Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 7

SEENAA KEVIIN DI

BURUYNE

QOPHEESSAAN: OBSAAN MILIYOON


OBSAAN MILIYOON | @Dirree Ispoortii

Fulbaana
28/2013
@DirreeIspoortii
SEENAA KEVIIN DI BURUYNE
Qopheessaan: Obsaan Miliyoon
Fulbaana 28/2013

@Dirree Ispoortii
SEENAA KEVIIN DI BURUYNE

Seensa
Keviin Diburyneen taphataa yero amma kana mana Manchisteer Siitii keessattii utubdu saraara
giddu ta’edha. Keviin Diburuyneen waxxabajjii bara 1991(ALA)ttii magaala Beljjeem keesatti
argaamtu Droogeen jedhamtu keesatti gara adunyaa kanaati makaame. Keviin Diburyneen
taphaata lammi beljjem yoo ta’u yeroo amma kana garee biyyoolesa Beljjem keesatti itti anaa
dursaa gareeti. Diburyneen danddeetti adda adda kan aka kubbaa konkolaachisu (dribbling)
kubbaa fageenya iraa rukutuu (shooting) kuubbaa keennu (passing) hunda taphata walitti
qabuudha. Kanaanis yero bayyee taphaata guutu jedhamun bekkama.

Jireenya Dhuunfaa isaa


Diburyneen waxxabajjii bara 1991(ALA)ttii magaala Beljjeem keesatti argaamtu Droogeen
jedhamtu keesatti gara adunyaa kanaati makaame. Harmeen Diburiyne kaan dhaalatte Burunddii
keessattii ta’us lammumma biyyaa Beljjeem qabdi. Diburuyneen afaanota sadi Dachi, Fireenchi ,
fi Ingliffa sirritti dubbata. Diburuyneen Bara 2014 (ALA)tti durbe Miisheel Lakroksi jedhamtu
waaliin hariiro jaalalaa kaan eegale yoo ta’u Bara 2016(ALA) tti ilmaa dhiiraa Miliaana Diburuyne
jedhaamu argatera. Ilmaa dhiiraa isaani lammaffaa Rome Diburuyneen jedhamu bara 2018(AlA)
tti argateera. Yeroo ammaa kaana mucaa isaa sadaffaan argaachuuf qophira akka jiru beksiiseera.

Seenaa kubbaa miilaa isaa

Diburuyneen kubbaa miilaa tokko jedhee kan egale kilaabi iddoo dhaloota isa kan ta’e KKV
Droogeen keessatti bara 1997 (ALA) tti ture. Waggoota lama erga achii keessatti dabarseen booda
garaa kilaabi Gent imale hangaa bara 2005(ALA)tti kilaabicha tajaajileera achiin booda gara Genk
imaleera. Diburuyneen ciminaan dabalaa deemun qalbii kilaboota heddu hawwachu jalqabe.
Diburuyneen bara dorggommi 2010-11 kilaba isaaf taphoota 32 irratti hirirun kubbawwan shan
yoo lakkofsisu kubbawwan 16 goolii ta’n mijjeesee kennun bara dinqissisaa dabarsuu danda’era.
Bara kana kilabiin isaa Genk shaampiyoona Beljjeem ta’un yoo xumuru shoori Diburuynee guddaa
ture. Haggayya bara 2011(ALA) Diburuyneen haatriikii jalqabaa isaa taphaa kilaabni isaa Kilab
Brujj 5-4n mooa’tee irratti lakkofsiseera. Diburuyneen bara dorggommi kanaas gooliiwwan 8
lakkoofsiisun danddeettii isaa mul’iseera kanaanis ijja Cheelsii keessa seenu danda’era.

@Dirree Ispoortii
Amajjii 31 bara 2012 jijjiirra guyyaa dhumaatiin Genk irraa gara Cheelsiiti gaatii Yiroo
miliyooona 7tti tilmaammamun jijjiirra taasisu xumuruu danda’era. Cheelsii waaliinis
waaligaaltee waggaa shaanii fi walakkaf isa tursiisu maallatteesuus haanga xumuraa bara
dorggommi sanaatti Genk keessa akka turu beekkame. Diburuyneen yeroo sana akkas jechuun
dubate “ Kilaabi akka Cheelsii kessatti argaamuun anaaf abjjuudha, kaanaaf amma sadarkkaa
naaraa barbaaddamuraatti argaamuf jaabadhee hojjechuun qaba.” Diburuyneen Adooleessa 18
bara 2012 tapha michumaa Cheelsiin Siyaatil Soonders waaliin taasisaan iratti taphaa isaa
jaalqabaa Cheelsiif kan taasisee yoo ta’u taphichaanis Cheelsiin 4-2 injjifachuu danda’era. Ergaa
taphaa michummaa lama Cheelsii waalin taasisee booda Cheelsiif tapha primeer liigii iraatti osoo
hin hirmaatiin baati dhumaa Adooleessa keesa ergisaan gara kilaaba Jarmaan Werder Bireemen
imale.

