Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 38

Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Xiin-Sammuu
(Psychology)

“…Jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, koottaa karaa hundumaan gara


mataa isa nuuf ta’e gara Kiristoositti in guddannaa!” Efe. 4:15.

1 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Baafata (Table of Contents)

i. Sensa ………………………………………………………………………………… 3
1. Boqonnaa Tokko ……………………………………………………………………….. 4
1.1. Hiikaa qorannoo sammuu
1.2. Qorannoo saayinsaawwaa
1.3. Ibsa sammuu fi qaamaa
2. Boqonnaa Lama ………………………………………………………………………... 6
2.1. Guddina Ilma Namaa
2.2. Adeemsa Guddinaa
2.3. Sadarkaa Guddina dhala Namaa
3. Boqonnaa Sadii ……………………………………………………………………….. 11
3.1. Barachuu fi yaadachuu
3.2. Yaadolee Barachuu
3.3. Classical conditioning
3.4. Oparent conditioning
4. Boqonnaa Afur ………………………………………………………………………... 15
4.1. Yaadachuu fi hiraanfachuu
4.2. Yaadannoo yeroo
4.3. Yaadannoo yeroo gabaabaa fi dheeraa turu
4.4. Hiraanafachuu
5. Boqonnaa Shan ……………………………………………………………………….. 17
5.1. Eenyummaa
5.2. Sodaa fi Adeemsa soda dhabamsiisuu
6. Boqonnaa Jaha ………………………………………………………………………... 20
6.1. Dhiphina fi Furmaata isaa
6.2. Rakkoolee Dhiphinni fidu
7. Boqonnaa Torba ……………………………………………………………………… 24
7.1. Dhiphina Sammuu (Mental stress)
7.2. Sodaa (Anxiety)
7.3. Nama dhiphina sammuu qabu
7.4. Dhiphina sammuutiif wantoota saaxilan
7.5. Dhiphina Sammuu fi jireenya hafuuraa
ii. Guuduufaa (Conclusion) ………………………………………………………… 35

2 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Seensa (Introduction)
Dhalli namaa biyyaa lafaa kana irra jiraachuu erga jalqabee kaasee raakkoolee baay’een
darbaniiru, darbaas jiru. Adeemsa jireenyaa kana keessattis dhalli namaa waan gaariis waan
hamaas dabarseera. Taateewwan dhalli namaa keessa darbu keessaa muraasni, dhimmaa
sammuu, amala fi jireenya hawaasummaatiin kan ibsaman dha. Kanneenii fi kan biroo irratti
beektonni yeroo baay’ee yaada garaa garaa kaa’aniiru.

Nutis yaadolee jiran keessaa dhimma sammuu kan ilaallatu qabannee ibsa gabaabaa kennuu
yaalla barsiisa kana keessatti. Ergaan barsiisa kana keessatti wantoota dhalli namaa keessa darbu
uumamaa hanga dullummaatti waan jiran, dhimma sammuu, qaamaa, aadaa fi hawwaasummaa
haala guddina isaanii ilaalla. Akkasumas dhala namaa jireenya isaa keessatti jabinaa fi laafina
isaa hubanna. Kana malee rakkoo karaa sammuu quunnamanii fi furmaata isaanii illee ibsa itti
laachuu yaalla.

Walumaagalatti bareeffamni kan namootni dhibee sammuu qaban akkamiin qabamuu akka
danda’an, sababa kanaaf rakkoolee irra gahuu danda’anii fi haala kamiin ammoo furmaata
argachuu akka danda’a lafa kaa’a. Karaa biraan ammoo barreeffamin kun wantoota yeroo
daa’immummaa ta’aniif kunuunsi godhamuu akka qabu nu hubachiisa. Kunis umrii itti aanuun
dhufan irratti dhiibbaa waan uumuuf of eeggannoon barbaachisa. Kana jechuun wantoonni yeroo
daa’imummaan deebi’ee mul’achuu danda’a. Yookiin ammoo jireenya nama tokkoo keessaatti
waan gaarii ykn hamaa fiduu danda’a.

3 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Boqonnaa Tokko

1.1. Hiikaa Qorannoo Sammuu (Psychology)

“Psychology” jechuun maal jechuu dha? Jechi kun jechoota lama irra kan dhufee fi Afaan
Girikiiti. Kunis ‘Psych’ jechuun lubbuu, qalbii, amala yoo ta’u ‘Logos’ jechuun qorannoo,
beekumsa ykn saayinsii jechuu dha. Kanaafuu hiikni isaa (Psychology) qorannoo dhimma
lubbuu fi qalbii jechuu dha. Garuu yeroon booda falaasamni baay’een jechi ‘psych’ jedhu
sammuu yaada jedhu akka qabaatu irratti walii galaniiru. Sababa kanaaf jechi kun qorannoo
sammuu yaadu jedhu qabate. Haa ta’u malee hiikni kun babal’achaa dhufee saayinsii hojii
sammuu fi sammuu qoratu akkasumas kan namaa qofa osoo hin taane kan horiis dabalatee akka
ta’e bira gahame.

‘Psychology’ saayiinsii mataa isaa danda’e dha jechuu dha. Kunis sadarkaa isaa kan eeggate.

1.2. Sadarkaalee qorannoo saayinsaawwaa

a. Rakkoo adda baasuu (Problem identification)

b. Odeeffannoo sassaabuu (Data collection)

c. Meeshaa odeeffannoo ittiin sassaaban (Instrument for data collection)

Fakkeenya: gaaffii afaanii, gaaffii barreeffamaa, ilaaluun kkf.

d. Odeeffannoo cimsuun ibsuu (Organizing data and reporting)

e. Xumura isaa bu’uureffachuun gocha irra oolchuu (Based on the conclusions arrived
putting into practice)

‘Psychology’ n Amala Qorata :

Amalli kallattiin ykn alkallattiin kan mul’atu yoo ta’u, gochaan, sochiin ykn adeemsaan ta’uu
danda’a. Dhala namaas ta’e bineensonni amala isaanii karaa lama ibsuu ykn agarsiisuu danda’u;

4 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Amala Mul’ataa: Kun karaa mul’achuun danda’uun gochaan ykn sochiin kan ta’u dha.
Fakkeenyaaf : Haalaa itti adeeman, dubbatan, hojjetanii fi nyaatan.

Amala dhokataa : Amalli akkasii dhokataa, kan hin mul’anne ifa kan hin taane namaa fi
bineensota keessatti kan argamu dha. Kun kan lakkaa’amuu fi madaalamuu waan namni tokko
dubbatuu irraa, yaadu irraa, barbaadu irraa, gammachuu, gaddaa, soda fi ija jabina fi kkf.

1.3. Ibsa sammuu fi Qaamaa

Ibsa Amala Guddina sammuu – yaada, sababeessuu, hubannoo keessaafi shaakala sammuu of
keessatti qabata.

Ibsa Guddina qaamaa – kunis sochii guddina qaamaa kami irratti iyyuu mul’atu dha .
Amalli : Waan dhalli namaa waan isa mudateef deebii kennuuf agarsiisu dha. Taatewwan
baay’een amala namootaa irratti dhiibbaa uumuu danda’u. Kunis haala garaa garaatiin. Gadda
ykn gammachuu ta’uu danda’a. Amalli mucummaa hanga dullmmaatti kan jiran agarsiisuu
danda’a. Kanaaf saayinsiin qorannoo sammuu guddina dhala namaa keessati amaloota jiran,
adda addaa akkaataa umriin kan qoratu. Walumaagalatti amala ilaal chisee dhugaa Afurtu jiru.

- Amalli ibsa sammuu fi qaamaa ti


- Amalli kan jijjiiramu dha
- Amallinamaa namatti garaa gara
- Amalli hawaasa kan ilaallatu dha

Beektonni dhimma sammuu amala namaa jalqaba ilaaluun achii booda yaaluun odeeffannoo
qabatamaa amala nama tokkoo lafa kaa’uu yaalu.

Fakkeenyaaf: Dhukkubsataan tokko bakka ciisee akka hin kaane yemmuu dhorkamutti
dheekkamsuun barumsa dhimma sammuu qabu waan dhukkubsataan sun barbadu hubatee
gochuu fi akkasumas waan itti aansee ta’uu malu tilmaamuu danda’a. Yeroo ammaa ogeessonni
dhimma sammuu bineensota irratti qorannoo adda addaa gochaa jiru. Kanas sababni isaan
godhanii f:

5 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

1. Amala ilaalchisee uumama hundumaa irratti seera tokko baasuuf .

2. Bineensota irratti qorannoon godhamu rakkoolee dhala namaa baay’eef furmaata kennuuf
karaa banuu waan danda’uuf.

3. Yaaliin dhimma sammuu kallattiin dhala namaa irratti gochuun seeraan waan dhorkameef
mirga namaa sarbuu waan ta’uuf .

Boqonnaa Lama

2.1. Guddina (Development)

‘Guddina’ jecha jedhu bakka lamatti hiruun ilaaluun gaariidha. Jalqaba irratti ‘guddina’ (Growth)
jechi jedhu guddina qaamaa kan agarsiisu yoo ta’u. Inni lammaffaa ammoo guddina waliigalaa
qaamaa fi sammuu jechuu dha. Kunis ‘development’ jecha jedhuun ibsama. Innis dhalootaa
hanga du’aatti kan jiru walitti qabata.

