Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 4

I.

Uunka ibsa Walii galaa


 Maqaa Mana Hojii—--------------------------------------------------------------------Waajjira Ispoortii Aanaalee
 Maqaa Garee(case team)---------------------------------------------Garee Leenjii fi Wal-Dorgommii Ispoortii
 Waamam Gita Hojii—---------------------------------OgeessaHirmaannaa ,leenjii fi Dorgommii Ispoortii II
 Sadarkaa Hojii---------------------------------------------------------------------------------------------------------IX
 Itti waamama isaa—------------------------------------------Dursaa Garee Leenjii fi Wal-Dorgommii Ispoortii
 Baay’ina Gita Hojii--------------------------------------------------------------------------------------------------------1
 Koodii hojii--------------------------------------------------------------------------------------------------hinjiru
 Lakk.Eenyummaa gita Hojii-----------------------------------------------------------------------32/GXX-AXX_14
 Maqaa Hojjataa—----------------------------------------------------------------------------------XXXXXXXX
II.Bu’aa fi Kaayyoo Gita Hojichaa
1. Kaayyoo
 Dorgommii Ispoortii ilaalchisee qorannoogaggeefamee hojitti hikuun,Hammataalee seeraa (Dambii,
qajeelfama,Hojimaata,Barruu-gorsaa ) qophaa’ee hojii irra oolchuu ,bu’aa raawwii qophii dorgommii ispoortii irratti
hojii hubannoo kennuu,gosa ispoortii adda addaan dorgommiiwwan ispoortii qopheessuu fi hogganuun akkasumas
deeggarsaa fi hordofii gochuun sagantaa dorgommii ispoortii sadarkaa isaa eeggatee, qulqullinaa fi itti fufiinsa qabu
akka qophaa’uu taasisuu dha.
 Sagantaa leenjii Daa’imanii fi Guddatootaa ilaalchisee Qorannoo taasifamee hojii irra oolchuu, Barru-gorsaa leenjii
ispoortii fi Sanadoota raawwatinsaa qophaa’aan hojii irra oolchuu, ragaa fi piroofaayilii gurmeessuun, to’anoo fi
deeggarsa gochuun, Daa’imanii fi Guddatotni qaamaan, Xinsamuun fi naamusa ispoortiin ga’umsa qaban akka
horataman gochuu dha.
2. Hojiwwanii fi Bu’aawwan Gita Hojii
2.1. Bu’aa 1ffaa. Dorgommii Ispoortii ilaalchisee qorannoo gaggeefamee hojitti hikuun, Hammataalee
seeraa (Dambii, qajeelfama,Hojimaata, Barruu-gorsaa ) qophaa’ee hojii irra oolchuu.
2.1.1. Bu’aa raawwii qophii dorgommii ispoortii irratti rakkoowwanii fi qaawwajiran adda baasuun kallatti
furmaataa kaa’uuf kan dandeesisuu qorannoo gaggeefameen bu’aa argamee (recommendation) hojiiti
ni hiika,akka hiikamuu ni hojjata.
2.1.2. Dorgommiin ispoortii nagahaan jalqabamee xumursiisuuf qaamolee eegumusa naannoo taasisan waliin hariiroo
cimaa uumuu kan dandeesisuu galteewwan qorannoof ta’uu qindeessuun qaama ilaaluuf ni dhiyeessa,
2.1.3. Dorgommiin ispoortii gaggeefamuu faayidaawwanii fi bu’aawwan gama hawaasummaa,dinagdee fi Siyaasaan
argamsiisee madaaluu kan dandeesisuu galteewwanqorannoof gargaaran qindeessuun qaama ilaaluuf ni
dhiyeessa .
2.1.4. Dorgommiin Ispoortii itti hogganamuu fi itti qindaa’uu danda’uu yaadawwan haaraa burqisiisuun barreefama
ka’umsaa qaama ilaaluuf ni dhiyeessa.
