Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 8

“Meetni Nama Harka Jiru

Dhagaa Fakkaata.
Fakkaata.”
Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan dhiigaa-lafee fi lubbuu gootota Oromoo kumootaan
utubame bu’uurri isaa akka jabaa gadi dhaabbatee jira. Bu’uura kana jabeessanii
tikfachuudhaan achi irratti waan hafe ijaaruu qofaatu guyyaa bilisummaa ummata keenyaa
dhiheessa. Waan akka Sabaatti dhabne sana argachuuf mala/daandii haaraya barbaaduunis
hammeenya hin qabu. Waan haaraya tokko gadi dhaabuuf bu’ura amma jiru kana diiguu
barbaachisa yaadni jedhu yoo jiraate garuu, dogoggora seenaa guddaa dha. “Isa Mukaan
Fuudhaatti, Isa Ukaa Buufti.” inni jedhamu (mammaaksi abbootii keenyaa) sun nu
mudachuu waan danda’uuf. Maaliifin kana kaase?:

Ebal 21 bara 2012 irraa eegalee namoota dhimma QBOtu nu yaachise jedhaniin mariin
dhimma kana irratti xiyyeeffate deemaa jira wanti jedhu oduu ow’ituu dhiheenya kanaa ti.
Sanuma ilaalchisee yaadotni “Adeemsaa fi akeekni marii kanaa kan QBOf tolu osoo hin
taane faallaa kanaa ti.” jedhanii dura dhaabbachuudhaan bifa shakkii, mormii, komii,
qeeqaa….fi kkf. media adda addaa irratti daddarbatamaa jiraachuunis waan jiraa ti.

Yoo gamni lachuu dhuguma dhimma QBO irraa quuqamee dubbata tahe maaltu
garaagarummaa yaadaa fi wal dura dhaabbannoo ykn. wal shakkii fi walitti quufuu dhabuu
kana fide? Dhimma kana ilaalchisee waan natti dhagahamuu fi mul’atu kanin wal hubannoo
fi walitti quufuu dhaba, akkasumas wal shakkii fi adda addummaa yaadaa amma mul’atu
kanaaf sababa/madda tahuu danda’u jedhee yaadu gabaabsee ibsuuf, achumaanis quuqqaa
kiyya hanga tokko of irraa buqqisuufin waan kana barreessuu dirqame. “Yaa Waaq siifan
lafaa ka’a ! Achumaanin gaayyaa koos fudhadha.” jette jaartiin jedhu mitii.

Mariin Dhimma QBO irratti mari’atamu akeekni isaa kan tahuu malee fi tahuus qabu inni
angafti umrii sirna bittaa alagaa gabaabsuu fi galma gahiinsa qabsichaa shaffisiisuu dha.
Kana gochuun akka itti danda’amu keessaa inni qooda guddaa qabu ammoo, ilmaan
sabichaa qabsoo kanatti akka hamileedhaan hiriiran, abdii fi jajjabina itti horuu dha. Warra
hanga ammaa hin hiriirin akka hiriiraniif hamlee, abdii fi jajjabina itti horuun kan dada’amu
ammoo, warra adeemsa QBO kan hanga ammaa keessatti hiriiranii wareegama bifaa fi
sadarkaa adda addaa baasaa turanii fi baasaa jiraniif quudhuu, jajjabeessuu, hamlee tiksuu fi
waan danda’amu hundumaan cinaa dhaabbachuudhaan taha.

Akeekni lammaffoon marii dhimma QBO kan tahuu malee fi tahuus qabu ammoo, toltuu fi
hamtuu, akkasumas milkii fi gufaata qabsichi eegala isaa irraa hanga har’aatti
keessummeesse guutummaatti gilgaalanii, haala jabinnii fi moyxannoon boonsaan
horataman daran itti jajjabeeffamanii fi gabbifaman, akkasumas hanqinnii fi mudannoon
hahamoon mummudatan/mumul’atan itti qoratamanii fuula duraaf irraa of tiksuun haala
itti danda’amu mala dhawuu dha. Kana gochuun kan danda’amu ammoo, jabinaa fi
moyxannoo boonsaa horatames tahe hanqinaa fi mudannoo hamaa mummudate osoo hin
dhoksin, hin haalinii fi irra hin diddibin dhugaa jirtu lafa kaa’anii, nam-tokkees haa tahu
qaama ykn. murna isa toleef itti quudhamuuf fi kan isa hammaateef itti komatamu illee
akeekanii haala fuul-duraaf toltuu fi fiixa bahiinsa QBOf hojjechuu fi isaaf wareegamuutti
nama kakaasu ‘motivation’ fi hamtuu QBO irraa ammoo nama daangessu tolchuudhaan
taha.
Waa’ee QBO waa’ee ABOtiin addaan baasanii ilaaluun hedduu ulfaataa dha. Waa’een ABO fi
waa’een Ummata Oromoo illee hangasuma takka sadarkaa addaan baasanii ilaaluun
dhibutti hidhata seenaa horatee jira yoo jedhan dhaadhessuu hin tahu. ABOn waan akkuma
salphaatti Dhaaba/Jaarmaya Polotikaa tokko jedhamee ibsamu bira dabree mallattoolee
Oromummaa keessaa tokkotti hanga hubatamuutti onnee fi sammuu ummatichaa keessatti
halluu hin haqamneen barreeffamee jira. ABOn Jaarmayaa fi Hooggana ummatichaa tahuun
har’a ummaticha qofaan osoo hin taane alagaadhaan illee hubatamee jira yoo jedhan soba
hin tahu.

