Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 34

Galata(fudhaatama)

Duraan dursee raabbiin isa waan hunda uumee fi hojii kiyyaa akkan fiixaan baasuuf kanna
gargareef galanni isa haagahu.Itti aansuun hojii qorannoo kiyyaa kanaaf yeroo kamiyyuu fi haala
kam keessattuu ogummaa,muuxannoo, beekumsa fi qabeenya isaanii osoo nattii hin qusatiin
nuffii tokko malee tajaajila gorsaa naaf laataniif jalqaba qophii qorannoo kanaa eegalee hanga
xumura isaatti nuffii tokkoo malee gorsaa koo (Mr ) Cimdii Waaqumaaf ulfaadhaa!Galatooma!
yoon jedhu,akka oromootti raabbiin dame-daree isaaniif yaadheeressuu:umrii fi nageenya
yaakennuufiin hawwaa ykn jedha.Kana malees,adeemsa qorannoo kana keessaatti namaqooda
fudhate Saabir Imaam bay’een galatoomfadhaan.Itti aansuun maatii koo galmaa ga’iinsa
qorannoo kootiif baasii fi yaadaan na faana turan haadha koo Aadde Raabiyaa Idiiriisifi Abbaa
koo Amaanuu Huuseen galatni isaanii guddaadha. Hiriyoota koo warren yaadaan na gargaaraa
turan maraf galatni koo guddaadha.

i
AXEREERAA
Kaayyoon qorannoo kanaa Ergaa Oduu Durii Oromoo Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Saqqaa
xiinxaluudha. Qorataan xiinxala kana adeemsiisuuf wantoonni kakaasan ni
jiru.Isaaniis:qorataan haala naannoo isaa waggoota muraasaan dura jiruu fi kan ammaa
yemmuu wal bira qabee ilaaluu afoolli Oromoo akka yeroo durii kana maanguddoota fi
daa’imman biratti fudhatama argachuun isaa laafaa dhufeera.Sababii kanaaf, qarataan mata
duree kana irrattii xiinxala adeemsisuuf fedhii godhatee. Qorannichaanis gaaffileen deebii
argatan:ergaa oduu durii,sababoota laafaa deemuu oduu durii fi faayidaa oduu durii
oromooti.Qorannoon kunis,gaaffilee qorannichaatiif deebii qabatee waan jiruuf, namoota
waa’ee oduu durii beeku barbaaniif fi faayidaa oduu durii adda baafachuu fedhanuuf,akkasumas
namoota qabiyyee oduu durii kanneen biro irratti xiinxala adeemsisuu fedhanuuf ka’umsa ta’u
malajedhamee yaadama.Xiyyeeffannoon qorannichaa gosoota afoolaa keessaa oduu durii
yommuu ta’u,ergaa oduu durii oromoo Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Saqqaa irratti kan
xiyyeeffaatudha.Gosti qorannoo xiinxala kana keessatti dhimmi itti ba’ame gosa qorannoo
qulqulleeffata yommuu ta’u odeeffannowwaan argamaan ibsuu fi addeessuun
qaacceffamaniru.Xiinxalichi jaraattota gandeen kana keessaatti argaman irratti
taasifaameera.Odeeffannoo qorannoo kanaaf ta’u namoota gandeen aanichaa keessaa jiran
irraa guurrachuun ulfaataa waan tureef,mala iddatteessuu miti-carraatiin namoota {18}
maanguddoota {7} dubartoota {7} fi dargaggoota {4} irraa odeeffannoon mala kaayyeffataa fi
darbaa dabarsaatiin funaanameera.Maddeen odeeffaannoon dhimmaa itti bahame madda raga
tokkoffaa fi madda raga lammaffaadha.Odeeffannoo qorannicha keessaatti haammatame
meeshaalee funaansa ragaalee kan ta’e af-gaaffii fi marii gareetiin argamani.Odeeffannoon
argamanis mala qaaccessa akkamtaatti fayyadamuun qaacceffamaniru.Xiinxala kanaanis
argannowwan argaman jiru.Isaanis:Ergaa oduu durii,Faayidaa oduu durii fi sababoota laafaa
deemuu oduu duriiti. Ergaawwaan oduu durii gowwummaa, abshaalummaa, gootommaa,
tokkummaa, haaloo baafachuu fi inaaffaa akka ta,e bira ga’ameera. Faayidaan isaa ammo
bashannansiisuuf,barsiisuuf,gootomsuuf,jajjabessuuf,gorsuu fi aadaa egsiisuuf yoo ta’u,
sababoonni laafaa deemuu isaa ammo,babal’achuu manneen barnootaa oolmaa
daa’immanii,guddina saayinsiif teeknooloojii,babal’achuu amantiilee,walitti dhufeenyi
maanguddootaa fi daa’immanii gama barumsa amantaa irratti xiyyeeffachuudha. Aadaan kun
hambaa seenaa ta’ee dhalootaaf akka darbuuf osoo Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Aanaa
Limmuu Saqqaa qabiyyee oduu durii mara barreeffamaan ol kaa’ee gaarii ta’a.Uummanni
oromoo osoo akka aadaan amantaa irratti dhiibbaa akka hin qabne hubachuun amantaa cinatti
gosoota afoolaa keessaa tokko tokkoo fakkeenyaa fudhachuun itti dabalanii daa’imman
barsiisanii bareeda ta’a.Qorattoonni,barsiisonnii fi barattoonni afaanii osoo afoola oromoo
barreeffamaan akka ol kaa’amuuf ga’ee mataa isaanii ba’anii gaarii ta’a.Akkasumas, manneen
barnoota oolmaa daa’immaniitti osoo gosoonni afoolaa akka barsiifamanu taasifamee filatamaa
ta’a.

ii
Baafata
Qabiyyee fuula

Galata...........................................................................................................................................................i
AXEREERAA..................................................................................................................................................ii
BOQONNAA TOKKOO:SEENSA.....................................................................................................................1
1.1. SEENDUUBBE QORANNICHAA..........................................................................................................1
1.2. Ka’umsa Qorannichaa.......................................................................................................................2
1.3.KaayyooQorannichaa.........................................................................................................................2
1.3.1 Kaayyoo Gooroo.........................................................................................................................3
1.3.2 Kaayyoo Gooree.........................................................................................................................3
1.4.Barbaachisumma Qorannichaa..........................................................................................................3
1.5.Daanga Qorannicha...........................................................................................................................3
1.6.Hanqina Qorannichaa........................................................................................................................4
1.7 Ibsa Naannoo.....................................................................................................................................4
1.8 Qindaa’ina Qorannichaa....................................................................................................................4
BOQONNAA LAMA: SAKATTA’A BARRUULEE...............................................................................................6
WAL FAKKII..................................................................................................................................................6
2.1.Maalummaa Afoola...........................................................................................................................6
2.2.Faayidaa Afoolaa...............................................................................................................................6
2.3.Amalootaa Afoolaa............................................................................................................................7
2.3.1.Hurrubbummaa..........................................................................................................................7
2.3.2. Luufummaa................................................................................................................................7
2.3.2 .Ummattummaa..........................................................................................................................8
2.3.4.Jijjiramummaa............................................................................................................................8
2.3.5. Midhagummaa...........................................................................................................................8
2.4.Gosoota Afoolaa................................................................................................................................8
2.4.1. Seeneffamoota afoola oromoo..................................................................................................9
2.4.2.Walaloolee Afoolaa Oromoo....................................................................................................10
2.4.3.Qareeyyii Oromoo....................................................................................................................10
2.5.Faayidaa Oduu Durii Oromoo Ummataa Aanaa Limmuu Saqqaa....................................................10
BOQONNAA SADII:MALLEEN QORANNICHAA...........................................................................................12
3.1. Saxaxa Qorannichaa.......................................................................................................................12
iii
3.2. IrraawwatamaQorannichaa............................................................................................................12
3.3.Maddoota Qorannichaa...................................................................................................................12
3.4Iddattoo fi Tooftaa Iddatteessuu......................................................................................................12
3.5.Meeshalee Funaansa Raggalee........................................................................................................12
3.5.1.Afgaaffii.....................................................................................................................................13
3.5.2.Marii Garee Xiyyeffannoo.........................................................................................................13
3.6. Mala Qaaccessa Ragaalee...............................................................................................................13
BOQONNAA AFUR: QAACCESSA RAGAALEE..............................................................................................14
4.1. Ergaa Oduu Durii Oromoo ummaata Aanaa Limmuu saqqaa.........................................................14
4.1.1. Gowwummaa fi Abshaalummaa..............................................................................................14
4.1.2 Warra Gowwaa.........................................................................................................................15
4.1.3 Abshaalummaa.........................................................................................................................15
4.1.4. Jireenya Gamtaa Yookaan Tokkummaa...................................................................................16
4.1.5. Jireenya Gamtaa......................................................................................................................17
4.1.6. Jireenya Tokkuummaa.............................................................................................................17
4.1.7. Haaloo Baafachuu....................................................................................................................18
4.1.8. Dinagdee (hojii tuffachuu dhiisuu)...........................................................................................19
4.1.9 Oduu Durii Hiriyuummaa Mul’isu.............................................................................................20
4.2. Faayidaa Oduu Durii Oromoo Ummataa Aanaa Limmuu Saqqaa...................................................21
4.3. Haala Oduun Durii Oromoo Uummataa Oromoo Aanaa Limmuu Saqqaa Yeroo Ammaa irra jiru. .22
BOQONNAA SHAN: CUUNFAA, ARGANNOO FI YAADA..............................................................................24
FURMAATA................................................................................................................................................24
5.1. Cuunfaa..........................................................................................................................................24
5.2. ArgannooYaada furmaata...............................................................................................................24
5.3. Yaboo Yaada furmaata....................................................................................................................25
Wabiilee....................................................................................................................................................26
Dabalee A..................................................................................................................................................27
Dabalee B..................................................................................................................................................28
Dabalee C..................................................................................................................................................29

iv
BOQONNAA TOKKOO:SEENSA
1.1. SEENDUUBBE QORANNICHAA
Afoolli haala qabatamaa afaaniin hawaasaadura ture keessatti kan raawwatame kalaqa af-
dubbittiin dhiyaatudha. Kana malees,ogafaanogbarruu hin barreeffamin kanaadaa,safuu,duudhaa
fi falasamaa hawaasa tokkoo calaqqisisu ta’ee,hawaasaa ogbarruu barreffamaa hin qabne
keessatti eenyummaa isaanii,jiruu fi jireenya isaanii kan ittiin ibsatan meeshaa filannoo hin
qabneedha.Kanaaf, namoonni afoola gargaraamanii ‘Ani eenyu ? Eessaandhufe? Gaddaa,
Gammachuu,Walgorfachuu fi barmaatilee badaa ta’an ittiin balaaleffachuu fi barmaatilee gaarii
ittiin dagaagfachuuf oola.

