Ite Qorannoo

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 28

QAACCESSA QABIYYEE TAPHA IJOOLLEE OROMOO

GODINA JIMMAA AANAA GOMMAA

WARAQAA QORANNOO DIGIRII JALQABAA BARNOOTA


AFAAN OROMOO FI OG-BARRUU ITTIIN GUUTTACHUUF
QOPHAA’E

YUUNIVARSIITII JIMMAA KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA


FI HUUMANIITIITTI DAMEE BARNOOTA AFAAN OROMOO FI
OG-BARRUUTIIF DHIYAATE

QORATTUUN: ITEENESH HAYILUU

GORSITUUN: ALAMITUU OLII

BITOOTESSA, 2009

JIMMA

I
BAAFATA
Qabiyyee Fuula
BOQONNAA TOKKO............................................................................................................................1
SEENSA..............................................................................................................................................1
1.1. Seen-duubee Qorannichaa.......................................................................................................1
1.2. Ka’umsa Qorannichaa..............................................................................................................2
1.3. Kaayyoowwan Qorannichaa.....................................................................................................3
1.3.1. Kaayyoo Gooroo..............................................................................................................3
1.3.2. Kaayyoleen Gooree..........................................................................................................3
1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa...............................................................................................3
1.5. Daangaa Qorannichaa.............................................................................................................3
1.6. Seen-duubee Bakka Qorannichaa..................................................................................................4
BOQONNAA LAMA.............................................................................................................................5
2 SAKATTA’INSA BARRUU...................................................................................................................5
2.1 Yaad-rimee Og-afaanii...................................................................................................................5
2.2. Maalummaa Og-afaanii................................................................................................................5
2.3. Gooroowwan Og-afaanii...............................................................................................................6
2.4. Amaloota Og-afaanii....................................................................................................................6
2.5. Faayidaa Og-afaanii......................................................................................................................9
BOQONNAA SADII............................................................................................................................10
3. MALLEEN QORANNICHAA.............................................................................................................10
3.1 Irraawwatama Qorannichaa........................................................................................................10
3.2. Iddattoo fi Iddatteessuu.............................................................................................................10
3.3 Meeshaalee Odeeffannoo Ittiin Funaanaman...............................................................................11
3.3.1. Af-gaaffii.............................................................................................................................11
3.3.2. Marii Garee.........................................................................................................................11
3.3.3. Habuurraa...........................................................................................................................11
3.4. Madda Odeeffannoo..................................................................................................................11
3.5. Mala Qaaccessa Odeeffannoo.....................................................................................................11
4. Karoora Yeroo fi Baajataa..........................................................................................................12
4.1. Karoora Yeroo.......................................................................................................................12
4.2. Karoora Baajataa...................................................................................................................12
Wabiilee (References).......................................................................................................................13

II
BOQONNAA TOKKO
SEENSA
1.1. Seen-duubee Qorannichaa

Sabni Oromoo aadaa eenyummaa isaa ibsu qaba.Aadaa nyaataa, aadaa uffataa, aadaa
ayyaaneffachuu qabu (Abarraa, 1995).Uummanni Oromoo akkuma saba kanneen biro aadaa
mataa isaa ni qaba. Kitaabni Wiirtuu Jildii 6ffaa (1993) akka ibsutti, “Aadaa fi haala sochii
waliigalaa kan hawaasni tokko jireenya ofii gaggeessuuf raawwatuu fi akkaataan ittiin raawwatu
hunda kan qabudha.

Aadaan mul’istuu eenyummaa fi mallattoo sabichaati. Saba biroo saba tokko haala jiruu fi
jireenya uummatichaa kan calaqqisiisuu fi seenaasaa kan mul’isudha. Akka Warqinaa (2008:III)
ibsutti, “Aadaan mallattoo eenyummaa saba tokkooti,” jedha. Kana jechuun aadaan saba tokko
iddoo bu’u ta’ee sabicha ibsuu kan danda’u ta’uudha.

Og-afaan ammoo kan sabnitokko barreeffamaan osoo hin taane afaan qofa fayyadamee aadaa
isaa dhaloota dhalootatti dabarfatudha. Muuxannoo fi dandeettii hawaasni tokko kuufatee
dhalootaa dhalootatti dabarsudha.Geetaachoon (2011:139) akka ibsutti, “Og-afaan bifa
‘litireecharii’ ta’ee aadaa, duudhaa, seenaa fi eenyummaa dhaloota darbee himamsa afaaniitiin
dhalootaa dhalootatti kan daddarbudha” jedha.

Og-afaan kan hawaasni tokko aadaa, duudhaa, muuxannoo, falaasama, aartii, amantii, amantaa,
afaan, uffannaa, nyaataa fi dhugaatii isaa ittiin dhalootaaf dabarsudha. Hambaa hawaasaa, kalaqa
sammuu, jiruu fi jireenya ilma namaa kan calaqqisiisudha.

Og-afaan ilaalchisee beektonni hedduun yaada bal’aa ibsaniiru.Kanneen keessaa Wasanee (1997)
akkas jedha, “Osoo barreeffamni hin jirree dhalli namaa ergaa waan yaadaa fi fedhii isaa qabu
afaaniin dabarsaa ture.Hambaawwan afaaniin afaanitti dhaloota tokko irraa gara dhaloota biraatti
darbaa turan keessaa tokko og-afaanidha.Akka fuulli interneetii
www.en.wikipedia.org/wiki/oral_literature jedhu ibsutti, “Oral literature corresponds in the sphere
of spoken (oral) word to literature operates the domain of the written word,” jedha. Akka yaada
kanaatti, og-afaan akka og-barruu barreeffamaa osoo hin taane dubbii afaaniin kan dhalootatti
darbu ta’uu eera.

III
Og-afaan akkuma maqaa isaarraa hgubachuun danda’amutti barreefgfamaan osoo hin taane
afaaniin dhaloota irraa dhalooattti darbaa dhufee fi darbaa jirudha. Fuuldurattis kan darbu damee
aadaa saba tokkooti. (Dirribaa fi kanneen biro, 2004:1). Og-afaan maalummaa saba tokko kan
himan keessaa ragaa isa guddaadha. (Firehiwoot fi Shawayyee, 1998). Kan jweechuunis aadaa,
afaan, duudhaa, gaddaa fi gammachuu saba tokko kan ibsudha jecchuudha.

Gosoonni og-afaanii baay’eetu jiru. Isaanis: mammaaksa, hibboo, geeerarsa, jechama, sheekko fi
kanneen biroodha (Geetaachoo, 2003). Xiyyeeffannoon qorannoo kanas gooroowwan og-afaanii
keessaa qaaccessa nqabiyyee tapha ijoollee Oromoo Godina Jimmaa aanaa Gommaa irrattidha.

