Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 157

Screw It Let’s Do It:

Lessons in Life
Riichaard Braansan

2006
Afaan Oromootti Kan Hiike-
Guutuu Amsaaluu
Iccitii Biiliyeenara Kanaa
Baradhu
Jireenya koo keessatti karaa hundaan
milkaa’aa ta’uuf yaaleera: Akka biiznasmaanii
tokkootti, akka adveencharariitti, akka
barreessaatti, akka abbaa manaa fi abbaa
ijoolleetti. Yeroon milkaa’inaaf carraaqaa ture
jireenyi waan baayyee na baarsiifteetti.
Fakkeenyaaf:
 Ofiikeetti amani
 Hundinuu akka danda’amu amani
 Jireenyi kee karaa hundaan guutuu haa
ta’u
 Abdii hin kutatin
Kanneen armaan olii fi kan biroos barattee lafa
yaadde ga’uuf akka ati dadammaqxun hawwa.
Namoonni yeroo baayyee akka ati hin
milkoofneef “yaanni hun hojjetamuu hin
danda’u” jedhanii mogolee si buusuu ni yaalu.
Ofitti amannaan garuu lafa yaadde sababii ati
hin geenyeef hin jiru.
Baafata

Galma……………………………………
……………………….2
1. Callisii
Godhi………………………………
……………….5
2. Gammadaa
Ta’I……………………………………
……..13
3. Hin
Sodaatin……………………………
………………….23
4. Chaaleenjii Of
Godhi………………………………
……31
5. Of Danda’aa
Ta’i……………………………………
…….38
6. Yeroo Ammaaf
Jiraadhu……………………………
…42
7. Maatii fI hiriyoota keef
Iddoo Guddaa Laadhu…47
8. Namootaaf Ulfina
Kenni………………………………
…53
9. Gaarummaa
Hojjedhu…………………………
…………..58
Dabalata………………………………
……………………………..65
Galma
Gaazexessitoonni anaa fi hiriyoota koo
kaampaanii Varjin keessa naa wajjin hojjetan
“Diddoota Gannataa” (Mavericks in Paradise)
jedhanii nu waamu. Hojii keenya akka
biiznasoota biroo cinqiidhaan hin hojjennu.
Ani immoo odola lama kan mataa koo kanan
irratti bashannanu qaba. Kanaafuu wanti
gaazexessitoonni nuun jedhan dhugaa dha
jechuu dha. Anaaf kun gaarii dha. Cimeen
hojjedha; sirriittin taphadhas.
Seerota sana yeroo hunda hordofuu baadhus
jireenya koo irraa barumsa baayyee
argadheera. Barumsi jireenyaa koo kan
jalqabe gaafan ijoollee turee kaasee manatti.
Itti fufuun mana barumsaa fi daldala keessatti
(barruu Istuudant jedhamu yeroon maxxansaa
ture) dha. Hanga yoonaatti barumsa
argachaan jira; yoomiyyuu akka dhaabatus hin
fedhu. Barumsi kun jireenya koo guutummaa
keessatti na fayyadeera. Kanan barreesses
isiniinis akka dadammaqsaniifi.
Karooratti nan amana. Abjuu qabaachuun
waan gaarii yoo ta’es ani garuu hubataa
(practical) dha. Wantoota milkaa’uu hin
dandeenye abjoochuudhaan yeroo koo hin
gubu. Jalqaba karoora baafadheen achii akka
itti galma ga’u yaada. Jireenya koo keessatti
wantan hojjedhu hunda garaa guutuudhaan
malee mamaa hojjechuu hin fedhu. Yeroon
barataa ture dubbisuu fi barreessuun baayyee
na rakkisa ture. Yeroo sana dhukkubni
dubbisuu dadhabuu (Dylexia) badaa waan hin
beekamneef barsiisonni koo dhibaa’aa na se’u
turani. Barreessuu fi dubbisuun waan natti
cimuuf wantoota hunda sammuutti
qabachuun of barsiise. Sababa kanaaf
dandeeettii yaadachuu cimaan qaba. Innis
daldala keessatti baayyee na fayyadeera.
Gaafan ijoollee ture jireenyi isa ammaa caalaa
tilmaamaaf kan salphatu ture. Hojii
qabaachuun hin oolle, keessattuu hojii abbaan
ofii irratti bobba’e irratti. Haadholiin baayyeen
hojii mana keessaa hojjetu. Har’a garuu
jireenyi akka durii akka yaadametti hin deemu;
wal’aansoo guddaa barbaadas. Bakka guddaa
ga’uuf filannoo baayyeetu nama eeggata.
Barumsi hunda caalu kanan jireenya irraa
argadhe “Callisii godhi” (Just Do It) kan jedhu
dha. Maal iyyuu yoo ta’e, hammam cimaa
fakkaatus, akka filoosooferri Giriik Pilaatoon
jedhe “Hojii kamiif iyyuu kutaan hunda caalaa
murteessaan jalqaba isaati.”
Deemsi maayilii kuma tokkoo tarkaanfii
tokkoon jalqaba. Dhumaa fi maayiloota
dadhabsiisoo gidduu jiran yoo yaadde
tarkaanfii ishee barbaachistuu jalqabaa
yoomiyyuu tarkaanfachuu dhiisuu dandeessa.
Jireenya keessatti waan kamiyyuu galmaan
ga’uuf hin tattaafattu taanaan hin milkooftu.
Kanaafuu tarkaanfii isa duraa tarkaanfadhu.
Gufuu baayyeen si mudata. Hamma murtaa’e
rakkachuu ni dandeessa. Dhuma irratti garuu
injifachuun kee hin oolu.
Carraa gaarii

Riichaard Braansan
1. Callisii Godhi (Just Do It)
Akka danda’amu amani
Karoora qabaadhu
Jireenya kee sirriitti jiraadhu
Abdii hin kutatin
Qophaa’ii eegi
Ofitti amani
Namoota gargaari

Hojjettoonni koo kaampaanii Varjin


keessa hojjetan Obbo Eeyyee (Mr. Yes)
jedhanii na waamu. Sababni isaas hin
ta’u waanan hin jenneefi. Wantoota
hojjechuu dhiisuuf caalaa wantoota
hojjechuuf karaan natti mul’ata.
Ejjannoon (motto) koo “Maarree haa
hojjennu” (Screw It Let’s Do It) kan
jedhu dha.

“Wanta kana akka itti hojjedhu waan


hin beekneef hojjechuu hin danda’u”
jedhee hin beeku. Nan yaala. Seeronni
waa’ee hin baafne hojjechuu irraa na
hin dhowwani. Karaa seera qabeessa
ta’een akka itti hojjedhu hin dhabu.
Hojjettoota kootti akkas jedheen hima:
“Hojjechuu barbaannaan hojjedhaa“.
Karaa kana hundi keenya fayyadamoo
taana. Hojii fi yaadni hojjetootaa waan
kabajamuuf Varjin isaan irraa faayidaa
guddaa argata.

“Hin danda’u” wanti jedhu si


dhaabbisuu hin qabu. Karoora kee
fiixaan baafachuuf muuxannoo hin
qabdu yoo ta’e mala biraa barbaadi.
Fakkeenyaaf xiyyaara balaliisuu
barbaadda yoo ta’e buufata xiyyaaraa
deemi shaayii danfisii gurguri. Iji kee
yeroo hunda banaa haa ta’u. Ilaalii
baradhu. Diizaayinarii faashinii ta’uuf
mana barumsaa artii galuun sirraa hin
eegamu. Kaampaanii faashinii seenii
qulqulleessaa ta’i. Karaa itti ol guddattu
mijeessi.

Harmeen koo (Iiiv jedhamti) kanaaf


fakkeenya gaarii taati. Yeroo waraana
addunyaa fedhiin paayileetii ta’uu
keessatti uumame. Buufata xiyyaaraa
Heestan deemtee akka qacaraniif
gaafatte. Dhiira malee dubartiin
paayileetii ta’uu hin dandeessu
jedhaniini. Baay’ee bareedduu fi
shubbistuu waltajjii (dancer) waan
turteef gonkumaa dhiira hin fakkaattu.
Kun garuu ishee hin dhorkine.
Jaakkeettii leezarii kan balaliistotaa
(pilots) uffattee rifeensa ishee immoo
baarneexxaa (helmet) keessa dhoksitee
deemte. Sagalee ishee kan dhiiraa
fakkeessuuf sagalee furdaadhaan
dubbatte. Hojii hawwaa turte akkanaan
argatte. Akka itti balaliisan barattee
balaliistota warra haaraa barsiisuu
eegalte. Balaliistoti isheen barsiiste
warra yeroo waraanaa Ingiliziif xiyyaara
waraanaa balaliisani dha.

Waraanichi erga raawwatee booda


immoo hoostasii ta’uu barbaadde.
Yeroo sana hoostasii ta’uuf Ispaanishii
danda’uu fi leenjii narsummaa
qabaachuun dirqama ture. Harmeen
koo garuu ulaagaa lachuu hin guuttu
turte. Haa ta’u malee kun ishee hin
ittisne. Eegaa galgalaa buufata xiyyaaraa
haasofsiistee maqaa ishee
dhoksaadhaan liistii keessa gasheefi.
Yeroo gabaabaa keessatti qacaramte.
Afaan Ispaanish hin beektu; narsiis miti.
Wal-beekii namootaa wajjin qabdu
fayyadamtee garuu fiixa baate. Hin ta’u
hin jenne. Callistee hojjette.

Maatii keenya keessaa “haa hojjennu”


(Let’s Do It) kan jette harmee koo qofaa
miti.

Abuuraa (explorer) beekamaan


kaapteen Roobart Iskoot durbii
akaakayyuu koo ture. Goota ture;
Antaartitikaa al lama deeme. Kaayyoon
isaa nama Bantii Kibbaa (South Pole)
ga’e isa jalqabaa ta’uu ture. Namoonni
baay’een ‘Sitti haa hafu; hin danda’amu’
jedhaniini. Inni garuu ‘nan danda’a’
jedhe. Kaayyoo isaa galmaan ga’uu
xiqqoof dadhabe. Bantii Kibbaa yoo
ga’es nama isa duraa hin taane;
Rowaald Amunsan namichi jedhamu isa
durse. Iskootiif baayyee carraa
gaddisiisaa ture. Utuu deebi’aa jiruu
du’e. Yeroo namoonni “Inni lammaffaa
ba’e badhaasa homaa hin argatu”
jedhan isan yaadadha. Bantii kibbaa
ga’uudhaan lammaffaa ba’uudhaan
yaadatama. Afuuffeedhaan (balloons)
Antaartitikaarra kan balali’e ta’uudhaan
nama jalqabaa ture. Namoonni garuu
kana hin yaadatani.

Barruu Istuudant kanan jalqabe umrii


waggaa kudha shaniitti utuun barataa
ta’ee jiruuti.
Namoonni tokko tokko hin dandeessu
naan jedhani. Ijoolleedha, muuxannoo
hin qabdu naan jedhani. Akkan danda’u
waanan amaneef itti agarsiisuun
barbaade. Herrega isaan
eeggannoodhaan hojjedhe. Gatiin
waraqaa fi maxxansaa hammam akka
ta’u nan herrege. Galiiin gurgurtaa fi
beeksisa irraa argamu hammam akka
ta’es nan herrege.
Harmeen koo teembiriif (stamp)
paawundii afur naa kennite. Anaa fi
hiriyaa koo Joonii Gems gara waggaa
lamaa ispoonsarii argachuuf xalayaa
dhibba meeqa barreessine. Namoota
bebbeekamoo wajjin gaaffii fi deebii
(interview) argachuuf yaalaan ture.
Xalayoota kana barreesuu fi deebii
isaanii eeguun Laatinii barachuu caalaa
harka meeqa nu gammachiisa ture.
Maallaqni jalqabaa beeksisaaf yeroo
nuu kaffalamu gammachuu guddaatu
natti dhaga’ame. Paawundii dhibba
lamaa fi shantama ture; qarshii guddaa
dha. Amantiin koo ni hojjete.

Barataa yeroon ture qormaata darbuun


salphaa naaf hin turre. Hojii mataa koo
yoon hojjedhe akkan milkaa’u nan
beeka ture. Warri koo filannoo isaa
anaaf dhiisani. Filannoon koo maal
iyyuu yoo ta’e na deggeru. Kanaafuu
umriin waggaa kudha ja’atti barruu
Istuudant irra yeroo koo hunda
oolchuuf jecha barnoota addaan kute.
Anaa fi Joonii taanee mana lafa jalaa
(basement) maatii isaa Landan keessa
buufanne. Landan keessatti dargaggoo
fi bilisa ta’uun baayyee gaarii ture.
Biiraa ni dhugna; jaalallee qabna; sirba
akka garaa keenyaa dhaggeeffanna.
Akka barattoota hin qayyabannee turre.
Utuu akkas bashannannuus akkasuma
immoo baayyee hojjenna. Gaaffii fi
deebii namoota gurguddaa akka Joon
Leenan, Miik Jaagar, Vaaneesaa
Reedgreevii fi Duudlii Moor wajjin
gochuu dandeenye. Barrulee gurguddaa
tokko tokko caalaa namoota
bebbeekamoo haasofsiisuuf carraa
arganne. Namoonni bebbeekamoon
dhufuu jalqabani. Jireenyi mana warra
hiriyaa kootti dabarsine baayyee
bareedaa ture. Jireenyi keenya cidha hin
dhaabanne ture.

Wantoota guguddaa baay’ees


hojjenneerra. Dhimmoota barbaachisoo
waqtii sanaa kan akka Waraana
Veetinaamii fi Beela Biyaafraa akka
gabaasaniif namoota keenya ergineerra.
Jijjiirama akka fidnetu nutti dhaga’ama.
Wanti nuun hojjennu barbaachisaa fi
gammachiisaa ture. Garee baayyee
walitti siqu turre. Maatiin koos barruu
keenya paarkii geessanii gurguruudhaan
nu gargaaru. Carraa arganne hundatti
fayyadamne.

Damee haaraa ni bananne. Kanas kan


gochuu dandeenye gatii isaa hir’isnee
kara mana poostaa raabsuudhaani.
Qoqqobbii (Strike) poostaa yeroo nu
dhaabu karaa biraa barbaachuu
jalqabne. Harka marannee hin teenye.
Kaayyoon keenya suuqii barruun keenya
itti gurguramu banachuu ture; qarshiin
garuu nu hanqate. Kanaafuu namicha
mana kophee qabu tokko kutaa xiqqoo
ishee akka nuuf laatu haasofsiisnee
milkoofne. Sirna baniinsaa isaaf
beeksisa sirriitti hojjenne. Stoorii keenya
barattootaaf gaarii (cool) akka ta’u
goone. Istoorii tokkorraa gara lamaatti
achii gara sadiitti ceene. Yeroo muraasa
gidduutti magaalota gurguddoo Ingiliz
keessa jiran baayyee isaaniitti istoorii
bananne. Kana kanin gochuu danda’e
umriin koo waggaa 20 utuu hin guutini.
Nan duroome. Harka maradhee garuu
hin teenye. Kara maallaqaa yoo
milkoofnes karoora baayyeetu naa hafe.

Kaayyoo jireenyaa koo keessaa tokko


akka Kaapteen Iskoot jireenya koo
guutummaatti jiraachuudha. Kanaafuu
bara 1984 dorgommii bidiruu Riibaandii
Cuquliisa mo’achuuf godhamu
ispoonsara akkan godhu yeroon
gaafatame battalumaanin walii gale.
Riibaandii Cuquliisni badhaasa galaana
irra Ameerikaa irraa Ayirlaand dursanii
ga’uuf kennamudha. Akkan isaanii
wajjin deemu itti himeen shaakala
eegale. Rakkina xiqqoon na mudate.
Haati manaa koo Jowaan ulfa turte;
yeroo mucaan keenya dhalatu akkan
ishee waliin ta’u waadaa seeneefiin
ture. Haalli qilleensaa gidduu sanaa
riikardii cabsuuf mijataa akka ta’e nutti
himameera. Yoon hafe gareen keenya
miidhamuu isaati.
Maal gochuu akka naa wayyun
Jowaaniin gaafadhe.
“Callisii deemi. Mucaan dhalachuuf
turban lamatu hafa; hammasitti ni
deebita” naan jette.
Varjin Atlaantik Chaaleenjar fudhannee
obomboleettiin utuu nu hin dhorkin
deemne. Galgaluma sana Mucaan koo
jalqabaa (Saam) akka dhalate dhaga’e.
Shaampaanyii bannee gammadaa itti
fufne. Obomboleettii guddaan
Ayirlaanditti utuu nu hin mudannee
riikardii cabsuun harka keenya ture.
Fixuuf maayilli 60 qofti yeroo nuu hafu
obomboleettii guddaadhaan
rukutamne. Dooniin keenya caccabee
bishaanitti nam’ine. Galaana walakkaa
turre. Bidiruu Ameerikaa deemaa turetu
lubbuu keenya oolche. Yaaliin keenya
jalqabaa Ribaandii Cuquliisa mo’achuuf
goone galma hin geenye. Haa ta’u
malee abdii hin kunne.

Waggaa ja’a booda Varjin Atlaantik


Chaaleenjar Lammaffaa fudhadheen
dhiyaadhe. Bishaan taankii boba’aa(fuel
tank) keessa seenuu utuu hin jalqabin
dura hunduu gaarii ture. Injiniin isaa nu
jalaa dhaabbate. Sa’atii baayyeef taankii
qulqulleessinee injinii kaasuuf yaalle.
Abdii kan nama kutachiisu ture. Warrri
kaan abdii akka kunnu nu gorsan. Wanti
gochuu danda’amu hin jiru jedhani. Ani
garuu carraa keenya isa dhumaa ta’uu
isaa nan beekan ture. Amma gochuu
baannaan yoomiyyuu hin goonu jechuu
dha. Akka abdii hin kunne isaan
kadhachaan ture. “Kottaa, gochuu
qabna; Yeroo dhumaaf haa yaallu”
jechaan ture.

Humni keenya dhumeera. Iji keenya


illee arguun hamma itti cimutti geese.
Dhukkuba galaanaa(sea sickness)
dukkubsannee turre. Doonii keenya ni
jibbine. Galaanicha ni jibbine. Torbee
tokko utuu addaan hin kutin rafuu
barbaanne.

“Itti fufuu qabna” jedhee iyyaan ture.


“Yeroo dhumaaf al tokko yaalla” jennee
walii galle.
Akkuma akka isheetti injinii kaasnee
jalqabne. Abdii waan qabu hin fakkaatu
ture. Baayyee boodatti waan hafnee
turreef yaaluun badaas bu’aan isaa nutti
hin mul’anne.
Garuu hinuma itti fufne. Yeroo isa
boodatti hafnee turre bakka buufanne.
Dhumarratti riikardii kanaan dura
qabamee ture sa’atii lamaa fi daqiiqaa
sagaliin qofa yoo ta’es ni cabsine.
Barumsi an kanarraa argadhee fi
jireenya koo ittiin gaggeessu abdii
kutachuu dhiisuu dha.

Riibaandii Cuquliisa mo’annee guyyaa


tokko booda lammiin Siwiidin Per
Lindstraand jedhamu afuuffee qilleensa
ho’aan guutameen (Hot Air Balloon)
Atlaantikii akka qaxxaamurru na afeere.

Battaluma sana goota koo kaapteen


Iskootiinan yaadadhe. Afuuffeedhaan
(balloon) bantii kibbaarra nama balali’e
dha. Ani sana dura afuuffeedhaan
balali’ee hin beeku. Eenyuyyuu
fageenya hamma sanaa afuuffeedhaan
balali’ee hin beeku. Baayyee
sodaachisaa dha. Balaa cimaatu na
mudachuu danda’a. Kaampaanonni koo
paawundii miiliyoonota baayyee kan
sochoosani dha. Yoon du’e maaltu isaan
mudata?

Rakkinoota baayyeetu jira. Ani garuu


gufuu baayyee darbuu nan jaalladha.
Carraa waan haaraa yaaluu of hin
dabarsu. Haa deemnun jedhe.
Jalqaba garuu Peeriin ijoollee qabdaa
jedheen gaafadhe. Ijoollee lama akka
qabu natti hime.

Kun anaaf ga’aa ture. Erga inni ijoollee


lama qabaachuun isa hin ittisnee
anaanis wanti na dhorku hin jiru. Isaa
wajjin deemuuf akkan murteesse itti
hime.

Yeroo hunda namootatti waa sirriitti


hojjechuu yoo barbaadan dursanii
karoorfachuu fi qophaa’uu akka qabanin
itti hima. Kanaafuu Peerii wajjin Ispeen
deemeen afuuffeedhaan balali’uu
baradhe. Yeroo sanatti hin barre malee
barumsin argadhe booda lubbuu koo
ooshiteetti.

Wantootan baradhe keessaa tokko


afuuffeen qilleensa ho’aadhaan socho’u
(hot-air balloon) hundi boba’aa (fuel)
gubatee qilleensa afuuffee keessaa
ho’isu akka qabudha. Qilleensi ho’aa
yeroo deemu afuuffeen wajjiniin olka’aa
deema. Boba’aan gubachuu baannaan
qilleensi qabbanaa’ee afuuffeen gara
lafaatti gadi bu’aa deema. Yeroo
afuuffee qilleensa ho’aadhaan socho’u
balaliisan kallattii bubbeen itti dhufu
ilaalanii qilleensa afuuffee keessaa
ho’isuu fi qabbaneessuun barbaachisaa
dha.

Bubbee fi obomboleettiin kallattii


Ameerikaa irraa gara Awurooppaatti
bubbisu. Ameerikaadhaa kaanee sa’atii
29 booda Ayirlaandiin geenye. Afuuffee
qilleensa ho’aan Atlaantikii
qaxxaamuruudhaan namoota jalqabaa
taane. Rakkina tokko qofatu nu mudate:
akkaataa ittiin qubannu. Boba’aa taankii
baayyee qabannee waan turreef isaanii
wajjin qubachuun balaa guddaa fiduu
danda’a. Kufnee gubachuu dandeenya.
Suuta jennee buunee taankota lafa
buusuu filanne. Qilleensa afuuffee
keessaa hir’isnee gadi siqne. Taankota
afuufeerraa kunne. Ammammoo
ulfaatinni keenya gar malee xiqqoo ta’e.
Qilleensi ol nu kaasee samiitti nu
deebise; homaa to’achuu hin
dandeenye.

