Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 31

MUUMMEE AFAAN OROMOO FI OG BARRUU QAACCEESSA

QABIYYEE IRREECHA OROMOO

YUUNIVAARSIITII ARSII

KOOLLEEJJII SAAYINSII HAWWAASAA FI NAMOOMAA


MUUMMEE AFAAN OROMOO FI OG BARRUU

QORATTUUN;_ JIMAATEE MOKONNIIN ABDIISAA.

1
GALATA
Hunda dura uumaa uumama hundaa olii kan tahee waaqaaf ergaa na
uumtee hangaa har'aa waan hunda keessaa na dabarsitee akka
namaatti ulfina naaf kennitee, firii koo gama barnoota ammayyaan na
milkeessitee asin na gahuu keef kennaan koo galata. Dabalees fuula
durattis tahe ammaas kan hafee sumatuu na eegalchiisee na
xumursiisee akkan keessaa na dabarsitu abdii sirra kaawwadha.

Lammaffaa, barsiisaa koo barruu kana akka qoradhuu fi carraa naaf


keennuu isaaniif guddaan galateeffadha. Akkasumas dogoggoraa fi
qajeelfama naaf kennaa deemuun na gargaaruu keessaniif ulfaadha
jedha.

Sadaaffaa, namootaa dhimma kana irratti odeeffannoo naaf kennanii fi


barruu fi kitaabilee akka qorannoof toluttii warri katabanii darbanii fi
jiraan galata dhaloota irraa argatu jedha. Akkasumas maatii koo
maallaqaa fi asiin na gahuu isaaniif galata daangaa hin qabne qabaaf.

AXAREERAA

2
Kaayyoon qorannoo kanaa innii guddaan qabiyyee IRREECHA OROMOO
fuunaanuu fi qaacceessuun qabiiyyee isaa gadi fageenyaan akka
hubatamu gochuudha. Qorannoo kana gaggeessuun immoo kan
barbaachiseef hawwaasni oromoo dhimma IRREECHAA kana hubatee
akka iitti fayyadamu gochuu fi dhalootaa itti aanuuf akka dabarsu
gochuudha. Qorannoo kana kan walitti qabee kitaabilee fi barruulee
akkasumas namoota dhimma kana irratti hubannoo gahaa qaban irraa
funaanuun dhiyeessuu yaalee jira.

1. SEENSA

Aadaan calaqqisiistuu maalummaa uummata tokkooti. Uummaatni


tokko aadaa isaa keessaa saboota birootti, namoota birootti ykn

3
naannoo birootti muul'ata;ibsama, darbees beekama. Dhugaa ifa
galeessa tahee kanaan, aadaa uummanni oromoo gama hundaan qabu
yoo ilaallee, Uummanni oromoo aadaa hedduu maalummaa isaa
ballinaan beeksiisuu danda'aan qaba. Aadaan Uummata oromoo
hamilee hawwaasichaa waliin kan wal qabateedha. Uummanni oromoo
sabootaa kaabaa bahaa Afriikaatti argaman keessaa isa tokkoo fi saba
guddaa aadaa ballaa qabu, dachee uumaamaan badhaatee irra qubate
jiruudha.

Seenaan jalqabbii ayyaana irreechaa waggoota lakkoofsan himuun


danda'aamuu tahu baatus, Irreechii akka sabaatti oromoon kallattii
hundaa walittti yaa'ee Hora Harsadiitti waliin irreeffachuu
jalqabuunsaa, YAADANNOO baraa dhihooti. Keessattu cabuu sirna
Gadaa booda , ayyannii saba OROMOO hedduun badaa, dhabamaa
dhufuudhaan abbummaan irraa mulqameera. ( Aaga 3ffaa,2018) Haa
tahu malee, Ayyaanota oromoo heddu keessaa muraasni isaanii bifa
jijjiirrachaa, halluusaaniis geeddaraa ambaa taa'aanii hafuu warrii
danda'aanis ni jiru.

1.1. HIIKKAA IRREECHAA/SSAA


Irreechii hiikaa baayyee yoo qabaatees hiiknisaa inni guddaan, "Galatoo
Waaqayyoo"( Happy, thanks giving day) jechuudha. Irreecha jechuun
marga (coqorsa) daraaraa yookiin baala jiidhaa nagaa galata

4
waaqaatiif bakka murtaa'ee tokko kaa'uudha. Waaqaa nagaa Namaa
kennee, waaqaa marga kana magarsee, waaqaa biqiloota sana
daraarsee mallattoo fuulduratti jiruuf abdii ( jiruu jechuun lubbuu
qabeeyyii dhala namaa yoo tahuu jireenya jechuu immoo waan jiraa
ykn diinaagdee jechuudha) kennaa jiru galateeffachuuf Birraa
irreeffatama. Irreechii yeroo baayyee malkaa yoo qaxxaamuran ededa
bishaanichaattii fi burqaa irratti irreeffatama.Tulluu guddaa fi muka
guddaa jalattis ni irreeffatama. Borootti , balbala irratti, karra irratti,
iddoo fi oyiruu keessattis ni irreeffatama( odeeffannoo Barsiisaa Beekan
Gulummaa)

5
Maddii suuraa:_ Google interneetii.

Irreechii sirna waaqeeffachuu gamtaadhaan Tulluu fi malkaa irratti


bahaanii waaqaa kadhatanii fi itti galateeffataniidha.

