Christian Marriage Oro

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 30

Eli’el-Dhaloota

Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu


Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

Gaa’ilaa fi Maatii Kiristiyaanaa


(Christian Marriage and Family)

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara


mataa isa nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.

1 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

Baafata (Table of Contents)


1. Barsiisa Gaa’elaa Amantii Kiristaanaa Keessatti ………………………………………

2. Gaa’elli sababa inni dhala namaaf kennameef …………………………………………

3. Gaa’ela dura ………………………………………………………………………………

4. Gaa’elaan dura walitti dhufeenya saalaa………………………………………………..

5. Gaa’elaan dura of eeggannoo ta’uu qabu ……………………………………………….

6. Kan gaa’elatti qabamuu qabnu yoom fi eenyu waliin? ………………………………...

7. Gaa’elaan fedha Waaqayoo akkamiin beekuu qabna? ………………………………...

8. Yeroo waliin turtii ………………………………………………………………………...

9. Itti gaafatamummaa Abbaa Manaa fi Haadha Manaa ………………………………...

10. Gaa’ela keessatti …………………………………………………………………………..

11. Rakkoolee gaa’ela keessatti mudataa…………………………………………………….

12. Goolaba ……………………………………………………………………………………

2 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

1. Barsiisa waa’ee Gaa’alaa


Amantii Kiristaanaa Keessatti
Barsiisi waa’ee gaa’elaa akkuma barsiisa biroo amantii Kiristaanaa keessatti kan jalqabu kakuu
moofaa keessaa ti. Waaqayyo jalqaba irratti dhala namootaaf eebba inni qopheessee kenneef
keessaa tokko gaa’ela (Uum 1:27, 2: 18)

Gaa’ela Kiristaanummaa jechuun namoota lama Kiristoositti qabamanii jiraatan saala dhiiraa fi
durbaa gidduutti, hanga du’a isaanitti waliin jiraachuuf kakuu galan dha. Karaa biraan ammoo
gaa’el maal yoo jenne.

x Namoota saala adda addaa lama giddutti kan raawwatamu tokkummaa foonii, lubbuu fi
hafuuraa ti.
x Waaqayyoon Karoorfamee, Waaqayyoon eebba kenname dha (Um 1:28)
x Mataan isaa Kiristoos kan ta’e, kana irraas ka’e nagaa, jaalalaa fi wal kabajuun dhaabbata
keessa jiru dha.
x Kabajamaa fi qulqulluu dha (Ibr 13:4)
x Bara baraan walitti qabamuu dha (Mat 19:4 -6, Mil 2:16),
x Walitti dhufeenyaa baay’ee dhiyoo ta’e dha (Uum 2:22-24)

2. Gaa’elli sababa inni dhala namaaf kenname

Waaqayyo yemmuu gaa’ela dhaabbatu kaayyoon. “Ergasii Waaqayyo gooftaan, namichi kophaa
isaa ta’uun gaarii miti, kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha” (Um 2:18).
Gaa’elli dhala namaaf sababa kennameef ilaalchisee kanneen itti aanan ijoo dha.

1. Walgargaaruuf: gaa’ela keessatti qabamuun walii yaaduun, walgargaaruun, jaalalaan


jiraachuuf (Mil 2:14, 1Qor 9:5)
2. Ijoollee godhachuuf : Gaa’ela keessatti Waaqayyo ijoollee eebba godhee kenna. (Far
127:3, Um1:28)

3 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

3. Ulfina argachuu: Macaafni qulqulluun akka jedhutti simboo fi kabaja argachuuf


(Fak 31:23, 18:22)

Doktoor Maayilis Maniroo gaa’ela ilaalchisee kan caafe keessatti gaa’elli maalif dhala namaaf
akka kenname yemmuu ibsu:-

x Gaa’elli gaarii dha, sababni isaa yaadaa fi kaayyoo Waaqayyoo waan ta’eef .
x Gaa’elli kan kabajame dha, sababni isaas burqaan isaa nama osoo hin taane Waaqayyo.
x Gaa’elli ardii kana irra kan jiran dhaabbata kamiyyuu caalatti kan dursuu fi kan caalu
dha.
x Gaa’elli bu’uura maatii yoo ta’u maatiin ammoo bu’uura hawaasaa ti .

Gaa’elli nagaan nageenya Waldaa Kiristaanaa ti


o Mucaa godhachuu bu’uura gaa’elaa miti, kaayyoo jalqabaas miti.
o Walitti dhufeenyi saal quunnamtiis kaayyoo isa jalqabaa miti.
o Gaa’elli karoora Waaqayyoo keessatti iddoo guddaa qaba namootaaf .
o Gaa’elli dhugaan garaa garummaa irraa gara tokkummaatti dhufa .
o Gaa’elli kabajaa dha.
o Hiriyaa gaa’elaa caalaatti waadaa galameef amanamaa ta’uun gaa’ela keessatti fiixaan
ba’iinsi isaa guddaa dha.
o Gaa’ela turtii dheeraa akka qabaatuu fi fiixaan ba’iinsa walittii hin cinne akka godhatu
kan godhu gorsa Waaqayyoo hordofuu dha .

Maaliif Kiristaanni Gaa’ela godhachuun barbaachise?

1. Jaalala nama biroof ibsuuf dha.


2. Guddina hafuuraa dabalachuuf, wal gargaaruun,.
3. Gaa’ela Waaqayyo waan eyyameef .
4. Jireenya maatii jalqabuuf, mucaa argachuuf.
5. Walitti dhufeenya saala quunnamtii karaa sirrii raawwachuuf .
6. Wal gargaaruun waan hundaa waliin hirmaachuuf .

4 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

Gadda keenya yemmuu hiriyaa gaa’eelaa keenyaaf hiru in hir’ata, yemmuu gammachuu keenya
hiru ammoo in baayyata. Abbaa manaa fi haati manaa jireenya hafuuraa fi ogummaa qaban
guddifachuuf jireenyi gaa’elaa isaan gargaara. Walitti dhufeenya gaa’elaa keessatti inni tokko isa
kaan jajjabeessa, gargaara, waliif kadhatu, walgorsu.

Bu’uurri gaa’elaa dhufaatiin isaa Waaqayoo biraa waan ta’eef, kaayyoo isaa hin dhabu. Ilaaluun
osoo hin taane amantiin, akkasumas guyyaa guyyaan Kiristoos wajjin dhuunfaan ta’uun Abbaa
manaa fi haati manaa jiraachuu qabu.

Gaa’elli Kiristaanaa Waaqayyoon kan Giddu galeeffate ta’uu qaba

Waa’ee gaa’elaa irratti gorsa kan kennu doctor heroolid saalaa kan jedhamu akka jedhutti gaa’ela
keessatti fiixaan ba’iinsa argachuuf waan iccitii ta’e tokko ibsa akkana jechuun.

“Gaa’ela keessatti amantaa fi walitti dhufeenyi cimaan akka jiraatu yoo barbaadame, kara sadii
walitti dhufeenya uumuu dha.”

Abbaa Manaa + Haadha manaa + Waaqayyo = Gaa’ila fiixaan ba’e

Haati Manaa fi Abbaan Manaa dhuunfaa isaaniin walitti dhufeenya gaarii Waaqayyoo wajjin yoo
qaban, walitti dhufeenyi isaanii fiixaan ba’iinsa argata, kaayyoon gaa’elaa inni tokko ammoo wal
gargaaruu dha. Haati manaa gargaartuu jechuun gad aantuu jechuu miti. Innumaayyuu
gargaartuu kan barbaachisu dadhabaa isa ta’eef dha. Haa ta’u malee barsiis waa’ee gaa’elaa inni
sirriin Waaqayyoon kan giddu galeeffate waan ta’eef Abbaa manaa fi Haadha manaa walitti
dhufeenya cimaa uumuu tokko ta’uu yaada jedhu kan qabate dha. Kanas hubachuu qabu.

Dhiisuu (leave) : Haadhaa fi abbaa dhiisuu jechuun isaan jibbuu ykn immoo yaada isaanii
tasumaa fudhachuu dhiisuu osoo hin taane, akka yeroo ijoollummaa isaan irratti hirkachuu
dhiisuu agarsiisa. Galii ittiin jiraatan gaa’ela keessatti of danda’uutu barbaachisa. Karaa biraatiin
ammoo abbaa manaa fi haati manaa gorsa maatii isaanii irraa argachuus ta’e gargaarsa tokko
tokko argachuu waan dogongoraa miti.

5 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

In maxxana (cleave): Kun wal quunnamtii saalaa qofa osoo hin taane, yaadaan, kaayyoonii
fi murtoo tokko gochuuf waliin ta’uu agarsiisa.