ABOn Maali?/Eenyu?
Deebisaan gaaffii ykn. ibsi waa’ee maalummaa fi eenyummaa ABO kun ibsa abbaan
barbaade akka isatti fakkaatuu fi fedha dhuunfaa isaatiin wal qabsiisee kennu osoo hin
taane dhugaa/haqa dhiigaa-lafee akkasumas gatii lubbuu gootota Oromootiin gadi
dhaabbattee fi tikfamaa jirtuun of mul’isa. ABOn ilaalchaa fi fedhii nam-tokkee
namoota/miseensota isaatiin osoo hin taane Kaayyoo/Akeekaa fi Daandii/Tarsiimoo qabsoo
isaa akkasumas Heera ittiin masakamuun beekama/ibsama. Kuni Kaayyoo fi Safuu Jaarmayaa
ti. Kaayyoon QBO fi Heerri Dhaabaa kan miseensotni ABO waliin itti kakatan daangaa sirnaa
fi naamusa, akkasumas kaayyoo fi safuu jaarmayaa (organizational principle) kana keessatti
akka ofis tahe wal tiksan isaan gaafata. ABOn shira keessaa fi alaa hunda irra aanee kan
yoona gaheenis miseensota warraaqoo fi of-kennoo kanneen jireenya lubbuu fi
dantaa/sadoo mataa isaanii wareeganii irbuu seenanitti cichan waan qabaachaa turee fi
jiruufi.

Seenaa Saba keenyaa irraa wanti hubannu, yeroo Aadaa fi Safuun Sirna Gadaa
qondaalotuma Gadaatiin cabuu fi irra eejjetamuu jalqabe (Rakkoon/dhiibbaan alaa kan
haala sana maddisiisuutti gumaache jiraatus) gurmuu fi jabbinni ummatichaas laaffachuu
jalqabe. Haalli sun osoo malli itti hin dhawamin humni gabroomfataa laafina sana keessatti
nu dhaqqabee akka nu irra aanuu danda’e dha seenaan keenya kaleessaa kan nu hubachiisu.
ABO keessattis yeroo Kaayyoo fi Safuun Jaarmayaa kun miseensotuma hooggana
Dhaabichaatiin cabuu fi irra ejjetamuu jalqabe irraa kaaseeti haalli gurmuu miseensota
Dhaabichaa fi sochii QBO irratti illee dhiibbaa qabu suuta suuta guddachuu jalqabe. Adeemsi
Kaayyoo fi Safuu Jaarmayaa ABO cabsuudhaan deemamuu jalqabe kun yeroo ammaa
sadarkaa yaaddessaa irra gahuutti jira jedhameetu miseensota ABO hedduudhaan
amanama. Yoo xiinxalli kun dhugaa tahe, miseensota ABO qofa osoo hin taane hayyootni,
manguddootni, dargaggootni, walumaagala sab-boontotni Oromoo hundi kan biyya
keessaas tahe kan biyya alaa haala mooraa QBO keessatti deemaa jiru kana dammaqiinsa
cimaa fi hordoffii addaan hin citneen jala bu’anii, miidhaa inni QBO irraan gahuu malu,
danda’amu hanqisuu, dadhabamu xiqqeessuu keessatti qooda ofii gumaachuun dirqama
seenaa kan yeroon ammaa kun gaafatu taha.

