Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 57

Akkaadaamii Hooggansa Naannoo Oromiyaa

Gamaaggama Raawwii KGT 2ffaa (2008-2012)


BAAFATA
Qabiiyyee Fuula

KUTAA TOKKO...................................................................................................................1

1. Haala Waliigalaa.......................................................................................................1

1.1 Seensa....................................................................................................................................1

1.2 Kaayyoo Gamaaggamichaa.....................................................................................................2

1.3 Barbaachisummaa Gamaaggamichaa.....................................................................................2

1.4 Uwwisa Gamaaggamichaa......................................................................................................2

1.5 Bu’aalee Gamaggama Raawwii irraa Eagaman.......................................................................3

1.6 Mala Gamaaggamichaa..........................................................................................................3

1.7 Madda Ragaa..........................................................................................................................3

KUTAA LAMA.....................................................................................................................3

2. XIINXALAWWAN ADDA ADDAA.....................................................................................3

2.1. Xiinxala Imaammataa fi Tarsimoo AHNO..............................................................................3


2.1.2 Xiinxala Galmoottan Tarsiimo’aa Akkaadaamichaa..............................................................................4
2.1.3. Xiinxala Aangoo fi Gahee Hojii AHNO................................................................................................13
2.1.4 Xiinxala Fedhii Maamilootaa...............................................................................................................17
2.1.5 Xiinxala Fedhii Dhimmamtootaa.........................................................................................................18
2.1.6 Xiinxala Haala Deeggartootaa.............................................................................................................22

2.2 Xiinxala Haala Keessaa fi Alaa...............................................................................................24


2.2.1 Xiinxala Haala Keessaa........................................................................................................................24
2.2.2 Xiinxala Haala Alaa (Carraa fi Sodaa)..................................................................................................26
2.2.3 Dandeessistoota/ Haala mijaa’aa fi Hudhaalee (Pains and Enablers).................................................28

KUTAA SADII....................................................................................................................30

3.XIINXALA ERGAMA, MUL’ATAA FI XIINXALA TOORA XIYYEEFFANNOO..........................30

3.1 Xiinxala Ergama fi Mullata AHNO.........................................................................................30


3.1.1 Xiinxala Mullata AHNO........................................................................................................................30
3.1.2 XIINXALA TOORA XIYYEEFFANNOO AHNO..........................................................................................31

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II i AHNO


3.1.2.1 Toora Xiyyeeffannoo (Strategic Theme)............................................................32

KUTAA AFUR....................................................................................................................34

4. XIINXALA KAAYYOOLEE TARSIIMA’AA......................................................................34

4.1 Kallattii Maamiila.................................................................................................................34

4.2 Kallattii Faayinaansii.............................................................................................................35

4.3 Kallattii Adeemsa keessaa....................................................................................................35

4.4 Kallattii Ijaarsa Dandeettii....................................................................................................43

KUTAA SHAN....................................................................................................................45

5. CIMINA, HANQINAA FI RAKKOOLEE..............................................................................45

5.1 Cimina KGT 2ffaa..................................................................................................................45

5.2 Hanqina................................................................................................................................47

5.3 Rakkoolee Gurguddoo Quunnaman.....................................................................................48

KUTAA JA’A......................................................................................................................49

6. GUDUUNFAA............................................................................................................49

KUTAA TORBA..................................................................................................................50

7. YAADAA FURMAATAA..............................................................................................50

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II ii AHNO


KUTAA TOKKO
1. Haala Waliigalaa
1.1 Seensa
Akkaadaamiin Hoggansaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Danbii 170/2007n ergaa
hundaa’e hojii humna mootummaa cimsuuf hoggansa falaasama mootummaa misoomawaa
dimokiraatawaa sirriitti hubatee lafa qabsiisuun imala guddinaa biyyi keenya eegalte itti
fufsiisuuf dandeettii fi ilaalcha sirnichi ittiin hogganamu guutummaatt horachuu fi ilaalchi
gochi kiraasassabdummaa fi rakkoo bulchinsa gaarii gogaa akka deemu gochuun ilaalcha
ggeggeessaa sadarka sadarkan jirani jijjijiruu irrattii ciminaan hojjechaa jirachuun isaa ni
beekama.

Bu’uuruma Kanaan, Akkaadaamichis raawwii karoora KGT 2ffaa toora xiyyeeffannoo,


kaayyolee fi maniiwwan manni hojichaa karoorfatee hojjechaa ture galtee godhachuudhaan
akkasumas Akkaadamichii hojiisaa kallattii aangoo fi gahee kennameefiin dameewwaan
hojjiittiin raawwii hanga ammaa jiruu gama dame barnootaa fi leenjii, damee qorannoo fi
qo’annootiin fi damee karooraa bulchiinsaa fi misoomaa humna namaa raawwatamee
barreeffama kanaan qindessuun , gamaaggama raawwii waggoottan KGT lammaffaa (2008-
2012) jiru milkaa’inaa fi bu’aawwan galmaa’an akka armaan gadiitti gamaaggama isaa
qindaa’ee jira.

1.2 Kaayyoo Gamaaggamichaa


Kaayyoon ijoo gamaaggama karoorichaa galmootaa fi maniiwwan KGT lammaffaa keessatti
waggoota shanan darban keessatti AHNO tiin raawwatamanii fi akkaataa hirmaannaa qooda
fudhattootaatiin hojiiwwan raawwatamanii fi kan hin raawwatamne sababa maaliitiif akka hin
raawwatamin kan ibsu gamaaggamuudhaan irraa hubachuudha.

1.3 Barbaachisummaa Gamaaggamichaa


Akkaadaamii Hooggansa Naannoo Oromiyaa keessatti hojiiwwan KGT lammaaffaa keessatti
karoorfanii raawwataman milkaa’ina hojii gurguddoo raawwatamanii ittiin raawwatamanii
adda baasuun qabachuu, hojiilee, kaayyolee fi galmoota akkaadaamichaa KGT lammaffaa
keessatti qabamanii utuu hin raawwatamin hafan sababoota hin raawwatamin hafan gadi
fageenyaan xiinxaluun madda rakkoo beekuu. Akkasumas rakkoolee fi hanqinaalee raawwii

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 1 AHNO


karoora waggoota shanan darban keessatti mul’ataniif yaadota furmaataa kaa’uun karoora
waggoota itti aananiif galtee hojii taasifachuuf kan gargaaru ta’a.

1.4 Uwwisa Gamaaggamichaa


Gamaaggamni kun galmoota, kaayyolee fi maniiwwan gurguddoo AHNO waggoota shanan
darban (2008-2012) keessatti raawwate irratti xiyyeeffata. Bu’uuruma Kanaan hojiilee ijoo
AHNO hojjechuuf karoorfatamee irratti hojjetamaa turan hojiilee ijoo; hojii Leenjii, hojii
Barnootaa, hojii qorannoo fi qo’anno fi hojii gorsaan raawwataman kan hammatu ta’a.

1.5 Bu’aalee Gamaggama Raawwii irraa Eagaman


 Raawwii karoora KGT lammaaffaa keessatti milkaa’inoota galmaa’anii fi
kufaatii akkaadaamicha keessatti mul’atan yaadawwan fala haarawaa
dhiheessuun karoora itti aanuuf galtee akka ta’uuf
 Firii gamaggama KGT lammffaa AHNO irratti hundaa’uun sirna hordoffii
fi deggersaa raawwii karooraa irratti milkaa’ina fidan irratti
xiyyeeffachuun karoora itti aanu qopheessuuf.
 Ragaalee madda milkaa’inaa fi sababoota ijoo gufuu milkaa’inaa turan
adda baasuun muuxannoowwan milkaa’inaa fi kufaatii galmaa’an
fayyadamuun karoorri itti aanu bu’aa caalmaa akka galmeessisu taasisuu.

1.6 Mala Gamaaggamichaa


Gamaggama raawwii KGT lammaffaa akkaadaamichaa gaggeessuuf karooraa fi gabaasa
raawwii KGT lammaffaa AHNO, staandardoota biyya keessaa fi alaa, gamaaggama raawwii
AHNO bara baraan gaggeesse, murteewwanii fi gamaggama maanaajimentiin
akkaadaamichaa gaggeessee fi kallattiiwwan boordiin akkaadaamichaa kaa’e, akkasumas,
qorannoo fi qo’annoo bu’a qabeessummaa leenjiiwwan hanga ammaatti kennamanii bu’uura
godhachuudhaan kaayyoo, galmaa fi ergama AHNO karoora wagga shanii darban keessatti
milkeessuuf qabate waliin wal bira qabuun gamaggamuudha.

1.7 Madda Ragaa


 Karooraa fi Gabaasa Raawwii KGT lammaffaa akkaadaamichaa
 Ciminootaa fi Hanqinaalee waggoota shanan darban keessatti AHNO tiin
gamaggamamanii jiran.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 2 AHNO


 Qorannoo fi qo’annoo bu’a qabeessummaa AHNOtiin hojjetaman
 Leejisleeshinii AHNOtiin qophaa’ee

KUTAA LAMA
2. XIINXALAWWAN ADDA ADDAA
2.1. Xiinxala Imaammataa fi Tarsimoo AHNO
2.1.1 Galmoottan Tarsiimo’aa AHNO

1. Gahumsa hoggansaa guddisuu


2. Dhaqqabummaa hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo guddisuu
3. Qindoomina tarsiimoo fi hojii qunnamtii ummataa guddisuu
4. Bu’aa qabeessummaa ittifayyadama qabeenyaa guddisuu
5. Galii guddisuu
6. Sirna, sirrummaa, qulqullinaa fi bu’aa qabeessummaa barnootaa fi leenjii
guddisuu
7. Falaasama misoomawaa dimokiraatawaa babal’isuu fi guddisuu
8. Qindoomina dhimmoota sektaroota hundaa guddisuu
9. Qorannoo sakatta’iinsaa fi bu’aa qabeessummaa fedhii barnootaa fi leenjii
guddisuu
10. Qulqullinaa fi bu’aa qabeessummaa tajaajilaa guddisuu
11. Sirna qophii karooraa, hordoffii, gamaaggamaa fi duub-deebii guddisuu
12. Bu’aalee qorannoo fi qo’annoo waltajjii adda addaa qopheessuun gahumsa
isaanii guddisuu
13. Ittifayyadama TQO guddisuu
14. Gahumsa misoomaa fi bulchiinsa qabeenya humna namaa guddisuu

2.1.2 Xiinxala Galmoottan Tarsiimo’aa Akkaadaamichaa

2.1.2.1 Gahumsa Hooggansaa Guddisuu

Akkuma beekamuu mootummaan misoomaa, nageenyaa fi bulchiinsaa gaarii mirkanneesuun


uummaata faayyadamaa taasisuuf immaammataaf tarsimoo akkasumaas karoora fi
sagantaalee adda addaa baasuun hojirraa olchaa jirachuun isaa beekamadha. Immaammataaf
tarsimoo kana milkeessuuf immoo hooggansa sadarkaa adda addaa irraa jiraaniif ilaalcha

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 3 AHNO


misoomawaa demokraatawaa, imaamammattootaa fi tarsiimoowwan mootummaa adda addaa
irratti haalawwan naannawaa, ardilee fi idil-addunyaa irratti dandeettii, ilaalcha, beekumsaa fi
ogummaa isaanii cimsuun dandeettiin raawwachisummaa, beekumsaa fi gahumsaa irratti
hundaa’e kennuun faayadamummaan uummataa gama hundaan mirkaneessuuf leenjii
kennamudha.

Bu’uuruma kanaan, AHNO KGT lammaffaa keessatti leenjiiwwan sadarkaa shanitti jiran;
leenjii gaggeessaa olaanaa, leenjii gaggeessaa giddu galeessaa, leenjii gaggeessaa jalqabaa,
leenjii gaggeessaa bu’uuraa fi leenjii addaa irratti karoorrii fi raawwiin waggoota 2008 haga
2012tti jiran chartota armaan gadiin gabaabinaan dhihaataniiru.

A) Leenjii Gaggeessaa Olaanaa

B) Leenjii Gaggeessaa Giddu Galeessaa

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 4 AHNO


C) Leenjii Gaggeessaa Jalqabaa

D) Leenjii Gaggeessaa Bu’uuraa

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 5 AHNO


E) Leenjii Addaa

Walumaa galatti raawwii leenjii chartota A haga E tti jiran irraa wanti hubannu
akkaadaamichi hojii leenjiin waggoota darban keessatti hojjetu olaanaa kan ture ta’uu

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 6 AHNO


gamaaggamuun ni danda’ama. Gosoota leenjii keessaa raawwii baayyee olaanaa kan
galmeessisanii fi raawwii gadi aanaa galmeessan yoo ilaalle, Leenjii gaggeessaa bu’uuraa
irratti karoora qabameef raawwiin raawwate yoo ilaalamu akkaadaamichi hojiin hojjetu
karoora ol daran olaanaadha. Sababooti leenjiin gaggeessaa itti xiyyeeffatamee hojjetameef,
xiinxala mootummaa fi akkaadaamichaan leenjii gaggeessaa bu’uuraa haala biyyi keenyaa fi
naannoon keenya keessa turteen caasaa gaditti jiru leenjiin cimsuu fi iddo iddoottis caasaa
diigamaa ture deebisanii ijaaruuf baayyee murteessaa waan tureef raawwiin olaanaan
galmaa’eera. Bu’aa leenjiiwwan kanaas yoo madaalle haala naannoo keenya keessa turee fi
jijjiirama yeroo ammaatti dhufe irratti hubannaa uumuuf gaheen akkaadaamichi taphate
olaanaadha. Dabalataan leenjii addaatiinis leenjiin AHNO keessumaa qeerroo fi qarree
naannoo Oromiyaatiif laate naannicha keessatti tasgabbii hamma tokko fiduuf gumaachi
taphate akkasumas caasaa bifa haaraan gurmaa’aa ture keessattis humna haaraa dabaluuf
gahee taphatee jira.
Karaa biraan, karoora leenjii qabameen raawwiin gadi aanaa ture leenjii gaggeessaa
olaanaadha. Sababooti raawwiin karoora leenjii kanaa gadi bu’aa ta’eefis leenjiin kun kan
innii qindaa’aa ture akkaadaamii hooggansaa sadarkaa federaalaatti waan tureef hooggansi
naannichaa baayyinaan kan leenji’an sadarkaa federaalaattidha.

2.1.2.2 Dhaqqabummaa hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo guddisuu

Hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo guddisuuf AHNO xiyyeeffannoo kennee hojii inni hojjetaa
ture keessaa dhimmoota ijoo lama irratti kan xiyyeeffateedha. Isaanis, inni jalqamaa bu’aa
qabeessummaa imaammataa fi tarsiimoo mootummaa, siyaasa dinagdee addunyaa,
dhimmoota misoomaa fi hawaasummaa, yaadarimee ilaalcha misoomawaa fi
dimookraatawaa, mootummaa naannichaa irratti qorannoolee gaggeeffamani yoo ta’u Inni
lammataa, hojii barnootaa fi leenjii akkaadaamichaatiin kennaman deeggaruu fi gahee isaa
keessatti taphachuuf qorannoowwan bu’aa qabeessummaa leenjii fi ajandaalee hojii
barnootaa fi leenjii cimsuu danda’an irratti qorannoo fi qo’annoo kan hojjatuu dha. Galma
tariimawaa kana milkeessuuf hojiileen qorannoo imaammataa fi tarsiimoo hojjechuu
jalqabbiin gaariin kan ture ta’uun ilaaluun ni danda’ama. Leenjii sadarkaa gaggeessaa giddu
galeessaa fi jalqamaa baroota karooraa kana keessatti hojjetaman kana keessatti qorannoon
fedhii leenjii leenjiin duraa, yeroo leenjii fi itti quufiinsa leenjiin boodaa ballinaan
raawwachuun galtee ta’uu keessatti hojiin gaariin hojjetameera. Hanqinni hojii kana keessatti
ture hojiin gorsaa bara KGT lammaffaa keessatti eegaluu hin dandeenye.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 7 AHNO


2.1.2.3 Qindoomina tarsiimoo fi hojii qunnamtii ummataa guddisuu

Qaqqabummaa fi quunnamtii uummataa guddisuu keessatti AHNO hojiilee tarsiimoo fi


imaammata mootummaa uummata biraan gahuu fi hojiilee akkaadaamichaa keessatti
raawwatan karaa guutuu ta’een hawaasa biraan gahuuf hojiileen sab-quunnamtii garaa garaa
hojjetamanii jiru.