Foon tokko ta’uu (one flesh):- namni tokko qaama isaa kamitti iyyuu akkuma hin
qaannotne, haati manaa fi abbaan manaas walitti hin qaanneffatan. Walitti dhufeenyi abba manaa
fi haadha manaas amansiisaa wanti inni ta’uuf, walitti dhufeenyi isaanii fooniin, hafuuraanis.
Kana ta’uu baannaan walitti dhufeenya dhugaa hin ta’u. Wal fuudhuu jechuun haadha manaa fi
abbaa manaa wal quunnamtii saalaan tokko ta’uu dha. Karaa sirriin ijoollees godhachuu dha.
Akka jaalala Waaqayyootti wal fuudhuu jechuun karaa biraatiin dhiisuu jechuu dha. Kan dhiisan
haadhaa fi abbaa isaanii ti. Walitti maxxanuun tokko ta’uun ammoo walii isaanii wajjin. Jireenyi
gaa’elaa jireenya if umaatii Jabinni gaa’elaas kan lakkaa’amu ifumaa abbaa manaafi haadha
manaa gidduu jiruun. “Addaamii fi Hewwaan qullaa isaanii turan, wal hin saalfatan.” (Uum
2:25) kana jechuun qaamaan homaa uffachuu dhiisuu qofa osoo hin taane, yaadaanis waan wal
dhoksan hin qaban turan.

3. Gaa’ela Dura

Kun osoo gaa’ela hin godhatin dura yeroo jiru kan agarsiisu dha. Kunis yeroo dargaggummaa ti.
Yeroon dargaggummaa yeroo fulduraaf bu’uurri itti bu’u dha. Bu’uurri kun waan gaariifis waan
badaafis in ta’a. Karaa waldaa Kiristaanaa waa’ee gaa’eelaa barsiis sirriin yoo hin kennamne
dargaggoonni dogongora keessa seenuu danda’u. Yeroon dargaggummaa yeroo eenyu illee
dhiiras ta’e dubari jalaa ba’uu hin dandeenye yeroo rakkisaa dha. Yeroo itti wal barbaadaanii fi
yeroo qorumsaa ti.

Dargaggoonni yeroo hundaa jijjiirraa barbaadu. Waa’ee wanta fuul duraa yaaduu fi dubbachuu
barbaadu. Walumaa galatti yeroo kanatti yaadni bakka tokkotti yeroo walitti hin qabamin jiru
dha. Dargaggoonni nama guutuu ta’uuf gaa’ela dhaabbachuu barbaadu.

Yaada dargaggootaa kan butu keessa tokko gara fuulduraatti eenyu waliin gaa’ela keessa akka
jiraatan dha. “Eenyunan fuudha? Eenyuttan heeruma?” Gaaffileen jedhan yeroo mara kan
ka’aniifi deebii kan barbaadani dha. Dargaggoonni keessa isaanii tti fedhii wal quunnamtii saalaa
6 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

ta’e guddaa qabu. Sirriitti kana keessa namootaa kan kaa’e Waaqayyoo dha. Akkuma warri
dhiiraa durboota barbaadan durboonnis warra dhiiraa barbaadu. Qaama keenya kana sirriitti yoo
of eegne salphaatti ejjetti kufnee, of laannaas.

Kanaaf balaa ejjaa kana irraa of eeggachuu barbaachisa dursa (1Qor 6:18, 2Xim 2:22). Hawwii
badaan osoo keessa keenyatti hinjabaatin dura baqachuu dha. Halalummaa irraa wanti baqannuuf
qulqullummatti jiraachuuf waan waamamneef (Gal 5: 19-21, 1Qor 6:9-10)

Waaqayyoo gammachiisuu kan dandeenyu jireenya qulqullaa’aa yoo jiraanne dha (1Phex 1:15).
Gaa’elaan alatti walquunnamti saalaa raawwatanii kan wal fuudhan sammuun isaanii fuul
waaqayyootti isaan ceepha’a. Kunis qorannoo adda addaan mirkanaa’era. Dargagummaan
hawaassa keessatti kutaa of eeggannoo guddaa barbaadu dha.

1. Dubartoonni፡ Tilmaamaan wagga 12tti jijjiirama qaamaa agarsiisuu eegalu.

2. Warri dhiira: Tilmaamaan naannoo 14tti jijjiirama qaamaa agarsiisuu jalqabu.

Rakkoon yeroo dargaggummaa warra amananiifis ta’e hin amanneef wal fakkaataa dha.
Rakkoolee dargaggootaa kanas kan hubatu muraasa. Kaan walitti qabaatti waan dargaggoonni
hojjetan hundaa balleessatti lakkaa’a. Haa ta’u malee dargaggoonni nama ta’eef isa kam akka
filatu in rakkata. Fedhi foonii gaaffii fi fedhii tokko dha. Yookiin dhuunfaatti waa’ee keessa
isaanii rakkatu ykn ammoo nama muuxannoo hin qabneef hiranii rakkoo biroo keessa seenuu
danda’u. Rakkoo isaanii ifatti marsiisuuf gorsaa amanamaa dhabanii rakkatu. Hojiin salphaatti
hin argamu. Yeroo dargaggummaatti ammoo hojii dhabdummaa baay’ee rakkisaa dha.

Kanaaf waldaan Kiristaanaa dargaggoota isheef barbsiisa qopheesitee kennuu qabdi hanga
dandaa’ametti. Akkasumas marsiisuuf rakkoo isaanii ifatti akka dubbatan gochuu qabdi. Kana
malees muuxannoo kan qaban gorsa sagalee Waaqayyoo irratti bu’uurefate akka kennan gochuu.

Karaa biraatiin ammoo dargaggeessa sagalee waaqayyoon yoo wal bira qabnee ilaallu. Macaafni
qulqulluun gammaduu akka qaban ibsa (Lall 11:9). Gammachuu qofa osoo hin taane sodaa
Waaqayyoo keessas jiraachuu qabu (Lal 12:1)

7 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

Yeroo dargagummatti fedhii fi dhiibbaa baay’een kan itti mul’atu waan ta’eef, macaafni
qulqulluun akkas jedha, “Ati immoo kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu irraa baqadhu,”
(2Xim 2:22). Dargaggoonni wanti irraa baqachuu qaban inni guddaanii fi ijoon sagaagalummaa
dha. Sababni isaas walquunnamtiin saalaa kan yeroof bakka qabaatu gaa’ela keessatti waan
ta’eef.

4. Gaa’elaan dura wal quunnamtii saalaa

Waaqayyo jalqaba dhaala namaaf kan kenne keessaa tokko wal quunnamtii saalaa ti
walquunnamtiin saalaa ofii isaatiin qulqulluus xura’aas miti dhufa isaa yemmuu ilaallu garuu
kennaa Waaqayyoo ti. “… dhiiraa fi dubartii isaan uume.” (Uum 1:27) yaadni jedhu dhufa
walquunnamtii saalaa Waaqayyo birra ta’uu agarsiisa. Kan jechuun Waaqayyo dhala namaa
qaama wal hormaataa waliin uume jechuu dha.

Yeroo umrii gahuttis wal barbaaduu Waaqayyo jalqabumaa kaasee dhala namaa keessatti
uumera, kufaatiin duras. Kanaaf sirnaan hubachuutu barbaachisa. Haala of eeggannoon guutenis
ta’uu qaba “Gaa’elli hundumaa biratti ulfina qabeessa haa ta’u, ciisichi gaa’elaas hin
xureeffamin!” (Ibr 13:4). Kana waan ta’eef wal quunnamtiin saalaa miiraan osoo hin taane
akkaataa sagalee Waaqayyootti hubatamu qaba. Sababni isaas gaa’ela duraa fi gaa’ela alatti wal
quunnamtiin saalaa raawwatu hundi cubbuu dha.

Waaqayyo kan balaaleffatu sagagaalummaan walqabatee halalummaa, xuraa’ummaa, ejjaa fi


gadhaa’ummaa (1Qor 6:9-10, Gal 5:19-21) irratti ibsa. Egaan biyya lafaatti firoomuu kan
barbaadu hundinuu diina Waaqayyoo akka ta’u macaafin qulqulluun in ibsa. Osoo gaa’eela hin
uummatin hiriyaa dhiiraafi durbaa (boy friend, girl friend) qabaachuun fedha saalaa
raawwachuun hojii biyya lafaatii kana qofa osoo hin taane jaalala dhuga illee qabaachuu dhiisuu
danda’u. Wal quunnamtiin saalaa raawwachuu kan qabu gaa’ela keesatti qofa waan ta’eef, kan
gaa’elaa alatti raawwatus cubbuu dha. Caa’ela keessatti wal quunnamtii saalaa raawwatamu
qofaa dha sirrii fi gammachuu dhugaas kan fidu. Kanaaf dargaggoonni waan dhimma kanaaf
kakaasu irraa fagaachuu qabu. Sababin isaas kanneen armaan gadiitti.

