Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 3

Waajjira ispoortii Godina -A Gahee Hojii Federeeshinii Isp.

2012

I.Unka Ibsa Waliigalaa

Maqaa Mana Hojii—----------------------………………………………….Waajjira Ispoortii Aanaa


Maqaa Garee(case team)--------------………………..- Garee Gurmaa’insa Waldaalee fi Madda Galii Ispoortii.
Waamama Gita Hojii—-------------………--Dursaa Garee Gurmaa’insa Waldaalee fi Madda Galii Ispoortii.
Itti waamama isaa—-------------------…………………………………….-- I/Gaafatamaa Waajjiraaf
Sadarkaa Hojii-----------------------------…………………………………………………………..XIII
Koodii hojii----------------------------------
Lakk.Eenyummaa gita hojii-------------………………………………………………..-32/GXX-AXX-04
Baay’ina Gita Hojii-------------------------……………………………………………………..1( tokko)
Maqaa Hojjataa—--------------------------………………………………………………….XXXXXXXX
II. Kaayyoo , Bu’aa fi Tarreefama Gita Hojii
1. Kaayyoo gita Hojii
 Hojiiwwaan Garee qindeesuu fi hogganuu, Waldaaleen ispoortii akka gurmaa’anii fi ciman gochuun,
beekamtii akka argatan qorannoo taaisuun, bu’aawwaan qorannoo fi qo’annoon argaman madaalaa
mirkaneefachaa hojitti hiikaa deemuun, sirna maddaa galii ispoortii umuuf diriiran hojii oolchu,
hojiiwwan madda galii ispoortii itti cimuu danda’an raawwachuun ,waldaaleen ispoortii gurma’insaa cimaa
akka qabaatan taasisuun,misooma ispoortii irraa bu’aa argamuu guddisuu

2. Bu’aa fi Tarreefama Hojii

2.1. Bu’aa 1ffaa. Hojiiwwaan Garee karoorsuu, qindeesuu fi hogganuu.


2.1.1. Karooraa fi bajata hojii Gariichaa ni qopheessaa, yeroo ragga’uuf hojitti ni hika,
2.1.2. Galteewwan Gareef barbaachisan akka guutaman ni taasisa.
2.1.3. Ogeessoota isaa jalatti argaman qaawwa gahumsa isaani adda baasuudhan leenjii humna
raawwachisummaa isaani cimsu dabalu akka keenamuuf ni taasisa,
2.1.4. Raawwii hojii ogeesotaa Gariichaa ni guutaa, ni hordofa, ni madaala, raawwii hojii qabxii ol’aanaa
ogeesota galmeesisanif beekamtii akka argatan ni taasisa,
2.1.5. Hojiwwan gariichaa(waajjirichaa) bu’aa qabeessa taasisan sirna hojimaataa ni diriirsaa,hojii irra akka
oolan ni taasisa.
2.1.6. Ogeessota garee isaatti argamaniif hojii ni qooda,sagantaa hojii garee(action plan) itti hogganuu ni
qopheessa,ittis ni hoggana.
2.1.7. Ogeessota garee keessatti argaman itti gaafatamummaa kennameen ni qindeessa,ni hoggana.
2.1.8. I/Gaafatamaa mana hojii,Dursaa Garee ,Ogeesotaa fi qaamolee qooda qabaattoota waliin ta’un
qindoominaan ni hojjata.
2.1.9. Hojiwwan garee karaa ammayyaa ta’ee ni gurmeessa,ni qindeessa,
2.1.10. Gabaasa raawwii hojii garee qindeessuun qaama ilaaluuf yeroon ni kenna.

22. Bu’aa 2ffaa. Hojiwwan ijaarsa Dandeetti(leenjii) hordofu, madaaluu fi Waldaaleen ispoortii
gurmeessuuf qorannoowwan gaggeefaman qindeessuu,madaaluu fi mirkaneessuu.

