Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 42

Seensa

Namootni jireenya hawaasummaa isaani yeroo gaggeessan kan harka isaani keessa jiru kennuun
kan hin jirree ammo ni fudhatu. Wantootnni nyaataman,dhugaman,iddoo dha iddotti ittin
sochoo’an fi wantoota isaan gamachiisan hunda argachuu kan danda’an Wal-jijjiraa shaqaxaa
namoota waliin godhaniini. Kanaaf, adeemsichi amansiisaa fi mirga qabeenya isaanii irratti qaban
wabii akka argatuuf seerri sirnna wal jijirichaa bitu ni barbaachisa. Yeroo seerri jiraatu wal-jijjiraan
godhamu garagahiinsa kan argamsiisuu ta'a. Kunis soodaa ykn yaddoon akka hin jiranne gochuun
walitti dhufeenyii garii akka uumamu godha,namni kamiyyuu gabaa keessa haala salphaan akka
galu, akka bahu fi daldala si’ataa fi bu’aa qabeessa ta’e hundeessuuf gargaara. Kanarraa kan ka’e
misoomni ni ariifataa, hawaasniis irraa ni buufata(fayyadama). Bu’uurii kana hundaa, seera
waliigaltee qindaa’ee fi walitti dhuufeenya adeemsa wal-jijjiirraa kessatti jiraatu kan qajeelchuu
jirachuu isaati..

Kana waan ta’eef serrichi bu’aa kana akka argamsiisu yaadamee kan bahe ta’u isaa hubachuun
barbachiisaa dha.Seera kanas bifa hiika qabuun hojiirra olchuuf lojiikii diinagdee bu’urri isaa irratti
hunda’ee hubachuun dirqama ta’a. serri waligaltee bu’aa loogiikii dinagdee qofa jeechuu miti.
Seerri waliigaltee meeshaa duudhaaleen hawaasummaa, seenaa fi safu ittiin gaggeefamanis waan
ta’eef, bu’uurri yaad-rimeewwan kanaa maal akka ta’e beekuu fi keessattu yeroo dachaan dhufans
dhimmiichaaf isa kamttu bu’aa fooyya’e akka argamsiisu adda baasuu kan barbaadu dha.

Yaaduma kanarraa ka’uun yaada muuraasa argachuuf akka nu gargaaru boqonnaan lammaffaa
moojilii kanaa seerri waliigaltee shoora hawaasa keessatti qabu agarsiisuuf yaala. Darbee darbee
hawaasa keessatti shoora hawaasummaa kanatu calaqisa. Garu kun gahaa miti. Yeroo fudhatani
hojjachuu gaafata. Haata’uu malee kaayyoon boqonnaa kanaa seerri waliigaltee yaad rime fi
loogikii seera qofaan kan hidhame(dallefame) akka hin taanee agarsiisuufi.

Boqonnaawwan kana booda jiran keessatti dhimmoota seera waliigaltee keessa jiran tokko tokkon
kan kaasuu osoo hin ta’iin mata dureewwan yeroo baay’ee mana murtii keessatti mudatani fi
mariin kan isaan barbaachiisu qofa kan hammatee dha. qabxiilee mariin kan deeggarame waan
ta’eef leenjiifamtoota haala gaariin akka marii’atan gochuun yeroo gara hojiitti bobba’an gama
ogummaatiin kan qophaa’an isaan godha yaada jedhu qaba.

1
Boqonnaa sadaffaa jalatti waa’ee waliigaltee diiguu fi haquu, waa’ee qaama waliigalteen akka
diigamuu gaafachuu danda’u ilaalla. Boqonnaa arfaffaa jalatti immo waa’ee bu'uura waliigalteen
raawwachuu dhabu fi bu’aa isaa ilaalla.

Boqqonna Dhumarrattis waa’ee wabummaa akka waliigalaatti ni ilaalla. Waa’ee wabummaa


qabeenyaa ilaalchisee moojulii leenjii kanaan dura qophaa’an irratti tumaaleen wabummaa yeroo
baay’ee xiyyeeffannoo itti hin lanne(hin hubanne) bifuuma bifaan qophaa’anii kan dhiyaatan waan
ta’aniif akkuma jiranitti moojulii kan keessatti akka hammataman taasifameera.

Boqonnaa tokko

Yaad-rimeewwan(yaadoota) bu’uuraa seera waliigaltee

Kaayyoo waliigalaa

Leenjiifamtoonni xuumuura boqonnaa kana irratti serri waliigaltee:

walitti dhuufeenyaa namoota gidduutti Shoora taphatuu adda ni baafatu.


Yaadama(oota)bu’uuraa seera waligaltee ni hubatu.

Kaayyoo addaa

Leenjiifamtoonni leenjiicha yoo xumuran seerri waliigaltee:

Itti gaafatamummaa walitti dhufeenya namoota gidduu jiraatu hundee kan qabsiisuu ta’u ni
hubatu.
meeshaa waliitti dhufeenya fulduura mansiisaa ittiin huundeefamu ta’u ni hubatu.
Waliitti dhufeenya guddina dinagdee waliin qabu ni hubatu.
Kaayyoo kaasaaraa dabarsuu kan qabu ta’uu ni hubatu.

2.1 Gochaawwan seera waliigaltee

2.1.1.Waliitti dhufeenya waltaatootaa qindeessuu (coordination role)

Waliigaltee jechuun dirqama wal-madaala qabeenya isaanii ilaalatan hundeessuuf, jijjiiruuf ykn
hambisuuf namoota lama ykn lamaa ol ta’an gidduutti wal-ta’iinsa taasifamu dha. ( S/H/H
keewwata 1675(1)). Wal-ta’iinsi kan taasifamu fedhii/Haayyama/ bilisaa irratti hundaa’aa..
Yaadnnii bu’uuraa kun sirna haqaa kamiyyuu keessatti kan argamuu dha. Waliigalteen fedhii bilisa
ta'e irratti hundaa'ee haala kabajamu qaba jedhani yaadaniin dhimmoonni isaan barbaadan akka

2
kessatti hammatamu godhani hundeessu. Kunis gara gahinsii waligaltootaa akka dabalu ni godha
jedhame yaadama.

Haa ta’uti Yaadni ilmi namaa murtaa'umma kan qabu waan ta'eef /limited rationality/ adeemsa
jiruuf jireenya keessatti dhiibbaa waliigaltee isaanii irratti dhufu danda'uu gamanumaan tilmaamuu
hin danda'an waan ta'eef kana gidduutti qaawwaan uumamuu danda’a. Waliigalteen ofii isaatiin
guutuu miti. Yeroo kana eenyuu maal gochu qaba kan jedhu irratti wal-dhabbiin uumamuu danda'a.
Kuniis waliitti dhufeenya wal-amantaa irratti hundaa'ee miidhuu danda'a. Bu’aan Kanaatiis waliitti
hidhamiinsa daldala gara fuula duraatti taasifamu balleessuun adeemsa wal-jijjiirraa ni miidha
jechu dha. Barbachiisumman Seerri waliigaltee jirachuu isaa kan dhufu yeroo akkanaa ti. Yeroo
wali-galtootnni wanta osoo hin ibsatiin bira darban jiraatuu fi wantii bira darbamee kunis waliitti
dhufeenya isaanii kan miidhuu yeroo ta'u, seerichi qaawwii akkanaa cufuuf kan hojii irra oluu dha.
kunis "default rule " jedhama. Waltaatoota keessaa eenyuurraa maal akka eegamu ibsuun, tokkoon
tokkoon isaanii gahee waliigalticha keessatti qaban ni qulqulleessaa jechu dha. Haala dhimmiichi
ittin raawwatamu danda'u tokko tokkoon teechisuun qaamni biroo sababa callisuu
waliigaltichaatiin badhaadhina hin mallee akka hin arganne ni taasisa. Jeequmsa waltaatoota giddu
uumamuu danda'u hambisuun waliitti dhufeenya isaani karaa qabsiisuun wal-jijjiiraan qajeelaa
akka jiraatu ni taasisa. Karaa birootiin faayidaa waliiniif jecha itti-gaafatamummaa jiru wal-
taatootaaf qooduun waliitti dhufeenyi isaani qajeelaa akka ta'u ni gargaara. Dabalataanis 'default
rule' abdachuun dhimmoota xixiqqoo ta'an hundarratti osoo hin dhiiphatiin waliitti dhufeenya
isaanii akka gaggeessan kan isaan gargaaru dha.

2.1.2.Wal-ta'iinsa raawwiin isaanii yeroo barbaaduu amansiisaa gochu.

Waliigalteen yeroo baay'ee kan raawwatamu wal-jijjiiraa harkaa fi harkaatiin(on spot) yoo ta'u,
gareen kamiyyuu akkuma waliigalteen sun raawwatameen faayidaa wal-ta'iinsa sanarraa nan
argadha jedhu ni argata. Waliigaltichi kan hundeeffamuu fi kan raawwatuu achumatti waan ta'uuf
wal-jijjiirraa kanarraa kan argatu kan barbaadu akka ta’e ni yaadama.Wal-jijjiiraan guyyaa
guyyaadhaan taasifaman yeroo baay'ee wal-diddaa kan hin qabne ta'uun isaanii kanuma kan
agarsiissuu dha..

Haata'uu malee adduunyaa kanarratti wal-ta'iinsi hunduu harkaa fi harkatti raawwatamu jechuun
hin danda'amu. Wal-ta'iinsii rawwiin isanii adeemsa yeroo keessatti raawwatamu jiru.
Hundeeffama waliigalticha fi raawwii isaa giddu garaagarummaan yeroo yoo jiraatu wal- taatoonni
akka wal-ta'iinsa isaaniitti jecha isaani kabajuun dirqama seenan kan raawwatan ta'u isaani

3
amanuun ni rakkiisaa yookiin ni raawwatuu jedhani amantaa gatuun hin danda'amu. Kanaaf wal-
ta’iinsa akkanaa keessa galuun ni shakkisiisa yoo raawwatamellee kaasaaraa ga’uu danda’uu
yaaduun namoota wal-beekan fi wal-amanan waliin qofa akka ta’u barbaadama. Kanaaf daangaan
wal-jijjiirraa ni dhiiphataa jechu dha. Kunis gatiin shaqaxaa/wantootaa/ykn meeshaalee haala
idilee irraa akka dabaluu ni godha. Kanaaf seerri waliigaltee jiraachuun isaa wal-amantaan akka
uumamuu waan godhuuf gatiin shaqaxaa/wantootaa/ akka ol hin kaane ni taasiisa. B’uura Yaad
rimeen Namni jecha isaatiin ni hidhamaa /pacta sur servanda/,S/H/H Kwt 1731(1)jedhu dirqama
fedhii dhaan keessa seenanii waltaatoonni akka raawwatan gochuun dirqama haamilee/moral/ kan
isaan irratti gatuu dha. Gareen tokko miidhaa garee biroo irra geessisee akka kiisuu (S/H/H kwt
1790 fi 1791) jalatti tumuun walta’aan miidhaan isaa irra gahu yoo jiraate akka hin yaaddoofne ni
taasisa. Eegumsi kun wal-amantaa waliigalteewwan gidduu jiru ni dabala. Osoo kana ta’u baatee
namni kamiyyuu waan qabu nama biroof dabarsee kennaa jedhani yaadun ni ulfaata.

Yeroo tokko tokko faayidaan keenya haaloota irratti kan hundaa’e ta’udhan waanti argachuuf
barbadnnu taatee tokko dura ykn booda dhuufuun isaa murtee waligaltee rawwachuu qabnu irratti
dhiibaa mataa isaa danda’ee ni qabaata.Fakkeenyaan ibsuuf balaan tokko eega uumamee booda
namni qabeenyi isaa jalaa barbadaa’ee kaffalti inshuuraansii(premium) kaffaluun miidhaa
qabeenya koo irra gahee naa suuphii jedhe dhaabbata inshuuraansii tokko yoo
gaafate ,Inshuuraansiin sun eeyyamamaa hin ta’u. Haaluma wal fakkaatuun miidhaan osoo hin
qaqqabiin dura yoo ta’e abbaan qabeenyichaa kaffalti inshuraansii kaffaluuf fedhii hin qabaatu ykn
fedhiin isaa xiqa dha. Wal-jijjiiraa akkanaa gabaa harkaa fi harkaa keessatti argachuun hin
danda’aamu. Dhimmoonni akkanaa dursanii waliigaluu kan barbaadani dha. Kanaaf seerrii
waliigaltee dhimmoonni akkanaa fi kan kana fakkaatan haala akkamiin hundaa’uu akka qabani fi
akkaataa itti gaggeefaman sirna kaa’uudhaan wal-jijjiirraan akkanaa qajeelaa akka ta’uu ni taasiisa.

Kanaaf garaagarummaan yeroo hundeeffama waliigaltee fi raawwii waliigaltee giddu jiru, waa’ee
raawwii waliigaltiichaa amantaa qabnu osoo hin hir’isiin, waliitti dhufeenya keenya fuula duraa
maal ta’u akka qabu ammumarraan qopheessee wal-jijjiiraan amansiisaa fi qajeelaa akka ta’u godha
jechu ni danda’ama.

2.1.3 Hanqinaalee wal-ta’iinsoota jiddu jiru guutuu

Seeraan kan dhorkame yoo ta’e malee, gareen waltaatootaa wal-ta’iinsa isaanii bifa barbaadaniin
raawwachuuf waliigaluu danda’u. Walta’iinsa akkanaatiin gareen waltaatootaa maal kennanii maal
fudhachuu akka qaban ni beeku. Yoom fi haala akkamiin raawwachu akka qabaniillee tokko

4
tokkoon waliigalu. Haata’uu malee wal-ta’iinsi isaani, sababoota armaan gadi irraa kan ka’ee guutuu
ta’u dhisu danda’a.

A) Murtaa’ummaa waltaatootaa
Waltaatoonni dhimma tokko irratti waliigaluu ni danda’u. Yeroo waliigaltee raawwatan tari
adeemsa keessatti wal-dhabbiin yoo uumame ille haala namnni kamuu isaan hubachuu
danda’uun dhimmota irratti wali galan tokko tokkoon(caaleefamaan) fi ifa godhanii kaa’uuf
yaalu. Haata’uu ti sammuun namaa murtaa’aa waan ta’eef adeemsa yeroo keessatti dhiibbaa
waliigaltee isaani irra gahu danda’u haala amansiisaa ta’een hubachuun rakkiisaa ta’a.
Kanaaf, maadalii waliigaltee isaani irratti dhibban yeroon fidu danda’u hubachuu dhabuun
isaanii waligaltichi guutumma akka hin qabaannef sababa ni ta’a.
B) Tarreeffama ta’uun isaa gatii gaafatu.
Namoonni waliitti dhufeenyi waligaltee qabachuu danda’aan maal fakkaachuu akka qabu
hanga dhumaatti dursanii ilaaluun kan milkaa’an ta’uu danda’u.ta’u danda’u. Haa ta’uu
malee wantoota bu’uuraa ta’aan irratti malee wantoota xixiqaa ta’aan hunda barreessuu fi
irratti waliigaluuf barbaaduu dhisuu danda’u.Kunis tokkooffaa, wantoonni xixiqqoon
waltaatoonni irratti waliigaluu dhaban, dhimma ijoo fi bu’uuraa waltaatoonni irratti
waliigalan booreessu danda’a. Lammaffaa, dhimmoota xixiqqoo hunda irratti waliigaluu
yaaluun baasii fi yeroo mataa isaa kan gaafatu waan ta’eefi dha.kan waan ta’eef wal
taatootnni “default rules” abdachuun dhimoota bu’uuraa irratti qofa xiyyefachuun
Tarreeffama isaa dhiisuu danda’u.

