Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 94

Ministry of Education

MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA


BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN
BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF
QOPHAA’E

Itoophiyaa 2015
Pirojektii READ TA

Pirojektiin kun ALA Onkoloolessa bara 2012 eegale. Pirojektichi waggaa shaniif kan turu yoo ta’u, gar-
gaarsa teeknikaan dandeettii ga’umsa dubbisuu Itoophiyaa cimsuuf yaadamee, raawwii dubbisuufi
barreessuu barattoota sad. 1ffaa 15,000,000 ta’anii fooyyeessuuf kan qophaa’edha. Kunis afaanota
dhalootaa Itoophiyaa keessaa torba (Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo, Sidaamaa Afoo, Afsomaalee,
Afaan Tigiree, Walayittaatoofi Hadiyyisaa) akkasumas Afaan Ingilizii dabalatee akka hojirra ooluuf kan
wixinamedha.

Pirojektii READ-TA kan hojiirra oolchan dhaabbata RTI (Research Triangle Institute)fi Dhimmam-

tootasaa, Save the Children, INVENEO, Florida State University, (FSU), SIL LEAD, WHIZ KIDs Workshopfi
Africa Development Corps jedhamanidha.

Deeggarsa Teeknikaa Dandeettii Dubbisuu


Itoophiyaa Cimsuu Lakkoofsa Waliigaltee
Marabbaa: AID-663-A-12-00013
Reading for Ethiopia’s Achievement Developed

Technical Assistance (READ TA)

Cooperative Agreement No.: AID-663-A-12-00013

Maanuwaalii Deeggarsa Ogummaa Barsiistota


Afaan Oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa
Tokkoffaaf Qophaa’e

Itoophiyaa 2015

Itti Gaafatamummaa:
Maanuwaaliin kun deeggarsa Dhaabbata Misoomaa Idil-Addunyaa Yuunaaytid Isteetisi
(USAID) karaa piroojektii READ TA Itoophiyaatiin Lakk. Waliigaltee marabbaa AID-663-
A-12-0013 irratti hundaa’ee kan qophaa’edha.
Maanuwaaliin kun dhaabbilee READ TA/SCI, fi Ministeera Barnootaatin qophaa’ee,
USAIDtiin keessa deebi’amee akka ilaalamuuf kan dhiyaatedha. Haata’u malee, yaadni
barreessitootaa maxxansa kana keessatti ibsame yaada USAID ykn Mootummaa Ameerikaa
kan calaqqisiisu ta’uu dhiisuu nimala.
Gabaajeewwan

HO Hojiirra Oolchuu

D Deeggaruu

J Jalqabuu

HADh Hojiin Agarsiisuu Dhiisuu

HKH Hojiirra Kan Hinoolle

DOW Dagaagina Ogummaa Walitti fufaa

MDKJ Madaallii Dubbisuu Kutaalee Jalqabaa

EGRA Early Grade Reading Assessment

READ TA Reading for Ethiopia’s Achievement

Developed Technical Assistance


Galata

Maanuwaalii deeggarsa ogummaa barsiistotaa Afaan Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kun
garee oggeeyyii Ministeera Barnootaa, Biiroo Barnootaa, Dhaabbilee RTI fi Save the Children waliin
walitti dhufamee kan qophaa’edha.

Hojiin kun gorsitootaafi ispeeshalistoota dubbisuufi barreessuu Afaan Oromoo manneen barnoota
sadarkaa tokkoffaa, ogeeyyii Afaan Oromoofi ogeeyyii leenjii hojiirraa kan ofkeessatti hammatedha.
Qophii maanuwaalii deeggarsa ogummaa barsiisummaa kanaaf deeggarsa maallaqaa kan gumaache
Dhaabbata USAID Ethiopia yoo ta’u, deeggarsa teekinikaafi tumsa kan taasisan immoo Ministeera
Barnootaa, Biiroo Barnoota Oromiyaafi Dhaabbata READ TA dha.

Ogeeyyiin gareen hojjetan kun maanuwaalii deeggarsa ogummaa barsiisummaa manneen barnoota
sadarkaa tokkoffaa keessattii barsiistota afaan oromoo barsiisaa jiraniif akka wabeeffannaatti gargaaruuf
kan qophaa’edha. Hirmaattotni qophii kanaa hundi beekumsaafi dandeettii isaanii barsiistota afaan
oromoo manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa itti fufiinsaan akka cimsataa deemaniif gumaacha guddaa
waan taasisaniif galata guddaa qabu.

i
Qopheessitootaafi Madaqsitoota Maanuwaalii Deeggarsa Ogummaa Barsiistota Afaan
Oromoo Manneen Barnoota Sadarkaa Tokkoffaa Qopheessan

Abarraa Laaqawu - Ministeera Barnootaatti, Daayiraktoreetii Misooma Afaan

Dhalootaafi Afaan Ingilizii


Musxafaa Ayyalaa - Ministeera Barnootaatti Ogeessa Barnoota Afaan Oromoo
Amsaaluu Dabaloo – Biiroo Barnoota Oromiyaatti, Ogeessa Leenjii Barsiistotaa
Mulugeetaa Dheeressaa - Qindeessaa Leenjii Barsiistotaa ‘Save the
Children/READ TA’ Oromiyaa
Damee Ginbaar – ‘Save the children/READ TA’ Oromiyaa, Gaggeessaa Leenjii
Naannoo Oromiyaa
Miiliyoon Morkii – ‘Save the children/READ TA’ Oromiyaa, Gaggeessaa Leenjii
Naannoo Oromiyaa

Margaa Dabaloo - READ-TAtti Ispeeshaalistii Dubbisuufi Sirna Barnootaa


Naannoo Oromiyaa
Geetaachoo Asaffaa - Ispeeshaalistii Imaammataafi Ijaarsa Dandeettii READ TA
Oromiyaa

Girmaa Guddataa - Barsiisaa Kolleejjii Barnoota Barsiistotaa Fiichee

Kadir Bulloo - Barsiisaa Kolleejjii Barnoota Barsiistota Bulee Horaa


Maanuwaalii Deeggarsa

Baafata

Fuula

BOQONNAA I

1. Seensa 1 1
1.1 Seen-duuba 1
1.2 Barbaachisummaa Maanuwaalichaa 1
1.3 Kaayyoo Maanuwaalichaa 2
1.4 Xiyyeeffannoo Maanuwaalichaa 3
1.5 Maanuwaaliin Kun Eenyuuf Qophaa’e? 3

BOQONNAA II

2. Maalummaa Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa 4


2.1 Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa: Akka Dagaagina Ogummaa Walittifufaa Barsiistotaatti 4
2.2 Kaayyooleefi Bu’aalee Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa 7
2.3 Qajeeltoowwan Deeggasa Ogummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa 8
2.4 Marsaa Deeggarsa Ogummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa 10

BOQONNAA III

3. Adeemsa Deeggarsa Ogummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa 11


3.1 Amaloota Ijoo Sirna Barnoota Haaraa Afaan Dhalootaa Mana Barumsaa 11
Sadarkaa Tokkoffaa Hubachuu
3.1.1 Waa’ee meeshaalee sirna haaraa barnootaa afaan dhalootaa manneen barnoota 12
sadarkaa tokkoffaaf qophaahanii
3.1.2 Qindaa’ina Qabiyyeewwaniifi Barannoowwan Meeshaalee Sirna Barnoota 13
Haaraa Barnootaa sadarkaa Tokkoffaa
3.1.3 Baruufi Barsiisuu Kallattii 18
3.1.4 Caacculeefi Tooftaalee Baruufi Barsiisuu Gahumsaan Dubbisuu 20
3.1.4.1 Hubannoo Sagalee Dubbii Barsiisuu 21
3.1.4.2 Hubannoo Walitti Dhufeenya Qubeefi Sagalee Barsiisuu 23
3.1.4.3 Gahumsaan Dubbisuu Barsiisuu 25
3.1.4.4 Fayydama Jechootaa Barsiisuu 27
3.1.4.5 Barreessuu Barsiisuu 27

3.1.4.6 Hubannoo Dubbisuu Barsiisuu 29
3.1.4.7 Dhag-dubbii (Dubbachuufi Dhaggeeffachuu) Barsiisuu 31

i
Maanuwaalii Deeggarsa

3.1.4.8 Caasluga Barsiisuu 34


3.1.5 Baruufi Barsiisuu Daree Barnootaa Koornayaa Giddugaleeffata 35
3.1.6 Daree Hundammatoo Keessatti Tooftaalee Barsiisuu 36
3.2 Gargaarsa Deeggarsa Ogummaa Afaan Dhalootaa 38
3.2.1 Fedhiiwwan Deeggarsa Ogummaa Adda Baasuu 38
3.2.2 Gargaarsa Deeggarsa Ogummaa Afaan Dhalootaaf Karoorsuu 44
3.2.3 Hojiiwwan Deeggarsaa Barsiisota Deeggartoota Afaan Dhalootaatiif 47
3.2.3.1 Barannoo Daawwachuu 47
3.2.3.2 Yaaddeebii Sirreessaa Kennuu 47
3.2.3.3 Barannoo Moodeleessuu 56
3.2.3.4 Fooyya’iinsa Deeggaramtootaa Madaaluu 59
3.2.3.5 Deeggaramtoonni Waan Yaadan Calaqqeen Akka Dhiheessan Kakaasuu 62

3.2.3.6 Dandeettiiwwan Haala Mijeessuu Leenjisuu 63

3.2.4 Sagantaa Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa Gabaasuu 67

Wabiilee 68

Dabalee I
Deeggaramtoota Waliin Gabaasa Qindeessuu 69
Dabalee II
Wixinee Daawwannoo Barannoo Afaan Dhalootaa (Kutaa 1-4) 72
Dabalee III
Qiyyeeffannoo Daawwannoo Barannoo Afaan Dhalootaa (Kutaa 5-8) 79
Dabalee IV

Poortifooliyoo Ogummaa Qopheessuu 85

ii
Maanuwaalii Deeggarsa

BOQONNAA I

1. Seensa
1.1. Seen-duuba

Bara 2000 irraa eegalee Itoophiyaan Madaalliiwwan Barnootaa Biyyoolessaa (Marsaawwan afuriin)
gaggessaa jirti. Bara 2010tti immoo Madaalliin Dubbisuu Kutaalee Jalqabaa (MDKJ/EGRA)
gaggeeffamee ture.Madaalliiwwan barnootaa hundi raawwiin barattoota Itophiyaa quubsaa akka hin
taane agarsiisu. Fakkeenyaaf, akka Madaallii Dubbisu Kutaaalee Jalqabaa (MDKJ/EGRA) keessatti
mul’atetti barattoonni kutaa 2 fi 3 madaallii kanaan sakatta’aman irraa caalaan isaanii jecha tokkollee
afaan dhalootaa isaaniitiin dubbisuu kan hindandeenye ta’uun mirkanaa’ee jira.

Dagaaginni dandeettiiwwan dubbisuufi barreessuu barnoota afaaniis ta’e gosa barnoota biroo barachuuf,
akkasumas milkaa’ina barnoota waliigalaatiif bu’uura ta’aniyyuu, argannoon MDKJ qaanessaa ykn
naasisaa ture.Gareen ogeeyyii biyya keessaafi biyya alaa silabasii afaan dhalootaa kanaan dura ture
xiinxaluun Itoophiyaan dubbbisuu fi barreessu kallattii ifa ta’een barsiisurratti hanqina akka qabdu adda
baasee jira. Ministeerri Barnootaa (deeggartoota misoomaa wajjin) haala sodaachisaa kana hubachuun
pirojektiiwwan READ akka hundeeffamu taasise. Isaan keessaa pirojektiin READ TA isa tokkodha.

READ TA (Reading for Ethiopia’s Achivement Develped-Technical Assistance): pirojektiin kun manneen
baruumsaa Itoophiyaa keessatti afaan dhalootaatiin dubbbisuufi barreessu barsiisuu fooyyessuuf,
deeggarsa ogummaa Ministeera Barnootaa fi Biiroo Barnoootaa Naannooleef deeggarsa kennuuf kan
dhaabbatedha. Pirojektiin kun hojii isaa kan eegale, deeggarsa fooyyessuu silabasii afaan dhalootaa
biyyoolessaa taasisudhaani. Itti aansuunis, kitaabilee barannoo afaan dhalootaa kutaa 1-8 (kitaabilee
barattootaa fi Qajeelchawwan barsiistotaa) afaanota torbaan marsaa lamaan jalqabaa kutaa 1-4 fi itti
aansuun kutaa 5-8 akka fooyya’an deeggaree jira.Hojiin pirojektii READ TA caacculee leenjii barsiistotaa
hojiin duraafi hojii irraa akkaataa ittiin deeggaramuu qaban waliin adda baasuun of keessatti hammata.
Haaluma kanaan, barsiistonni kutaa 1-4 hojii barsiisuurra jiran kitaabilee barannoo afaan dhalootaatiin
fooyya’anii bifa haaraatiiin qophaa’an irrratti guyyoota kudhaniif leenji’anii jiru. Kunis, jalqaba bara
barnootaa 2007irraa eegalee hojiirra akka oolu ta’ee jira. Haata’u malee, hojiirra oolmaa isaa ammaaf
bal’inaan ilaaluuf yeroon isaa jalqabarra ta’us, wanti dhugaa ta’e tokko ni jira. Innis, maleenyi afaan
dhalootaa fooyya’e kun kan barsiistonni kanaan dura itti fayyadamaa turan irraa haaraadha. Kanaafuu,
barsiisota rakkisu danda’a. Kunis, qorannoo ka’umsaa gabaabaa barannoo kitaabilee kutaa 1-4 fi 5-8
irratti adeemsifamerraa hubatamee jira.

Yoo haalli kun dhugaa ta’e, deeggaarsi ogummaa barsiisummaa walitti fufaa ta’e (leenjii jalqabarratti
kennamuun alatti) kennuun dirqama ta’a. Maanuwaaliin kunis, dhimma kana giddugaleeffachuun
qophaa’ee jira.

1.2. Barbaachisummaa Maanuwaalichaa

Haalonni maanuwaaliin deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisota afaan dhaloootaa kun akka

1
Maanuwaalii Deeggarsa

qophaa’u taasisan:

a) Sakatta’insa si’ataa READ TAn Waxabajjii 2007 manneen barumsaa dhiheenya irra jiran irrattii
gaggeesse akka agarsiisutti, deeggarsi ogummaa barsiisummaa barsiistotaa sirna barnootaa haaraa
afaan dhalootaa hojiirra oolchuuf taasifamu quubsaa miti. Kunis, ogeeyyiin barnootaa kanaan
dura karaa al-idilee ta’een, deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiistota sadarkaa jalqabaaf ta’u
gahaa akka hinturre kan dubbatamaa turan waliin wal simee jira. Barsiisonni yoo itti dhiheenyaan
deeggarsa ogummaa hin arganne, gahumsaan jijjiirama hojiirra oolchuu hin danda’an.

b) Itoophiyaan oggeeyyii kenna deeggarsa oggummaa wiirtuu gurmuu manneen baruumsaa shan
of keesatti qabatu barsiistota deeggaruudhaaf ramadaman haa qabaattuyyu malee, ramaddiin
deeggartootaa kunneen gosa barnootaa irratti kan xiyyeeffatamee miti. Ogeeyyiin kunneenis
achitti kan ramadamaniif mala baruu fi barsiisuuu waliigalaarratti akka deeggarsa kennanidha.
Haata’u malee, kitaabileen barannoo haarawaa kallattiidhaan dubbisuufi barreessuu barsiisuurratti
xiyyeeffatan kunneen immoo deegggarsa waliigalaa kanaan galma hin ga’an.Kanaafuu, oggeeyyiin
kenna deeggarsa oggummaa kunneen bariisota afaan dhalootaa gargaaruudhaaf, maanuwaalii
sadarkaa sadarkaan qajeelchuuf gargaaru qabaachuu qabu.

c) Manneen barnuumsaa Itoopiyaa keessatti barsiistonni yeroo yerootti iddoo tokkorraa gara iddoo
biraatti sochii taasisuun rakkoo qabatamaan jirudha. Barsiistonni mana barumsaa tokko gara
mana barumsaa biraatti jijjiiramuu, hojii barnootaarratti ramadamuu, sadarkaa

barnootaa isaanii fooyyeffachuun kutaalee olaanootti jijjiiramuu yookaan ogummaa barsiisummaa


gadhiisuudha.

Kanaaf, sababa barsiistonni yeroo adda addaatti ogummaa barsiisummaa gadhiisaniif giddugaleessummaan
leenjisuun rakkisaadha.

Dabalataanis, waajjiraaleen barnoota aanaa aangoo kennameefiin barsiistota isaanii deeggaruun ogummaa
isaanii dagaagsuuf ittigaafatamummaa niqabu. Kanaafuu, adeemsa deeggarsa ogummaa barsiistota aanaa
isaanii kennuu keessatti maanuwaalii kana qabaachuun baay’ee barbachisaadha.

1.3 Kaayyoo Maanuwaalichaa

Kaayyoon waliigalaa maanuwaalii deegarsa ogummaa barsiisummaa kanaa, deeggartoonni adeemsa


deeggarsa ogummaa barsiistota afaan dhalootaa barsiisaniif kennuu kessatti qajeelcha barbaachisuu
dhiheesuudha.

Dabalataanis, kaayooleen gooree maanuwalichaa:

1. Barsiisonni mana barumsaa sadarkaa jalqabaa afaan dhalootaa akka deeggartootaafi


deegaramtootaatti gaheewwanii fi hariiroowwan waliin qaban ibsuudha.

2. Haala qabatmaa mana barumsaa irratti hundaa’uun aadaa gamtoominaan barachuu uumuun
dandeetti barsiistota afaan dhalootaa fooyyesuudha.

3. Ogummaa barsiisummaa barsiistota afaan dhalootaa sadarkaa mana barumsaatti gabbisuudha.

2
Maanuwaalii Deeggarsa

4. Deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiistota afaan dhalootaa irratti hubanna ifa ta’e sadarkaa
mana barumsaatti uumuudha.

5. Haala itti fayyadama kitaaba barannoo haaraa irratti oftti amantaa bariistota afaan dhalootaa
dabalauudha.

6. Haala walfakkaataa ta’een hojiirra oolmaa kitaabilee barnootaa haaraa mirkaneessudha.

7. Barsiisonni afaan dhalootaa galmagahinsa bu’aa barattootaa akka fooyyessan taasisuudha.

1.4. Xiyyeeffannoo Maanuwaalichaa

Akka waliigalaatti, maanuwaaliin kun haala qabatamaa manneen barumsaa biyya keenyaa keessatti karaa
walirraa barachuu, daawwannaa gareefii waliin dubbiitiin haala mijeessuuf gargaara. Maanuwaalichi
kenninsa deeggarsa ogummaa barsiisummaa qajeelchuun kan shaakalsiisu ta’ee, wantoota akka dhimmoota
yaadiddamaawaa, tooftaalee qabatamoo fi unkaalee hojii deeggartoota ogummaa barsiisummaa qajeelchan
of keessatti qabata. Maanuwaaliin kun boqonnaalee sadiin kan qindaa’edha.

Boqonnaan 1ffaa, wa’ee barbaachisummaa, kaayyoowwanii fi itti fayyadamtoota maanuwaalii afaan


dhalootaa deegarsa ogummaa barsiisummaa ibsa. Boqonnaan 2ffaa, maalummaa deeggarsa ogummaa
(maal akka ta’ee fi maal akka hintaane, qajeeltoowwaniifi raawwii deeggarsa ogummaa barsiisummaa)
kan ilaallatu yoo ta’u, boqonnaan 3ffaa immoo ibsa haala sirna banoota haaraa afaan dhalootaafi
dandeettiiwwaan qabatamoo kenninsa deegarsa ogummaa barsiistota afaan dhalootaaf barbaachisan kan
of keessatti hammatedha. Boqonnaan kunis, amaloota hojii ogummaa maanuwaalichaa keessatti tuqaman
of eeggannoon hubannaa keessa galchuun qindaa’e.Kunis, yaada bu’uuraa deeggarsa ogummaatiin
jalqabee akkamitti sadarkaa sadarkaan hojiirra oolmu hammatee jira. Haaluma kanaan, tokkoon tokkoon
qabiyyee xixiqqaa jalatti unkaaleen barbaachisoon kennamanii jiru.

1.5. Maanuwaaliin Kun Eenyuuf Qophaa’e?

Afaan dhalootaa barsiisuu keessatti deeggartoonniifi deeggaramtoonni maanuwaalichatti olaantummaan


nifayyadamanu. Dabalataanis, dura taa’aa/ ittaanaan mana barumsaa, supparvaayizaroonni wiirtuu, hoji-
raawwattoonni waajjira Barnoota Aanaa, hoji-raawwattootni Misooma Barsiisotaa fi ogeeyyiin Afaan
Dhalootaa sadarkaa Godinaa fi Naannoo irra jiran hundi fayyadamtoota maanuwaalii kanaati. Akkasumas,
Yuunivarsitoonnii fi Koolleejjotni Leenjii barsiistotaa raawwii ogummaa isaanii keessatti maanuwaalii
kana fayyadamuun isaanii barbaachisaadha.

Kanaafuu, maanuwaalichi olaantummaan deeggartoota afaan dhalootaaf akka qajeelchaatti haa qophaa’u
malee, bu’uura wabii lenjii deeggartootaa, qorannoo gochaa sadarkaa mana barumsaatti gaggeeffamuufi
kitaaba wabii dagaagina ogummaa walitti fufaa barsiistotaa ta’uun nifayyada.

3
Maanuwaalii Deeggarsa

BOQONNAA II

2. Maalummaa Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa

Kaayyoon boqonnaa kanaa inni guddaan waa’ee deeggarsa ogummaa barsiisummaa ifa gochuun itti
fayyadamtoonni gaheefi ittgaafatamumaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa afaan dhalootaa irratti qaban
ilaalchisee yaada ifa ta’e kennuudha. Akkasumas, deeggartoonni adeemsa kenninsa deeggarsa ogummaa
keessatti rakkoon yoo isaan qunname hubannoo gahaa qabaachuun furmaata kennuuf nigargaara.

Boqonnaan kun qabiyyeewwan adda addaa afur of keessatti hammatee jira. Isaanis:

• Yaad-rimee deeggarsa ogummaa barsiisummaa akka qaama dagaagina deeggarsa ogummaa


walitti fufaa barsiisotaatti;

• Kaayyoo fi faayidaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisota afaan dhalootaa;

• Qajeeltoowwan deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisota afaan dhalootaa;

• Marsaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisota afaan dhalootaa.

2.1 Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa: Akka Dagaagina ogummaa Walittifufaa Barsiistotaatti

Fooyya’insi amala qabatamaa hojii barsiisotaa keessatti beekamuudha. Kunis, beekumsaafi maddawwan
beekumsaa; barattootaa, fedhii fi hariiroo barattootaa; jijjiirama imaammatichaa yeroo gara yerootti
dhufu ta’uu nidanda’a. Jijjiiramoonni akkanaa kunneenis, seenaa dhala namaa keessatti yeroo kamiyyuu
caala yeroo kana bal’inaan kan mul’atudha.

Barsiistonni carraa dagaagina ogummaa walitti fufaa malee jijjirama kana waliin deemuun ogummaa
isaanii kessa turuun bay’ee isaan rakkisa. Kanaafis, dagaaginni deeggarsa ogummaa walitti fufaa
qaama ogummaa barsiisummaa ta’ee akka jiraatuuf barbaachisaa ta’ee dhufe.Bal’innaan yoo
hubatamu, dagaaginni deeggarsa ogummaa walitti fufaa kan ofkeessatti hammatu barnootaafi barachuu
(ofiin ofqajeelchuu fi muuxannoo barachuu idilaawaa fi al-idilaawaa) kan barsiisonni jireenya isaanii
guutuu keessatti hirmaataniidha. Dagaaginni kanneen barataman hunda (karaa kamiinuu) of keessatti
hammachuun gara shaakala barsiisummaatti fiiduun bu’aan guddina ogummaa barsiisummaa uumma.

Akka wixineen hojii dagaagina ogummaa walitti fufaa biyya keenyatti, dagaagina ogummaa walitti fufaa
jechuun hojii barsiistota fooyessuufi cimsuu hunda jechuudha.Kenninsi deeggarsa ogummaa barsisummaa
karaalee carraa dagaagina ogummaa barsiisummaa ittiin mirkaneeffatanii keessa isa tokkodha.

Deeggartoota, akka barsiistota muuxannoo qaban tokkootti kanaan dura jecha dagaagina deeggarsa
ogummaa walitti fufaafi deeggarsa ogummaa barsiisummaatiin akka walbaratanii jirtu jedhamee
yaadama. Kanaafis wixinee hojii dagaagina ogummaa walittifufa barsiistota biyya keenya (MEO,
23: 2009) ilaalaa.

4
Maanuwaalii Deeggarsa

Namoonni ogummaa garagaraa keessa jiran deeggarsa ogummaatiif akkaataa hojiirra oolmaa isaatiin
hiika adda addaa kennu. Hiikkawwan kunneenis, sadarkaa miira walitti dhiyeenya deggartoootaafi
deegaramtoota giddu jiru; turtii hariiroo fi tajaajila murtaawaa deeggartotaan kennamuniidha. Kunaaf,
ogbarruuleen adda addaa dagaagina barsiisotaa ilaalchisee hiikkawwan armaan gadii kennuu:

• Deeggarsi ogummaa barsiisummaa waliin hojjechuu namoota lamaan jidduutti kan taasifamu
ta’ee tarsiimoo, dagaagina ogummaafi sansakkaa kan deeggarudha.

• Deggarsi ogummaa barsiisummaa walitti dhiyeenyaa cimaafi faayidaa waliinii iratti hundaa’uun
barsiistota muuxannoo gahaa, beekumsaafi dandettii olaanaa qabaniifi kanneen muuxanno gahaa
hinqabnee gidhuutti taasifamudha.

• Deeggarsi ogummaa barsiisummaa hojii itti yaadame, haala irratti hundaa’ee barumsa dabarsuun
deegarsa nama muxxanno olaanaa qabuun kan muxannoo xiqqaa qabuu guddisuufi dagaagsuuf
qajeelchuudha.,

Akkataaa hiikawwan armaan olii sadaniitti yaadrimeen degarsa ogummaa barsiisummaa bifa adda
addaatiiin ibsamee jira.

Hiikni inni jalqabaa irra caalaatti bu’aafi hariiroo deeggartootaafi deeggaramtoota jidduu jiru irratti
xiyyeefata. Kana jechuun garee lamaanuu dagaagina walduukaa qabaatu jechuudha.

Hiikni 2ffaan immoo deeggartoonni ogummicha irratti buleeyyii fi dandeettii olaanaa caalaa akka qaban
eegama.Kanaafuuu,deeggartoonni ogummichaa yeroo hundumaa deeggaramtoota caalaa baay’ee
barbaachisoofi dursi kennamuufii qaba jedha.

Hiikni inni dhumaa immoo irra caalaati kan xiyyeeffatu deeggarsa kallattii tokkoon kennamurrati fakkaata.
Kana jechuun deegarsi ogumma deeggartoota muuxannoo olaanaa qaban irraa gara deeggaramtoota
muuxannoo xiqqaa qabaniitti kan kennamuudha.

Deeggartoota, akka kaayyoolee maanuwaaali kanaa irraa dubbistanitti, barsiistonni afaan dhalootaa
deeggarsa ogummaa barsiisummaa ilaalchisee hiika akkamii hubachuu qabu? Yoo xiqqaate hiika
toko barreesuuf yaalaa.

Hiikni deeggarsa ogummaa barsiisummaa akka maanuwaalii kanaatti waliigaltee (hariiroo waldeeggaruu)
barsiisota lamaan jidduutti (tokko akka deegaraa/tuufi kan biraa immoo akka deeggaramaa/tuutti
ta’uun kan filatamu/ramadamu) ibsa. Kana keessatti wanti hubatamuu qabu deeggartoonni barsiistota
buleeyyii (muuxannoo olaanaa qaban) ta’uun dirqamaa miti. Garuu, barsiisaa/tuu ofitti amanamummaa
fi dandeettii hiriyyoonni itti amanan qabu/du (nama qulqullinaan ragaa qabatamaa dhiyeessu) ta’uu qaba.
Kun immo karaa bilisaafi iftoomina qabuun filatamuu qaba.As jalatti amaloota gaarii deeggartoonnii fi
deeggaramtoonni qabaachuu qaban addaan baasuun barbaachisaa ta’a.Isaan keessaa muraasni akka itti
aanutti dhiyaatanii jiru.

5
Maanuwaalii Deeggarsa

Gabatee 1: Amaloota Gaarii Deeggartootaa fi Deeggaramtootaa

Amaloota Deeggartoota Qaxalee Amaloota Deeggaramtoota Qaxalee


• Yaada ogummaa barsiisummaa keessatti • Yaaddeebbii kennamu fudhachuuf fedhii
barachuuf dhihaate ni jajjabeessu; itti qabu
gaafatamummaas ni fudhatu. • Dagaaginaa fi guddina ogummaa isaanitiif
• Gorsa barbaachisaa yeroo barbaachisaa itti gaafatamummaa nifudhatu.
keessatti ni kennu • Rakkoolee ogummaa isaanii keessatti
• Dhimmoota hojiin walqabatan irratti ofitti isaan mudatan furuuf ittigaafatamummaa
amanamummaan ni tajaajilu dabalataa nifudhatu
• Barannowwan moodela ni agarsiisu
• Waadaa deeggartootaan waliigalan
• Leenjii gahaa akka barbaachisummaa isaatti
kutannoon niraawwatu.
nikennuu.
• Deeggarsa ogumma keessatti adeemsa
• Akka madda odeeffanoofi leecallootti
nitajaajilu deeggaramuu erga xumurani booda,
• Nama madda beekumsaa ta’e adda baasuun namoota biroo deeggaruuf kutannoo niqabu.
itti fayyadamu.

Deeggartoota,

Amaloota armaan olitti tuqaman akka agasiistuutti fayyadamuun maal fooyyessuu akka barbaaddaniifi
deeggaramtoota keessa maal hubachiisuu akka feetan adda baasuu nidandeesu. Kan hubacuu qabdan,
garuu wanti kun amaloota hunda kan hammte miti. Kanaaf, marii deeggarmtoota keessan waliin
taasiftaniifi barruu biro dabalataan dubbisuun amaloota gaarii deeggartootaafi deeggarmtootaa biroo
dabaluu nidandeessu.Deeggarsi ogummaa barsiisummaa akaakuuwwan garaagaraa qaba.Hiikaawwan
akaakuuwwan deeggarsa ogummaa barsiisummaa adda addaa qabatee armaan gadii keessatti dhiiyaatanii
jiru.

Gabatee 2: Akaakuuwwan Deeeggarsa Ogummaa Barsiisummaa


Akaakuu Deeggarsa Hiika
Ogummaa Barsiisummaa
1. Deeggarsa ogummaa Deeggarsa ogummaa barsiisummaa bu’aa qabeessaa fi ogummaa
barsiisummaa tokkoo fi- yeroo waliin deemu, deeggaramtoota waliin hojjechuu barbaadu,
tokkoo muuxannoo xiqqaa qabaachuu kan beekamu, ol guddisuu fi
fooyyessuun gahumsa deeggaramaa/tuu kan cimsudha.
2. Deeggarsa ogummaa Deeggarsi ogummaa barsiisummaa hiriyaa barsiistota muuxannoo
barsiisummaa hiriyaa fi sadarkaa walfakkaataa irra jiraniin kan gaggeeffamu ta’ee gosa
barnoota isaanii irratti hundaa’ee raawwatama
3. Deeggarsa ogummaa Deeggarsi ogummaa barsiisummaa garee namoota hedduu
barsiisummaa garee kanneen muuxannoo olaanaa qaban waliin walitti fida. Gama
biraatiin, deeggarsi ogummaa kun “Marsaalee deeggarsa ogummaa
Barsiisummaa” jedhamuun beekama.
4. Deeggarsa ogummaa Deeggarsi ogummaa kun yaadota, gorsaa fi gahumsa qabaachuu
barsiisummaa hunda isaanii battalumatti ibsu ilaallata.
ammate (virtual)

6
Maanuwaalii Deeggarsa

5. Deeggarsa ogummaa Deeggarsi ogummaa kun walgahii ykn marii altokko taasifamuun
barsiisummaa calaqqee kenama. (Fkn. Haala supparvaayizarri wiirtuu manneen barumsaa
daree barnootaa seenanii daawwachuun yaada barbaachisaa ta’e
nikennuu.)
6. Deeggarsa ogummaa Deeggarsi ogummaa barsiisummaa kun deeggarssa ogummaa
barsiisummaa garagaltoo barsiisummaa duriin kan walfakkaatu ta’ee, adeemsa ogummaa
ogeeyyiin buleeyyii ogeeyyii haaraa waliin walutti hidhamuuti.
Haat’u maalee, ogeeyyiin haaraa teeknoolojiifi hojii haaaraa irratti
akka deeggartoota ogeeyyii buleeyyiitti niilaalamu.

Madda: From NOVA SHRM & Dulles SHRM (April 2012) Mentoning program Toolkit: NOVA/DULLES

Deeggartoota, akkuma wixinee deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisotaa afaan dhalootaa armaan
olitti dubbistanitti, akaakuun moodela deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisotaa afaan dhalootaatiif
filatamuu kan yaad-hiddamaawaadhaan beekamu isa deeggarsa ogummaa barsiisummaa tokkoofi tokkoo
ta’ee, raawwii irratti kan mul’atu immoo akaakuuwwan deeggarsa ogummaa barsiisummaa gabatee 2
keessatti kenname keessaa ruqaalee isa 2ffaa, 3ffaa fi 6ffaa of keessatti hammachuu danda’a. (Wiixinee
Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa Barsiisotaa Afaan Dhalootaa-Akkaataa deeggartootni ogummaa
barsiisummaa itti filataman ilaali).

2.2 Kaayyooleefi Bu’aalee Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa

Kaayyoon waliigalaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisota afaan dhalootaatiif deeggarsa


dagaagina ogummaa walitti fufaa kennuun, baruufi barsiisuu dubbisuufi barreessuu afaan dhalootaa
fooyyessuudha. Deeggarsi kunis, barsiisota deegaraman qofa fayyada osoo hintaane, barsiisota
deeggaraniifi mana barumsaallee ni fayyada. Haaluma kanaan, deeggarsi ogummaa barsiisummaa afaan
dhalootaa kun barsiisota deeggaramaniif bu’aalee armaan gadii qaba.