1.2. Ka’umsa Qorannichaa

Uummanni Oromoo waggoota danuuf aadaa, duudhaa, safuu fi amantii isaa kabajachaa turuyyuu
dhiibbaawwan bara dheeraadhaaf irratti taasifamaa turaniiru. Dhiibbaan kunis aadaa fi Afaan
Oromoo miidhus dandamachuun dhaloota har’a bira gahuu danda’eera.

Og-afaan hawaasa oromoo biratti bakka olaanaa qaba.Seenaa, aadaa, duudhaa, achii as dhuftee fi
amantaa isaa ittiin ibsata.Og-afaan hawaasichaa ammoo afaaniin dhaloota irraa dhalootatti
himamuun waan daddarbuuf rakkooleen adda addaa mudachuu danda’u. Fakkeenyaaf, rakkoon
itti dabalamuu, irraa hir’achuu, irraanfatamuu/dagatamuu fi baduun ni mudata.

Taphni ijoollee Oromoos dhiibbaawwan kanneen irraa kan ka’e harca’aa darbee har’a gaheera.
Hambaa kun immoo yeroo ammaa kana sababoota adda addaan gara baduutti deemaa jira.
Asaffaan (2009:37) sababa dagatamuufi jijjiiramuun yoo ibsu, “Seenaa og-barruu hawaasa
tokkoo keessatti haalli geeddarumsi jiruu fi jireenyaa, dhiibbaan teeknooloojii, siyaasaa,
dinagdee fi hawaasummaa mul’achuu danda’a,” jedha. Taphni ijoollees sababoota kanneen
hordofuun gara baduutti waan jiruuf bifa barreeffamaatti jijjiiruun olkaa’uun barbaachisaadha.

Waa’ee tapha ijoollee adda baasuuf gaaffileen qorannoo armaan gadii qorannoo keessatti deebii
argataniiru.

1. Taphni ijoollee maali?


2. Tapha ijoollee yoomii fi eessatti taphatama?
3. Gosootni tapha ijoollee maal maal fa’i?
4. Gahee/faayidaa tapha ijoollee maali?

IV
5. Taphni ijoollee yeroo ammaa sadarkaa akkamiirra jira?

1.3. Kaayyoowwan Qorannichaa

1.3.1. Kaayyoo Gooroo

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qaaccessa qabiyyee tapha ijoollee Oromoo Godina Jimmaa
Aanaa Gommaa kan xiyyeeffatedha.

1.3.2. Kaayyoleen Gooree

Kaayyoleen gooree qorannoo kanaa:

 Maalummaa tapha ijoollee ibsuu,


 Yoomessa tapha ijoollee addeessuu,
 Gosoota tapha ijoollee tarreessuu,
 Gahee/faayidaa tapha ijoollee tarreessuu,
 Sadarkaa tapha ijoollee yeroo ammaa itti jiru addeessuu,

1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa

Qorannoon kun faayidaalee gurguddoo gadii ni qabaata.

 Duudhaa, safuu fi aadaa hawaasni Oromoo qabu dhalootaaf dabarsa.


 Namoota gara fuulduraatti qorannoo aadaa gaggeessaniif akka wabiitti gargaaruu
danda’a.
 Aartii dubbii fi raawwii hawaasichaa hin galmaa’iin ture gama barreeffamaatti akka
jijjiiraman taasisa.
 Guddina Og-barruu Oromoo keessatti gahee qaba.

1.5. Daangaa Qorannichaa

Qorannoon kun kan gaggeeffamu hawaasa Oromoo Godina Jimmaa Aanaa Gommaa jiraatan
irratti yemmuu ta’u, dhimmi qorannichaa qaaccessa tapha ijoollee irratti kan xiyyeeffatedha.
Sababni isaa qorattuun yeroo qorannoo keessatti guutummaa Oromiyaa waliin geessee
qorachuun waan hin dandeenyeefi. Akkasumas, akkuma hawaasni Oromoo bal’aa fi guddaa ta’e

V
aadaa fi qabiyyee aadaa isaas bal’aadha. Kanas yeroo kana keessatti goolabuun waan hin
danda’amneef mata-duree fi bakka kana irratti xiyyeeffatteetti.

1.6. Seen-duubee Bakka Qorannichaa

Aanaan Gommaa Godina Jimmaatti aanolee argaman keessaa tokko taatee magaalaa Jimmaa
irraa gara Kibba Dhihaatti fageenya kiiloomeetira afuurtamiishan (km 45) irratti
argamti.Magaala guddoo biyyattii Finfinnee irraa immoo gara Kibba Dhihaatti kiiloomeetira
dhibba sadii fi sagaltama (km 390) fagaattee argamti. Magaalli guddoon Aanaa Maannaa
magaala Aggaaroo jedhamti.

Aanaan Gommaa kallattii hundaan aanolee Godina Jimmaatiin marfamtee kan argamtudha.
Kaabaan Aanaa Gumaay, Bahaan Aanaa Maannaa, Kibbaan Aanaa Saqqaa Coqorsaa fi Dhihaan
Aanaa Geeraatiin daangeffamtee argamti. Aanaan Gommaa sabaa fi sab-lammii baay’ee kan of
keessaa qabdu yoo taatu, jireessi isaanii saba Oromoodha.

Qorannoon kun Uummata Oromoo Aanaa Gommaa keessa jiraatan irratti xiyyeeffata. Irra
jireessi jireenya hawaasa aanaa kanaa oomisha bunaafi caatiiirratti kan hundaa’edha.
Midhaanotaa fi kuduraalee fi muduraaleen adda addaa keessatti argamu. Akkasumas, horsiisni
beeyladootaa aanaa kana keessa ni jira. Galii guddaan aanaa Gommaa bunaa fi caatii akkasumas,
kuduraalee fi muduraalee adda addaati. Haalli qilleensaa aanaa kanaa badda daree yemmuu ta’u,
jireenya kan namatti toludha. (Waajjira Misooma Qonnaa fi Waajjira Bulchiinsaa Aanaa
Gommaa)

VI
BOQONNAA LAMA
2 SAKATTA’INSA BARRUU

Boqonnaa kana jalatti kitaabilee, maxxansaalee, barruulee adda addaa, galaalchaa fi kanneen biro
kan hayyootaan barreeffamantu sakatta’ama. Kunis kan mata duree qorannoo kanaan wal qabatu
yookaan itti dhiyaatudha.

