Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 6

SIMEERAA

Ganamaan irribaa dammaqee yeroon of biratti ishee ilaalu hin jirtu. Qaama dhiqachuuf ana biraa kaate
jedheen deebi'ee rafe, ana biraa ka’uu ishee qorra qaama koo gara jabinaan seenu sanatu anatti
beeksisa, foon koof Lafee kiyya walitti maxxansee ana hadoocha, sana of irraa ittisuuf uffata qorraan
ofitti tuula, garuu akka isheetti gaachana ta’ee kan ana irraa qolu homtuu hin jiru. Qaawwa haati manaa
ofii tokkittiin namaa duuchitu , homtuu hin qadaadu, ofii ishee haadhuma manaa sana malee.

Eda galgala dafee manatti hin galle, Magaalaa Harar keessaa bahee Aanaa Gursum jedhamtun
ture...hojiin kiyya Dirree (FILDIITTI) baay’ata. Torbanitti guyyaa lama caalaa ishee bira hin oolu. Yoon
oolees gabaasa qindeessaan oola, gabaasa sobaa. Haadha manaa koo irraa adda na baasee kan ana
leexxessee, hooggantoota kiyya ammoo bultii fi Kiphii isaanii ho’isee furdisu.

Anaaf Simeeraan erga wal fuunee ji'ooti 4 darbanii jiru, yeroo gara yerootti hojiin natti heddummachuu
irraa kan kahe isheef yeroo dhabaan jira, kun gaaffi guddaa sammuu ishee keessatti uumee akka jiru
hubadheera, Isan duraan magaalaa Dirre Dhaawaa geessee ishee bashannansiisu illee ergan dhiisee
torban Afur darban...Annual Meeting, Review, Conference, Training kun hunduu walitti idaa'amanii
yeroon isheef kennuu qabu guutu guutuutti ishee mulqanii jiru. Maatii ishee jalaa Jaalala addaan
kennaaf Abbaa fi Haadha hiriyaan siif taha jedhee fuudheenii addunyaa irraa kutee adda ishee baaseen,
akka waan isheen diina kiyyaa taatee qophattin ishee dhiisee biraa osoon jiruu biraan fagaadhe. Abbaan
manaa tokko qaamaan Haadha manaa isaa bira tahuu qofa yaada taanaan dogoggoree jira, yaadaa fi
qalbiin bira ta’ee jiraachuu isaa yoo mirkaneesse malee.

An isheef gaachana tahuu kiyya kanan itti agarsiisu dursa isheef kennee tahuu qaba ture, hojiin dagalee
mana keenyaa tahuus ishee na dagachiisun hin maluuf...cinaacha kooti Siimoon Anaaf, Dugugguruu
kooti. Jireenyi koo Alaa'e isheen urgaa horate, an namni haasaa hin beekne isheedhaanin afaan
saaqqadhe, Namni ilaaf ilaamee hin beekne gaafan ishee giiftii koo godhee keessa onnee kootti simadhu,
jiruuf jireenyi naaf ifee golgaan Addunyaa naaf saaqame, akka jirbii hiddamaa addaadheen bullukoo
ishee golgu tahuuf rirritamee boca godhadhe.

Barreessaan: Orooliyaanaa Daani’eel Page 1


SIMEERAA

Sa'a tokko boodas hin jirtu, Simoo Simoo. ..nan waame...namni ana jalaa qabu hin jiru...silaa akka
reeffaan rafaa akkuma isaatti tiradheen ka'e...namni ana ilaale waanan rafaa bule osoo hin taane
waanan raffisaa bule se'a.

Giddutti bilbilli koo sagalee dhageessise..."Message Notification" ture.

Barreffama afaan oromooti. ..ergaa isaa irraa garuu Arabiffa natti fakkateen of shakke...Soba akka tahuu
of amansisuuf yaalus dhugaadha..Akka Farda dhaabbitti rafeen Abju'adhe jedhus garuu an irriba irraa
dammaqeera. Abjuu miti....An garuu hin amanne.

………………………………………………………………………………………………………….

Ati anaaf nama tokko hin turre, nama heeddudha, yeroon sitti heerume "Paakeejidhaan" waan hunda
bakka tokkotti waanan argadhe ture kan natti fakkaate, Abbaa, Obboleessa, Hiriyaa, Abbaa
Manaa...kana hunda turte anaaf. Simalee akka namni anaaf hin jirretti gootee of ana barsiifte, nama
gaafan yaadu simalee homaa natti hin mullatu, nama irraa citeen akka "Madagascar" qophaatti
bahe.Odola gootee qophaatti ana baafte.

