Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 10

Qabiyyee Fuula

Baafata

1, Seensa ……………………………………………………………………………………………………………………….

1.1,Seenduubeee qorannichaa ………………………………………………………………………………………

1.2, Ka’uumsa qorannichaa ………………………………………………………………………………………………

1.3, Kaayyoo qorannichaa …………………………………………………………………………………………………..

1.4, Kaayyoo gooroo qorannichaa …………………………………………………………………………

2, fayyadama Afaan Oromoo waajjira ganda Baatee-03………………………………………….

2, Kaayyowwan gooree qorannichaa ……… ……………………………………………………..

2.1,Fayyadama afaanii dhimma walgahii ……………………………………………………

2.2,Fayyadam afaanii dhimma leenjii ………………………………………………………….

2.3,Fayyadama afaanii dhimma waliigaltee…………………………………………………..

2.4,Fayyadama afaanii dhimma nagaa gaafanaa…………………………………………

2.5,Fayyadama afaanii waajjira keessatti waliin makuu …………………………….

2.6,Fayyadama afaanii waajjira keessatti afaan geeddaruu …………………………

2.7,Fayyadama afaanii waajjira keessatti maamila keessummmeessuu waaliin wal


qabatee………........

2.8,Fayyadama afaanii yeroo xalayaalee barreessaniifi iyyata barreessu……………………

1.6, Barbaachisummaa qorannichaa …………………………………………………………………………………..

2, Maalummaa Afaanii ………………………………………………………………………………………………………

2.1, Amaloota Afaanii …………………………………………………………………………………………………………………

2.2, Faayidaa Afaanii ………………………………………………………………………………………………………………..

3, Mala qorannoo ………………………………………………………………………………………………………………….

3.3,Madda ragaalee ……………………………………………………………………………………………………………..

3.4, Madda Ragaalee sadarkaa tokkoffaa …………………………………………………………………………..


3.4, Madda Ragaale sadarkaa lammaffaa …………………………………………………………..

3.5, Af-Gaaffii ……………………………………………………………………………………………………………………………

3.6, Mala Qaaccessa Ragaalee………………………………………………………


SEENSA

Oromoon saba Afrikaa keessa jiraatu, kan Itoophiyaa keessaa fi haga xiqqoo immoo ummata
Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti argamu dha. Sabni Oromoo saba Itoophiyaa keessatti baay’ina
ummataan tokkoffaa irra jiru. Afaan dubbatamus Afaan Oromoo jedhama.Afaan oromoo afaan
Hawusaafi Arabiiffaati anee sadarkaa sadaffaarraati argama.Ummanni Oromoo Afaan
Oromoo (Oromiffas ni jedhama) dubbata. Afaan Oromoon maatii afaanii Afroo-Eeshiyaatik
jalatti ramadama. Gaanfa Afrikaa keessa Oromoon saba kuushii dubbatu guddicha dha. Akka
itinooloogin jedhutti, addunyaa guutuutti ummata 40,467,900tu Afaan Oromoo dubbata. Yeroo
ammaa Afaan Oromoo qubee Laatiniitin barreeffama.gahee guddaa kan tapatanii
jalqabarratti sheikh bakri sapaloo turan. Qubeen Saaphaalloos Afaan Oromoo barreesuuf
keessattu baha Oromiyaatti tajaajila ture. haa ta’u malee, qubeen isaan kaayan osoo hojii irra hin
oolin hayyuun fi bekhaan oromoo DR Sheikh Mohammed-rashad khabir Abdullee kan
dhalootan gama baha oromiyaa naannawa harar turan lafa kaayanii akka ummanni itti fayyadamu
godhan.

1.2,Kaayyoo Qorannichaa
Kaayyoon qorannoo kanaa fayyadama Afaan Oromoo waajjira ganda Baatee Araddaa-03 maal
akka fakkaatu ibsuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo hagamtaa
fayyadameera. Odeeffannoo karaa mala funaansa meeshaalee odeeffannoo ta’an kanneen
afgaaffii, daawwannaafi sakatta’a galmeewwaniitiin (dokmentiitiin) guuruun jechaan
qaacceffamaniiru. Qorannoo kana keessatti fayyadama afaanii kan gama waajjira keessatti jiru
irratti xiyyeeffatan. Afgaaffiiwwan itti gaafatamtoota qaamota sirna bulchiinsaa kanneen
waajjira tokkoo ta’aniif kennameera.

