Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 27

1 Burqaa Gammachuu Dhugaa!

2 Gammachuu argachuun dhala namaa hundaafuu barbaachisaa fi dhimma sona jabaa


3 qabu. Garuu gammachuu attamiitu nama barbaachisaa? Namni immoo gosa gammachuu
4 barbaadu kanaa eessaa argataa? Wantoonni gammachuu keessa namaa hatan warra akkamiitii?
5 Gaaffilee kana deebisuu danda'uun ofuma isaatiif hiika ta'uudhaa yoo baate illee, garuu furmaata
6 argachuutti wantoota geessan keessaa isa jalqabaa ta'uu ni danda'a.

9 Lubbuun namaa Uumaa ishee gar-malee dheebotti. Dheebuu kana yoo hin guuttanne, wantoota
10 nama gammachiisa jedhaman kamuu yoo gooneef lubbuun keenya raawwattee gammaduu hin
11 dandeessu.
12 Waaqayyo uumaa nama uumama hundumaa ti. Waaqayyo inni hundumaa uume kun immoo
13 karaa Yasuus Kiristoos tokkich ilma isaa caalmaatti biyya lafaatti of agarsiise. ( As irratti Ilma
14 Waaqayyoo yeroo jennu maal jechuu akka ta'e fuula kan biraa irratti ni ibsina. Ammaaf garuu
15 Qaama(person) sadan Waaqayyoo isa tokkichaa keessaa tokkuma jennee bira haa dabarru.
16
17 Namni Karaa Yasuus Kiristoositti amanuu adabbii cubuun itti fidu jalaa walaba baha. Namni
18 araara Waaqayyoo yoo hin arganne mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u. Namni immoo
19 araara Waaqayyoo argachuuf Yasuus Kirstoositti amanuudhaan muchaa Waaqayyoo ta'uu, fi
20 qalbii isaa diddiirachuutu isa barbaachisa.
21 Fuulota 'Website' kana irratti argamanii fi kan biroo keessatti illee barreeffamoota gaaffii
22 barbaachisaa dhala namaa kanneeniif odeeffaanoo deebii kennan qabannee ti jirra. Kanaafuu
23 Qalbii keessaa Waaqayyoof banatanii wanta Waaqayyo isaan keessaan isinitti dubbatu yoo
24 amantanii fudhattan wanta barbaachisaa tokko bara hara'a qabdan keessatti buufattan jechuu dha.
25 Kun immoo baroota dhufuuf jiran maraaf illee bu'uura isiniif ta'uu ni danda'u jedheen abdadha.
26 Barreeffamoota dubbifamanii fi lallaba dhaggeeffataman harcaafachuu (download
27 godhachuu) yoo feetan as tuqaa (To freely download reading materials and audio sermons,
28 please, click here)
29
30 Barsiisa walitti- fufaa qaqqabachuu yoo feetanis kan faa daawwadha
31 Icciitti moo'ichaa: Waaqayyoon Beekuu
32 Amma Yeroon: Waaqayyoon barbaaddachuuf
33
34 Waaqayyo inni jallala sirrii fi adda ta'e isiniif qabu, inni Uumaa ta'e sun isin haa eebbisu!
35 Icciitii moo'ichaa (k1 Full txt)

36 Jireenya kee keessatti moo'ichaan jiraachuu ni barbaaddaa? Icciitiin Moo'ichaas maal akka ta'e
37 baruu ni feetaa? Barumsa kana hordoftee yoo deemte, waan si gargaaru ni argatta jedheen
38 amana. Waaqayyoon beekuudhaan jireenyi moo'ichaa kee ni guddata. Waan tokkoof lama qofaa
39 irratti otuu hin ta'in, Waan hundumaa irratti mootee, Yaada Waaqayyoof jiraachuu, gonfoo
40 jireenyaa fi kan ulfinaa isa siif qophaa'ee jirus gonfachuu ni dandeessa.

41 Jireenya Moo'ichaa jiraachuuf waan baay'eetu ykn immoo waan ulfaataatu sirraa eegama miti.
42 Waaqayyoon sirriitti barraan moo'icha kan kee godhatteetta. Waaqayyoon akkamitti beekutuu
43 naaf ta'a? jetta ta'a. Mee barsiisa dubbii Waaqayyoo kana obsaan dhaggeeffadhu ykn itti fufii
44 dubbisi

45 Icciitii Moo'ichaa (K2 full txt)

46 Tuujuba Waaqayyoon beekuu keessa lixxee isa hin barreeffamin yaada Waaqayyoo baruu
47 barbaaddaa? Jireenya ammaa keessatti ba'aan seeraa fi ajajaa otuu sitti hin ulfaatin, garuu
48 jireenya bara baraa keessaa hirmaachuu feetaa? Akkaataa salphaa itti cubbuu ofirraa dhabduu fi
49 haangoo cubbuu injifattu qabaachuu barbaaddaa? Waaqayyo diionota keetti diina ta'ee akka siif
50 loluuf karaan salphaa fi gabaabaan ni jira. Barsiisa dubbii Waaqayyoo kana qalbeeffannaan
51 hodoftee jennaan, waan haaraan keessa keetti ta'uu jalqaba. Keessattuu immoo nagaan kee akka
52 lagaatti yaa'uu jalqaba. Jechuun gammachuu fi nagaan kee dhuma hin qabaatu. Haalaa fi yeroo
53 kamittuu nagaan Waaqayyoo jireenya kee keessatti guutuu ta'ee argita. Kun icciituu moo'ichaa
54 kutaa lammaffaa keessatti mul'ifameera!

55 Kakuu Bara Si Fuula Duraaf


56 Bara haaraadhaaf Ergaa ebbaaf ulfinaa qabda. Waaqayyo karaa baay'ee si eebbisuu
57 barbaadeera. Siinis akkas jedhee si waama, "Kottu waliif gallee sin eebbisaa!" Barri siif dhufe
58 bara salphaa miti. Itti dhimma baanaan eebbi "Afaan Waaqayyoon dubbatame" jireenya kee
59 argachuu irraa kan ka'e, akka aduu saafaa ifuu jalqada. Qajeelummaa Waaqayyootu uffata siif
60 ta'a! Fayyinni kee ni ariifata. Daangaa malee tarkaanfatta... Waaqayyotti ni gammada, haalonni
61 ati eegdu gammachuu siif hin laatan, gaafa Waaqayyoo wajjin waliif galtu garuu gammachuu
62 dhabbataa tu kan kee ta'a! Eebbi bara durii duriittii jalqabee abdachiifame, kan kees ni ta'a! Maal
63 wanti dinqiin akkasii? Mee itti fufaa dubbisadhaa. Yaadannoos qabadhaa tii, Waaqayyoo wajjin
64 ta'aa of eebbisaa! (Mat duree: Kakuun Bara Si fuula duraaf" jedhu kana irran seenaa!
65 Ergaa Har'aa!

66 Kottaa mee Waaqayyoon barbaaddannaa! Innis balaa jabaa achii as adeemaa jiru jalaa nu baasaa!
67 Kun beekkachiisaa fi gorsa, akkasumas jajjabina guyyaa hundumaa Hafuurri Waaqayyoo kennu
68 dha!

69 Filatanii jiraachuu

70 Yeroon tokko yeroo isa biraatti nama lata. Namni yeroo isaaf kenname keessatti kallattii ittiin
71 deemu filachuu danda’a. Filmaatni yeroo hundumaa waan argachiisuuf waan dhabsiisu ni
72 qabaata? Ati mana barumsaa, hiriyaa jaalalaa, bakka jiraattu, hojjechuu dhiisuu, fiiguu fi obsaan
73 suuta deemuu,… keessaa filattee akka beektu shakkii hin qabu.

74 Isumatti Jiraadhaa
75 Ammas yaa ijoollee koo, Yeroo Kristoos mul'atutti ija-jabina akka qabaannu malee, guyyaa
76 dhufa isaatti yeelloodhaan akka hin rifanneef, isumatti jabaadhaa! (1 Yoh. 2:28)
77 Waaqayyoon Barbaaddachuu
78 Bar tokko Waaqayyo komee isiraa’el irraa qabu irraa kan ka’e dheekkamsa akka fiduuf jedhu
79 karaa Sefaaniyaa dubbata ture. Waaqayyo saba sana maalif komata jennee yoo qoranne:

80- Na hin barbaaddanne jedhee ti. [ Sefa.1: 4-6]--- Kana irraa kan ka’e immoo lafa hundumaan
81 balleessa jedha. Lafti hundumtuu maaliif badaa? Israa’el qofa mitiikan balleesse? Isiraa’el
82 soogidda lafaa turte. Soogiddi ni tursiisa. Waaqayyo qomoon inni ittiin saba lafarraa ofitti
83 firoomsuu fi deebisuu barbaade yoo isa duraa bade, warri kaanis miidhaman jechuu dha.
84 Maqaan Waaqayyoo haa Qulqullaau
85 Kadhata Gooftaan Yasuus Bartoota isaa barsiise keessatti gaalee " Maqaan kee haa qulqullaa'u"
86 jedhu argina.
87
88 _ Kadhata kana guyyaatti si'a baay'ee kadhachuu keenya irraa kan ka'e gaalee kanas hammasuma
89 irra deddeebinee jenna.
90
91 - Dheebuu ijoollonni isaa yeroo lafa kana irra jiraatan qabaatan keessaa tokkoo fi baay'ee
92 barbaachisaa godhee kan Yasuus barsiise isuma kana. "Maqaan kee haa qulqullaa'u!".
93 Fiigichi kee maal si argachiisa?
94 Fiigichi adeemsa ariitiidhaan of fuul-duratti godhamu dha. Fiigichi fakkeenya adeemsa jireenyaa,
95 tajaajilaa, hojii, dubbii, yaadaa fi mul'ataa ti. Fiigicha jennee inni nuti ilaalluu dhamaatii waan
96 dheebonnu bira gahuuf goonu.
97
98 Safisi fiigicha namaa yeroo baay'ee dheebuu waan bira gahuu barbaaduu ykn immoo jibba/sodaa
99 waan jalaa bahuu barbaadu irratti qabuun murteeffama. Namni yeroo waa jalaa baqatu humnaa fi
100 dandeettii qabu maratti fayyadamee fiiga. Akkasumas immoo namni yeroo dheebuun waan
101 tokkoo isa keessa guutu, akkuma kana humna qabu hin qusatu.
102 Tajaajila Hordoffii lubbuu haaraa

103 Barumsi tajaajila hordoffii kun tajaajiltoota namoota dhiyeenya gooftaatti dhuganii fi dhugaa
104 bahameef akkasumas namoota cubbuu garagaraa keessatti kufanii fi saaxilamoo ta'an akka itti
105 hordofnee gargaaru nu barsiisuuf kan qophoofte dha. Haa ta'u iyyuu malee barumsichi gara fuula
106 duraatti babal'atee kan qophawuu malu ta'uu isaas haa yaa dannu.