C) Waliigalteen sirritti (akkaatuma waliigalaniin) kan raawwatamu ta'uu isaa


mirkanessu dadhabuu

Yeroo baay'ee waliigalteen akkaataa fedhii wal-taatootaatiin kan raawwatame ta'u isaa
mirkanessuun ni danda'ama ta'a. Haata'uuti yeroo tokko tokkoo garu mirkanessuun hin
danda’amu. Wal jijjiirraa harkaa fi harkaa keessatti illee kana mirkanessuun yeroo nama
rakkiisuutu jira. Namni meeshaa tokko bite sadarkaan qulqullina meeshichaa , akkaataa
waliigalaniin kan hojetame ta'u fi dhisuu isaa yeroo wal haarkaa fuudhan hubachuun nama
rakkisa ta’a. Maashiinii tokko yeroo biitannee harkatti galfannu maashiiniin sun kayyoo
barbadameef kan malu ta’uu isaa beekuuf harka keenya galeehojii irra yeroo olchinu hanga
rakkoo uumuu isaa agarutti maashiini fudhanne bu'uura waliigalteetiin akka ta’e yaaduu
dandeenya.haala wal fakkatuun Qamadiin akkaataa waliigalteen harkatti galfannee qamadii
yeroon isaa irra darbe fi kan bade ta’uu kan beeknu,yeroo wal harkaa fudhuu ossoo hin

5
taane isa booda daakuu qamadiichaa yeroo buukessiinus ta’e yeroo tolchinu akka dakuu
sirri bu'aa barbaadamu kan nuuf argamsiisuu baate ta’uu yoo hubannu dha.

Kanaaf, dhimmoota akkanaa waligaltichi yeroo hundaa’uutti dursiine hubachuuf ni


rakkanna, sababnni isaas yeroo sanatti hubannoon nuti waa'ee dhimmiichaa qabnu gadi
aanaa waan ta'eef yookiin yeroo sanitti dhimmoota tarreefaman mirkanessun adeemsa wal-
xaxaa, baasii fi yeroo kan gaafatu waan ta'eef tarrefama dhimmicha irratti waliigaluu akka
hin daandenye nu godha.Kanaaf, dhimmoota ijoo ta'aan qofa irratti xiyyefachuun
tarreefama hafan bira dabara. gareen tokko kan beeke yoo ta’elle manneen murtii
murtaa’umma beekuumsaa dhimmicha irratti qaban tilmaamuu dhan hafuura garii hin
taaneen dhimmichi ossoo hin ka’iin akka hin dabarre barbaduunis bira darbamuu dhimoota
tarrefamatiif sababa tokko ta’uu danda’a.

Akka waliigalaatti yeroo ilaallu waliigalteen sababoota adda addaa irraa kan ka'ee guutuu
ta'u dhisu danda'a. Yeroo akkanaa waliigalteen yerooo godhamuu yaadni wal-taatootaa
maal akka ture, abbaan seerichaa hubachuuf yaalii gochu akka qabu seeriichi ni ajaja. Kana
gochuuf waliitti dhufeenyi wal taatootaa maal akka ture, adeemsa hundeeffama
waliigalticha keessa shoorri isaani maal akka ture adda baasuu, haqa fi sirna dinagdee
akkasumas dhiimoota sababawaa ta’an gaafatan huunda ilaalcha keessa galchuun
dhimmicha qorachuu kan barbaadu dha jechu dha. Kan ta’e ta’ee seerichi sirna hiikkoo
kaa'uun qaawwaaykn hanqina waliigaltichaa ni guuta.

2.2 Caaseefama seera waliigaltee/the disign of cotract law/

2.2.1. Guddina dinagdeef haala mijataa uumuu

Akkuma armaan oliitti ibsameen waliigaltee dirqama qabeenya isanii ilaalatan hundeessu,
jijjiru fi hambiisuuf walitti dhuufeenya dorgomoo qaban irra ka’uun wal-ta'iinsa namoota
gidduutti taasifamu dha jennera. Kanaaf, bu'uurri waliitti dhufeenya isaanii qabeenya dha.
Kun immoo baasii ni dabala, wal-amantaa gabaa keessa jiru ni xiqqeessaa kanarraa kan
ka'ee adeemsii wal jijjiirraa akka haarkifatuu godha. Haata'uuti namoonni adeemsii wal-
jijjirraa akka harkifatuu hin barbaadan. Kunis fedhii wal-taatoota qofa osoo hin ta'iin kan
hawaasa hundaati. Kun akka ta'uu seerri waliigaltee hirmaattoonni gabaa amala akkami

6
qabaachu akka qaban, gabaan haala maaliin gaggeeffamu akka qabu, dambii fi sirnna
kaa'uun haalli wal-jijjiirraa amantaa kan goofatee, yeroo fi baasii kan qusatu fi garagahiinsa
hawaasaa akka dabalutti caasefama. Kanaaf, seerri waliigaltee meeshaa waliitti dhufeenya
dinagdee qajeelaa hawaasa giddu jiru kan bulchu dha yoo jedhame dogoggora hin ta'u.

Dhimmicha ibsuuf guddinni kallatti gara gahiinssa namootatiin ibsamuu danda’a. Namnii
kitaaba tokko bitatee qarshii kitaabichaaf baasee fi faayidaa kitaabicharraa argatee wal-
bira qabe madaaluun kitaabni kun gaarii dha jechu danda'a. Yoo kana ta'e namni biroo gatii
xiqqaa kanaa gadi ni kenna jedhame hin yaadamu. Yoo yaadamellee baasii fi yeroo
dabalataa osoo hin gaafatiin kan raawwatamu hin ta’u. kara biraatiin immoo Qaamni
kitaabicha gurgurees gatiin gurguurtaa kitabichaaf fudhate gara ga’iinssaa kennaf
sabaabnni isaas namni kitaabichaaf qarshi sana kaffaluu waan hin jirreef gurgurtaa irra
gamachuu argata.Yeroo akkanaa qabeenyi/resource/ gara qaama garagahiinsa olaanaa
argatuutii ce'eera jechuun ni danda'ama. guddina dinagdee haala mijataa uumuu(silxet)
jechuun qabeenya jiru bifa garagahiinsa guddaa namootaaf argamsiisuu danda'uun hojii
irra olchu jechu dha. Seerri waliigaltees haaloota akkanaa bifa jajjabeessu danda'uun kan
tumamee dha. Qajeeltoon "Namni jecha isaatiin ni hidhama" jedhu meeshaa dhimmoota
akkanaa ittin raawwachifamu godhamee fudhatamuu danda'a.

Gama birootiin namni tokko qabeenya tokko gowwoomsuun yookiin humnaan kan argatee
yoo ta'e, jijjiirraan bifa kanaan argamee guddina dinagdee haala mijataa kan uumuu miti
jechu dha. Kunis, waan qaamni tokko odeeffannoo jiru dhunfaa isaatti /monopoly/ waan
qabateef qofa osoo hin ta'iin odeeffannoo dogoggoraa gareen biroo qabu yookiin dandeetti
waliigaluu qaama biroo haala hin malleen sadarkaa ol'aanaa irra jirachuun wal amaantaa
dhabsiisuun kufaatii gabaa hordofsiisuu waan danda'uufi dha. Dhimma kana to'achuun
sadarkaa dhunfaattis ta'e sadarkaa hawaasatti baasii guddaa gaafata. Guddina dinagdeefis
haala mijataa hin uumuu waan ta'eef seerichi kana hin jajjabeessu. Seeroonni dirqamuu fi
gowwomsuu hin jajjabeessinees kan tumaman dhimmoonni akkanaa guddina dinagdeef
haala mijataa hin uuman waan ta'aniif to'achuun guddina dinagdeef haala mijataa uumuuf
jechaa dha. Kanaaf ,seerri qofaa isaa ta'u baatuus meeshaa guddina dinagdee fiduu
danda'ugodhamee fudhatamuu danda’a jechu dha.

2.2.2. Kasaaraa dabarsu

7
Wantoonni gurguraman(shaqaxoonni ykn meeshaleen) adeemsa yeroo keesatti
garaagarummaa gati qabaachu danda'u kun ammoo sodaa ni uuma. Kanarraa kan ka'ee
namoonni garaagarummaa gati adeemsa yeroo keessatti dhufuun akka hin miidhamne
yaaduun gati fuula duraa gamanumaan irratti walii galuuf fedhu. Fakkeenyaaf, Suraafeel
Waxabajjii dhufu qamadii kuntaala tokko qarshi 150 naaf gurguruuf osoo waliigaluu
baate ,waxabajiin yoo dhufu qarshii 250 bituuf innis yoo ta’e yoo gatiin qamadii gadi bu'u
qarshi 50 gadi bu’een qamadicha akka wal duraa dubaatti bituu fi gurguuruuf ni dirqamnna
turre. Kallatti waligalteen godhameen garagarumman gatiin ol bahe ykn gadi bu’e yoo
ilaallu hangi garagumma isaa tokkon keenyarra kan gahu danda’u yoo ta’u waligalteedhan
tokkon keenya tokkon keenya irratti kasaaraa dabarsinee dha. Namni kamiyyu waliigaltee
raawwatu irratti ibsa kana jechaan jecha fayyadamu dhisu danda'a. Haata'uuti yeroo
waliigaltichi gadi fageenyaan ilaallamu kanuma agarsiisa.

Kanaaf, seerri waliigaltee wal ta’inssa rawwachiisu osoo hin jiru ta'e yeroo dhufu hanga
ilaaleen kasaaraan dhaqabu dabarsuuf hin danda’amu ture. Haata'uu malee amma seerri
waliigaltee waan jiruuf bu'uura waliigaltee keenyaan qamadicha akka naaf dhiyeessuu ni
dirqama. gatiii yeroo wal harka fuudhiinsatiin gurguruun irra caalaa bu’aa kan argamsiisuuf
yoo ta’e illee dirqama waliigaltichaa rawwachuu irra baqachuu hin danda'u. Yoo
baqateellee kasaaraa narra gahee akka naa kaffalu ni dirqama. Seerichi waliitti dhufeenya
akkanaa bifa jajjabeessuun kan tumamee dha.
Kana qofas miti, wal-taatoonni wal-ta'iinsa isaani keessatti osoo hin ibsatiin yoo bira
darbanillee, seerichi rawwatamuu dhabuu waligaaltichaatiif rakkoo sababa ta’e haala
foyya’aa ta’een to’achuuf enyuu akka danda’uu ture yaada kessa galchuun kasaara ni
dadabarssa. Kunis S/H/H kwt 1802 jalatti ibsameera.

2.2.3 Hawaasa keessatti haqaa fi madaalawumma dagaagsu

Dhimmoonni hanga ammaatti kaasne bayinaan dinagdee waliin kan wal-qabatani dha. Kana
jechuun garu waliigalteen logiikii dinagdee qofa waliin wal-qabate jechu miti. Itti
gafatamuumma fi billissumma wal ta’iinsa waligaltee kessatti akka jiratu barbadamu wal
siimsiisaanii ilaaluun waligalteen meeshaa hawaasa kessatti haqnni itti dagaagu godhamee
ilaalamu danda’a. Fakkeenyaaf, wal ta'iinsi garee waltaatootaa fedhii bilisa isaani irratti kan

8
hundaa'ee ta'u qaba. Gareen tokko fedhii garee biroo humnaan kan argatee yoo ta'ee, seerri
waliigaltee amaloota hin barbaachifnee akkanaa to'achuun faayidaa namoota humna hin
qabnee kan kabachisuu dha. Kanaaf haqnni hawaasumma akka dagaagu godha.

Haqummaa(madaalawumma)/Equity/ ta’uu waliin wal-qabatee bu’aa walitti dhufeenyi


tokko tokko kallatti haala jiruuf jireenya hawaasa waliin ilaalamani akka madaalaman kan
eeyyamu dha.Bu'aan argamuu yoo haqa qabeessa ta'e itti hin mul'annee ta'e abbootiin
seeraa haqummaan(madalawumma) akka murteessan seerichi kan eeyyamuuf yaada
kanarraa ka'eeti. Seerichi waa'ee miidhamuu (unconscionablity) fi yaada gaarii kan kaa'uus
yaada haqummaa wal qabate ta’u hubachuu barbachisa.

Boqonnaa Lama

Waliigaltee diiguu yookiin Haquu

Kaayyoo Leenjiichaa

Leenjiifamtoonni leenjii booda waa'ee waliigaltee diiguu yookiin haquu:

Loojikii dinagdee isaa ni hubatu.


Dudhaaleen safuu kan itti gaggeeffamu ta'u ni hubatu.
Waliitti dhufeenya haqa-hawaasummaa(social justice) waliin qabu ni hubatu.
Waliigalteen akka diigamu gaafachuuf qaamolee mirga qaban adda ni baasu.
Bu'aa diiggaa waliigaltee ni hubatu.

3.1. Haalawwan waliigalteen ittin diigamu

Waliigalteen adeemsa seeraa hordofee hundaa'ee, seera biratti raawwatamu kan danda'u. Akka
fedhii fi waliigaltee isaanitti raawwachisuun faayidaa wal-taatootaa kan kabachisuu fi garagahiinsa
kan isaani argamsiisuu waan ta'eef, seerichiis bu'uura waliigaltee isaaniin akka raawwatamu fedha.
Haata'uuti, waliigalteen taasifame ulaagaa seerri gaafatu kan hin guunnee fi kufaati gabaa /market
failure/ kan fidu danda'u yoo ta'u garuu waliigalteen sun akka diigamu ni taasifama. rakkoo
akkanaa hordofsisuu danda'an kan jedhaman haalawwan armaan gadi ti.

3.1.1. Hanqiina fedhii

9
Waliigalteen namoota dirqama wal madaaluu danda'uu ta'u isaa beekani fayidaa isaani kabachisuu
danda'an gidduuti taasiifamu qaba. Namoonni tokko tokko rakkoo sababa ijoollummaa, dulluuma
ykn hirinna fayya samuutiin irraa ka'ee faayidaa isaani haala gaariin kabachisuu hin danda'an.
Kunis, kaayyoo seera waliigaltee faayidaa waliini kabachisuu kan jedhu galma kan gessisuu miti.
Qaamoleen kunnen qaamolee balaaf saaxilamanii fi of-eggannoon isaan barbaachisu waan ta'aanif
seerichi eegumsa godheefi jira. Kanaaf, waliigalteen isaan taasisan yoo jiraate akka diigamu seerichi
teechiseera.kana gochuu kan danda’u garee waligaltichaan midhameera jedhu qofa. Namni hanqina
dandeetti akka sababaatti kaasuu barbaadu yeroo waliigalteen sun taasifamu hanqina dandeetti
kan qabu ta'u isaa hubachisuu qaba. Sababni isaa seerichi namni hunduu dandeetti qaba tilmaama
jedhu kan fudhatu waan ta'eefi dha. Waliigalteen akkanaa waliigaltee bu'aa seeraa hin qabne
gochurraa waliigaltee diigamaa akka ta'uu kan barbaade wal jijjiraan barbaachisoo akka
feeteetti(sababa adda addan) akka hin diigamneefi dha.