1
Waajjira ispoortii Godina -A Gahee Hojii Federeeshinii Isp.2012

2.2.1. Barruu- gorsaa leenjiif qophaa’ee hojii irra ni oolcha, ni madaala.


2.2.2. Rakkoowwanii fi hudhaalee garee keessatti jiran adda baasuuf kan gargaaruu cheeklistiwwan adda
addaa ni qopheessa,hojii irra ni oolcha,ni madaala.
2.2.3. Koodii ispoortii qaama ol’aanaan qophaa’ee hojii irra ni oolcha. Bu’aa raawwii isaa ni madaalaa.
2.2.4. Waldaaleen ispoortii (MMI,Federeeshinii,Kilabii,Garee,Koree..)sadarkaa hundaatti akka hundaa’an
hubannoo ni kenna, beekamtii duraa fi beekamtii ni keninsiisa,akka haroomsan ni taasisa, akka
haqamus qaama ilaaluu wajjin qindaa’uun ni hojjata.
2.2.5. Gaaffii deeggarsaa piroojakt piropozaalaa waldaaleen ispoortii dhiyeessan irratti hojii qindeessummaa
hojjachuun ni raawwachisaaf.
2.2.6. Caasaalee garjalaatti jiraniif hanqina humnaa(resource) qaban tajaajila deeggarsaa akka argatan hojii
qindeessummaa ni hojjata.
2.2.7. Waldaalee ispoortiif haala laayisansii (seera-qabeesummaa)isaanii ittin mirkaneessuuf
dambii,qajeelfama fi hojimaatni diriiree jiru hojii irra akka ooluu ni taasisa,Raawwatinsa isaa ni
hordofa,ni mirkaneessa.
2.2.8. Manni Maree Ispoortii ittin gurmeessuu fi ittin cimsuuf sirna hojimaataa bahee jiru hojii irra ni oolcha.
2.2.9. Sirna hojimaataa madda galii Ispoortii walitti qabuuf bahee hojii irra ni oolcha,ni qindeessa,ittin
hoggana, raawwatinsa isaas ni hordofa,ni madaala.
2.2.10. Waldaaleen ispoortii haala deeggarsa adda addaa itti argatan qorannoo ni gaggeessa,hojii irra ni
oolcha,ni madaala.
2.2.11. Fandii ispoortii sadarkaa Naannootti qophaa’uu irratti hundaa’uun haala qabatamaa isaanitiin hojii irra
akka ooluu ni hojjata.
2.2.12. Rakkoowwanii fi hanqinaalee Waldaaleen Ispoortii qaban furuuf ogeesotaan qorannoon akka
gaggeefamuu ni taasisa,furmaata argamees hojii irra ni oolcha,Bu’aa isaas ni madaala.
2.3. Bu’aa 3ffaa. Sina hojimaataa foyyeessuu,Hordofu fi deeggarsa taasisuun hojii irra oolchuu.