2.1.5. Dorgommii Ispoortii gaggeefamuu irratti,Ispoorteesitootni, ogeesotni ispoortii fi hoggansii sadarkaan jiran
sadarkaa itti quufiinsaa,amantaa ,hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii adda ni baasa, galtee qorannoof ta’uu
qopheessuun qaama ilaaluuf ni dhiyeessa.
2.1.6. Sagantaa Dorgommii Ispoortii sadarkaa sadarkaan gaggeesuuf bahu irratti gosawwan ispoortii hin
hammatamneef qajeelfama ispoortii qophaa’ee irratti hubannoon akka keennamu haala ni mijeessa,hojii irra
oolmaa isaa ni hordofa.
2.1.7. Dorgommii ispoortii fi eegumsa naannoo taasisan waliin hariiroo qaban ilaalchisee hoggantoota
ispoortiif,ispoorteessaa fi ogeesota ispoortiif hubannoo kennuf maanuwaala qophaa’ee irratti hubannoon akka
keennamuu haala ni mijeessa, hojii irra oolmaa isaa ni hordofa.
2.1.8. Sirna hojimaataa, Qaamolee qooda qabaattootaa fi Dhaabbilee ispoortii garagaraa waliin hariiroo hojii cimaa
uumuuf qophaa’ee hojii irra ni oolcha,bu’aa raawwii isaa ni madaala.
2.1.9. Qajeelfama jijjiiraa fi bittaa Atleetootaa qaama ol’aanaan bahee hojii irra ni oolcha,akka ooluu ni hojjata.
2.1.10. Qajeelfamaa fi barruu-gorsaa dorgommii ispoortii qoteebulaa fi horsiisee bulaa itti guddisuufi babal’isuuf bahee
hojii irra ni oolcha,bu’aa raawwii isaa ni madaala.
2.1.11. Qajeelfamaa fi sirna hojimaataa gurgurtaa tikeeti dirree dorgommii ispoortii ittin galchuuf qophaa’an hojii irra ni
oolchaa,raawwatinsa isaas ni hordofa.
2.1.12. Muxxannoowwan gaggaarii gama dorgommii ispoortiin jiran ni qindeessa, haala qabatamaa jirun walsimsiisuun
hojii irra akka oolan ni taasisa.
2.1.13. Waltajii Dorgommii ispoortii adda addaa irratti hirmaachuf kan gargaaruu piroojakt-piroopozaalaa ni
qopheessa,yeroo heyyamamuu hojii irra ni oolcha.
2.2. Bu’aa.2ffaa Qophii fi Bu’aa raawwii Barruu-gorsaa fi Qorannoo qophaa’an irratti hubannoo kennu.
2.2.1. Qajeelfama ,Barruu-gorsaa fi barreefamoota Qorannoo qophaa’an irratti waltajii hubannoo
qopheessuun leenjii hubannoo akka kennamuu haala ni mijeessa.
2.2.2. Dorgommii Ispoortii adda addaa waliin walitti qabsiisuun naamusa ispoortii irratti waltajjii hubannoo
qopheessuun leenjii hubannoo akka keennamuu haala ni mijeessa.
2.2.3. Yeroo Dorgommii ispoortii gaggeefamuu qaamolee eegumsa naannoo taasisan waliin hariiroo jiru cimsuuf
waltajjii hubannoo qopheessuun hubannoon akka keennamuu haala ni mijeessa.
2.2.4. Waldaaleen ispoortii Sagantaalee dorgommii Ispoortii adda addaa qopheessan gabbisuuf waltajjii hubannoo
qopheessuun leenjii hubannoonakka keennamuu haala ni mijeessa.
2.2.5. Qophii fi bu’aa raawwii dorgommii ispoortii ilaalchisee marii paanaalii qopheessuun hubannoo akka keennamuu
haala ni mijeessa.
2.2.6. Bu’aawwa dorgommii ispoortii adda addaan argaman ragaa ,qabxii argamee fi adeemsa dorgommichaa
guutumatti akka qophaa’uu gochuun qaamolee sadarkaan argamaniif,Atleetiif,ogeessotaispoortiifi
I/Gaafatamtootaaf waltajjii hubannoo qopheessun hubannoonakka keennamuu haala ni mijeessa.