2.1 Yaad-rimee Og-afaanii

Og-afaan kan afaaniin dhalootaa dhalootatti darbudha. Yeroo tokko tokko immoo gochaanis kan
darbudha. Og-afaan gosa og-barruu keessaa tokko ta’ee muuxannoo fi mudannoo hawaasaati
(Wasanee Bashaa, 2008:156).Yaada hayyuu kanaa irraa akkuma hubatamu og-afaan calaqqee
jiruu fi jireenyaati.Og-afaan dhaloota tokko qofaa kan dhaqqabu osoo hin taane fufee dhaloota
dhalootatti darbuu kan addaan hin kunne ta’uu hubachiisa.

Yaad-rimee og-afaanii ilaalachisee Okpewho (1992:42) ibsutti, “Oral literature is now the most
commonly use a term for subject. It is simply means delivered by word of mouth,” jedha. Kana
jechuun og-afaan hambaa uummataa kan dhaabbataan itti fayyadamaa dhalootaa dhalootatti
afaaniin daddarbudha. Yaaduma kanaan walqabatee Melakneh (2006:13) yemmuu ibsu, “Oral
literature refers to verbal heritage, it mankind transmitted from generation to generation by word
of mouth,” jedha. Yaadni kunis og-afaan hambaa yookaan haftee seenaa dhala namaa kan
himamsa yookiin afaaniin dhalootaa dhalootatti daddarbu ta’uu eera.

2.2. Maalummaa Og-afaanii

Finnegan (1970:2) akka ibsetti, “Oral literature is belief, traditions, rituals, stories and other
creative expressions of people that have been transmitted orally or shaped by example through
successive generation,” jetti. Yaadni hayyittii kanaa kan hubachiisu og-afaan amantaalee,
duudhaalee, barsiifata, ayyaanota, seenaalee fi ibsama kalaqa adda addaa afaaniin yookaan
fakkeenyaan dhaloota fufuuf kan dabarsanidha. Kanaaf, raawwilee aadaa himamsa afaaniin
daddarban of keessatti haammata.

Haaluma walfakkaatuun, Bukenyaan (1994:45) waa’ee og-afaanii yeroo ibsu, “Oral literature is
the heart of a people way of life; it is the very soul of the culture. As the reservoir of peoples
values, it expresses a given societies world view and gives them a spring board from which their

VII
day to day existence is propelled,” jedha. Akka yaada kanaatti og-afaan haala jireenya hawaasaa
kan ibsu; kan murteessuufi kuufama beekumsaa kan fuulduratti hawaasa fuudhee adeemudha.

Dabalataanis, yaad-rimee fookloorii waliin walqabsiisee hayyuun Ben Amos (1983:3) og-afaan
yemmuu ibsu, “Oral Literature is very an organic phenomenon in the sense that, it is an integral
part of culture,” jedha.Kana jechuun og-afaan baay’ee murteessaa qaama aadaa irraa adda bahuu
hin dandeenye isa olaanaadha. Kanaafuu, og-afaan aadaa hawaasaa kan calaqqisiisuufi qaama
aadaa isa adda dureedha. Itti dabaluun hayyuun kun og-afaan hawaasa tokkoo beekuun
eenyummaa hawaasichaa beekudha, jedha. Ogummaa fi beekumsa hawaasichaaf kan ittiin
xiinxalanii hubatan akka ta’e ni ibsa. (Ben Amos, 1983:3).

2.3. Gooroowwan Og-afaanii

Og-afaan dubbii afaaniin yeedaloon kennametti yookiin hin kennamiin kalaqaa fi ogummaa
dhimma hawaasummaa adda addaa irratti xiyyeeffatudha. Og-afaan waantota hawaasni tokko
raawwatu yookaan calaqqisiisu; seenaa, jiruu fi jireenya, eenyummaa fi ilaalcha hawaasaa bifa
dubbii afaanii fi gochaan kan dhalootaa dhalootatti dabarsudha.Kunis karaa gooroo og-
afaanichaan adda ta’a.

Og-afaan dimshaashumatti karaa lamaan ilaalamuu ni danda’ama. Inni tokko kan nama
hawwatan ta’anii dubbiidhaan kan darban; lammaffaan, nifa walaloo fi yadaloon dhihaachuu kan
danda’anidha (Finnegan, 1970:12).

Akkuma yaadolee olii irraa hubatamutti og-afaan gooroowwan lama of keessaa kan qabudha.
Isaanis, seeneffamoota afoolaa fi walaloo afoolaati. Taphni ijoollee ammoo seeneffamoota
afoolaa jalatti kan ramadamudha.

2.4. Amaloota Og-afaanii

Garaagarumma bu’uuraa kan og-barruu fi og-afaan adda baasu ni jira og-afaan amala kan mataa
isaa og-barruu barreeffamaa irraa adda godhu ni qaba. Amaloonni kunneenis kanneen gadiiti.

1. Lufummaa

Lufumma og-afaanii Misgaanuu (2011:30) yemmuu ibsu, akka kana gadiitti kaa’a. Dhaloota
bara kalaqamee kaasee hanga utuu darbuu har’a gahe. Dhaloota dhufus haaluma walfakkaatuun

VIII
lufa. Og-afaan lamaan lufa. Isaanis jechaa fi gochaanidha. Jechaan kan lufan hibboo,
mammaaksa, durdurii fi kan kana fakkaatan yemmuu ta’an, gochaan kan lufan immoo sirba
geelloo, shaggooyyee, ragada, …) sirna ateetee, sirna buttaa jechaafi gochaan darbu. Ibsa kana
irraa kan hubannu , og-afaan dhaloota tokko qofaa tokko qofaa irratti kan hafu yookaan kan
dhaabbatu osoo hin taane akka dhalootaa dhalootatti jechaafi gochaan daddarbudha.

Lufummaan karaa afoolli dhaloota irraa dhalootatti darbudha. Yaada kana ilaalchisee (Asaffaa,
2009) lufummaa afoolaa yoo ibsu, “afoolli karaa lamaan dhaloota dhalootatti darba. Isaanis,
haasaa’aa afaanii fi gochaan akkasumas afoola kan dhalootatti dabarsu miseensa hawaasichaati”
jedha. Kanaaf, afoolli amaloota kana waan qabuuf ni darba jedhama.

2. Hurrubummaa

Hurrubummaan amala og-afaanii keessaa tokko ta’ee gochaa fi sochii kan walqabatu. Og-afaan
akka lubbuu horatu kan taasisudha. Kanas Finnegan (1970:2) ibsa gabaabaan keessi og-afaaniif
irra caalaa bu’uura kan ta’u hurrubummaadha. Fookloorii keessumaa og-afaan raawwiin
dhugoomu.