• Kallattii barachuu turtii yeroo dheeraa mijeessa;

• Fedhiiwwan barachuu dhuunfaa guutuuf carraa dagaagina dhuufaa kenna;

• Maddaawwan beekumsaa fi dandeettiiwwan akka dabalan taasisa;

• Bu’aa yaaddeebiin qaburratti hundaa’ee ni barsiisa/ti;

• Oggeessa keessatti dagaaginna oggummaa walitti fuufaa ni jajjabeessa;

• Ofitti amanamummaa ijaara;

• Dandeettii rakkoo furuu cimsa.

Akkasumas, barsiisota deeggarsa oggummaa barsiisummaa kennaniifis deeggarsi ogummaa basiisummaa


barsiisota afaan dhalootaa bu’aalee armaan gadii qaba.

• Namoota biroo akkaataa itti dhaggeeffatan barachuuf gargaara;


• Walitti dhufeenya waliinii fi dandeettiiwwan hoggansummaa fooyyessa;
7
Maanuwaalii Deeggarsa

• Hariiroo hawaasummaa sirriifi ofitti amanamummaa dhuunfaa cimsa;


• Shaakalawwan ofiirratti calaqqee dhiheessuuf carraa kenna;
• Akkaataa dhaabbatichi hojjeturratti hubannoo dabala.
• Garaagarummaa jirurratti barsiisa;
• Dagaaginna namoota birootiif deeggarsa kennuun itti quufiinsi hojii miiltoo biratti
fudhatamummaan akka jiraatu taasisa.
Haaluma walfakkaatuun, deeggarsi ogummaa barsiisummaa barsiisotaa afaan dhalootaa mana
barumsaatiifis bu’aalee armaan gadii qaba.

• Barsiisota mana barumsichaa gidduutti miira raayyummaa uumuun gamtaan akka hojjetan taasisa;
• Barannoowwan haaraa afaan dhalootaa haalaan hojirraa ooluu isaanii mirkaneessa;
• Naannoo hojii mijaawaa ta’e uuma;
• Dandeettii dhuunfaa barsiisotaa dabaluun mana barumsaa keessatti kutannoon akka hojjetan
taasisa;
• Turmaata hojii barsiistotaa fooyyessa.
Deeggartoota, mana baruumsaa keessan keessatti hooggansi mana barumsaa fi barsiisonni hundi
kaayyoofi bu’aalee deeggarsa ogummaa barsiisummaa afaan dhalootaa, akkasumas waa’ee deeggartootaa
fi deeggaramtootaa irratti yeroo fudhachuun irratti walii galuu qabu.Kun immoo hojiirra oolmaan
sagantaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa argachuuf baay’ee barbaachisadha. Kanaaf, akkaataa haala
qabatamaa mana barumsaa keetiin dhimma kana hojiirra oolchuun gahee keeti.

2.3. Qajeeltoowwan Deeggasa Ogummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa

Qajeeltoowwan bu’uuraa gochaalee deeggarsa ogummaa barsiisummaa waliigala gosa barnootaa hundaa
waliin walfakkaata.Kanaaf, qajeeltoowwan waliin qaban kana fayyadamuun barsiistota afaan dhalootaa
sagantaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa keessatti hirmaata nhubachiisuu qabna.

Isaan kunis akka armaan gadiitti tarreeffamanii jiru:

• Deeggartootaafi deeggaramtoota gidduutti walitti dhufeenya walamattaafi iccitii eeguu walkabajuu


irratti hudaa’ee ijaaruudha.

• Walitti dhufeenyi deeggarsa ogummaa barsiisummaa kan hiriyuummaa irraa adda bahee
ilaalamuu qaba. Kunis, deeggarsi ogummaa barsiisummaa walitti dhufeenya cimaa karaa idilee
ta’erratti hundaa’uu qaba. Walitti dhufeenyi hiriyyummaa/firummaa garuu, haala idileen kan
hingaggeeffamneefi akka feeterratti kan hundaa’udha.

• Caasaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa yeroo murtaa’e, sansakka walitti dhufeenya gaariifi
seera hirmaachisaa qabaachuu qaba.

• Walitti dhufeenyi deeggarsa ogummaa barsiisummaa galmawwan/bu’aawwaniifi karoorawwan


karaa ifa ta’aniin deeggaramtootaafi deeggartootaan uumamuu qaba.

8
Maanuwaalii Deeggarsa

• Deeggarsa ogummaa barsiisummaa deeggaramtootaaf kennamu, yaaddeebii sirriifi hatattamaa


ta’e haala walitti fufiinsa qabuun kennuun akka hojii ijootti fudhatamuu qaba.

• Dandeettiiwwan walitti dhufeenya deeggarsa ogummaa barsiisummaa irraa argaman haala


qabatamaa ta’een iyyaafannoon gaggeeffamuu qaba.

• Yommuu deeggaramtoonni ofdanda’anii hojii sirriitti hojjetan, walitti dhufeenyi deeggarsa


ogummaa barsiisummaa xumuramuu qaba. Muuxannoo walitti dhufeenya haalota biroo irraa
argamanis hojii irra oolchuu qabu.

Qajeeltoowwan waliigalaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiistota afaan dhalootaa kunneen


haala qabatamaa manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaatiif ergaawwan armaan gadii qabu.

• Yommuu deeggarsi ogummaa barsiisummaa afaan dhalootaa karoorfamu beekamtii mana


barumsichaa argachuu qaba; deeggartoonni deeggaramooota waliin walitti dhufeenya
amanamummaa qabu uumuurratti of eeggannoo taasisuu qabu.Dhimma kanas deeggaruun kan
danda’amu keessaa tokko qajeeltoowwan icciitii eeguu armaan olii kan hamate ta’uu qaba.

• Wixineen deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiistota afaan dhalootaa, deeggartoonni


miiltoowwan isaanii keessaa filatamanii akka ramadaman jajjabeessuu. Akka carraa ta’ee,
miiltoowwan hiriyoota ta’uu nidanda’u. Akka qajeeltowwan armaan olitti walitti dhufeenya karaa
miiltoo dursa argachuu qaba.

• Deeggarsi ogummaa barsiisummaa barsiistota afaan dhalootaa faayidaa walitti dhufeenya


waliiniirratti ijaaramuu qaba. Wiixineen deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiistota afaan
dhalootaas kanuma mirkaneessa.Kanaaf, deeggartoonni qofaa isaanii deeggaramtootaaf waan
karoorsa hinqaban. Yoo deeggartoonni bakka hogganummaa qabatan iyyuu, wantoota hojjetan
hunda deeggaramtoota waliin ta’uun karoorfachuu qabu.

• Deeggarsi ogummaa barsiistota afaan dhalootaa giddugaleessummaan akkaataa barsistonni


dubbisuufi bareessuu barsiisaniifi barachuun barattootaa haala walfakkaatuun saffisuu akka
danda’u kan mijeessudha. Kanaafuu, yaaddeebii walirraa hincinne kennuun dhimma ijoo adeemsa
deeggarsa ogummaa ta’uu qaba. Deeggaramtoonni bakka deeggarsa argachuu qabanitti deeggarsa
barbaachisu argachuun of fooyyessaa deemuu qabu.

• Deeggarsi ogummaa afaan dhalootaa barsiistotaaf kennamu, haala gara fuula duraatti deeggartoota
biroo uumuu danda’uun dhihaachuu qaba.Kunis, haala qabatamaa manneen barnoota biyya
keenyaa kan calaqisiisu: sochii barsiistotaa iddoo gara iddootti taasifamu kan agarsiisudha.
Kanaafuu, deeggarsi ogummaa barsiisummaa kan hanqatu ta’uun yoo mul’ate, deeggaraan/tuun,
deeggaramtoonni kanneen biroo deeggaruuf qophaa’ummaa qabaachuu isaanii mirkaneeffachuu
qaba.

2.4 Marsaa Deeggarsa Ogummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa

Biyya keenya keessatti Dagaaginni Ogummaa Walitti fufaa adeemsa ogummaa barachuu barsiistotaa

9
Maanuwaalii Deeggarsa

yeroo dheeraaf ta’uun isaa sadarkaa marsaa afuriin ilaalamuun nidanda’ama. Isaanis: xiinxaluu,
karoorsuu, hojjechufi madaaluudha.

Adeemsa kana keessatti barsiisonni si’aayinaan keessatti hirmaachuu qaban:

a) Adeemsa barachuu isaanii,

b) Miiltoowwan isaanii waliin hojjechuu,

c) Hojiilee barachuu isaanii adda baafachuufi

d) Hojiilee manneen barnootaa keessatti bali’inaan hojjetaman fooyya’insa shaakala ofiisaaniifi


miiltoowwan isaanii irratti fiduu danda’a. (MOE, Oct 2009)

Haaluma kanaan moodeelli deeggarsa ogummaa barsiisummaa afaan dhalootaa yaada walfakkaataa
ta’een sadarkaa marsaa armaan gadii qabaata:

Deeggarsa Ogummaa Deeggarsa ogummaa


barbaadamu adda baasuu keessatti qooda fudhachuuf
karoorfachuu

Keessa deebii
Hojiirra oolmaa

Fooyya’ina Madaaluu

Caatoo 1: Marsaa Deeggarsa Ogummaa Afaan Dhalootaa

Moodeliin deeggarsa ogummaa barsiistota afaan dhalootaa fedhii adda bahe irratti kan hundaa’e
ta’ee, deeggaramtoonni tartiiba adeemsa tokkoon tokkoo keessatti gahee qabaachuu qabu.Yaanni ijoo
biroo xiyyeeffannaa fooyya’iinsa ka’umsa gadi aanaa (beenchi maarkii) irratti kennamedha.

Hubachiisa: Mariin gadifageenya adeemsa tokkoon tokkoo (haala ittiin hojiirra ooluu)

boqonnaa ittaanu keessatti dhihaatee jira.

10
Maanuwaalii Deeggarsa

BOQONNAA III

3. Adeemsa Deeggarsa Ogummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa

Deeggartoota,

Modeelli xumura boqonnaa lamarra jiru, karoori deggarsa ogummaa fedhii deggaramtootaarratti
hundaa’uun adda bahee qophaa’uu isaa agarsiisa.Ka’umsi gadaanaan fedhii deggaramtootaa adda baasu
gahee barsiistota afaan dhalootaarraa eegamuufi gahee hojii isaan sirna barnootaa mana barumsaa sadarkaa
tokkoffaa keessatti taasisanirratti bu’uureffata.Kanaafuu, deggaramtoonni qabxiilee ijoofi barbaachisoo
sirna barnootaa afaan dhalootaa sadarkaa tokkoffaa guutummaa guutuutti hubachuun barbaachisaadha.
Dabalataanis, qabiyyeewwan sirna barnootaa sana barsiisuuf dandeettii barsiisummmaa dagaagfachuu
qabu. Deggaramtoota waliin walitti dhufeenya erga uumtanii booda deggaramtoonni guutummaa
guutuutti birkiilee armaan gadii hubachuu danda’uu isaanii mirkaneessuu qabu.

3.1. Amaloota Ijoo Sirna Barnoota Haaraa Afaan Dhalootaa Mana Barumsaa Sadarkaa
Tokkoffaa Hubachuu

Adeemsa kenninsa deggarsa ogummaa afaan dhalootaa keessatti barsiistonni maaliif sirni barnootichaa
akka jijjiirame, bu’uura xiyyeeffannaa jijjiiramaafi qindoomina meeshaalee sirna barnootaa afaan
dhalootaa kana hubachuuf deggaramuu qabu.Dabalataanis, meshaaleen sirna barnootaa dandeettii afaanii
barsiisuu irratti waan bu’uuraniif, barsiistonni afaan dhalootaa qajeelchoowwan baruufi barsiisuu ifaafi
gooree ta’ee (explicit Instruction) sirriitti hubachuu qabu.Meeshaalee sirna barnoota haaraatiin afaan
dhalootaa baratanii barsiisuuf, akka qabxii ka’umsaatti jijjiirama sirna barnootichaaf sababii quubsaa
gadifageenyaan hubachuufi yaadota sirni barnootaa akka jijjiiraman dhiyaatan hubachuu qabu.

Haaluma kanaan, deggartoonni walitti dhufeneya deggaramtoota waliin erga uumtanii booda, waa’ee
bu’aa madaallii MDKJ/EGRA birkii seensa maanu’aalii kanaa keessatti ibsameefi yaada furmaataa
bu’aa madaallii MDKJ/EGRA akka hubatan gargaaraa.Barsiistonni sababa barattoonni gahumsaan
dubbisuurratti baay’ee gadi aanaa ta’an hubachuun, rakkoo hojiirratti mudatuufi haala itti maqfamuu
danda’urratti calaqqee haa dhiheessan.

Deggaramtoonni waa’ee madaallii dubbisuu kutaalee jalqabaa (MDKJ) fi sababa jijjiirama sirna
barnoota afaan dhalootaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa irratti calaqqee erga dhiheessanii booda,
waa’ee qindoominaafi qabiyyee barannoo kutaalee 1-4 fi 5-8 beekuun nibarbaachisa.Birkii kanarrattis
deggaramtootaaf od-ibsa kennuun hinbarbaachisu.Haata’u malee, qabxii kana akka wabiittiifi yaada
ka’umsaa mariitti fayyadamuun, deggaramtoonni hubannaa gahaa qabaachuufi dhabuu isaanii
sakatta’aa.Marii deggaramtoota waliin taasiftan irratti hundaa’uun deggaramtoota keessan deggaruun
hubannoo gahaa akka horatan taasisaa.Amaloota kitaaba barattoota haaraa afaan dhalootaa ilaalchisee
deggaramtoonni qabxiilee armaan gadii hubachuun barbaachisaadha.

11
Maanuwaalii Deeggarsa

Isaanis:

3.1.1. Yaada waa’ee meeshaalee sirna barnoota haaraa afaan dhaloota sadarkaa tokkoffaa.

3.2.2. Qindoomina qabiyyeefi barannoo meeshaalee sirna barnootaa haaraa barnoota sadarkaa

tokkoffaa

3.2.3. Dhiyeessaa barnoota afaanii dandeettii gonfachiisu irratti hundaa’e (ifaafi gooree)

3.1.4. Caacculeefi dandeettii dubbisuu barsiisuu bu’a qabeessa ta’e

3.1.5. Baruufi barsiisuu sirna koorniyaa gidduu galeeffate

3.1.6. Mala baruufi barsiisuu fedhii barattoota garaagaraa irratti hundaa’ee dhiyaatu

3.1.1. Waa’ee meeshaalee sirna haaraa barnootaa afaan dhalootaa manneen barnoota
sadarkaa tokkoffaaf qophaahanii

Barsiistonni afaan dhaloota qajeeltoowwan qindoomina ijoofi yaada bu’uuraa qophii meeshaalee sirna
barnootaa haaraa kana duuba jiran hubachuun barbaachisaadha. Deggartoonni maaliif sirni barnootaa
afaan dhalootaa sadarkaa tokkoffaa jijjiiruun akka barbaachiseefi qajeeltoowwaniifi yaada bu’uuraa
jijjiirama kanaa deggaramtootni hubachuu isaanii mirkaneeffachuu qabu. Qophiin kitaaba barattootaafi
qajeelcha barsiisotaa barnoota sadarkaa tokkoffaa yaadawwan armaan gadii irratti hundaa’a.

• Barattootni dandeettii dhaggeeffachuu, dubbisuu, dubbachuufi barreessuu matduree yaada


bu’uuraa ta’e tokko irratti qindaa’e irratti shaakalu.

• Barannoowwan afaan dhalootaa yaada bu’uuraa, matadureefi barreeffamoota dubbisuu irratti


hundaa’uun walsimatu.

• Dubbisuufi barreessuun dandeettii olaanoo dubbarree qophii meeshaalee barnoota afaan dhalootaa
sadarkaa tokkoffaa kessatti bu’uura guddaadha.

• Barattoonni afaan dhalootaa isaaniitiin gahumsaan dubbisuufi dandeettii hubannoo dubbisuu


gaarii qabaachuuf caacculee ijoo dubbisuufi barreessuu irra deddeebiin shaakaluu qabu.

• Barnoonni afaan dhalootaa fedhii barattoota garaagaraa giddugaleeffachuuf, hojiilee dhuunfaan


akkasumas gareefi cimdiin hirmaachisuu of keessatti hammachuu qaba.

• Barnoonni afaan dhalootaa modeela suuta suutaan ofdandeessisu irratti kan hundaa’u ta’uu qaba.
Kunis yeroo barbaachisaa ta’utti kan barsiistonni dandeetti barnootaa modeelessaniifi deggarsi
barsiistotaa haala dagaagina itti fufinsa qabuun raawwatee barattoonni gareenis ta’ee dhuunfaan
akka shaakalan gargaaranidha.

• Jechoota haaraa barachuun tarsiimoolee adda addaatti fayyadamuun jechota yoomessa garaagaraa
keessatti fayyadan irra deddeebi’anii shaakalchiisuu gaafata.

12
Maanuwaalii Deeggarsa

Deggartoota,

Yommuu deggaramtoota keessaniif deggarsa ogummaa kennitan, akka barsiistota afaan dhalootaatti
yaadota armaan olitti dhihaatan hubachuu isaanii mirkaneeffachuu qabdu.

Yommuu fedhii deggaramtootaa adda baafattanis,yaadota armaan olitti dhihaatan kanneen hubachuufi
bu’aalee baruufi barsiisuu keessatti fiduu danda’an hubachuu isaanii xiinxalaa/sakatta’aa.Haala isaan
agarsiisaa jiran irratti hundaa’uun, hanqina jiru adda baafachuun irratti hojjechuuf karoorfadhaa.

Of-madaallii Deggartootaafi Deggaramtootaa


Sirni barnoota afaan dhalootaa sadarkaa tokkoffaa maaliif akka jijjiirameefi yaada bu’uuraa qophii
sirna barnoota kanaaf dhiyaatan deggaramtoonni hubatanii jiruu?

3.1.2 Qindaa’ina Qabiyyeewwaniifi Barannoowwan Meeshaalee Sirna Barnoota Haaraa


Barnootaa sadarkaa Tokkoffaa

Qindaa’ina barannoo sirna barnoota afaan dhalootaa sadarkaa tokkoffaa argachuun maaliif barabachisa
sitti fakkaata? Qindaa’ina barannoo sirna barnootaa afaan dhalootaa barnoota sadarkaa tokkoffaa
adeemsa baruufi barsiisuu afaan dhalootaa keessatti tokkoo tokkoo ruuqoolee barannoo tokkoo fudhatanii
deemuurra walitti dhufeenya barannoowwan adda addaarratti barsiisonni afaan dhalootaafi barattoonni
akka hubannoo qabaatan gargaaruufi. Haaluma kanaan, kitaabilee barattootaa kutaalee 1-4 barannoowwan
armaan gadii gidduu galeeffachuun kan qindeeffamanidha.
a) Dubbisa dhaggeeffachuu
b) Qubeewwan haaraa (Kutaa 1-2)
c) Qaamolee jechaa walitti makuufi addaan qoqqooduu
d) Jechoota agaree
e) Dubbisa dhuunfaa
f) Fayyadama jechootaa
g) Barreessuu

Kitaabilee barattootaa kutaalee 5-8 barannoowwan armaan gadii giddu galeeffachuun qindeeffame.

a) Qo’annoo jechaa

b) Hubannoo dubbisuu

c) Fayyadama jechootaa

d) Barreessuu:

- ijaarsa barreeffmaa

- Sirna barreeffamaa

13
Maanuwaalii Deeggarsa

e) Gahumsaan dubbisuu

f) Dhagdubbii (dhaggeeffachuufi dubbachuu)

g) Caasluga

Dabalataanis, fuulduree qajeelcha barsiistotaarratti qabxiileen barbaachisoo dhihaatanii jiru.Akka itti


fayyadamtoota qajeelcha barsiisotaa adda dureetti, barsiistonni afaan dhalootaa dhimmoota fulduree
kanarratti dhiyaatan sirriitti dubbisuun hubachuun barbaachisaa ta’a.Deeggaramtoota kee waliin ta’uun
gabatee armaan gadii guuti.

Gabatee 3: Cuunfaa Fuulduree Qajeelcha Barsiistotaa


Ibsa Gabaabaa Sababii Barsiistonni Waa’ee
Birkiilee Fuulduree Qajeelcha Barsiisaa
Birkichaa Birkichaa Beekuu Qabaniif
Seensa
Caacculee dubbisuu
Birkiilee barannoo
Qajeeltoowwan barnootaa
Madaallii walitti fufaa, Deggarsaafi cimsuu
Chaartii gahumsaan dubbisuu
Sina Koornayaafi Barnoota huda hammatoo
Ofmadaallii barattootaafi mirkaneeffannaa
barreeffamaa
Haala fayyadama qajeelcha barsiistotaa

Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaaf Tartiiba Qabiyyeewwan Meeshaalee Barnoota Afaan Dhaloota


Isaan Haaraa

Adeemsa qophii meeshalaee sirna barnoota haaraa afaan dhalootaa keessatti qabiyyeewwan filatamanii
dhihaatan marsaa lamatti qoodamanii jiru. (Kutaa 1-4fi 5-8).

Qabiyyeewwan Barnootaa Kutaa 1-4f

Qabiyyeewwan kutaalee 1-4 waggaa tokko keessatti torbeewwan 30f barsiifamuu haala danda’anii
qophaa’ni. Qabiyyeewwan meeshaalee barnoota afaan dhalootaa keessatti dhihaatan torban tokko
keessatti wayitiileen 5 baranoota afaan dhalootaaf niramadama jedhamee yaadameeti.Kanaaf, kitaaba
barattootaa keessatti qabiyyeewwan tartiibeffaman torbee tokko keessatti guyyoota afuriifi.Akkasumas,
qabiyyeewwan barannoo guyyaa shanaffaas, qajeelcha barsiistotaa keessatti agarsiifamanii jiru. Kunis,
qabiyyeewwan guyyaa shanaffaarratti dhihaatan dandeettiiwwan haarawaa kan dhiheessan osoo hin
taane, cuunfaa guyyoota arfan darbaniiti.

Akka waliigalaatti, qabiyyeewwan birkiilee barannoo kutaalee 1-4 keessatti dhihaatan akka armaan gadii
ta’u.

14
Maanuwaalii Deeggarsa

a) Dhaggeeffachuu
- Hubannoo dhaggeeffachuu
- Hubannoo sagalee dubbii
b) Dubbisuu

- Qubeewwan
- Qaama jechaa walitti makuufi addaan qoqqooduu
- Jechoota agaee
- Hubannoo dubbisuu
- Hubannoo dubbisuun duraa, yeroo dubbisuufi dubbisuun boodaa
c) Gahumsaan dubbisuu
- Saffiisaan dubbisuu
- Sirrummaan dubbisuu
- Ibsa wajjin dubbisuu

d) Fayyadama jechootaa

- Jechoota dubbisa keessaa bahan

- Jechoota barnootaa

e) Barreessuu

- Hubannoo walitti dhufeenya sagalee dubbiifi qubee

Of-Madaalii Deggartootaafi Deggaramtootaa


• Qabiyyeewwan kutaalee 1-4 akkaataa tartiiba armaan oliitti maaliif qindeeffaman sinitti
fakkaata?
• Hubannoon dhaggeeffachu maaliif jalqaba irratti dhihaate?

Qabiyyeewwan Kutaa 5-8

Meeshaalee barnoota afaan dhalootaa kutaalee 5-8 keessatti akkaataa qabiyyeewwan itti qindaa’anii
dhihatan hubachuun faayidaa qabeessa.Haaluma kanaan, tartiibni qabiyyee gabatee armaan gadii keessatti
haala ifa ta’een dhihaatee jira.

15
Maanuwaalii Deeggarsa

Boqonnaa X, Torban 1…… Seensa


Guyyaa 1 Guyyaa 2 Guyyaa 3
Yeroo Yeroo Yeroo
caaccuu Ruqaalee caaccuu
(Daqiiqaa) (Daqiiqaa) (Daqiiqaa)
Hojmanee/ 5’ Hojmanee/ 5’ Hojmanee/ 5’
Yaadachiisuu Yaadachiisuu Yaadachiisuu
1. Qu’annaa 10’ 1. Fayyadama 10’ 5. Ga’umsaan 10’
jechootaa jechootaa dubbisuu
3a.Hubannoo 2’
dubbisuun duraa
3b. Barreeffamicha 8’
dubbisuu
2. Dubbisuu 25’ 2. Barreessuu 25’ 6 Dhagdubbii
2a. Hubannoo 4a. Ijaarsa 6.1 15’
dubbisuun barreeffamaa 15’ Dhaggeeffachuu
duraa 5’ 4b. Sirna 6.1.a.Hubannoo
dhaggeeffachuun
2b. Hubannoo barreeffamaa 10’
duraa.
yeroo dubbisuu 10’ 5’
6.1.b.Hubannoo yeroo
2c. Hubannoo dhaggeeffachuu
dubbisuun 6.1.c. Hubannoo 5’
boodaa 10’ dhaggeeffachuun
boodaa 5’
7. caasluga 10’

Shaakala Boqonnaa X, Torban 2


Boqonnaa X, Torban 1…… Seensa
Guyyaa 4 Guyyaa 5 Guyyaa 6
Yeroo Yeroo Yeroo
Caaccuu Caaccuu Caaccuu
(Daqiiqaa) (Daqiiqaa) (Daqiiqaa)
Hojmanee/ 5’ Hojmanee/ 5’ Hojmanee 5’
Yaadachisuu Yaadachisuu yaadachisuu
8. Dubbisuu 35’ 9. Fayyadama 10’ 10.Ga’umsaan 10’
8a. Hubannoo jechootaa Dubbisuu
dubbisuu duraa 10. Barreessuu 25’ 10a. Dubbisuun dura 2’
8b. Hubannoo 10’ 10a. Sirna 1ob.Yeroo Dubbisuu 8’
Yeroo dubbisuu barreeffamaa 10’ 12. Dhagdubbii
8c. Hubannoo 10’ 10b. Ijaarsa 12.1. Dubbachuu 15’
dubbisuun barreeffamaa 15’ 13. Caasluga 10’
boodaa 15’

16
Maanuwaalii Deeggarsa

Boqonnaa X, Torban 3 Hojiirra oolchuu

Boqonnaa X, Torban 1…… Seensa


Guyyaa 7 Guyyaa 8 Guyyaa 9
Yeroo Yeroo Yeroo
Caaccuu Caaccuu Caaccuu
(Daqiiqaa) (Daqiiqaa) (Daqiiqaa)
Hojmanee/ 5’ Hojmanee/ 5’ Hojmanee 5’
Yaadachisuu Yaadachisuu yaadachisuu
14. Qu’annaa 5’ 16. Fayyadama 10’ 18. Ga’umsaan 10’
jechootaa jechootaa dubbisuu
18a. Dubbisuun 2’
Dura
18b. Dubbisuu 8’
15. Dubbisuu 30’ 17. Barreessuu 25’ 19. Dhagdubbii 15’
15a.Hubannoo 17a. Sirna Dubbachuu
dubbisuun barreeffamaa 10’
duraa 5’ 17b. Ijaarsa
15b.Hubannoo barreeffamaa 15’ 20. Caasluga 10’
yeroo
dubbisuu 10’
15c.Hubannoo
dubbisuun
boodaa 15’

Hubannoo

Gabatee armaan olii irraa akkuma hubatamu qabiyyeewwan meshaalee barnoota afaan dhalootaa haala
armaan gadiitiin tartiibeffamaniiru.
• Boqonnaan tokko turban sadiif qophaa’a. Tokkoon tokkoon boqonnaas yaada ijoo tokko
fayyadamuun barreeffama dhaggeeffachuufi dubbisuu akkasumas hojiiwwan barreessuufi kkf
irratti hundaa’a.
• Barannoo hunda keessatti dhiyaachuu baatanis caacculeen barnoota afaanii hundi boqonnaa
keessatti hammatamanii jiru.
• Dandeettiiwwan afaanii tokko tokko xiyyeeffannoo/yeroo addaa isaan kaan caalaa argachuu
danda’u. Sababiinsaas kutaa 5-8 keessatti baay’ee barbaachisoo yookaan daran walxaxoo waan
ta’aniif.

• Boqonnaan torban duraa kanitti xiyyeeffatu dandeettiifi matadure haaraan walbarsiisuurratti


xiyyeeffata. Torban lammaffaa boqonnichaa ammo kan inni itti xiyyeeffatu dandeettiiwwan
haaraa shaakaluu yeroota’u, turban sadaffaan immoo hojiirra oolmaaf madaaluurratti xiyyeeffata.

• Barruuwwan dubbisuu tokkoon tokkoon birkii barannoo meshaalee afaan dhalootaa keessatti
giddugaleessummaan tajaajila’

• Hojiileen barattootaa sadarkaa qubeewwan bareessuu shaakaluu irraa kaasee hanga barreeffamoota
adda addaa (keeyyata, barreeffama dheeraa) shaakaluu danda’anitti qopheeffamanii jiru.
17
Maanuwaalii Deeggarsa

• Hojiileen bareessuu birkiilee barannoo barreessuu qofa keessatti kan dhihaatan osoo hin taane,
birkiilee barannoo biroo kanneen akka fayyadama jechaa, qo’annoo jechaa, hubannoo dubbisuu,
hubannoo dhaggeeffachuu fi kkf keessattis dhihaatanii jiru.

• Barreessuu fi dubbisuun birkiilee barannoo hundaa keessatti irra deddeebiin dhihaatanii jiru.

• Kutaalee 1-4 keessatti meeshaaleen sirna barnootaa qophaa’an barattonni dubbisuuf barachuu
akka danda’an gargaaruuf seeneffamoota sasalphoo fi beekamoon kan fayyadaman yoo ta’u,
kutaalee 5-8 keessatti immoo barattoonni barachuuf, dubbisuu akka danda’aniif seeneffamoonni
dhedheeroo filatamanii jiru.

3.1.3 Baruufi Barsiisuu Kallattii

Baruu fi Barsiisuu Kallattii jechuun maleenya ijoo afaanii ta’ee meeshaalee sirna barnoota afaan
dhalootaa haaraa keessatti kan fayyadudha. Barsiistota barnoota afaan dhalootaa irraa dandeettiiwwan
afaanii barattootaaf moodeeleessuun dhiyeessuun yommuu barattoonni dandeettiiwwan sana gonfatan,
adeemsaan akka isaan of danda’anii baratan kan taasisudha. Dabalataan, maleenyi kun dandeettiiwwan
afaanii kan baratamuu qaban bifa sirnaawaa fi ifa ta’een ta’uu isaa agarsiisa. Sababni isaas, barsiistonni
afaan dhalootaa gochaawwan akkamitti akka raawwataman moodeela ta’uun barattootatti agarsiisu
(Nihojjenna), dhuma irratti barattoonni ofii isaaniitiin of danda’anii akka hojjetan (Nihojjetu) kan
taasisudha.

Kuni kan yaadameef, gareewwan lameenuu (barsiistotaa fi barattoonni) gocha tokko keessatti hirmaachuu
isaanii mirkaneeffachuuf hubannaa barachuu barattootaa adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti argatan
mirkaneeffachuuf ta’a.

Deeggaramtoonni hojii irra oolmaa sirna barnoota haaraa afaan dhalootaa ilaalchisee yaadrimeen
murteessaan gadifageenyaan hubachuu qaban baruufi barsiisuu kallattiiti. Akka qaama adeemsa deeggarsa
ogummaa barsiisummaatti, hiika baruu fi barsiisuu kallattii irratti mari’achuufi raawwii barsiistotaa
keessatti dhiibbaa ijoo inni qabu adda baafachuun baay’ee murteessaadha. Kanaafuu, deeggartoonniifi
deeggaramtoonni hiika itti aanu irratti waliin mari’achuun ibsa itti kennaa.

Baruufi Barsiisuu Kallattii Irratti Marii Daaggartootaafi Deeggaramootaa!


Yaadrimee Barbaachisaa: Baruufi Barsiisuu Kallattii
Baruufi barsiisuun kallattii deeggarsa adeemsa suutaan barachuu addaan hincinne ykn utubduu
fayyadamuudhaan qabiyyeewwan barnoota akkaataa duraa duuba isaaniitiin barannoowwan
xixiqqaa barbaachisoo ta’anitti qoqqooduun barsiisuudha. Barachuufi barsiisuun afaan dhalootaa
ibsa ifa ta’eefi dandeettii agarsiisuu (walitti makuu, qoqqooduu, hubannoo miiltawaa, cuunfuu,
kkf) irratti hundaa’a.Kunis, shaakalaafi yaaddeebii battalaan deeggarama. (Archer & Hugher,
2011, P.3)

Hiika armaan olitti baruufi barsiisuu kallattii irratti kenname keessaa yaadrimeewwan ykn ruqaaleewwan
barbaachisoo ta’an hubachuu nidandeenya. Marii armaan olittideeggaramtoota waliin taasiftan irratti
hundaa’uun, raawwii adeemsa baruufi barsiisuu akkasumas, qajeeltoowwan qindaa’insa sirna barnootaa
18
Maanuwaalii Deeggarsa

meeshaalee sirna barnootaa afaan dhalootaa keessatti hojii irra oolan adda baafachuun barbaachisaadha.
Kunis, deeggaramtoonni hiika armaan olitti kenname irraa ruuqaalee barbaachisoo ta’an adda nibaafatu.
Kanamalees, Deeggaramtoonni raawwii isaanii keessatti ruuqaaleen barbaachisoo kunneen dhiibbaa
akkamii akka qabaatan nihuabtu.

Yaadannoon gabaabaa olitti waa’ee ibsa qabxiilee baay’ee murteessoofi hojiirra oolmaa isaanii
ilaalchisee dhihaate, kitaabilee barattootaa haaraa afaan dhalootaa barsiisuu keessatti nifayyadu.

Caatoo ittaanu irratti kan ilaallu, baruufi barsiisuun kallattii qajeeltoowwan hedduu ni qaba.Haata’u
malee, akka biyya keenyaatti kanneen caalmaatti beekkamoo ta’an,‘Nanhojjedha’, ‘Nihojjenna’ fi
‘Nihojjettu’ dha.