Gaaffilee waajjira keesssatti ka’an xiinxaluuf qabxiilee daawwannaaf oolan qopheeffachuun


raawwatameera. Yaadni daawwnnaafi sakatta’a dokmentiiwwanii irraa funaanames walduraa
duubaan qaacca’ee ibsi itti laatameera. Dhumarratti yaadota kanneen irraa ka’uun fayyadamni
Afaan Oromoo waajjirichaa dhufan hubannoo fayyadama afaanii haala waajjira keessaa
dhabuurraa kan ka’een rakkataa kan jiraniidha. Haalli qaamootni bulchiinsa Afaan Oromootti
jechootaafi ibsoota afaan biroo makanii baay’inaan kan fayyadamaa jiran ta’uunis qorannoo
kanaan mul’ateera.
Dabalataanis afaan dubbii gara afaan barreeffamaatti si’a dhufu haalli yaadotni itti barreeffaman
rakkina kan qabu ta’uu qorannoo kanaan argameera.Haalli kun ammoo tajaajilamtoota
waajjirichaa miidhuu bira dabree dagaaginaafi guddinna Afaan Oromoorratti gufuu ta’aa akka
jiru hubatameera.

Kanaafu,qaamootni waajjirichaa abbootii dhimmaa keessummeessan fayyadama Afaan


Oromoorratti xiyyeeffachuu akka qaban qorannoon kun ni akeeka.Gama birootiin ammoo
qaamotni dagaaginaafi guddinna Afaan Oromoorratti hojjatan kanneen akka waajjira
barnootaa,Aadaafi Turiizimii aanichaa hubannoo qaamota kanaa uumuun,akkasumas koreen
waalitina afaanii, jechoota Afaan Oromoo kan dhimma waajjirootaa wajjiin walqabatan
qopheessuun haalli fayyadama Afaan Oromoo qopheessaa keessatti jiru kun fooyya’u akka
qabu qorannoon kun ni eera.

1.4, Kaayyoo Gooroo qorannichaa

Kaayyoon gooroo qoranno kanaa fayyadama Afaan Oromoo waajjira ganda baaatee qaccessuudha.

1.5, Kaayyooo gooree Qorannichaa

Kaayyoon gooree qorannoo kanaa;

Fayyadama afaanii dhimma walgahii

Fayyadam afaanii dhimma leenjii

Fayyadama afaanii dhimma waliigaltee

Fayyadama afaanii dhimma nagaa gaafanaa

Fayyadama afaanii waajjira keessatti waliin makuu

Fayyadama afaanii waajjira keessatti afaan geeddaruu


Fayyadama afaanii waajjira keessatti maamila keessummmeessuu waaliin wal qabatee

Fayyadama afaanii yeroo xalayaalee barreessaniifi iyyata barreessan maal akka


fakkaatu ibsuudha.

2.1, Fayyadama Afaan Oromoo dhimma walgahii irratti


Waajjirri mootummaa ganda baatee yeroo walgahii geggeessu fayyadama Afaan Oromoo irratti
maal fakkaata kan jedhuuf ragaan funaaname akka ibsutti,hanqinni tokko tokko akka ragaan
qorannoo keenyaa ni mirkaneessa.

Bulchaa waajjirichaa obbo Abdii Mohaammad fi Ittaanaa bulchaa waajjirichaa obbo Abdii Idiriis
Yuusuuf waliin afgaaffii taasifneen Afaan Oromoo afaan saba bal’aa ta’uufi qabsoo hedduu
keesssa darbuun akka as gahe kaasuun.akkasuma Afaan Oromoo afaan saba guddaa sadarkaa
olaanarra jirufi gaaffi yeroo dheeraa hawaasni Oromoo gaafachaa ture waan ta’eef, nutis afaan
wareegama lubbuun as gahe kana akka cimee haalaan guddatuuf irratti ni hojjenna.akka sirritti
guddatuufis gama keenyaan waan nurraa eegamu ni baana. Jechuun bulchaan waajjira ganda
baatee nuuf himaniiru.

