Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 10

ManaBarumsaaSadarkaaTokkoffaaHiddaaseettiQormaataMoodelaFiiziksiiKutaa 8ffaa

BarattootaAfaanOromootiinBarataniifQophaa’e.

QAJEELFAMA WALIIGALAA:
WARAQAAN KUN QORMAATAA MODELAFIIZIKSII KUTAA 8FFAA BAAY’INNI
ISAANII 45 TA’ANAII FIWARAQAA DEEBIIF QOPHAA’E ADDA ADDATTI OF KEESSAA
QABA. YEROON QORMAATA KANAAF KENNAME SA’AATII 1 QOFA DHA.
TOKKOON TOKKOO GAAFFII FILANNOOWWAN AFUR KAN A, B, C, FI D
JEDHAMUUN DHIYAATAN QABA. TOKKOON TOKKOO GAAFFII SIRRIITTI EEGA
DUBBISTEE BOODA FILANNOO KEE WARAQAA DEEBII KOPHAATTI DHIYAATE
IRRATTI GURRAACHESSI. YEROO GURRAACHESSITU QUBEESSA QOFA
FAYYADAMUUN SIRRIITTI DIBUU QABDA. FAKKEENYAAF, DEEBIIN ATI FILATTE
FILANNOO “C” DHA YOO TA’EQIXA (TOORA) QUBEE ”C” JALATTI AKKA ARMAAN
GADIITTI DIBDA.
A B C D
  ◼ 
OSOO HIN BILBILAMIN YOO XUMURTE IRRA DEEBI’UUN ILAALUU NI DANDEESSA.
BATTALUMA BILBILLI BILBILAMEWARAQAA QORMAATAA,FI QUBEESSA LAFA
KAA’UUNQAJEELFAMNI BIROO YOO JIRAATE EEGUU QABDA.
HAMMA SIIF HAYYAMAMUTTI FUULA KANA HIN GARAGALCHIN!
1) Adeemsi Fiiziksii keessatti hamma hin beekamne qabu tokko qaama biraa
hamma beekame qabu waliin walbira qabanii ilaaluu maal jedhama?
A. Waaltina B. Safaruu C. Birqaba D. Sadhaata
2) Jijjiiramni iddoo itti fufiinsa qabu kan qaamni tokko sadhaata birqaba teessoo
qaama biraatiin ibsamu maal jedhama?
A. Sochii C. Dandeettii hoo’aa addaa
B. Anniisaa kuufamaa D. Koonveekshinii
3) Barattootni kutaa 8ffaa yaalii hanga dhangala’oo hin beekamne qabu tokkoo
safaruu gaggeessan. Hangi siliindarii safara aduwwaa ta’ee 2g dha. Hangi
dhangala’oo fi siliindarii safaraa walitti 1000g ta’uu safaranii galmeeffatanii
jiru. Qabeen dhangala’oo siliindarii kanatti naqamee 45mL yoo ta’e, rukkinni
dhangala’ichaa yuunitii waaltawaan hammam ta’a?

Waxabajjii 2013 1
ManaBarumsaaSadarkaaTokkoffaaHiddaaseettiQormaataMoodelaFiiziksiiKutaa 8ffaa
BarattootaAfaanOromootiinBarataniifQophaa’e.

A. 22,177.77kg/m3 C. 1,000kg/m3
B. 17.89kg/m3 D. 45kg/m3
4) Daddarbuu sagalee wantoota adda addaa keessatti uumamu ilaalchisee
kanneen armaan gadii keessaa isa kamtu dhugaa miti?
A. Maateeriyaalonni hundinuu sagalee ni daddabarsu.
B. Daddarbuu sagaleetiif yaa'a maateeriyaalaa barbaachisa.
C. Sagaleen dhangala’oo fi gaasii caalaa jajjaboo keessatti saffisa guddaa
qabaata.
D. Saffisni sagalee jajjaboo keessatti ittiin daddarbu kan dhangala’oo fi gaasii irra
xiqqaadha.
5) Chaarjiin elektiroonii tokko keessatti argamu-1.6×10-19C dha. Chaarjiin kun
elektiroonii meeqa ta’a?
A. -1e- C. 6.25×1018e-
B. 1e- D. 1.6×10-18e-
6) Qaamolee fiizikaalaa armaan gaditti eeraman keessaa kal-dhabee kan ta’e
kami?
A. Kaarentii elektirikii C. Humna harkisa lafaa
B. Dirree maagneetii D. Aangoo elektirikii
7) Teempireecharri magaalaa Finfinnee giddugaleessaan 24°C dha.
Teempireecharri kun gulantaa °F fi K’tti walduraa duubaan meeqa ta’a?
A. 75.2, 297 C. -3.1, 273
B. 31.1, 273 D. 100.8, 297
8) Qaamoleefiizikaalaabattalumattisafaramuudanda’anilaalchiseekansirriihintaan
eisa kami?
A. Qaamolee fiizikaalaa diriirfamoodha.
B. Qaamolee fiizikaalaa bu’uraati.
C. Qaamolee fiizikaalaa safaramoodha.
D. Qaamolee fiizikaalaa yuunitii bu’uraatiin safaramu.