1. Nanhojjedha-Barsiisaan/tuun moodela ta’uun akkamitti akka dandeettii haaraa fayyadaman


barattootatti ni agarsiisa/ti. Modeleessuun kunis irradeddeebiin kan raawwatamudha.

2. Nihojjenna- Barsiisaan/tuun dandeettiiwwan baratamaa jiranho jiirra oolchuu keessatti barattoota


niqajeelcha/ti.. Kunis shaakala qajeelchaa barsiisaa/tuufi barattoonniadeemsa shaakalaan barchuu
keessatti waliin akka hirmaatan jajjabeessudha. Tarsiimoon ‘nihojjenna’ hirmaannaa qaamaa,
dubbiifi agaree uuma.

3. Nihojjettu- sadarkaa kanarratti barattoonni ofumma isaaniii of danda’anii shaakalu. Sadarkaa


kanatti gaheen barsiisaa/tuu barattoonni barachuu isaanii (waan baratan sana hubachuu isaanii) fi
akkamitti akka ofdanda’anii hojjetan mirkaneessudha.

Archer fi Hughes (2011) ruuqaalee baruufi barsiisuu kallattii 16 ta’an adda baasanii jiru. Caatoon
armaan gaditti kenname ruqaalee baruufi barsiisuu kallattii keessaa 9 filatamuu nutti agarsiisa.
Ruqaaleen filataman kunneenis qophii kitaabilee barattootaa haaraa afaan dhalootaa manneen
barumsaa jalqabaafi qajeelcha barsiisotaa keessatti qindaa’uun hammatamaniiru jedhamee yaadama.

Yaad deebii
sirreeffamaafi
jajjabeessa
battalaa kennuu Dandeettiiwwan
Fooyya’iinsa tartiiba sirrii
barattoota irratti ta’een kaa’uu
mul’atu/hordofuu

Qajeelcha, Dandeettiiwwan
deeggarsaafi xaxamaafi tarsiimolee
shaakala of gara qaamolee
danda’anii xixiqqaatti qooduu
hojjechuu kennuu Baruufi Barsiisuu
Kallattii

Barannoowwan
Agarsiisafi mood- qindaa’eefi
eleessuu sadarkaa xiyyeeffatame
sadarkaan kennuu wixineessuu

Osoo baruu-
barsiisuu hineegaliin Kaayyoowwan/
dandeettiiwwanniifi galma ifa ta’een
beekumsa barattoonni barannoo ee-
duraan qaban adda
baafachuu galuu

Caatoo 2: Ruqaalee baruufi barsiisuu kallattii

19
Maanuwaalii Deeggarsa

Deeggartoota,

Deeggaramtoota keessan waliin ta’uun ruqaalee baruu barsiisuu kallattii armaan olii irratti mari’adhaa.
Ruqaalee kennaman keessaa kannneen marii dabalataa barbaadan jiruu? Yoo eeyyee jettan ruqaalee
sanneen adda baasuun qabxii marii taasisuun yeroo walga’ii garee deeggartootaafi deeggaramtoota biroo
waliin taasiftan irratti mari’adhaa.

Yaadrimee irrati hundaa’uufi haala raawwii: Qajeelcha barsiisotaa xiinxaluufi barannoo


karoorsuu.Qajeelcha barsiisotaa manneen barumsaa sadarkaa jalqabaatiif qophaa’e keessaa
boqonnaa tokko filachuun akkaataa ruqaaleen baruufi barsiisuu armaan olitti ibsaman qajeelcha
barsiisotaa keessatti hammataman xiinxalaaq. Itti aansuun karoora barannoo wayitii tokkoof
ta’u, kan irra caalaatti ruqaalee armaan olitti ibsaman ofkeessatti hammachuu agarsiisuu tokko
qopheessaa.

3.1.4 Caacculeefi Tooftaalee Baruufi Barsiisuu Gahumsaan Dubbisuu

Deeggarsi ogummaa barsiisummaa deeggasa ogummaa hiriyyeefi deeggaramtootaaf kennuu ofkeessatti


hammata. Deeggarsi ogummaa barsiisummaa gaariin tooftaalee baruufi barsiisuu moodeela godhachuufi
ruqaaleen dubbisuufi barreessuu mana barumsaa keessatti maaliif akka baratamanirratti hubannaa
gabbisa.Dabalataan, barsiistonni afaan dhalootaa caacculee dubbisuufi barreessuu baruufi barsiisuu gadi
fageenyaan hubachuun qabiyyee kitaabilee barattootaa manneen barumsaa sadarkaa jalqabaatiif qophaa’e
gahumsaan barsiisuuf gahaa taasisa.Birkii xiqqaa kana jalatti dandeettiiwwaniifi beekumsa barsiistotaa
irratti xiyyeeffachuun barattoonni hundi dubbisuuf barachuu akkasumas, barachuuf dubbisuu baayyee
murteessaa ta’ee akka argatan taasisa.

Deeggartoota,

Adeemsa deeggarsa ogummaa barsiisummaa keessatti qabxiilee xixiqqaa itti aanan deeggaramtoota
keessan waliin marii’attanii jirtu.Caacculee dubbisuufi barreessuu sirna barnoota afaan dhalootaa manneen
barumsaa sadarkaa jalqabaa keessatti haalaan hojiiirra oolchuuf barsiistonni afaan dhalootaa hubannaa
qabaachuu qabu.Deeggaramtoota keessan waliinbirkii barannoo kana xumuruu dhiisuu nidandeessuu.
Garuu, deeggaramtoonni keessan tokkoo tokkoon caacculee dubbisuufi barreessuu sirna barnootichaa
hubachuu mirkaneeffachuu qabdu.Kanaaf, deeggaramtoota keessan waliin ta’uun caacculee dubbisuufi
barsiisuu irratti mari’achuun hubannaan isaanii sadarkaa olaanu irra gahuu beekuuf bu’a qabeessa ta’a.
Kunis fooyya’insi raawwii barsiisotaa irrati kallattii beekumsaa, hubannoofi yaadrimeen dhufu baayyee
murteessaadha.Kanaafuu, barsiistota kutaalee 1-4 barsiisaniiif caacculee shanan jalqabaa, barsiistota
kutaalee 5-8 barsiisanii ammoo caacculee gahumsaan dubbisuu barsiisuuf birkii itti aanu keessatti waan
dhiyaataniif walumaagalatti caacculee 7 deeggaramtoota keessan waliin ni qayyabattu.

20
Maanuwaalii Deeggarsa

3.1.4.1 Hubannoo Sagalee Dubbii Barsiisuu

Hubannoon sagalee dubbii dandeettii sagaleewwan jechoota dubbataman keessa jiran dhagahuu,
adda baasuufi sagaleessuuti. Hubannoon sagalee dubbii sadarkaa bu’uuraa dubbisuu barachu ta’ee,
barattoonni jechoota dubbataman keessaa sagalee adda baasuu akkasumas, walitti makuu akka danda’an
taasisa.Hubannoon sagalee dubbii dandeettiiwwan dhagahuufi sagaleewwan jechootaa adda baasuun
sagaleessuu, jechoota sagaleewwan adda addaatti qoqqooduu, sagaleewwan walitti makuun jechoota
ijaaruufi jechoota keessaa sagaaleewwan walfakkaatan adda baasuu ofkeessatti hammata.Barsiisaan/tuun
kamiyyuu hubannoo sagalee dubbiirratti hubannoo qabaachuun haala gahumsa qabuun barsiisuu qaba/
di.

Hubannoon salgaee dubbii daa’imman jechoota haaraa barachuu keessatti wanta mallattoon barreeffame
ilaaluun akkaataa ittiin dubbisaniifi hiika isaanii jidduutti hariiroo uuman isaan gargaara. Adeemsi kunis,
hubannoo sagalee dubii barattootaa dagaagsuu gaafata.Kana raawwachuuf immoo qabxiilee armana
gadii xiyyeeffannoo keessa galchuu qabna:

• Baruufi barsiisuu hubannoo saglaee dubbii irratti salphaa irra gara walxaxaatti (irra deddeebii
sagalee jechoota keessatti, hima qoqqooduu, birsaga walitti makuu, ka’umsaafi dhuma birsagaa
walitti makuu, sagaleewwan jalqabaa adda baafachuu, sagaleewwan dhumaa walitti makuufi
addaan qoqqooduu, sagaleewwan dubbii haquufi bakka buusuun itti fayyadamuuf) karoorsuu.

• Barannoo keessatti dandeettiiwwan hubannoo sagalee dubbii lama ykn sadii irratti xiyyeeffachuu.

• Wanti hubatamuu qabu, hubannoon sagalee dubbii qubee/boca qubee kan hindabalanne ta’uu
isaati. Haata’u malee, bu’aa qabeessummaan isaa kan dabalu, yemmuu baruufi barsiisuun
hubannoo sagalee dubbii baruufi barsiisuu qubeewwaniitiin hordofamee dubbisuufi barreessuun
walqabatedha.

• Hubannoo sagalee dubbii barsiisuu keessatti gareewwan barattoota sadii hanga afurii of kessaa
qbau wal jala jijjiiruufi baruufi barsiisuu dhuunfaatti fayyadamuudha.

Deeggartoota,

Qabxiileen armaan olii deeggaramtootaaf ifaadha?Yommuu waa’ee hubannoo sagalee dubbii barsiifnu
jechoota dhumarratti sagalee walfakkaataa qaban fayyadamuun maaliif isinitti fakkaata? Isa kamtu
daa’immaniif salphaadha: himoota jechootatti qoqqooduu ykn jecha sagaleewwanitti qoqqooduudha?
Barsiisaa/tuufi barattootni akkamitti waliin ta’uun sadarkaalee hubannoo saglaee dubbii garaagaraa akka
shaakaluu danda’an gadifageenyaan irratti mari’adhaa.

Baruufi barsiisuun hubannoo saglaee dubbii hojii dhagdubbiii ta’uu isaa hubadhaa.Kanatti aansuun
hubannoo sagalee dubbii ilaalchisee hojiileen barsiistonni afaan dhalootaa barattoota waliin ta’uun daree
keessatti raawwachuu qaban kennamanii jiru. Deeggaramtoota keessan waliin ta’uun gaaffilee itti aanan
dabaree dabareedhaan walgaafachuun hojjedhaa (yommuu tokko gaafatu tokko immoo nideebisa/ti).

21
Maanuwaalii Deeggarsa

• Sagaleen jalqabaa jecha Bite jedhu keessatti argamu isa kami:?


• Sagaleen dhumaa jecha Lafa jedhukeessatti argamu isa kami?
• Jechoota jechoota dhumarratti sagalee walfakkaataa qaban cimdeessi. Lafa, Nafa, Bahe, Gahe.
• JechaMana jedhurraa sagalee /M/ yoo kaafne mala ta’a?
• Jalqaba jecha ala jedhurratti sagalee /F/ yoo daballe jecha maal jedhu arganna?
• Jecha ‘Ture’ jedhu keessatti, sagalee jalqabaa /M/bakka yoo buufne jechi haaraan uumamuu
maal ta’a?
• Hima ‘Caalaan kitaaba dubbise’ jedhu keessatti jechootni meeqa akka argaman harka kee
walitti rukutuun agarsiisi.
• Jecha ‘Luka’ jedhu sagaleewwanitti qoqqoodi.
• Sagaleewwan /g/ /aa/ /r/ a/ jedhan walitti maki.

Deeggartoota,

Gabatee arman gadii deeggaramtoota keessan waliin guutuun poortifooliyoo isaanii keessa galchaa.
Deeggaramaan/tuun tokkoon tokkoon caacculee hubannoo saglaee dubbiitiif kitaaba barattootaa afaan
dhalootaa manneen barumsaa sadarkaa jalqabaa ilaaluun fakkeenya kalaquun nidhiheessu.

Caacculee baruufi barsiisuu hubannoo sagalee Fakkeenyota ykan Agarsiisawwan


dubbii
Sagaleewwan jecha keessatti walfakkaatan
Hima qoqqooduu
Birsaga walitti makuu
Birsaga qoqqooduu
Sagalee dubbii jalqabaa adda baasuu
Sagalee dubbii jalqabaa walitti firoomsuu Jechootni lamaan sagalee walfakkaataan
jalqabaman kami? Deeme, Deege, Dalga.
Sagalee dubbii dhumaa adda baasuu
Sagalee dubbii dhumaa walitti firoomsuu
Sagalee dubbii jidduu adda baasuu
Sagalee dubbii jidduu walitti firoomsuu

Sagalee dubbii walitti makuu

Sagalee dubbii addaan qoqqooduu


Sagalee dubbii haquu
Sagalee dubii bakka buusuu

22
Maanuwaalii Deeggarsa

Deeggartoota,

Akkuma baruufi barsiisuun hubannoo saglaee dubbii raawwatameen baruufi barsiisuun hubannoo
walitti dhufeenya qubeefi salgeen gaggeeffamuu akka qabu beekuun barbaachisaadha.Haaluma kanaan,
birkiileen armaan gadii hubannoo walitti dhufeenya qubeefi saglaee barsiisuu ibsu.

3.1.4.2 Hubannoo Walitti Dhufeenya Qubeefi Sagalee Barsiisuu

Hubannoon walitti dhufeenya qubeefi sagalee dandeettii sagaleefi qubee walsimsiisuuti.Kunis, karaa
dhagdubbiin barreeffamaan bakka buufamuuti.Kun immoo qubee adda baasuurraa egala.Itti aansuun,
barattoonni walitti dhufeneya qubeefi salgaee gidduu jiru hubatu.Sanaan booda, jechoota haaraa
dubbisuuf qubeewwan jecha keessa jiru walitti maku. Dabalataanis, sadarkaa qubee walitti makuuratti
barattoonni birsagootaafi dhamjechoota walitti makuu barachuu nidanda’u. Akkasumas, hubannoon
walitti dhufeenya sagaleefi qubee jechoota qubeessuu ofkeessatti nihammata. Tooftaan baruufi barsiisuu
hubannoo walitti dhufeenya qubeefi salgaee dagaagsu saayinsii qubsagaa jedhama.

Hubannoon walitti dhufeenya qubeefi saglaee barattootaaf bu’aalee armaan gadii kenna.
• Qubeewwan baratan hatattamaan adda haafatu,
• Qubeewwan, birsagootaafi dhamjechoota walitti makanii dubbisuudhaan dubbisuurratti gahumsa
horatu.
• Ofdanda’anii jecha niqubeessu.
• Qaama jechoota haaraa walitti makuun dubbisanii nihubatu.
• Jechoota sadarkaalee sagaleewwanii birsagootaafi dhamjechootatti qoqqooduun haala sirrii ta’een
niqubeessu.

Bu’aalee kunneen galmaan gahuuf, baruufi barsiisuun hubannoo walitti dhufeenya qubeefi sagalee
haala kallattiifi sirnaawwaa ta’een barattoota irradeddeebiin shaakalsiisuu barbaada.Kunis, barattoonni
dubbisuufi qubeessuu akka baratan gargaaruuf dandeettii murteessaadha.Akkuma armana olitti ibsame,
adeemsi baruufi barsiisuu hubannoo walitti dhufeenya qubeefi saglaee qabxiilee armana gadii of keessatti
hammachuu qaba (Honing, Diamond and Gutlohn, 2000).

• Tartiiba ifa ta’eefi baruufi barsiisuu qubsagaa sinaawaa fayyadamuun walitti dhufeenya
qubeewwaniifi saglaeewwan barsiisuu.

• Qubee irra deddeebii olaanaa qabu dursa barsiisuu

• Qubeewwan walfakkaatan walirraa fageessanii barsiisuu.

• Barattoonni beekums aargatan dubbisuufi barreessuu keessatti irra deddeebiin akka shaakalniif
meeshaa adda addaa dhiheessuufii.

• Seeneffama jechoota hedduu qabu kanneen jechoonni achi keessatti armaan walitti dhufeenya
qubeefi saglaeen dubbifamanii hubatamuu danda’an akkasumas, kan barattoonni baratanii
darbaniifi barachaa jiran fayyadamuu.

23
Maanuwaalii Deeggarsa

Deeggartoota,

Gaaffilee armaan gadiirratti deeggaramtoota keessan waliin ta’uun calaqqee dhiheessaa.

• Barattoota kee kutaa 1ffaa keessaa meeqatu afaan dhalootaa isaaniitiin qubee adda baasuufi
barreessuu danda’a jettee yaadda? Baratoota kutaa 2ffaa keessaa hoo?
• Yoo barattoota kee keessaa muraasni qubee adda baafachuu nirakkatu ta’e, akka barsiisaa/
tuu afaan dhalootaa tokkootti rakkoo kana maqsuuf qabxiilee olitti qorannoon adda bahan
keesaa isa kam fayyadamuu qabda? Maaliif?
• Barattoonni kee muraasni afaan dhalootaa isaanii keessatti walitti dhufeenya saglaeefi
boca qubee adda baafachuutti nirakkatu yoo ta’e, akka deeggaraa/tuu afaan dhalootaa
tokkootti akkamitti moodeleessuun agarsiista? Rakkoo kana furuuf wanta mala dhahuuf
ta’u qopheeffachuun karoora hojii wixinadhu.

Kutaa 1ffaa keessatti, jalqabarratti barattoonni akkaataa qubeefi salgaee isaanii walitti fidan ni barsiifamu.
Itti aansuun, qubeewwan baratan walitti fiduun jecha ni ijaaru. Barattoonni kutaa 1 fi 2 keessatti dandeettii
akkuma horataa deemaniin qaamolee jechaa akkaataa walitti fidaniifi addaan qoodan nibaratu. Kanaafuu,
jechoota dhamsagootaafi birsagoota hedduu qaban dubbisanii hubachuu nijalqabu.

Deeggartoota,

Mee amma immoo jechoota armaan gadii deeggaramtoota keessan waliin ta’uun dhamjechootatti
qoqqooduufi walitti makuu shaakala.Dabalataanis, haala kanaan walitti makuufi qoqqooduun daa’imman
dubbisuu barachuuf akkamitti akka gargaaru irratti mari’adhaa.

qublamee hin nyaatu fardeen


dubdeebii mataduree jabbilee
saroota barumsa sardiidaa
deeme walbeeku of beeka
af madda
caasluga

Deeggartoota,

Deeggaramtoonni keessan qabxiilee armaan gadiirratti barreeffama qopheessuun poortifooliyoo isaanii


keessa akka galchan taasisaa.

Birkii kana keessatti hojiifi marii gaggeessitan irratti hundaa’uun keeyyata afur matadureewwan
ykn qabxiiwwan itti aanan irratti barreessaa:
1. Waa’ee faayidaa walitti dhufeenya hubannoo sagalee dubbii fi qubee,
2. Tooftaalee baruufi barsiisuu barsiistonni dandeettii barattootaa cimsuuf fayyadaman,
3. Mana barnootaa keessan keessatti hubannoo salgaee dubbiifi qubee barsiisuuf rakkoolee
mudatan,
4. Rakkoolee kanneen maksuuf yaada furmaata ta’u jettanii yaaddan,

24
Maanuwaalii Deeggarsa

3.1.4.3 Gahumsaan Dubbisuu Barsiisuu

Gahumsaan dubbisuun dandeettii jechoota osoo bakka hin barbaachifnetti addaan hinkukkutiin dubbisuuti.
Kunis, dandeettii sirrummaa, saffisaa fi ibsa waliin dubbisuu sirrii ta’een dubbisuuti.Namoonni gahumsa
dubbisuu hinqabne dubbisa dhihaate dubbisanii hubachuurratti nirakkatu. Kanaafuu, gahumsaan
dubbisuun haal duree hubannoo dubbisuuti.

Barattoota hordofuufi madaaluuf dubbisni sagaloos barbaachisaadha. Dhimma kana hojiirra


oolchuudhaafis, tooftaalee baruufi barsiisuu armaan gadii fayyadamuun dandettii gahumsaan dubbisuu
barattootaa fooyyessuu ni dandeenya.

Gabatee 4: Tooftaalee Gahumsaan Dubbisuu Barsiisuu


Tooftaalee Baruu fi Barsiisuu Shaakala Baruu fi Barsiisuu
Dubbisa irradeebii Barattoonni hanga dandeettii gahumsaan dubbisuu horatanitti
seeneffama ykn barreeffama tokko irradeddeebi’uun akka dubbisan
taasisuu.
Dubbisa sagaloo qajeelchaan Barsiistonni barattoonni akka seeneffama gahumsaan dubbisuu
irra deddeebi’amu moodeleessaniif seeneffama jechoota haarawaa of keessaa qabu
dhiheessuu qabu. Yemmuu barattoonni dubbisanis bakka rakkoo
ta’anitti deegarsi barsiistota ykn barattootarraa taasifamuu ni
danda’a. Jalqabarratti yaanni seensaa ni kennama. Itti aansuun
barsiistonni akka moodeelaatti saglaee ol kaasuun ni dubbisu.
Sanaan booda, barattootnni saglaee ol kaasuun ofii isaaniitii
ykn walii isaaniitiif ni dubbisu. Adeemsi kunis irra deddeebiin
raawwachuu qaba.
Dubbisa Hiriyaa Barreeffama dubbisuuf qophaa’e filachuun barattootaan
walbarsiisuu. Kutaa barumsaa keessatti barattoota cimdiin
gurmeessuu.Akkaataa itti fayyadama tarsiimichaa akka
barattoonni hubatan adeemsa isaa moodeelessuu
Dubbisa Waloo Dubbisa tokko barattoonni kuticha keessaa hundi walfaana
dubbisu. As irratti deggarsii fi hordoffiin barsiisotaa
murteessaadha.
Dubbisa Owwaattoo Birkii barreeffama seenessaa, gaalee ykn Hima barsiisonni, hiriyyaan
ykn Maatiin barattoota yeroo dubbisan, barattoonni immoo akkuma
jarri dubbisanitti dubbisa owwaattoon irra deebi’anii ni dubbisu.
Gocha kana hojjechuun dabareen ta’uu nidanda’ama.

Deeggaramtoota kee waliin ta’uun dubbisuu barsiisuu ykn gahumsaan dubbisuu barattootaa dagaagsuu
tokkoon tokkoo tooftaalee gabatee armaan olii keessatti dhihaatan fayyadamuun barbaachisaadha.
Yaaddeebii barattootaa galmeessanii qabachuun tooftaalee barsiisuuf barbaachisan keessaa murteessaadha.
Birkii kana xumuruuf deeggaramtoonni yaaddeebii barattootaa haalaan qindeessuun yoo xiqqaate
tooftaalee gahumsaan dubbisuu barsiisuu sadii portifooliyoo keessatti qabachuu qabu.

25
Maanuwaalii Deeggarsa

Hojii Madaallii Gahumsaan Dubbisuu

Dandeettiiwwan baruufi barsiisuu basiistota afaan dhalootaa sadarkaa tokkoffaa keessaa tokko
gahumsaan dubbisuu barattootaa madaaluudha.Gabateen itti aanu madaallii gahumsaan dubbisuu
barattootaa sadarkeessuuf barbaachisan agarsiisa.Deeggaramtoota keessan waliin ta’uun gahumsaan
dubbisuu barataa/ttuu tokko ykn lama ulaagaalee madaallii gabatee, armaan gadii irratti agarsiifame
irratti hundaa’uun gabaasa qindaa’e portifooloo deeggaramtootaa keessa galchaa.

1. Jechoota meeqatu dogoggoraan dubbifame? (Baattoonni dogoggoraan dubbisan yemmuu


jennus sagaleessa dogoggoraa, sagalee biraa bakka buusuun dubbisuu, haala faallaa ta’een
dubbisuu, sagalee biraa itti dabaluun dubbisuu ykn immoo irradeddeebiin dubbisuu ta’uu ni
danda’a)
2. Jechoota meeqa daqiiqaa tokko keessatti sirriin dubbisan? Sadarkaan sirrummaa isaanii hoo
maalfakkaata? (Saffisni= jechoota sirriin dubbifaman X 60 sec. hiruu yeroo dubbisuurratti
fudhate. Sirrummaa safaruuf ammo jechoota sirriin dubbifaman X 100 hiruu jechota
waliigalaan dubbifamaniiti.
3. Barattoota madaalte sadarkaalee maal maalfaarratti ramadda?
4. Tooftaalee baruufi barsiisuu gahumsaan dubbisuu barsiisuu armaan olitti gabatee keessatti
ibsaman keessaa isa kamtu barattootaaf gaarii ta’a jetta? Maaliif?

Barattoota Madaalte Sadarkeessuuf, Ulaagaalee Madaallii Armaan Gadii Fayyadami.

Sadarkaa Baayyee Baayyee Gaariif Sadarkeessuu (Sadarkaa 4ffaa)

• Gahumsaan dubbisuu dogoggora sirna tuqaalee hinqabne.

• Akka qooddattoota dubbisicha keessatti argamaniitti gahumsaan dubbisuu (Qooddattoota dubbisa


keessatti argaman akkeessuun dubbisuu)

• Jechoota gahumsaan dubbisuu.

Sadarkaa Baay’ee Gaariif Sadarkeessuu (Sadarkaa 3ffaa)

• Gahumsaan dubbisuu dogoggora sirna tuqaalee baay’ee xiqqaa qabu.

• Akka qooddattoota dubbisicha keessatti argamanitti bifa garaagarummaa guddaa hin qabneen
gahumsaan dubbisuu.\

• Jechoota haala gahumsaan dubbisuutti dhihaatuun dubbisuu.

Sadarkaa Baay’ee Gaariif Sadarkeessuu (Sadarkaa 2ffaa)

• Gahumsaan dubbisuu gartokkeen isaa dogoggora sirna tuqaalee qabu

• Akka qooddattoota dubbisicha keessatti argamaniitti hanga tokko gahumsaan dubbisuu

• Jechoota hanga tokko gahumsaan dubbisuu.

26
Maanuwaalii Deeggarsa

Sadarkaa Gadi Aanaaf Sadarkeessuu (Sadarkaa 1ffaa)


• Sirna tuqaalee hedduu dogoggoruun dubbisuu
• Akka qooddattoota dubbisicha keessatti argamaniitti dubbisuu dadhabuu
• Jechoota dubbisuurratti rakkachuu.

3.1.4.4 Fayydama Jechootaa Barsiisuu

Fayydamni jechootaa kallattiifi alkallattiin baratamuu danda’a.Kunis, beekumsa jechootaafi hiika


isaaniiti.Barattoonni dandeettii fayyadama jechootaa gabbifachuuf carraalee hirmaannaa hedduufi si’ataa
isaan barbaachisa.Ragaaleen qorannoo akka mul’isanitti, barsiisonni tooftaalee hedduu gargaaramanii
dandeettii fayyadama jechoota barattoota isaanii gabbisuu nidanda’u (National Reading Panel, 2000).
Qabxiileen armaan gaditti tarreeffaman fayyadama jechootaa barachuu barattootaa kan fooyyessanidha:

• Barattootaa hojiiwwan fayyadama jechoota haaraa of keessaa qaban kennuuf, akka isaan
jechoota haaraa fayyadamanii hima ijaaran fakkeenya kennaniifi fakkeenyaan alaa fayyadaman,
hiikaawwaniin walitti firoomsuu, jechoota hiika walfakkaataafii faallaa qaban barreessaniifi kkf
raawwatan taasisuu;
• Jechoota haaraa jechoota beekamu waliin wal qabsiisuu;
• Jechoota haaraa haala garagaraa keessatti itti fayyadamuu;
• Barattootaaf carraa hedduu jechoota haaraa ittifayyadaman uumuufi;
• Barattoota dandeettiiwwan jechoota adamsuu barsiisuu.

Hojii Irra Olmaa Qajeeltoowwan Armaan Olii

Deeggartoota,
Qajeeltoowwan armaan olii deeggara/tuu keessan waliin ta’uudhaan irratti mari’adhaatii tokkon
tokkoo isaaniitiif haala isaan hojiirra itti oolan uumaa.

Meeshaalee sirna barnoota haaraa manneen barumsaa sadarkaa jalqabaa keessatti fayyadamni jechootaa
akka jechoota dubbii afaaniifi fayyadama jechoota barumsaatti dhiyaatee jira.

Jechoota dubbii afaanii kanneen jedhaman jechoota yemmuu namni tokko dubbatu dhaggeeffannee hiika
isaanii hubannuufi jechoota namoota biroo waliin dubbiif ittifayyadamnuudha.Jechoota barumsaa kanneen
jedhaman immoo, jechoota barumsa keessatti waliin dubbiifi barreeffamoota keessatti fayyadamnuudha.
Atiifi deeggaramaa/tuun kee waliin ta’uun garaagrummaa muraasa fayyadama garee jechoota lamaanii
jidduu jiru irratti mari’achuun fayyadamni jechoota barumsaa gosa barnoota biroo barachuu keessatti
hangam murteessaa akka ta’aniifi barsiisonni afaan dhaootaa barsiisan dandeettii fayyadama jechoota
barumsaa kana barattoonni isaanii akka gabbifataniifi maal gochuu akka qaban addabaasaa.

3.1.4.5 Barreessuu Barsiisuu

Barreessuu jechuun qubeewwan afaanichaatti fayyadamuun yaadaa fi ergaa ofii dabarfachuudha.Kunis,


adeemsa mallattoolee (Tartiiba qubeewwan afaanicha keessa jiranii, sirna tuqaaleefi addaan fageenya)

27
Maanuwaalii Deeggarsa

fayyadamuun yaadaa fi ergaa keenya dabarfachuun dubbiftootaan waliigaluudha.Barreessuu barsiisuuf


tooftaalee garaagaraatu jira.Isaanis: moodeleessuun barreessuu, waliiqooduun barreessuu, qajeelchaan
barreessuu fi ofdanda’anii barreessuu.Moodeelessuun barreessuu keessatti barsiisonni tooftaaleefi
amaloota barattoonni yemmuu barreessan barachuu qaban itti agarsiisu.Waliiqooduun barreessuu
keessatti immoo, barsiisaa/tuufi barattoonni waliin ta’uun barreeffama qopheessuu.Barattoonni yaada
maddisiisu. Barsiisaan/tuun barattoota waliin ta’uun yaada barattoonni maddisiisan sana gabbisu.
Dabalataan barsiisaa/tuun gaaffilee akka barattoonni yaada maddisiisan taasisan gaafata/ti. Qajeelchaan
barreessuun irra caalaatti kan barattoota jiddu galeeffate ta’ee gaheen barsiisaa/tuu immoo, yemmuu
barattoonni ofdanda’anii kophaatti barreessan deeggarsa kennuudha. Akkuma barattoonni dandeettiifi
ofitti amanamummaa barreessuurratti cimsachaa dhufaniin deeggarsi barsiisonni kennan xiqqaachaa
deemuu qaba. Ofdanda’anii barreessuu keessatti barattoonni deeggarsa barsiisota isaanii osoo hineeggatiin
ofdanda’anii barreessuu.

Tooftaaleen armaan olitti tuqaman kitaabilee afaan dhalootaa manneen barumsa sadarkaa jalqabaa keessatti
dhiyaatanii jiru.Yoo hindhiyaannes barsiisonni afaan dhalootaa barsiisan tooftaalee barreessuu garagaraa
armaan olitti eeramanitti fayyadamanii barreessuu barsiisuun barbaachisaadha.Atiifi deeggaramaan/tuun
kee waliin ta’uun sadarkaalee kutaa fi dandeettii barreessuu barattootaa ilaalcha keessa galchuun gahee
tooftaalee barreessuu kunneen dandeettii barressuu barattootaa gabbisuu irratti qaban ibsa.

Walgargaaruun Barachuu
Deeggartoota,
Keeyyattoonni gosoota afuritti qoodamuu danda’u. Isaanis: keeyyata addeessaa, keeyyata ibsaa,
keeyyata seenessaafi keeyyata amansiisaa jedhamu. Dandeettii barreessuu barsiisuu, beekumsa duraan
qabdu irratti hundaa’uufi barsiisota biroo gaafachuun tooftaalee garagaraa keeyyattoota kanneen
qindeessanii barreessuun ittiin danda’amu dhiyeessi. Tokkoon tokkoo keeyyattoota kanneeniif
kitaabilee afaan dhalootaa manneen barumsa sadarkaa jalqabaatiif qophaa’e keessaa fakkeenyota
barbaaduun amaloota ijoo isaanii addaan baasaa.

Dabalataanis, sadarkaaleen barreessuu barattoota manneen barumsa sadarkaa jalqabaa keessa jiran
barreessuu shaakalsiisuuf gargaaran nijiru.Sadarkaaleen barreessuu kunneenis fakkii itti aanu keessatti
cuunfamanii dhiyaatanii jiru.

28
Maanuwaalii Deeggarsa

A. Sadarkaa Barreessuun Duraa


• Mata duree filachuu
o Bilisaan barreessuu/tuun kan filatu/tu
o Akka irratti barreeffamuuf kan kenname.
• Kaayyoo barreessuu ibsuu
o Qindeeffama caatootti fayyadamuu
o Yaada maddisiisuutti fayyadamuu
• Gosa barreeffamichaa murteessuu
o Odeeffannoo daangessuu
o Dubbistoota adda baafachuu
• Ragaalee funaanuufi qindeessuu
o Odeeffannoo qindeessuu
o Odeeffannoo walfakkaatan bakka tokkotti gurmeessuu
o Odeeffannoo barbaaduun irra deebi’anii tartiibessuu

B. Barreeffama Jalqabaa Barreessuu


• Barreeffama jalqabaa akkuma yaanni namaa dhufeen barreessuu.
• Dogongoroota uumaman sirreessuurra qabiyyee isaa qofaarratti
xiyyeeffachuu

C. Keessa Deebi’anii Dubbisuu


• Barreeffama jalqabaa irra deddeebi’anii dubbisuu
• Barreeffama jalqabaa keessa deebitanii dubbisaa jirtan sana
garee birootiif qoodaa.
• Jijjiiramoota bu’a qabeessa ta’an raawwadhaa.
• Barreeffama jalqabaa keessa deebi’amee dubbifame sana mir-
kaneeffachuuf dubbisaa

D. Gulaaluu
• Himoonni hundi sirrii ta’uu isaanii mirkaneeffachuu
• Dogongora qubeessuu, qubguddeessaafi sirna tuqaalee sirrees-
si.
• Jechoota itti fayyadamni isaanii sirrii hintaane jijjiiri.