Amaloota afoola keessaa hurruubummaan isa bu’uura akka ta’e haayyonni garagaraa ni ibsu.
Yaada kana ilaalchisee Jaarraa fi Wasanee Bashaa (2008 ;64) yoo ibsan, “hurruubummaan amala
afoolaa keessaa tokko ta’ee, haala walduraa duubaan dhiyeenya afoolaa gochaan mul’atudha”
jedhu. Yaada kanarraa kan hubannu afoolli amala hurruubummaa qabatee bifa gochaantiin
adeemsifamudha.

Kana malees, Misgaanuu (2011:290) akka ibsutti, “Hurrubummaan og-afaan akka lubbuu horatu
isa taasisa. Hurrubummaan jira; jechuun og-afaan jira jechuudha. Raawwiin yookaan
hurrubummaan aadaa fi gosa og-afaanii irratti hundaa’uun haalli dhiyeenya isaanii adda
addummaa qabaachuu mala,” jedha. Yaada kana irraa kan hubannu hurrubummaan amala og-
afaanii isa murteessu ta’ee aadaa fi gosoota og-afaanii irratti hundaa’uun garaagarummaa akka
qabaatudha.

3. Uummatummaa

Waa’ee uummatummaa ilaalchisee Alamaayyoo (1998) yoo ibsu,”Afoolli qabeenya uummataa


kan ta’e abbaa barreesseen kan hin waamamne uummata sanaan kan waamamudha” jedha.

IX
Yaada kana irraa kan hubannu afoolli kan nama dhuunfaa osoo hin taane garee hawaasaa afoola
sana fayyadamu hunda waan bakka bu’uuf amala uummatummaa qaba jechuudha.

Bukenyaan (1994:85) akka ibsutti, “Every human society oral and over 90 percent of
communication passes through prality,” jedha. Kana jechuunis, walii galtee yaada tokkoo
keessatti bakka olaanaa kan qabu og-afaan ta’uu isaati. Kanaaf, hawaasni kamuu odeeffannoo
dhaloota darbee kan argatu afaaniin daddarbaa kan dhuferraa yommuu ta’u, kunis gahee og-
afaanii baasee mul’isa. Kunis og-afaan qabeenya uummata ta’uu isaa ibsa.

4. Jijjiiramummaa

Akka Misgaanuu (2011:320 ibsutti, “Og-afaan dubbatamuun waan lufuuf jijjiirama garaagaraa
keessa darbee as gahe. Inni akkuma jiruun osoo hin qabiyyee isaatti dabalaa yookiin kan isaatti
bakka buusuun,” jedha. Yaada kana irraa kan hubatamu kallattiin daddarbuu og-afaanii afaaniin
waan ta’eef deemsa keessa itti dabalamuufi irraa hir’achuun akka mul’atudha. Kunimmoo
jijjiirama unkaa fi qabiyyee og-afaanii irratti sababa fiduuf amala og-afaanii ta’a.

Jijjiiramummaan amala afoola kamiyyuu akka ta’e barreessitonni fi haayyonni garagaraa ni


dubbatu. Yaada kana ilaalchisee Jaarraa fi Wasanee Bashaa (2008;167) jijjiiramummaa afoolaa
yoo ibsan,”afoolli amala jijjiiramummaaf ni saaxilama” jedhu. Hawaasni sababa adda addaatiin
jijjiiramuu danda’a.kunis kan agarsiisu hawaasni rakkina isa mudate irraa kan ka’e naannoo
yeroo gadidhiisu aadaa garee irra caaluun liqinfamee aadaa isaa irraanfachaa yeroo deemu gara
garee hedduu sanatti makamaa deema jechuudha(Warquu ,1993).

Haaluma walfakkaatuun Birhaanuu (1999:12) jijjiiramummaa afoola yoo ibsu “Og-afaanii


dhaloota dhalootatti kan darbu haasaa’aa afaaniin waan ta’eef akkuma dhalootatti darbaa
deemaniin dagatamaa deemu” jedha. Kunis kan agarsiisu namoonni afoola isaanii fayyadaman
qabiyyee fi booca afoola sanaa gadidhiisuun gara ammayyummaatti harkisuun jijjiiramaa deema
(Achuma).

5. Miidhagina

Miidhaginni amaloota og-afaanii keessaa isa tokko ta’ee kan qalbii fi miira daawwattootaa ofitti
harkisu qaba. Akka hayyuun Ben Amos (1992) ibsutti, “Oral literature study is the study of
communicative behavior with aesthetic, expressive, stylistic dimension or it is artistic

X
communication is small group,” jedha. Kanarraa kan hubatamu og-afaan aartii waan qabuuf
miidhaginaan kan guutamedha.

2.5. Faayidaa Og-afaanii

Geetachoo (2005:4) og-afaan jiruu fi jireenya ilmaan namaa keessatti faayidaa hedduu qaba.
Isaan keessaa muraasni og-afaan uummata qubee mataa isaa hin qabne seenaa mataa isaa ittiin
dabarsuuf, akkasumas ittiin bashannanuuf oola

Dabalataan, Jaarraa fi Wasanee (2008:82) “Og-afaan faayidaa inni qabu: barsiisuu, ibsuu,
miliquu, tuqama haamilee, amala sirreessu/to’achuu/, bashannansiisuu, dandeettii waa madaaluu,
xiinxaluu, hiika kennuu fi kanneen biro fa’a.

Akaakuun og-afaan kamiyyuu nama isaaf of saaxileef muuxannoo guddina guutummaa namaatiif
baay’ee barbaachisaaf murteessaadha. (Biiroo Aadaa fi Beeksisa Oromiyaa, 1995:43).Kanuma
cimsuudhaaf hayyuun Bukenya (1994) eeruudhaan og-afaan yemmuu ibsu, “Oral literature
impacts on the growing of person useful cognitive informative and effective skills which enable
the person to live rewarding life and to be useful member of society,” jedha.(Fuula, 43).

Dhalli namaa jireenya isaa keessatti wantoota isaaf hin galle maraaf deebii argachuu barbaada;
carraaqas. Waa’ee uumamaa, waa’ee naannoo isaa gaaffii hedduu ni kaasa. Daa’imman gaaffii
garagaraa ni kaasu.kanaaf ,jaarsoliin afoolatti gargaaramuun deebii kennu (Asaffaa, 2009).
Seeraa yookiin aadaa uummanni qabu keessatti amaloota badaa ta’aan akka balaaleffatamaniif
amaloonni fudhatama qaban immoo cimanii akka itti fufaniif ,aadaan uummatichaa akka hin
cabneef afoolli kan eegudha (Dheeressa ,2003).