107 Yeroo dubbisaa gaarii!

108 Waaqayyoon hin durfamu!


109 Diinni ni ariifata garuu Waaqayyoon hin dursu! (audio, sagaleen)
110 (Aster 5:11-14)
111 Hamaan Yihuudota lafarraa haxaa’ee bal’eessuuf saffisa guddaan haala mijeeffateera. Yaadi inni
112 yaade, mootii biratti dafee, takkumaan fudhatama argate.

113 Barreesitoonni ariitiidhaan afaan garaagaraatti hiikaniif (seera balleeffama saba Waaqayyoo)

114 Xalayaan salphaadhumatti biyyootaa fi kutaalee biyoota garaagaraatti raabsamee wal ga’eef

115 Wanti hundumtuu takkaadhaan sorooree adeemaafii jira!

116 Kana biraan immoo kadhata Asteer otuu mootiin dhaga’ee tarkaanfii hin fudhatin,
117 Mardookaayiin fannisee akka inni ajjeesuuf haati manaa isaa fi hiriyoonni isaa malaniiruuf

118 Utuu affeerrii isa lammataa (yeroo Asteer itti gaaffii ishee dhiyeeffattu) bira hin ga’in akka
119 fannifamuuf mardookaayitti murteeffameera.

120 Waaqayyoo fi sabni isaa waan hojjetan keessatti waan lafarra gototaman fakkaatu! Haa ta’u
121 iyyuu malee injifannoon kan Waaqayyoo ti!

122 Waaqayyo beekaa Asteeriin guyyaa jalqabaatti dubbii harkaa balleesse. Sababni isaa isheen tarii
123 sodaa irraa, naasuu irraa, haala siyaassa mootiis yaada keessa galchuu irraa waan dubbattuuf;
124 tarii waan gaafachuun irra jiru hundumaa hin goontu. Yoo baay’ates kan isheen gaafattu, akkuma
125 itti fufnee jiraannu godhi! Kan jedhu dha.

126 Gama biraadhaan immoo Asteer, mana mootii keessaa iyyuu haa jiraattu malee, oddeeffannoo
127 irraa fagoodha! Waan biyyicha keessa jiru, waan saba ishee irratti labsamee jiru, waan warri
128 mootii jala jiranis karoorsaa oolan hin beektu turte. Ammas taanaan, Isheen boriif karoora haa
129 qabatttu iyyuu malee, edana kana Wanta jal’oonni hojjechuuf karoorfatanis hin beektu turte.
130 Waaqayyo garuu beeka! Kanaaf, akka ariitiidhaan labsiin garagalfamutti, akka ariitiidhaan
131 murtiin du’aa gara labsii jireenyaatti labsamutti, akka ariitiidhaan Seexanni afaan qabatee isa
132 Waaqayyo jedhu duwwaa labsutti, Waaqayyo halkan walakkaa dhufe! (6:1). Yerfoo dhufu
133 immoo Waaqayyo karaa Asteer fi Mardookaay kadhatanii fi yaadan irra miti. Inni karaa ofii isaa
134 irra, Karaa ol kaafamuu irra dhufe!

135 Halkan kee Walakkaatti ilee yoo ta’e, Waaqayyo ni dhufa! Ati isa duratti gad-of deebisuu kee fi
136 isa qofaa wajjin walii galuu kee hin dhiisin!Labsiin diinaa ni garagalfamaa!
137 Al tokko tokko, abdii kutannaa irraa kan ka’e, nuti waanti nuti yaadnu, waan xiqqaa, waanuma
138 jireenya keenya duwwaa itti fufsiifachuu, waanuma har’a nyaannee bullu, waanuma har’a
139 uffannu, waanuma har’a ittii kiraa manaa baafannu, waanuma har’a ittiin hojii xinnoo ishee
140 argannu, waanuma har’a ittiin cidha gabaabaa isaa godhannu, waanuma ittiin namoota dura
141 baanee gallu, waanuma ittiin kutaa tokkoo kutaa biraatti dabarru, waanuma ittii liqii nurra jiru of
142 irraa baafnu…. Kadhanna.

143 Kadhata Yaaqobiin yaadadhaa---waanan nyaadhu, waanan uffadhu, mana abbaakootti deebi’uu
144 yoo naaf laatte

145 Beektuu, Waaqayyo garuu yaada addaa, ulfina addaa, ol kaafamuu addaa, murtii addaa,
146 ijaabaasuu addaa qaba. Akka asteer Itti ijaa baafachuuf qophooftetti, akka asteer ofii shee fi saba
147 ishee falmuuf qophooftetti miti kan Waaqayyo hojjete. Inni mootii irraa hirriba fageesuudhaan
148 jalqabe. Yaada seenaa/galmee garagalchuu mootii keessa kaa’e. Akka inni of ilaalee of tuffatu,
149 akka inni yeroodhaan waan godhamuun irra ture tokko hin godhin darbe itti agarsiise. Asteer
150 mooticha nyaataa fi dhugaatiidhaan garaa isaa argachuuf yaalaa jirti, Waaqayyo garuu humnaan
151 ka’eera! Isa ati irratti diplomaatiin yaalaa jirtu irratti Waaqayyo immoo humnaan ka’eera!Maal
152 jetta egaa? Isa ati yoon dubbadhe, iddoo koo dhabinna, mindaa koo dhabinnaa, jireenya koo
153 balaa irra buusinnaa? Jettee mamaa waan jettus wallaalaa itti rakkachaa jirtu irratti Waaqayyo
154 humnaan ka’eera! Karaan inni ka’e garuu karaa kee irraa karaa kan biraadhaan! Waaqayyo siinis
155 si dursa! Gaafa yeroon Isaa ga’u, Waaqayyo diinota kee qofa otuu hin ta’in, siinis, warra si
156 jaallatan kan biraas ni dursa! Kana immoo Inni Ulfina ofii Isaa eeggachuuf jedhee akkas godha!

157 Gaafa ati ariifattee kaatu, Waaqayyo calluma jedha, gaafa ti boodatti harkifattu Waaqayyo si
158 dursa. Yaada Waaqayyoo wajjin waliif galanii yeroo Waaqayyootti Waaqayyoo wajjin
159 tarkaanfachuu danda’uun attam dinqii dhaa? Gooftaan nu haa gargaaru!

160 Tarii namoonni, bulchitoonni, firoonnii fi hiriyoonni beekamtii ati argachuun sirra ture, ulfilfina
161 siif amlu, mundaa ati argachuun sirra ture, dadhabbii keef galata ati argachuun sirra ture si duraa
162 hambisanii jiruu laata? Ati immoo itti qabamtee, hojii gaarii isa jalqabde dagattee jirtaa laata?
163 Hamilee kootti bu’an jettee komataa jirtaa laata? Dhiisi, Waaqayyo guyyaa barbaachisaa tokkoof
164 ol siif kaa’ee! Guyyaa cimaa tokkotu jiraa, guyyaa kana immoo warra jaleedhaan otuu hin taane,
165 Isuma mo’ee jiruun badhaasi siif kennamaa! Utuu yeroo itti Mardookaay gaafa waan gaarii
166 godhe sana, tarii sadarkaan waardiyyummaa isaa ol butame ta’ee, tarii otuu dabala mindaa argate
167 ta’ee, tarii otuu manni kutaan tokko kennameef ta’ee, tarii tarii otuu uffatni waardiyyummaa fi
168 tirikaan (baatriin) bitameeraaf ta’ee, silaa gaafa mootiin, “nama kanaaf maaltu godhamee?”
169 (6:3)jedhu isatu himama ture. Amma garuu, Waaqayyo yeroo Isaatti ulfina calaaluu fi eebba
170 caalu keessaa baasuuf jedhee, wantoonni xixiqqoon sunniin akka Mardookaayiif hin taane
171 godheera.

172 Egaa atis hin guungumin kaa!Namatu mindaa koo na dhowwate, namatu hojii koof galata na
173 dhowwate, namatu sanaa fi kana na godhe, jettee ofuma onnee kee hin dadhabsiisin!Waaqayyo
174 guyyaa gaarii tokkoof siif kaa’ee!

175 Gaafa mootichi Arxeekisis waan Waaqayyo hirriba irraa bal’eessee itti agarsiise gochuuf nama
176 barbaadu, Hamaanis waan yaadaa bule raawwachuuf, dallaa mootiitti ol seeneera! Yeroo seene
177 immoo Labsataa fi dhaadataa seene! Akka Waaqayyo durse Hamaan hin barre! (6:4-5)

178 Amma Waaqayyo Sagantaa Hamaan subiin baheef geddarsiisuuf murtoo godheera.Kana immoo
179 afaan nama kan biraan otuu hin ta’in, Hamaanummaan faallaa isa karoorsee, faallaa isa itti
180 dhadatee, faallaa isa ittiin of koorsee labsisiisuuf Waaqayyo saganteesseera.