E. Barreeffama Xumuraa Qopheessuu


• Barreeffama xumuraa qopheessi.
• Barreeffama kee dubbistoota keetiif qoodi.

Fakkii 3: Sadarkaalee dandeettii barreessuu manneen barumsa sadarkaa jalqabaa keessatti ittiin dagaagsan

3.1.4.6 Hubannoo Dubbisuu Barsiisuu

Hubannoo dubbisuu jechuun dandeettii barreeffama tokko dubbisuu, adeemsa hubachuufi hiika itti kenniti.
Kunis, galma guddaa dubbisuuti.Hubannoon dubbisuu beekumsa barattoonni waa’ee matadurichaa
ilaalchisuun duran qaban, odeeffannoo dubbisichaa gargaaramuun yaada ijoofi yaada callaa adda baasuu,
hiika miiltawatti fayyadamuun dubbisichaa keessaa hiika argachuu of keessatti qabata.Yaad-rimee
waa’ee hubannoo dubbisuu kanneen irraa wanti hubatamu qabu hubannoo dubbisuu barsiisuu barattoonni
29
Maanuwaalii Deeggarsa

dubbisa dhiyaate akka dubbisan taasisuufi gaaffilee muraasa gaafachuu qofarratti kan hinxiyyeeffanne
ta’uu isaati. Dabalataanis, hubannoon dubbisuu barattoonni tarsiimoolee dandeettii dubbisuu isaanii akka
dagaagfatan deeggaruufi dubbisa dhiyaate sana hubachuu isaanii hordofuu kan of keessatti qabatuudha.
Tarsiimooleen kunneenis tooftaalee ofdandeessisuu jedhamuun beekamu.

Galmi guddaan dubbisuu hiika dubbisa keessaa argachuu waan ta’eef, barsiisonni afaan dhalootaa
hubannoo dubbisuu barsiisuuf xiyyeeffannoo barbaachisaa kennuufi qabu. Kunis, hubannoo dubbisuu
barsiisuun tooftaalee garagaraa ykn tarsiimolee qoodaman kanneen akka hojiiwwan hubannoo dubbisuun
duraa, hubannoo yeroo dubbisuufi hubannoo dubbisuun boodaa kan barbaadu ta’uu isaati. Akkuma kanaan
dura qajeelcha barsiisotaa ykn leenjiiwwan adda addaa irraa hubattanitti barsiisonni afaan dhalootaa
barsiisan sadarkaalee sadeen hubannoo dubbisuu barsiisuuf tarsiimolee garagaraatti fayyadamuu qabu.

Deeggartoota,

Tarsiimoleen yemmuu hubannoo dubbisuu barsiiftan sadarkaalee adda addaa keessatti itti fayyadamuu
qabdan gabatee armaan gadii keessatti dhiyaatanii jiru.

Atii fi deeggaramaa/tuun kee waliin ta’uun tokkoon tokkoo tarsiimolee gabatee itti aanu keessatti
kennaman irratti mari’achuun sadarkaalee hubannoo dubbisuu barsiisuuf itti fayyadamtan jalatti ramada.

• Caasaa dubbisichaa adda baasuu • Yaada goolabaa qopheessisuu


• Madaaluu • Tilmaamuu
• Hubachuu hordofuu • Itti fufanii dubbisuu
• Osoo dubbiftu dhaabuun itti yaaduu • Yaada ijoo adda baafachuufi irra deebi’anii
• Irradeddeebi’anii dubbisuu himuu
• Beekumsa duraan qabanitti fayyadamuu • Fakkii hubannoo uumuu
• Tilmaama isaanii mirkaneessuu • Cuunfuu
• Maappii seeneffamichatti fayyadamuu • Fayyadama jechootaa murteessoo ta’an
• Yaadannoo qabachuu dursanii barsiisuu
• Chaartii BBB tti fayyadamuu • Jechootaafi beekumsa walqabsiisuu
• Caatoo seeneffamaatti fayyadamuu. • Kaayyoowwan bu’ureffachuu
• Dubbisoota birootiin walqabsiisuu • Gaaffiifi deebiitti fayyadamuu

• ______________________
• ______________________
• ______________________
Tarsiimolee dubbisuun duraa
• ______________________
• ______________________
• ______________________

30
Maanuwaalii Deeggarsa

• ______________________
• ______________________
• ______________________
Tarsiimolee yeroo dubbisuu
• ______________________
• ______________________
• ______________________

• ______________________
• ______________________
• ______________________
Tarsiimolee dubbisuun boodaa
• ______________________
• ______________________
• ______________________

Tarsiimolee hubannoo dubbisuu barsiisuuf armaan olitti kennaman keessaa kan sadarkaa hubannoo
dubbisuu barsiisuu tokko ol jalatti ramadamuu danda’u isa kami? Tarsiimoleen kunneen haala
qabatamaa hubannoo dubbisuu barsiisuu keessatti, akkamitti akka hojiirra oolan hubachuun baay’ee
barbaachisaadha.Kanaaf, tarsiimolee hubannoo dubbisuu barsiisuuf fayyadan kanneen keessaa muraasa
fudhachuun deeggaramtoota keetiif moodeleessuun bu’aa qabaachuu danda’a.

Deeggartoota,
Birkii kana xumuruudhaaf deeggaramtoota keessaniif yemmuu hubannoo dubbisuu barsiiftan
barannoo afaan dhalootaa lama moodeleessuun barbaachisaadha. Deeggaramtoonni barannoo
daawwatan irratti hundaa’uudhaan calaqqee poortifooliyoo isaanii keessatti kuufamuu qabu
niqindeessu.

3.1.4.7 Dhag-dubbii (Dubbachuufi Dhaggeeffachuu) Barsiisuu

Dhag-dubbiin dandeettii daa’imman afaan dhalootaa isaanii manaafi mana barumsaatti dhaggeeffachuu
dubbachuuti.Dhaggeeffachuu jechuun dandeettii wanta namoonni biroo dubbatan dhaggeeffatanii
hubachuufi hiika itti kennuuti.Wanta namoonni biroo dubbatan dhaggeeffatanii hubachuufi hiika itti
kennuufis, looga ykn haala dubbataa/tuu, seerluga inni/isheen itti fayyadame/te, fayyadama jechootaa
isaa/isheefi hiika dubbii isaa/ishee hubachuun barbaachisaadha.

Akkuma hubannoo dubbisuu barsiisuu, hubannoo dhaggeeffachuu barsiisuu keessattis, barattoonni


dandeettiiwwan xixiqqaa dhaggeeffachuu armaan gadii akka dagaagfatan gargaaruun barbaachisaadha.
Dandeettiiwwan xixiqqaan dhaggeeffachuu kunneenis:

• Namoonni waa’ee maalii akka dubbachuuf ta’an tilmaamuu

• Hiika jechoota ykn gaaleewwan haaraa tilmaamuu

31
Maanuwaalii Deeggarsa

• Beekumsa duraan qabanitti fayyadamuun wanta dubbatamaa jiru sana hubachuu.

• Qabxiilee barbaachisoo ta’aniifi odeeffannoo barbaachisummaan isaanii xiqqaa ta’e adda


baafachuu.

• Qabxiilee barbaachisoo ta’an qabachuu (yaadannoo qabachuu fi cuunfuu)

• Ibsoota dubbii keessatti argaman (Fkn. Gaariidha; gara biraatiin raajiidha, amala, xumurarratti;
kkf) adda baafachuu.

• Jechoota yaada ce’umsaa agarsiisan (Fkn. Kunneenis, kan walqabsiisota, bamaqaalee, ibsootaafi
kkf) adda baafachuu

• Faayidaa caaseffamoota olka’iinsaafi gad-bu’iinsa sagalee garaagaraa hiikaafi haala dubbiin


keessatti dubbatame hubachuuf qaban beekuun barbaachisaadha.

• Odeeffannoo haala dubbataa ibsan (fkn. Ilaalcha dubbataa ykn wanta dubbatan barbaadu)
hubachuun barbaachisaadha.

Dandeettiiwwan xixiqqaan dhaggeeffachuu armaan olitti kennaman kanneenis, sadarkaaalee hubannoo


dhaggeeffachuu barsiisuu (sadarkaa dhaggeeffachuu duraa, sadarakaa yeroo dhaggeeffachuu fi
sadarkaa dhaggeeffachuu booda) sadiitti qoodanii barsiisuun ni danda’ama.

Kaayyoon sadarkaa dhaggeeffachuun duraa:

• Fedhii barattootaa kakaasuuf;

• Beekumsa barattoonni duraan qaban gara mata duree haaraatti fiduuf;

• Fayyadama jechootaa murteessoo ta’an dursanii barsiisuufi beekumsa fayyadama jechootaa


hubannoo dhaggeeffachuu keessatti barattoota gargaaran gabbisuu;

• Gosoota dubbisa hubannoo dhaggeeffachuu barsiisuuf qophaa’an dursanii baratoota


hubachiisuufi kaayyoon dhaggeeffachuu isaanii maal akka ta’eefi gaheen isaanii dhaggeeffachuu
sana keessatti qaban maal akka ta’e barattoota hubachiisuuf.

Kaayyoon sadarkaa yeroo dhaggeeffachuu dandeetii ergaa afaan dubbii keessaa barattooni akka
hubatan taasisuu gabbisuuf gargaara.Barattoonni yaada waliigalaa fi odeeffannoo murtaawaa argachuu
dhaggeeffachuu danda’u. Kaayyoon sadarkaa dhaggeeffachuu boodaa immoo, barattoonni dubbisa
dhaggeeffatan sana hangam akka hubataniif maal akka hubtan adda baasanii madaaluufidha. Kunis,
barattoonni hojiiwwan sadarakaa dhaggeeffachuun duraa, hojiiwwan yeroo dhaggeeffachuufi hojiiwwan
dhaggeeffachuun booda jiran walqabsiisanii hubachuuf isaan gargaara.

Deeggartoota,

Xiinxala qajeelcha barsiisotaataasiftanirratti hundaa’uun, atii fi deeggaramaan/tuun kee sadarakaalee


sadeen hubannoo dhaggeeffachuu kanneen keessattihojiiwwan dubbisuu barattooonni raawwachuu
qaban adda baasuu dandeessuu?Muraasni isaanii akka itti aanutti tarreeffameera.

• Yoo barbaachisaa ta’e yaadannoo fudhachuu;


32
Maanuwaalii Deeggarsa

• Beekumsa duraan qabanii wanta dhaggeeffataniin walqabsiisuu;


• Wanta dhaggeeffatan irra deebi’anii himuu;
• Wanta itti aanee dhufu tilmaamuu;
• Osoo dhaggeeffatan gaaffilee deebii kennuu;
• Wanta dhaggeeffatan cuunfuu
• Jechoota murteessoo ta’an dursanii barsiisuu
• Yaada waliigalaa argachuuf dhaggeeffachuu.

Dhag-dubbiin dabalataan dandeettii dubbachuu barsiisuu of keessatti ammata.Qajeelcha barsiisotaafi


silabasii afaan dhaloota manneen barumsaa sadarkaaa jalqabaa keessatti tooftaaleen baruufi barsiisuu
dandeettiiwwan dubbachuu barsiisuuf gargaaran armaan gaditti dhiyaatanii jiru.

Gabatee 5- Dandeettiiwwan dubbachuu

• Mariiwwan garee xixiqqaa • Ergaa dabarfachuu


• Wanta dubbatan cuunfuu • Itti yaaduufi barbaaduu
• Wanta dubbatan irra deebi’anii himuu • Gaaffiifi deebii gaggeessuu
• Muuxannoowwan dhuunfaa himuu • Of barsiisuu
• Walfakkeenyaafi garaagarummaa waan • Waan tokko ibsuu
dubbtaa jiran adda baasuu. • Gahee taphachuu
• Jiruufi jireenya hawaasa tokko himuu, • Moodeleessuun dubbachuu
muuxannoo dhuunfaa, seeneffama hawaasaa • Wanta dubbatamu ifa gochuu
himuu. • Yaada ofii sababa waliin ibsuu
• Irra deebi’anii sagaleessuun dubbisuu • Waliin dubbii gaggeessuu
• Tilmaamuu
• Falmii gaggeessuu

Meeshaalee sirna barnootaa afaan dhalootaa manneen barumsaa sadarakaa jalqabaa keessatti wayitii
barnootaa tokkoo (daqiiqaa 40’) keessatti qabiyyee barannoo lama ykn saditu barsiifama.Haala kana
hubachuun barisisonni dandeettiiwwan afaan barsiisuu maleenya garagaraa walkeessa makuun barsiisuu
akka qaban yaadachuu qabu.Bifuma walfakkaatuun dandeettiiwwan dhaggeeffachuu fi dubbachuullee
malleen gara garaa walkeessa makuun fayyadamuun barsiifamu. As keessatti barattoonni muraasni
ykn barisisaan/tuun yoo seeneffama tokko dhiyeessan barattoonni hafan seeneffacha dhaggeeffataa
wanta seeneffamaa jiru sana cuunfuudhaan irra deebi’anii yaadota gurguddoo isaa seenessuu ykn
himu. Adeemsuma walfakkaatuun barattooonni waliin dubbiifi gahee taphachuun dhiyeessu ykn falmii
barattoonni biro gaggeessan dhaggeeffachuun ofii isaaniifillee yaada isaanii qindeeffachuun gahee
taphachuun ykn falmii gaggeessuun ni’ibsitu.

Atiifi deeggaramaan/tuun kee tarsiimolee dhag-dubbiin ittiin barsiifamu kanneen armaan olitti ibsaman
irratti waliin mari’adha.Marii keessan qajeelcha barsiistaafi silabasii afaan dhalootaa manneen barumsaa
sadarkaa jalqabaatiif qophaa’e ilaaluun cimsa.
33
Maanuwaalii Deeggarsa

3.1.4.8 Caasluga Barsiisuu

Sirna barnootaa afaan dhalootaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessatti caasluga barsiisuurratti
maleenyota ijoo lamatu dhihaate. Isaanis, maleenya kallattiifi maleneya al-kallattii jedhamu. Akka
scott (1990) jedhutti maleenyi kallattiin caasluga barsiisuu qo’annoo xiinxala seera caasluga kallattii
fayyadamuurratti xiyyeeffachuun caasaan xinqooqaa fi qindoominni afanii akka hubatamu taasisa.
Gama biraatiin, maleenyi al-kallattiin caasluga barsiisuu seerota caaslugaa, haala hubatamaa fi hiika
qabeessa ta’e keesatti dhiheessuudha.Kanaaf, maleenya kanaan seeronnii fi caasaan afaanii fayyadama
qabatamaa ta’een baratamu. Dabalataanis, maleenyonni caasluga barsiisuu maleenya waliigalaa gara
murtaa’aa fi maleenya murtaa’aa gara waliigalaa jedhamuun qoodamuu ni danda’u. Maleenya murtaa’aa
gara waliigalaa keessatti caaslugni dubbisa dubbifamu ykn dhaggeeffatamu keessatti dhihaata. Sanaan
booda barsiistonniifi barattoonni seerotaafi caasaa afaanichaa dubbisa dhihaate keessaa nihubatu. Kunis
muuxannoo seera haala qabatamaa keessatti fayyadu tokko irratti hundaa’uun tokko barreeffama dhihaate
keessaa qajeeltoowwaniifi seerota jiran baasu/hubatu.

Maleenya waliigalaa murta’aa keessatti caaslugni kallattiin barisifama. Kunis, barattoonni seera
waliigalaafi caasaa afaanii kallattiin shaakalu.

Kitaaba, barattootaa kutaa 1-4 keessatti caaslugni maleenya alkallattiin dhihaate kunis, dubbisawwanii
fi seeneffamoota keessatti seeronnii fi qajeeltoowwan afaanii waliin qindaa’uun dhihaatanii jiru.
Sirna barnootaa, afaan dhalootaa kutaa 5-8 keessatti immoo maleenya kallattiin caasluga barsiisuutu
xiyyeeffatame.

Maleenyota Caasluga Basiisuu Lamaan Irratti Hubannoo Gadifageenyaa Horachuu

Deeggartoota,

Caasluga barsiisuurratti akka qaama adeemsa deeggarsa ogummaatti akkaataa caaslugni kitaaba barattootaa
afaan dhalootaa kutaa 1-4fi 5-8 keessatti barsiifamu ilaalchisee bu’aa qabeessummaa isaa walbira qabuun
qaaccessa qabiyyee taasisaa.Deeggaramtoota keessan waliin ta’uun sadarkaa kutaalee lamaan keessatti
caasluga barsiifamu adda baasaa.Akkasumas, akkaataa qabiyyeewwan caaslugaa kunneen barsiifaman
irratti mari’adhaa.Haaluma kanaan, kutaalee jalqabaa (1-4) keessatti maleenyi al-kallattii kutaa 5-8
keessatti immoo maleenyi kallattii maaliif akka fayyadu irratti hubannoo ifa ta’e qabaachuu qabdu.
Kanarratti hundaa’unis, deeggaramtoonni faayidaalee fi miidhaalee maleenyota lamaanii irratti gabaasa
haa qindeessan. Akkasumas, barattoota mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa caasluga barsiisuu irratti
barannoowwan haa qopheessan.

Barannoowwan Caaslugaa Karaa Maleenyota Kallattiifi Alkallattiin Wixineessuu

Deeggartoota,

Akkaataa adeemsa deeggarsa ogummaa barsiisummaatti, deeggaramtoonni akkaataa caasluga kutaa 1-4
yookiin 5-8 ittiin barsiisan ni daawwatamu. Qajeelcha barsiistotaa fi ibsa maanu’aalii kanaa keessatti
kenname irratti hundaa’uun, deeggaramtoonni barannoo seera caasluga murtaa’aa maleenyota kallattiifi
alkallattii fayyadamuun akkamitti akka barsiisan kutaa garaagaraa yookiin barannoowwan keessatti

34
Maanuwaalii Deeggarsa

wixineeffachuu qabu. Kanaafuu, deeggaramtoota keessan wajjin ilaalchotaa fi hubannaa seerota seerluga
barattootaani xiinxaltu; akkasumas, maleenyota kallattiif alkallattiin seerluga barsiisuu irraa maaltu akka
baratame gabaas ni qindeessitu.

Qorannoo gochaa Gaggeessuu

Deeggartootaa,

Qaaccessa kitaabilee irratti hundaa’uun deeggaramtoota keessan wajjin maleenya seerluga barsiisuu isa
kamtu irra caalaa bu’a qabeessa akka ta’e hubachuuf qorannoo gochaa nigaggeessitu. Ragaan afaan
barsiisuu, barannoon seerlugaa maleenyota lamaanuu walfaana fayyadamuu akka qabanu mul’isa.
Barsiistonni sadarkaa barnootaa barattootaa fi seera barsiifamu irratti hundaa’uun maleenyota lamaan
keessaa tokko fayyadamuu danda’u.Maleenyi seerluga barsiisuu kitaabilee sadarkaa tokoffaa irratti
daangeffamus deeggaramtoota keessan wajjin maleenya seerluga barsiisuu isa kamtu barachuu barattootaa
irra caalaa akka fooyyessuufi maleenya seerluga barsiisuu kamiin barattoonni aka filatan irratti qorannoo
gochaa gaggeessitu.Gabaasa qorannichaas poortifooliyoo keessan keessatti kuufattu.

Burkiin kun, deeggaramtoonni tarsiimolee seerlugni sirna barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti ittiin
sororofamuu fi dagaaginni dubbisuu fi barreeessuu barattootaa haala ittiin deeggaramu sirriitti hubachuu
danda’u qabu.

3.1.5 Baruufi Barsiisuu Daree Barnootaa Koornayaa Giddugaleeffata

Barsiistonni koornayaa giddugaleeffatan wantoota armaan gadiirratti xiyyeeffannoo gochuu qabu.

• Meeshaalee baruu fi barsiisuu keessatti fayyadamanirratti


• Jechoota daree keessatti fayyadamanirratti
• Haala taa’umsa daree barattootaarratti
• Qunnamtii barattoota waliin taasisuurratti
• Qoccollaa fedhii walqunnamtii saalaa irraa ofeeguurratti
Haaluma kanaan, barsiistonni koornayaa giddugaleeffatan:

• Meeshaalee barnootaa keessatti kallattii dhiiraa fi dhalaa ilaalchisee bifoota fakkiilee fi


barreeffamootaan gahee walqixxummaa koornayaa mul’isan fayyadamuu qabu.
• Daree barnootaa keessatti jechootaas ta’ee mallattoowwan loogii koornayaa agarsiisanirraa of
qusachuu qabu.
• Fayyadama jechoota, mammaaksotaa fi baacoowwan garee koornayaa tokkoo ol kaasanii kan
koornayaa biroo immoo gadi qaban dhiisuu.
• Bamaqaalee koornayaa fo’anirra kanneen hinfoonne fayyadamu qabu.
• Barattoonni yemmuu dubbachaa jiranitti mallattoo bifa sochii qaamaatiin taasifamurratti
xiyyeeffannoo kennuu qabu.
• Barattoota ija walfakkaatuun ilaaluun walqixa jajjabeessuu.
35
Maanuwaalii Deeggarsa

• Barattoonni hundi hojiilee daree barnootaa keessatti si’aayinaan akka hirmaataniif haalli taa’umsa
isaanii mijaa’aa ta’uu mirkaneeffachuu
• Barattoota dhiiraa fi dubaraaf carraa walixa hirmaachisu kennuu
• Koornayaa lamaaniifuu yaaddeebii ijaarsaa walqixa ta’e kennuu
• Hojiilee garee keessatti barattoonni hundi loogii koornayaa malee gahee akka taphatan taasisuu
• Baratoota dhiiraafis ta’e dubaraaf rakkoolee karaa adda addaan isaan qunnamurratti (rakkoo
qaamaa, rakkoo xiinsammuu) gargaarsa walqixa ta’e kennuu.
• Wantoota koornayaa fo’uun dhiibbaa taasisan irraa of eeguu fi barattootarratti yoo kan mul’atu
ta’erraa hatattamaan tarkaanfii sirreessaa fudhachuu.
• Barattoota shamarraniis ta’ee dhiiraa laafoo ta’an maatii ykn Gamtaa Maatii Barattootaa (GMB)
waliin ta’uun gargaaruu.

Deeggartoota,

Daree barnoota afaan dhalootaa keessatti kornayaa giddu-galeeffachuun isaa karaan itti sakatta’amu
keessaa tokko, walitti dhufeenya barsiisaa/tuufi barattootaa xiinxaluuni.Birkii kana xumuruuf wanti
barbaachisaa ijoon deeggaramtoota keessan waliin wixinee daawwannaa daree barnootaa qopheessuun
kutaa walii daawwadhaa.Isa booda, daawwannaa barannoo si’a lama lama gaggeessitan irratti hundaa’uun
koornayaa giddugaleeffachuu deeggaramtootaa xiinxaluun poortifooliyoo deeggaramtootaa keessa
galchaa.

3.1.6 Daree Hundammatoo Keessatti Tooftaalee Barsiisuu

Ka’umsa gadi aanaa dubbisuu barattootaaf sababoota hedduutu jiru. Isaan keessaa baayyee beekamoon:

A. Rakkoo moodeelessuun dubbisuufi muuxannoo jiruufi jireenyaan walqabatan

B. Rakkoo dandeettii dubbisuu qabaachuu

C. Rakkoo qaroofi

D. Rakkoo barachuu barattootaati

Rakkoon dubbisuu dadhabuu barattootaa baayyeen isaa barnoota idileen duraafi sadarakaa tokkoffaatii
ka’a.Ka’umsa kanarratti sirriitti hojechuun ykn barsiisuun rakkoo kana ittisuun nidanda’ama.

Barsiisonni ga’umsaan dubbisuu barsiisan haala barsiisuu isaanii jijjiiruun fedha barattoota adda addaa
walsimsiisuu qabu. Toofaalee baruu barsiisuu barattoota dubbisuu irratti rakkina qaban ittiin deeggaraman:

A. Baruufi barsiisuu fedha-heddee (surreen nama tokkoof hodhame nama hundaaf hin ta’u)

Barsiisonni fedha barattoota adda addaa guutuuf ciminaa fi fedha isaanii adda baafachuun barattoota fedha
wal-fakkaataa qaban garee xixiqqaatti gurmeessuun karoora barsiisuu fedh-heddee irratti xiyyeeffatu
qopheessuun barsiisu. Kana jechuun, barsiisotni dubbisa barsiisan dhuunfaan barattoota garee xixiqqaatti

36
Maanuwaalii Deeggarsa

qoqqooduun akkaataa kanaan guutummaa daretti hojii irra oolchuu.

Dhiheessi dubbisuu sirna barnoota gaarii gahumsa baruufi barsiisuuti. Barsiisonni haala barsiisuu isaanii
barattoota dubbisuu irratti rakkatanis ta’e kan dubbisuu iratti cimaa ta’aniif fedhii isaanii walsimsiisuu
qabu. Fkn. Yeroo baratoonni of danda’anii dhuunfaan hojjetan itti fayyadama jechootaatti laafaa ta’an
hiriyaa isaanii waliin ykn garee xixiqqaa keessatti shaakalu). Daree keessatti barattoota dubbisuu
barachuu irratti rakkatan gahumsa dubbisuu barsiisuuf;

A. Dandeettii addaafi tooftaa barattoonni barachuuf fedhan ragaa sakatta’amerratti bu’ureffachuun


barsiisuu,
B. Baruu barsiisuu sirnawaafi ifa gochuu,
C. Carraa shaakallii barattoootaa dabaluu,
D. Dubbisa sadarkaa dandeettii dubbisuu barattootaatiin dhiyeessuu (Baayyee salphaa ykn baayyee
cimaa kan hintaane) fi
E. Barattoonni dandeetii barbaachisu horachuu isaanii madaaluun, yoo barbaachisaa ta’e tooftaan
keessa deebi’anii barsiisuun fayyadamu.

B. Baruu if Barsiisuu Sirnaawaa Fayyadamuu

Baruu fi barsiisuu sirnaawaan of eeggannoon tartiibeffama.Kanaaf, dandeettiiwwan salphaa


dandeettiiwwan baay’ee ulfaatoo dura barsiifamu.Dandeettiiwwan qubeewwan fi sagaleewwan isaan
bakka bu’an akkaataa dursa daangaa fi tartiiba adda bahanii taa’aniin barsiifamu.Waan kana ta’ef, barachuu
barattootaarratti hanqinni hin mul’atu.Haalli dhiheenya meeshaa haaraa barattoonni barachuurratti
harkifatoo ta’an dandeettiiwwan murteessoo ta’an akka gonftaniif amansiisaadha. Kunis, irra caalaan
tokkoon tokkoo barannoo shaakala dandeettiiwwan, tarsiimolee fi yaadrimeewwan dura dhihaatanii
turan kan qabanidha.

C. Carraawwan shaakalaa Dabaluu

Barattoota dubbisuurratti laafoo ta’aniif sagantaa qophaa’e qofarratti hojiilee shaakalaa dhiheessuun
dandeettiiwwaniifi tarsiimoolee barbaadaman gonfachiisun gahaa miti.Kanaaf, barattoonni akkasii yeroo
dabalataarratti shaakala dhuunfaa deeggarsa bal’aa qabu barbaadu. Yemmuu shaakala qajeelchaa argatan
yaaddeebii barsiisaa/tuu irraa waan argachaa deemaniif fooyya’iinsa agarsiisuu ni danda’u. Yaaddeebiin
taasifamuufis yaaddeebii sirreessaa ta’uu qaba.Kun immoo barattoonni jijjiirama amalaa fiduun sirriitti
akka hojjetan taasisa.

Barattoonni dogongora hojjetanis beekuun barbaachisaadha.Yoo yaaddeebiin sirreessaa ifa a’e


hinkennamneef ta’es, dogoggora hojjetan bifa walfakkaataa ta’een itti fufu.Yoo akkas ta’e immoo
dogoggoruma isaanii bu’aa hinqabne shaakalu.Walumaa galatti, barattoonni dubbisuurratti laafoo ta’an,
sagantaa barnootaarratti dabalatee dubbisuurratti shaakala bal’aa taasisuu qabu.

Karaa carraalee shaakala dabalataa barattoonni dare barnootaa keessatti dubbisuurratti argachuu qaban
keessaa tokko hiriyaan deeggaramanii dubbisuudha.Kunis, dandeettiiwwan baratanii darban irra
deebi’anii akka waliin shaakalan taasisuudha.
37
Maanuwaalii Deeggarsa

A. Tarsiimoolee fi Dandeettiiwwan Dubbisuu Dubbisa Keessatti Hojiirra Oolchuu

Kaayyoon dubbisuu dhugaa dubbisa dhihaate keessa dhaamsa hubachuudha.Akkasumas, kaayyoon


barreessuu dhaamsa barreeffamaand abarsuudha.Baratoonni yemmuu dubbisanis ta’e barreessan
dandeettiiwwan qubeessuu fi jechoota adda baasuu hojiitti hiikuu qabu. Adeemsi kunimmoo bifa
moodeleessuun barsiistotaan deeggaramuu qaba. Dabalataanis, barattootaaf yaaddeebiin dubbisuu fi
barreessuu isaaniirratti kennamuufii qaba.

B. Fooyya’insa Barattootaa Hordofuu

Manneen barnootaa baruufi barisisuun dubbisu haala gaariin adeemsifamu keessatti barattoonni
madaalliiwwan dubbisuu idilee fudhachuudhaan fooyya’iinsi dubbisuu isaanii ni hordofama.
Madaalliiwwan kunneenis barattoonni dubbisa daqiiqaa 1-2 fudhatu dubbisuun, yeroo kennameef kana
keessatti jechoota meeqa sirriin akka dubbisan shallaguu of keessatti hammatu.

Bu’aan isaas bifa caatootiin qindaa’ee barsiistonni, barattoonnii fi maatiin barattootaa fooyya’iinsa
mul’ate akka argan taasifama. Barsiisonni dubbisa barsiisanis fooyya’iinsa mul’ate kanarratti hundaa’uun
fooyya’iinsa barattootaa saffisiisuuf adeemsa barsiisuu isaanii ni mijeeffatu. Manneen barumsaas,
daa’imman hundi kutaalee jalqabaarratti dubbisuuf barachuu isaanii mirkaneeffachuuf, dubbisuu garee
xiqqaa dabalataa ta’e uumuu nidanda’u.

3.2 Gargaarsa Deeggarsa Ogummaa Afaan Dhalootaa

3.2.1 Fedhiiwwan Deeggarsa Ogummaa Adda Baasuu

Fedhiin garaagarummaa hawwii namni tokko qabuufi qabachuuf hawwuudha. Fedhiiwwan deeggarsa
ogummaa hanqinaalee barsiistonni ogummaa barsiisummaa keessatti kallattiiwwan beekumsaa,
dandeettiiwwanii fi ilaalchawwan irratti qaban irratti hundaa’a. Isaan kun immoo gargaarsa karaa
barsiistota deeggarsa ogummaatiin kanneen irratti hojjetamanidha.

Sakatta’insi fedhiiwwan deeggarsa ogummaa bakka itti deeggarsi ogummaa barbaachisu adda baasuuf
tattaaffii taasifamuudha.Karaa biraatiin, sakatta’insi fedhiiwwan deeggarsa ogummaa deggaramtoonni
kallattiiwwan beekumsaa, dandeettiiwwaniifi gahumsaan sadarkaa barbaadamu irra jiraachuu adda
baasuuf gargaara.Fedhii deeggaramtootaa dursanii adda baasuun immoo kaayyoolee fi bu’aalee sagantaa
deeggarsa ogummaa haala gaarii ta’een baruuf gargaara. Kanaaf, fedhiiwwan deeggaramtootaa haala
tarsiimowaa ta’een sakatta’uun, sadarkaa isaan irra jiran irratti hundaa’uun sagantaa gaarii qopheessuun
gargaaruuf fayyada(deeggaramtoota keessan waliin haala itti gabaasa qopheessitan ilaalchisee dabalee I
ilaalaa). Akka deeggaraa/tuutti, sagantaa deeggasa ogummaa keessatti akka gulantaa jalqabaatti kanneen
armaan gadiirratti xiyyeeffadhaa.

• Wanta deeggaramtoonni keessan dagaagfachuu barbaadan (karaa ogummaa fi namummaa) adda


baaftanii hubachuuf, sakatta’insa fedhii gaggeessaa. Adeemsa kana keessatti deeggaramtooni
si’aayinaan hirmaachuu qabu.

• Odeeffannoo sakatta’insa fedhiiwwaniitiin argaman irratti hundaa’uun karoora gochaa deeggarsa


ogummaa deeggaramtoota keessan waliin qopheeffachuu qabdu.
38
Maanuwaalii Deeggarsa

Yaadolee olitti kennaman lamaan iraa gaaffilee barbaachisoo lamatu ka’a:

i) Deeggartoonni adeemsa sakatta’insa fedhiiwwanii gaggeessuuf akkamitti mijeessu?

ii) Deggartoonni bu’aa sakatta’insa fedhiiwwaniirraa argamu akkamitti gara karoora

gochaa deeggarsa ogummaatti jijjiiru?

Gaaffiin jalqabaa dhimma qaama maanuwaalii deegggarsa ogummaa barsiistota afaan dhalootaa kanaa
yemmuu ta’u, gaaffiin lammaffaa immoo dhimma birkii xiqqaa ittaanee dhufu keessatti dhihaachuu
qabudha.

Sakatta’insi fedhiiwwan deeggarsa ogummaa, deeggartoonni tarsiimoo addda addaa fayyadamuun


odeeffannoo waa’ee deeggaramtootaa funaananiidha.Akkasumas, hanqinaalee isaan karaalee beekumsaa,
ilaalchaa, gahumsa dhuunfaafi raawwii ykn gahumsa waliigalaatiin isaanirratti mul’achuu danda’an
hubachuudha.Tarsiimoleen kunneenis, gabaasa dhuunfaa deeggaramtootaa fi ragaa deeggartoonni
maddawwan adda addaa irraa walitti qaban hammachuu ni danda’u.

