Narration Moodela Dambiin

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 24

MOODELA DAMBII TAARIFA GALII MANA QOPHEESSAA MAGAALOTA NAANNOO

OROMIYAA

Waxabajjii, 2012

1
Baafata
Seensa..........................................................................................................................................................4
KUTAA TOKKOFFAA..........................................................................................................................5

TUMAALEE WALIIGALAA.................................................................................................................5

1. Mata Duree Gabaabaa......................................................................................................................5

2. Hiika................................................................................................................................................5

3. Daangaa Raawwatiinsaa..................................................................................................................6

4. Dirqama Galii Mana Qopheessaa Kaffaluu.....................................................................................7

KUTAA LAMMAFFAA.........................................................................................................................8

MADDA GALII MAGAALOTAA FI QOPHII TAARIFAA.................................................................8

5. Madda Galiiwwan Keessoo (Own source) Mana Qopheessaa.............................................................8


6. Mata dureewwan Galii fi Taarifaa Murteessuu................................................................................8

7. Mirkaneessa Mata Dureewwan Galii fi Murtee Taarifaa.................................................................8

8. Galii taaksii mana qopheessa (1701-1719)......................................................................................9

9. Galii kiraarraa argamu (1720–1729)..............................................................................................10

11. Kaffaltii tajaajilaa (1740 - 1749)................................................................................................11

12. Galii gurgurtaa tajaajilaa fi maashinarotaa (1750-1759)............................................................11

13. Galii Kaapitaalaa (1790-1799):-................................................................................................14

14. Murtii Taarifa Eyyama Ijaarsaa.................................................................................................15

15. Taarifa kaffaltii itti fayyadama karaa magaalaa.........................................................................15

16. Murtii Taarifa kiraa Qabeenyaa mana Qopheessaa....................................................................15

17. Murtii Taarifa Kaffaltii Tajaajila adda addaa.............................................................................16

KUTAA SADAFFAA...........................................................................................................................19

22. Adeemsa Taarifa hojiirra oolchuu keessatti hordofamu qabu....................................................19

23. Gahee hojii Sektaroota Qindoominaa........................................................................................19

2
24. Haala Raawwii Adabbii.............................................................................................................23

KUTAA AFURAFFAA........................................................................................................................24

TUMAALEE ADDA ADDAA.............................................................................................................24

25. Aangoo qajeelfama baasuu........................................................................................................24

26. Seeroota raawwatiinsa hinqabaanne..........................................................................................24

27. Dirqama Deeggarsa Kennuu......................................................................................................24

28. Yeroo Dambiin Kun Hojii Irra Itti Oolu....................................................................................24

3
Seensa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota naannicha keessatti argaman guddisuudhaaf bara


1995 irraa eegalee riformiiwwan adda addaa magaalota keessatti hojiirra oolchaa jira. Kaayyoon
riformiiwwan kanaas magaalotni diinagdeen cimanii giddu gala misoomaa, industurii,
teekinolojii, odeefannoo, gabaa fi jireenyaaf mijataa akka ta’an gochuudha.Rifoormiiwwan
kanneen hojiirra akka oolan gochuuf baajatni (maddi galii) baaay’ee barbaaachisaadha.
Bu’uuruma kanaan magaalotni tajaajila kennan irraa galii mana qopheessaa sassabuun akka
ofdanda’an angoon kennameefii jira.

Bu’uura Labsii Magaalota Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk.195/2008 fi Labsii Fooya’e


Lakk.196/2008 Raawwachiisuuf Bahe Dambii Lakk. 186/2008 keewwata 37 keewwata xiqqaa 3
jalatti tumameen taarifa tajaajila manneen qopheessaa galii gibiraa fi tajaajilaa murteeffachuun
aangoo bulchiinsa magaalotaaf kan kenname yoo ta’u, angoon yaada seeraa qophii dambii galiin
magaalotaa ittiin sassaabamu qopheessuun magaalootaaf dabarsuu, hordofuu fi deeggarsa
barbaachisaa ta’e kennuu bu’uuraa labsii qaamolee hoji raawwachiftuu murteessuuf irra deebiin
bahe lakk 213/2011 Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneeniitiif kennamee jira.

Biiroon keenyas aangoo kennameef bu’uura godhachuun waggaa lama lamaan qorannoo
gaggeessuun moodela dambii taarifa galii mana qopheessaa qopheessuun magaalonni karaa wal-
fakkaataa ta’een moodelicha qophaa’e haala qabatamaa magaalaa isaaniitiin mana marii
magaalaa ykn aanaatiif dhiyeessuun dambii taasisuun galii akka ittiin sassabatan gochaa
tureera.Bara kanas qorannoo gaggeeffame bu’uura godhachuun magaalota naannichaa qaama
seerummaa argatan hundaaf ka’uumsa akka ta’u moodela dambii taarifa galii mana qopheessaa
fooyyeessuun dhiyeesseera.

4
KUTAA TOKKOFFAA

TUMAALEE WALIIGALAA

1. Mata Duree Gabaabaa


Moodela dambiin kun “Moodela Dambii Taarifa Galii Mana Qopheessaa Magaalota
Naannoo Oromiyaa irra deebiin Foyyeessuuf Bahe Lakk.005/2012”jedhamee waamamuu
ni danda’a.

2. Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e male, Dambii kana keessatti;

1) “Naannoo” jechuun Bulchiinsaa Mootummaa naannoo Oromiyaa jechuu dha.


2) “Biiroo” jechuun Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaati,
3) “Abbaa Taayitaa’’ jechuun Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Oromiyaa jechuudha
4) “Magaalaa’’ jechuun magaalaa qaama seerummaa magaalumma kennameef jechuudha
5) “Bulchiinsa Magaalaa”” jechuun Magaalaa qaamni seerummaa kennameef ta’ee, Mana
Maree mataa isaa, Mana Maree Bulchiinsaa sadarkaa; Magaalaa Muummee, Magaalaa
Olaanaa, Magaalaa Jiddu Galeessaa fi Magaalaa Guddattuutti hundeeffame jechuudha.
6) “Mana Maree” jechuun Magaalotaa rifoormii keessatti akkaataa Labsii lakk. 195/2008
Mana Maree Magaalaa hundeeffame yookiin Magaalota Mana Maree hin
hundeeffamneef keessatti mana maree aanaajechuu dha.
7) “Tajaajilaa Mana Qopheessaa” jechuun Manneen qopheessaa kaayyoo itti
hundeeffaman galmaan gahuuf hojiiwwan tajaajila bulchiinsa magaalaa yookiin Manneen
qopheessaa jedhamanii seeraan kennamaniif jechuu dha.
8) “Mana Qopheessaa” jechuun magaalota keessatti tajaajilaa manneen qopheessaan
kennaman kennuuf caasaa diriire dha.
9) “Gibira Manaa” jechuun namni dhuunfaa ykn dhaabbatni yookiin waldaaleen lafa
daangaa Magaalaa keessatti gamoo yookiin mana ijaaramee xumuramee tajaajilaaf
qophaa’e fayyadamu kaffaltii (Baaxii fi Goorroo) Manaa qopheessaaf kaffalamuu jechuu
dha.