Ati dhiira turte,kan sansakkaaf namummaan kee jireenyaaf qalbii koo booji'e, gonfoo kabajaa kan eenyu
illee bara jireenya koo keessatti naaf kennee hin beekne ana badhaafte , bobaa kee jala yeroon seenee
deemu da'annaa jabaa rabbii anaaf kenne taatee na tajaajilta. hirreen kee an boraafadhe boraati gatiin
hin tilmaamne ture.shamarri tokko dhiira irraa waan isheen barbaaddu osoo hin qusatin anaaf godhaa
turte. Gochoonni kee sun hundi mahii irra akka fixeensa ganama harca'an. Gaaf gaaf yeroon yaadu
Akkuma karoora guddinaaf tiransformeshinii biyya keenyaa waa'ee koo humnaa ol karoorfattee bakka
itti qabdu waan dhabdee si harkaa yaa'e natti fakkata.

Jaalala kaleessa dheengaddaa yeroon sirraa dhabu, eenyutu ana jalaa si sossobee jedheen yaada, deebii
hin argaadhu. Yeroo hunda Laptoppii sana irratti ija babaafta, anoo osoon hin beekin anaan hiiktee
Laptoppii fuutee jedhee yaaduu gahera.

Simbirroo kofli cabdeen tahe, Addunyaa kana irra qophaa leexaa koo waanan dhaladhe natti fakkaate,
guyyaa saafadhaan natti dhaamote, hanga onnee kee keessatti bakka anaaf kennite baaftee na gate.

Barreessaan: Orooliyaanaa Daani’eel Page 2


SIMEERAA

Shammarree tokkof ammoo kana caalaa miidhami hin jiru, durbi bakka jaalalli hin jirre jiraachu irra yoo
duute filatti, anis si biraa jaalala dhabee akka meeshaa mana keessatti ilaalamu hin feene.

Si dhiisee deemera hin jedhu kan dursee qalbiin naa gatee barare si waan taheef, kan qophaatti ana
dhiisee deeme si'i. foon kee mana keessa waan jiruuf jira ofiin hin jedhin...

Bakkan deemu hin beeku, maalan qaba? Eessan deema. .mana kee keessaa bahuu koo qofan beeka.

Waan tokko naaf bari akkan si jaalladhu qofa...gamoo jaalalaa ana keessatti ijaarte namni diigu hin jiru.

Kitaabota galgala galgala naaf dubbiftu sana keessaa....#Wareegami#Bahiru_Haymaanot waan jedhu


yaadadhu.."Galaan siif kahe hin alaa'a malee namnuu hin nyaatu "ishe jettu sana...adaraa hin dagatin...

Naan jettee ergaa dheeraa #Messenger dhaan naaf ergite.

#Dursa_Seenaa

Ergaan Isheen bilbila koo irratti naaf ergite “Of biraatti ana hin argitu..#Messenger kee ilaali” kan jedhu
ture.

…………………………………………………………………………………………………………..

Erga isheen ana irraa fagaatte miila dheereffattee qaaritee qalbiin kiyyas ishee waliin qaari'e hin deebine,
torbanoota lamaan kana guutuu qophummaan an dabarse ceephoo an keessaa bahuu hin dandeenyen
sammuu kootti na himata..dhalli namaa waan of harkaa qabu kan kabaju erga waan jaallatu sana
dhabee booda inni jedhan dhugaa ture...

Hojiidha bahee yeroon manatti galu manni koo one sun uka uka foola'a, Balbala baneen qillensa galchee
manatti abidda qabsiseen ho'isuu yaala, Abiddi mana dubartiin keessaa baate keessatti qabsiifamu,
mana ho'isee waan uke dhabamsisuuf osoo hin taane, ramacii isaatiin aarii namatti naqee nama
waaduuf akka tajaajilun hubadhe...har'a namni Laptop kiyyaa ana harkaa fuudhee natti marmu hin jiru,
kolfi ishee , akkaataa isheen ija mararfannaan itti ana ilaaltu, bakkan taa'e dhuftee akka itti isheen
rifeensa koo keessa quba galchite an hoossitu, sana hundatu toora galee ana fuldura yaa'a...garuu waan
darbe...maalan godha?