181 Sa’atich tokkuma, yeroon du’aaf karoorfamee fi Yeroon ulfinaan ol baafamuu! Diinni yeroo itti
182 du’a kee eegutti, ulfina kee arga! Sababni isaa, yeroo sanatti ati, “Nama Mootiin kabajuu
183 barbaadu!” jedhamtee waamamta!

184 Yeroo dhumaa irratti, Waaqayyo diina kee carraa kan ofii isaa dubbaachuu dhowwata. Hamaan
185 erga mootiin kaayyoof waamsisee booda, yeroo itti jal’ina ofii yaade itti gaafatu hin qabaanne.
186 Kaayoon mootii kun ariitiidhaan waan hojiirra ooluun irra jiruuf, waanuma gaafatamee
187 dubbachuu fi waan ajajame gochuu qofaa danda’a! Kanaaf, diinni waanuma fedhe iyyuu haa
188 saganteessu, isiniif garuu Waaqayyo ajaja haa baasu!

189 Erga Waaqayyo labsii Hamaan labsii ofii Isaatiin garagalchee akka Mordekaayi uffata mootii
190 uffatu, farda mootii irra taa’ee (Hamaan farda harkisaa) dinqisiifamaa fi ol ol qabamaa magaalaa
191 naanna’u godhee booda, Hamaan manatti galee, warra firootaa isaa fi haadha manaa isatti waan
192 irra ga’e itti himate. Kan isin dhibu, amma Waaqayyotu ka’e waan ta’eef, haati manaa fi firoonni
193 isaa illee ammaa booda sagalee jajjabinaa itti dubbachuu hin dandeenye; mala kan biraas hin
194 arganneef. Garuu, raajii itti dubbachuu jalqaban. Gaafa Waaqayyo ka’u, diinonni keenya iyyuu
195 raajii sirrii nuuf dubbachuu jalqabu! Akks jedhaniin, “Moredekaayi inni ati amma fuula isaa
196 duraa kufuu jalqabde kun, sanyii Yihuudii yoo ta’e, ati raawwatteedhuma kufta malee, isaan
197 mormuu hin dandeessu!”(6:13).

198 Akka jara kanatti mul’atetti, jalqabuma Mordekaayi lafaa ka’uun, hamaan otuu duraa kufuu ti.
199 Kana immoo waa’ee eenyummaa Mordekaayiin wal qabsiisaanii gaafa ilaalan, humni kuffisuu
200 jalqabe kun itti fufaa akka ta’e hubatan! Akka aangoo Hamaan isa yeroof ka’ee dhaabatu akka
201 hin taane, madda dhuma hin qabne irraa akka humni moo’icha Mordekaayi akka dhufu hubatan.
202 Kanaafuu, “Mordekaayi kun snanyii Yihudii yoo ta’e,” raawwattee badda jedhaniin! “Duras
203 dhaabachuu hin dandeessu!” jedhaniin.

204 Sabani isaa, “Hamaan sanyii Yihudiif yaada gaarii hin qabu” ofuma isaatii diinummaa waan
205 jalqabeef, hojii inni jalqabe akka isa balleessuu danda’u itti himan. Hubannaa isaaniikana duuba
206 garuu, Sanyiin Yihuudii sanyii Waaqayyo irratti waamamuu barbaade ta’uu ni beekna. Qomoo
207 Waaqayyo filate dha. Qomoo Waaqayyo filatee wajjiniin jirutti namni diinummaan bahe kamuu
208 immoo hin oofkalu!

209 Dhaggeeffadhaa, nuti Kiristaanonni, dhiiga Yasuusiin bitamnee, dubbii Waaqayyoon lammaffaa
210 dhalannee, hafuura Waaqayyootiin qulqulleeffamnee fi mallatteefamnee jireenya bara bara
211 baraaf warra kaadhimamne dha. Dhalachuun keenya inni lammaffaan kun sanyii baduttii akka
212 hin taane sagaleen Waaqayyoo ni dubbata (1Phex.1:23). Namni Waaqayyo irraa dhalate immoo
213 humna ittiin cubbuu mo’atu waan of keessaa qabuuf, cubbuus waan diduuf, jaallatee fi barbaadee
214 jireenya cuubbuu keessa waan hin jiraanneef, “Inni hamaan sun isa miidhuu hin danda’u”
215 (1Yoh.5:17).

216 Akka nama kamii jedhee inni jireenya kee lafatti ilaalee sagachiiftaa si bira darbuu barbaadu,
217 gaafa ati diddu humnaan ka’uun isaa hin oolu. Humna qabuu fi meeshaa qabu hundumaa
218 hiriirfata. Haa ta’u iyyuu malee gaafa ati Waaqayyo duratti gad-of deebisuudhaan jalqabdu
219 (akkuma Mordekaayi achii jalqabe), Waaqayyo isa jireenya kee ariifatee karaatti hambisuu
220 barbaade irratti labsii baasa. Gooftaan Yasuus, “Warri natti amanan, bara baraan hin badan”
221 waan jedheef, diinni jireenya kee bara baraan injifatama! Akkuma Mordekaayiif mukti itti
222 rarraafamn ol dheeraan qopheeffameef (du’a dhiphuu cimaa qabu, du’a salphinaa, du’a
223 yakkamaan du’un ajjeesuuf), Seexannis har’a amantoota irratti yakka funaanee (waan yaada isaa
224 wajjin waliif hin galleef) ariifatee du’a bara baraa (isa cubbamaan cubbuun isaa hin dhiifamiiniif
225 du’utti) si geessuuf ariifataa jira. Haa ta’u iyyuu malee, Dhiigni Yasuus waan siif dhangala’eef,
226 yeroo dhumaa kanatti illee Waaqayyo siif ga’eera! Ati Waaqayyo duratti gadi of deebisuu fi
227 cubbuu keetti qalbii diddiirrachuu gaafa jalqabdu, Seexanni gubata bara baraa itti dafee si
228 darbachuuf yaaletti ofii darbatama.Guyyaan firdii sun, yeroon dhumaa sun, siif akka isa
229 Seexanni yaadee otuu hin ta’in akka isa Waaqayyo siif kaa’ee taata! “nama Mootiin ulfeessuu
230 barbaadeef” kanatu ta’a siif jedhama.(Mat.25:34 dubbisi) “Ergasii Mootichii warra mirga isaa
231 jiraniin, ‘Isin yaa warra Abbaa kootiin eebbifamtanii, kottaa mootummaa Isaa isa uumama biyya
232 lafaattii jalqabee, isiiniif qophaa’etti galaa!’ ” in jedhaan. Yeroo kana hojii gaarii inni kanaan
233 dura ati gatii itti hinfudhatin hojjechaa turte hundumtuu tokko tokkoon siif lakkaa’amee galata
234 siif kennisiisa!

235 Tarii jirenyi kee har’aa akka ati eebbifamaa taate kan agarsiisu ta’uu dhiisuu danda’a. tarii
236 waa’ee waan gaarii ati godhaa jirtuu fi gootees, namni ta’ee Waaqayyo waan siif hin ilaalle sitti
237 fakkaachuu danda’a. kanuma irratti iyyuu immoo diinni kee guyyaa guyyaatti labsii jireenya kee
238 gabaabsee, guyyaa siif akeekame kana biraa si hankaaksuu labsuu irrraa kan ka’e, jireenya sodaa
239 guddaa qabu jiraachuu dandeessa. Kana irraa kan ka’e, maaliifan Kiristaan ta’e, maaliifan
240 Waaqayyoon sodaadhe, maaliifan akka warra kaaniitti hin jiraanne… silaa anis akkuma warra
241 kaanii ‘jiraachuu’ nan danda’an ture mitii jetta ta’a. Sababii Kiristaanummaa keetiif, waan
242 sagada sirraa barbaadu baay’eef sagduu diduu kee irraa kan ka’e, cubbuun kees sirratti
243 baay’achuu irraa kan ka’e, jireenyi kee kaaraa oliis ta’ee karaa gadii waan dagaatame sitti
244 fakkaateera ta’a. Kiristaanummaa waanuma itti dhalatteef (takkaa waan fudhatteef) keessa jirta
245 malee, tarii biyya kees gad-dhiifteetta ta’a—jechuun koo jireenya Kiristaanummaan sirraa
246 barbaadu illee qixaan jiraachaa hin jirtu ta’uu danda’a! Amma ati fuula Waaqayyootti deebi’uuf
247 gad-of deebisi, inni immoo isa jabaa fi haango-qabeessa hirree isaatiin yeroo ofii Isaatiitti ol si
248 qabuuf ni dhufaa! (1Phex.5:6-9)

249 “Kanaafis, Waaqayyo yeroon isaa yemmuu ga’u akka ol isin qabutti, haka Isaa isa aango-
250 qabeessa jalatti gad-ofdebisaa!

251 Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!
252 Of qabaa, dammaqaas! Seexanni amajaajiin keessan, akka leenci yeroo beela’utti aadaa
253 naanna’utti, nama liqimsubarbaadee in naanna’aa.”

254 Egaa Misiraachoo! Diinni kee ariifatu iyyuu Waaqayyoon hin dursu, atis lafaa kaatee jireenya
255 namaa fi Waaqayyo duratti ulfina qabeessa ta’e jiraachuu ni jalqabda waan ta’eef!Diinonni kee
256 immoo badiisaa fi sagantaa du’aa siif qopheessanitti ofii galu!

