Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 45

Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

Seensa

Dizaayinii qulqul’inaa qabuu fi dinagdaawaa ta’ee dhiyaatu mirkaneessuun lubbuu namaa fi qabeenya
irratti balaa gahu hambisuuf ta’uu isaa beekamee qaama dizaayinii qopheessus ta’ee mirkaneessuuf
aangoon yookiin bakka bu’insi kennameef humna namaa gahumsa tekinikaa dizaayinicha qopheessuuf
yookiin mirkaneessuuf barbaachisu osoo hin qabaatiin itti adeemuu waan hin qabneef;

Akkaataa labsii qaamolee hojii raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiidhaan
gurmeessuuf, Labsii,Angoo fi gahee hojii isaanii murteessuuf bahe lakk.213/2011 Keewwata 38 jalatti
ibsameen aangoo fi gaheen hojii Abbaa Taayitaa Konistiraakshiinii Oromiyaatiif kenname keessaa inni
tokko imaammata, tarsiimoo fi seerotni dizaayinii fi ijaarsa gamoowwanii, bishaanii, jallisii, daandii fi
ijaarsawwan kannenii walqabatan akkaataa seerota ijaarsaa bahanii hojii irra jiraniin hojetamaa jiraachuu
isaanii hordofuu fi to’achuun waan barbaachiseef;

Angoo fi gahee hojii Abbaa Taayitaaf kenname hojii itti hiikuu fi industrii konistiraakshinii naannicha
keessatti gaggeefamu hogganuuf dambii fi qajeelfamoota adda addaa baasuu fi hojii irra oolchuun
barbaachisaa ta’ee waan argameef qajeelfamnni kanatti aanu bahee jira.

KUTAA TOKKO
Tumaalee Waliigalaa

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 1


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

1. Mata Duree Gabaabaa


Qajeelfamni kun “Qajeelfama Sirna Qorannoo fi Qophii Dizaayinii Pirojektoota Konstraakshinii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk _____/2012” jedhamee waamamuu ni danda’a.
2. Hiika Jechootaa
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee qajeelfama kana keessatti:
1. “Abbaa Taayitaa” jechuun Abbaa Taayitaa Konstraaksahinii fi Caasaalee isaa sadarkaa
sadrkaan jiran jechuu dha.
2. ”Abbaa Pirojektii” : jechuun nama dhuunfaa yookiin Qamaa Mootummaa Naannichaa yookiin
dhaabbata mit-mootummaa baajata ramaduun Bittaa Tajaajila Gorsaa fi hojii Konistiraakshinii
abbummaan raawwwatu fi sanada Waliigaltee keessatti “Hojjachiisaa” jedhamee kan beekamuu
dha,
3. ”Afaala” : jechuun , qaama gamoo ta’ee dhaabbii lamaan gidduutti kan hojetamu diriiraa
meeshaa fi lubbuu qabeeyyii baachuu kan danda’u/Floor/ jechuu dha.
4. Afaala Qooxii(mezzanine): jechuun olfageeny afaala tokkoo keessa kan jiru fi afaala bal’inni
isaa dhibeentaa afurtama hin caallle afaala qabun jechuudha.
5. ”Bishaan Dhugatii”: jechuun bishaan tajaajila dhugaatii namaa,beeyladaa,fi tajaajila namaaf
barbaachisu fi akkaataa staandardii WHOtti qulqulinaa isaa kan eeggate jechuu dha.
6. ”Boolla Bishaanii”: jechuun boolla tajaajila adda addaatiif meeshaalee(Ring)
fayyadamuudhaan bishaan lafa keessaa baasuu yookiin qaamole bishaan daddabarsan lafa
keessaa galchuudhaan boolla qotamu jechuudha.
7. ”Bo’oo Lolaa” (ditch): gosa ijaarsaa yaa’a bishaanitiif qarqara daandiitti yookin qarqara
ijaarsatti ijaaramu yookin yaa’a bishaan haftee jalisiif dhagaa yokiin konkriitii irraa ijaaramuu
danda’u dha.
8. ”Daandii”: daandii jechuun ijaarsa iddoo lamaa fi isaa ol walqunnamsiisuu
danda’u kan konkolaattoni irra deddebi’uu danda’anii fi akkaatuma ijaarsa
isaatin daandii koobilistoonii ,daandii cirrachaa fi daandii asphaaltii
jedhamuu dhanda’a.
9. Dambbii: jechuun labsii aangoo fi gahee hojii abbaa taayitaa konstraakshinii Mootummaa
Naannoo Oromiyaa lakka 213/2011 raawwachiisuuf bahe jechuudha.
10. “Darbii ”: jechuun kutaa gamoo ta’ee afaala lama giduu yookiin hojjaa afaala fi dimdimoo
yookin tishoo gidduu jiru jechuu dha.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 2


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

11. “Dizaayinii”: jechuun sanada pilaanii, gosa, bal’inaa fi hanga ijaarsaa, galteewwanii fi
hojimaata ijaarsaa agarsiisuu fi akka bu’uuraatti fayyadu yoo ta’u, wixineewwan fakkasa
yookiin moodeloota arkitakcharaa, istiraakcharaa, elektiriikaa, mekaanikaalaa, saanitarii,
haydirolikaalii, ittisa balaa ibiddaa fi kan kana fakkaatan hammachuu ni danda’a.
12. “Fooyya’iinsa Dizaayinii ”: jechuun dizaayinii duraan mirkanaa’e gartokkeen jiiruu,dabaluu
yookiin yir’isuu jechuudha.
13. “Gamoo”: jechuun mana jireenyaaf, mana hojiif, waarshaaf, yookiin tajaajiloota
biroo kamiifiyyuu kan oolu ijaarsa dhaabbii yookiin kan yeroo jechuu dha.
14. “Gamoo Ramaddii A”: jechuun fageenya yookiin ball’ina utubaawwan konkiriitii yookiin
sibiilaa yookiin kan biroo lama gidduu jiru meetira 7 fi isaa gadi yookiin gamoo abbaa darbii
lamaa gadii mana jireenya dhuunfaa kamiyyuu kan ta’e jechuudha.
15. “ Gamoo Ramaddii B”: jechuun fagenya yookiin ball’ina utubaawan konkiriitii yookiin
sibiilaa kan biroo lama gidduu jiru meetira 7 ol kan ta’e yookiin gamoo abbaa darbii lamaa fi ol
kan ta’ee fi gamoo ramaddii “C” jalatti kan hin hammatamne yookiin ramaddii “A” jalatti kan
ramadame misooma manneenii kanneen akka ’Real state’ jechuu dha.
16. “Gamoo Ramaddii C”: jechuun gamoo tajaajila uummataatiif oolu yookiin gamoo dhabbataa
ta’ee warshaa, workishooppii yookiin lafa irraa hanga darbbii dhumaatti kan dheerinni isaa
meetra 12 oli ta’e gamoo kamiiyyuu jechuu dha.
17. Heeyama Ijaarsaa: jechuun qaamnni yookiin dhaabatnni ijaarsa gamoo gaggeessuuf batbaadu
tokko ulaagaalee ijaarsa gamootiif barbaachisan guutuun qamaa gamichi akka ijaaramu
heyyamuuf aangoo qabutti ragaa gamachi dhiyeessun heyyam kennamu jechuu dha.
18. ”Hidha”: jechuun ijaarsa laga irratti ijaaramu fi bishaan lagaa dhaabuun tajaajila bishaan
dhugaatii,jallisii fi madda humna ibsaatiif oolchuuf,meshaalee filatamoo naannoo irratti
argamaniin yookiin dhagaan yookiin ‘concrete’n kan ijaaramu jechuudha.
19. ”Ijaarsa Ittisaa”:- jechuun gosa ijaarsaa sigiga lafaa, foxoqii’insa lafaa fi lolaa ittisuuf dhagaa,
koonkritii, kan biroo irraa ijaaramu kan danda’u jechuudha.
20. Ijaarsa Heroo: jechuun ijaarsa gamoo, hojiiwwan bishaanii fi daanddii ta’ee yeroo murtaa’eef
lafa bakka heyyamameefii irratti ijaaramee kan diigamu jechuudha.
21. ”Jallisii”:- jechuun ijaarsa madda bishaanii laga,burqaa,lolaa fi bishaan lafa keessaa gara lafa
misoomaa qonnaaf oolutti dhiyeessuu jechuu dha.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 3


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

22. “Labsii”:- jechuun Labsii aangoo fi gahee hojii Abbaa Taayitaa konsitrakshinii Mootummaa
naannoo Oromiyaa murtessuf bayee Lakk 213/2011 jechuu dha.
23. Mada Bishaanii: jechuun bishaan tajajila dhugaatiif, jallisiif fi humna ibasaatiif lafa irraa
yookiin lafa keessaa kan maddu jechuu dha.
24. ”Mirkaneessuu”:- jechuun Abbaan Taaytichaa, Dizzaayinii ijaarsa pirojektotaatiin
walqabatan yookiin gaaffiiwwan iyyataan dhiyaatan ilaalchisee, sanadaa fi ragaa abbaa
pirojektii irraa dhiyaatu sakatta’uudhaan, istaandaardoota, koodota, seerotaa fi sadarkaalee
bittaa konistiraakshinii waliin kan walsimatu, fedhii fi faayidaa ummataa fi mootummaa
naannichaa kan eegsisu ta’uu isaa yoo murteesse, gaafiin dhiyaate fudhtama argachuu fi
hayyamamuu isaa barreeffamaan ibsuudhaan mallattoo ogeessotaa fi daarikteera dhimmi
dhimmi ilaallatuu fi chaappaa Abbaan Taaytichaatiin raggaasisuu dha.
25. “Pilaanii”:- jechuun ragaa hanga gamoo tokkoo, akaakuu fi ballina, akkasumas meeshaa fi
dizayinii tooftaa ijaarsaa gamoo agarsiisu yookiin moodela yoo ta’u arkiteekicharii,
istiraakicharii, saanitarii, elektiriika, mekaanikaala ta’ee ittisa balaa ibiddaa fi hojiilee
dizaayiini biroo ni dabalata.
26. ”Pilaanii haadhoo”: jechuun pilanii itti fayyadamaa fi sadarkaa lafa magaala kan ibsu jechuu
dha.
27. ”Pilaanii Iddoo” : jechuun iddoo yookiin bakka qabiyyee nama tokkoo fi yookiin dhaabbata
tokkoof kenname kan ibsu jechuu dha.
28. ”Pirojektii”:- jechuun hojii ijaarsa kan calqabaa fi xumura qabu baajata murtaa’adhaan iddoo
murtaa’atti faayidaa murtaa’e tokkoof kan ijaaramu jedhuudha.
29. ”Qaama Bakka Bu’e”:- jechuun labsii, dambiii fi qajeelfama Abbaa Taayitaa raawwachiiisuuf
dhaabbata yookiin qaama bakka bu’e jechuu dha.
30. ”Qorannoo”:- jechuun galteewwan ijaarsa pirojektiitiif oolan guuruun
bu’uuraLabsiiwwan,istaandaarddootaa fi manuwaalota irratti hundaa’uun raagaa fi odeeffannoo
guuruu fi xiinxaluudhaan gabaasa yaada murteef gargaaru dhiyeessuu jechuu dha.
31. “Riil Isteetii”:- jechuun gamoowwan gurgurtaaf yookiin kiraadhaaf yookiin tajaajila liiziitiif
oolan bu’uraalee misoomaa barbaachisaa ta’an wajjiin iddoo muraa’e tokkotti kan ijaaraman
jechuu dha.
32. ”Riqicha”:- jechuun qaama ijaarsaa iddoo bishaanii yookin yaa’a lagaati fi lafa sulula ta’e
ce’uudhaaf gargaaru kan dheerinaa (span length) meetira jaha ol fi bal’ina mataa isaa kan qabu
jechuu dha.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 4


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

33. “Sanada” jechuun qorannoo pirojektii yookiin dizaayinii ijaarsaan walqabatee ragaa barbaachisaa
ta’e yookiin pilaani qophaa’e, tilmaama gatii yookiin ragaa dhimma teeknikaa kamiiyyuu kan
ibsu jechuu dha.
34. “Waligaltee Pilaanii”:- jechuun ragaa ijaarsa gamootiif qophaa’u ta’ee pilanii magaalaa waliin
kan walsimu ta’uu isaa mirkaneessuuf hanaga yookiin bal’ina karoorfame kan agarsiisu jechuu
dha.
3. Daangaa Raawwatinsaa
Qajeelfamni kun,
1. Abbootii pirojektii, kontraakteroota, gorsitoota, ogeessota, dhiyeessitootaaa fi dhaabbilee
hojii qorannoo fi dizaayini ijaarsa pirojektota naannicha keessatti bobba’an irratti
raawwatiinsa ni qabaata.
2. Pirojektootaa konistiraakshinii baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin, maallaqa
hirmaannaa uummatatiin, maallaqa deegarsa feederaalaatiin fi maallaqa deegarsa biyya
alatiin hojetaman hunda irratti raawwatiinsa ni qabaata.
3. Pirojektoota abbootii qabeenyaa, investeroota, dhabbilewwan namoota dhuunfaan
ijaaramanii tajaajila ummataatiif oolan, iduustirii fi ‘real state’ waliin qabatee ijaaraman
irratti raawwatiinsa ni qabaata.
4. Pirojektoota haaraa,kan ijaarsa irra jiranii fi kan xumuramanii fooyya’insa barbaadan hunda
irratti raawwatiinsa ni qabaata.

4. Qajeeltoowwan Bu’uura Dizaayinii


1. Dizaayiniin Ijaarsa pirojektii gorsaa yookiin qaama seera qabeessa ta’een qophaa’u fedhii
abbaa pirojektichaa guutummaa guutuutti kan eegee hojetame ta’uu qaba
2. Dizaayiniin qophaa’u galteewwan meeshaa ijaarsa naannootiin, toftaawwan qophaa’insa
dizaayinii hammayaa fi gatii madaalawaa kan eege qophaa’e ta’uu qaba
3. Dizaayiniin qophaa’u fayyummaa fi nageenyummaa fayyadamtoota kan mirkaneessu ta’uu qaba
4. Dizaayiniin qopha’u kamiyyuu kutaa hawwasa kamifiyyu keessatti qaama miidhamtoota
akkaataa fayyaduu dada’uun hojetamuu qaba.
5. Dizaayiniin qopha’u kamiyyuu umama irratti dhiibbaan qaqqabsiisu xiqqaa ta’uu qaba.
6. Kan keewwata kan keewwata xiqqaa 1-5ti ibsaman akkuma jirutti ta’ee pirojektichi gamoo yoo
ta’e;
a) Aadaa fi duudhaalee hawwaasa naannoo fi umama naannoo wajjin kan walsimu ta’uu qaba.
b) Qaamnni gamoo keessaa fi alaa kan nama hawwatu ta’uu qaba.
c) Meeshaaleen qaamani gamoo alaa irraa hojetamu kan ija namaatti balaqaa’e kan hin meene
ta’uu qaba.