5
10) ‘’Tilmaama Gatii Manaa” jechuuntilmaama gatii manaa jechuun gibirri manaa yeroo
murtaa’u tilmaama gatii manaa istaandaardii/sadarkaa/ Maagalichi baase irratti
hundaa’uun tilmaama gatii ijaarsa manichaa bahe jechuudha
11) “Kaffaltii Tajaajilaa”jechuun, bulchiinsi magaalotaa tajaajila kennaniif kaffaltii
kaffalmuudha.
12) “Kiraa”jechuun kireeffataan mana yookiin qabeenyaa biroo maqaamana qopheessaa
yookiin bulchiinsa magaalaatiin galmaa’ee jiru fayyadamuuf haala walii-galteen yommuu
kireeffatu kaffaltii raawwatamuu dha.
13) “Ashuuraa” jechuun sochii bittaa fi gurgurtaa oomishaalee adda addaa
magaalaa keessatti iddoo gabaaf qophaa’ee irraa qaraxa guyyaa guyyaan funaanamu
jechuu dha.
14) “Taarifa” jechuun akkaataa Moodela Dambii kanaan mata duree galii tokkon tokkoon
irratti shallaguuf kan oolu taarifa muramaa yookiin dhibbentaadhaan taa’e jechuudha.
15) “Mana” jechuun mana jireenyaaf yookiin daldalaaf, yookiin kuusaaf yookiin tajaajila
bashannanaaf yookiin tajaajila biroo wal fakkaatuuf akka oolu baaxii figoorroo
qabaateemana ijaarame kamiyyuu jechuu dha.
16) “Adabbii” jechuun akkaataa dambii kanaa fi seerota raawwatiinsa qaban kan biroo
keessatti tumameen yeroon kaffaluu dhabuu fi gochaa seeraan alaa raawwachuu yookiin
seera cabsuun adabbii kaffaltii kaffalamuu dha.
17) “Qaama Galii Sassaabu” jechuun Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa fi Caasaa isaa
sadarka sadarkaan jiru dabalatee dha;
18) “Nama” jechuun nama uumamaa yookaan seeraan mirga namummaa kan argateedha.
19) “Komishinii’’ jechuun nama daldala irratti bobba’e ta’ee kan bu’aan isaa
dangeeffame/murtaa’e/ jechuu dha.
20) “Madaba gabaa gaaddisa qabu; jechuun madaba gabaa gaaddisa qabu, kan manni
qopheessaa baajata isaan hojjetee qaama kireeffatuufkirreesse jechuudha.

3. Daangaa Raawwatiinsaa
Moodela dambiin kun magaalota naannichaa qaama seerummaa argatan keessatti mata
dureewwan galii manaa qopheessaaf seeraan eyyamaman (koodii galii 1701 -1799) irratti
raawwatinsa ni qabaata.

6
4. Dirqama Galii Mana Qopheessaa Kaffaluu
1) Namni kamiyyuu daangaa magaalaa keessatti hojii daldalaa fi ogummaa hojjetee galii fi
tajaajila argate yookiin lafa fudhatee ijaarsa ijaarratee, karaa fi tajaajilatti fayyadame
kamiyyuu haala dambii kana keessatti tumameen gibira manaa, qaraxa,kaffaltii
tajaajilaa,kiraa fi adabbii itti murame kaffaluuf dirqama qaba.
2) Qaamni kamiyyuu ragaa galii mana qopheessaan wal-qabatee ragaa yeroo gaafatametti
keennuuf dirqama qaba.

7
KUTAA LAMMAFFAA

MADDA GALII MAGAALOTAA FI QOPHII TAARIFAA


5. Madda Galiiwwan Keessoo (Own source) Mana Qopheessaa
a) Maddawwan galii tajaajila mana qopheessaa magaalotaaf seeraan kenname; diinagdee
magaalichaa kan maddisiisu labsii Lakk 195/2008 keewwata 50 keewwata xiqqaa 1 (a) fi
Dambii magaalota Naannoo Oromiyaa lakk. 186/2008 keewwata 24 keewwata xiqqaa 1
(a-e) ti jiru akkuma jirutti ta’ee magaalotni madda galii ofii isaanii uummatan ni dabalata.
b) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti kan tumame akkuma eegametti ta’ee
maddawwan galii mana qopheessaa kanatti aananii keewwata 8 –20 jalatti ibsaman irraa
magaalonni galii walitti qabuu ni danda’u.

6. Mata dureewwan Galii fi Taarifaa Murteessuu


1) Bulchiinsi magaalotaa naannicha keessa jiran kamuu itti fayyadamtoota irraa gibira,
qaraxaa fi kaffaltiin tajaajilaa akkaataa tokkoon tokkoo madda galii gabatee taarifaa dambii
kanaan walqabatee jiruun haala qabatamaa ofiin reenjii taa’e keessatti mana maree isaaniin
murteefachuun galii sassaabbachuu ni danda’u.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti kan tumame akkuma jirutti ta’ee magaalonni
taarifa ofii yammuu murteeeffatan jiraataa magaalaa isaaniitiif gosaa fi sadarkaa qulqullina
tajaajila kennanii wajjin akkaataa wal madaaluun ta’uu qaba.
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti kan tumame akkuma jirutti ta’ee madda galii
haaraa taarifni hin murtoofneef yoo argame akka qoratamuuf magaalonni gara Biirootti
dabarsuu qabu.

7. Mirkaneessa Mata Dureewwan Galii fi Murtee Taarifaa


1) Magaalotni naannichaa sadarkaa bulchiinsa magaalaatti caaseffama mana maree qabaniif
galii mana qopheessaa (gibira manaa, kaffaltii tajaajilaa fi mata duree adda addaatiin
sassaabaman) irratti taarifa baafachuun mana maree isaaniitti dhiyeessanii mirkaneessuun
hojii irra ni oolchu.
2) Magaalotni mana maree magaalaa hin qabne dhimma galii tajaajila adda addaa dinagdeen
magaalichaa maddisiisuu danda’u irratti taarifa qopheeffatanii mana maree aanaatti
dhiyeessuun mirkaneeffatanii hojiirra oolchu.