Maqaa gaarii akkaadaamichaa ijaaruuf karaa miidiyaalee broadcast, miidiyaalee hawaasaa fi


maxxansaalee adda addaa qophaa’anii hawaasa biraan ga’ameera. Konfiraansotaa fi
seeminaarota garaa garaa akkaadaamichi qopheessu irrattis hojiin akkaadaamicha beeksisuu
hojjetameera.

Akkasumas leenjii akkaadamichi gaggeessu irratti itti fayyadama deggersa leenjii ta’an
kanneen akka viidiyoo konfiraansii, fiilmii dokumentarii deggersa leenjii ta’anii fi hojiilee
akkaadaamichaa ibsan qophaa’uun qaama ilaallatu bira akka gahu taasifamaniiru.

Ragaalee akkaadaamichaa ammayyeessuu keessatti fi uummata biratti qaqqabamummaa jiru


daran cimsuuf hojiileen hojjetaman kanneen akka ragaalee leenjitootaa daataa beezii keessatti
qindeessuu, akkasumas website akkaadaamichaa qopheessuun hojii irra oolchuu hojiilee
galmoota tarsiimawoo kana keessatti raawwatan keessaa warra ijoodha.

2.1.2.4 Galii guddisuu

Akkaadaamiin Hooggansa Naannoo Oromiyaa galii keessoo maddisiisuun wal qabatee hojiin
hojjetamuu kan eegale bara baajataa 2008tti yoo ta’u. Maddoonni galii ta’anii kan adda ba’an
galii kiraa galmaa, galii tajaajila leenjii fi galii gurgurtaa meeshaalee dhumaataa fi
dhaabbataa tajaajila booda kan ta’an irraa kan argamaniidha. Buu’uruma Kanaan, AHNO
bara 2008 irraa eegaluun maddoota galii olitti ibsaman irraa galii sassaabuu eegalee jira.

2.1.2.5 Falaasama misoomawaa dimokiraatawaa babal’isuu fi guddisuu

Akkaadaamiin Hooggansa Naannoo Oromiyaa falaasama misoomawaa diimookiraatawaa


babal’isuu fi guddisuu keessatti hojiileen ciccimoon hojjetamanii jiru. Leenjiiwwan sadarkaa
gaggeessaa olaanaa, gaggeessaa giddu galeessaa, gaggeessaa jalqabaa, gaggeessaa bu’uuraa fi
leenjii addaa akkaadaamichi gaggeesse keessatti falaasamni misoomawaa diimookiraatawaa

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 8 AHNO


qaama leenjichaa ta’uun maateriyaalii leenjii laatamaa turan keessatti xiyyeeffannoon addaa
laatamee baroota karooraa kana keessatti hojjetameera.

2.1.2.6 Qindoomina dhimmoota sektaroota hundaa guddisuu

Akkaadaamiin hooggansa naannoo Oromiyaa hojiilee dhimmoota sekteroota hundaa


guddisuuf yaalii adda addaa taasisuu irra tureera. Hojiilee gurguddoo KGT 2ffaa keessatti
hojjetaman keessaa hojiin ijoon irratti xiyyeeffatame keessaa akka fakkeenyaatti. Dhimma
hojii hawaasummaa naannoo manni hojii AHNO argamu ganda Malkaa Adaamaatti
hirmaannaa taasisameera. Ganda kanatti akkaadaamiin rakkoolee jiran furuuf gandicha waliin
ta’uun hirmaannaa godhe keessaa muraasni mana barnootaa sadarkaa jalqabaa gandicha
keessatti argamu irratti barattootaaf deggersa garaa garaa taasisuu akkasumas mana
barnootichaaf deggersa garaa garaa taasiseera.

Hojiilee bulchiinsa magaalaa Adaamaa waliin hojjetamuunis deggersa namoota harka


qalleeyyii ta’anii fi rakkoo hawaasummaa qabaniif deggersi waldaalee dhimmoota kana irratti
hirmaatan waliin ta’uun deggersi taasifameera. Akkasumas, namoota rakkoo buqqa’iinsaan
naannoo Somaalee irraa buqqa’anii magaalicha keessatti qubatanii jiraniif deggersi adda
addaa taasifameeraaf. Hojiilee dhimma koorniyaa waliinis xiyyeeffannaa kennuun leenjii
kennamu keessatti akkaadaamichi bara karooraa kana keessatti wagga waggaan leenjii humna
raawwachiisummaa dubartootaa cimsuuf qooda fudhattoota waliin ta’uun hirmaannaa addaa
taasisaa tureera. Hojiin biroon akkaadaamichi hojii boonsaa itti galmeessise dhimma biqiltuu
dhaabuu fi kunuunsuu irratti xiyyeeffannaa addaa gochuun naannoo mana hojichaa bareechuu
fi bosonoomsuu hojjeteera.

Dabalataan ispoortii naannoo keenyaa cimsuu fi jajjabeessuu waliin waldaa biskiliitii


naannoo Oromiyaa jajjabeessuuf akkasumas akkaadaamicha beeksisuu waliin hirmaannaa
ho’aa taasisee jira.

2.1.2.6 Qorannoo sakatta’iinsaa fi bu’aa qabeessummaa barnootaa fi leenjii


guddisuu

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 9 AHNO


Akkaadaamiin hooggansa naannoo Oromiyaa bara karoora KGT 2ffaa irratti xiyyeeffannaa
kennee hojii hojjetu keessatti xiyyeeffannaa akkaadaamichaa ta’ee hojii hojjetamu keessaa
inni ijoon hojii barnootaa fi leenjii qorannoo fi qo’annoodhaan deggersa taasisuudha.

Qulqullummaa leenjii fi barnootaa dabaluu fi guddisuun kan danda’amu hojii qorannootiin


sakatta’iinsaa fedhii barnootaa fi leenjii gaggeessuu akkasumas bu’a qabeessummaa isaas
qorannoon mirkaneeffataa adeemuun yeroo adda addaatti hojjetameera. Bu’uuruma kanaa,
leenjiilee akkaadaamichi bara KGT kana keessatti raawwate keessaa qorannoo bu’a
qabeessummaa lama irratti gaggeesseera. Tokkooffaan, leenjii gaggeessaa giddu galeessaa
akka biyyaatti gaggeeffame keessatti bu’a qabeessummaa leenji’aa naannoo Oromiyaa irra
hirmaatan irrattii fi lammaffaan leenjii gaggeessaa bara 2011tti gaggeessitoota sadarkaa
hundatti gaggeeffame bu’a qabeessummaan isaa qorannoon gaggeeffamee jira.

2.1.2.8 Bu’aalee qorannoo fi qo’annoo waltajjii adda addaa qopheessuun


gahumsa isaanii guddisuu

Qorannoo fi qo’annoo akkaadaamichi imaammataa fi tarsiimoo mootummaa irratti qoratuu


akkasumas qorattoota biroon dhimma ajandaa ijoo imaammataa fi tarsiimoo mootummaa
ta’an irratti qophaa’an gahumsa isaanii guddisuu fi akkasumas hawaasa biraan gahuuf
waltajjiin qorannoo fi qo’annoo qophaa’uun baayyee murteessaadha.

Haaluma Kanaan, AHNO bara KGT lammaffaa keessatti waltajjiiwwan qorannoo fi


qo’annoo biyyoolessaa 3 (sadii) qopheessuun gahumsa qorannoowwan akkaadaamichaa
guddisuu akkasumas bu’aalee qorannoo raawwatamanii qaama ilaallatuuf gahuun hojiin
jajjabeessaan hojjetameera.

2.1.2.7 Qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa tajaajilaa guddisuu

Hojiileen qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa tajaajilaa akkaadaamichaa sadarkaa isaa


eegsisuu bara KGT lammaaffaa keessatti hojjetamuuf yaalameera. Keessattuu hojii leenjii
akkaadaamichaa sadarkaa isaa kan eeggate taasisuuf marsaalee leenjii adda addaatti sadarkaa
tajaajilli leenjii itti laatamu madaaluuf qulqullina leenjii ilaalchisee maateriyaalii leenjii,
faasiliitiiwwan leenjii fi dhiheessiiwwan leenjii dabalatee qulqullummaa isaa sadarkaa
barbaadamuun gahuuf hojiin madaallii qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa isaa madaaluu
hojiilee leenjii irratti hojjetamuuf danda’ameera. Haa ta’u malee hojiilee biroo irratti hojiin

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 10 AHNO


qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa hojjetame laafaa ture. Hojiileen qulqullinaa bi bu’a
qabeessummaa tajaajilaa hunda galeessa ta’e akka Akkaadaamiitti hojiilee mara irratti karaa
qindaa’aa ta’ee fi hojiilee kana raawwachuufis qajeelfamoonnii fi imaammanni akka
akkaadaamichaatti qophaa’ee hin hojjetamne.

2.1.2.9 Sirna qophii karooraa, hordoffii, gamaaggamaa fi duub-deebii


guddisuu

Akkaadaamiin Hooggansa Naannoo Oromiyaa sirna qophii karooraa, hordoffii,


gamaaggamaa fi duub-deebii mana hojichaa sadarkaa isaa kan eeggatee fi galmooti
akkaadaamichi qabate bira ga’uuf hojiileen hojjetamaniiru.

Hojiin qophii karoora akkaadaamichaa sadarkaa isaa kan eeggatee akka ta’uuf sadarkaa
maanaajimentii irraa kaasee hanga hojjetaatti boqonnaa qophii irraa eegaluun qaamni hunduu
akka irratti hirmaatuuf taasifamuun hojjetameera.

Sirna hordoffii, gamaaggamaa fi duub-deebii guddisuufis akkaadaamichi raawwii isaa


sadarkaan gamaggamuun adeemuu irratti hojiin jajjabeessaan hojjetameera. Raawwii
daarekterootaa irraa dhihaatan qindeessuun kurmaanatti yeroo tokko sadarkaa
maanaajimentiitti, dameetti, fi mana hojiitti gamaaggamuun raawwii hojii fooyyessuuf qaama
dhimmi ilaaluufis duub-deebii kennaa adeemuun hojjetamaa tureera.

2.1.2.10 Ittifayyadama TQO guddisuu

Akkaadaamiin hooggansa naannoo Oromiyaa hojii mana hojichaan raawwatan TQOtti


fayyadamuun haala raawwii mana hojichaa irratti iftoominaa uumuu fi hojii raawwatamus
TQOn deggeruuf hojiileen gurguddoon raawwatamaniiru.

Humni namaa akkaadaamichaa fayyadamaa TQO akka ta’uu danda’aniif bu’uuraalee


misoomaa hojichaaf barbaachisu diriirsuus ta’e horachuu irratti xiyyeeffannaa guddaan
hojjetameera. Haaluma Kanaan, hojjetaan hundumtuu fayyadamaa ta’uu danda’eera.

Dabalataanis, website akkaadaamichaa qopheessuun dhimmamtootii fi qoodi fudhattoonni


odeeffannoo barbaadan akka argataniif hojii irra oolee jira. Ragaaleen leenjifamtoota mana
hojichaa keessatti leenji’anii ba’an ragaan isaanii data base qindaa’ee akka taa’uuf hojii
hojjetameenis ragaan leenjitootaa hedduun qindaa’ee kaa’ameera.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 11 AHNO


2.1.2.11 Gahumsa misoomaa fi bulchiinsa qabeenya humna namaa guddisuu

Akkaadaamiin Hooggansa Naannoo Oromiyaa bara KGT lammaaffaa keessatti hojiin


ciminaan hojjete keessaa inni olaanaa ta’e tokko dhimma hojii gahumsa humna namaa
akkaadaamichaa irratti hojii hojjetamedha. Gahumsa raawwachiisummaa hojjettoota
akkaadaamichaa cimsuuf hojiin ballinaan hojjetame keessaa inni gurguddaan carraa barnoota
idilee fi al-idilee ta’an akkasumas leenjii gaggabaaboo biyya keessaa fi biyya alaa irratti
ogeessotaa fi hooggansi akkaadaamichaa hirmaataniiru.

Galmoota akkaadaamichi qabate galmaan gahuu keessatti gumaacha olaanaa kan taphatan
muuxannoo fi leenjiin humna raawwachiisummaa hojjettootaaf laatame qooda ol-aanaa
taphachuu danda’aniiru. Hojiilee akkaadaamichi hojjechaa ture keessatti muuxannooleen
kanneen akka “case study” akkamiin akka qophaa’uu fi hojii irra oolu leenjii dabalataa
laachuu, hojiilee leenjii biro keessatti muuxannoolee adda addaa argaman fayyadamuu,
qophii sanadoota akkaadaamichaa kanneen akka materiyaalii leenjii, leejisleeshinii
akkaadaamichaa, gurmaa’iinsa hojii akkaadaamichaa, qajeelfamaa fi imaammatoota
qophaa’an keessatti galteen muuxannoolee yeroo adda addaatti biyya keessaa fi alatti argame
hojii irra ooluu danda’ee jira.

2.1.3. Xiinxala Aangoo fi Gahee Hojii AHNO

Aangoo fi Gahee Hojii Akkaadaamichaa Duraa

1) Fedhii leenjii fi barnoota gaggeessaa naannichaa irratti hundaa’uun imaammaataa fi


tarsiimmoowwan mootummaa irratti gaggeessitoota naannichaatiif leenjii yeroo
gabaabaa, jiddu galeessaa fi dheeraa ni kenna,
2) Galma gahiinsa kaayyoo Akkaadaamichaatiif haalawwan qabatamaa naannichaa,
biyyaa fi addunyaa irratti hundaa’uun hoggansa beekumsa, naamusa gaarii
akkasumas ilaalcha misoomawaa fi demokiraatawaa qabu ni qopheessa;
3) Muuxannoowwan filatamoo hubannoo, beekumsaa fi dandeettii leenjifamtootaa
gabbisanii fi rakkoo furuu danda’an qindeessuun leenjii ni kenna;
4) Hojiirra oolmaa fi bu’aa qabeessummaa imaammata mootummaa, akkasumas
rakkoowwan raawwii irratti qunnaman ilaalchisee qo’annoo ni gaggeessa, yaada
furmaataa mootummaaf ni dhiyeessa;
5) Bu’aa qabeessummaa leenjii Akkaadaamichaan kennu ilaalchisee qo’annoo ni
gaggeessa, yaada furmaataa ni maddisiisuun akka galteetti itti fayyadama;
GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 12 AHNO
6) Sirna ijaarsa dandeetti raawwachiisummaa hoggansaa bu’a qabeessa ta’e, wal-
fakkaataa fi itti fufiinsa qabu diriirsuun dandeettiin gaggeessaa sadarkaa sadarkaan
jiru akka cimu ni taasisa;
7) Sirna madaallii fi gamaaggama leenjii barbaachisaa ta’e diriirsuun hojiirra ni oolcha;
8) Tekinoolojiiwwan qunnamtii odeeffannootti fayyadamuun hojiiwwan barnootaa,
leenjii fi qo’annoo akka saffisuu fi bu’aa qabeessa ta’u ni hojjata;
9) Dhaabbilee kaayyoo wal-fakkaataa qaban kan biyya keessaa fi alaa waliin ni hojjata;
10) Leenjifamtoota leenjii Akkaadaamichi kennu haala gahumsa qabuun xumuraniif
waraqaa ragaa yookiin dippiloomaa ni kenna;
11) Dhaabbilee fi ogeessota tajaajila gorsaa hojii hoggansaa irratti bobba’aniif hayyama
ogummaa ni kenna;
12) Fedhii barnootaa, qorannoo fi leenjii Akkaadaamichaa qorachuun sagantaalee leenjii
fi sirna barnootaa, akkasumas moojulii fi meeshaalee deggarsa barnootaa kan biroo ni
qopheessa;
13) Aangoo fi gahee hojii isaa irratti hundaa’uun tajaajila gorsaa ni kenna, gatii boordiin
murtaa’uu irratti hundaa’uun tajaajila kennuuf kaffaltii tajaajilaa ni sassaaba;