8 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

1. Qulqulluummaatti akka jiraataanif Waaqayyo barbaada (1Tas 4:3)


2. Gaa’elaan dura Walquunnamtiin saalaa godhamu jireenya gara fuulduraaf gufuu waan
ta’uuf
3. Wal quunnamtiin saalaa gaafa guyyaa cidhaa kaasee kan eyyamama ta’a (Ib 13:4)
4. Hanga guyyaa cidhaatti eeguun jireenya gaa’claa garaa fuul duraatti jiruuf birmadummaa
akkasumas sammuu ceephoo hin qabnee dabala.
5. Gaa’elaan dura wal-quunnamtiin saalaa ta’u kabaja gaa’elaa in hirii’isa akkasumas
kaayyoo fashaleessa
6. Waaqayyo durbaa fi dhiiri tokko osoo sammuun isaanis isaan hin ceepha’in akka wal
fuudhan barbaada (Ib 13:4)
7. Dhiphina sammuu, gadda akkasumas dhibees fiduu danda’a.
8. Tajaajila Waaqayyoo wajjin qaban waan miidhuuf
9. Ulfa hin baraachifne baasuuf yaalii gochuun dhibee biraaf saaxiluu danda’a. Darbees
du’atti geessa. Kana malees Waaqayyoon gaddisiisuu ta’a.
10. Jaalalli namoota lama gidduutti Jalqabe fiixaan osoo hin ba’in waan hafuuf.
11. Halalummaa irraa fagaachuun walitti dhufeenya obboloota waan cimsuuf.
12. Of eeggachuu fi of bituun eebba Waaqayyoo argamsiisa (Fak 27:18)
13. Gaa’ela dura wal-quunnamtii saalaa gochuun maatii wajjin walitti buusuu danda’a.
14. Gara ejja biraatti illee geessuu danda’a.
15. Halalummaan Waaqayyoof ajajamuu diduu dha.
16. Hiriyaa gaa’elaa sirrii ta’e filachuuf nama rakkisa
17. Gara fuulduraatti illee yaadannoo hin taane qabaachaa waliin jiraachuu ta’a
18. Gaa’ela dura wal quunnamtii saalaa gochuun firii hin bilchaanne nyaachuu dha
19. Qulqullummaan turuun jireenya Waaqayyoon gammachiisu jiraachuu dha. Kana malees
nama gara fuul duraatti wajjin jiraataaniif kabaja agarsiisa.
20. Wanta goonu hundumaa isaa ulfina Waaqayyootiif gochuu wanta qabnuuf; wal-
qunnamtiin gaa’ilaan duraa garuu ulfina Waaqayyoo balleessa. Simboo qabnu dhabsiisa.
1Qor. 10:31.

9 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

5. Of Eeggannoo Gaa’elaan Dura Godhamuu Qabu

Saala fallaa gidduutti humni wal harkisuu jiru cimaa waan ta’eef waqticha mo’ichaan darbuuf of
eeggannoo guddaa gaafata . Kanaafuu mata duree itti aansuun ka’an irratti of bituu fi
qulqullummaan jiraachuuf of eeggannoo gochuu barbaachisa.

1. Waliin ba’uu (dating):- Yeroo dargaggummaatti saala faallaa gidduu wal hawwachuu
guddaan akka jiru ifaa dha. Haa ta’u malee kun ta’uu hin qabu jedhamee hin mormamu.
Haala sirri yeroo isaati akka raawwatuuf of eeggannoo gaafata. Waliin ba’uu kan
jedhamu kun, bashannanuu waliinii amaleeffaa warra adii waan ta’eef of eeggannoo
barbaachisa. Sadarkaa dargaggummatti yeroon jiru yeroo abiddaa akka ta’e beekamaa
dha. Fiigicha amantii Kiristaanaas in dadhabiisa. Wal baruu fi walitti dhi’aachuuf bakkaa
fi yeroo filachuu barbaachisa. Kunis halalummaa irraa fagaachuuf.
2. Wal’aanso walqabuu (petting) :- Kun tapha sirrii miti, qoosaan garmalees miira kakaasuu
danada’u. Fiilmiin hin taaneef fakkiin illee of eeggannoo guddaa gaafatu. Inumaayyuu
haala ta’uu maluu olitti wal ilaaluun saala fallaa mirra kakaasuu danda’a. (Mat 5:27)
Ilaaluun hawwiif saaxila baasa (Uum 39:7-12) kanaaf of eeggachuutu barbaachisa. Ija
hafuuraan ilaaluu barbaachisa. Fakkeenyaaf (2Sen 13: 1-19). Ati har’a eenyuu wajjin
akka aminoon ta’aa jirta laata?

6. Gaa’ela godhachuun yoom? Eenyuun? (fuudhuu fi Heerumuun)

“Namni tokko fuudha ga’ee, kaadhima isaa fuudhuu … wal haafuudham” (1Qor 7:36)

Dargaggoonni gaa’ela godhachuu kan qaban yoom? Yeroo yoo jedhu – umrii kam

a. Umrii – akka seera biyyattiiti namni tokko mana isaa bulchuu danda’a kan jedhamu umrii
waggaa 21 yemmuu guutu dha. Akka macaafa qulqulluutti (Ba’u34:14, irratti ammoo waggaa 20
dha. Mriin gaa’elaa lakkooffsaan yoo hin ibsamne illee, fooniin kan ga’eessa ta’e, sammuun kan
bilchaate, kan itti ofii isaafi maatii isaa bulchu qabeenya kan qabu. Umrii fi yaadaan bilchaachuu

10 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

barbaachisaa dha. Bilchinni sammuu yeroo hundaa umrii waliin deemuu dhiisuu danda’a.
Akkasumas sammuun bilchaachuu fi hafuuratti guddaachuun dirqama turtii umrii miti.

Dhimma umrii ilaalchisee gaaelaaf baay’ee akka gad hin buuneefi baay’ees akka hin deemne of
eeggachuun gaarii dha. Kan wal fuudhan lamaan umrii fi sadarkaa barnootaan kan walitti
dhi’aatan yoo ta’e in filatama. “Waliin gooftaa tajaajila” jedhanii gaafachuun is gaarii dha.

(2Qor 6:14-15) qophii gaa’elaaf godhamu keessaa tokko bilchinni sammuu qooda guddaa qaba.
Akkasumas qaamaan, hafuuraan kana malees waan mana keessaaf barbaachinaan qophaa’uun
waan callisaan bira darbamu miti. Kanneen kan kophaa’aa ta’e gaa’ela dhaabbachuu danda’a.
Sababin isaas waan barbaachisoo kana kan hubate yaada Waaqayyoos hubateera gaa’ela
keessatti.

Bilchina hafuuraa fi qaamaa irratti dabalataan filannoo yemmuu godhan lamaanuu marii gochuu
qabu. Fakkeenyaafi qomoo, amantii, amala, ijoollee meeqa godhachuu akka barbaadan waldaa
tokko keessatti ta’uu (waldaa adda addaa keessaa wal fuudhu yoo ta’e), kana malees waa’ee
maatii gaafachuu.

Qabeenya, bareedinaa fi beekumsa qofa irratti hundaa’uu gaa’ela dhaabuun balaa fida. Jaalalaafi
wal danda’uun yoo jiraate inni kaan boodarra dhufa. Jabaatee dhaabbachuu kan qabu jaalala
qofa. Jireenya gaa’elaa akka hin jirre kan godhu jaalalli dhibuu dha. Walumaagalatti gaa’ela
gaarii ta’e dhaabbachuuf eenyu illee haalaa fi yeroo itti Waaqayyo karoorsee fitti raawwachuu
qaba. Yaada Waaqayyoo beekunis gaarii dha. (Bau 40:36)

Gaa’elaaf Namni Nuti filannu eenyu ta’uu qaba? Ulaagaan isaa hoo maal?

x Waan alaa irratti hundaa’ee filannoon ta’u rakkoo irra nama buusa 1Sam 16:7
x Qaama miiraa shananitti fayyadamnee inni sirriin kana jechuu hin dandeenyu. Sababni
isaas: gaa’elli waan alaan mul’atan qofaan wal simuu miti. Kanaafuu yeroo nama
gaa’elaaf ta’u filanutti Waaqayyotti hirkachuu barbaachisa. (Fak 1(:14) Um 2:18, Far
127:1-2) Hiriyummaa garaa qulqulluutiin kan walitti dhiyaanuun wal fuudhuun gaarii
dha.
11 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

Kanaaf yeroo gaa’ela yaannu:

1. Kadhannaan dursuu qaba:- Bareedinni keessaa kan argamu kadhannaan (Fakk 31:30)

Far 37:4, Uum 24:12-27 hojjetoonni Abrahaam ilma Abrahaamiif yemmuu Ribiqaa
fiduudeemanitti akka waaqayyo isaan geggeessu kadhatan.

2. Umrii fi sadarkaa barnootaa yaada keessa galchuun barbaachisaa dha. Umrii baay’ee
wal irraa fagoo ta’ee fi sadarkaa barumsaa baay’ee wal caalu gaa’ela keessatti rakkoo
fiduu danda’a.
3. Lamaanuu kan amanan ta’uu qabu (2Qor 6:14). Dubbii warra Iskootilaand akkas jedha
“Diyaabiloosiin yoo walfuute amantiin kee Diyaabiloos.” ta’a.
4. Mul’ata tokko qabaachuu: ilaalchii fi xiyyeeffannoon wal simuu qabu. Kana jechuun
karoorri lamanuu garafuul duraaf qaban.