Irreechii amantaalee aadaa oromoo keessatti mul'atan keessaa isa


tokko fi adda dureedha. Irreecha jechuun sirna kadhaa fi galatni
godhamu kunis yeroo fi iddoon kan daangaheedha. Kunis amantii

6
keessatti gochaadhan kan ifa tahuudha. Sirna irreechaa kan hogganuu
jaarmiyaa Qaalluuti.

1.2. IRREECHII AMANTIIDHAA?


Yaadaa irreechii Amantii moo aadaadha jedhuu oromoota heddu biratti
mormiisiisadha. Kunis oromoonnii amantii waaqeeffannaan ala jiraan
akka aadaatti irra jireessaan hubatu. Waaqeeffattoonni immoo akka
aadaa fi amantiittii amanu buu'uurrii yaadaa kanaa irraa argadhee
manguddoota amantaa waaqeeffannaa barsiisan irraa wabeeffadhe.
Akkuma warri kiristaanaa guyyaa dhaloota kiristoos fi faasikaa
ayyaaneefatan, Akkuma warri Musliimaa guyyaa Arafaa fi mawuliidaa
ayyaaneeffatan, hordooftoonnii amantii waaqeeffannaas akka aadaa fi
amantiitti ayyaanaa irreechaa ayyaaneeffatu. Kanaaf, Irreechii ayyaanaa
aadaa fi amantii waaqeeffatootaati. Oromoonnis tahee namoonnii
amantaa waaqeeffannaan ala tahaan akka aadaa oromoo fi hirmaannaa
oromummaa fi obbolummaa akkasumas aadaa guddisuuf
taasisuu(yaadaa hordooftootaa amantii waaqeeffanna 2013).

1.3. IRREECHII EESSATTI KABAJAMA?


Akka amantaa fi falaasama uummata oromootti, uumaammni hundii
gochaa fi humna waaqaa isaan uume muullisu jedha. Iccitiin humna

7
waaqaa tokkichaa karaa uumaammoota kanaa ibsama. Kanaaf,
Irreechii bifa aadaatiin sirna galateeffannaa fi kadhaa waaqaa taasifamu
waan taheef iddoowwaan humni uumuu waaqaa adda tahanii itti
muullatan keessaa bakka lama; isaanis Irreecha Tulluu fi Irreecha
Malkaa jedhamu. Iddoon kun lamaan ballinaan waan ballina achitti
kabajamaniif jecha malee akkaatuma lafa oromootti bakkeewwan
biroon irreeffaanaan itti raawwataman hin jiran jechuu miti.

Oromoon durii yoo xiqaatee waggaatti yeroo lama gamtaadhaan wal


faanaa malkaa bu'ee fi Tulluu bahee irreeffata. Irreechii iddoowwaan
heddu jiraachuu danda'aa. Irreechii oromoon akka sabaatti waliitti
dhufee waggaatti irreeffatuu irreecha malkaa fi irreecha Tulluuti.

1.3.1. IRREECHA MALKAA (IRREECHA BIRRAA)


Irreechii malkaa kan adeemsifamuu, wayita jiinii gannaa darbuuf jedhu
Baatii fulbaanaa gara walakkaa keessattidha. Jiinii fulbaanaa jalqaba
waaqtii Birraa waan taheef haalli qileensa gannaa jijjiiramaa itti
agarsiisuu eegaluudha. Kunis lafti xuuxxataa fi sochiif mijataa, qilleensi
duumeessaa fi hurrii ture ifaa fi ho'a aduu Birraan bakka bu'aa deema.
Kanumarraa kan ka'ee Irreechii guyyaa galataa waaqaati jedhama.
Galateeffannaa kana irratti namni hundii akkuma umrii isaatti uffata
aadaa uffatee, dargaggoonni bareedanii, hawwaanis wandaboo kuulaa
bareedaan hojjatame irratti balees tahee kaabbaa fi callee fi

8
dooqaanfaayamee uffatanii coqorsa jiidhaa , keelloo, hadaa, daraaraa
qabatanii malkaa gamaa gamanaan walgahaanii waaqaa faarfat,
"Maareehoo......jedhu " haala kanaan garamalkaatti yaa'uu. Abbootiin
Gadaa, kallacha., bokkuu, marga, alangaa, jirma ykn ulee aangoo
abbaa Gadaa ibsu qabatanii dura bu'anii tooraan seeraa fi hayyataan
sochii gara malkaatti tahu sana gaggeessu.