Deeggara/tu, mee barsiistota afaan dhalootaa muummee kee keessa jiran keessaa tokkoof deeggarsa
ogummaa kennuuf ramadameteetta haa jennu. Gargaarsa deeggarsa ogummaa eessa irraa eegalta?

Guyyaa 1: Akkuma ergama kee jalqabduun, adeemsaawwan armaan gadii hojiirra oolchuu nidandeessa.

1. Osoo deeggaramtoota kee waliin walagartee hojii hin eegaliin, akka deeggaraa/tuu tokkootti
gaheewwanii fi ittigaafatamummaa sirraa eegamu sirriitti hubadhu. Kanaafis, maanu’aalii
deeggartoota afaan dhalootaafi wixinee deeggarsa ogummaa afaan dhalootaa sirriitti dubbisuun
barbaachisaadha. Dabalataanis, namoota biroo deeggarsa ogummaa kennanis yoo jiraatan
mariisisuu ni dandeessa.

2. Kanaan dura waa’ee deeggaramtoota kee ilaalchisee odeeffannoo hinqabdu yoo ta’e,
dursii argachuudhaaf yaali. Odeeffannoon kunis, seenaa raawwii ogummaa barsiisummaa
deeggaramtootaa, kaka’umsa hojii isaanii, carraaqqii hojii isaanii fi sadarkaa barsiisummaa isaan
irra jiran of keessatti hammachuu ni danda’a. Yoo barbaachisaa ta’e, poortifooliyoo dagaagina
ogummaa walitti fufaa fi bu’aawwan madaallii raawwii sakatta’uu fi ittaanaa mana barumsaa
waliin af-gaaffii gaggeessuun ni danda’ama. Dhimma kana of eeggannoo guddaan gaggeessuu
qabda. Yoo adeemsa hojichaarratti rakkoo fida ta’es dhiisuu ni dandeessa.

3. Guyyaa jalqabaa haala ittiin deeggaramtoota waliin deemtu murteessi. Kun immoo
ofeeggannoowwan taasisuu qabdu keessaa isa guddaadha. Odeeffannoo waa’ee deeggaramtoota
ilaalchisee kanaan dura argatte haalaan hojiirra oolchuudhaaf yaali. Sagantaa kee yemmuu
dhiheessitu akkaataan deemsa keessanii carraa waliin barachuu uumuudha malee akka barattootaafi
barsiisaa/tuu akka hintaane mirkaneessi.

4. Ati baayyee dubbachuurra deeggaramtoonni baay’ee akka dubbatan jajjabeessi. Deeggaramtoonni


gaaffii adda addaa akka sigaafatan kakaasi. Kun immoo kara alkallattii ta’een hubannoo isaan
39
Maanuwaalii Deeggarsa

waa’ee sagantichaa ilaalchisee qaban hubachuuf sigargaara. carraa kanaan fayyadamuun (deebii
gaaffii irraa argamu) saganicha haala gaariin hubachuun akka qopheessituuf sigargaara.

5. Adeemsa keessatti dhimmoota barannoo kitaaba barattootaa haaraa afaan dhalootaa keessaa
caacculee dubbisuu fi maleenya baruu fi barsiisuu irratti xiyyeeffachuun marii geggeessaa.

Itti aansuudhaan deeggeramtoonni kee hojiilee baruufi barsiisuu keessatti hojjachuu qaban hojiirra
oolchuu isaanii gaaffilee armaan gadii fayyadamuun mirkaneessi

a) Barannoo kitaabilee haaraa afaan dhalootaa keessatti wantoonni haaraa ta’an maalfa’i?

b) Barannoowwan kitaabilee haaraa afaan dhalootaa kunneen sitti toluu? Maaliif?

c) Dandeettiiwwan dubbisuu barsiisuuf gara caacculee adda addaatti qoqqooduun


barabachisaadha? Maaliif?

d) Haala gaarii ta’een dubbisuu fi barreessuu brsiisuuf moodeelli baruu fi barisisuu “nan hojjedha,
ni hojjenna, ni hojjettu” jedhu mijaawwaadha jettee yaaddaa? Maaliif?

e) Akka yaada keessatti, sirni barnoota haaraa afaan dhalootaa jalqabame haala barbaadameen
mana barumsaa kee keessatti hojiirra oola jettee yaaddaa? Gufuuwwan mudatan maalfa’i?
Gufuuwwan kunneen haala kamiin furmaata argachuu danda’u?

6. Deeggarsa ogummaa afaan dhalootaa keessatti gahumsaafi dandeettiiwwan deeggaramtoonni


barbaadan adda baasuuf unka dursee qophaa’e akka guutan taasisi. Gaaffilee lakkoofsa 5ffaa
jalatti dhihaatan fooyyessuun fayyadamuu ni dandeessa.

Akka filannootti unka amraan gaditti gabateen dhihaate fayyadamuu nidandeessa.

Unka sakatta’insa Fedhiiwwanii Unka 001____________________


(Gabaasa Dhuunfaa)
Maqaa Deeggaramaa/tuu:_______________ Guyyaa _____________________

Iddoo
Dhimmoota barannoowwan haara afaan dhalootaa Iddoo
rakkoo Hojiirra
rakkoo Yaada
keessatti hammataman hin hin oolu
ta’edha
taanedha
1) Qabiyyeewwan caacculee dubbisuu sirriitti hubachuu
ilaalchisee:
i. Hubannoo sagalee dubbii
ii. Hubannoo walitti dhufeenya sagalee dubbii fi qubee
iii. Gahumsaan Dubbisuu
iv) Fayyadama Jechaa
v) Hubannoo Dubbisuu
vi) Hubannoo Dhaggeeffachuu
vii) Barreessuu
viii) Caasluga

40
Maanuwaalii Deeggarsa

2) Hojiirra oolmaa maleenya baruu barsiisuu kallattii


(ifaawaa) ilaalchisee:
i. Nanhojjedha
ii. Ninhojjenna
iii. Nihojjettu
3) Hojiirra oolmaa baruufi barsiisuu fedh-heddee.

4) Meeshaalee barnootaa dabalataa afaan dhalootaa


barsiisuu gabbisan eeruu.

Sirna barnoota haaraa afaan dhalootaa barsiisuu keessatti iddoowwan biroon sitti ulfaatan ykn gargaarsa
irratti barbaaddu tarreessi:

___________________________________________________________________________________

___________________________________________________________________________________

Unkaan kun battalumatti guutamuu kan qabu yoo ta’ullee, haala qabatamaa jiru irratti hunda’auun
deeggaramtoonni manatti fudhatanii guutuun sagantaa marii itti aanurrattiakka fidan taasisuun ni
danda’ama.

7) Marii itti aanuuf sagantaa qabadhu (daawwannaa daree ta’uu ni mala). Deeggaramtoonni kee

mariiwwan siwaliin geggeessaniif galateeffachuu hindagatiin.

Qabxiilee Dabalataa Hojiirra Oolan: Osoo marii itti aanuuf hindhihaatiin yoo xiqqaate hojiilee armaan
gadii raawwadhu:

Odeeffannoo marii guyyaa jalqabaa gadifageenyaan xiinxaluun deeggarsa ogummaa kennuuf hanqinaalee
mul’atan adda baafadhu. Kanaaf, gaaffilee armaan gadii of gaafachuu ni dandeessa.

 Deeggarsa ogummaa kennuuf hanqinaaleen ani hubadhe maalfa’i?

 Hanqinaalee hubataman keessaa kanneen marii itti aanurratti xiyyeeffatamuu qaban isaan

kami?

 Yaada koo cimsee goolabuuf odeeffannoo dabalataan ani barbaadu maalfa’i?

 Odeeffannoo dabalataa akkanaa eessaan argachuu danda’a?

41
Maanuwaalii Deeggarsa

Guyyaa II. Akka sirna barnootaa haaraa afaan dhalootaatti bu’aaleen marii guyyaa

jalqabaa gahumsa deeggaramtoonni sirna barnoota haaraa afaan dhalootaa qabanirratti yoo xiyyeeffatu,
hojiilee guyyaa lammaffaa caalmaatti daawannaa daree barnootaa irratti xiyyeeffata. Hojiilee guyyaa
lammaffaa raawwachuu keessattiwantoonni tartiibaan hojiirra oolan kanneen armaan gadii ta’u (akka
waan daawwannaan daree barnootaa geggeeffamuutti fudhadhu):

1) Qophii:

a) Marii daawwannaa dareen duraa mijeessuu:

Kaayyoo daawwannaa daree haala gabaabaafi ifa ta’een deeggarama/tuu ibsi. Kunis, guyyuma
daree barnootaa seenuuf karoorfattu ykn isaan dura ta’uu ni danda’a.

b) Waa’ee caacculee murteessoo barannoo guyyaa beekuu. Kitaaba barattootaafi qajeelcha


barsiistotaa dubbisuudhaan barannicharratti of qopheessi. Kunis, waan barsiisaa/tuu irraa
eegamu beekuufi raawwii barsiisaan/tuun hojiirra oolchite walbira qabdee ilaaluuf si gargaara.

c) Unka daawwannaa barannoo harkatti qabadhu. Akkasumas, qabiyyeen unkichaa qabiyyee


qajeelcha barsiistotaa keessa jiru waliin kallattiin walqabachuu isaa mirkaneessi (Iddattoo
unka daawwannaa daree dabalee II fi III keessa jiru ilaali).

2) Unka daawwannaa barannoo fayyadamuun daree barnootaa daawwadhu. Tokkoon tokkoo


hojii daree barnootaa keessatti geggeeffamu qajeelcha barsiisotaa afaan dhalootaan walqabatee
kanneen deeggaramtoonni hojjechuu danda’aniifi hojjechuun irraa eegamu adda baafachuuf ta’uu
qaba.

3) Daawwannaa dareen booda deeggaramtoota waliin marii osoo hingeggeessin dura yeroo xiqqoo
fudhachuun hanqina; ciminaafi wanta fooyya’uu qabu irratti calaqqee dhiheessuuf qophii taasisi.
Kanaafis, qabxiilee ijoo qindeeffachuun marii daawwannaa boodaaf qophii hatattamaa taasisi.

4) Deeggaramtoota kee waliin marii daawannaa daree booda geggeessi. Kaayyoon marii kanaas,
waanta karoorfameefi daawwatame walbira qabuun deeggartootaaf gabaasuudha.

yommuu gabaasa dhiheessitus, jechoota hiriyyummaa calaqqisiisan fayyadami. Qajeelchi


barsiistotaa kan ajajuuf kan barsiisaan/tuun daree barnootaa keessatti raawwate/tte gidduu
garaagarummaa uumame irratti deeggaraan/tuun akka ibsa kennu/tu taasisi. Adeemsi kun murtoo
dogoggora fiduurraan akka hingeenye si taasisa.

Hubachiisa: Daawwannaa daree si’a tokkoo qofa’a irraa waa’ee gahumsa barsiisuu deeggaramtoota
keetii ilaalchisee odeeffannoo guutuu argachu hindandeessu. Fakkeenyaaf, barannoon guyyaa
sanaa caacculee dubbisuu hunda hammachuu dhiisuu nidanda’a. Haata’u malee, odeeffannoo
marii guyyaa jalqabaafi gabaasa dhuunfaa deeggaramtootaa fayyadamuun agarsiiistota muraasa
argachuu nidandeessa. Dabalataanis, karoorri gochaa deeggarsa ogummaa odeeffannoo kanaan
walqabatee argame irratti hundaa’uun adeemsaan jijjiiruun karoorsuun nidanda’ama.

42
Maanuwaalii Deeggarsa

Qabxiilee Dabalataa Hojiirra Oolan: (Marii itti aanuun dura): Odeeffannoo ragaalee maddawwan
hunda (marii deeggaramtoota waliin, daawwannaa daree, gabaasa dhuunfaa deeggaramtootaafi
kuusaa ragaalee adda addaa) irraa argaman irratti xiinxala gadi fageenya qabu gaggeessi. Kaayyoon
kanaas, deeggarsa ogummaa keessatti hanqinaalee mul’atan hubachuudha. Hanqinaaleen kunneenis:
kanneen beekumsa, ilaalchaafi dandeettiiwwan barbaadaman irratti xiyyeeffatan ta’uu qabu. Kunis,
adeemsa deeggarsa ogummaa keessatti furmaata argachuun isaanii sakatta’amuu qaba.

Afaan dhalootaa barsiisuu keessatti hanqinaaleen karaa deeggarsa ogummaa maal fa’i? Wixineen
dagaagina ogummaa walitti fufaa biyyoolessaa (MoE, 2009) hanqina bulchiinsaa adda baaseera. Fkn.
Yoo barsiisaan/tuun sababa kitaabni barattootaa gahaan hinjirreef haala qajeelcha barsiiftotaa irra jirutti
barattoota barnoota irrtti qooda fudhachiisuu baatee, kun rakkoo bulchiinsa waan ta’eef deeggaramtoonni
gaggeessitoota mana barumsaa waliin hojjechuu qabu. Garuu, yoo deeggaramtoonni caacculee dubbisuu
hubachuu irratti rakkoo qabu ta’e ykn caacculee dubbisuu irratti haala barattoota ittiin deeggaran irratti
rakkoo qabachuun isaanii adda bahe, mata dureen kun bakka irratti deeggartoonni gargaarsa ogummaa
deeggaramtootaaf kennan ta’a.

Hanqinaaleen ijoo erga adda bahanii booda, deeggaramtoota wajjin mari’achuun nidanda’ama. Kanaaf,
hanqina mul’ate ragaalee walitti qabame fayyadamuun dhiyeessaa. Haalli dhihaannaa deeggartootaa,
deeggaramtoota kan aarsu ykn haamilee isaanii kan cabsu akka hintaane mirkaneeffadhaa. Haala
dhihaannaa deeggartootaa ilaalchisee gorsa armaan gadii hordofuun barbaachisaadha:

• Kaayyoo shaakaloota kunneenii yaadachiisi: Barnoota haaraa afaan dhaloota barsiisuu fooyyessuuf
carraaqqiin deeggaramtootaa wixinee waliin barachuu keessatti barbaachisaa ta’uu isaa yaadachiisi.

• Hanqinaaleen kunniin kallattiin akka isaan hinilaalle deeggaramtoota kee yaadachiisi. Eenyuyyuu
taanaan barsiisuu irratti hanqina qabaachuu akka danda’u hubachiisi.

• Yommuu yaada kana dhiheessitu haala murtee dabarsuutiin akka hintaane eeggadhu. Fkn, daree
barnootaa keessatti wanti daawwatamee ….

Haaluma walfakkaatuun, gabaasa dhuunfaa kee keessatti atis agarsiistee jirta. Dabalataanis,
roostera (kuusaa qabxii) samisteera darbee irraa akkan hubadhetti…. Kanaafuu, yaanni kun …
[Hanqina beekumsaa, dandeettiiwwaniifi ilaalchaa kan agarsiisu natti fakkaata]. Yaanni ani jechaa
jiru fudhatama qabaa?

Hanqinaalee ijo mul’atan irratti erga waliigalteen taasifamee booda,akkataa barbaachisummaa isaaniitti
duraa duubaan kaa’uudha. Sababni isaas, hanqinaalee hunda altokkotti furuu waan hindanda’amneef.

Hanqina mul’atan furuuf, deeggaramtonni duraa duuba cimina rakkinichaa barachuun si’ayinaan
xiyyaffatanii barachuun barattootaa bu’aqabeessa akka ta’uufi deeggarsa ogumma bakka itti barbaadan
adda baasuuf isaan gargaara.

43
Maanuwaalii Deeggarsa

Hariiroo Deeggaramtootaafi Deeggartoota Gidduu Jiru waliigaltee Barreeffamaan Kaa’uu

Hanqinnaaleen jiran erga adda bahanii booda, deeggaramtoonniifi deeggartoonni waliigaltee gara
fuulduraa irratti akka bifa ragaatiin taa’uutti raawwachuu qabu. Kanaafis, unka armaan gadii fayyadamuun
ni danda’ama:

Unka Waliigalaa Kenniinsa Deeggarsa Ogummaa Unka 002


Kenniinsi deeggarsa ogummaa muuxannoo argachuufi kennuu ta’ee galma ga’iinsa muuxannoo
gahaafi jajjabeessaa miiltoowwan lamaaniif (deeggaraa/tuufi deeggaramaa/tuu) kan kennamuudha.
Miiltoowwan lamaanuu yeroofi tattaaffii waliin taasisan kabajuu qabu.
Unki armaan gadii sagantaa walga’ii keessanii haala isin mijeessuu danda’uun qophaa’ee dhiyaatee
jira. Kanaafuu, unka kana guutuun mallatteessaa.
Tokkoon tokkoo miiltoo unka guutame haftee tokko harkatti qabachuu qabu. Haftee tokko immoo
itti aanaa qindeessaa mana barumsaatti kennamuu qaba.
1. Maqaa deeggaramaa/tuu ____________________________________________
2. Sa’aatii walga’ii ___________________________________________________
3. Guyyaa walga’iif filatame __________________________________________
4. Baay’ina walga’ii yeroo murtaa’e keessatti(Fkn turban tokko keessatti ykn turban lama)
keessatti ______________________________________________________
5. Walumaa galatti turtii walga’ii: _____________________________________
6. Karaa filatamaa deeggaraa/tuu ittiin qunnaman:______________ykn _________
7. Karaan filatamaa deeggaramaa/tuu ittiin qunnaman:_________ykn ______________
8. Sagantaa qabame wanti danqu yoo uumame, miiltoowwan sagantichi jijjiiramuu isaa
sa’aatii _________dura wal beeksisuu qabu.
Mallattoo deeggaraa/tuu:___________ Guyyaa _______________
Mallattoo deeggaramaa/tuu__________ Guyyaa ______________

3.2.2. Gargaarsa Deeggarsa Ogummaa Afaan Dhalootaaf Karoorsuu

Akkuma beekamu, karoorri wanta hojjechuu barbaadan irratti dursanii murtee kennuudha. Murteen
kennamu kunis, yoo xiqqaate gaaffilee torba of keessaa qabaachuu qaba. Isaanis: Maaltu akka
hojjetamu? Maaliif akka hojjetamu? Akkamitti akka hojjetamu? Yoom akka hojjetamu? Maaliin akka
hojjetamu? Hangam akka hojjetamu? Galma ga’iinsa karoora keetii akkamitti akka dhugoomsitu ? of
keessatti hammata. Amma fedhii deeggarsa ogummaa barsiisota afaan dhalootaa ilaalchisee kanneen
dursi kennamuufii qaban irratti hundaa’uudhaan gaaffilee armaan olitti kennamaniif deebii kennuuf
qophooftee jirta jedhamee yaadama.

Deeggarsa ogummaa barsiisummaa kennuuf karoorfachuun deeggaraman/tuun kee ga’umsaan


deeggaramuu mirkaneeffachuuf gargaara. Karoorsuun hojii deeggaramaa/tuu kee akkamitti akka
hoggantu, raawwattu, madaaltuufi sagantaa karoora raawwii akka qabaattu taasisa.Haalotaafi muuxannoo
irratti hundooftee karoora kee fooyyessaa deemuu hindagatiin.

44
Maanuwaalii Deeggarsa

Karoorsuun Deeggartootaaf miti deeggaramtoota waliin malee:

Deeggarsa ogummaa kennuuf karoorsuun hojii deeggartoonni deeggaramtoota isaanii waliin ta’uun
raawwachuu qabaniidha. Takkaa hanqina deeggaramtoota (hanqina ga’umsa deeggaramtootaa) keetii
irratti walii gallaan deeggarsa barbaachisuu kennuuf karoorfachuun ulfaataadha jedhamee hinyaadamu.
Adeemsa karoorsuu keessatti deeggaramtoota kee deegartee qaama karoora keetii gochuuf tarkaanfii
tokkoo ol deemtee jirta. Guca armaan gadii fayyadamuun barbaachisaa ta’a.

Qabxii/iddoo fooyya’iinsa barbaadu 1………


2………
3………
Qabxii/iddoo fooyya’iinsa barbaadu kana 1………
fooyyessuuf maal hojjechuu qaba? 2………
3………
Milkaa’ina fooyya’iinsa qabxii kanaa akkamii 1………
nan mirkaneeffadha? 2………
3………

Qabxiileen/iddoon fooyya’iinsa barbaadanis, hojii sakatta’iinsa fedhii gaggeeffameen duraa duubaan adda
baheen ta’uu danda’a. Kana waan ta’eef, deeggaramtoonni yeroo muraasa fudhatanii hojiilee dagaagina
ogummaa cimsuun hanqina isaanii guutan adda baaftuu. Kunis, hojiilee karoorsuu mirkaneeffachuudhaaf
akka ciicatatti nifayyaduudha.

Karoorsuun Sadarkaalee Walitti Fufaa Of Keessatti Hammata

Akkuma ati beektu, karoorsuun sadarkaalee muraasa of keessaa qaba. Isaan ijoo ta’an, siyaadachiisuufis,
armaan gaditti tarreeffamanii jiru. Akkaataa caacculeen garagaraa walitti dhufanii unka armaan gadii
keessatti ilaali.

Sadarkaa I: Kaayyoowwan Galma Gahuu Danda’an Qopheessuu

Kaayyoo ifa ta’eef galma gahuu danda’u sammuu keessaa qabaachuun karoora deeggarsa ogummaa
murtaawaa fedhiifi wanta deeggaramtoonni kee si irraa eegan guutuu qopheessuuf s gargaara. Kanaafuu,
qabxiilee sakatta’iinsa fedhiitiin adda bahanii dursi kennameef irratti karoora murtaawaa, madaalamaa,
galma ga’iinsa, qabatamaafi daangeffamaa (MMGQD) ykn SMART bu’aa eegamu ibsu danda’u
qopheeffachuu qabda.

45
Maanuwaalii Deeggarsa

Hubachiisa: Kaayyoo MMGQD (SMART) jechuun:


M (Murtaawaa) kaayyoon murtaawaan kaayyoo waliigalaa caalaa carraa hojii irra ooluu
ol-aanaa qaba.
M (Madaalamaa): Kaayyoo qopheeffatte ilaalchisee ulaaagaalee qabatamaa fooyya’iinsa kaayyoo
qophaa’e sana safaruuf si gargaaru kaawwachuu.
G (Galma ga’iinsa): Kaayyoowwan siif baay’ee murteessaa ta’an yoo adda baaftu karaalee isaan
galma ittiin gahuu danda’aniin qopheeffachuun eegalta.
Q (Qabatamummaa): Kaayyoon kee qabatamaa ta’uudhaaf wanta ati raawwachuu dandeessuufi
wanta ati akka raawwatamuuf fedhii guddaa itti horatte dirqama bakka bu’uu qaba.
D (Daangeffamaa): Kaayyoon kee wixinee yerootiin daangeffamuu qaba. Kaayyoon yoo yeroon
hindaangeffamne galma kaa’ameef gahuu hindanda’u.

Sadarkaa II. Hojiiwwan/gochoota Addaan Baasuu

Deeggaramaa/tuu kee waliin ta’uun kaayyoowwan qopheeffattan kannen galmaan gahuuf hojiiwwan
murtaawaa hedduu adda baafadhu. Hojiiwwan kunneen wantoota atiifi deeggaramaan/tuun kee waliin
ta’uun raawwattan (Fkn. caacculee hubannoo dubbisuu garagaraa irratti mari’achuu ykn waliin ta’uun
dalaguu; wanta deeggaramaan/tuun kee kophaatti raawwatu/ttu (Fkn. Maleenya baruufi barsiisuu
dubbisuuf kennamee)fi wanta ati deeggaramaa/tuu kee deeggaruun ogummaa isaa/ishee dagaasuuf
raawwattu (Fkn.Malleen baruu fi barisisuu fedha heddee garagraa akkamitti akka hojii irra oolan
moodeleessuu) of keessatti hammata. Akaakuun gochoota ati karoorfatte bakkaafi yeroo deeggarsa
ogummaa barsiisummaa deeggaramaa/tuu keetiif kennitu mul’isa.

Sadarkaa III: Leecalloowwan Barbaachisaan Adda Baafachuu

Deeggartoonniifi deeggaramtonni waliin ta’uun hojiiwwan karoorfaman hojii irra oolchuuf deeggarsa
barbaachisan adda baafachuu qabu. Kunis, hiriyyoota bakka hojii, yeroo ykn leecalloowwan deeggarsa
kennuuf barbaachisan of keessatti hammata.

Sadarkaa IV: Mul’istoota Milkaa’inaa Qopheeffachuu( Ragaalee)

Deeggartoonniifi deeggaramtoonni waliin ta’uun malleenii fi ulaagaalee galma ga’iinsa karoora isaanii
itti safaran adda baafachuu qabu.

Fakkeenyaaf, fooyya’iinsa ykn jijjiirama beekumsa deeggaramtoota caacculee shanan hubannoo dubbisuu
(kutaa 1-4) yaad-deebii afaanii alkallattiitiin ykn daawwannaa barannootti fayaydamuun madaaluun
nidanda’ama.

Sadarkaa V: Ka’umsa Yeroo Daangeffachuu

Deeggartoonniifi deeggaramtoonni waliin ta’uun yeroo raawwii karoora hojii isaanii itti xumuran
murteeffachuu qabu.Yeroon raawwii waliigala karooricha keessatti bakki fooyya’insaafi xiyyeeffannaan
itti kenname haala gaariin ta’uu qaba. Fakkeenyaaf, deeggartoonniifi deeggaramtoonni waliin ta’uun

46
Maanuwaalii Deeggarsa

bu’uura beekumsa caacculee hubannoo dubbisuu shanan fooyyessuuf ji’a shan kennuu danda’u. Kunis
hojiiwwan garaagara kanneen xumuruuf guyyoota ka’umsaaf kaa’aman ji’a 2ffaa, ji’a 3ffaa fi 4ffaa waliin
walsimuun carraa fooyya’iinsaa qabaachuu danda’a.

Deeggaramaa/tuu keetiif karoora deeggarsa ogummaa kennuuf unka itti aanutti fayyadami qopheessi.
Kunis, unka karoora deeggarsa ogummaa kennuuf itti fayyadamuu dandeenyu keessaa tokko ta’uu isaa
hubadhu.

Unka 003
Karoora raawwii deeggarsa ogummaa brsiisummaa barsiisota afaan dhalootaa manneen barumsaa
sadarkaa 1ffaa.

Maqaa deeggaraa/tuu: ________________ Maqaa deeggaramaa/tuu:________________


Bara barnootaa: _______________ Maqaa mana barumsaa:______________
Kutaafi daree:_______________
Beekumsa argame/ Gocha sadarkaaleen Leecalloowwan Mul’istoonni Guyyaa
dandeettii-wwan (Kunneen akkamitti barbaachisan ragaa xumuraaf
gabbifaman/ argaman/dagaagfa- (Deeggarsa fooyya’iinsafi murteeffame
ilaalchota galma man/gabbifaman deeggartootaan milkaa’ina (yoom akka
kaa’ame bira ga’uuf kennamu cinatti kanaa maal xumuramu
dagaaguu qaban leecalloowwan ta’a? ibsamuu qaba)
(Maal akka argatte/ dabalataan
fooyyessite? baraachisan maal
fa’i?
KAAYYOO 1: Gochaa 1.
KAAYYOO 2: Gochaa 2.
Gochaa 1.
Gochaa 2.
Gochaa 3.
Mallattoo deeggaraa/tuu: ____________________________ Guyyaa: _________________
Mallattoo deeggaramaa/tuu: ____________________________ Guyyaa: _________________

Hubachiisa: Baay’inni kaayyoowwaniifi baay’inni gochaawwanii walitti dhufeenya

deeggartootaafi deeggaramtootaatiin murtaa’a.

3.2.3. Hojiiwwan Deeggarsaa Barsiisota Deeggartoota Afaan Dhalootaatiif

3.2.3.1. Barannoo Daawwachuu

Barannoo daawwachuun adeemsa deeggarsa ogummaa barsiisota afaan dhaloota barsiisaniif kennamu
keessatti faayidaa hedduu qaba. Faayidaaleen kunneenis:

• Fedhii deeggarsa ogummaa deeggaramtoonni barbaadan adda baasuu. Akkuma qophii karoora
dagaagina ogummaa deeggaramtootaa irraatti dhiyaatetti, daawwannaan baranoo tooftaale
deeggartoonni fedhii dagaagina ogummaa deeggaramtootaa addaan ittiin baafatan keessa tokko
47
Maanuwaalii Deeggarsa

ta’a. Deeggaramtoonni maal fa’i irratti deeggarsa fedhu?

• Odeeffannoo yemmuu deeggaramaa/tuu kee waliin marii taasitu itti fayyadamte walitti qabadhu.

• Deeggartoonni tooftaalee baruufi barsiisuu mijatoo ta’an deeggaramtootaaf moodeleessuu qabu.

• Ulaagaa sadarkaa ga’umsaa qiyyafannoo daawwannaa keessatti tuqametti fayaydamuun


fooyya’iinsa deeggaramaan/tuun agasiise/te hubachuu.

Deeggartoota,

Atiifi deeggaramaan/tuun kee waliin ta’uun adeemsa deeggarsa ogummaa barsiisummaa kennuu keessatti
baay’ina barannoo daawwatamuu qabu waliin murteeffattu. Haata’u malee, baay’inni barannoowwan
deeggartootaan daawwatamuu qabanii inni xiqqaan nibeekama. Daawwannoon barannoowwanii inni
xiqqaan baay’ina birkilee barannoo kutaa 1-4fi kutaa 5-8 irratti kan hundaa’edha. Birkii barannoo darbee
keessatti akka ibsametti, kutaa 1-4 fi 5-8 birkiiwwan torbatu kennamanii jiru.

Tokkoon tokkoo deeggaraa/tuu adeemsa deeggarsa kennuu keessatti yoo xiqqaate tokkoo tokkoo
birkiilee barannoofi qabiyyee barsiisan irratti deeggartoota isaaniitiin si’a tokko daawwatamuu qabu.
Deeggartoonni hojii isaanii akkaataa sadarkaa ga’umsaa qiyyaafannoo daawwannaa barannoofi
qajeelcha barsiisotaa keessatti ibsameen(Ga’umsa armaan gaditti adda bahe ilaali) sadarkaa of danda’anii
raawwachuu irra gahuu isaanii deeggartoota isaaniitiin murteen itti kennamuu qaba. Dabalataanis,
birkiilee baranoo fayyadamuun cinatti adeemsa barsiisuu waliigalaa barsiisota afaan dhalootaa irraa
haala qabatamaa baruufi barsisuu keessatti akka shaakalaaf itti fayaydaman kennameefii jira. Caacculeen
daawwannoo kunneen kan daawataman yemmuu birkii barannoo tokko daawwatan ykn atiif deggaraman/
tuun kee yoo daawwannaan barannoo tokkoo ykn lamaa qofti haala kanneen akka raawwatamu waliin
murteessitaniidha. Tokkoon tokkoo barannoo daawwatamanii deeggaramtootaaf poortifooliyoo isaanii
keessatti kuufamuun barbaachisaadha.

Hojiirra Oolchuu (HO): Barsiisonni wantoota daawwatan(amala/gahee/hojiiwwan) tokko akka


qajeelcha barsiisotaa keessatti ibsameen ykn akkaataa dandeettiifi kalaqa isaanii irratti hundaa’uun
fooyyessanii hojiira oolchuu.

Dagaagsuu (D): Barsiisonni wantoota daawwatan (amala/hojiiwwan) haala sababa qabeessa ta’een
hubachuufi gahumsa dandeettii agarsiisuu qabu. Haata’u malee, iddoo fooyya’iinsaafi xiyyeeffannoon
kennameef nijiraata.

Jalqabuu (J): Barsiisonni wantoota daawwatan (amala/gahee/dandeettii) akkaataa guutuu hintaaneefi


walqabatiinsa hinqabneen ykn hubannoo quubsaa hintaaneefi dandeettii gabbataa hintaaneen gocha
tokko yoo dhiyeessan, gochaalee kanaaf fooyya’iinsi barbaachisan taasifamuufii qabu.

Hojiin Agarsiisuu Dhiisuu (HADh): Dalagaan ykn dandeettiiwwan barannoo murtaawaa keessatti ni
barbaachisu. Haata’u malee, barsiisaan/tuun itti hinfayyadaman/ hinagarsiisan.

48
Maanuwaalii Deeggarsa

Hojiirra Kan Hinoolle (HKH): Dalagaan/amalli/ dandeettiin barannoo murtaawaafi hinbarbaachisan.

Sadarkaalee Daawwannaa Barannoo: Daawwannaan barannoo marsaa sadarkaalee sadiitti kan


qoodamuudha. Isaanis: Daawwannoo barannoon duraa, daawwannaa yeroo barannoofi daawwannaa
barannoon boodaati. Adeemsi kunis, marsaalee kan qabu ta’ee, daawwannoon daree boodaa marsaan
daawwannoo itti aanuu jiraachuu isaa agarsiisa. Kunis fakkii itti aanuun agarsiifamee jira.

Daawwannaa
barannoon duraa

Daawwannaa Daawwannaa yeroo


barannoo boodaa barannoo

Fakkii 4: Marsaa Daawwanaa Barannoo

A) Daawwannaa barannoon duraa: Osoo deeggaramaa/tuu kee hindaawwatan dura walgahii


marii daawwannaa duraa gochuun iddoowwan xiyyeeffannoon daawwatamuu qabaniifi adeemsa
daawwannaa sana itti galmeessitu irratti waliigaluu qabda. Yemmuu marii daawwannoo duraa
gaggeessitu birkiilee baranoo ykn qabiyyeewwan daawwatamuu qaban mariin adda baasuu qabda.
Birkii sagantaa daawwannoo barannoo duraa kana keessatti deeggartoonni deeggaramtoota isaanii
irraa waa’ee kaayyoowwan barannoo barattoota isaaniif akkaataa ittiin barsiisan odeeffannoo
walitti qabatu. Deeggartoonni osoo gara dareetti deemanii iddoo deeggaramtoonni barsiisaa jiranitti
deeggarsa hinkennin, qabxiilee itti aanan hubannoo keessa galchuu qabu.

1. Deeggaramaa/tuu waliin gaggeessuu

2. Iddoo xiyyeeffannoo barbaachisuufi kaayyoo daawwannoo irratti walii galuu. Bal’innaaan


xiyyeeffannoowwan daawwannoo barannoo kallattiidhaan kan ibsamu walii galtee deeggartootaafi
deeggaramtootaa jidduu jiruun ta’a.