Aangoo fi Gahee Hojii Akkaadaamichaa Bara 2010tti Jijjiirame


1. Fedhii leenjii fi barnootaa hoggansa naannichaa irratti hundaa’uun imaammataa fi
tarsiimoowwan mootummaa irratti gaggeessitoota fi Ogeessota naannichaatiif
leenjii yeroo gabaabaa, jiddu galeessaa fi dheeraa ni kenna,
2. Galma gahiinsa kaayyoo Akkaadaamichaatiif haalawwan qabatamaa naannichaa,
biyyaa fi addunyaa irratti hundaa’uun hoggansa beekumsa, naamusa gaarii
akkasumas ilaalcha misoomawaa fi demokiraatawaa qabu ni horata;
3. Muuxannoowwan filatamoo hubannoo, beekumsaa fi dandeettii leenjifamtootaa
gabbisanii fi rakkoo furuu danda’an qindeessuun leenjii ni kenna;
4. Hojiirra oolmaa fi bu’aa qabeessummaa imaammata mootummaa, akkasumas
rakkoowwan raawwii irratti qunnaman ilaalchisee qo’annoo ni gaggeessa, yaada
furmaataa mootummaaf ni dhiyeessa;
5. Bu’aa qabeessummaa leenjii Akkaadaamichi kennuu ilaalchisee qo’annoo ni
gaggeessa, yaada furmaataa maddisiisuun akka galteetti itti fayyadama;

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 13 AHNO


6. Sirna ijaarsa dandeettii raawwachiisummaa hoggansaa bu’a qabeessa ta’e, wal-
fakkaataa fi itti fufiinsa qabu diriirsuun dandeettiin gaggeessaa sadarkaa sadarkaan
jiru akka cimu ni taasisa;
7. Sirna madaallii fi gamaaggama leenjii barbaachisaa ta’e diriirsuun hojiirra ni
oolcha;
8. Teeknoolojiiwwan qunnamtii odeeffannootti fayyadamuun hojiiwwan barnootaa,
leenjii fi qo’annoo akka saffisuu fi bu’aa qabeessa ta’u ni hojjata;
9. Dhaabbilee kaayyoo wal-fakkaataa qaban kan biyya keessaa fi alaa waliin ni
hojjeta;
10. Leenjifamtoota leenjii Akkaadaamichi kennu haala gahumsa qabuun xumuraniif
waraqaa ragaa yookiin dippiloomaa ni kenna;
11. Dhaabbilee fi ogeessota tajaajila gorsaa hojii hoggansaa irratti bobba’aniif eyyama
ogummaa ni kenna;
12. Madaallii dandeetti ogummaa geggessuudhaan ogeessoota ulaagaa
Akkaadaamichi kaa’ee guutaniif beekkamittii kennuu.
13. Fedhii barnootaa, qorannoo fi leenjii Akkaadaamichaa qorachuun sagantaalee
leenjii fi sirna barnootaa, akkasumas moojulii fi meeshaalee deeggarsa leenjii fi
barnootaa kan biroo ni qopheessa;
14. Aangoo fi gahee hojii isaa irratti hundaa’uun tajaajila gorsaa ni kenna, gatii
boordiin murtaa’u irratti hundaa’uun tajaajila kennuuf kaffaltii tajaajilaa ni
sassaaba;
15. Hojiiwwan barnootaa fi leenjii Akkaadamichaa ilaalchisee barruulee fi
barreeffamoota adda addaa ni qopheessa, ni maxxansiisa, ni raabsa;
16. Qabeenya ni horata, waliigaltee ni seena, maqaa isaatiin ni himata, ni himatama;
17. Ga’uumsa isaa cimsuudhaaf qorannoo irratti hundaa’ee dameewwaan leenjiifi
barnootaa ni bana.
18. Istaandardii sakatta’iinsa ga’umsaa hoggansaa ni qopheessa, hojii irra ni oolcha.
19. Namoota hojii fakkeenyummaa gaarii qabu hojjeettan ni badhaasa.
20. Humna raawwachisummaa dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa cimsuuf ni
hojjetta
21. Argannoowwaan hojii qorannoo Akkaadamichaan mirkanaa’e kamiyyuu ni
maxxansa, ni raabsa.
22. Sagantaa barnootaa fi leenjii milkeessuuf muummeewwaan barnootaa fi qorannoo,
garee leenjii akkasumas meeshalee deegarsa barnootaa fi leenjii ni qindeessa.
GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 14 AHNO
23. Ga’uumsa leenjii’aa fi barataan erga leejii fi barnoota idilee xumureen booda
agarsiisuu ni hordofa.
24. Seminaaroota, workishooppiiwwaan, simpoziyamii fi konfireensii barnootaa fi
qorannoo ni qopheessa, yeroo affeeramu ni hirmaataa.
25. Hoggansa Dargaggoo fi dubartii ga’uumsuuf xiyyeeffannaa addaa ni kenna.
26. Tajaajila leenjii, qorannoo, barnootaa fi gorsaa qaamoota mootummaa fi
dhaabbilee misoomaa biroof ni kenna.
27. Hojiiwwan kan biroo kaayyoo isaa galmaan gahuuf isa gargaaran boordiidhaan
murteessisuun ni rawaata
Xiinxala Aangoo fi Gahee Hojii Akkaadaamichaa
AHNO bara 2007tti yeroo hundaa’utti aangoo fi gahee hojii inni qabatee hundaa’e
lakkoofsaan 13 kan ta’an yoo ta’u aangooleen ittiin hojiitti seename kun hojii
qabatamaa keessa yeroo seenamutti qabatamaan hojii akkaadaamichi hojjetaa turee fi
mul’ata fi kaayyoo akkaadaamichi bira ga’uuf akka haaraatti leejileeshinii
akkaadaamichaa waliin wal simsiisuun yeroo ilaalamu hojii hundumaa haala
barbaadameen hojjechuuf qaawwaa waan uumuuf aangolee duraan tarraa’an bifa
haaraan qindeessuun barbaachisaa ta’ee argamee jira. Bu’uuruma Kanaan,
leejisleeshinii AHNO bara 2010 tti qophaa’ee boordii akkaadaamichaan mirkanaa’e
irratti aangoleen 13 turan olitti tarra’an qabxiilee iftoominaan taa’uu qaban kan biro
dabalachuun gara 27tti ol guddifamee haala armaan olitti taa’een sirreeffamuu
danda’ee jira. Xiyyeeffannoon aangoo hojii bifa haaraan qophaa’ee kan duraa irra adda
isa kan godhu dhimma barnootaaf addatti xiyyeeffannoo gochuun aangolee dabaluu
isaadha. Kallattii boordiin akkaadaamichaa kaa’ee jiruu fi mul’ataa fi ergama
akkaadaamichaa waliin yeroo ilaalamutti aangoo fi gaheen hojii akkaadaamichaa bifa
haaraan taa’e kaayyoo qabame galmaan ga’uuf kan dandeessisudha.

Boordiin Akkaadaamii Hooggansa Naannoo Oromiyaa hojiilee akkaadaamichaan hojjetaman


kallattii ka’uu fi dhimmoota murtoo barbaadan irrattis murtoo barbaachisu laachuun deggersa
ol-aanaa ba’uu danda’ee jira. Akkaadaamichi dhaabbata haarawa hojii leenjii, barnootaa,
qorannoo fi gorsaa hojjechuuf hundeeffame waan ta’eef qajeelfamoota fi imaammatootaa
hojiin ittiin hojjetaman hedduu qopheessuun boordiin mirkaneessisuun danda’ameera.
Hojiilee KGT lammaaffaa keessatti murtaa’an keessaa muraasni leejisleeshinii
akkaadaamichaa, poolisii qorannoo fi qo’annoo, poolisii leenjiin ittiin hoogganamu, poolisii
website fi faayidaalee hojjettoota akkaadaamichaa qopheessuun boordiin mirkanaa’eera.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 15 AHNO


2.1.4 Xiinxala Fedhii Maamilootaa
T.l Maamiltoota Fedhii Akkaadaamichaa Fedhii Maamiltootaa Sadarkaa
dhiibbaa
A. Leenjifamtoota  Leenjifamaa bu’uura istaandaardiitiin fo’ame  Leenjifamaa imaammataa fi tarsiimoo mootummaa Olaanaa
gara akkaadaa-  Baasii kafaltii tajaajilaa danda’uu adda addaa irratti hubannoon uumameef,
michaatti dhufan  Tarree fedhii leenjii  Leenjii fi barnoota qulqullina qabu,
 Yeroo turtii leenjiitti gahooma, naamusa  Leenjifamaa beekumsa misoomawaa
qabeessaa fi tattaafataa ta’uu diimokiraatawaan ijaaramee fi ilaalchi idil-addunyaa
 Xumura leenjii irratti ilaalchaa fi dandeettii isaa bal’ate,
leenjifamaa gamaaggamuun  Leenjifamaa beekumsa saayinsii hoggansaan
akkaadaamichaaf duub-deebii kennuu gahoome,
 Hoggansa ilaalcha barnoota olaanaan, beekumsaa fi
dandeettiin ijaarame,
 Giddu-galeessa leenjii dhiheessiin guutameef,
 Barnootaa fi leenjii fedhii irratti hundaahe,
 Hoggansa kallattii hundaan dorgomaa ta’e
B. Dhaabbilee  Ragaalee fedhii leenjii, gorsaa, qorannoo fi  Leenjii, gorsa, qorannoo fi qo’annoo hanqina Olaanaa
mootummaa, qo’annoo, hubannoo isaanii guutu,
miti-  Leenjifamaa bu’uura istaandaardiin fo’ame,  Tajaajila gorsaa fedhii isaanii irratti hundaa’ee fi
mootummaa fi  Baasii kafaltii tajaajilaa danda’uu, addaan hin cinne,
dhuunfaa  Leenjifamaa fi barataaf deeggarsa adda  Rakkoowwan raawwii imaammataa fi tarsiimoo
tajaajila gorsaa, addaa gochuu, qorannoo fi qo’annoon adda bahee hiikame,
qorannoo fi  Gorsaa fi bu’aalee qorannoo hojiirra oolchuu,  Fooyya’iinsa raawwii duub-deebii irraa argame,
qo’annoo fi kan  Xumura leenjiirratti ilaalchaa fi dandeettii
biroo barbaadan leenjifamaa gamaaggamuun
akkaadaamichaaf duub-deebii kennuu

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 16 AHNO


2.1.5 Xiinxala Fedhii Dhimmamtootaa
Lakk Dhimmam- Fedhii Akkaadaamichaa Fedhii dhimmamtootaa Dhiibbaa dhimmamtootni Sadarkaa
toota gahee ofii yoo bahuu baatan Dhiibbaa
dhufuu danda’u
 Tarsiimoo leenjii waliigalaa  Naannoo hojii iftoominaa fi itti-  Dhaabbata kenniinsa
1 Boordii qopheessuu, gaafatamummaan keessatti barnootaa fi leenjiin Olaanaa
Hoggansaa  Kallattii, hordoffii fi deeggarsa dagaage, akkasumas hojii
hojii yeroo isaa eeggate,  Karoora hojjachiisuu danda’u, qorannootiin dadhabaa
 Akkaadaamicha dhiheessii gahaan  Raawwii hojii bu’aa qabeessa, ta’e,
gurmeessuu,  Gabaasa raawwii hojii yeroo isaa  Akkaadaamii hoggansaa
 Baajataa fi karoora mirkanaa’e, eege, iftoominni, ittigaafatamu-
 Rakkoo qunnamuuf deebii  Hoggansaa fi ogeessa gahumsa mmaanii fi haqummaan
hatattamaa, qabu keessatti hindagaagnee fi
 Hojiin barnootaa fi leenjii  Hoggansa kallattii hundaan raawwii hojiitiin dadhabaa
qorannoon kan deeggarame ta’uu dorgomaa ta’e ta’e,
isaa hordofuu,  Akkaadaamii dorgomaa
ta’uu dadhabe,
2 Hoggansa  Kallattii hojii boordiin kennamu  Karoora hojjachiisuu danda’u,  Akkaadaamii ergama
Ol’aanaa karooratti jijjiiruun hojiirra  Gabaasa raawwii hojii, mootummaan itti kenname
Akkaadaa- oolchuu,  Rakkoolee adda bahanii fi galmaan gahuu
michaa Olaanaa
 Hojii barnootaa, leenjii fi tarkaanfii sirreeffamaa hindandeenye,
qorannoo ol’aantumaan fudhatame,  Dhimmamtootaa fi
hogganuu, qindee-ssuu fi  Baay’ina muuxannoo gaggaarii maammiltoota biratti
ergamaaf qophii gochuu, qindaa’anii hojii irra oolan, amantaa dhabuu,
 Humni namaa fi qabeenyi adda  Leenjiin, qorannoo fi harkifannaa akkasumas
addaa barbaachisoon akka nafeessuun akka walsiman qulqullina dhabuu
guutaman taasisuu, taasisuu, leenjiiwwanii, qorannoo fi