8
8. Galii taaksii mana qopheessa (1701-1719)
1) Taaksii darbiiwwan magaalaa (1701)
a) Tilmaamni gatii manaa ulaagaa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti tumameen waggaa
sadii sadiin wajjiraa dhimmi ilaaluun ogeessaan tilmaamamee (Valuation) gabaa yerootiin
taaksiin baaxii fi goorroo irrattini kaffalama.
b) Taaksiin baaxii fi goorroo manneen/darbii magaalaa kun bal’ina lafaa manichi irratti ijaarame
(m2), tilmaama gatii ijaarsa manichaa kaaree m2 tokkofi taarifa taa’e bu’ureeffachuun kan
hojjetamuu ta’a.
c) Haalli murtii taaksii baaxii fi goorroo magaalonni kaadaastaraa fi tilmaama manaa xumuranii
harkaa qaban ittin hojechuu kan danda’an yoo ta,uu haata’u malee kan (b) irratti ibsame
akkuma jiruutti ta’ee;hojiin Kaadaastaraa magaalaa xumuruu yeroo dheeraa kan gaafatu waan
ta’eef,magaalonni hojiin kaadaastaraa fi tilmaama manaahin xumurre, akkaataa taarifa
muramaa gabatee lakk. 1 jalatti ibsameen haala qabatamaa magaala isaaniitiin murteessanii
galii sassaabuu ni danda’u. Bu’uurri murtii gibira manaa, meeshaa fi sadarkaa ijaarsa manichaa
haala gabatee keessatti kawwamee mana jireenyaa fi daldalaa jedhamee adda baheen manoota
abbaa qabeenyummaan isaa qaama dhimmi ilaaluun seeraa qabeessummaan isaa mirkana’ee
irra taarifa muramaa kaawwameen raawwatama.
2) Ashuraansii /Mirkaneesa Abbaa qabeenyummaa/ (1702)
a) Taaksii qabeenya dhaabbataa magaalichaa keessaatti argamu irraa namootni dhuunfaa ykn
dhaabbileen fi kkf abbaa qabeenyumaa isaani liqii baankiif yommuu mirkaneeffatan taaksii
qarshii murtaa’aa kaffalamuudha.
b) Qaamni aangoo qabu ragaa abbaa qabeenyumaa isaa mirkaneessuuf dhaabbataa/nama
gaafatee haala qajeelfaman qulquleessuun mirkaneefamee xalayaan barreefamuufii akka
danda’u yeroo mirkana’uu ragichaaf kafaltii tajaajilaa murta’e galii gochun tajaajilicha kan
argatan ta’a.
3) Taaksii Keessummeessaa /Bashananaa/ (1703)

Taaksii gatii tiketii seensa sinimaa (cinema), tiyaatiraa, manneen bashanaanaa, istaadiyoomii fi
kkf irraa manni qopheessaa taarifa taaksii murteefachuun haala gabatee armaan gadii keessa
jiruun kan sassabamuudha. Qabeenyi kun kan magaalaa yoo ta’e qarshii ofii murteessuun manni
qopheessa kan sassaabbatu yoo ta’u; qabeenyichi kan qaama biroo yoo ta’e garuu galii argamu
irraa qr. Muramaa tiiketii seensan murta’een akka argatu ta’a.

9
9. Galii kiraarraa argamu (1720–1729)
1) Galii kiraa lafaa /City Land Rent/ (1721)
Seeraa liiziin dura lafa namoota dhuunfaa fi dhaabbileef haala gatii waliigalteetiin kiraan
kenamanii fi bal’inaa lafichaa irratti hundaa’un galii bara baraan sassabamuu dha.
2) Galii Kiraa Mana jireenyaa fi daldalaa(1722 -1723)
Kiraa manneen mootummaa abbaan qabeenyummaa isaa Bulchiinsa magaalichaa ta’uun
mirkanaa’ee seeraan galmaa’anii beekkaman irraa kan galii bifa kiraan sassabamuu yoo ta’u
isaanis; Mana gandaa (Jireenyaa fi daldalaa), mana qusannaa, galmaa magaalaa fi kkf irraa gatii
magaalichi qoratee murteeffateen sassaabama.
3) Galii kiraa barandaa fi madaba gabaa (1724-1725)
Magaalaa keessatti madaba gaaddisa qabuu fi hinqabne fi kiraa barandaa jedhame manni
qopheessaa kireessu qarshii muramaadhaan kan kaffalamuudha.
4) Kiraa Dallaa Horii, Hoolaa fi Re’ee (1726)
Dallaa gurgurtaa fi bittaa horii keessatti gaggeessuuf Mana qopheessaatiin ijaaramee dhiyaatu
yoo ta’u, kaffaltiin isaas qarshii muramaa Horii, Hoolaa/re’ee, fi kkf qarshii muramaa magaalichi
murteessu irratti hundaa’ee kan kaffalamu yoo ta’u, kaffalticha kan raawwatu bitataadha.
5) Kiraa Konkolaataa Awwaalchaa (1727)
Konkolaataa tajaajila awwaalchaa raawwachiisuuf Manni qopheessaa kireessee galii irraa
argatudha
6) Kiraa maashinaa (1728-1729)
Mashinaroota ijaarsaa adda addaa kan akka ‘Dump trucks, dozer, grader, excavator, compactor’
fi kan biroo qabeenyummaan isaa kan mana qopheessaa ta’ee, gatii yeroo magaalichaa irratti
hundaa’uun sa’aatiin/guyyaadhaan qoratee magaalichi murteessuun kan sassaabamudha.
10. Galii Inveestimantii (1731- 1734)
1) Galii Liizii lafaa (1731)
Murtiin isaa akkaataa seerota Liizii lafa Magaalaa Naannoo Oromiyaatiin (dambii lakk.182/2008
fi qajeelfama lakk. 04/2008) irratti hundaa’ee namoota waliigaltee liiziitiin lafa fudhatan irraa
kaffaltii sassaabamuudha.
2) Galii dhaabbilee Miti Mootummaa irraa argamu/NGO/ (1732)
Galii gargaarsaa Manni qopheessaa dhaabbilee Miti Mootummaa irraa argatu kan itti
sassaabamuudha.

10
3) Galii hirmaannaa dhuunfaa fi hirmaannaa hawaasaa(1733-1734)
Galii Misooma magaalaa irratti hirmaannaa namootni dhuunfaa fi hawaasni taasisuu irraa
sassaabamudha.

