’ee na dhukkubsu ture. Yeroo kana Peersii bira
bilisa ba’uuf gaafan dhufu egaa, kuma hedduutti akkan dubbachuuf jiru raajiin
baay’ee na ijaare kan natti himame.
Bara 2004 keessa Peersiin ofiisaatii waldaa keenya daawwatee, ayyaana
waaqayyoon hammam akka isheen guddatte argeera. Tajaajila boodas imammaan ija
isaa irra guutaa “raajichi ni raawwatame” jedhee dhumarratti dubbate. Yeroo ani gara
waggaa kudhaa keessa doorsifamaa fi hadheessa cubbuun wal’ansoo walqabaa ture
keessa waggoota hedduu duras akka raajii narratti dubbatee ture ni yaadate. Ulfinni
hundumtuu Yesuusiif!
Firako! Yakkaa fi hadheessa cubbuu jala galuun maal akka ta’e ani himataa
sana irraa argeera. Inni har’as amantoota dhiphisuuf tooftaama walfakkaataa kana
fayyadamaa jira. Seexanni yeroo addaa addaatti sababii waan ati yaadaa jirtuuf
yakkamaa si gochuuf ni dhufa. Akka abbaatti ga’ee ati qabduuf yakkamaa si gochuuf
ni dhufa. Akka nama waa dhiheessuu tokkottis gocha yakka kee sitti hima. Nama
qacarame yoo taates gochi yakkaa akka sitti dhaga’amu ni godha. Nama nama qacaru
yoo taates inni himata yakkaaf gara kee ni dhufa. Yeroo ati dhukkubsattu illee yoo
ta’e inni yakka sitti muruuf aara hin galfatu.
Karaa tokkoon, amanaan sababa dhukkubsateef miirri yakkaa itti dhaga’amuu
hin qabu. Waldaa amantoonni ishee ati yoo waaqayyoo wajjin deemte mallattoo
dhukkubaan illee rukutamuu hin dandeessu jedhanii yaadan keessatti waan aadaa ta’e
tokko akka hin uumneef of eeggachuun barbaachisadha. Dhukkuba yookiin dhibee
godhatte jechuun cubbuu goote yookiin waaqayyotu barumsa si barsiisaa jira jechuu
miti. Dhugumatti fayyinni kee karaa irra jira jechuudha malee.
Yesuusii fi bartoonni isaa namicha jaamaa ta’ee dhalate sana gaafa argan,
bartoonni isaa namichi waan cubbuu hojjeteef moo yookiin abbaan isaa fi haati isaa
waan yakkaniif jaamaa ta’ee dhalate jedhanii isa gaafatan.
Yesuus waan isaan gaafatan keessaa tokko iyyuu hin deebifneef. Inni irra
darbee “ani ifa biyya lafaati” jedhee ija namicha jaamaa sana banuutti darbe.
Akkaataa Yesuus nan jaalladha!
Ammas yaa firako, rakkoo si mudta fuulaan itti kottu. Rakkoon kee dogoggora
eenyuu akka ta’e hin gaafatin. Rakkoo abbaa kee, akaakkayyuu kee yookiin akaakilee
kee ta’uu isaa hin gaafatin. Miti, haalota akka Yesuus qabetti qabachuu beekuu qabna.
Yesuus yeroo namicha jaamaa waliin walitti ba’e, jalqaba ifa biyya lafaa ta’uu isaa
erga labsee booda, gara namicha fayyisuutti darbe. Kanaafuu seexanni sababa
dhukkuba keef yakka akka sitti muru hin godhin. Akkati dhukkubsachaa itti fuftu kan
godhu yakka inni sitti muru sana waan ta’eef.