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 17 AHNO


Lakk Dhimmam- Fedhii Akkaadaamichaa Fedhii dhimmamtootaa Dhiibbaa dhimmamtootni Sadarkaa
toota gahee ofii yoo bahuu baatan Dhiibbaa
dhufuu danda’u
 Raawwii hojii akkaadaamichaa qo’annoo fi gorsaa,
itti-fufiinsaan gamaaggamuu fi  Rakkoon kan xaxame,
kallattii kaa’uu, hojiiwwan battalaa irratti
 Muuxannoo gaggaarii adda kan xiyyeeffatee fi hojii
baasuu, qindeessuu fi tarsimo’aa kan dagate,
babal’isuu,  Hoggansa gahumsa
 Rakkoolee akkaadaamicha hinqabne, akkasumas
keessatti uumaman adda baasuu ergama isaa raawwachuu fi
fi deebii hatattamaa kennuu, raawwachiisuu dadhabuun
 Milkaa’ina ergama akkaadaami- karoorri mootummaa akka
chaatiif gahumsa qabaachuu, hinmilkoofne taasisu,
 Sirni barnootaa akkaadaamichaa  Dhaabbata raawwwii hojii
akka barbaachisummaa isaatti karooraa fi hoggansaan,
akka fooyya’u taasisuu, barnoota, leenjii fi
 Hojiin barnootaa, leenjii fi qorannoon akkasumas
qorannoo gochaan walitti- walitti dhufeenya keessaa fi
hidhamiinsa akka qabaatu alaatiin dadhabaa ta’e
taasisuu,
3 Hojjattoota  Cimina, naamusa gaarii,  Bulchiinsa Gaarii  Hojjataa ergama isaa haala
Akkaadaami- kaka’umsa hojii fi tattaaffii kan  Wabummaa hojii ittifufaa fi barbaadameen bahuu
chaa qabu, akkasumas bu’aa amansiisaa ta’e dadhabee fi hojii Olaanaa
qabeessa fi si’ataa kan ta’e  Naannoo hojii mijaa’aa fi akkaadaamichaa irratti
 Gahumsa hojii xiinxaluu, guddina dhiibbaa hinbarbaadamne
ilaalcha idil-addunyaa, kallattii  Sirna kaffaltii fi onnachiiftuu fidu
GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 18 AHNO
Lakk Dhimmam- Fedhii Akkaadaamichaa Fedhii dhimmamtootaa Dhiibbaa dhimmamtootni Sadarkaa
toota gahee ofii yoo bahuu baatan Dhiibbaa
dhufuu danda’u
mootummaan kaa’e irratti gabaa waliin deemu  Dhaabbata raawwwii hojii
ilaalcha gaarii kan qabuu fi  Leenjii yeroo gabaabaa fi karooraa fi hoggansaan,
karaa bu’aa qabeessa ta’een dheeraa barnoota, leenjii fi
kan raawwatu,  Beekumsa imaammataa fi qorannoon akkasumas
tarsiimoolee mootummaa adda walitti dhufeenya keessaa fi
addaa irratti qabaachuu alaatiin dadhabaa ta’e
 Dhiibbaa miidhaa uumuu
danda’u, hanqina qulqullina
hojii fi haala karooraatiin
raawwachuu dhabuu
 Hojjetaa ergama isaa qixa
sirrii ta’een hin baanee fi
hamilee fi kaka’umsa hin
qabne
4 Mootummaa  Ulaagaa taa’een leenji’aa  Hoggansa gahoomaa ilaalcha  Milkaa’inni ergama
fo’achuun yeroodhaan erguu misoomawaa fi demokraatawaan akkaadaamichaa ni guufata Ol’aanaa
4.1
 Kaffaltii tajaajilaa yeroon ijaarame, tarsiimoo fi  Hanqina dhiyeessii
(Jaarmiyaalee
raawwachuu imaammata akkasumas ajandaa akkaadaamichaaf
Mootummaa
Naannoo,  Bu’aa galmeessisaniin waytawaa mootummaa irratti barbaachisanii fi
Godinaalee fi madaalamuu kan baratan hubannoon uumamef harkifannaa hojii barnootaa
Bulchiinsa  Xumura leenjii booda jijjiirama  Ittifayyadama baajataa bu’aa fi leenjii
Magaalotaa, ilaalchaa fi dandeettii qabeessa ta’e  Hanqina qulqullina hojii
Aanaalee, leenjifamaan fide madaaluun  Ibsa fedhii deeggarsaa tartiibaan barnootaa fi leenjii
Gandoota)
akkaadaamichaaf duub-deebii adda bahe  Sababa dhabiinsa
GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 19 AHNO
Lakk Dhimmam- Fedhii Akkaadaamichaa Fedhii dhimmamtootaa Dhiibbaa dhimmamtootni Sadarkaa
toota gahee ofii yoo bahuu baatan Dhiibbaa
dhufuu danda’u
kennuu fi walitti dhufeenyaa fi  Hojilee qo’annoo fi qorannoo qindoominaatin hojiiwwan
tumsa ittifufiinsa qabu gochuu galtee imaammatootaaf oolan barnootaa, leenjii fi
 Deebii hatattamaa gaaffii  Hojiiwwan barnootaa fi leenjii qorannoo irra deeddeebiin
baajataa mirkanaa’e qulqullina isaanii eegan hojjatamuu fi qisaasamni
 Qophii sirna barnootaa irratti  Hoggansa barumsa olaanaatiin qabeenyaa fi yeroo
sagantaa muuxannoo fi hojimaata ilaalchi, beekumsii fi dandeettiin uumamuu
gaggaarii waljijjiiruu qopheessuu isaa ijaarame  Qophii sirna barnootaa
fi hojiirra oolchuu  Dhiyeessii qabeenya adda addaa irratti muuxannoon gahaan
 Hojiiwwan barnootaa fi leenjii fedhii bittaa yeroo isaa eege argamuu dhabuu
qindoominaan hojjataman irratti hundaa’e
 Hojiilee mirkaneessa gahumsaa fi  Duub-deebii raawwii hojii
qulqullinaa barnootaa fi leenjii
 Bittaa si’ataa, yeroo isaa eegee fi
qulqullina qabu
4.2. Manneen  Manneen maree hawwii fi  Hoggansa milkaa’ina ergamaatiif  Hojiin Akkaadaamichaa
Maree fedhii jijjiiramaa guddaa qaban qophaa’ina qabuu fi ilaalchaan, milkaa’inaa fi bu’aa
Sadarkaa Adda  Manneen maree aantummaa beekumsaa fi dandeettii isaatiin qabeessummaa dhabuu Olaanaa
Addaa irra
ummata bakka bu’anii qabanii fi gahomee fi bulchiinsa gaariif  Rakkoo godinaalee fi
jiran,
fayyadamummaa ummatichaa gumaache aanaalee leenjii addaa
mirkaneessuuf socho’an  Hoggansa yaada ummataa barbaadanii furuu
 Manneen maree yeroo yeroon sirriitti dhaggeeffatee deebii dhabuu
raawwii hojii bulchiinsa gaarii, hatattamaa kennu  Waliigalli hojimaata
karooraa fi raawwii hoggansaa  Gabaasa raawwii hojii akkaadaamichaa
qabatamaan hordofuu fi akkaadaamichaa harkifataa ta’uu
GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 20 AHNO
Lakk Dhimmam- Fedhii Akkaadaamichaa Fedhii dhimmamtootaa Dhiibbaa dhimmamtootni Sadarkaa
toota gahee ofii yoo bahuu baatan Dhiibbaa
dhufuu danda’u
madaaluun duub-deebii  Labsiiwwan, danbiiwwanii fi
wayitaawaa kennan qajeelfamoota ergama
 Manneen maree yaadawwan akkaadaamichaa waliin deeman
sirreeffamaa kennan  Qorannoo fi qo’annoo rakkoo
hawaas-dinagdee hike
5 Jaarmiyaalee  Tarreeffama fedhii leenjii  Hoggansa hubannoo yaada  Hoggansi falaasama
ummataa adda  Baasii barbaachisaa danda’u misoomawaa fi demokraatwaa misoomawaa
addaa  Leenjifamtoota ulaagaa guutan qabaatee ilaalchi isaa jijjiirame demokraatawaan ijaarame Olaanaa
fo’achuun erguu  Hoggansa leenjii kennameefiin dhabamuu fi sosochiin
 Xumura leenjii booda bu’aa hubannoon isaa gabbatee fi ummataa danqamuu
qabeessummaa leenjifamtootaa dandeettiin isaa guddate  Qisaasamni qabeenyaa
madaaluun akkaadaamichaaf  Hoggansa barumsa olaanaa uumamuu
duub- deebii kennuu argateen ilaalchi, beekumsii fi  Ergama karaa sirrii ta’een
dandeettiin isaa gabbate bahuu dhabuu

2.1.6 Xiinxala Haala Deeggartootaa


l. Deeggartoota Deeggarsa Akkaadaamichi barbaadu Fedha Deeggartootaa Deeggarsa waliinii gochuu Sad.
dhabuun dhiibbaa uumamu dhiibbaa
1 Dhaabbilee  Waljijjiirraa muuxannoo fi  Ibsa fedhii waldeeggarsaa  Falaasamni misoomawaa G/galeessa
biyyaalessaa fi idil- barmaatilee amanamaa adda bahee dhihaate demokraatawaan sadarkaa
addunyaa kaayyoo  Deeggarsa teeknikaa, beekumsaa,  Muuxannoo gaarii fi barnoota Naannoo fi biyyaalessaatti
walfakkaatoo
dhiheessii, kkf  Gaaffii dhihaatuuf deebii fudhatama dhabuu
qaban
 Cehumsa teekinoolojii fi hatattamaa kennuu  Dhaabbaticharratti amantaa
beekumsaa dhabuu

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 21 AHNO


l. Deeggartoota Deeggarsa Akkaadaamichi barbaadu Fedha Deeggartootaa Deeggarsa waliinii gochuu Sad.
dhabuun dhiibbaa uumamu dhiibbaa
 Falaasama misoomawaa
demokraatawaa irratti waliin
hojjachuu fi ilaalchichi fudhatama
akka argatu gochuu

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 22 AHNO


2.2 Xiinxala Haala Keessaa fi Alaa
2.2.1 Xiinxala Haala Keessaa
Qabxiilee Xiinxalaa

1. Dhiyeessii fi Misoomaa Humna Namaa

Cimina Dadhabina

 Hooggansi olaanaan jijjiiramaaf qophii ta’e  Hanqina dandeetti raawachisumaa jiruu


horatamaa jiraachuu. qorachuun leenjiiwwan ittifufiinsaa
 Akkaadamichii qabeenyaa humna namaa leenjii fi qabuu kennuu dhabuu.
barnootaan gahomsaa jiraachuu.  Humna namaa barumsaa fi ogummaan
 Dhiyeesii humna namaa muraasaan leenjitoota gahoome guuttachuu dhabuu.
baayina qabuuf leenjii gaggeessummaa kennuu  Hojjeetonnii hundii hubanoo fi
danda’uu. dandeettii walfakkaataa dhabuu
 Hojjetoonnii baay’een akkaadamichaa hojji isaanii akkaasumaas hojjiwaan
kennameef irrattii kaka’umsa garii qabaachuu. akkaadaamichaa karoorfaman wal qixaa
bahuu dhabuu.
 Dhaabilee walfakkatoo biyyaa keessaa fi alaa irraa  Hojjeetoonni muraasni gahee hojjii
muxxanoon fudhatamaa kan jiru ta’u isaa isaanii beekuun haala karooraa qabatan
duguganii raawwachuu dhabuu.
2. Gurmaa’insaa fi Hojimaataa
Cimina Dadhabina
 Akkaadaamicha gurmaa’insaa fi hojimaataa isaa  Qabiinsaa fi hojimaataa qaqabinsaa
cimsuuf dhaabbata walfakaatu irraa muuxannoo ragaa teeknolojiin deeggaruu irrattii
fudhachuudhaan galtee taasisuu danda’uu. hanqina qabaachuu.
 Seera ittin bulmaataa akkaadamichaa (Senate
 Meeshaallee riformii hojjira olchuuf
legislation), sirna barnootaa (curriculum), Sanada
harkifanaan jiraachuu.
irra deebii JBAH, chaartarii lammilee fi
qajeelfamani gurma’insaa raayyaa qopha’uu isaa.  Deegarsaa fi hordoffii rakkoo hikku
danda’uu ittifufiinsaan kennu irratti
 Sirna madaalii fi sadarkessuu gitootaa hojjii (JEG)
hanqini jiraachuu.
qoratamuu fi gaheen hojii bifa haaraan qopha’uu
isaa.  Ya’insa hojjii ifa ta’ee osoo jiruu
hojjira olmaa isaa irrattii hanqinii
 Gurma’insaa fi caasaa bifa haaraan karaa rakkoo
jiraachuu.
hojjimaataa fi keeninsa tajaajjilaa hikkuu danda’un
 Hojjimaataa jiruu hordofanii qabeenyaa
GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 23 AHNO
qoratamuun qopha’uu isaa. bulchuu, hordofuu fi to’achuu irratti
 Imaamtnii leenjii, Barnootaa, sirni leenjii, hanqini jiraachuu.
Barnootaa fi immammata qo’annoo fi qorannoo
 Barnoota idilee jalqabuuf haalawwan
jiraachuu isaa.
mijaataa uumuun barnoota eegaluu
 Caaseffama barnoota idilee hoggantootaaf itti dhabuu
kennuu dandeessisu jiraachuu
3. Faasiilitiiwwan adda addaa (waajjiraalee, kutaalee leenjii, ciisichaa, konkolaataa)
Cimina Dadhabina
• Akkaadaamichi dhiyeesii isaaf barbaachisu osoo • Galmii, kutaa marii fi kutaalee
hin guttatin(kutaa cisichaa, iddoo nyaataa, kutaa ciisichaa sadarkaa isaa eege jirachuu
marii fi kkf) gaggeessaa baay’ee leenjisuudhaan dhabuu.
karoorri KGT II akka milkaayu tattaaffiin
• Dhiyyeesiin Nyaataa leenji’a dhaabilee
taasifamuu isaa
nyaata dhiyesaniin kara qulqullinnaa
• Faasilitiiwwan kan akka waajjiraa, meeshaalee
qabuun dhiyyeessuu dhabbuu isaan
tajaajjilaa hojjitiif olan karaa hojjidhaaf mijatun
irrattii hordofiin yeroo yeroon jirachuu
dhiyyaachuu isaa.
dhabuu.
• Bajaatni hojii karoorfameef akka ramadamu
• Qabeenyi Akkadamichaatti bifa wal-
taasisuun hojii bulchiinsaa, leenjii fi qorannoo
qixaa ta’een fayyadamuu dhabuu.
gaggeefamuu isaa.
• Ijaarsii gamoo iddoo bultii fi galma Nyaataa
leenji’aa ijaaramaa jiraachuu isaa.

2.2.2 Xiinxala Haala Alaa (Carraa fi Sodaa)


Qabxiilee Xiinxalaa

I. Haala siyaasaa

Caarraa (Opportunities) Sodaa (Threats)

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 24 AHNO


 Gahumsaa gaggeesitootaa leenjiin cimsuuf  Sadarkaa Naannoo irraa hanga
xiyeeffannoon mootummaan kenne ol’aanaa ta’u gandaattii hoggantoonnii yeroo yeroon
isaa jijijjiiramuu fi caasaan tasgabaahuu
 Ilaalachi Misoomawaa Dimokiraatawaan sadarkaa dhabuu
mootummaatti falaasama qajeeltoo ta’ee fudhatama  Leenjiin qooda fudhattootaa waliin
argachuu isaa fi jijjiramanii lakka’amuu argamuun kennamuuf sanadootnii leenjii haala
isaa. haaroomsaa yeroo amma gaggefamaa
 Gaggeesaan haaromsaa imaamtaa tarsimowwaa fi jiruun walsimmuu dhabuu.
sagantalee mootummaan baaasuu hojjiraa olchuun  Siyaas-dinagidee kiraa-sassaabdumaa
fayyadamuumaa ummataa mirkanessuu danda’u dadhabsiisuuf ittifufiinsaan tattaaffiin
umammuu isaa. godhamaa jiraatus, ammallee balaa
 Akkaadaamichi xiyyeeffanoon addaa kennameefii sirna keenyaa ta’ee mulachuu isaa.
kan hundeeffamee fi itti waamamni isaas  Rakkoo tasgabbii nageenyaa waliin
Pirezidaantii Naannichaa fi Boordii isaanin wal qabatee leenjii akkaataa
hogganamuuf ta’uu isaa karoorfameen raawwachuu dhabuu.
 Muuxannoowwan adda addaa fudhachuu fi  Hoggaansii siyaasaa gaaffii bulchinsaa
babal’isuuf biyoonni ilaalcha misoomaa qaban gaaarii uummataa yeroo fi gahumsaan
jiraachuun isaanii haala mijaayaa ta’u isaa deebisuu danda’uu baay’inaan
 Akkaadaamiiwwan ergama walfakkaatoo horachuu dadhaabuu.
muxxannoon irraa fudhaatamuu danda’uu sadarkaa  Ilaalchi tokkummaa biyyoolessaa
addunyaa, federaalaa fi naannoolee irra jiraachuu laafaa deemuu irraa kan ka’ee bu’aa
isaanii. qabeessummaa leenjii kennamu irratti
 Carraa hirmaanaa siyaasaa, dinagdee fi dhiibaa kan qabu ta’uu isaa.
hawaasummaa keessattii bal’inaan Umaammeen
haawwasnii gaafataan umammuun isaa gaggessaa
siyaasaa cimmaa kan barbaaduu ta’uu.

II. Haala Diinagdee


Caarraa (Opportunities) Sodaa (Threats)
 Naannoo fi biyyi keenya sirna misoomawaa  Qaala’iinsi jireenya qormaata
demokiraatawaan gaggeeffamuun sadarkaa gaggeessaa ta’uu.
addunyaatti biyya dinagdee ariitiin guddachaa jirtu  Rakkoollee bulchinsa gaarii yeroo
taatee galmaawuun ishee gaggeessaa haaromsaa yeroottiin uumaman sirreffamaa yoo

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 25 AHNO


ergama isaa bahuu danda’u ummachuun hin deemiin jijjiramnii fi bu’aan leenjii
barbaachisaa ta’uu. fidu irrattii dhiibbaa kan qabu ta’uu
 Walitti dhufeenyi biyyoota ollaa fi akka addunyaatti isaa.
uumamee gaarii ta’uun isaa guddina diinagdee  Baay’inni dargaggoota fi shamran
keenyaaf carraa guddaa waan ta’eef gaggeessaan (hojii-barbaaddotaa)yeroodha yeroottii
sadarkaa sadarkaan jiru kan hubattee hojjechaa kan dabalaa dhuufee carraan hojii uumaa
jiru ta’uu isaa. hin deemamuu taanaan tasgabbiin fi
 Pirojeektiwaan gurgudoo babal’achaa fi abbootiin guddina biyyaa irratti dhiibaa kan
qabeenyaa misoomawaan uumamaa jiraachuu qabu ta’uu
isaanii leenjiin ijaarsa dandeettii hoggansaa kan • Olka’insii sharaa fi biyyaa alaa
isaan barbaachisu ta’uu yeroo yeroottii kan dabalaa
 Hawaasni jijjiiramaaf qophaa’aa ta’e, dharraa fi deemuu yoo ta’e dhibbaa guddaa
fedhii misoomaa qabu jiraachuu biyyaatii irrattii ni fida.
 Sochii warraqsa diinagdee akka naannootti jiru • Pirojeektiwwaan akka ijaramaniif
karoorsuu irraa kaasee hanga bu’aa qabeessummaa qabamanii haala qulqullinnaa
isaa hogganuutti gaheen gaggeessummaa olaanaa qabuu fi yeroo ka’ame keessaattii
ta’uu isaa. rawwatamuu dhabuu.
• Gaggeesitoota hundaa biraattii
dinagdee biyyaa kana guddisuu
kaka’umsi jiruu bifa wal qixaa
ta’een jirachuu dhabuu.
III. Haala Teeknoolojii (Technological Condition)
Caarraa (Opportunities) Sodaa (Threats)
 Teknooloojiiwwan ammayyaa fi bu’a-qabeessa  Itti fayyadama teekinoloojii ammayaa
ta’an jiraachuu isaanii fi dandeettiin hoggansa bira jiru kan
 Itti fayyadama teknooloojii ammayyaatiif wal hin gitne tahuu isaa.
mootummaan xiyyeeffannaa guddaa kennaa  Qaqqabinsii fi misoomni teekinoloojii
jiraachuu isaa ammaayaa akka biyyaa, naannoo fi
sadarkaa Gadiitti jiru wal fakkataa fi
mijaataa ta’uu dhabuu