Hiriyaa Gaa’elaa Yemmuu filannutti

1. Abjuu fi mul’atin amansiisoo waan hintaaneef muuxannoofi gorsa tajaajiltootaa


hirmaachuun gaarii ta’a. Sababin isaa abjuun baay’ina hojii irraa dhufuu waan danda’uuf
(Lal 5:3)
2. Filannoon erga ta’ee booda sadarkaa obbooleessaa fi obboleettii tti turuun barbaachisaa
dha.
3. Gaaffii booda deebii kennuu fi baay’ee arifachisuu hin barbaachisu, tursuus hin
barbaachisu
4. Yeroo tokkotti lama sadii gaafachuu dhiisuu akkasumas yeroo tokkotti lama sadiif tole
jechuu dhiisuu.
5. Waa’ee fayyummaa mirkaneeffachuu, akkasumas waa’ee walquunnamtii saalaa qo’achuu
6. Waa’ee gaa’elaa beekumsa gahaa argachuu barbaachisa
7.

12 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

7. Gaa’elaaf fedhi Waaqayyoo Akkamitti beekuun dandaa’ama?

Kun gaaffii amantoota baay’eeti akkasumas deebii kan baadu dha. Akkasumas haala kana
Waaqayyo irraa yaada inni nuuf qabu hubachuun wanta barbaachiisaa dha. Waaqayyo ammoo
hunda keenyaaf yaada gaarii qaba (Erm 29:11, Isa 48:17)

Yeroo nama gaa’elaaf ta’u filannutti bareedina ilaaluun kan hin hafne yoo ta’e iyyuu, bareedina
alaa fi keessaa irratti madaalii eeguu qabna. Keessattuu bifa isa keessaaf osoo bakka laatnee (Fak
31: 30). Bareedinni keessaa kan jalqabu Waaqayyoon sodaachuun. Yoo hubannee ilaale namni
hundinuu bareedaa dha. Namni hundinuu haala ajaa’ibsiisaan uumameera kanaaf nama jaallanne
waliin wal fuudhuun gaarii dha.

Bareedinni alaa yeroo yeroo gad bu’aa deemuun hin hafu. Bareedinni keessaa garuu hin badu.
Kanaaf xiyyeeffannoo eenyummaa namaa irratti gochuun gaarii dha. Hiriyaa gaa’ee laa gaarii
argachuuf walumaa galatti Waaqayyo irratti kadhanneen irkaachuun barbaachisaa dha. (Fakk.
19:14, Uum 2:18, Far 127: 1-2, Fak 3:5), Fiixaan ba’iinsa gaa’ela qabu argachuuf geggeessaa
Waaqayyoo argachuu qabuna (Far 32:8, Isa 58:11).

Waaqayyoon amanachuu fi isatti irkachuu barbaachisa. Fedha isaa beekuuf jalqaba isaa wajjin
walitti dhufeenya gaarri qabaachuu qabna. Waanuma fedhe irratti fedhii Waaqayyoo beekuun
dura walitti dhufeenya nutty Waaqa isaa wajjin qabnu baay’ee murteessaa dha. Waaqayyo fedha
isaa kan ibsuuf warra isaa wajjin jiraataanii fi isatti qabamanii jiraataniif (Yoh 15:7). Fedhii
Waaqayyoo beeknee kara ittiin faana bu’uu dandeenyu keessaa ijon armaan gaditti
tarreeffamaniiru.

1. Sagalee isaa beekuu (Far 118:105)


2. Kadhannaa (Hoe 13:1-3) kadhannaan fuula isaatti yoo dhiyaanne Waaqayyo nutty
dubbata.
3. Dhuga bahumsa keessakeenyaaa: yaada Waaqayyoo keessa yemuu taanu keessi keenya
nagaa fi gamachuun guuta (Fil 4:6-7). Yeroo tokko tokko keessi keenya yemmuu
jeeqamu fedhii Waaqayyoo akka hin taane hubachuu qabna. Dhiphina keessa taanee

13 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

homaa murteessuu hin dandeenyu. Sababinni isaa nagaan akka halluu magariisa
Tiraafiikii ti yemmuu haalluun kun ifutti karaan banaa ta’a. Deemunis dandaa’ama.
Halluu dhiimaan osoo ifuu garuu deemuun hin dandaa’amu Konkolaataaf. Kanaaf keessi
keenya nageenya dhabee dhiphachaa dhimma gaa’elaa murteesuu hin dandeenyu. Yoo
murteesiines raakoo keessa nu galchuu danda’a.
4. Gorsa gaafachuu Namoota bilchaatan gorsa gaafachuun faayidaa qaba (Bau 18). Museen
gorsa Abiyyuu isaa gaafateera. Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii kan qabanii fi
dhimmi keenya kan giddisiisu tajaajitoota gorsa gaffaachuun fedhii Waaqayyoo beekuuf
gahee taphatu qaba. (Fak 20: 5)
5. Haalonni mijachuun fedhii Waaqayyoo hubannoon xiinxaluuf nu dandeesisa. (seera
Uumama 24: 1-50), 24: 21 irratti “Namichis Waaqayyo karaa isaa in qajeelcha yookiis
hin qajeelchu yoo ta’e baruudhaaf, calluma jedhee ishee in ilaala ture.”
6. Karri gaa’elaa jaalala ta’uu qaba. Nama hin jaallanne dhiibbaa namootaatiin itti heerumus
fuudhuus hin qabnu.
a. Murtee maatii qofaan kan ta’u,
b. Fehda wal quunnamtii saalaan yeroo qofa kan waliin turan
c. Wal fuudhuu kan qabnu kan wal jaallanne qofa hubannee kan ta’u
7. Fedhii Waaqayyoo barbaaduun akkasumas carraafuun hubachuu (Hoe 16:6-10). Kan
Obboleessa tokkoo wajjin jalqabe yoo fiixaan hin bane, kan biro yaalu dha. Akkasumas
obboleetti tokkoo wajjin kan jalqabe yoo fiixaan hin bane kan biro yaaluu dha. Osoo
waan tokko illee bitaa nutty hin galin birmaduun waan tokko murteessuu danda’uun
fedhii Waaqayyoo ti. Karaa biroon ammoo waan murteesineef amanamoo ta’uu qabna
(Yaaf 1:6-8)

Wantoota of eeggannoo barbaadan

 Raajii walfuudhuunii fi wal hiikuun rakkoo guddaa akka ta’e hubachuu barbaachisa.
Karaa biraatiin ayyaana kana naamusa dhabeessa haala ta’een itti fayyadamuu dha.
Gaa’ela wanti fakkaatu dhimmi guddaa. Kana sammuu Waaqayyonuuf kenneen
bilisa taanee, itti yaadnee murteessutu nurraa eegama.
14 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

 Abjuu qofaan gaggeeffamuu


 Ulaagaalee baay’isuu, Fakkeenyaaf, osoo hin namichi yeroo dheeraa ture tokko
eegduu waldaa Kiristaanaan yemmuu gaafatame akkas jedhe,” ulaagaalee koo kan
guutuu waan hin arganneef fuudhuu hin dandeenya.” Eegduchis deebisee” Haa ta’u
malee ulaagaalee kee maal?” jedhee gaafate. Namichi deebisee ulaagaa kanneen itti
aanan kan guuttuun barbaada, “Active, beautiful, creative, excellent, fantastic,
gentil, humble, kind,” jechaa yeroo itti fufu eegduchi gidduu seenee gorsa itti aanu
keenneef “obboleessa ko, ulaagaalee kanneen dubartii guuttu hin argattu,
Kiristoosiin kan waaqesitu akka fuutuun si gorsa” jedheenii adda baha.
 Kennaa baay’isuu : Kennaan ija namaa qabaa fuudhuun balaa dha. Gaa’elli faayidaa
yeroo irraa walaba karaa ta’een gaaffii ifa ta’e dhi’eessuu barbaada.

8. Yeroo waliin turtii (Kaadhimummaa)

Walii galtee uuman jechuun wal fuudhan jechuu miti. Yeroo kun yeroo wal qo’achuuf. Yeroo
kanatti haala ifa ta’een mari’achuun sodaa Waaqayyoo keessatti turuutu barbaadama.
Akkasumns yeroo murtaa’eef qofa waliin turtii gochuu dha. Yeroo waliin turtii daangeessuu
barbaachisa. Sababni isaas qormaatin waan baay’atuuf. Fedha Waaqayyooti jennee akka hin
taaneen yoo walitti dhiyyaae ejjatti kufuu dandeenya.

Yeroo kanatti wanti ta’uu qabu kan itti kanneen armaan gadii yaada keessa galchuun qorannoon
kan goodhamu.

1. Jaalalli dhugaa gidduu isaanii jiraa?


2. Kaayyoo tokko akka qaban
3. Amala walii qo’achuu
4. Mul’ata qaban beekuu
5. Wal baadhachuuf murteessuu

15 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

9. Cidhaa fi wantoota ta’uu qaban (Wedding Ceremony)

Yeroo turitii irraa akkamitti gara gaa’elaatti ce’uun dandaa’ama? Nuti Kiristaanoonni kan nu
gaggeessu Waaqa qabna. Kadhadhaa isiniif in kennamaa (Mat 7:7) Waaqayyo keenya waa’ee
gaa’elaa kadhannee cal hin jedhu. Nutti dubbata, nu geggeessas. Haa ta’u malee cidha keenya
irratti ulfina Waaqayyoo dhiifnee kabajaa keenya qofa kan barbaannu yoo ta’e tasa ta’ee hafa.