Uummanni oromoo seerota aadaa , safuu fi seerota ittiin bulmaataa ni qaba. Jiruu fi jireenya isaa
keessatti immoo seerotni aadaa akka hin cabne,akka kabajamaniif afoolasaatti gargaaramuun
to’ata (Aduunyaa, 2011). Yaada kanarraa kan hubannu afoolli amaloota gadhee hawaasa
keessatti argaman hirrisuu fi bareeda kan ta’aan immoo akka itti fufan taasisuun aadaa hawaasa
tokkoo seera akka qabaatu taasisuuf ni gargaara jechuudh.

XI
BOQONNAA SADII
3. MALLEEN QORANNICHAA

Qorannoon kun mala qorannoo qulqulleeffataa irratti xiyyeeffata. Sababni isaa qorattuun
hawaasa bira deemuun gad fageenyaan dhugaa fi haala qabatamaa hawaasaa waan qoratuufikan
tilmaama carraa fi lakkoofsaan kaa’amu miti. Kanaafuu, qorannoon kun dhugaa hawaasaa irratti
hundaa’uun waan hawaasichi qabu baasee ibsuuf kan kaayyeffatee raawwatameera.

3.1 Irraawwatama Qorannichaa

Irraawwatamni qorannoo kanaa hawaasa Oromoo Godina Jimmaa Aaanaa Gommaa keessa
jiraatan irrattidha. Mata dureen qorannoo kanaa qaaccessa tapha ijoollee Oromoo yemmuu ta’u,
namoota beekumsaa fi muuxannoo gahaa qaban irratti xiyyeeffachuun qoratameera. Qorattuun
qorannoo kana aanaa kana irratti kan xiyyeeffateef irra caalaa jiraataa fi hojjataa aanaa kanaa
ta’uu fi hariiroo (walitti dhufeenya) waan qabduuf odeeffannoo gahaa argatteetti.

3.2. Iddattoo fi Iddatteessuu

Aanaan Gommaa aanolee Godina Jimmaa keessaa tokko yemmuu taatu gandoota baadiyyaa
digdamii shan (25) fi gandoota magaalaa lama (2), waliigalaan digdamii torba (27) kan
qabdudha. Wliigallii baay’ina uummata aanaa kana keessa jiraatuu dhiirri kuma toorbatamii
lamaaf dhibba sadii fi diigdamii sadii (72,323) fi Dhalaan kuma toorbatamii afurii fi dhibba
shanii fi soddomii saddeet (74,538) yemmuu ta’u, waliigalaan kuma dhibbaaf afurtamii jahaa fi
dhibba saddeetiifi jaahatamii tokko (146,861) dha. (Waajjira Istaatistiksii Aanaa Gommaa Irraa)

Malli iddattoo qorannoo kanaa itti filatamanis mala miti-carraa keessaa mala eeruutti
gargaaramuun manguddootaa fi namoota muuxannoo fi beekumsa waa’ee tapha ijoollee Oromoo
irratti qaban irraa odeeffannoo fudhachuuf mijataa ta’eera. Kunis Uummata Oromoo Aanaa
Gommaa gandoota digdamii torbaa (27) keessa jiraatan keessaa gandoota shan (5) fi
manguddootaa fi namoota muuxannoo fi hubannoo waa’ee tapha ijoollee qaban nama digdamii
afur (24) odeeffannoo irraa fudhatteetti. Sababa qorattuun filatteef, qorannoo ishee haala
bareedaa ta’een argachuu dandeesseerti.

XII
3.3 Meeshaalee Odeeffannoo Ittiin Funaanaman

3.3.1. Af-gaaffii

Af-gaaffiin kan barbaachisuuf hawaasa kamiyyuu bifa barreeffamaan osoo hin taane odeeffannoo gahaa
fuulaa fuulatti argachuuf tajaajila. Odeeffannoo quubsaa fi barbaachisan mala kana keessatti ni argama.
Qorattuunis mala kana gargaaramuun iddattoo ishee fuulaa fuulatti bira deemuun odeeffannoo quubsaafi
gahaa ta’e argachuun yaadannoo qabatteetti. Yaadannoo qabatte immoo xiinxaluun (qaaccessuun)
waraqaa qorannoo isaa dhiyeessiteetti.

3.3.2. Marii Garee

Malli kun namoonni waa’ee tapha ijoollee Oromoo irratti hubannoo qaban filachuun akka gareen
mari’atan ni taasisti. Yeroo isaan mari’atan immoo waan isaan irratti yaada wal jijjiiruun waliigalan
yaadannoo qabata. Mala kana keessatti namoota kudhan filachuun garee lamatti qooduun ni mari’achiisa.
Gareen tokko namoota shan of keessaa qabudha. Mala kanaaf, namoonni filataman kan waa’ee mata
duree qorannoo irratti muuxannoo fi hubannoo gahaa fi quubsaa qabanidha. Sababa malli kun filatameef,
qorattuun odeeffannoo maloota af-gaaffii fi daawwannaa keessatti ifaa ta’uu fi dhaban qulqulleeffachuufi.
Qorataan mala kana gargaaramuun yaada bal’aa fi barbaarchisaa ta’e argachuuf gargaaruu dandeesseetti.

3.3.3. Habuurraa

Habuurraan akkuma af-gaaffii hawaasa keessa deemuun kkan raawwatamu yemmuu ta’u, qorattuun
waltajjiilee taphni ijoollee irratti taphataman daawwattee hubatte adda baafachuunifi kan hin galleef
namoota irraa iyyaafachuun odeeffannoo quubsaa ta’e ni dhiyeessiteetti.

3.4. Madda Odeeffannoo

Qorataan kun qorannoo kana raawwachuuf maddoota qorannoo lamaan ni deeggarama. Maddi
odeeffannoo ragaa tokkoffaa odeeffannoo barbaachisaa kan hawaasa waliin fuulaa fuulatti wal
arguun kan qoratamedha. Maddi odeeffannoo ragaa lammaffaa immoo kitaabilee, galaalcha,
barruulee, miidiyaalee adda addaa sakatta’uun qoratameera.