Waxabajjii 2013 2
ManaBarumsaaSadarkaaTokkoffaaHiddaaseettiQormaataMoodelaFiiziksiiKutaa 8ffaa
BarattootaAfaanOromootiinBarataniifQophaa’e.

9) Dhiibbaan baaroomeetira Meerkurii hojjaa 760mm irratti 101,000Pa yookiin


1atm dha. Hojjaa walfakkaatu irratti dhiibbaan baaroomeetira bishaanii irratti
dalagaa’u meeqa ta’a? (Rukkinni bishaanii=1000kg/m3, rukkinni
Meerkurii=13600kg/m3, g=10m/s2)
A. 7600Pa C. 101,000P D. 0.76Pa
B. 76Pa a
10) Hiikkaa teempireecharaa ilaalchisee himoota armaan gadii keessaa kan sirrii
hin taane isa kami?
A. Teempireecharri safara anniisaa sochii giddugaleessaa molokiyuulotaati.
B. Teempireecharri safara hoo’inaa fi qorrina qaamoleeti.
C. Meeshaa teermoomeetira jedhamuun safarama.
D. Gulantaalee beekamoo afuriin safarama.
11) Karaalee daddarbuu anniisaa hoo’aa keessaa kan yaa'a maateeriyaalaa hin
barbaachifne isa kam keessatti dha?
A. Koonveekshinii C. Tuqaatii
B. Madana D. Hin beekamne
12) Chaarjiin dimshaashaa 900C ta’e dabarsoo elektirikii koopparii irraa tolfame
keessa yeroo daqiiqaa 15f yoo yaa’e, hammi kaarentii elektirikii shuboo
keessaa meeqa?
A. 0.09A B. 10A C. 0.01A D. 1A
13) Hammi anniisaa hoo’aa teempireechara qaama hanga 1kg qabu tokkoo 1°C’n
olkaasuuf barbaachisuu maal jedhamee beekamaa?
A. Hamma hoo’aa addaa C. Kaaloorii
B. Dandeettii hoo’aa addaa D. Dandeettii hoo’aa moolaarii
14) Yuunitoota armaan gadii keessaa tokko yuunitii waaltawaa dandeettii hoo’aa
addaa ti.
A. J/kgK. C. Kaaloorii
B. J/kg°C D. Teermoomeetirii

Waxabajjii 2013 3
ManaBarumsaaSadarkaaTokkoffaaHiddaaseettiQormaataMoodelaFiiziksiiKutaa 8ffaa
BarattootaAfaanOromootiinBarataniifQophaa’e.

