Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 2

Kitaaba koo , Sunday 15/08/2021 or 09/12/2013

SEENAA DHUGAA IRRATTI KAN HUNDAA’E! (seenaa baadiyyaa hanga magaalaa)

Contents

1.seensa

2 boq 1

Adeemsa jireenyaa

Mudannoowwan koo

Bu’aa bayii

Of toosisuu

If your actions inspire others to dream more, learn more, do more, and become more, you are a
leader. ~John Quincy Adams.

According to John Maxwell, 'Leadership is influence - nothing more, nothing less.'

Nama maatiin isaa qotee bulaa ta’anidha. Haatii fi abbaan kan hin baranne baadiyyaa fagoo
keessa kan jiraatu. Naannoo Oromiyaa, Godina Horroo Guduruu Wallagga, aanaa Guduruu,
Ganda Walii Taanee Gubbaa Dambii, Garee Goda Coriiti. Laga fincha’aa qarqara.
Bishaanichatu akka waardiyaa hamaatti nu ittise malee Magaalli shaambuu nutti dhiyoodha.
Halkan yeroo gadi bahan ibsaan magaalichaa akka dimlight hurgufamaa fageenyarraa namatti
mul’ata. Keessumaa , halkan sa’aatii sadii booda yommuu sangootafaa eeguuf ala barfannu
sagaleen yuusa waraabessaa, konkolaataa fincha’aarraa gara shaambuu deemuu fi darbee
darbee ifa baatirii namoota akkuma keenya sangoota eegan yookiin dhimma biraaf ibsatanii
nu mudata. Maatiin kun bakka kana jiraatu. Qotaa, horiis horsiisaa jireenyasaanii oofanii as
gahani. Bu’aa bayii jireenyaa kana hunda danda’anii jiraachuu itti fufan Obbo Sooressaa fi
Aadde Caaltuun Abbaa manaa fi haadha manaa. Ijoollees waliin godhachuu eegalaniiru.
Jalqabatti mucaa dheeressa jedhamu godhatani. Itti aansuun … Fayyisaan dhalate. Kana
keessa yeroo tokko Aadde Caaltuun firashee fagoo gara magaalaa jiran dubbisuu deemtee
achumaan achi turti. Sababii ma

Jireenyi of na jibbisiifte. Du’a yaaduun jalqabe . Maaliif namootni akka of ajjeesan naaf gale.
Anis furmaatnikoo achumaan jedheen yaade. Akkamittiin akkan of ajjeesu karaan soqe.
Takka tureemmoo lakki dhiisuu naa wayya nan jiraadhan ofiin jedhe. Yeroon fageessee
yaadu namootumti hin baratneyyuu jiraachaa akka jiran naaf gale. Ani isaanirra nama barate,
isarrattiyyu nama yuniversiitii barate, gosa barnoota injineeriingii waggaa jahatti digirii
jalqabaa nama argatedha. Kunis sababii dhukkuba vaayirasiin koronaatiini. Ammas
yuniversiitichuman jira. Barnoota digirii lammaffaaf barattoota dorgomanii argatan keessaa
nama tokkodha. Garuu barattootni na faana baratan garri caalu waan hojii argatan natti
fakkaata.barnootni daree waan dhumeef qorannoo waraqaa eebbaa qofa hojjechuu waan
taheef inni fira qabu firasaa bira, kan hojii bayeessa argate ammo ala bahee mana kireeffatee
jiraachuu eegaleera. Barattoota baachii keenyaa keessaa anaafi namoota muraasatu kaaffee
barattootaa fayyadama. Barattootni muraasni sunuu warra wal hin beekne akkasumas gosni
barnootaa keenya garaagara ta’anidha. Injineeriidhaan eebbifamanii hojii argachuun ni cima
inni jedhan soba natti fakkaachaa ture.Amma garuu waanan dubbii isaaniitti waliigale natti
fakkaata. Garuu haalichis nan amansiifne. Lakki haala siyaasaa fi dhibee baraa kanatu
dhaabbilee misooma garaagaraa irratti dhiibbaa uumnaan nama qacaruu waan dhiisan taha
malee dur akkas natti fakkaatu yaada jedhuun garaa hiruun eegale.

You might also like