Aangoon Haaraan 'Waraana Xiin-Sammuu Qolachuu' Dhaabbata Tikaa Itoophiyaaf Kenname Maali - BBC News Afaan Oromoo

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 10

Aangoon

haaraan
'waraana
xiin-sammuu
qolachuu'
dhaabbata
tikaa
Itoophiyaaf
kenname
maali? - BBC
News Afaan
Oromoo

Aangoon
'waraana
xiin-sammuu
qolachuu'
dhaabbata
tikaaf
kennamuun
maaliif
yaaddoo
uume?
MADDA SUURAA, GETTY
IMAGES

Daqiiqaa 36 dura
Manni maree bakka
bu'oota uummataa
Itoophiyaa walgahii
A.L.I Adoolessa 1 bara
2014 taa'een labsii
dhaabbati basaasaa fi
tika biyyaalessaa ittiin
hundeeffame
fooyyessee ture.

Labsiin fooyya'e kun


aangoo haaraa jaha
dhaabbata kanaaf
ida'e keessaa tokko
aangoo "waraana xiin-
sammuu qolachuuti".

Waraanni xiin-
sammuu yeroo
hedduu olola ykn
piroppaagaandaan
wal-qabsiifamee
hiikkoon itti kennama.

Galmi isaa ijoon


qaamoleen wal-
waraanan hamilee
diinaa isaanii ittiin
xiqqeessuufi.

Waggootaaf ajajoota
waraanaa fi loltoota
irratti fuulleffachuun
sabaa himaalee
idileen tamsaafamaa
ture.

Bar-kurneewwan
lamaan darbaniif
garuu marsaaleen
hawaasaa
heddummachuu
hordofee waraanni
xiin-sammuu qaama
irratti fuulleffatus ta'e,
eenyu akka
waraanicha lolu
ilaalchisee wanti
hedduun jijjiirameera.

Waraanni xiin-
sammuu amma akka
durii mootummaa
qofa osoo hin taane
qaamolee hedduu
kaan hirmaachisuus
eegaleera.

Intarneetiin hojii
odeeffannoo
daddabarsuu
salphisuun isaa
akkasumas namoonni
eenyummaa isaanii
dhoksanii
odeeffannoo
tamsaasuu danda'uun,
mootummoonni
waraana xiin-
sammuuf
xiyyeeffannoo akka
kennan godheera
jedhu Yuunivarsiitii
Finfinneetti gargaaraa
pirofeesaraa fi
hayyuun seera
saayibarii Dr Kinfee
Yilmaa.

Waraanni xiin-
sammuu Itoophiyaaf
waan haaraa miti.

2 Hagayya 2022

Mootummaa Dargii
hogganaa kan turan
Mangistuu
Hayilamaariyaam bara
1970moota keessa
"impeeriyaalistonni
waraana xiin-sammuu
nurratti bananii jiru"
jechuu isaanii akka
ragaatti kaasu Dr
Kinfeen.

MM Abiy Ahimadis
irra deddeebiin waa'ee
waraana xiin-sammuu
yoo dubbatan
dhagaahamu.

Haata'u malee
waa'een waraana xiin-
sammuu amma dura
seera biyyattiis ta'es
sanadawwan heera
mootummaa biroo
keessatti ibsamee hin
turre.

Labsii dhaabbati
basaasaa fi tika
biyyaalessaa ittiin
hundeeffame
dhiyeenya fooyya'e
keessatti aangoon
"waraana xiin-samuu
biyyarratti
aggaamamu
qolachuu" dhaabbata
basaasaa fi tikaa
biyyaalessaaf
kennameera.

Labsii fooyya'e kanaan


aangoon dhaabbata
tajaajila lammummaa
fi immigireeshinii
to'achuu ministeera
nagaa jala galee tures,
dhaabbata basaasaafi
tikaaf deebi'ee jira.

Itti dabaluunis "namni


kamuu odeeffannoo
dhaabbata tajaajila
basaasaa fi tikaa irraa
kennametti
fayyadamuufi hojiirra
oolchuu qaba" jedha
labsiin fooyya'e kun.

Kun ammoo
falmitoota mirgoota
namoomaa biratti
yaaddoo uumeera.

Madda suuraa,

Getty Images

Maaliif yaaddoo
uume?
Yaaddoo ka'an
keessaa gariin
raawwii isaatiif
hiikkoon hin
kaa'amne. Itti
gaafatamummaa
kennuun alatti seerichi
eenyu ilaallata kan
jedhus wanti ibsame
hin jiru.

Seeronni farra
shororkeessummaa,
yakka koompiitaraa fi
oduu sobaa
akkasumas seerri
yakkaa osoo jiruu
labsii kana baasuun
maaliif akka
barbaachise ifa miti
kanneen jedhan jiru.

Qooda fudhattoonni
dhimmicha irratti
komii dhageessisaa
osoo jiranii ariitiin
akka raggaasifamu
godhamuunis shakkii
biraati.

"Fooyya'iinsa labsii
kana kan fide rakkoo
nageenyaa fi
tasgabbii dhabiinsa
waggoota lamaan
darban biyyattii
keessa ture natti
fakkaata," jedhu Dr
Kinfee Yilmaa.

'Waraanni
odeeffannoo'
akkasumas
'oppireeshiniin
saayibarii' seerota
amma hojiirra oolaa
jiran keessatti
hammatamaniiru
jedhu ogeessi seeraa
kun.

Ammoo aangoon kun


silaa kan maluuf
dhaabbata nageenya
odeeffannoo biyyattii
INSAf ture jedhu.

Seerri idil-addunyaa
waraana xiin-sammuu
to'atu hin jiru. Kanaaf
biyyoonni seera
keessoo fi
imaammata qabanitti
fayyadamuun qaawwa
jiru duuchuuf yaalu.

Ameerikaan garee
loltootaa waraana
xiin-sammuu akka
qolatan ijaarte humna
waraanaa biyyattii
keessaa qabdi.
Haata'u malee gareen
loltootaa kun aangoo
isaanii lammiilee
biyyattii irratti akka
hin shaakalle seerri
isaan dhorka.

Biyyoonni gurguddoon
biroos seera waraana
xiin-sammuu ittiin
qolatan qabaatanillee,
seerri kun jiruu guyyuu
lammiilee akkasumas
mirgoota namoomaa
isaanii akka hin
sarbine to'annoo
guddaatu godhama.

UN sadarkaa idil-
addunyaatti qaawwa
seeraa jiru duuchuuf
hojjetaa jira jedhu Dr
Kinfeen.

Gara labsii amma


fooyya'e kanaatti yoo
deebinu, labsichi adda
addummaan yakkoota
seera farra-
shororkeessummaa
jalatti tumaman waliin
qabu ifa miti jedhu.
Falmitoonni mirgoota
namoomaa, namoonni
dhunfaa, miidiyaaleen
akkasumas
dhaabbileen idil-
addunyaa dhimmoota
yeroo irratti bilisa
ta'anii yaada isaanii
akka hin dhorkine
labsii kanaan
dhiibbaan irratti
godhamuu mala
jedhu.

Labsichi sarbama
mirgoota namoomaaf
akka hin oolle
gochuun gaafatama
mootummaa ta'uus
himu.

Seerichi yoo hiikamu


akkaataa yaada ofii
bilisaan ibsachuu
dabalatee mirgoota
namoomaa akka hin
miineen ta'uu akka
qabuufi waldaaleen
hawaasaa marii irratti
gochuun seerichi
sarbama mirgaaf akka
hin oolle dhiibbaa
uumuu akka qabanis
dhaamu.

You might also like