11. Kaffaltii tajaajilaa (1740 - 1749)


1) Daldalaa fi galmeeffama hayyama ogummaa(1741)
a) Kaffaltii tajaajila ogummaa fi hayyama daldalaa injinarotaa fi kontiraaktarootaaf kennamu
irraa galii sassaabamu, akkasumas, daldaltoota magaalichaa keessatti eyyemaa baafatanii
jiran hundarraa galii gurgurtaa waggaa isaaniiVAT/TOT osoo hin dabalaatiin argatan irratti
dhibbantan (%) shallagameekan sassabamuudha.
b) Kaffaltii tajaajila hojii kontiraaktaraa: Koodii kana jalatti kontiraaktarooni hojii ijaarsa
magaalaa caalbaasii mo’atan keessatti gatii caalbaasii ‘VAT’ osoo hin dabalatiin itti
mo’aatan irratti hundaa’e kan akkaataa dambii kanaa gabatee lakk.17 irratti taarifa taa’een
shallagamee kan sassabamuu yoo ta’u; kunis wagga waggaan kaffaltii rawwatamuu (payment
Certificate) irratti hunda’e kan sassabamuu dha. Kaffaltiin kun kontiraktarootaaf akka
kaffaltii tajajilaa daldalaatti kan galm’uu fi fudhatamu ta’a.
c) Dhaabbilee Faayinaansii (Baankota, Inshuraansii fi “waldaalee liqii fi qusannaa”) gibira
muramaa gabatee taarifaa irratti kaa’ameen kaffalu.
2) Eyyama ijaarsaa manaa fi dallaa(1742)
Magaalaa keessatti ijaarsa mana ykn dallaa raawwachuuf hayyama ijaarsaa kennamu irraa galii
qarshii sassaabamudha.
3) Galii biyyoo /cirrachaa/ karaa irratti dhangalaasuu (1743)
Biyyoo/cirrachaa , mukaa fi kanneen biroo karaa irratti ykn cinaa karaa irratti buusuuf tajaajila
hayyamaa kennamu irraa galii sassaabamudha.
4) Kaffaltii tajaajila buufata konkolaataa(1747):-Buufata tajaajila konkolaataa bulchiinsa
magaalichaa keessa jiru tajaajilamtoota buufata konkolaataa seenanii buluu fi seenanii ba’uu
irratti galii qarshii sassaabamudha.
5) Galii Biroo (1749):-Galiwwan biroo yoo jiraatan kooddii kana jalatti galmaa’au.

12. Galii gurgurtaa tajaajilaa fi maashinarotaa (1750-1759)


1) Tajaajila Qulqullinaa (1751)

11
Kaffaltii tajaajila qulqullinaaf dhaabbilee garaa garaa fi jiraatota magaalaa daangaa magaalichaa
keessatti argaman irraa kan sassabamu yoo ta’u.Kunis tajaajila qulqullinaa hawaasaa kennuuf
kan ooluu dha. Isaanis, manneen jireenya, daldalaa, warshaalee induustirii gurguddoo fi
xixxiqaa.

2) Tajaajila Mahaandisaa (1752)

Tajaajila mahaandisaa karaa ogeessa Bulchiinsa Magaalaatiin namadhuunfaa fi dhaabbilee garaa


garaa magaalaa keessa jiraniif yeroo kennamu kan kaaffalchiifamuu dha.

3) Supervizyinii Gamoo fi Hojiiwwan Ijaarsaa (1753)

Kaffaltii tajaajila supervizyinii ijaarsaa fi gammoowwan adda addaa yeroo gaggeefamu kan
kaffalamu dha.

4) Qophii dizaayinii fi dokumentii caalbaasii (1754)

Galii gurgurtaa dokumentii caalbaasii pirojektoota ijaarsaa mana qopheessatiin adeemsifaman


irraa kan sassabamuu dha.

5) Galmeessaa fi Mirkaneessa Waliigaltee Kontraataa (1755)

Kaffaltii galmeessa fi mirkaneessa waliigaltee kontiraataa irraa kan sassabamu yoo ta’u yeroo
baay’ee kan raawwatu baankii (liqeessaa) fi liqeefataa gidduutti dha. Kanaafis manni qopheessaa
dhugummaa waliigaltee fi galmeessa kontiraataa gaggeeffameef tajaajila mirkaneessa kan
raawwatuu dha.

6) Kaffaltii tajaajila daandii (1756)

Galii itti fayyadama daandii keessa keessaa magaalaa irraa argamuu dha. Kaffaltiin kun kan
sassaabamu konkolaataa yeroo daandii keessaa keessaa fayyadaman gatii kotteef kan
raawwatanii dha.

7) Tajaajila Bishaanii (1757)

Kaffaltii taajajila bishaanii hanga fayyadameen lakkawwamee kaffalamuu yoo ta’u galiin isaas
kan sassaabamu garuu karaa waajjira bishanii ta’a.

12
8) Tajaajila yaa’insa dhangala’aa xura’aa(1758)

Kaffaltiin tajaajila hujummoo yaa’insa dhangala’oo xura’aa (Sewerages) karaa mana qopheessaa
nama dhuunfaa (jiraataa) kennammuuf fi dhaabbilee tajaajila kana fayyadaman irraa kan
sassabamuu dha.

9) Tajaajila ittisa balaa ibiddaa (1959)

Tajaajila ittisa balaa ibidda kanaaf jiraattoota magaalaa fi dhaabbilee dhuunfaa daangaa
magaalaa keessa jiran hunda irraa kan sassabamu yoo ta’u; kaffaltii tajaajila bishaanii duukaa
walitti hidhuun osoo sassabamee gaarii ta’a.

10) Kaffaltii tajaajila bakka dhaabbii konkolataa(1769)


tajaajila bakka konkolaataan karaa cinaa/daarii/ dhaabbatu dhiyeessudhaan kaffaltii irraa
sassabamuudha.
11) Tajaajila Dabarsa abbummaa qabeenyaa (1772)
Tajaajila jijjiirraa fi mirkaneessa abbaa qabeenyummaa irraa galii sassaabamudha.Kunis;
a) Qabeenyi hin sochoone gurgurtaan qaama tokko irraa gara qaama biraatti darbu tilmaama
gatii qabeenyichaa yookiin manaa irratti jijjiirraan maqaa kaffalamee kan darbu ta’a.
b) Qabeenyi haadha manaa yookiin abbaa manaatti kan darbu yoo ta’e taarifni taa’e harka
walakkaatti cabee shallagamee kan raawwatu ta’a.

12) Kaffaltii galmeeffama fudhannaa lafaa (1773):


Kaffaltii gurgurtaa dokumentii caalbaasii liizii itti dorgomamu fi galmeessaan walqabatan irraa
sassaabamuudha.
13) Tajaajila haaromsa manaa fi abbummaa darbii, pilaanii fi haaromsa manneenii (1774)
Tajaajila jijjirraa manaa yeroo baay’ee mana jireenyaa irraa gara mana daldalaatti, haaromsa
manaa fi jijjiirraa pilaanii irraa kaffaltii qarshii mana qopheessaa sassaabamudha.(tajaajila
hayyama ijaarsa manaa fi dallaa irraa sassaabamu fi tajaajilli kun tokko miti.)
14) Idaa tursuu, galmeeffama haquu fi tajaajila dabarsa abbumma mijeessuu (1775)
Qabeenya qabsiifamee liqiin itti hayyamame dhorkaa galmeessuun hanga idaan kaffalamutti gara
qaama sadaffaatti akka hin dabarre tursuu fi dhorkaa kaasuu irratti tajaajila kennameef kaffaltii
mana qopheessaatiif kaffalamu kan irraa sassaabamudha.
15) Tajaajila awwaalchaa (1776)