2.2.3 Dandeessistoota/ Haala mijaa’aa fi Hudhaalee (Pains and Enablers)


Dandeessistoota Hudhaalee
 Imaammatni qulqulluu fi hammata seeraa  Ilaalchi siyaas-dinagdee kiraa-sassaabdummaa

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 26 AHNO


Dandeessistoota Hudhaalee
qabu jiraachuun isaa akkaadaamichi ergama ol’aantummaa qabaachuun isaa jijjiiramni
kennameef akka raawwachiisu ni barbaadame dhufuu dhabuu fi hojii itti’aanuuf
dandeessisa gufuu ta’uu
 Biyyi keenya ilaalcha misoomawaa  Hoggantoonnii tokko tokko hojimaata fi
demokraatawaan hogganamaa guddina qajeelfama jiruun hogganamurraa haaluma
dinagdee galmeessisaa jiraachuu fi sadarkaa baratameen hojjechuun kan mul’atu ta’uu isaa
addunyaatti biyya dinagdee saffisaa ta’uu
isheetiin hoggansa ergamicha haala ga’umsa  Babal’ina gilobaalaayizeeshinii waliin

qabuun raawwachiisuu danda’u ijaaruun gahumsaan tarkaanfachuu baannaan miidhaaf

barbaachisaa ta’uu, kan saaxilamnu ta’uu

 Akkaadaamiin hoggansaa fi ogeessa


kaka’umsa hojii fi qophii barnootaa
fooyya’aa qabaniin gurmaahaa jiraachuu fi
haala mijaa’aa hojiin karaa bu’a qabeessa
ta’een itti raawwatamu uumuu

 Leenjiiwwan kanaan dura kennamaa turan


irraa muuxannoo fi barnoota fudhachuun
hojiiwwan itti aananiif haala mijaa’aa
uumuu
 Biyyoonni siyaas-dinagdee misoomawaa
hordofan jiraachuun muuxannoowwan adda
addaa fudhachuu fi babal’isuuf mijaa’aa
ta’uu
 Waldaaleen hawaasaa fi ogummaa adda
addaa ijaaramanii bilisaan socho’aa
jiraachuu

 Babal’achuu gilobaalaayizeeshiniitti sirritti


fayyadamuu yoo dandeenye carraan
fayyadamaa ta’uu keenyaa ol’aanaa ta’uu

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 27 AHNO


KUTAA SADII
3.XIINXALA ERGAMA, MUL’ATAA FI XIINXALA TOORA
XIYYEEFFANNOO
3.1 Xiinxala Ergama fi Mullata AHNO
3.1.1 Xiinxala Mullata AHNO

Akkaadaamiin Hooggansa Naannoo Oromiyaa yeroo hundeeffamutti karoora guddinaa fi


traanisfoormeeshinii baafatee hojiitti seenee jira. Akkaadaamichi dhaabbata haaraa bara
2007tti hundeeffame ta’uu isaa irraan kan ka’e KGT 2ffaa yeroo qopheeffatutti mul’ata,
ergamaa fi toorri xiyyeeffannoo qopheeffatee yeroo hojiitti seenutti haalli itti dhimmoonni
kun qindaa’an, bishinni isaanii fi hubannoon yeroo sanatti ture sirriitti ifee kan hin teenye
waan tureef akkaadaamichi bara 2010tti yeroo leejisleeshinii akkaadaamichaa bifa haaraan
qopheessutti dhimmoonni kun xiyyeeffannoon itti laatamanii ilaalamaniiru. Buu’uuruma
kanaan, akkaadaamichi mul’ataa fi ergama akkaadaamichaa haala armaan gadiin fooyyessuuf
danda’ee jira.

Mullata AHNO Duraa

Hooggansa falaasamaa fi ilaalcha misoomawaa dimookraatawaa gonfate, dandeettii


kalaqaatiin kan beekame, ogummaa hooggansaa kan gonfatee, dandeettii fi bilchina yaadaa
fi ilaalcha hooggansa qabu sadarkaa sadarkaan kan horatu sadarkaa addunyaattis ta’e
biyyaatti dhaabbata ijaarsa hooggansaa beekamaa tahuu dha.

Mullata AHNO Haaraa

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 28 AHNO


Bara 2022tti hooggansa jijjiiramaa adeemsa haaromsaa Itoophiyaa hoogganu
horachuunetopiyyaa keessttii filatamaa Afriikaa keessaatti giddu gala misoomaa
hooggansaa beekamaa ta’uu.

Ergama Duraa

Hojiiwwan leenjii, barnoota, qorannoo, daawwii fi xiinxalaa beekamaa fi saayinsawaa


taheen:

 Falaasamaa fi ilaalcha misomawaa dimookratawaa karaa saayinsaawaa taheen kan


xiinxalu,kan gabbisuu fi gonfachiisu,danddeettii kalaquu,ogummaa
hooggansaa,danddeettii miira uummataa dhaggeeffachuu fi hubachuu ,kaka’umsa
hojii guutuu ,danddeetti fi bilchina yaadaa kan gonfate humna hooggansaa qulfii tahe
ijaaruun dhiibbaa akka biyyaatti,akka adunyaatti,akka ardii fi naannootti uumuun
mullata hoogganaa guddichaa haala amansiisaa taheen milkeessuu.
 Siran heera federaalaawaa demokrataawaa mootummaa bu’uura hinroqomne irrati
ijaarameen ol-aantumaa seeratti amanuun ,hedumina sirritti keessumeessuun,hawaasa
siyaasa diingdee tokko ijaaruun, tokkommaa dimookrsummaa wabummaa fi itti
fufinsa qabu mirkaneessuuf carraaqii qodhamu ol-aantummaan hooggansa hooganuu
horachuu;
 Biyya keenya yeroo gabaabaa keessatti biyyoota galii gidugaleessaa yeroo dheeraatti
biyyota durooman cina hiriirsuuf fiixee qarooma adunyaa Itoophiyaanoon duraanii
keessa turan geessisuuf adeemsa haaromsaa eegalame haala amansiisaa taheen
hoogganuu kan dandda’u qaama hooggansaa qulfii tahe akka naannoo keenyaatti
horachuu dha.
Ergama Haaraa

Hooggansa ogummaa, hubannoo fi kalaqaan dagaggee fi kaka’umsa ol-aanaa qabuu karaa


tajaajila barnootaan, leenjiin, qorannoo fi gorsaan akkasumas ogummaa teekinoolojiitiin
deeggarame gahoomsuun hooggansa fedhii fi hawwii ummataa hubachuun haaromsa biyyattii
milkeessuu danda’u horachuu dha.

3.1.2 XIINXALA TOORA XIYYEEFFANNOO AHNO


Toora Xiyyeeffannoo Fi Bu’alee Toora Xiyyeeffannicha

Lak Toora xiyyeeffannoo Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo


GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 29 AHNO
1 Ijaarsa Dandeetii Hoggansaa Hoggansa Gahoome

2 Misooma Qorannoo fi Qo’annoo Bu’aa qorannoo furtuu rakkoo fi agarsiiftuu

3 Bulchiinsa Siyaawaa fi Bu’aa Qabeessa Maamilaa fi dhimmamaa tajaajila kennametti quufe

Toorri xiyyeeffannoon AHNO baasee ittiin hojjetaa turee fi dookumantoota akkaadaamichaa


KGT 2ffaa keessatti jiran yoo ilaallu toora xiyyeeffannaa afuriin kan qophaa’edha. Toora
xiyyeeffanoo tarraa’anii jiran kanneen yoo ilaallu toorri xiyyeeffannoo tokkoo haga sadiitti
jiran hojiilee akkaadaamicha keessatti hojjetamaniif ijoo fi bu’uura ta’anii kan tajaajilanidha
jedhamuu ni danda’a. Toorri xiyyeeffannoo afuraffaa irratti taa’ee jiru garuu kan inni jedhu
quunnamtii fi hariiroo cimaa ijaaruu kan jedhuudha. Toora xiyyeeffanoo kana yeroo ilaalluu
fi xiinxallu hojiilee ijoo akkaadaamichi akka hojjetuuf bu’uureffamee fi hojjetu giddu
galeessa kan godhate miti. Hojiin quunnamtii fi hariiroo cimaa ijaaruu galmoota
akkaadaamichi qabate milkeessuu keessatti akka deggersaatti dhiyaachuu waan danda’uuf
toora xiyyeeffannoo 4ffaa irraa hambisuun sadii akka ta’u ilaalameera.

III.1.2.1 Toora Xiyyeeffannoo (Strategic Theme)


Bara karoora tarsiimo’aa kana keessatti akkaadaamichi ergama itti kenname dhugoomsuuf fi
mul’ata isaa milkeessuuf xiinxala haalawwan imaammattoota mootummaa, fedhii misoomaa,
demokraasii fi bulchiinsa gaarii biyyoolessaa fi naannoo keenyaa irraa ka’uun toora
xiyyeeffannoo afur adda baasee kaa’eera.
Toora Xiyyeeffannoo 1ffaa: Ijaarsa Dandeettii Hoggansaa
Toorri xiyyeeffannoo kun leenjiiwwanii fi ijaarsa dandeettii hoggansa ol-aanaa, giddu-galeessaa,
jalqabaa fi bu’uuraa gaggabaaboo fi idilee akkasumas hojiiwwan ijaarsa dandeettii, barnootaa fi
leenjii yeroo dheeraa kan hammatu yoo ta’u, keessattuu hoggansa falaasama misoomawaa
demokraatawaa kan gonfate, ogummaa hoggansaan kan gahoome, dandeettii kalaqaan kan
gabbate, yaada ummanni yoo fayyadamen anis fayyadama jedhu kan qabate, gaaffii ummataa fi
deebii sirrii kan kennu akkasumas ilaalchaa fi gocha kiraa-sassaabdummaa hadheeffatee kan
jibbuu fi kutannoon kan qabsaa’u horachuu, dhuma irrattis gahumsa qorannoo fi madaalliin
hojiiwwan mirkaneessuu raawwachuu toora xiyyeeffannoo dandeessisu dha.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 30 AHNO


Toora Xiyyeeffannoo 2ffaa: Misooma Qorannoo fi Qo’annoo
Toora Xiyyeeffannoo kanaan hojiiwwan leenjii fi barnootaa ijaarsa dandeettii hoggansaaf
raawwataman bu’aa qabeessa taasisuuf qorannoo fedhii leenjii, qorannoo bu’aa qabeessummaa
leenjii duraa, wayita leenjii fi leenjii boodaa; qorannoo fi qo’annoo bu’aa qabeessummaa
imaammatootaa fi tarsiimoowwanii akkasumas haalawwan naannoo keenyaa, biyyoolessaa,
ardiilee fi idil-addunyaa irratti qorannoo fi qo’annoo gaggeessuun ijaarsa dandeettii hoggansaaf
bu’aalee furtuu rakkoo ta’an dhiyeessuu fi dhuma irrattis hojiiwwan gorsa mootummaa fi
dhimmamtootaaf bu’aalee qorannoo irratti hundaa’uun ni laata. Dabalataanis, waltajjiiwwan
hojiin qorannoo fi qo’annoo itti gabbatanii fi galtee sirna barnootaa fi leenjiif itti ta’an uumuun
imala badhaadhinaa biyya keenyaaf gumaacha ni taasisa.
Toora Xiyyeeffannoo 3ffaa: Bulchiinsa Siyaawaa fi Bu’aa Qabeessa
Hojiiwwan barnootaa, leenjii, qorannoo fi qo’annoo deeggaruun dhaabbata hojimaataan,
iftoominaan, gaafatamummaan, haqummaan keessatti hojjetamu hundeessuuf hojiiwwan
dhiyeessii fi deeggersaa haala guutuu ta’een akka hojjetaman taasisuuf hojiiwwan misooma
namaa fi qabeenyaa irratti xiyyeeffatee ni hojjeta. Fayyadamaa fi sassaabbii qabeenyaa bu’aa
qabeessa akkasumas sirna qophii karooraa gabbataa diriirsuun hojiiwwan dhiyeessii haala
amansiisaa ta’een akka raawwatu ni dandeessisa. Istaandardii tajaajilaa qopheessuu fi sirna duub-
deebii diriirsuun hojii bu’aa qabeessummaa mirkaneessu ni raawwata.

3.1.2.2. Bu’aalee Tarsiimo’aa (strategic results)


Toorawwan xiyyeeffannoo tarsiimo’aa irraa bu’aaleen eegaman akka armaan gadiitti
ibsamaniiru.
 Bu’aa tarsiimo’aa 1ffaa: Hooggansa gahoome
 Bu’aa tarsiimo’aa 2ffaa: Bu’aa qorannoo furtuu fi agarsiiftuu rakkoo
 Bu’aa tarsiimo’aa 3ffaa: Maamilaa fi dhimmamaa tajaajila kennametti quufe
 Bu’aa tarsiimo’aa 4ffaa: Maqaa gaarii fi beekamtii ijaaramee fi fayyadamummaa waliinii
uumame

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 31 AHNO


KUTAA AFUR
4. XIINXALA KAAYYOOLEE TARSIIMA’AA
4.1 Kallattii Maamiila
Akkaadaamiin Hooggansa Naannoo Oromiyaa kallattii maamilaatiin kaayyolee tarsiima’aaa
adda addaa jalatti hojii adda addaa raawwateera. Kallattii maamilaatiin tarkaanfilee
tarsiima’aa sadii jalatti jijjiiramooti galmaa’anii jiru. Kallattii maamilaan itti quufiinsa jiru
safaruuf AHNO maamiloota akkaadaamichaa irraa raga adda addaa guuruun safaruuf
danda’ee jiru. Bu’uuruma Kanaan, Amantaa uumatni mootummaa irraatti qabu guddisuu
ilaalchisee ka’umsa KGT lammaffaa irratti dhibbeentaa 55 kan ture, bara xumura KGT
lammaffaatti 85% irraan ga’uun danda’ameera.

Karaa birootiin, tarkaanfii tarsiima’aa biroon ilaalame itti quufiinsa maamilaa fi dhimmamaa
AHNO irratti amantaa dabale yoo ta’u. Kallattii kanaanis, dhimmi irratti xiyyeeffatamee
safarame dhimma hubannaa leenjii irratti laatame, adeemsa leenjii keessatti dhiheessii leenjii
irraa itti quufiinsa leenji’aan argate, adeemsa leenjii keessatti qophii fi dhiheessii
maateeriyaalii leenjii, dhiheessii nyaataa, ciisichaa fi faasilitiiwwanii akkasumas dhiheessii
mana yaalaa dabalatee itti quufiinsa jiru safaruuf yaalamee jira. Haaluma Kanaan, jalqaba
KGT lammaffaatti itti quufiinsi 85% kan ture yoo ta’u dhuma KGT lammaffaatti itti quufiinsi
maamilaa 95% gahee jira.

Kallattiin sadaffaan ilaalame tarkaanfii tarsiima’aa fayyadama uummataa giddisuu kan jedhu
yoo ta’u. Tarkaanfii tarsiima’aa kana jalattis safartuun tarsiima’aa bulchiinsa gaarii
mirkaneessuu ilaalameera. Akkaadaamiin Hooggansa Naannoo Oromiyaa safartuu kana
jalatti hojii bulchiinsa gaarii akkaadaamichaa kan qindeessu koree hooggansa ol-aanoo
akkaadaamichaa of keessatti hammate ijaaruun hojicha qindeessuuf yaalameera. Rakkoolee
jiran karaa koree kanaa adda baasuu, qindeessuu fi yaada furmaataa dhiheessuuf hojjetamee

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 32 AHNO


jira. Dhimmoota akka walii galaatti jiranis waltajjii idilee kurmaana kurmaanaan qophaa’uun
ilaaluuf danda’ameera. Kallattii maamilaa alaatiinis tajaajila akkaadaamichi laatunis
bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf hojiin akkaadaamichi hojjete yeroo lama ilaalameera. Kana
irra ka’uun KGT lammaffaatti 50% kan ture xumura KGT lammaffaatti 80% irra ga’eera.