2. 3. Bu’aa 3ffaa .Dorgommii Ispoortii garagaraa Qopheessuu fi Hoggannuu
2.3.1. Gosa ispoortii adda addaankaalaandara dorgommii qopheessuun qaama ilaaluuf yeroon ni raabsa.
2.3.2. Dambii Dorgommiin Ispoortii hadhoo adda addaa ni qopheessa,qooda-qabaatootaaf dhiyeesuun mariin akka
gabbatuu ni taasisa,Sirreefama dhumaa taasisuun qaamolee ilaalatuuf akka dhaqabu ni taasisa.
2.3.3. Karoora bajata Dorgommii ispoortii adda addaa qopheessun akka ragga’uuf qaama ilaaluuf ni
dhiyeessa,yeroo ragga’uu hojii irra ni oolcha,raawwatinsa isaa ni hordofa.
2.3.4. Bakkeewwan dorgommii ispoortii sagantaa dorgommii ispoortii adda addaa mijaa’uu fi qophaa’uu isaanii ni
mirkaneessa, tarkaanfiin sirreefamaa akka taasifamuu qaama ilaaluuf ni beeksiisa.
2.3.5. Sagantaa baniinsaa fi cufiinsaa irratti gosa ispoortii dhiyaatan ni filata,ni mirkaneesisa,qaama ilaaluuf
odeeffannoo ni kenna.
2.3.6. Bu’aa raawwii dorgommii ispoortii adda addaa walitti qabuun gabaasa qopheessuun qaama ilaaluuf ni
dhiyeessa,akka madaalamuu ni taasisa.
2.3.7. Dorgommiiwwan ispoortii adda addaa qaama ilaaluu waliin qindaa’uun ga’umsaanni qopheessa.
2.3.8. Taateewwan dorgommii Ispoortii adda addaa akka qophaa’uu ni taasisa.
2.4. Bu’aa 4ffaa. Waltajjii Dorgommii Ispoortii adda addaa irratti hirmaachuu fi keessumeessuu.
2.4.1. Shaampiyoonaa Ispoortii adda addaa ittin hirmaachuuf gargaaruu bajata ni qopheessa, ni raggaasisa,
hojii irra akka ooluu ni taasisa.
2.4.2. Dorgommiiwwan ispoortii adda addaa yeroo gaggeefamuu dirreewwan ispoortii shaakalaa akka qophaa’an
ni taasisa,raawwii isaa ni hordofun deeggarsa ogummaa fi teeknikaa ni godha.
2.4.3. Shaampiyoona ispoortii adda addaaf koreewwan dorgommiiispoortii qindeessanii fi hogganan ni
hundeessa,hoggansa olaa’naatiin ni raggaasisa, yeroo heyyamamuu hojitti ni bobaasa.
2.4.4. Shaampiyoona ispoortii gaggeefamee irraa atleetoota filatamaniif leenjii ga’umsa qabu akka kennamuu ni
taasisa.
2.4.5. Jila ispoortii(Atleetota,Ogeesota ispoortii fi koreewwan isp.) Dorgommii ispoortii adda adda irratti
hirmaachuun bu’aa olaa’naa akka dhufu gumaacha taasisaniif qajeelfama badhaasaa bahee irratti hundaa’uun
beekamtii fi badhaasni akka kennamuuf yeroon gaaffii ni dhiyeessa, yeroo heyyamamu ni raawwachisa.
2.4.6. Dorgommii ispoortii waliigalaan gaggeefaman qindeessuun gabaasa raawwii hojii waliigalaa ni hojjata,
qaama ilaaluuf yeroon ni dhiyeessa.
2.5. Bu’aa 5. Dorgommii Ispoortii adda addaa deeggarsa,to’annoo fi madaallii gochuu.
2.5.1. Dhaabbilee ispoortiif, Waldaalee Ispoortii fi Dhaabbilee Barnoota ol’aanoo akkasumas gurmaa’insota ispoortii
sadarkaan argamaniif qophii dorgommii ispoortii ilaalchisee deeggarsaa ogummaa fi teeknikaa ni kenna.