3. Yommuu barannoon daawwatamu: deeggaramtoonni karoora barannoo qopheeffachuu, kitaaba


barattootaa, qajeelcha barsiisotaafi meeshaale deeggarsa barnootaa qabachuu akka qaban
yaadachiisi.

4. Yeroo daawwannoo barannoo gaggeessuuf mijataa ta’e irratti waliigaluu. Kana jechuun, daree
ykn wayitii daawwannaaf ta’u filachuudha.

Deeggaramtootaaf hubachiisa: Dawwannaa dareen duraa ulaagaa- mirkaneeffataa ragaa daawwannaa


daree sirriitti hubachuun dirqama.

49
Maanuwaalii Deeggarsa

B) Daawwannoo Yeroo Barannoo: Gulantaa marsaa daawwannoo barannoo deeggartoonni


daawwannaa barannoo yommuu deeggaramaan/tuun barannoo dhiyeessu/tu kallattiin daree seenuun
daawwataniidha. Iddoon raawwii daawwannaa barannoo kanaas daree barumsaa keessa, hojii dirreefi
mana yaalii keessatti ta’uu danda’a. Daawwannaa yeroo barannoo keessatti caacculee ijoo ta’an
sadiitu jiru.

i) Fayyadama Meeshaalee Sirna Barnootaa Afaan Dhalootaa

Caacculee yeroo daawwannaa barannoo keessaa tokko sakatta’iinsa waliigalaa waa’ee fayyadama
meeshaalee sirna barnoota afaan dhalootaa gaggeeessuudha.unki armaan gadii daawwannaa yeroo
barannoo gaggeessuuf bu’uura ta’a.

Lakk. Yaadota Mirkanaa’uu qaban Eeyyee Lakki Yaada


1 Barsiisaan/tuun kitaaba barattootaa daree barnootaa
fiduufi itti fayyadamuu
2 Barattoonni kitaaba isaanii gara daree barnootaatti
fiduu
3 Barsiisonni daree barnootaa keessatti qajeelcha
barsiisotaa fiduun itti fayyadamuu
4 Barsiisonni karoora barnootaa qopheeffachuu
5 Hojiileen karoora barannoofi hojiileen qajeelcha
barsiisotaa keessa jiran waliin deemuu
6 (Kan hafe yoo jiraate barreessii sadarkeessi)

ii) Shaakaloota Barsiisuu Waliigalaa Baruufi Barsiisuu Afaanii bu’a Qabeessa Taasisan

Kallattiin daawwannoo inni biraa madaallii shaakaloota barsiisotaa afaan dhalootaafi amaloota shaakaloota
bu’uuraa ykn waliigalaa irratti hundaa’uun barsiisonni afaan dhalootaa tokko tokkoo barannoo afaan
dhalootaa keessatti akka agarsiisan irraa eegamu madaaluudha.

Kana jechuun, barsiisonni afaan dhalootaa shaakaloota baruufi barsiisuu kanneen guyyaa guyyaan hojiirra
oolchuu qabu jechuu miti. Hata’u malee, shaakaloonni kunneen barsiisonni afaan dhalootaa baruufi
barsiisuu barattoota jiddu galeeffate fayyadamuun barattoonni dandeettiiwwan yaad-sammuu ol-aanaa
(yaaduu), rakkooleef furmaataa kennuufi dandeetiiwwan gadi fageenyaan xiinxaluu akka gabbifatan
taasisuuf dhiibbaa kan qabaniidha.

Deeggartoota,

Barannoowwan garaagaraa afaan dhalootaa keesstti hojii irra oolchuuf deeggaramtoonni dandeettiiwwan
kanneen hubachuufi shaakaluun baay’ee murteessaadha.Dabalataanis, deeggaramtoonni kee shaakaloota
kanneen irrati karoorfachuun hojii bu’aqabeessaafi hiika qabu akka raawwataniif jajjabeessuu qabda.
Shaakaloonni baruufi barsiisuu afaan dhalootaa kunniinis, yaad-rimeen isaanii kanaan dura akka ruqaalee
seensa barannoo, dhiyeessaafi cimsatti ibsamaa kan turaniidha.

50
Maanuwaalii Deeggarsa

Shaakaloonni ijoon muraasni barsiisonni afaan dhalootaa yommuu barannoowwan garagaraa kanneen
akka fayyadama jechotaa ykn hubannoo dubbisuu ykn dhag-dubbii barsiisuuf itti fayaydamuu qaban
gabatee armaan gadii keessatti kennamee jira.

Sadarkeessoo Madaallii Yaada


Lakk. Gochaalee Barsiisotaa
(Ragaa)
HO D J HADh HKH
1 Barsiisaan/tuun barannoo darbe yaadachisuu
2 Barsiisaan/tuun faayidaa qabiyyee barannoo itti
aanee dhufu barattootaaf ni’ibsu.
Barsiisaan/tuun qabiyyee dursaa ilaaluun
3 gaaffii gaafachuu yookaan yaada ijoo ta’an
keessa deebi’uun barattootaaf ibsuu yookaan
qindeeffamoota jijjiirama argasiisan dhiheessuu
(qindeeffamoota caatoo yookaan gumee)
4 Barsiisaan/tuun kaayyolee barannootiin
walbarsiisu.
5 Barsiisaan/tuun tooftaafi tarsiimoo barbaachisoo
ta’an barattootaaf ni’agarsiisu.
6 Barsiisaan/tuun qabiyyee barannoo wal-duraa
duubaan nidhiheessu.
7 Barsiisaan/tuun barachuu dhuunfaafi gareen
nijajjabeessu.
Barsiisaan/tuun garee barattoota hundaa waliin
hojjetu.
Barsiisaan/tuun garee xiqqaa fayyadamuu
(Barattoota 3-6)
Barsiisaan/tuun hojii cimdiitti fayyadamu.
Barattoonni hojii dhuunfaa of danda’anii hojjetu.
8 Barsiisaan/tuun fedhii barattoota adda addaa ni
hubatu (baruufi barsiisuun fedha heddee)
Barattoonni hojiiwwan/abbaltiiwwan adda
addaa irratti nihojjatu.
Barsiisaan/tuun yeroo muraasaaf fedhii dhuunfaa
barataan/tuun qabu/du beekuu nidanda’a/tti.
Tokkoon tokkoo barataa/tuu hojiiwwan/
abbaltiiwwan dhuunfaa nihojjata/ti.
9 Barsiisaan/tuun kaayyoowwaniifi
qabiyyeewwan barannoo hundaa haala quubsaa
ta’een nidhiyeessa/ti.
10 Barsiisaan/tuun barattoonni kaayyoowwan
yookiin qabiyyeewwan barannoo haaraa garee
dhuunfaan akka shaakalan carraa nikenna/ti.

51
Maanuwaalii Deeggarsa

11 Barsiisaan/tuun qabiyyee barannoo ykn


gochaalee akka cuunfan ykn waan daree keessatti
baratan calaqqee akka kennaniif barattoota ni
gaafata/ti.
12 Barsiisaan/tuun barattoonni barannoo dhiyaate
sirriitti hubachuu isaanii gaaffilee afaaniifi hojii
daree fayyadamuun nimirkaneeffata/ti.
13 Barsiisaan/tuun gaaffilee barattoonni akka
yaadaniifi odeeffannoo qindeeffatan taasisan
nigaafata/ti.
14 Barsiisaan/tuun yaaddeebii hiriyyeetiifi
deebbiiwwan gaaffilee akka kennan carraa ni
uuma/ti.
15 Barsiisaan/tuun yaaddeebii ijaarsaa barattootaaf
nikenna/ti.
16 Barsiisaan/tuun hojii manaa kennuufi sirnaan
to’achuufi sororsuu (yoo barbaachisaa ta’e gosa
lamatti qoodi ykn gochaalee keessaa tokko
hojjetameera yoo ta’e mallattoo itti taasisuun
kaa’i.

Deeggartootaa,
Hojiirra oolmaa shaakaloota baruufi barsiisuu armaan olii dabaluuf, tokkoon tokkoo isaanii
hubachuun baay’ee murteessaadha. Kanaafuu, deeggaramtoonni kee shaakaloota kanneen
hojiirra oolchuuf dhiisuu isaanii mirkaneeffachuuf osoo hindaawwatiin dura, birkii sagantaa marii
tokko qabachuudhaan tokkoo tokkoo shaakalootaa irratti dhimmoota garaagaraa fudhachuun/
gahee taphachuun deeggaamtoota keetiif ibsi. Calaqqeen marii kanarraa argamu poortifooliyoo
deeggaramtootaa keessa haa ta’u.

iii. Caacculee barannoo sirna barnootaa afaan dhalootaa mana barumsaa sadarkaa
tokkoffaa daawwachuu
Dhimmi murteessaa daawwannaa barannoo, qabiyyeewwaniifi tooftaaleen baruuf barsiisuu sirna barnoota
haaraa manneen barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessatti dhiyaatan haala qajeelcha barsiistotaa keessatti
dhiyaateen hojiirra oolaa jiraachuu isaa mirkaneeffachuuf.

Kunis ta’uu kan danda’u, yoo barsiistonni afaan dhalootaa qabiyyeewwaniifi tooftaaleen baruuf barsiisuu
sirna barnootaa afaan dhalootaa manneen barumsa sadarkaa tokkoffaa hubataniifi gahumsaan hojiira
oolchaniidha.

Akkuma maanu’aalii kana keessatti birkii 3.1 jalatti ibsametti, wayitii tokko keessatti barannoowwan
afaan dhalootaa caacculee lamaafi isaa ol qaba. Kanaaf, wayitii tokko keessatti yemmuu deeggaramtoonni
barsiisan barannoo caacculee lamaafi isaa ol of keessaa qabu daawwachuu danda’uu kee hubachuu
qabda.Akka fakkeenyaatti, akkaataan fayyadamaa qiyyaafannoo daawwannaa dabalee maanu’aalii kana
keessatti dhihaatee jira. Kanaaf, caacculee dubbisuu kutaa 1-4 barsiisuu keessatti akkaataa barsiisota itti
daawwannu haala itti aanuun ibsamee jira.
52
Maanuwaalii Deeggarsa

Adeemsa baruufi barsiisuu hubannoo sagalaee dubbiifi hubannoo walitti dhufeenya qubeefi sagalee
keessatti deeggaramtoota daawwachuu

Akkuma baruuf barsiisuu hubannoo sagalee dubbiifi hubannoo walitti dhufeenya qubeefi sagalee dubbii
keessatti bal’inaan ibsametti, hubannoo saglee dubbiifi hubannoo walittidhufeenya qubeefi sagalee
dubbii kutaalee jalqabaa keessatti sagalee dubbii hubachuu, qubee adda baafachuu, walitti dhufeenya
qubeefi sagalee beekuu akkasumas, qaamolee jechaa walitti makuun dubisuun dandeettiiwwan afaanii
baay’ee barbaahcisoodha. Kanaaf, deeggartoonni yemmuu deeggaramtoonni isaanii caacculee kanneen
barsiisan daawachuu keessatti adeemsota armaangadii hordofuu qabu.

Haaluma kanaan, hojiiwwan kunneen keessaa kaan isaanii daawwannaa daree duraa keessatti kan
raawwataman yemmuu ta’an kanneen hafan immoo hoggaa daawwannaan daree taasifamaa jiru kan
raawwatamaniidha.

• Caacculeefi tooftaalee baruufi barisisuu isaanii hubachuu: Osoo daawwannaa daree hingaggeessin
dura deeggaramtoonni yaadrimee birkii 3.1 jalatti maanu’aalii kana keessatti ibsaman gadi
fageenyaan hubachuu isaanii mirkaneeffadhu. Kanaafuu, hubannoo sagalee dubbiifi hubannoo
walitti dhufeenya qubeefi sagalee irratti daawwannaan barannoo gaggeessuu yoo barbaaddan
birkii 3.1 duubatti deebi’uun ilaaluu qabdu. Yemmuu kanas, yaadrimeewwaniifi tooftaaleen
barsiisuu dhihaatan lamaan keessaniifuu ifa ta’uu mirkaneeffachuu qabdu.

• Yoo barbaachisaa ta’e baranoo moodeleessuun deeggartootaan nitaasifama. Baruufi barsiisuu


modeeleessuun deeggaramtoota keetiif nifayyada jettee yoo yaadde caacculee barannoo tokkoo
barsiisuun deeggaramtoonni kee akka si daawwataniif affeeruu ni dandeessa. Maanu’aalii kana
keessatti, moodeleessuurratti qajeelfamoota ijoo gabatee itti aanu jalatti ibsaman hordofi.

• Wantoota daawwataman irratti mari’achuu: osoo daawwannaa daree hingeggeessin wantoota


daawwataman irratti deeggaramtoota kee waliin mari’achuu qabdu. Kun immoo bu’aa eegamu
irratti hubannaa walfakkaataafi ifa ta’e uumuuf nigargaara.

• Caacculee dubbisuurratti daawwannaa daree gaggessuu: deeggartoonni yemmuu daawwannaa


daree geggeessaa jiranitti karoora barannoo, qajeelcha barsiistotaafi qabxiilee murtaawoo
caacculee daawwataman sana ilaaluu qabu.

• Yommuu dandeettiiwwwan daree geggeeffamaa jirutti, wantoota qiyyaafannoo daawwannaa


keessatti kennaman irratti hundaa’uudhaan deeggaramtoota kee ni sadarkeessita. Fakkeenyaaf,
wantoota hubannoo sagalee dubbii (dandeettii afaanii qubeewwan/ sagalee dubbii walitti makuu,
qoqqooduu, haquu, bakka buusuu, sagalee walfakaataa adda baasuu) fi hubannoo walitti dhufeenya
sagalee dubbiifi qubee (qubee adda baafachuu qubeefi sagalee walitti fiduu, qubeewwan ykn
birsagoota walitti makuuf kkf.) armaan gaditti ibsamanii jiru.

53
Maanuwaalii Deeggarsa

I Hubannoo Sagalee Dubbii HO D J HADh HKH Yaada


Barsiisaan/tuun barattoonni dhagdubbiin:
Sagaleewwan dubbii ykn jechoota afaan
dhalootaa keessatti argaman akka adda baafatan
ni taasisuu.
Jechoota dhumarratti sagalee walfakkaataa
qaban akka hubatan, adda baasan ykn uuman
taasisuu.
Himoota dubbataman keessatti jechoota
dubbataman akka adda baasan taasisuu.
Birsagootaafi sagaleewwan akka walitti makan
taasisuu.
Jechoota sagaleewwan, birsagootaafi
dhamjechootaatti akka adda qoqqoodan
taasisuu.
Sagaleewwan jechoota afaan dhalootaa
keessatti argaman akka adda baasan, haqan ykn
bakka buusan taasisuu.
II Hubannoo Walitti Dhufeenya Qubeefi
Sagalee
Barsiisaan/tuun Barattootoonni:
Qubeefi sagalee akka walitti firoomsan
shaakalchiisu (maqaan qubee haala sirrii ta’een
waamama)
Qubeewwan akka adda baasan taasisuu.
Qubee haala sirrii ta’een akka barreessan
taasisuu.
Jecha keessatti qubee sagalee jalqaba, gidduurra,
dhumarra jiru akka adda baasan taasisuu.
Jechoota birsagoota tokkoofi isaa ol qaban
dubbisanii akka hubatan taasisuu.
Qubeewwan birsagootaafi dhamjechoota akka
walitti makan taasisuu
Jecha qubeewwan, birsagootaafi
dhamjechootaatti akka qoqqoodan taasisuu.
Seerota bu’uuraa qubeessuu fayyadamanii
jechoota bu’uuraa akka qubeessan taasisuu.

Dhimmoonni ykn hojiileen milkaa’oo barannichaa maal fa’i? _________________________________

___________________________________________________________________________________

___________________________________________________________________________________

Dhimmoonni barannichaa fooyya’uu qaban maal fa’i? _______________________________________

___________________________________________________________________________________

54
Maanuwaalii Deeggarsa

Fooyya’insa barannichaaf yaada maal eerta?________________________________________________

__________________________________________________________________________________

Akkuma dursa ibsame, deeggaramtoota kee waliin qabxiilee madaallii barannoo iratti mari’achuun bu’aa
eegamurratti yaada walfakkaataafi ifaa ta’e qabaachuu keessan mirkaneeffadhu.

Madaalliin ati daree barannootaa keessatti dhimmoota murtaa’oorratti hundaa’uun deeggaramtoota kee
irratti geggeessitu, odeeffanno maanu’aalii deeggarsa ogummaa kana keesatti ibsamaniifi qajeelcha
barsiistotaarratti hundaa’uun kan murteeffamu ta’uu qaba. Odeeffannoo madaallii daawwannaa daree
irraa argamerratti hundaa’uun marii daawwannaa dareen boodaa irratti mariifi calaqqee taasisaa.

Deeggartoota,
Tokkoon tokkoo qabiyee barannoo kutaalee 1-4 fi 5-8 barsiisuu keessatti deeggaramtoonni keessan
daawwatamuu qabu. Caacculee barannoo sirriitti hubatanii adeemsa baruufi barsiisuu keessatti hojiirra
oolchuun bu’aa barbaadamu agarsiisuu isaanii beekuunis daawwannaa kennamurratti hundaa’a.
Yemmuu deeggaramtoonni sadarkaa jalqabaafi dagaagina agarsiisan, bakki mariifi calaqqee dabalataa
barbaadu adda bahuu qaba. Kanaafuu, akka dabalataatti qabxiilee dabalataa yaada bal’aa agarsiisan
mariifi calaqqee keessatti fayaydamuun ni dandaa’ama.

Hubachiisa: Sagantaan kenniinsa deeggarsa ogummaa xumuramuu kan danda’u, yoo deeggaramtoonni
wixinee daawwannaa keessatti caacculee barannoo dhihatan hundaarratti sadarkaa barbaadamurra
gahaniidha. Wixinee daawwannaa dabalee maanu’aalii kana keessatti dhihaate haaluma fakkeenya
armaan olitti fayyadami.

Qabxiileen armaan gaditti tarreeffaman, deeggartoonni daawwannaa daree keessatti fayyadamuun haala
mijaawaa uumuuf gahaafi barbaachisoodha jettee yaaddaa? Yaada kee bakka duwwaa kennamerratti
dhiheessi.

• Daree barnootaa seenuuf heeyyama gaafachuu

• Barattoota dareeetti of beeksisuu

• Yeroon argamuu

• Haftee karoora barannoo qabachuu

• Hanga xumura wayitiitti daree keessa turuu

• Yaaddeebiif yaada sirriifi gadi fageenya qabu qabachuu

• Xumura wayitii barannoorratti barsiisaa/tuufi barattoota galateeffachuu

Yaada (qabxiilee kanarratti yaada sirriifi quubsaa barreeessi)

_____________________________________________________________________________

_____________________________________________________________________________

_____________________________________________________________________________
55
Maanuwaalii Deeggarsa

C) Marii Daawannaa Dareen Boodaa

Hubachiisa:Osoo gara marii daawwannaa dareen boodaatti hindhufiin dura deeggartoonniifi


deeggaramtoonni calaqqeedhaaf yaada isaanii qindeeffachuuf yeroo argachuu qabu.

Marii daawwannaa dareen boodaa irratti qabxiilee armaan gadii yaadadhu.

1. Deeggartootaaf Qabxiilee xiyyeeffannoo:

• Kaayyoo marichaa deeggaramtootatti himi

• Deeggaramtoonni haala daawwannaa barannoo itti geggeeffame ilaalchisee sodaa tokko


malee yaada akka kennan taasisi.

• Deeggaramtoonni akka dubbataniif yeroo gahaa kenni.

• Maricha geggeessuuf cimina mul’ate irraa eegali.

• Deeggaramtoonni kee yaada kennameef fudhachuufi dhiisuu isaanii mirkaneeffadhu. Yoo


deeggaramtoonni kee yaada kennameef fudhachuu dhiisan dhimma sanarratti marii dabalataa
geggeessi.

• Daawwannaa daree itti aanuuf karoora qopheessuun deeggaramtoota waliin irratti waliigalaa

2. Deeggaramtootaaf Qabxiilee Xiyyeeffannoo:

• Daawwannaa dareen booda deeggaraa/tuu irraa maal eegda?

• Kallattii fooyya’insaarratti gargaarsaaf gorsa gahaa argattee jirtaa?

• Kallattii/bakka ofitti amanamummaa xiqqaa qabdurratti gorsa argattee jirtaa?

• Marii itti aanuun duratti gocha raawwatamurratti waliigaltee jirtaa?

• Yaadaafi gorsa kennaman keessaa kanneen irratti waliigalte dhiheessi. Gara fuuladuraatti
gargaarsawwan akkamii barbaadda?

Yaaddeebii sirrii kennuuf, unka daawwannaa barannoo fayyadamuun barbaachisaadha.Yommuu


daawwannaan daree geggeeffamaa jiruttis odeeffannoo barbaadamu kallatti uumaan unkicha irrati
barreessuun gaarii ta’a. Yoo barbaachisaa ta’es booda irra deebiin barreessuun ni danda’ama. Wixinee
daawwannaa daree guutuuf dabalee II fi III ilaali.

3.2.3.2 Yaaddeebii Sirreessaa Kennuu

Adeemsi kenniinsa yaaddeebii deeggarsa ogummaa baay’ee barbaachisaadha.Sababni isaas


deeggaramaan/tuun yaaddeebii kana irraa waan gaarii hojjetame, waan fooyya’uu qabuufi haala hojii
isaa/ishee ittiin fooyyessu/tu danda’u/su hubata/ti. Kaayyoon waliigalaa yaaddeebii sirreessaa kennuu
fooyya’insa barbaadamu fiduuf utubuu/gargaaruudha.

56
Maanuwaalii Deeggarsa

Deeggartoonni yaaddeebii sirreessaa kennuuf nirakkatu. Kunis, kan ta’u hanga, akaakuu fi yeroo
yaaddeebii kennamuun waalta’uu dhabuuti. Deeggaramtoonni yaada dimshaashaafi yaaddeebii dhugaa
irratti hinhundoofne kennan deeggarsa dhiyaatuuf yaaddessaadha. Fakkeenyaaf “at gaarii hojachaa jirta”
yookaan ati barsiisaa gaarii ta’aa jirta jechu.Deeggaramtoonni hojii isaanii irratti ciminaafi hanqina qaban
wanta fooyyeffachuu qabaniif akkaataa isaan duraan itti hojjechuu qaban irratti yaaddeebii barbaadu.

Yaaddeebii ijaarsa kennuuf qajeeltoowwan baay’ee barbaachisoo ta’an jiru. Isaanis:

a) Dursa deeggaramtoonni yaada akka dhiyeessaniif carraan haakennamuufi. Kunis, kan ta’u qabu
osoo ati yaada gaariifi yaraa hinkennin dura ta’u qaba. Waan deeggaraan/tuun kee jedhu/ jettu
haalaan dhaggeeffachuu.

b) Yaada gaariin eegali: Yeroo hunda hanqina osoo hindubbatin dura cimina jiru dubbadhu.
Namoonni waan gaariin isaaniiitti dhaga’amuufi hanqina isaanii fudhachuuf fedhii ni horatu.

c) Yaada dimshaashaa irra yaada murtaa’aa dhiyeessi. Wanta deeggaramaan/tuun dhugaa irratti
hundaa’uun hojjate/te wanta fooyya’uu qabuufi waan irraa eegamu irratti xiyyeeffadhu.

d) Rakkoolee tokkoo tokkoof furmaata karoorfadhu. Deeggaramtoota yaada of fooyyessuuf isaan


gargaaru osoo hinqabsiisin dura gadi hindhiisin.

e) Fedhiifi qooda fudhanna kee deeggarsaafi furmaata kennuun agarsiis malee qabxii kennuu
irrati hinxiyyeeffatin. Gorsi, marisis/akkasumas yaadaan waliin ta’uu kee agarsiisi. Kunis,
deeggaramaa/tuu kee fedhiin akka hirmaatu/tu taasisi.

f) Yaada ijaarsaa kenni. Rakkoon akka jiru agarsiisi. Madaallii fakkeessuu irra ibsa kenni. kan
argite yookaan dhageesse ibsuun mormii ka’u malu hir’isi.

g) Altokkotti qabxii tokkotti xiyeeffadhu: Altokkotti dhimmoota adda addaa irratti hinxiyyeeffatin.
Rakkoolee ka’aniif furmaata battalaa kenni. Deeggaramtoonni walitti dhufeenya yeroo tokkoofi
yeroo biroo akka hubataniif deeggari.

h) Gocha qeeqi malee nama dhuunfaa hinqeeqin. Deeggaramtoonni kee bu’aa gochaalee kanaa akka
argan deeggari. Deeggaramtoonni akka dallananiifi akka of irraa faccisan hintaasisin. Faccisuufi
dallansuu irraa bu’aan argamu hinjiru.

i) Dhimma tokko garmalee hinho’isin: Jechoota kan akka yeroo “hundumaa”, “hinta’u” yeroo
baay’ee kanaafi kan kana fakkaatan hinfayyadamin. Waa’ee bal’ina rakkinichaa irra deddeebiin
garmalee hinho’isin.

j) Hinqoosin: Qoosaa fakkeessuun nama hinqeeqiin.

k) Namoota walbira qabdee hinmadaalin. Madaalliin taasisu qabdu dandeettii nama sanii qofaan
ta’uu qaba. Wanti inni/isheen gochuun irraa eegamu, kallattii kitaaba barannoo afaan dhalootaa
qofaan ta’uu qaba.

57
Maanuwaalii Deeggarsa

l) Deeggaramtoonni kee hubachuu isaanii mirkaneeffadhu. Yoo danda’ame akka isaan yaadicha
keessa deebi’anii yaaddeebii kennan wanta sammuu kee keessa jiru waliin walsimsiisi.

Qajeelfamoota Ijoo Dabalataa Hojiirra Oolan: Mee kutaa 3ffaa keessatti barannoo torbee 2ffaa,
guyyaa 3ffaa daawwachuuf karoorfatteetta haajennu. Haaluma kanaan, marii daawwannaa daree
duraafi daawwannaa daree boodaa taasifteetta. Yommuu kanas, qaamolee barannoo sadi jechoota
uumuu (walitti makuufi qoqqooduu) hubannoo dubbisuufi hubannoo dhaggeeffachuu keessaa
hubannoon dubbisuufi dhaggeeffachuu kan sirriitti hojiirra oolan yoo ta’u, barannoon jechoota ijaaruu
garuu, haala barbaadamuun hojiirra hin oolle. Dhimma murtaawaa akkanaarratti deeggaramtoota
keetiif yaaddeebii akkamitti kennita?
Adeemsota armaan gadii hordofuu nidandessa:
i. Yaaddeebii kamiyyuu kennuun dura carraa daawwannaa daree isaanii argachuu keetiif
deeggaramtoota galateeffachu. Kun immoo jalqaba gaarii ta’uu danda’a.
ii.Waa’ee barannoorratti yaada deeggaramtoota gaafadhu. Milkaa’aadha jedhuu?
Milkaa’aa miti jedhuu? Walmakaadhaa? Hanga danda’ametti dhimma xiyyeeffatamu
qofa irratti hundaa’uun gargaari.
iii. Daawwannaa keessatti cimina mul’ate himuun deeggaramtoota jajjabeessi.
Dabalataanis, wantoota barannoon kun akka milkaa’u taasisan ibsiif. Keessattuu,
bu’aa barachuu barattootaan argame waliin wal qabsiisuun ta’uu qaba.
iv. Qaamni barannoo yeroof hinmilkoofnees, akka waan bu’aa qabeessa hintaanetti akka
hinyaadamneef ifa taasisi. Kunis, akka qajeelcha barsiistotaa keessa taa’etti keessumaa
haala barattoonni dandeettii barbaadamu gonfachuu qaban irratti xiyyeeffachuu isaa
deeggaramtootatti himi. Jechoota ifa ta’an fayyadamuun dogongora mul’ateefi
haala kamiin akka uumame ibsiifi (Yaadolee qajelecha barsiistotaa keessati dhiyaatan
hubadhu).
v) Haala adda ta’een wanta hojjetame dhiheessi, (kallattii biraatiin wanta dhiyaate).
vi) Haalli kun gara fuulduraatti fooyya’uu danda’uu isaa deeggaramtoota gaafadhu. Dhimma
kana fooyyessuu irratti yaada isanii akka ibsan taasisi.
vii) Marii osoo hinxumuriin dura yaada cuunfuun hojicha xumuri. Waliin turtii keessaniif
deeggaramtoota galateffachuu hindagatiin. Yeroofi qabxii marii sagantaa marii itti
aanuu deeggarmtoota yaadachiisi.

Gorsi armaan olitti kenname baay’ee murteessaa ta’us, haala hundaa keessatti akka gaariitti hojiirra ooluu
dhiisuu ni danda’a. Ati deeggaraan/deeggartuun haala qabatamaa jiru (deeggaramtoota, meeshaalee
armaan olii, barattootaafi kkf) yaada keessa galchuun hojicha raawwachuu qabda. Kaayyoon waliigalaa
kees rakkoo adeemsa gahumsa deeggaramtoota kee ijaaruu keessatti mudatu madqsuudha.

58
Maanuwaalii Deeggarsa

3.2.3.3 Barannoo Moodeleessuu

Deeggarsa ogummaa barsiisummaa kennuu keessatti barannoo moodeleessuun akka fakkeenyaatti karaa
hojiilee barannoo agasiisuun deeggaramtoonni beekumsa, ilaalchaafi dandeettii isaanii fooyyeffatan
gargaaruuf tajaajiludha. Barannoo modeleessuun hojii deeggarsa ogummaa kennuu keessaa akka ijootti
ilaalama. Barannoo moodelessuun deeggaramtootaaf yaada ka’umsaa ta’uun gadi fageenyaan akka
shaakala keessa galan taasisa. Deeggartoonni gaariin tarsiimoolee moodeleessuu isaanii haala armaan
gadiin agarsiisu.

• Deeggaramtoonni isaanii wantoota haaraa keessatti hirmaachuu akka barataniif haala nimijeessu.
Fakkeenyaaf, akkaataa deeggartoonni barannoo itti dhiheessan bifa gabaabaa ta’een nihubatu.

• Agarsiisa barannoowwanii daree barnootaa keessatti dhiheessuu. Meeshaalee sirna barnootaa


haaraa afaan dhalootaa moodeleessuun fayyadamuu, malleen baruufi barsiisuu ykn tooftaalee
barsiisuu haaraa hojiirra oolchuun deeggaramtoonni tarsiimolee ykn dandeettii baruu barsiisuu
murtaa’oo ta’an daree barnootaa keessatti fayyadamuu.

• Ilaalcha gaarii mul’isuufi akka fakkeenya gaariitti gahee taphachuu. Deeggartoonni gaariin amala
dhuunfaa milkaa’ina hojii keessatti fudhatan agarsiisuu qabdu. Deeggartoonni hojii milkaa’inaafi
bu’a qabeessa ta’e deeggaramtootatti mul’isuun, yaad-qalbiiwwan murtaa’oofi milkaa’ina hojii
keessatti gochaalee barbaachisoo ta’an agarsiisuu qabu.

Deeggartootaa,

Gargaarsaafi gorsa irra deddeebiin yoo kennitaniyyuu adeemsa barsiisuu deeggaramtootaa keessatti
hanqinni hinfooyyofne nijira haajennu. Yeroo kanatti, qabiyyeewwan ykn dandeettiiwwan walfakkaataa
(fooyya’insi dhabame) deeggaramtootaaf barannoo moodeleessi. Akka deeggaraa/tuu tokkootti barannoo
modeleessuu sirrii ta’e hojjechuu kee mirkaneeffachuu qabda. Kun immoo of eeggannoo guddaa taasisuu
si barbaada.

Itti aansee yeroo barannoo moodelessuu sadarkaalee barbaachisoo ta’an afur hordofamuu qaban akka
armaan gadiitti dhiyaataniiru. Isaanis:

i) Qophaa’uu,

ii) Hojiirra oolchuu,

iii) Madaaluufi

iv) Babal’isuu

Sadarkaalee arfan kunneen keessatti wantoota raawwachuu qabdu:

i) Qophaa’uu/karoorsuu: Sadarkaa kanatti hojiilee armaan gadii niraawwata jedhamee yaadama:

• Barannoo moodelessuu irratti xiyyeeffate adda baafachuu

• Barannoo moodeleessuu irratti marii taasisuufi moodeelessuu akkamitti akka raawwachuu

59
Maanuwaalii Deeggarsa

danda’amu yaaduuf, deeggaramtoota kee waliin walgahii saganteeffadhu.

• Karoora kee caasaa barannoo dhiyaate waliin haala ittiin walsimsiiftu agarsiisi (kitaabolee
barannoo haaraa afaan dhalootaa- Kitaaba barattootaafi qajeelcha barsiistotaa ilaali)

o Hirmaannaa barattoota fedhii addaafi kornayaa adda baasuufi karoorsuu keessatti


barattoota akka deeggartu ibsiif.

o Barannoon dura: yoo barbaachisaa ta’e barannoo darbe yaadachiisi: bakka namni
jiruttis (hiriyyee murteessaa) ta’e hinjirretti ta’uu danda’a. Akka filannootti, dhimmoota
yaadachiisuuf viidiyoon kan waraabame qabaachuufi ilaaluun fooyyessaa deemuu.
Hiriyyaan sitti dhiyaatu daawwannaa viidiyootiin booda yaada siif kennuu danda’a/
dandeessi.

ii) Raawwii Daree Keessaa/Hojiirra Oolmaa: Sadarkaa kanatti sirna barnoota haaraa afaan dhalootaa
keessatti dhiheessuuf, moodela suutaan of dandeessisu hordofuu qabda (Kunis, Nanhojjedha,
Nihojjennaa, Nihojjettu). Moodeelli suutaan of dandeessisuu kun hojii irra kan ooluu danda’u,
kaayyoo/qabiyyeen kan walsime ta’uu hubachuu qabda. Qabiyyeewwan tokko tokko dhiheessuuf,
moodela suutaan of dandeessisuu keessa jiran sadeenuu altokkotti fayyadamuu dhiisuun nimala.
Yommuu karoora barannoo moodelaa hojiirra oolchinu tooftaalee barbaachisoo ta’an muraasni:

a) Wayita Barannoo:

• Karoora barannoo kee hojiirra oolchuuf hojiifi haala jiru guutumaan guutuun to’achuu.