4.2 Kallattii Faayinaansii


Akkaadaamiin Hooggansa Naannoo Oromiyaa kallattii madaallii faayinaansiin yoo ilaalamu
kaayyolee tarsiimaawaa lama jalatti ilaaluun ni danda’ama. Kaayyolee tarsiimawaa jalqabaa
humna fayyadama qabeenya bu’aa qabeessa taasisuu, kan lammataa galii guddisuu jalatti
safartuulee adda addaatiin taa’ee jira.

Kaayyoo tarsiimaawa humna fayyadama qabeenya bu’a qabeessa taasisuu jedhu jalatti
safartuulee tarsiimawaa shaniin jijjiirama jiru safaruun ni danda’ama. Safartuuleen shanan
maniin bira ga’amuuf karoorfame dhibbeentaa 100 yoo ta’u raawwii bara 2012tti bira gahame
yoo ilaalle, 1ffaa qabeenya sirriitti faayidaa irra oole kan jedhu jalatti 90% kan raawwate yoo
ta’u. 2ffaa tajaajila faayinaansii staandaardii kenname 85%. 3ffaa baajata mirkanaa’ee
dhimma hojiif karoorfameef oole 80%. 4ffaa Bittaa haala qajeelfamaan raawwatame 80% fi
5ffaa hojimaata tajaajila hordoffii fi to’annoo sirraa’e 90% irraan ga’uun danda’amee jira.

Kallattii kaayyoo tarsiimawaa galii guddisuutiin yoo ilaallu ammoo safartuuleen tarsiimawoo
lama taa’anii jiru. Safartuu tarsiimawaa jalqabaa yoo ilaalle, galii humna keessaan madde kan
ilaallatu yoo ta’u, maniin waggoota shananii qarshii Milliyoona 75 kan ture yoo ta’u qarshiin
miliyoona 35.4 dhibbeentaan 47.1 walitti qabamee jira. Safartuu lammaffaatiin kan taa’e
qabeenya deggersaa fi walta’iinsaan argame kan manii waggaa shanii karoorfame qarshii
milliyoona walakkaa yoo ta’u haga ammaatti wanti raawwate hin jiru.

4.3 Kallattii Adeemsa keessaa


Kallattii adeemsa keessaa keessatti Akkaadaamiin Hooggansa Naannoo Oromiyaa kaayyolee
tarsiimawaa sagalii fi safartuulee tarsiimawaa ta’an ballinaan qabachuun karoora KGT
lammaffaa keessatti qabatee hojjechaa tureera. Kaayyoleen tarsiimawoon kunniin hojiilee
ijoo akkaadaamichaa kan ta’an; leenjii, barnoota, qorannoo fi qo’annoo fi gorsa akkasumas
hojiilee deggersa kaayyolee ijoo ta’an kana galmaan geessisan of keessatti kan hammatedha.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 33 AHNO


a. Kaayyolee tarsiimawaa jalqaba irratti taa’ee jiru dhimma dandeettii humna
hooggansaa guddisuu yoo ta’u, safartuuleen tarsiimawaa isaa kan ittiin safaramu
baay’ina hooggansa ilaalchi, ogummaa fi beekumsi isaa ijaarameen ta’a. Haaluma
kanaan raawwii KGT lammaffaa agarsiiftota sadarkaa hooggansaan raawwii
raawwate yoo ilaallu. Hooggansi ol-aanaan maniin waggoota shananii 2475 yoo ta’u,
raawwiin isaa 1000 dhibbeentaan 40.4 raawwatee jira. Lammaffaa irratti kan ilaallu
gaggeessaa giddu galeessaa yoo ta’u karoorri leenjii gaggeessaa giddu galeessa
27,074 kan ture yoo ta’u raawwiin isaa kan waggoota shananii 13,676 dhibbeentaan
50.51 raawwateera. Leenjiin ballinaan irratti xiyyeeffatame sadaffaan leenjii
gaggeessaa jalqabaa yoo ta’u maniin waggoota shananii 21,740 kan ture yoo ta’u
raawwiin KGT gaggeessaa jalqabaa 19,132 kan ture yoo ta’u raawwiin dhibbeentaan
88% gaggeeffameera. Leenjiiwwan gaggeeffaman keessaa kan biroon leenjii addaa
yoo ta’u karoorri waggoota shanii 53,630 yoo ta’u, raawwiin waggoota shananiis
35,772 yoo ta’u raawwiin waggoota shananii dhibbeentaan 66.7 ta’a. Leenjiin
shanaffaan KGT lammaffaa irratti hojjetame leenjii hoogganaa bu’uuraati. Karoorri
leenjii hoogganaa bu’uuraa 50,399 yoo ta’u raawwiin gosa leenjii kanaa karoora
qabameen olitti ballinaan irratti kan hojjetamedha. Haaluma kanaan, raawwiin
waggoota shananii 163,562 yoo ta’u dhibbeentaan isaa 324.5 ta’a.

Leenjii waliin wal qabatee bara KGT lammaffaa keessatti akkaadaamichi hojii ballaa
kan hojjete dhimma leenjii irrattidha. Humni namaa hedduun kan gurmaa’ee hojjechaa
tures dhimma leenjii sadarkaa garaa garaatti geggeeffamaa ture irrattidha. Leenjiin
ballinaan laatamaa ture dhimma imaammataa fi tarsiimoo mootummaa irratti sirna
mootummaa misoomawaa lafa qabsiisuuf leenjii akka biyyaatti gaggeeffamu irratti
leenji’aa simachuun leenjiin babal’aan waggoota afuran darban keessatti gaggeessaa
jalqabaa fi giddu galeessaaf laatameera. Karaa biraan akka naannoo Oromiyaatti
leenjii gaggeessaa qindaa’aniin hooggantoota sadarkaa federaalaa irraa eegaluun haga
gaggeessaa bu’uuraatti jiraniif dhimmoota jijjiiramaa waliin wal qabatanii fi gahumsa
hooggantootaa dabaluun dandeettii raawwachisummaa dabaluun rakkoolee akka
naannootti jiraniif furuuf gumaacha akka godhaniif leenjii qopheessuun ballinaan
laatameera. Hojiilee leenjii qindeessudhaafis maateriyaaliin leenjii ittiin gaggeessaniif
deggersa leenjii ta’an adda addaa qopheessuun galtee taasisuuf danda’ameera. Ijaarsa
dandeettii humnaa hoggansaa cimsuu keessattii hojiillee hanga ammatti hojjeetaman
sadarkaa gaggeessaatiin yammuu ibsamu:- gaggeessaa olaanaa waliin walqabatee

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 34 AHNO


sadarkaa Aanaa iraa hangaa federalattii humna kan cimsuuf leenjiiwwaan yeroo
dheera fi yeroo gabaabaa kennama tureera.
Gaggeessaa gidduu-galeessaa irratti halumma walfakkatuun leenjiin dandeettii
hoggansaa cimsuu yeroo yeroodhan kennama tureera. Bifuma walfakkatuun
gaggeessaa jalqabaatiis leejiwwaan kennamaa tureera. Akkasumaas gaggeessaa
bu’uura sadarkaa gandoota naannoo oromiyyaa keessa jiraniif ganda gandaan
kennameef jijjiramanii kenninsa tajaajila leenjichaa booda fooyya’aan gandoota fi
aanolee keessatti mul’atee jira.

Sagantaalee leenjii qopheessuu keessaatti leenjiwwaan kennamaa turaniif


moojuliiwwaan adda addaa mata duree mata-dureen qopheessuun leenjiin irrattii
kennamaa tureera. Akkasumas sirna barnootaa qopheessuu keessatti kaarikulamiin
barnootaa kudhan qophaa’ee barnootni akka eegalamuuf qophiin taasifamee jira.

Hojiilee hooggansa dargaggoo fi dubartii gahoomsuu hojjetamu irratti AHNO bara


KGT lammaffaa hojiilee garaagaraa hojjechuu danda’eera. Karoora idilee
karoorafamu keessatti xiyyeeffannaan guddaan kennamee dhimmi karoorfamee
hojjetamaa ture dhimma leenjii dubartoota adda duree ta’anii mana hojii keessa jiranii
fi qabxii gurguddaan yuuniversitoota irraa eebbifamaniidha. Dabalataanis leenjiin
qeerroo fi qarree akkaadaamichaan dargaggoota naannichaaf bal’inaan KGT
lammaffaa keessatti irratti xiyyeeffatamee hojjetameera. Harcaatiin jiru wagga
waggaan bara karoora hundumaatti leenjitoota dargaggoo fi dubartii fudhachuun
leenjisuu irratti sababoota adda addaan tureera.
Akkasumas leenjiin qaamota mootummaa garaa garaa kanneen akka fayyaa, barnoota,
afa-yaa’ii, dhimma dubartootaa, liigii fi waldaalee dubartootaaf yeroo adda addaatti
leenjiin laatameera. Dhaabbilee misoomaa akka biyyaatti jiraniifis leenjiin dandeettii
raawwachiisummaa isaanii cimsuu bara KGT lammaffaa darbe kanatti laatameera.
Leenjiwwaan kanneeniif, waggoota shanan darban kana keessattii marsaalee leenjiitiin
Waraqaa ragaa AHNO leenjiifamtootaf kennameera.

b. Kaayyolee tarsiimawaa lammaffaa irratti kan ilaallu bu’a qabeessummaa fi qulqullina


barnootaa guddisuu kan jedhu yoo ta’u, Sagantaa barnoota idilee, galgalaa fi
torbeetiin sartafikeetii, diploomaa, digirii jalqabaa fi lammafaan barsiisuuf karoorri
qabame Sertefikeetiin hooggansa 5000 Diplomaan hooggansa 1000 Sadarkaa digirii

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 35 AHNO


jalqabaan nama 600 Digirii lammaffaan namoota 400 karoorfamee kan ture yoo ta’u
raawwiin barnoota laachuu KGT lammaffaa keessatti milkaa’uu hin dandeenye.
Qophiin barnoota eegaluuf barbaachisu kanneen akka leejisleeshinii, qajeelfamoota fi
imaammatooti hojichi ittiin gaggeeffamu akkasumas fedhii barnootaa akka naannoo
Oromiyaatti jiru qorannoo fedhii barnootaa adda baasuuf barbaachisu hojjechuun
sagantaalee fi gosa barnootaa barbaadaman adda baasuun danda’ameera.
Kaarikulamiin barnoota idilee sadarkaa digrii jalqabaa fi digrii lammaffaa shan shan
walumatti kudhan qophaa’ee waltajjii gamaggamaa (Curriculum validation
workshop) yeroo lama gaggeeffamee galteen ogeessotaa fi hayyoota akka biyyaatti
jiran irraa sassaabamuun karoora waggoota shanan dhufanii keessatti barnoota
jalqamuuf qophiin xumuramee jira. Humni namaa hojii kana hojjetus qaxarriin
barsiisotaaf raawwachaa jira.

c. Kaayyoo tarsiimawaa sadaffaa irratti kan dhufu bu’a qabeessummaa leenjii fi


barnootaa hojiiwwan qorannoo fi qo’annoon guddisuu kan jedhu yoo ta’u, kaayyoo
tarsiimawaa kana jalattis safartuuleen tarsiimawaa taa’an baay’ina qorannoo bu’a
qabeessummaa leenjii, tilmaama leenjii duraa, yeroo leenjii fi xumura leenjii
raawwatamaniidha.

Qorannoo bu’a qabeessummaa leenjii, tilmaama leenjii duraa, yeroo leenjii fi xumura
leenjii KGT lammaffaa keessatti maniin taa’ee jiru qorannoo 16 raawwachuun
karoorfamee kan ture yoo ta’u raawwiin qorannoolee kunneenii qorannoo 13
raawwachuuf danda’ameera, raawwiin isaas dhibbeentaan 81.2 ta’a.

Karaa biroon KGT lammaffaa keessatti safartuu tarsiimawaan taa’ee jiru qorannoo
bu’a qabeessummaa leenjii (impact assessment) yoo ta’u qorannoon 2 KGT
lammaffaa keessatti akka raawwatu kan karoorfame yoo ta’u raawwiin isaas
qorannoon lachuu raawwatamee jira.

Hojii qorannootiinis gareen qorannoo akkaadaamichaa dhaabbachuun hojii qorannoo


imaammataa fi tarsiimoo mootummaa, bu’a qabeessummaa leenjii laatamuu irratti
akkasumas xiinxalli leenjii duraa, yeroo leenjii fi leenjiin boodaa humna namaa
muraasa gurmaa’een hojjetamaa tureera. Kanuma irraa ka’uun hojii leenjii
akkaadaamichaa keessatti galtee godhachuun bu’aaleen xiinxala fedhii leenjii, itti
quufiinsi leenjii fi xiinxalooti qormaani yeroo leenjii seenani fi xumuran qophaa’ee

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 36 AHNO


galtee ta’uun faayidaa irra oolchamaniiru. Leenjii ilaalchisee leenjitoota naannoo
Oromiyaa leenjii akkaadaamichaa fudhatanii gara hojiitti bobba’an gahumsa isaan
hojii irratti agarsiisan xiinxaluuf hojiin qorannoo bu’a qabeessummaa leenjii yeroo
lama hojjetameera. Sagantaan leenjii bu’a qabeessummaa leenjii irratti gaggeeffame
leenjii gaggeessaa giddu galeessaa Marsaa 1ffaa haga 4ffaatti jiraniif akkasumas bara
2011 leenjii gaggeessaa sadarkaa hundaatti gaggeeffameef bu’a qabeessummaan
leenjichaa sadarkaa inni irra jiru adda baasuuf qorannoon gaggeeffamee galtee
akkaadaamichaa ta’eera.

d. Kaayyolee tarsiimawaa afuraffaan taa’ee jiru kenna tajaajila gorsa imaammataa fi


tarsiimoo mootummaa qorannoo fi qo’annoon guddisuu kan jedhu yoo ta’u
safartuuleen tarsiimawaan garaagaraan karoorri KGT lammaffaa taa’ee jira.

Hojiilee ijoo AHNO karoora KGT lammaffaa keessatti karoorfatame keessaa hojiin
sochii homaatuu hin qabnee keessaa tokko hojii tajaajila gorsaa imaammataa if
tarsiimoo mootummaati. Hojii kana raawwachuuf qajeelfamii fi imaammati
barbaachisus hin qophoofne.

Qorannoo imaammataa fi tarsiimoo waggoota shanan darbanii karoorfaman qorannoo


25 yoo ta’u raawwiin AHNO waggoota KGT lammaffaa keessatti raawwate
qorannoolee 8 qofaa yoo ta’u dhibbeentaa 32% raawwateera. Safartuun biroon taa’ee
jiru waltajjii qorannoo fi qo’annoo biyyaalessaa waggaatti yeroo tokko qopheessuu
yoo ta’u raawwiin waltajjii qorannoo fi qo’annoo biyyaalessaa 3 qophaa’uuf
danda’eera. Raawwiin isaas dhibbeentaan 60% ta’a.

Hojii qorannootiin wal qabatee qorannoon imaammataa fi tarsiimoo mootummaa


irratti xiyyeeffatu hirmaannaa qooda fudhattoota garaa garaan dhimmoota ijoo
kanneen akka reform biyya keenya keessatti taasifamaa jiran, dhimma galii waliin wal
qabatee rakkoolee heeraa, seeraa fi hojimaataa irratti, dhimma dubartoota aangessuu
irratti, dhimma carraa hojii naannichaa fi kkf irratti qorannoon gaggeeffameera.

Argannoowwan hojii qorannoo imaammataa fi tarsiimoo mootummaa irratti


xiyyeeffatamanii hojjetaman kallattii lamaan; waltajjii qorannoo qopheessuu fi
kallattii maxxansaan ni raabsa. Bu’uuruma Kanaan AHNO KGT lammaaffaa keessatti
hojii argannoowwan qorannoo maxxansiisuu irratti hojiin hojjetame quubsaa kan hin

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 37 AHNO


taane yoo ta’u kallattii waltajjii qorannoo qopheessuutiin garuu hojiin fooyya’aa ta’e
raawwateera.

e. Adeemsa keessaa keessatti kaayyolee tarsiimawaa taa’an keessaa shanaffaa irratti kan
argamu kenna tajaajilaa fooyyessuu kan ilaallatu yoo ta’u. Kaayyoo tarsiimawaa
kunis safartuulee sadiin karoorfamee jira. Tokkoffaan, kenna tajaajilaa fooyyessuuf
maniin taa’ee ture dhibbeentaa 100n kennaa tajaajilaa fooyyessuu kan ture yoo ta’u
raawwiin kenna tajaajilaa xumura KGT lammaffaa irratti sadarkaan kenniinsa
tajaajilaa 95% irraan ga’uun danda’amee jira. Safartuulee tarsiimawaa lammaffaa
irratti kan taa’e itti quufiinsa maamilaa dhibbeentaa 90 irraan ga’uu yoo ta’u raawwiin
itti quufiinsa maamilaa dhibbeentaa 90 ga’uu danda’amee jira. Manii qabame waliin
yoo madaalamu dhibbeentaa 100 raawwateera jechuun ni danda’ama. Safartuun
tarsiimawaa sadaffaan komee kenninsa tajaajilaa hiikame yoo ta’u maniin qabame
dhibbeentaa 100 yoo ta’u, raawwiin isaas dhibbeentaa 95 komeen tajaajilaa hiikamuu
danda’ee jira.