257 Waaqayyo lolaa fi falmaa dha!

258

259 Waaqayyo si haa eebbisu!


260
261
262
263
264
265
266
267
268
269
270
271
272
273
274
275
276
277
278
279
280
281 Ilma Rabbii?
282
283 Fayyinni kannaa tola Rabbi warra Yesuus kiritoositti amananiif kannu dha. “Isin ni’imaa Rabbii
284 tiini amantiin najaa baatan; kun ammo kannaa Rabbii ti malee, waan isin irraa arkamee miti.
285 Dalagaanii sii miti, akka namni tokko illeen ittiin if hin dhaadanne.” (Efe.2: 8-9).
286 Kannaan mindaa ifii irraa adda dha. Namni Kannaa Rabbii fudhachuuf murteeysu nama Isa
287 Kabajuu fi Isa amanu dha. Kannaa Rabbii isa harkaa ti fudhatuu diduun garuu isa tuffachuu fi
288 dhugaa qabaachuu dubii isaa tii ganuu dha. Kun akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti ammo
289 Rabbiin sobsiisuu akka ta’e arkina. “Namni Ilma Rabbiitti amanu hundinuu, ragaa kana if
290 keeysaa qaba; namni Rabbitti hin amanne ammo, waan Rabbi Ilma isaa tiif ragaa bahe san
291 waan hin amaniniif jecha, Rabbumaa huu kijibaa godhuu isaa ti. Ragaan inni bahes, Rabbi
292 jireenya bara baraa nuuf kanne ti jira; jireenyi bara baraa kuniis, Ilma isaa keenysatti arkama
293 kan jedhu. Namni Ilma Rabbii qabu, jireenya kana ni qaba; namni Ilma Rabbii hin qabne ammo,
294 jireenya kan hin qabu.”(1Yoh.5: 10-11).
295 Ilma Rabbii yoo jennu maal jechuu keenya? Gabaabumatti Yesuus Kiristoos jechuu dha.
296 Rabbi tokkicha (Keessa Deeb. 6:4) “...dhaga’i! Rabbi Gooytaan Keenya Rabbi isa
297 tokkicha”.Rabbi inni tokkichi kun qaama (person) sadiiyin bara baraaf jiraata. Qaamni
298 sadeenuus, Qaamoota (persons) isa Rabbiin tokkichi ergaan takkaa ittiin jiraatu. Sadeenuu
299 qamaan gargar yoo tahan waaqummaan (Divinity) garuu tokko dha. Qamman kanniin keeysaa
300 inni tokko Qoowilichaa (the Word [of God]) dha.
301 “Jalqaba qoowlichaa tu ture; qoowlichi niis rabbi wajjin ture; qoowlichinuus Rabbi ture; Inni
302 jalqabumaa kaasee Rabbii wajjii ture. Wanti hundinuus isumaan tahe; waan tahe keeysaa his
303 isaan malee kan tahe tokko illeen hin jiru.” (Yoh. 1:1-3).
304 Akka Kitaabni Rabbii himtutti, Qoowlichi inni jalqabaa kaasee ture (jechuunis inni bara baraa
305 jiraataa ta’e), inni ifii isaa tii Rabbi tahe, Inni ammo wanti hundumtuu isaan tahe (jechuunis inni
306 uumaa tahe) kun jasada (flesh) tahee ti gara addunyaa kanaa dhufe. “Qoowlichi jasada tahee ti,
307 nu jidduu buufate. Ulfina isaa kan ni’imaa fi dhugaa dhaan guutamees agarre; ulfinni isaa tiis
308 kan Ilmi tokkichi Abbaa isaa irraa arkatu ture.” (Yoh.1:14). Akkasitti qoowlicha inni ture sun
309 nama tahee; namninuus Yesuus Kiristoos jedhama.
310 Yesuus kun kan inni dhalate akkanatti ture. Guyyaa tokko Jibiril maleeykichi, Rabbi birahii
311 ergamee, gara intala Maariyaam jedhamtu takkaa dhufe. Maariyaam tun namicha Yoseef
312 jedhamuu tokkoof qaadhimamtee ti turte. Maleeykichis isiitti mullatee ti, “Nagaan siif haa
313 ta’hu,ati tan ni’imaa arkatte, kunoo Rabbi Gooytaan si wajjiin jira” jedheen. Isiin immo waan
314 inni dubbate hedduu isii rakkifnaan “Nageenyi akkasi tii maal?” jettee qalbii isiitti yaadde.
315 Hoggus maleeykaan isii dhaan, “Yaa Maariyaam, Rabbi biraa ni’imaa arkattee ti jirtaa, hin
316 sodaatin! Kunoo gadameessa kee keessatti ni ulfoofyta, ilmas ni deeysa, maqaa isaa tiis Yasuu
317 jedhii tii moggasi! Inni beekamaa dha taha, Ilma Gooytaa jedhamee ti yaamama,…barabaraan
318 moha, barri mootummaa isaatii dhuma hin qabu” jedhe. (Luq.1: 26-33)
319 Maariyaam hoggus, “Ani dubra birkaa waaniin taheef jecha, kun akkamitti tahuu
320 dandaya?”jettee ti maleeykaa gaafatte. Maleeykichi immoo, “Ruuhal Qudus si irra dhufa,
321 humniti Gooytichaa tiis siif gaaddiddeeysifti; kanaaf jecha mucichi qulqulluu si irraa dhaltu kun
322 m Ilma Rabbii jedhamee ti yaamama… Rabbi biratti wanni hin dandayamne humaa takka illee
323 hin jirtu” jedhee ti deebiseef. (Luq.1:34-37). Maariyaamis achumaan ulfooyte.
324
325 Maariyaam isaa wajjin odoo wal bira hin gahin waan ulfooytee harkamteef, qaadhimaan isii
326 Yoseef dhoysaatti isii dhiisuuf murteeyse. Odoo Yoseef kana yaadaa jiruu jiruu, kunoo
327 maleeykaan Gooytaa dhaa, manaamatti itti mullatee ti, “Yaa Yoseef ilma Daawwid, Maariyaam
328 qaadhimaan tee, Ruuhal Qudusiin waan ulfooyteef jecha, isii fudhachuu hin sodaatin! Isiin ilma
329 ni deeysi; atiis maqaa isaa ‘Yesuus’ jettee ti moggaafta; inni ummata isaa dilii isaanii irraa
330 isaan najaa baasa” jedheen. Maat. 1:18-21) `
331 Yaa obboleeysa/obboleettii kiyya, tarii gaaffiin “Maaliif Yesuus akkasitii dhufe?” jedhu qalbii
332 keeysa si naanyti taha. Dubbiin as keeysatti himamtes asoosama sitti fakkaattee jirti taha. Haa
333 tahu iyyuu malee garuu, dubiin kun dubbii dhugaa dha. Sababni Qoowlichi jasada tahee ti
334 dhufeef sanyii adam hundaatu diliin isaaniitiin gabroomee ti jira. “Hundinuu yakkanii tu jiru
335 ulfinni Rabbii tiis isaanirraa irratee ti jira.” (Rom.3:23). Akka Kitaabni Qulqulluun baanu,
336 “Mindaan dilii dhaa du’a” (Rom.6:23). Kanaafuu namni hudinuu Rabbiittii adda bahee, aangoo
337 du’aa fi Sheexanaatiin qabamee gara dhibbuu barabaraatti deemaa jira. Egaa eenyutu nama abdii
338 hin qabne kanaaf gaha ree?
339 Rabbi dhala namaa ni jaalata. Inni siin illee si jaalata. Kanaaf nuuf dirmannaa dhufe ti
340 jira.“Rabbi akkanumatti tokkicha Ilma isaa hamma kannuufitti addunyaa jaalate; Kan isatti
341 amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuufi malee, haa baduuf miti. Rabbi addunyaatti
342 farachiisuuf odoo hin tahin, biiyti addunyaa isaan najaa haa baatuuf jecha Ilma isaa addnyaatti
343 erge. Ilma isaatti kan amanu firdiin itti hin godhamtu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa
344 tokkicha Ilma Rabbiitti waan hin amaniniif jecha, ammuma illee duruun firdiin itti godhamtee ti
345 jirti.”(Yoh.3:16-18).
346
347 Yaa Obboleeysa/obboleettii kiyya, dubbii Rabbii isa dhugaa fi qulqulluu kana dhageeysee ti jirta.
348 Dhugaa dhageeyse kana amantee hoggaa Rabbitti jireenya kee laattee wabii jireenyaa ni
349 qabaatta. Yesuus, “Hoolonni kiyyaa sagalee tiyyaa ni dhagyu; ani isaan nin beeka, isaaniis na
350 duukaa dha bu’u. Ani jireenya bara baraa isaaniif nin kanna, isaaniis Abadan hin badan, namni
351 tokko illeen harka kiyya keeysaa isaan butuu hin dandayu. Anii fi Abbaan tokkuma” jedhe.
352
353 Egaa atiinis fedhinnaa keetiin jireenya bara baraa arkachuu murteeysinaan akkana jedhii Rabbiin
354 Kadhadhu, “Yaa Goytaa Yesuu, ani amma duubii kee isan dhagaye kanatti amanee siiyiin gara
355 jireenya kiyyatti affeeruuf murteeysee tiin jira. Gara onnee tiyya kottu. Dilii kiyya hundaa irraa
356 najaa ana baasi. Araara anaaf godhi. Jireenya bara baraa tiis naaf kanni. Yaa Rabbi, micaa kee
357 ana godhadhu; waan na dhageeyseef sin galateeffadha. Maqaa Ilma Kee Gooyitaa Yasuus isa
358 gara biyya addunyaa dhufee waa’ee kiyyaaf dhiphina hundaa fudhateen. Aammiin!”
359
360 Gaaffii ykn yaada yoo qabaatte teessoo kanatti fufee jiruun nu qunnami:
361