Peer namoota irratti kufnee akka hin


miineef qarqara galaanaa qubachuu
yaalla jedhe.

Hurrii cimaan waan tureef akka yaadne


qarqara galaanaa qubachuu hin
dandeenye. Galaanichi duukkanaa’aa fi
jeeqamaa fakkaata. Afuuffeedhaan
keessa yoo qabanne dhidhimnee du’uun
keenya hin oolu. Jaakkeettii lubbuu (life
jacket) koon uffadhe. Akka tasaa
olka’iinsa faana 56 ta’urraa Peer utaale.
Afuuffeen keenya ulfaatinni yeroo irraa
hir’isu qilleensaan ol fudhatamte. Qofaa
koon hafe.

Qilleensi akka barbaade na


daddarbachaa duumessa keessa ol na
balleesse. Kara kaabaa gara
Iskootlaanditti na geesse. Qofaa koo
afuuffee guddicha addunyaa keessa
balali’aan jira. Boba’aan naa hafe sa’atii
tokko caalaa na hin tajaajilu. Yeroonni
dhumu galaana keessa dhidhimuu kooti.
Reediyoon yaale; hin hojjetu. Waanan
godhun wallaale. Filannoon qabu
paaraashutiidhaan utaaluu fi callisee
eeguu qofa. Dabtara yaadannoo koo
baasee “Jowaan, Hoolii, Saam- isinin
jaalladha” jedheen bareesse.
“Hamman lubbuun jirutti waa gochuu
nan danda’a” jedheen of jajjabeessaa
ture. “Wanti ta’e hin uumama” ofiin
jechaan ture. Dhuguma immoo waa hin
uumame. Afuuffeen koo galaana
Greeyitti gaafa jallatu duumessa
keessaa ba’een heelikooptara arge. Na
barbaacha dhufani. Akka na arganiif
mallattoo kenneefii na argani.

Qilleensa jabaa jalaa maqeen afuuffee


keessaa gara galaanaatti utaale. Yeroon
keessaa ba’u afuuffettiin ulfaatinni
ishee hir’isee qilleensi fudhatee bade.
Helikooptarichi bishaan diilalla’aa sana
keessaa na baase. Waa’ee Peer yeroon
gaafadhu sii wajjin jira seene naan
jedhani. Sa’atii baayyeef galaana keessa
ture. Dafnee isa arguutu nurra ture.
Eessa jiraachuu akka danda’u itti himee
qorri utuu isa hin ajjeesin isa qaqqabne.

Imalli keenya muuxannoo baayyee


addaa ture. Barnoota baayyeen irraa
argadhe: callisanii gochuu qofa osoo hin
taane, dursanii qophaa’uu, ofitti
amanuu, wal gargaaruu, gonkumaa
abdii kutachuu dhiisuu.

Kanneen kun jireenya keessatti


barbaachisoo dha. Barumsan argadhe
argachuu fi itti fayyadamuuf biiznasii
guddaa qabaachuun, afuuffeedhaan
balali’uu yookaan bidiruudhaan
deemanii riikardii cabsuun dirqama miti.
Karoorri kee waan xiqqoo ta’uu
danda’a. Barruun Istuudant jalqaba
baayyee xiqqoo turte. Beeksisa isaanii
kan barruu keenya irratti beeksifatan
jalqaba kanan bilbilee haasofsiisaa ture
bilbila mana barumsaa fayyadameetu.
Sababni isaas akkan hojjechuu danda’u
waanan amaneefi. Waan hojjechuu
barbaaddu yoo qabaatte callisii
hojjedhu. Kaayyoon kee maal iyyuu yoo
ta’e sodaachuu dhiistee hin balaliitu
taanaan hin milkooftu.
2. Gammadaa Ta’i
Gammadi, cimii hojjedhu; maallaqni
ofii isaa ni dhufa
Yeroo hin gubin-Carraa of hin
dabarsin
Ilaalcha poozatiivii qabaadhu
Si gammachiisuu baannaan waan
biraa hojjedhu

Jireenya koo keessatti gaariitti


hojjedhee akkan milkaa’e beekamaa
dha. Wantin tuqu hundi warqiitti
akka jijjiiramu dubbatama.
Namoonni baayyeen iccitiin koo
maal akka ta’e na gaafatu. Akkan itti
qarshii hamma kana uumu na
gaafatu. Wanti isaan baruu
barbaadan garuu akkamitti ofii
isaanii akka qarshii uumani dha.
Namni hundi miiliyeenarii ta’uu ni
barbaada.
Deebiin koo yeroo hunda kana:
‘iccitii homaa hin qabu’. Biiznasiin
seera hordofamu hin qabu. Yeroo
hunda cimeen hojjedha; akkan
danda’u amantii qaba. Hunda caalaa
garuu gammadaa ta’uun yaala.

Bara 1997 keessa afuuffeedhaan


addunyaa yeroon qaxxaamure balaa
baayyeen na mudachuu akka
danda’u nan beeka ture. Utuun hin
deemin dura ijoollee koo Saamii fi
Hooliif xalayaa barreesseen kaa’e.
Ergaan xalayichaa “Jireenya keessan
garaa guutuun jiraadhaa; yeroo
hunda gammadaa; harmee keessan
kunuunsaa” kan jedhu dha.

Jechoonni armaan olii amantaa koo


ibsu. Yeroo hin gubin; Gammadi;
Maatii kee jaalladhu.

Sooressa ta’uuf miti kanan ka’e.


Wanti ani barbaade jireenya
gammadaa fi mudannoon guutamu
jiraachuu dha. Maallaqni
barbaachisaa ta’uu hin haalu. Nuun
namoota holqa keessa jiraatan miti.
Hiddaa fi firii mukaa duwwaan hin
jiraannu. Gaaf tokko wanti jireenyaaf
na barbaachisu ciree, laaqanaa fi
irbaata qofa akka ta’e dubbachuu
koo nan yaadadha. Ammas taanaan
ittin amana. Biiznasii kanan jalqabe
maallaqa argachuuf miti- wanti ani
baradhe gammadaa taanaan
maallaqni akka dhufuun hin hafne
dha. Yeroo baayyee “Hojiin koo
gammachuu naa kennaa?” jedheen
of gaafadha. Hojiin koo na
gammachiisuu baannaan maalif
jedheen of gaafadha. Gammachuu
irraa argachuu baannaan nan dhiisa.

‘Gammachuun akkamitti maallaqa


fida?’ jettee gaafachuu dandeessa.
Yeroo hunda akkana ta’a jechuu miti.
Ani mataan koo Bu’aa ba’ii keessa
darbeera. Harka caalaa garuu abbaa
carraan ture. Jireenya koo hamman
yaadadhutti harka caalaa
gammachuus maallaqas hin dhabne.
Mudannoon addunyaa biiznasii
keessatti na mudate gara duraa kan
milkaa’inaa hin turre. Ta’us garuu
barumsa irraa argadheera. Yaaliin
jalqaba maallaqa argachuuf taasise
yeroo umriin koo waggaa 9 ture dha.
Yeroo faasikaatti yaadni baayyee
gaariin naa dhufe. Yaadichis muka
krismaasii (Christmas Tree) dhaabuu
dha. Hiriyaa koo Niik Paawol muka
dhaabuu akka na gargaarun
gaafadhe. Wajjiniin taanee sanyii 400
facaasne. Hojii dadhabsiisaa yoo
ta’es kan nama gammachiisu ture.
Maasii keessa ooluun mataasaa nuuf
gammachuu tokko ture. Sana booda
wanti nurraa eegamu yeroo
Krismaasiitti hanga isaan
guddatanitti eeguu qofa. Ji’a 18
fudhata. Wanti ani baruu qabu inni
jalqabaa lakkoofsa ta’e. Mana
barumsaa keessatti herregaan gaarii
hin turre. Waraqaa irratti lakkoofsi
hiika naaf hin laatu. Yeroon biiznasii
muka krismaasii karoorsu garuu
lakkoofsi hiika naa kennuu danda’e.
Korojoon sanyii qarshii shan qofa
yoo ta’u muka tokko kan ittiin
gurgurru immoo qarshii shani.
Qarshii 795 buufanna jechuu dha.
Qarshii dhibba torbaaf sagaltamii
shaniif obsaan eeguun hin badu.
Yeroon ijoollee ture illee karoora
yeroo dheeraa karoorfachuu fi
badhaasa obsaan eeguu nan
danda’an ture.

Barumsi ani argadhe inni lammaffaan


qarshiin callisee muka irratti akka hin
biqille dha. Haala nama gaddisiisuun
illeettiin sanyii facaasne nyaattee nu
jalaa fixxe. Nuunis ijaa baafachuu hin
dhiisne. Illeettii ajjeesnee ishee fixne.

Illeettii tokko gatii saantima


shantamaan mana fooniitti gurgurre.
Walii galatti bu’aa xiqqoo yoo
argannu hiriyoonni keenya immoo
foon illeettii nyaachuu danda’aniiru.
Hundi keenya iyyuu xiqqoo
buufanneerra.
Guyyaa gaariirra qarqara galaanaatti
waan argattu hin beekamu. Gaaf
tokko guyyaa ayyaanaarra odolaa fi
buufata xiyyaaraa mataa koon
argadhe. Bara 1976 keessa Varjin
Miwuzik cimsuuf hojjechaan ture.
Maayik Ooldfiild bara 1973tti albamii
Tubulaar Beels jedhamuun
milkaa’ina nu gonfachiiseera. Baandii
Seeks Piistils waan mallatteesineef
nuuf yeroo gaarii ture. Hojjiin nutti
baayyatus gammachuuf yeroon nu
hin hanqanne. Namoonni baayyeen
Biraansan sirba milkaa’aa akka
Tubular Bells argachuun isaa abbaa
carraa waan ta’eefi jedhanii
dubbatu. Dhuguma carraa gaariitu
nu quunname; nuti garuu harka
marannee teenyee miti kan carraa
arganne. Tubulaar Beels kaampaanii
muuziqaa hunda geeffamee ture.
Hundinuu ni didani. Nuti garuu
dhaggeeffannee itti amanne. Akka
milkaa’u dursinee barre. Hojiin isaa
garuu baayyee ijibbaachisaa ture.
Qarshii argachuun nurra ture.
Sirbicha beeksisuunis ga’ee keenya.
Karaa adda ta’e yaaduu nu
barbaachisa. Joon Piil qophii isaa
irratti albamicha guutummaa akka
taphachiisu gaafannee nuu
taphachiise. Kanaan dura wanti
akkanaa godhamee hin beeku. Ni
milkoofne. Albamichi baayyee
gurgurame.

Maayik Ooldfiild baayyee ija laafaa


(shy) waan ta’eef albamicha ofii isaa
beeksisuu (promote) hin dandeenye.
Yaada gaariin nuu dhufe. Viidiyoo
hojjennee televizyiniitti dabarsine.
Gar malee akka beekamuu fi
gurguramu kan godhe fiilmii ‘The
Exorcist’ jedhu irratti saawundtraakii
ta’ee yeroo galu dha. Baayyee
gurgurame. Kanaan milkoofnus
sagalee fi dandeettii haaraa
barbaaduu hinuma itti fufne.

Barri 1979 yeroo dhumu boqonnaa


fudhachuu na barbaachise. Jaalallee
koo Jowaan waliin gargar baaneerra.
Baayyee kan nama gaddisiisu yoo
ta’ellee poosatiivii yaaduun
jaalladha. Bona bona yeroo hunda
Landan keessaa ba’uun natti tola.
Muuziqaa, aduu fi galaanni
gammachuu naa kennu. Landan irraa
fagaachuun koo bakkaa fi
bilisummaa itti yaada haaraa
argadhuu fi karoorsu naa kenna.

Gara Jamaayikaan deeme, walakkaa


hojiif, walakkaa bashannanaaf.
Galaana “Worm Sea” jedhamu nan
daake. Qarqara galaanaa taa’ee
yeroo dheeraan dabarse. Sirba gosa
haaraan dhaga’e. Diijee naannoo
(local) kan Toostars (Toasters)
jedhamaniin kan qindaa’e dha. Akka
jalqaba raappii waan ta’eef baayyee
waan addaa ture. Sirbitoonni
Jamaayikaa cheekii waan hin
fudhanneef Baandii Reegee fi
Toostaroota muraasa qarshii kaashii
kenneefiin mallatteesse. Isaanii
wajjin sirboota baayyee hojjennee
gurgurre. Ejjennoo (motto) koof
fakkeenya gaarii kan ta’u dha- “Hojii
keetti gammadaa ta’i; maallaqni ni
dhufa.”

Jowaan akka tasaa yeroo naa bilbiltu


ammayyuu Jamaayikaan jiran ture.
“Niiwu Yoorkitti wal arguu ni
dandeenyaa?” jettee na gaafatte.
Niiwu Yoorkitti yeroo gaarii
dhabarsine; bilbilli bilbilamuun garuu
hin hafne. Dhokannee yeroo
murtaa’e qofaa keenya waliin
dabarsuu barbaanne. Namni ta’e
kaampaanii Varjin odola (island)
Varjiniin moggaastanii jedhee nu
gaafate. Deebiin isaa lakkii dha. Kan
nuun varjin jennee moggaasne
biiznasiif haaraa waan taaneef jecha.
Odola varjin kana dura deemee hin
beeku. Akkan dhaga’etti garuu anaa
fi Jowaan yeroo jaalalaa waliin
dabarsuuf iddoo baayyee gaariidha.

Qarshiin kaashiidhaan qabu hunda


sirbitoota Jamaayikaa
mallatteessuuttin fixe. Haa ta’u
malee akkan dhaga’etti odola irratti
mana bitachuu barbaannaan
daawwiin kaffaltii malee ni
danda’ama. Isteet eejantii Briitish
Varjin Ayilaandittin bilbile.
Kaampaanii muuziqaa akkan qabuu fi
odolicha irratti istuudiyoo dhaabuu
akkan barbaadu itti hime.

Innis akkas jedhee naa deebise. “


Akka keessummaatti kottaa.
Odoloota baayyee qabna. Isin
daawwachiisna.”

Jowaanii wajjin Biriitish Varjin


Ayilaanditti balaliine. Akka sanyii
mootiittti nu kunuunsani. Buufata
xiyyaaraatti konkolaataadhaan nu
simatanii gara viillaatti nu geessani.
Gannata keessa akka jirrutti nutti
dhaga’amaa ture. Guyyaa itti aanu
xiyyaarri nu daawwachiisuuf nu
eege. Mukkeen magariisa irra
darbinee Galaana Cuquliisa (Blue
Sea) ceene. Odola bareedaa
tokkorraa gara kan biraatti ce’aa
oolle. Manneen jireenyaa
babbareedoo daawwachaa yeroo
gaarii dabarsine. Yeroo qabnu suuta
itti bashannanne. Haa ta’u malee
odolli bitamu nu jalaa dhumuutti
dhiyaate.

Bakka bu’aa (agent) odola haaraa


argeera yoo ta’eef gaafanne.

“Eeyyee, bareedduun xiqqoon tokko


jirti. Maayilii baayyee fagaattee
waan jirtuu fi itti bu’amee waan hin
beekneef gaarii dha. Maqaan ishee
Neekar jedhamti” jedhe. Odolittiin
kan namicha sanyii mootii Ingiliz
akka ta’eefi inni garuu achi deemee
akka hin beekne nutti hime.

Odola fageenya maayilii baayyeerra


jirtu bituun gaarummaa lama qaba.
Tokkkoffaa, xiyyaaraan deemsa
dheeraa waan ta’eef daawwiif ni
mijata. Lammaffaan haaraa
ta’uusaati. Homtuu irratti hin
ijaaramne. Gatiin isaas tarii salphaa
ta’a.

Yeroo jalqabne odolarraa odolatti


kan ceenu bashannanaaf ture. Odola
bituu hin yaanne. Qarshii isaas nan
qabaadha jedhee hin yaadne. Booda
keessa garuu fedhii guddaan na
keessatti uumame. Gannata keessaa
anis bakka qabaachuun fedhe. Odola
bituun fedhe. Karoora kan biraa
jechuu dha.

Galaana Cuquliisa irra yeroo balaliinu


cirracha adda ta’e argine. Qarqara
galaanaa cirracha adiin guutamerra
qubanne. Tulluu magariisni gara
walakkaa ture; isa ni yaabbanne.
Gubbaarraa yeroo gadi ilaalan
baayyee miidhaga. Kallattii hundi
sirriitti mul’ata. Odolichi kan argamu
Kooraal Riifii keessatti. Cirrachi adiin
guutummaa qarqara galaanichaa
marseera. Bakka bu’aan (agent)
qocaan buphaa kan buusan cirracha
kanarratti akka ta’e nutti hime.
Galaanichi baayyee qulqulluu
ta’uurraa kan ka’e corraan aduu (ray)
irraa mul’ata. Gidduu odolichaa
lageen xixiqqoo lamatu jira.
Bosonnni tirooppikaa gobbuu ta’es ni
jira. Gartuun paarotii gugurraattiin
samiirra balali’u. Viillaa gurguddaan
hin jirani. Dhaabadhee gara galaanaa
yeroon ilaalu akka mootiitti natti
dhaga’ame. Neekar irraa jaalalli na
qabe.

Bakka bu’ichi bishaan dhugaatiif ta’u


akka odolicha irra hin jirre nutti
hime. Odolicha binnaan bishaan
galaanaa dura qulqulleessinee
dhuguu qabna jechuu dha.

Odola bishaan dhugaatii fi mana hin


qabne gatiin isaa baayyee nun
rakkisu jedheen yaade. Gatii isaa nan
gaafadhe.

Paawundii miiliyooona sadii naan


jedhan.
Hamman kennuu danda’u irraa
baayyee fagoo dha. Paawundii
150,000n bituu nan danda’an
jedheen. Gatiin dhiyeesse gatii isaan
itti gurguran parsantii shanii gadi
dha. Ani dhuguma koo yoo ta’ellee
bakka bu’ichi garuu waanan qoosu
itti fakkaate. Ammas irra deebi’ee
gatiin isaa miiliyoona sadii dha jedhe.

“Isa dhumaa, paawundii 200,000 nan


kenna” jedheen itti hime.

Heelikooptaraan gara viillaatti


deebine. Shaanxaan keenya
bakkeetti nu eegde. Nu ari’ani
jechuu dha. Halkanicha hirribaan
dabarsinee ganama ciree mandaraa
nyaannee deemne.

Yeroo keenya ishee hafte kan


dabarsine odola biraa irratti. Karoorri
keenya achumaan Poortoo Riikoo
deemuu ture. Haa ta’u malee
buufata xiyyaaraa yeroo deemnu
deemsi hafeera nuun jedhan.
Namoonni waan godhan wallaalanii
asii achi deemu. Namni fala fidu hin
jiru. Kanaafuu ani mala uumuun
yaale. Xiyyaara tokko paawundii
kuma lamaan kireeffadhe. Baayyina
namaaf yeroon hiru nama tokkotti
paawundii 39 dhufe. Gabatee
gurraacha ergifadheen akkas jedhee
irratti barreesse: “Varjin Eeyirweeyis-
Poortoo Riikoo deemuuf Paawundii
39 qofa’.

Yaadni Varjin Eerweeyis (Virgin


Airways) haala kanaan akka tasaa
yeroo boqonnaa kootti uumame.
Sirriitti kan hojii jalqabe garuu booda
yaadni biiznasii yeroo naa ergame
dha. Isa dura xiyyaara kireeffadhee
beekuu baadhus carraan yeroo
argamu garuu of hin miliqsine.
Tubulaar Beelsii fi Toostaroota
Jamaayikaa yeroon arges kanen
godhe kanuma. Har’a Varjin
Atlaantik maalirra akka jiru ilaali.
Gara biyyoota soddomaatti ni
balaliina. Awustraaliyaatti Varjin
Bluu, Awurooppaatti Varjin Eksprees,
Naayijeeriyaatti Varjin Naayijeeriyaa
dhaabneerra. Varjin Ameerikaas
karoorfanneerra. Isa caalaayyuu
fageessinee karoorsineerra: Varjin
Gaalaaktik gara hawaatti nama
geessa. Eenyuyyuu kana gochaa hin
jiru. Yaalii ajaa’ibsiisaa dha. Hunda
dursinee jirra. Waggaa 21 gidduutti
xiyyaara kireeffachuurraa gara
hawaatti imaluutti ceeneerra.

Jowaanii wajjin Landanitti erga


deebineellee Odola Neekar bituun
yaada koo keessaa hin baane.
Yeroon gaggaafadhu abbaan
odolichaa badaa sooressa akka hin
taanen bare. Kanaaf odolicha irratti
mana hin ijaarre. Odolicha gurguree
paawundii 200,000 kan ittiin
Landanitti mana ijaarratu akka
barbaadus nan dhaga’e. Naanna’ee
naanna’ee qarshiiman sila bakka
bu’ichaaf dhi’eesse dhufe.
Rakkinni jiru garuu ani yeroo sanatti
paawundii 200,000 hin qabu.
Kanaafuu liqeeffachuun qaba jechuu
dha. Paawundii 175,000n dhiyeesse;
Isumayyuu garuu hin qabun ture.
Yeroo gatii kanaan na didan itti
dhiiseen hojiitti deebi’e. Ji’a sadii
booda naa bilbilanii 180,000
kenninaan bituu akkan danda’u na
beeksisani. Walii galteen gurgurtaa
mana irratti ijaaruu fi warshaa
soogidda galaana keessaa baasuu
dhaabuu akkan qabu dabalata. Haala
kanaan waggaa shan booda itti
fayyadamuu dandeenya jechuu dha.
Maallaqa guddaa gaafata. Haa ta’u
malee qarshii akkan ta’e ta’ee
argachuu akkan danda’u amanee
walii galteerra geenye.