• Barachuu barattootaa irratti xiyyeeffadhu: Wantoota tasa si mudachuu danda’an to’adhu.


Wantootni kun gonkuma akka si hinjeeqne taasisi.

• Haala baruufi barsiisuu irratti hundaa’uun, barattoota tokkoon tokkoo isaaniif xiyyeeffannoo
kenni-barattoonni fedhii addaa qaban jiraachuu maluutii. Barannoo hundammattoo
moodelessuun:

 Walgitiinsa dhiiraafi dhalaa, namoota fedhii addaa qaban, aadaa, diinagdeefi amantaa adda
addaa qaban bifa loogummaa hinqabneen keessummeessuu.

 Fayyadama afaanii loogii irraa bilisa ta’e

 Gahee kennuu (Qooddaattoota dhaalaafi dhiiraa hojiilee mana keessaafi dhimma


hawaasummaa keessatti qooda fudhatan agarsiisuu)

• Wanta hojjettu (jettu) qofaa osoo hinta’iin akkamitti akka hojjettus ibsuu irratti xiyyeeffadhu.
Akkaataa itti hojjettan agarsiisaa jiraachuu kee yaada keessa galchi.

• Yeroo kee seeraan fayyadamuu- yeroo siif kenname keessatti wanta siif kenname hojjechuukee
mirkaneeffadhu.

60
Maanuwaalii Deeggarsa

b) Akkuma barannoo xumurtetti:

• Barannoo moodeelessuu irratti yaada deeggaramtootaa gaafadhu. Gochaalee barsiisuufi


adeemsa barachuu barattootaa wabeeffachuu yaaddeebii murteessoo akka kennan jajjabeessi.

• Daree barnootaa keessatti tokkoon tokkoo gochaalee raawwataman irratti akka gaaffilee
gaafatan jajjabeessi.

• Dhimmoota murteessoo ta’an irratti xiyyeeffachuun, adeemsa ta’e jettee fudhatte irratti ibsa
kenni… [ Fkn. Sababni ani barannoon koo gidduutti dhaabeef…; Sababni ani kaniin Caalaaf/
Caaltuuf gaaffii keessa deebi’ee ibseef…; sababni ani gaaffii sana gaafadheef…]. Ibsi kun,
deeggaramtoonni wanta adda ta’e hubachuufi barsiisuu keessatti hinqina duraan mul’atan
akkamiin walsimsiisuu akka danda’aniif gargaara.

• Deeggaramaan/tuun haala walfakkaatuun hojiirra oolchuuf akkamiin akka yaadaa jiran


gaafadhu. Deeggaramtoonni wantoota hojjette cuunfuufi akkamiin kitaabilee haaraa afaan
dhalootaa irraa eegamu waliin walsimuu danda’u kennuun akka yaalan jajjabeessi.

Moodela barannoo armaan oliitiif akka filannootti: Viidiyoo barannoowwan moodelaaf


piroojektiin READ TA qopheessetti (yoo jiraate) itti fayyadamuun nidanda’ama.

iii) Madaaluu: Erga barannoon moodeleessuu deeggaramaan/tuun kee waliin raawwatameen yeroo
fudhachuu akkaataa barannoon itti xumurame irratti calaqqee gaggeesi. Kun barannoo irratti
duubatti deebi’uun yaaduufi gaaffilee armaan gadiif xiyyeeffachuun deebii kennuun si gaafata.

• Barannoo kana keessatti maaltu haala gaariin raawwatame? Maaliif?

• Rakkoolee akkamiitu na mudate? Maaliif?

• Wanti adda ta’e ani raawwadhu maali?

• Muuxannoo kanarraa wanti barachuu qabuufi gara fuulduraatti na fayyadu maali?

• Barattoonni dandeettii kana bira gahuudhaaf akkamiin jajjabeessina?

• Moodelli suuta of dandeessisuu daree barnootaa kiyyaa keessatti hojiirra oole? Waa’ee
maleenya ani ilaalchisee kun maal natti agarsiisa?

• Moodeeleessuu barannoo ilaalchisee qabxiilee jiran kamiyyuu qabadhu.

Shaakalliin kun moodeleessuu barannoo qophii fedhii gara fuulduraa akka barattuuf si gargaara.

iv) Babal’isuu: Kun Moodelessuu barannoo sadarkaa afraffaa ta’ee, irra caalaa muuxannoo gaarii
babal’isuu irratti xiyyeeffata. Sadarkaa kanatti deeggaramaan/tuun beekumsaafi dandeettiiwwan
barannoo moodeleessuun kennamu irraa argattutti akka gargaaramtuuf si fayyada. Kun gara
deeggaramtoota birootti babal’achuun muuxannoo gaarii walitti qabdeefi gochaalee kanneen
biroon qaban waliif qooduun daree barnoota isaanii keessatti hojiirra oolchuu danda’uuti. Ogeessa
kenna deeggarsaa wiirtuu gurmuu manneen barnootaa yoo taate, gochaalee gaggaarii kunneen
deeggaramtoota manneen barnoota deeggarsa ogummaa kennaa jirtu keessatti babal’isuu ni
61
Maanuwaalii Deeggarsa

dandeessa. Babal’inni barannoo moodelessuu kun waraabbii viidiyootiin deeggaramuu nidanda’ama.

3.2.3.4. Fooyya’iinsa Deeggaramtootaa Madaaluu

Fooyya’iinsa barachuu deeggaramtootaa madaaluu jechuun bu’aa deeggarsa ogummaa barsiisummaa


irratti hundaa’uun adeemsa walitti fufiinsa qabuun ragaalee walitti qabuufi qaaccessuun barsiisuu gahumsa
deeggaramtootaa irratti jijjiirama fiduu jechuudha. Kun waa’ee ragaarratti hundaa’uufi dagaaginaati.
Akkuma deeggaramtoota kee gargaartuun, fooyya’iinsa gahumsa deeeggaramtoota keetii ittifufiinsaan
mirkaneeffachuu qabda. Kana yoo raawwatte qofa, galma kaa’ame gahuuf hojjechuu dandeessa. Madaallii
moodelaa fooyya’iinsa deeggaramtootaa armaan gadii hordofuu qabdu.

Ragaalee Bu’aawwan Madaaluu


Qaaccessuu
Funaanuu argaman
hojiirra
oolchuu

Fakkii 5: Madaallii Moodela Fooyya’iinsaa

Ragaalee Funaanuu: Adeemsa fooyya’iinsa deegaramtootaa kallattii fooyya’iinsaa barachuu barattootaafi


gochaalee daaree barnootaa irratti hundaa’uun ragaa funaanuudha. Ragaaleen kunneen kan funaanaman
gabaasa dhuunfaa deeggaramtootaa, waliin dubbii bal’aa (al-kallattii), daawwannaa barannoofi milkaa’ina
barachuu barattootaa daawwachuun ta’a. Sadarkaan kun hariiroo ati deeggaramtoota kee waliin waa’ee
fooyya’iinsa ykn dagaagina isaaniitiin walqabsiifte ibsuu qabdu kan si akeekkachiisuudha. Kanaafuu,
fooyya’iinsa galmeessitee qabaachuu qabdu:

• Deeggaramtoota kee waliin dalagaalee guyyaa guyyaan hojiirra oolchuu qabdu galmeessitee,
wanta raawwatteefi fooyya’iinsa beekumsaa, ilaalchaafi dandeettiiwwan deeggaramtoota kee
keessatti galmeessite kan hammatudha.

• Waliin dubbii al-idilaawaa ati deeggaramtoota kee waliin taasiftuufi murtee fooyya’iinsaa
kennituun walqabsiisi. Haata’u malee, waliin dubbiin al-idilaawaan kun deeggarmtootaa kan
nuffisiisuu fi hamilee isaanii kan miidhu ta’uu hinqabu.

• Deeggaramtoonni ragaalee poortifooliyoo ogummaa ibsu akka qindeeffatan gargaari.

Ragaalee Qaaccessuu: Adeemsa ragaalee funaanamanitti fayyadamuun bu’aa raawwii hojii yeroo
darbee wabeeffachuun raawwii hojii sadarkaa amma irra jiru kan of keessatti hammatedha. Kana jechuun,
toorri bu’uura karoora raawwii deeggarsa ogummaa barsiisummaa keessatti ibsamee jira. Sadarkaa
kanatti kan ati gaafachuu qabdu: Deeggaramtoonni eessa turan? Deeggaramtoonni amma eessa jiru? kan
jedhuudha. Dalagaan akkanaa kunis, akka garaagarummaa faayidaa qabeessa ta’e qabattee dhuftu kan
sirraa eeggamudha. Garaagarummaan kunis, mallattoo fooyya’iinsaati. Sadarkaa fooyya’iinsa raawwii
akkaataa bu’uura karoora raawwii keessatti taa’eefi yeroo kenname waliin raawwachaa jiraachuu kee

62
Maanuwaalii Deeggarsa

mirkaneeffadhu.

Bu’aa Argame Hojiirra Oolchuu: Kunis, haala deeggartoonni deeggaramtoota waliin hanqina
daawwatame irratti dabalataan karorfachuun hariiroo deeggarsa ogummaatti fayyadamuudha.Kana
jechuun barannoowwan barataman haala deeggarsa ogummaa kana irraa gara haalota birootti dabarsuun
ittifayyadamuudha (Fkn. Deeggaramtoota biroo waliin). Dabalataanis, deeggaramtoonni dandeettiiwwan
deeggarsa ogummaa keessatti ittiin milkaa’ina argatan yoomessa biroo keessatti of danda’anii itti
fayaydamuu eegalu.

Fooyya’iinsa deeggartoota keetii mirkaneeffachuuf madaallii gaarii yoo gaggeessite bu’aalee itti aanan
argatta.

• Fooyya’iinsa deeggaramtoonni kee jalqabaa hanga dhumaatti agarsiisan nibaratta.

• Yemmuu deeggaramtoonni kee hojjetan (fooyya’iinsi isaanii dabalaa ykn gad-bu’aa jiraachuu
isaa) ilaalu nidandeetta.

• Odeeffannoo saffisa deeggaramtoota kee waliin qabdu dabaluuf ykn hir’isuuf si gargaaru argachuu
dandeetta.

• Ragaa deeggaramtoonni hojiiwwan kennameef xumuruufi dhiisuu isaanii agarsiisuu argatta.

• Kaayyoowwan muraasa sababa qabeessa ta’an gara fuulduraatti qopheessuuf si gargaara.

3.2.3.5 Deeggaramtoonni Waan Yaadan Calaqqeen Akka Dhiheessan Kakaasuu

Calaqqeen adeemsa muuxannoo qabnurraa xiyyeeffannoon xiinxaluufi hiika jechootaa barbaachisaa


ta’an karaa hiika qabaniin gadifageenyaan tilmaamuudha.Kaayyoon calaqqee waliin dubbii (deeggaraafi
deeggaramaa gidduutti) karaan shaakaluu deeggaramaa ittiin fooyya’uu danda’u adda baasuun shaakala
deeggaramaa keessatti ilaalchi gaariin akka mul’atu taasisuun barbaachisaadha.

Calaqqeen adeemsa dagaagina fedhii waahubachuu, daawwachuufi fuulduratti yaaduuti. Calaqqeen


dandeettii deeggartoonni akka qaama tuulkiitiitti ilaaluun fayyadamuuti.

Gochi calaqqee gocha raawwii hojii guyyaa guyyaa waliin kan walfaallessuudha. Gochi yeroo
gadifageenyaafi irradeddeebiin raawwatamu akka raawwii guyyaa guyyaatti lakkaawwama. Gochaaleen
akkasii, fkn. Wantoota amaleeffataman irratti kan hundaa’e (karaa itti raawwaamu) ykn yaada abbootii
aangootiin dhiyaatan ta’u. Gochaaleen kanneen keessatti waa kalaquu danda’uun baay’ee gadi aanaadha,
ykn hindanda’amu.

Yeroo gocha raawwannu calaqqee kennuu (Gocha yeroo calaqqeefi erga gocha raawwannee calaqqee
kennuu (calaqqee gocha boodaa).Yaada kana keessatti inni jalqabaa haala keessa jiraannu yaad-hiddama
seenduubaa waliin wal-simsiisuufi fooyyessuuf maal akka hojjennufi akkamiin akka hojjennu kan
hubachiisuudha.

Inni lammaffaa ammoo, maal akka raawwatameefi maaltu akka raawwatamuuf ta’u walbira qabuun
ilaaluu kan ibsudha. Bu’aan isaa raawwii karooraa itti aanee dhufu karoorsuu fooyyessuudha.

63
Maanuwaalii Deeggarsa

Deeggartoota: Dandeettii calaqqee deeggaramtoota kee waliin gabbisuun maaliif si barbaachise?


Sababni isaa, yaanni calaqqee shaakaluu, deeggaramtoota keetiif faayidaa armaan gadii waan qabuuf:

• Waa’ee shaakala yaadota yeroo darbeefi ammaa qindeessuufi daree barnootaa waliin akka
walsimu taasisuu;

• Gaafannoo dagaagina ogummaa cimsuufi waa’ee shaakala baruufi barsiisuu gaafachuu;

• Waa’ee mul’ata barachuu barattootaa yeroo amma xiinxaluun gochaalee gara fuula duraatti
dhufuu danda’an yaaduu;

• Barsiisuun adeemsa beekumsa ijaaruufi yaada gaarii waliif qooduu dhugoomsuutiifi

• Walitti dhufeenyaafi waldeeggaruun barsiisotaa hojii guyyaa guyyaa waliin daree isaa/ishee
keessatti hojjetamu jajjabeessuu;

Moodeloonni garaagaraa/armaan gadii yaadaawwan calaqqeefi calaqqeen akkamiin akka dhiyaatu


kan agasiisudha. Moodelli armaan gaditti dhiyaates moodela muraasaati.


Muuxannoo barsiisuu
(taatee) Maal?

Yaalii si’aawaa Calaqqqee Daawwannaa


(Gocha qabatamaa) (Yeroo raawwii maaltu
ta’e)
Amma maali?
Kanaafuu maali?
Raawwachuuf karoorsuu
(Gocha fuula duraa, Murtoo beekamaa
milkaa’ina) (Waa’ee taatee hubachuu)

Fakkii 6: Moodela Marsaa Calaqqee

Akka moodela armaan olitti, gaaffileen deeggaramtoonni adeemsa calaqqee isaanii keessatti gaafachuu
qaban akka armaan gaditti qoqqoodamanii jiru.

a) Maaltuu ta’e? Haalli barsiisuu koo maal fakkaata?

b) Kanaaf maal? Wanti raawwatameefi wanti akka raawwatamuuf eegame akkamitti ilaalama (wabii:
ibsoota qajeelcha barsiisotaa keessaa, karoorawwan barannoo koo, haala barattootaafi kkf).
c) Kanaafuu amma hoo? Wayitii barsiisuu koo itti aanu akkamii nan fooyyessa? Kana hojiirra
oolchuuf maal gochuun qaba? (walitti dabaluu/gocha itti aanu karoorsuu)

d) Jecha karoorfameen yaalii gaggeessuu- sadarkaa gochaa itti aanuuf marsaan calaqqee itti fufa.

64
Maanuwaalii Deeggarsa

Akka deeggaraatti/tuutti, deeggaramtoota kee waa’ee calaqqee isaa/ishee yaaduu barachuu


akka danda’aniif deeggaruutu si irraa eegama. Wanti sirraa eegamu gaaffilee gaafachuudha:
Maaltu ta’e? Wanta eegamu akkamiin fooyyessita? Haala kana fooyyessuuf itti aansitee
maal hojjatta? Tokkoon tokkoo gaaffilee kunneen akkaataa namni yaaduu danda’uun kan
gaafatamudha. Daawwannaa jalqabaa irraa ka’uun qaama yaa’ii daawwannoon boodaa
taasisuun ni dandeessa. Yoo walsima jettee kan yaaddu ta’e, mata duree irratti leenjii
gaggabaaboo kennuu ni dandeessa.

Hubachiisa: Gaaffiin gaafatamu kamiyyuu calaqqee yaaduu kan ho’isu miti. Amaloota gaaffilee
calaqqee ta’uu qaban:

• Sagalee hawwataa yeedalloo barbaadamu qabu.

• Danessuu: Sababaawwan maaliif dandeeffame? Galmaawwan kee muraasni maal ta’a?

• Jechoota dhaabbataa hintaane: ta’uu danda’aa(bakka ta’uu danda’a, “ta’a” buusuu), “danda’ee”,
bakka ‘nidanda’a’ buusuu. Sababawwan ka’umsaa maal ta’uu danda’a? Karaaleen garaagaraa
ta’uu danda’an maal fa’i? Kun kan mul’isu hiika itti kennuuf banaa ta’uu isaati.

• Jechoota ta’uu danda’aa fayyadamuu: akka ati yaadattutti…? Akka ati abdattutti …? Akka ati
beektutti…?

• Wantoota ta’uu danda’an cimsuun banaa taasisuufi akka ta’an kaayyoowwan muraasni ati sammuu
keessaa qabdu maal fa’i? Akka filannootti walbira qabdee yoo ilaaltu isa baay’ee barbaachisaa
sitti fakkaataa?

Dhimma Gabaasaa: Dhimmoota lamatu kennamee jira. Deeggaramtoonni kee akka dandeettiiwwan
calaqqeen yaada isaanii gabbifataniif deeggaruuf dhimmoota kanneenitti fayyadamuu dandeessa.
Dhimmoota armaan oliitti tuqaman erga hubattee booda deeggaramaa/tuun kee dhimma tokko daree
barnootaa isaanii keessaa fudhachuun adeemsa calaqqee kana akka shaakalaan cimsatan gaafadhu.
Dhimma tokkoffaa
Ani barattoota battallee qubeessuun darbuu hindandeenye daree keessaa hedduun qaba. Torbee
guutuu jechoota sanneen kuusaa galmee jechootaa keessaa barbaaduun himoota ijaaruun itti
fayyadamu, himoota keessatti bakka duwwaa guutuu. Haata’u malee, battallee qubeessuu torbee
darbe darbuu hindandeenye.
Dhimma Lammaffaa
Ani daree koo keessaa daa’ima rakkoo barachuu qabu tokko qaba. Innis, hojiiwwan barreessuu
kamiyyuu hordofee barreessuu sababa bilchina dhabuu dandeettiiwwan qaama sammuu irraa kan
ka’e baay’ee itti ulfaata. Inni barreessuu ni yaala. Haata’u malee, akka barattoota birootitti hojii
kamiyyuu raawwachuuf yeroo si’a lama kanneen biroo irraa isa barbaachisa.

3.2.3.6. Dandeettiiwwan Haala Mijeessuu Leenjisuu

Haala mijeessuun jechuun ogummaa ga’eessotaafi hojii barachuu walitti fiduu jechuudha. Kun barachuu
ga’eessotaa karaa ofiin argachuu isaanii deeggaruu of keessatti hammatudha. Haala mijeessuun akka

65
Maanuwaalii Deeggarsa

milkaa’uuf, xiyyeeffannoon kan taasifamuu qabu beekumsa haaraa, dandeettiiwwan, ilaalchotaafi


ga’umsatti fayyadamuudha.

Haala deeggarsa ogummaa keessatti, haala mijeessaan gaariin deeggartoota giddu galeeffata/ti;
deeggaramtoonni akka si’aayinaan keessatti hirmaatan taasisa; barachuun akka jiraatu taasisa; yaada
daangessuuf burqisiisuu mirkaneessuuf haalli barachuu tasgabbaa’aafi mijataan akka jiraatu taasisuudha.

Itti gaafatamummaan ati akka deeggaraa/tuu tti qabdu deeggaramaan/tuun kee beekumsaafi dandeettii
bu’uuraa ittiin hojjechuuf yaadamu ifa taasisuu qabda. Fakkeenyaaf, deeggaramaan/tuun yaad-rimee
ga’umsaan dubbisuuf dandeettiiwwan kanneen akkamitti barattoota keessatti gabbisuu akka qabu hanqina
qabaachuu danda’a. Kanaafuu, akka filannoo tokkootti ga’umsaan dubbisuu irratti leenjii kennuuf
murteessuu dandeessa. Gaaffiin si fuuldura jiru garuu, akkamiin hanqina jiru sanaa gara sagantaa leenjiitti
jijjiiruu dandeessuudha. Kanaafuu wantoota armaan gadii irrtti xiyyeeffachuu qabna.

a) Hanqina adda ba’erratti ragaa qindeeffachuu, ragaa qindeeffatte fedhii leenjii kan agarsiisu ta’uu
hubachuu.

b) Karoora gochaa deeggaruu keessatti, wantoota ragaa sirrii ta’an mirkaneeffachuu.

c) Kaayyoo leenjichaa ibsuu.

d) Fedhii deeggaramaa/tuun leenjicharratti qabu/du mareef dhiheessuufi maal akka yaadan gaafachuu.

e) Sirna barnoota afaan dhalootaafi maanu’aalii leenjii barsiisotaa qophaa’erratti hundaa’uu fi haala
qabatamaa mana barumsaarratti hundaa’uun qabiyyee leenjii qopheessuu.

• Hanqina adda bahe naannoo qabiyyee beekumsaafi maleenya baruufi barsiisuu sirrii
taanaan, akkaataa kanaan meeshaalee leenjii qopheessuu.

• Leenjicha gochaalee guyyaa guyyaa daree barnootaa waliin walitti fiduu. Akka marsaa
yaad-hiddama (qabiyyee) Gola daree barnootaa-yaad-hiddama (qabiyyee)- Gocha daree
barnootaatti qindessuun gaarii ta’a.

f) Leenjichi sirriitti deemaa jiraachuu isaa madaaluu. Leenjii gara fuuladuraaf bakka ciminniifi
hanqinni jiru irraa barachuu danda’amu hubadhu.

g) Leenjicha daree barnootaa ga’aa ta’an deeggaruun hordoffii taasisuu. Barannoo gara
moodeleessuutti ol guddisuun ni danda’ama.

Deeggaru keessatti leenjii garaagaraatti fayyadamuun barannoo daree haaraa afaan dhalootaa irratti
hubannoo qabiyyeefi malleenya baruufi barsiisuu ga’aa qabaachuun barbaachisaadha. Kanaaf, waantota
leenjichi keessati raawwachuu qabduurratti of mijeessuuf ciminaan hojjechuufi sirraa eegama.

66
Maanuwaalii Deeggarsa

3.2.4 Sagantaa Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa Gabaasuu

Qalbeeffachuu: Waa’ee muuxannoo gabaasa barreessuu keessatti qabdu hiriyyoota keetti himi.
Waantota bu’uura qabeessa ta’an ibsa kee keessatti hammachiisu yaali.

Gabaasuun- karaa ifa ta’een ragaa barreeffamarratti hundaa’ee caaseffama olaanaan kan qindaa’ee
dhiyaatuudha. Dabalataanis, barreeffama dubbisuurratti hundaa’efi hojii gocharratti hundaa’eedha.
Deggersa dagaagina ogummaa barsiisummaa keessatti dandeetti barreessuu gabaasa gaarii deggersuuf
fedhi qabaachuu ni dandeessa.
Kaayyoon gabaasu waliigalaa:
• Dhimmoota adda baasuun maaliif akka hojiirra oolan ibsuu.
• Maaliif akka hojjetamuufi akkamiin akka hojjetamu addeessuu.
• Argannoowwan, xumuraafi yaboowwan dhiheessuu.

Gabaasni yoo sirriitti kan hojjetamu ta’e, meeshaa deeggarsa ogummaa barsiisummaafi beekumsa
horachuuti. Namoonni gabaasatti fayyadamuun, maal hojjechuu akka qabaniifi waan gaarii hojjechuuf
eessa akka jiran barachuufi eessatti akka fooyyessan hubachuuf bu’a qabeessadha.Dabalataanis, keessatti
qooda fudhachuun xiyyeeffannoon akka ibsamu gochuufi namoonni biroon hojii gaarii hojjechuuf
hordofuu akka danda’aniif kuufamuun kaa’amuuf gargaara.
Caasaa Gabaasa Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa
Kanneen armaan gadii baafata gabaasa ogummaa barsiisummaa keessatti amanatamanidha. Gabaasa
keetiif qajeelfama murtaa’oon kan kennaman ta’ee isaan armaan gadii kana hordofuun dirqama ta’a.

Naannoo Gabaasaa Ibsa


Toora Bu’uuraa Waliti dhufeenyi deeggarsa ogummaa osoo hin
jalqabiin dura, dandeettiiwwan argaman maal fa’i?
Hanqina/fedhiiwwan gargaaruu Bakka fooyya’uu qaban-akka sadarkaa sirna
barnootaa irraa eegamutti barsiisuu fooyyessuuf
karoorri qabame maali?
Tarsiimoowwan Furmaataalee danda’aman-Deeggarsa ogummaa
barsiisummaa lafa qabsiisuu ilaalchisee maaltu
karoorfamee jiraa?
Walqunnamuu deddeebii Dhuma ji’a darbee deeggaramaan/tuu kee waliin
akkamiin wal-argitee?
Wayitii kenname Sa’aatii waliigalaa- Tokkoon tokkoo walga’ii hangam
dheerata? Walga’iiwwan yoom gaggeeffamu?
Adeemsa/walittidhufeenya qeequu Walitti dhufeenya deeggaramaa/tuu waliin jiru irratti
calaqqee gabaabaa dhiheessuu
Bu’aawwan Walitti dhufeenya deeggarsa ogummaa barsiisummaa
ilaalchisee gama deeggaramtootaatiin kan fooyya’uu
qabu maali? Kun akkaataa iccitii hin diigneen
ibsamuu qaba.
Kallattii fuula duraa Walitti dhufeenya deggersa ogummaa barsiisummaa
waliin taasiftuun gocha itti aanee dhufu jechoota
waliigalaan ibsi.
67
Maanuwaalii Deeggarsa

Wabiilee
Anjum Halai, A. (2006). Mentoring In-Service Teachers: Issues Of Role Diversity. Teaching and
Teacher Education,22, 700–710
Chappuis, S., Chappuis, J., and Stiggins, R. (2009). Supporting Teacher, Educational Leadership:
February, 56-60
Day, C. and Sachs, J. eds. (2004) International Handbook on the Continuing Professional
Development of Teachers; Open University Press
Fullan, M. (2001). The New Meaning Of Educational Change, Third Edition. NY: Teachers College
Press.
Geeraertsa, K., Tynjäläb, P., Heikkinenb, H. L., Markkanenb, I., Pennanenb, M., & Gijbelsa, D. (2014).
Peergroup Mentoring As A Tool For Teacher Development. European Journal of Teacher
Education, 1-20, DOI:10.1080/02619768.2014.983068
Guskey, T. R. (1985) Staff Development and Teacher Change. Educational Leadership: 57-60.
Hobson, A. J., Ashby, P., Malderez, A. & Tomlinson, P. D. (2009). Mentoring Beginning Teachers:
What We Know And What We Don’t. Teaching and Teacher Education. 25, 207–216
Joyce, B. & Showers, B. (1995). Student Achievement Through Staff Development. White Plains, NY:
Longman.
Kennedy, A. (2005). Models of Continuing Professional Development: A Framework For Analysis.
Journal Of Inservice Education, 31 (2)235-250.
McBride, R. (1996) Teacher Education Policy – Some Issues Arising From Research And Practice.
Flamer Press.
Ministry of Education of the Federal Democratic Republic of Ethiopia (2012) School Based English
Mentoring For Primary And Secondary Teachers How to Improve Mentor and Mentee
Performance, Addis Ababa
Ministry of Education of the Federal Democratic Republic of Ethiopia (2009) Continuous Professional
Development for Primary and Secondary School Teachers, Leaders and Supervisors in
Ethiopia:
The Framework Ministry of Education of the Federal Democratic Republic of Ethiopia (2009) Continuous
Professional Development for Primary and Secondary Teachers, Leaders and Supervisors
in Ethiopia:
The Practical Toolkit National Mentoring Partnership (2005) How to Build A Successful Mentoring
Program Using the Elements of Effective Practice; Retrieved from
http://www.mentoring.org/program (07/08/15)
NOVA SHRM and Dulles SHRM (April 2012) Mentoring Program Toolkit: Establishing a Mentoring
Program in your Local SHRM Chapter, Retrieved from http://www.shrm.org/Communities
(11/08/15)
Orland-Barak, L., & Hasin, R. (2010). Exemplary mentors’ perspectives towards mentoring across
mentoring contexts: Lessons from collective case studies. Teaching and Teacher Education, 26
(3), 427-437.
Roehrig, A. D., Bohn, C. M., Turner, J. E., and Pressley, M. (2008). Mentoring Beginning Primary
Teachers For Exemplary Teaching Practices. Teaching and Teacher Education, 24, 684–702
USPTO (March 2010) How To Build A Mentoring Program – A Mentoring Program Tool Kit, Leadership
Development
Program, Retrieved from https://www.aapa.org/WorkArea (23/07/15)

68
Maanuwaalii Deeggarsa

Dabalee I: Deeggaramtoota Waliin Gabaasa Qindeessuu


Walitti dhufeenya gaarii qabaachuun waliin hubannoo ijaaruu fi deeggaramtoota waliin wal amantaa
qabaachuun caacculee murteessaa deeggarsa ogummaa bu’a qabeessaati. Deeggartoonni karaa walitti
dhufeenya waliinii qabaachuu, walamantummaa uumuufi icciitii eeguun gabaasa deeggaramtoota waliin
qopheessuu ni danda’u.

A) Walitti Dhufeenya Namootaa

Deeggarsi ogummaa waa’ee walitti dhufeenya namoota gidduutti uumu keessatti isa jalqabaati.Namoonni
walitti dhufeenya deeggarsa ogummaa waliin qaban, fedhii wal-hubannoo qabaachuufi walitti dhufeenya
sodaachisan kamiyyuu to’achuu qabu. Kanneen armaan gadii agarsiistu walitti dhufeenya gaarii namoota
gidduutti taasifamuuti. Gorsi barbaachisoo xiyyeeffannoon hubannoo keessa galchuu qabdu gaditti
dhihaatanii jiru.

a) Gochi taasifamuufi gargaarsa kennamu ilaalchisee yaada deeggaramtoonni kee dhiheessaniif


xiyyeeffannaa kenni.

b) Yaadolee deeggaramtoonni kennan irraa deebiin haala sii galeen hubachuun ergaa barbaachisu
adda baasi.

c) Haasawaa/marii taasistan keessaa qabxiilee ijoo filachuun yaada cuunfaa dhiheessi.

d) Gaaffiiwwn banaa ta’an gaafachuu.

• Qorachuu/Gaafachuu:Gaaffilee banaa gaafachuun, mata dureewwan bal’inaan irratti


mari’atamu yookaan ibsi kennamuun gadi fageenyaan xiinxalamuu qaban adda baasi.

• Of madaaluu/saaxiluu: walitti dhufeenya waliin cimsuuf, miira dhuunfaa ilaalchaafi


muuxannoo kee qoodi.

• Hiika itti kennuu:Wantoota karaa adda addaatiin ilaaluuf yaadolee deeggaramtootaa


akka filannootti dabaladhu.

• Ittisuu:Dhimmoota deeggaramtoota akka rakkootti mul’atan irratti oso isaan hin yakkiin,
hamilee hintuqin jajjabeessuuf gaaffilee fayyadami.

Haala qabatamaa ta’e tokko keessatti agarsiistonni kunneen deeggaramtoota kee wajjin walitti dhufeenya
bu’a qabeessa ta’e taasisuuf sigargaara jedhamee amanama. Haata’u malee, walitti dhufeenya gaarii
uumuu keessatti yeroo hundaa gufuuwwan nijiru.

69
Maanuwaalii Deeggarsa

Isaanis:

i. Waa’ee amala/yaad-qalbii deeggaramtootaa ilaachisee yaada murtoo, “sirrii” yookaan “dogoggora”


jechu, kennuu; waan “gochuu qaban” yookaan “gochuu hinqabne” itti himuu.

ii. Deeggaramtoota jajjabeessuu, yaada jidduutti waliigaluu dhiisuu.

iii. Deegaramtootatti karaa sirrii ta’e akka hojjatan himuu.

iv. Sagalee jabaa fayyadamuun, obsa dhabuu agarsiisuun, yeroo addaan citu dallansuu agarsiisuun
yookaan abbaa irree fakkaachuun deebii deeggaramtootaa osoo hin dhaggeeffatiin dubbachuu.

v. Wantoota dhuunfaa deeggaramtootaaf hinfayyanne yookaan wal hinsimne walitti firoomsuu.

Walitti dhufeenya deeggaramtoota kee waliin taasfturratti kanneen gufuu ta’an kunneen dhabamsiisuu
qabda. Karaan ati dhabamsiisuu dandeessus,waa’ee gufuuwwan kunneenii irratti xiyyeeffachuun akka
isaan dhabaman taasisuudha.

B) Amanamummaa Uumuu

Amanamummaan amala namoonni biroo of danda’iinsa, fudhatamummaafi amanamummaa qabanirratti


amanuudha.

Yoo walitti dhufeenyi deeggartootaa jidduutti amanamummaa irratti hundaa’e ijaarame, walitti dhufeenyi
isaan gidduu jiru iftoominaafi gaarii ta’a. Kanaaf, amanamummaa cimsuuf gabaasa deeggaramtoota
waliin qophaa’u cimsuun barbaachisaadha.

Amanamummaan akkasumaan waa’ee isaa dubbachuu qofaan kanuumamu yookaan kanneen biroo
barsiisuun osoo hintaane, gocha keetiin kan uumamudha. Kanneen armaan gadii, amanamummaa
uumuuf gorsoota ati deeggaramtootaa keetiif qabdudha.

i. Yeroo isaan deeggaramaan muuxannoo dhuunfaa barbaachisoo ta’an qooddadhu.

ii. Haala walitti dhufeenya deeggarsa ogummaatiin ciminaafi raawwii deeggaramtootaa


galateeffadhu.

iii. Gaaffii gosa kamiyyuu jajjabeessuuf gaaffiin yaraan hinjiru jechuun deeggaramtootaa keetti
himuu.

iv. Haala aadaarratti hundaa’uun akkaataa nagaa gaafachuufi keessummeessuu akka baratamuuf
yeroo kenni.

v. Beekumsa deeggaramtoonni qaban irratti beekamtii kennuufi beekumsa haaraa dabaliif.

vi. Gaaffiifi yaaddeebii deeggaramtootarraa fudhachuuf qophaa’aa ta’uu. Ogummaa


deeggaramtootaafooyyessuuf yaaddeebii ijaarsaafayyadami.