Haalli uffannaa nama hundaa bifa kabaja waaqaa ibsuun ta'a.


Hawwaanis tahee shammarran mogalee gaditti uffata dheeraa uffatu.
Kunis "yaa waaqi nun soqolin, gaaddidduu kee nun dhoowwatiin "
jechuudha. Malkaan irreechii akka oromiyyaatti ballinaan itti kabajamu
Magaalaa Bishooftuu bakka Horasadii jedhamuuttidha. Magaalaan
Bishooftuu, Hora adda addaan badhaatee bifa bareedaa fi uumama
taatee akka kan godhe bishaan heddu waan qabduufidha. Kanumaaf
naannoo Bishaanooftuu waan jedhamu irra ka'uudhaan magaalaan kun
Bishooftuu jedhamte jedhu jaarsooliin Biyyaa. Horri Arsadii horawwaan
magaalatti marsanii jiran keessa Malkaa Irreechaa beekkamaa fi bara
dheeraan dura kaasee itti irreeffatamaa ture tahuu dubbatama.
Harsadiin abbaa malkaa hora sanaa gosa Liibaan keessaa kan tahe, harri
kun maqaa isaarraa ka'uun kan moggaafame ta'uu jaarsooliin ykn
maanguddoonni Galaan ni dubbatu.

9
Oromoon golee oromiyaa jiru hunduma irraa guyyaa Irreechaa kanattis
seeraa guutee uffatee jiidhaa qabachuun waaqaa galateeffanna, ni
kadhanna, uumammaan uumaa isaa tahe waaqaa raajeeffanna!
Jechuun Hora Harsadii Magaalaa Bishooftuutti argamu kana deemee
galata galchata. Hawwaasnii waggaa waggaan achitti argamu bara
baraan dabalaa deemaa jira.

Oromoon irreechaa yeroo irreeffatu, qurrii ykn haaloo walii dhiisee


garaa tokkoon waaqaa galateeffatee irreeffata. Irreechii Malkaa
irreecha Birraa hora harsadiitti kan irreeffatuudha. Gaafaa irreeffannaa
kana bu'an faaruu jechaa deemaanii fi meeshaa akka aadaatti harkatti
qabatanii deeman akkasumas yeroo achi gahaan akkaataa waaqaa itti
galateeffatan ni qabu.

10
Maddi suuraa; Google interneetii

1.3.1.1 FAARFANNAA YEROO GARA MALKAA DEEMAAN


JEDHAMU(MAREEHOO).
Eebbaa Abbaa Malkaan fi hangaafootan godhamu boodaa marga
jiidhaa fi habaaboo Birraa qabatanii bishaaniin tuqanii waaqaatti
facaasaa waaqaa (uumaa) galateeffachaa irreeffatu. Araaraa fi wabii
gaafatu. Haaluma kanaan kadhannaan guutuun yeroo gara malkaa
deeman jedhamu;_

OO......YAA MAREEHOO.........MAREEHOO(2X)

MAREEHOO..............................MAREEHOO (2X)

YAA WAAQAA UUMAA HUNDAA MAREEHOO.......OO....YAA


MAREEHOO...........MAREEHOO..........MAREEHOO (2X)

YAA WAAQAA LAFA UUMTEE.........MAREEHOO......OO...YAA


MAREEHOO.....MAREEHOO........MAREEHOO (2X)

YAA WAAQAA MALKAA UUMTEE......MAREEHOO OO .....YAA


MAREEHOO.......MAREEHOO.........MAREEHOO 2X

YAA WAAQAA ODAA NABEE......MAREEHOO....OOO...YAA


MAREEHOO....MAREEHOO 2X

11
YAA WAAQAA ODAA ROOBAA....MAREEHOO....OO...YAA
MAREEHOO.....MAREEHOO......MAREEHOO 2X

YAA WAAQAA ODAA BULTUM.....