Amma wanti naa hafe qarshii ittiin


odolan hawwaa ture bitu argachuu
qofa. Kan hin danda’amne yoo
fakkaatellee galmaan ga’uufin
waadaa seene. Baankiirraa,
hiriyootaa fi maatii koorraa
liqeeffadheen bite. Hojii keetti
gammadi; maallaqni nu dhufa;
abjuun kees ni milkaa’a kanan jedhes
kanaafi.

Har’a Neekar iddoo bareedaa maatii


fi hiriyoota koo taanee itti
gammaduu fi taphachuuf nu tajaajilu
ta’eera. Kutaan inni dhumaa
sagantaa televizyinii koo ‘The Rebel
Billionaire’ achitti waraabame.
Kaameeraan gubbaa irraa waraabe.
Galaana bareedaa, cirracha adii
qarqara galaanaa fi mukkeen
mimmiidhagoo sirriiitti
waraabamani. Akkuma yeroo jalqaba
anaa fi Jowaan gadi ilaallee bareeda.
Jamaayikaatti baandii
mallatteessiseen achumaan buufata
xiyyaaraa fi odola argachuu danda’e.
Haalli hundi mijataa ta’ee miti.
Kaayyoo fi jireenyaaf ilaalcha
poozatiivii yeroo qabaattu garuu
waan itti aggaamtu qabda. Cimanii
hojjechuu fi gammaduun jireenyaaf
hiika kan laatani dha.
Waa gammachuu namaa kennuu
yeroo dhaabu isa dhiisanii waan
biraatti darbuuttin amana. Jireenya
baayyee gabaabduu kana
gammachuu malee dabarsuun hin
malu. Guyyaa guyyaatti yaaddoo fi
dhiphinaan jireenya ofii jiraachuun
hin ta’u. Kanaaf barumsa gaarii kan
naa ta’e hiriyaa fi shirkaa koo Niik
Paawolii wajjin wanta dabarsine dha.

Niik jalqaba Varjinii kaasee naa


waliin ture. Ani yaada yeroon fidu
Niik immoo qarshii to’achuudhaan
waliin hojjenna turre. Hojiin Niik inni
guddaan Istoorota Varjin Riikards
gaggeessuu dha. Haala baayyee
gaariirra turani. Eerlaayinii yeroo
jalqabnu kan hunda caalu akka ta’u
barbaanne. Paawundii miiliyoona
hedduu itti baafne. Dorgomaan
keenya Briiitish Eerweeyis nu ittisuuf
yaalii baayyee godhani. Dorgommiin
nu gidduu jiru dabalaa yeroo deemu
maallaqnis immoo akkuma kana
baayyee nu barbaachise. Qarshii
dhangalaasuun inuma itti fufe. Varjin
miwuzik qarshii baayyee yoo
qabaatus Varjin Eerweeyis garuu
qarshii nu jalaa fixaa ture. Niik balaa
akkasii waliin wal’aansoo qabuun isa
hin gammachiisu. Yeroo kana Niikii
wajjin akka inni keessaa ba’u irratti
walii galle. Sheerii inni varjin keessaa
qabu ani irraa bitee haala kanaan
gad lakkise.

Durii kaasee Niik fiilmii baayyee


jaallata. Bu’aa varjin irraa argate
Paalaas Piikchars kan jedhamu ittiin
dhaabe. Fiilmota gurguddaa kanneen
akka The Company of Wolves, Mona
Lisa fi The Crying Game jedhaman
achitti hojjetamani. The Crying Game
Oskaarii mo’ateera. Niik ammayyuu
gammachuudhaan biiznasii fiilmii
keessatti argama. Hiriyummaan
keenya akkuma itti fufetti jira.
Rakkina yeroo xiqqoo booda
eerlaayiniin keenya bu’aa
argachuutti ka’e. Niik varjinii wajjin
utuu itti fufee maallaqa amma
argatu caalaa ni argata ture;
gammachuu garuu hin argatu. Erga
sanaa utuu callisnee wajjin hojjechuu
itti fufnee hiriyummaan keenya
hafuu danda’a ture. Murtiin Niik sirrii
dha. Kanaafi kanan maallaqni qofti
kaayyoo kee hin ta’in jedhu. Bu’aa
buufachuu qofa yoo yaadde
milkaa’ina yeroo dheeraa hin
argattu.

Jireenyi koo kan abbaa carraati.


Kaampaaniin Varjin maallaqa
miiliyoona baayyee qaba. Namoonni
baayyeen bashannani, soorama ba’i
naan jedhu. Soorama ba’ee maalin
hojjedha yeroon jedhuun goolfii
taphadhu, fakkii kaasi jedhanii naa
deebisu. Gammadi jechuu
barbaadaniiitu.

Ani ammas ta’e gammadaa dha.


Hojiin koo gammachuu naaf kenna.
Biiznasiin koo hundi gammachuu kan
qabu dha. Duris akkasuma ture; gara
fuulduraattis sababa itti adda ta’uuf
hin qabu.

Hundumti keenya biiznasii haaraa


jalqabuuf maallaqa yookis carraa
qabna jechuu miti. Takka takka
hojiima argachuun kee iyyuu si
gammachiisuu danda’a. Kanaaf
warshaa yookin kutaa bilbilaa (call
center) keessa utuma jibbituu
hojjechuu dandeessa. Haala kanaan
jireenya keetti gammadaa ta’uu ni
dandeessaa? Dhuguma hojii jibbitu
kana hojjechuun filannoo kee isa
dhumaatii? Eenyuyyuu yoo taate
filannoo hin dhabdu. Naannoo kee
ilaali. Waan hojjjechuu dandeessu
kan biraa barbaadi.

Iintarneetiin karaa kanaan carraa


hedduu uumuu danda’eera. Gaaf
tokko hiriyaan koo konkolaataa
kireeffachuu barbaade. Interneetiirra
galee yeroo kana beeksisu yeroo
xiqqoo gidduutti konkolaataa
digdama konkolaachisaa wajjin
argate. Iintarneetiirra carraa hojii fi
daldalaa hedduutu jira. Jireenyi
namoota yaadaa fi fedhii hojii
qabanii iintarneetiidhaan
jijjiirameera. Namootni muuxannoo
badaa hin qabne illee biiznasii karaa
intarneetiidhaan milkaa’aniiru. Wiilfii
fi Kaatiin “Chillis Galore” kan
jalqaban “chilli jelly” kushinaa isaanii
keessatti hojjetanii hiriyoota isaaniif
kennuudhaani. Eegzibiishinii irratti
yeroo dhiyeessan namoota baayyee
biratti jaallatamummaa waan
argateef karaa iintarneetii gurguruu
jalqabani. Har’a wantoonni isaan
gurguran dhuma hin qabani. Akkuma
durii ammayyuu qaaraa kan dhaaban
maasii xixiqqoo lama mana boroo
jiran irratti. Priins Chaarlis nyaata
orgaanikii karaa intarneetii gurgura.
Muka krismaasii illee kara iintarneetii
kan gurguru kaampaaniin “Christmas
Tree Land” jedhamu jira.
Kaampaanin kun kan jalqabe karaa
bira dunkaana xiqqoo keessatti.
Har’a garuu babal’atee waan
ayyaanaan wal qabatu hunda
gurguru. ( Yaadni yeroon waggaa
saddeet ture naa dhufe yaada gaarii
ture jechuu dha. Utuu illeettiin na
hin danqine ta’ee har’a mootii muka
krismaasii ta’uu nan danda’an ture).

Iintarneetii malees biiznasii xiqqoo


mana keessatti jalqabuu ni
dandeessa. Konkolaataa miiccuu,
uffata tokkosuu yookin saree
kunuunsuu dandeessa. Artiistii
yookin barreessaa ta’uu dandeessa.
Ashaangulliitii hojjettee gurguruu
dandeessa. Aniitaa Roodik kireemii
gogaa kan hojjette kushinaa ishee
keessatti. Har’a garuu iimpaayira
guddaa ta’uu danda’eera. Akka Pool
Niiwumaan gaaraajii keessatti “salad
dressing” hojjechuu dandeessa. Pool
Niiwumaan salad dressing hojjechuu
kan jalqabe akka bashannanaatti
(hobby) ture. Har’a kaampaanii
guddaa dha. (Bu’aa kaampaanii
kanarraa argamu hunda Pool
Niiwumaan tola ooltummaaf kenna.
Hamma yoonaatti doolaara
miiliyoona 150 kenneera.
Bashannanaaf wanti jalqabde
hamma kana bu’aa buusuu
dandeesseetti). Dhugaa dubbachuuf
Pool sooressa waan ta’eef fandii
argachuuf isa hin yaachisu ture. Haa
ta’u malee atis manatti hojjechuu
kanati dandeessu wantoonni
hedduun jiru. Toora hojii haaraa kan
gammachuu sii kennu uumuu
dandeessa.

Hojiin ati hojjettu kan ati hin


jaallannee fi olaanaan kees kan siif
hin taane yoo ta’e hin gungumin.
Ilaalcha poozatiivii qabaadhu. Cimii
hojjedhu. Namoota hojiin kee waliin
wal si barsiisuu wajjin yeroo gaarii
dabarsi. Ammayyuu gammachuu
argachuu yoo dadhabde jireenya
dhuunfaa fi jireenya hojii kee
walirraa fageessi. Yeroo dhuunfaa
keetti gammadi. Akkas yoo goote
gammadaa ni taata.
3. Hin Sodaatin!
Rakkoo mudatu dursii tilmaamii
mo’adhu
Ofitti amani
Abjuu fi kaayyoo kee duukaa bu’i
Hin gaabbin
Hin sodaatin
Waadaa seente hin irraanfatin

Bara 2004 keessa qophii televizyinii


The Rebel Billionaire jedhu
qopheesseen ture. Kutaan inni
dhumaa wanta hin eegamne (twist)
qaba ture. Mo’ataa qophichaa Shoon
Neelsaniif cheekii doolaara
miiliyoona tokkon dhiyeesse. Carraa
tokkon kenneef: Doolaara miiliyoona
tokko fudhachuu yookin saantima ol
darbannee yoo mo’e badhaasa isa
caalu kan maal akka ta’e hin
himamne mo’achuu. Saantimni
yeroo ol darbatamu isa inni jedhe
ta’uu baannaan homaa utuu hin
fudhatin hafa. Cheekichan itti qabe;
na harkaa fuudhee ilaale. Gaafa inni
natti deebisu harkaa fuudheen kiisii
kaawwadhe. Saantiman itti agarsiise.

“Isa kam filatta? Cheekii moo


saantima?” jedheen gaafadhe.

Jireenya keessatti filannoo ciccimoo


baayyee filanna. Isa kam filata laata?

Shoon baayyee na’eera. Qumaara


cimaa dha. Hunda argachuu yookaan
homaa dhabuu. “Riichaard, utuu si
ta’ee maal filatta turte?” jedhee na
gaafate. Akkas jedhee itti himuu nan
danda’an ture. “Riiskii fudhachuu
nan jaalladha. Riiskii ani fudhadhu
garuu riiskii qo’atame dha. Waanan
hojjedhu hunda irratti carraa koo
hubannaadhaanan ilaala.” Ani garuu
callisuun filadhe.

Shoon waan murteessu wallaalee asii


achi adeemaa ture. Qumaaricha
taphachuun nama hawwata. Akka
nama cimaatti (cool) akka ilaalamus
isa taasisa. Dabalataanis badhaasni
hin beekamne sun baayyee guddaa
ta’uu danda’a. Dhumarratti qarshii
amma kana darbannaa saantimaa
irratti hundaa’ee riiskii hamma kana
hin fudhadhu jedhee murteesse.
Kaampaanii xiqqoo tokko qaba.
Qarshicha fudhatee ittiin babal’isuu
danda’a. Jireenya isaa ni jijjiira.
Namoota isaaf hojjetanii fi isatti
amananis ni gargaara.

“Cheekichan fudhadha” jedhe.

Nan gammade. “Saantima ol haa


darbannu utuu jetteetta ta’ee
kabajan siif qabu nan dhaban ture”
jedheen itti hime.
Filannoo inni filate filannoo sirrii dha.
Wanta to’achuu hin dandeenye
irratti carraa ofii balaarra buusuun
hin malu. Doolaara miiliyoona
tokkoo fi badhaasa hin beekamne
turre sana isa badhaasne.
Badhaasichi ji’a sadiif pirezdaantii
Varjin ta’uu dha. Varjin jalatti
kaampaanonni 200 waan jiraniif
Shoon barumsa baayyee argata.
Carraa hin argamne dha.

Yeroo hunda namoota akka Shoon


adda waan isaan taasisu nan
barbaada. Namoonni Varjiniif
hojjetan adda dha. Isaan hoolaa miti;
yaada mataasaanii yaaduu kan
danda’ani dha. Yaada gaarii
dhiyeessu; animmoo yaada isaanii
dhaga’uuf qophaa’aa dha. Dandeettii
hojjettoota kee hojiirra hin ooshitu
taanaan isaan qacaruun maalif
barbaachisaree?

Kaampaanii koo keessatti wantin


yeroo hunda gochuu yaalu namoonni
ofii isaaniin akka yaadanii fi
poozatiivii akka yaadan gochuu dha.
Dhuguma hundumtuu ni danda’ama
jedheen amana. Ofitti amanaa- ni
dandeessu jedheen namoota gorsa.
Hin sodaatinaa; garuu immoo riiskii
hin taane hin fudhatinaa kan jedhus
biraa hin hambisu.
Torbanitti yaada kuma meeqatu
namootaan naa dhiyaata; abjuu fi
kaayyoo isaaniiti. Gar malee waan
baayyataniif yaada hunda dubbisuuf
yeroo hin qabu. Hojjetoonni koo
dubbisanii kanneen gaarii ta’an natti
dabarsu. Warra gaggaarii qofan ilaala
jechuu dha.

Yaadni gaaf tokko naa dhiyaate


tokko haala gadheedhaan
xumurame. Ganaa dargaggeessan
ture. Fedhiin waan hunda yaaluu
koo xiqqoof malee na ajjeesee oole.
Haala nama gaddisiisuun abbaa
yaadichaa ajjeese.

Namichi Riichaard Eelis jedhamu


footoo ‘maashinii nama balaliisu’ kan
ofii isaa hojjete naaf erge. Baallee
gurguddaa lamaa fi isa jalatti immoo
biskileetii gommaa sadii qaba.
Humna kan argatu injinii xiqqoo
bakkeerra jirtu irraati. Mataa
paayileetii gubbaatti rootarii qaba.
Footoo inni naa ergame nama muka
gubbaa maashinichaan balali’u
agarsiisa. Baruu waanan barbaadeef
akka itti hojjetu akka natti
argisiisuuuf Riichaardiin afeere.

Yeroo Riichaard dhufu anaa fi


Jowaan hiriyoota keenya waliin isa
fudhannee gara dirree deemne.
Maashinicha gara laanding striippiitti
fide. Ariitii dabaluuf baayyee
daddaftee peedaalii rukutuu qabda.
Achii injinichi rootarii sochoosa.
Riichaard maashinicha kan yaale
nama lammataa taata naan jedhe.
Akkan balali’u garuu hin barbaanne.
“Dura itti baruu qabda” naan jedhe.

Namatti tola. Maashinicha irran ba’e.


Keebilii swiichii ofirraa qabdu natti
kenne. Keebilichi kan qabamu
ilkaaniin ciniinuudhaani. Injiniin
gaafa jalqabee jedhu utuu
qilleensarra hin ka’in dura
gadhiifama.

Eelis jalqabi naan jedhe.


Keebilicha afaanitti qabadheen
fiigsise. Gar malee daddafee
peedaalii rukutaan ture. Injiniin ni
ka’e. Ariitii baayyee guddaadhaan
fiigsisaan ture. Ariitiin kana caalaa
dabaluu hin qabu jedhee yeroon
yaadutti dhaabuuf keebilichan
ciniine. Wanti jijjiirame hin jiru.
Ittuma iyyuu ariitiin dabalaa deeme.
Jabeesseen ciniine. Jijjiiramni hin
jiru. Ariitiin sa’atiitti maayilii
soddoma kan ta’u ture. Yeroon itti
dhiyaachaa deemu Jowaan utuu
isheen na ilaaltuu nan arga.
Battalumaan qilleensa keessan
olka’e. Maashinichi na fudhatee ol
ka’e. Nan balali’e.

Mukkeen muraasa caalaan ol


fagaadhe. Olka’iinsa faana 100 irra
gaafan ga’u dhaabbachuu qaba
jedheen murteesse. Shiboo isaa
qabeen bubuqqise. Injinichi harka na
gubullee dhaabbatee lafatti gad na
darbate. Akka tasaa bubbeen dhufee
maashinicha garagalche. Marga
irrattin kufe. Baayyee na’ee yoon
tures qaama koorra garuu miidhaa
homtuu hin geenye.

Torbee tokko booda Eelis


maashinichaan balali’uuf yaale.
Maashinichi kufee caccabe; Eelis
miidhama irra ga’een du’e.

Du’i Eelis nama gaddisiisa. Namoonni


kaayyoo qaban du’uun garuu haaraa
miti. Namoonni gaara yaaban ni
du’u, Paayileetonni yaalii (test pilots)
ni du’u. Ijoollummaa kootti goota
waraanaa Daaglaas Beedarin nan
beeka ture. Daaglaas adaadaa koo
Kleerii wajjin hiriyaa ture. Utuu
balaliisaa jiruu balaa isarra ga’een
miilli isaa miidhame. Adeemsa akka
haaraatti shaakale; balaliisuuttis ni
deebi’e. Balaan akka sirra hin geenye
yaaluu dandeessa; yeroo hunda of
eeggachuu garuu hin dandeessu.
Takka takka carraanis murteessituu
dha. Wantoonni yeroo ciman waan
hojjechuu barbaadan itti dhiisuun
salphaa ta’us itti fufuu qabna
jedheen amana. Waa hojjechuuf
erga murteessanii boodatti
deebi’anii gaabbuun hin
barbaachisu.

Murtiin ani ittiin yeroo kamuu hin


gaabbine tokko prooppozaalii
abukaatoon dargaggeessi biyya
Ameerikaa tokko naaf dhiyeesse
fudhachuu kooti. Barri isaa bara
1984 ture. Eerlaayinii haaraa kan
Atlaantikii darbee deemu irratti
inveestii akkan godhu ture gaaffichi.
Biiznas plaanii isaa utuun hin
dubbisin iyyuu fedhiin koo yaadicha
duukaa ture. Freedii Laakar, namni
ani baayyee ajaa’ibsiifadhu, Skytrain
kan jedhamu kan Ingilizii fi
Ameerikaa gidduu gatii xiqqaadhaan
nama deddeebisu qaba ture.
Eerlaayinoonni gurguddoon
Gooliyaadiin yoo fakkeeffaman inni
immoo Daawwititti fakkeeffama.
Karaa qilleensaa imaluu namoonni
hedduun akka danda’aniif gatii gadi
aanaadhaan deddeebisuu ture
yaadni isaa. Haa ta’u malee
eerlaayinichi bara 1982 keessa
kasaaree ture. Proopozaalicha
yeroon dubbisu waa’een Freedii fi
Poortoorikootti xiyyaara
kireeffadhee innin hojjedhe sammuu
koo keessa deddeebi’aa ture. Qarshii
baayyee guddaa waan gaafatuuf
yaadichi akka nan hawwanne gochuu
yaalaan ture.

Na hawwachuun isaa garuu hin oolle.


Yaada na fudhadhu, na fudhadhu
jedhu dha.

Waa’ee namootaas ta’e waa’ee


yaadotaa daqiiqaa tokko gidduutti
waanan yaadu murteessuu nan
danda’a. Riippoortii faayila
guguddaadhaan naa dhufu caalaa
yaada garaa(gut instinct) koo irrattin
hundaa’een murteessa. Tarkaanfii
balaafamaa ta’us bu’aan isaas
immoo akkuma kana hawwataa dha.
Sirriitti qorachuufin murteesse.
Balaan jiru maal akka ta’e ofii koo
madaalee ilaaluun qaba.

Eerlaayiniin gatii rakasaan namoota


Atlaantikii qaxxaamuree dabarsu kan
biraa jira ture. Maqaan isaa Popular
Express jedhama. Bilbiluufiif guyyaa
guutuun yaalaa oole. Bilbilli isaanii
garuu qabamaa ta’ee naa ba’uu dide;
gabaa gaarii qabu jechuu dha.
Eerlaayinii isaan caalaa haala
gaariidhaan gaggeessuu akkan
danda’u nan amane. Guyyaa lamaaf
taa’een itti yaade. Sanbata nan
murteesse. Hin sodaadhu. Calliseen
godhan jedhe.

Wiixata irra Booyiing, kaampaanii


Ameerikaa xiyyaara oomishuuf, nan
bilbile. Waggaa tokkoof Jamboo
Jeetii meeqaan akka kireessanin
gaafadhe. Gaaffiin koo isaan yoo
dinqes inuma na dhaggeeffatani.
Gatii gaariidhaan walii galle.
Qorannoo hamman gaggeessuu
qabu qoradheera jedheen amane.
Yaadicha irratti mari’achuuf warra
koo wajjin Varjinitti wal geenye.
‘Maraatteetta, qarshii hamma kana
baasuu hin dandeenyu’ naan
jedhani. ‘Qarshii keenya callisnee
kaa’uu hin dandeenyu; ittiin
hojjechuu qabna’n jedhee
deebiseefi.

Ammas yaada kootti waan hin


gammanneef amansiisuuf yaaluun
itti fufe. Varjin miwuzik qarshii
baayyee akka galchaa jiruufi qarshiin
eerlaayiniif barbaachisu tokko
sadaffaa galii varjin miwuzik illee
akka hin guunnen itti hime. Qarshii
guddaa yoo gaafatus gar malee
guddaas miti. Hunda isaa utuu
kasaarreyyuu garmalee hin
miidhamnu. “Balaa guddaa hin qabu;
nu gammachiisas” jedhee
amansiisuun yaale.