2.3.1. Labsiiwwan,Dambiwwanii fi Qajeelfamoota Gurmaa’insa Waldaalee fi Madda Galii Ispoortii ittin


cimsan qopheessuuf yaada ka’umsa adda addaa ni burqisiisa, yeroo ragga’ee bahu hojii irra ni oolcha.
2.3.2. Sirna hojimaata Gurmaa’insa Waldaalee fi Madda Galii Ispoortii baha hojii irra ni oolcha,
2.3.3. Muxxannoowwan gaggaarii jiran yeroo yeroon adda baasuun fi qindeessuun gara hojii qabatamaatti
akka hikaman ni hojjata ,
2.3.4. Sirna hojimaa Gurmaa’insa Waldaalee fi Madda Galii Ispoortii ogeesotni ispoortii humna ijaarsa
dandeettiin itti cimuu (leenjii itti hordofu) dandeesisuu ni boca, hojii irra ni oolcha.
2.3.5. Sirna hojimaataa Gurmaa’insa Waldaalee fi Madda Galii Ispoortii ittin raawwatamuu fi hojiin
piroojaktii ittin bocamuu bahee hojii irra ni oolcha.
2.3.6. Hojiiwwan Gurmaa’insa Waldaalee fi Madda Galii Ispoortii ilaalchisee ,Dhaabbilee garagaraa
waliin ,Ogeesota Garee waliin fi qooda -qabaatoota waliin sanada waliigaltee hojii (MOU) ni
qopheessa ,hojii irra ni oolcha.
2.3.7. Dambii, Qajeelfamnii fi hojimaatni Waldaalee Ispoortii hojii irra oolchuuf qophaa’an hojii irra akka
oolan hordofii fi deeggarsa ni taasisa.
2.3.8. Waldaalee ispoortii fi qaamolee gahee qabaattota heyyama ga’umsa mirkaneefannaa fudhatanii hojii
keessa jiran sochii adeemsa hojii irra jiran ni hordofa,ni to’ata,bu’aa raawwii isaanii ni madaala.
2
Waajjira ispoortii Godina -A Gahee Hojii Federeeshinii Isp.2012

2.3.9. Hojii irra oolmaa Dambii gamaagama fi deeggarsa waldaalee Ispoortii bahee hojii irra jiru ni
hordofa,qaama ilaaluuf duub-deebii ni kenna.
2.3.10. Istaandaardii fi Qajeelfamni Waldaaleen Ispoortii itti gurmaa’anii fi cimaniif qophaa’an hojii irra ni
oolcha.
2.3.11. Adeemsa fi sochii hojii Qaamolee mirkaneessa ga’umsa ogummaa fudhatan ni to’ata, sagantaa idillee
baasuun raawwii hojii isaanii ni hordoffa.
2.3.12. Qajeelfama kenninsa deeggarsaaf hordoffii waldaalee ispoortiif qopheessuun hojii irra oolmaa isaanii ni
hordoffa.
2.3.13. Waldaalee ispoortii cimsuu fi rakkoo qabu furuuf kallatti kaa’amanii fi qorannoon taasifaman hojii irra
oolmaa isaanii hordofu.
2.3.14. Waldaalee ispoortiif deeggarsa barbaachisuu adda baasuun haala itti deegg aramuu danda’an ni
mijeessa, deeggarsii taasifamee seeraan hojii irra oolu isaa ni hordofa, ni to’ata.
2.3.15. Gaaffii deeggarsa bajataa Waldaalee ispoortiif ta’uu dhiyaatu qorachun dhuggummaa isaa
mirkaneessuu murtoon akka kennamuu I/Gaafatamaa Waajjiraaf ni dhiyeessa, hojii irra oolmaa isaa ni
hordofa.
2.3.16. Qajeelfamni madda galii ispoortii ittiin sassaabuuf qophaa’ee jiru hojii irra ni oolcha.
2.3.17. Karoora hojii gama madda galii ispoortiin karoorfaman ilaalchisee raawwii hojii jiru gabaasni akka
qophaa’uu ni taasisa, ni qindeessa, duub-deebii ni kenna.
2.3.18. Gabaasni gariichaa akka qophaa’uu ni taasisa, ni qindeessa, raawwii hojii isaa ni madaalaa, ni hordofa,
qaama ilaaluuf yeroon ni dhiyeessa.
2.3.19. Hojii dabalataa mana hojichaa I/Gaafatamaa Waajjiraatiin kennamuu ni hojjata.
III. Beekumsaa fi Dandeetti
3.1. Barnootaa
Sadarkaa Barnootaa……………………………………………………………………………..BA- Degree
Gosa Barnootaa…………………………………………………………………………..saayinsii Ispoortii
Muxxannoo Hojii………………………………………………………………………………-waggaa 7
Ogummaa hojii gitichii barbaaduu…………………………………………..-Ogummaa saayinsii Ispoortii

Hoggansa Tarreefama Hojii Mirkaneessee


Mallattoo----------------------------------------------Mallattoo……………….Guyyaa--------------

You might also like