Guddina Qaamaa: qaama mul’atu irratti kan mul’atu dheerina dabalu, ijoollummaa irraa gara
nama guddatti jijjiirama jirus agarsiisa. Kana malees gara dullumaatis kan dhufu agarsiisa.
Guddina haala hawwaasumaa, amalaa fi yaadaas kan qabate dha malee qaama qofa irratti jirama
dhufu miti.

Guddina walii galaa (development) kan jedhu ammoo yoo ilaalu, guddina dhala namaa sammuu
(cognitive), hawaassuummaa fi qaamaa (physical) walitti kan qabu dha. Bal’inaanis kan qoratu
dha.

2.2 Adeemsa Guddinaa (Producers of development)

1. Guddinni duraa duubaan kan ta’u dha

Fakkeenyaaf:- Guddina qaamaa yoo ilaalle ji’a 2 keessatti – mucaan sammuu isaa guddata

Ji’a 2-7 – mucaa sochii jalqaba

6 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Ji’a 7 – mucaa waantota tokko tokko qabachuun ka’uu yaala

2. Guddinni hin jijjiiramu

-Kallattii tokkoon kan ta’u dha

-Gara fuul duraa fi boodaatti hin jedhu

-Guddinni haalotaan yoo hin daangeffamne kan qaamaa, sammuu fi haawasummaa waliin deemu
jedhamee yaadama.

3. Guddinni yeroo dhaa yerootti fooyya’insa agarsiisa

- Xiqqaa irraa guddaatti jijjiirama agarsiisa

Fakkeenyaaf: Yaada daa’imumaa irraa gara bilchinaan yaaduutti (From sensory memory to
abstract thinking)

2.3. Sadarkaa Guddina Dhala xlamaa (Steps in human development)

1. Yeroo daa’immumaa (Infancy): umrii kana irratti kan argamu

a. Qaamni isaa walqixa hin guddine. Fkn: Mataan qaama biro caalaatti guddaa ta’ee mul’ata

b. Mataan shamarranii kan dhiiraa irra xiqqaatee argama.

c. Yeroo dhalatanitti 7 ½ k gfi dheerina 20 inchi qabaatu.

d. Dhalootaa kaasanii wantoota akka tasaa deebisu.

e. Yeroo dhalatatti sochiin isaa kan hirkatu guddina qaama isaa irratti.

2. Yeroo ijoollummaa (Pre school child)

- Gaaffilee garaa garaa yeroo itti kaasan

7 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

- Umrii 2-6 gidduu kan jiran jechoota baay’ee yeroo gabaabaa keessatti qabatu. Kana irraa kan
ka’e guyyaatti jechoota 5-8 beekaa deemu.

3. Umrii giddu galeessaa (6/7 -12) (school age)

- Haalli guddina qaama isaa yeroo biro irra duubatti harkifata.

- Mallattooleen adda addaa iraatti mul’atu (dubaraaf waggaa 10 dhiiraaf naannoo waggaa 12)
irratti

- Qaamoleen isaanii walii galteen kan hojjetan dha.

4. Yeroo dargagummaa (Adolescence) (18-25)

- Umrii kun ijoollummaa fi nama guddummaa gidduu yeroo jiru dha.

- Hoormoniin garaa garaa saala lamanuu irratti yeroo dhiibbaa uumu dha.

5. Umrii beektotaa (Adult hood) 25-60

Umriin yeroo kaayyoon jireenyaa toora itti qabatanii dha. Yeroo kanatti bu’uura kan godhatan.
Mana barumsaa fi maatiidha

 Mucaa guddisuu
 Qabeenya horachuu fi qabachuu
 Fayyummaa
 Soora
 Bashannana

Yaadolee Guddinaa (Theories of Development)

a. Beekumsa irratti guddina xiyyeeffate (Cognitive theory)

 Jechi Afaan Ingiliziitiin (cognitive) jedhu Afaan laatiin (cognosco) kan jedhu irraa kan
dhufe yoo ta’u hiikni isaa beekuu (beekumsa) jechuu dha .

8 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

 Beekuu (Beekumsa) yoo jedhamu odeeffannoo tokko argachuu, adeemsa isaa madaaluu,
qindeessuu fi hojii irra oolchuu walitti kan qabatu dha. Yaada kana kan babal’isan keessa
irra guddeessaan kan caqafamu Jiinpiiyajet dha.

Sadarkaa Guddina Sammuu

Kanneen armaan gadiitti tarreeffaman guddina qaamaa osoo hin taane, guddina beekumsa
sammuu dhala namaa kan ibsani dha.

1. Sadarkaa jalqabaa (Dhalootaa hanga waggaa 2)

- Umrii kanatti yaadni jiru kan hin bilchaanne dha (sensory memory) jedhamuun beekama

- Umrii kana irratti kan argaman xiyyeeffannoon isaanii waan argamuu fi qabamu qofa irratti

- Ijaa fi yaada irraa kan fagaatan dha (out of sight is out of mind). Fakkeenyaaf meeshaa
daa’imni tokko ittiin taphatu tokko fuunee yoo miliqsine, tasumaa waan jalaa bade itti
fakkaachuu danda’a.

2. Sadarkaa lammaffaa (Umrii waggaa 2-7)

- Umrii kanatti mucaan tokko waan tokko yoo fuunee dhoksine badeera jedhee kan dhiisu miti.

- Kallattii tokkoon yaadu. Addunyaa akka ofii isaatti hubata, ani yoon namaa biro ilaale dha innis
na arguu kan danda’u yaada jedhu qabaata.

3. Sadarkaa sadaffaa (Umrii waggaa 7-11)

- Umrii kana irratti kan argamu amalli isaa amala daa’ima sadarkaalee ol irratti argaman irraa
guutummaa guutuutti

- Wantoota kallattii tokkoon osoo hin taane kallattii garaa garaatiin ilaaluuf dandeettiin isaa
guddaa dha.

9 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

4. Sadarkaa Arfaffaa (Waggaa 110)

- Wantoota mul’atanii fi qaqabaman qofa osoo hin taane haala bilchina qabuun yaaduu danda’a -
Akkuma warra of beekaniitti yaaduu danda’a. Yaadni bilchina qabu akkasii ammoo barumsa
herregaa fisaayiinsii hubachuuf baay’ee gargaara

Guddina akka yaada “psychoanalytic theory development” tti

- Kun mariin yaalii sammuuf godhamu yemmuu ta’u yaada kanaaf abbaa dha jedhamee
kan waamu Siigimendi dha. Bara 1856-1936 ture keessatti yaadolee garaa garaa kaa’era.
Kanneen keessas: Daa’imman sadarkaa guddina garaa garaa keessa darbu kan jedhu
amana.
- Rakkoo daa’imman quunnaman yeroo isaatti yoo hin hiikne miira fayya dhabeessa ta’e
itti uuma ykn fixation jedha.

Siigimendi yaadolee biro akkaataa armaan gadiin kaa’era

1. Oral stage (umr dhalootaa – waggaa 1)

- Gammachuu argachuuf waan hundumaa afaanitti geeffata daa’imini umrii kana irra jiru
(Erogenous zore) .
- Yeroo of beekanitti mul’achuu kan danda’an:
- Yoo fedhii gammachuu guddaa (over gratification) yeroo daa’immu uunati qabaatan,
yeroo nama ga’eessa ta’anitti irkatoota ta’u.

* Yoo gammachuu gad aanaa (under gratification) yeroo ijoollummatti qabaatan ta’e, yeroo of
beekanitti suusii garaa garaatiin qabamuuf saaxilamu

2. Umrii wagga 2 Anal stage

- Umriin kun qulqullummaa isaa, keessattuu yemmuu manafincaanii deemuu eeggachuu


danda’a

10 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

- Maatiinis yeroo kana xiyyeeffannoon daa’imin tokko akkamittiin akka mana fincaaniitti
of qulqulleessuu qabu barsiisuu qabu

3. Umrii waggaa 3-6 phalio stage

- Yeroo kan daa’immaan eenyummaa isaanii yeroo adda baasani dha


- Saala isaanii illee dhiiraa ykn dubara ta’uu isaanii yeroo adda baasanii beekanii dha
- Umrii waggaa 5 ykn 6 irra dhiirri jiru irra caalaa tti gara haadhaatti dhi’aata. Dubari
ammoo gara abbaa isheetti

4. Latency stage (waggaa 6 hanga umrii Addam /Hewwan)

- Umrii kana irra kan jiran jireenya hawaasummaa kan dhandhamanii fi qo’annoo fi
qorannoo garaa garaa kan fedhani dha.
- Saala faallaa waliin wal fedhiin jiru guddaa dha.

