Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 3

Ibsa Gabaabaa: Waa’ee Dhiifamaa, Baraarsaa fi Himannaa Addaan kutuu

Huseen Dafoo (LLB, LLM)


Waa’ee dhiifamaa, baraarsaa, qorannaa fi himannaa addaan kutuu akkasumas deebisanii bu’uuruun
walqabsiisee gaafiin waa’ee ni ka’a. Gaafii waa’ee haala kanaan deddeebii’e ka’u ilaalchisee anis gabaabinaan
tuttuquuf yaaleera. Kana malees dhimoota kanneen irratti tiivii FBC Afaan Oromoo waliin haasaa taasiseen
balballoomsa kenne karaa yuutiyubii FBC irraa ni argama.
=============
=============
1. Dhiifama (pardon)
Seenaa fi Yaadrimee Dhiifamaa
 Durdur Bara Qaroomina Roomanotaa keessattuu bara Juliyees Qeesar yakkamtootaaf hojiirra
ooleera
 Seenaa Mootummaa Hammayyaa keessatti Bara Anglo Sakson jaarraa 14ffaa irraa jalqabee
galmaayeera. Bara 1389 Paarlamaan Ingliiz Yakka cimaa, ibsa yakkaa fi balballoomsi badii
yoo dhiyaate malee dhiifama akka hin taasifne labsee ture
 Itoophiyatti heera bara 1923 irratti beekamtii argate. Kwt 16 irratti Hayilesillaasee aangessa
 Heera Dargii kwt 86(2) jalatti Pirezidaantiin dhiifama akka taasisu hima
- Falaasama Seera yakkaa keessatti uwwisa bal’aa qaba. (fkn
o Erga yakka raawwatee itti murtaa’ee haala murtii adabbii gartokkeen ykn guutummaatti hafuu
dha
o Adabbii fi bu’aa adabbii hambisa
o Labsii adeemsa kenniinsa dhiifamaa 840/2006 (kan 395/1996) fooyyesse kwt 2(1):
 Adabbiin yakkaa guutummaan ykn gartokkee hafaa akka ta’u ykn raawwiin adabbii fi gosti
adabbii salphaa ta’ee akka raawwatamu taasisu dha.
 Fkn Du’a gara Umrii guutuu, Hidhaa cimaa gara hidhaa salphaatti kkf
Nama akkamiitiif Dhiifama
o Nama Yakka Namooma irratti raawwate, Fkn Duguuggaa sanyii (Genocide) ajjeechaa jumlaa
(Summary executions), Dirqiin dhabamsiisuu (Forcible disappearance), Gidiraa (torture) kan
raawwate hin ilaallatu (Heera FDRI 28(1) )
o kwt 229, SDY kwt 239, Heea FDRE kwt 71(7) namni itti murtaa’e gaafachuu danda’a.
Kaayyoo Dhiifamaa
o Faaydidaa ummataa, mootummaa fi sirreeffamaatiif jecha sirreeffamtootni kan gaabban ta’uu
mirkaneessuun bahanii lammii gaarii akka ta’aniif (840/2006, kwt 3)
Qaama Dhiifama kennu
o Heera mootummaa naannoo Oromiyaa kwt kwt 57(3)(i) Pr mootummaa Naannoo Oromiyaati
o Federaalatti Pirezidaantii FDREti kwt 71(7)
Haaldureewwan dhiifama 840, kwt 20
o Gaafiin ni dhiifamaa dhiyaachuu qaba (fira dhiyootiin)
o Sadarkaa Balaafamummaa Iyyataa
o Ulfaatina yakkaa fi hanga turtii balleessichi mana sirreessaa ture
o Ragaawwan waa’ee balleessichaa iddoo balleessichi duraan jiraataa ture irraa walitti qabame
o Balleessichi fuulduratti nagaan jiraachuuf amala amma inni agarsiisu
o Badii raawwateef kan gaabbe ta’uu miidhamtoota waliin araaramuu fi dhiisuu
o Umrii, Haala maatii fi fayyaa balleessichaa
2. Baraarsa
 Yakkoota muraasaaf (fk Yakkoota Politikaa) fi raawwattota yakkichaas irra darbuun araarama
fiduu dha
 Yakkaa, adabbii, bu’aas fi riikardiis ni haqa. Namni adabames akka ‘yakkamaatti hin fudhatamu’
 Yakkoota muraasaaf namoota hedduuf raawwata (nama tokkoof kan kaayyeffame miti) (for vast
majority)
 Kaayyoon isaas madda waldhabdee awwaaluuf (dhabamsiisuuf irraanfachuuf)
 Akka haaraatti araarama fiduuf
3. Qorannaa Addaan Kutuu fi Himannaa Kaasuu
o Faayidaa ummataaf raawwatama:
 Nageenyaa fi faayidaa ummataa eegsisuuf
 Sababoota biroo amansiisaa ta’an
o Qorannaa Addaan kutuu/itti fuufsisuu
 Faayidaa Ummataaf jecha adeemsa qorannaa addaan kutuu dha
 Hooggantootaqa Abbaa Alangaatiin ajajama (943,/2008 kwt 6(3A), 214(11)(7(8)
o Himannaa Kaasuu fi sochoosuu
 Faayidaa ummataaf jecha himannaa eegalame dhaabuu dha
 Himanni kaafame faayidaa ummataaf jecha jalqabuu danda’a
 AAWO barreeffamaan kennuu qaba
4. Garaa garummaa
Dhiifama (pardon) Baraarsa(amnesty)
(irraanfachuu)
Waliigla - Yakkatu (adabbii) waliin dhiifama - Yakka akka hin
- Adabbii fi bu’aa isaa hambisa uumamnetti hambisa
- Adabbii fi raawwii gara salphaatti - Qaama seera baasuun
jijjiirsisa kennama (labsiidhaan)
- Qaama seera raawwachiiftuun fkn 1096
kennama - Maqaa balleessumma
- Maqaan balleessummaa galmee galmee yakkamtootaa
yakkamtootaa irratti galmaa’ee irraa ni haqama
taa’a - Haaldureen hin
- Haalduree fi qajeelfama qaamni barbaachisu
mootummaan baasuun ta’a

Wanta (object) - Yakkoota hedduuf (yakka - Yakka muraasaa (amala


namoomoo irratti raawwata malee) politikaa qabaniif), Yakka
- Matayyaadhaan bu’aa fida namooma irratti
raawwatame hin dabalatu
- Tuuta namootaatiif
Itt gaafatamummaa hariiroo - Hin hambisu - Ni hambisa
Gosa Yakkaa - Yakka Hedduu - Yakkoota politikaa
Riikardii yakkaa - Hin haqu - Ni haqa
Barbaachisummaa Murtii - Ni barbaachisa - Hin barbaachisu
dhumaa
Murtii bulchiinsaa ykn - Murtii bulchiinsaatu kennama - Seeratu labsama
seeraa
Balleessumma (guilt of - Balleessaa ta’ee itti fuufa - Balleessummaan ni
convicted person) irraanfatama
Waloo - Yakka Namooma irratti raawwate - Yakka Namooma irratti
hin dabalatu raawwate hin dabalatu
- Fkn Duguuggaa sanyii (Genocide) - Fkn Genocide, Summery
ajjeechaa jumlaa (Summery executions, Forcible
executions), Dirqiin dhabamsiisuu disappearance, torture)f
Forcible disappearance, (Gidiraa) hin hojjatu FDRE const
(torture)f hin hojjatu FDRE const 28(1)
28(1)

You might also like