3.5. Mala Qaaccessa Odeeffannoo

Odeeffannoon maloota olitti eeramaniin erga funaanamee booda ni qaacceffama. Kunis, walitti
dhuufeenyaa fi walitti dhiheenya isaan mata duree mata dureetti qoqqooduun ta’a. Malli
qaaccessa ittiin dhihaates mala seeneffamaati.
XIII
BOQONNAA AFUR
QAACESSAA FI XIINXALA ODEEFFANNOO
4.1. Maalummaa Tapha Ijoollee

Afoolli kan hawaasni tokko aadaa duudhaa, muuxannoo, aartii, amantaa fi afaan dhaloota itti
aanutti itti dabarsudha. Dabalataanis, hambaa hawaasaa, kalaqa sammuu fi haala jiruu fi jireenya
ilma namaa kan calaqqisiisudha. Og-afaan amantaalee, duudhaalee, barsiifata, ayyaanota,
seenaalee fi kalaqa namoota adda addaa ibsuuf yookaan fakkeenya waliin dhaloota itti fufu
dhaalchisuudha. Kanaaf, og-afaan raawwilee aadaa kan himinsa afaaniin daddarbudha.

Afoola Oromoo keessaa taphni ijoollee isa tokkodha. Taphni ijoollee haala jiruufi jireenya saba
tokkoo dhalootaa dhalootatti ergaa bifa tapha fakkaatuun akka darbuuf fala dha’amedha; taphni
ijoollee isa tokkodha. Taphni ijoollee haala jiruufi jireenya saba tokkoo dhalootaa dhalootatti
ergaa bifa tapha fakkaatuun akka darbuuf fala dha’amedha. Itti dabalees, haala tapha kanaa
keessatti ijoolleen yeroo umrii ijoollummaasaanii keessatti hawaasummaa, dandeettii waa
xiinxaluufi jaalala biyyaas ta’e, kan waliisaaniis akka dagaagfataniif gargaara. Kana qofas osoo
hin taane, akkaataa umriisaaniitti safuu, seenaa, haala uumamaa, mirgaafi dirqamasaaniis ta’e
kan warroota umrii isaan caalanii akka baraniif isaan gargaara.

Taphni ijoollee gooroowwan Afoolaa keessaa isa tokko ta’ee, akka aadaa hawaasaatti maatiin
galgala galgala ibidda bira taa’anii mukuu bahuuf, itti waarisiifachuuf taphatamudha. Taphni
ijoollee hawaasa Oromoo keessatti umurii dheeraa kan jiraatedha. Kunis, yeroo dheeraa dabarsee
har’a gahuun aadaa hawaasichaa kan calaqqisiisudha. Taphni ijoollee beekumsa aadaa safuu,
heeraa fi seera hawaasaa abbaarraa ilmatti, dhalootaa dhalootatti dabarsa. Keessattuu,
daa’immaan akka afaan barataniif, akkasumas umurii isaanii keessatti waantota hin dagatamne
akka fudhatanii guddatan taasisa. Ijoolleen fedhaafi hawwiin isaanii namoota hangafa isaanii
ta’anii fi manguddoota hordofuun akka akkeessan taasisa. Gama kanaan afaan namoonni sun
fayyadaman adda baafachuun dubbachuu yaalu. Kanuma irraa ka’uun, jechoota, yaadolee fi
waantota dubbataniif yaadan filachuu hubatu.
Ijoolleen waan naannoo isaanii baruu fi hubachuuf jecha fedhiifi kaka’umsa guddaa qaban irraa
kan ka’e manguddoota irraa dhagahanii akkeessuun deemsa isaanii boruuf of qopheessu. Walitti
dhufeenya namoota dhuunfaas ni horatu. Kun immoo hawaasa Oromoo keessatti haalaan

XIV
dagaagee argama. Hawaasichi daa’imman isaa hanga mana barumsaa galanitti sirriitti barsiifata;
gorfata. Karaa taphoota kanneen jireenya hawaasummaa akka horatan taasisa.

4.2. Yoomessa Tapha Ijoollee

Daa’imman hawaasa Oromoo biratti qabeenya kamiyyuu ni caala. Oromoon ijoollee isaa waan
kamiyyuu caalaa bakka guddaa qabaaf. Ijoolleen isaanii ganamaa fi galgala tapha adda addaa itti
hima. Taphoota daa’imman gorsuufi barsiisuu danda’an daa’imman isaaniitti himuuf yeroo hin
dhaban. Taphni ijoollee hawaasa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba.
Taphoonni kunneen kan gareedhaan taphatamanidha. Yeroo baay’ee kan taphatan nama lama
yoo ta’u kaan dhaggeeffattoota ta’u. Garuu garee sana keessatti ijoolleen hunduu dabaree isaa
eeggachuun taphata. Kunis, beekumsa aadaa, duudhaa, safuu, dambii, heeraa fi seera
hawaasichaa abbaa irraa ilmatti, dhaloota tokko irraa dhaloota itti aanutti kan dabarsudha.

4.3. Gosoota Tapha Ijoollee

Taphni ijoollee akaakuu hedduutu jiru. Keessattuu, akka hawaasa Oromootti taphni ijoollee
kanneen akka hibboo, hibboo teenee, qoshee, jimmaa jimmitee, binoo, tole abboo, tokkeen
maali, tokkoyyee, morma kee, yaa kuruphee koo, yaa jaldu bile, shokkollee, qoonxee fi kanneen
kana fakkaatan fa’a. Kanneen keessaa akka naannoo qorannoo kanaatti kanneen taphataman
tokko tokkoon ilaaluu yaalla.

4.3.1. Hibboo

Hibboon akaakuu afoolaa ta’ee mala gaaffii fi deebiitiin dhiyaata. Yeroo baay’ee hibboon
maatiiwwan warra tokkoo walitti qabamanii bakka jiranitti galgala ykn
yeroo boqonnaa namootni hedduu walgahan ykn waarii kan dubbatamu ykn taphatamu waan
ta’eef gamtaadhaan haala hoo’aan hordofama. Hirmaannaa cimaatu keessatti godhama.

Hibboon tapha ijoollee galgala galgala nama lamaa fi isaa ol gidduutti kan taphatamudha.
Hibboon tapha ijoolleen baay’ee jaalatanidha. Kan ittiin nyaata isaanii eeggatanii fi aadaa,
afaanii fi seenaa maatii isaanii kan ittiin baratanidha. Hibboon manguddootaan yookaan maatii

XV
ijoolleetiin kan itti himamu yemmuu ta’u, ijoollee taphatanii akka itti gammadan kan ittiin
taasisanidha.
Hibboon yeroo baay’ee bifa taphaatiin kan dhiyaatu waan ta’eef baay’ee nama bashannansiisa.
Hibboon wanta beekkamaa tokko akka icciititti hiikuun kan taphatamu.
waan ta’eef nama barsiisuu fi keessattuu sammuu ijoollee qaruudhaaf gahee guddaa qaba.
Hibboon Godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti kan beekkamu ta’us naannoo
gara naannootti garaararummaan jechootaa ykn adeemsaa jiraachuu danda’a.
Hibboon seera mataa isaa qaba ykn seera ittiin taphatamu qaba.