Akkumaan olitti irraa tuqe, ummatni keenya madda jabinaa fi ittisa isaa kan tahe Sirni Gadaa
isaa laaffatee jennaan diinota isaatiin mohamee gabrummaa jalatti kufuu mudate. Jireenya
gabrummaa fi roorroo hadhaawaa sirna bittaa alagaa (gabroomfataa)dhaan irratti fe’ameen
Jaarraa tokkoof erga bittinnaawee eenyummaan sabummaa isaa gara dhabamuutti
dhihaatee booda, kan inni deebi’ee akka sabaatti gurmaawee naannoo isaa fi addunyaatti
illee beekamuu danda’een Dhaaba kallacha qabsoo bilisummaa isaa tahe Adda Bilisummaa
Oromootiini. Yeroo ammaa Oromoon (hanga isaaf malu tahuu baatus) kan beekameen, kan
inni kabajamuu fi sodaatamuun Dhaaba isaa kana (ABO)tiini. Akkuma yeroo Jaarraa 19ffaa
kan laaffachuu Sirna Gadaa irraa gurmuun Ummata keenyaa qaqaawwuu arganii daran
addaan qoqqooduudhaan isumaan isa cabsuutti milkaawan sanatti, yeroo ammaa illee
diinotiin keenya rakkinaa fi diigmaya mooraa QBO fi ABO keessatti dhalatutti gargaaramanii
bakka geenye irraa hanga danda’an duubatti nu deebisuuf ijibbaachuu irraa tasumaa kan hin
boqonnee fi rafanii hin bulle tahuun waan hojiidhaan arguutti jirru. Dhalli Oromoo har’a jiru
(keessattuu kaa’imman) waan ammaan booda QBO fi jireenyaa fi dagaagina sabummaa
Oromoo bakka gahe irraa duubatti deebisuutti gumaachu kamiifuu carraa kennuu ykn.
dagamuunii hin qaban.