HADHEESSA CUBBUU HUNDA IYYUU JIREENYA KEE IRRAA HAQI
Seexanni beektota xiinsammuu fi saayikaatiristoota caalaa malteedha; sababni isaa
inni waan irra keessaan sitti hin dhiyaatu. Inni wantoota xixiqqoo ta’aniin hin
jeeqamu. Maqaaan seexanaa maal akka ta’e beektaa? Yoo ajjeese iyyuu inni ajjeesaa
hin jedhamne. Yoo hateef iyyuu hattuu hin jedhamne. Yoo balleesse iyyuu balleessaa
hin jdhamne. Maqaan isaa seexana. Afaan Ibrootaatiin “himaticha” jechuudha. Inni
ari’ataa keeti. Ari’ataan waa’ee keetiif tasumaa waan gaarii hin haasa’u. Inni haftee
bishaan xuraawaa tokko tokkoon deebisee sitti fidee, ragaa guutuun kufaatii kee sitti
agarsiisa.
Utuu nuti sodaa fi dhiphina keenyaan waliigalaa jirruu, seexanichi immoo gara
hidda isa gadfagootti gadbu’uun seera fayyadamee yakkaa fi hadheessaa cubbuu nurra
tuula. Inni hadheessa cubbuu jala gaafa galtu, sodaa, dhiphina fi gosoonni dhukkubaa
marti akka sirratti walga’an waan beekuuf hamma morma si qabuutti deema.
hadheessa cubbuu jala yeroo galtu, sodaa, dhiphina fi gosoonni dhukkubaa
sirratti walga’u
Kanaafuu maal gochuu qabnaree? Hadheessa cubbuu hundeesaatti ajjeesuu fi jireenya
keenya irraa haquu qabna. Egaa sagalee himatichaa yeroo dhageessu, warra kan
Kiristoos ta’an irra hadheessi cubbuu akka hin jirre of yaadachiisi. Maaliif? Seexanni
hammam si hadheessu iyyuu, dhugaan isaa garuu dhiigni Yesuus dhiifama cubbuu
keetii hundumaaf dhangal’eera kan jedhuudha. Har’a cubbuun, yakkaa fi hadheessaan
cubbuu xiqqoon ishee illee kan dhiigi Yesuus guutummaatti hin qulleessin, kan
seexanni gara keetti darbachuu danda’u hin jiru.
Isaayaas 54 mi’i waraanaa yoo sirratti qophaa’e iyyuu si hin miidhu jedha.
Mishaan seexanni si loluuf fayyadamu maaliidha? Seera akka ta’e baranneera. Inni
amantoota hadheessuuf seera fayyadamuun akka isaan kufanis isaan yaadachiisa.
Garuu sagaleen waaqayyoo ”si miidhuuf mi’i waraanaa yoo qophaa’ee iyyuu si hin
danda’u; dubbii warra firdii duratti si hadheessaniis ni busheessita” jedha. Seexanni
jechoota yakkaa fi hadheessaa cubbuu sitti dubbachuuf qooqa ofiisaatii fayyadama.
Garuu dhiiga Yesuusiin aboo fi humna jecha firdii isaatii busheessu ni qabda.
KENNAA ISA CUBBUUDHAAN SIN HADHEESSINE
“Soortuu Piriinsi, amma amantoonni hadheessaan cubbuu akka isaan irra hin jirre yoo
beekan, gad ba’anii deemanii cubbuu hin hojjetanii?”
Gaariidha, Yesuus akkasitti akka hin yaadne beekamaadha. Dubartii ishee ejja
keessatti qabamte sanaan maal akka inni jedhe ni yaadattaa?
Yohaannis 8:10-11
¹0 Yommus Yesus ol jedhee, "Dubartii nana, meerree isaan? Namni tokko illee firdii si
irratti hin raawwannee?" isheedhaan jedhe.
¹¹ Isheen immoo, "Tokko illee, gooftaa ko" jettee deebifteef; kana irratti Yesus, "Egaa
anis sitti hin faradu, dhaqi ammaa jalqabdee cubbuu hin hojjetin!" isheedhaan jedhe.
Mee asitti baay’ee itti yaadi;Yesuus akka isheen lammaffaa cubbuu hin hojjenneef
utuu itti hin dubbatin dura kennaa cubbuudhaan ishee hin hadheessine isheef kenne.