KUTAA LAMA
Sirna Mirkaneessa Qorannoo Fi Qophii Dizaayinii
Pirojektoota Gamoo

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 5


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

5. Qorannoo Bu’a-Qabeessummaa Piroojektootaa Gamoo


1. Abbaan pirojektii kamiyyuu qorannoo bu’a qabeessummaa yeroo gaggeessu akkaataa armaan
gadiitiin qopheessuu qaba;
a) Abbaan pirojektii ijaarsa pirojektoota mootummaa gaggeessu hojii qorannoo
pirojektchaatti osoo hin seenin abbuurraa (TOR) istaandaarddii isaa eegate akkaataa
karooraatiin abbaa taayitichaaf dhiyessee mirkaneessuu qaba.
b) Qaamni qorannoo geggeessu kamiyyuu kutaa hawaasa koorniyaadhaan osoo adda hin
qodiin, qaama miidhamtoota, jaarsolii fi abbootii amantaa dabalatee naannoo ijaarsi
piroojektichaa itti geggeefamuu yoo xiqqaate marsaa tokkof hirmaachisuu fi mariisisuu
qaba.
c) Akkaataa kewwata kana kewwata xiqqaa (b) jalatti eerameen bu’aa qabeessummaa fi
akkaataa barbaachisummaa isaatiin sadarkeessuun piroojektiin dursi kennameef adda
bahee qaama qorateen ulaagaa baraachisoo ta’an irratti hundaa’ee dhiyaachuu qaba.
d) Akkaata keewwata kana kewwata xiqqaa (b) fi (c) tiin qorannoon bu’a qabeessumma
piroojektii yoo hin dhiyaanne qoranichi mirkanaa’ee sadarkaa qophii dizaayiniitti hin ce’u.
2. Abbaan pirojektii kamiyyuu osoo dizzaayinii hin qopheessin dura akkaataa barbaachisummaa
isaatti sakatta’iinsa dhiibbaa naannoo buu’ura armaan gadiitti ibsameen Abbaa Taayitaaf
dhiyeessuu qaba.
a) Qorannoon sakatta’insa dhiibbaa naannoo labsii eegumsa naannoo 295/2002, 299/2002,
300/2002, 513/2007 fi qajeeltoo sakatta’insa dhiibbaa naannoo (EIA Guide lines) (may
2000 EIA procedural guidlines Nov 2003), pilanii manajimentii kunuunsa naannoo
eeggateen haala guutuu ta’een dhiyaachuu qaba.
b) Keewwata kana keewwata xiqqaa (a) jalatti kan eerame akkuma jirutti ta’ee qaamni
yookin dhaabbani qorannoo gaggeessu kamiyyuu qaama seera qabeessa fi muuxannoo
gahaa ta’ee kan qabu ta’uu qaba.
c) Qorannoon keewwata kana keewwata xiqqaa (a) jalatti caqafame kun qaama akka
mirkaneessuuf aangoon kennameefin mirkanaa’ee dhiyaachuu qaba.
d) Akkaataa qorannoo sakatta’insa dhiibbaa naannootiin piroojektichi hawaasaa fi qabeenya
uumamaa naannoo irratti dhiibbaa kan fidu yoo ta’e osoo hojiitti hin galin dura wixinee
ijaarsa kunuunsa naannoo (Enviromnetal Treatment) dhiyeessuu qaba.
3. Qorannoon ijaarsa pirojektoota gamoo kamiyyuu koodii fi istaandardii biyyoolessaa fooyya’e ES-
EN-2015 akasumas maanuwaalota gamoo barbaachisan irratti hundaa’ee hojjatamuu qaba.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 6


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

4. Qorannoon pirojektii kamiyyuu qoratamee waggaa lama yoo darbe fudhatama hin qabu.
a) Haata’u malee qorannoon waggaa lamaa olif osoo hojiitti hin hiikamin ture, piroojektichi
barbaachisaa ta’ee yoo argame bifa haaraadhaan irra deebi’amee haala qabatamaa yeroo
giddu galeessa godhatee qoratamuun mirkana’ee bajetnni kan itti qabamu ta’a.
b) Keewwata kana keewwata xiqaa (a) jalatti kan caqafame akkuma jirutti ta’ee qorannoon
waggaa lama booda geggeeffame bu’a qabeessummaa kan hin qabaanne yoo ta’e kan
haqamu ta’a.
c) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa (a) jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee qorannoon
soo hin mirkanaa’in waggaa lama darbe erra debiin fooyya’ee(revise) ta’ee hojjetamee
mirkanaa’uu qaba.
5. Ulaagaalee qabiyyee sanada qorannoo pirojektoota ijarsa gamoo ittiin sakatta’amu kan gabatee
armaan gadii keessatti ibsamn ta’a.

Lakk Ramadi Gamoo Ulaagaa sanadni qorannoo guuttachuu qabu


1
Gamoo ramadii ‘A’ ------------------------

2 Gamoo ramadi ‘B’  Qorannoo sakatta’insa dhiibbaa naannoo, akkaataa qajeeltoo eegumsa
naannootiin.(envaromental protection guidlines)
 Riil isteetii fi manneen jireenyaa waliiniitiif (Real States and
Condominums) EIA fi qorannoo biyyee ni barbaachisa.
 Gamoon dhuunfaa mana jireenyaa tiif oolu qorannoo biyyee qofa
barbaachisa.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 7


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

 Manneen tajaajila uummataa, tajaajila fayyaa mana barumsaaf fi kkf


Qorannoon bu’a qabeessummaa haala keewwata 4.2 jalatti
3 Gamoo sadarkaa C tarreeffameen dhiyaachuu qaba.
 Gamoowwan kuusaaf olaan, hospitaalota, gamoowwan tajaajila
walmakaaf oolan(mixed use) ,ijaarsa dhabamsiisa balfa adda addaa
( solid and liquid waste disposal structure),warshaalee adda addaa fi
manneen hojii mukaa, hojii sibiilaa fi kan kan fakkaatan dabalatee
qorannoo sakatta’insa dhiibbaa naannoo, akkaataa qajeeltoo eegumsa
naannootiin.(envaromental protection guidlines) dhiyeessuu qaba.

Hubachiisa: Qorannoon biyyoo gamoo ramaddii B fi C jalatti ramadaman hundaaf qophaa’ee


dhiyaachuu qaba.

6. Sirna Qophii fi Mirkaneessa Dizzaayinii Pirojektoota Gamoo


Waliigaltee Pilaanii
1. Ijaarsa Gamoo haaraa, babal’insa fi fooyya’insa gaggeessuuf qaamnni yookin dhaabatni
barbaadu dizaayiniin gamichaa osoo hin qopheessiin dura unka lakk 001 guutee iyyannoo isaa
waliin dhiyeessun walii galtee pilaanii Abbaa Tayitaa irraa fudhachuu qaba.
2. Qaamnnii yookiin dhaabbatnii waliigaltee pilaanii gamoo ramaddi kamiifuu fudhaachuuf
gaafatu ragaalee armaan gaditti ibsaman iyyannoo isaa wajjin dhiyyefachuu qaba.
a) Waraabbii kaartaa mirkaneessa qabiyyee lafaa odeeffannoo guutuu fi sirrii ta’ (Title Deed),
b) Qabiyyee liizii yoo ta’e waliigaltee liizii ; waliigaltichis ji’a jaha yoo darbe haaromsuun
dhiyeessu,
c) Unika 002 irraatti guutamee mallattaa’ee kan dhiyaatu waliigltee daangesitootaa.
3. Kewwata kana keewwata xiqaa (2) jalatti kan ibsaman akkuma jiritti ta’e daangessaan unka
wali galtee ijaarsa daangaa irraa guutuuf fedhii hin qabne sababa amansiisaa unkicha guutuu hin
dadeenyeef guyyaa hojii sadii hin caalle keessatti Abbaa Taayitichaaf yookiin qaama bakka
bu’eef bareefamaan dhiyeessuu qabu. Abbaan Taayitichaas sababa dhiyaate kana
xiinxaluudhaan murtoo itti kenna.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 8


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

4. Daanggessaan bu’uura kewwata kana keewwata kana keewwata xiqqaa (3) jalatti ibsameen
komii isaa yeroo ibsame keessatti dhiyeefachuu baatus, ijaarsi mirga daangessa akka hin
dhiibinne mirkaneefachuun waliigaltee daangessaa ala heyaama ijaarsaa daangaa irraa kennu ni
danda’a. Haata’u malee wayita ijaarsaa, daanggessaa irra miidhaa gahuuf abban gamoo kan itti
gaafatamu ta’a.
5. Odeeffannoo yookiin heyyama ijaarsaa daangaa irratti kennameef daangessan sirrii miti jedhee
komii isaa yoo dhiyeeffate, abbaan tayitaa komii kana xiinxalee hubachuun guyyaa hojii shan
(5) hin caalle keessatti murtii itti kennuu qaba.
6. Armaani olitti kewwata kana keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti kan ibsame akkuma
jirutti ta’ee iyyannoon walii gallttee pilanii argachuuf dhiyaatu ijaarsa gamoo duraanii
foyyessuu yookiin babal’isuu/dabaluuf yoo ta’e ,
a) Waliigaltee pilaanii duraanii
b) Heyyama ijaarsa duraanii
c) Waraabbii dizaayinii/pilaanii gamoo duraan mirkanaa’ee kennamee
d) Taa’umsa gamoo duraanii kan agarsiisu pilaanii iddoo(site plan),
e) Ragaa qulqulleessa ‘idaa’ fi dhorkaa irraa bilisa ta’uu, yoo kaartaan qabameera ta’e
immoo qaama yookin dhaabbata kaarticha qabate irraa xaalayaa deeggarsaa
7. Ogeessi Abbaa Tayitaa yookiin qaama bakka bu’ees sanadoota waliigaltee pilaanii armaan
olitti ibsaman guutamee dhiyaachuu isaani erga mirkaneefatee booda sirrumaa isaanii
ulaagalee pilaanii haadhoo istraakchera magaalotaa(Towns structural plan) , labsii,dambii fi
qajeelfama gamoo akasumas istaandardota konstraakshinii magaalaa bu’urefachuun
gamagamee ni mirkaneessa.
8. Haaluma kewwata kana keewwata kana keewwata xiqqaa (7) jalatti ibsameen ogeessi walii
galttee pilaanii kennus sanadoota abbaa dhimmaatiin gutamanii dhiyaatan yeroo guyyaa sadii(3)
hin caalle keessatti gamagamee xumuruudhaan kanfalttii tajaajila qarshii dhibba sadii (Qr. 300)
abbaa dhimmaa kanfalchiisuun waliigaltee pilanii mirkana’ee chaapaa mana hojichas itti
taasisee kennuu qaba.
9. Waliigalteen pilaanii abbaa qabeenyaaf kenname guyyaa bahii ta’ee kenname irraa kaasee baatii
12 qofaaf kan tajaajilu ta’a.
7. Dhiyeessa Diizayinii/Pilaanii Pirojektoota Gamoo

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 9


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

1) Qaamnnii yookiin dhaabbatni dizaayinii gamoo ramaddii kamiifuu akka mirkanaa’uuf Abbaa
tayitaa yookiin qaama bakka bu’eef dhiyeessu dursee waliigaltee pilaanii qabaachuu isaa
mirkaneefachuu qaba.
2) Qaamnni yookin dhaabatni pilaanota gamoo akka mirkaneefamuuf Abbaa Taayitaatti
dhiyeessu kamiyyu akkaataa walxaxinsaa fi ramaddii gamoo irrattii hundaa’uun sanadoota fi
pilaanota armaani gaditti tarreefaman dhiyeffachuu qaba.
a) Gamoo ramaddii hundaaf: ragaa walii galttee dhaabbata yookiin gorsa dizaayinicha qopheessu
wajjiin taasise, ragaa mirkaneessa oggummaa dhaabbata gorsa fi ogeessotaa,/Agreement,Office
and professional lisence/ kan bara bajataattii haroomee ,lakkoofsa tiinii (TIN number) fi ragaa
gibiraa,
b) Unka 003 dirqama gorsaa dizaayinii qopheesse galuu qabu kan gorsaa fi ogeessota dhaabbata
goraatiin kan malattaa’ee chapeffamee
c) Gamoo ramaddii hundaaf: Sagantaa hojii ijaarsichaa/Work scheduls/
d) Ijaarsa pirojektoota gomoo rammaddii “B” ,gomoo rammaddii “C”, ijarsa industrii zoonii fi
ijaarsolee walxaxaa ta’an biroof gabaasa bu’aa gamaggama dizaayinicha (‘design reviewed
report’),
e) Dhabbatni gorsaa dizaayinii gamichaa qopheessu miidhaawwaan fi hir'inoota uumamuu
danda'aniif dhaabbata wabii beekamaa irraa ragaa wabii inshuraansii dhiyeessuu qaba.
f) Gosni fi hangi wabiichaa akkaataa dambii gamoo lakk.156/2005 Keyyata 23 keeyyata xiqqaa
5 bu'uura ibsameen akka arman gadiitti ta'a.

Tilmaama Hanga wabii Baaxii hanga Yeeroo wabiin itti Dhiyeessa wabii
Lakk Gosa Ramaddii proj /qr./ %dhaan. wabii turu
Gamoo arshiidhaan
1 Riilsteetiin ala 500,000 Ijaarsiicha guyyaa Dhaabbata
gamoowwaan Dhibbantaa xumurame jalqabee inshuraansii
ramaddii “B” 5,000,000 kudhan (10%) hangga waggaa beekamaa irraa
ta’aniif tokkootti kan turu osoo projektiin
yookiin guyyaa 365f hin jalqabiin
2 Riilsteetii fi 2,500,000 Dhibbantaa 20 500,000 Ijaarsiicha guyyaa Dhaabbata
gamoowwaan 10,000,000 Dhibbantaa 15 1,500,000 xumurame jalqabee inshuraansii
ramaddii “c” hangga waggaa beekamaa irraa
ta’aniif 20,000,000 Dhibbantaa 10 2,000,000 tokkootti kan turu osoo projektiin
fi isaa ol yookiin guyyaa 365f hin jalqabiin

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 10


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

3. Kewwata kana kewwata xiqqaa 2(d) jalatti akkaataa ibsameen tilmamnni gatii proojektii
gatiiwwaan ramaddii gamoo lamaaf taa’e gidduu yoo ta’u baay’inni wabii inshuransiin kan
herreegamu isa olaanaa safara dhibbentaa madaaluun gatii proojeektichaatti bay’iisuudhaan
ta’a.
4. Armaani olitti kewwaata xiqqaa (2) jalatti kan tarreefaman akkuma jirutti ta’ani dizaayinootni
gamoo istaandardii fi koodii biyoolessaa ‘ES EN-2015’ irraatti hundaa’anii gorsaa galmaa’een
qophaa’an haala armaan gaditti ibsamaniin dhiyaachuu qabu.
a) Gamoo ramaddii “A” kanneen uwwisni baaxiin isaanii ‘concrete’ hin taaneef: pilaananota,
Arkitekchera,Elektrikala fi tarreefama hojii fi ispesifikeeshinii (BOQ) yoo ta’an gamoo
uwwisni baaxiin isaanii ‘concrete’ kan ta’anif dizaayinii/pilaanii istrakchera fi saaniteraa
dabalataan dhiyeessuu qaba.
b) Gamoo ramaddii “B” tiif pilaanii fi gabaasa Arkitekcheraa, Istraakcheraa, Elektiriikaalaa,
sanitarii, bu’aa qorannoo biyyee fi ispesifikeeshinii fi tarreefana hojii (BOQ) dhiyaachuu
qaba.
c) Gamoo ramaddii “C” tiif Pilaanii fi gabaasa Arkitekcheraa, Istraakcheraa, Sanitaraa,
Elektrikaalaa fi ‘3D’ , yoo ta’an ,gabaasa qorannoo biyyee, gamoo liftii fi meeshaa nam-
tolchee qilleensa hafarsuu(mechanical Ventilation) fayyadamaniif pilaanii fi gabaasa
Elektromakanikaalaa akasumas tarreefama hojii (BOQ),
d) Pilaanii ijaarsa gamoo babal’isuu,dabaluu yookin fooyyessuuf yoo ta’e ,gamagama
dizaayinichaaf akka toluuf ,pilaanota gamoo duraan mirkanaa’an (abbaataayitichaa biratti hin
mirkanoofnnee yoota’e), gabaasota dizaayinii(design reports) duraanii, qaama ilaalatu irraa
ragaa hordoffii, akka barbaachisummaa isaatti bu’aa laabraatorii ijaarsa istraakcheraaf
taasifame fi kanneen kana fakkaatan dabalataan kan dhiyaatan ta’a.
5. Dhiyeessi dizaayinotni gamoo kan keewwata kana keewwata xiqaa (4) jalattii tarreefaman
akkuma jirutti ta’anii, gamoo ramaddii ‘A’ fi ‘B’ osoo ‘Real State’tii hin dabalanne waraabbii
4 ta’ee, akka barbaachissummaa isaatti waraqaa ‘A3’ fi isaa ol qopha’ee piriintii halluu
cuquliisan (Blue Print) yookiin waraqaa adii ‘A4’ tiin qophaa’ee gorsaa dizaayinichaan
mallataa’ee fi chappefamee dhiyaachuu qaba.
6. Gamoo rammaddii ‘C’ fi kanneen walxxaxaa ta’aniif wixineen dizaayinii jalqabaa (first draft)
Arkiteekcheralii /soft copy in designed software format and hard copy/ fi waraqaa adiitiin
dursee dhiyaachuu ni danda’a.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 11