Haaluma wal fakkaatuun seerichi ulaagaa bu'uuraa jedhe kan kaa'uu fedhiin bilisaa jiraachun isaa
jirachuu waligaltee tokkof dhimma murteessa dha. wal ta'iinsi fedhii bilisa irratti hin hundoofne
faayidaa dinagdee waliini/economic welfare/ kan gadi buusu dha. Kana waan ta’eef , seerichi wal
ta'iinsa fedhii bilisa irratti hin hundoofne kan jajjabeessu miti. Akkuma kutaa darbee keessatti
ibsamen amanamummaa kan hir'iisu, jeequmsa hawaasa keessatti uumamuus ta'ee dhunfaatti
uumamu to'achuun baasii guddaa kan gaaftu waan ta'eef guddina dinagdee barbaadamu kan fidu
miti. Kanaaf, waliigalteen hanqiina fedhii bilisaatiin taasifamu akka diigamuuf qaamni miidhamee
gaafachu akka danda'uu seerichi carraa ni laataf.

gabaan dorgomaa tokkoo (Compitative market) akka jiraatu wanta barbaachisu keessaa tokko
odeeffannoo gahaa dha. Bakka odeeffanno gahaa hin jirreetti, hirmaattoonni gabaa sanaa bifa
faayidaa waliin isaani kabachisuu danda'uun, adeemsa wal-jijjiirraa taasifamuun gammachu ni
argatuu jedhame hin yaadamu. Kana waan ta'eef, seerichi wal-dorgommi gabaa qajeelaa ta'ee akka
jiraatu jecha sababoota odeeffannoo gahaan akka hin jiraanne gochu danda'an hin jajjabeessu.
Kanaaf, waliigalteen dogoggooraan, gocha afaan faajjeessan fi miidhaatiin (unconscionability)
taasifamu akka diigamu seerichi carraa ni kennaaf.

3.1.2 Seeraan ala (illegal), faallaa safuu ta'uu(immoral) fi Foormii seerrii gaafatuu hordoofu
dhabu

A) Seeraan ala fi faallaa safuu ta'uu.

10
waliigalteen kamiyyuu bu'uura seera faayidaa waliigalaa hawaasichaa kabachisuuf qophaa’een,
akka raawwatamu barbaadama. Seera hawaasummaa (public law) fi imaammattan jiran waliin bifa
waliitti bu'uun kan rawwatame yoo ta'ee beekumti hin argatu. Kana cabsuun(bira darbuun)haqa
hawaasummaa kan hin argamsiisnne waan ta’eef hin jajjabeefamu. Dabalataniis dudhaalee
hawaasummaa hawaasaicha waliitti hidhanii kessa tokko sonnawwan kan kootii naaf eegamuu
qaba jedhu fi , akka eegaman gochuun kaayyoo seerichaa ti. Kana waan ta'eef waliigalteen kana
ilaalcha keessa hin galchinee beekumtiin hin kennamuuf. Jalqabumarraayyuu kan diigame akka
ta'eetti fudhatama.

B) Sirna barreeffama seerichi barbaaduun qophaa'uu dhabu.

Waliigalteen fedhii garee waliigaltoota irratti kan hundaa'ee ta'uu qabu. akkamiin fi haala kamiin
waliigaluu akka qaban kan murteessan isaan ta'uu qabu. Seerri giddu hin lixu . Haa ta'uu malee
faayidaa waliigalaa hawaasichaa kabachisuuf jecha daangaawwan muraasni irratti ni
gatama(ka’aama). Isaan kessa tokko, gosoota waliigaltee muraasa seerichii barbaachisaa fi
murteessaadha jedhe itti amanee sirna barreeffama hordoofuu qaban kan ilaalatu dha. Sirna
barreeffama addaa akka hordoofamu yeroo seeraan ajajametti seerri kun kabajamu qaba. Kwt
1678(3(c)), kana jechuun akka qajeeltootti foormii murtaa'aan tokko akka hordoofamu seerichi kan
gaafatu miti.

Sababoota waliigalteen foormii murtaa'ee tokko akka hordofu itti barbaadamu:

1) Dhimmota seerichi murteessaadha jedhe kaa'uu irratti faayidaa wal-taatootaa bifa


amansiisaa ta'een kabachisuuf yaadamee ti. Fakkeenya, waliigalteen tokko barreeffamaan
akka godhan ajajamuun isaa, adeemsa qabiiyyee waliigaltiichaa mirkaneessuuf taasiifamu
ni salphisa. Kanarraa kan ka'ee waliitti bu'iinsa naannoo kanatti uumamu danda'uu ni
salphata. Kanaaf, waliitti dhufeenya namootaa bifa bu'aa qabeessa ta'een akka gaggeeffamu
ni taasisa jechu dha. Gama dinagdeetiin yeroo ilaallu yeeroo, baasii fi dadhabiina qabiyyee
waliigaltiichaa mirkaneessuuf bahu ni hambiisa.
2) Gareen waliigaltootaa ariitiidhaan waadaa ossoo hin seeniin fi kunumtti isaan irratti
dirqisiisa ossoo hin ta’iin dura, dhimmiicha irratti akka yaadan yeroo muraasa akka
argatan (precausionary role) gochuu dha.
3) waliigaltoota keessaa garee dadhabaa ta'ee gargaaruf fayyada. Gareen dadhabaa ta'ee
waliigaltichi waan isa qaqqabuf akka ragaatti dhiyeessuun faayidaa isaa akka kabachisuu
kan isa gargaaru dha.(protective function). Seera hojjataa fi hojjachisaa keessatti

11
hojjachisaan hojjataa tokko qacaruu isaa barreeffamaan akka beeksiisuu kan ajaju ta'uu
isaa akka fakkeenyatti kaasu dandeenya. Kanaaf, Kaayyoowwan armaan oliitti ibsaman
irraa ka'uun waliigalteen tokko bu'aa akka qabaatuu gochuun dura, waliigaltiichi foormii
barbaadamu kan guutee ta'uu isaa mirkaneessuun ni barbaachisa. Dhimma foormii yoo
falmiitoonni kaasuu baatanillee Mannii Murtii kaka'uumsa isaatiin kaasu danda'aa.
Kaayyoo seerichaa galmaan gahuudhaaf qaamnii mana murtii caala carra fooyya'aa qabu
waan hin jirreef, manni murtii naannoo kanatti dammaqinaan hojjachutu irra jira.

3.2. Qaama waliigalteen akka diigamu gaafachuuf mirga qabu, yeroo itti gaafatamu fi waa'ee
bu'aa diiggaa waliigaltee

3.2.1.Waa'ee qaama waliigalteen akka diigamu gaafachuuf mirga qabu fi yeroo itti
gaafatamu

Waliigalteen tokko ulaagaawwan seerri gaafatu yoo guutee argamee ni raawwatama. Yoo
ulaagaawwan seerri gaafatu guutuu baate ammoo akka diigamu ni taasiifama. Qaamnii gaaffii
diiggaa waliigaltee dhiyeessuu danda'uu, qaama sababa dandetti dhabuun yookiin fedhii bilisa
kennu dhabuurraan ka'ee qaama waligaltichan miidhamee qofa dha. Qaamni biroo yoo dantaa
qabaatellee gaafachuuf mirga hin qabu. Waliigalteen sun seeraan ala, faallaa safuuti yookiin foormii
seeraan gaafatamu hin gunnee jechuun waliigalteen akka diigamuuf waliigaltoonniis ta'ani namni
kamiiyyuu dhimmiicharraa dantaan qaba jedhu gaafachu danda'aa. Garaagarummaan kun
sabaabnni warra boodanaa waliitti dhufeenya hawaasummaa fi dinagdee garee waliigaltootaa irra
darbee kan hawaasa maraa irratti kan rakkoo uumu waan ta'eef xiyyeeffannoon kan irratti laatame
ta'uu agarsiisa.

Yeroo gaaffiin diiggaa waliigaltee gaafatamu murtaa'aa ta'uu isaa S/H/H. KWT 1810(2) irraa
hubachuun ni danda'aama. Sababa waliigalteen sun ittiin ragga’uu haaferraa kaasee waggaa lama
keessatti waliigalteen akka diigamuf gaafachuu qaba. Sababoonni waliigalteen ittiin raggaane eega
hafan kan jedhu dhimmoota kan akka dandeetti dhabu, Umrii gaa'eelaa gahuu dhabu, yookiin
dirqamuu fa’a ibsuuf yaadameeti. Kan biroon daangaan kan taa'eef ammo waligalteen sababa
miidhaatiin (Unconscionable contract) fi namni umrii isaa gaa’iilaaf hin geenye kan raawwate
ilaalatu dha. Waliigalteen sun eega taasiifame waggaa lama keessatti akka diigamu yoo gaafatamu
baate waliigalteen sun ni cimaa.

3.2.2 Bu'aa diiggaa waliigaltee

12
Waliigalteen tokko sababa hin ragane ta’uutiin akka diigamuu yoo taasifame, hanga danda'ameetti
gareen waliigaltootaa bakka waliigalteen dura turaniitti akka deebi'an gochuun barbaachisaa dha.
Waliigalteen sun kan cimuu yookiin seera biratti fudhatama kan qabu dha yaada jedhuun
dhimmoonni raawwataman yoo jiraatan hafu ta’u jechu dha. Kunis, bu'aa kan hinqabnne ykn kan
hin argamsiisnne ta'u.Kan jechuun waa'ee raawwii waliigaltichaa waan walii raawwatan yoo jiraate
walii deebisuuirra jira jechu dha.

Kan armaan oliitti ilaalle bu'aa diiggaa waliigaltee keessaa tokko yoo ta'uu, inni biroo sababoota
garaagaraa irraa kan ka'ee gara bakka duraan turaniitti deebiisuun yoo rakkisaa ta'ee yookiin kan
hin danda'anmee yoo ta'ee fi baasi guddaa kan gaafatu yoo ta'ee seerichi filannoo kaa'ee jira. Kunis,
hojiiwwan sababa raawwii waliigaltichaaf jecha hojjataman akkumma raawwatamaniiti hafu.

Murteewwan manneen murtii yeroo ilaallu,, yeroo hunda haala jechisiisuu danda'uun, yeroo
waliigalteen diigamu gareen waliigaltootaa bakka duraan turanitti haa deebii'an jedhani kan
murteessan ta'uu murtee manneen murtii baay'eerraa hubachuun ni danda'ama. Manneen murtiis
filannoo isa lammaffaa yeroo fayyadamani hin mul'atani. Haala duubati deebi'uun danda'aamu
yeroo hunda waan mudatuufi jedhani fudhachuun nama rakkiisa. Yeroo dhihooti MMWF murtii
galmee addee Goorfee fa'aa irrati kennee irraa kan ka'ee galmeen manneen murtii keessatti
dhiyaatan baay'achuun isa fedhii qaawwa kana irra fayyadamuu irra kan ka’an jedhanii
dubbachuun ni danda'ama.

Waa'ee diiggaa yookiin haqamuu waliigaltee irratti qabxiilee marii dhiyaatan

1) Bu'uura SHH KWT 1723 tiin, gurgurtaa qabeenya hin sochoone ilaalchisee, waliigaltichi
qaama waliigaltee raawwachisuuf aangoo qabu yookiin galmeessa ragaalee manneen murtii
biratti raawwatamuu kan qabu ta'uu isaa ni ibsa. Kun guutamu dhabuun isaa waliigalticha
kufaa ni taasiisaa? Moo yeroo seerichi tumamuu qaamni waliigaltee galmessuu yookiin
waliigaltee raawwachisuuf waan hin jirreef waliigalteen akkanaa kufa akka ta'uu hin
kaayyeeffanne. Inumaayuu hawaasni nageenya isaaf jecha qaama aangoo qabu biratti akka
galmeessisuu kan qajeelchu ta'uu irra darbee bu'aa waliigaltee sanaa kufaa gochuu hin
qabu. Bu'aan isaa KWT 1723 jalatti kan hin ibsamne kanuma agarsiisuufi yaada jedhutu jira.
Isiin Yaada kam deeggartu?
2) Garaagarummaan waliigalteen tokkoo bu'uura kwt 1720 tiin akka wixineetti lakkaa'ama
jedhuu fi waliigaltichi foormi hordoofuu qabu waan hin hordoofneef kufa dha jedhu gidduu

13
jiru maalii? Waliigalteen tokko kufaa dha yoo jedhamu jalqabumaraayyuu akka hin
taasiifamnetti lakkaa'amaa?
3) Waliigalteen kiraa mana jireenyaa yoo barreeffamaan ta'uu baate kufaa ta'aa?(dhimma
K.BAD fi Soosinnaa)
4) Waliigalteen inshuuraansi yoo barreeffamaan ta'uu baate kufaa akka ta'uu kwt 1725 jalatti
ibsameera. Kun maal jechuu dha? MMWF dhimma Saalinii fi Inshuuraansii Awaash waliin
gaggeessan irratti waliigalteen inshuuraansii yoo yeroo dheeraaf taasiifamu malee
barreeffamaan ta'uun isaa barbaachisaa miti, seerichi hin eeyyamu ejjannoo jedhu qabu.
Isiin ejjannoo kana akkamiiti ilaaltu? Haaluma wal fakkaatuun, waliigalteen wabummaa yoo
yeroo dheeraaf taasifamee malee dirqama barreeffamaan akka ta'uu hin ajajamnee jechuun
ni danda'amaa? Yaada keessan irratti kennaa?
Dhimoota kana irratti kayyoon seerichaa abbootiin seeraa waliigaltee yeroo dheeraa fi
yeroo gabaabaaf raawwataman adda baasuun akka hojjatan fedhii qabaa? Daangaa isaa
akkamin adda baasuun danda'ama? Moo seeriichi waliigaltee yeroo dheeraaf taasiifaman
jechuun kwt 1725 jalatti kan ibsatee waliigalteewwan yeroo dheeraaf taasiifamani akka
ta'aniitti tilmaama seeraa fudhateeti /presummed/ jennu? Isa kamtu siirri isiiniti fakkaata?
5) Waliigalteen liqaa qr.500 caaluu yoo barreeffamaan ta'uu baate kufaa ta'aa? Yoo ta'uu
baatee, namnii tokko qr.500 liqaadhaan fudhachuu isaa ibsatee, sanadni inni irratti
mallatteesse ragoolee lamaan kan hin mirkanoofne ta'uun isaa sanada ragummadhan
dhiyaate kana kufaa isa taasisaa? (Fakkeenyaaf dhimma Taaddasa Indaaylaalluu vs
Birhaanu Isheetuu)
6) Adde Abbabach yeroo baankii irraa qarshii liqeeffattuu Muhaammad wabii ta'eefi ture.
Addee Abbabachiis qarshii liqeefattee baankiidhaaf waggaa tokkoo keessatti deebisuuf
waliigaltuus Wabii ishee Obbo Muhaammada irratti haalli soodaachisaan akka hin
umamnee jecha, qarshiicha ji'a 6 keessatti yoo kaffalu baattee mana bunaa ishee wabiidhaaf
dabarsiitee kennuf waliigalterti.
Akka wabiidhaaf waadaa galteetti ji'a 6 keessatti kaffalu hin dandeenye, waggaan tokkoo
darbaa waan jiruuf wabii fi abbaa idaatiif baankii irra of akkekachiisnni isaan gahee
himataman.Wabiinis bu'uura waliigaltee raawwataniin maqaan mana bunichaa gara isaatti
akka naanna'uuf himannaa dhiyeesse. Abbaan idaas/Adde Abbabach/ baankiin yeroo
waggaa tokko osoo naaf kenne jiru, wabiin ji'a jahaa keessatti kaffalii jedhe na
mallatteessisuun isaa sirri waan hin taaneef, waliigalteen nutii taasifnee kufaa dha jechuun
falmatteerti. Manni murtiis addee Abbabach bifa dirqama ishee cimsuun(uulfeessuun) wal-