Garuu har’a waldaan dursa “deebitee cubbuu hin hojjetin yoo kana goote qofa sitti hin
murteessinu” jetti. Sababii kanaaf namoonni qaana’anii waldaa irraa fagaatu. Waan
Yesuus irratti fincilaniif miti. Isa jalqaba irratti yakkaa cubbamootaaf, kennaa tolaa
hadheessaa cubbuu of keessaa hin qabne isaaniif kenne, Yesuusiin isaan hin simanne
waan ta’eef qofa malee. Yeroo baay’ee warri hin amanne illee Kiristaanummaa akka
tuuta qajeelfamoota isaanitti faradanii fi isaan hadheessaniitti beeku. Har’a waa’ee
kiristaanummaa waan isaan beekan baruuf utuu warra hin amanne quba lakkaawuun
qorattee, yaadni isaan siif kennan kiristaanummaa abboommii kurnaniin
walqabsiisuun qofa ta’a. Kan isaan beekanis seera isa ajjeesu malee, namicha isa
jireenya kennu miti.
Garuu, firako! Kiristaanummaan waa’ee seeraa miti. Akkuma macaafni dhiiga
malee dhiifamuun cubbuu hin jiru jedhu, inni waa’ee Yesuus fi akkataa inni itti
dhiifamuu cubbuu keenyaaf dhiiga isaa nuuf dhangalaaseeti. Sababii kanaaf
kiristaanummaan hariiroo dhiiga Yesuus irratti hundeeffameedha. Dhiigni isaa
cubbuu keenya hunda nurra miice; seera isa nuti raawwachuu qabnus bakka keenya
nuuf raawwate. Yesuus mataan isaa iyyuu seeraan waliigalee hin dhufne. Dubbiin isaa
inni humna qabeessis fariisota warra amantaa malee cubbamoota irratti hin ulfaanne.
Macaafa keessaa fakkeenya tokko iddoo itti Yesuus warra qaraxa fuudhanii fi
ejjitootaan “isin ijoollee mar’ataa” jedhe yoo argattaniif akka barbaaddaniif dhiibbaa
isin irratti uumuun fedha.
Amma, gara seenaa dubartii ishee ejja keessatti qabamtee sana haa dhufnu.
Mee gaaffii tokkon si gaafadha; dubartittiin yakkamtuu turteeyii?
Eyyee,dhugaadhumatti cubbamtuu turte. Waa’ee kanaatiif shakkiin hin jiru. Macaafni
sirriitti mul’isee akka ejja keessatti qabamte ibsa. Yesuus garuu akka seera museetti
dhagaadhaan rukutamtee du’uun kan isheef malu,seerichaan utuu ishee hin hadheessin
ayyaana isaa itti agarsiisuun kennaa ishee hin hadheessine isheef kenne.
Yesuus nama tokko waaqayyo cubbuu isaatiif akka isa hin hammeessine
yeroo ifuuf, karaa kanaan namoonni marsaa cubbuu keessaa akka humna guddaa
qabaatanii keessaa ba’an ni amana.
Dhugumaan dubartiin sun akkuma kennaa cubbuudhaan ishee hin hadheessine
fudhatteen du’a ooluu isheetti gammaddee quruphisaa michuu ishee isa duraan waliin
ejjite barbaaddee ejja ishee durani itti fufti jettanii yaaddu? Waawuu akkas hin ta’u.
Nama tokkoof waaqayyo cubbuu isaatiif akka isa hin hammeessine yeroo ifuuf, karaa
kanaan namoonni marsaa cubbuu keessaa akka humna guddaa qabaatanii keessaa
ba’an Yesuus ni amana. Humna ittin cubbuu dhiisanis ni qabaatu.
Har’a maalirratti ofgatturee? Ayyaana Yesuus isa cubbuu liqimsu moo yookiin sodaa
namootaa isa ayyaana akka heyyama cubbuutti itti fayyadamuu barbaadu?