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

7. Sanadootaa fi ‘BOQ’n barreefama waraqaa A4 tiin kan dhiyaatu yoo ta’u, gorsaan dizaayincha
qopheesse pilaanota gamoo ramaddii ‘B’ fi ‘C’ tiif koppii elektrooniksii (soft copies in CAD
format) fi bu’aa xiinxala ‘software’ guutuu ta’e/ full packedge of used software analysis
results/ abaan pirojektii abbaa tayitaaf dhiyeessuu qaba.
8. Dizayiniin fi sanadii walfakkaatan abbaa dhimmaatiin dhiyaatu afaan Ingiliffaa yookiin Afaan
Oomootin kan qopha’e ta’uu qaba.
8. Gamaaggama Dizaayinii Pirojektoota Gamoo
1. Akkaata kewwata xiqqaa 7(2 ) armaan olii jalatti ibsamaniitti qindeessaan yookiin
daayireekterri mirkaneessa dizaayinii bakka bu’e sanadootaa fi dizaayinota abbaa dhimmaatiin
dhiyatan sirrummaa fi guttummaa isaanii erga mirkaneeffatee booda galmeesse ogeessota
gamagama dizaayiniitiif ni raabsa.
2. Ogeessi gamagama dizaayinii Abbaa Tayitichaas bu’uura gahee hojii isaattiin sanadootaa fi
dizayinoota gamoo qindaa’anii dhiyaatan akkaataa labsii, dambii, qajeelfaama, koodii fi
istaandarddii gamoo ‘ES EN-2015’ akkasumas maannuwaalota fi seerota konistraakshinii
bu’uurafatamee qophaa’uu isaanii ni gamagama.
3. Ogeessi gamaggma pilaanii gamoos akkaataa ramaddii gamootiin yeroo kennameefii keessatti
gamaggamee xumuruu qaba.yeroon gamagama dizaayinii iiti xumuramu akka armaan gadiitti
ibsamaniiru,
a) Gamoo ramaddii “A” jala jiraniif gamaagamnni pilaanii yeroo guyyaa hojii 3 hin caalle
keessatti raawwatamuu qaba.
b) Gamoo ramaddii “B” jala jiraniif gamaagamnni pilaanii yeroo guyyaa hojii 5 hin caalle
keessatti raawwatamuu qaba.
c) Gamoo ramaddii “C” fi gamoo ramaddii “B” keessatti kan hammataman pilaanota gamoo riil
steeti yeroon gamagama pilaniin isaanii guyyaa hojii 14 kan hin caalle ta’uu qaba.
4. Ball’inaa fi walxaxiinsa projektichaa irraa kan ka’e yeroo hojii dabalataa barbaadamuuf Abbaan
Taayitaa yookin qaamni bakka bu’e unka 004 guutuun guyyaa dabalataa gamaggama pilaaniif
baarbaachisu abba pirojekticha xalayaadhaan gaafachuu ni danda’a.
5. Buu’ura armaan olitti ibsamaniin oggeessi gamagama dizaayinii yeroo kaa’amee keessatti
dizaayinoota dhiyaatan gamagamee xumuruu qaba. Dizaayinotnni gamagamanis hanqinaalee
bu’uuraa yoo qabaatan sirreeffamanii akka dhiyaatan yaada sirreefamaa barreessee
xalaayaadhaan abbaa dhimmaaf ni kennama.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 12


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

6. Pilaaniin ijaarsa pirojektoota akka gamaggamamee mirkanaa’uuf dhiyaatu, istaandardii fi koodii


gamoo biyyolessaa (ES EN 2015), Labsii fi Dambii gamoo akasumas qajeelfama jiruun kan wal
hin simne yoo ta’e kufaa ni tasifama.
7. Abbaan dhimmaa yookin abbaa pirojekktii ijaarsa gaggeessaa jiruuf fooyye’iinsa pilaanii
taasisuuf yoo barbaadee osoo ijaarsa hin jalqabiin dura unka iyyannoo fooyya’insa pilaanii 005
guute waliin, waliigaltee pilaanii duraan kennameef ,heyyama ijaarsaa duraanii,
pilaanii/dizaayinii duraan mirkanaa’ee, gabaasa dizaayinii duraani ,bu’aa qorrannoo biyyee,
gabaasa hordiffii ijaarsa duuranii fi kan kana fakatan diizaayinii fooyya’e waliin walqabsiise
Abbaa taayitichaatiif dhiyeessuu qaba.
8. Kewwat kana keewwata xiqaa (7) irratti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, gosa ijaarsaa Abbaan
Taayitaaf beeksisuu osoo hin barbaachisiin unka 006 guutuu qofaan ijaarsa gamoo fooyyessuu
ni danda’a. Haata’u malee abbaan pirojektii waantota abbaa tayitaatiif osoo hin beeksisiin
hojiiwwan gaggeessuu danda’u kanneen armaan gadiitti armaan gadiitti eeraman ta’a.
a) Wixinoota irraanfataman diizaayiinii istraakcheerii fi arkitekchera irratti jijiirraa bu’uuraa kan
hin fidnee guutuu taasisuuf,
b) Yeroo ijaarsaas dhiibbaa kan hin umne safarrii irraanfatame sirreeffamni kan taasifameef.
c) Dogonggoraa fi hirr’ina safara pilaanii irraa yoo ta’e.
d) Dhaabbii (gorroo) qoodduu kutaalee keessaa (partition wall) meeshaa ulfaatina hin qabneen
ijaaru.
e) Diizaayinii osoo hin faallessin hojii jijjiirraa sarara elektirikaa
f) Kutaalee keessaa bareechuu
g) Dizaayinii yookiin Pilaanii gartokkeen yookiin guutummaan ibsamee, istandaardii kan qaban
safartuun isaaniikan hin ibsamne bu’aa warshaalee irraa argaman.
h) Wixinee irratti wayita ijaarsaa Mahaandisichaan akka murtaa’aniif hojiiwwan ibsaman.
i) Afiinsa seeraamikii afaalaa gamoo tajaajila ummataa ala ta’aniif.
j) Hojii meeshaalee uwwisaa guutuu manaa, tishoo yookiin dimdimmoo (ceiling), Ashandaa
(down pipe) fi goraandayo (gutter),
k) Hojii bareecha dallaa keessaa hojii istiraakcharaa osoo hin faallessiin boca arkiteekcharaalaa
(Architectural form) kan hin jijjirre dibinsa halluu keessaa, jijjirraa fuullee (alumunium work),
istaandardii isaa eegate, ulfaatina salphaa kan qaban irraa kan ijaaramanii gorroo kutaa keessaa
(partition wall) fi hojii jijjiraa walqunnamsiiftuu elektirikaa fi saanitera.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 13


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

9. Abbaan pirojektii ijaarsa sadarkaa sadarkaa yookin “Phase by Phase” ijaaruuf pilaanii gorsaa
galmaa’een qopheeffatee akka mirkanaa’uuf dhiyeesssee mirkaneesifachuu ni danda’a. Ogeessi
Abbaa Tayitichaas pilaanii ijaarsa gamoo sadarkaa sadarkaadhan akka ijaaramuuf dhiyaate
daangaa olka’insi gamoo /Max. & Min Building Height/ pilaanii haadhoo iddichaa keessatti
taa’e bu’uurefachuudhaan abbaa dhimmaaf tajaajila kennuu ni danda’a.
10. Kewwata kana keewwata kana keewwata xiqqaa (9) irratti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee,
kenninsa waraaqaa ragaa itti fayyadama gamoo fi hojii horddoffii ijaarsichaaf akka mijatuuf
sanadoota heyyama ijaarsaa irratti fi pilaanota ijaarsa sadarkaa sadarkaadhaan akka ijaaramuuf
abbaa pirojektiitiin dhiyaate irratti ifatti ibsamuu qaba.
11. Ispesifikeeshinii fi Tarreefama Hojii (BOQ) dizaayaayinoota abbaa dhimmaan dhiyaatanii
gamaggamaman irratti hundaa’ee qophaa’ee dhiyaatuf ogeessi Abbaa Taayitichaa bu’uura
ogummaa (pirofesional) isaatiin sirrummaa isaa ni gama gamaa, rakkoo dogoggoraas yoo
qabaate sirratee akka dhiyaatus yaada barreefaman abba dhimmaaf ni kenna.
12. Dizaayinii gamagamamee xumurameef kanfalttii tajaajilaa abbaa pirojektiin raawachuu qaba.
Kanfalttiin gamaggama pilaaniis akkaataa gabatee armaan gadiitti kan tilaamamu yoo ta’u
tilmaamnni gatiin ijaarsaa kan shallagamus bal’ina waliigala afaala gamooti (floor area in m 2)
gatii ijaarsaa baay’isuudhaan ta’a.
Lakk. Tilmaama Gatii Ijaarsaa qarshiidhaan Kaffalttii Gamagama Pilaanii
1 Hanga 2,500,000tti Tilmaama gatii pirojektichaa*(1/2000)
2 2,500,000 hanga 5,000,000tti 1,250+ (1/2000*( Tilmaama gatii pirojektichaa-2,500,000))
3 5,000,000 hanga 10,000,000 2,250+(1/3000*( Tilmaama gatii pirojektichaa-5,000,000))
4 10,000,000 hanga 20,000,000 3,920+ (1/3500*( Tilmaama gatii pirojektichaa-10,000,000))
5 20,000,000 hang 50,000,000 6770+(1/4000*( Tilmaama gatii pirojektichaa-20,000,000))
6 50,000,000 ol 14270+(1/5000*( Tilmaama gatii pirojektichaa-50,000,000))

13. Tilmaamnni gatii ijaarsa afaala (floor in m2) gamoo tokkoo kan shallagamu, qorannoo gatii
ijaarsa wayitawaa ta‘ee naannoo ijaarsichi keessatti gagefamu fi ramaddii gamoo irratti kan
hundaa’e yoo ta’u kunis kan qoratamee dhiyaatu Abbaa Taayitaa yookiin qaama bakka bu’een
ta’a.
14. Pilaanii gamoo walfaakaata lamaa fi isaa oliif kafaltii gamaaggama pilaanii kan shallagamu,
gatii ijraarsa gamoo tokkoo fudhachuun fi gatii ijaarsa walii gala gosoota pilaanii kanneen biroo
dhibbantaa kudhan (10%) irratti ida’uudhaan ta’a.
15. Pilaanoota kufaa ta’aniif irra deebi’iin sirreeffamee mirkanaa’uuf kan dhiyaate yoo ta’e
kaffaltiin gamaaggama pilaanii
Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 14
Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

a) Gamoo ramaddii ‘A’ tiif kaffaltii duraan kafalame walakkaa (50%) isaa.
b) Gamoo ramaddii ‘B’ fi ‘C’ tiif kaffaltii duraan kafalame dhibbantaa digdami shan (25%) ta’a.
16. Pilaaniin fooyya’ee mirkanaa’uuf dhiyaate fooyya’insa pilaanii istiraakcharaalaa (Structural
plan) yoo qabaate kanfaltiin gamaaggama pilaaniichaa kan shallagamu akka kanfaltii
gamaaggama pilaanii haaraatti ta’a.
9. Mirkaneessa Diizayinii /Pilaanii
1. Ogeessi abbaa tayitichaa dizaayinoota gamoo yeroo ka’ameefii keessatti gamaggamee
xumuruun, kanfaltiin tajaajila gamaggama rawwachuu isaa erga mirkaneeffatee booda pilaanota
sirreefamanii gorsaa fi ogeessa dizaayinota qopheesseen mallataa’anii fi chaapeffamanii
dhiyaatan sa’aatii sadii hin caallee keessatti mirkaneessee xumuruun qindeessaa gareef yookiin
daarikteeraf dhiyeessuu qaba.
2. Dizaayinootni mirkana’anis waraabbii 1ffaa irratti ‘hayyamameera chaapaa jedhu, waraabbii
2ffaa irrattii “hordoffii qofaaf” chaapaa jedhu itti taasifamee iyyataaf kan kennamu yoo ta’u
waraabbin 3ffaa ‘haftee’ jedhamee galmee abbaa dhimmaatti hidhamu qaba.
3. Dizaayinoota fi sanadoota kewwata kana keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame
mirkanaa’eef abbaan dhimma kanfaltti mirkaneessa dizzaayinii raawwachuu qaba. Kanfaltiin
mirkaneessa dizaayiniis kan heeragamu, kanfaltii gamagama dizaayiniitti zeeroo xuqaa tokko
(10%) itti baay’essuudhaan ta’a.
4. Armaan olitti keewwata kana keewwata xiqaa (1) jalatti akka ibsameen pilaaniin mirkanaa’e
lakkoofsii fi guyyaan itti mirkanaa’e, maqaa fi gahee hojii, mallattoo ogeessa abbaa taayitichaa
fi chaapaan kan itti taasifame ta’uu qaba.
5. Kaffalttiin gorsaa piroojektoota gamoo mootumummaa kan qophii dizaayinii bu’uura
waliigalteetiin gabasa dizaayinii dhiyaate xinxaluun sadarkaa sadarkaadhaan abbaa taayitaaf
dhiyaatee ni mirkanaa’a
10. Mirkaaneessa “Specification fi Bill Of Quantities”(BOQ)
1. Ispesifikeshinii fi BOQ ijaarsa gammoo haaraa ta’ee akka mirkanaa’uuf gorsaadhaan qophaa’ee
yoo dhiyaate ogeessa Abba Taayitaatiin gamgamamee fi qulqulaa’ee yemmu xumuramu
kaffalttiin mirkanessa BOQn kan shallaguun kaffalttii gamagama pilaanii dhibbenta kudhaniin
(10%) baayy’essuudhaan ta’a
2. Ispesifikeshinii fi BOQ ijaarsa gammoo buleeyyii ta’ee kanaan dura BOQn isaa mirkanaa’ee
kan hin kennamn yoo ta’e sadarkaan ijaarsichi irra jiru fi haalli qulqulina fi nageenya ijaarsichaa
mirkaneefachuun gamaggamamee mirkanaa’uu ni danda’a. Kaffaltiin mirkanessa BOQis