15) Motorri elektirikii ittisoon ittisa 3K qabu daandii elektirikii caalmaa
kuufamaa 210V qabu waliin qindaa’ee jira. Chaarjiin elektirikii daqiiqaa 5f qixa
ittisoo kanaa darbu meeqa ta’a?
A. 0.07C/s B. 230C/s C. 21C/s D. 210C/s
16) Qaama kufaatii walabaawaan kufaa jiruuf kanneen armaan gadii keessaa isa
kamtu dhaabbataa dha?
A. Ariitii C. Saffisa
B. Qaxxaamura D. Guula
17) Ambulaansiin buufata tokko saffisa giddugaleessaa 33.33m/s’n dhukkubsataa
tokko mana jireenyaa irraa gara buufata fayyaa geessaa jira. Fageenyi mana
jireenyaa dhukkubsataa kanaa fi buufatafayyaagidduujiru 45km yoota’e,
ambulaansichi yeroo yuunitii meeqa booda karra buufata fayyaa keessa
seena?
A. 0.38Hr B. 5Hr C. 0.38s D. 1min
18) Kanneen armaan gadii keessaa sochiin qaamni tokko turtii yeroo walqixaa
keessatti qaxxaamura walqixaa jijjiiru isa kami dha?
A. Sochii ariitii dhaabbataa
B. Sochii guula walfakkaataa
C. Kufaatii walabaawaa
D. Sochii qaxxaamura dhaabbataa
19) Dandeettiin hoo’aa addaa sibiila Aluminiyemii CAl=900J/kg°C dha.
Aluminiyemii hangi isaa hin beekamne ’m’ teempireecharaa isaa 56°C irraa
gara 60°C’tti ol guddisuuf anniisaa hoo’aa 3,600J yoo ofitti fudhate gatiin ‘m’
meeqa ta’a?
A. 0.133kg B. 1kg C. 13.3kg D. 4kg
20) Saffisni sagalee qilleensa teempireechara 0°C irratti argamu keessatti 331m/s
dha. Saffisa sagaleegara 467m/s’tti ol guddisuuf teempireecharri qilleensa
naannoo hammam ta’uu qaba?
A. 34.3°C B. 226.67°C C. 331°C D. 46.7°C

Waxabajjii 2013 4
ManaBarumsaaSadarkaaTokkoffaaHiddaaseettiQormaataMoodelaFiiziksiiKutaa 8ffaa
BarattootaAfaanOromootiinBarataniifQophaa’e.

21) Dhiibbaan atmoosferii sirrii dirra galaanaatti 1.01×105Pa dha. Dhiibbaan kun
yuunitii tooriitti (torr) yoo jijjiirame hammam ta’a?
A. 760torr B. 76torr C. 1.01torr D. 101torr
22) Chaarjiin dimshaashaa 900C ta’e dabarsoo elektirikii keessa yeroo daqiiqaa 3’f
yaa'ee jira. Dabarsoon kun ittisaittisoo 60 yoo ta’e Voolteejii fi kaarentiin
elektirikii walduraa duubaan hammam ta’u?
A. 60V, 2A B. 300V, 5A C. 5A, 300V D. 2A, 60V
23) Ammeetiraan kaarentii elektirikii safaruuf daandii elektirikii keessatti
ammeetirii fi ittisoo daandii sirriin walquunnamsiisuun Kan barbaachiu maaliif
dha?
A. Ammeetiriin kaarentii elektirikii baay’ee xiqqaa ta’e qofa waan safaruuf.
B. Ammeetiriin kaarentii elektirikii baay’ee guddaa ta’e waan safaruuf
C. Ittisoon daandii elektirikii keessatti daandii sirrii qofaan waan
walquunnamsiifamuuf
D. Deebiin hin kennamne
24) Ittisoon baandiiwwan isaa koodii halluu magariisa, gurraacha, keelloo fi
burtukaana ta’an ittisa hammamii qabaata? ( Magariisa=5, Gurraacha=0,
keelloo=4 fi Burtukaana=3)
A. 5.0K±3% C. 5.0M±5%
B. 500K±3% D. 5,400K±3%
25) Akkaataa fakkii armaan gaditti agarsiifame irratti fonqolcha fayyadamuun
humna ba’aan 200N ta’u olkaasuuf humni sochooftuu 40N dalageeffameera.
Fageenyi humna sochooftuu fi ba’aa walduraa duubaan 100cm fi 10cm yoo
ta’an, Faayidaan makaanikaalaa fi reeshiyoon ariitii maashinii kanaa walduraa
duubaan hammam ta’u?

Waxabajjii 2013 5
ManaBarumsaaSadarkaaTokkoffaaHiddaaseettiQormaataMoodelaFiiziksiiKutaa 8ffaa
BarattootaAfaanOromootiinBarataniifQophaa’e.