Mee waanin armaan olitti tuqe, kanin Yeroo Kaayyoo fi Safuun Jaarmayaa ABO
miseensotuma hooggana Dhaabichaatiin cabuu fi irra ejjetamuu jalqabe irraa kaaseeti haalli
gurmuu miseensota Dhaabichaa fi sochii QBO irratti illee dhiibbaa qabu suuta suuta
guddachuu jalqabe jedhe sanaan eegalee bal’ina/detail yaada kiyyaatti haa seenu:
1) Dhaaba/Jaarmaya akka ABO kamuu keessatti haalli miseensotni Dhaabichaa walitti
quufuu fi waliin deemuu dadhabanii hanga tokko wal bubuusan, dabreetis haalli
namootni hagni tokko garee uumanii Dhaabicha irraa itti fottoqan uumamuun waan
baasaa (dur-hin-jirree) miti. Dur-hin-jirreen ykn. baasni QBO fi ABO qofa keessatti
mul’ate (kana dura bakka biraattis yoo mul’atee jiraate warri beektan na qajeelchaa wal
irraa barannaa) garuu namootni akkasitti Dhaabicha irraa fottoqan maquma Dhaabicha
Kaayyoo fi Safuu Jaarmaya isaa kan itti kakatan (irbuu itti seenan) cabsanii bahanii
sanaan of yaamuu isaanii ti. Akka waan durumaanuu Dhaabicha jechuun isaanuma
(namoota sana) jechuu taheetti. Kun aadaa fi amala badaa kan nam-tokkeen Jaarmayaa
fi Heera Jaarmayaatii olitti of ilaaluu irraa madda. Haalli akkanaa tokko irra lama
deebi’ee ABO mudate.
2) Baasni biraa ammoo waan tahiinsa lamaan kana booda agarree fi dhageenyee dha.
Jaarsi, Angafti yookaan namni akka jaarsaa fi angafaatti ilaalamu, nama dogoggore
dogoggora isaa itti himee, gorsee karaatti deebisuunii fi namoota wal dhaban gidduu
dubbii ilaalee, bakka itti waa jallatte akeekee, mala furmaataa dhawee araara buusuun
aadaa Ummata keenyaa keessatti waan beekamaa fi iddoo guddaa qabu. Ilaalcha
qulqulluu hundee aadaa ummata keenyaa irraa maddu kanaan angafootaa fi jaarrolii
keenya kan jaalalaa fi kabajaa guddaa qabnuuf (Bu’uuressitootaa fi MG ABO) rakkoo
mooraa QBO fi ABO keessatti deddeebite kana ni furu jedhamee guddoo abdatame. Haa
tahu malee adeemsi isaanii, dubbiin, barreeffamaa fi gochi isaanii, madda rakkoo
mooraa ABO keessatti dhalatte ilaalchisee, kanneen kaayyoo fi safuu jaarmayaa ABO
irratti cichanii hundeen Dhaabichaa fi QBO akka hin diigamneef wareega baasanii fi
kanneen beekaas haa tahu itti fakkaatee dogoggora ykn. badii raaw’atan akka tokkichatti
ilaaluu, sana bira iyyuu dabree, gara silaa badiin/dogoggorri jirti jedhamee amanamutti
cillaanfachuu fi garasiif baabsuun mul’ate. Adeemsi akkanaa jaarrolii fi angafoota keenya
kanneen gariin isaanii Bu’uuressitoota ABO tahuutti beeknu irraa mul’achuun mooraa
ABO fi QBO keessatti baasa biroo fi gaddisiisaa tahee dabre. Angafootni keenya
(jaarroliin) kanneen ABO bu’uursanii kaayyoo fi safuu jaarmayaa illee ofumaa tolchaniifii
ittiin hooggana kennaa turan Dhaaba ofii bu’uursan kan ummatni Oromootis abdii isaa
tokkicha godhatee jaalalaa fi deggersa hiriyaa hin qabneen faana hiriiree jiru, ofumaa
deebi’anii kaayyoo fi safuu jaarmaya isaa dagatanii ykn. cabsanii kanneen isa irraa
fottoqaniin wal qixxeessanii “Gareelee/murnoota maqaa ABO himatan….” Jedhanii
yaamuun waan tasumaa isaan irraa eegamu hin turre. Mooraa ABO fi QBO jabeessuu fi
bilisummaa Ummatni keenya dheebote kaleessuuttis waan gumaache ykn. gumaachu
hin qabu. Inumaa faallaa sanaa yoo tahe malee. Dhugaa/haqa maalummaa fi jireenya
ABO haaluun ykn. dabsuun akeeka maaliifi? ‘Precedence’ akkamii dhaloota boriif kaa’uutti
jirama ? gaaffiin jettu miseensota ABO keessaa xiixxee kaanaan “Lakkii kun humaa iyyuu
mitii, waanuma salphaa dha, wanti guddoon araarri bu’ee gurmuun qabsaawotaa walitti
deebi’uu dha.” jedhame. Gaaffiin tun namoota gariidhaaf (kanneen maalummaa
ABO/Jaarmayaa fi qabsoo irratti hubannaa gahaa hin qabnee fi hadhaa fi wareegama
qabsoon qabdus dilas hin dhandhaminiif) dhimma salphaa kan ka’uu iyyuu hin malle
fakkaatti. Kanneen gaafataniif garuu gaaffiin tun gaaffii bu’uuraa, jiraachuu fi dhabamuu
ABO fi QBOtiin tan wal qabattu gaaffii ulfaattuu dha. Mee fakkeenyaan haa ibsinu:
a. Bara 1978, 2001, fi 2008 ABO keessatti Fottoqatu mudate. Kanneen ABO irraa
fottoqanii fi ABO gidduutti walitti bu’iinsa ykn. lolatu (sadarkaan isaa wal haa
caalu malee) dhalate. Miseensotni ABO, dhimma olitti kaasne kan Kaayyoo fi
Safuu Jaarmayaa ABO kan hanga wareegama lubbuutti jedhanii irbuu seenaniif
sana irra dhaabbachuudhaan, Dhaaba keenya ABO dhabama irraa baraarra, itti
fufiinsa qabsoo bilisummaa saba keenyaa mirkaneessina dhaabbii jedhuun
falman. Falmaa kanaanis wareegama lubbuu fi qaamaa hir’achuutti dabalee
wareegama bifa gara garaa hedduu baasan. Wareegama isaan baasaniin ABO fi
QBO jiraatee yoona gahe. Har’as kan QBO itti fufee diina kuffisee kufaa jiru
isaanuma (Miseensota ABO) ti. Kun dhugaa dha. Dhugaan ammoo yoomuu,
eessattuu, eenyuufuu dhuguma. Ulaagaan dhugaa dhuguma tahuu isaa qofa.
Dhugaan yeroo nu gammachiisus, yeroo nu gaddisiisus, yeroo nu boonsuu fi nu
qaanfachiisus, yeroo itti gaabbinus, yeroo itti quufnee itti mirqaannus, yeroo
qooda keessaa qabnuu fi hin qabnes, yeroo keenyaas, yeroo kan nama biraas,
wanti dhugaa dhuguma.
b. Warri ABO irraa fottoqes dhaabbii isaanitti fakkaateen hiriiranii falman. Isaanis
wareegama baasan ni qabu. Wareegamni lubbuu, qaamaa hir’achuu,
qabeenyaa….fi kkf. bahe hundi ija bu’aa fi honga/kasaaraatiin oggaa ilaalamu,
keenyaa fi kan isaanii jedhamuu hin danda’u. Hundumtuu walumaan keenya. Kan
Oromoo ti. Nutu/Oromootu itti miidhame. Bakka itti garaagarummaa qabu garuu
ni qaba. Wareegama isa garamiitu itti fufiinsa jireenya ABO fi QBO
mirkaneessuutti gumaache? Isa kamtu faallaa sanaatti gumaache? gaaffii jettu
deebisuu irratti. Isa dabre hamaa fi tolaa isaa hunda irraa baratanii, isa duranaa
sirreeffachuu fi jabeeffachuudhaaf hojii hojjetamu keessatti, gaaffiin tun “Kan
dabre seenaaf dhiifnee isa duranaa qofa dubbanna.” yaada jedhuun irra
dibamtee, haqni dhiigaa-lafee, haqni lubbuu ilmaan Oromoo achi keessatti
awwaalamtee tan bira dabramtu yoo taate, itti bahi adeemsa akkanaa amna QBO
isa nu afatu kan nuuf salphistu hin taatu. Hegeree Oromootiifis ‘Precedence’
jabinatti gumaachu kaa’aa deemuu hin taatu. Kana akkasitti fardeessanii irraa
falmuu fi tuffannee bira haa dabarru jechuun (ilaalchi lachuu) mooraa QBO
keessa yoo jiraatte madda wal hubannoo dhabuu tokko tahuu dandeessi.
3) Adeemsi Kaayyoo fi Safuu Jaarmayaa ABO cabsuudhaa kan jireenyaa fi eenyummaa ABO
xiqqeessuu, dabsuu fi haaluu fakkaatu kana qofatti hin dhaabbanne. Qabsoon
Bilisummaa Oromoo kan Akeeka/Galii qabsichaa ABOn hordofu ifatti maxxanfatee
addunyaaf labse eegalamee, baroota hanga kanaa deemee, bu’aa-bahii hedduu
qaxxaamuree, injifanoolee hanga kanaa galmeessee, wareegama lubbuu ilmaan Oromoo
dila sana gaafatee, har’a illee haaluma kanaan itti fufee osoo jiruu, dhiheenya kana
guyyuma keessaa lafaa ka’amee “Jalqabuma irraahuu Kaayyoon QBO kan ABOn
maxxanfatee ka’e inni dhugaa akkana moo akkas turee?” falammiin jettu mooraa QBO
keessatti akka kaatu taasifame. Ilmaan Oromoo kan Kaayyoo ABO fi QBOtti amananii,
jireenya isaanii qabsichaaf wareeganii, hamilee fi of kenniinsa guutuudhaan qabsaawaa
jiran, kan jaallan isaanii qabsaawota/warraaqxota hedduu wareegamaan of biraa dhaban
biratti wanti kun akkamitti hubatama? Haala akkamii uuma? Dhimmi jaallan/gootota
akeeka kanaaf wareegamanii hoo? Haala itti gaafatamummaan/responsibility namatti
hin dhagahamneen, jechaanis haa tahu gochaadhaan dogoggorri raaw’atamu gariin isaa
adeemsa qabsichaa, gurmuu fi hamilee qabsaawotaa hubuu bira dabree ekeraa jaallanii
illee hanga boqonnaa dhorkuutti deema. Dhimma akkanaafaa akkasitti jabeessanii
ilaaluu fi akka biraatti salphisanii/xiqqeessanii ilaaluun (ilaalchi lachuu) yoo mooraa QBO
keessa jiraatte wal hubanoo fi walitti quufuu dhaba amma mul’attuuf madda tokko
tahuu dandeessi jedheen amana.
4) Baroota digdamman (20) dabran QBO injifannoo galmeesse (bu’aa argamsiise) hin
qabuu? Har’a hoo hojiin qabsoo hojjetamaa jiruu fi bu’aan wareegamaan argamaa jiru
hin jiruu? Akkaataa itti adeemsa QBO ilaallu, hubannuu fi xiinxallu irratti
garaagarummaa fi rakkoon guddoon bakki jirtu tokko deebisaa gaaffilee kanneenii irratti
tahuutu natti mul’ata. Osoo mooraa QBO keessatti Chartera Mootummaa Cehumsaa
keessaa bahuu ABO booda, wal afaan deebi’anii wal komachuu fi wal diinomsanii wal
irratti duuluu malee injifannoolee hanga yeroo sanaatti galmaawan tiksuu fi irratti
ijaaraa deemuuf homtuu hin dalagamne tahee, dhiiro silaa duula mootummaan
Wayyaanee yeroos irraa jalqabee daboo humnoota hedduu dabalatee nu irratti
gaggeessaa ture irraa Dhaabnii fi qabsoon saba kanaa dandamatee yoona ni gahaa
laata? Haa tahu malee, yeroo xiinxala akkasii (Baroota digdamman dabran mooraan QBO
wal irratti duuluu ykn. rakkoo keessaa qofa keessummeessaa jira kan jedhu) dhiheessinu
waa’ee eenyuufaa fi waa’ee fuula hojii qabsoo isa kamii haasawuutti akka jirru ni
qaabannaa? Waa’ee fuula hojii qabsoo isa kamii daganne hoo? Dhuguma, haalli baroota
digdamman dabran kana Oromoota biyya ambaa (Diaspora) keessatti deemaa bahee fi
amma illee jiru xiinxala kanaan wal fakkaachuu danda’a. Dispora keessatti ammoo waan
fedhe dalaguuf kan QBO fi ABO caalaatti aanjaa itti qabu diina keenya (Wayyaanee) dha.
Sanuu tahee garuu, diaspora keessattuu haala diigmayaa fi wal irratti duuluu qofaan
waggoota 20 dabarsine jechuun dhugaa irraa fagoo dha. Miseensotaa fi deggertoota
ABO biyya ambaa (diaspora) kanneen olola, gochaa fi adeemsa diigoo hunda, garii isaa
gurra irraa cufatanii, garii isaa ammoo gootummaadhaan dura dhaabbatanii hanga
danda’an dirqama QBO isaan irraa barbaaddu bahachaa yoona gahan, qooda isaanii
dagachuu ykn. haaluus taha. Achuma ‘diaspora’ keessattuu wanneen ijaaroo fi QBOf
irkoo cimaa tahan hedduun dalagamaa waan turanii fi jiraniif. Osoo dubbannuu,
miseensota ABO kanneen baroota digdamman kana keessatti horatamanii har’a iddoo
dirqamaa fi gaafatamaa furtuu meeqa irra jiranii fi jireenya ABO fi QBOf utubaa tahanii
jiran hoo xiinxala kana keessatti ni daganne moo ni yaadanna? Waan waggoota 20
dabran keessa dabarre qofa osoo hin taane, mee waan har’umaa keessa jirru haa ilaallu.
Sa’aatii ammaan tana ani waan kana barreessaa jirutti ilmaan Oromoo miseensotni ABO
kanneen Bilisummaa Ummata keenyaaf jecha baddaa fi gammoojjii, magaalaa fi
baadiyaa biyya teenyaa keessatti diina kuffisanii kufaa jiran hedduu dha. Wareegama
WBOn baadiyaalee Oromiyaa keessatti baasaa jiru kan yeroo hedduu qunnamtii media
addunyaa dhabee caasaa ABO qofa keessaan dhagahamu qofa oso hin taane,
wareegamni ummatni keenya (keessattuu Qeerroon Oromiyaa) haala diinni ukkaamsee
dhoksuu hin dandeenyeen baasaa jiranii fi injifannoon gara kanaan galmaawaa jirus
abbaa beekaa rafe malee nama dhimma QBO hordofu kamuu jalaa dhokataa miti.
Xiinxalli waggoota 20 as aananiif qabnu kan waanin asii olitti tuttuqe kana hundaaf
bakka hin kennine kun, falmaa Oromoon bilisummaa isaaf gaggeessaa jiru kana ni
jajjabeessa moo harkatti busheessee hamilee tuquutti gumaacha? Fiixa bahiinsa qabsoo
bilisummaa Saba keenyaaf dhimmamna jechuu fi warreen akeeka kanaaf hanga
wareegama lubbuutti qooda kennaa jiranii fi wareegama baafamaa jiru guutummaatti
‘ignore’ godhanii waan biraa qofa odeessuun akkamitti wal fudhachiifama? Kan nuti
dagachuu hin qabne, lubbuun har’a QBOf wareegamaa jiru kun lubbuu jaallan angafoota
keenya qaqqaalii kanneen akka Maammoo Mazammir, Elemoo Qilxuu, Taaddasaa
Birruu, Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii……fi wkf. sana irraa addummaa hin qabu.
Wareegama lubbuu ilmaan Saba keenyaa kan Bilisummaa Ummata keenyaaf baafamaa
turee fi baafamaa jiru hunda waluma qixa bakka kennuufiin haqa.