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 15


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

tilmaama waliigala gatii ijaarsaaa gorsaadhaan qophaa’ee dhiyaate dhibentaa zero xuqaa zeeroo
lama(0.02%) ta’a.
11. Heyyama Ijaarsaa Kennuu:
Ulaagaalee Heyyama ijaarsa haaraa, babal’insaa/dabalataa fi fooyya’insaa argachuuf guutamuu
qaban
1. Qaamni yookiin dhaabbatni heyyama ijaarsaa argachuuf fedhu kamiyyuu unka 004
gutuudhaan Abbaa Tayittichaaf yookiin qaama bakka bu’eef gaaffii heeyyama ijaarsaa
dhiyeeffachuu qaba.
2. Qaamni yookiin dhaabbatni ijaarsa gamoo haaraa, babal’insa/dabaluu fi fooyya’insaa
gaggeesuuf heyyama ijaarsaa barbaadu kamiyyuu dursee waliigaltee pilaanii fudhachuun
dizaayinii ijaarsa gamichaa Abbaa Taayitaa dhiyeessee mirkaneesisuu qaba.
3. Hojiin ijaarsaa heyyama ijaarsaa itti fudhachuu qaban kanneen armaan gadditti ibsaman ta’u.
a) Hojii ijaarsaa haarawaa
b) Hojii digiinsa qalamaa fi xumuraa ala kan ta’an hojiilee suphaa fi haaromsaa.
c) Baball’inaa fi foyya’iinsa ijaarsaa
d) Hojii diiginsa ijaarsaa
e) Jijjiirraa tajaajila gamoo
f) Ijaarsa yeroo
g) Ijaarsa Dallaa
h) Ijaarsa Halkanii
4. Heyyamni ijaarsaa yeroo murta’e keessatti kennamee ijaarsi murteessaa ta’e (Stractural
member) jalqabu yoo baate abbaan pirojektichaa unka iyyannoo haaromsa heyyama ijaarsaa
guutee abbaa tayitichaaf dhiyeessuu qaba. Abbaan tayitichaas yookin qaamnni bakka bu’ees
sababa dhiyaate qoratee yeroo gabaabaa keessatti murttii itti kennuu qaba.
5. Heyyamni duraan kenname sababa addaatiin akka jijjiiramuuf yoo murtaa’e haaraadhaan bakka
bu’ee abbaa qabiyyeef ni kennama.
6. Heyyamni ijaarsaa laatamee ji’a 6 keessatti sochiin ijaarsaa jalqabamuu baannaan heyyamichi
kufaa ta’a. Sochiin ijaarsaa jalqabameera kan jedhamu qotiinsi boolla bu’uuraa fi ijaarsa
bu’uuratiif qophiin sibiilaa yoo jalqabamuu dha.
7. Heyyamni ijaarsaa kamiyyuu sababoota armaan gaditti mul’ataniin dhorkamuu ni danda’a;
a) Pilaaniin/Dizaayiniin Rakkoo osoo qabuu dogoggoraan kan mirkanaa’e yoo ta’ee argame,

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 16


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

b) Iyyannoon hayyama ijaarsaa odeeffannoo dogoggoraa yoo qabaate,


c) Ijaarsichi fudhatama qabuun olitti mancaatii (faalama) naannoo kan fidu ta’ee yoo bira
ga’ame,
d) Gamoo heyyama ijaarsa argatee manni murtii akka dhorkamuu yookin akka dhaabbatu yoo
ajeje,
e) Keewwata kana keewwata xiqqaa 7(a-d) jalatti kan caqafaman akkuma jirutti ta’ee diizayinii
yookin pilaanii heyyamameefin alatti ijaarsa ijaaree yoo argame,
f) Qabiyyeen heyyamni ijaarsaa irratti kenname waldiddaa qabiyyee qaama biraa wajiin
(overlap) yoo qaabate.
8. Heyyama ijaarsaa osoo hin barbaachiisine ijaarsi gageefamu qaama istraakcheraa kan hin
sochoosne/itti hin buunee fi bifa arkitekcheraa kan hin jijjiirre, qalama keessaa dibuu, daawwitii
jijiiruu, meeshaa ulfaatina hin qabne dagalee kutaalee keessaa qoqqooduu/partition wall/,
meeshaalee ibsaa fi saniiterii duraanii jijjiiruu ta’uu ni danda’a.
12. Heeyyama Hojii Ijaarsa Halkanii
1. Qaamni yookiin Namni galgala sa’aa 1:00 hanga barii sa’aa 12:00 tti ijaarsa geggeessuu
barbaadu unka gaaffi hayyama ijaarsa halkanii 008 guutuudhaan gaafachuu qaba.
2. Heyyamni ijaarsa galgalaa yeroo gaafatamu kanneen gaditti ibsaman kana guutuu qaba.
a) Nageenya jiraattota ollaa kan hin jeeqne ta’uu qulqulleessuu,
b) Ijaarsa seeraan alaatiif haala kan hin mijeessinee fi to’ataan bakka hojiichaatti argamuu kan
hin barbaarchifne ta’uu isaa mirkaneeffachuu,
c) Of-eegganoo Ijaarsaa yookiin akka dhaabbatu ajajni kan itti hin kennamne ta’uu
qulqulleessuutu irra jira.
d) Guyyaa hojiin ijaarsaa yoo gaggeeffame namoota fi sochii tiraafikaa irratti dhiibbaa uumuu
kan dandaa’u ta’uu isaa yoo mirkanaa’e.
e) Ijaarsa daangaa irraa kan hin taane ta’uu isaa.
3. Abbaan taayitichaa yookiin qaamni bakka bu’e heeyyama hojii ijaarsa halkanii yeroo kennutti
gosa hojiilee halkan hojjettamuu danda’anii fi of eeggannoo barbaachisaa ta’e fudhatamuu akka
qaban tarreessee heeyyama kennuu ni danda’a.
4. Qaamni yookiin namni heyyama ijaarsa halkan fudhate ijaaruu qabu ijaarsichi yeroo murta’aa
kennameef keessatti xumuramuu qaba. Heyyama ijaarsa halkaniimalee ijaarsa halkan
geggeessuun hin dandaa’amu.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 17


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

5. Abbaan taayitichaa yookiin qaamni bakka bu’e keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti kan
ibsaman guutamuu isaa mirkanneeffachuudhaan hojii ijaarsa halkanii akka jajjabeeffamuuf
deggarsa barbaachisaa kennuu qaba.
13. Heeyyama Jijjiiraa Tajaajilaa
1. Abbaan taayitaa yookiin qaamni bakka bu’e labsii, dambii, koodii fi istaandardii gamoo
akkasumas qajeelfama kana waliin hanga wal simetti heeyyama jijjiraa tajaajilaa kennuu ni
danda’a.
2. Qaamni yookiin abbaan qabiyyee kamiyyuu karoora jijjiraa tajaajila gamoorratti gochuu
barbaadu tokko osoo hojii hin jalqabiin dura gaaffii heeyyama jijjiiraa tajaajilaa dhiyeeffachuu
qaba.
3. Abbaan qabiyyee kamiyyuu jijjiiraa tajaajilaa taasisu yeroo karoorfatutti unka kanaaf qophaa’e
009 guutuun fi sanada walii galtee pilaanii waliin qabsiisee dhiyyeessuu qaba.
14. Heyyama Ijaarsa Yeroo
1. Ijaarsa yeeroo qaamnni gaggeessu kamiyyuu ijaarsiicha gaggeesuuf heeyyama
ijaarsa yeroo kan argate ta’uu qaba.
2. Abban ijaarsaa unka iyyanoo heeyyama ijaarsa yeroo guute waliin naga’ee
kanfaltii tajaajiiilaa, ragaa qabiiyyee iddoo yeroo fi diizaayiinii Arkiteekcharii
ijaarsaa yeeroo fi akka barbaachiisuummaa isaatti pilaanii istraakcharii fi
eleektriikaalaa waliin dhiyeessee erga mirkaneesisee booda ta’uu qaba.
3. Keyyata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti kan ibsame akkuma
jirutti ta’ee abbaan ijaarsichaa sababa ijaarsichi barbaadameef ibsuun unka
gaaffi iyyannoo guutame wajjin walqabsiisee dhiyeessuu qaba. Daangaan
yeeroo tajaajiila ijaarsiichaas bulnchiinsa magaalaatiin kan murtaa’u ta’ee
guyyaa toorba caalle kan hin qabnne ta’uu qaba.
4. Tajaajilli ijaarsaa yeroo tajaajiila ragaa qabiiyyee yeroo kenname irratti kan
ibsameefiin ta’a.
5. Ijaarssi yeeroo kamiyyuu kan ijaaramu meeshaa haala salphaan bubuqaa’uu
dada’uuf fi miidhagiina naannoo fi nageenya itti fayyadamtoota haala eegeen
hojjetamuu qaba.
6. Dabalataan dallaan ijaarsa yeerootiif ijaaramu meeshaa naannoof miidhagiina
kennuun ijaaruu fi halluu mijaa’aa ta’een dibamuu qaba, haata’u malee boca

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 18


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

haala diibaatii qalamaatiin umamuu ala bifa beeksiisaatiin dibamuu hin qabu.
7. Ijaarssi yeeroo bakka boqannaatiif yeeroo ijaaraman heyyamminni addaa yoo
kennameefiin ala dandiiwwaan qaxaamuura namootaa irratti ta’uu hin qabu.
yeeroon yookiin guyyaan itti fayyadama ijaarsaa yoo xumuramus baasii abbaa
ijaarsichaatiin ijaarsi ka’ee iddoon isaas sirreefamee gad lakkifamuu qaba.

15. Heyyama Haaromsaa Ijaarsaa


1. Gamoowwan seera qabeessaa fi gola waa-duriin galmaa’anii jiran haaromsuuf dursa qaamota
dhimmi ilaalu irraa walii-galtee argachuu qaba.
2. Unka gaaffii ijaarsa haaromsaa wajjin walqabatee sanadoota dhiyaachuu qaban;
a) Waraabbii ragaa qabiyyee
b) Heeyyama haaromsa ijaarsa mana jireenyaa dhuunfaa yoo ta’e ragaa idaa fi dhorka irraa
bilisa yookiin qabame, meeshaalee gamoon ittin haaromsamu (Building materials) wixinee
ta’umsaa fi qabiyyee ibsa iddooduraanii dhiyaachuu qaba.
c) Ollaan goorroo fi baaxii waliiniiqaban yoo jiraatehaala nageenyadaangessaa, jiraattota ollaa
fi qabeenya isaanii irraati balaa akka hin qaqabsiifne sanada tooftaa hojii ibsu dhiyeessuu
qaba.
3. Heeyyama haaromsaa ijaarsa sadarkaa 2ffaa yoo ta’e qofaaf wixinee yookin skeechiin (scetch)
ijaarsa horomsicha ibsu dhiyaachuu qaba.
a) Heyyamn haaromsa ijarsaa mirkanaa’ee kenname tokko kan tajaajilu waggaa tokko qofaaf
ta’a.
b) Abaan qabeenyaa yookiin dhaabatni heyyama haaromsaa fudhate hojii haaromsaa osoo
hin eegaliin dura qaama heyyama keenneefiif hojii haaromsaa jalqabuu isaa qaamaan
dhiyaatee beeksisuu qaba.
4. Sadarkaalee Haaromsa Ijaarsa Gamoo
4.1. Sadarkaa 1ffaa: Gosoota ijarsaa heyyamni haaromsaa guyyoota hojii
sadii(3) hin caalle kessatti kennamuufii qaban,
a. Ijaarsa duraanii ture jijirudhaan, gorroo haaraa ijaaruu fi haaromsuu.
b. Diiginsa gorroo altti hojii haaromsa uwwisaa(Coating and plastering works),
c. Walta’insi baaxii diigamee hojii haaromsa uwwisa baaxii (Roofiing works),
d. Hojii haaromsa jijjirraa safaraa, jijjirraa meeshaalee ijaarsa balbalaa fi foddaa
gaggeefamuuf,
e. Gamoo afaala sadii fi isaa ol ta’anii kan keninsa tajaajijila dhabbilee hawwasaaf oolan,
hojiiwwan dibinsa halluu fi kaneen hojii xuumuraa ta’anii fi hojii olba’insaa,
‘Scaffolding’ fayyadamaniif.
Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 19
Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

f. Hojii ittisa sigiga lafaa haaraa hojjechuuf (New retaining work) ta’aniif.

4.2. Sadarkaa 2ffaa: Gosoota ijarsaa heyyamni haaromsaa ijaarsaa guyyaa


hojii tokkoo hin caalle kessatti kennaman,
a) Walta’insa ijaarsa istraakcherii baaxii osoo hin diigamiin haaromsa uwwisa baaxii
bal’inni isaa kaaree meetira 20 ol ta’eef (roof structural elements)
b) Hojii suphaa sarara dhangala’aa fi elektirikaa ta’aniif.
c) Hojii dibinsa qalamaa (painting works) gamoo darbii lamaa (G+1) fi isaa gad ta’anii
tajaajila dhaabbilee hawwasaatiif oolan.
d) Hojii afinsa moora keessaa (Compound floor works) kan bal’inni isaa kaaree meetira 40
ol ta’eef.
e) Hojii haaromsa balbalaa fi foddaa akasumas meeshaalee ittiin ijaaraman osoo hin
jijjiiriin ijaarsa gaggeefamuuf
f) Hojii suphaa ittisa sigiga lafaatilmaamni walii gala lafaa olii fi gadii jiru 2.5m 3 ol ta’e
hojjan isaa santii meetira 40 fi dheerinni isaa meetira shanii ol kan ta’e.
g) Jijjiirra meeshaalee irraa ijaarame osoo hin taasisiin hojii haaromsa gorroo ol dheerinni
isaa saantiimeetira 90 bal’inni isaas kaaree meetira 3.5 kan caaluuf.
4.3. Sadarkaa 3ffaa: Hayama qabaachuu osoo hin barbaachisiin hojii jalqabuun dura
guyyaa tokko dursuun fi unkahaaromsaa guutudhaan qaamaan dhiyaatanii
beeksisuudhaan qofa hojii haromsaa kanneen gaggeefamuu danda’an,
a. Ijaarsa tajaajila dhaabbiilee hawwasaatiif kan hintaane hojii halluu dibuu
b. Hojii gorroo uwwisuu (wall cladding)
c. Hojii dawitii jijjiiruu
d. Hojii afinsa mooraa kan bal’inni isaa kaaree meetira 40 hin caallee fi dallaa jige kaafamee
bakkuma duraan turetti deebisanii ijaaru.
e. Osoo meeshaalee ittiin ijaarame hin jijjiiriin hojii haaromsa gorroo ol dheerinni isaa
saantiimeetira 90 bal’inni isaas kaaree meetira 3.5 kan hin caaleef
f. Walta’insa ijaarsa istraakcherii baaxii osoo hin diigamiin haaromsa uwwisa baaxii bal’inni
isaa kaaree meetira 20 gadii ta’eef.(roof structural elements)
16. Heyyama Diiginsa Ijaarsaa

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 20


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

a) Qaamnni yookiin naamni ijaarsa diiguu barbaadu kamiyyuu heeyyama argachuuf Abbaa
Tayitaataf yookiin qaama bakkabu’eef unka gaaffii heeyyama diiguu 012 guutuudhaan
gaaffiidhiyeefachuuqaba.
b) Heyyama diiginsa ijaarsaa argachuuf kanneen armaan gadiiti ibsaman guutamanii unka
gaaffii diiginsa ijaarsaa walliin dhiyaachuu qabu.
a) Iddichi maqaa qaama iyyannoo dhiyeeffateen kangalmaa’e ta’uu raga qabiyyee,
b) Gamoo diigamu irraa sararri ibsaa fi bishaanii kutamuu isaa fi ka’uu isaa raga ibsu,
c) Gamichi dhorkaa fi idaa irraa walaba ta’uu isaa raga ibsu,
d) Gorroo fi baaxiin dangesitoota ollaa wajjin wall qabatee jira yoo ta’e ragaa nageenya
qabeenya isaanii mirkaneessu ibsu,
e) Gamoowan gola-ambaa fi seenaa qabeessa ta’an diiguuf dursa walii galtee qaama dhimmi
ilaaluu irraa dhiyaassuu qaba.
f) Gamoon heyyama diginsaaf gaafatame waliigaltee hojii diginsaa ijaarsaawajjin
dhiyeefachuu qaba.
c) Sanadoota barbachisaa ta’an waliin unki gaffii heyyama diginsaa guutamee yoo dhiyaate
heyyamnni diiginsaa guyyaa hojii sadii keessatti ni kennama.
d) Heyyamnni diiginsaa ijaarsa ji’a sadiif yoo tajaajilu haala walxaxinsa fi gosa ijaarsichaa
irratti hundaa’uun Abbaan Taayita yookin qaamni bakka bu’e yeroo heyama diginsaa
dheeressuu ni danda’a.
e) Hojiin diiginsa ijaarsaa akaataa isaandaardi gamoo “ES-3965 OCCUPATIONAL HEALTH
AND SAFETY” akka biyyaatti fooyya’ee hojii irraoleen raawwatamuu qaba.