Jechi ‘gammachuu’ jettu isaanitti hin


tolle. Isaaniif biiznasiin wanta itti
gammadan miti. Anaaf garuu
biiznasiin lachuu isaati. Gammaduun
garuu caalaa barbaachisaa dha.
Jireenya koo guutummaatti
jiraachuun fedha. Yeroo yerootti
hawwii haaraan barbaada. Eerlaayinii
koo Varjin Atlaantik jedheen
moggaase.

Sar Freedii Laakariin laaqana afeeree


waa’ee eerlaayinii koo isa haaraa
waliin haasa’e. Muuxannoo waggaa
dheeraa waan qabuuf baayyee na
gargaare. Rakkoo eerlaayinii haaraa
dhaabuurratti nama mudatu sirriitti
beeka. Eerlaayiniin isaa utuu
eerlaayinoonni guguddaan isa
danquu hin jalqabin dura baayyee
bu’aa buusa ture. Isaanii wajjin
dorgomuuf qarshii baayyee isa
barbaachisa. Qarshiin harkaa
dhumaa deemee dhaabuuf dirqame.
Laaqana irratti Freediin eerlaayinii
haaraan haala akkamii keessa akka
darbu natti hime. Waan baayyee na
barsiise.
Freediin “Briitish eerweeyis karaa
qaxxaamuraa hojii keessaa si baasuuf
tattaafatu. Ani dogoggorri koo yeroo
isaan kana godhan callisuu kooti. Ati
garuu hin callisin” jedhee na gorse.

Himannaa hin jaalladhu. Wanta


darbeef taa’ee gadduun natti hin
tolu. Calliseen hojii koo hojjedha.
Amma garuu himannaaf qophaa’uu
akkan qabun of yaadachiisuu
jalqabe.

Freediin gorsa biraas na gorseera.


“Gatii rakasa waan ta’ef hojiin kee
gadi bu’aa hin ta’in. Eerlaayinoonni
gurguddaan waan narraan ga’an si
hin qaqqabin. Gatii rakasaan isa
isaan hojjetan caalaatti gaariitti
hojjedhu. Namoonni kana barbaadu.
Gammadaa ta’uus hin irraanfatin.
Carraa gaarii. Hojiidhaan
muddamuuf qophaa’aa ta’i.’’
Abbootii taayitaa waliin yeroon
haasa’eef gorsi Freedii guddaa na
fayyadeera. Eeggannoon (safety)
baayyee barbaachisaa ture.
Eerlaayinichaaf maallaqa sirriitti
qabaachuunis yaaddoo koo biraa
ture. Ibsa maallaqaa (Cashflow) nan
hojjedhe. Namoota ciccimoo nan
qacare. Waa yeroo milkaa’uu didu
tole jedhee hin dhiisne. Hamma
milkaa’utti karaa biraan yaalaan ture.
Rakkoo kumaatamatu nu mudate.

Briitish Eerweeyis kaampaanii koo


kallattiidhaan hojii ala gochuuf hin
yaalle. Maqaa koo balleessuudhaan
nu kasaarsuu ture kaayyoon isaanii.
Sar Freediin mana murtiitti isaan
himadhu jedhee na gorse. Manni
murtii anaaf murteessee Briitish
Eerweeeyis balleessaa maqaa
balleessuudhaan (libel) adabe.

Bara 1984 Varjin Atlaantik yeroo


eegalu waggaa tokko caalaa
hojjechuu danda’a jedhee kana
mane hin turre. Abbootiin
eerlaayinoota gurguddoo Ameerikaa
ni kasaara jedhanii na eegaa turan.
Isaan amma kasaarani hojiirra hin
jiran. Ani garuu kunoo ammayyuu
hojjechuu itti fufeera.

Hin sodaadhu; garuummoo gowwaa


miti. Eerlaayinii dhaabuun riiskii
qaba. Haa ta’u malee carraa gaariitu
ture. Carraan kun immoo akka isa
kan The Rebel Billionaire hunda
argachuu yookis homaa dhabuu miti.
Shoon darbannaa saantima
tokkorratti hundaa’ee hunda dhabuu
yookin hunda argachuu danda’a
ture. Carraa akkasii yaaluu diduun
gootummaadha.

Hojiin koo itti aanu Toora Baaburaa


Varjin (Virgin Train) bara 1996tti
dhaabuu ta’e. Yaadni isaa kan naa
dhufe Jaappaan yeroon turetti.
Jaappaaniin kanan deeme lafa itti
meegaastoorii ijaarru barbaacha
dha. Baabura rasaasa (bullet train)
keessa teenyee yeroo deemnu
dinqisiifachaan ture. Xiyyaaraan
deemuu wajjin wal hin caalu.

“Ingiliz keessa baaburri akkasii maalif


hin jiraatu?” jedheen yaade. Akkan
hin irraanfanneef dabtara
yaadannoo koo baaseen barreesse.
Carraanis na faana ture. Torban
tokko booda mootummaan Ingiliz
baabura durii (British Rail) hambisuuf
baaburri siistamii haaraa akka waliin
dorgoman akka taasisu ibse. Dafee
akkan fedhii qabu ibse.
Gaazexaadhaan Varjin baabura
jalqabuuf akka ta’e gabaasame.
Baayyee ajaa’ibsiifatani.

Akkuma gaafa eerlaayinii jalqabnee


namoonni tokko tokko hin milkaa’an
nuun jechaa turani. Waggaa shan
nutti fudhatus milkaa’uun keenya
garuu hin oolle. Baabura addunyaa
hunda caalaa ammayyaa oomishne.
Haati manaa koo Jowaan ‘Virgin
Lady’ jettee moggaaste. Yeroo
sanatti hadiidonni Ingiliz keessa jiran
ariitii baabura keenyaa gituu hin
dandeenye. Hunda caallee deemne.
Isa waadaa seenee turre hojiirra akka
oolchine televizyiniin ni gabaafame.

Yeroo hunda waadaa kabajuun yaala.


Karoora baaseen akka karoorichaatti
hojjedha. Milkaa’inni carraa qofa hin
gaafatu. Ofitti amantee hojjettee
immoo agarsiisuu qabda. Namoonni
si amanuu kan danda’an akkas yoo
ta’e qofa.

Yeroo tokko tokko yaada biiznasii


naa dhiyaatan nan dida. Eerlaayinii
Riyaaneer jedhamu irratti investii
akkan godhu gaafatamee beeka. Ani
garuu nan dide. Riyaaneer amma
haala gaariirratti argama. Trivial
Pursuit fi Wind up Radio irratti
investii gochuuf yaadni naa
dhiyaatees didee beeka. Isaan kun
lachan yaada baayyee gaarii turani.
Maqaa Looyid ta’uuf yaada naa
dhiyaates nan dide. Looyid
kaampaanii inshuraansii guddaa dha.
Inshuraansiin isaanii balaawwan
gurguddaa kanneen akka kirkira lafaa
omomboleettii (hurricane) kan
ilaallatu dha. Isa diduun koo murtii
gaarii dha. Qarshii baayyee na
galaafata ture.

Isa kaan ni moota; isa kaan ni


mo’amta. Gaafa mootu gammadi.
Gaafa mo’amtu teessee hin gaabbin.
Bishaan darbe hin waraabani. Isa
darbe jijjiiruun hin danda’amu.
Kanaafuu ani yeroo hunda isa
darberraa barumsa argachuun yaala.
Namni hundi eerlaayinii yookis
baabura ijaaruu hin danda’u. Abjuun
kee gar malee guddaa ta’uu dhiisuu
danda’a. Abjuun kee maaliyyuu yoo
ta’e garuu itti du’i. Riiskiin jiru
baayyee carraa irratti kan
hundaa’uufi tilmaamuuf kan hin
dandeessisne akka hin taane
eeggadhu. Haa ta’u malee kana
yaadadhu: Jireenya riiskii hin qabne
jiraachuu feeta taanaan mo’achuu
hin dandeessu.

4. Chaaleenjii Of Godhi
Guddaa yaadi
Wanta haaraa yaali
Yoomiyyuu yaali
Chaaleenjii of godhi

Namni kamiyyuu waan itti aggaamu


qabaachuun dirqama. Chaaleenjii
jettee waamuu dandeessa; kaayyoo
yookis waan biraa jettee waamuu
dandeessa. Dhala namaa kan adda
nu taasisu kana dha. Holqa keessa
jiraachuurraa gara pilaaneetota biraa
deemuutti kan nu ceesise chaaleenjii
dha.

Yeroo mara chaaleenjii of goota


taanaan ni guddatta. Jireenyi kee ni
jijjiirama. Ilaalcha poozatiivii
qabaatta. Lafa yaadde ga’uun
salphaa miti; kun garuu abdii si
kutachiisuu hin qabu. Harka
marattee hin taa’in. ‘Hojjechuu nan
danda’a. Hamman milkaa’utti yaaluu
hin dhiisu’ jedhii ofitti himi.

Akka ilaalcha kootti chaaleenjii gosa


lamatu jira. Tokkoffaan hojii koo
hamman hojjechuu danda’u
hojjechuu dha. Lammaffaan waan
haaraa (adventure) barbaaduudha.
Ani lachuuyyuu nan jaalladha.
Hamman danda’u humna koo
guutuun nan yaala. Fedhiis qaba.
Waan haaraa yaaluun of chaaleenjii
gochuu baayyeen jaalladha. Jireenya
kootti gammachuu kan naaf kennu
kana dha.

Chaaleenjiin koo inni jalqabaa


yeroon mucaa waggaa afurii yookin
shanii ture na quunname. Bona
torbee lamaaf anaa fi maatiin koo
Deevaniin deemne. Achitti bishaan
daakaa yoon barbaades dandeettii
isaa garuu hin qabun ture. Adaadaan
koo Jooyis duma torbee lamaatti
utuu manatti hin deebi’in dura
daakaa hin bartu jettee qarshii
kudhan naa qabsiifte. Nan bara
jedhee waanan amaneef nan
qabsiise. Yeroo baayyee bishaanichi
rakkisaa, bubbeenis cimaa ture. Ani
garuu guyyaatti sa’atii dheeraaf
shaakaluu hin dhiisne. Guyyaa
guyyaatti harkaa fi miillaanin borce.
Qorri na rakkisus, bishaan afaan na
lixee na ijibbaachisus inuman itti
fufe.

Hin dandeenye. Adaadaan koo


Jooyis, “rakkoo hin qabu. Waggaa itti
aanutti ni dandeessa” jettee na
jajjabeessite.

Qumaaricha nan nyaatame. Waggaa


itti aanu akka isheen irraanfattu nan
beeka. Manatti galaa yeroo turre
karaa foddaa konkolaataa achi
ilaalaan darbe. Utuun bishaan
daakaa danda’eera ta’ee baayyeen
barbaada ture. Mo’amuun koo
baayyee na aarse. Guyyichi guyyaa
ho’aa ture. Bara 1950 keessa immoo
karaan konkolaataa dhiphaa ture.
Utuu suuta jennee deemnuu lagan
fuuldura keenyatti arge. Ammayyuu
mana hin galle waan ta’eef carraa
qumaaricha nyaachuu qaba. Carraa
koo isa dhumaa yaaluufin murteesse.

‘Konkolaataa naa dhaabi’ jedheen


iyye. Warri koo waa’ee qumaarichaa
beeku. Abbaan koo konkolaataa
karaarraa siqsee dhaabee “maal
barbaadde?” jedhee na gaafate.

“Riikiin qarshii kudhanicha harka


gashachuuf carraa isaa isa dhumaa
yaaluu barbaada” jette harmeen
koo.

Konkolaataa keessaa bu’ee


ariitiidhaan wayyaa ofirraa baaseen
lagichatti fiige. Itti dhiyaachaa
yeroon deemu nan sodaadhe.
Qarqara lagichaarra iddoo
dhoqqaa’aan saawwan bishaan irraa
dhugan nan arge. Karaa sanaan
bishaanicha seenuun ni salphata.
Garagalee yeroon ilaalu maatiin koo
hundinuu konkolaataarraa bu’anii
dhaabatanii na ilaalaa jiru.

Harmeen koo seeqaa harka natti


bal’iste. “Riikii, ni dandeessa”, jettee
na jajjabeessite.

Dhoqqicha keessa darbeen bishaan


seene. Gara gidduutti yeroon
dhiyaadhu bishaanichi humna koo ol
ta’e. Na fudhate; hafuura
fudhachuun natti cime. Akka tasaa
garuu ol ba’een asii gadi daake.
Akkan danda’u nan bare. Miilla tokko
dhagaarra kaa’adheen dhiibe. Sirriitti
yoo ta’uu baatus daakuun danda’e.
Qarshii kudhan sana nan mo’adhe.
Maatiin koo qarqararra dhaabatanii
harka naa rukutaa turani. Bishaan
keessaa yeroon ba’u baayyee
dadhabus ofitti boonaan ba’e.
Adaadaan koo Jooyis qarshii kudhan
naa laatte.
“Kormee, akkati dandeessu nan
beeka ture” naan jette. Akkan
danda’u waanan amaneef hamman
mo’adhutti hin dhiisun ture.

Wanti baayyee na rakkisu tokko


dubbisuu ture. “Dyslexic” waanan
ta’eef barumsi na rakkisa ture.
Mo’amuu waanan hin jaallanneef
yoon cimsee yaale iyyuu dubbisuu fi
barreessuun na rakkisuu hin dhiisne.
Kan nama dhibu garuu fedhiin koo
gaazexessaa ta’uu ture, hojii
dubbisuu fi barreessuu sirriitti
gaafatu. Manni barumsaa keenya
dorgommii dubbisa (essay)
barreessuu yeroo qopheessu anis
dorgomuufan galmaa’e. Nan mo’e.
Mo’uun koo namni isa hin dinqisiifne
hin turre. Ani barataa yeroo baayyee
qormaata waanan kufuuf reebamun
ture; haa ta’u malee dorgommii
dubbisa barreessuun tokkoffaan
ba’e. Baayyeen gammade.
Harmeen koo akkan mo’e gaafa
dhageessu silayyuu akka mootu nan
beeka ture naan jette. ‘Hin danda’u’
jechi jedhu afaan ishee keessaa
ba’ee hin beeku. Yaallaan wanti hin
danda’amne hin jiru jettee amanti.

Guyyaan dorgommicha mo’adhee


kaasee barumsatti cimaan deeme.
Jechoota ciccimoo yaaluun jalqabe;
sirna qubee (spelling) eegee
barreessuus danda’aan deeme.
Yaallaan wanti hin danda’amne hin
jiru. Ani of chaaleenjii gochuu dhiisee
hin beeku. Dorgommii dubbisa
barreessuu ergan mo’adhee booda
barruu Istuudant nan hundeesse.
Ani barataan dur dubbisuu fi
barreessuu dadhabuudhaan
reebamaa ba’e abbaa Barruun ta’e.

Umriin koo dabalaa yeroo deemu


chaaleenjiinis waliin guddachaa
deeme. Adveenchariin barbaaduu
jalqabe. Balaan jiraachuun ittumaa
na hawwata. Perii wajjin Atlaantikii
afuuffeedhaan qaxxaamuruudhaan
warra jalqabaa taaneerra. Itti
aansinee galaana Paasifikii Jaappaan
irraa gara Ameerikaatti
qaxxaamuruuf murteessine.
Galaanarra maayilii 8000 waan
deemamuuf balaan nama mudachuu
danda’a. Kanaan dura namni kana
gochuu danda’e hin jiru. Namichi
kana gochuuf utuu yaaluu du’e akkaa
jirus quba qabna. Afuuffeen jalaa
tarsa’ee galaanicha cabbaa’aa keessa
isa buuse. Obomboleettii cimaan
waan tureef dafanii isa qaqqabuu hin
dandeenye. Qorri isa ajjeese.

Jowaan akkan deemu hin barbaanne;


anis immoo baayyee sodaadheen
ture. Garuu waadaa seenee waanan
tureef deemuufin qophii jalqabe.
Kana booda hafuu waanan hin
dandeenyeef akka carraan koo na
godhen ta’a jedheen murteesse.
Sammuun koo hin deemin jedha;
onneen koo deemi jedha. Balaan
akkamii yoo jiraachuuf male iyyuu
deemuu akkan qabun amane.
Jowaanis kana naa hubatteetti natti
fakkaata.

Deemsa addaa akka ta’u nan beeka.


Ani gartuudhaan taphachuun
jaalladha; namootarras abdii
guddaan kaa’adha. Per immoo
callisaa fi kophaa ta’uu kan
jaallatuufi namoota badaa kan hin
amanne dha. Amalli keenya faallaa
walii waan ta’eef garee bayeessa
taana jedheen abdadhe.

Barri isaa 1990 ture; Utuu hin


deemin dura maatii koo wajjin odola
xiqqoo naannoo Jaappaanitti
argamtutti ayyaana krismaasii wajjin
kabajne. Yeroo baayyee namatti tolu
dabarsine. Namoota allaattii
madaqsanii ittiin qurxummii qabanin
arge. Jireenyi isaaanii suuta jedhaa fi
callisni isaa kan nama hawwatu dha.
Jireenya koo utuu arganii maal jedhu
laata jedhee yaaadaan ture. Anaan
kan asii fi achi na fiigsisu chaaleenjii
barbaachuu dha.

Karoorri keenya jeett striimii kan


olka’iinsa faana 20,000 fi 4000
gidduu lafarra naanna’aniin
galaanicha qaxxaamuruu ture.
Ariitiin isaanii akka ariitii bishaan
lagaati. Ariitii sanaa gaditti humni
bubbee badaa miti. Rakkoon jiru
hojjaan afuuffee keenyaa faana 300
ta’uu isaati. Jeet striimiin yeroo ka’u
gubbaa fi gajjallaan afuuffee ariitii
adda addaan socho’uu danda’u.
Balaan uumamuu danda’a.
Booda yeroo dhabnee akka hin
rakkanneef paaraashuutii keenya
uffannee teenye. Itti fufnee ho’a
kennineefi. Yeroo olka’aa deemnu
fiixeen afuuffee gajjallaa jeett
istriimii tuqe. Kana caalaa akka
olka’uuf ho’a yoo daballeefis
qilleensi isaa jabaa waan ta’eef gad
nu dhiibuu malee dide. Ho’a itti
dabaluu itti fufnee dhumarratti
milkoofne. Fiixeen afuuffee kaarentii
saffisaadhaan tuqamee akka
rookkeettii balali’e. Kallattii adda
ta’een saffisa sa’aatiitti maayilii 115
fiige. Kaapsulii nuyi keessaa jirru
immoo sa’aatiitti maayilii 25 fiigaa
ture. Farden kumni asii asiin nu
harkisaa waan jiran fakkaata ture.
Afuuffeen bakka lamatti tarsa’ee
kaapsulii keenyaa wajjin bishaanitti
akka hin dhumne yaaddofne.
Akka tasaa garuu kaapsulichi
daawwitii keessa oldarbee ofiisaa
sirraa’e.
Peer “kana dura namni kana godhee
beeku hin jiru” jedhe.
Ariitii guddaa kanaan dura arginee
hin beekneen balaliine. Sa’atii torba
booda yeroo itti taankii boba’aan
keessaa dhume itti darbannutu ga’e.
Kana gochuuf dura jeett istriimii
keessaa ba’uu akka wayyu
murteessine. Kaapsulichi akka
fireeniitti gargaaraa ture; afuuffeen
garuu itti maxxaneema jira.
Galaanichi olka’iinsa faana 25,000
irra jiraannus ammayyuu sirriitti
mul’ata; keessa akka hin buunen
sodaadhe.
Peer taankicha isa boba’aa hin qabne
darbachuuf tuqe. Kaapsulichi bitaaf
mirgaan sosocho’e. Lafti isaa wal
caalee Peer irratti na kuffise.
Taankiin boba’aa qaban lamaa fi inni
duwwaan tokko lafatti kufuu isaanii
gaafa arginu lafa lixnu wallaalle.
Ulfaatinni isaanii toonii tokko tokko
ture. Madaallii dhabuu qofa utuu hin
ta’in ammammoo boba’aa waan hin
qabneef olka’iinsa keenya kan
to’atuu fi haala qilleensaa wajjin kan
wal simsu hin jiru jechuu dha.
Ameerikaa ga’uu hin dandeenyu
jechuu dha. Tooniin sadii irraa gaafaa
salphatu afuuffeen qilleensa keessa
ol bade. Peer qilleensa hamma
danda’e keessaa hir’isus oluma ka’aa
deemne.
Olka’iinsa faana kuma afurtamii sadii
olitti deemnaan kaapsulichi akka
dho’u, sombaa fi iji keenya akka
qilleensaan nu jalaa baatu
akeekkachiifamnee turre. Faana
41,000 yeroo geenyu waan hin
beekne argine. Olka’iinsa
sodaachisaa faana 42,000 irra
geenye. Maal akka taanu hin beeknu.
Koonkord irraa kan hafe afuuffee
mitii xiyyaarri olka’iinsa hamma kana
ga’e hin jiru. Xiqqoo turee olka’iinsi
keenya dabalaa deemuun ni hafe.
Afuuffeen qabbanaa’aa dhufee
ariitiidhaan gad nu buusuu eegale.
Boba’aa dhabuu barbaaduu baannus
akka hin kufneef jecha dirqama nutti
ta’e.
Nama nu baasu waan hin qabneef
galaana keessa qubachuu hin
dandeenyu. Gara sa’atii soddomaa
boba’aa xiqqoodhaan itti fufuu
qabna jechuu dha. Lafa qubachuuf
ariitii kanaan dura afuuffeen
kamiyyuu deemee hin beekneen
deemuu qabna jechuu dha. Kana
jechuun walakkaa jeett istriimii turuu
qabna jechuu dha. Baayyee cima.
Caalaatti mogoleen kan nu bu’e
koontaaktii reediyoo gaafa dhabnu
dha. Sa’atii baayyee waan deemneef
Peer baayyee dadhabee ture. Akka
ciisuu ta’ee takkaatti hirribni isa
fudhatee bade. Qofaa koon ta’e.
Waaqatti hin amanu; guyyaa sana
garuu akka ergamaan dhufee
kaapsulii keenya seenee nu
gargaareetti natti dhaga’ame. Ariitiin
keenyaa garmalee dabalaa deemuun
arge. Abjuu abjoochaa akkaan hin
jirre mirkaneeffachuuf ofin kabale.
Ariitiin keenya sa’atiitti maayilii 80
irraa gara 180, achii 200, itti fufee
240 ta’e. Waan akkanaa dhaga’amee
hin beeku; dinqii dha.
Qaamni koo baayyee dadhabeera. Ifa
wayii gaafan argu afuurotan se’e.
Akka nama abjootaa jiruuttan ilaale;
gaaziin gubachaa akka jirun bare.
Teempireecharri bakkee nagatiivii
torbaatama dha. Ibiddi xiqqoon
daawwitichatti buunaan
barbadaa’uu keenya.
“Peer, ka’i! ibiddi nu fixuufi” jedheen
iyye.
Peer battaluma sana utaalee ka’e.
Maal gochuu akka qabnu inni beeka.
“Olka’iinsa faana kuma afurtamaatti
ol geessi; achi oksijiniin waan hin
jirreef ibiddi ni dhaama” naan jedhe.
Olka’iinsa faana 43,000 yeroo
geenyu ibiddi ni dhaame. Deebinee
gadi bu’uutti kaane. Haa ta’u malee
boba’aa of jalaa fixneerra. Reediyoon
deebi’ee hojjete. Gaazexessaan
“Naannoo galfiitti waraanni
jalqabeera. Ameerikaan Iraaqiin
boombiidhaan reebaa jirti” jedhee
gabaase. Utuu nuyi gara fiixee
hawaarra jirruu lafarratti waraanni
eegaluun isaa na dhibeera.
Namoonni keenya lafa jiran jeett
istriimiin keenya akka naanna’e nutti
himani. Jaappaanitti nu deebisa
jechuu dha. Kanaafuu jeett istriimii
gadaanaa Arkitikiitti nu geessu
argachuu qabna jechuu dha.
Olka’iinsa faana 30,000tti ariitii
sa’atiitti maayilii 200 ta’een sa’atii
baayyeef balaliine. Dhumarratti
naannoo Kaanaadaa cabbii irra
qubanne. Bal’inni lafichaa lafa
Briiteen dachaa 200 ni ta’a. Baayyee
fagoo waan tureef dhufanii nu
fuudhuuf sa’atii saddeet guutuu itti
fudhate. Yeroo isaan nu bira ga’an
cabbii taaneerra.
Peer “yeroo itti aanu addunyaa
guutummaarra balaliina” naan jedhe.
Itti kolfus chaaleenjii diduu akkan hin
dandeenye beeka. Waggaa lama
booda yaallus ni dursamne. Amma
kanin karoorsaa jiru Varjin
Gaalaaktikiidhaan hawaarra deemuu
dha.
Barreessaa fi gaara yaabuudhaan
beekamaa kan ta’e Jeems Uulmaan
jecha inni dubbatetti baayyeen walii
gala: “Wanti dhalli namaa hojjetu
kamiyyuu chaaleenjii
sababeeffateetu. Galaana yoo ta’e ni
ceena; dhukkuba yoo ta’e ni
fayyisna. Dogoggorri yoo jiraate ni
sirreessina. Riikardii yoo ta’e ni
cabsina. Gaara yoo ta’e ni
yaabbanna.” Jechan guutummaatti
itti walii galu dha. Hundi keenyayyuu
yeroo hunda chaaleenjii of gochuu
qabna.
5. Of Danda’aa Ta’i

