Ati Gaariidha

You might also like

Download as doc, pdf, or txt
Download as doc, pdf, or txt
You are on page 1of 4

ATI GAARIIDHA

Afaan kamiin gochaa kee ibsu jechan dhabe kan si madaalu

Oolmaa keetiif galata fudhu gargaarsi kee hundaa naaf caalu

Aarsaa koo kan tolootaan maki galata koo simii fudhadhu

Siif ta'a jajamuun siif ta'a barabaraan galata argadhu

Ati gaariidha yoomuu maalittan si madaala Waaqa jaalalaa

Iyya kootiif dirmataan dhugaa si'iidha naaf dhufta halaalaa

Hoo'uu fudhadhu galata amma kaasuu guuttadheen jiraa fuula kee

Sammuu kootiin ol ta'e oolmaan barootaaf gargaarsi kan kee

Ati dhuguma Abbaadha Abbaa gaarii

Boqonnaa naaf arjoomte dubbiin kees qaalii

Dhalachuu kootiin dura naaf taate fira

Jireenyaaf hin yaadda'u situ naaf jira

Utubaa jireenya koodha ati siidaa yaadannoo yeroo dheeraa

Sin danqine dukkanni barii barruun kee Yesus naaf ta'eera

Eenyummaa koo hundaa utuu beektuu nageenya guutuu naaf ergite

Jireenya abdiidhaan dagaage dhiiga keetiin situ naaf bite

Qajeelchaa gulantaa koodha ati yeroo rifuu kattaa nagaa koo

Gaaddisa macca ardiif samii situ naaf ta'e waan hundaa koo

Qilleensi mucaa kee hin gaagaane si naaf ta'e masaraa jabaa

Hin shishu dhaabadheen ilaala hir'uu kootiif an siinan qabaa

Ati gaariidha yoomuu maalittan si madaala Waaqa jaalalaa

Iyya kootiif dirmataan dhugaa si'iidha naaf dhufta halaalaa


Maqaa kee ol ol qabee gochaa kee faarsuuf anis qabaatii fedhii

Gaarummaaf tola hin qabuu hin -laalin looga koo dhiiga keef jedhi

Hoo'uu fudhadhu galata amma kaasuu guuttadheen jiraa fuula kee

Sammuu kootiin ol ta'e oolmaan barootaaf gargaarsi kan kee

Qilleensotni jajjaboon bubbisanii

Uleen haqaaf dhaabbadhes buqqisanii

Gaafa dukkanaaf hurriidhaan dimimmise

Yeroon abdii koo kute lafee kootu mise

Cubbuudhaan na balleessuudhaaf wal hunkuru

Hin boqotan na mancaasuudhaaf kurkuru

Wal'aansoo si naaf qabe utuun ilaaluu

Yoon oolmaa kee lakkaa'u hundaa naaf caalu


TARKAANFIIN DHALOOTAA...
Tarkaanfiin dhalootaa bir'annaan diigame galma taakkuu dharaa simanne

Ayyaana keef malee hundumtuu si loogne kanaaf ija hir'anne

Dubbiin kee fayinaa har'a in ukkaamame qolli cubbuu daraaree mise

Kakuu dhedheerateef komee si irraa hin qabnu nutu siin si dhiise

Utuu ati mul'istee humna kee barootaa

Utuu nuuf dirmattee hunduu siif hollata

Murni hedduu in dhufu garraamiin hoolotaa

Dhiisi maaloo nuuf dhiisi nuuf godhi kaa araara

Waaqa irraa nu mil'adhu cubbuuttiiwoo si nu maaraa

Nu hin godhin warra gumaa nuuf wayyaa araara kee

Nu hin balleessin adaraa nuuf ibsi kaa fuula kee

Baroota hedduudhaaf nutti dadhabdeetta baasiin nuuf ramadde danuudha

Garuu siif hin taane hojiin namaa martinuu siin si ganuudha

Fayina arjoomameef iddoo dhabnee jirra obsi kee guutuudha badiin nu hin fudhanne

Daran si tuffanne si salphisne mootii haalotaan gugannee

Siif jiraanna jennee barootaaf fakkeessine si gowwomsineerra dhugaadha

Hin haallu hojii keenya si sobneerra Gooftaa kun waanuma haqaadha

Hammeenyi ida'amee cubbuu lakkoobsise galmeen martuu jira diriiree

Mul'ataadha hundinuu ibidda gaanamiif dhaloonni hiriire

Utuu ati mul'istee humna abbootaa durii

Seenaan nun taajjabu akka isa dur durii

Caamsaa nu gaaga'eef in arganna furii


,,

Maal jettaa ati akkamiin ilaalta gogii dachee fixe

Humna kee saamamne sararri kee nu irraa adda cite

Sababa loogii keenyaa nu gane hafuurri kee

Nuuf deebisi maaloo Abbaa nuuf ibsi kaa fuula kee

Dhibaafamuu dhiiga keetu asiin nu ga'e tasa hin qabnu turre yakkitoonni carraa

Nuti maatii cubbuu taaneerra jaarrotaaf dhugaadhaafis farra

In diigne seera kee dhabneerra gaarummaa komeen nu irraa qabdu guddaadha

Akkamiin ilaalta samiin maal nuun jedha achi ol gubbaadhaa

Dhiisi maaloo nuuf dhiisi nuuf godhi kaa araara

Waaqa irraa nu mil'adhu cubbuuttiiwoo si nu maaraa

Nu hin godhin warra gumaa nuuf wayyaa araara kee

Nu hin balleessin adaraa nuuf ibsi kaa fuula kee

Araara kee nutti mul'isi

Araara kee maaloo nuuf buusi

Araarami(*3)

You might also like