Diburuyneenis dandeetti isa agarsiisu ittuma fufe kilaabi saa haara Werder Bireemanifis gooli isaa
jalqabaa fageenya yaardi 11 irraa kubbaa bareeddu Hanover 96 iratti gaalchuun egale. Goolii isaa
xumuraa Werder Breemenif lakkofsisee goolii bayyee muttesitu turte sababni isaa immo kilabni
isaa gara liigii gadi aanutti kuffuf qarqarara gahee kan ture yoo ta’u Deburuynenis taphicharatti
goolii tokkitti Intrak Firankifart waaliin qixa ittin bahu lakkofsise kilabbi isaa kufaati jala
baraarera. Kilabicha kessattis taphataa sarara gidduu ta’us golliiwaan 10 lakkoofsisun gahumasa
gaarin xumure.

Ergaa haala gaarin turtii ergiisaa isa xumure maqaan isaa kilaboota garaa gara waliin walqabachu
egale. Haata’u malee leenjisaan Cheelsii yeroo sanaanHose Morinon taphaticha akka garee isaa
keessatti barbaadu ibsuun Diburuyne gara garee isaatti makate. Diburuyneen erga garaa Cheelsii
debi’e taphaa jalqabaa isa taphaa michumma Cheelsiin garee Maleesiya waalin taasise iraatti
hiriire goolii jalqabaa isaa Cheelsiif lakkofsiseera. Taphichaaratis erga goolii lakkofsise booda
midhama milla isaa ira mudateen dirree ira bahe. Midhama iraa bayyanachunis tapha baniinisaa
primer liigii bara 2013-14 iratti Cheelsiif primer liigii iratti tapha jalqabaa isaa taasise. Taphichaa
irattis Diburuyneen kubbaa goolii ta’e tokko mijjessee keennun gareen isa Hulsiitii 2-0 akka
injjifatu gargaarera. Haa ta’u maale Cheelsii keessatti haala barbaadamun caraa taphaa dhabuu isaa
iraa kan ka’e. Baruuma dorgommi sana (2014) fooddaa jijjiirra Amajjiitin gara Wolfisberg
imaleera. Wolfisbergis jijjiirraa isaatif Yiroo miliyoona 18 baaseera. Amajjii 25 tapha isaa
jalqabaa Wolfisbergif tasiseera taphichaan kilaabni isaa Hanoover 96in 3-1 mo’amera.

@Dirree Ispoortii
Guraandhala 12 bara 2014, taphaa Nurenbarg 4-1 injjifataan iraatti kubbaa goolii ta’an lama
mijjesse kenu danda’era. Torbee tokko bodas tapha Kilabni isaa Hambarger 3-1 injjifate irratti
goolii jalqabaa isaa lakkofsiseera. Haaluma kanaan itti fuufuun bara dorggommi kaana haala
bareedan xumuru danda’era. Iraa caala garu ija kilaaboota gurgguddo keessa seenu kaan danda’e
sochii bareedaa bara dorggommi 2014-15 Wolfisberg waliin tasise iratti. Diburuyneen bara
dorggommi sana rikkarddi Bondesliigaa ta’en gooliiwaan 10 fi kubbaa goolii ta’e 21
galmmessisuun kilaabni isaa Wolfisberg Sadarkaa lammaffaa qabatee akka xummuru gargaare.
Baruma saana Wolfisberg Borshiyaa Dortumeend 3-1 injjifachuun geeba DFB-Pokal yoo fudhaatu
goolii tokko lakkofsisu danda’era. Diburuyneen bara dorggommi calaqisaa dabarsee kana taphoota
hundaratti gooliiwwan 16 yoo lakkofsisu kubbaa goolii ta’an 28 mijjeesse kennu danda’era. Bara
dorggommi kana taphataa cimaa Jarmaan ta’un xummurera.

Diburuyneen ammas dorggommi bara 2015-16 ijjifannoon eegale. Kilaabni isaa tapha geeba DFL-
Supercup tiin Bayer Munik wallin 1-1 bahaan irratti daqiiqaa 89’ irratti kubbaa Nikoolas Bentiner
galche mijjeesse kennera. Taphichaan Wolfisberg penaalitiin Munik injjifachun geeba DFL-
Supercup fudhachuu danda’era.

Bara kanas goolii lakkofsiisu ittuma fufee kanan booda oduun jijjiirra gara Manchister Siitii jedhu
ka’u eegale. Taphatichis akkana jechuun dubate “ oduun jijjiirra nagahe hin jiru garu yoo dhufee
ittaan yaada gara Ingland kanan imaalu yoo ta’e garas kanan deemu achiitti taphaachu akkan
dand’au agaarsiisuf osoo hin taane maati koof Inglaand mijaahaa waan taatefi taphataa cimaa ta’u
koo ibsuuf garaas imaalun narra hin jiraatu” jedhe. Haaluuma kanaan oso jiru Haggayya 10
Manchister siitiin taphatichaaf Paawundii miliyoona 47 dhiheessun isaa himaame. Haata’u malee
Darikteeri Wolfisbeerg Klawus Allofas taphatichaa tursiisuf waan nuf ta’e ni rawwanna jedhaan.
Manchister siitiin taphaticha sirritti barbaadu issa iraa kan ka’e ammas irra deebin Paawundii
miliyoona 58 dhiheesse. Yeroo kana garu Klawus Allofas bira darbbu hin danddeenye akkana
jechuun dubate “Man siitiin qarshii dinqiisisaa dhihesse.” .