Yaaduma olii kana deeggaruun Fedhasaa Taaddasaa (2013:33) yemmuu ibsu,”Afoolli kalaqa
sammuu keessattii qindaa’uun afaaniin kanhimamuudha.Kana kessattis,haalli kuufamaa fi
lufiinsa isaas afaanin malee barreeffamaan miti. Wanti afaaniin lufa dhufekun baattuu seenaa,
eenyummaa,falaasamaa,ilaalcha,duudhaa,safuu,diinagdee,amantii,siyaasaa, beekumsa fi
muuxannoo dhala namaa baatanii asga’an”jedha. Yaada kana irraa hubachuun kan danda’amu,
afoollii oguma afaanii kan dhalootaadhalootatti afaaniin daddarbu ta’ee,haala jiruu fi jireenya
hawaasaa baatee kan deemudha.

Qabeenyaa fi ogummaa dhalli namaa jiruu fi jireenya isaa keessatti horate hedduu keessaa tokko
afoola yemmuu ta’u, gosoota afoola keessaa oduun durii isa tokkoodha. Kunis,bu’aa sammuu
ilma namaaf kuufama muuxannoo jireenyaati. Kana jechuun seenaa dura ture afoola kanatti
fayyadamuun dhaloota warra har’a jraniif ifa godhee kaa’a. Oduu durii ilaalcha hawaasni tokkoo
walii isaatiif qabu uumaa fi uumamaafis qabu hundayyuu ni agarsiisa.

Akkaa Fedhasaa Taaddasaa (2013:33) ibseti,”Oduun durii gosa afoolaa kessaa tokkoo ta’e
gochoonni keessatti raawwataman faallaa harirooti.Kunis,gowwummaa, abshaalummaa, jaalala,
jibbaa, dheeraa, gabaabaa jechoota jedhaniin kan guutameedha.”

Oduun durii amaloota hawaasaa kan ta’an inaaffaa,daba,jaalalaa,dabaa,gaarummaa,hammeenyafi


amala gaarii hawaasicha keessattii ta’uu danda’an saaxila baasa.Hundacaalaattii immoo
duudhaa,aadaa,seenaa,beekumsa fi ogummaa hawaasaa mul’isa. Haala jiruufi jireenya hawaasa
irratis hubanno ni kenna.Oduun durii barsiisuu fi bashannansiisuu danda’a. Yaada kana
ilaalchisee,Lammiin(1995) Shanoon wabeeffachuun akka ibsettii,”The tales were entertaiments
the early equipment of television ,film,radio,and books contained but they also passed down
v
thehistory and moves of cultures”jedha. Yaada kana irraa wanti hubannu, oduun durii dhaloota
irra dhalootattidubbii afaaniitiin akkuma daddarbaa deemu kana callanqisisani
mul’atanaadaa,seenaa,ogummaa fi beekumsi akkasuma dhaloota irraa dhalootatti daddarbaa
akkaa jiru yaada kana irraa hubachuun ni danda’ama.

Akkuma yaada haayyotaa irraa hubatamettii oduun durii faayidaa hedduu kan qabuu barsiisuuf
bashannansiisuf,rakkoo hawaasa keessa jiru saaxila baasuuf bu’aa kan qabu yemmuu ta’u,
qorannoon kunis, Qaaccessaa Ergaa Oduu Durii Oromoo Godina Jimmaa Aana Limmuu Saqqaa
irratti kan xiyyeeffateedha.

1.2. Ka’umsa Qorannichaa


Qorannoo kana akka ademsifamuuf wantoonni qorata kakasan ni jiru.Isaan kessaas: Afoolli
afaaniin kan dhalootaadhalootatti waan daddarbuuf sababa ammayyummaa,guddina saayinsii fi
teeknooloojii irraa kan ka’e dagatamaa deemuu isaatiin walqabatee, qoratan oduun durii
hawaasaaf ergaa inni dabarsu maal akka ta’e,sadarkaa Oduun Durii Oromoo yeroo ammaa irraa
jiruu fi faayidaa inni qabu adda baafachuu waan feedheef mata duree kana irratti xinxala
adeemsisuuf fedhii godhate.

Afoolli haala qabatamaa hawaasa keessaa ibsuu akka danda’uu fi kalaqqii isaatiifis ka’umsi
haala jiruufi jireenya hawaasaa ta’uusaa irraa kan ka’e qorataanis gosti afoola Oromoo kun
hawaasa biratti sababa guddina saayinsii fi teekinooloojiitiin laafaawaan deemaa jiruuf xiinxalli
irratti taasifamuundhaloota dhufuuf bifa barreeffamaatiin yoo ol kaayamegaarii ta’uu mala
jedhee waan yaadeef qorannoo irratti ademsiisuuf kaka’umsi kessatti uumame.

Gaaffile qorannicha deebisuuf

 Oduun durii hawaasaf ergaaakkamii qaba?


 Faayidaa oduun durii qabu maali?
 Yeroo ammaa oduun durii sadarkaa maali irraa jira ?

1.3.Kaayyoo Qorannichaa
Kaayyoon qorannoo kanaa bakkaa gurguddaa lamatti qoodama.Isaaniis, kaayyoo gooroo fi
kaayyoo gooreeti. Kaayyoon gooroo yaada waliigalaa qorannichaa yommuu ta’u, kaayyoon
gooreen immoo, yaadolee xixiqqoo adda addaa of keessatti kan hammatuudha.

vi
1.3.1 Kaayyoo Gooroo
Kaayyoon gooroo qorannaa kanaa Ergaa oduu durii Godina Jimmaa Aanaa limmuu saqqaa
qaaccessuudha.

1.3.2 Kaayyoo Gooree


Kaayyoon gooree qorannoo kanaa kanneen itti aananiidha.

 Erga oduu durii ibsu


 Faayidaa oduun durii bra gahu
 Sadarkaa oduun durii yeroo ammaa irraa jiruu xiinxalu

1.4.Barbaachisumma Qorannichaa
Qorannoon tokko yemmoo adeemsifamu bu’aa bahii mataa isaa of danda’e qaba.Kana jechuunis,
qorannoon tokko sababa qoratamuuf qaba jechuudha.Qorannoo kanaan ergaa oduu durii,
sadarkaa oduun durii irra jiruu fi faayidaan isaa waan addaa baafameef qaamotaa adda
addaatiif bu’aa garagaraa kennuu danda’a jedhamee abdatama.

Namoota ergaa oduu durii fi faayidaa isaa beekuu barbaadaniif karaa qabsiisuu danada’a
jedhamee amanama.Qaamota mata dureen xiixalli isanii qorannoo kanaan hidhata qabu
dalaganiif ka’umsa ta’uun gargaaruumala jedhamee yaadama.

Waajjira Aadaafi Tuurizimii Aanaa Limmuu Saqqaatiif kooppiin tokko waan laatamuuf
hawaasni aanaa kanaa fi bakkeewwan biroo waa’ee ergaa oduu durii, faayidaafi sadarkaa inni
yeroo ammaa irra jiru baruu fedhanuu achitti argachuu danda’u.

Akkasumas, yuunivarsitii jimmaa muumme afaan Oromoo fi ogbarruutiif kooppiin tokko waan
laatamuuf baratoonni waa’ee xiyyeeffannoo matadurichaa hubachuu barbaadanufi xiinxala mata
duree kanaan walitti hidhata qabu dalaganuuf ka’umsa ta’uu mala jedhamee abdatama.

1.5.Daanga Qorannicha
Qorannoon kun gama qabiyeetiin afoola oromoo keessaa oduu durii ilaallata. Qabiyyee oduu
duriis altokkitti qoratanIi xumuruun yeroofi baasii qorata oli waan ta’eef.qaaccessa ergaa oduu
durii irratti kan xiyyeeffate adeemsifamedha.Gama bakkaatiin ammo Godina Jimmaa Aanaa
Limmuu Saqqaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta,u sababiin bakki akkaataa kanaan daangeffameefis
humnii qorataafi yeroo kanaan ol deemu waan daangessuuf,Qaaccessa Erga Oduu Durii Godina
Jimmaa Aanaa Limmuu Saqqaa irratti daangeffamuun xiinxalli adeemsifameera

vii
1.6.Hanqina Qorannichaa
Qorannoo adeemsisuu keessatti hanqinoonni nama muudatan hedduudha.Qorannoo kana
adeemsisuu keessattis,hanqinoonni qorataa mudate ni jira. Inniis,hanqina baajataafi yeroo
mudateera.Sababa barumsa idilee irraa kan ka’e, odeeffanno barbaachisu argachuuf yeroo
yerootti hawaasa Aanaa Limmuu Saqqaa waliin wal arguun ulfaataa ture.Baasiin ittiin qorataan
bakka qorannoo itti adeemsiisuutti deddeebi’ee ittiin dalagus gufuu isa bira ture.Gufuuwwaan
kanniin qorataan toofta adda addaatti maayii ba’uun jala ba’ee jira.Yeroo boqonnaa qabuufi
baasii qabaate karooraan itti fayyadamuun galmaan ga’uu danda’eera.

1.7 Ibsa Naannoo


Aanaan Limmuu Saqqaa naannoo oromiyaa Godina Jimmaa keessaatti kan argamtudha.Aanaan
kun magaala guddaa jimmaa irraa{85 km } gara kaabaatti fagaattee argamti.Aanaan limmuu
saqqaa kaabaan aanaa Wallaggaa Bahaa,Kibbaan Limmuu Kossaa,Bahaan Cooraa
Botor,Dhihaan Buunnoo Beddelleetiin daangeffamti.Haalli qilleensa ishee baddaa daree
yommuu ta’u ,gandoolee badiyyaa {18} fi gandoolee magaalaa{3}
qabdi.Walumaagalatti ,gandoolee 18 kan qabdu yommuu ta,u,aanaa kana keessaa sabaa fi sab-
lamoota garaagaraatu waliin jiraacha jiru.Isaaniis,ummaata Oromoo,Amaaraa,Guraagee fi kan
kana fakkaatanidha.Kannaan keessaa kan baayiinaan argamu ummata oromooti.Jireenyi
ummaata aanichaa irraa caalan hojii qonnaa irraatti kan hundaa’eedha.Wantoonnii baay’inaan
aanichaa keessaatti oomishaamanis Buna,Caaatii,Boqqoolloo,Xaafii,Garbuu fi kan kana
fakkaatan yommuu ta,u horiin baay’inaan horsiifaman immoo Loon ,Re’ee,Hoolaa,Harree,fi kan
kana fakkaatanidha.

