Seenaa Dhunfaa

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 5

✡✅ SEENAA DHUNFAA

Assaalamu Alerykum warhmatullahi wabarakaatuhuu dubbistoonni seenaa tiyya(My


Autograpghy) hundi keessanuu kan dhiiraa dhalaa.
Duraan dursee maqaan koo kadiir Awwal Kaliiliin jedhama barataa University fiinfinneeti.
Ani kanan dhaladhe Biyya Itoophiyaa( 🇪🇹 ), Naanoo Oromiyaa :Godina Harargee
bahaa , Aanaa Gola Odaa : Araddaa Gaara Gaafaa , Magaalaa cabbii : Ganda Baadiyyaa
Ifaa_Guddinaa 🗻🏝🏞⛰ jedhamu keeysatti .
Barri dhaloota kiyyaa 1993 A. L.H.(EC) 2001A .L.A(AD)
Maatiin koo horsiisee🐐🐪🐫🐑🐴🦌 bulaadha jireenyi isaanii dhaabbataa waan hin
ta'iniif carraa barnootaa argachuu hin dandeenye.
✅ 🔜🔜 MAATII KEENYA.
Abbaan koo Awwal Kaliil Ushoo
Haati koo Meeymunaa Qaasimaa Alii
Maatii koo waliigla Ijoollee 9 qaban isaan keessaa 5 dhiiraa fi 4 dhalaadha.
Shanan dhiiraa 1 ● Marzuuq Awwal
2 ● Ilyaas Awwal
3 ● Abdii Awwal
4 ● Kadiir Awwal
5 ● Naajii Awwal
Afran dubar 1 ● Na'iimaa Awwal
2 ● Ardoo Awwal
3●
4 ● Nawaalee Awwal
Dubarri 2 fi 3 ffaan shafaa tahan.
Hangafni Na'iimaa, Quxisuun Nawaaleedha.
Ani Maatii kootiif isa 5ffaati ,na dursee obboloota dhiiraa 3 fi shamarree 1 qabna. garuu
tokkoyyuu mana baruumsaa hin deemne. Garuu an carraa qabeessaan ture.
🔜🔜 ☆ UMRII IJOOLLUMMAA

Umrii koo kan joollummaa irraa warri keenya Horsiisee bultoota waan ta'aniif, Aniis
🐏🐐🐑🐐🐑🐐🐑
tiksee re'een ture.
🌘
Re'ee tiksa galgalaa☀ganama quraanaaan qara'a.
Obboleessi koo kan 2ffaa na dura qara'aa waan jiruuf isuma jala deemeen qara'aa ture.
Osumaan Barnoota Amantii barachaa jiruu Abbaan koo Bornoota saayinsii ( Laatiin) na
naqe.
Kanaan booda yeroo Umriin koo 8 guutu jechuuniis 2001 ttiin carraa mana barnoota
seenuu argadhe.Garuu Obbooleeyan koo kan Barnoota galan hin jiran. Haa ta'uu malee
Obboleessi kiyya kan maatii kiyyaaf 3ffaadha akkuma kiyya carraa gaarii argachuudhaan
ijoollummaa isarraa ka'ee barnoota Amantii( Quraana) jalqabee hanga ammatti waggaa
19 guutuu barachaa jira.
➡➡ BORNOOTA SAD.1FFAA