@DirreeIspoortii
Haggayya 30 bara 2015 ifaan gatii rikeerddi kilabichaa ta’en Paawuundii miliyoon 55nin
Manchister siitiif waaligaltee wagga jaha mallattesse. Taphataan kaleesa Cheelsiin dhibamee
deeme gaatii yeroo sana Angeel Dimariyaati anun rikkardi lammafaa ta’en gara Pirimer liigii
Inglaanditti debi’un seenaa boonsaa hojjechaa jira. Taphaa isaa jalqaba fulbaana 12 tapha
Manchister Siitiin Kiristaal Palas waalin taasise iratti daqiiqaa 25 iratti midhaamu Sarjiyo
Aguwero tin jijjiirame gara dirree senun taphate. Fulbaana 19 goolii saa jaalqaaba Westham irratti
lakkoofsisun egale. Bara kanas dandeettii isaa agarsiidu ittuma fufee haaluma kanan taphatoota
garee isaa Sarjiyo Aguwero fi Yaya Ture faana taree hiriira dheeraa taphatoota FIFA Baaloondoriif
wamaaman keessatti hamatamu danda’era. Bodaras yero FIFAn taphatoota 23 filatamaan bekksisu
Diburuyneen kessatti argameera. Bara kana Manchister Siitiin tapha shaampiyoons liigii iratti
PSG mo’ate yero jalqabaaf gara wallakka xummuraatti darbbu goolii dhumaa ittin injjifataan
lakkofsisu danda’era. Bara dorggommi 2016-17 tapha maanchwan darbii kilaboota magaala
Manchister giddutti rawatte iratti yero jalqabaaf darbii kanaratti hiriirun goolii tokkoo lakkofsisee
tokko mijjeesse kennu danda’era. Diburuyneen kubba mallee taphataa iddoo kammittu argamu
kubba qabannan inoo siritti waan goodhu beekaa rukkutaan inni faggeenya irra rukkutu goolii
eegdotaaf cinqiidha. Amajji 22 bara 2018 walligaltee haara Manchister Siitii keesa hanga 2023 isa
tursisu mallattese.

Guraandhala 25 tapha geeba FA kaapii xummura iratti hiramaachun gareen isaa Arseenal 3-0
injjifatee akka gooba meeti kaasu tasiseera. Baruma kana Manchister siitiin akka geeba Pirimer
liigii Inglaand fudhatu tasiseera. Diburuyneen bara kana dhunffaa saatiin gooliiwaan 16 pirimer
liigii Ingland iratti mijjesun pirimeer liigii irraa baadhaasa taphataa cimaa tapha qindeessu
jedhamuun fudhatera. Dabalataanis taphata cimaa primer liigii keessatti hamatamu danda’era.
Gare Manchister Siitii kessattis taphata cimaa baricha ta’un xummure.

Diburuyneen goolii 50ffaa isaa gurandhala 26 bara 2020 tapha shaampiyoons liigii iratti Riyaal
Maadriid 2-1 injjifataan iratti lakkofsisu danda’era. Deburuyneen bara dorggommi 2019-20
pirimer liigii irratti kubbawwan goolii ta’n 20 mijjeesse kennun rikoorddi Tiyeri Heenerin qabame
ture qodachu danda’era. Baara kana walumaa galatti gooliiwaan 13 yoo lakkofsisu kubbawwan
goolii ta’n 20 mijjeesse kennun primeer liigii irra badhaasaa isaa lammaffa goolii heddu mijjessun
fudhatera. Dabakataan seenaa keesatti taphataa jalqabaa liigoota gurguddo Aworoppaa shanaan
kessaa lamma keesatti bara dorggommi tokkotti kubbaa 20 mijjeesse kenne ta’u danda’era.

@DirreeIspoortii
Dhumarattis taphataa cimaa primer liigii inglaand ta’u danda’era. Dabalataanis gare cima
pirimeerliigii Ingalad bara kana kesatti hamatamu danda’era.

Diburuyneen garee biyyoleesa Beljeemi umurii 18tii, 19tii, fi 21gadditiif taphateera. Gare
biyyoleesa Beljjem isa tokkoffaf bara 2010 (ALA)tii hiriire taphachu danda’era…..

Fulbaan 28/2013
Obsaan Miliyoon

@Dirree Ispoortii

@Dirree Ispoortii

You might also like