Hojiileen kunneen yeroo gamaggamaman hojiin AHNO kennaa tajaajilaan ittiin of


madaale kenna tajaajila leenjiitiin sadarkaa qabu fooyyessuu irratti kan xiyyeeffate
yoo ta’u. Hojiilee yero yerootti xiyyeeffannaa hooggansa ol-aanaadha haga
raawwataatti ciminaa fi tumsaan hojjetameen hojii leenjiin akka biyyaatti maqaa
gaarii horachuu danda’ee jira. Barbaadamummaan Akkaadaamichi qooda
fudhattootaa fi dhimmamtoota biratti qabus waggoota KGT kana keessatti daran
dabaluu danda’ee jira.

Meeshaaleen deggersa leenjii fi barnootaa kanneen akkaadaamicha keessatti bara


karoora KGT lammaaffaa keessatti hojii irra oolan akkaadaamichi yeroo dhihootti kan
bu’uureffame ta’uu isaa irraa kan ka’e baayyee kan gabbatan ta’uu baatus jalqabbiin
ni jira. Leenjii baballaan akkaadaamichi gaggeesseef maateriyaaliin leenjii baballoon
humna akkaadaamichaa fi ogeessota alaa biroon qophaa’anii leenjitoota
akkaadamichaa biraan ga’uufis hojiin hojjetame jajjabeessaadha. Kitaabileen wabii
ta’uu danda’an bitamuun library akkaadaamicha keessatti gurmaa’e keessatti
leenjitootaaf dhiheessuuf yaaliin taasifameera. Dabalataan kitaabota wabii soft copy
jiran qindeessuun, tajaajila wi-fi saffisaa fi humna guddaa qabu dhiheessuu,
akkaadaamicha leenjitootaaf iddoo mijataa taasisuu irratti hojiin boonsaan
hojjetameera.
GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 38 AHNO
f. Kaayyolee tarsiimawaa jahaffaan muuxannoo qindeessuu fi babal’isuu yoo ta’u
kaayyoo tarsiimawaa kana jalattis safartuun tarsiimawaa afur ta’an karoorfamee irratti
hojjetameera safartuun tarsiimawaa jalqabaa kan irratti xiyyeeffatu muuxannoolee
qindaa’anii galtee leenjii fi barnootaaf ta’anii yoo ta’u. Bu’uuruma kanaan
muuxannoo hooggansa giddu galeessa karoorri shan kan karoorfatame yoo ta’u
raawwiin isaa 3 raawwateera, dhibbeentaan raawwii isaas 60% raawwateera.
Muuxannoo kan biroo kan hooggansa jalqabaa yoo ta’u karoorri shan yoo ta’u
raawwiin 2 raawwateera, dhibbeentaan 40% raawwateera. Lammaffaa irratti kan
qabatame muuxannoolee waltajjii irratti baballatan yoo ta’u maniin qabamee ture 5
yoo ta’u raawwiin isaa 7 raawwateera dhibbeentaan isaa 140% ta’a. Sadaffaa irratti
muuxannoon baballate muuxannoo maxxansaan baballatan yoo ta’u karoorri KGT
lammaffaa shan yoo ta’u raawwiin waggoota shanan darbee 3 raawwateera,
dhibbeentaan 60 ta’a. Afuraffaa fi inni dhumaa muuxannoo karaa fiilmii baballatan
yoo ta’u, karoorri KGT lammaffaa muuxannoolee fiilmii dokumantarii babal’atanii 25
kan karoorfame yoo ta’u, KGT lammaffaa keessatti 16 kan raawwatee yoo ta’u
dhibbeentaan 64 dha.

Muuxannoo AHNO hojii keessatti gonfate dhaabbattoota walfakkaatoof qooduu,


muuxannoolee akkaadaamichi ofii isaa argates leenjitootaaf qooduuf hojiin garaa
garaa raawwatamaniiru. Barruu ebbifamtootaa leenjii gaggeessaa gidduu galleessaa
mata duree ”TOORA” ‘’/Mesmerachen’’ jedhuu baay’inii 1000 ta’u qopheesuun
maxxansifamee jira. Akkasumas leenjiwwaan gaggeeffaman iraattii muujuliwwaan
adda addaa maxxanisuudhaan leenjii akka itti kennamuu tassifameera.

Dhaabbilee biyyaa keessa kanneen akka yunivaarsitti Saayinsi fi teeknilojii Adaama,


Yuunivarsitii Naannoo Oromiyya, Yuunivarsity Siivil Sarvisii Itoophiyaa fi
Akkaadaamii Federaalaa Mallas Zeenaawwii waliin hariiroo cimaa uumuudhaan hojiin
jajjabeessaan hojjetameera.

Dhaabbillee biyyaa alaa kanneen akka BAI (Beijing Administrative Institute),


Rippaabilikii Kooriyaa Kibbaa keessaattii dhaabbata “Busan Human Development
Center” akkasumas, dhaabbata CILD’ (Canada Institute of leadership Development,
‘MOU’ Walii mallateessamee hojjetamaa jira.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 39 AHNO


g. Kaayyoon tarsiimawaa torbaffaan sirna qophii karooraa, hordoffii, gamaggamaa fi
duub-deebii gabbisuu yeroo ta’u kaayyoo tarsiimawaa kana jalattis agarsiiftonni afur
karoora KGT lammaffaa keessatti karoorfamanii jiru. Safartuun tarsiimawaa jalqabaa
baay’ina karoora qulqullinaa fi haala istaandaardiin qophaa’ee yoo ta’u KGT
lammaffaa irratti karoorri akkaadaamichi qabate 70 yoo ta’u raawwiin isaa karoora 25
qophaa’e yoo ta’u raawwiin isaas dhibbeentaan 35.7 ta’a. Akkasumas manii fi
raawwiin gabaasaas 70 fi 25 yoo ta’u dhibbeentaan 35.7 dha. Karooraa fi raawwii
karoora fi gabaasa akkaadaamichaa yeroo ilaallu wagga waggaatti karoorrii fi
raawwiin dhibbeentaa 100 raawwataa kan ture ta’ullee manii irratti karoorri qabame
kutaalee, dameelee barnootaa fi leenjii akkasumas gorsaa yaada keessa galchuun kan
karoorfatame ta’uu isaa irraan kan ka’ee fi KGT lammaffaa irratti hojiileen kunneen
waan hin eegalaminiif raawwiin gadi bu’aa ta’uu danda’eera. Sadaffaa irratti kan jiru
baay’ina suppervizhinii, gamaaggamaa fi duub-deebii qulqullinaan gaggeeffame/ per
training kan KGT lammaffaatti karoorfame 125 yoo ta’u raawwiin isaa 49
dhibbeentaan 39.4 raawwatee jira. Afuraffaa fi kan dhumaa safartuun tarsiimawaa
taa’ee jiru raawwii karooraa dhibbeentaan yoo ta’u karoorri dhuma KGT dhibbeentaa
95 yoo ta’u raawwiin isaa 90% ga’uun danda’ameera. Manii waliin yoo madaallus
raawwiin dhibeentaa 94.7 ni ta’a.
h. Kaayyoon tarsiimawaa saddeettaffaa fi inni dhumaa kallatti adeemsa keessaatiin
hojiiwwan dhimmoota sektera hundaa dabalanii hojjechuu fi gabbisuuti. Kallattii
tarsiimawaa kanaanis hojiin irratti xiyyeeffatamee KGT lammaffaa keessatti safartuu
tarsiimawaa ta’ee kan taa’e tokkoffaan, baay’ina hojjettoota fayyadamaa dhimma
sektera hundaa ta’anii yoo ta’u karoorri manii waggaa shaniin qabame hojjetaa 5500
fayyadamaa taasisuu yeroo ta’u raawwiin waggoota shanan raawwate nama 1265 ta’a,
dhibbeentaanis 23% dha. Lammaffaa irratti safartuu tarsiimawaa ta’ee kan taa’e
baay’ina biqiltuuwwaan dhaabbatanii/ kunuufamanii yoo ta’u, karoorri manii waggaa
shaniin kaa’ame biqiltuu 5000 yoo ta’u raawwiin isaas biqiltuu 10,990 dhaabamanii
kunuufamaaa jiru, dhibbeentaan 219.8 raawwatamee jira. Hojiin dhimma biqiltuu
dhaabuu fi kunuunsuu akkaadaamichaan xiyyeeffannaa olaanaa fi milkii guddaan
waggoota shanan darban keessatti hojii raawwatamuu danda’eedha.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 40 AHNO


4.4 Kallattii Ijaarsa Dandeettii
Kallattiin afuraffaan raawwiin KGT lammaffaa ittiin ilaalamu kallattii ijaarsa dandeettiitiini.
Kallattiin ijaarsa dandeettii tarkaanfilee afur of jalatti kan qabu yoo ta’u isaanis dandeettii
ogeeyyii fi hooggansaa guddisuu, dandeettii qophii sirna barnootaa guddisuu, fayyadama
TQO guddisuu fi afuraffaan aadaa hojii fooyyessuudha.

a. Kaayyolee Tarsiimawaa jalqamaa irratti dandeettii ogeeyyii fi hooggansaa guddisuu


yoo ta’u safartuu tarsiimawaa baay’ina hooggansaa fi hojjetaa gahoomee manii KGT
tiin 100 kan karoorfame yoo ta’u raawwiin isaas 139 raawwatee jira. Raawwiin isaa
dhibbeentaa 139% kan ta’ee fi hojiin dandeettii ogeeyyii fi hooggansa
akkaadaamichaa guddisuu waggoota shanan keessatti hojjetame fakkeenyummaa kan
qabuu fi raawwii ol-aanaadha.
b. Kaayyoon tarsiimawaa lammaffaan Dandeettii qophii sirna barnootaa guddisuu kan
jedhu yoo ta’u safartuuleen afur karoora KGT keessatti taa’ee jira. Tokkoffaan
baay’ina ogeessa sagantaalee qophii fi boca sirna barnootaatiin dandeettiin guddate
kan ilaalu yoo ta’u, karoorri waggoota shananii qabame nama 30 yoo ta’u raawwiin
isaa waggoota shanan keessatti 36, dhibbeentaan 120% raawwateera. Lammaffaan
hoggantootaa fi ogeessota leenjii gahumsa raawwii hojii fooyyessuu argatan karoorri
waggaa shanii kan ture nama 45, raawwiin isaa nama 50 raawwachuun dhibbeentaa
111% galmaa’eera. Sadaffaa irratti kan karoorfame hooggansaa fi ogeessota leenjii
yeroo dheeraa MA/MSc argatan yoo ta’u karoorri waggoota shanii nama shaniif
kennuu kan ture yoo ta’u, raawwiin isaa nama 13f kennamuun dhibbeentaa 260
raawwachuun danda’ameera. Kan xumuraa safartuun taa’e hooggansaa fi oggeessota
leenjii yeroo dheeraa MA/MSc argatan yoo ta’u karoorri KGT nama 5 kan ture yoo
ta’u, raawwiin isaa nama 2, dhibbeentaan 40% carraan laatamee jira. Walitii qabaatti
yoo ilaalame akkaadaamichi kallattii ogeessaa fi hooggansa sirna barnootaa
guddisuun hojiin hojjetame hojii haala gaariin raawwatamedha.
c. Kaayyoo tarsiimawaa sadaffaan fayyadama TQO guddisuu yoo ta’u, kaayyoon
tarsiimawaa kun safartuulee lamaan taa’ee jira. Safartuun jalqabaa tajaajiloota TQO’n
deggeraman akkaadaamicha keessatti laachuu yoo ta’an tajaajilooti kunniinis; 1ffaa
uwwisa tajaajila mana kitaabaa interneetii deggeraman dhibbeentaa 100 gahuun kan
karoorsame yoo ta’u raawwiin isaa xumura KGT lammaffaan dhibbeentaa 95 gahuun

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 41 AHNO


danda’ameera. 2ffaa kenna tajaajilaa viidiyoo konfiraansiin laachuu kan karoorfame
dhibbeentaa 100 gahuu yoo ta’u, xumura KGT lammaffaatti tajaajila viidiyoo
konfiraansii 95% gahuun danda’amee jira. 3ffaa irratti kan taa’e fayyadama daataa
beezii /soft-weerii fayyadamuu yoo ta’u KGT 2ffaa irratti akkaadaamichi kan
karoorse dhibbeentaa 100 gahuu kan ture xumura karoorichaatti dhibbeentaa 90
gahuun danda’amee jira. Inni xumuraa imaammataa websayitii qopheessuu kan ilaalu
yoo ta’u karoorri KGT 1 kan ture yoo ta’u raawwiin isaas 1 dhibbeentaan 100
raawwatamee jira. Safartuun lammaffaa qabiinsa, gurmaa’iinsaa fi qaqqabiinsa ragaa
%n kan jedhu yoo ta’u karoorri KGT akkaadaamiin qabatee ture dhibbeentaa 90 kan
ture yoo ta’u raawwiin KGT dhibbeentaa 80 ga’uun raawwii dhibbeentaa 88.9
raawwachuun danda’ameera. Walumaa galatti yoo ilaalamu fayyadama TQO
guddisuu ilaalchisee AHNO hojii jajjabeessaa kan hojjetee fi fasiliitiiwwan
barbaachisoo ta’an guuttachuun qophaa’ummaa cimaa agarsiiseera.
d. Kaayyoo tarsiimawaa afuraffaa fi inni dhumaa aadaa hojii fooyyessuudha. Kaayyoon
kunis safartuu lama of jalatti qaba. Tokkoffaan, hooggansaa fi ogeessa duudhaa,
ergamaa fi mul’ata mana hojii gonfate uumuu yoo ta’u, maniin KGT lammaffaan bira
gahuuf karoorfame dhibbeentaa 100 yoo ta’u, raawwiin isaa dhibbeentaa 95 ogeessaa
fi hooggansa duudhaa, ergamaa fi mul’ata akkaadaamichaa gonfate uumuun
danda’ameera. Safartuun lammaffaan bu’a qabeessummaa ijaarama raayyaa
jijjiiramaa guddisuu yoo ta’u, Maniin KGT dhaan qabame raayyaa jijjiiramaa
dhibbeentaa 100 ijaaruu kan ture yoo ta’u, raawwiin KGT lammaffaa dhibbeentaa 80
raawwatamu gamaggamameera.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 42 AHNO