1.8 Qindaa’ina Qorannichaa


Qorannoon kun boqonnaalee shan of keessaa qaba.Isaaniis boqonnaa
tokkoffaa,lammaffaa,sadaffaa,arfaffaa fi shanaffaa yemmuu ta,an akkaataa wal dura duubaan
ka’amee jira.Kanneen keessaas boqonnaa tokkoffaan seen-duube qorannichaa,ka,umsa
qoranniichaa,kaayyoo qorannichaa,kaayyoo gooroo,kaayyoo gooree,barbaachisummaa
qorannichaa,daangaa qorannichaa,haanqina qorannichaa of keessatti qabata.Boqonnaan lama
Maalummaaafoolaa,faayidaaafoolaa,amaloota,afoolaa,hurruubummaa,lufummaa,uummattumma
a,jijjiiramummaa,miiidhagummaa,gosoota,afoola,seeneffamoota afoolaa,maalummaa oduu durii
of keessaatti qabata.Boqonnaan sadii malleen qorannichaa yoo ta’u,kunis,saxaxa
qoranniichaa,irraawwatamaa qoranniichaa,maddaa odeeffanoo,iddattoo fi tooftaa

viii
iddatteessuu,meeshaalee funaansa ragaalee,afgaafii,marii garee ,mala qaaccessa ragaalee of
keessaatti qabata.Boqonnaan afur Qaaccessaa ragaalee,ergaa oduu durii,gowwummaa fi
abshaalummaa,jireenyagamtaa,haaloo baafachuu,diinagdee,faayidaa oduu durii,haala oduun durii
yeroo ammaa irra jiru of keessaatti qabate jira.Boqonnaa dhuma irratti kan argamu shanaffaan
Cuunfaa,yaada furmaataa,argannoo fi kan kana fakkaatu of keessaa qaba.

ix
BOQONNAA LAMA: SAKATTA’A BARRUULEE WAL FAKKII
2.1.Maalummaa Afoola
Afoolli ogbarruu hin barreeffamin ta’ee seenaa,eenyummaa,falaasama,ilaalcha hawaasaafi
qarooma uummataa kan agarsiisu,mallattoo saba tokkooti.Saba tokkoof afoolli aadaa,duudhaa,
barsiifata, akkasumas,seenaa dabarsuufi haalaawwan jiruufi jireenya uummataa kan
ibsuudha.Kunis, kalaqa sammuu dhala namaa ta’ee afaaniin dhalootaa gara dhalootattii kan
darbuudha.Kanas Masfin (1995:42)Finnegan wabeeffachuun akkasittii ibseraa ‘’Uummanni
bal’aanosoo waan tokko hin baratin akkanumattii kan kuufatee qabeenyii yookan ambaan
hundinuu afoola yookan ogaafan jedhamaa” jechuun ka’eera.

Dabalataanis,Fedhasa Taddasaa(2013:33) irratti afoolaa yoo ibsuu,”Afoolli kalaqa sammuu


keessatti qindaa’uun afaaaniinkanhimamudha.Kana keessattis, haalli kuufamaafi lufinsaas
himamiinsa afaaniin malee barreeffamaan miti.Wanti afaaniin lufaa dhufe kun baattuu seenaa
eenyummaa, falaasama, ilaalcha, duudhaa, safuu, dinagdee,amantii ,siyaasaa,beekumsaa fi
muuxannoo dhala namaa baatanii as ga’aan”jechuun heerera.

Yaada kana irraa wanti hubannu, afoolli haala jiruuf jireenya hawaasaa kan ibsu yoo ta’u,kalaqa
sammuu hawaasaa kan hawaasni akkaataa ittiin jiraachaa ture,jiraachaa jiruu fi jiraachuuf malu
jechootaan qindaa’uun hawaasa tokko irraa tokkotti afaaniin kan lufaa as ga”eedha

Yaaduma olii kana deeggaruun Malakneh Mengistu {2003:12}yemmuu ibsu,”Oral litreture


refers to the all cultural heritage of makind transmitted from generation to generation by words
of mouth” jechun kaa’a. Yaadni kun afoolli aadaa hawaasaa hunda kan haammatu ta’ee
himamiinsa afaaniitiin dhalootaa dhalootatti kan darbuu ta’uu isaa hubannaa.

2.2.Faayidaa Afoolaa
Afoolliibsituu jiruu fi jireenya dhala namaati.Aadaa, falasama,seenaa,eenyummaa,duudhaa fi kan
kana fa’a hawaasaa baatee deema.Meeshaan eenyummaa saba tokko ibsu kun faayidaan isa kana
jedhanii daangeessuun ulfaataa ta’us haayyonni adda addaa faayidaa afoolaa lafa
ka’aniiruu.Misgaanuu Gulumma(2011:36) irratti yemmuu ibsu akkasitti ka’eera”Ummanni
oromoo seerota aadaa,safuufi seerota ittiin bulmaataa ni qaba.Jiruufi jireenya isaa keessaatti
ammoo seerotni aadaa akka hin cabne, akka kabajamaniif afoolaan to’ata.Amoolata badaafi
gaarii to’achuuf ,ciminaan akka itti fufaniif ogafaan mataa isaatiin ni jajjabeessaa” jedha.

x
Yaada olii kana irraa wanti hubannu, afoolli aadaa saba tokkoo saba biraattii ibsuu
danda’an,seerri ittiin bulmaata saba tokko akka kabajamuuf gargaara,wan gaarii deeggaruun kan
gadhee ta’e immoo balaalleffachuun amaloota namaa to’ata.

2.3.Amalootaa Afoolaa
Afoolli amala mataa isaa kanogbarruu barreeffamaa irraa adda isaa taasisu qaba. Amaloonni
kunniinis akkaataa itti aanuun dhiyaatera;

2.3.1.Hurrubbummaa
Hurruubbummaan sochii qaamaa yemmuu gosa afoolaa keessaa tokko himnu mul’achuu
danda’udha.Dubbii afaani deeggaruun gocha namni seenessu agarsiisuu maluudha.Amaloota
afoolaa keessaas lubbuu afoolattii hora.Hayyonnii adda adddaas hurruubummaa ilaalchisuun
yaada isaanii kennaniiru.Isaan keessaas Wasanee Bashaa(2008) yemmu ibsu akkasitti ka’a.
“Hurruubummaan amaloota ogafaanii keessaa tokko ta’ee , haala wal-duraa duubaan dhiheenya
ogafaanii gochaan mul’atuudha” jechuun eeraa.

2.3.2. Luufummaa
Afoolli akka ogbarruu barreeffamaa barreeffamaan olkaayame barreeffamaan kan darbu
miti.Hawaasaan kalaqaamee afaaniin daddarba.Hayyonni adda addaas akkaataa daddarbinsaa
afoolaa ilaalchisuun yaada isaanii lafa kaa’aniiru. Isaan keessaas Jaarraa W fi
WasaneeB(2008:164) Irratti akkasitti ibsaniiru. ”Lufummaan haalaogafaan tokko dhaloota irraa
dhalootatti ittin daddarbuudha. Haalli daddarbiinsa isaas afaanii fi gochaan ta’uu danda’a”
jechuun eeraniruu.

Yaada kana irraa wanti hubannu, lufummaan amaloota afoolaa keessaa tokkoo ta’ee akkaataa
afoolli ittiin darbu kan agarsiisu ta’uusaati. Akkaataan daddarbiinsa isaas afaaniin kanta,uudha.

Dabalaanis, Birhaanu Matiwoosi(2009:13) yemmi ibsuu :”Oral litetature compose orally and
transmitted from generation to generation by word of mouth”.jechuun ibseera. yaada kana irra
wanti hubannu,afoolli afaanumaan kuufamee kan jiruufi afaanumaan dhaloota dhalootatti kan
daddarbuu ta’uusaati.

xi
2.3.2 .Ummattummaa
Afoollii kalaqa garee hawaasaa kanabbummaan isaaa hawaasaa ta’eedha. Afoollii gaafa kan
obeluun kalaqame jechuun rakkisaadha.Sababiinsaa raga qabatamaan ebeluu bakka akkasitti
gaafaakkasii kalaqame kan jedhu waan hin jirreef.Kanaafuu afoolli qabeenya garee hawaasaa
akka ta’e hayyyonni ibsu. Wasanee Bashaa(2008:166) irraatti akka ibsettii ,”Ogafaan akka
kitaabaa abbaa barreesseen hin waamamu, Uummata sanan waamama jedha.Ummatummaan
amala ogafaanii keesssa isa tokkoodha.Ummatni karaa hedduun ogafaan keessatti qoodafudhatu
qaba.Akkasumas,kan maddisiiuu ummata.Walumaagalatti, afoolli bu’aa sammuu uummataa
waan ta’eef uummata tajaajila, uummatumaaf uumame” jechuun ibseera.

2.3.4.Jijjiramummaa
Afoolli akka ogbarruu barreeffamaa katabamee waan ol kaa’ame waan hin taaneef haala salphaa
ta’een geeddaramuu danda’a.Tafarii Ayyaanaa (1998:157) irraatti , “Ogafaan akaakileerra
akaakkayyuuttii akaakkayyuurraa abbaattii abbaarraa ilmatti afaaniin waan darbuuf yeroo
yeroon jijjiramaa deemaa” jechuun eera. Yaada kana irraa waanti hubannu , afoollii dhalootarraa
dhalootatti afaaniin waan darbaa deemuf akkaataan ittiin himamu, qooddattonni ,jechoonni,fi
kan kana fakkaatan irraa hir’achuu danda’u waan ta’eef afoollii jijjiramummaaf
saaxilaadha.Akka jijjiramuufis sababni inni guddaan afaaniin daddarbuu isaati.