MAREEHOO...OO...YAA.....MAREEHOO......MAREEHOO....MAREEHOO 2X

YAA WAAQAA ODAA


BULLUUQ....MAREEHOO...OO...YAA...MAREEHOO....MAREEHOO.......MA
REEHOO 2X

YAA WAAQAA UUMAA


UUMTEE....MAREEHOO.....OO..YAA...MAREEHOO.....MAREEHOO2X

YAA WAAQAA DACHEE


UUMTEE........MAREEHOO....OO...YAA...MAREEHOO.....MAREEHOO....M
AREEHOO 2X

YAA WAAQAA NAMA


UUMTEE....MAREEHOO....OO...YAA...MAREEHOO....MAREEHOO...MARE
EHOO 2X

YAA WAAQAA BISHAAN


UUMTEE.....MAREEHOO....OO.....YAA...MAREEHOO......MAREEHOO....M
AREEHOO 2X

12
YAA WAAQAA MIDHAAN
UUMTEE.....MAREEHOO....OO....YAA....MAREEHOO....MAREEHOO.....M
AREEHOO 2X

YAA WAAQAA TULLUU


UUMTEE.....MAREEHOO......OOO...YAA...MAREEHOO...MAREEHOO....M
AREEHOO 2X

YAA WAAQAA MARGAA QABANNEE SI


KADHANNA.....MAREEHOO....OO....YAA...MAREEHOO.....MAREEHOO....
MAREEHOO 2X

YAA WAAQAA MALKAA BUUNEE SI


KADHANNA.....MAREEHOO.....OO...YAA......MAREEHOO.....MAREEHOO
2X

IRREECHI IRREE
KEENYAA.......MAREEHOO....OO.......YAA......MAREEHOO....MAREEHOO..
...MAREEHOO 2X

Jedhee maqaa waaqaa isa uumee waamee, uumaa hunda uumee


faarsee kadhata.

Kaayyoon kadhaa kanaas waaqayyoo (uumaan) akka roobaa,nagaa fi


dhala ykn sanyii isaanii baayisuu fi firii argataniidha. Yeroo baayyee
bakka qabatanii gara horaatti looni isaanii waliin itti godaanu. Kunis

13
akka jalqabaa fi
seenaa bara
haaraatti

fudhatama.

Maddi suuraa; Google interneetii

1.3.1.2. FAARFANNAA YEROO GARA MANAA DEEBI'AAN JEDHAMU


(GABBISAYYOO).
Gabbisayyoon faaruu warri Gadaa fi maanguddoonnii faarsaniidha.
Faaruu kana caalaatti oggaa GADAAN godaanuu fi yeroo sirna
goodaannaa raawwatan faarfatu. Kana jechuun abbootiin Gadaa

14
irreechaarrattis ni faarfatu jechuudha. Faaruu Gabbisayyoo namni
tokko yoo irraa buusu, namoonnii kuun immoo jalaa qabu.
Walaaloonsaa mana rukuta. Kan taphatuu warra dhiiraati.

GABBISAYYOO HOO........HOO.....HAYYEE ROOBEE LEESHAAN


SOBBOOQA DARAAREE. Kan jalaa qabus kanuma irraa deeddebiee jalaa
qaba.

ROOBEE LAFA NUU GAHEE HOO

HAYYEE ROOBEE ROOBE GABBISE

ODAAN NABEE DALGA LOOYEE HOO

KARRAAF ILMOO SITTI BOOYEE HOO

HAYYEE ROOBEE AYEETUU KANAA

ODAA QACCEE DALGA CIISEE HOO

KARRAAF ILMOON SITTAAN DHIISEE HOO

HAYYEE ROOBEE LEESHAAN SOBOOQA DARAARE.

GADAAN KOO GODAANSI ODAA HOO

15
OROMOO ARRABNI HOODAA HOO

HAYYEE ROOBEE ROOBE AYEETUU KANAA .

GABBISAYYOO....HOO......HOOO

HAYYEE ROOBEE ROOBE HAROO GARBA GATE.

GABBISAYYOO HOO...HOO

GADAAN HOODAA BIRBIIRSA HOODAA BOORANAA

ROOBEE MAGARSEE QAXXISAAN LATEE HOO

ROOBEE GABBISEE FALFALAAN BADE HOO

AADAAN HOODAA KALLACHI HOODA WAAQ LAFAA

IRRANA CUQQEEN NI MUULLATA HOO

ORMOON WAAQAAN DUBBATA HOO

ODAAN HOODAA KALLACHI HOODAA BOORANAA

16
DAMBALII BIRBIRSII LATEE HOO

ROOBEE FALFALAAN BADE HOO

ODAAN HOODAA BIRBIRSII HOODAA BOORANAA

ODAA NABEE YAA KURFOO KOO HOO

GADAA AABBOO YAA KURFOO KOO HOO

HAYYEE ROOBEE ROOBE AYEETUU KANAA jechaa deemu.