2.5.2. Sagantaa dorgommii Ispoortii fi Taateewwanii ispoortii adda addaa akka qophaa’uu fi babal’atuu kan taasisuu
deeggarsa ogummaa fi teeknikaa ni kenna.
2.5.3. Iddoowwan Dorgommiin ispoortii adda addaa itti qophaa’uu akka filamuu fi akka murtaa’uu deeggarsaa fi
hordoffii ni godha,yeroo murtaa’us qaama ilaaluu wajjin qindaa’uun haala ni mijeessa.
2.5.4. Sagantaa dorgommii Ispoortii adda addaa gaggeefamaa jirutti Ogeesota Waldaalee
ispoortii(Federeeshinii,Kilabii,Garee,Koree…) argamaniif leenjii ga’umsaa kennuuf qophii taasifamuu
irratti deeggrsa ogummaa fi teeknikaa ni kenna.
2.5.5. Dorgommii ispoortii adda addaa gaggeesuuf waltajjiiwwan qophaa’aniif karooraa fi bajataa qophaa’ee jiru
ga’umsaan hojii irra akka ooluu deeggarsaa fi to’annoo ni godha.
2.5.6. Waltajjiiwwan dorgommii ispoortii adda addaa gaggeefamuu irratti Atleetootni ispoortii adda addaan
hirmaachuun bu’aan olaa’naa akka galmeessan deeggarsa ogummaa fi teeknikaa ni taasisa.
2.5.7. Sagantaa dorgommii ispoortii adda addaa taasifamuu irratti jila ispoortiif bakkawwan bultii(sport camp) akka
mijaa’uuf qaama ilaalatuu irraa ragaa guutuu qindeessuun hirmaatootaaf akka mijaa’uuf deeggarsaa fi
to’annoo ni taasisa.
2.5.8. Shaampiyoona ispoortii adda addaa taasifamuu irratti dargaggoota hojii kenna tajaajilaa kennu danda’an
filatamanii leenjii argachuun keessumootaaf tajaajila akka kennaniif deeggarsaa fi hordofii ni taasisa.
2.6. Bu’aa.6ffaa . Sagantaa leenjii Daa’imanii fi guddattootaaf qajeelmootaa fi Barruu-gorsaa qophaa’an hojii
irra oolchuu
2.6.1. Sagantaa leenjii Daa’imanii fi Guddatotaaf maamiltoota,dhimamtootaa fi qaamolee qooda
qabaatootaaf ta’uu barruu-gorsaa qophaa’ee hojii irra ni oolcha.
2.6.2. Leenjii ispoortii adda addaan fi sadarkaan qajeelfama kenna tajaajila ogummaa qophaa’ee irratti
hubannoonakka keennamuu haala ni mijeessa.
2.6.3. Sagantaa leenjii Daa’imanii fi guddatoota bu’aa qabeessa gochuu fi humna raawwachisummaa
leenjifamtootaa madaaluuf qaama ilaaluu waliin ta’uun meeshaa madaallii(performance test ) qophaa’ee
hojii irra ni oolcha..
2.6.4. Karoora tarsiimoo’aa waggaa ni qopheessa,gabaasa raawwii hojii qindeessuun qaama ilaaluuf
yeroon ni dhiyeessa.
2.6.5. Qophii Tarsiimoo fi Sagantaa leenjii Daa’imanii fi Guddatootaaf, ragaawwan barbaachisaa ta’an
qindeessuun sagantaa qophaa’uu irratti ni hirmaata.
2.6.6. Sagantaa leenjii Daa’imanii fi Guddatootaa kenninsa leenjii fi gurmaa’insa isaa ilaalchisee bakka adda addaa
irraa muxxannoo walitti ni qaba,ni gurmeessa,Dursaa Gareef ni dhiyeessa.