Xiinxalli dhimma ABO fi QBO irratti goonu akeekni isaa fiixa bahiinsa gaaffii bilisummaa
Ummata keenyaa hanga tahetti, xiinxala tattaaffii ilmaan Oromoo kaayyoo kanaaf
gochaa turanii fi jiran, wareegama isaan baasaa turanii fi jiran, bu’aa wareegamni kun
argamsiisaa turee fi jiru hunda sakatta’ee mul’isuudhaan faarsee, jajjabeessuu fi
hanqina/laafina turee fi jiru illee karaa qajeelaa fi ijaaraa taheen mala furmaataa waliin
kan lafa kaa’u tahuu qaba. Akka duranaaf daran hamilanii, jabaatanii falmatanii fi galiin
bilisummaa sun dafee dhaqqabamuuf ammoo, tooftaa fi daandii dhugumaan nu
milkeessu, kan hojiitti hiikamuu danda’u (Practical) kan akeeku tahuu qaba. Xiinxalli
tattaaffii fi wareegama ummatichaa, akkasumas bu’aa wareegama kanaa dagatu,
yookaan beekaa leellisuu dhiisu, hamilee sab-boontotaa fi qabsaawotaa tuquutti
gumaachuu danda’a. Olola diigaa kan harki diinaa duuba jiru fakkaachuus danda’a.