2.3.5. Midhagummaa
Afoollii bashannaansiisaa barnoota kan dabarsuu fi sammuu kan qaruudha.Kana gochuuf ammo
jechoota filatamoo ta’anitti fayyadamuun dirqama.Tafarii Ayyaanaa(19998:15) irratti akka
ibsettii “Ogaafan jechoota miira dhageeffataa tuquu fi saaffisaan fudhatamuuf waan
gammachiisaa waliin wal qabata” jedhe.Yaada kana irraawanti hubachuun danda’amu,
midhagummaan amala afoolaa keessaa akkkaata qindaa’ina isaa kan bu’uureffatu ta’ee ergaa
dabarsuu cinaatti qalbii namaa akkaataa booji’uun kan kalaqame ta’uusaati.

2.4.Gosoota Afoolaa
Affoollii Oromoo dameewwan adda addaa qaba.Dameewwan isaa kunniinis bakkaa sadiitti
qooduu ni danda’ama. Hayyonni addaa addaas qoodanii kaa’aniruu.Fedhasaa
Taaddaasaa(2013:34) irratti okpwho(1992)wabeeffachuun akkasitti kaa’era.Afoolli gosoota
gurguddaa sadiitti qoodama.Isaanis :Seeneffamoota afoola,Walalooafoolaa fi Qareeyyii
afoolaati. Seeneffamootni afoola warra jaargochadhangala’aan himamaniidha.Walaloon warren

xii
amala walaloon guutummanii jiran yemmu ta’an,Qareeyyin kanneen jechootaa gaggabaaboon
himamaniidha jechuun lafa kaa’era.

2.4.1. Seeneffamoota afoola oromoo


Haayyonni adda addaa seeneffamoota afoola ilaalchisuun yaada isaanii lafa kaa’aniiru.Isaan
kessaas,Fedhasaa Taddasaa(2013) irratti akkasiin ibsera.

Seeneffamootni afoolaa seenalee sammuu keessatti kalaqamanii afaaniin


kanhimamaniidha.Waa’ ee taatee bara durii seenessu ; jaargocha dhangala’aa qabu.Ergaa
tokko dabarsuuf dhugaa irratti hundaa’uun kalaqamun yookaan dhugaa irraa maqanii
himamu.Walitti dhufeenya waaqaa fi namaa, uumamaa fi uumaa,namaa fi naannoosaa
seenessu. Kaan dhugaa fakkaatu; gariin immoo amanuuf nama shakkisiisu.Afaaniin
dhalootaf darbu.Seeneffamoota afoolaa kanas qabiyyeerratti bu’ureeffachuun bakka adda
addaatti qooduun ni danda’ama.Isaanis:OduuDurii,Raagamtaa,Sheekkoo,Himamiinsa
gootaa,Himamiinsa ijoollee fi Qoosaadha.

Qorataan gosoota seeneffamoota afoolaa keessaa oduu durii xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatu yoo
ta,u, qabiyyee oduu durii keessaa ammoo ergaa isaa irratti xiyyeeffachuun xiinxalli taasifameera.

2.4.1.1. Maalummaa Oduu Durii


Haayyonnii adda addaa oduu durii ilaalchisuun yaada isaanii lafa ka’aniiruu.Fedhasaa
Taaddasaa(2013) akka ittii aanutti ibseera.

Oduun durii seenaa addunyaa kana kessaattii bara dheeraa dura raawwatee seenessa.Taatewwan
raawwatamanu dhugarrattii hunda’u.

Namfakkiileen achi keessa jiran waanumaa namni addunyaa kana keessatti raawwachuu
danda,u raawwatu.Yeroo teenyee dhaggeeffannu waanuma dhugaan olla keenyaatti
raawwatame nutti fakkaata.Namfakkiileen keessatti hirmaatanis namoota nuti beeknu
fakkaatanii nutti mul’atu.Gochoonni oduu durii keessatti namfakkiileen raawwataman
faallaa hariiroo danuti.Jechoonni jiran duubaan hiikaan faallaa qabu. Jiidhaa yoo
jiraate ,gogaan duubaa hindhibu. Akkakanaan
gowwaa/abshaala,jaalala/jibbaa,dheeraa/gabaaba…
jechootajedhaniinguutamaniijiru.Irracaalaa,kanyaadanamaa hawwatu garuu:

xiii
gowwummaa, abshaalummaa fi sossobamuu amaloota sanaati.Ogbarruun barreeffamaa
keessaa asoosama gabaabaan wal-fakkaatu.

Yaada kana oliirraa wanti hubannu,oduun durii gosa seeneffamootaa afoola keessaa tokko ta’ee
namoota gochaa tokko dalagamu kan of keessaaqabu, seenaa yeroo dheeraa dura ture ta’ee
dhugaan kan raawwatamee nutti fakkaate kan irra barannuu fi ittiin bashannannuudha.

2.4.2.Walaloolee Afoolaa Oromoo


waa’ee waalaloo afoolaa ilaalchisee Fedhasa Taaddasaa (2013:49) Finnegan (1977) akka
ibsettii:Walaloon afoolaa waa’ee wanta tokkoo bifa walalootiin qindeessee kan
himudha.Walaloon afoola akkuma seeneffamoota afoola:aadaa,duudaa,seenaa fi haala jiruufi
jireenyaa uummata tokkoo afaanin dhalootaa dhalootattii kan dabarsuudha. Ka’umsa ifaa
qabaachuun addaa isa taasisaa .Amalota akka:dhikkisa,unata,durdura,safarafi irraa deddeebii
sagaleetiin guutamee jira.Kanatu walaloo jechisiisa .Addummaaninni barreeffamaa waliin qabuu
afaaniin walfalmuu qofa.Walaloon afoolaa oromoos bakkeewwaan adda addaattii qoodama.
Isaanis:geerarsa, faaruu,weedduu, sirba,eebba, abaarsa fi k,k.f nidha.

Yaada olii kana irraa hubachuun akka danda’amettiwalaloon afoolaa walaloo barreffamaa waliin
tokkummaa kan qabu ta’ee addaaddummaan isaanii barreeffamaa fi afaaniin dhiyaachuu
qofa.Akkuma gosoota afoolaa warren kaanii haala jiruu fi jireenyaa ittiin ibsachuu keessatti
hawaasni oromoo maayii itti ba’aa tureera.Itti ba’aas jira’

2.4.3.Qareeyyii Oromoo
Qareeyyiin gosa afoolaa keessaa tokkoo ta’ee, sammuu qaruu fi bilcheessuu keessattii ga’ee
olaanaa kan taphatuudha.Maqaan isaas fayidaa gosa afoolaa kanaa agarsiisa.Fedhasa Taddasa
(2013) yemmuu ibsuu.

.Qareeyyiin gosa afoolaa bifa gabaabinaan qindaa’ee sammuu qaruuf


fayyaduudha.Jijjiirama sammuu dhala namaa irratti fiduuf gumaata guddaa qaba.Humna
qalbii namaa mo’achuuf suura waan tokkoo sammuu namaa keessatti kaasuuf qabu
daraan cimaadha.Boca gabaabaan kurfaa’uun isaa adda isa taasisa.Jechoota muraasaan
ergaa bal’aa dabarsa.Sammuun nama bal’isee akka yaadu godha.Dameewwan adda addaa
of keessaa qaba.Isaaniis,mammaaksa,hibboo,ciigoo,jechamaa,fi arrab-qareeyyiidha.

xiv
2.5. Faayidaa Oduu Durii Oromoo Ummataa Aanaa Limmuu Saqqaa
Oduun durii gosa afoolaa keessaa tokko ta’uusatiin faayidaa gosoonni afoolaa biro kennuu
danda’an ni kenna.Oduun durii ni barsiisa, ni bashannansiisa,ni qeeqaa,ni jajjabessaa,ni kakasa,
akkasumas, gorsuu daanda’a.Aadaa, seenaa, eenyummaa,falaasama,ilaalchaafi kan kana
fakkaatan uummata oromoo calanqisiisuu danda’a. Gowwummaa,abshaalummaa, jibbaa, jaalala,
gaddaa,gammachuu,fi kaneen biro ibsuu danda’a.

Yaada olii kana deeggaruun Misgaanuu Gulummaa (2011) akkasittii faayidaa oduu durii
eera.Bashannansisuun faaayidaa isaa isa guddaa haa ta’uu malee ,dargaggootaf beekumsa laata,
kunis hangafa isaanii akka kabajaniifi jijjiirama amala akka fidan ittiin gorsuuf oduun durii mala
gaariidha.Wantoota biroos akka arganuu fi gorfamus ni taasisaa.Gorsa sana keessaas dhaamsi
darbu ni jira jechuun ibsera.

xv
BOQONNAA SADII: MALLEEN QORANNICHAA
3.1. Saxaxa Qorannichaa
Galma ga’iinsa qorannoo tokkootiif gosti qorannaa sanaamurtessadha. Qorannoo kana
adeemsisuufis gosti qorannoo dhimmi itti ba’ame gosa qorannooqulqulleffataa yoo ta’u,
odeeffaannoowwan argaman gadii akaataa walitti dhufeenyaa isaanitiin keeyyata keeyyataan
ka,amera.Qoratan mala kanatti maayii ba’uudhan iddattoowwan irraa odeeffannoo bal’aa
argachuun odeffannoo argaman sanas bifa addessuufi ibsuutiin kaa’eera.

3.2. IrraawwatamaQorannichaa
Xiinxalli tokko yemmuu adeemsifamuu qaama irratti adeemsifamuu qaba.Qorannoon kunis
ummata oromoo Godina jimmaa aanaa limmuu saaqqaa irratti xiyyeffachuun kan adeemsifame
yemmuu ta,u, aanaan kun gandoota baadiyyaa( 18) fi Bulchiinsa gandaa magaala( 3) kan
qabudha. Baayinnii uummataa gandoottan kanaas (37245) yemmuu ta,u uummata kana keessaas
dhiiroonni (18024) fi dubartoonni( 19221) dha.

3.3.Maddoota Qorannichaa
Qorannoo kana adeemsisuuf maddi ragaa dhimmi itti ba’ame madda ragaa tokkoffaadha.Maddi
ragaa tokkooffaan uummata oromoo aanaa limmuu saqqaa irrattii kan xiyyeeffatudha. Kanneen
kessaa warra odeeffannoo kennuf tooftaa iddattessuutiin filatamaniidha.