5. Genital stage

- Umrii kana irra kan jiran qaama isaanii irratti mallattooleen ga’eesummaa in mul’ata
- Sirriitti wal quunnamtii saalaa fedhu. In jalqabus
- Amalli nama guddaa irratti mul’achuu eegala

Boqonnaa Sadii

3.1. Barachuu fi yaadachuu (learning and memory)

Barachuu jechuun maal jechuu dha?

 Barachuu jechuun shaakalaan ykn leenjiin jijjiirama amalaa adeemsa keessa dhufu jechuu
dha.
 Adeemsa barachuu keessatti xiyyeeffannoon kennamuufii kan qabu barachuun
odeeffannoo daddabarsuu irra beekumsa guddifachuu fi jijjiirama waliigalaa fiduu akka
ta’e dha .

11 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Barachuu: Haala deebii bu’aa (badhaasa ykn adabbii)

Learning : (Stimulants) (Response) consequences (reward or punishment)

Barachuun akkamitti Ibsama?

 Barachuu jechuu guddachuu jechuu dha (Beekamsaan ykn yaadaan)


 Barachuun sirrachuu dha
 Barachuun bu’aa irratti kan xiyyeeffate dha (bu’a fidu jedhamanii kan yaadaman hundaa
irratti xiyyeeffata)
 Barachuun abshaala ta’uu dha
 Barachuun kaka’umsa (Kan baratan kan hin baranne caalaatti kaka’umsa qabu)
 Barachuun nama dhuunfaas ta’e hawwasa irratti kan xiyyeeffate dha
 Barachuun bu’aa dhiibbaa naannoo ti

Adeemsa Barachuu

Beektonni baay’een barachuu ilaalchisee yaada garaa garaa kaa’aniiru

a. Amala irratti kan xiyyeeffatu dha (Behavioral learning)


b. Beekumsa irratti kan xiyyeeffatu dha (cognitive learning)
c. Hawwaasa irratti kan xiyyeeffate dha (Social learning)

a. Amala irratti kan xiyyeeffate (beherioral learning)

 Yaada kana kan buusan barachuun gochaafi bu’aan kan walqabate dha jedhu.
 Yaada kana keessatti humni keessaa (internal factors or influences) baay’ee fudhatama
hin qabu. Innumaa iyyuu amalli kan shaakalaan fooyya’u dha .

Amala irratti kan xiyyeeffatu bakka lamatti hirama.

1. Classical conditioning
2. Operant conditioning

12 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

I. Classical conditioning

Yaada kana kan fide bara 1819-1936 kan ture lammii Ruusiyaa kan ta’e Livan Poovelooyi
namicha jedhamu ture. Innis dursa ogeessa fayyaa yoo ta’u duubarra garuu qorannoo barumsaa
keessa seene. Qorannoo isaa keessatti foon ciccitaa sareef kennuu jalqaba. Sareef osoo foon hin
kenning dura yemmuu sarechi gorora coccobsu arga. Kana malees haajaa biro yeroo inni saricha
bira deemuus sarichi gorora cocobsa. Yeroo biro qaacila rakataa sarichaaf foon kennuu eegala.
Karaa faallaa ta’een ammoo qaacila rukutee osoo foon hin kenniniif hafa. Yeroo kanattis sarechi
gorora coccobsuu eegala.

- Akka yaadaatti osoo hin baratin uumamaan wanta nuti hojjenna jira.
Fakkeenyaaf: Eelee sibiilaa ho’e tokko yoo harkaan namni tokko itti bu’e dafee irraa
baqata.
- Sarechi garuu yemmuu sagalee qaacilaa (bilbilaa) dhagahutti fedhii nyaataaf qabu
agarsiisuun, gorora cocobsuun waan uumamaa osoo hin taane, shaakalee ykn leenji’eeti

Amalootin baay’een boca kan argatan haalota naannoo isaaniitii dhiibbaa irratti uuman irrati .
Fakkeenyaaf: – Nama jaallatan du’aan dhabuu
Guyyaa jalqabaa jaalala dhabuu kanneen amala keenya irratti dhaabbatan dhiibbaa uuman qabu.

Experiment of classical conditioning

a. Shaakala dura bu’aa (deebii)

(Before conditioning) (response)

Sagalee qaaccilaa gurraa dhaabuu

b. Yeroo Shaakalaa Bu’aa (deebii)

(During conditioning) (response)

Bilbilaa + foon gorora coccobsuu

13 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

c. Shaakala booda bu’aa (deebii)

(After conditioning) (response)

Bilbila qofa gorora coccobsuu

Amala Addaa classical conditioning

1. Baduu (extinction)

Sareen yeroo hundaa bilbila malee foon hin jiru yoo ta’e gorora coccobsuu in dhiisa

2. Yeroo tokkoon bakka duraatti deebi’uu (spontaneous recovery)

Fakkeenyaaf: Namni caatii malee hin jiraanne tokko gargaarsa ogeessa fayyaatiin yoo qaamuu
dhiise, yeroo biro carraa caatii qaamaa wantoonni mijeesaniif yoo jiraatan deebi’ee qaamuu
danda’u.

3. Waan hundaa tokko godhee ilaaluu (Stimulus generalization)

- Sarechi sagalee bilbilaa wal fakkaatu dhagahee yoo gorora coccobse hubannoo dogongoraati
jechuu dandeenya .

II. Operant conditioning

- Yaadini kun dhufe namicha biyya Ameerikaa Biief Isiindir irraati.


- Yaaliin kun ammoo hantuunni akka nyaata fudhatu gochuun kan hojjetame dha. Kunis
nyaatin meeshaa tokko keessa taa’ee hantuunni ammoo bakka tokko gad qabuun akka
banamuuf gochuun adeemsa itti waan tokko banuubartu dha. Kunis wanti tokko bu’a
dhabeessaa fi qabeessa ta’ee kan taa’u, jajjabeessuuf badhaasa kennamu irratti hundaa’a
jedha yaaliin yaada kanaa.

14 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Badhaasa (Reinforcement)

 Jajabeessuu yaanni jedhu, kakaasuu, jabeessuu hiika jedhu qabaachuu danda’a. Akka
qorannoo yaada sammuutti haall naannoo (stimulus) fi deebiin isaa (response) kan ittiin
jabaatu dha hiika jedhu qabaata
 Jajabeessuu ykn badhaasa kan jedhu bakka lamatti hirama sadarkaan jalqabaa kan
jedhamu wantoota bu’uura ti. Fakkeenyaaf nyaata, jaalala, argachuufi kkf. Sadarkaa
lammaffaa kan kan jedhaman ammoo qarshii ta’uu danda’a. Kun kan hojjechuu danda’u
garuu sadarkaa tokkooffaa waliin walii galteen yoo walqabatee hojjetee dha.
 Badhaasaa yaada sirrii (positive reinforcement) waan tokko yemmuu raawwanu
waan gaarii hojjenneef badhaasa gaarii argannu dha
 Badhaasa yaraa (Negative reinforcement)

Inni kun ammoo amala badaa ta’e dhabamsiisuuf gargaara

Fakkeenyaaf: Mucaan tokko kosii mana keessaa akka gatuuf ajajama. Garuu in dida.
Haati isaa ammas ammas irra deddeebitee kakaasiti. Achii booda waan ajajame
raawwata. Haati isaa kana caalaa isa kakaasuu dhiifti.

b. Beekumsa irratti kan xiyyeeffate (cognitive learning)

Yaada kana kan babal’ise ‘barachuun’ yaalii nama dhuunfaan kan argamu dha jedha.

c. Hawwaasa irratti kan xiyyeeffate (social learning)

Yaada kana namni kaase ammoo ‘barachuun’ namni tokko hawwasa bal’aa wajjin walitti
dhufeenya godhuun uumamuu waan danda’u dha jedha.

Adabbii (punishment)

- Waan jibbamaa tokko akka dhiisaniif, waan barbaachisaa ta’e akka qabatan kan godhu
dha.