362

363
364 Teklu T. Guta
365 The Word-the Blood-the Spirit
366 PO Box 46681 (Finfinne)
367 E-mail: tekluwbs@yahoo.
368
369 Ati Maalitti Gammaduuf qopha’aa jirtaa?
370 Bar tokko namicha sooressa tokkotu biyya tokko keessa ture. Namichi kunis qotiisa qaba
371 ture. Guyyaa tokko Midhaan inni qote toleefii jennaan garaa isaatti akkas jedhe, “Yaa
372 namummaa koo, waggaa baay’eedhaaf kan si ga’u waan gaarii hundumaa lafaa qabda; amma
373 egaa dhimma hin qabaatin, taa’ii, nyaadhuu, dhugii gammadis! ” (Luqa.12:19) Waaqayyo
374 immoo namicha badhaadhaa kanaan akkas jedhe, “ Yaa gowwaa edana lubbuu kee si duraa
375 fudhachuuf jiru; egaa kan ati qopheessite kun hundinuu eenyuuf ta’a ree? ” Yesuusis itti dabalee,
376 “ Namni badhaadhummaa ofii isaatiif tuullatee, Waaqayyo biratti immoo badhaadhaa hin ta’in,
377 kunoo akkas in ta’a! ” jedhe.
378 Yaa fira koo, namichi badhaadhaan kun maal bal’eessee? Lafa kana irra bara jiraatuuf waan isa
379 ga’u bilcheeffateera. (Hubadhu sassaabachuuf yeroo hin argatnee!) Garuu boqonnaa galgalaa,
380 Yeroo lafa kana irraa godaanu waan itti gammadu hin qopheeffanne! Akka yaada namicha
381 kanaatti, lafa irra gaafa hundumaa kan jiraatu itti fakkaateera. Biyya lafaa irratti umurii dheeraan
382 qaba jedhee ti yaade. Namni jiraachuufis buddeenni/nyaatni qofaan waan ga’aa ta’ee itti
383 argameera. Sitti maaltu argamaa jiraa?
384 Namichi gowwaan kun egaa gombisaa isaa jijjiiree kan biraa ( guddaa isaa ) ijaaruuf ; midhaan
385 isaas walitti qabatee yeroo dheeraa taa’ee nyaachuu utuu karoorsuu, Yeroo inni itti hin Yaadinitti
386 lubbuun isaa duraa fudhatame. Wanti inni karoorfatee fi qopheeffates isaaf hin taane. Dhiisee
387 sokke! [ Namichi kun gowwaa kan jedhame namootaan ykn yaada isaan otuu hin ta’in Isa garaa
388 nama hundumaa beeku Waaqayyoon!]
389 Gowwummaan nama kanaa hojjetachuu isaa irraa hin dhufne. Karoorfachuun isaas cubbuu hin
390 turre. Garuu garaa isaa waan darbu qofaa irratti hidhachuu isaatu isa galaafate! Waa’ee mana isa
391 bara baraan keessa jiraatuu dhimma hin godhanne! Godoo isa yeroo muraasa keessa jiraatu
392 qofaatu isa mo’ate. Yaa michuu koo, Yaadni garaakeetii maalitti hidhamee jiraa? Waa’ee
393 jireenya bara booddee karoora fi qophii qabdaa laata?
394 Jireenya har’a jiraatuun fuula Waaqayyootti gowwaa moo ogeessa jedhamtaa? Atis namummaa
395 keetiin, ‘kan si ga’u qabdaa!’ kan ati jettu maal inni? Yoo, akkuma namticha waa’ee isaa
396 dubbifatte kanaa, Buddeena [waan har’a mul’atu] qofaatti gammaduuf qophooftee jirta ta’ee,
397 dhumni kan kees kan baa’ee nama gaddisiisu ta’a. Guyyaa lubbuun kee si irraa fudhatamtu inni
398 ati walitti qabattus nama inni ta’uuf hin beektu.
399 Gooftaan Yesuus akkas jedhe, “ Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan
400 Waaqayyoo keessaa ba’u hundumaan malee. ” kanas jechuun namni jiraachuu yoo barbaadee,
401 Waaqayyoon dhagahuu fi dubbii isaa eeguutu isa barbaachisa. Waaqayyos nama hundumaa waan
402 hubachiisuu barbaadu qaba; “Lubbuun isa cubbuu hojjetu haa du’u! ” (Hisq.18:20) “Beenyaan
403 nama cubbuu hojjetuu du’a” (Rom.6:23). “hundinuu Yakkaniiru ulfinni waaqayyoos isaanitti
404 hir’ateera”(Rom.3:23). Kunis namootni hundinuu du’a jalaa dandeetti ittiin bahan akka hin
405 qabne agarsiisa. Garuu immoo Waaqayyo akkas jedha “ Namni jal’aan karaa isaa irraa deebi’ee
406 akka jiraatu malee, ani dhugumaan du’a isatti nan gammadaa ree?” (Hisq.18:23) ‘Namni dubbii
407 koo dhaga’ee karaa koorra yoo adeeme jireenya ni argata.’
408
409 Tarii amma ati akkas jetta ta’a, “Ani hojii gaarii baay’een qaba. Yeroo baay’ees nan sooma.
410 Waan manni amantaa ana gaafatu hundumaas nan raawwadha… kanaafuu ani jannata rabbiitti
411 nan gala”. Hojii gariin ati goote hundumtuu ba’eessa. Garuu isa Waaqayyo siin jedhu dhageessee
412 karaa isaa irra yoo adeemte malee iddoo jireenyaa ga’uu hin dandeessu. Karaa isa sirrii irra hin
413 jirtu taanaan gara hin feene[gara du’a bara baraa] dhaqaa jiraachuu kee ammuma beeki!
414 Waaqayyo waa’ee Yesus akkas jedhe, “Kun ilma koo isa ani jaalladhu, gammachuunkoos isatti
415 in raawwatama; isa dhaga’aa!” (Matt.17:5). Yesus immoo akkas jedha, “Garaan keessan hin
416 raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa” (Yoh.14: 1). “karichi, dhugaan, jireenyis ana;
417 anaan yoo ta’e malee eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu! ” (Yoh.14:6) “Dhuguma, dhuguman
418 isinitti hima, dubbii koo dhaga’ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du’a
419 keessaa gara jireenyaatti darbe malee, gara firdii hin dhaqu ”(Yoh.5:24). Kitaabni qulqulluunis
420 akkas jedha, “ Waaqayyo, akkasumatti tokkicha ilma isaa hamma kennutti biyya lafaa jaallate;
421 kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!
422 ” (Yoh.3:16).
423 Yesus itti dabalee, “ Namni biyya lafaa guutummaatti yoo buufate, lubbuu isaa garuu yoo dhabe
424 bu’aan isaa maal ree? Ykis namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda’a ree?” (Luq. 16:26)
425 “Ani jireenya akka qabaattaniifan dhufe” (Yoh10: 7-10) “Ana karri dhugaan; anaan olgalaa.”
426 (Yoh.10:10) jedhe.
427 Egaa Yesusitti amantee yoo jiraatte, guyyaa lafa kana irraa godaantu ulfinatu si eeggata. Yesus,
428 “Du’aa ka’uun jireenyis ana. Namni anatti amanu yoo du’e illee in jiraata” (Yoh.11:25) jedhe.
429 Isatti amannaan dhuguma gammachuu fi boqonnaa guddaatu si eeggata. (Matt. 11:28-30) .
430 sooressi gowwaan sun ofuma isaatii sooroma lafa irraa qabuun of jaje malee Waaqayyo biratti
431 garuu deegaa homaa hin qabne ture. Biyya lafaa irraa yemmuu deemus dhipinatu isa eeggata.
432 Yaa obboleessa/obboleettii koo, tarii atumti iyyuu gowwummaan yeroo dabarsaa jirta ta’a.
433 Adaraa kee gammachuu fi ulfina yeroo gabaabduu ilaaltee isa bara baraa sana keessaa of hin
434 dhabsiisin! Waaqayyo si jaallata hoo! Amma iyyuu harka isaa bal’isee akkas jechuu kee eega,
435 “Yaa Waaqayyo, gooftaa isa hundumaa uumtee fi jiraachiftuu, ani gara keettan deebi’aatii atis
436 araaraan gara kootti deebi’i. Cubbuu koo hundumaas anaaf dhiisi. Karaa jireenyaa isa ta’e ilma
437 kee Yesusitti nan amanaa. Atis isaaf jedhii na simadhu. Jireenya ati karaa isaa kennitus
438 fudhadhee jiraachuuf amma fuula kee duratti waadaa nan gala. Egaa kana booda jireenya si
439 biratti badhaadhaa ta’e jiraachuuf ana gargaari.
440 Gooftaa Yesus, ati har’aa kaaftee gooftaa jireenya koo anaaf ta’i. Ameen. ”
441 Kadhata kana garaa kee irraa kadhatte yoo ta’eef ati kana booda jireenya haaraa jalqabdeetta.
442 Jireenya haaraa kana itti fufuufis ta’ee keessatti of eeguuf: 1.Waaqayyoon kadhadhu 2. dubbii
443 Waaqayyoo dhaga’i/ dubifadhu 3. amantootaa Wajjiin tokkummaa uummadhu. Waaqayyoo si
444 haa eebisu!
445 Gaaffii ykn yaada yoo qabaatte teessoo kanaan nu qunnami ykn nuuf barreessi:
446
447 Teklu T. Guta
448 The Word-the Blood-the Spirit
449 PO Box 4003 (Finfinne)
450 E-mail: tekluwbs@yahoo.com
451 Ergaa Waggaa Haaraa!
452 Wagaan kun kan gammachuu fi eebbi dhugaan jireenya kee keessatti heddumatu, kan boqonnaa
453 dhugaa itti boqottu, akan abdii haara’ee fi mul’ata jiraatu keessatti horattu sii fi namoota ati
454 jaallatt hundumaaf haa ta’u! [Yoo sitti tole hiriyootaaf firoota jaallattuuf errgaa Waggaa haraa
455 kana dabarsuufiin hin badu].
456
457 Yeroo barri tokko bara biraatti darbu, dursees ta’ee isa booda wanti amaleeffatame tokko hojii
458 ofi ilaaluu fi karoora gara fuula duraa baafachuu dha.Mootonnis ta’ee jaarmiyaaleen garagaraa
459 kana gochuun beekamoo dha. “Waggaan darbe bu’aa maalii keessatti buufanne?Maal keessatti
460 kisaarre, tarsiimoo akkamiitu nuuf hojjete? kamtu immoo nurratti hojjete? maal baranne? ...” fi
461 kan biraas yeroo it gaafatamuu fi deebiin itti kennamuu yaalamu dha. Karoorri bara itti aanuus
462 utuu barri inni ‘haaraan’ hin galin ykn akkuma inni jalqabeen ba’a! Kun shaakala gaarii akka ta’e
463 ani illee nan fudhadhadha.
464
465
466 Waaqayyos baroota keessatti gaaffii Inni dhala namaa gaafataa ture keessaa tokko,