HADHEESSAAN CUBBUU MARSAA MO’AMUU KEETII ITTI FUFSIISA
Mee waan tokkon sitti hima; hadheessaa cubbuu jala yoo jiraatte ammas cubbuu irra
deddeebi’uun kee kan hafu miti. Maaliif? Sababni isaa hadheessa cubbuu jala yoo
jiraatte, miira hadheeffamuu fi yakkamtummaatu sitti dhaga’ama. Yeroo kana egaa
hariiroon ani waaqayyoo wajjin qabu cabeera jettee amanta. Waaqayyoon akka fagoo
jirutti waan yaadduuf ammas irra deebitee cubbuu hojjechuuf of dhiista. Waan gaarii
tokko kan hariiroo koo waaaqayyoo wajjin itti na fufsiisa jettu tokko ni hojjetta ta’a,
garuu ammas yoo deebitee kuftu hadheeffamuu kee fudhachuu jalqabda;yoo kana
egaa marsaan mo’amuu kee itti fufa.
Tooftaan Yesuus ittiin cubbuuf deebii kennaa ture adda ture. Inni yeroo ati
cubbuu hojjettu “anis si hin hadheessu, deemi lammaffaas deebitee cubbuu hin
hojjetin” siin jedha. Kennaa sin hadheessine yoo isa harkaa fudhattu, dhiigni Yesuus
yeroo hunda iyyuu waan si qulleessuuf hariiroon siif waaqayyo gidduu jiru yoom
iyyuu akka hin cabne ni beekta. Karaa Yesuus Kiristoos qajeelummaa waaqayyoo
ta’uu kee fi kennaa hadheessaa hin qabne fudhachuu kee yeroo amantu humna
deemtee lammaffaa cubbuu hojjechuu dhiisuu argatta.
AYYAANICHA IRRAA DUUBATTI HIN DEEBI’IN
“Soortuu Piriinsii, ani nama ayyaana jalan jira jechaa, garuu sirriitti cubbuu keessa
jiraatu tokko beeka. Namni ayyaana jala jiraachaa, cubbuu jalas jiraachuu ni
danda’a?”
Firako! Fakkeenyota sitti hin tolle muraasa waan argiteef wangeela ayyaana
waaqayyoo irraa duubatti hin deebi’in. Gara namichaa dhaqiitii isaan mormi! Yoo
inni amma iyyuu cubbuu hojjechaa ayyaana jalan jira siin jedha ta’e akkas ittiin jedhi:
Miti, ati ayyaana jala hin jirtu. Macaafni qulqulluun seera jala utuu hin ta’in ayyaana
waaqayyoo jala yeroo jiraattu cubbuun si irratti gooftummaa hin qabaatu jedha.
Kanaafuu cubbuu keessa jiraachaa jirta yoo ta’e, dhugumatti ati ayyaana jalatti
bitamtee hin jirtu. Kennaa hadheessaa hin qabne fi bilisa ta’e, kennaa waaqayyoo isa
siif hin mallee, garuu siif kenname sanatti gammadaa hin jirtu jechuudha. Sababa
kanaaf kan cubbuun si irratti gooftummaa qabaatuufis. Ati hanga cubbuu jala jirtutti
ayyaana jalan jira jechuus hin qabdu. Namoota akkasii kan bakka bu’u, seexana isa
wangeelli ayyaanaa akka shakkamuu fi sodaan akka namatti galu gochuuf itti
fayyadamuudha. Nuti garuu namootni lakkoofsaan muraasa ta’an ayyaana akka sirna
jireenyaa cubbuutti waan fayyadamaniif jecha,wangeela ayyaanaa Yesuus lallabe
irraa duubatti deebi’uu hin qabnu.
Namni tokko dhugumaan ayyaana waaqayyoo fi kennaa cubbuudhaan hin
hadheessinee dhandhamateera yoo ta’e, lammaaffaa cubbuu hojjechuu hin barbaadu.
Namni cubbuu keessa jiraatu kamiyyuu ayyaana waaqayyoo jala miti; kennaa
hadheessaa hin qabne sanas hin dhandhamanne. Ayyaanni yeroo hundumaa cubbuu
irratti si moosisa.