15 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

- Adabbii gaarii waan namni tokko baay’isee jaallatu itti agarsiisuun akka itti hin
fayyadamne gochuu dha
- Adabbii hamaa : Namni tokko wanta inni baay’ee jaallatu irraa fageessuu dha

Boqonnaa Afur

4.1. Yaadachuu fi Hiraanfachuu (Memory and forgetting)

Yaadachuu jechuun waan tokko sammuutti qabachuun hojii irra oolchuu dha. Kunis yeroo tokko
qofa itti fayyadamnee waan dhiisnu osoo hin taane itti fufiinsaan waan ta’u dha. Yaadachuu fi
barachuun kanneen addaan hin baanedha.

Fakkeenyaaf: Namni tokko waan barate yaadachuuf dandeettii yoo hin qabaanne, raawwatee
barachuu hin danda’u. Sababni isaas waan tokko sammuu keessaa kaa’ees baases fayyadamuu
waan hin dandeenyeef.

Sadarkaalee yaadachuu

Sadarkaalee yaadachuu sadiitu jiru. Isaanis

1. Yaadachuu miiraa (sensory memory)


2. Yaadachuu yeroo gabaabaa (short term memory)
3. Yaadachuu yeroo dheeraa turu (long term memory)

Yaadannoo miiraa (sensory Memory)

- Yaadachuun akkasii qaamoota miiraa keenya irratti hundaa’ee yoo ta’e, odeeffannoon
kan turu yeroo gabaabaaf .
- Odeeffannoon naannoo keenyaa walitti qabamu qaamota miiraa keenyaan gara sammuu
gahu .
- Odeeffannoon miiraan yaada naannoo sekendii tokko qofa turuu danda’a. odeeffannoon
kun yeroo dheeraaf akka turu yoo barbaadame xiyyeeffannoo gochuu barbaachisa.

16 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Yaadannoo yeroo Gabaabaaf turu (Short term memory)

- Qaamolee miiraan odeeffannoon hiika argate sadarkaa taa’u dha.


- Naannoo sekendii 30 kan turu dha. Fakkeenyaaf namni tookko lakkoofsa bilbila isaa yoo
nuuf kennu, bilbiluufii dandeenya booda garuu in danganna.
- Odeeffannoo yeroo gabaabaa irraa gara dheeratti guddisuuf

1. Waan tokko irra deddeebi’uun waamuun

2. Maqaa wanti tokko ittiin waamamu kan biro waliin walqabsiisuun

Yaadachuu yeroo dheeraa (long term memory)

- Baay’ee kan barame fi beekame odeeffannoo jedhamu of keessatti qabata.


- Armaan olitti kan ibsaman karaa ittiin tursani dha, oddeeffannoo daangaa hin qabne.
- Odeeffannoon dhaabbataan kan itti walitti qabamu dha
- Mala garaa garaatti fayyadamuun odeeffannoo yaadataman hojii irra oolchuuf dandeesisa

Hiraanfachuu (forgetting)

Odeeffannoon tokko sababa garaa garaatiin sammuu keenya keessaa baduu fi dagatamu danda’a.
Kana ilaalchisee yaadoleen tokko tokko ka’aniiru.

1. Yaada Dikeeyi (Decay Theory) Dechaasuu

Yaadni tokko in tortore ykn in bade hiika jedhu kennaaf odeeffannoon manca’e jechuu dha.

2. Interference Theory (GIdduu seenuu)

Amma wanta nuti yaadachuuf carraqnu waan dursa dhageenyeen gidduu seenameera yaada
jedhu qabaata. Kanaaf dagatamuu ykn hiraanfatamuu danda’a jedha. Kunis karaa lamaan ta’a.

17 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

a. Retroactive interference

Fakkeenya: Barataan tokko waa’ee uumama onnee barate. Yeroo biro ammoo hojii onneen
hojjetu barate. Egaan barataan kun dursa waa’ee uumama onnee baratee fi hojii ishee lammata
irratti barate walitti jalaa bu’uu danda’a.

b. Proactive interference

Yaadni kanaan dura beeku kan dhihootti beeku waliin walitti yoo bu’u

3. Consolidation theory

- Malli kun odeeffannoo bal’inaan mala itti adeemsisanii dha.

- Barataan yemmuu baratutti gocha irratti akka xiyyeeffatu gochuu dha

- Beekumsa yeroo darbee isa haaraan wal qabsiisuu dha

Boqonnaa Shan

5.1. Eenyummaa (personality)

Eenyummaa (personality) jechi jedhu (personal) kan jedhu jecha laatiinii irraa kan dhufe yoo
ta’u hiikni isaas ‘nama’ ykn ‘person’ kan jedhu dha. Eenyummaan kan jijjiiramu dha kana
jedhuun namni naannoo isaa waan jiruun ykn waan guyyaa guyyaan dalagu irraa kan ka’e
jijjiiramuu danda’a.

Yaada saako’anaalaayitic (Psychoanalytic theory)

- Siigmendi Firooyidi yaada kana kan fide dha.


- Yaadni kun waa’ee ‘namaa’ yaada bal’aa kan qabate dha.
- Amalli keenya keessa keenyatti kan qabame garuu humna hin beekamneen dhiibbaan
nurra gaha.
- Wanti jala butamee beekamuu qabu yeroo daa’imummaa shora guddaa akka taphatu dha.

18 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

- Akka ilaalcha Siigimendi Firooyidiitti sammuun eenyummaa namaa karaa sadiin kan itti
ibsamu dha.

a.Iidi (Id)

b. Iigoo (Ego)

c. Suuper Iigoo (Super Ego) dha.

Iidi (Id)

- Kan dhala namaa waliin kandhalatu dha.


- Miira yeroo irratti kan hundaa’e dha.
- Of jaallachuun amala mucummaa yoo ta’u, yeroo hundaa anaaf yaada jedhu qabata.
- Kanneen itti aanaan dhiibbaa keessatti .

Fakkeenya: Beela, dheebuu, fedhii wal quunnamtii saalaa fi kkf

Iigoo (Ego)

Kun daanyeessuu fi araarsuu walitti qabata

- Murtoo kenna
- Gochaawwaan garaa garaa to’ata
- Barmaatilee keenya darban ilaalcha keessa galcha

Suuper Iigoo (super Ego)

- Mucaan tokko aadaa saba isaa, fi taatewwan maatii fi saba isaa irraa adeemsa ittiin baratu
dha .
- Kanneen biro waliin yoo oolu daa’iminni tokkowaan sirrii fi dogongora ta’e bara
- Sadanuu kan armaan olitti ibsaman adda addaatti kan ilaalamanii dha

Iid amman barbaadaa fidi, fudhu

19 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Suuper Iigoo Hatuun anarra hin jiru. Yakka dha

Iigoo Abbaa koon gaafadha, ta’us naaf bituus bituu dhiisuus danda’a.

Sodaa fi Adeemsa soda Dhabamsiisuu (Anxiety and defence mechanisms)

Iigoon garee Iidin fedhii isaa suuper Iigoo waliin waliigaltee gochuuf yemmuu carraaqutti humna
yoo dhabu sodaan (anxiety) uumamuu danda’a.

Sodaan maal?

Sodaan hojii keenya guyyaa guyyaa akka hin raawwanneef waan gochaa keenya duubatti harkisu
miira dhiphinaa ti. Eenyumman keenyaas rakkoo irratti akka hin kufneef kan gargaaru dha.

Kanaas kan godhu:

1. compensation: Namni hojii tokko hojjetee fiixaan ba’iinsa dhabe tokko hojii biro hojjetee
milkaa’uu danda’a. Fakkeenyaaf namni barumsatti baayy’ee dadhabaa ta’e, daldalaan fiixaan
ba’iinsa argachuu danda’a.

2. Sababeessuun (Rationalization)

Namni dhiphina keessa jiru tokko rakko keessa jiru keessaa bahuuf sababoota bayy’ee kaa’uu
danda’a.

Fakkeenyaaf: Mucaan Kolleejjiitti baratu tokko yoo barumsatti dadha baa ta’ee, “kolleejjiin kun
cimanii yoo itti hojjetan illee bu’aa hin qabu” jechuu danda’a.

3. Projection

Namni tokko balleessaa ofii isaa of irra dabarsuuf jecha namoota biro irra kaa’uu .

Fakkeenyaaf: Namni ofii isaatii aaree jiru tokko maalif anattiaarte nama biroon jechuu danda’a

20 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

4. Displacement

Fakkeenya: Hojjetaan kutaa siree dhukkubsatootaa tokko adabbii itti gaafatamaa isaa /ishee
kenneef irraa kan ka’e dhukkubsataa ceepha’uu, aarii ofii itti ba’uu

5. Identification

Malli kun kan namni tokko fiixaan ba’iinsa nama biro argee ittiin ofjaja beessu dha.

Fakkeenya: Mucaan dhiiraa abbaa isaailaaluu, mucaan durbaa haadha ishee ilaaluun, barataan
barsiisaa cimaa dha kan jedhu ilaaluun gammaduu danda’u.