Mataa kee danda’i


Abjuu qabaadhu garuu kan
dhugaarratti hundaa’e haaa ta’u
Namootaa wajjin hojjedhu
“Aannan barbaaddee jennaan dombii keerra
teessee saawwi hamma dhuftee sii elmamtutti
hin eegin.” Mammaaksi kun kan harmee koo
utuu ta’eera ta’ee nan dhibu ture. “Riikii,
callistee hin taa’in; dhaqii saawwittii barbaadi”
jettee akka itti dabalatus nan amana.
Reesippiin Raabit Paayii ittiin qopheessan
tokko ‘duraaan dursa illeettii qabi’ jedhee
jalqaba. ‘Jalqaba illeettii biti’ yookin ‘hamma
namni siif kennutti eegi’ akka hin jenne
hubadhu.
Barumsi akkasii yeroo ijoollummaa koorraa
kaasee hrmeen koo naa kennite amma of
danda’aa akkan ta’u na taasiseera. Ofii koon
akkan yaaduu fi hojjedhu na shaakalsiisaa na
guddisani. Biyyi keenya Ingiliz dur kanaan
beekamti turte. Har’a garuu baayyeen waan
hundi qophaa’ee akka kennamuuf barbaadu.
Maatiin baayyeen akka maatii koo yoo ta’an
gara fuulduraatti akka durii milkaa’inatti
deebi’uu dandeenya.
Yeroon mucaa waggaa afurii ture harmeen
koo konkolaataa maayiloota muraasa
manarraaa fageessitee dhaabdee ofii kee gali
jettee na gattee deemte. Anaaf kun tapha
gaarii naa ta’e. Chaaleenjii isheen naa keesse
isa duraati. Umriin koo dabalaa yeroo adeemu
isheenis chaaleenjii guddaa naa kennaa
adeemte. Ganna keessa gaaf tokko barii
halkaniin hirribaa na kaastee uffata jijjiirradhu
naan jette. Lafti duukkanaa’aa, qilleensi isaa
qorraa yoo ta’es hinuman ka’e. Nyaaata
saaniitti naa hiitee appilii wajjin naa kennite.
Biskileeta koo qabadhee yeroon gara kibbaatti
qaajeelu ‘bishaan lafa argattu hin wallaaltu
jedheen yaada’ jettee gargar baane. Yeroon
deemsa eegalu lafati ammayyuu hin ifne ture.
Guyyaaa guutuu deemaa ooleen galgala mana
firaa deemee bule. Borii isaa yeroon manatti
deebi’u baayyee ofiin boonaan gale. Harka naa
rukutaa na eegun se’e. Harmeen koo garuu
“Gaarii dha Riikii. Sitti toleera mitii? Amma
deemii qeesiifaaf muka muri” naan jette.
Namoonni tokko tokko kun gara-jabina dha
jechuu danda’u. Maatiin keenya garuu maatii
baayyee wal-jaallatu dha. Warri koo ijoollee
jajjaboo fi of danda’oo akka taanu godhanii nu
guddisani. Abbaaan keenya baayyee nu waliin
dabarsus isa caalaa garuu harmee keenyatu
waan baayyee akka yaallu nu godhe. Waa’ee
biiznasii fi waa’ee maallaqaa kanan baradhe
isheerraati. Jechoota akkasii isheerraan bare:
“Kan mo’e hunda dhuunfata-The winner takes
it all)”, “Abjuu kee biraa hin hafin- Chase your
dreams”. Yeroo hunda mo’achuun akka malu
ijoollee barsiisuun sirrii miti. Addunyaa
kanarraatti takka takka mo’amuun waan hin
hafne dha.
Yeroon dhaladhe abbaan koo reefuu hojii
seeraa waan jalqabeef qarshiin isaan hanqata
ture. Harmeen koo teessee hin gaddine.
Kaayyoo lama qabdi turte. Inni tokkoffaan
anaa fi obboleettan koo waan hojjennu nuu
kennuu dha. Mana keenya keessatti hojiii
hiikuun ni balaaleffatama. Kaayyoon harmee
koo inni lammaffaan karaa itti qarshii
argachuun danda’amu barbaaduu dha. Mana
keenyatti yeroo irbaata nyaannu waa’een
biiznaasii ni haasa’ama ture. Maatii baayyeen
waa’ee hojii isaanii ijoollee biratti akka hin
haasofne beeka. Rakkoo isaan mudatu
ijoolleetti hin himani. Haala kanaan ijoolleen
bu’aa qarshii utuu hin barin hafti jedheen
amana. Kanaafuu booda yeroo guddatan
rakkoo keessa galu. Nuyi garuu hunda arginee
guddanne. Anaa fi obboleettiin koo Liindiin
harmee keenya piroojaktii isheerratti ni
tumsina turre. Baaayyee nutti tola ture.
Maatiin keenya gareen akka hojjennu nu
taasise.
Warra koo caalaa qabaadhus, anis ijoolee koo
Hoolii fi Saam hamma naa danda’ametti haala
kanaanan guddise. Seeronni harmee koo gaarii
fi yeroo hunda kan hojjetan waan ta’eef Hoolii
fi Saam bu’aa qarshii baraniiru jedheen yaada.
Harmeen koo saanduqa xixiqqoo sooftiin
keessa taa’uu fi mi’a waraqaan keessatti
gatamu hojjetti turte. Kan hojjettu manuma
keessatti yoo ta’u ishee gargaaruun ga’ee
keenya ture. Qalama dibnee tarreessinee
keenya. Haarood isaan bituu yeroo eegalu
gabaan argame. Harmeen koo barattoota
Jarmanii fi Faransaayiif kaffaltiidhaan tajaajila
ni laatti turte. Cimanii waan jaallatan
hojjechuun amala maatii keenyaati. Adaadaan
koo Kleer hoolota gugurraattii Weels baayyee
jaallatti. Gaaf tokko kaampaanii shinii fakkiin
hoolota kanaa irratti kaafame oomishu
jalqabuuf murteessite. Dubartoota ollaa
walitti qabdee jalqabsiiste. Har’as
kaampaaniin kun akkuma duraa galii baayyee
gashuu itti fufeera. Waggoota hedduu booda
gaaf tokko Kleer naa bilbiltee “hoolaan koo
tokko sirbuu barte” naan jette. Ani itti hin
kolfine. Yaadni ishee yeroo hunda adda dha.
Teeppii qabadheen hoolaa ishee hordofee
waraabe. “Baa Baa Black Sheep” baayyee
jaallatamuu isaan kan ka’e biilboordiirraa
afuraffaa galuu danda’eera.
Industrii xiqqaa irraa ka’eeni kanan
kaampaanii intarnaashinaalii qabaadhe.
Akkuma guddinni isaa dabalu riiskiinis dabalaa
deeme. Yaadaa fi karoora koo irratti sodaa
malee amanuutu narraa eegama. Yaada
namoota hundaa dhaga’us ofii koottin amana;
ofin danda’a. Ofitti amanuu kanan dadhabee
ture si’a tokko qofa dha. Bara 1986
kaampaaniin Varjin kaampaanota gurguddaa
Ingiliz keessaa tokko ture. Hojjettootta gara
kuma afurii qaba; bara isa darberraa kan
barichaa gurgurtaan isaa parsantii jaatamaan
caale. Namoonni baayyeen sheerii kaampaanii
keessaa akkan gurguru na gorsani. Shirkoonni
koo lama garuu dhiisi jedhanii na gorsani.
Amala koo sirriitti beeku; to’annaa kee jalaa
ba’uun siif hin ta’u naan jedhan. Baankaroonni
garuu sheerii akkan gurguru na gorsani.
Kaappitaalli kee ni dabala jedhani.
Kaampaanota akka Bodii Shooppii fi Sook
Shoopp kan sheerii gurguranii milkaa’an
fakkeenya naa kennan.
Baankaroota amaneen yaada koo jijjiire.
Varjiniin Stook Eekscheenjiittin baase. Sheerii
bitachuuf namoota gara kuma torbaatamaatu
kara mana poostaa bitate. Warri dafanii hin
binne qaamaan yeroo dheeraaf hiriiranii
bituuf dirqaman. Namoota hiriiranii turan irra
deemee akkan nutti amanuu isaaniif
galateeffadhe hin irraanfadhu. Wantoota akka
“Barana bashannanaaf hin deemnu; qarshii ol
kaa’anne hunda Varjinitti investii goone” fi
“Riichaard, sitti amannee as ol kaa’achuuf
murteessine” jedhan yeroon dhaga’u
baayyeen boone.
Sheerii keessaa gurguruu kootti kanan gaabbe
utuu badaa hin turini. Akkaataa itti biiznasiin
hojjetamu nan jibbe. Dur shirkoota koo wajjin
bidiruufaarratti wal arginee haasa’aa baandii
kam akka mallatteessisnu mari’anna turre.
Amma garuu boordii daarektarootaa
gaafachuun qaba. Baayyeen isaanii waa’ee
biiznasii muuziqaa homaa hin beekani. Sirbi
baayyee jaallatame halkan tokkotti miiliyoona
meeqa akka gashu hin beekani. Wal ga’ii
boordiif torbee afur eeguun dirqama. Yeroo
wal-geenyu sirbitoota sana kaampaanii biraan
nu dursee mallatteessee nu eega. Tokko tokko
immoo waan isaan jedhaan nama ajaa’iba.
Fakkeenyaaf: “Rooliing Stoonsiin
mallatteessuu? Haati manaa koo hin jaallattu.”
“Jaaneet Jaaksan? Eenyu isheenimmoo?”
Ani yeroo hunda kanan waa murteessu
daddafee sammuu koodhaan maria’dhee ture.
Gaafa sana garuu ofin dadhabse. Sana booda
akka nama of danda’aatti of ilaaluu hin
dandeenye. Galiin keenya dachaadhaan
dabalus sheeriin nu harkaa ba’e. Jireenya koo
keessatti yeroo duraaf diippreeshinii keessan
seene. Stookmaarkeetiin ni bu’e. Balleessaa
koo ta’uu baatus namoota sheerii bitatan
akkan yakketti natti dhaga’ame. Warra sheerii
bitatan keessaa kaan maatii, hiriyootaa fi
hojjettoota kooti. Baayyeen isaanii garuu
maatii akka warra qarshii ol kaa’atan hunda
nurratti investii godhaniiti. Eenyuun iyyuu
utuu hin mari’atin murtii mataa koorran ga’e.
Sheerii hunda isaanii qarshii dura itti bitaniinin
deebisee irraa bita. Hamma kana kaffaluun
narraa eegamuu baatus namoonni abdii natti
gatan miidhamuu isaanii mannaa jedheeni.
Paawundii miiliyoonni dhibbaaf saddetamii
lama kiisii koo keessaa ba’us maqaa koo fi
bilisummaa koof jechan godhe.
Guyyaa Varjin deebi’ee kaampaanii dhuunfaa
ta’e akka waanan afuuffeedhaan yookin
bidiruudhaan iddoo gaarii qubadhetti natti
dhaga’ame. Ba’aa guddaatu narraa bu’e.
Jireenya mataa koo irratti ofiin murteessuuttin
deebi’e.
Ofitti nan amana. Harka hojjetutti, sammuu
yaadutti, onnee jaallatutti nan amana.
6. Yeroo Ammaaf Jiraadhu
(Live the Moment)

Jireenya kee jaalladhuu gammadaa jiraadhu


Yeroo qabdutti gammadi
Jireenya kee taa’ii madaali
Sekondii hundatti fayyadami
Hin gaabbin

Barri isaa 1997 ture. Dorgommii afuuffee


qilleensa ho’aadhaan (hot air balloon)
addunyaa naanna’uutu gaggeeffamaa ture.
Anis dorgomaan ture. Ijoollee koof xalayaa
akkas jedhun barreesseefi. “Ijoollee koo,
jireenya keessatti waan ta’u hin beekani.
Nama har’a kolfee taphatutu bor du’ee
argama. Akkuma beektan ani jireenya koo
gaabbii malee jiraachuun fedha…”
Xalayicha kanan barreesse waan ta’u hin
beekan jedheeni. Bariidhaan Marraakeesh,
Moorookoodhaa baane. Sa’atii kudha lama
booda gaara Atlaasitti duunee akka hin badne
sodaanne. Namni gaafa du’uuf jedhu jireenya
isaa kana duraatu itti mul’ata jedhu. Anaaf kun
dhugaa hin turre. Wanti ani yaadaa ture kana
keessaa yoon lubbuudhaan oole lammaffaa
akkan kana deebi’ee hin goone dha. Halkan
guutuu afuuffee keenya ol kaasuuf yaalaa
turre. Lafti yeroo bari’u milkoofnee gara
gammoojjiitti geeffanne. Achii suuta jennee
rakkoo tokko malee qubachuu dandeenye.
Lafatti yeroo dhiyaannu aduun lafichatti yeroo
baatu ilaalee bareedina isaa dinqisiifachaan
ture. Guyyaa kana nan erga jedhee hin yaanne
ture. Wanti ani argu hundi natti bareede.
Aduun ba’aa jirtullee isa yeroo kaaniirraa adda
natti taate. Wanti itti dhama’an waan
salphaatti argatan caalaa akka mi’aa’u na
barsiise. Haala keessa jiranitti yeroo hunda
gammaduun akka malun irraa baradhe.
Afuuffee baayyee waanan jaalladhuuf kan
mataa koo tokko qaba. Afuuffee xiqqoo
baskeetii of jalaa qabdu dha. “Around The
World In 80 Days” fiilmii jedhurra ishee jirtu
fakkaatti. Yeroo baayyee maatii fi hiriyoota
koo ittiin fuudheen deema. Iddoon akkas
sammuu koof nagaa kennu hin jiru. Gaafan
ittiin balali’u uumamaa wajjin tokko akkan
ta’etu natti dhaga’ama. Namni bibilee na
jeequ hin jiru; namni na dhowwu hin jiru.
Bilisan ta’a. Magaalaa asii gadi ilaalta. Allaattii
wajjin balaliita; Joobira ija keessa ilaaluu
dandeessa.
Afuuffeedhaan balali’uun taa’ee jireenya koo
akkan madaalu na gargaareera. Lafa yeroon
jiru jireenyi koo fiigichaan kan guutame dha.
Yeroo tokko tokko yeroo mataa keenyaaf
qabaachuun barbaachisaa dha. Utuu homaa
hin hojjetin xiqqoo taa’uun gaarii dha. Yeroo
itti teenyee yaannu arganna. Sammuu keenyas
qaama keenyas ni haaressa. Yeroo baayyee
qurxummii-qabdoota ani Jaappaanitti arge
yaadatti na dhufu. Tattaafachuun uumamni
waan nuu kennite dha. Kan isaanii garuu adda
natti ta’e. Qurxummii qabanii maatii isaanii
sooruun isaaniif gahaa ture. Iimpaayera
qurxummii-qabdootaa ijaaruu hin barbaadani.
Hamman beekutti afuuffeedhaan Paasifikii
qaxxaamuruu yookis Eevarastiin yaabuun
dhimma isaanii miti. Guyyicha akka dhufetti
isa simatu. Kanaaf natti fakkaata kan
sammuun isaanii boqonnaa argatu.
Akkoon koo nama jireenya sirriitti jiraatte dha.
Umrii waggaa saddeettamii sagaliitti nama
qormaata daansii Laatinii sadarkaa dhumaa
darbe lammilee Ingiliz keessaa ishee hangafa
taate. Waggaa sagaltamatatti boolla golfii
takkaatti rukutuudhaan ishee hangafa taate.
Barachuus hin dhaabne. Umrii naannoo
sagaltamii shaniitti kitaaba Steefan Hookiing
“A Brief History of Time” jedhu dubbistee
fixxe. Namoota muraasa kitaabicha hamma
dhumaatti dubbisanii fixan keessaa tokko
taateetti jechuu dha. Umrii waggaa sagaltamii
sagaliitti uffata bishaan daakaa qofaan
bishaanirra Jamaayikaa deemteetti. Kunis du’a
ishee torban muraasa dura dha. Ilaalchi ishee
jireenya kana al tokkittii waan jiraannuuf
hamma qabnutti fayyadamuu ture.
Haadhaa fi abbaan koo amma umrin isaanii
saddeettama keessa dha. Akkuma akkoo koo
ammayyuu addunyaa waliin ga’aa jiru. Yeroon
adveencharii koo jalqabuu fi xumuru hunda
akka na jajjabeessanitti jiru. Yeroo anaafi Peer
afuuffeen keenya rakkinni mudatee
Kaanaadaatti badne nu barbaacha dhufaniiru.
Jireenyi isaanii fakkeenya naa ta’eera.
Bara 1999 keessa Afriikaa kibbaadhaa lafa
binnee mana bareedaa irratti ijaarre. Yeroo
baayyee yeroo maatii achitti waliin dabarsina.
Yeroon isaanii wajjin dabarsuu hammam mi’aa
akka ta’e waanan beekuuf guyyaa keessaa
daqiiqaa kudha shan qofan biiznasiif ramada.
Iimeeliis ta’e moobaayilii hin fayyadamu.
Biiroo wajjin wal-quunnamuuf qofa bilbila
saatalaayitiin fayyadama. Alaqoonni baayyeen
kan ofii isaanii guyyaatti saa’atii baayyee
biiroo keessatti dabarsan waa’een koo kun
isaan dhiba. “Akkamitti daqiiqaa kudha shan
qofa keessatti waan hunda fixuu dandeessa?”
jedhanii na gaafatu.
Deebiin koo salphaa dha. Yeroo ishee
qabanitti sirriitti fayyadamuu dha. Biiznasii
irrattis jireenya dhuunfaa irrattis kanuma.
Kana kanan jechuu danda’u garuu amma
ergan umriin koo deemee fi muuxannoo
horadhee dha. Haati manaan koo isheen
jalqabaa (Kriisten) bilbila haasa’uu waanan
baayyisuuf natti aarti turte. Hojii fi jireenya
dhuunfaa kee adda baasuu hin dandeessu
jettee na komatti. Rakkina kana kan fide tokko
mana taa’ee hojjechuu kooti. Bilbila kaasuu
dhiisuu gonkumaa hin danda’un ture; bilbilichi
immoo iyyuu dhiisee hin beeku. Callisee
dhiisuu utuun danda’ee natti tola ture; haa
ta’u malee tarii carraa biiznasii gaariitu na
darbaa jedhee waanan yaadda’uuf kaasuu hin
dhiisu.
Ammayyuu yeroon bashannana irra jirus
yaaduu hin dhiisu. Sammuun koo yaada
meeqa kuffisee dabarsa. Varjin kaampaanii
addunyaawaa waan ta’eef badaa rafuu hin
danda’u. Barsiifata gaarii ani qabu tokko
“catnapping” yookis takkaatti hirriba sa’atii
tokko yookin lamaaf rafee ka’uu danda’uu
dha. Barsiifata ani qabu keessaa inni baayyee
murteessaa dha. Fakkeenyaaaf yeroon Hoong
Koongii gara Chaayinaa deemu waan
hojjetamu waan hin jirreef baasii keessa nan
rafa. Sammuu koo haaressee ka’een sa’atii
dheeraaf walitti fufee hojjedha. Wiinstan
Charchilii fi Maargaareet Taachar
kaatnaappiingiidhaan beekamoo dha; anis
isaanumarraan baradhe.
Fakki-kaasaan biyya Ispeen Saalvaadoor
Daaliin amala addaa ittiin yeroo keessa jiru
dhandhamatu qaba ture. Yeroo haalli
jireenyaa ta’uufii didu biqiltoota isaa keessa
deema.