3.4Iddattoo fi Tooftaa Iddatteessuu


Qorannichi uummata Oromoo Aanaa limmuu saaqqaairrattii kan adeemsifamee yemmuu ta’u,
uummata gandoota kana irraa yeroo tokkotti odeeffannoo fudhachuun ulfaataa waan ta’eef, mala
iddattessuu miti-carraa kaayyeffataa fi darbaa darbarsaatti dhimma ba’uun namoota
odeeffaannoo kennanu{18} filachuun odeeffannoon funaanamera. Namootni kunis
maanguddoota{ 7} dubartoota { 7} fi dargaggoota{ 4} irraa odeeffannoo guurameraa.Qorataanis
namootaa waa’ee oduu durii irrattii muuxannoo qaban gandeen sana keessaa beeku bira deemuun
odeeffannoo ergafunaannatee booda namoonni sun ammoo namoota waa’ee oduu durii irrattii
muuxannoo qabanu akkaa eeranuuf taasisuun darbee odeeffannoo funnannatera.

xvi
3.5.Meeshalee Funaansa Raggalee
Odeeffannoon qorannoo kanaaf barbaachisu karaalee afgaaffii fi marii garee xiyyeeffannootiin
funaanamera

3.5.1.Afgaaffii
Afgaaffiin gosoota odeeffannoon qorannoo ittin funaanamu keessaa isa tokkoodha.Qorataan
galma ga’iinsa qorannoo kanaatiif odeeffannoo kan ittiin sassaabatee keessaa tokkoo afgaaffii
taasisuun ture.Afgaaffiin odeef-kennitootaaf dhiyaatees afgaaffii mit-caaseffamadha.Deebii
madda odeeffannoo kanaa irraa ka’uun gaaffileenbiroo akkaataa barbaachisummaa isaaniitiin
dhiyaataniiru.Afgaaffiin kunis hanga odeeffannoon walfakkataan madden odeeffannoo biraa
irradedeebin ka’utti kanitti fufe yemmu ta’u, namoota{ 10} niif gaaffii dhiyeessera.

3.5.2.Marii Garee Xiyyeffannoo


Mariin garee namoota lama fi isaa oliin kan dhimmaa tokko irratti odeeffannoon kan wal
jijjiiramuudha. Mariin garee meeshaa odeeffannoon ittiin funaaname keessaa isa biroo yemmuu
ta’u, iddattoowwaan mala iddattessuuttin filataman namoota( 18) garee sadiittii
qoodamuunmariin garee taasifameraa.Tokkoon tokkoon garee namoota { 6} kan qabuu yemmuu
ta’u, gareen sadanuu maanguddoota, dubartoota fi dargaggoota akkaataa baayina isaaniitiin
bakka sadiitti qooduun qabateera.Qoratanis yeroo marii garee kana garicha
keessattihirmaachuun gaaffilee ka’uu malanu kaasaa kan turee fi haala hoo’aa ta’een yaada
akkaa wal-jijjiranuuf kakaasaa tureera.

3.6. Mala Qaaccessa Ragaalee


Odeeffannoowwan maddeen odeeffaannoo irraa meeshaalee funaansa ragaaleetiin argaman mala
akkamtaatti fayyadamuun qaacceffamaniiru.Odeeffannoowwan madden raga tokkooffaa irraa
argaman akkaataa walittii dhufeenya isaaniitiin jechaan qacceessii irrattii taasifameera.
Odeeffannon sassaabame jechootaan hiikni itti laatamera.

xvii
BOQONNAA AFUR: QAACCESSA RAGAALEE
Boqonnaa kana keessaatti meeshaaleefunaansa ragaaleetiin funaanamaniif hiikaa akkaataa walitti
dhufeenya isaaniitin keeyyata keeyyataan funaanamanii qaacceffamaniiru.

4.1. Ergaa Oduu Durii Oromoo ummaata Aanaa Limmuu saqqaa


Kutaa kana jalatti oduun durii ummata Oroomoo Aanaa Limmuu Saqqaa funaaname ergaan isaa
ibsameera Isaanis: diinagdee ,gowwummaa, abshaalummaa, tokkummaa, haaloo baafachuu,
hiriyuummaa fi kan kana fakkaatan ibsuu akka danda,u hubatameera.

4.1.1. Gowwummaa fi Abshaalummaa


Ergaawwan oduun durii dabarsu keessaa inni tokkoo gowwummaa fi
abshaalummaadha.Afgaaffii iddattowwaniif dhiyaatee deebii deebisan irraa fi fakkeenya isaan
kaasan irraa hubachuun akka danda’amettii, oduun durii tokko al-tokkotti gowwummaa fi
abshaalummaa qabaachuu danda’a. Fakkenyaa iddattoowwaan odeeffanno :

Akkaa ( Kamaal Dhiinsaa ) irraa argadheen.Akkas jedha:

Bara durii namichatu karaa deemaa ture.Osoo deemuu aduun itti dhiinaan ganda
nama buluu dhaqe.Abbaan matiin manasanaa lukkuu qalatanii turan.Keessummaan
itti dhufnaan akka itti nyaatanu dhabanii osoo taa’aa jiranii haati manaabuna
danfistee fiduu deemte yeroo kana lukkuun qooxii irraa batattisnaan
keessummichi,maal isheen Jedhe. Lukkuu jennaan waanin jibbutu jira jedheen.
Yeroo kana eerga inni hin jaallannee jedhanii nyaachuuf dhiyeeffatani.
Keessummichis nyaachuuf itti dhiyaate.Abbaan manaa maal hin jaalladhu hin jennee
jedheen.Keessummichis, fayyaa isheen jedhe malee foon ishee hin jenne jedheenii
waliin nyaatee bule jedhama.

Akkaa yaada kanatti Abshaalummaa keessummichaa fi gowwummaa maatii sana irraa


hubachuun ni danda’ama. Keessimmichi tooftaa mataa isaatti gargaaramuun soba dhugaa
fakkeessee amansiisuun foon lukkuu maatii sana waliin nyaate.Maatiin sunis dubbii isaa osoo
hin qorin( lukkuu jibbuun isaa maaliif akka ta’ee fi sababa lukkuu jibbuu foon ishee nyaachuu fi
nyaachuu dhiisuu isaa adda baasuu dhabuu isaanii )amananii foon lukkuu duraan dhoksan sana

xviii
nyaachuuf dhiyeeffachuun isaanii gowwoomfamuu isaanii agarsisa.Kanaaf, ergaan oduu duraii
kanas abshaalummaattii gargaramuun of bulchuu fi yeroo baay’ee osoo yaada namaa sirriitti
qoranii adda hin baafatin callisaniituma amanuun gaarii akkaa hin taanee yookaan gowwummaa
ta’uu isaa akka mul’isuu odeeffannoo (Kamaal Dhiinsaa) naf kenne irraa hubachuu
danda’amera.

4.1.2 Warra Gowwaa


Akka Dargaaggoon Miftaahuu Taajuu jedhutti :

Abbaa manaa fi haadhaa mana gowwaatu biyyaa tokkoon keessaa jiraataa turan.Guyyaa
tokko galaa qopheffatanii karaa deemuuf karoorfatani galaan isaanii bassoo ture.Osoo
karaa deemanii bishaani bassoo isaanii ittiin bulbulaatan waan dhabaaniif bishaan
barbaacha gara lagaa deeman. Laga gahanii bassoo isaanii hiikanii bishaani guddaa irratti
firfisanii yeroon isaa yeroo gannaatii yeroo bishaan guutu waan ta’eef bassoo isaanii jala
fudhatee yeroo deemu haati manaa namichha bassoo qabuudhaaf bishaan keessaa lixxee
deebi’uu diddee maaliif bishaani keessaa hin baatu jedhee dhakaa yeroo inni gad ittii
darbatu dhiigni olfaca’e. Yeroo kana abbaan mana sun ana kophaatti dhiistee kophaa
ishee bassoo barbaaree qabu dhugaa jirtii jedhee ifoo isaatis gara bishaani sanatti seenee
laman isaaniyyuu wal-faana bishaanichaan dhumaan jedhama jechuudha.

Akka yaada kanattii gowwummaan jara lamanii isaan lachuuyyuu ni medhee jechuudha. Isaan
lamaan keessaas osoo tokko abshaala ta’ee akkaas hin ta’anuu turan jechuudha.Silaa namii
abshaallii jera keessaa jiratee meeshaa ittii bassoo bulbulaan fida ture malee,akkasittii bishaanitti
hin naqan jechudha.

4.1.3 Abshaalummaa
Akkaa odeeffannoo Baadiru Abbaa Bulguu naf kenneetti:

Bara durii sardiidaan ganamaan ka’ee nyaataa barbaacha osoo jiruu lukkuun baay’aatanii
nyaataa isaanii barbaadacha osoo jiranii kormaan lukkuu tokko iyyee. Sardiidaan sagalee
kormaa lukkuu dhaga’ee figee dhaqe sagalee ketu baay’ee natti tole mee irraa deebi’ii
naaf jedhii jedhen.Kormaan lukkuus lukaan lafa dhaabbaatee ija isaa lamaan dunuunfate
osoo iyyuu sardiidaan utaalee morma kormaa lukkuu qabate. Lukkuun warren
hafanis,baqatanii gara manatti deebi’anii.Sardiidaan kormaa lukkuu fudhatee osoo figaa

xix
jiruu kormaan lukkuu sardiidaan akkas jedheen,osoo ati gad-nadhiftee lallabdee
lukkuuleen hundii isaaniiyyuu deebi’anii dhufuu kanaaf gad-nadhisii iyyii jedhee
sardiidanis dhugaa ittii fakkaannan yeroo innii iyyuu kormaan lukkuu harkaa bahee muka
irratti ol bahee sardiidaan harkaa duwwaa galee jedhama.

Akkaa Baadiruun odeeffannoo naf kennettii yaada kana irraa wantii hubaatamuu Sardiidaan
gowwoomuu fi Lukkuun immoo Abshaalaa ta’uudhan harkaa ba’u danda’ee jira jechuudha.

4.1.4. Jireenya Gamtaa Yookaan Tokkummaa


Bara duri irraa jalqabee Uummanni Oromoo gamtaan jiraata ture.Diinasaas ofirraa ittisuufis ta’ee
jireenya kamuu keessatti waltumsuun jiraataa ture.Maddeen odeeffannoo irraa afgaaffii
taasifameen hubachuun akka danda’ametti oduun durii bu’aa gamtaan qabuu fi miidhaa gamtaa
dhabuun qabu kallattii adda addaatiin kaasuun barsiisuun akka danda’uu eeraniiru.Fakkenyaa
kaasuunis deebii isaaniitiin wal-qabsiisuun yaalaniru.