17
Maaddi suuraa; Google interneetii

1.3.2. IRREECHA TULLUU (IRREECHA ARFAASAA)


Irreechii Tulluu kan itti kabajamuu jiinii bonaa darbee yeroo bokkaan
Arfaasaa itti roobuu qaba jedhamee eegamu keessattiidha. Tibbii
bonaa googiinsaan beekkama. Aduu fi ho'aa irraan kan ka'ee jiidhi lafaa
gogee, margii qooree, bishaan cooree fi malkaa jiru hunda keessatti
qallatee muullata. Yoo gogiin kun dheerate horiis tahee dhala namaa
balaa irra buusa. Kun akka hin taaneef giddugala ji'a bitootteessaatti
hangaafotnii Biyyaa wal waamanii akka seeraa isaatti naannoo lafaa
bakka jiidha qaba jedhamuutti yaa'uun harka isaanii gara waaqaatti
qabanii " Jiidha nu hin dhoowwatiin, waqtiileen tooraa isaanii eegganii
haa naannaa'an, qilleensa roobaa nuuf kenni, araar" jedhanii kadhaa
waaqaa taasifatu. Tulluutti bahaanii waaqa tokkicha sana kadhatu.
Sirni kadhaa kun Aadaa fi falaasama amaantaa kuushootaa duriin kan
wal qabateedha jedhama. Oromiyaa keessaa Tulluun Cuqqaalaa
araddaa irreechaa isa guddaadha.

18
1.4. IRREECHAA FI UUMMATA OROMOO
Ayyaannii Galateeffanna fi Waaqeeffannaa Irreechi oromoo kun,
falaasama fi ilaachii oromoon Addunyaa kana keessatti ittin humna
waaqaa ibsu, jireenya lafa kanaa raajuu, dhoksaa ykn iccitii jiruu fi
jireenyaa labataa fi dabarsee ibsuu ta'ee fudhatama. Qacceen ilmoo
namaa dachee kana irratti faca'ee yeroo tokko du'uu, kan biraa immoo
cinaa isaatiin ka'e margee muullatu dhoksaan humna waaqaa kun
adeemsa galatteeffannaa ykn Irreeffannaa keessaan ibsama jedhee
oromoon amana. Icciitiin kun diinagdee isaa keessattillee gahee
ol'aanaa qaba.

Jireenya Qonnaa keessatti abdii waaqaatiin Qonnaan bulaan sanyii


midhaan isaa qooxii irraa fuudhee dacheetti facaasa. Waaqnii roobaan
lafa jiisee sanyiin biqilee baala ta'a. Baala kanatu yeroo waaqni kaa'e
keessatti ija ykn firii baasee makaramee soorata namaa fi horiif ta'a.
Yeroo kun itti tahuu waaqtii gannaa, lagni guutee, cooreen wal cortee
malkaa ce'umsaa cuftee, hurriin lafa uwwisee. Lafti
dukkannaa'eettidha. Waaqtii isaa eeggatee dukkanni ifa aduu bakka
bu'aa deemu, daandiin dhoqqaa'ee deemsa dhoorkatee xuuxxatee
deemsaaf mijatu, sanyiin faca'e biqilee baala ture hudhee, daraaree,
dachee bareechee ijatti deebihu, asheetiin itti nyaatamu birraan yeroo
irreechaa (galatteeffanna)ti. Oromoon "Baga Booqaa Birraa geessan "
jedha. Birraan, waaqtii dukkannii gannaa darbee abaaboon dachee
guutudha.

19
Akka Qorannoon tokko ibsutti, uummattoota qonnaan jiraatan sulula
Abbayyaa "Osiris " jedhama...... waaqaa sanyii kuftee kaatuu
( agricultural cult of the dying and resurrecting sprit of plant life....."
jedhamu Aadaa waaqeeffannaa/galateeffanna/ qabu turan. Adeemsi
kun darbee darbee Aadaa fi amantii waliin kuushota durii sana keessatti
raawwatamu, kaayyoo jireenyaa gaarii fi hormaata tole qabaachuuf
waan raawwatamu fakkaata. Haa tahu malee, wal fakkiin haala
waaqeeffanna fi Aadaan kun oromoo biratti waaqa tolfama
waaqeessuu osoo hin taanee waaqaa tokkicha qofatti amanu isaa
ibsuufidha. Kun akkuma jirutti tahee, Aadaan Irreeffanna/Osiris/ durii
kun irraa maddan qarooma kuushota naannoo sulula Abbayyaa (Nile
VALLEY cushitic civilization) ta'uu hin oolu jedhamee tilmaamama. Haa
tahu malee maddaa Aadaa fi adeemsa Amantiiwwaan kanaa kan tahee
fi eenyuutu eenyu irraa fudhate gaaffii jedhuuf qorannoo adeemsiisuuf
banaa taha.

Maaddi suuraa;
Google interneetii.