14
ta'iinsa raawwattee malee sababa waliigalteen itti diigamu hin jiru, jechuun maqaa akka
naanneessiitu murteessera. Dhimmiichiis MMW Naannoo Amaaraatti erga ilaalame booda,
waliigalteen Adde Abbabachi fi Baankii daldallii taasisaniin isaan gidduutti seera dha(kwt
1731). Kanaaf, wal-ta'iinsi waliigaltee kana faalleessuu seeraan ala dha jechu dha.Kanaafu,
waliigalteen lammaffaa kun seeraan ala waan ta'eef raawwachisuun hin danda'aamu
jeechuun murteessaniru.Mannii Murtii Waliigala Feedaraalaa dhimmichi
ol'iyyannoondhaan dhiyaatefis kanuma cimseera.
Waligalteen tokko seeraan ala jechuun maal jeechu dha?
Yaadnni xumurraa manneen murtii irra gahan sirrii dha jettani yaaddu?maalif?
7) Namoota lamaan gidduutti waliigalteen liqii taasiifameera.liqiicha waan hin kaffaleef
himanni irratti dhiyaatera. himannaa liqaa hin kaffalamnee jeedhuf, abbaan idaa hin
liqeefanne hin jedhu waliigaltiicha irratti kanan mallatteesse ana qofaa dha. Garu
waliigalticha irratti lamaan keenyayyuu mallatteessu qabna turre.waliigalteen kan hin
guutiin kufaa ta'aa jechuun falmateera. Yaadni isiin qabdan maalii?
8) Waliigalteen foormii seeraan kaawwame hin hordoofne abbaan idaa waliigaltee kana
bu'uurefachuun himannaan irratti yoo dhiyaate, waliigaltiichi adeemsa foormi barbaadamu
kan hin guuttanne waan ta'eef raawwachuuf hin dirqamu jeechuun ni falmata.
Abbaan mirgaa gama isaatiin waliigaltichi akka diigamu gaafachu kan qabu waggaa lama
giddutti (1810) ture.yeroo kana gidduutti waliigalteen akka diigamuuf kan gaafate waan hin
taaneef waliigaltiichi kan cimee(ragga’e) ta'era.waliigalteen cimee ammoo raawwatamu
waan qabuuf dabalataaniis waliigaltichi eega raawwatame waggaa 10 kan hin guunne waan
ta'eef akka naaf kaffalu jeechuun falmateera.Ijjannoo akkami qabdu? Falmii eenyuutu
fudhatama qaba isiiniti fakkaata.
9) Yeroo baay'ee manneen murtii keessati waliigalteen tokkoo foormiin seerrii gaaftu kan hin
hordoofne ta'uu isaa yeroo itti amanuu waliigalticha kufaa gochuun wal-taatoonni bakka
duraanitti akka deebi'ani ni taasiisa.kana malee filannoon biroo hin jiru laata? yoo jiraate
yoomii fi haala maaliin fayyadamu qabna jettu?
10) Obbo Mulaatuun obbo Hunanyaatif qr.2,000(kuma lama)liqeesaniifi Adooleessa 10 bara
2001 akka deebisuuf walii galan . yeroo jedhame kanati yoo kaffalu baatanii ji'atti qarshii
30(soddooma) dhalli yaadamaafi akka kanfalamuuf waligalaniis hin kaffaleef.Obbo
muulaatuun himannaa dhiyeessani.Obbo Hunanyaan waliigaltiichi seeraan ala waan ta'eef
itti hin gaafatamu jeechuun falmataniru. Kana kan jedhaniis dhalli jedhamee seeraan ala
jeechuu dha. Isiin A/seeraa osoo taatani maal murteessitu?

15
11) Gabruu G/Madiihiin luba G/Medihiin Raddaan qarshii akkan isaaniif liqeessuu bilbilaan na
gaafatani karaa baanki daldala Itiyoophiyaatiin qarshii 50,000 ergeefi fudhatanii, garuu naaf
deebisu kan hin dandeenyee waan ta’eef akka naaf kaffalu jechuun himannaa
dhiyeessaniru.Obbo G/Madiihin qarshiiicha fudhachuu isaani hin haalle garu, qarshiin kun
anii dursee qarshii kanann isaaf liqeessen ture, qarshii sana naaf deebisuuf kan naaf kenne
jechuuni..Qarshii liqeesseera yoo jedhani liqeessuu isaanitif ragaa barreeffamaa dhiyeessuu
qabu.Ragaan Nagahee baankkii irraa qarshii fudhachuu isaani agarsiisuu liqeessu isaani kan
mirkaneessu miti jechuun falmatu..
Manni murtiis lubni G/Madihiin qr.50,000 liqeeffachu isaani hin haalle, qarshii kana kanan
fudhee liqaa kanaan dura kenneefi dha kan jedhan yoo ta'ee dursani kanaan dura kan
qarshii liqeessanif ta'u hubachiisuu kan qaban isaani, namni deeggarun falmatu, ijoo dubbii
falmiichaa hubachisuu qaba. kana osoo hin godhiin falmiin dhiyeessan fudhatama hin qabu
jechuun qarshii falmiin irratti dhiyaate akka kaffalan irratti murteessera.Qeeqa murtiicha
irratti kenname akkamiin ilaaltu?Yaada keessan itti kenna.

Boqonnaa sadi

Dambii akkaataa waliigalteen raawwachuu dhabu

Kaayyoo waliigalaa leenjiichaa

Leenjiifamtoonni leenjiicha booda:

Akkaataa waliigalteen raawwachuu dhabu irraa kan ka'ee miidhaa gahuu danda'uu
ni hubatu.
Namnii sababa akkaataa waliigalteen raawwatamu dhabuun midhame,
filannoowwan qabu adda baasani beekuu.
Namnii akkaataa waliigalteen hin raawwatamneef of-eegannoo gochu qabu ni
hubatu.
Kaayyoo addaa leenjichaa
Leenjiifamtoonni leenjii booda
Waliigaltee dirqamaan haala ittin rawwachiisuu danda’amu adda ni baafatu.
Kaffaltii kasaaraatiin wal-qabatee waliitti dhufeenya seera waliigaltee fi seera
waliigalteen alaa gidduu jiru ni hubatu.
Gosoota miidhaa adda ni baafatu.
Gosoota kasaaraa adda ni baafatu.

16
Kaffaltii kasaaraatiin wal-qabatee gahee abbootii seeraa qabachuu qaban adda ni
baafatu.
4.Dambii akkaataa waliigalteen raawwachuu dhabu
Namoonni dirqama waliigaltee kessa kan seenan sababoota adda addaa irraa ka'anii waan ta'eef
sababani isaani kunis akka milkaa'uuf barbaadu.Waliigalteen suniis faayidaa isaanif argamsiisuu
danda'uu ni yaadu. Wal-jijjirraan qabeenyaa mataa isaatiin fayiidaa dinagdee tokko argamsiisa.
Qarshii caalmaan bufachuufis ni gargaara.qabeenyi dheedhiin gara bu’aa barbaadamutti kan
jijjiramu wal-jijjiraan waan ta'eef oomishtummaas kan jajjabeessuu dha. Kanaaf, wal-jijjirraan
qajeelaa fi wal-amantaan namoota giddu akka jiraatu walitti dhuufeenya waligalteef eegumsa
gochuun barbaachisaa dha. Kanarraa kan ka'ee waliigalteedhaaf eegumsa gochuun barbachiisaa
dha.jechuun ni danda'ama. 'Namnii jeecha isaatiin ni hidhama' qajeeltoon jedhuus kanuma kan
calaqqisuu dha.
Kun ta'uus garuu sababoota adda addaa irraa kan ka'ee raawwii waligaltee irratti rakkoon
mudachuu danda'a. Kanarraa kan ka'ee garee waliigaltoota keessaa tokkoon isaani akkaataa
waliigaltichaan raawwachuuf fedhii ni dhabu yookiin eeyyamamaa ta'uu dhisu danda'u. Yeroo
akkas ta'u egumsii seeraa hiikkoo kan argatu qaamni waliigaltee diigee waliigaltee taasisee
dirqamaan akka raawwatu yookiin qaama waliigalteen jalaa diigameef beenyaa akka kaffaluu
gochuudhaan. Qaamni waliigalteen jalaa diigame filannoowwan kana lamaan keessaa tokko
fudhachuun mirga isaa kabachiisuu danda'a. Hojiirra olmaa filannoowwan kanaas akka kanaa
gaditti kan ilaallu ta'a.
4.1. Waliigalteen dirqamaan akka raawwatamuu gaafachu
Furmaanni akkana kun mirga qaama waliigalteen jalaa diigame akka gaariiti kan eegsiisuu dha.
Kunis, fedhii waliigalaa biroo osoo argachuun hin barbachiisiin humna murtiitiin akkaataa dirqama
seenameen akka raawwatamu kan godhu dha. Adeemsi kun osoo waliigaltichi fedhiin raawwatame
bakka gareen waliigaltiichi jalaa diigame silaa gahuu danda'uu akka gahu kan isa taasiisuu dha.
Garu mirgi kun filannoo akka salphaatti yeroo hunda argannuu miti. Fakkeenyaaf, oomisha tokko
yeroo murtaa'ee keessati dhiyeessuuf gareen dirqama seenee bu'uura waliigaltichaatiin sababa
fedhii dhabeef yookiin waan hin dandeenyeef dhiyeessu hin dandeenye haa jennuu gareen
waliigalteen jalaa diigame dirqamaan akka raawwatuuf barbaada. Garuu falmii irraa akka
hubatamu oomishni sun gabaa adduunyaa irraa ni badee haa jennuu.yeroo akkanaa waliigalticha
dirqamaan raawwachisuun hin danda'aamu. Filannoon birootti fayyadamuun gareen waliigalteen
jalaa diigame beenyaa akka argatu gochuun ala bu'uura gaaffii isaatiin keessumeessun ni rakkiisa.

17
Kana jeechuunis waliigaltee tokko raawwachuun kan hin danda'aamne yoo ta'e, mirga dirqamaan
akkaataa waliigalteetti raawwachisuuf qabnuu nu jalaa dhiiphisa jechu dha.
Kan biroo ammoo waliigaltee dirqamaan akka raawwatamuu gochuuf haalli fedhiin abbaa idaa
yeroo itti gaafatuus kan jiru ta'uu isaati. Kunis yoo inni hayyamuu baatee furmaata fillannoodhaan
kaawwame kanatti fayyadamuun bilisummaa abbaa idaa kan tuquu danda'uu yoo ta'e dha.
Fakkeenyaaf, namni fakkii kaasuuf waliigalee tokko yoo yaada isaa jijjirratee humna murtiin
fakkiicha kaasee akka kennuf gochuun hin danda'amu. Kunis, namnii dirqama keessa jiru sammuu
bilisaan dandetti isaatti fayyadamee hojii bu'aa qabu ni hojjata jedhamee waan hin yaadamneefi
dha. Kanaaf, dirqisiisuun gama tokkoon mirga namoonni bilisa ta'ani yaaduu fi hojjachuuf qaban
kan dhiibuu yoo ta'uu gama birootiin bu'aa barbaadamuus kan argamsiisuu ta'u dhisuu danda'a.
Kanaaf, haalootni kana fakkaatan yeroo mudatan filannoo kanatti fayyadamuun rakkisaa ta'a. SHH
kwt 1776 fi 1777(1).
Kana malees waliigalteen dirqamaan akka raawwatamu gochuuf qabxiiwwan lama guutamuu
isaani mirkaneesuun ni barbaachisa.Tokkoffa, waliigaltee dirqamaan akka raawwatamuu gochuun
abbaa mirgaatiif faayidaa addaa kan argamsiisuuf ta'uu qaba. Lamaffa, tilmaamni seeraa yoo
fudhatamee malee dhimma kana hubachisuun dirqama A/mirgaati. Ulaagaaleen lamaan kun kan
gargar hin baane fi kan wal duukaa ilaalamu qabani dha. Ulaagaaleen lamaan kun guutamuun
isaanii abbaan mirgaa fayyadamaa filannoo kanaa isa godha.
4.2.Waliigalteen akka haqamuu gaafachu
Gareen furmaata armaan oliitti ibsameen fayyadamuu hin dandeenyee waliigalteen akka haqamuu
fi bakka isaatti beenyaan akka kaffalamuuf gaafachuu ni danda'a. Kun filannoo lammaffaa ta'uu
isaati. Gaaffiin beenyaan naaf haa kaffalamu akka armaan gadiiti bifa lamaan dhiyaachu danda'aa.
4.2.1.Kasaaraa Murtiin kennamu(murtaa’u)
Yeroo waliigalteen diigamu gareewwan irratti miidhaa qaqabsiisuu danda'a. Namnii miidhame
yeroo jiraatu miidhaa sana suphuun barbaachiisaa dha. Kun sirna haqaa kamiyyuu keessati kan
argamu fi adeemsa dhaabbataa haqa bu'uurafatee dha. Beenyaan kaffalamu akka qajeeltootii
midhaa qaqqabee waliin kan wal madaaluu ta'u qaba. Kunis 'principle of equivalence' jedhama.

Seerri biyya keenyas akka seera biyyoota kaani beenyaan kaffalamu miidhaa qaqqabee waliin kan
wal-madaalu ta'uu akka qabu ni ibsa. S/H/H kwt 2190. Diiggaa waliigalteen wal-qabatee beenyaan
kaffalamu qabu bu'uura beenyaa itti gaafatamumaa waliigalteen alaaf kaffalamuun taasifamuu
qaba.S/H/H kwt 1790(2) jalatti qajeeltoon itti gaafatamummaa waliigalteen alaa
waliigalteedhaafiis kan hojjatu ta'u agarsiisa.

18
Seericha gadi fageenyaan yeroo ilaalluu halootnni hanga tokko adda ta’anii arganna. Fakkeenyaaf
S/H/H kwt 1799 qajeeltoo armaan olii ibsameerraan haala adda ta'een hangii kaffaltii beenyaa kan
murtaa'uu qabu hanga nama sammuu gaarii(madalawaa) qabu tokko abbaa mirgaaf sababa
akkaataa waliigalteetti hin raawwatamneef hanga miidhaa isarra gahu danda'a jedhe tilmaamuun
akka ta’e ni ibsa. Daangaa mannii murtii keessati sochoo'uu qabu bifa hiikkoo qabuun akka hojii
irra oluu wantoota ilaalcha keessa galuu qaban agarsiiseera. Kunis gosa waliigaltichaa, hojii
ogummaa gareewwanii, waliitti dhufeenya isaan duraan qaban, haaloota abbaan idaa beeku fi
dhimmoota biroo kamiyyuu murtee haqa qabeessa ta'ee irra nu geessiisuu danda’an jedhamani
dha. Kunis, S/H/H kwt 1799(2) jalatti ibsameera.
Safartuun seerichaa yaada nama sammuu gaarii qabu akka ta'e ibsamuus, abbaan mirgaa
haalootnni adda idicha cimsuu jiraachuu isaani kan beeksise yoo ta’e , miidhaan kan qaqqabee
abbaan idaa ta'ee jedhe abbaa mirgaa miidhuuf jecha gocha dalageen yoo ta'ee ykn dagannoo cimaa
agarsiiseen, ykn miidhaan qaqqabee akka yaada nama sammuu gaarii qabu yaadu danda'uu gadi
ta'uun isaa yoo mirkanaa'ee beenyaan kaffalamu miidhaa qaqqabeen akka wal-qixxaatuu taasifamu
qaba. Kunis SHH kwt 1800 fi 1801jalatti ibsameera. Yaadni kunis gara qajeeltoo duraa beenyaan
kaffalamuu miidhaa qaqqabe waliin kan wal-madaalu ta'uu qaba jedhuutti nu geessa. Bu'uura
kanaan miidhaa gahuun isaa mirkanaa'eef beenyaan akka kaffalamuuf ni taasifama jechuu dha.
Miidhaa gahuun isaa mirkanaa'eef beenyaan akka kaffalamuuf ni taasifama yaadni jedhuu yeroo
hunda kan hojii irra oluu miti, kunis miidhamaan miidhaa qaqqabuuf jiru hambiisuuf yookiin
xiqqeessuuf tattaaffii godhuun murtaa'a. Miidhaa qaqqabuuf jiru hambiisuuf miidhamaan gama
isaatiin wantti inni raawwachuu danda'uu yoo jiraatee yookiin to'achuuf wanti inni gochuu
danda'uu yoo jiraate miidhamaan kana gochuuf tattaafachu qaba. Dagannoo isaa irraa kan ka'ee
miidhaan yoo dabalee, hanga miidhaa tattaaffii isaatiin hafu danda'uu sanarraa kan ka'ee kasaaraa
gahee akka ofii isaatiin danda'uu ni taasiifamaa. Fakkeenyaaf, Abbabaan hojii isaa dalaguuf
meeshaa isa barbaachisuu Suraafeel akka dhiyeessuuf waliigalaniru. Ta'uus Suraafeel akka dirqama
isaa bahu hin dandeenyee Abbabaan hubateera. Haata'uuti maal na dhibee kasaaraa koo nan
argadha, jedhe dagannoo kan agarsiise yoo ta’e, kasaaraa sababa meeshaan jedhame hin
dhiyaanneef gahee hunda gaafachuu hin danda'uu jechu dha. Kunis miidhaa qaqqabee hambisuuf
meeshaa jedhamee sana gabaa irraa bitee hojii isaa gaggeessuun midhaa gahee hir'iisu waan
danda'uufi dha. Kana malees of-eeggannoo akkanaa sababa hin fudhaneef ibsu qaba. Yookiin baasii
guddaa kan gaafatu ta'u isaa ibsuu qaba. Sanaan ala hanga miidhaa gahee hambiisu danda'uuti,
beenyaa akka hin argannee seerichi ni kaa'a.