13
Tajaajila awwaalchaa nama dhuunfaa ykn dhaabbattootaaf kennamu irraa kaffaltii tajaajilaa
sassaabamudha. Biyya keenya keessatti tajaajilli kun karaa Manneen Amantaa fi Afooshaa kan
kennamudha.
16) Tajaajila Qeeraa (1777)
Tajaajila qalmaa/qeera mana qopheessaatiin kennamu, sakatta’insa fayyumaa horii qalmaaf
dhiyaatu, fi fooni irratti kaffaltii tajaajilaa mana qopheessaaf sassaabamudha.
17) Tajaajila Fe’uu fi buusuu (1778)
Kaffaltii tajaajila baasuu fi buusuu fe’umsa adda addaa meeshaalee “lifters” fi “cranes” manni
qopheessaa kennu irraa sassaabamu dha.Akkasumas sochii daldalaatiin walqabatee meeshaalee
warshaan omishaman kamiinuu magaalaa keessatti buusuu fi fe’uu irratti kaffaltii mana
qopheessa ittiin sassaabamudha.
18) Tajaajila gaarii fi saragallaa (1779)
Kaffaltii tajaajilaa gaarii fi saragallaa qabeenyummaan isaa kan mana qopheessaa ta’e irraa
sassabamu dha. (A fee collected from provision of cart and chariots owned by the municipality).
Hawaasa magaalaa Gaarii horiin harkifamu irratti tajaajila tappellaa fi kkf manni qopheessaa
kennu irraa sassaabama.
19) Tajaajila paarkii (1781):
Tajaajila dhiyeessii bakka bashannanaa adda addaa(paarkii) seensa irratti kan kaffalamu dha.(A
fee collected from provision of park services. The fee can be collected during entrances of
parks).
20) Tajaajila beeksisaa fi Barjaalee /Tappellaa/ (1782):
Kaffaltii hayyama tajaajila beeksisa bifa mallattoolee/agarsiistuu boordii bakka adda addaatti
mul’atan, lafa irratti yeroo dheeraaf dhaabbatu ykn gamoo irratti maxxanfamu irratti kaffalamu
dha. Akkasumas, sagalee guddistuu fayyadamuun beeksisa magaala keessatti taasisuuf hayyama
magaala irraa kennamu irratti kaffaltii raawwatamudha

13. Galii Kaapitaalaa (1790-1799):-


1) Gurgurtaa Qabeenyaa socho’uu fi hin sochonee (1791):
Qabeenya mana qopheessaa socho’aa fi kan socho’aa hin taane gamoowwani fi konkolaattota
dabalatee gurgurtaa raawwatamu irraa galii sassaabamudha.
2) Buusii Ummataa (1792):

14
Gargaarsa qabeenyaan /kaappitaala/ fi humnaan hawaasni magaalaa mana qopheessaaf kennu
irraa sassaabamu itti galmaa’u dha.(Revenue collected from sale or cash equivalent of capital
receipts from the community).
3) Galii kaappitaalaa kan biroo (1793):
Galiiwwan biroo kaappitaalaan walqabatan irraa sassaabamu itti galmaa’u dha. (Other capital
receipts other than those mentioned under this category (1791-1799).

14. Murtii Taarifa Eyyama Ijaarsaa


Kaffaltii eyyama ijaarsaaf barbaachisu akkaataa “Dambii Shumii Gamoo Naannoo Oromiyaa
lakk 156/2005” baheen kan raawwatamu ta’a.

15. Taarifa kaffaltii itti fayyadama karaa magaalaa


1) Kaffaltii itti fayyadama karaa magaalaa konkolaataa (Konkolaattota xixiqqaas ta’ee
gurguddaa, Maashinaroota, kombaayinarootaa fi kanbiroos dabalatee), gaarii, Baajaajii,
Motor saayikilii, fi biskileeta kan ilaallatu ta’a.
2) Taarifni kaffaltii itti fayyadama karaa kan murtaa’u haala gosa tajaajilaa, humna fe’uu,
deddeebiin karaatti fayyadamuu isaanii fi fedhii baasii haaromsa karaa magaalaa giddu
galeessa godhateeti.

16. Murtii Taarifa kiraa Qabeenyaa mana Qopheessaa


1) Magaalli qabeenyaa dhaabbataa yookiin kan socho’uu fi hin sochoone qaban kan akka
madaba gabaa, manneen jireenyaa fi daldalaa, darbii daldalaa meeshaalee ijaarsaa fi
kkf.kiraan kennaman irratti haala qabatamaa magaalotaan sadarkaa qabeenyichaa, sadarkaa
iddoo, sadarkaa qulqullinaa, humna yookiin dandeettii kaffaluu ummataa fi haala
gabaagiddu-galeessa godhachuun taarifa murteessanii waliigalteen kireessuun
kanraawwatamu ta’a.
2) Qabeenyaa mana qopheessaa kan akka galmaa, sinimaa, istaadiyoomii, fi kkf.Sadarkaa
fi qulqullinni isaanii magaalaa gara magaalaatti garaagarummaa waan qabuuf
magaalotni haala qabatamaa magaalaa isaaniitiin taarifa ofii murteessuun kireessuu ni
danda’u.

15
17. Murtii Taarifa Kaffaltii Tajaajila adda addaa
1) Manni qopheessaa tajaajilawwan adda addaa kan kennu yoo ta’u tajaajila kanaafis baasii
baasu ittifayyadamtootaan uwwifamuun bakka bu’uu qaba.
2) Tajaajilawwan uummataaf barbaachisaa ta’an garuu itti fayyadamtoota addaan baasanii
beekuun iddoo rakkisaa ta’etti manni qopheessaa baasii barbaachisu ofumaaf uwwisuun
tajaajila kenna.Tajaajilawwan kaanis baasii wal gargaaruun (qooddannaan) kan kennaman
yoo ta’u haalli kenna tajaajilaa fi uwwisa baasii mana maree magaalaa yookiin aanaa tiin
mirkanaa’uu qaba.
3) Tajaajilawwan adda addaa kennaman haala taarifa qoratamee ka’umsaa fi baaxii taa’etti
/reenjii/ fayyadamuun magaalotni akkaataa reenjii modeela taarifa ka’ameetiin murteeffatanii
hojii irra ni oolchu.
a) Taarifni yookiin Galiin buufata konkolaataa kan sassaabamuu fi baasiin kan uwwifamu
mana qopheessaan akkaataa gabatee taarifa moodela dambii kana keessatti tumameen kan
rawwaatamu ta’ee; garuu haalli bulchiinsa buufata konkoolataan wal-qabatee Abbaa
Taayitaa Geejiba Oromiyaa kan raawwatu ta’a.
b) Kaffaltii tajaajila qulqullina magaalaa; jiraattoota, daldaltoota, horsiisaa fi furdisaa horii
adda addaa, warshaalee, industiriiwwanii fi jaarmiyaalee mootummaa fi miti-mootummaa
ni ilaallata.
c) Kaffaltiin tajaajila qalmaa yookiin qeeraa tajaajila qalmaa iddoo isaaf murtaa’e irratti kan
raawwatu ta’ee qorannoo fayyummaa horii qalmaa fi geejjibaa kan qabatuu fi battaluma
tajaajilli kennametti hojiirra ooluun ta’a.
d) Tajaajilaa ogummaa teekiniikaa yookiin mahaandisaa kaffaltii tajaajila mahaandisaa
dhimma hojii teekiniikaa lafaa fi lafaa waliin wal qabatu daangaa dhaabuu, tilmaama
manaa taasisuu, dizaayinii fi pilaanii, kaartaa qopheessuuf kan kaffalamu ta’ee haalli
raawwii kaffaltii kanaas gaaffii abbaa dhimmaa fi ajaja mana murteen dhiyaatuun ta’ee
kaffaltiin isaa taarifa qopha’een m2 (kaaree meetiraan) lafaatiin shallagamee kan
kaffalamuu ta’a.
18. Murtii Taarifa kaffaltii tajaajilaa ogummaa fi daldalaa
1) Kaffaltiin tajaajila ogummaa fi daldalaa, daldaltoota dhuunfaa fi ‘Plc’(hojii bittaa fi gurgrtaa
fi kenna tajaajilaa), industiriiwwan, omishtoota,intarpiraayzoota, kontiraaktaroota, waldaalee
gamtaa, waldaa interpraayzii maaykroo xixiqqaa, kaampaaniiwwan, koroporeeshinoota kan