17. Heyyama Ijaarsa Dallaa


a) Akkaataa pilaanii gamoo istaandaardii fi koodii qophaa’ee dhiyaatee mirkanaa’e irratti
hundaa’uun abbaan taayitaa heeyyama ijaarsa dallaa sa’atii sadi hin caalle keessatti abbbaa
dhimaaf kennuu qaba.
b) Haromsi ijaarsa dallaa akkaataa pilaanii haadhoo yookiin qorannoo daandii keessa
keessaatiin bal’ina daandii ibaame eegee kan heyyamamu ta’a. Haaromsi ijaarsa dallas

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 21


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

pilaanii haadhoo irratti kan ta’ee bal’ina daandii kan hin eegne yoo ta’e pilaanii haadhoo
yookiin dandiin keessa keessaa hojii irra oolutti meshaale duraan dallichi ittiin ijaramee osoo
hin jijjiiriin heyyamnni haaromsaa ni kennama.
c) Hojiin haaromsa ijarsa dallaa ulaagaa istaandaardii ijarsa dallaa akkuma eegatetti ta’ee
meeshaalee dallichi irraa ijaaramu jijjiiruu kan of keessatti hammate ta’ee,guyyaa sadi hin
caalle keessatti kan kennamu ta’a
d) Hojii haaromsa ijaarsa dallaa kan ulaagaa pilaanii haadhoo eeggatee fi meeshalee ijaarsi isaa
ittiin ijaarame jijjiiree gaafateef,guyyaa tokko hin caalle keessatti kan kennamu ta’a
e) Heeyyama haaromsa fudhachuu osoo hin barbaachisin Hojii dallaa ulaagaa daandii pilaanii
haadhoo osoo hin faallessiin fi meeshaalee ittiin ijaarame osoo hin jijjiiriin bakkuma duraan
turetti haaromsuun ni danda’ama.
18. Yeroo heeyyamni ijaarsaa itti xumuuramu
a) Heyyamni ijaarsaa tokko yeroo kennameef keessatti hojii ijaarsoota bu’uura kan ta’an
(Structural elements) jalqabamee xumuramuu qaba Haata’u malee ijaarsi bu’uura ta’an yeroo
kennameefii keessatti yoo hin jalqabamiin abban ijaarsaa unka 013 guutuudhaan gaaffii isaa
Abbaa Tayitichatti dhiyeessuu qaba. Abbaan Tayitichaas sababa ijaatrsi bu’uuraa yeroo
kennameefi keessatti hin jalqabanne sakata’ee yeroo gabaabaa keessatti debii itti kennuu
qaba.
b) Investeraa fi bulchiinsa magaalaa gidduutti walii galtee addaa galamaa’e yoo
jiraate ta’e malee heyyamni ijaarsa bahi ta’e kan tajaajilu akaata yeroo gabatee armaan gadii
keessatti ibsameen ta’a.
Yeroo heyyamni ijaarsaa itti
Sadarkaa Gosa Ijaarsaa ragga’ee turuu danda’u
Ijaarsaa
Gad- aanaa Manneen jireenyaa kan afaala(floor) baaqqee qabaniif Waggaa 1

Giddu-galeessa Osoo afaalli lafaa gad jiru hin lakaa’amiin Gamoo mana Waggaa 3
jireenya baaqqee kan afaala afurii(4) fi isaa gad ta’aniif

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 22


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

Ol’aanaa 1. Gamoo tajaajila hawwasumaaf olaniif


2. Mana jireenya kan ta’an yeroo tokkoti manneen baaqqee
ta’an 100 fi isaa ol kan ijaaraman yoo ta’e
3. Dhaabbilee mana barumsaa hanga mana barumsaa ol’aanaa
sadarkaa 2ffaa fi isa ol ijaaru yoo ta’e
4. Buufata fayyaa hanga kilinika addaa ol’aanaa fi isaa ol yoo Waggaa 5
ta’e
5. Mana kitaabaa fi galma waliigalaa ta’ee namoota 500 fi isaa
ol qabachuu kan danda’u yoo ta’e
6. Dirree ispoortii fi giduugalaa namoota hanga 500 fi isaa ol
qaabaachuu kan danda’u yoo ta’e
7. Dhaabilee kuusaa, oomishaa xixiqaa fi gidduugalaa
ta’aniif
8. Dhabbilee buufata geejjibaa sadarkaa addunyaatii yookiinn
biyoolessaatti yookiin magaalaatti kanneen ijaaramniif
9. Dhaabbilee dipilomaasiitiif
10. Sadarkaa ijaarsota gad’aanaa fi gidduugalessaa kanneen
armaan olitti ibsaman alatti jiraniif

KUTAA SADI

Mirkaneessa Qorannoo fi Qophii Diizayinii Piroojektoota Daandii

19. Qorannoo Bu’a-Qabeessummaa Pirojektoota Daandii


1. Abbaan pirojektii Qorannoo bu’a qabeessummaa akkaataa kutaa 2 keewwata 5(1) keewwata
xiqqaa (a-d) jalatti ibsameen geggeessuu qaba.
2. Abbaan piroojektii kamiyyuu osoo osoo diizayinii hin qopheessin dura akkaataa keewwata 5(2)
keewwata xiqqaa (a-d) jalatti ibsameen qorannoo sakatta’insa dhiibbaa naannoo dhiyeessuu
qaba.
a) Qorannoon piroojektoota daandii, riqicha, ittisa sigiga lafaa fi kanaan walqabatan kamiyyuu
koodii, istaandardii fi maanuwaalota daandii kanneen akka (ERA 2013, AACRA manuals) fi
kanneen biro barbaachisoo ta’an irratti hundaa’ee hojjatamuu qaba.
b. Abbaan Pirojektii kamiyyuu Qorannoo Pirojektii mirkanaa’een gara ijaarsaatti osoo hin galin
waggaa lamaa fi isaa ol ture akkaataa keewwata 5(4) keewwata xiqqaa (a-c) jalatti ibsameen
qorannicha irra deebiin foyyeessee Abbaa Taayitaaf dhiyeessee mirkaneessisuu qaba.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 23


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

3. Sanadni qorannoo fi diizayinii piroojektootni daandii, riqicha, ittisa sigigaa fi kan kanaan
walqabatan ittiin sakatta’amu,

lakk Gosa pirojektii Ulaagaa guuttachuu qabu Ibsa.


1 Pirojektii daandii asphaltii Akkatuma era manual 2013 Pirojektiin asphaaltii kamiyyuu
yookin aacra manual. kana guuttachuu qaba. qabiyyeen
( DC 5-DC8)
isaa akkaataa tarreeffama hojii
(chek list) tiin ta’uu qaba.
2 Pirojektii daandii Akkatuma era manual 2013 Istraakcheroota yaa’a lolaa qarqara
cirrachaa(DC1- DC4 and low volume road design daandii(all side drainage structures
and low volume roads manual and proper outlet concideration)
or urrap roads ) qabiyyeen isaa akkaataa
tarreeffama hojii(chek list) tiin
ta’uu qaba
3 Piroojektoota kobilistonii Akkaataa (ministy of urban Akkaatuma manualii ULGDP
development and construction kanaatiin qorannoon isaa
urban local government geggeeffamuu qaba.
development project credit no.
qabiyyeen isaa akkaataa
4994-et
tarreeffama hojii(chek list) tiin
third revision march, 2012) ta’uu qaba

4. Riqaalee fi istiraakchroota xixiqqoo Akkaataa (ERA BRIDGE Qorannoon piroojektii tokkoo kan
DESIGN MANUAL 2013) biraatiif bakka hin bu’u. qabiyyeen
isaa akkaataa tarreeffama
hojii(chek list) tiin ta’uu qaba
5 Ittisa sigiga lafaa( retaining wall Qorannoon isaa akkaatuma Qorannoon isaa tajaajila hawaasa
structures) (ERA MANUAL 2013) naannoo giddu galeessa kan
dhiyaachuu qaba. godhate ta’u qaba (community
access) qabiyyeen isaa akkaataa
tarreeffama hojii(chek list) tiin
ta’uu qaba

4. Sanadni qorannoo piroojektootaa armaan olitti eerame akkataa barbaachisummaa isaatin waraqaa
A4 fi waraabbii elektroniksiin (hard copy and soft copy) n sadarkaa sadarkaadhaan (phase by
phase) akkaataaa abuurraa (TOR) qophaa’etiin abba taayitichaatti dhiyaachuu qaba.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 24


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

5. Abbaan Pirojektii kamiyyuu osoo dizaayinii hin qopheessin dura Qorannoo bu’a qabeessuumma,
qorannoo diizaynii fi akkaataa barbaachisummaa isaatti Sakatta’iinsa dhiibbaa naannoo
mirkanaa’e Abbaa Taayitaaf dhiyeessuu qaba.
20. Qorannoon Sakatta’insa Dhiibbaa Naannoo
1. Qorannoon sakatta’insa dhiibbaa naannoo labsii eegumsa naannoo 295/2002, 299/2002,
300/2002, 513/2007 fi qajeeltoo sakatta’insa dhiibbaa naannoo (EIA guidelines) (may 2000 EIA
procedural guidlines nov 2003), planii manajimentii kunuunsa naannoo eeggateen haala guutuu
ta’een dhiyaachuu qaba.
2. Abbaan piroojektii baajeta piroojektichaa giddu galeessa godhaachuun hojii diizayiniitiif
baajata piroojektichaa irraa dhibbeentaa xuqaa shanii hanga lama (0.5%-2%) ta’u qabachuu
qaba.
3. Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan eerame kun akkuma jirutti ta’ee qaamni yookin
dhaabbani qorannoo qopheessu qaama seera qabeessa ta’ee fi eeyyama ogummaa qabuun kan
geggeeffame dhiyaatu ta’uu qaba.
4. Qorannoon keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti caqafame kun qaama mirkaneessuuf
aangoon kennameefin kan mirkanaa’e ta’uu qaba.
5. Akkaataa qorannoon sakatta’insa dhiibbaa naannoo tiin piroojektichi hawaasaa fi qabeenya
uumamaa naannoo irratti dhiibbaa kan fidu yoo ta’e osoo hojiitti hin galin dura qorannoo
kunuunsa naannoo (envaromental protection study) dhiyeessuu qaba.
21. Sirna Qophii fi Mirkaneessa Diizayinii piroojektoota Daandii
1. Abbaan piroojektii dizaayinii piroojeektichaa qaama biraa (out source) yookiin ofii isaa (own
force) kan hojetu ta’uu adda baasee akkaataa dambii abbaa taayitaa konistraakshinii keessatti
ibsameen beeksisuu qaba.
a) Abbaan piroojektii diizayinii qopheessuuf aangoon labsii MNO 213/2011 kennameef
diizayinii piroojektii ofii qopheessuuf (own force) yoo barbaade TOR qopheessudhaan
bu’uuruma qorannootiin hojii diizayiniitti osoo hin galin abbaa taayitichaa beeksisuu qaba.
b) Keewwatni xiqqaan (a) akkuma jirutti ta’ee abuurraa (TOR) abbaa piroojektiin dhiyaatu
isaandaardii isaa kan eeggate fi wantoota guuttachuu qaban kan of keessatti hamate ta’uu
qaba.
c) Keewwatni xiqqaan (a) akkuma eegametti ta’ee abbaan piroojektii diizayinii qaama yookiin
dhaabbata diizayinii qopheessun hojechisuu barbaadu wali galtee qophii diizayinii dhiyeessun
bu’uuruma waliigaltee seeneetiin hojiitti hiikkamuu isaas hordofuu qaba.
Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 25
Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

d) Dhaabbanni yookiin qaamni diizayinii hojjechuuf abbaa piroojektii waliin waligaltee seene
diizayinii fi/ yookin qorannoo hojjetu sadarkaa sadarkaadhaan (phase by phase) bu’uuruma
waliigaltee seenetiin qulqullinaan hojjechuun abbaa taayitichatti dhiyeessu qaba. Sanadni
dhiyaatus waraqaa dhaan fi waraabbii elektroniksiitiin (hard copy and soft copy) n
dhiyeessuun bu’uura yaada sirreeffamaa (comment) kennameetiin sirreesse hojjechuu qaba.
e) Dizaayiniin pirojektoota daandii fi isaan walqabatan yeroo qophaa’anitti qabiyyeen isaanii
sadarkaa pirojektootaa giduugaleessa godhachuun cheekliistii Abban Taayitaan qopheesseen
kan gamaggamamu ta’a.
f) Dhaabbanni yookin qaamni diizayinii qopheessu diizayinii piroojektoota gurguddaa osoo hin
mirkanaa’in yoo xiqqaate yeroo lamaaf abbaa piroojektii fi abbaa taayitichaaf dhiyeessee akka
yaadni irratti kennamu taasisuu qaba.
g) Kan armaan olitti eerame akkuma jirutti ta’ee qaamni diizayinii qopheessu piroojektichi yoo
piroojektii giddu galeessa ta’e yoo xiqqaate yeroo tokkoof abbaa piroojektii fi abbaa
taayitichaaf dhiyeessee akka yaadni irratti kennamu taasisuu qaba.
2. Dhaabbata diizayinii qopheesseef akkaatuma waliigalteetiin kaffaltiin hojii qorannoo fi
diizayinii abbaa taayitichaatti dhiyaatee yeroo guyyaa lama hin caallee keessatti ogeessa Abbaa
Taayitaatiin ni mirkanaa’a.
3. Abbaan Piroojektii hojii qorannoo fi qophii diizayinii gorsaan hojjetee oso Abbaa Taayitaatti
hin dhiyeessin dura sakatta’uu qaba.
a) Dhaabbanni diizayinii qopheessu akkaataa (ERA manual 2013) tiin tarreeffama hojii
(specification) guutuu ta’e akaakuu hojii hunda kan qabate(missed item)f kan hin saaxilamne
baayina hojii (BOQ) qabatama iddoo hojii fi diizayinii irratti hundaa’e akkaataa
waliigalteetiin dhiyeessuu qaba.
b) Abbaan Piroojektii yookiin qaamni diizayinii qopheessu osoo adeemsa caalbaasii itti hin galin
dura gatii baaqqee (unit rate) haala qabatamaa gatii yeroo meeshaalee fi humna namaa irratti
hundaa’uun qopheessee abbaa taayitichaatti dhiyeessee mirkaneessisuu qaba.
4. Hojiin fooyya’insa diizayinii yoo barbaachise sababa itti barbaachisee, diizayinii duraa irraa
wanti adda isa taasisuu fi fayidaa diizayinii haaraa waliin adda bahee osoo gara ijaarsaatti hin
seenin dura abbaa taayitichaatti dhiyaatee mirkanaa’uu qaba.
a) Kan armaan olitti eerame akkuma jirutti ta’e diizayinnin fooyya’e (design review) osoo abbaa
taayitichaatti dhiyaatee hin mirkanaa’in gara hojiitti gale kaffaltiin hin raawwatamu.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 26