Barreessaan: Orooliyaanaa Daani’eel Page 3


SIMEERAA

Kutaa ciisicha keenyaatti darbee siree keenya irra yeroon gadi taa'u sireen na dhiibbata , Simo Simo
jedhee akka waan na gaafatu na tuttuqa...dugda qajelfachuuf yeroon ciisuu afati koo na guba, dhiisee
kaheen baha...Kutaan meeshaa ishee bare sun surraan irraa godaanee ekeraa fakkaatee na
ilaala.goorroo duubi koo onaa, golli koo onaa...jireenyi koo onaa tahee jira..

Dhalli meeshaa guutuu qabaatus manni nama malee mana tahuu hin danda'u, waan hundi guutuus
nama dhabuun nagaa namatti hir'isa.Ergan hojii deemee torban tokko dabrseen jira, hojiif jedhee jaalala
ergan dhabee maal naaf godha, ilmi namaa jaalala malee akkamiin jiraata? manni amma adda re'ee
geessu Simoon keessa dhibnaanaan akka suudaan natti bal'atte (Sudan illee nurraa lafa
badhaafamteetti)..Simoon mana keenyaaf nama heddu tahuu ishee yeroon ilaalu jaalalli an isheef qabu
daran dabale.

Hojii kabajuuf Hojii waaqessuun tokko miti , an waanan ishee jaalladhu natti fakkaatee jaalala keenya
irratti Jenosayiid labseen ture , mana keenyaan guddisa , dhala bor nu giddudhaa dhalatuufan dhaala
gaarii kaa'a jedheen waan hunda mulqamee harka duwwaatti hafe, silaa waan dura tahuuf waan booda
tahu hin beeku....duraa duuba gochaa wallaalun akkas nama godha...

Osoon yeroo wajjiin fiiguu yeroo of harkaa baasee mana ijaaruuf osoon carraaquun mana
diige...jaalalaaf jedhanii jaalala diiguu jechuun kanuma...beeka jedhanii wal wallalchisuun, wal
mari'achuu dhiisanii qofaa fiiguun kunoo akka koo kanatti jiruuf jireenya namatti onsee gaagura kannisii
keessaa yaate nama godha.....Simoon anaaf kanniisa Dammeessitu waliin tokko, bultee kaatee kan
onnee koo jaalala mi'aawaa sooruuf ko'ommattu...ana gammachiisuuf kan iliillii irra labdee qalbii koo
jaalala soortu....giiftii onnee koo turte..an garuu isheetti aarseen onnee koo keessaa ishee
baase...wallaalummaan tahus beekumsaan narraa fagaattee jirti....

Bakka isheen jirtu hanga ammatti hin bariinan jira...eessatti ishee barbaadu? .hanga yoomitti akkasiin
jiraadha..? Ishee deebisuun yaa hafuu akkamiin balleessaa koof dhiifama gaafadhuun? Kun hundi gaaffi
sammuu wal duraa dubaan dhufanii sammuu na yakkan turan....

Osoon kanaan jiru yaadi tokko naaf dhufe, yoo beekteen hiriyaa ishee magaalaa Harar jirtu tokkotti
bilbiluuf murteesse...bilbila koo osoon gorogoruu...balballi mana kootii qosoqosame.....Kan
rurrukutamee balbala osoo hin taane Onnee koo natti fakkaateen banuuf miila koo gara balbalaatti
fudhadhe....

…………………………………………………………………………………………………………….

Dhikkifannaa Onnee koo irraa kan kahee balbala mana koo bira gahuun du'a natti tahe, Gorro duubaa
kanan kahe waan sa'a dheeraa dura tahe natti fakkaate, Baabura magaalaa finfinnee isa Sarisii hanga

Barreessaan: Orooliyaanaa Daani’eel Page 4


SIMEERAA

dirree masqalaatti sa'a lama nama oofuu sanaan waanan deemu natti fakkaateen of ilaale, tahus foolin
dafqaf hafura namaan walitti makamee lubbu nama baasuu gahu mana koo keessa waan hin turreef
akkan baabura keessa hin jirre mirkaneeffadheen balbala bira gahee...akkuma Zaaraan foddaa mana
isaanii banuuf hixattu sanatti hiixadheen tilmaamaan daqiiqaa sodoma booda balbala bane...

Hiriyaa Siimo turte, ishee an bilbilufiif jedhee dhiise .gaafan arguun ergamaan waaqaa mana koo dura
nageenyaaf waan dhufee buufate natti fakkate...harka qabee dubbiseen isuman afaan saaqqadhu
"Simoo agarteen" jedheen.."Nooriin hin jiruu?" naan jette, maalitti noorta ? Kan nooran manatti tahuun
siif gala an ammoo mana hin qabu, manni utubaa manaaf qorqorroo yookaan Bilooketa osoo hin taane,
manni nama ,manni nagaaf jaalala. ..kiyya ammoo Siimoo waliin ana baqatee godaanee jira..jedheen
mucaa dhaabbiitti gogsee hambise,...fuula kiyya irraa waan tokko hin dubbifama innis yakkamaa tahuu
kooti, "Amma maal barbaadda? " naan jette "Siimoo, anatti deebi'u haa dhiiftu dhiifama jechuunin
fedha" jedheen deebiseef...