Isaanis: Qaama gaafatuu fi gaafatamu qabaachuu qaba. Qaamni gaafatu ‘hibbo’ jedhee yommuu
gaafatu/eegalu kan gaafatamu immoo ‘hip’ ykn ‘hibib’ ykn ‘hibbakka’ jechuun jalaa qaba ykn
deebisa. Kunis, deebicha deebisuuf qophii ta’uu agarsiisuudhaafi.  Deebiin sirrii yoo deebi’e
tahpichi itti fufa. Gaafatamaan yoo deebisuu dadhabe gaafatamaan gaafataaf kennaalee kan akka
lafaa, biyyaa, magaalaa fi kkf kennuufii qaba.

Gaafataan kennaa kennameef diduus mirga qaba, jijjiirsifachuudhaaf, kennaa erga fudhatee
booda, abaaruu mirga qaba.Fkn:

Muka dudduufaa jala bahi, ganna dhudhuufaa bahi.

Kankoo madaalatti kankee qadaadatti.

Mana kootii jabbii mana keetii cabbie

Ani sin abaaruu fardi kee si jalatti haa maxaanu fi kkf jedhee abaaruu danda’a

Gaafatamaan immoo abaarsa jalaa itti maganfachuudhaan akka hin abaarreef kadhata, ‘Afaan
kee dammaan si qabe’ jedhaan: Gaafataanis abaarsa dhiisee lafa kennamteef fudhatee
moggaafachuun lafa kennameef faarsuu jalqaba. Fkn: Lafti kennameef Aggaaroo yoo ta’e
akkana jedha: Aggaaroo koo argadhee maalan dhaba, Aannan qe’ee keessa na yaa’a.
Bosonni dallaa naaf ta’a. Dammi dallaa na jira, Anoo sin arrabsuu waaqni hamaa kee
haa cabsu fi kkf jechuun biyya kennameef faarsa.

Tapha kana keessatti arrabni hangam baay’atuuyyuu gadoo (xiiqii) qabachuun tasuma hin jiru.
Fakkeenya hibboo armaan gadii kanneen haa ilaalluu:

XVI
Gaafataa      Gaafatamaa

Hibboo………………………………… Hibbakka (Hibib)

ni gaafata……………………………… deebisuuf yaalii godha

Yoo deebise ‘beekte/ argatte’ jadhaan… (Bakka waljijjiiranii gaaffii fi deebii itti fufu). Yoo
deebii argachuu baate ni yaala. Biyya naaf kenni ykn ani gubadhe na obaasi ……………. Yaalii
godha… miti na obaasi……….. hamma ta’e yaalii godhee yoo argachuu baate dhugi jedhaan.
gaafataan akkas jedhee ni arrabsa.

Tirtiruu buusi

Hibboo tiyya naa deebisi

Sonba harcaasi

Dhadhaa na obaasi

Huffee baqsaan koo calalaa

Dubbiin koo mararaa

Siitu baqsee

Naatu dhugee

Akka hoolaa joonja’ii lafti si haa martuu

Akka kal’ee qalbiin kee haa rarraatu

Akka raachaa lafti sitti haa dhiphatu …fi kan kana fakkaatan jedheenii
deebii itti hima gaafatamaan akka inni dhiisuuf jecha nadhiisii afaan kee dammaan si qabe
jedhaan. Haala kanaan, gaafataa fi gaafatamaan gaaffiidhaaf bakka wal jijjiiruun tapha isaanii itti
fufu.
Jechooti ennaa gaafatamaan deebii sirri dhabu gaafataan jadhaman garuu Oromiyaa garagaraatti
garaa garummaa qabaachuu danda’a. Kan asirratti fakkeenyaaf isiniif dhiheesse kanneen
naannoo Oromiyaa Godina Jimmaa Aanaa Gummaa keessatii jedhamanidha. Hibboon Oromiyaa

XVII
keessatti bal’inaan beekaman keessaa hamma tokko akka kanaa gaditti
isinif dhiheesseerra.

Fakkeenya: hibboo ‘Siifanii fi Yaadasaa’ gidduutti gaggeefame hordofaa.

1. Siifan: Hibboo?

Yaadasaa: Hiph ykn hibib ykn hibbakka

2. Siifan: Haati malaan ilaalti ilmoon nama nyaatti, beekii naaf himi?
Yaadasaa: Qawwee fi rasaasa
3. Siifan: Uleen abbaan koo naaf mure hin dabdu hin caabu?
Yaadasaa: Maqaa.
4. Siifan: Lafee hin qabuu ijjisaa dhibba?
Yaadasaa: Biddeena
5. Siifan: Hin dhiqattu, hin dibattu ni bareeddi?
Yaadasaa: Hiddii
6. Siifan: Harkaan facaasanii ijaan haaman?
Yaadasaa: Barreeffama.
7. Siifan: Ol utalee gad cuqqaale?
Yaadasaa: Muka tumaa mooyyetti midhaan tumu.
8. Siifan: Fayyaan du’aa baata, du’aan fayyaa baata?
Yaadasaa: Farda, Kooraa fi Nama
9. Siifan: Shaniin dhahee shantamaan albaase?
Yaadasaa: Gingilchaa.
10. Siifan: Ganama argeen guyyaa dhabe?
Yaadasaa: Fixeensa.
11. Siifan: Luka afur qabaa laga hin cehu?
Yaadasaa: Siree.
12. Siifan: Godoo gaaraa balballi lafa ilaala?
Yaadasaa: Funyaan
13. Siifan: Guyyaa namaa gadi halkan namaa oli?
Yaadasaa: Handaaqqoo (lukkuu) haraaatirra galtu..

XVIII
4.3.2. Jimmaa Jimmitee

Tapha ijoolleen galgala taphatan keessaa tokko Jimmaa jimmiitee dha. Yeroo haasawaamu
immoo idoo idootii nijijirama isaa keessaa tokko haa fudhanu, Tokko akkan jadha “Jimmaa
jimmiitee” isa tokkon jedha. Innis akka kanaa jedha “Jijim!” jedha. Taphoota ijoollee Oromoo
keessaa isaa guddaa qabata; garuu yeroo ammatti iddoo tokko tokkotti hafaa dhufeera.
Nutis aadaa keenya itti fufiisiisuf harika waliqabane hakanu.