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

b) Jijjiirraa hojii (variation) fi dabalata hojii (additional work) barbaachisaa ta’ee yoo argame
diizayiniin isaa fooyya’ee dhiyaachuun mirkanaa’uu qaba.
5. Dizaayiniin keewwata xiqqaa 3 (b) jalatti mirkanaa’ee kun tarreffamni hojii fi tilmaama gatii
(engineering estimation) hojii ijaarsaa walii galaa akkataa gatii yeroo meeshaalee ijaarsaa,
maashinarii fi humna namaa iddoo ijaarsichi itti raawwatamu giddu galeessa kan godhatee
dhiyaate guyyaa shan hin caalle keessatti mirkanaa’ee baajatni akka itti qabamu ta’a.
6. Piroojektii daandii, istrakcharoota xixiqqaa, Riqichaa, ittisa siggiga lafaa fi kan kanaan
walfakkaatan kamiyyuu ulaagaa keewwata kana keewwata xiqqaa (3-5) jalatti ibsame guutee hin
mirkanoofneef baajatni hin qabamuuf.
7. Piroojektiin ijaarsaa daandii kamiyyuu akkaataa keewwata xiqqaa (3) jalatti ibsameen qorannoo fi
diizayiniin osoo hin mirkanaa’in gara adeemsa caalbaasitti galuu hin danda’u.
8. Abbaan piroojektii diizayinii piroojektii hojjetameen adeemsa caalbaasitti osoo hin galin dura
rakkoo daangaa (ROW PROBLEM) irraa dhbbeentaa sagaltamaa (90%) ol bilisa ta’uu isaa
qaama dhimmi ilaalu irraa mallatteessisee dizaayinii xumuraa waliin Abbaa Taayitichaatti
dhiyeessuu qaba.
9. Abbaan piroojektii tajaajila bu’uuralee misoomaa (tele line, electric power transmission, water
pipe line and seawage pipe line) ijaarsatti galuun dura diizayinii isaa haala qabatamaa magaalaa
giddugaleessa godhateen abbaa taayitichaatti dhiyeessee mirkaneessisuu qaba.
10. Diizayiniin piroojektoota daandii fi isaan walqabatan kanneen magaalota keessatti ijaaraman
tajaajila bu’uuraalee misoomaa (Tele line, Electric power transmission and Water pipe line and
Seawage pipe line) giddu galeessa kan godhatee fi diizayinii bu’uuralee misooma kannen waliin
qindoominaan kan hojjetame ta’uu qaba.
a) Kan keewwata xiqqaa 10 jalatti eerame akkuma jirutti ta’ee tajaajiloonni bu’uura misooma
kunniin (tele line, electric power transmission and water pipe line and seawage pipe line)
yeroo diizayiniin daandii fi kanaan walqabatan qophaa’u maappii bu’uraalee misoomaa
magaalaa kanneenii agarsiisu qaamnnii yookiin dhaabbatni dizaayinii projektoota daandii
qopheessu fudhatee waliin dhiyeessuu qabu.
b) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 10 (a) jalatti eerame akkuma jirutti ta’ee haalli
dirqisiisaa yoo jiraate bu’uuraalee misoomaa kunniin diriirsuf qaamni daandii fi
piroojektoota walqabatan kute yeroo guyyaa Kudha Afur/14/ hin caalle keessaatti
istandardii piroojektichi kanaan dura ijaarameen deebisee suphuu qaba.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 27


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

KUTAA- AFUR

Sirna Qorannoo fi Qophii Dizaayinii Ijaarsa Pirojektootaa Bishaanii fi Jallisii

22. Sirna Qorannoo Bu’a Qabeessummaa (Pre-Feasibility Study)


1. Abbaan Pirojeektii pirojeektota Bishaan, jallisii, haroo nam-tolche hidhaa, fi kan kana fakkaatan
ijaarsisuu yoo barbaade, akkaataa karooratiin sakatta’insa (inspection) ummata hirmaachise
gaggeessee abbuurraa (TOR) hojii fi sanada caalbaasii qorannoo fi qophii dizaayinii qopheessuu
qaba.
a) Sakatta’insi ijaarsa pirojeektoota jallisii, hidha fi kan kana fakkaatan yeroo gaggeefamu yoo
xiqqaate oggeessi jallisii (Irrigation or hydruilic Engineer) fi Oggeessi qonnaa (Agricultural
Expert) hirmaachuu qabu.
b) Sakatta’insi ijaarsa pirojeektota bishaanii fi kan kana fakkaatan yeroo gaggeefamu yoo
xiqqaate oggeessi bishaanii (water supply Engineer) fi Oggeessi diinagdee-hawwaasaa
(socio-economic Expert) hirmaachuu qabu.
2. Keewwata kana keewwata xiqqaa (1 )jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee, Abbaan piroojektii
diizayinii qopheessuuf aangoon labsii MNO 213/2011 kennameef diizayinii piroojektii ofii
qopheessuuf (own force) yoo barbaade, akkaataa Abbuurraa (TOR) tiin qorannoo bu’a
qabeesummaa qopheessudhaan Abbaa Taayitichaatiif dhiyeessuu qaba.
3. Abbaan piroojektii baajata piroojekti giddu galeessa godhaachuun hojii qorannoo fi diizayiniitiif
baajata piroojektii irraa dhibbeentaa zero tuqaa shanii hanga lama (0.5%-2%) ta’u qabachuu
qaba.
4. Qorannoon bu’a qabeessuummaan (Pre-Feasibility study) ijaarsa pirojeektoota Jallisii,
Bishaan, Hidha, Baayoogaazii fi kan kana fakkaatan akkaataa abbuurraa (TOR) qophaa’ettiin
ogeesota ga’uumsa qabanii fi hojichi kallatiidhaan isaan ilaalatuun kan gaggeefame ta’uu qaba.
5. Dhaabbatni yookiin Gorsaa yookiin Abbaan pirojeektii qorannoo bu’a qabeessa ta’e tokko
gaggeessu kam iyyuu heeyyama seera qabeessaa fi muuxannoo gahaa ta’e kan qabu ta’uu qaba.
Dabalataniis yeroo qorannoon pirojektichaa gaggeefamu ummata dhimmi kallattiin yookin al-
kallattiin ilaalatu hirmaachisuu fi yoo xiqqaate yeroo lama mariisisuu qaba.
6. Keewwatni kana keewwata xiqaa xiqqaa (5) akkuma jirutti ta’ee qaamni qorannoo bu’a
qabeesummaa gaggeessu baay’ina umata dhimmi pirojektichaa ilaallatu dhibbeenttaa
saddetama (80%) fi isaa ol deegaruu fi eeyyamoo tauu isaanii mallattoodhaan mirkaneefachuu
qaba.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 28


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

7. Keewwatni xiqqaan (5) fi (6) akkuma jirutti ta’ee maddi bishaan pirojeektota,Jallisii, Bishaanii,
Hidhaa fi kan kana fakkaatan laga yookin burqaa yoo ta’e,Abbaan pirojeektichaa ummata iddoo
pirojeektichi itti ijaaramuun gadi (Downstream) jiraan mariisisuu fi irrattii waliigaluu isaanii
mirkaneefachuu qaba.
8. Abbaan pirojekrtii yookiin gorsaan qorannoo bu’aa qabeessumaa pirojektii gaggessu kamiyyuu
maddi bishanii gahaa ta’uu fi ittifufiinsa qaabaachuu isaa qorannoo kessaatti sirriitti adda
baasee ibsuu qaba.
9. Gabaasni qorannoo bu’a qabessummaa ijaarsa pirojeektota Jallisii, Bishaan, Hidha,
Baayoogaasii fi kan kana fakkaatan gosa gosaan ogeessa yookin Gorsaa yookin dhaabbata
beekamtii qabuun qophaa’ee karaa abbaa pirojeektiitiin gaaffiin mirkaneessa qorannoo bu’a
qabeessummaa Abbaa Taayitaatiif dhiyaachuu qaba.
10. Qorannoon bu’a qabeessummaa ijaarsa pirojeektoota Jallisii, Hidha fi kan kana
fakkaatan, keewwata kana keewwata xiqqaa (9) jalatti ibsameen dhiyaatu yoo xiqqaate
qabxiiwwan armaan gadii kan ibsu ta’uu qaba,
a) Haala teesuma,Qabiyyee fi itti fayyadama lafa misoomaa (Topography and ownership
of a Command area),
b) Madda bishaanii (Water source)
c) Seenaa jillisii duraan turee(existing irrigation history)
d) Haala qabatamaa diinagdee hawwaasaa(Socio-Economy)
e) Qorannoo dhiibbaa naannoo (EIA) fi
f) Itti fufiinsa hojii qorannoo pirojeektii(First approval or rejection of prefeasibility by
stakeholders)
11. Keewwatni xiqaan (10) akkuma jirutti ta’ee, gabaasni qorannoon bu’a qabeessummaa
ijaarsa pirojeektota Bishaan dhugaatii, yoo xiqqaate qabxiiwwan armaan gadii kan ibsu ta’uu
qaba.
a) Seenaa tajaajila bishaan dhugatii duraa (Background of Existing water supply),
b) Madda bishaanii (Water source)
c) Sadarkaa guddina Magaalaa yookin ummataa (City or Village growth rate)
d) Haala qabatamaa diinagdee hawwaasaa (Socio-Economy)
e) Qorannoo dhiibbaa naannoo, (EIA)
f) Umurii pirojeektichaa (project life time)

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 29


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

g) Itti fufiinsa hojii qorannoo pirojeektii(First approval or rejection of prefeasibility by


stakeholders)
12. Akkataa keewwata kana keewwata xiqqaa (10) fi (11) jalatti ibsameen bu’aan qorannoo
pirojeektota abbaa pirojeektitiin sakata’amee mallattaa’ee xalayaadhaan abbaa taayitaatti
yemmuu dhiyaate guyyaa hojii Shan (5) hin caalle keessatti xinxaalamee ni murkanaa’a.
13. Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) hanga (12) jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee
ijaarsi pirojeektii Jallisii, Bishaanii dhugaatii, Hidhaa fi kan kana fakkaatan ummata biratti
fudhatam kan hin qabnee fi qorannoon bu’a qabeesummaan Abbaa Taayitichaatiin kan hin
mirkanoofneef baajatni irratti hin qabamu.
23. Sirna Qorannoo Gadifeenyaa (Detail Feasibility Study) Pirojeektota Bishaanii fi Jallisii
1. Qorannoon gadifageenyaa pirojektoota bishaan dhugaatii fi jallisii kan gaggeefamu bu’uura
gabaasa qoorannoo bu’aa qabeessummaa pirojektichaa abbaa taayitaatiin mirkanaa’een ta’a
2. Qaamni qorannoon Ijaarsa Pirojeektota Jallisii, Bishaan, Hidha fi kan kana fakkaatan
raawwatu kamiyyuu ragaawwan dheedhii (Raw Data) armaan gaditti eeraman akkaataa
barbaachisuummaa isaatti waraqaadhaan (hard copy) fi waraabbii elektironiksii (soft
copy)tiin dhiyeessuu qaba.
a) Ragaa teessuma lafaaa (Topographical Data),
b) Ragaa Haala Roobaa fi Qileensaa (Rainfall Data Climatic Data)
c) Ragaa baay’ina Ummataa (Population Data) qaama dhimmi ilaaluu irraa fudhachuu isaa kan
ibsu ragaa qabatamaa waliin dhiyaachuu qaba.
d) Bu’aa Qorannoo qulqulina Bishaanii (Water Quality Test Result) qorannoo biyyoo fi
qorannoo lafa keessaa (Soil test and Geotechnical study) fi
e) Haala yaa’iinsa lolaa iddoo pirojeektii (Watershed)
f) Ragaa fedhii bishaanii (Water Demand) kanneen akka baay’ina ummataa (Population Data)
beeladootaa(livestock),ittisa balaa ibiddaa fi tajaajila adda addaatiif ooluu fi kan kana
fakkaatan
3. Qorannoon gadifageenyaa piroojektoota bishaan, jalisii, hidha, baayoo gaazii fi kanaan
walqabatan akkataa gabatee armaan gadittin dhiyaachuu qabu.

Lakk. Maqaa Pirojeektii Ulaagaa Ibsa


1 Bishaan Dhugaatii a) Ulaagaa dizaayinii bishaan dhugaatii Qaamni qorannoo gaggeessu
Ministera Bishaanii,Jallisiifi kamiyyuu, Ulaagaalee tarreefaman

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 30


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

Elektirisitii (MOWIE Design kanneen keessa akkaataa


Criteria), barbaachisummaa isaaniitti
b) World Bank Design Manual fayyadamuu qaba.
c) Sadarkaa Qulqulina Bishaan
Dhugaatii Dhaabbata Fayyaa
Addunyaa(WHO)
d) Ethiopia standard ESA58
e) Manuwaalii yookin Agarsiistuu
kallatti yookin ulaagaa qorannoo
bishaan dhugaatii akka biyya
keenyaatti beekamtii qaban.
2 Jallisii a) Agarsiistuu kallattii Ministeera Qaamni qorannoo gaggeessu
Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa kamiyyuu, Ulaagaalee tarreefaman
(MOANR Guideline-2018) kanneen keessa akkaataa
b) JICA Guideline-2012 barbaachisummaa isaaniitti
c) FAO Irrigation Manual,2006 fayyadamuu qaba.
d) MOA-AGP-CU-2013
3 Hidha (dama): For a) FAO Irrigation Manual,2006 Qaamni qorannoo gaggeessu
Small scale b) MOANR Guideline-2018 kamiyyuu, ulaagaalee tarreefaman
Hydropower,Irrigation, c) MOA-AGP-CU-2013 kanneen keessa akkaataa
Water supply barbaachisummaa isaaniitti
fayyadamuu qaba.
4 Baayoo Gaazii SNV Manual(Netherland)

4. Abbaan piroojektii hojii qorannoo gorsaan yookin dhaabbanni biroo hojjetee dhiyeesse osoo
Abbaa Taayitichaaf hin dhiyeessin dura sakatta’uun mallattoo fi chaappaa isaa fuula gabaasa
hunda dhiyaatu irratti gochuu qaba.
5. Abbaan Pirojektii bishaan jallisii fi kan kana fakkaatan qorannoo pirojektiimirkanaa’een
gara ijaarsaatti osoo hin galin waggaa lamaa fi isaa ol ture, Qorannicha irra deebiin
foyyeessee Abbaa Taayitaaf dhiyeessee mirkaneessisuu qaba.
6. Qorannoon ijaarsa pirojeektii kamiyyuu kara abbaa pirojeektii xalayaa seera

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 31


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

qabeessa ta’een gaaffiin yoo hin dhiyaatin fudhatama hin qabu.