Akkuma beekamu jiruun baadiyyaa bu'aa bahii hedduu waan qabuuf aniis obsee hamma
kutaa 5nii baadiyyaa irraa gara mana barnoota kan naannoo keenyatti dhihaatu kan
magaala cabbiitti argamutti gara 10km lafa deemuun baradhe.
itti Aansuun gara magaalaa galee barnoota kiyya sadarkaa 1ffaa(Elementary) haala
gaariin hiriyoota kiyya wajjiin qayyabachaa xumure.
Akkuma dura ibsuuf yaaletti barnoonni koo kan kutaa(1-5) baadiyyaa keeysattiin baradhe
yeroo sana ani erga m/b gale booda kitaaba koo lafa kaa'ee 📚📚🗞🗞 gara tika re'ee
deema kana booda yeroo m/b deemuun gahe kitaaba koo iddoo sanaa kaasee gara m/b
deema.Yeroo cufaa m/b takkaa kitaaba galchee kardii fudhee hin beeku, ijoolleetu
dhufee narra fuudhee galcha ture.
Kanaaf qo'achuu 📝🗳 mitii takkaa hojii manaa dalagee hin beeku .🗳
Dabalatees wanti si dinqu tokko jira Abbaan kiyya(Awwal kaliil) nama yeroo dheeraaf
qaama mootummaa keessa tureedha, muuxannoo achirraa argateen gara m/b na
galchuu danda'e. Garuu hawaasni keenya ijoollee isaa fuudhee galmeessuu mitii yoo
b/saan manatti itti dhufe jalaa dhoksan sababni isaa maaliif ni beektaa? Barnoonni kun
kan Amaaraati jedhanii waan yaadan qofaafi , kanaaf yeroo ammaa kana ijoolleen hiriyaa
tiyyaa hundi isaaniyyuu kaan beeylada eegaa jiran , kaan immoo fuudhanii abbaa manaa
ta'anii Lafa qofforaa jiran.
Kanaaf Abbaa koo galatoomfachaa seenaa koo itti haa fufuu!
Jireenyi magaalaa kan baadiyyaa irraa wayyaa waan tureef kutaa 5ffaa irraa eegalee if
baruun jalqabe sadarkaan koos foyya'aa dhufe.
Haa ta' uu maalee, haala biyyattiitiin yoo wal bira qabne sadarkaa gad-aanaa(low level)
irratti argamna!
Sababni jalqabaa gammoojjummaa keessaa jiraachuu keenya,waqtii bonaa yeroo
bishaan dhabame barsiisonni nu gatanii deemu almost ji'a 2 faa taa'u, Ammaas
dabalatee yeroo mindaa gahee isaan hunduu gara magaalaa gudditti Anaa Gola odaa
Burqatti deemu gara torbee 2 turuun deebi'u.
Dabalataan manni baruumsaa hanqina meeshaa barnoota kanneen akka
Microscope,
Liberary fi
Labratory waan hin qabneef barnoota gahaa argachuu hin dandeenye.
Sababa rakkoo kanaatiif Qormaata biyyooleessaa kan kutaa 8ffaa ( Ministry) haala
gaariin hojjachuu hin dandeenye .
Akkuma dura jedhe ani daree koo keessaa sad.1ffaa bahaa dhufe, ta'uyyuu malee firii
qormaata biyyooleessa kaniin fudhe bara 2008 A.L.H,yeroo saniis firtii qormaata 100%
keessaa 63% galmeessuun gara mana barnoota sad.2ffaa(HIGH SCHOOL) gale.
➡➡ BARNOOTA SAD. 2FFAA( HIGH SCHOOL).
Barnoota koo sad.2ffaa kaniin eegale mana Barnoota Aanaa keenya keessatti kan
argamuudha.
Bara 2009 gara mana barnoota sad.2ffaa (high school) gale.
Akkuma Aanaa keenyattuu M/B sad.2ffaa tokko qofaatu jira.
Inniis kan argamu Magaala Burqaa Tirtiratti, aniis achitti mana kiraayi ke
essatti galee barachuufiin murteesse.
Yeroon Elementary baradhutti hiriyoota (class mate) 12 wajjiiniin baradhe, Akkumaan
dura jedhe ummanni keenya Tikfattoota waan ta'aniif faayidaa barnootaa hin beekan,
kanaaf Anaa fi shariika koo Aadil Urgee kan jedhamu qofaatu Gara High school wajjiin
imalle.
Haa ta' uu malee inniis yeroo kutaa 9 xumure barnoota isaa addaan kute.
Sabbabni isaas Akkuma ijoollee magaalaa cabbitti addaan kutiinsa barnootaaf kan
sababa ta'e Babal'achuu Motorcycleti.