16
ibsaa fi teelee, kireessaa fi kireeffatee kireessaa fi hojii daldalaa irratti bobba’an (Profit
making) kan biroo ilaallatu, Akkasumas qaama hojii tajaajila ogummaa fi isa waliin wal-
qabateen hojjetu kamiyyyuu fi abukaattoo, gorsitoota, hojjettoota herregaa, odiitaroota,
dhaabbilee barnootaa fi fayyaa kan dhuunfaa kkf gurgurtaa waggaa /sales/ argatan irratti
dhibbentaa (%) kan kaffalan ta’a. Kontiraktara ijaarsaaf garuu magaalaa caalbasiiijaarsaa itti
mo’ate keessatti dhibbantaa (%) gabatee taarifa kana irrajiruun kan kaffaluu waan ta’eef
kaffaluu isaatiif nagahee yoo dhiyeesse akka kaffaltii koodii kanatti fudhatama.
2) Daldaltoota galiin waggaa isaanii tajaajila komishiniin walqabatan: Kaffaltiiwwan taajilaa
kun daldaltoonni hojii kana irratti bobba’aniif, galii isaanii argatan qaami biroon kan
murteessuu waan ta’eef kaffaltii isaani tajaajila daldalaa fi ogummaa kaffalanis galii
komishinii murtaa’e kana akka gurgurtaatti ilaalamee shallagamuun raawwata. Fakkeenyaaf:-
rabsitoota boba’aa, fi daldaltootni bifa addaan rabsaa zaayitaa, shukaraa fi dakkuu furnoo
qofa hawaasa magaalaatiif akka rabsaan eyyemnii kenname raabsa jiran
3) Dhaabbileen Faayinansii adda addaa kanneen akka Baankii, Inshuraansii, liqii fi qusaanoo fi
kkf gurgurtaa waggaa isaanii beekuun rakkisaa waan ta’eef taarifaa muramaa baay’inaa
damee magaalichaa keessa qabaniin kan damee tokko Qr. gabatee taarifaa kana lakk. 13.2
irra jiru baay’inna dameen baay’isuun kan kaffalaan ta’a
4) Dhorkaa Liqii Baankii:-Moodeela dambii kana gabatee lakk.26 jalatti kaffaltii tajaajila adda
addaa kan jedhu dhaabbanni /namni dhunfaa mallaaqa liqeeffatu kamiyyuu akkaataa gabatee
lakk.26.1 jalatti’ taa’een kan raawwatu ta’a.
19. Murtii Taarifa Galii Ashuuraa yookiin qaraxa Oomishaalee
1) Kaffaltiin qaraxa oomishaalee qonnaa, albuudaa, warshaalee, bu`aalee bosonaa fi kkf.
Guyyaa guyyaan gara magaalaatti seenu irratti kan kaffalamuu dha.
2) Konkolaataa meeshaalee adda addaa fe’ee magaala keessatti osoo hin buusin darbu
qaraxni kottee irratti kaffalamuu hin qabu.
3) Keewata kana keewwata xiqqaa 2 irratti kan tumame yoo jiraatellee qaamni dhaabbataan
deddeebi’ee karaa magaalaan hojjate irra deemu bulchiinsa Magaalaa wajjin
mariyachuudhaan qaraxa kottee kaffaluu qaba, kunis Biiroof gabaafamuu qaba.
20. Taarifa Galii Qaraxa Gabaa Horii

17
1) Horii maalaa, hoolaa fi re’ee, gaalaa fi kotte duudaa gurgurtaaf gara magaalaatti dhufu
dallaa gabaa horii magaalotni qopheessan seenuun yeroo dallaa keessaa bahutti tokko
tokkoo beeladaaf haala taarifaa magaalotni mirkaneessaniin kan kaffalamu ta’a.
2) Haalli kaffaltii isaa horii gurgurame yoo ta’e abbaa biteen, kan hin gurguramne yoo ta’e
abbaa gurgurtaaf gabaatti fidateen kan kaffalamu ta’a.Qaraxa kaffalamuuf nagaheen galii
seera qabeessa ta’e ni kennama. Haa ta’u malee nagaheen kun kan tajaajilu qaraxa yeroo
tokkoof dallaa/mooraa keessaa yoo bahu duwwaa ta’a. Kanaafis mallattoo irratti godhamuu
qaba.
3) Horii kamuu dallaa gabaa horii eyyamameen alatti iddoo biraa dhaabuu yookiin magaalaa
keessa oofuun gurguruun dhorkaa dha.
4) Horii gad-dhiisiin magaalaa keessatti argamee qabamee haala taarifaa tumameen
niadabama.
21. Yeroo Kaffaltiifi Beeksisa Murtii Galii Kennuu
1) Kaffaltiin Gibira manaa, tajaajila daldalaa fi ogummaa, fi qulqullinaa daldaltoota irraa kan
sassaabamu akkaataa yeroo kanfaltii gibira daldalaa bu’uura labsii gibiraa mootummaa
Naannoo Oromiyaa labsii gibiraa lakk.202/2009 fi labsii bulchinsa gibiraa 203/2009 kan
raawwatamuu ta’a.
2) Kaffaltiin adda addaa kan biroo waggaatti al tokko hawaasa magaalaatiin kanneen
kaffalaman hanga Gurraandhala 30 tti kan kaffalan ta’a.
3) Gibira manaa (baaxii fi goorroo) fi kaffaltii tajaajiladaldalaa fi ogummaa hanga kaffalamuu
qabu madda dhiyaatu irratti hundaa’uun Abbaa Taayitaa Galiiwwaniitiin murtaa’ee murtiin
kaffalaadhaaf beeksifamuu qaba.
4) Beeksisa kana keessatti kaffaltii ijoon, adabbii yeroon kaffaluu dhabuu fi
dhallibaankiiakkaataa labsiiwwan gibira galii Mootummaa Naannoo Oromiyaa /MNO/
lakk. 202/2009 fi 203/2009 tiin shallagamee taa`uun akka beekan ni ta`a.