Waajjirri keenya yeroo walgahii gaggeessu Afaan Oromoo qofaan akka gaggeessu dubbatu
haata’u malee garaagarummaan jiraachuu danda’a.garaagarummaan kunis kan mul’atu,yeroo
walgahii gaggeessinu qaamolee garagaraa waliin waan gaggeessinuuf garaagarummaan kan
mul’achuu danda’u ta’uus nuuf kaasaniiru.yeroo walgahii biiroolee waliin teenyuufi
hawaasa ganda baatee waliin teenyu fayyadamni afaanii hanqina ni qabaata. Yeroo walgahii
biiroolee waliin teenyu fayyadamni afaan keenyaa Afaan Oromoo qofa yoo ta’u,yeroo hawaasa
waliin walgahii teenyu immoo hawaasni gaaffi fi yaada garagaraa kaasuu waan danda’aniif
hanqinni fayyadama afaanii ni mul’ata.hawaasni ganda baatee Araddaa -03 keessa jiraatu
heddumminaan Afaan Oromoo fayyadamanis,darbee darbee Afaan Amaariffaa warri
fayyadamanis ni jiru.akkasuma yeroo Afaan Oromoo fi Afaan Amaariffaa fayyadaman gidduu
gidduun Afaan Arabaas kan fayyadamanidha.kanaaf hawaasni kun walgahiif gaafa waamaman
fayyadama afaanii irratti qulqulleessee fayyadamuu akka hin dandeenye afgaaffii bulchaa
waajjirichaa waliin taasifneen mirkaneeffanneerra.

Qorannoo ajandaa waltajjii irratti yaada uummata irraa fuudhuun ofii isaanitis bifa afgaaffii
marii bal’aa yeroo hawaasa bali’aa waliin taasisnutti Afaan Oromoo fayyadamna.ragaa
qoranneen akka mirkaneeffannetti nuti kan hoojjennu ofii keenyaa osoo hin taane uummata
keenyaafi.hawaasni kun immoo duudhaalee seenaa aadaa fi afaan mataa isaa waan qabuuf
akkuma seeraa duudhaa uummata kanaatti tajaajiluuf yoomiyyuu qophii ta’uu ibsaniru.
Haata’u malee Afaan Oromoo afaan hoji mootummaa naannoo Oromiyaati.nutis kan jalatti
hoogganamnu Naannaa Oromiyaa jalatti waan ta’eef Afaan Oromoo dhisnee afaan biroon
walgahii taasisuuf mirga hin qabnu.

Uummanni Oromoo jarraa hedduuf gaafii afaan ofiin of bulchuu gaafacha turuun isaa ni
yaadatama. Akkuma beekamu Afaan Oromoo irra cunqursaan garagaraa haaturuyyuu malee
qaroo fi dhaloota hedduu iti dhabnee jijjiramni amma tokko mul’ate jira.kanaaaf nutis immoo
afaan keenya guddisuu dhisnee afaan kan biraaf bakka hin laannu jechuun ragaa nuuf
kennnaniiru.

2.2, Fayyadama afaanii dhimma leenjii irratti


Waajjirri Ganda Baatee Araddaa -03 yeroo leenjii kennus ta’ee leenjii fudhatu
fayyadamni afaani maal fakkaata kan jedhuuf qorannoof gara waajjirichaa deemuun
afgaaffii bulchaa waajjira ganda baatee obbo Abdii Mohaammad ibsa nuuf keennaniin
wa’ee fayyadama afaanii yeroo nuuf kaasan nuti yeroo leenjii keenninus ta’ee yeroo
leenjii fudhannu garaagarummaa qabaachuu akka danda’u dubbatu.