5) Marii amma irraa dubbannu kanaan wal qabsiifamee, yaadni maqaa namoota dhuunfaa
tokko tokko dhawuudhaan “Basaasota tarsiimoo, ergamtoota diinaa, warra gaafa akkasii
badii akkasii gaheef gaafatamoo, gantoota diinatti galuuf deeman…..fi kkf.” jedhamu hoo
dhuguma QBOf toltuu yaaduu irraa kan maddu yaada bilchaataa ragaa fi qorannoo
gahaan deggeramee dhaa? Yoo hin taane, dubbii bifa kanaan hammeessanii ololaan
maqaa wal xureessuu fi garaa wal hammeessuun diina moo nu miidha? Bu’aan isaa hoo
eenyuufi? Waan marsaalee interneetii irratti facaafaman kan QBO laaffisuu fi diiguuf
akeekkatan irra hedduu isaanii diinni suduudaan fi karaa ergamtoota isaa akka godhu
beekamaa tahu illee, hundumtuu kan diinaan raaw’atame qofa jechuun garuu ni
danda’amaa laata? Yaadni akkasii yaada/ilaalcha wal faallaa tahan lama kan yeroo adda
addaatti mooraa QBO keessatti mul’atanii fi dhagahaman keessaa madda jedheen
shakka. Yaadni/ilaalchi wal faallaa lamaan: Inni tokko QBO hoogganuun ammaan booda
kan dhaloota haaraa tahuu qabaa jaarroliin dhimma QBO kana irraa harka keessan
kaasaa kan jedhuu fi inumaa maddi rakkoo QBO jaarroliin harka keessa naqachuun
jeequu dha kan jedhu oggaa tahu, inni biraa ammoo Jaarroliin, keessattuu
bu’uuressitootni rakkoo QBO hundumaaf furtuu of harkaa qabu jedhee kan amanuu fi
yeroo hundumaa isaan madda furmaataa malee qaama rakkoo tahuu akka hin
dandeenyee fi akka niis hin dogoggorretti illee of amansiisee isaanuma qofa irraa waa
dhagahuu kan barbaaduu dha. Yaadni kun lamaanuu dogoggora. QBO ni miidha malee
hin toluuf. Sababaan isaa:
a) Akkuma Sirni Gadaa keenya kan Gogeessa gadaa hundumaa turetti QBO illee kan
dhaloota Oromoo hundumaa ti. Namni mirgaa fi dirqama QBO irraa soorama bahuu
‘retirement’ namatti/namaaf kennuuf aangoo qabus hin jiru. Jaarroliitu madda
rakkoo ti jedhanii angafoota keenyaaf (keessattuu Bu’uureessitoota Dhaaba keenya
ABO) maqaa akkasii kennuufiinis (hanga isaan hiriira diinaa hin seeninitti) cubbuu
cubbuu caalu. Safuu haqa QBO illee cabsuu dha.
b) Nama tahe namni hin dogoggorre, jallachuu hin dandeenye, humna/energy hin
fixanne, qulqulluu fi jabaan akka Waaqayyoo, kan yeroo hunda waan hunda gochuuf
dandeettii, beekumsaa fi jabina qabus hin jiru.
c) Amna qabsoo isii nu hafte laaftuutti xumurachuun kan danda’amus yoo qoodni gama
lamaanuu waliin jiraatee fi wal tin’ise qofaa dha.