Haa ta’u malee cidhni maalif barbaachisa? Hafuu in hin danda’uu? Yookiinis amaleeffannaa
waan ta’eef hafuu hin qabu? Barbaachisummaan cidhaa yemmuu ka’u “aadaa keenya hafuu hin
qabu” yaadni jedhu ka’a,” cidha malee yoo wal fuune, hawaasa keessatti iddoo gad aanaatu nuuf
kennama” yaada jedhutu waliin ka’a. Haa ta’u malee barbaachisummaa cidhaa madaaluu qabna.

1. Waaqayyo ulfina itti in argataa? Akka macaafa qulqulluuttii? Sagaleen Waaqayyoo maal
jedha?
2. Gammaachuu eenyuufi dha?
3. Ijaarsa gaa’elaa keessatti gumaachi isaa maal? Warra wal fuudhaniif jaalala dabalu
qabaa? Jechuun gaafachuun barbaachisaa dha. Cidhi haa jiraatu yoo jedhame qarshii,
humnii fi yeroon akka malee akka badne of eeggachuu barbaachisa.
4. Kiristaanoon akka warra biyya lafaa gowwoota ta’uu hin qabaa. Gaa’ela mataa keenyaa
haa dhaabbanu malee kan nama biro ilaallee, baasii hin taane keessa seenuu hin
barbaachisu. Caalaatti waan Kiristoos itti ulfina argatu haa hojjennu cidha keenya irrattis
sagalee Waaqayyoo keesatti waan hin caafaminiif gatiin kaffaluu hojii foonii ta’a.

Qophii cidhaaf jecha maalif maatiin iddaatigalu? Ani eenyuu gadi jechuun cidha humnaa oli
qopheessuun kisaaraa dha. Hanga humni eyyametti cidha raawwachuun gaarii dha. Yoo hin
dandaa’amne garuu liqii hin taane keessa galuun barbaachisaa miti. Cidha Qaanaa galiilaa
keessatti ta’e irratti nyaachus godhame kisiraan hin tuure. Waan jireenya isaanii irraa hafeen
malee. Kanaafuu cidhi haa jiraatu, nyaachis garuu haa hafu.

16 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

10.Gahee keenya beekuu (Gaa’eelaan booda)

Gaa’elli hojjetamee hin dhaabatu. Kan cimsanii dhaaban abbaa manaa fi haadha manaati.
Gaa’elli inni tokko isa tokko haala itti qaru dha. Waaqayyo gaa’ela yemmuu uume qajeelfamaa
wajjin. Dhiisuu, waliigaluu seeraan akka raawwannu (uum 2:24) irratti hubachuu dandeenya.
Keessattuu abbaa manaa fi haadha manaa taanee jiraachuu keessatti firootaa wajjin walitti
dhufeenya qabnu daangessuu qabna.

Gaa’elli dhaabbata baay’ee nama ajaa’ibsiisu dha. Gaa’elli hojii fi tajaajila. Gaa’ela keessatti
tajaajilli jiru sirriitti you hin qabamne Hawaasa keessattis ta’e waldaa Kiristaanaa keessatti
fiixaan ba’iinsa hin argatu. Gaa’elli yoo bade tajaajillis in miidhama. Dhiiraa fi durbi gahee
isaanii sirriitti beekuun akka gahee isaanii bahaniif gargaara.

“Waaqayyo dhiira fi dubartii godhee uume” (Um 1:27). Abbaa Manaa fi haatimanaa amala
mataa isaanii qabatanii dhalatan. Addaa addummaa qabu. Tokkummaas qabu, Haala uumama
keessatti hormoonii adda addaa qabu. Hormoonni kunniin amala isaanii to’ata.

Yeroo baay’ee abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti wal qocolloon ta’u kan ka’u ifa ta’uu
dhabuu irraa kan ka’edha. Ifatti wanti ta’an amala Waaqayyoo ti. Kanaaf abbaa Manaa fi haati
manaa waan hundumaa ifaa ifatti dubbachuun miira isaanii walii ibsuu qabu. Akkana yoo ta’u
dha gidduu isaaniitti gaarummaan kan mul’atu. Addaamii fi Hawwaan walii wajjiin ifatti
mar’achaa turan (Um 2:25)

Rakkoon abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti jiraatullee osoo oolee hin bulin furmaata
argachuu barbaachisa. Kana ta’uu baannaan rakkoo sammuutti qabatanii ciisuun ba’aa caalu
fiduu danda’a (Efe 4:25 – 32, 5:21, Fak 10: 12, 1Qor 13:5-7) Haasaan keenya yeroo hundaa
waan gaarii dubbahuuf qophaa’uu qaba. Jechi hin taane gaa’ela madeessuu danda’a waan ta’eef.

Yeroo tokko durbartiin tokko abbaamanaa isheetti jecha badaa dubbate. Abbaan manaas waan
haati mana dubbatetti Qareee “Jecha baay’ee na miidhu dubbatte, maal ta’a osoo Afaan kee cufe
ta’ee!” jedhee haala aariin dubbate, kan irraa kan ka’e ishee caalaatti inni ishee mufachiisee,
sanaan booda akka duudaatti mana keessaa osoo jiraattuu waggaa 30 booda du’aan gargar bahan
17 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

jedhama. Kanaaf Abbaa mana fi haati manaa wal jijjabeessuun, galateeffannaan jecha isaan
gammachiisutti fayyadamuun nageenya uumuu qaba malee wal gaddisiisuu hin qaban (Efe 4:29)

10, Itti Gaafatamummaa Abbaa manaa fi haadha manaa Abbaan manaa gahee mataa isaa yoo hin
bane, haati manaas gahee mataa ishee yoo hin bane walitti bu’iinsi uumama. Walitti bu’iinsa
maatii ammoo wal qabate gara waldaa Kiristaanaa dhufa.

Jabina waldaa Kiristaanaa keessaa tokko maatii dha. Sababni isaas maatiin waldaa ishee xiqqoo
dha. Akkasumas maatiin hawaasa ishee xiqqoo dha. Maatii olaantummaan kan dhaabe
Waaqayyo dha.

Abbaa manaa fi haati manaa gahee isaanii yemmuu raawwatan tokkummaan barbaadamu argana.
Haati manaa itti gaafatamni ishee abba manaa isheeti. Abbaan manaa itti waamamni isaa
Kiristoos. Waaqni nuti Waaqesinu Waaqa seera qabeessa. Itti gaafatamaan hundaa fi olaanaan
Waaqayyoo dha. Abbaa manaa fo haati manaa gahee bahuu qaban (Uum 2:26, Mat 19:5, Efe
5:31)

1. Haadhaa fi abbaa dhiisuu


2. Haadha manaa wajjin ta’uu
3. Foon tokko ta’un

Dhiisuu: To’annoo abbaa fi haadhaa jalaa walaba ta’uu jechuu dha. Abbaa /Haati abbaa manaa/
haadha manaa gaa’ela isaanii keessa seenu yoo ta’e gidduu isaanitti rakkoo uumu. Maatii fi
firoottaa isaanii gargaaruun barbaachisaa yoo ta’e iyyuu jireenya abbaa manaa fi haadha manaa
keessa seenuun garuu tasgabii isaan dhabsiisuu waan danda’uuf, haadha manaa fi abbaa manaa
haala itti mijatuun akka jiraataniif dhiisuu wayya.

Walii galuu: Abbaa manaa fi haati manaa dhibbaa maatii isaanii jalaa bahanii walii isaanii
kabajuun wal gargaaraa jiraachuu qabu. Gaa’ela keessatti ulfina walii kennuun waan baay’ee
barbaachisaa ta’e dha. Wanti nama gaddisiisu garuu Abbaan manaa haadha manaa hamachuu,
isheenis isa hamachuu dha. Yeroo akkuma Waaqayyoof laatnu gaa’ela keenyaafis kennuunu
barbaahisa. Haala kanaan gaa’ela keenya kunuunsina.

18 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

Foon tokko: Haadhaa fi abbaa irraa adda bahanii jiraachuun abbaa manaa fi haadha manaa iccitii
Waaqayyooti Gaa’elli waadaa umrii guutuutti. Kanaaf waadaa kana eeguuf kanneen
barbaachisan keessaa jaalala, amanamummaa fi sagaleen Waaqayyoo kauneen bu’uuraati.
Walumaa galatti itti gaafatamummaan abbaa manaa, haadha manaa isaa jaallachuu yoo ta’u
isheenis isaaf ajajamuu qabdi. Kunis barsiisa macaafa qulqulluu ti.