20
1.5. IRREECHII MAALIIF IRREEFFATAMA
Akkuma olitti ibsuuf yaalamee, waaqtiin gannaa kan beekamuu roobaa

cimaa, daandiin irraa deemanii gabaa dhaqaan dhooqqaa'ee, malkaan


cee'umsaa bishaanii guutee, lagnis garmalee guutee riqicha harkisee
kuffisee wal argeen itti adda citee turudha. Gama biroon immoo yeroo
itti qonnaan bulaan maatii isaa waliin qonnaa fi aramaadhaan itti
qabamee boqonnaa malee dhama'uudha. Waqtiin gannaa callaan
mana keessaa itti muraasatee, oyiruun ammoo baala midhaan qotamee
magariisa uffatee jirudha. Abdiin qonnaan bulaa gara firiitti jijjiramee
kna muullatuu hoggaa midhaan baalaa sun hudhee, daraaraa
facaafatee muullatu birraa keessadha. Birraan bari'uu dukkanni gannaa
darbee wayita asheetiin gahee ifni dhufu ta'ee uummata oromoo biratti
fudhatama.

Waaqtiin Birraa, Baatii fulbaanatii kaasee, daraaraa keelloo, tuufoo,


hadaa fi kanneen biroos asii fi achiin bareedee ija namaa hawwata.
Gama biroon ammoo, oyiruun qonnaan bulaa baalaa irraa gara

21
Firiitti jijjiiramee asheetiin midhaanii alaa fi mana guutee, mana nama
hundaa biratti muullata. Ijjoolleen asheeta quuftee bajjii ykn urufa
keessaa burraaqxtii. Jiboonnii fi gorommiin hoo'aa birraa ganamaa
gammadanii dirree keessaa burraaqu, kormii loonii ni bookkisu,
Qotiyoon hurufa keessatti wal jifatu, rimaan Arfaasaa guuttatee asii fi
achii dhaltee jabbiin gorba keessaa mar'atti. Oromoon haallaan kana
hunda keessatti iccittii humna waaqaa qalbeeffataa deema. Waaaqtii
Arfaasatti roobaa bokkaaf kadhatamee, bokkaa isaaf roobsee midhaan
magarsee margaa horiif geessissee ni galateeffatama. Malkaatti bahee,
dirree irra guutee "midhaan namaaf geessee, marga horiif geessee,
baala midhaan gootee, gombisaaf togoogoo koo guutee, ......" jedhee
waaqaa kan itti galateeffatu Birraadha. Birraan ji'a irreechaa kan
galateeffannaa.

Birraan yeroo firrii fira isaa gannaa haala hojii, jiruuf jireenyaa
akkasumas haala qilleensaaf jecha wal irraa citee ta'aa ture, kan
nyaataa fi dhugaatii qopheeffatee, itti wal dubbisu, wal gaafatuu fi
qee'ee walii daawwatu. Fulbaannii ji'a " Hiyyoo koo daree, yaa
habaaboo daree...." mallattoon booqaa Birraa itti dhufuudha.

22
1.6. TARTIIBAA DEEMSAA IRREECHAA
Irreechaaf yoo gara horaa deeman, deemsiisaa seeraa mataasaa qaba.
Innis garee gareedhaan kan qoodameedha.

1.6.1. GAREE ABBOOTII GADAA; HAADHOOLII ULFOO; ABBAA


MALKAA FI MAANGUDDOOTA .
Haatii malkaa fi haadhooliin GADAA, warrii ulfaa qabu, maanguddoo fi
beerraan ulfaa hunda of dura aansanii marsanii MAREEHOO Jechaa
deemu.

1.6.2. GAREE SHAMARRANII.


Gareen kun yeroo baayyee durba waan tahaaniif abbootii Gadaa fi
warraa ulfaa dursanii akka deeman eeyyamamaaf. Dubarrii duudaan
seeraa Gadaa keessatti mallattoo araarati. Gumaa baasuuf yoo deeman
durba duudaa qabatanii dhaqu. Guyyaa irreechas shamarraniif iddoo
olaanaatuu kennama.

1.6.3. GAREE FOOLLEE


Caasaa Gadaa keessatti warrii sadarkaa foollee irra jiran, namoonnii
warra ulfaa akka hin daddarbinee bitaa mirgaan irraa dhoowwaa sirba
foollee foollisaa deemu. Gaheesaanii akka poolisii ammayyaatti tajaajila
kennuudha.

23
1.6.4. GAREE WARRAA FARDAA
Warrii fardaa akkuma baayyina isaaniittiin garee lamaa sadii tahuu
dandahu. Fardarra taahanii dheechisaa deemu.

1.7. HAALAA UFFANNAA AADAA


Uffanni aadaa guyyaa Irreechaa uffatamuu adda. Garee hundumayyuu
kan adda godhu faayaa fi meeshaa qabatan dabalatee mallattoo
mataasaanii qabu.