6) Jireenya dhuunfaa ofii jiraachaa, iddoo nagaa qabu tokkotti walitti dhufanii dhimma QBO
irratti mari’atanii waa murteeffachuun wareegamni/dadhabbiin inni nama gaafatuu fi
waan akkasitti murteeffatan sana achii bahanii hojiitti hiikuun wareegamni/dadhabbiin
inni gaafatus waan wal hin himne; waan hedduu addaan fagoo ti. Isa jalqabaatiif yeroo fi
qabeenya keenya irraa waa xiqqo wareeguun gahaa tahuu danda’a. Isa lammataatiif
garuu, dantaa/sadoo jireenya kiyyaa irraa hangana wareegeen hangana qusadha
jechuun hin danda’amu. Sadoo jireenya dhuunfaa guutuutti (hanga lubbuutti illee)
gaafachuu danda’a. Yoo dhugumaan garuma keenya irraa dhimma QBO fiixaan baasuu
dubbanna tahe jechuu dha. Oromoon dhimmi siyaasa Oromoo dhimma kiyya jennee
waan kana naannessaa jirru lakkoofsi keenya hedduu xiqqaa dha. Miseensota Dhaabota
siyaasaas haa taanu kanneen akkasumatti garee garee uummannees tahu mata mataan
waa’ee siyaasa Oromoo hordofnu, hojjennu, wal falminuu fi irratti walitti bubuunu kun
hundumtuu osoo walumatti dabalamnee lakkaawamnee lakkoofsi keenya kan warra
faallaa keenyaa waliin yoo madaalame hedduu xiqqaa dha. Waan taheef namni kun irra
gaddaan isaa eenyutu eenyu akka tahe wal beeka. Eenyutu haasaa/jecha qofaan
qabsaawaa fakkaataa fi eenyutu gochaan/hojiidhaanis qabsaawaa dha ykn. qabsaawaa
tahuu danda’a kan jedhu madaala walii beeka. Waan tokko asitti tuquun barbaada.:
Waggoota digdamman (20) dabran mooraa QBO keessatti walitti duuluu fi wal
diinomsuutu caalaatti keessummeeffame xiinxala jedhu kanin olitti ibse ilaalchisee.
Duulli jedhame sun irra guddaan isaa eenyuun gaggeeffamaa ture? Eenyu irratti
gaggeeffamaa ture? Deebiin isaa salphaa dha. Namoota jireenya dhuunfaa ofii
gaggeeffatan kan sadoo jireenya isaanii irraa 5% QBOf wareeguutti hin jirreeniti
namoota sadoo jireenya isaanii 100% QBOf wareeguutti jiran irratti gaggeeffamaa bahe.