 Itti gaafatamummaa Abbaa manaa

Kiristoos gooftaa hundaa olii ta’ee osoo jiruu tajaajilaa ta’e. Kanas wanta inni godhees fedha
isaatiin faayidaa waldaa Kiristaanaaf jecha (Efe 5: 21-33). Fakkeenyummaa kiristoos irraa
ka’uun abbaan manaa haadha manaa isaa humnaan bulchuu yaaluu osoo hin taane, jaalalaan itti
gaafatamummaa isaa agarsiisuu qaba. Kiristoos akkuma waldaa kiristaanaa jaallatetti, abbaan
manaas yeroo hundaa haadha manaa isaa jaallachuu qaba. Kunis itti gaafatamummaa isaa ti. Kun
immoo ayyaanni Waaqayyoo yoo baay’achuu fii baate nama uumamaaf saphaa miti. Haati
manaa ammoo waan rakkisaa qabaachuu dandeessi, Haa ta’u malee jaalala isaa ibsuu irraa of
qusachuu hin qabu

 Abbaan manaa Akkaataa itti jaalala isaa ibsu

1. Jechootaan

Dubartoonni (haatmanaa) “sin jaalladha” jecha jedha dhagahuun waan jaallataniif jecha jaalalaa
kanatti fayyadamuu. Kanaaf waan gurraan dhaggeesutti illee waan gammaduuf, abbaan manaa
galateeffaachuu fi jajjabeessuu qaba. Kanas uumama dubartii beekuu qaba. Fedhiin dubartii inni
duraa jaala abbaa manaa ishee waan ta’eef, yoo dhabde waanti hundinuu yoo guuteef illee
gammachuun ishee guutuu hin ta’u.

Door Wiilaardi Haariliiyi namichi jedhamu gorsaa waa’ee gaa’eelaa fi barreessaa kan ta’e jaalala
abbaa manaa ilaalchisee akkas jedhee barreesseera, “Fedhiin haadha manaa inni jalqabaa fi ijoo
jaalala yoo ta’u, fedhiin abbaa manaa inni jalqabaa ammoo wal-quunnamtii saalaa ti. Haati
manaa jaalala jechaa fi gochaan mul’atu yoo dhabde, walquunnamtii saalaaf kan qophoofte hin
taatu. Kanaaf abbaa manaa ishee waliin wal dhabuu dandeessi. Waan taheef abbaan manaa yeroo

19 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

kamiyyuu walquunnamtiin saalaa haajiraatus haa dhibamus jaala isaa haadha manaa isaaf ibsuu
qaba. Dubortoonni yeroo hundaa sagalee jaalalaa barbaadu waan ta’eef. Jaalalli walquunnamtii
saalaa dursuu qaba. Haadha manaa keetti jaalala agarsiisuu yoo baatte walquunnamtii saalaaf kan
qophootte hin taatu.”

2. Karaa Gaariin maatii bulchuu (1Xim 3:4, Efe 5:23, Uum 3:16) Abbootiin manaa mana
isaaniitiif itti gaafatamoo, geggeessaafi bulchaa ta’anii maatii isaaniitti kallattii kan agarsiisan
ta’uu qabu. Yeroo geggeessanitti (hooggananitti) ammoo Kiristoos akkuma jaalalaan geggeesse
isaanis akkanuma gochuu qabu.

Abbootiin manaa mana isaanii bulchuu kan qaban taajaajilaa ta’uu fa (Yoh 13: 3-7) Abbootii
manaa! Miila haadha manaa keessanii in dhiqxuu? Akka ilaalcha aaddaatti isa kana gochuun
gowwummaa dha. Garuu fuula Waaqayyootti ogummaa dha.

Jireenya hafuuraa maatiis kan to’atu abbaa manaati.

 Itti gaafatamummaa Haadha manaa

1. Abbaa manaaf ajajamuu: -

Haati manaa abbaa manaaf kan ajajamtu dirqisiifamtee osoo hin taane jaalalaan. Waldaan
Kiristaanaa Kiristoosif kan bitamtu dirqamaan osoo hin taane, jaalala Kiristoosiin harkifamteeti.
Haati manaas jaalala abbaa manaa isheef qabdu irraa kan ka’e kana gochuun eegama.

2. Maatii Kunuunsuu

Jireenya maatii kan hordoftu, to’atuuf soora kan yaaddu haadha manaa ti (Fak 31:10-32, 14:1).
Jireenya maati soda irraa walaba kan gootu haadha manaa ti.

11. Walii galtee gaa’ela keessatti ta’u

Walitti dhufeenyi Gaa’ela keessatti mul’atu kallattii sadiin

1. Walitti dhufeenya abbaa manaa fi haadha manaa (uum 2:24)

20 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

2. Walitti dhufeenya obboleessaa fi obboleettii (1Qor 9:5)


3. Walitti dhufeenya abbaa budeenaa (Mil 2: 14-16)

Dhugaa Macaafa qulqulluu kana sirriitti kan hubatanii fi itti fayyadaman meeqa? Egaan walitti
dhufeenyi haadha manaa fi abbaa manaa haala armaan oliitiin kan jabaate yoo ta’e, gaa’ela gaarii
fi cimee dhaabbatu ta’a. Kana gochuuf ammoo walitti dhufeenya isaanii ifa gochuu qabu. Kan
isaan gidduu jiru walitti dhufeenya ifaa waan ta’eef homaa dhoksaan hin jiru, walitti dhufeenyi
ammoo caalaatti wal baruu dha. Abbaa manaa fi haati manaa jireenyaa yeroo dheeraa keessatti
kan caalu wal baraadhufu.

Kanaafuu waliin turtii keessatti irra caalaatti wal baraa deemu. Kophee fi gaa’eli bulee namatti
tola jedhama karaa biraatiin ammoo walii galteen abbaa manaa fi haadha manaa kan
raawwatamu karaa sadiin.

Isaanis:- Dubbachuun, dhaggeeffachuu fi hubachuu dha

1. Dubbaachuu: Waan barbaanne gudunfinee qabuu irra baafnee dubbachuu barbaachisa. Dhugaa
kanas jaalalaan ibsuun barbaachisa. Akkasumas jechoota fillannee dubbachuutu nurraa eegama.
(Efe 4:29, Qol 4:6).

2. Dhaggeeffachuu : Dhaggeeffachuun of tasgabeessuu fi qophii qabata. Yeroo baay’ee walitti


bu’iinsa osoo hin taane isa deebii kennuuraati. Dubbii keessatti walii galuufis ta’e walitti bu’uuf
namichi deebi kennu murteessaa dha. (Fakk 15:1) “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa;
dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.”

Yeroo baay’ee dubbachuu qofa osoo hin taane, waan namni biro jedhu yeroo kennuun
dhaggeeffachuun barbaachisaa dha. Akkasumas waliin kadhachuun barbaachisaa dha.

3. Hubbachuu: Namni biraa yemmuu dubbatu suuta jedhanii dhaggeeffachuu qofa osoo hin taane
yaada isaa illee hubachuun gara walii galteetti nama fida. Dubbii isaan booda wanta jiru sirriitti
hubachuu qabna. Maal yaadni ijoo isaa kan jedhu adda baasnee hubachuutu nurraa eegama.

21 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

Abbaa manaa fi haadha manaa inni tokko yaada isa tokkoo hubachuu yemmuu danda’utti
waliigaluun jabaachaa deema.

Abbaa Manaa fi Haadha Manaa Gidduutti seera walii galtee

Barattoonni koorsii kana yemmuu xumuranitti abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti walitti
dhufeenya uumuufi hanga dhumaattis nageenyaan jiraachuuf naamusa barbaachisan intarreessu.
Bu’aa armaan olii fiduus:

1. Walitti dhufeenyi gaariin maal akka ta’e ibsuu tu irraa eegama.


2. Abbaa manaa fi haati manaa jaalala gidduu isaanii jiru yeroodhaa yerootti guddachaa
akka deemuuf waan hojjetan walii ibsaa deemutu irraa eegama
3. Walii galteen haadha manaa fi abbaa manaa yeroo dhaa yerootti akka guddatuuf naamusa
barbaachissoo ta’an beekuutu irraa eegama
4. Abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti walitti dhufeenya sirrii jiru kan balleessaa irratti
ejjennoo fudhachuu
5. Walitti bu’iinsi in baay’ata yoo ta’e itti yaaduun karaa itti dhabamsiisaan mari’achuu

11.Waliigalteen Abbaa Manaa fi Haadha manaa gidduutti akka jabaatee


dhaabatuuf maaltu ta’uu qaba?

1. Yeroo fudhatanii tasgabbiin mari’achuu: waa’ee hojii, waa’ee firootaa, waa’ee karoora
garafuulduraa, waa’ee miira keenya waa’ee qabaa maallaqaamara mari’achuu qabna.
2. Rakkoon yoo uumame waliin hiikuuf yaaluu malee isa tokkotti sababeessuu hin
barbaachisu. “Balleessaan kan eenyuuti?” jechuu osoo hin taane “Rakkoochi maal?” kan
jedhu irratti xiyyeeffachuu dha.
3. Yeroo hundaa jijjiiramuuf qophaa’uu. Kanaaf immoo bilchinnaafi gad of qabuu
barbaachisa.
4. Abbaa manaa ykn haadha manaa jecha miidhu dubbachuu irraa of qusachuu
5. Waan irraan fatame, awwaalame, haaluu qabachuun qotaanii baasuun irratti wal qoccoluu
hn barbaachisu.

