Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 2

ISSUED: June 11/2022GC VALID FOR: June 11-20/2022GC

Ibsa Gamaagamaafi Raaga Haala Qilleensaa Oromiyaa


Gamaagama Haala Qilleensaa: Waxabajjii 01-10/2022GC

Rooba Haala Ho’a Qilleensaa(Air Temperature)


Ji’a Waxabajjii guyoottan kurnan duraa darban
kana keessatti gamaagamni hamma qabiyyee roobaa Akka ragaalee miiti’oorolojii irraa hubachuun
naannoo oromiyaa akka agarsiisutti, tatamsa’inni haala danda’ametti haalli ho’iinsa qilleensaa guyyoottan kurnan
qilleensa qabiyyee roobaa isa ji’a Caamsaa darban kanatti Oromiyaa iddoowwan heedduutti caalmaan
guyyoottan kurnan sadaffaa keessa muldhaterra haala ho’a qilleensaa idilee ta’een dabarsaniiru.
dabaleera. Bakkeewwan hedduutti ho’i qilleensa oolaanaa
Guyyoottan kurnan darban(Waxabajjii 01- guyyaa(maximum air temperature) xiqqoo hir’ateera.
10/2022GC) kanatti Buufataaleen mitiyoorolojii Buufataalen ho’a qilleensa olaanaa 33oC fi sanaa ol
Oromiyaa kanneen ida’amni rooba guyyaa kudhanii argatan, Aboomsaa, Adaamaa, Mi’eesso, Matahaaraa fi
80mm fi sanaa ol itti galmaa’e:Ayiraa(123mm), Nuuraa’eeraa ta’uu ragaalee buufata miti’orolojirraa
Algee(115mm),Ambo(81mm),Arjoo(129mm), argameen hubachuun danda’ameera. Guyyoottan kurnan
Gimbii(145mm),Kaachisee(129mm),Jimma(102mm), darban kanatti buufatni ho’a qilleensaa gadaanaa 5oC gadi
Limmuugannat(85mm),Maashaa(142mm), galmeesise hinjiru.(Chaart fig2.)
Naqamtee(178mm),Shaambuu(131mm) ta’uu ragaa
Buufataalee mitiyorolojiirraa argameen hubachuun
danda’ameera.
Godinaaleen Oromiyaa iddowwan hafan haala
qilleensa gogaa, bubbee fi aduu ta’een dabarsaniiru.

Kaartaa.1 Tamsa’ina hamma roobaa(Rainfall


Distribution June 01-10/2022GC)

Chaartii.1 Tamsa’ina haala ho’a qilleensa olaanaa(Dekadal Average


and Daily Extreme Maximum Temperature June 01-10/2022GC)

Chaartii. 2 Tamsa’ina haala ho’a qilleensa gadaanaa(DekadalAverage


and Daily Extreme Minimum Temperature June 01-10/2022GC)
ISSUED: June 11/2022GC VALID FOR: June 11-20/2022GC

Raaga Haala Qilleensaa: Waxabajjii 11-20/2022GC

Rooba Haala Ho’a Qilleensaa


Oromiyaa keessatti taatewwan haala qilleensa roobaa ji’a
Waxabajjii guyyoottan kurnan lammataa Oromiyaa iddoowwan heeddutti haalli ho’a qilleensaa
dhufan(Waxabajjii 11-20/2022GC) kana keessattii guyyoottan kurnan fuulduraa kanatti xiqqoo
hir’achuunifi idileen turuu akka danda’an raagoleen
iddooleen Oromiyaa Dhihaa heddun isaanii rooba miiti’orolojii ni agarsiisu. Iddowwan oromiyaa Giddu-
hammaan giddugaleessaa hanga Yandoo(medium to galeessaa,Kaabaa,Dhihaa,kibbaafi Bahaa heedduu
heavey rain) argachuu danda’an jedhamee yommuu isaaniitti haala ho’a qilleensaa idilee ta’eefi isa hammi
eeggamu iddooleen Oromiyaa qabiyyee jidhina isaa xiqqaa hanga giddugaleessa ta’e,
Kibbaa,Giddugaleessaa,Kaabaa fi Bahaa muraasni bubbeefi aduu ta’etu eeggama.
tokko tokko ammoo rooba hammaan xiqqaa( light
rain) ta’e argachuu danda’u jedhamee eeggama.
Iddooleen hedduun hafan immoo haala qilleensaa
aduufi qilleensa jiidhina xiqqaa hanga giddugaleessaa
qabuun turuu akka danda’an raagni mitiyorolojii ni
argisiisa.
Walumaagalatti guyyottan kurnan dhufanitti naannoon
Oromiyaa iddoolee muraasni rooba xiqqaa hanga yandoo
argachuu danda’u jedhamee yommuu eeggamu, iddooleen
hedduun Oromiyaa haala qilleensaa Aduufi qilleensa
jidhiinsa xiqqaa hanga giddugaleessaa qabuun turuu akka
danda’an raagni ni agarsiisa.

Ejansii Miiti’oorolojii Biyyaalessaa


Giddugala Tajaajila Miiti’oorolojii Oromiyaa Bahaa fi Jiddugaleessaa
Abbaa Adeemsa Raaga fi Dursee Akeekachiisa Miiti’oorolojii

+251-22-112-4865 /022-111-6174/ +251-22-111-6175 1982

Adaamaa, Itiyoophiyaa
E-mail: asenigu20@yahoo.com /kebedelemma78@yahoo.com / Website: www.ethiomet.gov.et

You might also like