KUTAA SHAN
5. CIMINA, HANQINAA FI RAKKOOLEE
5.1 Cimina KGT 2ffaa
Akkaadaamiin Hooggansa Naannoo Oromiyaa KGT 2ffaa keessatti hojiilee ballaa fi guddaa
qabatee hojiitti yeroo seenutti dhaabbata bifa haaraan gurmaa’ee gara hojiitti seene ta’uu isaa
irraan kan ka’e carraalee fi soda qabatee hojiitti bobba’uun isaa ni beekama. Ciminoota bara
karoora wagga shanii kana keessatti ibsamuu danda’anii fi karoora itti aanuuf galtee ta’anii
tajaajiluu danda’an akka walii galaatti gamaggamuun ilaaluun barbaachisaadha.
Akka walii galaatti yoo ilaalle hojiin AHNO milkoomina guddaa itti galmeessise hojii leenjii
kennuudha. Akkaadaamichi haaraa ta’uu isaa irraan kan ka’e uummata naannichaa fi
dhimmamtoota waliin kan wal isa barsiise leenjiilee baballoo hooggantoota, ogeessota,
dubartoota, qeerroo fi qarree, dhaabbilee misooma mootummaa fi kan fakkaataniif leenji’aa
(197,000) kuma dhimma tokkoo fi kuma sagaltamii torbaa oliif KGT 2ffaa keessatti laatamee
fi dhaabbata haaraa hundaa’eef jalqabbii milkaa’aa jechuun ni danda’ama.
Karaa biraan, hojiileen gurguddoon AHNO keessatti raawwataman akka milkaa’aniif wanti
dandeessise akka ciminaatti ka’u humni namaa akkaadaamichi ittiin hojii eegale lakkoofsaan
baayyee xiqqaa kan turee fi haga ammaattis caasaan hojii murteessoo ta’an irratti jiru
muraasa yoo ta’e iyyuu hojiilee akkaadaamicha bifa haaraan bu’uuressuu keessatti
qajeelfamoota fi imaammatoota hojii ittiin raawwatan qopheessuu dabalatee, hojiilee
gurguddoo karaa mootummaa fi dhimmamtootaa laatamaa jiran gahumsaan keessa ba’uuf
kutannoo fi carraaqqiin hooggansaa fi ogeessa gadii haga oliitti ture sadarkaa amma irra
ga’ameef ka’usa olaanaa ta’uu jira.
Hojiilee qorannoo fi qo’annootiinis gurmaa’iinsi humna hojicha hojjetuu baayyee xiqqoo yoo
ta’es mootummaa naannichaaf galtee ta’uu qorannoolee imaammataa fi tarsiimoo
mootummaa ta’uu danda’an akkasumas leenjilee laatamaa turanis qulqullummaa isaa
eegsisuuf gumaacha kan taphatan hojiileen qorannoo gaggeeffaman jalqabbii gaarii fi
akkaadaamichi hojiin inni hojjetu saayinsawaa fi miirri dhaabbata ijaarsa dandeettii ol-aanaa
akka uumamuuf gumaacha taphateera.
Gama biraan barnootaa eegaluu waliin wal qabatee, KGT lammaffaa keessatti AHNO barataa
simatee barnoota yoo eegaluu baate iyyuu caasaa fi humna namaa hin gurmaa’iniin ogeessota
akkaadaamichaa ramaddiidhaan hojii garaa garaa irra jiru leenjii kennuufiin qophiin barnoota
jalqabuuf barbaachisan hojii haala hin mijoofne keessatti raaawwatame jedhamuu danda’a.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 43 AHNO


Hojiilee AHNO hojjete keessaa hojiin biroon ciminaan ilaalamu dhimma walitti dhufeenya
akkaadaamichi dhaabbilee biyya keessaa fi alaa waliin uumedha. Akkaadaamichi
akkaadaamii haarawa hojiitti seene haa ta’u malee KGT lammaffaa keessatti dhaabbattoota
biyya alaa biyyoota China, Kooriyaa Kibbaa, Kaanaadaa, Ameerikaa waliin hariiroo uumuun
adeemsi jalqabame dhaabbata haaraa hojiitti seeneef milkaa’ina guddaa jechuu dandeenya.
Ogeessotii fi hooggansi KGT lammaffaa keessatti carraa leenjii walitti dhufeenya uumameen
argatan bu’aa Akkaadaamichaa ol-aanaadha.
Cimina AHNO KGT lammaffaa yeroo ilaallu dhimmi biroon hafuu hin qabne dhimma bakka
hojii mijataa uumuudha. Akkaadaamichi mana hojii keessatti hojjetaa jiru murtee
mootummaan erga argateen booda mooraa akkaadaamichaa miidhaqsuu fi magariisisuuf
xiyyeeffannoo ittiin hojjetamee fi bu’aan irraa argame cimina guddaa ture. Meeshaalee
deggersa hojii ta’an kanneen akka broad-band interneetii saffisaa, tajaajiltoota hojjetaa
waggoota muraasa keessatti guutaman akka ciminaatti ilaalamuu danda’a.
Humna raawwachiisummaa ogeessota akkaadaamichaa cimsuufis carraalee barnootaa fi
leenjii hojjettoota akkaadaamichaaf KGT 2ffaa keessatti laataman ciminoota gurguddoo
akkadaamichi galmeessise keessaa warreen olaanoo ta’an jennee kaa’uu dandeenya.
Qabxiileen akka ciminaatti dhihaatan keessaa muraasni;
 Namoota bilchinaa fi muxaannoo qabsoo keessatti qaban afeeruun akka leenjiin
kennamu gochuu
 Akkadamichaa keessattii Qophaa’umman dandeettii rawwachistummaa hoggansaa
cimsuuf leenjiin kennamaa ture jajjabessaa ta’uusa.
 Qophiin sirnaa barnoota Idillee Oggeessoota barnoota Ol’aanootiin deegaramuun
oggeessoota mana hojjii keenyaatiin qophaa’uusaa.
 Sinpooziyeemii Qorannoo fi Qophii sirna barnoota kara milkaa’inaa qabuun galtee
akkadamichaa ta’usaa
 Akkaadaamichi haala qabatamaa qeerroo fi qarree sirriitti hubatachun rakkolee
muldhatan hundaa fudhachuun furmaata atattamaa itti kennaa deemuun
danda’ameera.
 Ragaa fi ramaddiin leenjitootaa karaa madaalawaa fi salphumatti akka hogganamuu
taasissuun danda’ameera.
 Hojjetootni dhimmaa leenjii qindeessuu irrattii ramadamanii kara qindominaa qabuun
hojii leenjii akka milka’uuf tattaffii godhamaa tureera.
 Hojjetoota Akkadamichaa Hunaa rawwachisuumma isaan cimsuu keessaattii wagg
waggaadhan carraa barnoota akka argatanii tasifama kan jiru ta’u isaati.
GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 44 AHNO
 Webbisaayit Akkadamichaa qopheessuu
 Hojiilee qorannoo milkeessuuf dhaabbilee wal fakkaatoo ta’an waliin qindoominaan
hojjetamaniru.
 Ragaa qorannoof barbaachisu sassaabuuf wal ta’iinsa sekterootaa, daarektoreetii garaa
garaa akkaadaamichaa waliin wal tumsuun hojjechuu

5.2 Hanqina
 Hojii hojjetamu hundumaa keessatti raayyaa sirrii ta’e lafa qabsiisanii idileessanii
hojjechuu dadhabuu
 Hojjiiwwaan hojjettamaan akkata karoorfameen rawwachuu dhabuun hojii damee
tokkoo tokkoo madaaluuf kan rakkisuu dha.
 Leenjiiwwaan kennama turan irrattii bifa wal fakkattuun Bu’a qorannoo fi qo’annoo fi
mirkaneeffannaa qulqullinaa yeroon xumuruun galtee leenjii gochuu dhabuu.
 Komii leenji’aan kenninsaa tajaajilaan waliin wal-qabate kaasu hordofuun yeroodhaan
furmaatni akka kennamuuf gochuu dhabuu.
 Dubartoonni ulfaa qaban leenjiidhaaf yeroo dhufan meeshaaleen yaala ga’aa ta’an
akkaadamichaan dhiyyachuu dhabuu.
 Sirni hordoffii fi deegarsaa kenna tajajjilaa harcaatii kan qabuu ta’uu isaa
 Hojjeettan hundi bifa wal fakkata ta’een hojjii isaa rawwachuu dhabuu
 Leenjiwwaan Akkadamichaa keessattii kennamuu hojjetaadhaaf leenjii kennu dhabuu.
 Bittaawwaan hanga amma rawwataman kan yeroo hin bitaminee, qulqullina hin
qabnee fi qorannoo gabaatiin kan hin deeggaramne ta’uu isaa.
 Baajeta bara hojii tokko keessatti qabame seeraan itti fayyadamuu dhabuu
 Hojjataan hundii hojii hojjatee gabaasaa dhiyeesuu dhabuu, sababa kanaan gaabaasnii
yeroo isaa eegatee dhiyaachuu dhabuu.
 Websaayiti Akkadamichaa qophaa’e jiru fayyadamuu dadhabuu
 Kayyoolee tarsimaa’aa fi safartuulleen tarsima’a mana hojichaa karaa ifaa ta’een
taa’uu dhabuu.
 Hojiileen ijoo Akkaadaamichi hojjechuuf hundaa’e keessaa hojiin tajaajila gorsaa
haga ammaatti jalqabamuu dhabuu.
 Barnootni idilee haga ammaatti eegaluu dhabuu
 Humna namaa iddoo barbaadametti haala barbaadameen guuttachuu dhabuu.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 45 AHNO


5.3 Rakkoolee Gurguddoo Quunnaman.
 Karooraa leenjiif qabame qoodaa fudhatootaa waliin qindoominaan raawwachuu irratti
rakkoon jiraachuu
 Kutaaleen leenjii, iddoon Ciisichaa fi iddoon nyaataa (kaafteriyaan) mijaa’uu dhabuu.
 Ragaalee qulqulluu leenjifamtootaa argachu dhabuu irraa kan ka’ee karooraa qabamuu
irrattii dhiibaa kan qabuu ta’uu isaa
 Tuutoronni baayinaa barbadamaniin fi gahumsaa isaanii irraa barbaadamuun dhiyaachuu
dhabbu.
 Ulaagaleen gahumsi hoggansaa ittiin beekamuu fi tarsiimoon misooma Hoggansaa akka
biyyaattis ta’e naannootti jiraachuu dhabuurraa kan ka’e ka’umsa argachuuf itti
rakkachuu.
 Haala qabinsaa ragaa walqabatee ragaan akkadamichaa keessaa jiru teekinolojiidhaan
degerameekan ammaya’ee ta’uu dhabuu.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 46 AHNO


KUTAA JA’A
6. GUDUUNFAA
Akkaadaamiin Hooggansa Naannoo Oromiyaa rawwiiwwan waggoottan shanan darbanii kan
keessattii hojiilee gama leenjiiwwan sadarkaa sadarkaa hooggansaatiin kennamaa ture
keessatti hojiilee hojjetamuu qaban kallattiiwwan /4/afurii fi kaayyolee tarsiimaa’oo 16
/kudha jaha/ adda bahanii qoodamanii damee dameedhaan ka’amanii akkaataa safaramuu fi
madaalamuu danda’amuun hojjetamaa turaniiru. Leenjiiwwan hanga ammaatti kennamaa
turan keessatti jijjiramanii sadarkaa naannoo Oromiyaattis ta’e sadarkaa Godinaalee,
Aanaalee fi Gandoota keessaatti Ilaalcha misoomawaa, diimookiraatawaa akka dhufuuf yeroo
yerootii humna rawwachisummaa hooggansaa cimsaa adeemuun danda’ameera. Akkasumas
dhaabbilee walfakkatoo biyya keessaa fi biyya alaa waliin hariiroo cimaa uumuudhaan
muuxannoowwan dhaabbilee kun qaban garaa Akkkadamichaati fiduudhaan hojjiraa
olchuudhaaf jalqabiin jiru garii ta’uu isaaf waggoota kurnaan bara karoora dhufanii
keessaattii muxxannoolleen kun akka hojjiraa olaan akkadamii keenyaaf bu’allee gurguddoo
akka galmessaan kan tasifamuu ta’a. Dabalataniis Dandeettii hojjetoota mana hojiichaa
cimsuuf carraa barnoota wagga waggadhan kan kennamaaf jirudha. Haaluma Kanaan, hanga
ammaatti hojjettoota akkadamichaa carra barnoota sadarkaa digirii 1ffaa 1 sadarkaa 2ffaa 13
PhD nama 2 walumaa galatti namoota 16 carra barnoota argatanii barumsa isaanii
fooyyeffatanii jiru. Hoji dhabeeyyii magaalaa keessaa jiraniif carra hojii uumuu keessatti
waldaalee adda addaa IMX,n gurmaa’aniif gara Akkaadaamichaa dhufanii mana
qulqulleessuu, bunaa fi shayii dhiyeessuu fi miidhagina mooraa eeguu keessatti carraan hojii
uumameef hojii dhabdummaa hirrisuu keessatti hojiin guddaan hojjetamee jira. Dhimma
barnoota eegaluu waliin walqabatee akkadaamii keessatti barnootni idileen akka eegalamuuf
tattaffiin godhamaa ture illee hanga ammaatti sababoota adda addaatiin barnootni kan hin
eegalle ta’uu isaaf karoora waggota darbanii qabamani keessatti hanqinoota fdi ciminootni
armaan olitti ibsamanii kan akkadamichaa ibsuu ta’uu fi ciminallee galmaa’aniif gara
fuduraatii kana caalla akka hojjennuuf kan nuu gargaraan yemuu ta’uu hanqinoota mul’ataa
irrattii immoo karoora keenya gara fuduraa keessa galchinee akka kan nuu
kakasuudha.walumaa galatii karoora fi rawwiin keenyaa akkataa kanaan karoora fi rawwii
waggoota shanan darbanii tokko tokkon xinxallamee kan dhiyaate dha.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 47 AHNO


KUTAA TORBA
7. YAADAA FURMAATAA
 Akkaadaamichi aangoo fi gahee hojii seeraan kennamef irrattii xiyyeeffannoo
guddaa kennun osoo karoorafate:
Aangoo fi gaheen akkadamichaaf seeraan kennamee baay’ee bal’aaa waan ta’eef isaa kan
adda basuudhaan damillee hunduu hojjillee isaan ilaalatuu duguggannii hojjechuudhaaf
dursaa waan isaan ilaalatuu adda basuun hubbannoo argachuu qabu.akkasumaas
akkadamichi hojjillee adda bahee isaa kennameef karaa guutuu ta’een akka rawwatuuf
aangoo fi gahee mana hojichaaf kennamee irrattii hubannoo gahaa ta’ee umudhaan yeroo
yerootii sakata’insaa gaggeessuun aangoo fi gahee mana hojichaaf kennamee
hundummaa hojjiraa olchuuf adda basee karoorifachuu qaba.
 Karoora tarsiima’a qopheessuun ragaa gahaa kan gaafatuu ta’uu isaa
hubatamee ragaan mijataa osoo qindaa’e; muuxannoo kanaan duraa jiru irra akka
hubanuttii akkdamichi karooraa tarsima’aa isaa yeroo qopheessuu ragaa ka’umsaa
gahaa ta’ee kan hin qabnee ta’uu isaa hubatameera. sababiin isaas yeroo karorri
tarsima’aa waggoota darbanii hojjettaman akkadaamichaa haaraa waan hunduffameef
ragaa ka’umsaa argachuu hin dandeenye .Kun immoo qaamnii karoorichaa
qopheessuu ka’umsaa fi manii sirri ta’ee osoo adda hin baaftiin , kaayyoole
tarsiima’aa, safartulee fi tarkaanfiile tarsiima’aa walittii hidhanna qaban adda baasuun
karooraa qulqullina qabu akka hin qopheessine taasiise jira waan ta’eef kan boode
akkadmichii hojjii qabtamaa keessaa galee waan jiruuf ragaallee mana hojichaa
keessaa jiruu karaa teekinolojiidhaan deegarameen haala ammayaa’a ta’een qindaa’e
ta’u qaba.
 Akkadamichi karoora tarsiima’aa isaatiin hogganame osoo raawwate: karoorrii
tarsiima’aan meeshaa hoggansaa fi safaraa akka ta’ee beekamaadha. Haata’uu male
muuxannoo hanga amma jiruun hoggansii fi hojjettota sadarkaa sadarkaan jiruu
karooraan hogganame hojjechuu irraa hojii karooraa tarsiima’aa waliin walitti
hidhannaa hin qabne irrattii xiyyeeffatame hojjetama ture.kun immoo hojjillee
baay’een akka dagatamaan fi harca’aan tasissee jira. Kanaafuu bara karoora itti aanuu
keessattii rakkoon akkasii akka hin uumamneehoggansiis ta’ee hojjeettan karooraan
hogganamanii hojjechuun filatamaa dha.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 48 AHNO


 Akkadamichi raawwii karooraa wagga waggaan madaalaa deemuu qabaa;
gamaaggama taasiifamerraa wantii hubatame raawwii karooraa waggaa karooraa
tarsiimoo waliin walbira qabuun cimina, hanqinaa fi rakkoo jiru karaa guutuu ta’een
madaalaa deemuu irrattii rakkoon akka jiru dha. Kanaaf agarsiistuun isaa waggoota
shanan darban keessattii kaayyoon tarsiima’aa tokko illee haala guutuu ta’een
madaalamuu dhabuu dha. Raawwii karooraa itti aanu keessatti gabaasni waggaa
qophaa’u raawwii kaayyoole tarsiima’a kan qabate ta’uu qaba.

GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 49 AHNO


GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 50 AHNO
GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 51 AHNO
GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 52 AHNO
GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 53 AHNO
GAMAAGGAMA RAAWWII KGT II 54 AHNO

You might also like