Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 6

"Rakkoon Qabsoo Oromoo(QBO) Maali? Akkamin furamuu danda'aa?

"

Leenco Badhaadha

Yeroo ammaa dhaabbileen maqaa Oromootin socho’an hedduutu jiru. Qoqqodamuu isaaniitiif
waan sababa ta’e hedduu maqaa dhahuun ni danda’ama. Asirratti sababa hunda guututti ibsuuf
yeroo fi bakka fudhatuu mala.

Garuu sababoota akka:-

➥Mul'ata ifaa (Clear Vision) dhabuu; ➥Tarsimoo fi Toftaa dhugaa- hundessuu (realistic) fi
hojjataa (workable) dhabuu;

➥ Diinaa fi aantee oromoo adda baasanii beekuu fi beeksisuu dhabuu

➥ Jaarmiyaa sona-qabessa (vibrant organization) dhabuu;

➥Toftaa wal-diddaa kessaa ittiin hiikan dhabuu (lack of internally built conflict resolving
mechanism)

➥Dandeettii fi leenjii dhabuu qabsa’otaa fi hogganootaa;

➥Diinaa fi firaa ifaatti addaan baasuu wallaaluu;

➥Haala keessaa fi alaa sirritti hubachuu dhabuu (lack of understanding of internal and external
environment) fi

➥Aadaa siyaasaa bodessaan (boodatti hafaa) sochii qabsoo Oromoo kana kessatti dagaaguu
dha jedheen amana.

Sababiiwwan kunniin hundinuu bifa adda addaatiin laafina sochii qabsoo bilisummaa Oromoo
kessa jiru fi qoqqodamiinsa uumame kanaaf gummaachanii jiru.

Yaada kiyya sirritti ifa godhuuf qabxiiwwaan akka sababaatti kaasee kanneen kessaa tokko
tokko ibsuun yaala....

Akkan ani yaadutti dhaaba tokko milkeessuuf inni duraa mul'ata ifa ta’e (clear vision)
qabaachuu dha. Yoo mul‘atni ifaan hin jiraanne dhaabni tokko bakka itti deemuu fi akkamitti
akka deemu karoorfatee hojjachuuf baay'ee rakkisaani. Dhaabni fulduree isaatti suraa ifaa ta’e
tokko qabaachuu qaba. Mul’atni kunis dhugaa-hundessa (realistic) fi kan dhaqqabamu ta’u
qaba. Yoo mul’atni ifaan akkasii jiraate hooggannii fi miseensi dhaaba sanaa cichoomaa fi
kutannoo (commitment) barbaachisu ni qabaata. Toftaa fi tarsiimoo barbaachisu kalaaluuf,
eenyu waliin hariiroo uumna?, jijjirama akkamii biyya keenya irratti fiduuf deemna?, injifannoo
yoo jennu maal jechuu keenya? gaafileen jedhan akka salphaatti deebii argatu.

Kanaaf hunda dura maal argachuuf akka qabsa’an baruun barbaachisaa dha. Kuni ifaatti bakka
hin jirreetti tokkummaaf jabina jaarmiyaa tiksuun baay'ee rakkisaa dha.

Dhaabbilee Oromoo keessatti wanti wal- diddaa uumuu fi addaan facaasu kessaa inni tokko
mula’ata ifa ta'e dhabuu kana dha. Akka ani hubadhuutti mula’ata ifaa dhabuutti aanee rakkoon
guddaan sochii Oromoo kessatti jeequmsaa uumaa turee fi jiru tokko tarsimoo fi tooftaa
dhugaa-hundessa fi hojjetaa ta’e ( realistic and workable tactics and strategies) dhabuu dha.
Dhabni tokko hanguma fedhe yaadaa fi abjuu bareeda qabaatuyyuu, abjuu bareeda qabaachuun
qofti milkaa'ina fiduu hin danda’u.

Abjuu/mul’ata sana akkamitti milkessina daandii jedhu irratti yaaduun tarsimoo fi toftaa
hojjataa fi qabatamaan hojjiitti jijjiramuu danda’u lafa kaa'uu barbaachisa.