18
KUTAA SADAFFAA
SIRNA SASSAABBII GALII FI ADEEMSA TAARIFA KANA HOJIIRRA OOLCHUU
KEESSATTI HORDOFAMUU QABU

Waa’ee Komii dhiheeffachuu, Ol-Iyyannoo dhiyeeffachuu fi Walitti qabiinsa Galii Murtaa’ee


Kaffalaa Gibiraaf Beeksifamee

Haalli raawwii komii fi ol iyyannoo, akkasumas sirni sassaabbii idaa galii beeksisa murtii
qophaa’ee kaffalaa galii mana qopheessaatiif beeksifamee akkaataa seerota gibiraa bu’aa
daldalaaMNO hojii irra jiruutiin kan raawwatamu ta’a.

22. Adeemsa Taarifa hojiirra oolchuu keessatti hordofamu qabu.


1) Taarifa kaffaltii qophaa`e kana irratti jiraataan yookiin ummatni magaalaa akka beekee
hojiirra oolchu mariisisuu,
2) Abbaan Taayiaa galii sassaabuu fi Biiroon waliin ta`uun taarifa qophaa`e haala ittiin hojii irra
oolu ni qindeessuu, hojii irra oolmaa isaa ni hordofuu, ni deggaruu.
3) Magaalotni naannoo keenya keessatti argaman hundi taarifa qoratamee dhiyaate kana
akkaataa sadarkaa fi qabatamaa isaaniitiin hojiirra oolchuu isaanii abbaan taayitaa fi Biiroon
waliin qindaa`uun yoo xinnaate waggaa sadiin (3) qoratanii haala itti fooyya`aa adeemu ni
mijeessu.
4) Taarifni qophaa`e kunqindoomina Abbaa Taayitaa Galiiwwani Magaalaa/Aanaalee fi
Waajjira Manneen Qopheessaa yookiin bulchinsa magaalaasadarkaa sadarkaan jiraniin akka
qabatamaa magaalichatti manneen maree bulchiinsa magaalaattiyookiin mana maree aanaatti
dhiyaatee mirkanaa’uun kan hojiirra oolu ta’a.

23. Gahee hojii Sektaroota Qindoominaa


Galii manneen qopheessaa magaalotaa guddisuu fi duguganii sassaabuu keessatti gaheen
sektaroota hundaa fi hawaasa magaalichaa akka qooda fudhattootaatti baay’ee murteessaadha.
Haata’u malee, sektarootni Aangoo/mandeetiin/ hojii isaanii kallattii fial-kallattii galii mana
qopheessaa maddisiisu keessatti gahee ol’aanaaqabankanneen armaan gadiiti ibsaman walitti
fufiinsaan qindoominaan keessatti hirmaachuu qabu.Isaanis:-

1) Waajjira Aaf yaa’ii Magaalaa/Aanaa


2) Abbaa Taayitaa GaliiwwaniiMagaalaa/Aanaa
3) Waajjra bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa.

19
4) Waajjira Konistrakshinii

5) Waajjiraa Mana Qopheessaa

6) Abbaa Taayitaa GeejjibaaMagaalaa/Aanaa

7) Waajjiraa Mallaqaa fi Walta’iinsa Dinagdee

8) Waajjira Daldalaa

9) Waajjira/Deskii Inveestimeentii

Sektarootni kun akka qindoominaatti yoo hojjetan karoorri sassaabbi galii mana qopheessaa
milkeessuuf murteessaa waan ta’eefkaroora sassaabbii galii mana qopheessaa keessatti gahee
hojii isaanii ijoo ta’e akka armaan gadiitti ka’ameera.

1) Waajjira Aaf yaa’ii Magaalaa /Aanaa


a) Moodala Dambii taarifa galii manneen qopheessaa naannoo irraa ergamu koree dhaabbii
magaalaa/Aanaan xiinxalamee dhiyaateef seera/ tumaa magaalaa ta’ee akka bahuuf ni
hojjata.
b) Moodala dambii taarifa galii manneen qopheessaa haala qabatamaa magaalaa sanaan
murtaa’ee seera ta’ee bahe hojiirra oolmaa isaa ni hordofa, ni gamaaggama, tarkaanfii ni
fudhata.
c) Moodala dambii taarifa galii manneen qopheessaa waggaa lama lamaan naannoo irraa gadi
bu’u seera ta’ee ba’uu isaa fi hojiirra oolmaa isaa ni hordofa
2) Gahee Hojii Abbaa Taayitaa Galiiwwanii

Mata dureewwan galii seeraan bulchiinsa magaalotaaf yookiin mana qopheessaaf kenname irraa
akkaataa taarifa magaalonni murteeffataniin galii walitti kan qabu ta’ee;

a) Ragaa kaffaltoota gibiraa ykn kaffaltoota tajaajilaa, kiraa fi kkf maqaa, gosa hojii, galii
isaanii, teessoo fi yeroo hojii eegalan, akkasumas waajjirichi barbaachisaadha jedhee kan
yaade ragaa biraa dokumenti taasisuun qabachuu.
b) Ragaa kaffaltoota gibiraa yookiin kaffaltoota tajaajilaa daldalaa, kiraa fi kkf irratti dirqama
kaffaltii isaanii yeroon bahuu dhiisanii kuufamni irra jiru addaan baasanii galmeessuun