7. Qaamni dizaayinii ijaarsa pirojeektota jallisii,bishaan,hidha fi kan kanaan
fakkaatan qopheesu kamiyyuu Irkata murtaa’e (Fixed Benchmark)tti fayyadamee ragaa
teessuma lafa sassaabe iddoo ijaarsaatti haala mijataa ta’een lafa irratti dhaabuu qaba.
8. Akkaata keewwata kana keewwata xiqqaa (1)hanga (7) tti qorannoon piroojektii
yoo hin dhiyaatin qorannichi mirkanaa’ee baajatni hin qabamnee fi kafalttiin
tajaajila gorsaa kan hin heeyyamanne ta’a
24. Sadarkaa Qophii Dizaayinii pirojeektotaa Bishaan Dhugaatii fi Jallisii ( Design
preparation phase)
1. Abbaan piroojektii yookin gorsaan hojii qophii diizayinii hojjachuuf heeyyama qabu, wixinee
dizaayinii jalqabuun dura qorannoon bu’a qabeessummaa ijaarsa pirojeektichaa abbaa
taayitaatiin yoo mirkanaa’e qofaa ta’a.
2. Abbaan piroojektii diizayinii qopheessuuf aangoon labsii MNO 213/2011 kennameef diizayinii
piroojektii ofii qopheessuuf (own force) yoo barbaade TOR qopheessudhaan bu’uuruma
qorannoo miranaa’eetiin diizayinii pirojektichaa qopheessuun abbaa taayitichaaf dhiyessuu
qaba.
3. Keewwatni xiqqaan (2) akkuma eegametti ta’ee abbaan piroojektii qaama yookiin dhaabbata
diizayinii qopheessu barbaadu waligaltee isaaniitiin hordofee karaa sirrii ta’een hojechiisuun
abbaa tayitatiif dhiyeessuu qaba.
4. Dhaabbanni yookiin gorsaa diizayinii qopheessuuf abbaa piroojektii wajjiin waliin waligaltee
seene diizayinii hojjetu sadarkaa sadarkaadhaan (phase by phase) bu’uuruma waliigalteetiin
qulqullinaan hojjechuun abbaa pirojektiif dhiyeessee erga irratti walii galanii boda waraqaa fi
waraabbii elektroniksiitiin (hard copy and soft copy) abaa taayitaaf dhiyeessuu qaba.
5. Dhaabbanni yookin gorsaa diizayinii qopheessu diizayinii piroojektoota giddugaleessaa fi
gurgudaa osoo hin mirkanaa’in dura yeroo lamaaf abbaa piroojektii, abbaa taayitichaa fi qooda
fudhatootni bakka argamanitti dhiyeessee yaadni akka irratti kennamu taasisuu qaba.
6. Dizaayinii piroojektoota Jallisii (giddugaleessa fi gurguddaa), Bishaan dhugaatii magaalaa
faanolee lamaa fi isaa oli walqabsiisan fi Hidha, osoo dizaayiniin xumuraa (Final Design) hin
qophaa’in dura wixineen dizaayinii(Design Draft) Abbaa Taayitichaaf dhiyaatee
gamagamamuu qaba.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 32


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

7. Wixineen dizaayinii (design draft) pirojeektota abbaa pirojeektitiin sakata’amee mallattaa’ee


xalayaadhaan dhiyaate ogeessaa abbaa tayitaatiin guyyaa hojii 7 hin caalle keessatti bu’aan
gamaagama xalayaadhaan abbaa pirojektiif ni deebi’a.
8. Dizaayiniin xumura (Final Detail Design) ijaarsa pirojeektota Bishaanii dhugaati dhiyaatu
kanneen armaan gaditti tarreefaman abbaa tayitaatiif dhiyaachuu qaba.
a) Dookumantii dizaayiinii injinariingii (Engineering/Hydraulic design document):
dizaayinii ijaarsa madda bishaanii (Well or Head Work or Intake Design) ibsu
b) Dizaayinii Elektiroomakanikaalaa(Electro-mechanical system design)
c) Dizaayinii bo’oo yookin tuubboo(Canal or Pipe Distribution system)
d) Dokumantii Fakkasaa(Drawing Album)
e) Sanada caalbaasii(Tender Document)
f) Dokimentii Tarreefama hojii fi ispeesifikeeshinii (Detail Technical Specification and
BOQ)
9. Dizaayiniin xumura (Final Detail Design) ijaarsa pirojeektota Jallisii,Hidha tajaajiala
jallisiitiif,fi kan kana fakkaatan akkaataa waligaltee umameen kanneen armaan gaditti
tarreefaman Abbaa Taayitichaaf dhiyeessuu qaba.
a) Qorannoo Oomishaa jallisii(Irrigation Agronomy Report)
b) ‘Hydro-Meteorology’
c) ‘Geology And Soil and Land Suitability’
d) ‘Water Shed Management’
e) Qorannoo dhiibbaa Naannoo(Environmental Impact Assessment)
f) ‘Socio – Economic Study Report and Financial and Economic Analysis’
g) Gabaasaa qorannoo gurmaa’insaa fi hirmaannaa ummataa(Community Organization,
Participation and Management (Institutional Assessment Report)
h) Dookumantii Dizaayiinii Injinariingii fi (Engineering/Hydraulic design document)
dizaayinii ijaarsa madda bishaanii fi tilmaama gatii ijaarsaa (Well or Head Work or Intake
Design and cost estimation) ibsu
i) Dizaayinii Elektiroomakanikaalaa fi tilmaama gatii ijaarsaa(Electro-mechanical system
design and cost estimation)
j) Dizaayinii bo’oo yookin tuubboo fi tilmaama gatii ijaarsaa (Conveyance Canal or Pipe
Distribution system design and cost estimation)

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 33


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

k) Dokumantii Fakkasaa(Drawing Album)


l) Sanada caalbaasii(Tender Document)
m) Dokimentii Tarreefama hojii fi ispeesifikeeshinii (Detail Technical Specification and
BOQ)
10. Dizaayiniin xumuraa kan ijaarsa pirojektota bishaan dhugatii, jallisii fi hidhaa, akkataa
kewwta xiqqaa (8 ) fi (9) jalatti ibsameen abbaa pirojektiitiin qulqullaa’ee chaapefamee
dhiyaate ogeessa abba tayitaatiin gamagamamee guyyaa hojii kudhan hincaalle keessatti
mirkanaa’ee xalayaadhaan abbaa pirojektiif ni deebi’a.
11. Jijjiirraa hojii (variation) fi dabalata hojii (additional work) barbaachisaa ta’ee yoo
argame diizayiniin isaa fooyya’ee dhiyaatee mirkanaa’uu qaba.
12. Piroojeektonni bishaan, jalisii fi kanaan walqabatan kamiyyuu ulaagaa keewwata kana
keewwata kana keewwata xiqqaa 3 hanga 9 jalatti ibsame guutee hin mirkanoofneef baajatni
hin qabamuuf
13. Ijaarsi Piroojekti kamiyyuu akkaataa keewwata 1 hanga 10 jalatti ibsameen qorannoo fi
dizayiniin osoo hin mirkanaa’in gara adeemsa caalbaasitti ce’e fudhatama hin qabu.
14. Gurmoowwan ijaarsa jallisii kan amma sirna qorannoo fi qophii dizaayinii irra jiran fi
furduratti karoorfaman karaa saayinsawwaa ta’een adda baasuuf abbaan pirojeektii lakkoofsa
addaa haala lafa misoomuu (Geocoding) pirojeektotaa agarsiisuu qabachuu qaba.
15. Yaadni keewwata kana keewwata xiqqaa 13 jalatti eerame hanga diirfamutti abbaan
pirojeektii galmee sirna to’annoo gurmoo pirojeektotaa (Irragation scheme management)
naannoo Oromiyaa keessatti ijaaramanii jiranii fi karoorfaman qabachuu qaba.

KUTAA SHAN

Gahee Hojii Abbaa Taayitaa fi Caasaalee Isaa


25. Akkaata JBAHs irra deebi’iin (recalibrated) qoratamee mirkanaa’een, Gaheen hojii Abaa Taayitaa fi
caasaalee jala jiranif hojiiwaan gamagama, mirkaneessa dizayinii fi kenninsa heyyam ijaasa bu’uura
gabatee armaan gidii keessattii tarreefameen kan raawatamu ta’a.
1. Mirkaneessa Dizaayinii Pirojektoota Ijaarsaa Gamootiif

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 34


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

Lakk. Gosa Hojii Qaamaa Raawwatu


o Dizaayinoota ijaarsa gammoo baajeni isaa sadarkaa naannoo ta’e
qorachuun ni mirkaneessa
1 o Dizaayinii gamoowwan dhuunfaa G+6 fi isaaol ta’an xiinxaaluun
nimirkaneessa Sadarkaa Naannootti
o Dizaayinii warshaalee,Rilsteetii fi investimentiin raawwataman
xiinxaaluun ni mirkaneessa
o Kafaltii tajaajjila gorsitootaa ni mirkaneessa
2 o Dizaayinii Gamoo G+5 fi isaa gadii xiinxaaluun ni mirkaneessa Sadarkaa Magaala
Bulchiinsa magala kuta magaala fi ganda qaban yoo ta’e G+5 hnaga Muummeetti
G+2 xinxaluun ni mirkaneessa
o Dizaayinoota ijaarsa gammoo baajeni isaa sadarkaa kutaa Sadarkaa Magaala
magalichaa ta’e fi gamo dhuunfaa G+2 fi G+1 xiinxaaluun ni Muummeetti kutaa magaalaa
mirkaneessa tti
3 o Dizaayinoota ijaarsa gammoo G+0 xiinxaaluun ni mirkaneessa Sadarkaa Magaala
Muummeetti ganda
magaalaatti
4 o Dizaayinoota ijaarsa gammoo baajeni isaa sadarkaa magalichaa ta’e Sadarkaa Bulchiinsa magaala
hunda nimirkaneessa olaana
o Dizaayinii Gamoo dhuunfaa G+5 fi isaa gadii xiinxaaluun ni
mirkaneessa. Bulchiinsa magaaloota caasa Ganda qaban Gamoo
dhuunfaa G+5 hanga G+1 xiinxaluun ni mirkaneessa.
5 o Dizaayinoota ijaarsa gammoo G+0 xiinxaaluun ni mirkaneessa
Sadarkaa ganda
magaalaa olaanatti

6 o Dizaayinoota ijaarsa gammoo baajeni isaa sadarkaa aanaa godinicha


jala jiraniin qabamee hunda nimirkaneessa. Sadarkaa Godinaatti
o Gamoowwan dhuunfaa magaalota itti waamamni isanii godinaaf ta’e
G+4 fi 5 akkasumas kan sadarkaa aanaa G+5 fi isaa gad jiran
xiinxaaluun ni mirkaneessa
7 o Dizaayinoota ijaarsa gammoo baajeni isaa sadarkaa magalichaa ta’e
hunda nimirkaneessa Sadarkaa Bulchiinsa magaala
o Dizaayinii Gamoo dhuunfaa G+3 fi isaa gadii xiinxaaluun ni Gid-galeessa fi Guddattu
mirkaneessa.

2. Mirkaneessa Dizaayinii Pirojektoota Ijaarsaa Daandiitiif


Lakk. Gosa Hojii Qaamaa Raawwatu
1 o Pirojektoota daandii cirrachaa paatni isaanii qarshii miliyoona
kudhani oli
o Projektoota dandii Aspaaltii hunda
o Pirojektoota riqichaa dheerinnii dhaabbii lamaa giduu jiru meetira Sadarkaa Naannootti
digdamaa ol ta’an hundaf
o Pirojektoota itisa sigiga lafaa ijaarsi isaanii konkriiitiin ta’e
(reinforced concret retaining wall)
Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 35
Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

2 o Pirojektoota daandii cirrachaa bajatni isaanii qarshii miliyoona


kudhani fi isaa gadi ta’aniif Sadarkaa Godinaanaa fi
o Pirojektoota riqichaa dheerinnii dhaabbii lamaa giduu jiru meetira Magaalotaa
digdamaa fi isaa gadi ta’an(clear span length <=20m)
o Pirojektoota itisa sigiga lafaa ijaarsi isaanii dhagaadhaan ta’e (Ston
maonry retaining wall)
o Pirojektoota Bo’o Lolaa (ditch)
o Pirojektoota Daandii Koobilii

3. Mirkaneessa Dizaayinii Pirojektoota Ijaarsaa Bishaanii fi Jallisiitiif

Lakk. Gosa Hojii Qaamaa Raawwatu


1
o Piroojektoota jallisii fi bishaanii bajatni isaanii sadarkaa naannotti Sadarkaa Naannootti
qabaman.

2 o Piroojektoota bishaanii fi jallisii bajatni isaanii sadarkaa aanaa fi Sadarkaa Godinaanaa fi


godinaatti qabaman Magaalotaa

KUTAA JAHA
Bulchiinsa Adabbii
26. Adabbii Gorsaa fi Ogeessa Dizaayinii qopheessu
1. Dhaabbanni yookiin gorsaan diizayinii ijaarsaa qopheessu akkaataa labsii, dambii, qajeelfamaa,
istaandaardii fi koodii ijaarsaa fi haala qabatamaa iddoo ijaarsi itti geggeeffamu giddu galeessa
godhatee qulqullinaa fi gatii ijaarsaa madaalawaan osoo hojjechuu danda’uu maal na dhibdeen fi
xiyyeeffannoo malee yoo qopheessee argame adabbiin armaan gadii kan irratti raawwatu ta’a.
Lakk. Gosa badii Gosa adabbii
1 Dizaayini abbaa dhimaatiin dheyaatee gamagamamee akka
sirraa’uuf yaada sirreefama xalaayaadhaan kennameef yeroo Of-eggannoo afaanii
laatameef dabarsee yoo dhiyeesse
2 Dizayinii gamagamameef yaada sirreefamaa xalayaadhaan
gorsaaf kenname osoo hin sirratiin yoo deebi’e. Of-eggannoo Barreefamaa
3 Dhaabatni yookiin qaamnni dizayinii qopheessuu kamiyyuu Heyyamni gorsaa ji’a jahaa hanga waggaa
labsii,dambbii, qajeelfama, istaandaardii fi koodii ijaarsa osoo tokkoo kan hin haaromsimne ta’a
hin eegin qopheessee yoo dhiyeesse
4 Diizayinii gorsaan qophaa’u haala qabatamaa iddoo hojichaa
giddu galeessa kan hin godhannee fi waraabbii diizayinii iddoo Heyyamni gorsaa waggaa tokkoo hanga

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 36


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

biraa ta’ee yoo argamee fi kan lakk 3 jalatti ibsame irra deebin waggaa lamaatti kan hin haaromsimne ta’a.
yoo balleesse
5 Oggeessi dhaabbata gorsaa jalatti diizayinii qopheessu Heyyamni mirkaneessa ogummaa
badiiwwan lakk 1-4 kaa’ame raawwatee yoo argame (professional liscence) isaa waggaa
tokkoof kan hin haaromne ta’ee yoo irra
deddeebin raawwate kan haqamu ta’a.

2. Keewwata 5(5) kan kutaa 2 jalatti eerame akkuma jirutti ta’ee qaamni yookiin dhaabbatni
qorannoo piroojektootaa ijaarsaa karaa guutuu fi qulqullina qabuun osoo hin hojjeetiin hafuu
irraa kan ka’e miidhaa hawaasa- dinaagdee irratti dhufuuf kan itti gaafatamu ta’a.
3. Adabbii Ogeessa Dizaayinii gamagamee mirkaneessu
a) Ogeessi abbaa taayitaa yookin qaamni bakka bu’e diizayinii gorsaan hojjetamee dhiyaatu
yeroo kennameef keessatti akkaataa dambii labsii, qajeelfama, koodii, maanuwaalii fi
istaandaardii jiruun gamaggamee yoo mirkaneessuu baate bu’uura qajeelfama bulchiinsa
hojjettoota mootummaatiin gosoota adabbii 1-6 tiin akkaataa ulfaatina badii uumetiin kan
adabamu ta’a.
b) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 fi 2 jalatti eerame akkuma jirutti ta’ee aakkaata gad
fageenyaa fi ulfaatina miidhaa qaqqabuu danda’un qaamni yookiin ogeessi yookiin gorsaan
badii armaan olii kana dalagee argame gama seeratiinis kan itti gaafatamu ta’a.