Sababni ani kana kaaseef, marii amma dhimma QBO irratti deemsifamaa jira jedhamu
kana keessatti, eenyummaan namoota hirmaachifamaniis yoo kan jiila olitti ibsame kana
daranuu hammeessu tahe, wal dura dhaabbannoo marii kana ilaalchisee amma
mul’atuuf sababa tahuu danda’a yaada jedhu irraahi.

Xumura:
Ummatni keenya (Oromoon) har’a jaarmaya ni qaba. Jaarmayni Oromoon akka Sabaatti waa
irraa eeggatu/dhaggeeffatu kan akka sabaatti gurmeessee/itichee isa hoogganuu danda’u
ykn. sanaaf abdatamu tokko har’a ni jira. Innis ABO dha. Wanti har’a Oromootti hir’atee jiru
waan tokkicha (garuu guddicha) Aangoo Polotikaa ti. Sana Oromoodhaaf argamsiisuufis
waan tokkichatu as dhihaata. Innis ABO jabeessuu dha. Karaan ABO jabeessaniin
dheerachuus gabaabbachuus ni danda’a. Haalli har’a mooraa QBO keessatti mul’atu karaa
dheeraa fi gabaabaa (lameen) keessaa filachuuf bakka itti dandeenyu waldaya isaa
‘Cross road’ irra kan jirru fakkaata. Fayyaalummaan, wallaalummaan, xiiqii fi of-tuulummaan
walii keenya gidduu, ayyaan-laallattummaan, obsaa fi bilchina dhabuun, waan dabre irraa
barachuu dhabuun/diduun, dhugaa irraa dheessuun,…fi kkf. karicha dheeressuu danda’u.
Kanneen irraa yoo guddannee fi yoo itti beekkanne garuu karichi gabaabaa dha. “Meetni
nama harka jiru dhagaa fakkaata.” jedhu. ABO haa jabeeffannu.

Akkaan ofii koo dhimma QBO fi ABO itti hubadhuu fi moyxannoo fi odeeffannoo xixiqqoo
qabu irra dhaabbachuudhaan waanin dhugaa jedhee itti amanu hanga tokko akkanatti
barreesse. Marii amma dhimma QBO ilaalchisee deemsifamaa jiru irratti adda addummaa
yaadaa fi hubannoo namoota dhimmichi nu tuqu (dhimma keenya tahe) gidduutti mul’attu
dhiphisuuf xiqqaattus bu’aa ni qabaata jedheen yaada. Adeemsaa fi itti baha marii
jalqabamee sana kan QBOf bu’aa qabaatu taasisuu keessattis qooda gumaachu hin dhabu
jedheen amana.

Maayyii irratti, yaada yaadaan, xiinxala xiinxalaan wayyeessuu, gabbisuu fi bilcheessuu, yoo
dogoggoraa fi soba qabaate ammoo, sirreessuu haa aadeffannun jedha. Isatu hafuura wal
shakkii, wal jibbaa fi addaan fageenya qabsaawota gidduutti dhalatu dhiphisaa fi
dhabamsiisaa deema. Fayyaa tahaa !

Injifannoo Ummata Oromoof !

Malkaa Caffee
Waxabajjii 2012
malkaacaffee@gmail.com

You might also like