A. 5, 10 B. 10, 50 C. 100, 50 D. 10, 10


26) Koodii halluu ittisoo baandiiwwan afurii keessatti baandiin dandeettii ittisoo
agarsiisu isa kamidha?
A. Baandii 1ffaa C. Baandii 4ffaa
B. Baandii 2ffaa D. Baandii 3ffaa
27) Dandeettiin hoo’aa addaa bishaanii 4.2kJ/kgK dha. Anniisaan hoo’aa bishaan
hanga 6kg ta’e teempireechara 273K irraa gara 373K’tti ol kaasuuf
barbaachisuu hammam?
A. 1,320J B. 25.2MJ C. 2.520MJ D. 13.2MJ
28) Daandii elektirikii armaan gadii keessatti ittisoon ittisa 4 qabu daandii sirriin
ammeetirii waliin walquunnamee jira. Voolteejiin caalmaa kuufamaa baatirii
daddarbuu kanaa 30V yoo ta’e dubbisni ammeetirii chaa hammam ta’a?

A. 0.5A B. 5A C. 2.6A D. 7.5A


29) Damee Fiiziksii keessaa kan akkaataa uumama, amaloota ifaa, daddarbuu ifaa
fi anniisaa kan qo’atu maal jedhama?
A. Astiroo Fiiziksii C. Optiksii
B. Hoo’a D. Niwukilaar Fiiziksii

Waxabajjii 2013 6
ManaBarumsaaSadarkaaTokkoffaaHiddaaseettiQormaataMoodelaFiiziksiiKutaa 8ffaa
BarattootaAfaanOromootiinBarataniifQophaa’e.

30) Dirreen maappii sararaawwan maagneetii humna maagneetiizimiin


uumamanii fi ijaan hin mul’anne ilaalchisee kanneen asii gaditti eeraman
keessaa tokko sirrii dha?
A. Dirree elektirikii Jedhamuun beekamu.
B. Bantoo Kaabaa irraa bahuun gara bantoo Kibbaatti lixu.
C. Bantoo Kibbaa irraa bahuun gara bantoo Kaabaatti lixu.
D. Kallattii hin qaban.
31) Barreeffamni saayinsaawaa chaarjii pirootonii tokko qabu 1.6×10-19C
maxxantuu duraatti fayyadamuun yoo ibsame kanneen armaan gadii keessaa
isa kamtu sirriidha?
A. 1.6×10-12nC C. 1.6×10-13mC
B. 1.6×10-10nC D. 1.6×10-16C
32) Cimdii maashinoota sasalphoo armaan gadii keessaa tuuta humna baay’istuu
kan ta’an isaan kami?
A. Fonqolcha Sadarkaa Lammaffaa fi Puulii dhaabbataa qeenxee
B. Puulii socho’aa qeenxee fi Fonqolcha Sadarkaa Sadaffaa
C. Puulii socho’aa qeenxee fi Fonqolcha Sadarkaa Tokkoffaa
D. Wiilii fi ulee isaa
33) Daandii elektirikii fakkii irratti agarsiifame keessatti ittisoowwan tokkoon
tokkoo isaanii ittisa 60 ta’e qaban shan keessaa R1fiR2daandii sirrii,
akkasumas R3, R4 fi R5 daandii waltarree ykn paaraalaliin caalmaa kuufamaa

120V qabu waliin qindaa’aniiru. Ittisoo fi kaarentiin dimshaashaa daandii


elektirikii kanaa walduraa duubaan hammam ta’a?
A. 140, 0.86A C. 0.86A, 140
B. 210, 0.86A D. 0.86A, 210

Waxabajjii 2013 7
ManaBarumsaaSadarkaaTokkoffaaHiddaaseettiQormaataMoodelaFiiziksiiKutaa 8ffaa
BarattootaAfaanOromootiinBarataniifQophaa’e.