6. Substitution

Karaa tokko waan tokko fiixaan ba’iinsa yoo dhabe karaa biro yaalii gochuu.

Fakkeenya: Barataa barnoota idileen barumsa ogummaa fayyaan fiixaan ba’iinsa dhabe, sagantaa
halkanii barumsa injiineeraan fiixaan ba’iinsa argachuu danda’a.

7. Sublimation

Haawwasa keessatti waan fudhatama hin qabne waan fudhatama qabuun bakka buusuu dha

Fakkeenyaa: OSoo hin heerumin daa’ima intalli jaallatu tokko bakka oolmaa daa’imaniitti
qacaramuu.

21 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Boqonnaa Jaha

Dhiphinaa fi Furmaata isaa (Stress and solutions)

Namootni rakkooleen garaa garaa yemmuu quunnamutti amala isaanii irrattis ta’e qaama isaanii
irratti mallattoo garaa garaa agarsiisu. Kunis dhiphina jedhama. Dhiphinni faayidaas miidhaas
qaba.

Faayidaa Isaa: galma keenya irra gahuun fiixaan ba’iinsa akka argannuu fiixaan ba’iinsa akka
argannu godha .

Miidhaa isaa: Waan tokko hojjechuuf humna qabnu dadhabsiisuu danda’a. Duubatti nu
harkisuus danda’a .

Ka’umsa Dhiphinaa (Causes of stress)

a. Bala adda addaa (catastrophe)

Fakkeenya: - Sochii lafaa

- balaa ibiddaa

- lolaa tasaa

- waraana

- balaa kon kolaataa

b. Wantoota jireenya keessatti quunnaman (majorlife changes)

Fakkeenya: - du’a firaa (abbaa/haadha)

- hiikkoo

- hidhamuu

22 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

- ulfaa’uu

- dirqiin gudeeddamuu

- qarshii dhabuu

- hir’ina qaamaa

- yeroo ijoollummaa /dargagummaatti /mucaa godhachuun dhiphina fiduu danda’a

c. Walitti bu’iinsa guyyaa guyyaa (Daily hassles)

Fakkeenya: - ollaa wal jeeqan waliin jiraachuu

- Hojjetoota waliin walii galtee dhabuu

- Qarshiif baay’ee dhiphachuu fi dhama’uu

- iddoo konkotaan guutametti hojii hojjechuu

- waan bakka kaa’anii barbaadanii dhabuu

Rakkoolee Dhiphinaa fayyaa irratti

1. Dhibee (Disease)

Fakkeenya: - Dhiibbaa dhiigaa

- kaanserii

- Dhibee garraachaa olaanaa ta’e

- Dhiphachuu toora dhiigaa

2. Wantoota rakkisoo nama quunnaman (traumatic events)

Fakkeenya: - Dha’icha ykn dheekkamsa

23 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

- Shaakala waraanaa – waan jireenya namaa keessatti hambisu jira

Fakkeenya – tasgabbii dhabuu

- soda guddaa

- dheekkamsa guddaa

- hirriba dhabuu

- gadda

3. Dhibee sammuu (mental illness)

- Dhiphni sammuu irrattis ta’e qaama irratti rakkoo in fidu guddaa dha

- Dhiphina cimaa ta’ee yeroo baay’eef namootni shaakalan kana keessaa bahuu yemmuu
dadhaban

* dheekkamoo ta’u

* Miiraan tasgabbaa’uun irratti hin mul’atu

* Xiyyeeffannoo dhabuutu irratti mul’ata

* rakkoo ofii isaaniin hiikuuf humna dhabu

- Kana keessa namoonni jiran

* soda humnaa ol ta’e

* qalbii jeeqame keessa ta’u

- Namoonni yeroo baay’eef dhiphina keessa yemmuu turanitti fayyina qaamaaf kanneen balaa
ta’an shakaluu eegalu

Fakkeenya: - Siijaaraa aarsuu (xuuxuu)

24 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

- Dhugaatii humnaa olitti dhuguu

- hirriba dhabuu

- Fedhii nyaataa dhabuu

- Sochii qaamaa gochuu dhiisuu

Dhiphina dhabamsiisuu (Coping with stress)

Sammuun kanneen armaan oliin yemmuu dhiphatu jireenyi keenya karaa gaarii hin taane irra
deddeebisuuf dirqamuu danda’a. Haa ta’u malee namni tokko dhiphina jiru keessaa ba’uuf
kanneen armaan gadii gahee guddaa taphatu.

1. Gargaarsa hawwaasaa (social support)

- Dhukkubsataan tokko ani siif jira nama jedhu barbaada

- Gargaarsa hawwaasa irraa argatuun dhiphina keessa jiru keessaa namni tokko ba’uu danda’a.

2. Boqonnaa fudhachuu (Relaxation)

- Hanga danda’ametti qaamota walabaan bashannansiisuu

- Yeroo callisaatti : Jechoota gaarii gaarii ta’an ofitti dubachuu

Fakkeenya: Ani fayyaa dha, cimaa dha, ani gaarii dha fikkf.

3. Sochii Qaamaa gochuu (Physical exercise or Aerobics)

- Qilleensi sirriitti akka seenuu fi ba’u gochuu

Fakkeenya : Fiiguu, deemuu, bisikiiliitii oofuu, fi kkf

-Qilleensi sirriitti ba’ee yoo seene onnee fi sombi sirriitti akka hojjetan godha. Akkasumas sochii
dhiigaa tasgabeessa. Itti dabalees

25 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

* Dhiphinaa fi sababa dhiphinaa dhorka

* Of amantummaa cimaa uuma

* Sodaa fi dhiphinaa f saaxilamuu hir’isa

Kanaafuu guyyaatti daqiiqaa 20f torbanitti guyyaa 3 sochiilee qaamaa garaa garaa gochuun
gaarii dha.

Boqonnaa Torba

Dhiphina Samuu (Mental stress)

Dhiphinni sammuu jecha gabaabaan yemmuu ibsamu

Dhiphinni sammuu abdii jireenya namaa kan dukkaneessu, jireenya madaalamaa ta’e akka hin
jiraanne kan godhu, sammuun guutuumaa guutuutti sirrii akka hin taane kan godhu, kana malees
namni tokko lubbuu isaa harka isaan akka balleessu kan godhu dha.

Dhiphinni sammuu dhalanamaa kan gidiru dha. Dhibee akkasii kana kan ibse falaasamaa fi
eegumsa fayyaan beekamaa kan ture beekaa namaa Girikii kan ta’e ‘ Hiipookiraatas’ dha.
Namichi kun dhiphinni sammuu jirachuu haa ibsu malee rakkoon kun sababa maaliin akka dhufu
ibsa hin laanne.

Namni kan biro jaarraa lammaffaa keessa dhiphinni sammuu jiraachuu kan dubbate ‘Ariitaaksi’
dha. Namichi kun namoota dhiphina dhiphina sammuu qaban yemmuu ibsu ‘jeeqamuu hafuuraa,
hirriba dhabuu’ akkasumas qaama irratti hiri’inni qaamaa akka mul’atu dubbateera. Girikoonni,
warri Roomaa fi ogeessonni Arabaa, yeroo durii dubbii isaa keessatti, yaada isaan akkasumas
adeemsa isaan kan rakko qabu, namni akkasii dhiphina sammuu akka qabu mallattoo dha jedhuu
caafaniiru.

Biyyoota guddatan keessatti ammoo dorgommii jireenyaa ykn kan yaadanii fi karoorfatan
argachuuf yoo hin dandeenye dhiphina sammuuf kan saaxilaman ta’u. Beektonni dhimma

26 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

sammuu waggoota shantaman darbaa keessatti ‘bara sodaa’ (Age of Melan cholia) akka ta’e
dubbatu. Kana jechuun bara nuti keessa jirru bara dhiphinni sammuu itti hammaate dha jechuu
dha.

Dhiphina sammuu kan jedhamu biyyoota guddatanii fi hin guddatin keessatti illee waan mul’atu
dha. Haala adda addaatiin namoota adda addaa irra waan gahuu danda’u dha. Biyyas namas
filatee miti kan nama irra gahu. Dhibee kanaan sooresis hiyyeesis ittiin dhiphata. Nama dhiphina
sammuun qabate ofii isa gad deebisee, waan tokko illee hojjechuu nama hin dandeenye godhee
kaa’a. kan ofii isaa fooyyeessuu f yaalii godhu dhaba.

Sodaa – “Sodaan gara fuulduraatti maaltu narra gaha ta’a?” yaada jedhu dha. Dhiphina
sammuu wajjin walfakkii qaba. Haa ta’u malee sodaan dhiphina hafuuraa miti. Namni sodaan
irra gahe tokko karaan bahu hin qabu hin jedhu. Namni dhiphina sammuu keessa jiru garuu
karaan hunduu cufaa dha jedha.