Waajjirri mootummaa yeroo garagaraatti caasaa isa waliin leenjii yookaan tarsimoo
dhimma garagaraaf leenjii hawaasaaf ni kenna. yeroo inni adeemsa akkasii raawwatu ni
mul’ata.haata’u malee kun akkuma jirutti ta’ee gama itti fayyadama afaaniin yoo wal
qabsifnu, itti fayyadama afaani dhimmoota walgahiin walqabatan waliin adda ta’uu ni
danda’a.sababni isaas afaan walgahii irrattii dhimma itti baahaniifi dhimma leenjii irratti
dhimma itti bahan adda adda ta’uu mala.kunis bifa garagaraatiin ibsamuu danda’a.

Leenjiin uummataafis ta’ee caasaalee gandaaf kan kennamu afaan oromootini. Leenjiin
hubannoo guddifachuu kanneen akka misooma qonnaa haalaan jajjabeessu.dhimma
barnootaa irratti,dhimmi fayyaa fi kan kana fakkaatan irratti leenjiin hubannoo
laachuufkan gaggeefffamudha.akkasumas waajjira mootummaa ganda Baatee
keessatti dhimmota kanairratti leenjii kutaalee hawaasaa adda addaaf leenjiin ni
kennama.leenjii kana irratti afaan dhimma itti bahamu Afaan Oromoo ti.

Walumaaagalatti waajjiricha keessatti leenjiin jiraattotaafis ta’ee hojjettootaaf leenjiin


kan ittiin kennamu Afaan Oromooti.leenjiin uummataafis ta’ee caasaalee gandaaaf kan
kennamu Afaan Oromootiin yoo ta’u,leenjiin hubannoo kanneen akka misooma
guddisuufi nageenya naannoo haalaan tiksuu irrattiifi dhimmoota biro irratti yeroo
qaaamota ganda hoggantootaas ta’ee qaamolee olaanoo irraa dhufan leenjin kan
kennamu afaan mootummaa naannichaatini.

Walumaa
2.3, Fayyadama Afaan Oromoo al-idilee dhimma waliigaltee irratti
Akka ragaan qorannnooo ibsutti waajjira ganda baate keessatti galmee waliigaltee
isaanii karaaa sakatta’a dokimanti yoookaan harshammee funaanuun ilaalameen ragaa
qabatamaa ta’e argamee jira.kana baroota darbaniis ta’ee kan bara kanaa Afaan
Oromoon ta’uu isaa ragaan qorannoo ni mul’isa.

Waliigalteen qaamota lama gidduutti kan adeemsifamu dha.nama dhuunfaa fi nama


dhuunfaa gidduutti,nama dhunfaa fi dhaabbata gidduutti,nama dhuunfaa fi hawaasa
gidduutti,waajjiraaf waajjira gidduutti kan adeemsifamudha.waajjira ganda baatee
keessatti waliigaltee keessatti fayyadamni afaan alidilee darbee darbee kan mul’atudha.
Haata’u malee,garaagarummaan loogaa kan mul’atu dha.loogni naannoo naannootti
mul’atu kun gara fuulduraatti rakkoo fiduu danda’a.sababni isaa hammuma afaan looga
adda addatti qoqqoodamaa deemu afaan sun gara hiika argachuutti deema.

Dhmmota garagaraa irratti haasawa al-idileetiin yeroo waliigalamu Afaan Oromootti


haata’u malee waliigaltee al-idilee keessatti akka yeroo barreeffamaan waliigalamutti
jechootaa filatamo fayyadamuun,guutummaan guututti seerluga Afaan Oromoo eeguun
jechoota waaltianaa fayyadamu.akka ragaan qorannoo ibsutti .

FAKKEENYA.

2.4, Fayyadama Afaan Oromoo Dhimma Nagaa gaafannaa irratti


Wajjirri ganda baatee nagaa gaafannaan walqabatee baay’inaan Afaan Oromoo
fayyadamus amantii fi sababa garagaraan walqabsiisuun afaan birootiin akka nagaa
walgaafatan ragaan qorannoo argame ni mul’isa.haata’u malee,uummanni naannoo
Harargee bahaa keessa jiraatu afaan kan fayyadaman amantiin
walqabsiisaniiti.amantiin musliimaa jalqaba biyya Arabaa irraa gara biyya keenyaa akka
seente ni beekama.Amantiiin kun Afaan Arabaa waliin walqabatee waan dhufeef
uummanni Harargee yeroo nagaa walgaafatu afaan Arabaa akka dubbatu akka ragaa
qorannoo irraa argametti mirkaneeffanneerra.