Gaabbiin akka firii darbattee gatte deebistee


barbaaduuti. Darbeera; si gaabbisiisuu garuu
itti fufeera. Utuu darbadhee hin gannee jettee
yaadda; deebistee barbaadda. Hamma
danda’ametti garuu gaabbii irraa of
qusachuun gaarii dha. Gaabbiin fuuldura kee
dhiistee dudduuba keetti akka ilaalatu si
godha.
Biiznasii keessatti mo’amuun gaddisiisaa dha.
Gaabbii qabaachuun garuu caalaatti nama
miidha. Takka takka wantoota gochuun nurra
hin jirre goona. Jalqaba dogoggora guddaa
ta’ee nutti mul’achuu danda’a; booda erga
turee deebitee gaafa ilaaltu garuu badaa akka
hin taane argita. Kan darbe darbeera; jijjiiruu
hin dandeessu. Kanaafuu dogoggora yoo
hojjettes gaabbiin bu’aa waan hin qabneef itti
dhiisuu wayya.
Kanaaaf fakkeenya kan ta’u tokko anaa fi
Kriistan boqonnaaf Meeksikoo yeroo deemne
waan nu mudate dha. Kriistan namni naa
bilbilee akka nun jeeqneef lafa bilbilli hin jirre
filatte. Deebi’uuf guyyaan lama qofti yeroo
nuu hafu qurxummii akka qabnuuf bidiruu
kireeffachuun yaale. Namicha qurxummii qabu
tokko borii isaa akka nu geessun gaafadhe.
Inni garuu qilleensi jabaan waan dhufuuf
jedhu fakkaata jedhee dide.
Qarshii akka daballuufiif jedhee diden se’e.
Deemuu baayyee waanan barbaadeef qarshiin
sii kennuuf ture dacha isaan sii kennan
jedheeni. Tuuristoonni lamas akkuma keenya
deemuu waan barbaadaniif dachaadhaan
kaffalani. Guyyaa gaarii dabarsine. Booda
garuu duukkanaa’aa dhufe. Qilleensi isaas
jabaachaa deeme; ni qorras. Manatti deemuuf
injinii yoo kaasuu yaalanis bidiruun keenya
achumatti naanna’uu malee fuulduratti
deemuu hin dandeenye. Humni qilleensaa
dabalaa deemee galaanicha raase. Bidiruun
keenya caccabee dhidhimuuf akka jedhu nan
bare.
Sa’atii tokko booda garuu qilleensi akka
duraatti deebi’e. Haalli isaa qabbanaa’aa
fakkaate. Ifa adda ta’etu mul’ate. Nuti hin
barre malee obomboleettii hamaa dha.
Dhiyaachaa gaafa dhufu obomboleettii ta’uu
isaa hubanne. Du’uu keenya dha jedheen
yaade. Kriistan bishaan daakaa hin gashitu
sababii ta’eef maayilii lamaaf daakeen jalaa
ba’a jette. Namoonni hundi maraattaniittu
nuun jedhanis namichi inni nu geese garuu
bishaanitti gaafa utaallu muka qabannu nuu
kenne. Shaarkiin akka nutti ba’ee nu hin
nyaanne sodaadheen ture. Sa’atii lamaaf
walitti aansinee daaknee qarqara galaanaatti
baane. Caffee keessaa baanee mandara yeroo
seennu gargaarsa gaafanne. Bidiruu guddaa
nuu kennani. Bidiruu isa duraa barbaacha
gaafa deebinu obomboleettiin cimaan nu
argatee achi nu deebise. Yeroo haalli
qilleensaa deebi’ee sirraa’u guyyaa lamaaf
walitti aansanii barbaadani. Achi-buuteen
isaanii hin beekamne.
Gaabbaa hafuu nan danda’an ture. Ani garuu
baayyee gaddus gaabbuu dhiiseen taa’ee
loojikiidhaan yaade. Rakkinni kan uumame
balleessaa koon miti. Rakkinni bidirucha irraa
ture. Bidiruun tokko gaafa dhidhimu
balleessaa imaltootaa utuu hin ta’in balleessaa
kaapteenii yookis abbaa qabeenyaa irraa kan
ka’e dha. Seenaan bidiruu bade sanaa kitaaba
koo waggaa muraasa booda maxxanfame
irratti ba’e. Deelii Meel waa’ee bidiruchaa
akka qo’atuuf gaazexessaa Meeksikootti
ergan. Bidiruchis, namoonni achirra turan
hundis fayyaa argamani. Qilleensi isaan
fudhatee maayilii baayyee fageessee isaan
gatee ture. Bidiruu isaanii suphuun yeroo itti
fudhateera; waan ittiin quunnamtii uuman
bilbila yookin reediyoo hin qabani. Nuyi erga
manatti gallee edaa isaan lafa duraatti
deebi’aniiru. Ani kana hin beeknen ture.
Waggoota hedduuf gaabbiidhaan jiraachuun
danda’an ture.
Yeroo hunda isa fuulduraa qofa yaaduun
akkuma booddee ofii ilaaluu lafa yaadne akka
hin geenye nu gochuu danda’a. Namoonni
tokko tokko isa fuulduraa malee hin yaadani;
waan amma qabanitti hin gammadani. Abdiin
isaanii waa’ee waa utuu hin dhama’in
argachuu dha. Fakkeenyaaf lootarii
fudhachuun ni danda’ama. Karoora
qabaachuun barbaachisaa dha; maallaqni
barbaachisaa dha. Haa ta’u malee kan
irraanfatamuu hin qabne maallaqni karaa ittiin
lafa yaadan ga’an malee ofii isaa lafa yaadan
ta’uu hin qabu. Wanti amma ta’aa jiru akkuma
isa gara fuulduraaf karoorfattee barbaachisaa
dha. Kanaafi diyaariin koo ji’a dursee
guutamus isa ammaas sirriitti kanan
jiraadhuuf.

7. Maatii fi Hiriyoota Keef


Iddoo Guddaa Laadhu

Maatii kee fi hiriyoota keef dursa kenni


Amanamaa ta’i
Rakkina hin sodaatin
Qarshiin ittiin hojjechuuf uumame
Namoota sirrii filadhu; gaarii kan
hojjetan badhaasi
Gaaf tokko galgalaan Jamaayikaa
yeroon ture Kiingstan irraa xiqqoo siqee
odola xiqqoo irratti bashannanaan ture.
Qarqara galaanaa mana dhugaatii
tokkorraa ala taa’ee biiraa dhugaa sirba
Boob Maarlee dhaggeeffachaan ture.
Gartuun allaattii bishaanii qurxummii
qabuuf galaana keessa seenu. Hundinuu
akka qooddatuuf gareedhaan hojjetu.
Maatiin keenya akkana ture. Varjinis
akka maatii guddaa dha. Har’a
hojjettoota 40,000 ol qabaannus
hundinuu akka maatiitti ilaalama.
Fedhiin gareedhaan hojjechuu kan na
keessatti uumame ijoollummaa koorraa
kaaseeti. Harmeen koo waan wajjin
hojjennu akka yaaltetti dha. Keessaa
ba’uu yoo yaalle ofittoo nuun jetti. Gaaf
tokko waldaa keessatti keessummaa
mana keenyaa bira taa’uu dhiiseen
hiriyaa koo Niik bira taa’e. Harmeen
baayyee aarte. Keessummaan hunda
dursuu qaba jette. Abbaa koodhaan
reebiin jette. Inni garuu na hin reebne.
Balbala cufee akka nama na kabaluu
harka isaa walitti rukute; anis waanan
boo’aa jirun fakkeesse. Abbaan koo
yeroo baayyee hojiif waan fagoo
deemuuf irra caalaa kan nu to’atu
harmee keenya ture. Lachuu isaaniiyyuu
garuu sirriitti na qabaniiru; har’as
akkuma sanatti jirra.
Namaa wajjin hiriyaa taatee waan irratti
walii hin galle utuu qabduu itti fufuu
dandeessa. Hiriyyummaa gaarii taanaan
wal-dhabiinsa keessa dabartee iyyuu
hiriyummaan itti fufuu dandeessa. Niik
barruu Istuudant irratti na faana
hojjechaa ture. Qarshii qabuu fi
to’achuu hin gashu. Galii keenya dur
saanduqa xiqqoo keessa keenya turre;
baasee akkaawuntii bankii banee kan
nuu gashe Niik ture. Mana lafa jalaa
keessaa baanee mana guddaatti akka
gallu kan godhes isa. Hundinuu haala
gaariin deemaa akka jirun amana ture.
Kanaafi gaaf tokko xalayaa Niik
hojjetootaaf barreesse deeskii koorratti
gaafan argu kanan na’e. Xalayichi anaan
maxxansaa irraa na kaasanii ofii isaanii
akka hojjetan kan gorsu ture. Niik utuu
hin beekini xalayicha deeskii koorra kan
kaa’e.
Baayyeen gadde. Haala jiru sirreessuuf
Niikiin ari’uu akkan qabun murteesse.
Qofaatti isa waameen “hojjetoonni kaan
waan ati karoorfatte akka hin jaallanne
dubbachaa jiru” jedheeni. Akka waanan
iccitii hunda beekuuttin fakkeesse.
Niik irrati baramuun isaa isa naasiseera.
“Hiriyummaan keenya itti fufuu qaba;
hojii kanarraa garuu si ari’uun qaba”
jedheen itti hime.
Niik “Riikii, dhiifama guddaa. Ta’uu qaba
jedhee waanan itti amanen godhe”
naan jedhe.
Niik hojicharraa ari’amus hiriyummaan
keenya garuu itti fufe. Yeroosi kanan
yeroo jalqabaaf namaa wajjin wal-lole.
Dafee waanan waliin mari’adheef garuu
miidhaan badaa utuu hin ga’in
hambisne. Kanarraa kanan baradhe waa
ukkaamsanii kaa’uurra ifa baasuun
gaarii akka ta’e dha. Wal-dhabdeen
hiriyoota gidduutti uumamu salphaatti
furamuu danda’a.
Istuudant guddachaama deeme.
Xalayaadhaan ajajamee bitamuu akka
danda’u goone. Qofaa koo hojjechuu
waanan hin dandeenyeef Niik deebi’ee
akka dhufun gaafadhe. Yoo deebi’e
sheerii parsantii afurtaman waadaa
galeefi. Niik xiiqii natti hin qabanne; ni
deebi’e. Gara duraa qarshiin nu hanqata
ture. Niik baasii xiqqeessuu fi warra liqii
nurraa qaban yeroo akka nuu kennan
amansiisuudhaan baayyee fayyade.
Niik “kaffaluu hin dadhabin malee
barfatanii kaffaluun rakkoo hin qabu”
jechuu jaallata.
Ajaja xalayaadhaan fudhachuu
jalqabuun keenya gabaa nuu dabale.
Haa ta’u malee Istuudant yeroo koo
harka caalaa na jalaa fudhachuun hin
oolle. Maallaqnis wantan yaadeef wal-
gahuu dide. Barruu Istuudant
kaampaanii guddaa IPC jedhamutti
gurguruun yaade. Eediitarii ta’ee akkan
itti fufu barbaadani; maal maal akkan
karoorfadhes na gaafatani. Yaada
baayyee waanan qabuuf ittin dhiyeesse.
Karoora gurguddaa koo gaafan itti hime
akka isaan dinqe hin shakku. Baankii
barattootaa, naayitkilabii fi hoteela
barattootaa banuu akkan yaaden itti
hime. Baaburaa fi eerlaayinii rakasa
banuu akkan yaade gaafan itti himu
maraatuu na se’uun isaanii hin oolle.
“Sii bilbilla” jedhanii na gaggeessani.
“Ati nuuf hin bilbilin nuun sii bilbillaatii.”
Karoorri koo Istuudantiif qabus kanaan
goolabame. Isa dhiisnee mana
muuziqaa banne. Kaampaaniin IPC utuu
yeroos yaada koo fudhataniiru ta’ee
maaltu ta’a kan jedhu yeroo baayyee
nan yaada. Silaa yoona Varjin utuu hin
ta’in isaantu eerlaayiniifi baabura
qabaata ta’a.
Itti aanee wanti nuti hojjenne mana
muuziqaa keenya muuziqaa gurguruu
qofa irratti bobba’ee ture istuudiyoo
sirba hojjetutti guddisuu dha. Iddoo itti
bashannanaa hojjetan akka ta’u ture
fedhiin koo. Bara 1970 keessa
istuudiyoon akka waajjiraatti hojjetu
turani. Sababa kanaaf baandiif hin
mijatani. Rook end Roolii ganama
sa’aatii sadiitti sirbuun nama hin
bashannansiisu. Kana malees baandiin
meeshaa muuziqaa hunda ofii isaanii
qabaachuutu irraa eegama ture.
Magaalaarraa fagaadheen mana guddaa
barbaade.
Beeksisa mana kaasilii paawundii kuma
lamaan gurguramuu gaafan arge ittin
gaggabe. Kumni lama mana akkanaaf
baayyee rakasa dha. Kaasilii mataa koo
qabaachuunis baayyee na hawwisiise.
Baandiin akka Za Biitilsiifaa, Rooliing
Istoonfaan achitti yeroo sirban natti
mul’ate. Abdiidhaan guutameen
manicha ilaaluuf Weelsiin deeme. Haala
nama gaddisiisuun manichi gurgurtaaf
dhiyaachuunsaa hafe. Ingilizitti deebi’aa
utuun jiruu beeksisa mana naannoo
Ooksfoord jiruun arge. Kaasilii ta’uu
baatus istuudiyoof ni ga’a.
Karaa dheeraa deemeen manicha
argadhe. Manicha akkuman argeenin
jaalladhe. Kutaa baayyee qaba. Za
Biitilsii fi Rooliing Istoonsiin takkaatti
keessummeessuu danda’a. Dafeen riil
isteet eejantiif bilbile.
“Paawundii kuma soddomii shan” naan
jedhe.
“Dhumni isaa meeqa?” jennaan dafee
kan gurguramu taanaan kuma soddoma
akka ta’e dubbate.
Eejantichi gatii rakasa argatte naan
jedhe. Tarii rakasa ta’uu danda’a;
paawundii kuma soddoma nama
qabuuf. Ani kanan itti yaadaa ture kuma
shanfaa ture. Gatiin isaa humna koo ol
ta’e. Haa ta’u malee istuudiyoon waan
na barbaachisuuf qarshii lafan fidee
fidee bituun yaale.
Jireenya koo keessatti yeroo jalqabaaf
suufii fi kophee pirootokolii eegeen
uffadhe. Kana kanan godhe baankiirraa
liqii fudhachuuf jecha. Booda akka natti
himanitti suufii uffadhee yeroo na
argani dha rakkoo keessa akkan jiru kan
baran. Sanadii biiznasoota koo kana
duraan itti argisiise. Haala baayyee
nama ajaa’ibuun paawundii kuma
digdama naa liqeessani. Kumni
digdamni bara 1971 keessa baayyee
guddaa ture. Hamma kana liqeeffadhee
hin beeku. Ofittin boone. Dur isan mana
barumsaatti bilbila peeyifooniidhaan
ispoonsarii argachuuf yaalaa turen
yaadadhe. Amma is duriirra baayyee
fooyya’eera. Ta’us kumni digdamni
gahaa hin turre.
Maatiin koo na gargaaru jedhee
abdadheen ture. Yoomiyyuu na cinaa
dhibanii hin beekani. Keessumaa yeroo
waan haaraa jalqaban akkam rakkisaa
akka ta’e beeku. Warri koo maqaa
anaafi obboleettii koodhaan maallaqa
hamma ta’e ni kaa’u turan. Umriin
keenya soddoma gaafa guutu 2500 nuuf
kennama. Kan koo ammuma dafanii
akka naa kennanin gaafadhe. Takkaatti
tole jedhani. Abbaan koo “ammayyuu
paawundiin 7500 si hanqata; eessaa
fidda?” jedhee na gaafate.
“Hin beeku” jedheen deebiseefi.
“Adaadaa kee wajjin laaqanarratti
haasa’i. Akka ati dhuftu ittin hima” naan
jedhe.
Adaadaa koo Jooyisiin laaqanan afeere.
Jooyis adaadaa koo ishee bishaan hin
daaktu jettee qarshii kudhan naa
qabsiistee turte dha. Abbaan koo
akkuma naan jedhe dursee bilbileeraafi.
Maal akkan yaade beekti. Qarshii dhalaa
wajjin deebi’u naa liqeessite. Galatoomi
jedhee gaafan itti afuursu akkas naan
jette: “Riikii, utuun hin barbaannee siin
liqeessun ture. Silas qarshiin maalif
fayyada? Ittiin hojjechuuf mitii?
Atimmoo akkam akka ati tattaafattu
beeka; qarshii koo kudhan mootee na
jalaa hin fudhanneeree?”
Jechi ishee yeroon manicha bituuf
deemu illee sammuu koo keessaa hin
badne. Qarshiin kan fayyadu ittiin
hojjechuufi. Yeroosis kanuman amanan
ture; ammas akkasuma. Warra koof
malee silaa furtuun manichaa harka koo
akka hin galle beeka. Wantin yeroos hin
beekne garuu Jooyis qarshii irraa hafaa
akka hin qabne dha. Edaa isheen
guddaa waan natti amantuuf moorgeejii
manaa irraa liqeeffattee naa kennite.
Manicha bitee waggaa kudha sadii
booda eerlaayinii mataa koon dhaabe.
Eerlaayinicha kan eebbisne firootaa fi
hiriyoota koo hundaa wajjin ittiin
Niiwuyoorkitti balaliineetu. Fuula maatii
koorraa gammachuu guddaatu ifa ture;
naan boonani. Ani immoo kan addanaan
na gaa’e isaan taa’uu yaadaan deeme.
Yoomiyyuu dandeettii namootaa
kabajuu akka qabnu baradheera. Nama
tokko waan tokko akka hojjetuuf yeroo
qaxartu yaada biraa yoo qabaate yookin
waan biraa hojjechuu yoo fedhe akka
hojjetu godhi. Kanaafi karaarrattis,
xiyyaara keessattis, baaburarrattis
namoota gorsa kanan gaafadhu. Yeroo
tokko tokko kara-deemaatu abbaa
biiznasii caalaa beeka. Keen Beeriin
nama kanaaf fakkeenya gaarii ta’u dha.
Keen mana muuziqaa keenya keessatti
daldalaa ture. Hojiin isaa inni sirriin mi’a
darbu mirkaneessuu ture; suuta suuta
garuu waan baayyee hojjechuutti ka’e.
Waa’ee dhimma kamiiyyuu baruu
gaafan barbaadu isan gaafadha. Waan
inni wallaale tokko hin jiru. Har’a
namoonni guugil yookis yaahuu gaafatu;
nuyi Keeniin gaafanna turre.
Amala isaa keessaa hunda caalaa kanan
jaalladhu waan lama ture: Tokkoffaan
namootaa wajjin baayyee waliigaluu
isaa yoo ta’u, lammaffaan immoo of
jajuu waan jedhamu beekuu dhiisuu
isaati. Namoota bebbeekamoo wajjinis
ta’e abukaatota, hunda faana walii
galuu danda’a. Koontraata mijeessuu
irra akka hojjetu goone. Daldalaa ta’ee
itti fufuun dandeettii isaa qisaasessuu
ta’ee waan nutti mul’ateef garee
keenyatti daballeeni. Hojii-gaggeessaa
Varjin muuzikii gooneeni; booda immoo
kan EMI ta’e.
Gorsa Keen kanan fudhadhu yeroo mara
hin turre. Gaaf tokko yeroo maallaqni
nu hanqataa ture walga’ii ariifachiisaan
waame. Yeroo sana sirboota keenya
keessaa hunda caalaa galii kan gashe
sirba Maayik Ooldfiild “Tubular Bells”
ture. Waan hunda kan hojjennnu qarshii
isarraa argameen ture. Koontraatni
Maayikii wajjin qabnu yeroo dhumu
deebi’ee nuuf mallatteessuuf qarshii
dabalataa gaafate. Dhugaa jiru ifattin itti
hime. Galiin kaampaanichaa galii
dhuunfaa isaa gadi akka ta’en itti hime.
“Maalif?” jedhee na gaafate.
Baandiin keenya baayyeen isaanii galii
homaa gashaa akka hin jirren itti hime.
“Hundinuu anarraa argatu
jechuudhaa?” jedhe.
“Eeyyee” jedheen deebiseefi. Baandii
hamma kana danda’uu isaatti ni
gammada jedheen yaade.
Inni garuu itti tolaa hin turre. “Qarshii
argamu waan waa’ee hin baafnetti
baasuufii kanati kaffaltii kee hin dabalu
jettu?” naan jedhe.
Walga’icha irratti kaampaaniin keenya
nama tokkittiirratti akka hundaa’ee jirun
dubbadhe. Baandii fi sirbitoota baayyee
mallatteessisuu qabnan jedhe. Sirboota
jaallatamoo biraa yoo arganne nama
tokkorratti qofa hin hundoofnu;
kaampaaniin keenyas ni guddata.
Keen Beeriin baandii hunda isaanii
gaggeessinee Maayik Ooldfiildiin qofa
hambisuu akka qabnu dubbate.
Maayikii wajjin itti fufnee maallaqa akka
argachuu dandeenyu beeka; kan na
yaaddesse garuu kanaan itti fufnaan
kaampaanii xiqqoo taanee hafuu keenya
dha. Isumaammoo sirbi Maayik
fudhatama dhabaa deemnaan kasaaruu
keenya. Dafnee baandii cimaa argachuu
akka qabnun Keenitti hime.
Qarshii qusachuuf jecha wanti nuun hin
taane hin jiru. Konkolaattota ni
gurgurre; swiimiing puulii keenya ni
cufne. Warrin amma eere warra nuuf
salphaa turani dha. Inni cimaan
artiistotaa fi hojjettoota baayyee wajjin
gargar ba’uu keenya. Jiraachuuf jecha
garuu ni dirqamne. Kan milkoofne Seeks
Piistilsii yeroo mallaatteessine dha.
Seeks Piistils baandii jalqaba aadaa
Pankii keessaa harkaa qabani dha.
Mudaannon na dhibu tokko waa’ee
Deev Beedfoord dha. Sirboota gaggaarii
barreessa. Haa ta’u malee hanqina
maallaqaaf jennee isaa wajjinis gargar
bahuuf dirqamne. Yeroon kana itti himu
xalayaa barreessee nan hubadha,
rakkoo hin qabu naan jedhe. Xalayaa
dheeraa fi gaarummaan guutame ture.
Beedfoord Maayik Ooldfiildiifis xalayaa
barreesse; xalayichi jalqabaa hamma
dhumaatti kan na arrabsu dha. Akka
carraa ta’ee garuu poostaa wal-jijjiiree
keessa kaa’e.
Namoonni baayyeen akkamitti hojiirraa
yeroo dheeraaf fagaattee adveenchariif
deemta naan jedhu.Deebiin koo
namoota gaarii filattee jennaan itti
gattee deemuu dandeessaa dha. Ati
iddoo biraa deemtus hojiin sirriitti akka
hojjetamu beekta. Bara 1887 keessa
waraana EMI bituuf taasifamu dafee
xumuruun dirqama natti ta’e. Peerii
wajjin Atlaantikii afuuffeedhaan
balaliinee qaxxaamuruuf wal-
beellamneerra. Haalli qilleensaas
mijataa ture. Xiqqoo turree jennaan
booda jijjiiramuu danda’a. Hojjettoota
gaarii waanan qabuuf itti dhiiseen
deeme. Haa ta’u malee, deebi’uu
dhiisuu waanan danda’uuf ni eegani.
Obomboleettiin bara sanaa abjuu Ii
Emm Aayii (EMI) bituu keenya
barbadeesse. Istook Maarkeetiin kufee
gatii sheerii keenyaa hir’ise. Baankonni
deebinee kan milkoofnu waan itti hin
fakkaanneef liqii nu dhowwatani. Kan
nama dhibu yeroon eerlaayinii koo
ooshuuf tattaafachaa ture Varjin
muuzikii II Emm Aayiitti paawundii
miiliyoona walakkaan gurguruuf
dirqameera. Anaaf guyyaan sun guyyaa
baayyee gaddisiisaa ture. Biiznasii
keessatti waan akkanaa hin oolu.
Filannoo cimaan nama mudata.
Eerlaayinichi hojii yoo dhaabe namoota
dhibba meeqatu hojiidhaa ala ta’a.
Paawundii miiliyoonni walakkaan sun
yeroo dheeraaf yaaddoo malee
hojjechuu nu dandeessise; biiznasii
haaraa jalqabuufis maallaqni na ga’e.
Varjin muuzikiinis hojii hin dhaabne.
Hojjettoonni koo durii anaa wajjin ta’uu
baatus hojii isaaniidhaan itti fufuu
danda’uun isaanii anaaf mo’icha.
Hunda caalaa maalitti amanta gaaffiin
jedhu yoo naa dhiyaate deebiin koo
“maatiitti” kan jedhu dha. Maatiitti
baayyeen amana. Maatiin takka takka
gargar akka faffaca’an beeka; ana mataa
koo na quunnameera. Maatii kan hin
qabne akka jiran nan beeka. Haa ta’u
malee hiriyoonni walitti dhiyoonis
akkuma maatiiti. Of akkan danda’u
ijoollummaadhaa kaasanii na barsiisanis
maatii fi hiriyoota koo malee jiraachuu
akkan hin dandeenye beeka.
8. Namootaaf Ulfina Kenni