Fakkeenyaaf, abbootiin Gadaa adii fi gubbaarraan bulluukkoo kuulaa


adda addaa qabu uffatu. Garuu caalaatti kan kuulaa faajjii Gadaa
( gurraacha, diimaa, adii) qabu uffatu. Harkatti kan qabatan alangee
seeraa, bokkuu (uulee aadaa) fi irreecha qabatu. Maanguddoonni
immoo ulee qal'oo ciraafi irreecha qabatu. Wayyaansaanii adiidha.
Abbaan malkaas kanuma garee kanaan walfakkaatu uffata. Abbootiin
Gadaa haala kanaan galma abbaa Gadaa tti erga bahaanii boodaa
irreecha qabatu.

1.7.1. UFFATA HAADHOOLII ULFAA


Siiqqeenis akka itti qabatan qaba. Akkuma abbootiin Gadaa gateettii
mirgaatti qabatan haadhooliinis oggaa deemaan haala kanaan qabatu.

Haatii caaccuu uffata gubbaarraan caaccuu baatti. Harkattii siiqqee,


okolee, gaadii, marga jiidhaa fi daraaraa qabatti. Haadhooliin hundii
waan caaccuudhaan ala jiru uffatni walfakkaata. Uffata adii uffatu.

24
Faayaa mormaa callee halluuwwan adda addaa qabuudha. Calleen
haadhoolii kan akaakilee abaabilee irraa dhaalan waan taheefakka
ulfaatti ilaalama. Shamarraan hin heeruuminiif faayaa. Kuullii wayyaa
haadhoolii kan abbootii Gadaa wajjiin yoo wal fakkaatuu isaanis haadha
caaccuu waa'elchanii deemu.

1.7.2. UFFATA WARRA FOOLLEE


Gareen kun uffata warra kaaniirraa adda. Goonfoorratti baallii
suuqqatu(baalliin mallattoo foolleeti). Uffatni kootii, kittaa fi hidhaan
dheeraa ykn gabaabaa uffatu. Uffatni isaanii baayyeensaa uffata
hojiitiin walfakkaata. Kuun immoo adii uffatu. Catee (daabee
jaldeessaa) mataatti keeyyatu. Kana kan qabutuu kaawwata.

Kallee gubbaarraan uffatu. Waantaa ( gaachana) qabatu. Ulee shimala


ykn harooreessa ykn kan argatan qabatu.

1.7.3. UFFATA WARRA FARDAA


Uffatni warra fardaa, warra foolleetiin kan walfakkaatu tahee wantii
dabalatan isaan qabatan, darbannaa, miilatti gambaallee fardaa
faayameedha. Warri fardaa nama foollee tahe malee baallii hin
suuqatan. Akkasumas waantaa qabatu. Kallee qeerreensaa ykn
leencaas uffatu.

25
1.7.4. UFFATA WARRA AYYAANTOOTAA
Ayyaantoonnii immoo uffata adda isaan godhu qabu. Uffata adiirraan
kallee leencaa ni uffatu. Waantii mataatti kaawwatan kan kalleen
walfakkaatu tahee, faaya kan qabuudha. Bakka Irreeffannaa haala
kanaan dhufu jechuu miti.

1.7.5. UFFATA WARRA SHAMARRANII


Hundaa caalaa uffatni guyyaa irreechaa ija namaa harkisu kan
shamarraniiti. Faaya mataarraa kaasee kan jiru uffata isaanii dabalatee
halluuwwan adda addaa kan qabuudha. Fayaan mataa, kan mormaa fi
harkaa, callee halluuwwan adda addaa qabuun kan tolfameedha.
Faayaan callee mataa fi mormatti hidhatan baayyeensaa galluu faajjii
Gadaa: gurraachaa, diimaa,fi adiidha. Kuullii qoloosaaniis halluudhuma
kana qaba. Harkatti margaa fi daraaraa qabatu.

Maddii: kitaabaa IRREECHAA kan obboo caalaa sooriitiin katabame.

1.8. CUUNFAA, ARGANNOO FI YABOO

1.8.1. CUUNFAA.
Irreechii ayyaanaa oromoo kan waaqaa galateeffannaa fi kadhannaati.
Ayyaannii irreechaa wayyaa aadaan faayyamanii harka marga jiidhaa
qabatuun kabajama. Yeroo malkaa bu'an ykn Tulluu bahaan, haatii
golaa siinqee qabattee, caaccuu naqattee, mareehoo, yaa mareehoo
jechuun dura deemu.

26
Abbaa Gadaan immoo bokkuu qabatee, kallacha hidhatee, abbaa
duulaan durfamuun hordofu. Shamarranii fi dargaggoonni dhiichisaa
ykn jeekkaraa deemu. Irreechi oromoo biratti ayyaanaa jaallatamaa fi
kabajaaamaadha. Oromoon irreechaa malkaa fi irreecha Tulluu jechuun
duudha kana waggaatti waqtilee BIRRAA fi ARFAASAA Malkaa fi
Tulluutti kabaja.