70
Maanuwaalii Deeggarsa

C) Icciitii Eeguu

Gabaabumatti icciitii eeguun haala itti odeeffannoon waa’ee nama tokkoo eeyyama isaa/ishee malee nama
sadaffaaf hinqoodamneedha. Icciitii eeguun caacculee murteessoo walitti dhufeenya deeggartootaafi
deeggaramtootaa yookaan adeemsa gabaasa deeggaramtoota waliin qabaachuudha. Icciitii eeguu
deeggaramtoota waliin qabaachuuf immoo deeggaramtoonni yoomiifi eessatti deeggarsa akka barbaadan
dafanii hubachuu qabu. Kana malees, icciitii walii eeguu odeeffannoo waa’ee deeggaramtootaa ilaalchisee
xiyyeeffataman namoota biroof dabarsuu dhiisuurratti of eeggachuu dabalata.

Kanneen armaan gadii qabxiilee icciitii eeguu qabaachuu keessatti walitti dhufeenya yeroo deeggarsa
ogummaa xiyyeeffatamuu qabaniidha.

i. Gocha deeggarsa ogummaa madaallii waliin wal-qabsiisuu dhiisuu

ii. Odeeffannoo hoggansa mana barumsaa waliin qoodamuufi odeeffannoo deeggaramtootakee waliin
qooddattan adda baastanii hubachuu.

iii. Yoo fooyya’iinsa adeemsa deeggarsa ogummaa kan gabaaftu ta’e, deeggaramtootaa wajjin
waliigaltee qabaachuu

iv. Dadhabina deeggaramaa keetii nama sadaffattis ta’e hiriyyaa dhiyootti hin himin.

v. Wantoonni deeggaramtoonni kee fooyyessuu qaban yoo jiraate, kallattiidhuma deeggaramtoota


keetti himi; jaarsummaa qaama biroo hinbarbaadiin.

Walumaagalatti, maleenyota armaan olii kana shaakaluudhaan (walitti dhufeenya gaarii uumu qabaachuufi
icciitii eeguun cimsachuu) deeggartoonni deeggaramtoota waliin walitti dhufeenya uumuufi gareen
lamaanuu muuxannoo deeggarsa ogummaa irraa fayyadamoo ta’u.

71
Maanuwaalii Deeggarsa

Dabalee II. Wixinee Daawwannoo Barannoo Afaan Dhalootaa (Kutaa 1-4)


Maqaa mana barumsaa ________ Maqaa deeggaramaa/tuu _____________

Kutaafi Daree __________Torban ________ Maqaa Guyyaa ________ Wayitii __________

Mataduree _____________ Mata duree xiqqaa ____________________ Guyyaa __________

Barannoo Afaan Dhaloota Barbaachisoo Waliigalaa

Lakk. Ibsaawwan Eeyyee Lakki Yaada


1 Barsiisaan/tuun kitaaba barattootaadaree barnootaa
fiduun itti fayyadama/ti.
2 Barattoonni kitaaba barattoota gara daree barnootaa ni
fidu.
3 Barsiisaan/tuun qajeelcha barsiistotaa daree keessatti ni
fayyadama/ti.
4 Barsiisaan/tuun karoora barannoo ni qopheessa/ti
5 Hojiileen karoora barannoo hojiilee qajeelcha barsiistotaa
keessa jiran wajjin wal-sima.
6 Waanti biroon yoo jiraate barreessssuun madaali.
7

Safartuuwwan Daawwannaa Barannoo Baruufi Barsiisuu Afaan Dhalootaa

• Hojiirra Oolchuu (HO): Barsiisonni wantoota daawwatan (amala/gahee/hojiiwwan) tokko akka


qajeelcha barsiisotaa keessatti ibsameen ykn akkaataa dandeettiifi kalaqa isaanii irratti hundaa’uun
fooyyessanii hojiira oolchuu.

• Dagaagsuu (D): Barsiisonni wantoota daawwatan (amala/hojiiwwan) haala sababa qabeessa


ta’een hubachuufi gahumsa dandeettii agarsiisuu qabu. Haata’u malee, iddoo fooyya’iinsaafi
xiyyeeffannoon kennameef nijiraata.

• Jalqabuu (J): Barsiisonni wantoota daawwatan (amala/gahee/dandeettii) akkaataa guutuu


hintaaneefi walqabatiinsa hinqabneen ykn hubannoo quubsaa hintaaneefi dandeettii gabbataa
hintaaneen gocha tokko yoo dhiyeessan, gochaalee kanaaf fooyya’iinsi barbaachisan taasifamuufii
qabu.

• Hojiin Agarsiisuu Dhiisuu (HADh): Dalagaan ykn dandeettiiwwan barannoo murtaawaa


keessatti ni barbaachisu. Haata’u malee, barsiisaan/tuun itti hinfayyadaman/ hinagarsiisan.

• Hojiirra Kan Hinoolle (HKH): Dalagaan/amalli/ dandeettiin barannoo murtaawaafi


hinbarbaachisan.

72
Maanuwaalii Deeggarsa

Sadarkeessoo Madaallii Yaada


Lakk. Gochaalee Barsiisotaa
(Ragaa)
Ho D J HADh HKH
1 Barsiisaan/tuun barannoo darbe yaadachiisuu
2 Barsiisaan/tuunfaayidaa qabiyyee barannoo
guyyaa barattootaaf ni’ibsa/ti.
3 Barsiisaan/tuun qabiyyee guyyichaa dursee/
tee ilaaluun gaaffii gaafachuu. Yookaan,
yaadoleebarbaachisoo cuunfuun ibsuu yookaan
qabxiilee ijoo caattoo fayyadamuu ni dhiheessa/
ti..
4 Barsiisaan/tuun kaayyoo barannoo guyyichaa ni
dhiheessa/ti.
5 Barsiisaan/tuun tooftaa ykn tarsiimoo
barbaachisoo ta’an barattootatti ni agarsiisa/ti.
6 Barsiisaan/tuun qabiyyee barannoo wal-duraa
duubaan dhiheessa/ti
7 Barsiisaan/tuun dhuunfaafi gareen barachuu ni
jajjabeessa/ti.
7.1 Barsiisaan/tuun garee barattoota hundaa waliin
hojjeta/ti.
7.2 Barsiisaan/tuungareewwan xixiqqaa fayyadama/
ti (Barattoota 3 hanga 6).
7.3 Barsiisaan/tuun hojii cimdii fayyadama/ti.
7.4 Barattoonni of danda’anii hojii dhuunfaa
keessatti hirmaachuu.
8 Barsiisaan/tuunfedhii barattootaa adda addaa
guuta/ti (baruufi barsiisuu fedh-heddee)
8.1 Barattoonni hojii adda addaa hojjatamu irratti
hirmaachuu.
8.2 Barsiisaan/tuun muraasaaf fedhii dhuunfaa
barataa/tuutiif dhimmama/ti.
8.3 Tokkoon tokkoo barataa/tuu hojii dhuunfaa
hojjetamuu qabu irratti hirmaachuu.
8.4 Gaaffileen barsiisaa/tuu haala wal-qixa ta’een
barattoota dhiiraa fi dubaraaf kennamuu.
8.5 Gaaffileen barsiisaa/tuu barattoota gosa adda
addaa hirmaachisu.
9 Barsiisaan/tuun kaayyooyleefi qabiyyeewwan
barannoo hundaa dhiheessa/ti.
10 Barsiisaan/tuun kaayyoon barannoo haaraa
yookaan qabiyyee gareen yookaan dhuunfaan
akka shaakalaniif barattootaaf carraa nikenna/ti.

73
Maanuwaalii Deeggarsa

11 Barsiisaan/tuun barattoonni qabiyyeewwan


barannoo yookaan hojiilee daree keessatti
baratan akka cuunfan yookiin calaqqee
dhiheessan ni taasisa/ti.
12 Barsiisaan/tuutn barattoonni sirriitti hubachuu
beekuuf gaaffii afaanii yookaan hojii daree ni
kenna/ti.
13 Barsiisaan/tuun gaaffilee yaaduufi odeeffannoo
qindeeffachuu barbaadan barattoota ni gaafata/ti.
14 Barsiisaan/tuun barattoonni gaaffilee irratti
hundaa’uun yaaddeebii hiriyyaa isaaniif akka
kennan ni taasisa/ti.
15 Barsiisaan/tuun yaaddeebii ijaarsaa barattootaaf
ni kenna/ti.
16 Barsiisaan/tuun hojii manaa kennuu fi sirnaan
to’achuu ykn sororsuu (Hub. Dhimmoota
lamaan kunneen keessaa tokko hojjetameera yoo
ta’e, mallattoo itti taaasisuun agarsiisi).

Hubachiisa: Birkii wixinee hojii daawwannaa kana daawwannaa barannoo hundaaf qopheessuun
barbaachisaa hin ta’u. Deggeraan/tuun akka meeshaa odeeffannootti yeroo daawwannaa barannoo
gaggeessu/tu fayyadamuufi odeeffannoo ittiin qabachuun yeroo marii, calaqqeefi fooyya’insaaf itti
gargaarama/ti.

Birkiilee Wixinee Hojii Kana Kanneen Barannoo Murtaawaaf Barbaachisan Fayyadami.

Sadarkeessoo Madaallii Yaada


Lakk Gochaalee Barsiisotaa
(Ragaa)
HO D J HADh HKH
I Hubannoo Sagalee Dubbii
Barsiisaan/tuun barattoonni
dhagdubbiidhaan:
• Afaan dhalootaa keessatti jechoota
ykn sagaleewwan akka adda baasuun
taasisuu.
• Jechoota dhumarratti sagalee
walfakkaataa qaban akka uuman, adda
baasan, hubatan taasisuu.
• Jechoota himoota keessatti argaman akka
adda baasan taasisuu.
• Birsagootaafi dhaamsagoota Walitti
makuu.
• Dhaamsagoota, birsagootaa fi
dhamjechoota akka jechoota keessa
qoqqoodan taasisuu.

74
Maanuwaalii Deeggarsa

• Afaan dhalootaa keessatti saglaeewwan


jechoota keessatti argaman, adda
baasuu, haquu yookaan akka bakka
buusan taasisuu. (gohca murtaa’aa
raawwate tokko madaaluuf iddoo yaanni
ibsamutti agarsiisi
II Hubannoo Walitti Dhufeenya Qubeefi
Sagalee
Barsiisaan/tuun Barattoonni:
• Qubeewwan sagaleen walsimsiisuun
akka shaakalan taasisuu (sirriitti maqaa
waamuun)
• Qubeewwan akka adda baasan taasisuu.
• Qubeewwan sirriitti akka barreessan
taasisuu
• Mallattoo sagalee jecha jalqabarratti,
gidduuttiifi dhumarratti argaman akka
adda baasan taasisuu.
• Jechoota akka dubbisanii hubatan
taasisuu
• Jechoota birsagoota tokkoo ol qaban
akka dubbisanii hubatan taasisuu.
• Qubee, birsagootaafi dhamjecha akka
walitti makan taasisuu.
• Jechoota bu’uuraa seera qubeessuu
bu’uuraarratti hundaa’uun barreessisuu.
III Ga’umsaan Dubbisuu
Barsiisaan/ttuun Barattoonni:
• Jechootaafi gaaleewwan sirriifi saffisaan
akka dubbisan taasisuu.
• Barreeffama kenname saffisa sirrii ta’een
akka dubbisan taasisuu.
• Sirna tuqaalee eeguun, ibsa waliin
dubbisuufi sagalee olkaasuufi gadi
buusuun dubbisa akka shaakalan
taasisuu.
• Irra deebi’uun dubbisuu, hiriyaa waliin
dubbisuufi owwaattoon akka dubbisan
taasisuu. (tokkoon tokkoo isaanii yoo
hojiirra oolan madaali)
• Moodeela dubbisuu barsiisaa/tuu
yookaan moodeela dubbisuu barattootaa
akka dhaggeeffatan taasisuu.
• Kaayyoo murtaa’aaf callisaan akka
dubbisan taasisuu.
IV Fayyadama Jechaa
Barsiisaan/tuun Barattoonni:

75
Maanuwaalii Deeggarsa

• Jechoota haala walfakkaataniin adda


baasanii akka ramadan taasisuu.
• Walitti dhufeenya jechaa agarsiisuuf,
maappiiwwan hiikaa/caatoowwan akka
fayyadaman taasisuu.
• Fayyadama jechaa haaraafi kan kanaan
dura baratame yoomessa garaagara
keessatti akka baratan taasisuu.
• Yoomessa hedduu keessatti jechoota
fayyadamuun sirriitti akka hubatan
taasisuu.
• Hiika jechoota faallaafi wal-fakkaataa
akka hubatan taasisuu.
• Hiika jechaa hubachuuf caasaa jechaa
fi himaa keessatti akka fayyadaman
taasisuu.
• Jechoota barumsaafi jechoota ijoo akka
adda baasan taasisuu.
V Hubannoo Dhaggeeffachuu
Barsiisaan/tuun Barattoonni:
• Waa’ee dubbisa (barreeffama) dhihaatee
akka tilmaaman taasisuu.
• Beekumsa duraanii dubbisa
(barreeffama) dhaggeeffatan waliin akka
walqabsiisan taasisuu.
• Seeneffama dhaggeeffatan muuxannoo
dhuunfaafi beekumsa duran qaban waliin
akka walqabsiisan taasisuu.
• Qooddattoota, yoomessaafi taateewwan
seeneffama dhihaate keessaa akka adda
baasan taasisuu.
• Gaaffilee seeneffama dhihaate
hundaa’aniifi miiltawaa ta’an akka
deebisan taasisuu.
• Odeeffannoo barbaachisaa ta’e
fayyadamuun seeneffama akka irra
deebi’anii himan taasisuu.
• Barreeffama (seeneffama) dhihaate
keessaa odeeffannoo baay’ee
barbaachisaa ta’e akka cuunfan taasisuu.

76
Maanuwaalii Deeggarsa

Vi Hubannoo Dubbisuu
Barsiisaan/tuun Barattoonni:
• Waa’ee barreeffama dubbifamuu akka
tilmaamman aasisuu.
• Waa’ee barreeffama dubbifamuu
tilmaamuuf jechoota bu’uura ta’an akka
fayyadaman taasisuu.
• Beekumsa duraanii barreeffama
dubbifamu waliin akka wal-qabsiisan
taasisuu
• Dubbisa gidduutti dhaabuun wanta
dubbisan akka yaadan taasisuu.
• Odeeffannoo dubbisa keessa jirurratti
hundaa’uudhaan tilmaama isaanii akka
mirkaneeffatan taasisuu.
• Dubbisa dhihaate muuxannoo dhuunfaafi
beekumsa duraan qaban waliin akka
walitti fidan taasisuu.
• Seeneffama/dubbisa dhihaate keessaa
qooddattoota, yoomessaa fi taateewwan
akka adda baasan taasisuu.
• Gaaffilee seeneffama dhihaate irrtti
hundaa’aniifi miiltawaa ta’an akka
deebisan taasisuu.
• Yaadolee dhugaa/yaada dhuunfaa,
sababa/bu’aa akka adda baasan taasisuu.
• Waa’ee dubbisa dhihaatee hubachuuf,
chaartiiwwan, gabateewwan,
fakkiiwwan, paappiiwwan akka
fayyadaman taasisuu.
• Odeeffannoo barbaachisaa ta’e
fayyadamuun seeneffama akka irra
deebi’anii himan taasisuu.
• Barreeffama/seeneffama dhihaate keessaa
odeeffannoo baay’ee barbaachisaa ta’e
akka cuunfan taasisuu.
VII Barreessuu
Barsiisaan/tuu akka barattoonni:
• Dhaggeeffachuu shaakaluu
(dhaggeeffachuun jechoota barreessuu)
• Jechootaa fi himoota sasalphaa ta’an
barreessuu.
• Sirna tuqaalee garagaraatti fayyadamuun
shaakaluu.
• Qindeeffama caatootti fayyadamuun
barreessuu shaakaluu (keeyyata tokkoofi
isaa ol)
• Dubbisa yookaan barreeffama cuunfuu

77
Maanuwaalii Deeggarsa

• Gochaaleen barannoo irra caalaa milkaa’oo ta’an isaan kami? ________________________


• Qaamni barannoo fooyya’insa barbaadu isa kami? ________________________
• Fooyya’iinsaaf yaada maalii qabdaa? _______________________________________
Maqaa Deeggaraa/tuu _____________________
Mallattoo _______________________________
Guyyaa ________________________________

78
Maanuwaalii Deeggarsa

Dabalee III. Qiyyeeffannoo Daawwannoo Barannoo Afaan Dhalootaa (Kutaa 5-8)

Maqaa Mana Barumsaa _________________________ Maqaa Deeggaramaa/tuu ____________

Kutaafi daree ___________ Torbee __________ Guyyaa __________ Wayitii ______________

Mata duree _____________ Mata duree xiqqaa _________________ Guyyaa ______________

Barannoo Barbaachisoo Waliigala Afaan Dhalootaa

Lakk. Ibsa Eeyye Lakki Yaada


1 Barsiisaan/tuun kitaaba barattootaa gara dareetti fiduun itti
fayyadamuu
2 Barattoonni kitaaba qabatanii daree niseenu.
3 Barsiisaan/tuun qajeelcha barsiistotaa daree keessatti
nifayyadama.
4 Barsiisaan/tuun karoora barannoo niqopheessa/tti.
5 Gochaaleen karoora barannoo keessatti qophaa’iinfi
kanneen qajeelcha barsiistotaa keessa jiran waliin walsimu.
6 Kan biroon yoo jiraate barreessi.
7

Gosoota Daawwannaa Barannoo Barumsa Afaan Dhalootaaf Barbaachisan

• Hojiirra Oolchuu (H): Barsiisonni amala yookaan ga’ee/hojiiwwan akka qajeelcha baasiistotaa
keessatti irraa eegamutti yookaan kalaqa/yaada haaraa burqisiisanhaala fooyyee qabuun agarsiisu.

• Dagaagsuu (D): Barsiisonni amala yookaan gocha karaa fudhatama qabuufi sirrii ta’een
agarsiisuun gochaa hubachuuf dandeettii ga’umsaa niagarsiisu. Haata’u malee bakki fooyya’uu
qaban jiraachuu isaa beekuu qabu.

• Jalqabuu (J): Basiisonni amala yookaan ga’ee/dandeettii hin xumuramiin yookaan kan wal-
hinsimne/hubannoo ga’aa hintaaneefi dandeettii sirrii yookaan gocha raawwataniif fooyya’iinsa
barbaaduu.

• Hojiin Agarsiisuu Dhiisuu (HADh): Dalagaan ykn dandeettiiwwan barannoo murtaawaa


keessatti ni barbaachisu. Haata’u malee, barsiisaan/tuun itti hinfayyadaman/ hinagarsiisan.

• Hojiirra Kan Hinoolle (HKH): Gocha, amala yookaan dandeettii barannoo murtaa’oof
hinbarbaachisu.

79
Maanuwaalii Deeggarsa

Sadarkeessoo Madaallii Yaada


Lakk. Gochaalee Barsiisotaa
(Ragaa)
HO D J HADh HKH
1 Barsiisaan/tuun barannoo darbe yaadachisuu
2 Barsiisaan/tuun faayidaa qabiyyee barannoo
itti aanee dhufu barattootaaf ni’ibsu.
Barsiisaan/tuun qabiyyee dursaa ilaaluun
3 gaaffii gaafachuu yokaan yaada ijoo ta’an
keessa deebi’uun barattootaaf ibsuu yookaan
qindeessitoota jijjiirama argasiisan dhiheessuu
(qindeeffamoota caatoo yookaan gumee)
4 Barsiisaan/tuun kaayyolee barannootiin
walbarsiisu.
5 Barsiisaan/tuun tooftaafi tarsiimoo
barbaachisoo ta’an barattootaaf ni’agarsiisu.
6 Barsiisaan/tuun qabiyyee barannoo wal-duraa
duubaan dhiheessu.
7 Barsiisaan/tuun barachuu dhuunfaafi
gareenijajjabeessu.
Barsiisaan/tuun garee barattoota hundaa waliin
hojjetu.
Barsiisaan/tuun garee xiqqaa fayyadamuu
(Barattoota 3-6)
Barsiisaan/tuun hojii cimdiitti fayyadamu.
Barattoonni hojii dhuunfaa ofdanda’anii
hojjetu.
8 Barsiisaan/tuun fedhii barattoota adda addaa
hubachuu (baruufi barsiisuun fedha heddee)
8.1 Barattoonni hojiiwwan/abbaltiiwwan adda
addaairratti nihojjatu.
8.2 Barsiisaan/tuun yeroo muraasaaf fedhii
dhuunfaa barataan/tuun qabu/du beekuu
nidanda’u.
8.3 Tokkoon tokkoo barataa/tuu hojiiwwan/
abbaltiiwwan dhuunfaa nihojjatu.
9 Barsiisaan/tuun kaayyoowwaniifi
qabiyyeewwan barannoo hundaa haala
quubsaa ta’een dhiyeessuu.
10 Barsiisaan/tuun barattoonni kaayyoowwan
yookiin qabiyyeewwan barannoo haaraa garee
dhuunfaan akka shaakalan carraa nikenna.
11 Barsiisaan/tuunqabiyyee barannoo ykn
gochaalee akka cuunfan ykn waan daree
keessatti baratan calaqqee akka kennaniif
barattoota gaafatu.

80
Maanuwaalii Deeggarsa

12 Barsiisaan/tuun barattoonni barannoo


dhiyaate sirriitti hubachuu isaanii gaaffilee
afaaniifi hojii daree fayyadamuun
mirkaneeffatu.
13 Barsiisaan/tuun gaaffilee barattoonni akka
yaadaniifi odeeffannoo qindeeffatan taasisan
gaafatu.
14 Barsiisaan/tuun yaaddeebii hiriyyeetiifi
deebbiiwwan gaaffilee akka kennan carraa
uumuu qaba.
15 Barsiisaan/tuun yaaddeebii ijaarsaa
barattootaaf kennu.
16 Barsiisaan/tuunhojii manaa kennuufi sirnaan
to’achuu fi sororsuu (yoo barbaahcisaa ta’e
gosa lamatti qoodi ykn gochaalee keessaa
tokko hojjetameera yoo ta’e mallattoo itti
taasisuun kaa’i.

Hubachiisa: Birkiin daawwannaa qiyyeeffannaa kun daawwannoo barannoo hundaaf maxxansuun


barbaachisaa miti/hin ta’u. Deeggertoonni birkii kana yemmuu daawwannaa qabatamaa gaggeessan
akka wabiitti fayyadamuufi yaadannoo isaanii marii calaqqeewwaniifi fooyya’iinsaaf banaa taasisuu
qaban.

Birkii qiyyaafannoo kan barannoo murtaawaaf barbaachisoo ta’e itti fayyadami.


II Qo’annaa Jechootaa
Barsiisonni akka barattoonni:
• Jechoota uumuuf sagaleessan dubbiifi
birsagoota walitti makuu
• Jechoota haaraafi dhedheeroo ta’an
birsagoota, sagaleewwan dubbiifi
dhamjechootatti qooduu.
• Jechoota haaraa hubachuu.
• Dubbisuufi hubachuu jechoota dubbisa
bu’uureffatan shaakaluu.
III Hubannoo Dubbisuu
Barsiisonni akka barattoonni:
• Waa’ee dubbisaa tilmaamu.
• Odeeffanno dubbisicharrattihundaa’uun
yaada tilmaamame mirkaneeffatan.
• Seeneffama barreeffamaa muuxannoo
dhuunfaa, beekumsa duraaniifi yaada
dubbisa biroo waliin wal simsiisuu.
• Yeroo dubbisuu tarsiimolee ofiin of
madaaluu fayyadamu (dubbisa dhaabanii
ittifufuun dubbisu, irradeebi’uun
dubbisuufi kkf).
• Gaaffilee dubbisa keessaa bahaniifi
gaaffilee miilta’oof deebii kennuu.

81
Maanuwaalii Deeggarsa

• Seeneffama keessatti
qooddattoota,yoomessuufi taateessan adda
baasuu.
• Garaagarummaa/gadifageenya,haqa/yaada
dhuunfaa, sababa/bu’a.
• Waa’ee dubbisa kitaaba barattootaa
barachuuf chaartiiwwan,
gabateewwaniififakkiiwwan yookiin
maappiiwwanitti fayyadamuu.
• Odeeffannoo barabachisoo osoo
hinhambisiin seeneffamicha irradeebi’anii
himuu.
• Yaada/odeeffannoo baayyee murteessaa
ta’e seeneffamicha/ dubbisicha keessaa
cuunfi.
IV Fayyaadama Jechootaa
Barsiisaan/tuun akka barattoonni:
• Jechoota adda baafachuufi akkaataa
walfakkaattii isaaniitiin gabatee keessatti
ramadu.
• Maappiiwwan/caatoowwan walitti
dhufeenya hiika walfakkaataa agarsiisan
ittifayyadamu.
• Fayyadama jechootaa haafaafi duraanii
haala garagaraa keessatti barachuu.
• Jechoota hiika walfakkaataa qabaniifi hiika
faallaa qaban irratti shaakaluu/hojjechuu.
• Hiika jechaa argachuuf, hima
keessatticaasaa jechaatti fayyadami

V Barreessuu
• Barsiisaan/tuun qindeeffama caatoowwan
garagaraa fayyadamuun akkaataa
barreeffamni adda addaaitti barreeffamu
moodeelessuun agarsiisuu
• Barsiisaan/tuun akka barattoonni caasaa
kennameef irratti hundaa’uun akkamitti
akka barreeffama jalqabaa barreessan,
gulaalaniifi barreeffama xumuraa
qopheessan moodeelessuu.
• Barsiisaan/tuun akka barattoonni
mata duree kenname irratti caatootti
fayyadamuun barreeffama garaagaraa akka
qopheessan taasisa.
• Barsiisaan/tuun barattootaisaa/ishee
caasaa barreeffamaa kennamerratti akka
barreeffama jalqabaa barreessan taasisu.

82
Maanuwaalii Deeggarsa

• Barsiisaan/tuunbarattoota isaa/ ishee


barreeffama jalqabaa akka gulaalan
taasisu.
• Barsiisaan/tuunakka barattoonni
barreeffama xumuraaqopheessan taasisu.
• .Barsiisaan/tuun barattoonni isaa /
ishee caasaa barreeffama adda addaa
fayyadamuun barreeffama garaagaraa akk
qopheessan taasisuu
• Barsiisaan/tuun barattoonni isaa /ishee
seera barreeffamaa eeguun barreessuu
akka shaakalan taasisu (qubeessuu, sirna
tuqaalee)
VI Ga’umsa
Barsiisaan/tuun akka barattoonni:
• Jechootaafi gaaleewwan sirriitti akka
dubbisan taasisuu.
• Dogoggora jechootaa uumamaniif of
sirreessaa deemuu shaakaluu.
• Barreeffama sirrummaa, saffisaafi
ga’umsaan walqabsiisanii dubbisu.
• Sirna tuqaalee, ibsa, olka’insaafi
gadibu’insa sagalee hordofuun dubbisuu
shaakalu.
• Barsiisaan/tuun daqiiqaan saffisa dubbisuu
barattootaa madaalu.
• Barsiisaan/tuun ibsa waliin dubbisuu
barattootaa tooftaalee garaagaraatti
fayyadamuun madaalu.
VII Hubannoo Dhaggeeffachuufi Dubbachuu
Barsiisaan/tuun akka barattoonni:
• Waa’ee barreeffamichaa tilmaaman
taasisu.
• Odeeffannoo barreeffamichaarratti
hundaa’uun yaada tilmaame mirkaneessuu.
• Seeneffamicha muuxannoo dhuunfaa,
beekumsa duraaniifi barreeffamoota biroo
waliin walqabsiisuu.
• Barreeffamicha xiyyeeffannoon
dhaggeeffachuu, yaadannoo qabachu
(yoo barbaachise)fi gaaffilee wayita
dhaggeeffachuu deebisu.
• Gaaffilee dubbisa irratti hundaa’aniifi
miilta’oo nideebisu.
• Seeneffamicha keessaaqooddattoota,
yoomessaafi taateewwan adda baafatu.

83
Maanuwaalii Deeggarsa

• Sababa/taatee, haqa/yaada dhuunfaa,


garaagarummaan gadifageenya
fayyadamuu.
• Odeeffannoo barbaachisoo ta’an osoo
hinhambisiin seeneffamicha irra deebi’anii
seenessu.
• Seeneffamicha/dubbisicha keessaa yaada/
odeeffannoo baayyee barbaachisoo ta’an
cuunfuu.
• Waa’ee barreeffamichaa irratti
mari’achuufi haasaa taasisuu
• Dhimmoota biroo barreeffamicha waliin
wal-qabsiisuun haasaa taasisuu
• Dhimmoota filataman bu’uura godhachuun
deeggaraafi mormaata’anii falmii
gaggeessuu.
• Mata duree kennamerratti waliin dubbii
gaggeessuufi akka qooddattoota diraamaafi
walaloo keessatti ga’ee taphachuu
VII Caasluga
• Barsiisaan/tuun ruqaalee caaslugaa guyyaa
ibsuun ifa nitaasisu.
• Barsiisaan/tuun fakkeenya caaslugaa
hubannoo barattootaa deeggaru nikennu.
• Barsiisaan/tuun barannoo caaslugaa
barsiisuuf chaartiiwwan, caatoowwaniifi
gabateewwaniitti nifayyadamu.
• Barsiisaan/tuun caasluga hojiirra oolchuuf
gochaalee garaagaraa nikennu.

• Birkiileen ykn Gochaaleen barannoo caalmaatti milkaa’oo ta’an kam fa’i?

___________________________________________________________________________

• Birkiileen barannoo fooyya’insa barbaadan isaan kami?

___________________________________________________________________________

• Fooyya’insa kanaaf yaada maalii qabdaa?

___________________________________________________________________________

Maqaa deeggaraa/ttuu: _______________________________

Mallattoo________________________________________

Guyyaa _________________________________________

84
Maanuwaalii Deeggarsa

Dabalee IV. Poortifooliyoo Ogummaa Qopheessuu


Poortifooliyoo Barsiisuu jechuun akka barsiisaa/tu dagaagina ogummaa kee galmeessuun qabachuudha.
Inni kun falaasama barsiisuu, maleenya barsiisuufi dagaagina ogummaa kan ibsudha. Dabalataanis,
muuxannoo galmee barsiisuu dhuunfaa kan ofkeessatti qabateefi adeemsa ogummaa fooyyessuu keessatti
kan calaqqisudha.

Poortifooliyoon barsiisuu akka bu’aa calaqqee gochaalee barsiisuu kaayyoo guddina ogummaa fi akka
meeshaa namoota biro waliin ittiin walqunnamanitti kan fudhatamudha. Akka yaadaatti, namni itti
gaafatamummaan barsiisuu, poortifooliyoo barsiisuu kuufameefi guyyaa guyyaan fooyya’aa deemu
qabaachuu qaba. Kun immoo, dagaagina ogummaa galmaa’ee taa’uu isaa mirkaneeffachuufi shaakaloota
kallattii agarsiisan akka jiaatan taasisuufi.

Barsiisota afaan dhalootaatiif poortifooliyoon barsiisuu gochaalee ogummaa deeggartoota waliin


irratti hirmaataniifi bu’aa isaaniirraa argame sirrumman galmeessuufi ibsuudha. Bu’aaleen kunneen
akka jijjiirama ilaalcha barsiisummaa (falaasama barsiisuu) irratti qaban, jijjiirama shaakala barsiisuu
barsiisotaafi jijjiirama fooyya’iinsa barattootaa kan (fkn. Ogummaa dubbisuufi barreessuu) fiduuf
gargaarudha.

Poortifooliyoo barsiisuuf qindeessuudhaaf uukaaleen adda addaa ni jiru. Isaan kunis, birkiilee sadiitti
qooduun maaltu akka itti dabalmu, qiyyaafannoo gargaaranii fi calaqqee barsiisuufi kuusuu keessatti
fayyadan armaan gadii hubachuu ni danda’ama.

Birkii A. Odeeffannoo Waliiglaaa


1) Fuula irra keessaa barreeffamichaafi odeeffannoo dhuunfaa, kana jechuun (maqaa, Ga’ee hojii,
maqaa mana barumsaa, guyyaa)
2) Ibsa hojii fi itti gaafatamummaa…
3) Seenaa dhuunfaa (SDH): tarreeffama gahumsa barnootaa, leenjiifi hojii…
Birkii B: Deeggarsa Ogummaa Kennuu
1) Karoora gochaa deeggersa ogummaa
2) Claqqee gochaalee deggarsa ogummaa
3) Ragaa (karoora barannoo, calaqeewwan barannoo) yaaddeebii deggaraafi kkf) gochaalee deggersa
ogummaa hundi karoora gochaa keessatti dursa argatan.
Birkii C. Xiinxala Raawwii Hojii
1) Bu’aa deggarsa ogummaarratti calaqqee dhuunfaan taasisuu.
- Dhiibbaa ogummaa barsiisummaa, ilaalchaa fi dagaagina beekumsaa irratti qabuufi
- Barachuu barattootaa (hirmaannaa, barattootaa fooyya’iinsa qabxii barattootaafi kkf)
2) Ragaa akkaataa madaqiinsa barannoo keetii daa’imman fedhii addaa qaban ofkeessatti
hammachiisuuf taasifte agarsiisu. Fkn rakkoo dhageettii qabaniifi qaroo dhabeeyyii ta’an kkf).
3) Madaallii dhuunfaafi calaqqee murteessaa ta’e raawwii karooraa gochaakee irratti gaggeessuu.

Birkii D. Dabalee
Gabaasa Deeggersa Ogummaa

85

You might also like