Akkaa ( Taajuun Abbaa Gaaroo) jedhutti.

Bara durii namicha yeroo mara ijoolleen isaa waliif hin gallee tokkotu ture. Abbaan
ijoollee sana walii galchuuf murtee tokko irra ga’e.Innis garaagarummaa isaan gidduu
kana irraa kan ka’e balaan isaan irra ga’u itti agarsiisuuf tooftaa dhahe.Ilmi isaa inni
xiqqaan ulee hidhaa tokko akka fidu ajaje.Ulee dhufes bakka takkotti hidhuun akka
cabsanu ajaje.Lamaan isaanituu cabsuu hin dandeenye.Boodas ulee sana tokko tokkoon
akka cabsanu ajaje.Isaaniis ni caccabsan.Yeroo kana abbaan isaanii akkas jedheen,kunoo
kun barumsa isiniif haa ta’u,isin yoo yaadan tokko taatanii waliigaltan akka ulee
hidhame sanaatti jabaattu. Ta’uu baannaan garuu akka ulee isa qofaa qofaa sana taatu
jedheen jedhama.

Oduun durii olittii kaafame kun gamtaa qabaachuun humaa cimaa waan hunda ittiin injifatanu
ta’uu mul’isa. Karaa biraaatin immoo waliigaltee dhabuun haala salphaa ta’een waaan salphaan
akka injifatamuu danda’an nama hubachiisaa. Ergaan oduu kunis tokkummaa qabaachuun gaarii
ta’uusaa fi tokkummaa dhabuun ammoo miidhaa inni nama irratti qabu agarsiisa.

xx
4.1.5. Jireenya Gamtaa
Akkaa Mahaammad Abbaa Nagaa jedhuttii:

Bara durii Leencaa fi Waraabessatu waliin jiraatu turan.Leenci sangaa qaba waraabessii
immoo sa’a qaba ture.Isaaniis dabareedhan eegu turan.Guyyaa tokko osoo leenci eegaa
jiruu saan waraabessa dhalte.Leenci waatii dhalatte fudhachuu barbaadeetu dil’uu saa’aa
fuudhee udduu sangaa isaatti suuqe.Waarabesanis kunoo sangaa kootu dhale
jedheeni.Sana booda wallolanii bineensota jaarsummaa baafatani bineensonni hunduu
dhufanii qalameen qofti boodatti haftee dhufte.Guyyaa biroos waamanii jennaan ammaas
boodatti haftee dhufte.Yeroo isheen dhuftuu muka guddaa jalatti wal-gahanii jiruu.
Leencis qalameen akkana jedhen “jaarsummaa koo tuffattee moo maaliif boodatti
hafte ?” jedhen. Lakki gooftaa akkaas miti lafa tarsa’e jennaan suphuuttaan ture
jetteen.Leenciis lafti ni tarsa’a ?maaliif sobda jedhen isheeniis sangaan ni dhalaa ?
maaliif sobda jette muka kortee jedhama.

Akkaa yaada kanatti leencii ofii isaatii duromee waraabessaa hiyyummaa keessati hambiisuu
barbaade jechuudha. Kanaa malees,walii galtee duran qaban sun akka digamuu taasiseeraa.

4.1.6. Jireenya Tokkuummaa


Akkaa Barsiisaan Jammaraa Taddaasaa jedhanittii:

Sangoota sadii fi Waraabessa Tokkotuu Walittii Dhufuu


Sagoota sadii fi waraabessa tokkotu jiruu ture.Sangoonni kunis,gamtaadhaan jiraatu
turani. Sangoonni kun bifti isaaniis tokko gurraacha,tokko diimaa,tokko adii turani.Yeroo
waliin jiraatan diina isaanii gamtaadhaan ofirraa ittisaa jiratu.Guyyaa tokko Waraabessi
sangaa diimaa fi gurraachatti dhufe sangaa isa adii kana yoo ofirraa adda baaftan malee
diinni fagootti isin argee isinitti dhufuu danda’a jedhee dogongorse.Yeroo kana
sangoonni kun dhuguma itti fakkaatee sangaa adii san of irraa ari’an waraabessichis
kophaatti sangaa adii argatee nyaate.Guyyaa biros sangaa isa gurraacha ofitti waamee
sangaa diimaa kana irraa adda baatu malee dinnii haalalaa sin argee dhufe isiin nyaataa
jedhen.Yeroo kana dhuguma itti fakkaatee addadda bahanii waraabesichis addadda
baasee isaan laachuun qofa qofattii argate nyaatee fixe jedhama.

xxi
Akka yaada olii kanaa irraa hubaachuun danda’amutti osoo akka duran jiranniittii tokkuummaan
jara ittii fufee waan nyaatamanuuf hin qabanu ture.Garuu waan waraabessii jedhe hundaa isa
dhugaa se’anii addaan bahuun isaanii miidhaa malee bu’a akka hin qabne
mul’isa.Kanaafuu,Waraabessi tokkuummaa jarreen kanaa gidduu jiru balleessuuf jecha tooftaa
mata isaattii fayyaadame sangoota kana addaan baasee nyaate jechuudha.

4.1.7. Haaloo Baafachuu


Jiruu fi jireenyaa keessatti hawaasni walitti bu’uun isaa hin oolu. Yeroo walitti bu’ukan ammoo
yaadaan yookan gochaan inni tokko isa biroomiidhuun isaa waan hafu miti. Kana miidhames,
ijaa (haaloo) baafachuufcarraaquun namamiidhamees hin hafu. Oduun durii oromoos yaada kana
akkamitti haaloo akka baafatanuu agarsiisuuf hunma cimaa qaba. Haaloo gareen yookan nama
dhuunfaa gidduutti taasifamuu danda’a.

Akkaa Barsiisaan ( Taashomaa Fiqaaduu) jedhuttii :

Bara durii daldala tokkotu jira. Innis gaaf-tokko daldalaaf osoo deemuu nama
wayiitiin walbare.Mana jara sanaas meeshaa isa buufachuu jalqabe.Walitti dhufeenyi
isaaniis cimnaan wal amanuu jalqaban.Namichis yeroo maatiin sun hin jirre illee ol
seenee meeshaa kaawwachuu jalqabe.Walitti dhufeenya isaanii kanas ollaan inaafuun
gaaftokko osoo maatiin hin jiraatin namichi amoolee kaawwatee deemnaan ollaan sun
akka maatiin sun amoolee namichaa fudhatanii waddeessa soofanii keessa kaayaniif
gorsani. Maatiin sunis ni godhan. Namichi yemmuu amoolee se’ee gurgurachuuf
gabaa baasu waddeessa soofamaadha. Dabaa maatiin sun irratti hojjatansun isa waan
arseef haaloo amoolee isa baafachuuf murteesse.Gaaftokko innis maatiin sun daa’ima
ciibsanii yeroo isaan manaa deemanu argee jaldeessa ajjeessuun bakka mucaa sana
ciibsuun mucaa isaanii fudhatee gale.Maatiin daa’imaa yemmuu galanu bakka mucaa
jaldeesa du’aa arganii waan godhanudhabnaan mucaa keenyatu duute jedhanii
kafanuun awwaalanii gadda ta’uu jalqaban. Namtichis godoo gaddaa mana isaanii
cinaatti arginaan bo’icha dhufee akkas jechuun boo’ee,”Amoolee baargamaa dhufe
maaltu godhee waddeessa,ilmoo namaa dhalate maaltu godhe jaldeessa?” maati
daa’imaatiifis wanti sun dafee galeef. Garuu seenaan namtichi kaasee boo’u warra
ollaaf galuu didnaan qoratanii bira ga’uun, maatiin sun amoolee isaaf akka deebiisanii
fi namtichoon ammo mucaa isaanii akka deebisuuf taasisan jedhama

xxii
Oduu durii olitti kaafame kana irraa yaadni hubannuu,sababaa maatiin tokko amoolee isaa jalaa
fudhataniif namtichis haaloo isaa baafachuuf mucaa isaanii jalaa fudhachuu isaati.Kana malees,
gorsa namaa fudhatanii namamiidhuuf deemuun gaarii akka hin taaneellee asuma keessa
argachuu dandeenya. Sababiinsa maatiin sun waliitti dhufeenya isaanii akka inaafan osoo hin
hubatin gochaa sana dalagani.

4.1.8. Dinagdee (hojii tuffachuu dhiisuu).


Afoolli Oromoo haala jiruu fi jireenyaa keessaa wantii hi tuqne hin jiru.Dhalli namaa ammoo
yeroo dachee kana irraa jiraatuttii hojjate of gaggeessuun jiraata.Carraaqee bula. Yeroo carraqu
kanas innii tokko diinagdee isaa kan birooti ol ta’uu mala.

Akka Barsiisaan ( Jammaraa Waaqjirraa ) jedhuttii :

Bara durii obboloota hiyyeessa fi sooressaa lamatu waliin jiraachaa


turan.Namichi inni hiyyeessaa osoo oboleessi isaa inni sooreessaa gargaaree
barbaadaaa ture.Haata’u malee inni garuu gargaaruu hin feene ture.Sababa
kanaaf namitichi inni hiyyeessi fagaatee jiraachuu filate. Bakka deeme
sanattis Maseenqoo taphatee jirachuu eegale.Gaaf tokkoos mana cidhaa
tokkotti osoo inni Maseenqoo rukutee taphatuu namoonni ollaa obboleessa
isaa isa sooressaattii dhufun namtichi kun sanyii nama guddaa ta’ee hojii
akkaasiitiin nyaataa jedhaniin.Namtichis jecha isaanii kana dhaga’ee akkas
jechuun weeddisuu jalqabee “Hannaa mannaa kana wayya.Hannaa manna kan
wayyaa” jedheen jedhama. Oduun durii kun diinagdee keessattii hojiin kamuu
tuffatamuu kan hin qabnee fi qabeenyi nama kamiyyuu nama birootiif
faayidaa kan qabu osoo hin taane waan humna ofii fi ogummaa ofiitiin
jiraachuun kan boonsuu malee kan gaddisiisu akka hin taanee
akkasumasdhabaa ta’anii hatanii jiraachuurraa hanga dandeettii ofii carraquun
gaarii ta’uusaa mul’isa.Akkuma oromoon “Qabeenyi obboleessaa obboleetti
raafuu funaansa hin oolchuu “ jechudha.