HUMNA DEEBI’ANII CUBBUU HOJJECHUU DHIISUU
Nan amana, amantoonni baay’een jireenya waaqayyoon ulfeessu jiraachuu akka
barbaadan;baay’een keenya immoo namoota sirrii fi cubbuuf illee dhiifama gochuu
hin barbaadneedha. Garuu qabsoo phaawuloos mataan isaa illee waa’ee isaa barreessu
tokko ni jira “ani waanan jaalladhu hin hojjedhu, garuu waan ani hin jaallanne nan
hojjedha” jedha.
Ani har’a amantoota akka phaawuloos seeraa wajjin qabsoo hadhaa’aa akkasii
qaban, warra ana nama gadadamaa, qaama du’aa kana irraa eenyutu adda na baasa
jedhanii iyyaniif nan barreessa. Kun yoo iyya keeti ta’e, kun keessumaa siif
barreeffame. Namichi achi keessaa si baasu Yesuusiidha. Ayyaanni isaa inni
dinqisiisaan nama gadadamaa kamiyyuu ni fayyisa. Gargaarsa dhabuu kee, dadhabbii
fi haalotaaf saaxilamuu kee hundumaa keessatti, Yesuus ija isaa isa gara
laafummaatiin gara kee ilaalaa akkas siin jedha; “himattoonni kee sun eessa jiru?
Isaan tokko iyyuu si hin hadheessine moo? Anis sin hadheessu. Egaa dhaqi
lammaffaas deebitee cubbuu hin hojjetin. Yeroo yaada, dubbii fi gocha keetiin kuftu
hundumaa amantiidhaan dubbii si haaressu kana fudhadhu; amma warra kan Kiristoos
ta’an irra hadheessaan tokko illee hin jiru. Yeroo Yesuus fannoo irratti du’e,
hadheessaan kee hundinuu isa irra kaa’ameera. Har’a jireenya mo’ichaa
jiraachuudhaaf ati bilisa. Kunis sababii seerichaaf abboomamteef utuu hin taane,
sababii amantii isa dhiiga Yesuus fi qajeelummaa isaatiif abboomamteef.
Yeroo yaada, dubbii fi gocha keetiin kuftu hundumaa amantiidhaan
dubbii si haaressu kana fudhadhu; “amma warra kan Kiristoos ta’an irra
hadheessaan tokko illee hin jiru”.
Phaawuloos akkas jedha “sababii nama fooniitiif seerri hojii isaa hojjechuu
dadhabe; waaqayyo ilma ofii isaatii ergee cubbuu isa nama foonii keessaatti farade;
ilmi isaa kun foon foon isa namni cubbamaan uffatu uffatee cubbuu balleessuu dhufe.
Kan seerri hojjechuu hin dandeenye, waaqayyo ilma ofiisaatii erguudhaan
hojjeteteera. Seerichi nuyi warra gadadamoo turre sana nu fayyisuu hin dandeenye.
Inni hojiin isaa nu hadheessuu qofaadha. Waaqayyoo garuu yakka, adabaa fi
hadheessaa cubbuu keenyaaf nutti dhufe hundumaa gaara fannoo golgootaa (calvary)
sana irratti dhagna Yesuus irra kaa’uudhaan nu fayyise.
Har’a dhaalli kee karaa Yesuus Kiristoos siif kenname yakka, adabaa fi
hadheessaa cubbuu keetii utuu hin taane qajeelummaa, nagaa fi gammachuudha. Kun
karaa waaqayyoo isa ati ittiin milkaa’insa dadhabbii tokkollee hin qabne
dhandhamattuudha. Inni waan hundumaa qooda kee hojjeteera. Amma ga’een kee
amanuu fi fudhachuu qofadha. Sun cubbuu, araadaa fi yaadota sitti hin tolle
hundumaa injifachuun, marsaa jireenya kee hundumaa keessatti waan si hidhate jalaa
baatee karaa ati ittiin mo’icha keessa deddeebituudha. Oduu gaariidhaa? Inni egaa
wangeela Yesuus Kiristoos!

You might also like