Site Title

You might also like

Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 6

Site Title

Kuusaa walaloo

firrisaa firrisaa

2 years ago

Advertisements

Sitti asaaseen siin dubbadha

Si barbaadeen si argadha.

Na dhagahi siifan himaa

Sin jaalladha akka cimaa

Filatamtuudha simboo qabda

Tasa hin boonin ana dhabdaa

Sokoksitee natti adeemta

Adeemsa kee ni dhoksatta

Safuu bartee safuu dhaalte

Dhugaa bartee dhugaan boonte

(Kanaaf)…

Qulqulluu koo ilmoo namaa

Haadha nagaa michuu namaa

Siin qabaataa yooman joora

Simboon kan kee narra goraa

Dibaabee koo yaa bisilee

Isheen eenyu mee ijoolle?

Ni himtu moo ni dhiiftanii

Deebii qabduu maal jettanii??


√√√√π

SUUTUMEE!

Suusii natti taate akka bunaa

Ka’i kottu mee gadi baana

Nadhii dammaa yaa mi’ooftuu

Natti kottu yaa urgooftu

Akka abbeen sin argine

Akka harmeen sitti hin dhufne

Dafii bahii ulaa banii

Suuta jedhi si arganii

Suuta jedhii bahi kottuu

Hin sokoksin yeroo deemtu

Adeemsicha sirreeffadhu

Fuuldura kee san mil’adhu

Si arginaan si deebisu

Anaan immoo na rakkisu

Na himachuuf mana dhufuu

Suuta jedhi hunduu ha rafuu

Yoo rafanii manaa baataa

Yeroo baate natti gortaa

Si argeetan suusii bahaa

Fedhii kan koon galmaan gahaa

Nan kajeela nan suusa’a

Suutumee koo mee naan ga’aa

Naaf fiddanii hin dhuftanuu


Qalbii kan koon fayyistanuu?

Yoo diddaniif anoo hin dhiisuu

Rafeen buluu anoo hin ciisuu

Nan raffisuu yaadni isii

Yaa rabbii koo mee na cimsi

√√√√π

Narra!

Narra deddeebita anarra naannoftaa

Qalbii kiyya fuutee of duukaadhaan deemtaa

Maaloo naan deebistuu oonnee fuute sanaa

Kootiif keetii isaa wallaalleem namana

Hin deebisu jettus natti himi yerootti

Akka namni hin tuqne eegi akka gaariitti

Silaa narraa dhaaltee an kooti hin jedhuu

Akkuma boojiteen bareechii qabadhu

Akka sirkaa hin buune qabaa isaa jabeessi

Oonnee duraan cabe walitti fayyisi

Keetiin waldhaaniitii qoricha isaa ta’ii

Bakka isaa mijeessii tolchiiti ol kaa’i

Of qofaa boojitee ana boochisuurraa

Naafis booji’ami kanat na mararaa

Tokko jaallatamee tokko kan hin barre

Boodni isaa rakkoodha kanaaf nan mararre

Wal qixatti ilaali jaalala lamaanuu

Kan narraa argattus siif jiraa daranuu


Yoo naaf laatte anattis bareeddaa

Jaalala wal qixa namuu ni barbaadaa

Kan koo dhikkifataa kee yeroo cal’isu

Kan koo si yaadataa yeroo kee afarsu

Kun natti hin toluu lameen isaa tumsii

Jaalalli jaalalaa wal qixa kununsi

Jaalala faarsinee jaalalaan jiraanna

Jaalala tumsinee jaalala baranna

Jaalalaan boojinee jaallatamuu hin dhabnu

Jaalala tikfachuuf hunduu haa jabaannu.

√√√√π

Ni mi’oofta ati kun akka dammaa

Kan kee kun bar ajaa’ibumaa

Sin dhandhamaaf afaan keessa na jirtaa

Sin liqimsaaf gad-nan darbituu na huutaa

Ijaan si nyaadhee si fixeera nan beeka

Garuu ijji maal nyaata ni akeekaa

Ilaalee qalbiin yaadee si niyyataa

Utuu”utuu jedhee waa 99 dubbataa

Ati kuni gungummii koo natti hin beektuu

Asaassii koo waa tokko illee hin hubattuu

Ofiin illee nan dubbadha abjuu keessa

Na dammaksee ol na kaasee na raatessaa

Beelli kan koo suma male nyaataa mitii

Dheebuun kan koos suma male homaa mitii


An waa biraa hin dheebodhu hin beela’uu

Fuulli kan kee ana dura naaf ha taa’u

Dogoggortee karaa koorraa hin dabinii

Natti gorii mee na argi ati naani

Anis siinii kana beekii natti gorii

Abjuu kan koo natti siqii narraa bari

Sittan hima anaaf hiiktaa abjuu sana

Akkan ta’ee dadammaqee yeroo kana

Waa’ee keetii sitti male hin himadhuu

Abjuu kana nama biraaf hin dubbadhu.

Daftee hiiktee dhugaa gootee bira tartaa

Abjuu sana dhugoomsitee jabeessitaa

Haala sanaan mi’aa sana dhandhamadhaa

Silga nyaadheen mi’aa isaa bor dubbadhaa.

Firriisaa√√

Advertisements

Share this:

Related

Asoosama Toltuu kutaa 1-5

10th Feb 2020

In "Uncategorized"

Hiriyaa jechi jedhu yeroo ibsamu.

4th Mar 2020

In "Uncategorized"

Hiriyaa
4th Mar 2020

In "Uncategorized"

Categories: Uncategorized

Leave a Comment

Site Title

Back to top

Advertisements

You might also like