Dhiphinni sammuu rakkoo yeroo dhihoo keessatti dhufe miti. Duratis Macaafa qulqulluu
keessatti tureera. To’achuu kan hin dandeenye gadda guddaa keesa seenanii, amantii isaanii
waaqayyo irratti qaban bade, waa’ee ofii isaaniif yaadni qaban bade, abdiin isaanii gara fuula
dura isaanii itti kan dukkaana’e dhiiraa fi dubar jiru baay’een. Macaafa qulqulluu keessatti
“Dhiphina sammuu” jedhamee hin beekamin malee miira namootaa keessatti ifatti bakka mul’atu
jira fakkeenya (Lakk 11:15). “Ati akkas na goota yoo ta’e ammuma na ajjeesi!” yemmuu jedhu,
Eliyaas ammoo, “Ani abboota koo irra waanan hin wayyineef, amma na ga’aatii yaa Waaqayyo
na ajjeesi!” (1Mot 19:4)

Nama Dhiphina Sammuu Qabutti Miira dhagaahamu

Namni dhiphina hafuuraa qabu maaliin beekama? Nama dhiphinni hafuuraa irra gahe foon isaa
irratti, sammuu isaa fi yaada isaa hunda irratti jijjiiramni mul’ata.

1. Foon /qaama/ irratti jijjiirama mual’atu

27 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

a. Hirriba dhabuu:- Dhiphina sammuu keessa namni jiru tokko salphaatti rafuu hin danda’u.
Sababa dhibee kanaaf qoricha hirribaa fudhachuu eegala. Tokko tokko ammoo yeroo gabaabduu
erga rafanii booda dafanii dammaqu.

b. Fedhii nyaataa dhabuu:- Dhiphina sammun namoonni qabaman tokko tokko fedhii nyaataa
dhabu. Yeroo dheeraaf yoo hin nyaanne illee tasumaa hin beella’an. Yoo nyaatan illee waan itti
hin mi’oofneef baay’ee nyaachuu hin dandaa’an. Kanaafis ulfaatinni isaanii hir’achaa deema.

c. Of gatuu:- Waa’ee uffannaa, qabaa rifeensa mataa fi kan biro dhiisaa dhufu. Kan duratti itti
dhama’aa turan jechuu dha. Namni maal naan jedha kan jedhuu hundaa illee hanga dagatanitti
ofii isaanii gad buusu.

d. Osoo hin hojjetin dadhabuu:-

Namni dhibee sammuun qabame tokko osoo hin hojjetin dadhabuu qofa osoo hin taane, waa’ee
waan kamiif illee haajaa hin godhatu. Isaan dura waan jaallatu illee in jibba, yeroo baay’ee ciisee
yoo ka’e illee osoo waan tokko hin hojjetin dadhabee argama. Dubartiis yoo taate kan duratti
mana ishee bareechitee qabatu hundumaa in dhiifti.

e. Nama irraa Adda bahuu:-

Jireenya hawaasummaa kan jaallachaa turan amma ammoo namoota irraa baqachuu jalqabu
yemmuu dhibee dhiphina sammuun qabaman. Qofaa ta’uu filatu. Nama qofa osoo hin taane
duratti waan jaallachaa turan hunda jibbaa dhufu.

f. To’annoo ala kan ta’e dheekkamsaa fi arrabsoo

Namni dhiphina sammuun qabame tokko dheekkamsa hamaatu keessa isaatii ba’uu danda’a.
Aarii guddaa ba’uu kan barbaadu nama kanaan dura na gaddisiisera jedhee yaadu irratti. Nama
inni yaade sun naannoo isaa hin jiru yoo ta’e nama isa bira jiru irratti aarii isaa baha. Namni isa
bira jiru kan isa jaallatuu fi of eeggatuuf yoo ta’e illee haajaa isaa miti. Dheekkamsa qofa osoo
hin taane darbee darbees arrabsuu danda’a.

28 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

2. Miira Irratti Jijjiirama Mul’atan

a. Jijjiirama Amalaa

Namni dhiphina sammuu keessa jiru amala dhaabbataa ta’e hin qabaatu. Hawwaasa keessatti
namni bakka guddaa fi fudhatama qabu tokko akka tasaa bakkee inni bu’e dhabama. Namoota
irraa waan adda bahuuf jechuu dha. Haasaan isaa tasgabbii qaba kan ture, dhibee dhiphina
sammuun yemmuu qabamutti sagalee ol kaasee iyyuu, sagalee guddaan dubbachuu jalqaba.
Deebii naamusa hin qabnes kennuu eegala

b. Fedhii saal quunnamtii hir’achuu

Dhiphina sammuutiin namni qabame ‘jiraachuun hiika kan hin qabne’ waan itti ta’uuf fedhii
walquunnamtii saalaaf qabus in bada. Jijjiiramni kun jiraachuu namni hin foone ykn hin
heerumne hubachuu hin danda’u. Abbaa manaa fi haadha manaa gidduu tti sirriitti beekama. Yoo
kana suuta rakkoo walii hubachuun kan barbaachisu.

c. Kutaa qaama garaa garaa irratti mallattoo dhibee mul’atu

Nama dhibee sammuutiin qabame tokkotti yeroo baay’ee nageenyi f itti hin dhagaahamu; in
dhibama. “Nadhukkuba” jedhas. Mana yaalaa deemee yoo ilaalamu garuu homaan tokko illee
irratti hin argamu. Yeroo baay’ee dhibee irratti mul’atan keessaa:

- Dadhabii, qaamni isaa in roma’a


- Qaama isaa in hoofa
- Garaan goguu
- Mataa dhukkubbii
- Lafa ittiin mara

d. Waan tokko irratti xiyyeeffachuu dadhabuu

29 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Waan tokko yeroo fudhatee turuu hin danda’u. Waan biro hafee buddeenaa fi ittiin waan
nyaatamu walqabsiisuu kan dadhabu jira. Kitaaba dubbisa yoo ta’e fuula tokko dubbisee isa
lammaffaa xumuru hin danda’u. Gaaffii yoo gaafatame qalbii isaa sassaabee deebisuu hin
danda’u. Waan tokko irratti tasgabaa’uu waan hin dandeenyaa wanti naannoo isaatti dhagahamu
hunduu isa jeeqa.

e. Wantoota haala salphaan daggachuu

Waantoota xixiqqoo namni fayyaan iyyuu dagachuu danda’a. Isa kana jechuu miti. Namni
dhiphina sammuu qabu garuu nama akka kaleessaa waliin nyaata nyaate akka har’aa raawwatee
dagachuu danda’a.

f. Rakkoo waan tokko murteessuu: Namni dhiphina sammuu qabu tokko waan salphaa ta’e
tokko murteessuu fillee baay’ee rakkata, Fakkeenyaaf : afeerraa tokkootti yoo waamame uffata
akkamii uffachuu akka qabu illee in rakkata .

g. Sababa tokko malee sodaachuu

Dandeentiin waa yaaduu isaa waan hir’atuuf salphaatti sodaaf saaxila baha. Waa’ee waan hundaa
in dhiphata. Namni naannoo isaa jiru akka isaatti yoo hin dhiphannee fi hin jeeqamne waan
beekaa yaada kennuu dhiise itti fakkaata. Fakkeenyaaf: yoo mana isaa keessummaan dhaqe
sababa tokko malee dhiphata. Dubartii sammuun rakkoo qabu keessumaatu dhufa yoo jedhamte
sababa malee dhiphatti.

h. Qofaa yemmuu ta’an sodaachuu

Waan raawwatan hundaa irratti sodaachuu. Qofaa ofii mana keessa taa’uu, karaa qaxxaamuruu,
gamoo irra bahuu, konkolaataan karaa deemuu hunda namoonni rakkoo sammuu qaban kan
sodaatan jiru.

i. Abdii kutachuu

30 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Abdii kutuu irraa kan jiraachuuf fedhii dhaba. Boqonnaa kan hin qabne ta’a. “Anaaf wanti
hundinuu fiixaan hin ba’u” jedha. Namni dhiphina sammuu keessa jiru ifatti of ajjeessuu akka
barbaade maaliin beekama? Fakkeenyaaf: “Fo’aan ofii koo balleessuu malee abdii biraa hinqabu
kan jedhu yoo ta’e.” yeroo kana namni biroon callisaan darbuu hin qabu.

j. Sababa malee Gadduu

Dhiphina sammuuf kan saaxilaman Namoota Akkamiitti?

Dhiphinni sammuu nama kami irra illee ga’uu danda’a. Kan barates kan hin baratnes dhibee
dhiphina sammuun qabamuu danda’a. Haa ta’u malee haalota tokko tokko irraa kan ka’e
namoota biro caalaa tti kan saaxilaman jiru.