34) Lafti maagneetii guddaa fi bantoowwan lama Kaabaa fi Kibba jedhaman of


keessaa qabu akka ta’e Ji’oogiraaferoonni ni ibsu. Kana irratti hundaa’uun
kamtu dhugaa dha?
A. Bantoon Kaabaa maagneetii bantii Kibbaa Ji’oogiraafikaalaa keessatti yoo
argamu; bantoon Kibbaa maagneetii immoo bantii Kaabaa Ji’oogiraafikaalaa
keessatti argama.
B. Bantoon Kibbaa maagneetii bantii Kaabaa Ji’oogiraafikaalaa keessatti yoo
argamu; bantoon Kaabaa maagneetii immoo bantii Kibbaa Ji’oogiraafikaalaa
keessatti argama.
C. Bantoon Kaabaa maagneetii bantii Kaabaa Ji’oogiraafikaalaa keessatti yoo
argamu; bantoon Kibbaa maagneetii immoo bantii Kibbaa Ji’oogiraafikaalaa
keessatti argama.
D. Bantoowwan Kaabaa fi Kibbaa maagneetii lamaanuu bantii Kaabaa
Ji’oogiraafikaalaa keessatti argama.
35) Kanneen armaan gadii keessaa meeshaan hamma, mallattoo fi amala chaarjii
elektirikii beekuuf gargaaru isa kamidha?
A. Teleskooppii C. Elektirooskooppii
B. Isteetooskooppii D. Ammeetirii
36) Sadarkaalee fonqolchaa keessaa kan ba’aan gidduu humna sochooftuu fi
utubduutti argamu fonqolcha sadarkaa kam keessa tti?
A. Fonqolcha Sadarkaa Tokkoffaa
B. Fonqolcha Sadarkaa Lammaffaa
C. Fonqolcha Sadarkaa Sadaffaa
D. Fonqolcha Sadarkaa Tokkoffaa fi Lammaffaa
37) Aangoon elektirikii motorri elektirikii tokko hojii irra oolche 1000W dha.
Voolteejiin elektirikii motorichi fayyadame 200V yoo ta’e, kaarentiin elektirikii
motorri kun daddarsuu danda'u Ampeerii meeqa ta’a?
A. 5A B. 10A C. 0.5A D. 200A
38) Yuunitii waaltawaan chaarjiin elektirikii ittiin safaramu maal jedhama?

Waxabajjii 2013 8
ManaBarumsaaSadarkaaTokkoffaaHiddaaseettiQormaataMoodelaFiiziksiiKutaa 8ffaa
BarattootaAfaanOromootiinBarataniifQophaa’e.

A. Kuloombii→C C. Vooltii→V
B. Ampeerii→A D. Ohomii→
39) Seerri kallattii dirree sararaawwan maagneetii fi kallattii kaarentii elektirikii
beekuuf kan gargaaru maal jedhamee beekamaa?
A. Seera Harka Mirgaa C. Seera Elektirisiitii Dhaabbataa
B. Seera Harka Bitaa D. Seera Elektiroomaagneetizimii
40) Tiraanisfoormeriin tokko maraa shuboo tokkoffaa 200 fi maraa shuboo
lammaffaa 600 qaba. Voolteejiin maraa duraatti yaa’e 220V yoo ta’e,
voolteejiin maraa lammaffaaf barbaachisu meeqa ta’a?
A. 220V B. 110V C. 330V D. 660V
41) Maashiniin tokko humna sochooftuu 200N fageenya 5m socho’een ba’aa 300N hojjaa 2m yoo
ol kaase, ga’umsi maashinichaa hammami?
A. 70% B. 60% C. 50% D. 80%
42) Anniisaan sochii wanta hanga 2kg qabu tokkoo 144J yoo ta’e, saffisni isaa meeqa ta’a?
A. 72m/s C. 142m/s
B. 288m/s D. 12m/s
43) Kanneen armaan gadii keessaa tuuta human walhin-tuqnee kan ta’an isaan kami?
A. humna rigataa, humna maagneetii, humnaelektirikii
B. humna harkisa lafaa, humna elektirikii, humna maagneetii
C. humna booyaansii, humna harkisalafaa, humna walitti bu’iinsaa
D. humna ilaastikaa, humna gar-gidduu, humna booyaansii
44) Sagaleen saayirenii ambulaansii poolisii fageenya 1.5km irratti argamu irraa
maddu tokko turtii yeroo 15s booda yoo sitti dhagahame, saffisni sagaleen kun
ittiin adeemaa ture hammam ta’a?
A. 0.1m/s C. 1,500m/s
B. 100m/s D. 0.01m/s
45) Fiyuuzii ilaalchisee kanneen armaan gadii keessaa isa kamtu sirrii miti? Fiyuuziin …
A. Sibiila qulqulluu qabxii baqinaa guddaa qabuudha.
B. Shuboo xiqqoo makaa/laaqa/ sibiilaan tolfame ta’ee kan qabxii baqinaa guddaa
qabuudha.

Waxabajjii 2013 9
C. Shuboo xiqqoo makaa/laaqa/ sibiilaan tolfame ta’ee kan qabxii baqinaa xiqqaa
qabuudha.
D. Shuboo qallaa daandii elektirikii cufuuf fayyaduu dha.

Waxabajjii 2013/21 Page 10

You might also like