2.6.7. Gosa ispoortii garagaraan Sagantaa leenjii Daa’imanii fi Guddatootaa qabxii madaallii dorgommii isaanii
qindeessuun dursaa gareef ni dhiyeessa.
2.6.8. Gosa ispoortii garagaraan Sagantaa leenjii Daa’imanii fi Guddatootaaf istaandardii qophaa’aniif ragaawwan
barbaachisan qindeessuun Dursaa gareef ni dhiyeessa.
2.6.9. Sagantaa leenjii Daa’imanii fi Guddatootaa ilaalchisee qooda qabaatoota sadarkaa sadarkaan jiraniif gahee fi
itti gaafatamummaa qaban irratti waltajjii hubannoo qopheessuun hubannoonakka kennamuu ni taasisa.
2.7. Bu’aa 7. Sagantaa leenjii Daa’imanii fi Guddatootaa bu’aa qabeessa gochuuf hordooffii fi deeggarsaa
taasisuu.
2.7.1. Gosa Ispoortii garagaraa fi sadarkaa leenjii adda addatti , waldaalee ispoortii fi qaamolee ilaalatu
adda addaa waliin ta’un istaandaardii qophaa’ee irratti hordofii fi deeggarsa ni taasisa.
2.7.2. Sagantaa leenjii Daa’imanii fi Guddatootaaf qajeelfama madda galii fi galteewwan leenjii ittiin barbaaduuf
qophaa’ee irratti hubannoon akka keennamuu haala ni mijeessa.
2.7.3. Sagantaa leenjii Daa’imanii fi Guddatootaa bu’aa qabeessa gochuuf leenjii foyya’iinsaa ogummaa fi
sadarkaa ogeesota Ispoortiif akka kennamuu haala ni mijeessa,hojii irra oolmaa isaa ni hordofa.
2.7.4. Sagantaa leenjii Daa’imanii fi Guddatootaaf gosa ispoortii garagaraan fi umriin ulaagaa filannoo qophaa’ee
jiru hojii irra ooluu isaa qaama ilaalatu waliin ta’un qindoominaan ni hordofa.
2.7.5. Sagantaa leenjii Daa’imanii fi Guddatootaa gidduu gala leenjii ispoortii keessatti leenjifamtoota leenji’aa
jiran haala leenjii fi barnoota isaanii ilaalchisee rakkoowwan mudataniif tarkaanfii sirreefamaa akka
fudhatuu ni godha,hojii irra oolmaa isaa ni hordofa.
2.7.6. Gosa ispoortii garagaraan sagantaa leenjii daa’imanii fi guddatootaa madaallii gaggeessuuf ulaagaa madaallii
bahee bu’uura godhachuun hojii irra akka ooluu deeggarsaa fi hordofii gaochuun ni qindeessa.
2.7.7. Sagantaa leenjii Daa’imanii fi guddatootaaf qajeelfama sirna ce’umsa(exist strategy) bahee hojii irra akka
ooluu deeggarsaa fi hordoffii ni godha,hojii irra oolmaa isaa ni hordofa.
2.7.8. Qaamoleen qooda-qabaatotaa itti gaafatamummaa Sagantaa leenjii Daa’imanii fi Guddatootaa irratti gahee
qaban akka bahan fi hawaasa sadarkaa sadarkaan jiraniif sagantaa hubannoo kennuu akka qophaa’uu haala ni
mijeessa.Midiyaa garagaraan fayyadamuun saganticha akka deeggaran ni taasisa.
3 Beekumsaa fi Dandeetti

3.1. Sadarkaa Barnootaa------------------------------------------------------------------------------BA- Degree


3.2. Gosa Barnootaa------------------------------------------------------------------------saayinsii Ispoortii,
3.3. Muxxannoo Hojii----------------------------------------------------------------------------------waggaa 4
3.4. Ogummaa hojichii gaafatuu-----------------------------------------------------Saayinsii Ispoortii

Hoggansa Tarreefama Hojii Mirkaneessee-------

Maqaa---------------------------------------------Mallattoo------------------------Guyyaa---------------

You might also like