1. Kunuunsa baay’ee keessatti kan guddatan

Haalli guddina namootaa garaa gara. Tokko tokko jaalala dhabee guddata. Kaan ammoo jaalala
guddaa gar malee ta’e keessatti guddata. Mucaaf jaalala kennannii guddisuun nama fayyaa ta’ee
akka guddatuu fi nama ofitti amanamummaa qabu godha. Jaalala haala ta’uu qabuun ibsuu
dhiisuun ammoo mucaa miidha. Oolee bulees miira isaa miidha. Of danda’ee akka hin sochoone
kunuunsi yeroo hundaa godhamaaf yoo ta’e yeroo kamiyyuu of hin danda’inni hafa.

Kanaaf wantoota alaa isa quunnaman wal’aansoo walqabee keessa darbuu irratti rakkoon isa
quunnamaa deema. Sababni isaa ijoollummaa kaasee wal’ansoon yoo hin guddane waan
biragahuu barbaade tokko irra gahuuf wal’aansoo gochuun itti ulfaata. Yeroo kana sadarkaa
barbaade yoo hanqatu rakkoo isa biraa osoo hin taane, namoota biro godha. Yeroo kana dhiphina
keessa gala.

2. Ceephoo keessatti kan guddatan

Mucaa osoo xuuxoo hodhuu jalqabee ceepha’amaa, arrabsamaa guddata yeroo guddatu salphatti
dhiphina sammuuf saaxilama.

3. Laphee isaanitti dubbii kan qabatan

31 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Amalli namoota hundaa addaa adda tokko kan haasa’u yoo ta’u kaan ammoo callisaa dha. Inni
dubbatu waan yaada isaa dubbatee baafata. Inni callisaan garuu waan hundumaa garaatti qabata.
Kunis keessa isaatti walitti qabamuun, birmaduu dhowwatee dhiphina sammuuf saaxila.

4. Baay’ina hojii Garmalee

Humnaa fi yeroo isaanii osoo hin madaalin bakka hundaatti argamuuf osoo carraaqanii namoota
baay’eetu dhiphina sammuun qabama. Hojjechuuf haalli mijataan muraasa yoo ta’u, haalli hin
mijannee keessatti humnaa fi yeroo isaani gubuu irra darbee dhiphina sammuuf saaxilamu.

5. Kan hojiitti hin qabamne

Hojii tokko malee yeroo baay’ee kan taa’an salphaatti dhiphina sammuun qabamu. Keessattuu
soora kan bahan, abbaan manaa ykn haati manaa kan irraa du’an. Ganamaan ka’anii waan
hojjetanii tokko illee osoo hin qabaatin yoo dhi’e dhiphina sammuun qabamu. Namoonni tokko
tokko hojii malee taa’u irra hojii tolaan dhaabbata tokko of kennu. Kunis faayidaan
isaanisaaniifis.

6. Warra gaa’ela jalqabaa jiran

Inni dhiiraas ta’e isheen dubartiin, kan hawwaaturan cidha isaanii raawwatanii, yeroo
mushurummaan xumuramee jireenya gaa’ela keessaa yemmuu jalqaban waan haaraa keessa
seenu. Duratti kophaa jiraal’haa turan ykn maatii waliin. Amma ammoo maatii hooggannuuf.
Yeroo jireenyi haaraan jalqabutti dhiphinni sammuu dhufuu danda’a.

Dhiphina sammuu warra Dubartii irra gahu

Nammoonni Amala Namaa qoratan, “Namoonni tokko tokko kanneen biroo caalaa maaliif
dhiphina sammuun akka qabaman qorannoo go dhaniiru.” Akkaataa qorannoo kanaan qorannoon
Ameerikaa keessatti godhame tokko kan agarsiise warri dubartii warra dhiiraa caalaatti dhibee

32 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

dhiphina sammuutiif akka saaxilamanii dha. Kunis Addunya mara keessatti dubartoota argamaa
irratti kan ta’u dha malee Ameerikaa keessatti qofa miti.

Dubartoonni dhiphina sammuu keessatti akka argamaniif akka sababaatti kan taa’an:

1. Hawaasni dubartoota irratti dhiibbaa geessisa

Hawaasa keenya keessatti “dhaabate hafe” dhiirri hin jedhamu yoo hin fuudhin ture illee.
Dubartiin garuu yoo hin heerumni turte akka waan raajiitti ilaalamti. Yeroo rakkoon dubartii irra
gahu karaa lamaan. Jalqaba waan fedha ishee hin argatin hafu. Inni lammaffaa uummata
keessatti akka waan raajiitti ilaalamuu. Kana malees dhiirri dubartii olaantummaan bulcha.

2. Jireenya Qofummaa

Dubartoonni baay’een kan heeruman illee qofummaan itti dhagaahama. Dhugamaatti kan
heeruman caalaatti kan hin heerumnetti qofummaan dhagaahama. Darbee darbee namni
kamiyyuu yeroo qofaa isaa ta’u isa barbaachisa. Yesuus yeroo itti qofaa isaatti ta’u qaba ture
(Mat 26:36). Ta’uus namoota isaa wajjin hojjetan qaba ture. Fuudhuu fi heerumuu ykn hojjetoota
waliin ta’uu qofti qofummaa dhabmsiisuu hin danda’u. Waan nutty dhagaahamu kan ibsinuus
nama garaa keenyaa nu barbaachisa. Yeroo baay’ee dubartoonni saalfatanii fi qofaa ta’an
dhiphina sammuun qabamuu danda’u.

3. Ani hin barbaachisa miira jedhu

Dubartii gara dhiphina sammuutti kan fidan keessaa tokko “Ani hin bareedu, dhiirris na hin
barbaadu” yaada jedhu dha. Keessattuu dubara fuudhaaf dhiirri hin gaaffanne dhiphina guddaa
keessa seenu. Umriin isaanii hanga dabalaa deemuun abdiin heerumaaf qaban waan badu itti
fakkaatee kan dhiphatan hedduu dha.

4. Ijoolleen dhalachuu

33 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Yeroo baay’ee daa’imni abbaa isaanii caalaa haadha isaanitti dhi’aatu. Kana qofa osoo hin yeroo
baay’ee kan isaanii wajjiin dabarsus haadha. Kana irraa kan ka’e, hojii mana keessa jiru
dabalatee dhiibbaa haadha irratti uuma. Kanaaf daa’imman haadhaaf dhiphina sammuu ta’uu
danda’u.

5. Jijjiirama qaama keessatti uumaman

Dubartoonni yeroo dhiiga ji’aa dhiphinni sammuu itti dhufuu danda’a. Yeroo kanatti amala adda
addaa agarsiisuu danda’u warri dhiiraa jijjiirama amalaa yeroo kana dhufu hubachuufii qabu.
Warri dubaraa ammoo baay’ee dhiphachuu hin qaban.

6. Jaalala dhiiraa dhabuu

Warri dubartii jaalala dhiiraa osoo hin argatin jiraachuu akka hin dandeenye beektonni tokko
tokko in dubbatu kanaaf gammachuu miiraa argachuuf jaalalli dhiiraa murteessaa dha.
Hawwaasinis kana amanee fudhata. Dhiirri garuu jaalala dubartii malee jiraachuu akka danda’u
beektonni baay’een in dubbatu.

7. Gaa’elli akka yaadan hin ta’in yoo hafu

Dargaggeessaa fi dargaggeettii kamillee gaa’elli jijjiirama karaa maraa fida jedhanii eegu. Kunis
jireenya gaariis ta’uu danda’a. “Abbaan manaa koo akkasitti affachuu qaba, akkas ta’uu qaba”
jettee yaaddi, ijaa fi miira ishee kan guutuutti heerumti. Erga heerumtee booda garuu akkas ta’uu
dhiisuu danda’a. Yeroo bana dhiphinni jalqaba.

Dhiphina sammuu Dursanii Dhorkuun in dandaa’amaa?

Namni humna isaatiin wantoota dhiphina sammuu itti fidan dhorkuu hin danda’u. Haa ta’u malee
akkuma qaama keenya dhibee irraa eegnutti sammuu keenyas haala itti dhiphina irraa eegnu jiru.
Namni kamillee kan hin yaadin rakkoleen tokko tokko quunnamuun miidhaa irratti geessissuu
danda’u.
34 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Dhiphinni sammuu akka nutty hin dhufneef karaa of eeggachuu dandeenyu lamatu jiru. Inni
jalqabaa nyaata madaalame nyaachuu fi sochii qaamaa gochuu dha. Inni lammataa boqonnaa
gahaa tahe fudhachuu fi bashannanuu. Boqonnaa yeroo dheeraa fudhachuun yoo hin
dandaa’amne, sa’a lamaafi sadii giduutti daqiiqaa muraasa boqochuun faayidaa guddaa
argamsiisa. Kana malees wantoota nu miidhuu danda’an irraa fagaachuunis dhiphina sammuu
hir’isuu danda’a yaadanu dhiphisu irraa fagaachuu. Jireenya keenyaaf waan nu fayyadu bakka
guddaa laanneefii isa qofa xiinxaluu qabna. Ani homaa waa’ee hin baasu; gad deebituu dha
yaada jedhu of keessaa baasuun yaada phaawuloos (Fil 4:13) jedheshaakaluu.