467 “dhaabadhaatii karaa keessan ilaalladhaa!” kan jedhu dha. Kana jechuun waa’ee amalaa fi hojii
468 keenyaa ti malee immoo waa’ee karaa isa lafa tokko lafa biraati nu geessuu miti. Waaqayyo
469 akkas jedha,”Amala keessanii fi hojii keessan tolfadhaa, walii wajjin jireenya qajeelaa
470 jiraadhaa!” (Erm.7:5).
471
472 Tarii amala akkamiitu nu bira jira laata, fuula Waaqayyoo duratti sirreeffamuun kan isa
473 barbaachisu? Walii keenyaa fi Waaqayyoo wajjinis eessatti wal dhabnee fi wal badnee jirra
474 laata? “Amma sirreeffadhaa!” jedha egaa sagaleen Waaqayyoo!(Efe.4:26) Waamicha jabaa
475 kanatti diddaa agarsiisuun, harka Waaqayyoo keessaa eebba nuuf dhufu jijjiirsis uu ni dand’aa.
476 Gooftaan barootaa akkas jedheera waan ta’eef,”Isin adduma addaan karaa keessan isa hamaa
477 irraa deebi’aatii, jireenya keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa! Kanaa achi ani kunoo waan
478 hamaa isinitti nan fidaa, akeekas isin irratti nan baafadhaa!”(Erm.18:11).
479
480 Haa ta’u iyyu malee, warri gara Waaqayyootti deebi’uuf murteeffatan dheekkamsi Waaqayyoo
481 akka hin bobaane gochuu ni danda’u.Yeroo nuti amala keenyaa fi hojii keenya sirreeffannu,
482 yeroo nuti Waaqayyoon Gooftaa keenyaaf abboomamnu, Inni immoo wanta hamaa nu irratti
483 fiduu yaade ni dhiisa!(Erm.26:13).
484
485 Waaqayyo du’uu nama cubbamaatti tasumaa hin gammadu. Innuu akkasitti dubbateera,”Maaliif
486 duutuu...? Ani du’a namaatti hin gammadu, kanaaf yaada garaa keessanii geddaradhaatii
487 jiraadhaa!” (Hisq.18:31-32). Egaa bara kana keessattis ta’ee bara baraan jiraachuuf,Waaqayyo
488 karaa/xurree isaa nutti agarsiisaa jira jechuudha.
489
490 Egaa barri haaraan, kan keessatti inni gaarii ta’e, fi karoorri jireenyaa akkasumas misooma of
491 keessaa qabu, inni Waaqayyo karaa Gooftaa keenya Yasuus Kiristoos bakkeetti baase nu
492 raawwatu malee, kan nuti yakkaa fi irra-daddarba keenyaan ulfina keenya salphinatti, eebbba
493 keenya abaarsatti of jalaa geddarsiifnu nu duraa hin ta’in!
494 Waaqayyo isiin haa eebbisu! Utuma cimuu fi ulfaatuu dubbiftanii as irra ga’uu keessaniif eebba
495 deebi’uu fi Waaqayyoo wajjin walitti araaramuu argachuuf murteeffattan jechuu dha.
496 [Na ofkalchaa akka keenyeffannuuf jedheen “sii” jedha] Tarii dadhabbii ofii kee kan bara
497 dheeraaf keessatti hidhamte qabaachuu dadeessa. Tariis namoonni haala jireenyi kee keessa jiruu
498 fi seenaa kee kaleessaa ilaalanii karaa sirraa jal’ifatan ta’uu danda’a ta’a. Tarii immoo atumtuu
499 akka waan dheekkamsa Waaqayootiin adabamuuf uumamtetti of lakkkofteetta ta’a. Yaadni
500 Waaqayyoo garu kana irraa adda! Kunoo ani oduu gammachiisaan bara haaraa kana keessatti
501 Waaqayyo biraa siif qaba. Mee qalbifataan ishee kanas dubbifadhu:
502 Waaqayyo siin guddisee si jaallata. Isaaf waa’ee jireenya kee isa dadhabbii fi hir’ina baay’ee
503 qabuutu haajaadha miti. Isaaf waa’ee garaan kee gara Isaatti deebi’uuf murteeffachuutu dhimma
504 guddaadha malee. Inni garaa kee ilaalu Waaqayyos,”Yoo deebite, sin deebisa!” siin jedha.
505 Kunis, “Sin deebisa, ati fedhii deebi’uu yoo qabaatte, ati du’a jalaa dheessuu/baqachuu
506 barbaadda taanaan” jechuudha. Waaqayyo ammuma siin oolchuuf qophaa’ee jira. Mee baay’ee
507 yeroo hin fudhatiniitii, waan irraa deebi’uu qabduuf amma tarkaanfii tokko jalqabi.
508 Gooftaan Yassuus,”Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaate hundinuu
509 gara koo kottaa;ani boqonnaa isiniifan kenna...boqonnaas lubbuu keessaniif in
510 argattuu!”(Mat.11:28-30) jedheera. Har’a iyyuu, keessattuu yeroo amma keessa jirtu kana
511 keessatti, Uumaan kee harka bal’isee si waamaa jira! Barreefamumti kun si dhaqabuun ishii illee,
512 atis dubbiftee as ga’uun kee akka Waaqayyo balbala araaraa siif banee jiru; jireenyi kee immoo
513 Isaaf barbaachisaa akka ta’e kan agarsiisu ta’uu hafaa?
514 Yaada kee keessatti, “Maal godhu egaa amma? Essaa jalqabu?” jettee yaadda yoo ta’eef gorsa
515 gabaabduu ishee siif kennuun yaala.
516 1. Carraa deebi’uu siif kennuu Isaatiif Waaqayyoon galateeffadhu! “Yaa Waaqayyoo kiyya, atoo
517 edaa ana hin dhiifne!...” Jedhiin. “Jireenyatti jiraadhee otuun jiruu, iji kiyya dubbifachuu otuu
518 danda’uu, qabliin kiyya hubachuu otuu dandeessuu, yeroo sii wajjin walitti araaramuu waan
519 anaaf qopheessiteef sin galateeffadha!...” jedhii dhugaadhumaan onnee kee irraa Uumaa kee Isa
520 si jaallatu galatteeffadhu!
521
522 2. Cubbuu kee Waaqayyotti himadhu. Barootaa fi guyyoota keessatti beektees, utuu hin beekins
523 Waaqayyoo fi namoota gaddisiifte/yakkite, isa jireenya ufii kee irratti iyyuu hameenya adda
524 addaa raawwattee, utuu hin dhoksin Waaqayyootti himii dhiifama gaafadhu.
525
526 Kana jechuun, waan Gooftaan si irratti hin beeknetu jiraaf itti himuun barbaachise miti. Garuu
527 garaan namaa gaafa dhugaadhaan waan itti dadhabe himachuu danda’u, gaafa immoo isa itti
528 gaabbe irraa deebi’uuf murteeffatu, humna moo’ichaan jiraachuu argata jedhuudha malee.
529 Kitaabni Qululluun,
530 ”Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus
531 garuu, araara ni argata” jedha(Fak. 28:13)
532 3. Gooftaan Yasuus gara jireenya kee akka dhufu fi hafuura Hsaatiin waan itti dadhabde
533 hundumaatti akka si gargaaru gaafadhu.
534 4. Macaafa Qulqulluu argachuu dandeessa taanaan, ammumaa qabii dubbifachu jalqabi. Karoora
535 Waaqayyo jireenya keetiif baases achi keesssaa ni argattaa. Siif Waaqayyo yaada gaarii qaba
536 waan ta'eef!
537
538 5. Naannoo jirtutti bakka namoonni dhugaadhaan Waaqayyoon Waaqeffatan jiran dhaqiitii
539 sagalee Waaqayyoo barachuu fi isattis guddachuuf waan sirraa barbaachisu hundumaa jalqabi.
540 Tarii Kanumaan dura iyyuu harka kee Gooftaatti kennattee otuu jirtuu, jireenyi kee cubbuudhaa
541 fi karaa malee jiraachuudhaan guutee jira yoo ta’e, harka kee gara Waaqayyo Isa abbaa kee
542 ta’eetti ol qabiitii waadaa kee haareffadhu. Waaqayyoofis kakadhu, Innis kakuu haaraa sii wajjin
543 gala! Hafuurri Qulqulluun dhufee humna moo’ichaa akka siif kennuuf gaafadhu.
544 Akkasitti balaa dhufuuf jiru jalaa oolla! Raafama/kerkera dachee fi lolaa bishaanii akkasumas
545 lola beekamaa qofaatu balaa miti. Balaa cimaa of keessatti kan baatuu fi kan irratti warraaqsi
546 barbaachisu yoo jiraate cubbuu dha. Seexanni yoo hammam nu jibba ta’e ilee nutti faraduu fi nu
547 ajjeesuuf hin danda’u, garuu nuti cubbuu jalatti kufnee ofuma keenyaa firdii Waaqayyoo jala
548 akka of galchinu yaala. Waaqayyo isa haa ifatu! Nulleen irratti dammaquunis gaariidha.
549 Rakkoo fi balaa cubbuun namatti fidu siyaassi fi dhaabbileen gargaarsaa, mootummaa fi
550 walta’iin mootota gamtoomanii, waldaa dargagootaa fi waldaan dubartootaatti ijaaramuun,
551 Ogeenyyiin yaala fayyaa fi bulchitoonni biyyaa fi magaalaa hikuu hin danda’an. Cubbuu fi hojii
552 biyya lafaa kan mo’atu danda’u, Kiristoosittii nama baqatee fi Hafuurri Kiristoos isa keessatti
553 kan hojjetu qofa(1Yoh.1:5;4:15).
554 Tarii, “Maal na godhe cubbuun! Seexannis maal na godhe? Anoo isumaa wajjinan jiraadhaa!”
555 warri jedhan warra bulchaan mootummaa dukkanaa ija isaanii haguugee jiru dha, miliquun akka
556 isaan barbaachisus warra hin hubanne. Gara itti deemsisu wallaalchisee ajjeesuuf deema. Nama
557 akkasiitiin, “Boolla siif qopheessee, Seexanichi itti si oofaa jira; ati illeen gargaartee biraan of
558 gahuuf deemaa jirta tii, mee irratti dammaqi!” jechuun barbaada.
559
560 Kun egaa oduu guddaa kan Waagaa haaraa fi guyyoota hundumaa ti.
561 Waaqayyo eebba Isa beekuu fi Isatti cichanii hafuutiin isinii fi maatii keessan hundumaa haa
562 eebbisu!
563 Yaadaa ykn gaaffii yoo qabaattan e-mail kanaan na qunnamuu dandeessu:
564 tekluwbs@yahoo.com. Wanti guddaan garuu, Isa waa’ee keessan beekuu fi eenyuun iyyuu
565 caalmaatti isin barbaadu Waaqayyoon dursa qunnamuun ogummaa dha!
566 Odeeffannoo dabalataatiif, www.wordbloodspirit.eweb site.com daawwachuu dandeessu!
567 Baga Waggaa haarayaa geessan! Waggichi kan eebbi jireenyaa fi gammachuun wal irraa hin
568 cinne itti isinii fi mana keessanifis baay’atee haa ta’u!
569
570