22 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

6. Inni tokko isa kaaniif akka ho’u itti agarsiisuu


7. Yeroo hundaa waliin kadhachuu fi macaafa qulqulluu waliin dubbifachuu abbaa manaa fi
haati manaa yeroo itti qofaa isaanii ta’anii kadhatan qabaachuu qabu. Yeroo itti kadhatan
qabaachuu qabu. Giddu galeessi jireenya gaa’elaa kiristaanaa kadhannaa waan ta’eef.

Walitti Dhufeenya Gaarii Abbaa Manaa fi Haadha manaa Gidduutti rakkoo uumaan keessaa

1. Sodaan jiraachuu:- shakkii, soda fi ifa ta’uu dhabuun walitti dhufeenya gaarii boorressa
2. Wal dhaggeeffachuu dhabuui Yeroo inni tokko dubbatu kaan adda kutaa, mormii hin
taane keessa seenuu
3. Hojii ofitti baay’isuu: Yeroo gahaa hiriyaa gaa’elaaf kennuu dhabuu, waliin bashannanuu
dhabuu, saalquunnamtiifis, jaalala jechaan ibsuu dhabuu, waliin kadhachuu dhabuu,
waliin gara waldaa Kiristaanaa deemuu dhiisuu, walitti dhufeenya abbaa manaa fi haadha
manaa miidhuu danda’a.
4. Itti gaafatamumnaa Abbaa fi haadhaa ba’uu dhabuu

Mucaan yemmuu dhalatu itti gaafatamummaan dabalama yeroo maatii, qarshii fi humans
gaafata. Kanneeniif yeroo kennuun akka jiru dagachuu hin qabnu. Macaanii fi hiriyaan gaa’elaa
seeraan qabamuu qabu.

5. Boo’icha, dheekkamsaa fi aariin gaa’elaaf boombii sadan jedhamanii beekamu

“kan dheekkamee fi kan maraate tokko jedhama.” Gaa’eli maatii Kiristaanaa egaan
xiyyeeffannoo akkanaa ta’uu hin qabu.

6. Dhiifama waliigochuu dhabuu


7. Abbaa manaa fi haati manaa namoota biro duratti wal qoccoluu, wal kabajuu dhiisuu
8. Waliin kadhachuu dhabuu, sagalee waaqayyoo waliin dubbisuu dhiisuu

Gaa’eli waliin jabaachuun kan cimuufi dhaabbatu mana barumsaa umrii guutuu ti. Bifti isaa adda
addaa ta’u malee maatii kam keessa illee walitti bu’iinsi jira. Gaa’ela isaanii hanga dhumaatti
cimsanii kan qabanii fi kan diigaan garaa garummaan isaanii inni tokko rakkoo jiru yeroon yoo

23 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

hiiku kaan immoo callisuun gara hiikkotti fiduu dha. (Mat 5:9, Rom 12:18, Fak 16:7, 2Qor 5:17-
20)

12.Walitti Bu’iinsi Maaliif Jabaata?

1. Wanti dhala namaaf barbaahisan osoo hin guutin yoo hafan


2. Qaamaaf wanti barbaachisu osoo hin guutin hafuu
3. Wabii argachuu dhabuu
4. Jaallatamuu fi barbaadamuun yemmuu dhabamu
5. Namoonni bakka yaadan osoon hin gahin yemmuu hafan

Walitti bu’iinsi akkamitti jabaata?

1. Rakkoon sirriitti osoo hin hiikamin yemmuu hafu.


2. Garee tokko irraa sirrummaan osoo eegamuu osoo hin guutin yemmuu hafu.
3. Obsiyemmuu badu, dheekkamsi yoo baay’atu
4. Waa’ee dhuunfaa ofii daangaa kan dhabe (baay’eel ol of kaasuu ykn gad of buusuu).
Miirri akkanaa yemmuu jiraatu walitti bu’iinsi cimaa deema. Fallaan warra kana ammoo
walitti bu’iinsi akka dhabamu godha.

13. Rakkoolee Gaa’elaa

1.Hiikkaa

Rakkoolee gaa’eelaa keessaa tokko hiikkaa yemmuu ta’u innis wanta waaqayyo jibbu keessaa
tokko dha. Macaafin Qulqulluun karaa kamiyyuu hiikkaaf beekamtii hin laanne. Hiikkaa akka
filannootti fayyadamuun barsiisa macaafa Qulqulluun kan wal faallessu dha. Abbaa manaa fi
haati manaa akka wal hiikan kanneen godhan keessaa kanneen ijoon kan itti aanani dha.

Mucaa godhachuu dhabuu kun dhiibbaa aadaa qaba. Fedha Waaqayyoo fi haala fayyummaa osoo
hin hubatin ilaalcha aadaa fi abaarsa waliin walqabsiisuun madaalii isaakan hin eegganne murtee
kennuun warra gaa’ela keessa jiran gara hiikkaatti geessu. Garuu bu’uurri gaa’elaa mucaa

24 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

godhachuu osoo hin taane, wal gargaaruun jiraachuun Waaqayyof ulfina kennuuf. Ijoolleen
kennaa Waaqayyoo ti. Eebba dabalataatis. Kanaaf Waaqayyo ijoollee kennuus kennuu baatus
gaarummaaf (Rom 8:28-32). Mucaan waan hin dhalanneef furmaatin isaa hiikkaa osoo hin taane
waliin obsaa jiraachuu dha. Kiristoos keessa yoo jiraate gaa’elli mucaan dhibe illee guutuu dha.
Kanaaf fiixaan ba’iinsa gaa’ela tokkoof dirqama mucaa godhachuu miti.

2. Abbaa manaa fi haati manaa waliin jiraachuu dhiissuu

Sababa hojiitiif barumsaaf biyya garaagaraa jiraachuun Abbaa manaa fi haadha manaa
Kiristaanaa tokkoof gaarii miti. Sababni isaa:-

 Wal amanuu dhabuun gidduu isaanitti uumamuu danda’a


 Itti gaafatamummaan isa tokko irratti qofa ta’a
 Ejjatti kufuuf qormaatin in baay’ata. Karaa biraatiin abba manaa fi haati manaa yoo
waliin jiraatan waantota gaarii ta’e hedduu waan buufataniif waldaan Kiristaanaas kana
deggeriti.

3. Walamanuu dhabuu sababa ejjaan abbaa manaa fi haati manaa wal shakku yoo ta’e,
rakkoon isaanii itti hamaataa deema. Kanaaf furmaatni wal hiikkaa osoo hin taane dhiifamaan
bira darbuutu filatama.

4. Raakkoo qabiinsa qarshii fi itti fayyadama isaa qarshii jaallachuu hundee waan
hamaa hundaa ti. Qarshiin nama qora Namoonni hedduun sababa jaalala qarshiin hojii isaanii
dhabanii kufaniiru

5. Haala guddisa Ijoollee

Akkaataa sadarkaa isaaniitti ijoollee keenya qabuun barbaachisaa dha. Adabuu yoo ta’es walii
galteen adababuutu barbaachisa. Inni tokko yemmuu adabu kaan ammoo gidduu seenuun dhorka
yoo ta’e jireenya gaa’elaa booressa. Ijoolleen ulfina Waaqayyoof akka jiraatan barsiisuun gaarii
dha. Kunis itti gaafatamummaa maatiiti. Akkasumas ijoollee wal caalchisuu hin qaban.

25 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

6. Firoota wajjin walitti dhufeenya jiru: sagaleen waaqayyoo maatii keenyaaf firoottan
keenya akka jaallaanu nutty dubbata. Sababa gidduu seenuu firaa irraa kan ka’e gaa’elli
diigaman hedduu dha. Yeroo firoonni haadha manaa fi abba manaa walitti buusan callisaan bira
darbuu hin barbaachisu. Fuulaa fuulatti mariin haala jiru hiikaa argamsiisuun darbuun gaarii dha.

Fakkeenya Ruutii fi Nuhaamin fudhachuun gaarii dha. Ruuti maatii Nuhaamiiniif kabaja
laatte. In jaallatees. Firoota abbaa manaa fi haadha manaa jaallachuun qabna. Kabajuus qabna.
Akkasumas kadhachuufii qabna. Hiriyaa gaa’eelaa keenyaan marii osoo hin godhin gargaarsaas
ta’e kennaa kennuutiin suuta suuta walitti bu’iinsa uuma. Kanaaf waan hundumaa mariinii fi
jaalalaan gochuu qabna.

7. Rakkoo saal quunnamtii

Wal quunnamtiin saalaa Waaqayyo biraa kennaa kenname dha. Macaafni qulqulluun “Waaqayyo
dhiiraa fi dubartii godhee uume” (um 1:27) waa’ee jireenya wal quunnamtii saalaa dubbata.
Waaqayyo yemmuu uumutti qaamaa fi miira saalaa wajjin. Macaafni Qulqulluun waan ifatti
kaa’uu dubbachuuf qaanii hin barbaachisu.