4.3.3. Yaa Kuruphee koo


Tapha ijoolleen yeroo adda addaatti taphatan keessaa tokko “Yaa quruph koo!” dha. Yeroo
haasawaamu immoo idoo idootii nijijirama isaa keessaa tokko haa fudhannu. Tokko akkan jedha
gaafata “Yaa quruph koo!” isa tokkon jedha. Innis akka kanaa jedha “Quruph!” jedhee deebisa.
Taphoota ijoollee Oromoo keessaa isaa guddaa qabata. Garuu yeroo ammatti iddoo tokko
tokkotti hafaa dhufeera.

4.3.4. Morma kee

4.3.5. Yaa Jaldu Bilee


4.3.6. Tokko maali?
Akkuma Oromoota godinaalee Oromiyaa biroos Oromoon godina Jimmaa aanaa Gommaa fi
naannooshees afoola ijoolleen bifa taphaan bakka loon eeganittis ta’e galgala ibidda biratti kan
taphatan ni qabu. Kanneen keessaa kan armaan gadiiti:-

Tokkeen maali?
Tokkeen tokkichuma
Lameen maali?
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma

XIX
Sadeen maali?
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Arfan maali?
Arfan mucha saawwaa
Sadeen germmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Shanan Maal?
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Ja’an maali?
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Turban maali?
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Saddeet maali?

XX
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Sagal maali?
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Kudhan maali?
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Digdami maali?
Digdama boolla saddeeqaa

XXI
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Soddoma maali?
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Afurtam maali?
Afurtam barruu daduu
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa

XXII
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Shantam maali?
Shantam walakkaa dhibbaa
Afurtam barruu daduu
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Jaatam maali?
Jaatam bulchaa horaa
Shantam walakkaa dhibbaa
Afurtam barruu daduu
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa

XXIII
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Torbaatam maali?
Torbaatam dhaaba manaa
Jaatam bulchaa horaa
Shantam walakkaa dhibbaa
Afurtam barruu daduu
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Saddeettam maali?
Saddeettam dame qilxuu
Torbaatam dhaaba manaa
Jaatam bulchaa horaa
Shantam walakkaa dhibbaa
Afurtam barruu daduu
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa

XXIV
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Sagaltam maali?
Sagaltam gama gaangoo
Saddeettam dame qilxuu
Torbaatam dhaaba manaa
Jaatam bulchaa horaa
Shantam walakkaa dhibbaa
Afurtam barruu daduu
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma

Jechuudhaan namoota lama gidduutti bifa gaaffiifi deebiidhaan taphatama. Akkaataan gaaffiisaa
namni gaafatu sun yeroo hundaa tokkeen maali jechuun hanga dhumaatti itti fufa. Inni/isheen

XXV
deebisu/tu ammoo guddaarraa gara xiqqaatti deebisa/ti. Kanumaan namni deebii kennaa ture
dhumarratti akkana jechuun xumura.

Gabaa abbaa qalqal dhaqeen


Soba qalqala tokkoon gale
Jaartii cuuraa affeellattee
Ilkaaniif cuuraa dadhabdee
Dhagaa cuffatteen dhufe jechuun xumurama.

4.4. Gahee/Faayidaa Tapha Ijoollee

Taphni ijoollee waanuma faayidaa osoo hin qabaatiin taphatamu miti. Taphni ijoollee akka
hawaasa Oromoo naannoo kanaatti faayidaalee garaagaraa of keessaa qaba. Hawaasni Oromoo
tapha kanaaf bakka guddaa qabu. Kun immoo bu’aa kan hin qabneef kan raawwatamu miti.
Kanaaf, taphni ijoollee gahee guddaa kan qabu dha. Kanneen keessaa tokko tokkoon yemmuu
ilaallu:
4.4.1. Barumsaa fi Guddina Afaaniif
Ijoolleen gaafa tapha taphatan dandeettii ittiin afaan baruu ni horatu. Dandeettii waan dhagahaa
akkeessuu akkasumas jechoota qindeessuu, sagaleelee fi himoota adda addaa akkeessuuf
dandeettii horachuu danda’u. yaada kana deeggaruun The World Book Encyclopedia (1992:64)
yoo ibsu, “Children learn largely by imitation to arrange words, in certain ways, they imitate
sounds, word and sentences,” jedhu. Akka yaada kanaatti ijoolleen irra caalaa karaa akkeessuu
jechoota qindeessuu, sagalee jechootaa fi himootaallee ni akkeessu. Kunis, faayidaa taphni
ijoollee qabudha.

4.4.2. Dandeettii Dhagahuu fi Dubbachuu Guddifachuu


Ijoollee yeroo maatii isaanii irraa taphoota adda addaa baratan dandeettii afaanii isaanii ni
guddifatu. Keessattuu, dandeettii waan dhagahanii hubachuufi dandeettii waan dhagahan
akkeessan dubbachuu isaanii baay’ee dagaaga.

4.5. Sadarkaa Taphni Ijoollee Yeroo Ammaa Irra Jiru

XXVI
BOQONNAA SHAN
ARGANNOO, GOOLABAA FI YAADA FURMAATAA
5.1. Argannoo

5.2. Goolaba

5.3. Yaada Furmaataa

Wabiilee (References)

Abarraa Nafaa (1993). Afoola Oromoo Tuulamaa. Jildii III. Finfinnee. Gumii Qormaata Afaan
Oromoo

Asaffaa (2006). Barruulee Qormaata waltina Afaan Oromoo.Finfinnee.

Asaffaa Tafarraa (2009). Eela. A.A. Far East trading PLC.

Ben Amos (2006). Folklore in African Society.

XXVII
Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa (2005).Barruulee Qormaata waltina Afaan
Oromoo.Finfinnee.

Birhaanuu Matiwoos (1999). Fundamental of Literature. Addis Ababa.

Bukenya (1994). African Oral Literature. Nairobi. Nairobi University Press.

Finnegan, Ruth (1970). Oral literature in Africa. Nairobi. Oxford university press.

Geetaachoo Rabbirraa (2011) Furtuu: Seerluga Afaan Oromoo. Finfinnee. Mana Maxxansaa
Kurraaz Internaashinaal

Geetaachoo Rabbirraa (2011). Quba Qabduu? Bu’uuraalee Afaan Oromoo. Finfinnee:Kurraz


international publishing enterprise

Jaarraa W.B fi W.B .Jaadatu (2008). Bantuu Haaraa.Caasluga Afaan Oromoo fi ogbarruu.
Finfinnee , Oromiyaa.

Misgaanuu Gulummaa (2011). Dilbii Bu’uuraa.Afoola ogafanii walaloo Oromoo.Finfinnee .

Okpewho. I (1992). African Oral literature: Background, character, and continuity. Bloomington
and Indiana polis. Indiana University Press.

Wasanee Bashaa (2007). Caas-luga Afaan Oromoo. Finfinnee

XXVIII

You might also like