Dhiphinni sammuu Qorsa qabaa?

“Yeroo tokko dhibee dhiphina sammuun qabaman tala hin qabu” yaadni jedhu baay’inaan
fudhatama waan argate fakkaata.

Dhugaatti duraan dursa of eeggachuun filannoo hin qabu. Ta’uus gaaffiin namoota baay’ee
“Dhiphina sammuuf qorsi jiraa?” kan jedhu dha. Cimina dhibee kanaaf beektonni waggna kuma
lama darbaniif qorannoo gochaa turaniiru. Kan irra gahanis dhibeen dhiphina sammuu sirritti yoo
adda bahee beekame gargaarsa ogeessa fayyaan fayyuu akka danda’u dha. Nama dhibee qaama
biro dhukkubsatuuf akkuma ta’u nama dhibee dhiphina sammuu qabuufis kan caalaatti gargaaru
jira

a. Yaalii dhimma sammuu (Pschotheraphy)

Haalli kun yeroo dheeraa dura kan ture yoo ta’u, haalli itti kennamu namni dhibame bilisaan
yaada isaa akka ibsuu gochuun. Haasaa isaa keessatti namichi gorsu dhibee sammuu akka qabu
hubata. Erga hubatee boodas waan gochuu qabu, furmaata itti agarsiisa. Gargaarsa namichi yaala
akkasii godhu kennuufisi

1. Namni dhibame jireenyi hawaasummaa isaa akka toora isaa gad hin dhiifne gochuu
2. Namni dhibee sammuu qabu sun ofitti amanamummaa akka horatu gochuu
3. Maal hojjechuu akka danda’uu fi hin dandeenye, dandeettii isaa itti beeksisuu
4. Qorsa irratti baay’ee akka hin hirkanne gochuu

35 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

5. Maatii fi naannoo irraa gargaarsa argatu akka itti fayyadamuu danda’u gochuu

b. Yaalii Qorsaa

Hiipakiraataa namichi jedhamu ogeessa dhibeesammuu yemmuu ta’u, dhibee sammuuf qorsa
inni ajajaa ture Hiilboor qorsa jedhamu ture. Ogeessani chaalinaa durii ammoo Iifediriin qorsa
jedhamu ajajaa turan. Bara, keenya kanatti ammoo dhibee dhiphina sammuuf Antiiyi diipereesint
(Anti depressant drug) ajajuun kan beekame dha. Haa ta’u malee sababa dhibee osoo addaan hin
basin qorsa fudhachuun yeroof furmaata ta’uu danda’a garuu raawwatee hin dhabamsiisu.

c. Electrotherapy

Yaaliin kun yoom illee kan kennamu yoo ta’u namni dhibee dhiphina sammuun qabamee yaala
kana fudhatu sa’a aquriif dursee nyaata nyaachuu hin qabu.

d. Yaalii hafuuraa

Inni kun ogeessota sammuu baay’een garuu kana hin deggeran. Isaan dhalli namaa miiraa fi
qaama qafa qabu jedhu. Dhalli namaa garuu hafuura, hubbuu fi qaama mul’atu qaba. Kanaan
dhalli namaa uumama biro ykn bineensota irraa adda baha.

Falaasfaa beekamaan biyya faransaayi tokko “Jireenya nama kamii keessa iyyuu bakka duwwaa
kan waaqayyo qofti guutuu danda’u jira” jedheera. Namoonni baay’een Waaqayyoof waan bakka
hin laanneef dhiphinaaf saaxilamani murtee hin taane irra gahu. Bineensa irraa ilmaan namootaa
wanti adda godhu yoo jiraatee amalaa fi fedhiin waaqayyoo dhiisee karaa isaa deemuu danda’a.
Ta’us rakkoof saaxilama. Furmaata hafuuraaf kan waaqayyoo bakka bu’u hin jiru.

Dhiphinni sammuu walquunnamtii inni jireenya hafuuraa wajjin qabu

Dhiphinni sammuu rakkoo (Psychological) osoo hin taane rakkoo hafuuraa (Spritual) jechuu
dha? Kungaaffii kiristaanota baay’ee akka ta’e yaadama. Duuchamatti “waan gaarii hin taane”
hundi waa’ee hafuuraati jechuun sirrii miti. Haala kamiif iyyuu deebii walii galaa kennuu irra
tokko tokkoon deebisuu tu filatama.

36 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Macaafa qulqulluu keessatti “dhiphina sammuu” jedhamee hin barreeffamin malee haala garaa
garaatiin akka jiru hubanna. Fakkeenya: Musee, Eliyaasii fi yoonaas yeroo itti dhiphatan tureera.
Kana malees aariin gubatee nyaata kan didejira. “Ahaab sababii Naabot yizre’elichi,’ dhaala
abbaa kootii siif hin kennu’ ittiin jedheef, aaree dheekkamaa gara mana isaatti in deebi’e; galees
gara keenyaniitti gara galee siree isaa irra in ciise, midhaanis in lagate.” (1Mot 21:4) Akka
armaan olitti hubannetti namoonni Waaqayyoo yeroo itti aaran, dhiphatanis tureera.
Qulqullummaa waan dhabaniifis miti. Haa ta’u malee furmaata kan argatan Waaqayyo biraa
karaa hafuuraa ture.

Jireenya amantootaa keessaa inni bu’uuraa jireenya hafuuraa ti. Dhiphina sammuutu irra gahe
jechuun waan biraa yaadee qindeessuu dadhaba jechuu miti kana malees dhiphina sammuu
keessa jira jechuun guutummaa guutuutti jireenyi hafuuraa isaa/ishee boora’eera jechuus miti.

Yoo seera qabeessaan itti fayyadamne yeroo tokko tokko dhiphinni sammuu akka akeekachiisaa
ti fayyada. Fakkeenyaaf haalli naannoo tokko jiru humna keenya ol ta’ee dhiibbaa waan nurratti
tide yoo dhiphane, dafnee bakka sanaa deemuu akka qabnu nu hubachiisa.

Dhiphinni sammuu sababa cubbuu fi seexanaa qofa gochuun sirrii miti. Dhiphinni sammuu
haalota garaa garaatiin amantoota irraa gahuu danda’a. Dhiphinni sammuu cubbuu miti garuu
yeroon waan sirreessuun jiru sirreessanii bakkatti yoo hin deebine gara cubbuutti geessuu
danda’a.

Namni dhiphina sammuu keessa jiru tokko waaqayyo raawwatee waan isa dhiise itti fakkata.
Yeroo baay’ee dhiibbaa dhiphinni sammuu nurratti fide irraa kan ka’e waantota faallaa ta’an
yaadaa. Dhiphinni sammuu wanta hundumaa dukkanneessee nutty agarsiisa.

Goolaba (Conclusion)
Egaan barreeffama gabaabduu kana keessatti barumsa dhimma sammuu ilaaluu yaalleera.
Kanaafuu barumsa kana irraa waan arganneen hanga Waaqayyoo nu gargaaretti, akka jaalala
Waaqayyootti barumsa kana namoota biroofis qooduu qabna. Har’a Waaqayyo wanta inni nurraa

37 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.
Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

barbaaduu hubachuun akka fedha isaatti jiraachuun gara mana isaatti harkisuu dha. Kaayyoon
barumsa kanaas miira namootaa nubachuun wangeela qaqqabsiisuu dha.

Akkuma beekamu namoonni baay’een rakkoo dhiphina sammuu keessa jiru. Kanaafuu isaaniif
gahuu kan qabnu nu’i. Kanas gochuu kan dandeenyu leenjii kana fakkaatu fudhachuun. Yeroo
furmaata namootaaf fidnu Waaqayyoof galata akka galchan goona. Waan hundaaf gooftaan isin
haa eebbisu. Namootaa birmaduun ulfina isaaf hojeetan is in haa godhu. Ameen!!!

38 DBC “Be disciple and go to others to create the true disciple creators!”
Email: danbiblecoll@gmail.com Or eliel0607generation@gmail.com
Phone: +251-468-217-144/+251-926-545-440; P.O.Box 2209 Hawassa, Ethiopia.

You might also like