Haa ta’u malee sababa cubbuu irraa kan ka’e waa’een walquunnamtii saalaa dubbachuun qaanii
ta’e. Toora isaa irraas kaate kun immoo ifaa ifatti akka hin mar’atame godhee diigamuu
gaa’elaaf sababa ta’uu danda’e. Diigama gaa’ela baay’eef sababni rakkoo saal quunnamtii ti.

Egaan sababa cubbuu irraa kan ka’ee waa’ee walquunnamtii saala ifatti hin mari’atamu, gaa’ela
keessatti illee. Kun immoo gara hiikkaatti fidaa jira. Nuti garuu akka ifti wangeelaa warra
ifeefitti abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti ifatti akka mari’atamu gochuu akka
amaleeffatamu baruu qabna. Kun immoo gaa’ela balaa irraa hambisuu danda’a. Gahee inni
gaa’ela keessatti qabus guddaa dha. Kanaaf abbaa manaa fi haati manaa dhimmaa kanaa ifatti
mari’achuu qabuu. Karaa kanaa rakkoo yoo hin qabaanne rakkoo biro keessa darbuun hin
ulfaatu. Saalquunnamtiin karaa jaalala itti walii ibsan gaa’ela keessatti (Fakk 5: 18-19) .

26 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

Walquunnamtii saalaa Gaa’ela keessatti

Abbaa manaa fi haadha manaa osoo hin ta’in wal quunnamtii saalaa raawwatu Waaqayyo in
jibba. Kana qofa osoo hin taane gaa’elaa alattis wal quunnamtiin saalaa godhamu
quulawaaqayyootti wanta jibbamee fi cubbuu dha.

Lafa irratti Abbaa manaa fi Haati manaa warri jalqabaa Addaamii fi Hewwaan Walquunnamtii
saalaa akka raawwatan Uumama 4:1 irratti dubbisina. Macaafin qulqulluun dhimma kana yoo
hin tuffanne, hin qaannoofne, callisee biro hin darbine nutis qaanna’uufi callisaan bira darbuu
hin qabnu. Innumaayyuu haala ajaa’ibsiisaan Waaqayyo qaamaa fi miira saal quunnamtii inni
uumeef galata galchuun karaa inni ittiin raawwadhaa jedhu beekuu qabna. Kunis karaa gaa’elaa
qofa. Abbaan manaas ta’e hiikkaatti isaan harkisuu danda’a. Rakkoo kana keessatti uumanu
callisaan bira darbuu hin barbaachisu. Baasanii ifatti mari’achuutu furmaata fiduu danda’a.
Abbaan manaa miira haadha manaa sirriitti yemmuu hubatu isheenis miira abbaa manaa ishee
yoo hubatu gaa’elli isaanii fiixaan baa’isaa gaarii qabaata. Rakkoo biro hiikuufis itti salphata.
Iccitiin kana caaluu waan hin jirreef kan biros mar’achuu danda’u; obsuus danda’u.

Rakkoon saal quunnamtii yemmuu jiraatutti inni tokko fedha dhabu mallattoolee agarsiisan
keessaa, “na dhukkuba,” jechuu kkf raakkoon akka jiru kan agarsiisan dha. Waa’ee
walquunnamtii saalaa fi biraa qabuu osoo hin taane ifatti mari’achuutu furmaata fida.

1. Qulqullummaa ofii fi kanneen biroo eeguun haalota mijeesutu barbaachisa.


2. Walitti bu’iinsi yoo jiraate dhiifama walii gochuu akkasumas ifatti marii gochuun
xumuruu, sagalee jaalalaan wal haasofsiisuu.
3. Waa’ee walquunnamtii saalaa beekumsa gahaa qabaachuu.
4. Sadarkaa itti miira dhumaa irra gahaa walii hubachuu. Miirri dhiiraa ilaaluu qofaan
kaka’uu danda’uu, kan dubartii garuu akka ho’iinsa kaawwayyaa ol ka’aa gad bu’aa
suuta waan ta’eef abbaan manaa kana hubachuun, suuta suta miira haadha manaa isaa
kakasuu qaba. Yeroo kana jaalalaan waa’ee qaama ishee ajaa’ibsiifachuun ta’a.

27 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

Miirri dhiiraa yoomiyyuu yeroo gammachuus ta’e gaddaa saal quunnamtiif qophaa’aa dha. Kan
dubartootaa garuu Waqtiileen waan geggeeffamuuf waqtii qabu. Yeroo dhiiga ji’aa guyyaa
1-14tti miirri isaanii qophaa’aa yemmuu ta’u, guyyaa 14-28 immoo wal quunnamtii saalaaf
qophaa’aa miti.

Kanaaf haati manaa yeroo tokko tokko walquunnamtii saalaaf waan hin kakaanaaf itti
murteessuu hin qabu abbaan manaa. Walii hubachuutu barbaachisa.

Haati manaa abbaa manaa irraa, Abbaan manaas haadha manaa irraa waan barbaadan akka
armaan gadiitti.

Haati manaa Abaaa manaa irraa:

Jaalala haasaanii fi hojiin argisiifamu, marii gaarii, amanamummaa, ifummaa, deggersa fi abbaa
manaa maatii isaatii yaadu. Kadhannaatti jabaachuu fi sagalee Waaqayyoon geggeeffammn yoo
maatii keessa jiraate, gaa’elli madaallii isaa kan eeggate ta’a.

Abbaan manaa Haadha manaa irraa:-

Wal quunnamtii quubsaaf yeroo adda addaa fi bakka adda addaatti haadha manaa isaa waliin
bashanannuu, of ishee qulqullummaan kan qabdu, maatii sirriitti qabuuf dandeettii kanqabdu.

28 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

14. Goolaba (Conclusion)

Qajeelfama bu’uuraa Gaa’elaa Qo’achuun gudunfina

1. Jaalala

Jaalalli fedhii irratti kan hundaa’e of dabarsanii nama biroof kennuu, rakkoo namootaa
hirmaachuun aarsaa ofgochuu dha. Jaalala dhokataa irra jibba mul’atu wayyajedhamee
caafameera. Jaalala keenya jechaa fi hojiin mul’isuu qabna. Kana ta’uu baannaan garuu
qal’achaa deemee du’uus danda’a.

2. Dhiifama

Hiikaan gaa’elaa inni biro ammoo dhiifamni jiraachuu dha. Gaa’elli uumamaa fi haala naannoo
irraa kan ka’e jireenyaa fi eenyummaa garaa garaa kan qaban dhiirri tokkoo fi dubari tokko
jireenya waliin jiraatani dha. Kumammoo waan guyyaa dhaa guyyatti isaan quunnamu waliin
hirmaachuun kan raawwatamu dha. Yeroo kanatti balleessaa isaanii illee walii dhiisaa kan
jireenya isaanii itti fufan ta’uu qaba. Kana qofa osoo hin taane akka sagalee Waaqayyottis walitti
dhufeenya isaanii cimsachuu kan danda’an waliin kadhachuu fi dhiifama walii gochuun. Yoo
walitti bu’iinsi jiru abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti hiikamuu dide nama biro gidduu
galchuu dha. Tokkummaan isaanii akka cimuuf araara barbaachisu buusuu dha.

3. Wal danda’uu

Gaa’elli gaariin kan hojjetamu malee kan uumamu miti. Nama tokkoof gaa’elli gaarii ta’uu fi
dhiisuu isaatiif kan itti gaafatamu kan isaa wajjin jiraatu dha. Sibiilli akkuma sibiila qaru gorsaa
fi kadhannaan waan hamaa fi badaa ta’e waan gaariin mo’achuun jaalala itti agarsiisaa,
hiriyyoonni gaa’ela dhaabbatan fuula namaa fi fuula Waaqayyootti guddachuu qabu.

29 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

Eli’el-Dhaloota Kiristosiif; Dhaabbata Leenjii M/Qulqulluu
Eliel-Generation For Christ Bible Training Inatitute

4. Iftoomina

Abbaan manaa fi haati manaa yeroo gahaa dhimma isaanii ifaa ifatti itti mari’atan qabaachuu
qabu. Keessattuu dhimma saal quunnamtii irratti wal qaaneffachuu hin qaban. Akkasumas
dhimma jireenya hafuuraa irratti bilisaan mari’achuu qabu, sagantaa adda addaa baafachu illee
yeroo gahaa qabataanii walii mari’achuu qabu ifatti.

5. Wal kabajuu

Hiri’ina garaa garaa qabatus haati manaa abbaa manaa ishee adaraa Waaqayyo harkaa fuute
waan ta’eef kabajuu qabdi. Akkasumas abbaan manaa haadha manaa isaa kabajuu fi jaallachuu
qaba, kakuu galeefi adaraa Waaqayyoo waan taateef.

6. Tokkummaa

Hiriyaa gaa’elaan adda bahuu jechuu gooftaattii adda bahuu ta’uu hubachuun lammata fuudhuu
osoo hin taane, Waaqayyoo hiikkaan jibba waan jedheef balleessaa guddaa ta’a. (1Qor 7:10,
Mat5:31)

30 Eliel “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: eliel0607generation@gmailcom Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440

You might also like