Y a s u u sitti A m a n uu k e e tiin A k k a s ta a te e m!
1. Waaqayyo Namoota in Jaallata: siinis Waaqayyo si jaalata.

<[]>Jaalalli Waaqayyoo immoo irra caalaatti Karaa Yasuus Kiristoosiin Mul’ate.


Yoh.3:16 Waaqayyo tokkicha Ilma Isaa hamma keennutti guutummaa biyya lafaa jaallate
Rom.5:8 Kiristoos nuuf du’uu isaatiin Waaqayyo jaalala nuuf qabu agarsiise
<[]>Jalalli gaarummaatti gammada malee miidhama isa jaallatuutti hin gammadu. Mitii?
Waaqayyo cubbuu hin jaal’atu. Cubbamaan immoo akka du’u hin barbaadu.
Hisqeel 18:23, 32; Hisqeel 33:11
Faaruu Erm 3:33
Hos 11:8
2Xim.2:4
2Phex 3:9
<[]>Kutaa kana irra dhaabadhuutii Waaqayyo jaalala Inni siif qabuuf Isa galteeffadhu! Utuu
Inni siin hin jaalatu ta’ee, yeroo ati cubbuu hojjette, yeroo diinonnii kee si irratti ka’an,
yeroo namoonni hamaa si irratti yaadan, Yeroo atumti immoo of irrattti hamaa yaadde,
badiisa guddaa badda turte. Jireenyas otuu hin argatin hafta turte. Ulfina otuu hin ta’in,
dhiphina barabaraatu qooda kee ta’a ture. Jaalalli Waaqayyoo garuu kunoo abdii jireenya
barabaraa siif laateera.

2. Hundumatu Yakke: Atis nama cubbamaa/mtuu dha


<[]>Waaqayyo siin si jaalata malee, cubbuu kee ijaa ba’uu barbaada. Cubbuun seera irra
daddarbuu dha. Cubbuun Namaaf Waaqayyo gidduutti gargar bahumsa uuma.
Lallba 7:20- namni cubbuu hin qabne tokko illee hin jiru
Rom 3:19-23 Hundumatu yakke
Gal.3:22 Hundumtuu cubbuu jala galee jira
1Yoh.1:8 Cubbuu hin qabnu yoo jenne of sossobna
3. Gatiin cubbuu du’a: Yasuus Kiristoos keessa hin jirtu taanaan atis du’a/tu dha
<[]>Duuni kunis barabaraan Waaqayyottii gargara bahuu dha. Duuni gosa sadiitu jira.

o Du’a foonii===isa foonnii fi lubbuun gargar bahu. Duuni akkasii kun gaaf
Addam cubbuu hojjete jalqabee nama irratti mo’e.
o Du’a hafuuraa===Isa otuma fooniin jiranii, hafuuraan garuu Waaqayyoottii
gargar bahanii jiraatani. Addaan cituu wal-qunnamtii namaa fi Waaqayyo
gidduu jiru irraa kan dhufu. Namni tokko utuu gara Gooftaa Yasuus dhufee Isa
Gooftaa jireenya isaa hin godhatin dura, karaa hafuuraa du’aa dha. (Efe.2:1-5;
4:18; 1Xim.5:6; Mul. 3:1)
o Du’a lubbuu=== Kun isa guyyaa dhumaatti, warri karaa Kiristoositti amanuu
araara Waaqayyoo hin fudhatin Seexanaa fi ergamoota isaa wajjin galaana
abiddaatti darbataman kan agarsiisu dha (Mul.20:11-15). Kunis barabaraan
Waaqayyoo, Isa gammachuu fi nagaa akkasumas boqonnaa namaaf kennuu,
irraa gargar bahuu dha. Abdii tokko malee dhiphina xumurama hin qabne
keessa jiraachuu!
o

<[]>Warreen kun sadeen walumaa galatti du’a jedhamu. Yoodhuma hundi isaanii gatii
cubbuu ta’an iyyuu, isa jalqabaa nama hundumaatu dhandhama. Inni lammaffaan immoo isa
sadaffaatti ceesisa. Kana jechuunis, namni tokko Yasuus Kiristoosiin amanuudhaan du’a
hafuuraa keessaa hin dammaqu taanaan dhiphina bara baraa jalaa karaa ittiin hafuu danda’u
tokko illee hin qabaatu.(Efe.5:14)

<[]>Wantoota cubbuun nama irratti fidu keessaa inni guddaan Waaqayyotti gargar baasuu
dha. Kunis karaa biraa du’a jechuu dha. Waaqayyottii gargar bahuun immoo, jireenyattii,
nagaattii, ulfinattii, gammachuuttii gargar bahuu dha. [Mee atumti halkan itti waa sodaattee
ykn dhiphattee halkanni sitti dheerate yaadadhu: “Yoom bar’aa?” halkan itti jette. Bara
baraaf nagaattii adda bahuun hoo hammam caalaatti ulfaataa ta’uu danda’a ree?]
Isa.48:22 Nama cubbumaadhaaf nagaan hin jiru
Hisq.18:4,20; Luubuuu cubbuu hojjetutu du’a
Roma. 6:23 Gatiin nama cubbuu hojjetuu du’a
Rome.5:12—Hundumtuu waan yakkaniif duuni nama hundumaatti dhufe
Yaaqob 1:15 cubbuun du’a deessi
Mul’ata 21:8—cubbuun galaana abiddaatti gatamuutti nama geessa

4. Karaa Kiristoositti amanuu abdiin jireenyaa dhala namaatiif jira: Atis Yasuusiitti
Amanuudhaan Fayyite!

AKkuma armaa olitti arginetti, cubbuun nama ajjeesa. Cubbamaanis ni du’a. Garuu kun
seenaa isa dhumaa miti. Ammallee nama cubbamaadhaaf abdiin jireenyaa waan
jiruuf.Eessaa?

<[]> Cubbuun dhala namaa akka galaanaatti liqimsee jira. Namni galaanaan liqimsfame kan
biraa kan isa baasu barbaada. Kanaa achi du’a ooluu hin danda’u. Akkasuma namni
cubbamaan du’a jalaa olluu kan inni danda’u gargaarsa yoo argate qofa. Garagaarsi galaana
cubbuu keessaa nu baasuu danda’u immoo fayina karaa Gooftaa Yasuus mul’ate
qofa. Namni Yasuusitti amanauudhaan dhiiga Isaatinis dhiqachuudhaan qulleeffama.
(1Qor.6:11; HoE. 26:14-18, 1Phex.1:2).

Dhugaan ati amantee, itti cimuuf deemtu egaa isa kana.

Ati gaafa Yasuus Kiristoositti amantee kaaftee wantoota hedduu argattu keessaa warren
gurguddoon:

 Mucaa Waaqayyoo tata

Yoh.1:11-12- Warra isa simataniif ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif gooftummaa isaaniif
kenne; isaanis warra Maqaa isaatti amananidha
Warri Ijoollee Waaqayyoo ta’an immoo mootummaa abbaa isaanii ni hirmaatu.
Rom.8:17Ijoollee Waaqayyoo erga taanee warra waan hundumaa isaa wajjin argatan in
taana.
Galatiyaa 3:29—sanyii Abriham erga taatanii waan Waaqayyo abdachiise ni argattu
Yoh.1:11-12- Warra isa simataniif ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif gooftummaa isaaniif
kenne; isaanis warra Maqaa Isaatti amanan dha.
 Dhiifamuu cubbuu keetii argatta

Qol. 1: 12-14 Ilma Isaa kanaan furamuu, dhiifamuu cubbuus arganneerra.


Rom.8:1 Warra Kiristoositti amananitti firdiin itti muramu hin jiru
HoE.10:43-Namni isatti amanu hundinuu Maqaa isaatiin dhiifamuu cubbuu in argata
HoE.13:38-39 Yasuusitti kan amanu hundinuu hiikama ni argata
HoE.26:18 Yasuus, “Anatti amanuudhaan dhiifamuu cubbuu isaanii argaranii…”
Ibiro.9:22,28 –Dhiiga malee dhiifamni cubbuu hin jiru

 Jireenya barabaraa qabaatta

Yoh.5:24 Namni anatti amanu du’aa gara jireenyaatti darba


Rom.5:21-Karaa Yasuus jireenyi barabaraa mo’a
Tit. 3:7 Waaqayyo, ayyaana Kirstoosiin qajeelotatti lakkaa’amenee, abdii jireenya
barabaraa akka argannuuf kana nuuf godhe
1Yoh.2:24-25- Abdiin Waaqayyo nuuf kenne jireenya barabaraa ti.