19
Kunis miidhaan akka hin baay'anne fi dagannoon akka hin jiraanne meeshaa gargaaru dha. (in
economic terms it is an incentive)
Akka waliigalaatti waa'ee beenyaa kana yoo jenne, amma immoo waa'ee gosoota miidhaa sababa
akkaataa waliigaltee raawwachu dhabu irraa maddee ni ilaalla. Akka armaan gadiiti bakka sadiiti
qooduun ni danda'aama.
A) Miidhaa abdii waliigalticharraa argachuuf yaadame dhabuu irraan kan ka'ee gahu./Loss
of expectation/
Akkuma armaan dura ibsame, wal-taatoonni wal-ta'iinsa isaani keessatti faayidaa waligalticha irra
ni arganna jedhanii yaadantu jira. Gareen tokko akkaataa waliigalteen yoo raawwachuu baate
gareen biroo abdii bu’aa waliigalticharraa barbaada turee ni dhaba. Seerichi namoota waliigaltee
ulaagaa seeraa guutuun hundeeffamee abdachuun miidhaan isaan irra gaheef wabii ni ta'aaf. Kunis,
beenyaa akka argatan gochuudhaani. Wal-taatoonni dirqama dhunfaa dhunfaa isaanii bahanii
akkaataa waliigalteen osoo raawwatame turee bu’uura yaada nama sammuu gaarii qabu tokkon
bu'aa miidhamaan argachuu mala jedhe yaada kennu ka’uumssa godhachuun fayiida dinagdee
midhamaan jala hafeera jedhame shalagudhani.
Fakkeenyaan ibsuuf, Alamaayyoon konkolaataa Toyotaa Korollaa qarshi 45,000 gurguruuf yaade
qaba. Baqqalaan ammoo konkolaataa akkanaa gatii kanaan argachuu hin danda'uu yaada jedhuun
gatii jedhame fudhateera. Eega Baqqalaa waliin waliigaltatee taasisee booda, gatii fooyya'aadhaan
gurgurachuu kan danda'uu ta'u isaa yaaduun nama qarshii fooyya'aan bitu danda'uu barbaadee qr
65,000 gurgurera. Baqqalaan waliigaltichii waan jalaa diigameef Alamaayyoon beenyaa akka naaf
kaffalu jechuun himateera. Beenyaan Baqqalaaf kaffalamu kan shallagamu Yeroo waliigalteen
taasifamuu gatiin konkolaatichaa hangam akka ta'ee fi yeroo raawwii gatiin isaa meeqa akka ta'u
danda'uu tilmaama yaada nama sammuu gari qabu ka’uumssa godhachuun kan shalagamuu dha.
Yaada nama kanaan gatiin konkolaataa yeroo raawwii qr. 70,000 ti kan tilmaamamu yoo ta'ee
kasaaraan Baqqalaarra gahee 70,000 hir'iisuu gatii konkolaaticha bituuf itti waliigalamee
qr.45,000=25,000 ta'aa jechu dha.

Fakkeenya biroon ibsuuf abbaan qabeenyaa taaksii tokko abba qabeenyaa taksii biroof Miinii
Baasii tajaajila taaksiif oluu dandessu qr. 70,000 itti gurgere. Alamaayyoon namakonkolaatiicha
gatii gaariidhaan irraa bitu waan argateef waliigaltee Baqqala waliin godhe diigee gatii fooyya'aan
nama birootti gurgureera.
Baqqalaaniis miidhaa isarra gaheef beenyaan akka kaffalamuuf gaafatera. Beenyaan miidhaa nama
kanaaf kaffalamu kan ta'uu osoo waliigalteen kun raawwate bu'aan inni argachu malu dha.kuniis:-

20
Gatii konkolaatichaa ilaalchisee, akkuma armaan oliitti ibsamee miidhaa isarra gahee .
Konkolaaticha yeroo jedhamee keesatti osoo argateera ta'e, tajaajila taaksiitiif olchee bu'aa
inni argachuu malu yaada nama sammuu gaarii qabutiin tilmaamamee shallagamaaf

B) Miidhaa waliigaltee abdachuun gahuu


Namoonni jecha waliigaltichaa ykn raawwatiinsa isaa abdachuun baasii dabalataa keessa yeroo
seenani ni mul'ata. Fakkeenya armaan olii irratti ibsamen Baqqalaan waliigaltee raawwatee
abdachuun gommaa konkolaataa Birji-Istoonii 4, gatiin gommaa tokko qr 8,000 waliitti qr.32,000
bite ta'u danda'a. Baasiin kun kan gahee, raawwatamu waliigaltiichaa abdachuudhaani.
Waliigaltichi garee birootiin yeroo diigamu baasiin inni konkolaatichaaf baasee qr. 32,000 kasaaraa
ta'a jechu dha. Namnii kamiyyuu waliigaltee raawwate abdachuun, gochaawwan raawwaterraan
kan ka'ee miidhaan yoo irra gahe, gareen waliigalticha diigee miidhaa gahee kiisuu qaba. Kanaaf,
akka fakkeenya armaan olii irraa hubachuu dandeenyuutti kasaaraan obbo Baqqalaa irra gahee
miidha waliigaltee abdachuun gahu dha jechuun ni danda'ama.
c) waliigaltee taasifamee sababeefachuun qabeenyi garee tokkoorra gara birootti waan
darbee miidhaa gahu.
Sababa waliigalteen taasifameef gareen tokkoo isa birootiif qabeenya dabarsuu ykn kaffaltii
walakkaa /gariin/ raawwachuu danda'a. Waliigalticha gareen biroo yoo kabajuu baatee
qabeenyichi harka nama waliigalticha diigee biratti hafa. Kanaaf, kanarraa kan ka'ee miidhaan
garee waliigalticha kabajee irra ni gahaa. Kana waan ta'eef gosoonni miidhaa B fi C jalatti ibsaman,
waliigaltoonni iddoo isaan osoo waliigalteen hin raawwatiin dura turaniiti akka deebi'an ni taasisa.

4.2.2 Kasaaraa muraadhaan wal-taatootan murtaa'uu/liquidated damage/


Namoonni tokko tokko yeroo waliigaltee raawwatani sababa waliigaltichi akka hin raawwatamne
taasisuu yoo jiraate dursani yaadu. Haalli waliigalteen akka hin raawwatamne taasisuu jiraachu
danda'a yoo ta'ee miidhaa sababaa akkaataa waliigalteen raawwatamu dhabu irraan kan ka'ee
isaan irra gahu danda'uu irratti waliigaluu yookin waliigalaan biroo waliigalticha akka hin diignee
keewwata adabbii waliigalticha keessa ni galchu.

Adabbii irratti waliigalteen taasifamu bifa lama qabaachu danda'a. Kunis, tokko , waltaatoonni
hanga miidhaa gahu danda'uu qarshiitti tilmaamani akka adabbiitti murteessanii kan kaa'ani
dha./it is compensatory/ haata'uuti yeroo waliigalteen haqamuu miidhaan gahu kan gareeleen
irratti waliigalani irraa caaluu ykn xiqqaachu danda'a. Ta'uus gareen waliigaltee diigee garee kaanif
kan kaffalu hanga miidhaa gahee osoo hin ta'iin hanga gareeleen waliigalani qofa dha. Hanga

21
miidhaa dabalee ykn xiqqaatee gareeleen fedhii isaanitiin wal-gargaaru akka barbaadanitti waan
lakkaa'amuuf dabaluun ykn xiqqaachuun miidhaa gahee osoo ilaalcha keessa hin galiin hanga
waliigalan qofa gareen waliigaltee diigee garee kaanif ni kaffala.

Haala armaan oliitiin dursani waliigaluun ,adeemsa wal-xaxaa falmii fi dhiyeessa ragaa waliin wal-
qabatee mudachu danda'uu kan hir'isu dha. Hanqina dhiyeessa ragaa waliin walqabatee mudachuu
danda'uus kan hambisu dha. Waliigalteen bifa kanaan taasifamee yoo diigamee beenyaa isaan
kaffaluuf dirqaman meeqa akka ta'ee dursani waan beekaniif, waliitti dhufeenya isaani irratti
tarkaanifi akkami fudhachu akka qabaniis kan isaan hubachisuu dha.

Fakkenya,Yitaayawufi kitaaba tokko qr.50 gurguruf waliiggaleera. Kitaabicha guyyaa shan keessatti
yoon dhiyeessuuf baadhee , kasaaraa isaa qarshii kudhan kaffaluf waliiggaleera. Haata'uuti namni
Qalamuu jedhamu kitaaba kana qarshii jahaatamaan narraan bituuf dhiyaate. Kitaaba kana qarshii
jahaatamaan yoon Qalamuutti gurgure ,waliigaltee Yitaayawu waliin goone diiguu ta'aa ,yoon
waliigaltee kana diigee qarshii kudhaniin adabama waan ta'eef kitaabicha qarshii jahaatamaan
Qalamuutti gurgure qarshii kudhan adabamuuni fi kitaabicha qarshii shantamaan Yitaayawutti
gurguruun garaagarummaa waan hin qabneef, fedhii waliigaltiicha diiguuf qabu nan dhisa jechu
dha. Osoo nama qarshii jahaatamaa ol narraa bitu argadhe nan buufadhaa waan ta'eef nan gurgura
ture. Faayidaa kana caaluu osoo nan argadha ta’ee Yitaayawiif beenyaa kaffalee nama biraatiif nan
gurgura ture. Kana murteessuu kanan danda’ee waliigaltee duraani yoon diigee kasaaraa narraa
eegamu waanan beekefi dha. Kanaaf, namni osoo hin miidhamiin qabeenyi jiru gara fayyadamaa
fooyya’aati akka darbu kan gargaaru dha. Beenyaan gosa akkanaa, miidhaa sababa akkaataa
waliigalteen hin raawwatamneef gahu danda’uu, bakka waliigalitichaa bu’uun kan garee
waliigalteen jalaa diigmee kisuu dha. Kana waan ta’eef, gareen waliigalteen jalaa diigame sababa
miidhaan isarra gaheef beenyaa kaffalameef fudhate deema malee akkaataa waliigalteen naaf
raawwatee beenyaa sababa miidhaa narra gessisseef naaf haa kaffalu jechuu hin danda’u.

Gostii adabbii inni lammaffaan ammo gareeleen yeroo waliigaltee keessatti kaawwameen dirqama
isaani akka bahan kan dirqisiisuu ykn dirqama dabalataa raawwachuuf wabii akka ta’uu jecha kan
murtaa’uu dha. Adabbii armaan oliitti ibsameeraa kan adda isa godhu dirqama muummee waliin
kan raawwatamu fi kaayyoo waliigalaa waliigalticha akka raawwatamu dirqisiisuuf kan taasifamu
dha.(to secure performance)

Isa duraaniinis ta'ee isa lammaffaa keessa beenyaan garee waliigaltootaa murtaa'uu, kasaaraa
qabatamaatti gahu danda'uu irra dabaluu ykn xiqqaachuu danda'a. Kana sababa gochuun abbootiin

22
seeraa hanga isaa fooyyeessuu hin danda'an. Haata'uuti, gareen waliigaltee jalaa haqame osoo hin
miidhamiin /beenyaa gahaa ta'ee bu'uura adabbiin kan argatuu waan ta'eef/ qabeenyicha gara
fayyadamaa fooyya'aatti akka darbu adeemsa godhu bifa daangeessuu danda'uun adabbii yoo
kaa'an manni murtii murtii akkami dabarsu qaba?Kana bu'uurefachuun waliigaltee fooyyeessuun
hin danda'aamuu? Ni danda'ama yoo jedhame bilisummaa wal-ta'iinsa waliigaltoota keessaa seenu
hin ta'uu?

Qabxii marii

1. waliigalteen liqaa Waxabajjii 20, bara 1978 mallataa'een Obbo Tamasgan Balbala 6 fi Fooddaa 4
hojjatee Adooleessa 11 bara 1978 dabarsuuf waliigaleera. Yeroo jedhamee kanatti yoo dabarsu
baate adabbii qr.3,000 kaffaluuf waliigaleera. Meeshaa dheedhii hojjiichaaf barbaachisuu kan
dhiyeessuu ammoo hojjachisaa obbo Alamaayyoo dha. Gatii harkaaf ammoo qr. 1100
kaffalameeraaf.

Fooddaa 4 fi balbala 1 yeroodhaan hojjatee dabarseera. Balbala hafee 5 dhiyeessuu waan dhabeef,
himannaan isaratti dhiyaateera, qabiyyeen himatichaa, adabbii qr.3,000, dhala, baasii fi kasaaraa
waliin akka naaf kaffalu kan jedhu dha.

Himatamaan Obbo Tamasgan deebii kenneen meeshaan qr.3000 baasuu naaf hin tarakabnee
balballii 6 fi fooddaan 4 qofti qashii hanga kana hin baasuu. Kanan dabarseef balbala 1 fi fooddaa 4
waan jiruuf ilaalcha keessa naaf galuu qaba. Kan hafee hojjadhee yeroon qaqqabsiise haa fudhatuu
jechuun falmateera.

Manni murtiis adabbiin himatamaan kaffalu qabu qr.3,000 keessaa, gatiin balbala 1 fi fooddaa 4
keessaa hir'iifame himatamaan haa kaffaluu jechuun murteessera.

Yaada murtiicha irratti qabdan ibsaa?

2.Eliiyaas waliigaltee gurgurtaa manaa gaafa Bitootessa 24 bara 1983 Obbo Indaashaaw
Aggoonaafir waliin taasiseen mana irraa biteera, Qabdii qr.5,000 kaffaleera. Gareen waliigalticha
diigee qr.5,000 akka adabamu waliigalaniru. Indaashaaw waliigalticha ni diigee. Bu'uura kanaan,
Eliiyaas adabbii qr.5,000 akka kaffalamuu fi qabdiiniis akka gadhiifamuuf gaafachuu danda'aa?

3.Nama meeshaa qopheessee dhiyeessuuf waliigaleef Obbo Abbabaan wabii ta'eera. Guyyaa
jedhame sanatti yoo dhiyeessuu baatee qr.3,000 adabamee dhiyeessuuf dirqama seeneera.