Sochii Oromoo kessatti yeroo hedduu kan agarru rakkoo mul’ata ifaa dhabuu akka ka’e gad-
fageenyaanis ta’u baatu ni hasawama. Dhaabilee maqaa ABOn of yaamanis ta’e dhabileen biroo
Oromoo yeroo hedduu waan mul’ataa fi sagantaa siyaasaa irra deddebi'anii ni hasawu.

Akkuman dura jedhe inni kun otti fufiinsa dhaaba tokkoof barbaachisu keessaa isa tokko dha.
Garuu jabinnii fi guddinni jaarmiyaa mul’ata gaarii fi sagantaa siyaasaa gaarii irraa qofa argama
jedhanii yaaduunis afaan-faajjii (illusion) guddaa dha.

Akkuma beekamuu dhaabileen maqaa qabsoo Oromoon of-waaman hedduun yeroo garii
duraatti, yeroo garii duubatti sagantaa siyaasaa isaani sirressesanii jiru. Garuu hojjii isaanii
guyya guyyaa irratti jijjirramni qabatamaan hin mul’atu. Kana jechuun rakkinichi bakka sana qofa
hin jiru jechuu dha.

Dhaabni tokko injifannoo qabatamaa tokko fiduuf, tooftaa fi tarsimoo, haala uummata isaa,
uumama diina isaa, haala naannoo isaa, uumama jaarmiyaa isaa fi bifa miseensota isaa ilaalcha
kessa galchee kan qabatamaan hojjatuu dandaú tokko kalaaluu qaba.

Haata’u malee sochii Oromoo kessatti yeroo hedduu tarsimoo irratti mariin godhamu hin
dhaga’amu ykn mul'atu. Tarsimoon tokko yoo filatamu, jaalachuu fi jibbuu irratti hunda’etii miti.
Eega xinxalli tarsimoo (strategic Analysis) gad- fageenyaan godhamee booda filama.

Xinxallii tarsimoo (stratetic analysis) kuni yoo godhamuu odeffannoo qabatama ta’e haala
keessaa fi alaa eegaa sirritti sakkatta’ee booda filannoo tarsimoo(strategic option) wal bira
qabuun kam akka wayyuu ilaale madaala.

Kuni bifa saayisaawaa ta’e tokkoon godhama malee miiraan (emotion) hin ta’uu. Tarsimoon
tokko ammoo yeroo tokko filame jechuun akkuma siidaa bakka tokko dhaabbatee hafa jechuu
miti. Haalli kessaa fi alaa yoo jijjiramu, haala jijjirame sana waliin akka wal-simuu danda’utti
sirreffamaa (adjusted) deemaa. Otoo xinxala tarsimoo (strategic analysis) hin godhiin tarsiimoo
filuun dogogora (fallacy of highest order) guddaa dha.
Haala keenyatti yoo deebinu, tarsimoo fi toftaa qabaachuu mitii yaadumtii isaatu waan jiru hin
fakkaatu. Yeroo garii waan hedduu nama qanessu tarsiimoo keenya qawween ykn karaa nagaa
jedhanii isaanii wal-loluun arga. Jarri lachuu waan jedhan kana godhuufis ta’e wanti kuni
akkamitti akka hojjitti jijjiramu yaada bilchaate (detailed strategic document) hin qaban.

Xinxala tarsimoo (strategic analysis) barbachisu otoo hin godhiin dandii kanatu nu baasa
jedhanii dubbachuun kaayyoo otoo hin taane daandii waaqessuu (worshiping the means) ta’a.
Gariin yaada qawwee/qabsoo hidhannoo jedhu kana irraa deddebi'anii dubbachuu isaanitiin
waan goota ta’an itti fakkaata. Warri hafanis karaa nagaan jechuun akka waan Oromoof daandii
(karaa) gabaabaa filan itti fakkaata.

Sochii qabsoo tokko kessatti tarsimoon filatamu haala qabsoon sun itti deemaa jru, uumaa
diinaa, haala uummata sanaa fi nannawaa sanaa xinxaluun ta’a. Qabsoo hidhannoos haa ta’u
qabsoon bifa biraa hojjachuu ni mala. Haa ta’u malee hanga falmiin jabaan, qorannoon
gad-fageenyaa fi xinxalli tarsimoo hin godhaminitti wanti jedhamu hundi haasaa (oduu)dhuma
karaa irraa ta’ee hafa. Gartuun lachuu marii sirnaa fi falmii (debate) akkasumas xinxaalli
tarsimoo (strategic analysis) akka hin deemne sakaalanii (hostage) jiru.