 Kennaa Fayyina fudhatta

Namni tokko gaafa Gooftaa Yasuusiin jireenya isaa irratti moosisu yookiin immoo fayyisaa
jireenya isaa godhee fudhatu, fayina argata. (Rom3:23-26; Efe2:4-5;2Tes 1:8-10)

Akka kutaalee kana keessatti arginutti:

 Namni tokko gaafa sagalee Waaqayyoo dhaga’ee, Yasuusiin garaa isaa guutuu gara
jireenya isaatti affeeru, Gooftaan gara jireenya isaa ni dhufa.
 Namni Yasuusiin jireenya isaatti affeeruudhaan isa simate immoo Mucaa Waaqayyoo
ta’uuf gooftummaa (aboo) argata.
 Namni Yasuusiin amanuudhaan mucaa Waaqayyoo ta’e kun immoo jirenya bara
baraa qabaata(1Yoh.5:10-12)

571
BARUMSA BU'UURA AMANTII KIRISTAANAA
KUTAA 1: JIREENY A HAARAA KIRIRSTOOSITTI AMANUU
DHAAN ARGAchuu

1. Jireenya Haaraa
Yeroo itti Gooftaa Yasuusiin gara jireenya keetti affeertee eegalee, akka abdii ofii isaatii siif kenneetti Inni gara jireenya
kee dhufee jira. Mul. 3:20 “kunoo, ani balabala dura dhaabadhee balabala nan rurrukuta; namni sagalee koo dhaga’ee yoo
anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhiyaadha, innis anaa wajjin in ynaata”

Akka dubbii Waaqayyoo kanaatti: balbala inni jedhu laphee/onnee keenya agarsiisa. Ga'een kee immoo onnee kee
bantee Gooftaa Yasuusiin gara jirreenya keetti simachuudha. Ga’een Gooftaas gara jireenya keetti ol seenee si keessa
jiraachuudha. Ati Kiristoosiin gara jireenya keetiitti kan affeerte akkaataa kanattii?

Yoo Kiristoosiin gara jireenya keetti akkasitti affeertte ta’eef, jireenya kee ilaalchisee kiristoos amma karaa hafuura Isaa fi
sagalee Isaa si keessa jiraachuu jalqabeera jechuudha. Amma kiristoos jireenya kee keessa jiraachuu isaas amantiidhaan
beekta jechuudha. Sabani isaa Inni Dubbii ofii Isaatiitiin yoo nuti affeerre, gara jireenya keenyaa akka dhufu waadaa
seeneera waan ta'eef.

Egaa kana booda jireenyi kee, mana cubbuu fi Seexanaa otuu hin taane, mana qulqullummaa Waaqayyoo ta'uutti
geddarameera. Atis Gooftaa jiraataa ta'ee waj

2. Fayyinaa fi Mirkaneeffannoo
Namni Goofta Yasuusitti amanu tokko Kiristoosii wajjin tokkummaa sirrii ta’e akka qabu beekuu in danda’a; beekuutus irra
jira. Yoo kana beekee hin mirkaneeffatu ta’es mamtuu ta’a; gammachuu fi nagaa dhugaa isa Kiristoositti amanuun argamu
sana qabaachuu hin danda’u. Akkasumas jireenya isaatiifis hiikkoo argachuu hin danda’u.

Amma ati Kirstoos gara jireenya kee waan dhufeef Waaqayyoo wa jjin jireenya haaraa jalqabdeetta jechuu dha. Kana
jichuun karaa dhugaa irra deemuu jalqabdeetta jechuudha. Jireenya haaraa kana immoo kan argachuu dandeesseef
jireenya amala gaariin ijaarame qabaachuu keen, maatii gaarii irraa dhalachuu keetiinis miti. Ati Kiristaana kan ta’uu
dandeesse sababa Kiristoos gara jireenya kee dhufeef qofa. Kiristoos gara jireenya kee waan dhufeef jireenya haaraa ykn
jireenya barabaraa argaattee jirta. Kanaafis gammadi!

Mee 1Yoh: 5:11-13 dubbisitii sirriitti irratti yaadi. Akkas jedha, “Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan
isaa isa kana; jireenyi barabaraa kunis ilma isaa keessatti argama. Namn illma Waaqayyoo hin qabne, jireenyicha hin
qabu. Isin warri Maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara baraa qabaa chuu keessan akka beektaniif kan
hundmaa isiniif caafe. ” Akka kutaan kun heeruttis, . Jireenyi bara baraa kan argamu Ilma Waaqayyoo qabaachuudhan
ta'a (1Yoh.5:11). Kanaafis, namni Kiristoos jireenya isaa keessa jiru jireenya bara baraa qabata(1Yoh. 5:12). Ati Jireenya
bara baraa akka qabdu maaliin beekta? Deebiiin kee, 'Ilama Waaqayyoo Yasuus Kiristoosiin fudhachuu koo waanan
beekuuf' yoo ta'e sirriidha.

Mee Yoh. 10: 27-29 dubbisi. “Hoolotni koo sagalee koo in dhaga’u, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in bu’u. Ani
jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin
butatu Abbaan koo inni anatti isaan kenne, hundumaa irra guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan
butachuu hin danda’u.” jedha Gooftaan Yasuus.

Akka dubbii Yasuus dubbifatte kanaatti, harka Kiristoos keessaa kan si baafachuu danda'u jiraa? eenyutu si butachuu
danda’aa? Rom.8:35 fi 8: 38-39 itti dabalii dubbisi. siin immoo egaa sichi jalala Kiristoosittii kan garagar si baasuu
danda’u jira?

3. Eebba Jireenya Haaraa Kana Keessatti Argamanii


Kiristaana jechuun nama KirIstoosiin fudhatee, Kiristoosis isaa keessa jiraatu jechuu dha. Akka Macaafni qulqulluun
jedhutti yeroo Yasusiin gooftaa jireenya kee gootee fudhattee wan toonni baa’een jireenya kee keessatti raawateera. Kana
jechuunis yeroo sanaa jalqabdee eebba baay’ee argatteetta jechuu dha. Isaan keessaas muraasni:

3.1. Fayyinaa fi dhiifamuu cubbuu


Fayyinni kennaa namootni, yemmuu Waaqayyo biraa dhiifamuu cubbuu isaani i argatanii amantii isaanii Kiristoos irra
kaa’atan, tola (otuu gaatii itti hin baasin) argatanidha. Efesoon 2:8 -9 dubbusi. Fayyinni mindaa namootni gatii hojii isaanii
isa gaariin argatan otuu hin taane, karaa Yasuus Kiristoositti amanuu kennaa namaaf ken namu dha (dabalii Tito 3:4-5
dubbisi). Ati dhiifamuu cubbuu keetii argatteettaa? (Qola.1:13 -14)

Fayyin ati Kiristoositti amanuudhaan argatte kun kan itti fufiinsa qabu dha. Kiristoosis erga takkaa gara jireenya kee
dhufee, raawwatee si hin dhiisu. ( Ibroota 13:5) kanaafis, Kiristoosiin gara jireenya keetti kan fudhachuun siif ta'u
yeroodhuma tokkicha. Isaa boodas isumaa wajjin waliif galtee jiraachuudhaan itti fufta.

3.2. Uumama Haraa Ta’uu


Uumam haaraa ta’uun kun jijjiirama jireenyaa Kiristoositti amanuudhaan argamu dha. Akka 2Qoron.5:17 keessatti
barreeffamee jirutti, . namni Kiristoosa keessa isaa jiru uumama haaraa ta'a. Kun immoo jireenya isa moofaa sanattii adda
kan bahe dha. Namni Kiristoosiin fudhate irraa sich kan mul'atu Kiritoos malee namu mmaa moofaa miti (Qola 3:10 fi
Efesoon 4:24 dubbisi).

3.3. Maatii Haaraa


Nuti yemmuu Yasuusiin fudhannu, namoota Yasuusitti amanuudhaan ijollee Waaqayyoo ta’anii wajjin, firooma ykn
tokkummaa uummanneera jechuu dha. dhaqnacha irrattis akka qaama tokkoo ta aneerra. Rome 12:4-5; 1Qoro. 12: 12-13
fi 27 dubbisi. Kiristaanonni kan biroonis ijoollota waaqayyoo waan ta’aniif walitti dhufeenyi ykn tokkummaan ati isaanii
wajjin qabdu kan kan obbolummaa ta'a jechuudha.

3.4. Mucaa Waaqayyoo Ta’uu


Yeroo Yasuusiin fudhanne ijoollota Waaqayyoo taaneerra. Hariiroon nu gidduutti uumames kan kan abbummaa fi
mucummaa ta’eera jechuu dha. Kiristoosin namoota fudhataniif haboon ijoollee Waaqayyoo ta'uu kennameraaf
(Yoh.1:12). Egaa nuyi ijoollee Waaqayyoo jedhamnee waamamuu kan dandeenyeef Yasuus Kiristoosiin waan
fudhanneef, maqaa Isaattis waan amanneef qofa (1Yoh. 3:1). Ijoollee warra (abbaa fi haadha) keenyaa kan taane fooniin
irraa dhalachuu dhaan akka ta'e, ijoollee Waaqayyoo kan nuti taanu immoo hafuuraan isa irraa dhalachuudhani dha (Yoh.
3:1-3). Mucoolii Waaqayyoo taaneerra erga ta'e immoo, dhaaltuu Mootummaa Isaas ni taana (Galat.4: 6-7).
572

You might also like