Ijoolleen hunduu kan wajjiin barachaa baanees ta'e kan na booda barataniis irra baay'een
isaanii barnoota irraa mootora Oofuu( motor driver) ta'uu filatan. Garuu muraasni isaanii
haala jireenya mijjachuufi dhabee barnoota isaanii addaan kutan.
Kanaaf qophaa koo barachuun mudadhe.
Akkuma dura jedhe mana kireeffadhee jireenya koo Mana Abbaayyee kiiya waajid Haajii
jiraachaadhaa barnoota kiyya kan kutaa 9 fi 10 xumure.
■■➡ HAALA BARNOOTA KAN SAD.2FAA(HIGH SCHOOL.
Haalli barnoota koo kan high school bu'aa bahii hedduu qaba.
Akkumaan dura jedhe m/b keenyarraa ana qofa, kanaaf yeroo fireeshummaa kiyyaa
keessatti mudannoon jalqabaa Afaan Ingiliffaa ture ani baadiyyattiin baradhe ingliffaa
hiikuu mitii dubbisuu hin danda'u.
Ammaas inni biraa jireenyi magaalaa naaf haarawaa ta'uudha, dabalatees mana
barnootaatiif keessummaa ta'uu kooti.
Ji'a 2f osoon barattootaan wal hin barin daree keessa tureera.
Haa ta'uu malee barnoota kiyya hordofuun barachuu itti fufe.
Akkuma yeroon deemtuun barattootaan wal baree wajjiin qo'achuu jalqabe.
Ta'uus sadarkaa qabuu hin dandeenye, garuu TopTen(1-10) keessaa hin baane sadarkaa
4ffaan bahe simisteera 1ffaa.
Garuu simisteerri 2ffaan na ganeera, jechuunis qormaata faaynaalaa Baatii soomanaa
keessa fudhannee, gama kootiin an hin qu'anne sadarkaa kiyya gad dhiisuun gara
sad.6ffatti gad siqe kanaaniis nan mufadhe.
Garuu Al-hamdulillaahi yeroon kutaa 10ffaa galu fooyya'aan deeme, jechuuniis haala
duraanii irra nan fooyya'e.
Ijoolleeniis wal baree barnoota kiyya haala gaariin qo'adhee sadarka 1ffaa qabe.
Akkuma dura ibsee jirutti ijoollummaan quraana barachuu eegale, quraana 30
Elemantarittiin fixe, ammaas nagayaa jedhee hin lakkifnee carraa biraa barbaaddadhee
itti fayyadamuu Eegale.
Haaluma kanaan yeroon high school baradhu salaata Maghriibaatiifi iisha'ii idduu
Masgiida qaxana 05 kan sheek Ahmed xayyiibittin Usula qara'uu eegale.
Dabalatees guyyaa jum'aa akka barattootatti Muhaadaraa qabna, Achirrattiis Quraanaan
kan banu ana ture.
Muhaadaraa irratti sheek Bayaan dhufee Aqiidaa nu barsiisuu Eegale, dabalataaniis
Maqaa rabbii 99n afaan oromootiin hiika wajjiin jalatti bareessee nu barsiisaa ture.
Barattoonni hedduun isaanii hifzuu danda'anii jiran.
Bu'aa Muhaadaraa kanaa hawaasaa barsiisuuf jecha dhuma waggaa yeroo m/b cufamu
Masgiida Guddatti Muhaadaraa geggeessine achirrattiis Maqaa rabbii 99n fi quraana
hifzii oofuun badhaasa fudheera; akkasumaas barattoonni baay'een oofaniiru.
Kan nama Ajaa'ibu barataa tokkootu yeroo dura kutaa 9 seenu Aliifa je'ee quraanaa
Eegalee yeroo kutaa 10n fixu quraana soddoma buuse Maghriibaafi ishaa'ii
jiddutti,kanaaf inniis gaafa san badhaasa fuudhee jira, Maqaan isaa Billisaa Mohammed
jedhama dhalataa Tuulaa Minooti.
Haala kanaan barnoota koo wal maddii barachaa itti fufuun Eegale.
➡ XUMURA KUTAA 10FFA.
Akkuma beekamu Manni barnootaa keenya horsiise bulaa jalatti ramadama.
Qilleensi biyyattiitiis qu'annaaf ta'ee hala birootiifiis mijjaa'aa miti. Dabalatees
standaardii guuttatee hin jiru jechuuniis meeshaa barattoota fayyadu kanneen akka -
Labratory
- Microscope
- Plasma
- Computeraafi k.k.f.faa waan hin qabneef fedhii keenya nuuf hin guutu.
Ammaas lafti gammoojjii waan taateef hoo'arraa kan ka'e periodii 4 caalaa barachuun
hin danda'amu , kanaaf subject hunda osoo hin xumurre manni barnootaa cufama.