Akka Waaqeeffannaatti kadhaa fi galannii godhamu iddoo fi yeroon kan


murtaaheedha. Kunis amantii keessatti gochaadhan kan ifa tahuudha.
Sirna irreechaa kan hogganu jaarmayaa Qaalluuti.

Horri Arsadii iddoo orommoonnii Tuulamaa jaarraa dheeraa dura itti


irreeffachaa turaaniidha. Arsadi maqaa namaa yoo tahu, gosa liibaan
keessaa Abbaa Malkaa nama tureedha. Arsadii abbaa malkaa tahuu kan
dandaheef, balaa lubbuu isaa irra gahe jalaa of baraarsuu erga
dandahee boodaa, guyyoota saddeetiif, soomana cimaa godhee, muka
birbirsaa jalatti lubbuun kan muullate waan taheefidha. Birbiirsii kan
inni itti dhibaafatamuufis yaadannoo fi raajeeffannaa kanaaf akka tahe
ni himama. Kana booda horri Arsadii akka malkaa irreessatti ulfaa tahee
oromootaa Tuulaamaatiin akka kabajamu murtaa'e. Yeroo boodaa
oromoonni marti Hora Arsadii akka wiirtuu irreeffannaa godhanii itti
irreeffachaa turan. Yeroo ammaa kana waggaa keessatti ala tokko Hora
Harsadiitti ni irreeffatu.

27
1.8.2. ARGANNOO
Oroomoonni naannoo laga Abbaayyaa jiraataan malkaa Abbaayyaatti
bahuun, kan giddu gala biyyaa ammoo Hora Harsadiitti bahuun kabajaa
turan jedhu qoratan seenaa gidduu gala aadaa oromoo obboo
Alamaayyoo Haayilee.

Boodaa garuu haaloota turanii fi facaatii ummata oromoo waliin wal


qabatee naannoo naannoo isaanitti kabajaa akka turan himu. Jaarraa
16ffaa ttin asitti garuu babal'inaa amantaa kiristaanaa fi islaamaan wal
qabatee sirni Gadaas tahee kabajani ayyanichaa laafaa dhufee jedhu
obbo Alamaayyoon.

Haa tahu malee baruma baraan bayyanataa dhufuun amma addunyaa


guutuun hanga barutti gaheera jedhan.

Walumaa galatti irreechii oromoof;

 Mallattoo sabboonummaa
 Mallattoo eenyummaa
 Mallattoo tokkummaa
 Mallattoo nagaa
 Mallattoo jaalalaa
 Mallattoo obbolummaa

28
 Mallattoo aadaa fi amantii fikkkf dha.

1.8.3. YABOO
Barri kun ummata keenyaaf bara injiffannoo gurguddaa ture. Bara
rakkinni siyaasaa guddaan jiruyyuu miliyyoonotaan bahaanii kabajatu.
Haa tahu malee ammas dhiibbaan gama siyyaasaa fi jibbiinsaa
sabummaa namoonnii qaban waan kana laaffisuuf fedha qabu.
Ummanni oromoos aadaa, seenaa, eenyummaa fi sirna isaa
tokkuummaan cimee guddisuu fi eeguun dirqama biyyuummaa fi
sabummaati. Kana tahuu baannaan aggaammiin nurratti gama
eenyuummaa keenya balleessuun tahu nurratti raawwatama
jechuudha.

Walumaa galattii oromoon dhimaa irreechaa wal qabatee ka'u ilaalchii


dogoggoraa uumamuu keessaa:_

 Irreechii oromoof waan hunda waan taheef ilaalcha amantiitti


manxansee irraa hafuun dogoggora.
 Irreechii siyaasaa fi amantiin qoodee nama hin ambisu. Irreechii
eenyummaa keenya ganamaati. Nu ilaallata jechuudha.
 Akka amatiittis tahee aadaatti uumaa galateeffachuuf deemuun
uumaa ganama oromoon tolfateedha.

29
 Irreechii kan irreeffatamuuf waaqaa malkaa kana uumtee jedhee
jiidha qabatee jiidhan uumaa galateeffachuu malee akka ormii
seexana gabbaruu ykn kadhachuu jedhu sanan dogoggoruun hin
tahu.

WABIILEE
 Sirna GadaaOromoo,,dhumarratti kan banamee sadaasaa 25,2014
 Irreecha Arfaasaa Tulluu cuqqaalaa kabajame sirna Gadaafi
Irreecha dhumarratti kan baname; caamsaa 1, 2015
 Weebsaayiitii Gumii Waaqeeffatootaa Addunyaa
 Barruu Gaazeexaa Gullaallee post; jiildii 01 lakki, 1, fulbaanaa
2012, irreecha hora finfinnee fi duudhaa ganamaa.

30
 Kitaaba ilaalcha oromoo; Dirribii Damusee Bokkuu, Hagayyaa
2016 finfinnee.

31

You might also like