20
hordofanii yeroon akka kaffalan ni taasisa. Qaama yeroon kaffaluu dide irratti tarkaanfii
seeraa ni fudhata.
c) Kaffaltoota gibiraaf ragaa dhugaa fi iftooma qabu kennuun komii isaanii karaa sirrii ta`een
simatee ni keessummeessa.
d) Kaffaltoota gibiraa, tajaajilaa, ashuuraa, kiraa fi kkf. Yeroo yeroon mirgaa fi dirqama
isaanii irratti hubannoo akka argatan ni taasisa.
e) Hojjetaan sassaabbii galii haala labsii gibiraa fi taaksii bahee hojii irra jiruu tiin naamusa
guutuu dhaan hojii isaa raawwachuu isaa yeroo yeroo dhaan ni qorata, iddoo barbaachisaa
ta`ee argametti tarkaanfii seeraa ni fudhata.
3) Gahee Hojii Waajjra Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafaa.
a) Karoora galii mana qopheessa lafaa fi maddoota lafaan walqabatan irra argamu karoorsuun
karoora galii keessatti akka qabamu taasisuu;
b) Ragaalee namoota kiraa,ykn liizii kaffalanii, bal’innaa lafa fudhatanii karemetran, fi kkf
qindeessee qabachuu fi Abbaa Taayitaa galiwwani magaalaaf ragaalee yero yerootti
dabarsu;
c) Ragaa Manneen Jireenyaa fi Manneen daldalaa seera qabeessaa ta’anii magaalicha keessa
jiranii qindeessuun dhiyeessuu;
4) Gahee Hojii Waajjira Konistraakshinii
a) Karoora sassaabbii galii mana qopheess hayyama ijaarsaan walqabatu fi hayyama itti
fayyadama gamoo, fi kkf irraa galii sassaabamuuf karoorfamu dhiyeessuun karoora galii
keessatti akka hammatamu taasisuu
b) Ragaalee maddoota galiin kun irraa sassaabamu/namoota kaffalauu qaban fi hanga kaffaltii
herreguun/ unka qopheessuun gara qaama galii sassaabutti yero yeroon dabarsuu
c) Ragaa gatii ijaarsaa /engineering cost/Manneen Jireenyaa fi Manneen daldalaa seera
qabeessaa ta’anii magaalicha keessa jiranii gibira baaxii fi goorroo herreguuf bu’ura ta’u
qindeessuun Abbaa Taayitaa Galiwwanii Magaalaaf dhiyeessuu;
5) Gahee Hojii Mana Qopheessaa
a) Karoora sassaabbii galii mana qopheessaa qindoominaan qophaa’ee Abbaa Taayitaa walii
ta’uun Mana Maree Magaalaa/Aanaatiif dhiyeessuun akka mirkanaa’uu ni taasisu

21
b) Hojiin sassaabbii galii mana qopheessaa haala karoorfameen raawwataa jiraachuu isaa
kurmaana kurmaanaan gamaggama qindoomina sektaroota raayya galiiykn sektaroota
qindoominaa abbummaan hogganuu.
c) Bu’aa gamaaggamaa irratti hundaa’un raawwiin sassaabbii galii mana qopheessaa karooraa
gad yoo ta’e gufuwwan sababa ta’an adda baasuun sektaroota qindoominaa hanqina qaban
adda baasuun duub deebii barreeffamaa akka kennamu waajjira kaantibaaf yaada
dhiyeessu;
d) Maddoota galii mana qopheessaa magaalichi qabu hunda sakatta’uun galii duguganii
sassaabuun akka danda’amu xinxaluun iddoo tumsa barbaachisaa gaafatamu (humna namaa
fi qabeenyaa) akka barbaachisummaa isaatti dhiyeessuu.
e) Maddoota dhaabbata ta’anii kireefaman fi ragaalee biroo madda galii mana qopheessaa
ta’an kanneen akka kira mana qusannoo/gandaa/ ragaa kira madaba gabaa gosa gosaan fi
kkf ragaalee namoota kaffaluu qaban qindeessuun Abbaa Taayitaa galiwwaniif dabarsuu;
6) Gahee Abbaa Taayitaa Geejjibaa Magaalaa/Aanaa
a) Ragaalee konkolaattota, bajaaji, doqdoqqee fi kkf magaalicha keessatti galmaa’anii jiran
galii mana qopheessaa kanneen akka kaffaltii tajaajilakottee sassaabuuf barbaachisan
qindeessuu;
7) Gahee Waajjiraa Mallaqaa fi Walta’iinsa Dinagdee
a) Nagahee sassaabii galii haala barbaachisumaa isaatiin maxxansuun raabsuu.
b) Haraarsa baankii (Bank Reconciliation) qopheessuu
c) Galii fi baasii magaalaa wal simsissuun hojii misooma magaalichaaf olchuu
d) Sirna Odiitii diriirsuun hordoffii fi deggarsaa sassaabii galiif kenuu
e) Guddina galii magaalaa keessatti gahee adda durummaa xaphachuu
f) Magaalota sirna IBEX fayyadamaa hin jirree keessatti sirni IBEX akka diriiru gochuu.
8) Gahee hojii waajjira Daldalaa Magaalaa/Aanaa
a) Sektera qindominaa galii mana qopheessaa keessatti hirmaachuun deeggrsa
barbaachisaa ta’e ni taasisa
b) Ragaawwan daldalaan walqabatan guddina galii mana qopheessaaf gummachan
qopheessuu, qindeessuun qaama galii manneen qopheessaa murteessanii fi sassaabaniif
ni dhiyeessa

22
9) Waajjira /Deeskii/ Investimantii Magaalaa /Aanaa
a) Sektera qindominaa galii mana qopheessaa keessatti hirmaachuun deeggarsa
barbaachisaa ta’e ni taasisa
b) Ragaawwan investimantiin walqabatan guddina galii manneen qopheessaaf
gummaachan qopheessuu, qindeessuun qaama galii manneen qopheessaa murteessuuf
sassaabuuf ni dhiyeessa.

24. Haala Raawwii Adabbii


1) Namnii kamiyyuuu gibira, qaraxa, kiraa fi kaffaltii tajaajilaa akkaataa dambii kanaatiin
yeroon kan hin kaffalle yoo ta’e akkaataa gabatee lakk. 15 dambii kanaan wal-qabatee
jiruun kan adabamu ta’a.
2) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti tumameen kan hin raawwanne yoo
ta’u akkaataa seera gibiraa fi taaksii idileen adabamuun kan kaffalu ta’a
3) Sirna adabbii kaasuu kaffalaan gibiraa murtii itti kenname irratti komii yoo dhiyeesse
haaluma labsii fi qajeelfamoota gibira idilee mootummaatiin adabbii tursisee kaffaluu itti
murtaa’e akka irraa ka’u ni taasifama.

23
KUTAA AFURAFFAA

TUMAALEE ADDA ADDAA

25. Aangoo qajeelfama baasuu


Yoo barbaachisaa ta’ee argame hojiirra oolmaa Moodela Dambii kanaaf Biiroo MMMO fi
Abbaan Taayitaa Galii waliin qajeelfama baasuu ni danda`u.

26. Seeroota raawwatiinsa hinqabaanne


Dambii, qajeelfamnii fi barmaatileen dambii kanaan wal-faallessan kamiyyuu dhimmoota dambii
kana keessatti hammataman irratti raawwatiinsa hin qabaatan.

27. Dirqama Deeggarsa Kennuu


Qaamni kamiyyuu dambii kana hojii irra akka ooluuf deeggarsa kennuuf dirqama ni qabaata.

28. Yeroo Dambiin Kun Hojii Irra Itti Oolu


Dambiin kun guyyaa mana maree magaalaan yookiin Mana maree Aanaatiin mirkanaa’e irraa
eegalee kan hojiirra oolu ta’a.

Waxabajjii, 2012

Finfinnee

24

You might also like