Namoota kabaji
Waan sirrii hojjedhu
Maqaa gaarii qabaadhu
Haqaan hojjedhu

Gidduun reef varjin muuzikii dhaabe


tokko daldaltoota Jaappaanii wajjin
haasa’een ture. Dargaggeessa surree
jiinsii fi shurraabii uffate kan homaa hin
qabne tokko akka isaan itti kabajan hin
irraanfadhu. Ijaa fi gurra ofii banaa
gochuu fi nama kabajuun akkam
barbaachisaa akka ta’e na barsiisani.
Nama si dhaga’u yookin si argu hin
beektu inni jedhan dhuguma dha.
Namoonni ni haasa’u. Hamiin ati
namoota hamattu dhaga’amuu danda’a.
Kun anaanis waan na quunname dha.
Gaaf tokko walga’iif natti guyya’ee
ariifachaan ture. Waraqaa muraasa
fuudheen utaalee taaksii seene.
Shufeerichi natti odeessuutti ka’e.
“Ahaa, si beeka; Riichaard Braansan
mitii ati, abbaa kaampaanii muuziqaa?”
jedhee naa gaafate.
“Sirrii dha” jedheen mirkaneesseefi.
“Guyyaa akkam namatti tolu dha?
Riichaard Braansantu taaksii koo
yaabbate” jedhe.
Walga’ii utuu hin seenin faayilootan
dubbisuu barbaade waan jiraniif
shufeerichi utuu calliseen hawwe. Inni
garuu callisuu dide. Guyyaa guyyaa
taaksii akka oofu, galgala immoo baandii
isaanii keessaa draamarii akka taa’e
natti hime. Sirba isaa akkan
dhaggeeffadhu na gaafate. Nan
gaddeefi; namoonni baayyeen sirbituu
beekamaa ta’uu barbaacha sirba isaanii
naa banu.
Qaanessuunii hin barbaanne. Tole naa
banin jedheeni.
“Lakki, baayyee dadhabdee waan jirtu
fakkaatta; manni harmee koo naannoo
kana dha. Utuu si argitee ni gammaddi.
Deemnee shaayii haa dhugnu” naan
jedhe.
“Lakki, natti guyya’eera” jedhee utuun
afaanii hin fixin “hin ta’u; shaayii
dhuguu qabda” naan jedhe.
Waanan godhu dhabee “tole,
galatoomi” jedheen.
Mana harmee isaa bira gaafa geenyu
sirba isaa na dhageessisuuf kaasettii isaa
gashe. Sagalee isaa ispiikariidhaanan
dhaga’e ”natti dhaga’ama; har’a
qilleensarra kan oolu…”. Barcuma
isaarraa utaalee bu’ee balbala
konkolaataa naa bane. Shufeerichi Fiil
Kooliins ture. Baayyee natti kolfe.
Praankii na godhe jechuudha.
Qophii “The Rebel Billionaire” yeroon
qopheessaa ture hojii Fiil kana koppii
godheera. Shufeerii dulloomaa
fakkaadheen dorgomtoota gara lafa
dorgommichaatti geessaa ture. Gurra
qeenseen waan isaan jedhan
dhaggeeffadha. Jaarsa dulloomaa
danda’ee shaanxaa hin baanne akkam
akka isaan godhan nan ilaale. Amala
isaanii kanarraan babbare.
Kabaja jechuun akkaataa itti nama
hundaa wajjin taatu malee warra itti of
agarsiisuu barbaaddu qofa miti.
Jaappaanonni kaampaanii isaaniif
waggaa dhibba lama boodaaf iyyuu ni
karoorfatu. Amma isa ammaa bu’aa
argachuu hin fedhani. Suuta jedhanii
bu’aa dhaabbataa argachuu jaallatu. Bar
tokko varjin muuzikiif shirkii nama naa
ta’u barbaadaan ture. Ameerikaanota
baayyee wajjin haasofne. Investii
gochuu kan barbaadan baayyee dha;
haa ta’u malee hojmaata
kaampaanichaa to’achuu barbaadu.
Akkaataa hojii keenyaaf waan hin
mijanneef shirkii hojmaata keessa hin
galle barbaanne. Daldalaa Jaappaan kan
waggaa lama sadii dura na kunuunsen
yaadadhe; kanaaf fuula keenya dhihatti
naannessine. Daldalaa Jaappaan nu
faana hojjechuuf dhufe maal akka
yaaden gaafadheeni. “Obbo Braansan,
niitii Jaappaan moo Ameerikaa
barbaadda?. Niitiin Ameerikaa rakkistuu
dha; niitiin Jaappaan callistuu fi
bayeettii dha.”
Bayeettii fi callistuu jechuun dadhabduu
jechuu miti. Yaanni isaa waan natti
toleef wajjin hojjenne.
Jireenya koorraa barumsa guddaa kanan
argadhe tokko yeroon waan seeraa alaa
hojjedhe dha. Qabameen adabame. Ani
yeroos paayireetii hiippii ta’uu koo ture.
Gowwummaa koon akka gootummaatti
yaade. Riiskii hin taanen fudhadhe.
Bara kudha sagal torbaataman keessa
hundi keenya hiippii turre; seera cabsuu
akka waan gaaritti yaanna.Muudiin
yeroos jiru “isaanii fi nuyi” qofa.
Reediyoon buufata paayireetii bakka
biraadhaa biyyatti tamsaasa. Qorichi
akka garaati. Wanti ani hojjedhes yeroo
sanatti guddaa ta’ee natti hin mul’anne
ture. Arfaasaa bara 1971 keessan akka
tasaa eegale. Varjin muuziqaaa
gaggaarii gatii rakasaan gurguruudhaan
beekama ture. Gaaf tokko ajajni
baayyee guddaan Beeljiyem irraa nuu
dhufe. Beeljiyemitti ekspoortii yoo
goote gibira kaffaluun sirra hin jiraatu;
kanaafuu muuziqaawwan
kaampaanotarraa biteen konkolaataa
lafa dooniitti geessu kireeffadhe.
Karoorri koo dooniidhaan Faransaayiin
deemee isa booda konkolaataadhaan
Beeljiyemiin deemuu dha. Faransaayitti
gibirri akka kaffalamuu qabu hin barren
ture.
Doovaritti warri mi’a dabarsan baayyina
kaasettii ani baadhee jiru ilaalanii
chaappaa itti rukutani. Faransaayiin
yeroon seenu asitti akka hin gurgurre
nuu mirkaneessi naan jedhani.
Beeljiyemitti akkan darbaa jirun
waraqaa itti agarsiise. Na didani;
boondid istookii waan qabduuf gibira
kaffaluu qabda naan jedhani.
Hamman danda’e falmee gaafan
dadhabu bidiruudhaanin Doovaritti
deebi’e. Yeroon koo lafatti baduu fi
carraan gaariin na miliquu isaattin aare.
Landanitti deebi’aa utuun jiruu yaadni
tokko naa dhufe; kaasettota gibirri itti hi
kaffalamne konkolaataa tokko guutuu
akkan qabun yaadadhe. Chaappaa
warra mi’a dabarsaniis qaba. Kara mana
poostaa yookin suuqii varjin riikardsii
keessatti gurguree paawundii kuma
shanii ol buufachuufin karoorfadhe.
Seeraa ala ta’us ani waan badaatti hin
lakkoofnen ture. Yeroo sana Varjin liqii
baankii paawundii kuma kudha shantu
irra ture. Carraan na faana jirtin se’e.
Seera cabsee utuu hin adabamin si’a
baayyee darbeera; ammas akkanuma
ta’a jedheen yaade. Kan na qabsiise na
ga’a jechuu dadhabuu kooti. Kaasettii
konkolaataa tokko qofa gurguree hin
dhiisne; si’a afurin Faransaayiin deemee
deebi’e. Akka nama eekspoortii godhuu
fakkaadheen gowwoomfachaa ture. Si’a
afuraffaaf yeroon deebi’u immoo
bidiruudhaan iyyuu hin turre. Chaappaa
akka itti naa godhaniin ofirra
naanna’een Deevaritti deebi’e. Utuun
hin qabamne ta’ee akkana gochaan
hafan ture. Baayyee natti salphate. Ani
hin barre malee edaa akkan yaade
salphaa hin turre. Hordofamaan ture.
Nu sakatta’uuf akka jedhanin namarraa
dhaga’e. Kaasettii hunda isaa dhoksuuf
halkan tokko qofa qabna turre.
Magaazina keenya keessaa baasne;
suuqii garuu ni sakatta’u hin seene.
Yeroo isaan magaazina sakatta’aa turan
garaa kootti itti kolfaan ture. Ani hin
barre malee isaan yommusuma suuqota
keenyas sakatta’aa turani. Mana hidhaa
yeroon galu baayyeen na’e.
Amanee fudhachuun natti cime. Nan
hidhama jedhee yaadee hin beeku.
Booda paayireetii hiippii akkan hin
taanen bare. Dhimmi isaa dhimma
salphaa miti. Waan daarektarri mana
barumsaa naan jedhee turen yaadadhe:
“Braansan, akka tilmaama kootti yookin
hidhaa galta; yookin miiliyeenara taata.”
Mana hidhaan gale malee miiliyeenara
hin taanen ture. Warri koo
ijoollummaaadhaa kaasanii maqaa
gaarii qabaachuun barbaachisaa akka
ta’e natti himaa na guddisani. Hammam
sooressa taatus namoonni sin amanan
taanaan faayidaa hin qabu. Mana
hidhaa keessatti firaashii gogaarra ciisee
lammaffaa waan akkasii akkan hin
hojjennen waadaa ofii seene. Waan
qajeelaa qofan hojjedha.
Ganama harmeen koo na deggeruuf
dhufte. Qarshii ittiin abukaatoo seeraa
bitadhu waanan hin qabneef abukaatoo
mootummaafin dirqame. Abbaan
seeraa akkas taanaan waasii akkan hin
arganne natti hime. Qarshii waasiidhaan
ittiin bahuu danda’u paawundii kuma
soddoma natti murteesse. Qarshii
hamma kana lafan fidu hin qabu.
Harmeen koo mana jireenyaa ishee
qabsiistee waasii naa taate. Amantii
isheen narraa qabdu garaa na raase.
Mana murtii keessatti fagootti wal-
ilaallee boonye.
Landanitti deebi’aa utuu jirruu jecha
isheen naan jettee yoomiyyuu hin
irraanfadhu. “Riikii, kanarraa barumsa
argatteetta. Isa darbe gaabbitee hin
boo’in. Amma waa’ee isa fuulduraa
yaaduu qabna.”
Warri mi’a dabarsan mana murtii na
geessuurra dhimmicha alatti akka fixnu
waliigalle. Qarshiin seeraa ala argadhe
dacha sadii na kaffalsiisani. Kuma
afurtamii shan jechuu dha. Waggaatti
kuma kudha shan shan kaffaltee waggaa
sadiitti ofirraa fixuu dandeessa naan
jedhani. Ani kanatti hin aarre. Seera
waanan cabseef kun adabbii argachuun
naaf malu dha. Erga yeroo sanaatii hojii
seeraan alaa keessa akkan hin galle
sirriittan of eeggadha.
Erga gaafa sanaatii karoora koo fiixaan
baasuuf hammam kutataa akkan ta’e
yeroo na gaafatan deebiin koo tokkuma.
Seera caabsuu hin barbaadu; kanaafuu
yeroo yeroottin karoorri koo seeraa ala
akka hin taane mirkaneessa.
Reefuu biiznasii jalqabda ta’ee gorsa
yoo na gaafatte “Seeraa ala hin hojjetin.
Waliin hin dha’in; seeraan mo’uuf
tattaafadhu” jedheen si gorsa. Biiznasii
qofa utuu hin ta’in jireenya dhuunfaa
keettis akkasuma gochuu qabda.
Ejjennoon koo “Wanta galgala hirriba si
dhorku hin hojjetin” kan jedhu dha.
Seera nama baasu dha.
9. Gaarummaa Hojjedhu

Xiqqoollee haa taatu addunyaa kanaaf


jijjiirama fidi
Namoota gargaari
Miidhaa hin geessisin
Namoota gargaaruu akkamitti akka
dandeeessu yaadi