Sababa kanarraa ka'uun qormaata biyyoolessaa(Matric) qabxii bareedduu galmeessuu
hin dandeenye.
Barattoota nama 400n qoruumsaaf teenyee 100 qofti darbe sunuu muraasni barnoota
dhiisee carraa biraa barbaaddate, kan gara m/b qophaa'inaa gale department lachuu
irraa nama 40 hin caalu.
Aniis gama kootiin Maatiin koo na dura barattee waan hin beekneef rakkoo jalaa bilisa
ta'uu hin dandeenye.
Kitaabolee reference kan dabalataa naaf hin binne ture; kitaabuma text kan daree
irraahiin qo'achuuf dirqame. Istaandaardiin barbaachisu osoo naaf hin guutamin
dandeettii Uumamaa kootti fayyadamee ijoolleen dorgomuuf dirqame. Haaluma san
keessatti baradhee waan gara qophaa'ina( preparatory) na ceesisu sinqeeffadhe.
Qormaata biyyoolessaa Kutaa 10ffaa kaniin fudhe bara 2010 ji'a Camsaa keessa ture;
gargaarsa rabbiittiin darbeera.
Qabxiin darbinsaa(passmark) mana baruumsa keenyaa 2.4 dhiiraaf, dhalaaf immoo 2.2
waan tureef aniis 2.8 galmeessuun gara qophaa'inaa cee'eera.
Haala kanaan jireenya kiyya kan high school ykn Burqaa xumure.
🔜 BARNOOTA SAD.QOPHAA'NAA(PREPARATORY SCHOOL).
Haalli barnoota kiyya kan qophaa'inaa bu'aa bahii hedduu keessa darba.
Barnoonni kiyya kan Aanaa keenyaa na gammachiifnee , jechuuniis haalli mijjataan hin
jiru.
Rakkooleen baay'een xaxamee ❄ waan jiruuf asitti barnoota kiyya itti fufuu hin
dandeenye gara Aanaa bira imaluufiin murteesse.
Sababni isaas M/B keenya kan Aanaa Gola odaa hanqinaalee garagaraa waan qabaniifi.
Isaan keessaa
1ffaan gammoojjummaa lafaati, lafti waan gammoojjii taateef hoo'a ☀
jabaa qabdi
kanaaf periodii 6nuu barachuu hin danda'amu .
Dabalatees qo'annaaf mijjataa hin turre .
Sababa kanaaf subjectii hundaa osoon hin xumurree barnoonni irratti cufama.
Rakkoon inni biraa Barnoonni gahaan hin kennamu, sababni isaas meeshaaleen
barnootaaf barbaachisan hanqina waan qabuufi. Dabalaatan hanqinni Barattoota
jiraachuu isaati; akkumaan dura dubbadhetti barattoonni gara qophaa'inaa galan
lakkoofsaan muraasa 40 hin caalan, kanaaf daree takka keessa barattoota 20n taa'anii
barachuu dansaa hin ta'u; maaliif yoo jette barnoonni dorgimmii barbaada kanaaf
barattoota 40n dorgomuun dandeettii ofii baruu hin dandeessu.
Sababoota kanaafi kan kana fakkaataniin Anaafi hiriyoonni kiyya kan high school
keessatti wal barree akka ilmaan abbaa tokkotti wajjiin turre gara Aanaa biraa imaluuf
dirqamne.
Yeroo high school barannu kutaa(room) 4tu jira A-Dtti.
Aniis Barattoota kutaa hundarraahuu sad.1-3 bahan wajjiin wal baruufiin murteesse;
Amalli koo gaariis ta'uu baatu badaas hin ja'amu. kanaaf barattoota wajjiin wal baree
mana tokko waliin gallee jiraachaa turreerra.
"Lama tahuun nama hin dhibu Nama tahuu nama dhiba". Akkuma jedhan nutiis iddoo
barnoonni gahaan jirutti deemuuf murteessine.
Yeroo barri 2010 dhumate barri haaraan 2011 seenuuf jedhu jechuun ji'a fuulbana
dursinee akkaata barnoota keenya kan qophaa'inaa eessati akka baranuufi akkamitti
akka barannu wal mari'achuu jalqabne.
Erga marii adeemsifneen booda Mana Baruumsaa kan Aanaa Ollaa keenyatti argamu kan
Aanaa Baddannoo deemuuf murteessine.
Kanaan booda Maatii keenya beeysifnee Loostara(Transcript) teenya fudhanee gara
imala keenyaa karaa🛣 buune.
👉 HAALA BARNOOTAA KAN BADDANNOO

You might also like