Hawaasni baatee kan waajjira keessa hojjetus ta’ee hawaasni alaa hundi gaafa nagaa
wal gaafatan guutumaan guututti Afaan Arabaa ta’uu baatus,heddumminaan Afaan
Arabaa fayyadamu.afaan kana kan fayyadaman gama amantiin walqabatee bartee
ta’ee waan dhufeefi malee jibbiinsa Afaan Oromoo akka hin qabne ragaa bulchaa
waajjiraa irraa arganneen hubatameera.

Walumaagalatti waajjirri ganda baatee dhimma nagaa gaafannaa irratti waajjira


keessattis ta’ee waajjiraan alatti Afaan Oromoo fi Afaan Arabaan kan fayyadaman ta’uu
ragaa qorannoon mirkaneeffameera.

Fayyadama Afaan Oromoo waajjira keessatti afaan biroo waliin walitti


2.6,
makuu(code mixing) waliin wal qabatee waajjira ganda Baatee

Dhimmoonni afaan makuu waliin wal qabatan waajjira ganda Baatee keessatti
qarannoo taasifameen ragaan jiru,hanqinni jiraachuu mul’isa.itti fayyadamni afaanii
ganda Baatee afaan makuu hojiilee idilee guyyaa guyyaa keessatti haalaaanni
mul’ata.akka ragaan qorannoo ibsutti kan kan ta’uu danda’eef sababoota garagaraan
ta’u danda’a.fakkeenyaaf,sirna mootummoota darbaniin hacuucamaa turuu saba kanaa
ta’uu, sabni Oromoo saba afaan isaa qulqulleessee dubbachuun isa rakkisaa ture.
kanaaf sirnoota darban keessa dirqamaan afaan biroo irratti fe’amaa tureera.yeroo sana
irraa kaasee afaan warra sirnicha oofanii asitti hafuun afaan oromoo fi afaan sirnichaa
walittii makuun dhimma itti bahamaa jiru.

Baroota motummaa darbanii keessatti dhimmoonni afaan ofiitiin dubbachuufi afaan ofiitiin barachuun
yaada ofii ibsachuun akka hin danda’amne fi hacuuccaa hamaan akka turedha.kunis ilaalcha afaan tokko
amantan tokko biyyi tokkko kan jedhu sana waliin wal qabatee dhiibbaa haman keessumaa Afaan
Oromoo irratti akka gaggeeffamaa ture dha.

Godinaalee Oromiyaa keessaa godinaalee tokko tokko sirni kun maxxantuu ta’uun Afaan Oromootti
maxxanee hafuun walitti makun akka dubbatamu fi dhaloonni kanuma qabatee guddachun rakkoo kana
uumuu danda’eera.

Kanaaf yeroo amma kana immoo Afaan Oromoo sadarkaa olaanarra jira waan ta’eef ammallee taanan
hanqinoonni afaan walin makuu dhimma itti bahan waan mul’atuuf dhaloonni qubee fi hayyoonni
afaanichaa akkasumas dubbattoota dabalatee waliin ta’uun iratti hojjechuun barbaachisaa akka ta’udha
qorannoon kun kan ibsu.

2.7, Fayyadama Afaan Oromoo waajjira keessatti afaan


geeddaruu(code switching)

3,Barbaachisummaa qorannichaa

Fayyadamni Afaan Oromoo waajjira keessatti tajaajila akkamii akka kennaa jirufi sadarkaa akkamii irra
akka jiru beekuuf barbaachisa.Afaan Oromoo sirnoota darban keessatti gadi qabamaafi hacuucamaa
tureera. Qorannoo kanaan immoo yeroo amma kanatti maal fakkaata kan jedhuufi waajjirichi haala
kamiin akka hawaasa gandichaa tajaajila jiru mirkaneessufi.

Akkasuma guddinni afaan kanaa gara kamitti akka deemaa jiru xiinxaluun

You might also like