Akkaa yaada kanaatti qabeenya ofii malee kan nama biroo abdachuu fi eggachuun sirrii akka hin
taane kan agarsiisu ta’uu isaa irraa kan hubatamajechuudha. Waan qabaniin gaba bahuu jedha
oromoon.

xxiii
4.1.9 Oduu Durii Hiriyuummaa Mul’isu
Akka Addee NaazifaaAbbaa Gaaroo jettutii

Bara durii Qeeransatu jira jedhan. Qeerrensi kun,re’ee nyaataa,hoolaa nyaataa namoonni adamii itti
bahan.Gaafa adamoo itti bahaan,hin baqaata osoo baqatuu namicha karaa deemuutti dhufa. Namichi
kunis,meeshaa waraanas ni bataa,qalqalloos ni baata. Maaloo lubbuu koo baasi !jedheen.Lubbuu na baasi
jennaan akkam godheen sibaasa ? jedheen.Qalqalloo kana keessa na ka’aadhuu jedheen.Ka’ee qalqalloo
keessa godhate na nyaattaa ? jedhen sin nyaadhuu jedheeni.Deeme deemee yeroo bakka isaa ga’uu lafa na
ka’ii jedheni.Yeroo inni lafa ka’uu sin nyaadhaa jedheen maaloo sin nyaadhuu hin jennee’ii maaliif na
nyaattaa ? jedheen.Lakkii sin nyaadhaa jedheni.Fardi tokko gaaddisa jala dhaabbataa jaarsummaa fardaa
sana wammataan.Oggaa farad wammaataan namana nyaadhuu jedhe fardi.Maaliif jennaan maaloo na
yaabbatee bashannanaa,sargii na fudhatee dhaqa ka’ee urufaatti nagatee nyaadhuu inni galata hin qabu
nyaadhuu jedhen.Mee qotiyyoo bira dhaqnaa jedhani.Qotiyyoo bira yoo dhaqanuu nyaadhuu jedhen
qotiyyoonnis .Maaliif jenneenana qamadatee ijoollee isaa ergaan guddisee urufatti nagatee.Cirriin
nanyaataa,nyaadhuu jedheeni.Mee qamaleen mukarraa jiraa qamaleen kun nuuf ha ilaaluu jedhee
qamaliichaa wamaan.Qamalicha bira dhaqanin jennaan qamalichiis maaliif dhuftan jedhen? Jaarsummaa
si bira dhufnee jedhanin.Dhuguumaan lubbuu isa baafte ?jedhenen qamaleen namichaan.Hin sobda
malee,mee akkamittii baafte ? jedhen.Kunoo korojoo keessa godheeni jedhen.Mee seensisii naan laalaa
jennaan qalqala keessa seensiseen namichi.Mee hidhi akkamitti hiite ? jennaan hidhee namichi sila
meeshaa waraana harkaa qabaa arkumaan olii gad-deemtaa ? meeshaan waraana si harka jira.Qeerransi
qalqalloo keessa jira maal eegda jedheenii

Oduu durii kana keessatti qeerrensi namicha meeshaa waraana fi qalqalloo baatee deemutti
dhufuun isa hiriyyummaa uummachuu agarsiisa.Erga namichi qeerrensi namoota ajjeesuuf
barbadan jala baasee,qeerrensi namichaan sinyaadhuu malee jechuun isaa waliigaltee cabsuu isaa
yommuu ta’u,namichi immoo lubbuu kee du’a jala sii baraareen sinyaadhuu malee naan jettaa
jechuun isaa caasaa wal-qorachuu agarsiisa.Yaada irraa wantii hubannuu hawaasaa tokkoo
keessatti nama waadaa cabsee tokko jaarsummaa itti waammachuunbaay’ee barbaachisaa akka
ta’ee fi jaarsummaadhanis murteen akkuma abbaan itti dhufetti galchuun akka jiru mul’isa.Nama
waan gaarii namaaf yaadu tokkootti daba yoo itti yaadan cubbu kan argatu isa daba yaade akka
ta’ee yaada kana irraa hubachuun ni danda’amaa.

xxiv
4.2. Faayidaa Oduu Durii Oromoo Ummataa Aanaa Limmuu Saqqaa
Maddeen odeeffannootiif afgaaffii taasifameen faayidaan oduu durii maal maal akka ta’ee adda
baafachuun da’ameera. Haalumaa kanaan faayidaan oduu durii barsiisuu danda’a, ni
bashannansiisaa, nigorsa, niqeeqa, aadaa eegsiisuu danda’aa jechuun ibsaniiruu. Yaada isaanii
irraa ka’uun faayidaan oduu durii bal’aa fi kana qofa jedhanii lafa kaa’uun
rakkiisadha.Sababiinsaas, oduu duriittiimaayii ba’uun namoonni kallattii adda addaatiin waan
jireenya isaani waan geggeeffatanuufi.

Oduun durii kan inni barsiisu namoonni rakkoo jireenya isaa keessatti isa mudatu jala kallattii
ittiin ba’anu agarsiisuu mala. Yeroo tokko tokko abshaalummaan waan nama mudatu jalaa
akkaataa ittiin ba’uun danda’amuu fi miidhaa gowwummaan nama irratti fidu irraa hubachuun
waan dana’amuuf bu’aa yeroo dhiphinaattii abshaalummaan qabuu fi miidhaa osoo waan tokko
hin hubati dalaguun naamatti fidu bifa oduu duritiin waan jiruuf kana irraa hubachuun akka
danda’amu yaada odeeffannoo kennitootaa irraa hubaachuun danda’ameera.

Kana malees maddeen oddeffannoo irraa afgaaffii iddattootawwaan dhiyaateen faayidaa oduu
durii oliirratti yaada dabalataa laataniiruu. Yaada isaanii sanas akkaataa xiinxala kana keessaatti
haammatamuu danda’uun kaa’ameera.Oduun durii daa’immaniis ta’ee namoota gurguddoo
bashannansiisuu danda’aa jedhu.Daa’immanitti yeroo oduu durii tokko himne irra naf deebi’i
jedhuu.Kan biroo akka itti dabaltuuf si dirqisiisuu.Yeroo biroos akka ati itti himtu gaafachuun
isaaniihin oolu.Kun ammoo sababa oduun durii itti toluun isaan kofalchiisuu danda’uuf jechuun
yaada isaanii kennaniiruu. Yaada kana irraa hubachuun akka danda’amettii, oduun durii yaaada
dhugaaaddunyaa kanarratti rawwatamaan yookiin hin raawwatamiin yookan waan gara
fuuldurattii ta’uu danda’u jechootaan miidhagsee akkaataa miira nama hawwatuun waan
himamuf bashannansiisuun faayidaa isaa isa biroo akka ta’e adda baafameera.

Dabalataanis,afgaaffii maddeen odeeffannoo irraa odeeffannoon argame akka addeessuttii,


oduun durii miiragootummaa nama tokko keessatti uumu kan danda’uu fi gorsuu akka
danda’uueeraniiru. Oduun durii kan moo’ee fi moo’amee wal-qabuun waan himamuuf
daa’imman yemmu dhaggeeffatanu akka isa cimaa ta’uu barbaduu.Gocha dhaga’an sanas
shaakaluu danda’uu. Yeroo himamu kan injifatamee waan ittin arrabsamuuf akka daa’imman
gootummaa baratanu gochuuf mala.Goota akka ta’anu fi sodaachuu akka hin qabne jajjabessaa
jechuun yaada isaanii eeraniiru.

xxv
Yaada kana irraa hubachuun akka danda’amettii, oduun durii akka daa’imman gootummattii
cimaan gorsuu kan dada’uu taasisuu keessatti qooda olaanaa kan qabuu ta’uusati.Namfakkii
jabaa(cima) oduu durii sana keessatti yaadaan argan sana fakkaachuu waan barbaadanuuf gochaa
isaa faana bu’uun waan innii dalage sana dalagu.Namfakkii laafaa jibbuun faallaa gocha isaa
hojjetu. Yeroo kanimmoo osoo hin beekin jabaa ta’uu gorfamaa jiru. Kanaaf, oduun durii
Oromoo gootummaa fi gorsa kennuu keessatti shoora mataasaa akka qabu yaada odeeffannoo
kennitoota irraa hubachuun danda’ame

4.3. Haala Oduun Durii Oromoo Uummataa Oromoo Aanaa Limmuu Saqqaa
Yeroo Ammaa irra jiru
Odeeffannoo afgaaffiin madden odeeffannoo irraa argame irraa hubachuun aka danda’ametti,
oduun durii yeroo ammaa kana sadarkaa himamuunsaa hafuu irraa akka jiru hubachuun
danda’ameera.Maddeen odeeffannoo yaada isaanii waa’ee sadarkaa oduun durii irraa jiru fi
sababoota oduun durii akka sadarkaa sana irratti argamu taasise irratti akkaataa itti aanu kanaan
laataniiru.

Oduu durii Oromoo yerooammaa kana garadagatamuuttii deemaa jira. Namni


dhaggeeffatus ta’ee kan himus baayeen hin mul’atu.Daa’imman guyyaa mana barumsaa,
halkan kan baratan ilaalu. Yoo televiiziin jiraate ammoo yeroo baay’ee isa ilaaluu irraan
kan ka’ee oduu durii dhaggeeffachuu miti nyaatayyuu hin yaadatanu.Kana malees,
maatiin baay’een ijoolleen isaanii mana amantaatti akka guddatanu waan barbaadanuuf
yeroo isaanii achitti akka dabarsanuu ajaju.Maanguddoonni oduu durii beekanus
baay’een isaanii mana amantaa keessatti yeroo isaanii dabarsuu fi abbootii amantaa
ta’anii waan dhumaniif namni oduu durii himuufi dhaggeeffatuu haphachaa dhufeera
jedhu.

Yaada odeeffannoo kennitootaa olii kanarraa hubachuun kan danda’ame, laafaa deemuu
himaamuu oduu duriitif sababni inni guddaan guddachuu saayinsii fi teeknolojiitiin walqabatee
manneen barnootaa babal’achuun daa’immaniif bakki oolmaa manneen barnootaa ta’uu isaa fi
meeshaaleen miidiyaa hawaasaa adda addaa hawaasa keessatti babal’achuurraan kan ka’ee oduu
durii caqasuu irraa midiyaa caqasuu filachuun daa’immanii akkasumas, manneen amantiilee
adda addaa keessatti waa’een amantii xiyyeeffaannoo bal’aa argachuufi maatiin ijoollee

xxvi
daa’immaan isaanii ogummaa amantaatiin akkaa guddatan gochuun isaanii sababa isaan guddaa
akkaa ta’e hubachuun danda’ameera.