Maatiin koo addunyaa kana jijjiiruu eenyuyyuu


akka danda’u na amansiisaa na guddisani.
Haala dandeenyu maraan namoota biroo
gargaaruu akka qabnu nan amana.
Daayireektarri mana barumsaa koo akkaataa
ittiin manni barumsichaa fooyya’u riippoortii
dheeraa yeroon barreesse akka inni
ajaa’ibsiifate nan yaadadha. Riippoorticha
akkas jedheen xumure: “Kanarratti ilaalcha
kee utuu naa ibsitee nan jaalladha; qarshiin
bifa kanaan qusatame karoora koo isa itti
aanuuf ooluu danda’a.”
Daayireektarichi natti hin kolfine yookis nan
reebne. Riippoortii koo jajee naa deebise.
Barruu barataa irratti maxxansi jedhee na
gorse. Ani garuu barumsa itti dhiiseen barruu
mataa koo eegale. Barruu sana fayyadamee
jijjiirama uumuun barbaade. Anaa fi
obboleettiin koo Liindiin barruu keenya
karaarraatti gurguraa utuu jirruu kadhataan
tokko dhufee qarshii na gaafate. Qarshii
homaa yoon qabaachuu baadhes fedhiin nama
gargaaruu koo guddaa waan tureef uffata koo
ofirraa baaseen kenneefi. Guyyicha birdi libsii
haguuggadhee dabarsuuf yoon dirqames
baayyeen ofitti boone.
Karaan ittiin namoota gargaaraa turre tokko
barruu istuudant keessa kutaa gorsaa
dhaabuudhaani. Barattoonni waa’ee waan
barbaadanii gorsa nu gaafatu turan. Harka
caalaan garuu kan nu gaafatan waa’ee seeksii
ture. Yeroo sanatti lafti gorsa akkanaa argatan
kan biraan hin turre. Gorsi keenya baayyee
milka’aa waan tureef ammayyuu waggaa 35
booda illee hin dhaabanne.
Waggoota itti aanan kaampaanii Varjin
dhaabuurrattin xiyyeeffadhee hojjechaa ture.
Maallaqa argachuun baayyee na
gammachiisus kaayyoo koo isa jalqabaa miti.
Cimee hojjechuun jaalladha. Namichi IKEA
dhaabe yeroo isaa daqiiqaa kudhan kudhanitti
hiree itti fayyadama. Daqiiqaan tokkollee hin
gubattu. Yeroo keetti sirriitti fayyadamuuf
yeroo hunda ariifachuun barbaachisaa miti.
Biil Geets, namni addunyaa kanarraa hunda
caalaa maallaqa gargaarsaaf kennuun
beekamu hojjettoonni isaa sammuun isaanii
hamma hojjetetti yoo barbaadan sa’atii lamaaf
callisanii samii ol ilaaluudhaan dabarsuu akka
danda’an dubbata. Albart Anistaayin tiyoorii
riletiiviitii kan argate sammuu isaa keessatti
utuu waraqaa yookis qalama hin fayyadamini.
Namoonni maallaqni madda hamminaa akka
ta’e dubbatu. Akkas ta’uu hin qabu. Maallaqni
waan gaariif ooluu ni danda’a. Dhaabbileen
gargaarsaa gurguddoo baayyeen
sooressootaan jalqabamani; tokko tokko
garuu waanuma xiqqoodhaan eegalamani.
Haarvaard, koolleejjiin sooressi Ameerikaa
gargaarsaan jalqabe. Kitaaba muraasaa fi
paawundii 350 qofaan eegale. IKEA’n kan
jalqabe mana jalatti. Kaampaaniin inni irraa
madde kan jalqabe gargaarsaani. Abbaan Biig
Maak burcuqqoo waraqaa gurgura ture.
Yeroon gubachuu hin qabu jedhee nama
amanu dha. Tarii yaadni Maakdoonaald kan
dhufeef dulluma keessa waggaa shantamii
lamatti waan ta’eef ariifata fakkaaata.
Kaampaaniin isaa amma waggaa waggaatti
qarshii miiliyoona shantama gargaarsaaf
kenna.
Kanaafuu qarshiin waan gaariif ni oola
jechuudha. Waan gaarii hojjechuuf dirqama
qarshiin barbaachisaadha jechuu garuu miti.
Ijoollee xiqqoon waraqaa meetii fi xaasaa
kokaa kollaa funaananii galii isaa gargaarsaaf
oolchu turani. Har’a immoo fiigicha
gargaarsaa fiigu yookis laayiveeyidii tumsu.
Namoota gargaaruuf karaa hedduutu jiru.
Karaan salphaan tokko namoota miidhuurraa
of qusachuudha; baasii homaa hin gaafatu.
Umriin koo waggaa afurtama yeroo guutu
jireenyi koo haala gaariirra hin turre. Briitish
Eeyirweeyisii wajjin waraanarra turre. “Best
Business Class Airplane of The Year”
jedhamnee filatamnus maallaqni nu hanqatee
rakkachuurraa nu hin oolchine. Varjin muuzik
sirboota gaggaarii gadhiisaa utuu hin jiraannee
caalaatti rakkanna turre. Saayiman,
gaggeessaan Varjin muuzik fedhii dhabaa
dhufe; sababni isaas eerlaayinichi nu kasaarsa
jedhee waan amaneefi. Taa’een waa’ee
jireenya koo yaade. “Waan haaraa jalqabu
moo jireenya koo guutummaatti jijjiiru?”
jedheen of gaafadhe. Dubbisuutti badaa ta’uu
yoon baadhes yeroo dheeraa itti dubbisuu
danda’u qabaachuun fedhe.
Jowaanitti koolleejjii seenee barumsa
seenaadhaan digirii argachuu akkan
barbaadun itti hime. ‘Barumsa utuu hin ta’in
durboota babbareedoo feeteetu’ naan jette.
Tarii Jowaan sirrii jette ta’a jedheen yaade.
Kanaafuu ofii koof waanan hojjedhu dhiiseen
namoota biroof waanan hojjedhu yaaduun
jalqabe. Siyaasa keessa galuun yaade.
Dandeettii biiznaasii koo waan gaarii
(fakkeenyaaf Kaampaanota tamboo oomishan
mormuu) ittiin hojjechuufan yaade. Qorannoo
qoricha kaansarii argachuuf taasifamu
gargaaruu, namoota mana hin qabne
gargaaruus nan yaade. Nama barbaachisaa
akkan ta’e akka natti dhaga’amu kan godhan
wantoota hedduutu jiru. Anis kanan filadhe.
Yeroo yerootti jireenya keenya teenyee
madaaluu qabna jedheen amana. ‘Kaayyoon
koo galma ga’eeraa?’ jennee of gaafachuu
qabna. Wanti nun barbaachisne yoo jiraate
ilaallee gatuu qabna. Kanan haasa’u waa’ee
kophee yookis barcuma moofaa gatuu miti.
Amala gadhee fi dhibaa’inaa milkaa’uu nu
dhowwan baasnee gatuu qabna.
Durbiin koo Piitar Iskoot lafa horsiisa
simbirroo qaba. Simbirroonni akka dhufaniif
mana koo biratti haroo xiqqoo qabaachuu
akkan qabu yeroon itti himu dhufee na gorse.
Lafa qoteen bakka simbirroonni jiraatan
mijeesseefi. Simbirroo gosa baayyeen dhufanii
jiraachuu eegalani. Iddoo baayyee callisaa
waan ta’eef kophaa koo ta’ee yaaduu yeroon
barbaadu achi deema. Yeroo baayyee
namootaa wajjin dabarsuu yoon jaalladhes
takka takka garuu kophaa ta’uun na
barbaachisa.
Yeroon eerlayinii koo ooshuuf yaalaa ture
anaaf yeroo rakkisaa ture. Murtii cimaatu
narraa eegama ture. Baankiitti Varjin Muuzik
biiliyoona walakkaa akka baasu yeroon itti
himu gurguree liqii isaan eerlaayiniif naa
liqeessan akkan deebisu barbaadani. Filannoo
laman qaba: eerlaayinicha cufuu yookin varjin
muuzik gurguruu. Raakkinni jiru lachuuyyuu
ooshuun danda’a jedhee yaaduu koo ture.
Baankiin na hubatu jedheen yaade. Hamma
varjin muuzik sirriitti hojjjetetti waan isaan
yaaddessu hin jirun se’e. Isaan garuu riiskii
waan sodaataniif akkan yaadetti hin yaanne.
Varjin muuzikii gurguruu diddee jennaan
qarshii keenya deebifanna jedhanii na
akeekkachiisani. Waanan godhun wallaale.
Varjin muuzikii baayyeen jaalladha; gatiin isaas
caalaatti dabalaa akka deemu beeka. Baandii
Rooliing Istoons reefuma mallatteesisne turre;
kaampaanicha yoon cufe akkan isaaniifi
sirbitoota biroo miidhu natti dhaga’ame.
Waanan godhu wallaalee callisee bokkaa
keessa asiii fi achi deeme.
Utuun haala kanaan jiruu Hagayya 1990 Iraaq
Kuweetiin weerarte. Godaantonni 150,000
Joordaaniin akka seenanin dhaga’e. Kiing
Huseenii fi Kuwiin Nuur hiriyoota koo turaan.
Kuwiin Nuur dubartii bareedduu Arkiteeektii
turte dha. Kiing Huseenii wajjin kan wal baran
yeroo isheen eerlaayinii Joordaan keessa
hojjettu dha. Afuuffeedhaan yeroon balali’u
televizyiniidhaan na argitee maatii ishee akkan
barsiisu na gaafachuuf naa bilbilte.
Mana isaanii deemeen maatii ishee wal bare.
Isaanis akkuma ishee namoota baayyee
namatti tolani dha. Magaalaa guddittiirra
balali’aa daawwanne. Ummanni kan balali’aa
jiru Kuwiin Nuurii fi Kiing Jordaan ta’uu yeroo
baran duukaa fiiganii wacan. Mootichaaf
yerichi yeroo rakkisaa ture. Isa ajjeeseuuf
yaalii baayyeetu taasifamee ture. Sababa
kanaaf yeroo hunda eegdotaan eegama ture.
Yeroo baalaliinu garuu eegdota malee waan
ta’eef mootichaaf yeroo walabummaa ta’e.
Saadaam Huseen Kuweetiin yeroo weerare
godaantoti kumaatamni daangaa yeroo ce’an
televizyiniidhaanan arge. Kiing Huseeniifi
Kuwiin Nuuriif bilbileen karaa kam tumsuu
akkan danda’u gaafadhe. Kuwiin Nuur ilaaleen
sitti hima naan jette. Booda bilbiltee birdilibsii
fiduu akkan danda’u na gaafatte.
Gammoojjichi guyyaa baayyee guba;
galgalammoo baayyee qorra. Birdilibsii guyyaa
gaaddisaaf, galgalammoo ho’a kennuuf akka
ta’an goona jette.
“Ijoollee xixiqqoon du’aa jiru” jette.
Birdilibsii meeqa akka barbaachisun gaafadhe.
Kuma dhibba tokkotu barbaachisa jette.
“Guyyaa lama sadii caalaa hin qabnu. Kanaa
achi guyyaa guyyaatti dhibba meeqatu du’a.
Daddafi!” naan jette.
Hojjetoonni eerlaayinii Varjin gargaarsaaf
hojjechuu jalqabani. Guyyaa lama booda
jeettiin keenya birdilibsii 40,000, ruuzii toonii
hedduu fi meeshaa meedikaalii qabatee
Joordaaniin deeme. Yeroo deebinu lammilee
Ingiliz akka itti deebi’an dhabanii achi turan
fuunee deebine. Ingilizitti yeroon deebi’u
abbaan Biriitish Eerweeyis aaree akka gubate
natti himani. Nuun maalif hin gaafatamne
jedheetu kan aare. Nu dura gaafatamee akka
ture isa yaadachiisani. Kiristiyaan Eeyid gaafa
isa gaafatan illee tole hin jenne ture. Booda
garuu birdilibsii hedduu Joordaanitti erge.
Fakkeenya gaarii ta’uu keenyatti gammachuu
guddaatu natti dhaga’ame.
Mi’i nuyi ergine godaantota hunda akka hin
qaqqabne yeroon dhaga’u Joordaaniin
deemeen mana mootii ture. Abbaa taayitaa
mi’i keenya godaantota akka hin qaqqabne
dhorke wajjin wal falmeen ergisiise. Kiing
Huseenii wajjinis yeroo dheeraaf waa’ee
Saadaam Huseen irratti mari’anne. Inni
waraanicha irratti Joordaan garee eenyuyyuu
akka taatu hin barbaanne. Biyyi isaa ofii
isheeyyuu haala gaariirra hin turre; Iraaqiifis
Kuweetiifis immoo ni dhimmama.
Diipploomaasidhaan akka furamu yoo abdatus
warri dhihaa lafa boba’aa Kuweet keessaa
qaban eeguuf waraanicha keessa akka hin
seenne soda qaba ture. Yeroo hedduu akka
hin qabne beeka.
Guyyaa muraasa booda Saadaam Huseeniin
televizyiniidhaanan arge. Lammilee Ingiliz
butee gaachana (human shield) godhateera.
Karaa kam akkan gargaarun taa’ee yaade.
Namoota dhihaa muraasa Kiing Huseenii
wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qaban
keessaa tokkon ture. Kiing Huseen immoo
namoota muraasa Saadaam Huseen amanu
keessaa tokko ture. Kiing Huseen
kallattiidhaan Saadaamiin utuu haasofsiisee
jedheen yaade. Kuwiin Nuuriif bilbilee akka na
gargaartun gaafadhe.
“Mana keenya kottu; ni mari’anna” jette.
Joordaanitti deebi’een guyyaa sadii isaan bira
turee Kiing Huseenii wajjin mari’adhe. Dafnee
waa gochuu baannaan baayyee rakkisaa ta’a
jedhe. Taa’een Saadaam Huseeniif xalayaa
barreesse. Lammilee alaa achi jiran akka gad-
lakkisun gaafadhe. Inni kana goonaan
animmoo meeshaalee fayyaa Iraaq dhabdee
rakkachaa jirtu akkan ergu waadaa seeneen
mallatteesse.
Irbaata booda Kiing Huseen xalayicha
Arabiffatti hiike. Ofii isaas xalayaa barreessee
lachuu isaa wajjiniin itti erge. Kana caalaa
waanan gochuu danda’u waan hin jirreef biyya
koottin deebi’e.
Guyyaa lama booda Kiing Huseen naa bilbile.
Misiraachoo natti hime. Saadaam dubartootaa
fi ijoollee akka gad-lakkisu dubbate. Haa ta’u
malee namni beekamaan Iraaqiin deemee
qaamaan televizyinii irratti akka isa gaafatu
barbaade. Muummicha Ministeeraa Ingiliz
durii Sar Eedwaaard Hiiziifan bilbile. Lachuu
keenyayyuu bidiruu waan jaallannuuf haala
kanaan walitti dhiyaanne. Homaa hin
sodaanne; takkaatti deemuuf walii gale.
Joordaaniin turree Iraaqitti darbuuf
karoorfanne.
Guyyaa tokko booda Kiing Huseen naa bilbile.
“Oduu gaariin qaba; Iraaqiin deemuu
dandeessu. Homtuu akka isinirra hin geenye
Saadaam Huseen waadaa naa galeera” naan
jedhe.
Haa ta’u malee waan na yaaddessu tokkotu
ture. Saadaam waadaa seenus anaa fi
Eedwaard Hiiziin nu butee xiyyaara keenya
akka fudhatu shakkine. Sababa kanaaf
iinshuraansii hin qabnu. Saadaam xiyyaara
keenya fudhannaan nuu dhume. Balaa
guddaan nu eeggatus namoota baayyeetu
abdii nurraa qaba. Booddeetti deebi’uun hin
jiru.
Anaa fi Eedwaard Hiiz namoota butamanii
turan fudhannee yeroo deebinu gammachuu
guddaatu nutti dhaga’ame. Namni kun isa hin
gammachiisne nama tokko qofa ture: abbaa
Briitish Eerweeyis. “Braansan maal godhee of
yaadaa, ministeera dhimma alaatii?” jedhee
dheekkame.
Booda diyaarii koorratti akkas jedheen
barreesse: “Waan akkasii gochuuf maaltu
nama kakaasa?” Ji’a tokko dura jireenyi koo
haala gaddisiisaarra ture. Waanan godhu
wallaaleen ture. Wanta baayyeedhaan
milkaa’eera; umriin koo 40 guuteera.
Chaaleenjii haaraa barbaadaan ture…”
Waanan diyaarii koorratti barreesse irra
deebi’ee yeroon dubbisu biiznaasmaanii
ta’uun koo gaarii hojjechuuf carraa akka naa
banun hubadhe. Iraaqii namoota baasuun
kana naa mirkaneesse. Biiznasmaanii ta’uun
koo namoota addaa akka Neelsan
Maandeellaa, Bushitoota akka mummicha
ministeeraa Raashiyaa, sooressota akka Biil
Geetsii fi Pool Alan waliin wal na
quunnamsiiseera. Biiznasmaanotnii fi
sooressootni gurguddoon carraa gaarii qabu.
Namootaa wajjin salphaatti wal quunnamuu
danda’u: kanneen isaanii olis gadis ta’an,
namoota biyyoota biro waliinis jechuu dha.
Carraa kana ittiin addunyaa kana fayyaduuf
oolchuu danda’u. Barruu koo Istuudant irratti
kanan yeroo jalqabaaf barreesses kana.
Mucaan koo Hooliin barattuu fayyaati. Rakkoo
karaa seeksii dargaggoota Ingiliz mudatu furuu
jaallatti. Tajaajila gorsaa laachuudhaan nu
gargaarti.
Sirbis addunyaa kanaaf jijjiirama gaarii fiduu
wantoota danda’an keessaa tokko dha. Kanaaf
raga kan ta’u laayiv eeyidii fi laayiv eeyitii dha.
Hojii sirbitoonni akka Piitar Gaabri’el, Boonoo
fi Boob Geeldoof namoota beela’anii fi balaan
uumamaa isaan dhaqqabeef qarshii
funaanuudhaan hojjetan ilaaluun ni
danda’ama. Priinsas Diyaanaan utuu lubbuun
ishee hin darbin dura hojii gargaarsaa baayyee
hojjetti turte; anis hamman danda’e ishee
tumseera. Sababa kanaaf sirna awwaalchaa
ishee irratti Eeltan Joon sirba “Candle In The
Wind” jedhu akka sirbu yeroon amansiisu
gammachuu guddaatu natti dhaga’ame.
Sirbichi kaasettii miiliyoonni soddomii sadii
addunyaa guutummaatti gurguramee bu’aa
paawundii miiliyoona digdama galii
argamsiise. Galiin argame saantimni tokko
utuu hin hafin gargaarsaaf kenname; fedhiin
Diyaanaas kanuma ta’a ture.
Bara 2004 keessa fedhiin namoota gargaaruu
koo milkaa’uu ga’e; Dhaabbata Varjin
Yuunaayit jedhamun dhaabe. Kaayyoon
dhaabbatichaa hojjettoota Varjin biyyoota
adda addaa jiran gurmaa’anii raakkoolee
hawaasummaa furuuf akka hojjetan gochuu
dha. Jijjiirama fiduu akka itti fufnu nan
abdadha.
Dabalata
Jireenya koo guutuu adveenchariidhaanan
jiraadhe. Yeroo hunda kaka’umsa kan na
keessatti uumu chaaleenjii ofii kennee
injifachuudha. Barumsin argadhe hundi
kanarraa kan madde dha.
Isaanis kanneen armaan gadiiti:
Callisii godhi
Eeyyee malee lakki hin jedhin
Chaaleenjii of godhi
Kaayyoo qabaadhu
Gammadaa ta’i
Nama jijjiiramaa fidu ta’i
Of danda’i
Amanamaa ta’i
Jireenya kee guutummaatti jiraadhu

Anaaf guyyaa keessaa yeroo hunda caalaa


gaariin gara galgalaati. Neekariitti galgala
maatii koo waliin gammachuudhaan
xarapheezaa marsinee teenyee haasofna.
Odolli akka gannataa kun abjuu fi kaayyoo
jireenyaa koo walitti hammatee kan qabu dha.
Anaa fi Jowaan jalqaba odolicha yeroo arginu
bituun kaayyoo keenya ta’e. Qarshii ittiin
binnu argachuun, mana irratti ijaaruu fi
bishaan gashuun wanta nu rakkisu ture. Ani
takkaayyuu hin dandeenyu hin jenne. Ni
yaalle; ni milkoofnes. Har’a odolichi iddootti
ana, maatii koo fi hiriyoonni koo itti
bashannannu ta’eera. Iddoon itti
bashannanuu fi yaadu, akkasumas bakka
yaadonni gurguddaan battala naa dhufan
ta’eera.
Neekaritti teenisii taphachuu baayyiseera.
Teenisii qofaatti qabamee waan kan biraa
waan hin yaanneef yeroo gaariin dabarsa.
Wanta tokko qofatti qabamuu dandeettiisaa
ergaaan horadhee isa dur na rakkisu amma
kitaaba dubbisuu waggaa sagalii asitti
danda’eera. Duris nan dubbisan ture;
kitaabota gurguddaa garuu hin danda’un ture.
Waggaa sagalii asitti garuu haala na ajaa’ibuun
kitaabota gurguddaa dubbisuu danda’aan
dhufe. Daddafee dubbisus rakkoo dur mana
barumsaatti na mudataa turerraa kan ka’e
waanan dubbisu sirriittin yaadadha. Jechoonni
ciccimoon yeroo na mudatan ariitii koo akka
na jalaa hir’isan hin godhu. Galumsa
dubbisichaa ilaaluuudhaanin hiika isaanii bara.
Ergan dubbisuu eegalee as kitaabni
gammachuu guddaa naa laata. Hunda caalaa
kitaabota seenaan jaalladha. Kunis fedhii
arkiwooloojii na keessatti uume. Yeroo
ammaa imala biyya Misiritti deemuun
magaalaa durii Aleksaandriyaa qo’achuuf
taasifamu maallaqaan deggeraan jira.
Kitaabonnin hunda caalaa jaalladhu
“Stalingrad” kan jedhamu Antoonii Biivariin
barreeffamee fi “Wild Swans” kan Jung
Changiin barreeffame dha.
Amma yoonaatti garuu laaptooppii
fayyadamuu hin dandeenye. Namoonni
blaakbeerii fi moobayiloota addaa addaa naa
kennanis ani ammayyuu kanan barreessu
dabtara irratti. Dabtararratti barreessuun
amala koo ta’ee kan hafe dur yeroo dubbisuu
fi barreessuun na rakkisu waa yeroo dheeraaf
yaadatti qabachuuf yeroon carraaqaa ture
dha. Yeroo amma yaada ijoo qofa
dabtararratti barreesseen booda yoo na
barbaachise ittiin waan haasa’ame hunda
yaadadha. Amalli kun yeroo baayyee na
fayyaduu danda’eera. Kanan dabtararratti
barreesu haasaa namoota waliin taasifne qofa
miti; yaada mataa koos nan barreessa. Wantin
arguuf dhaga’u kamiyyuu yaada naa kennuu
danda’a. Yaadicha yerooma sanan barreessa;
booda dabtara koo dubbiseen yaada haaraa
yookin yaadan irraanfadhee ture argadha.
Namoonni dabtara yaadannoo akka qabaatan
gorsuun barbaada. Yaadannoo qabachuun
amala gaarii dha.
Akkaataa harmeen koo itti na guddiste sirrii
ta’uu ammas taanaan nan amana. Ijoollee koo
(Hoolii fi Saam) garuu hamma murtaa’e
kanarraa adda godhee guddiseera. Addunyaa
ammayyaa keessa yoo jiraatanis akkuma koo
chaaleenjii of gochaa akka guddataanin godhe.
Isaan jajjabeessaa malee isaan rakkisaa hin
guddisne. Jowaan dubartii beektuu biyya
Iskootlaandi dha; maatiin keenya maatii waliin
ta’u akka ta’u gooteetti. Jireenya madaalamaa
waan jiraannuuf Hoolii fi Saam jireenya gaarii
jiraatu.
Kitaaaba kana keessa kan jiru hundinuu
jireenyararraa waanan baradheefi amantii koo
dha. Haa ta’u malee kan koo qofa miti. Namni
hundi jireenyarraa barachaa adeemuun
dirqama. Karoora qabaachuun eenyuuf iyyuu
murteessaa dha. Barumsi koo nama kamiifuu
hojjechuu kan malu dha. Maaliyyuu ta’uu yoo
barbaanne, maaliyyuu hojjechuu yoo
barbaanne ni dandeenya. Jedhi, tarkaanfii isa
duraa tarkaanfadhu; callisii godhi!
Odeeffannoo Dabalataa
Waa’ee Riichaard Braansan
Riichaard Braansan akkuma Biil Geets, Stiiv
Joobsii fi Eelan Mask’faa namoota muraasa
addunyaarraa “Business Magnate” jedhamuun
beekaman keessaa tokko dha. Kaampaaniin
isaa Varjin kaampaanota dhibba afurii ol of
jalatti hammatee jira.
Bara 2000 keessa hojii intarpranarshiippiirratti
hojjete sababeeffachuun Bakiinghaam
Paalaasitti ulfinni “Sar” jedhamu
kennameeraafi. Bara 2002 keessa immoo
odeeffannoo Biibiisiin baaseen maqaan isaa
namoota gurguddoo Ingiliz dhibba tokko
keessa galuu danda’eera.
Qabeenyi irraa hafaa (net worth) Riichaard
Braansan akka Foorbs bara 2017 baasetti
doolaara biiliyoona shan dha.
Ergaa Dabalataa (Guutuu
Amsaaluurraa)
Mammaaksi warra Chaayinaa tokko “Karaan
fuulduratti si eeggatu akkam akka ta’e baruuf
warra deebi’aa jiran gaafadhu- To know the
road ahead, ask those coming back “ jedha.
Waa’ee intarpranarshiippii baruu kan
dandeessu karaa sadii dha: Muuxannoo
ofiirraa, Intarpranarootaa wajjin haasa’uu fi
kitaabota isaan barreessan dubbisuudhaani.
Waa’ee intarpranarshiippii fi walumaa galatti
waa’ee milkaa’inaa kitaabonni barreeffaman
dhuma hin qabani; kaan gaggaarii kaan immoo
kan waa’ee hin baafne dha. Kitaabota ani
jaalladhe kan si barsiisu jedhu shan mata
duree isaanii kunoo armaan gaditti sii
barreesseera.
1. Rich Dad Poor Dad- Robert Kiyozaki
2. Increase Your Financial IQ- Robert
Kiyozaki
3. Think And Grow Rich- Napoleon Hill
4. How To Win Friends And Influence
People- Dale Carnige
5. The Fountainhead- Ayn Rand
Teessoo
Guutuu.blogspot.com
Gutuamsalu7@gmail.com
Facebook.com/gutuamsalu
+251 925835052

You might also like