Ol seentee mana koo ilaaltee, manni koo Sooriyaa fakkaatee jira. Teessee moobayilii ishee tutuqxi
daqiqaa muraasa booda bilbila lafa keessee...akkas naan jette " Simoon si jaallatti atis akkasuma, lamaan
keessanu waaliif uumamtan wal malee jiraachuu hin dandeessan, ati jibbiteeni miti kan waan kun
uumame, garuu waan hunda wal simsisanii geggessun gaaridha..isheen sirraa jaalala barbaaddi, Abbaa
manummaa keetiin da'oo si godhachuun hawwii isheeti..." wantoota kana fakkaataan hedduu naaf
tarressite an garuu Simo bakka isheen jirtu baruu qofa kan sammuu ana qabatee
jiru...Siimoo...Simo..Simoo.....yaadaan intala manatti dhiisee qaari'een jira..

An dugda koo balbala manaatti galagalchee taa'an jira,....Intalli kaatee dhaabattee ana boodatti ija ishee
ergite Yeroon of irra ilaalu ija koo amanuun dadhabee SIMOON eessaa baatee ishee an tilmaamu hin
dandeenye utaaltee natti marmite , anis isuma sanan deebiseef...morma koo jala seentee hirqinfattee
boossi, imimmaan ishee dangaa cabsee yaa'u sun loolaa tahee qoma kiyya xoollesse, an gara jabina yaa
tahuu laafina waan isaa baruu dhabus...fuula kiyya irra imimmaan hin jiru, garuu giifti jaalalaa morma
koo jala ruuqamte kanaaf waaqayyoon galateeffatan jira...Akkamiin akka deebite, eessa akka turte
gaafachuf yeroo hin qabu..garuu hiriyaan ishee kun shoora olaanaa akka taphatte
hubadheera....galatomii jedheen ishee galateffadhe...gaatii baastu nuun jettee, yeroo biraa akka deebitu
nuuf himtee deemte..

Miilaa isheetti kufeen dhiifama gaafadhe, ol na kaaftee natti marmite, anis qophaatti si dhiiseen
deemem, atis naaf dhiisi. .jette...nama nu ilaalef wal dorgommin walitti marmuu adeemsifamu irratti
dorgomuuf waan shaakala irra jirru itti fakkaata...mana koo gaafadhu..guyyooti darban simalee akkam

Barreessaan: Orooliyaanaa Daani’eel Page 5


SIMEERAA

ulfaatoo akka turan, Sireef Teessuma ,afataaf uffata koo gaafadhu hagam akkan duwwaa ture...yeroo ati
deemtu jireenyi simbira manneen ishee diigame ana harkatti tahe...kana booda akkan siif tahuu qabu
siifan taha, muraasaaf osoon fiiguu hoomaa mulqameerahooti...jedheen adda ishee irra dhungadhe...

"Ukoo kee jalaa dhibamuu hin fedhu, da'oo godhadhee sitti baqadhera adaraa ana hin yeellasiisin, ati
ana cabsitus kan na dhidhibu si malee hin jiru, boriin keenya akka midhaguuf walin waliif walitti firoomu
qabna, takkaa si bareera miti ree?"...ol na ilaalte. ..hiidhi ishee goora bilchaata fakkaatu sanatu ijaf qalbii
ana fudhate osoon itti adeemu isheenis osoo dhuftuu giddutti bilbilli kiyya caraane...yeroon ilaalu
Hogganaa kiyya ture."Maalidha ?" jette Simoon aaridhaan...."Riipoortii " jedheen qummaadaa...ahaa
jettee ofitti qabdee hiidhii koo cininte.."Kana Gabaasiif" naan jette...gabaasa hanquu hin gabaasu
jedheen bilbila koo gate..hidhii isheetti fayye...isheenis na simatte....

Hunduu yeroo qaba, jaalalli waan isaaf tahuu yoo kennaniif waan namaa tahu nama badhaasa.

XUMUREERA.

barreessaan #OROOLIYAANAA DAANI'EEL

Barreessaan: Orooliyaanaa Daani’eel Page 6

You might also like