Qajeelfama fooyyeessuu

Abbaan Taayitaa Konistraakshinii Oromiiyaa barbaachiisaa ta’ee yoo argame qajeelfamiicha ni


fooyyeessa.

Yeeroo Qajeelfamiichi Itti Ragga'ee Turu

Qajeelfammin kun ______bara 2012 irraa jalqabee kan ragga’u ta'a.

Masaay Dani’eel (Dr.)

Daareektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa

GUCA HEYYAMA IJAARSAA


1. Iyyannoo Gaaffii Walii Galtee Pilaanii………………………………………….Unka 001
2. Waliigaltee Daangessaa…………………………………………………………Unka 002
Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 37
Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

3. Gaaffii Iyyannoo Heyyama Ijaarsaa……………………………………………...Unka 006


4. Dirqama Gorsaan Galuu Qabu…………………………………………………...Unka 003
5. Yeroo Gamagama Dizaayinii Dheeressuuf Itti Gaafatamu……………………...Unka 004
6. Gaaffii Fooyya’insa Pilanii……………………………………………………….Unka 005
7. Heyyama Ijaarsa Halkanii…………………………………………………….......Unka 007
8. Heeyyama Jijjirraa Tajaajilaa…………………………………………………….Unka 008
9. Gaaffii Heyyama Ijaarsaa Haaromsuu………………………………………….....Unka 009
10. Heyyama Diiginsa Ijaarsaa………………………………………………………..Unka 010
11. Heeyyema Ijaarsa Yeroo…………………………………………………….…….Unka 011
12. Sertifikeetii Heyyama Ijaarsaa……………………………………………………Unka 012
13. Yeroo Heyyema ijaarsaa Dheeressuu…………………………………………….Unka 013

Unka 001

Iyyaannoo Gaaffii Waliigaltee Pilaanii


1. Maqaa guutuu abbaa dhimmaa._______________________________________
Teessoo : Magaala_____________Ganda_________ Bilbila________________
2. Raga qabiyyee Lakk. kaartaa _____________ guyyaa itti kenname ._______________
3. Gaaffi ijoo: hayyama ijaarsaa hayyama itti fayyadamaa
4. Haala gosa ijaarsicha haaraa haaromsa baballisuu fooyyessuu
5. Dheerina gamoo darbiidhaan ______

Kanaaf gaaffiin koo kun ilaalamee waligalteen pilaanii akka naaf kennamu gaafachaa ragaan ani kenne kun sirrii fi
dhugaa ta’uu mallattoo kootin ni mirkaneessa.

Maqaa fi qaama gaafate________________________ mallattoo______________

Lakk. bilbilaa_____________

6. Kutaa hayyama kennuun kan guutamu

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 38


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

Tajaajila Ramaddii Master Ol-dherina Bu’ura misoomaa Lakk Odeeffanno iddoo


gaafatame Pilaana magaala BAR gamoo iddicha irra jiru (ko-ordineetii)
(%) (H/Regu) X Y
1
2
3
4

Ogeessa Ragaa Laatee Hooganaa Mirkaneesse


Maqaa_____________________________ Maqaa_________________________

Gahee Hojii:________________ Gahee Hojii:________________

Mallatto___________Guyyaa__________ Mallatto_____________ Guyyaa__________

Unka 003

Iyyannoo Gaaffii Heyyama Ijaarsaa


Iyyataadhaan kan guutamu

1. Ijaarsichi bakka itti geggeeffamu


Magaalaa ____________________kutaa Magaalaa_______________
Aaanaa/Ganda____________
Maqaa addaa/dandii______________lakk.manaa________lakk.pilootii_________________
2. Tajaajila gamoo hayyamnii jaarsaa itti gaafatame
Mana jireenyaa______ Suuqii ______ Biiroo________Hooteela____Bakkah omishaa_____
Apartaamaa_____Magaazina______Dhaaabbatafayyaa_____Dhaabbata barnootaa_______
Gosa bu’uura misoomaa___________Kan biro________________________

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 39


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

3. Gosa ijaarsaa
Ijaarsa haaraa________fooyyessuu/baballisuu_____Dheeressuu heyyama ijaarsa_____
Ijaarsaa duraanii yoo ta’e:- lakk.heyyama ijaarsaa _______________________Guyaa heyyamni
itti ba’e____________________Baasii ijarsichaa______________________
Baayina floorii___________ lafarraa oli fageenyaa meetiraaan_________________
Lafaa gadi baayina floorii_________ lafaa gadigadi fageenya meetiraa____________

Ibsa qabiyyee jaarsa daangaa irraa tarreeffamaan


____________________________________________________________________________________
____________________________________________________________________________________
____________________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
4. Qaama Dizaayinii Qopheesse
4.1. Dhaabbata Gorsaa : Maqaa_______________________________ Sadarkaa___________
Teessoo_________________ lakk.bilbilaa______________
4.2. Ogeessota dizaayinii qopheesse:

Gosa dizaayinii Maqaa ogeessa dizaayinicha Lakk. Galmee Lakk. bilbilaa Mallattoo
qopheessee Ogeessichaa
Arkitekcharaal
Istiraakcharaal
Elektiriikaal
Saaniiterii
Mekaanikaalii

5. Iyaataadhaan kan guutamu:


Ani maqaan Koo kan gaditti kan ibsame gaafataan heyyama ijaarsaa ragaa olitti ibsame dubbisee fi
hubadhee ragaa kanaan kenne dhugaa fi sirii ta’uuisaa nan mirkaneessa. Ragaa sobaa laadheen fi
sababa kanaanis rakkoon yoo uumame itti gaafatamaa ta’uu koo beekee akkasumas iyyannoo kana
irratti ibsamus dhiisus tumaaleen waliigaltee pilaanii fi heyyama ijaarsaa kan raawwataman ta’uu
hubadhee heyyamni ijaarsaa akka naaf kennamuu gaafadha.
Maqaa iyyataa______________________________lakk. Bilbilaa_____________
lakk. Eenyummaa kaffalaa
gibira________________mallattoo___________guyyaa____________

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 40


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

6. Kutaa heyyama kennuun kan guutamu

6.1. Sanada xiinxalaaf dhiyaate (mallattooXyaagodhamu) Ramaddii gamoo: A B


C

6.2. Ragaalee fi Pilaanii mirkanaa’an

Ragaa/Dookimentti Gosa Pilaanota Mirkanaa’an


Gosa Fuula/Jildd Gosa Fuula
Lakk.
i
1 Waliigaltee Pilaanii Arkitekcharaala,
2 Dirqama Gorsaa Istiraakcharaala
3 Qorannoo Dhiibbaa Elektiriikaal,
Naannoo(EIA)
4 Gabaasa Dizaayinii Istraakchera Saaniiterii,
5 Gabaasa Dizaayinii Elektrikaalaa Mekaanikaalii
6 Gabaasa Dizaayinii Saanitaraa
7 Gabaasa Dizaayinii
Mekaanikaalaa
8 Gabaasa Qorannoo Biyyee
9 Ispeesifikeeshinii fi BOQ
10 Kan Biroo (yoo jiraate)

6.3. Maqaa daandii ga’umsaa__________bal’ina qabiyyee lafaa_________


6.4. Sanadni dhiyaate heyyama: ijaarsaatiif guutuu dha________________guutuu miti_______________
6.5. Lakk.heyyama ijaarsaa______________________Lakk. Nagaheee kafaltii
tajaajilaa_______________
Guyyaa beellama heyyamni itti kennamu 1_________________2________________
6.6. Maqaa nama ragaalee fuudhee _________________________________
Guyyaa_____________sa’aatii____________ mallattoo______________

Hub: Unkii kun koppii lamaan guutamee koppiin 1 iyyataaf koppii 2ffaan faayila waliin walqabata.

Unka 007

Iyata Gaaffii Jijjiirraa Tajaajilaa

Iyyataadhaan kan guutamu

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 41


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

1. Ijaarsichi bakka itti argamu:


Magaalaa_______________K/Magaalaa_____________Aaanaa/Ganda____________
Maqaa addaa/dandii_______________________ lakk.pilooti________
2. Ijarsa jijjiirraa tajaajila itti gaafatame
Mana jireenyaa Suuqii Biiroo Hooteela Bakka homishaa
Apartaamaa Magaazina Dhaaabbata fayyaa Dhaabbata barnootaa
Kan biroo
3. Qabiyyee ijaarsaa jijjiirraan tajaajila itti gaafatame
Dhuunfaa Qabiyyee mootummaa Qabiyyee dhaabbataa/jaarmiyaa
Lakk.heyyama ijaarsaa___________________ lakk.heyyama tajaajilaa_________________
Lakk. Mirkaneessaa qabiyyee________________lakk.nagahee kaffaltii tajajilaa______________
4. Akaakuu jijjiirraaa tajaajilaa gaafatame________________________________________
5. Sababa jijjiirraan tajaajilaa barbaachiseef
______________________________________________________________________________
__________________________________________________________________
6. Baay’ina floorii lafaa oli _______ fageenya meetiraan_______
Lafaa gadi _______ fageenya meetiraan_______
7. Gorsaa biroo pilaanii jijjiirraa tajaajilaatiif gaafatame qopheesse;
Maqaa biiroo gorsaa___________________________________sadarkaa gorsaa___________
teessoo________________bilbila_____________Mallatoo____________ Guyyaa_________
Gosa dizaayinoota jijjiirraa tajaajilatiif qophaa’anii

Gosa dizayinii Ogeessa qopheesse Lakk.galmee ogeessaaa Bilbila


Arkitekcherala
Istirakcherala
Elektirikala
Saanitarii
Mekanikala

8. Ani gaafataan jijjiirraa tajaajilaa ragaan kanaan olitti gaafatamee dubbisee hubadhee sirrii fi
dhugaa ta’uu isaa mirkaneessaa, ragaa sirrii hin taane yoon laadhee fi sababa kanaan rakkoo
huumamuuf itti gaafatamaa ta’uu koo beekee unka kana irratti ibsamus ibsamuu-baatus tumaaleen
walii galtee pilaanii fi heyyama ijaarsaa raawatiinsa akka qabaatu hubadhee heyyamni jijjiirraa
tajaajilaa akka naaf laatamuuf ni gaafadha.
Maqaa abbaa ijaarsaa ______________________________________bil.________________
Maqaa iyyataa abbaa qabeenyaa ala yoo ta’e_______________________bil. ________________

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 42


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

Lakk.addaa kaffalaa gibiraa/yoo jiraate_________________________mallatoo______________


9. Kutaa heyyama laatuun kan guutamu
Ramaddii gamoo jijjiirraan tajaajilaa itti gaafatame
Gamoo ramaddii A B C
Beellama _____________________ogeessa odeeffannoo fuudhe _______________________
Mallattoo _______________ guyyaa _______________sa’atii_____________________
Gamoo jijjiirraan tajaajilaa itti gaafatame fageenya daangaarraa
Daangaa irratti kan ijaarameedha___________________________________________
Dangaa irraa meetira 2 gadi kan ijaarameedha_________________________________
Dangaa irraa meetira 3 gidduutti kan ijaarameedha_____________________________
Sanadni jijjiirraa tajaaajilaatiif dhiyaate guutuudha________________miti__________
Lakk .heyyama ijaarsaa_______________qarshii kaffaltii tajaajilaa_________________
Beellama waligalteen itti fudhatamu 1________________ 2_______________________
Jijjiirraan tajaajilaa heyyamameera__________________hin heyyamamne__________
10. Sababa hin heyyamamneef
______________________________________________________________________________
__________________________________________________________________
Maqaa hogganaa heyyame/hin heyyamnee____________________mallattoo____________
Guyyaa __________________sa’atii_________lakk.waliigaltee pilaanii_______________
Yaadachiisa :
o Unki kun koppii lamaan guutamee koppiin tokko iyyataaf koppiin lammaffaa faayilatti hidhama

Unka 010
Dirqama Gorsaan galuu qabu
1. Gorsaadhaan kan guutamu;
Akkaku Gorsaa: Dhuunfaa Dhaabbata gorsaa
2. Maqaa abbaa ijaarsichaa _____________________________
Teessoo ijaarsichaa: kutaa
magaala____________Ganda/aanaa___________lakk.manaa_________
Tajaajila gamoo_____________________lakk. pilootii___________
Baay’ina filoorii : Lafaa olii _________ ,Lafaa Gadi___________
Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 43
Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

Bal’ina filoorii: lafa irraaitti(ground floor)___________, Bal’ina filoorii waliigala(darbii


dabalatee)____________Lakk. kaartaa _________________tilmaama baasii
waliigalaa____________
3. Maqaa dhaabbata gorsaa__________________________
gosa gorsaa_________________________________sadarkaa___________
Lakk. heyyamaa _______________________lakk. Eenyumma kafalaa gibiraa________________
kutaa magaala___________________Aanaa ___________
itti gaafatamaa teekinikaa_________________________________lakk. bilbilaa____________
Maqaa abbaa dhaabbatichaa___________________________Lakk. bilbila__________________
Ragaa raawwii hojii gaarii : dhiyaateera hin dhiyaanne
4. Dirqama gorsaa
Ani gorsaan maqaan kooo asii gadiitti argamu dizaayinii olitti ibsame hojjechuuf haala
abbaa ijarsaa waliin waliigalleen dizaayinii istaandaardii isaa eeggate ogummaa
barbaachisuun fudhatama qabaachuu danda’uu tumaalee dambii gamoo
lakk._156/2005_seera tumamee fi lakk. heyyama ijaarsaa
_______________________________tiin dizaayinicha qopheessuuf waadaa kananseene
ta’uu koo fi dizaayiniin qopheesse kanaan rakkoo uumamu kamiifuu kanan itti gaafatamu
ta’uu koo mallattoo kootiin ni mirkaneessa.
4.1. Biiroo gorsaa_______________________________________________
Ittti gaafatamaa teekinikaa ____________________________________ guyyaa________________

Gosa Dizaayinii heyyama ijaarsaatiif dhiyaate

Gosa dizaayinii Maqaa ogeessa dizaayinicha Lakk. Galmee Lakk. bilbilaa Mallattoo
qopheessee Ogeessichaa
Arkitekcharaal
Istiraakcharaal
Elektiriikaal
Saaniiterii

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 44


Qajeelfama Mirkaneessa Qorannoo fi Qopii Dizaayinii Projektoota Konstraakshinii

Mekaanikaalii

Yaadachiisa

o Ogeessota sadarkaa fi ogummaan hayyameefiin dizaayinoota gorsichaan qophaa’an maraaf


dhaabbatichi itti gaafatamummaa maraa fudhata.
o Dizaayinoota dhuunfaa akka qophaa’aniif heyyamamuuf tokkoon tokkoon gosaa ogummaatiif
abbaan qorate sun dhuunfaan itti gaafatamummaa fudhata.
o Unki kun koppii 3 qophaa’ee koppiin 1 abbaa ijaarsaaf, koppiin 1 hojjechiisaaf, koppiin 1
faayilatti hidhama.

Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa Bara-2012 A.L.H Fuula 45

You might also like