23
Yeroodhaan dhiyeessu hin dandeenye. Wabiini fi A/idaa ni himataman. Wabiin dirqama muummeef
malee adabbiif wabii hin taanee jechuun falmateera.Kanarratti yaadnii keessan maalii?

4.Addee Faaxumaa Awaad, Addee Tsahaay Shumiyeef, dhaabbata dhugaati isaanii meeshaa guutuu
waliin qr.67,500 nin gurguraniiru. Gareen waliigaltee diigee ykn akka waliigalteeti raawwachuu
kan hin feenee yoo jiaatee adabbii qr.6,000 akka kaffaluu jechuun waliigalaniru. Addee Faaxumaan
maqaa naanneessuuf Eeyyamamaa waan hin taaneef adabbii waliigallee qr.6,000 naaf kaffaltee
maqaa akka naaf naanneesittu naaf haa murtaa'uu jechuun himateerti. Manni murtiis gareen
gurguree /Addee Faaxumaa/ dhabbata isaani dabarsani kennuun isaani gariin dirqama isaani kan
bahaan ta'uu agarsiisa. Adabbiin kan taa'ee sababa waliigalteen harkiifateef moo? sababa
waliigalteen diigameefi dha? Dirqama gariin raawwatameera kan jedhameef qr.6,000 gara 2,500 ti
gadi buusuf ka'uumsi maali?Manni murtii adabbii irratti dhallii haa kaffalamu jedhera.Gareen irratti
murtaa'ee ammoo adabbii irratti dhallii hin herregamu jechaa jiru, isiin maal jettu?

5.Leencoo Zagayya Waxabajjii 12, 1982 waliigaltee liiqaa mallattaa'een qr. 160, 997, Obbo
Abdurahimaaniif liiqesseera. Qarshichii Fulbaana 6, 1983 deebi'uu qaba, yeroo kana keessatti yoo
deebi'uu baate qr.10,000 adabbiii adabamuuf waliigalani yeroo kanati hin kaffalamne.Himataan
Leencoo Zagayya qarshii haadhoo fi adabbii Obbo Abdurahiim naaf haa kaffalu jedhe gaafachu ni
danda'aa?

6.Alamtsahaay Tikuu, mana jireenya ishee qr.43,000 Dabrawarq Walda-Li'uuliti gurgurti qabdii
qarshii 10,000 fudhateerti.Manicha osoo hin dabarsiin haftee. Kanaaf, Dabrawarq maniicha akka
naaf dabarsiiti jechuun himateerti.Alamtsahaay gama isheen dachaa qabdii kaffale waliigalticha
diiguu waanan danda'uuf hin dabarsuu ,qarshi ishee haa fudhatuu, dirqamaan waliigaltee
raawwachuu hin qabu jechuun falmatti.Qabdii kaffaluun waliigalticha dirqamaan raawwachisu irra
waliigaltiicha kallatiin diiguuf mirga ni keennaa? jecha birootiin qabdiin jiraachuu isaa waliigaltee
dirqamaan akka hin raawwatamne gochuuf mirga ni keennaa?

7.Gareen waliigaltee diigee, garee waliigalteen jalaa diigameef qr.10,000 mootummaaf qr. 20,000
bifa jedhuun waliigalu gareen tokko yoo waliigaltee diigee, qarshii mootummaa jedhame qr.20,000
akka kaffalu irratti murtaa'uu danda'aa.

8. Namnii Daareloo jedhamu qr.58,000 mana nama Niguusee jedhamuuf gurgureera.Niguuseen


qr.50,000 kaffalee maniicha harkatti galfateera.Qr. 8,000 irratti hafa.Obbo Niguuseen qarshiin
8,000 kan naaf hin kaffalamne waan jiruuf,waliigalteen akka diigamuuf ni gaafata.Waliigaltichii
sababuma kanaan diigamu qaba?

24
9.Faantaahun Baqqala mana jireenya isaa,Balaay Muliiyeef qr.65,000 gurguruuf waliigaluun
waliigaltee mallatteesse.Balaay qarshii isarraa eegamu ji'aa 6 keessatti yoo kaffalee manicha
harkati ni galfata.Waliigaltichi akkuma raawwateen qr. 20,000 kaffalameera.Haata'uuti manuuma
jireenya isaa kana nama qr. 170,000 isarraa bituu waan argateef waliigaltee duraani diiguun
manicha Xibabuuti gurguree.Obbo Faantaahun Obbo xibabfalmachfalmachfalmachfalmachfalmach
maal jedhani gaafachuu danda'uu?Obbo Faantaahun Obbo Xibabuu maal jedhani gaafachuu
danda'uu?Obbo Xibabuu irratti kasaaraan naaf haa kaffalamu jedhanii himaan dhiyeessuu
danda'uu?obbo Xibabuun maal jedhani falmachuun danda'uu?

10.Obbo Yitibaarak Kaasaay Geeraa warqi irraa konkolaataa fee'insa 2 kireefatee osoo hojjatu
konkolaataan tokko jalaa garagalee.Konkolaataan yeroo midhaan irra gahu,abbaan qabeenyichaa
dirqama suphisiisee dabarsuu qaba.Obbo Yitbaarak konkolaaticha Addee Geeraa-warqi
suuphisiistee kan naaf hin kenniine, qarshii konkolaatichssn hojjadhe argachu maluu qr.252 246
fayidaan narraa hafeera jedha.Qarshii na jalaa hafee jedhe kana gaafachu danda'aa?Adde
Geeraawark mormii akkami kaasu dandeessii?

11.Obbo Balaayinah Ballaxaa, Obbo Asfaaw Zawudee irraa Waxabajji 16,1976 qr.10,000 liiqeefatani
hin kaffale.Guyyaa liqeeffatan irraa kaasee haadhoo fi dhala wajjin akka kaffalan himannaan irratti
dhiyaateera.Himatamaan gama isaatiin dhala kaffaluuf waliihin gallee, ofeeggannoon osoo naf hin
kennamin kaffaluu hin qabu jechuun falmateera.Manni murtiichaa yeroo kaffalti hin kabajamne,
ofeeggannoo kennuun barbaachisaa ture,haata'uti himatamaan qarshii haadhoo fi dhala guyyaa
himaanaan kun dhiyaateeraa kaasee herregamu 9% waliin akka kaffalu jechuun murteessaniru.
Sirriidha jettanii yaadduu?Bu'aan ofeeggannoo kennuu dhabu maalii?

Boqonnaa Afur

Wabummaa

Hojii keenya guyyaa guyyaa yeroo dalagnuu namoonni dirqama bu'uura waliigalteedhaan seenan
raawwachuuf dhiisuu isaanii shakkuu dandeenya. Kanarraa kan ka'ee kasaaraa nurra gahu
danda'uu kan bakka bu'uu danda'uu waan nu mirkaneessuu barbaadna. Yoo waan kasaaraa nurra
gahuu danda'uu bakka bu'uu danda'uu dhabnee, yaada waliigaltee raawwachuuf qabannee turree
ni haqana. Kunis, yoo keessa seennees idaa sana deebisuuf carraa qabnu dhabuu dandeenya.
Shakkiin akkanaa adeemsa wal-jijjiraa daldalaa qajeelaa ta'eef rakkoo ni ta'a.

25
Kana waan ta'eef seerichi wal-jijjiraa qajeelaa ta'ee jajjabeessuun guddina dinagdee barbaadamu
akka dhufu gochuuf meeshaa itti fayyadamu keessaa tokko wabummaa dha.

5.1. Haalawwan wabummaan itti hundeeffamu

Dirqamni wabummaa kan seenamu tokko, idaa nurra jiraachuun isaa mirkanaa'eef yookiin lama,
gara fuula duraatti itti gaafatamummaa abbaa idaa muummee irra gahu danda'uu fudhachuuf kan
taasifamuu ta'u danda'a. Dirqamni wabummaa itti gaafatamummaa abbaa idaa muummee irratti
gara fuula duraa gahuu danda'uu fudhachuuf taasifamu, abbaa idaa muummee irratti idaan yoo
jiraatee malee wabiin wabummaan isaa akka hafu gochuu danda'a. Yeroo baay'ee wabummaan kan
hundeeffamu idaan muummee gaafatamuun dura ta'uus, yeroo idaan gaafatamutti (when the
debtor is at default) yookiin erga idaan gaafatamu jalqabee boodallee wabummaan hundeeffamu
danda'a. Haala kamiinuu hundeeffamuus idaa jiru yookiin idaa gara fuula duratti jiraachuu maluu
waliin kan wal-qabatuu dha. (It is accessery in nature). Osoo idaan hin jiraatiin dirqamni
wabummaa jiraachuu hin danda'u. Dirqamni muummee yoo kan hin cimnee ta'ee waliigalteen
wabummaas akkuma kanaa kan hin cimnee ta'a. Haata'uuti yoo gareen dirqama wabummaa seenee
dandeetti dhabuun abbaa idaa muummee yookiin haanqina fedhii jiraachuu isaa osoo beekuu
dirqama wabummaa yoo seenee, dirqamni muummee yoo cimuu baateellee, dirqamni wabummaa
ni cimaa kanaaf, wabiin abbaa maallaqichaatiif itti gaafatamummaa qabaata. Qarshichas abbaa
maallaqichaatiif kaffaluuf ni dirqama.

Hanga wabummaa ilaalchisee hanga dirqama muummee caaluu hin danda'u. Kan abbaan idaa
muummee itti hin gaafatamnee wabiin itti hin gaafatamu. Waliigalteen akkanaa yoo taasifameellee
gara hanga idaa muummeetti akka gadi deebi'uu ni taasifama.

5.2. Foormii dirqamni wabummaa hordoofuu qabu

Dirqamni wabummaa itti gaafatamummaa olaanaa kan hordoofsisuu waan ta'eef, wabiin dirqama
seenee hubachuun isa barbaachisa. Kanaaf, wabiin ariitiidhaan dirqama keessa osoo hin seeniin
dura yeroo muraasa argatee akka itti yaadu seerichi waliigalteen wabummaa barreeffamaan akka
ta'u kwt 1725 fi 1922 jalatti tumeera. Hangi maallaqa wabummaa itti seenamuu beekamu qaba.
Kun yoo guutamu baate, waliigaltich diigamaa ta'a.

5.3. Gosoota dirqama wabummaa

Wabummaan yeroo turmaata isaa irratti hundaa'uun kan yeroo murtaa'eef fi kan yeroo hin
murtoofne(continuous guarantee) jechuun kan qoodamuu yoo ta'u, itti gaafatamummaa

26
hordoofsisuu irratti hundaa'uun itti gaafatamummaa dhunfaa/tera/ fi waliin jedhamuun qoodama,
Kallatti qaama idaadhaaf itti gaafatamummaa qabu waliin yoo ilaallu wabummaa namaa fi
wabummaa qabeenya jechuun qooduu dandenya. Bifuuma bifa isaaniitiin akka armaan gadiitti
ilaalla.

5.3.1.Dirqama wabummaa yeroo murtaa'ee fi yeroo hin murtoofneef raawwatamu.

Wabummaan dirqamni muummee hangi fi yeroon itti kaffalamu beekamee tokko akka
raawwatamuu gochuuf kan hundeeffamu ta'u danda'a.Fakkeenyaaf waggaa har'aa Waxabajjii 30,
bara 2002 idaa qr.42,000 Baqqalaan kaffaluu qabuuf wabii ta'u jechuu dha.

Gama birootiin dhimma hangi dirqamni muummee fi yeroon kaffaltii isaa hin murtoofneef,
dirqama wabummaa hangi isaa murtaa'ee seenuun wabummaa hundeessuun ni danda'ama. Kunis
(continuous guarantee) jedhama.

Nama miniisteera geejjibaaf qunnamtii keessatti waardiyyuummaan qacaramee jiruuf idaa isarra
gahu danda'uuf yookiin itti gaafatamuu danda'uuf, wabii qr.500,000 ta'u jechuu dha. Idaan kun
yeroon kaffalti isaa hin geenye haata'uu malee haalli itti gahuu jiraachuu danda'a. Turtiin dirqamni
wabummaa bifa kanaa yeroodhaan kan daanga'ee miti. Dirqama wabummaa bifa kanaa, itti
gaafatamummaan abbaa idaa muummee yoo gahu baate, wabiin dirqamnii wabummaan isaa akka
irraa bu'uu gaafachu danda'a. "Yoo itti gaafatamummaan isaa gahu baate" jechuun wabiin
wabummaan isaa akka irraa bu'uu yeroo gaafatu abbaa idaa muummee waan gaafachisuu yoo hin
jirree ta'e dha. Waajjirichiis kanuma qulqulleessee nama wabii ta'ee bilisa gochu qaba. Hojjataan
sun wabii biroo waamuu kan qabu yoo ta'e, wabii haaraa akka waamuu gochuun gahee
waajjirichaati. Kun garu dirqama wabummaa nama wabii ta'ee irraa buusu waliin kan wal-qabatu
miti. wabiin biroo yoo argamees argamuu baates, wabiin guyyaa dirqamni wabummaa akka irraa
bu'uu gaafateerraa kaasee irraa bu'uu qaba.

5.3.2 Wabummaa dhunfaa fi waliinii

a) Wabummaa dhunfaa

Dirqamnii wabummaa gosa kanaa yeroo abbaan idaa muummee dirqama isaa bahu dadhabee qofa
kan gaafatamu dha. Bu'uura kanaan abbaan maallaqichaa, wabiin dirqama wabummaa isaa akka
bahu kan gaafatu, yoo abbaan idaa muummee dirqama isaa bahu kan hin dandeenye ta'u isaa yoo
mirkaneessee qofa dha. Kasaarun abbaa idaa yoo mana murtiin mirkanaa'ee malee, wabiin yeroo
himatamu, dura abbaa idaa waliin falmadhu jechuuf mirga qaba. Mormii kana yoo wabiin kaasuu

27
baate garu abbaan maallaqichaa abbaa idaa gaafachuun osoo isarraa hin egamiin qabeenya wabii
irra idaan jiru akka kaffalamu gochu danda'a. Wabiin mormii jedhamee kana yoo kaasee bakka
qabeenyi abbaa idaa muummee jiru qajeelchuu fi baasii falmii kanaaf barbaachisuu abbaa
maallaqichaatiif kennuun irraa eegama. Kana gochu yoo baate mirga abbaa idaa muummee waliin
falmadhu jechuuf qabu ni dhaba.

B) Wabummaa waliinii

Wabummaan waliinii kan hundeeffamu wabiin abbaa idaa muummee waliin itti gaafatamaa yoo
ta'ee yookiin bifa kana fakkaatu kan biroon yaada isaa ibsachuun dirqama kan seenee yoo ta'e dha.
Abbaa idaa muummee waliin falmadhu jechuuf mirga hin qabu. Abbaan maallaqicha abbaa idaa
muummee waliin yookiin tarii abbaa idaa muummee duraallee wabii irratti himannaa dhiyeessuu
danda'a.

5.4. Mirgoota wabii

a) Mirga bakka abbaa maallaqichaa bu'uu

Wabiin dirqama/idaa/ abbaa idaa muummee irra jiru fi sirri ta'ee kaffalee bakka abbaa
maallaqichaa bu'uun abbaa idaa muummee irraa gaafachuuf mirga qaba.

B) Mirga abbaa idaa muummee waliin falmadhu jechu

Akkuma armaan oliitti ibsiineti mirgii kun qaamni dirqama wabummaa dhunfaan irra jiru qabu
dha. Bu'uura mirga kanaan wabiin akkuma himatameen abbaa maallaqichaatiin dura abbaa idaa
muummee waliin falmadhu jedhe mormuu kan danda'u ta'u agarsisa.

