Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 2

Abbaan Taayita Misooma Albuuda Oromiyaa Dokumantii Xiinxala Hojii Misooma Albuudaa fi

Moodeela Itti fayyadamummaa Hawwaasaa Mirkaneessuuf Qophaa’e irratti Qaamolee


ilaalatu waliin Magaala Bishooftu itti mari’atee jira./07/04/2013/

Kaayyoon Dookumentiin Moodela Itti fayyadamummaa Hawwaasaa Mirkaneessuuf Qophaa’eef


Rakkoolee misooma qabeenya albuudaa keessatti hudh’aa ta’an adda baasuu fi yaada furmaataa
dhiyeessuu, Miidhaa naannoo fi hawaasa irra gahee fi gahuu malu xiqqeessun deeggarsii fi
hordoffiin itti fufiinsa qabu hojii misooma albuuda irratti akka jiraatu taasisuun Hawaasni keenya
misooma Albuuda irraa fayyadamuun jiruu fi jireenya isaa fooyyefachuu bira darbee guddina biyyaa
fi naannoo keenyaa keessatti gahee isaa akka bahatu yaadameetti. Akkasumas hawaasni dhimma
albuuda irratti hubannoo gahaa qabaachuun alseerummaa albuuda irraa gahu waniin ittisuuf
yaadameeti. Moodeela ka’uumsaa kana irratti kan argaman sekteraalee qindoomina, Bulchitoota
godinaaalee 10 fi Itti gaafatamtoota waajjira misooma Albuuda argamanii jiru. Ka’umsi
dookumentii kanaa Haala qabatamaa naannoo keenyaatti misoomni albuudaa Albuudaalee akka
salphaatti humna namaa fi meeshaalee aadaatiin hoomishaman guutummaa guututti hojii
dhabeeyyii fi hawaasa naannichaatiin akka gaggeeffaman, Albuudaalee dandeettii maallaqaa,
meeshaalee gurguddaa fi ogummaa teeknikaa barbaadan abbaa qabeenyatiin akka gaggeeffaman.
Albuudaalee dandeettii maallaqaa, meeshaalee gurguddaa fi ogummaa teeknikaa barbaadan,
guddina dinagdee naannichaatiif shoora guddaa qaban karaa Abbaa qabeenyaa, Mootummaa fi
Hawaasa(private public partnership) hirmaachiseen akka gaggeeffaman kallattiin taa’ee haala
kanaan hojjetamaa jira.

Daarikteeri Olaanaa Abbaa Taayita Misooma Albuuda Oromiyaa Obbo Tasfaayee Magarsaa akka
ibsanitti ummatni keenya kanaan dura albuuda naannoo isaa keessa baha ture irraa fayyadamaa
hin ture, innumaa iyyuu sababa albuudaan miidhaan irra gahaa kani ture ta’uu ibsuun rakkoowwan
turan furuuf yeroo dhiyoo asitti tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuun, labsii, dambii fi moodela
kana qopheessuun fayyadamummaa hawaasa misooma Albuuda irraa mirkanneessuuf hojjetamaa
jira. Fayyadamummaa hawaasa mirkaneessuuf kallatti abbaan qabiyyee lafa isaani irratti
ijaaramanii hojjechuu danda’anii fi Interpiraayiziin IMX deeggarsa mootummaa irraa yoo argatanii
fedhii abbaa qabeenyaa waliin misooma albuudaa gaggeessuu yoo qabaatan sheerii galaniiakka
hojjetan moodela qopha’e keessatti ibsamee jira. Hojimaatin kana dura ture qaawwa adda addaa
waan qabuuf hawaasnii fi Mootummaan hojii misooma albuudaa irraa haala barbaadamuun
fayyadamaa waan hin turreef moodeli kuni barbaachisaa ta’uu isaa ibsanii jiru. Sadarkaa Itti aanaa
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan kilaastera Misooma Baadiyaa Dr
Girmaa Amantee Gama isaanii akka ibsanitti, sekteroorni qindoomina kuni waliin qorannoo kana
akka mana hojii isaanitti qajeelfamoota fi labsiiwwan jiru giddu galeessa godhatanii dookumentii
fayyadamummaa hawaasa mirkaneessu kan waliin qopheessuun akka muuxannoo gaaritti
fudhatamu qaba, Guddina diinagdee biyya kanaa keessatti Qonnatti aanee sektari bold ta’ee bahe
sektaara Albuuda dha. Oromiyaan qabeenya isheen qabdu keessa tokko albuuda waan ta’eef
sektera Albuuda irratti haa xiyyeeffannu jenne murteesineen, akka mootummaa Naannoo
Oromiyaatti xiyyeeffannoo kennameefinis sekterri kuni yeroo ji’a afuri hin caalle keessatti UDS
Miliyoona 600 argamsiissu danda’ee jira. Kanaaf albuudni egeree badhaadhina biyya kanaaf
murteessa waan ta’eef sadarkaa hundatti xiyyeeffannoo argatee beekumsaan hoogganamuu qaba
jedhanii jiru.

Walumaa galatti Hirmaattootni waltajjichaas moodela dhiyaate irrati balinaan mari’achuun


hanqinaa fi rakkoowwan turan ibsuun yaadota itti dabalamuu qabanii fi keessa hirifamuu qaban
dhiyeessuun dookumentiin dhiyaate kuni rakkoo baay’ee furuu akka danda’u irratti waliigamee
jira. Akkasumas dookumentiin dhiyyate kuni Fayyadamummaa hawwaasa naannoo keenyaa
guddisuu fi rakkoo hoji dhabdummaa baay’atee jiru hir’isuu keessatti shoora guddaa qaba.
dabalataan Rakkoo sharafa biyya alaa hiikuun guddina biyyaa fi naannoo keenyaaf shoora guddaa
waan qabuuf yaadotni marii kana irratti itti dabalamuu qaba jedhamee dhiyaate fooyessuun karaa
guutuu ta’een qinda’ee kaabinee mootummaa Naannoo Oromiyaattiif dhiyaate erga mirkana’ee gadi
bu’ee hojii irra ooluu akka qabu Dr Girmaan kallattii kennanii jiru.

Dawwit Lammeessa Komunikeeshinii fi Qunnamti ummataa

You might also like