Dabalataanis,maanguddoonni abbootii amantii ta’uudhaan gorsi isaan daa’immaniif kennanu


waa’ee amantii irratti kan xiyyeeffatee fi amantiin daandii qofaa isaa daa’imman kan qaru
faakaatee itti mul’achuu irraa kan ka’e waa’ee oduu durii barsiisuu irraa waa’ee amantii
barsiisuu irratti bu’uureffachuu isaaniis sababa isaa biroakka ta’ee addaan baafameera.Gama
aadaatiin wal-qabatee walitti dhufeenyi maanguddoonnii fi daa’imman qabanu laafuun walitti
dhufeenyi isaani gama amantaan ta’uun aadaa kana dhabamsiisaa jiraachuun isaa dhiibbaa isa
birooti.

Walumaa galatti oduun durii sirna ijoollee bashannansiisuu fi kan barsiisuu ta’ee uummanni
oromoos haala kanaan fayyaadamaa aadaa fi duudhaa isaa dhaloota dhalootatti akkaa dabarsa
dhufe kan seenaa oromoo beeku hundii ni hubata. Kanaafuu,aadaan miidhagan kun dagatamee
akka hin hafne kan dhimmi isaan ilaaluu hundii shoora mata isaanii taphaachuu qabu.

xxvii
BOQONNAA SHAN: CUUNFAA, ARGANNOO FI YAADA

FURMAATA
Boqonnaa kana jalattii xiinxala adeemsifameef yaadni waliigalaa qorannichaa kan argamuu fi
xinxila taasifamee bu’aan qorannichaa irra argamee ka’ameera. Akkasumas,yaadni furmaataa
rakkoo argame ni fura jedhamee yaadame ka’ameera

5.1. Cuunfaa
Xiinxila adeemsifameen ergaaan oduu durii maal maal akka ta’e hubachuun danda’ameera.
Oduun durii odeef-keennitonnii fakeenya kaasanis ergaawwan
akkaa:gowwummaa ,abshaalummaa, tokkummaa, haaloo baafachuu fi dinagdee akka
dabarsanuu addaa baafamera.

Maddeen odeeffaannoo irraa hubachuun akka danda’ametti oduun durii faayidaalee garagaraa
qaba.Faayidaan isaa kunis:ni barsiisa,ni gorsa,ni bashannansiisa,ni gootomsaa, ni jajjabessa,ni
qeeqafi aadaa egsisuu danda’aa. Namni oduu durii dhaggeeffatu namfakkii seenaa sana keessatti
waan gaarii hojjetee, gootumma isaa mul’ise,abshaalummaan waa jala ba’e yookan namfakkii
jabaa oduu durii sana keessaa fakkaachuu waan barbaaduuf kallattii adda addaatiin barsiisaa
bashannansiisa. Bashannansis gorsa. Karaa biraatiin immoo faallaa namfakkii jabaa yookiin
namfakkii seenaa sanakessatti waan gaarii hin goone akka jibbuu ,amala fi gochaa isaa illee akka
balaleffatanu taasisuun oduun durii shoora mataasaa waan taphatuuf daa’imman kallatti bareeda
ta’e qabatanii akka guddatuu taasisuu danada’a.Oduun durii Oromoo sababa guddina saayinsiifi
teekinoloojii irraa kan ka’ee fi manguddoonni xiyyeeffannoon isaanii garaa mana amantaatti
deebisuun laafaa deemuu himamuu oduu duriitiif sababa ta’eera. Kana males, manneen
barnootaa magaalaa fi baadiyyaatti babi’achuun bakki olmaa daa’immanii achita’uun sababa
birooti.Walitti dhufeenyi maanguddootaa fi daa’immanii karaa amantaatiin irra caalaa cimaa
deemuu isaa yaada kanaa irraa hubachuun ni danda’ama.

5.2. ArgannooYaada furmaata


Xiinxala adeemsifameen argannoowwan adda addaa argamaniiruu.Isaanis:

 Sababotni laafaa deemuu oduu durii adda baafameera. Isaanis:


 Guddina saayinsii fi teeknoloogii, babal’achuu manneen amantaa adda addaa ,
babal’achuu manneen barnootaa magaalaa fi baadiyyaa keessatti.
xxviii
 Walitti dhufeenyii maanguddootaa fi daa’immanii gama aadaatiin ta’uu hafee gama
amantaatiin ta’uusatin.
 Ittii faayyadamiinsa meeshaalee miidiyaa hawaasaa keessattii babal’achuusaa
 Faayidaa oduu durii hubachuun danda’ameera.
 Ni barsiisuu, ni bashannansiisuu, ni gorsuu,ni qeeqa, aadaa eegsiisuu danda,a
jechuudha.
 Ergaawwaan oduu durii bira ga’amera.
 Diinagdee, gowwummaa, abshaalummaa,tokkummaa,haaloo baafachuu,fi kan kana
fakkaataniidha.

5.3. Yaboo Yaada furmaata


Xiinxala adeemsifameen rakkoowwan mul’ataniif yaadni furmaataa akkaataa itti aanuun
kaa’ameera.

√ Waajirrii aadaa fi Tuurizimii Aanaa Limmuu Saqqaa oduu durii qabiyyeewwan adda addaa
isaa waliin osoo kuusee bifa barreeffamaan ol kaa’ee hambaa seenaa gaarii ta’uu mala jedhame
abdatama.

√ Uummani oromoo osoo kunuunsaaadaa kanaaf gama adda addaatiin taasisee


bareedha.Kunuunsa kanas aadaan amantaa irratti dhiibbaa akka hin qabne hubachuun amataa
cinaatti daa’imman jajjabessuu fi gorsuufosoo oduu durii faayyadamani filatamaa ta’a.

√ Manneen barnootaa olmaa daa’immanii naannoo oromiyaa keessatti osoo daa’imman gosoota
afoolaa adda addaa akka barsiifamanu taasifamee afoolli Oromoo dhaloota dhufuuf akkaa darbu
taasisuu danda’a.

√ Qorattoonni, barsiisonni, baratoonni fi qaamonni dagaagina afoola Oromootiif quuqaamanu


kaamuu tumsa mataasaanii taasisuun oduun durii hambaa seenaa ta’ee akka darbuuf osoo
kuusuun ol kaa’uuf hojjetanii gaarii ta’a.

xxix
Wabiilee
AsaffaaTafarraa.(2009).Seena Ogbarruu oromoo.Finfinnee.Oromiyaa.

Fedhasaa Taaddasaa. (2013).SUBII.Bu’uuraalee Ogbarruu Ooromoo.Finfinnee: Subi printing

press.

Jaarraa Wasanee fi Wasanee Bashaa.(2008).BAANTUU HAARAA.Caaslugaa fi ogbarruu

Oromoo. Finfinnee Oromiyaa.

Lammii Kaabbadaa.(1995).ODUU DURII OROMOO.Wiirtuu Jiildii 6.Finfinnee.

MasfinTashoomaa fi Kanneen biro.(1995).TAPHA IJOOLLEE. Wiirtuu Jiilduu 7 Finfinnee.

Misgaanuu Gulummaa.(2011). DILBII.Bu’uura Afoolaa,Ogfaaniifi Ogwalaloo oromoo.

finfinnee summer.c.(1996) oromoo Wisdom Literature. VoI.III

AddisAbaba.Ethiopia.

Malakneh Mangistu. (2013). Fundmentals of Literature .Addis Ababa University.

Soofiyaan Siraj.(1999).AFOOLA OROMOO.Wiirtuu jiildii 8.Bu’uuraalee Qormaata

Walta’ina Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa.

Tafarii Ayyaanaa. (1998).Afan Oromo New Systematic Book Series.Addis Ababa:Aster Nega

Publishing press.

xxx
Dabalee A
Afgaaffiilee odeeffannnoo keennitootaaf dhiyaatan

1. Oduun durii maali?

2. Namoonni oduu duriitti gargaaramuun maal fa’a dabarfatu?

3. Oduun durii maalif himama?

4. Namoonni yeroo ammaa kana oduu durii ittii fayyadamaa jiruu?

5. Oduun durii irra caaalaattii eenyuun himama?

6. Eenyutti ammoo himama?

xxxi
Dabalee B
Gaaffiilee marii gareetiif dhiyaatan.

1. Oduu duritti namoonni haalaan fayyadamaa jiruu?


2. Yoo hin faayyadamne ta’emaaliif?
3. Oduun durii yoomii fi eessattii himama?
4. Oduun durii faayidaa akkamiitiif himama?
5. Yeroo ammaa kana namoonni oduu durii akkamitti ilaala jiru?

xxxii
Dabalee C
Sanduubee ode-kennotootaa

Lakk. Maqaa Saala Umurii Hojii


1. Kamaal Dhiinsaa Dhi 60 Qotee bula
2. Badiruu Abbaa Dhi 68 Qote bula
Bulguu
3. Taajuu Abbaa Dhi 52 Qote bula
Gaaroo
4. Jammaaraa Dhi 65 Barsiisaa Afaan Oromoo
Taddaasaa
5. Taashomaa Dhi 52 Barsiisaa Afaan Oromoo
Fiqaaduu
6 Jammaraa Dhi 56 Barsiisa Afaan oromoo
Waqjirraa
7 Mahaammad Abbaa Dhi 53 Qote Bula
Nagaa
8 She Nuuraa Abbaa Dhi 60 Qote Bula
Faajjii
9 Faariis Abbaa Dhi 62 Dargaggessaa Biyyaa
Duulaa
10 Miftaahuu Taajuu Dhi 53 Dargaggessaa Biyyaa
11 Addee Naazifaa Du 50 I/G/Dhimmaa
Abbaa Garoo Dubaartotaa
12 Jihaad Abbaa Dhi 30 Dargaggeessaa Biyyaa
Naagaa
13 Waaliyyaa Du 22 Barattuu
Kaalifaa
14 Nuusebaa Abbaa Du 18 Baattuu
Jabaal
15 Saamaraa Abbaa Du 22 I/G/B/B/A/L/Saqqaa
Olii
xxxiii
16 Saalii Abbaa Dhi 20 Dargaggessaa Biyyaa
Jihaad
17 Ahimmaddii Dhi 21 Dargaggessaa Biyyaa
Kamaal
18

xxxiv

You might also like