C) Mormiiwwan abbaan idaa muummee kaasu danda'u kaasu

Haala wabummaa kenname irraa kan ka'ee akka hafu yoo taasifame malee(FKN waliigalticha kan
hundeeffame dogoggoraan yookiin abbaan idaa muummee umriin isaa osoo hin gayiin kan
waliigaltee seenee ta'u wabiin osoo beeku dirqama wabummaa kan seenee yoo ta'e) malee mormii
abbaan idaa muummee abbaa maallaqichaa irratti kaasuu danda'u wabiin kaasee falmachuu
danda'a.

Gosoota wabummaa

28
Namaa(1920) Qabeenyaa

Sochoo'uu Hin sochoonee

Wabummaa qabeenya sochoo'uu(pledge)(2825) wabummaa qabeenya hin


soochoonee(3047)Antichresis(3117)

Wabummaan qabeenya hin soochonee haala itti hundeeffamu

1. Seeraan
2. Ajaja mana murtii
3. Waliigaltee

A) Seeraan (3042 fi 3043)

1. 1.Seerichi mataa isaatiin wabummaa kennu dha.


2. .Fedhiin wabii barbaachisaa miti.
3. Namoota gosa lamaaf wabummaa ni kenna
I. Qaama qabeenya hin soochonee gurgureef kaffaltii gatii qabeenyichaa fi dirqama biroo
waliigalticha keessatti ibsamaniif wabii akka ta'uuf kan kennamu dha.
II. Abbaa qabeenyumaa waliini qabeenya hin soochonee waliin wal qabatee qaama
qabeenyicha keessaa hiratu fi kaffalti isaaf kaffalamu qabu keessa kan jalaa hir'atee fi
qabeenya hirachuun argate akka gadi lakkissuu irratti murtaa'e.

B)Ajaja mana murtiin (3049)

 Abbootiin seeraa yookiin jaarsooliin murtiin yookiin ajajni kennan akka raawwatamuu
jecha wabumma kennamu dha.
 Ajaja jaarsoolii yookiin mana murtii qofaan kan hundeeffamu dha.
 Dhimmii wabummaan itti kennamu, osoo falmii irra jiru murtiin dura ta'u danda'a.
 Kaayyoon isaa gareen falmiidhaan moo'amu danda'u qabeenyicha akka hin miliqsinee fi
raawwii akka hin gufachifnefi dha.
 Wabummaan kan hundeeffamu hanga maallaqa qabeenyichi wabi ta'ee fi gosa qabeenyaa
adda baasuun ibsuun yoo galmaa'ee dha.
 Ajajichi qabeenyicha irratti daangaa kaa'u hin qabu.

29
 Qabeenyi bu'uura S/D/F/H/H kwt 154 karaa mana murtiin, murtiin akka raawwatamuf
jecha kan dhorkamu ni jira. Kaayyoon keewwata kana adda dha. Murtii raawwachisuuf
wabummaan qabeenya hin sochoonee irratti hundeeffamu qabeenyich akka hin
gurguramnee, akka hin jijjiramne yookiin idaa biroon akka hin qabamne gochuun
barbaachisaa miti.

C) Wabummaa waliigalteen hundaa'u(3041)

 Abbaan idaa ofii isaatiin qabeenya isaa qabsiisuun kan hundeeffamu.


 Namni biroo abbaa idaatiif qabeenya isaa qabsiisuun ni hundeeffamaa.

Ulaagaalee wabummaa qabeenya hin sochoonee hundeessuuf barbaachisan

1. Sanada itti hundeeffamu

 Wabummaan qabeenya hin sochoonee barreeffamaan ta'u qaba.(3045(1)), (1723)


 Qaama waliigaltee waliigalchisuuf angoo qabu yookiin Abbaa seeraa biratti taasifamu qaba.
(1723
)Ulaagaan kun kan barbaachisuu ta'uu isaa KWT (1723) jalatti ibsameera.
Wabummaan waliigalteen hundeeffamu, waliigaltee waan ta'eef tumaaleen seera
waliigaltee fi tumaaleen seera wabummaa hanga waliitti hin buuneti raawwatiinsa
ni qabaatu.
Seerich wabummaan qaama waliigaltee waliigalchisu yookiin abbaa seeraa birati
akka taasifamu kan godheef kaayyoo mataa isaa qaba.

Hangi maallaqa wabummaan kennamee fi gosti qabeenyichaa ifaan kaa'amu qaba. (3045(2)),
(3048)

2. Galmeessa

 Wabummaan kenname galmee qabeenya hin sochoonee irratti yoo galmaa'ee malee bu'aa
hin qabaatu. (kwt 3052)
 Wabummaan qabeenya hin soochonee haala kamiinu hundeeffame galmaa'u qaba.
 Galmeessi kun dirqama qabeenyicharra jiru qaama sadaffaaf beeksiisuu irra darbee bu'aa
biroo qaba.
 Kanarra darbee mirga dursaa murteessuuf ni gargaara.

30
 Galmeessi bu'aa kan qabaatu, qaamni sadaffaa qabeenyichi darbeef mirga isaa osoo hin
galmeessisiin dura yookiin qabeenyicha wabummaan qabamee galmaa'uu isaatiin dura ta'u
qaba.(3057(1)) fi (2))

3.Qabeenya hin sochoonee wabummaan qabsiisuuf dandeetti barbaachisuu(3049)

 Idaa ofiif qabeenya isaa wabummaan qabsisuu kan danda'uu nama qabeenyicha qarshiin
garee sadaffaaf dabarsuu danda'uu dha.(3049(2))
 Idaa nama birootiif qabeenya isaa wabummaadhaan qabsiisuu kan danda'uu ammoo nama
qabeenyicha tolaan dabarsuuf mirga qabu dha.(3049(3))
 Wabummaan namni dandeetti hin qabnee kennee gatii kan hin qabnee yoo ta'uu dandeetti
yookiin mirga isaa booda yoo argateellee wabummaan dursee kennee bu'aa hin qabaatu.
(3050(2)(3))
 Nama waraqaa ragaa abbaa qabeenyuummaa qaama dhimmi ilaallatuurraa argatee waliin
waliigalteen wabummaan taasifame waraqaan ragaan sun yoo haqameellee waliigalteen
wabummaan taasifamee bu'aa ni qabaata(3051(2))

Qabeenya wabummaan hin sochoonee ilaallatu

1. Qabeenya hin sochoonee

 Morgeejiin kan ilaalatu qabeenya hin sochoonee qofa dha.(3047(1))


 Seerich qabeenya sochoo'uu akka qabeenya hin sochooneetti wabummaadhaan kennamu
kan danda'u ta'u isaa tumuu danda'a.(3047(2)). Wabummaa dhaabbata daldalaa/medebir/
 Qabeenya hin sochoonee kan jedhaman lafaa fi mana ta'uus , haala amma jiruun
wabummaadhaan qabsisuu kan danda'amu mana qofa dha.
 Mirga lafa magaalaa kireessuu wabummaadhaan qabsisuun ni danda'ama. (Labsii 272/94
kwt 13)
 Gamoowwan/manneen/ gara fuula duraatti ijaaraman wabummaadhaan qabsiisuun hin
danda'amu.(3050(3))

2. Qaama qabeenyichaa/Intrinsic element/ fi qaama dabalataa /Accessories/(3064)

 Kutaa qabeenyichaa qabeenyicha osoo hin balleessiin yookiin osoo hin miidhiin gargara
baasu kan hin danda'aamne qaama /kutaa/ guutuu qabeenyichaa waan ta'eef wabummaan
ni qabama.(1132)

31
 Akka yaada nama tokkootti dhimma itti fayyadamu sanaa waliin wal qabatee kan jiru waan
dabalataa yookiin Debal jedhama. (1136) kunis qaama wabummaati.
 Qabeenyi kunneen garu qabeenya haadhoo irraa yoo gargar bahan garu akka qabeenya
sochoo'uutti waan fudhatamaniif qaama wabummaa ta'uun isaanii ni hafa. (3065(1),
(1133), (1137)
 Qabeenya wabummaadhaan qabameerraan qaneenyi dabalataa waan adda baheef gatiin
qabeenya wabummaan qabamee yoo gadi bu'ee, abbaan maallaqichaa, tumaalee seera
wabummaa qabeenya hin sochooneetti fayyadamuun mirga isaa kabachisu danda'a.
(3065(2))

3. Hojiiwwan haaraa yookiin dabalataa qabeenyicha irratti hojjataman (3066)

 Hojiiwwan qabeenyicha babal'isuuf yookiin fooyyeessuuf hojjataman qaama wabummaati.

4. Kiraa, Kaffaltii inshuuraansii qabeenyichaaf kaffalame, beenyaan qabeenyich yeroo gadi


lakkifamu kaffalamu hundi qaama wabummaati.(3068)

Idaawwan qabeenyi hin sochoonee/morgeejiin/ wabii ta'uuf

1. Idaa muummee
2. Dhala kunis:
 Hanga dhala gareen wal-taatootaa waliigaltee isaanii keessatti waliigalan(3077(1)).
 Qabeenyichi wabii kan ta'uu garu dhala wagga lamaaf qofa dha.(3077(2))
 Dhala waggaa lama darbeef qabeenyicha irratti mirga dursaa hin qabaatu. Dhala
waggaa lama darbee irratti mirga dursaa akka argatu waliigaluun hin danda'amu.
(3077(3))
 Dhalli gareen waltaatootaa kan irratti waliigalan yoo jiraachuu baatee illee,
qabeenyich qabamee hanga gurguramutti seerich dhala herreguu qaba.

3. Kaffalti inshuuraansii abbaan maallaqichaa kaffalee(3078)

4.Abbaan idaa dirqama muummee sababa raawwachuu dhabeef abbaan maallaqichaa


qabeenyicha hordofee qabuu fi qabeenyicha gurguruuf baasii baase.

Bu'aa wabummaa qabeenya hin sochoonee/ mortgage/

Bu'aa abbootii mirgaa irratti qabu.

32
Mirga dursaa(3059(1))

 Mirgii dursaa kan ka'uu namoonni maallaqa gaafatan yoo baay'atanii fi qarshii gurgurtaa,
idaa nama hunda yoo haaguguu baate dha.
 Qabeenyi hin sochoonee idaawwan tokko ol ta'aaniin qabamuu danda'a. Kanaaf, namoonni
mirga wabummaa irratti qabani fi maallaqa gaafatan jiraachu danda'u. (3088(1))
 Mirga wabummaa kan hin qabnee garu maallaqa kan gaafatan jiraachuu ni malu.
 Yeroon kaffaltii isaa kan gahee maallaqni kamiyyuu yoo jiraatee qaamni mirga gaafachuu
yookiin mirga wabummaa qabu kamiyyuu akka qabeenyichi qabamu fi gurguramu
gaafachuu danda'a.(3059)
 Abbaan maallaqaa mirga dursaa qabu, abbootii maallaqa biroo dura gurgurtaa
qabeenyicharraa maallaqa isaa argachu danda'a.(3059)
 Qabeenya wabummaadhaan qabamee irratti qaamni hojii haaraa fi babal'iinaa hojjatee,
Sanyii fi meeshaalee dhiyeessanif mirga kaffalti argachuu qabu.(3067(1))

Mirga qabeenyicha hordofuu(3059(2))

 Mirgii qabeenyicha hordofuun kan jiraatu yooabbaan idaa dirqama isaa bahu dadhabee fi
qabeenyichi nama birootiif yoo darbee dha.
 Qabeenyichi garee sadaffaa qabeenyicha bitee irraa gaafatamu kan danda'u, yoo mirgii
wabummaan isaa gurgurtaan qabeenyichaa osoo hin galmaa'iin dura yoo qaama dhimmii
ilaaluu biratti galmaa'ee dha. (3085)
 Wabummaan qabeenya hin sochoonee kan hin qoodamnee waan ta'eef, abbaan idaa
dirqama isaa gariin yoo raawwateellee idaa hafeef qabeenyi isaa qabamee gurguramu
danda'a. (3077)
 Yeroo qabeenyich gurguramuuf qabamuu bu'aa hordofsisuu qaba kunis:
 Shallaggii dhalaa(3077)
 Sassabbii kiraa irratti(3068)
 Miidhaa qabeenyicharra gahu(3107)
 Gocha wabiin yookiin garee sadaffaa qabeenyichii darbeef yookiin miidhaa
dagannoodhaan gahu.
 Baduun yookiin hojiidhaa ala ta'u qabeenyichaaf gareen sadaffaa qabeenyich
darbeef itti gaafatamummaa kan qabaatuu yoo ta'ee jedhe yookiin

33
dagannoodhaan gocha sana yoo raawwatee fi kunis kan raawwatamee
qabeenyicha murtiin qabsiisuuf adeemsii erga jalqabamee fi beeksiisnii erga
ergamee booda dha. (3092)

Akka namoota mirga wabummaa osoo hin qabaatiin abbaa qabeenyicharraa maallaqa
barbaadani (right of an ordinary creditor)(3059(3))

 Qabeenyi wabummaan qabamee gurguramee bu'aan gurgurtaa idaa jiru kan hin haagugnee
yoo ta'ee, abbaan maallaqichaa akka namoota mirga wabummaa osoo hin qabaatiin abbaa
idaa irra maallaqa gaafatanitti mirga gaafachu qaba.

2. Bu'aa wabummaan nama qabeenya isaa qabsisee irratti qabu

Qabeenyicha dabarsuu, irra deebii'ee wabummaadhaan qabsisuu, galii fi bu'aa isaa


sassaabuu(3059(2)(3089)(3093))

 Dirqamni isaa gatii qabeenyichaa hin caalu(3105)


 Wabummaan qabeenya hin sochoonee kan cimuu waggaa 10 nif qofa dha.(3058,1632)
 Gadii bu'uu gatii qabeenyichaaf itti gaafatamaa dha.(3107,3073,3074)
 Hojiin haaraa qabeenyicharratti hojjatamee fi hojiin fooyya'iinsaa qaama
wabummaati(3066)
 Idaan yoo kaffalamu baate qabeenyich qabamee gurguramaa
 Gatii qabeenya wabummaan qabame kaffaluun akka gadhiifamu gochuuf (redemption)
mirga hin qabu.

3. Bu'aa garee sadaffaa irratti qabu

Bu'aa abbootii maallaqa mirga wabummaa hin qabnee irratti qabu

 Yoo yeroon idaan itti kaffalamu gahee, qabeenyichi qabamee akka gurguramu gaafatamu
danda'a(3059,1988)

Bu'aa abbootii maallaqaa mirga wabummaa qaban irratti qabu

 Abbootiin maallaqaa mirga wabummaa baay'ee qaban jiraachu malu


 Wal duuraa duubni mirgi dursaa isaanii, bu'uuruma mirga wabummaa isaanii
galmeessisaniin ta'a(3081)
 Mirgi abbootii maallaqaa mirga isaanii guyyaa tokkootti galmeessisan wal qixa dha.(3082)

34
 Dabaree Mirgi dursaa kaffaltiidhaan fudhachuun ni danda'ama(subrogation(3083))

Bu'aa nama qabeenyichi darbeef irratti qabu

A) Hojiiwwan fooyya'iinsaa hojjatee(3091)

 Hojiiwwan haaraa yookiin hojiiwwan fooyya'iinsaa hojjateef gatiin isaa akka kaffalamuuf
gaafachuu danda'a.
 Gatiin inni gaafachu danda'u, hojiiwwan galmeessa gurgurtaa booda raawwateef qofa dha.

B) Baduu yookiin hojiidhaa ala ta'u qabeenyichaa

 Baduu yookiin hojiidhaa ala ta'u qabeenyichaatiif qaamoleen mirga wabummaa qaban itti
gaafatamummaa hin qaban.
 Itti gaafatamummaa kan qabaatan qabeenyich kan hojiidhaa ala ta'e yookiin kan badee erga
qabeenyich wabummaan qabamee booda balleessaa yookiin dagannoo qaama wabummaa
qabateen yoo ta'e dha.

c) Wabummaa/Warranty/(3094,2882)

 Qabeenya wabummaadhaan qabamee namni bitee qabeenyicha akka gadhisuu yoo


taasifamee, nama isaaf gurguree wabii akka ta'uuf dirqisiisuu yookiin himachuu danda'a.
(3094)
 Himanaan bu'uura kanaan dhiyaatu kufaa kan ta'u danda'u yoo waliigaltee gurgurtaa irratti
qaamni gurguru wabii/madihinni/ hin ta'u jedhame yoo waliigalamee qofa dha.(3094(3))
 Namni qabeenyichi tolaan darbeefis himannaa wabummaa/madihinii/ dhiyeessuu
danda'aa.(3094(2))

d)Bakka bu'uu (Subrogation)(03095)

 Bakka nama qabeenyicharratti mirga wabummaa qabu bu'uun mirga isaatti fayyadamu
danda'a.
 Wabiin qabeenyi isaa sababa gaaffii abbaa maallaqaatiin jalaa gurgurame, hanga maallaqa
abbaan idaa abbaa maallaqichaatiif kaffalamu qabu akka kaffaluuf gaafachuu danda'a.

e)Fedhiidhaan hanga maallaqa wabummaan itti seename kaffaluun qabeenyicha gadi


lakkisiisuu/voluntary discharge of debt/(3097)

35
 Idaa guutuu qabeenyichi ittiin qabamee jiru kaffaluun qabeenyicha wabummaa irraa bilisa
gochu danda'a.
 Idaa yeroon kaffalti isaa hin geenyee kaffaluun qabeenyicha bilisa gochuuf fedhiin abbaa
maallaqichaa barbaachisaa dha.
 Qabeenyichi wabummaan erga qabamee booda garu walta'iisi barbaachisaa miti.

F) Gadi lakkisiisuu/redemption/(3090)

 Gatii qabeenyichaa sirrii ta'e kaffaluun qabeenyicha gadi lakkisiisuun ni danda'ama.


 Idaa qabeenyichi wabummaan itti qabamee guutuu kaffaluun osoo hin barbaachisiin, gatii
qabeenyicha sirrii ta'ee qofa kaffaluun qabeenyicha gadi lakkisiisuun ni danda'aama.
 Kana gochuudhaaf fedhiin abbootii maallaqaa mirga wabummaa qaban hunda barbaachisaa
dha.
 Namni mirga gadi lakkisiisuu qabu, nama idaan dhunfaatti isa hin ilaallannee qofa dha.
 Gaaffiin kun dhiyaachuu kan qabu ajajni wabummaan akka qabumuu jedhu galmaa'uu
isaatiin dura ta'u qaba.
 Gaaffiin gadi naaf haa lakkiifamu erga dhiyaatee booda gaafataan ji'a lamaaf gaaffii isaatiin
ni dirqama.
 Hanga ji'a lamatti abbootiin maallaqaa mormii isaanii yoo dhiyeessu baatan akka waliigalati
fudhatama.
 Yoo waliigaluu baatan qabeenyichi caal baasiin gurgurama.

H) Waa'ee akka wabiitti lakkaa'amuu/assimilation to suretyship/(3090)

 Namni qabeenya wabummaan qabamee bitee waliitti dhufeenya abbaa maallaqichaa waliin
qabuun wal-qabatee seera waliigaltee waliigalaa keessatti mirgoota wabiin akka itti
fayyadamuuf teechifamaniitti fayyadamu danda'a.
 Abbaan maallaqichaa wabiin qarshicha akka isaa kaffalu dirqisiisuun dura, qabeenya abbaa
idaa muummee irratti akka falmatu ni eeyyamaaf.
 Mirguma kana namni qabeenya wabummaan qabamee bitees akka itti fayyadamuu seerichi
ni eeyyamaaf
 Namni qabeenya isaa qabsiisuun nama biroof wabii ta'e, akka garee sadaffaa qabeenya
wabummaan qabamee bitetti lakkaa'ama.(3106)

Wabummaa dhaabbata daldalaa/Yenigid madab morgage/

36
 Kun morgeejii qabeenya sochoo'uu irratti hundeeffamu dha.
 Seera daldalaa keessatti haala addaan yoo taa'ee malee kan ilaalamu qabu tumaalee seera
hariiroo hawaasaatiin ta'a(s/d kwt 1)

1.Hundeeffama wabummaa dhaabbata daldalaa

 Waliigalteen yookiin seeraan hundeeffama.


 Murtiin kan hundeeffamu ta'u isaa seerri daldalaa hin kaa'u.
Seerarraa kan madduu(s/d kwt 172)
 Qaamolee dhaabbata daldalaa gurguran.
 Kasaaruu daldalaarraa kan ka'ee qaamolee maallaqa waliin gaafatan.

Qaamolee dhaabbata daldalaa gurguraniif wabummaa seeraan kenname

 Dhaabbata daldala gurguran irratti mirga wabummaa qabu


 Waliigalteen gurgurtaa akka haqamuu gaafachuu danda'u

Galmeessa wabummaa dhaabbata daldalaa

 Bu'aa seera qabeessa akka qabaatu galmeessuun barbaachisaa dha.(s/d kwt 174,178,179)
 Galmeen yeroo murtaa'e keessatti taasifamu qaba.(s/d kwt173,177)

Yeroo wabummaan dhaabbata daldalaa cimee turu

 Wabummaan cimee kan turu waggoota shaniif qofa dha.

Qabeenya baankiidhaan wabummaan qabaman

 Tumaalee seera hariiroo hawaasaa fi seera daldalaa muraasa irratti fooyya'iinsi


taasifameera.
 Fooyya'iinsa duraa kan taasisee Labsii 65/89 dha.
 Labsiin kun seera hariiroo hawaasaa kwt 2851 fi 3060 irratti fooyya'iinsa godheera.
 Fooyya'iinsi kan ilaallatu sirna gurgurtaa qabeenya baankiin wabummaan qabatee irrati
dha.
 Baankiin qabeenya wabummaan qabatee gara mana murtiitti fiduun osoo irraa hin
eegamiin ofii isaatiin akka gurgurufi dha.
 Waliigalteen baankiin taasisuus bu'aa seeraa akka qabaatu taasifameera

37
 Labsiin Lakk 97/90 labsii armaan oliitti ibsame kana diigeera. Gama birootiin dhaabbata
daldala baankiin wabummaadhaan qabatee ilaalchisee Labsiin lakk. 98/98 seera daldalaa
irratti fooyya'iinsa taasiseera.
 Labsiiwwan kunneen baankiin qabeenya wabummaan qabatee ofii isaatiin gurguruf
waliigaltee taasisuu seera qabeessa kan godhani dha.
 Labsiiwwan kunneen bahuu isaaniin dura fi booda waliigaltee wabummaa taasifaman
irratti garaagarummaa godhaniiru.
 Waliigaltee labsiiwwan kunneen osoo hin bahiin dura taasifaman irratti baankiin fedhii
garee waliigaltootaa osoo hin gaafatiin qabeenya wabummaadhaan qabatee ofii isaatiin
akka gurguru danda'u seerich ni haayyamaaf.
 Gama birootiin waliigalteen labsiiwwan kunneen erga bahanii booda taasifaman ilaalchisee
baankiin ofii isaa gurguruudhaaf dursee waliigalu isa barbaachisa.
 Baankiin ofii isaatiin gurguruuf walta'iinsa yoo gochuu baate, tumaaleen seera hariiroo
hawaasaa raawwatiinsa ni qabaatu.
 Fooyya'iinsa sirna gurgurtaa irratti taasifameen ala, Seerri hariiroo hawaasaas ta'ee seerri
daldalaa raawwatiinsa ni qabaatu.

Wabummaan qabeenya hin sochoonee haala itti hafuu danda'u(3110)

1. Wabummaan kan ilaallatu mirgi maallaqa gaafachu yoo hafaa ta'ee dha.
2. Qaamni mirga wabummaa qabu wabummaan natti yaa hafu yoo jedhe dha.
3. Qabeenyichi caal baasiin gurguramee yoo abbootii qabeenyaaf qoodame dha.
4. Yeroo qabeenyichi akka gadi lakkiifamu gaaffiin dhiyaateetti, abbootiin maallaqaa maallaqa
dhiyaatee fudhachuun yoo qoodatani dha.
5. Wabummaan qabeenya hin sochoonee erga galmaa'ee waggaan kudhan yoo darbe dha.
6. Qabeenyi wabummaan kenname yoo barbadaa'e dha.

Qabxiilee marii dhimmoota wabummaa irratti dhiyaatan

1. Namni Haayluu Ejarsaa jedhamuu nama Taaddasa H/mikaa'eel jedhamuuf qr. 9,746
liqeesseera. Guyyaa waliigaltee irratti ibsameen qarshii jedhamee yoo deebisuu baate qr.
3000 adabamuuf dabalanii waliigalaniru. Raawwatiinsa dirqama kanaaf obbo Tsaggaawu
Waleen wabii ta'uun dirqama seenaniiru.

38
Qr. 4,500 erga kaffalee booda qarshii hafee yeroodhaan kaffaluu waan hin dandeenyeef
qarshiin hafee qr. 5246 adabbii waliin akka kaffalamuuf obbo Haayluun gaafataniru.

Wabiin gama isaaniitiin ani waliigaltee kanan seenee raawwatiin dirqama muummeef
malee adabbiif miti. Kanaaf, adabbii akkan kaffaluu gaafatamu hin qabu jechuun
falmateera.

Namnii wabii ta'ee mormii akkanaa kaasu danda'aa?

Wabiin dirqama kaffaluu qabu?(yeroodhaan hin kaffallee kan jedhu ilaalcha keessa
galchaatii fudhaa)

Obbo Yohaansii balaay, Miniisteera Maallaqaatti, kaffalti kutaa sooramaatti qarshii qabaa
ta'e osoo hojjatuu guyyaa ta'e iddoo hojiiti ni bada.

Heerregni inni gaafa 21/1/1986 hanga bara 1988 ti hojjatee yeroo sakatta'amuu
qr1557,779.20 hir'ateera. Kanaaf, qarshiin kun dhala, baasii fi kasaaraa waliin akka
kaffalamu yeroo himannaan Obbo Yohaaniis irratti dhiyeessuu, hanga qr.50,000 wabii kan
ta'aaniif obbo Mangashaas dabalatee himateera. Wabiin gama isaatiin bara 1986, 1987,
1988 irra deeddebiin yeroo hir'iinni mul'atu osoo nan beeksisiin yookiin yeroo yeroon
hordoffii barbaachisuu osoo hin taasisiin haar'a yeroo hir'inni guddaan mul'atu na gaafachu
hin danda'ani. Kanarra darbees qabeenya akka dhoksuu sababa ta'eeraf. Kanaaf, bu'uura
Kwt 1928(2), 1934(2), 1935 fi 1947 tiin itti gaafatamu hin qabu jechuun falmateera.

Mannii murtii gama isaatiin wabiin qarshii wabummaa ittin seenee kaffalu qaba jechuun
murteesseera. Falmii wabii fi murtii kenname akkamiin ilaaltu? Abbaan maallaqichaa
dirqama wabii waan dabaluu akka hin jiraanne yookiin yoo jiraatee ammoo kanuma wabii
hubachisuuf dirqama qabaa?

3.Obbo Maammoo Gobanaan obbo Warqinaa Balaachootti Konkolaataa LaandRoovarii qr


14,000 ni gurguraniru. Qarshiin kana keessaa qr.10,000 kaffalameera. Qarshiin 4,000 waan
hafee qarshi kana yoo kaffaluu baate qr 5,000 adabbii fi qarshii hafee kaffaluuf
waliigalaniru. Yoo Obbo Baqaaluun dirqama isaanii bahu dadhaban ammoo Obbo

39
Warqinaan wabii ta'uuf waliigalaniru. Qarshiin kunis yeroo jedhamee kanatti hin
kaffalamne. Obbo Warqiinaan wabii isaani Obbo Baqaaluu waliin himatamaniiru.

Wabiin obbo Baqaaluu himannaa isaan irratti dhiyaateef yoo deebii kennan

Ani wabii dhunfaa malee wabii waliini miti, wabiin dhunfaa kan himatamu ammoo yoo
abbaan idaa muummee idaa isarratti dhiyaatee yoo kaffalu hin dandeenye qofa dha.
Adeemsii kun osoo hin raawwatiin akka itti gaafatamummaa waliini qabnuutti isa waliin
himatamu hin qabu jechuun falmateera.
wabiin dhunfaa himatamu kan qabu yoomi? Yaada murtii kanarratti qabdan ibsaa?

4.Obbo W/gabra'eel W/miikaa'eel hojjataa Miniisteera Maallaqaa ta'e yoo qacaramu hojii
irra yeroo tureetti hir'iina maallaqaa hojii keessatti mul'atuuf , Obbo Abdurahimaan wabii
qr.30,000 ta'uun dirqama seenaniru.

Waggoottan baay'ee booda Obbo W/gabree'eel irratti hir'iinni qr. 1,365.45 mul'ateera.
Wabiin isaas qarshiidhuma kana abbaa idaa waliin akka kaffalan gaafatamaniiru. Wabiin
gama isaatiin hir'iinni amma jedhame kun mul'achuu isaatiin dura, wabummaan koo akka
narraa bu'uu Waajjirichaaf beeksiisa kanan kennee waanan ta'eef wabummaan koo narraa
hafeera, ittiin gaafatamuus hin qabu jechuun falmataniru.

Manni murtii gama isaatiin wabummaan waliigaltee waan ta'eef akka hafu kan taasifamuu
bu'uura seera irra jiruun ta'u qaba. Ulaagaalee SHH kwt 1806 fi 1807 jalatti ibsaman osoo
hin guutiin dirqamni koo hafaa ta'eera jechuun hin danda'aamu waan ta'eef, qarshicha akka
kaffalan irratti murteesseera.

Murtiin kenname haqa qabeessa dha jettani amantuu?

5.Wabummaan murtiidhaan kennaman akka wabummaa waliigalteen taasifamuutti ulaagaa


foormii waliigaltee hordoofu qabaa? Fakkenyaaf, namnii murtii A/idaa tokkoof wabii ta'e
mana murtii dhiyaatee maaliif wabii akka ta'u sirriiitti itti himamee itti himamuunsaa kunis
erga galmaa'ee booda wabii erga ta'e booda, abbaa idaa dirqama isaa bahu waan hin
dandeenyeef , yeroo wabiin gaafatamu waliigaltichi barreeffamaan kan hin taasifamnee ta'u

40
isaa akka mormiitti kaasuu danda'aa? Barreeffamaan ta'e ammoo hangii maallaqichaa hin
ibsamnee yookiin ragooleen lama irratti hin mallateessinee jedhani falmachuun ni
danda'aa?

6.Adde Mintiiwwaab qarshii 14,5000 Obbo Mahaammad Alii irraa liqeeffataniif Obbo
Birhaanee Haagoos wabii ta'uun dirqama seenaniru. Wabummaan isaani dhunfaa dha.
Adde Mintiwwaab yeroo caqafamee keessatti idaa isaanii hin kaffalnee? Waggaa lama booda
Obbo Muhaammad abbaa idaa muummee fi wabii irratti himannaa dhiyeessan.
Wabiin dhala gaafatamu hin qabu, Yoon gaafatama ta'ee illee guyyaa himannaan
dhiyaateerraa kaasee malee sana dura kan jiru ta'u hin qabu jechuun falmateera. Isiin
abbaa seeraa dhimma kana ilaaltan osoo taatan maal murteessitu.

41
42

You might also like