Maraamartoo (vicious circle) akkanaa kana kessaa hanga isaan bahanitti sochii qabatamaa
godhanii injifannoo qabatamaa galmessuun hin danda’amu. Bakka hojjiin qabatamaan hin
jirretti ammoo wal- nyaatuu fi wal-jeequun, laafina jiru walitti haqatuun kun itti fufa. Xinxala
tarsimoo (strategic analysis) gaggessuun toftaa fi tarsimoo jaarmiyaa filuuf heddu
barbaachisa. Otoo jaarmiyaa hin qabanne waan kana godhuun hin danda’amu.

Jaarmiyaa jechuun kan maqaa qabu, sagantaa siyaasaa qabuu fi kan waggaatti yeroo tokko
ibsa baasuu jechuu miti. Jaarmiyaa jechaan namoota walitti qabamee jechuus miti. It's not just
a collection of people... Hiikkaan jaarmiyaa kanaa oli dha. Jaarmiyaan meeshaa namootni
kaayyoo wal- fakkataa qaban walitti dhufanii yaada, qabeenya, humnaa fi dandeetti isaanii
walitti kuusuun kaayyoo dhabbataniif sana bakkan gahuuf ittiin (waliin) hojjatanii dha.

Jaarmiyaa tokko kan yeroo irraa gara yerootti dandettii fi hubannoo miseensota isaa guddisaa
deemu, kan haala (environment) kessa jiru yeroo yeroon xinxalee tooftaa barbachisu tokko
baasu, kan miseensoti isaa keessatti afuura-tokkummaa (Espirt de corpus) qaban, kan haala
fuula duratti dhufu tilmamee toftaa fi tarsimoo haala sana ittiin hoogganu (managing changes)
kan qabu, sirnaa fi aadaa hojjii (internally built system and organizational culture) kan qabu, kan
yaada addaa addaa miseensota isaa gidduutti uumamu akka falmiin jabaan (vigorous debate)
godhamee kara tokkotti luucca’u, yoo wal-diddaan uumames wal-diddaa sana hiikuufi irraa
barachaa deemuu fi walumaa galattii jaarmiyaa humna miseensa isaa, yaadaa fi qabeenya
miseensotaa walitti qabuun annisaa (synergy) uumuu danda’u ta’uu qaba.

Karaa jarmiyoota Oromootti yoo deebinuu, hedduun isaanii ulaagaa akkanaa hin guutan.
Miseensa jechuun kanuma maqaa isaa achi kessatti barreffamee buusii xixxiqqoo tokko
buusuu/walitti qabu, hooggasi ammoo waan walitti guuramte sanaan kan hojjii hojjetu fakkaata.
Haala akkasii kana keessatti bu’aa qabatamaa fiduun waan hin danda’amneef wal- nyachuuf
wal- komachuun keessatti guddata. Kanaaf gara addaan qoodamuufi qoodamiinsa sanaaf
ammoo himata (narrative) tolfachuutti deemu. Himatni (narrative) duraa- duubatti
(retrospectively) uumama.

Aadaan yaada ofii bilisa ta’anii ibsachuu fi falmuu waan hin jirreef waan himatamu (narrative)
kamtu dhugaa dhaa fi kamtu sobaa addaan baasuun hin danda’amu. Jaarmiyaan ijaaramu
tokko ilma-namaa yaada qabu walitti dhufuun ijaarama. Namni walitti dhufu kun ammoo yaada
adda addaa qaba. Yaadii adda addaa kuni qulqullayee kara tokkotti qajeeluu qaba. Falmii
godhuu fi aadaa jaarmiyaa tokko kessatti yaada ofii bilisa ta’anii ibsatuu, dhimma tokko irratti
ilaalcha (perspective) adda addaa ibsatuu dhabuu, ilaalchi adda addaa kuni ammoo falmii
(debate) sirna qabuun akka inni yaada tokkotti qajeelu godhuun aadaa jaarmiyaa tokko keessaa
isa murtessaa dha. Jaarmiyaa yaadni adda adda keessatti hin callaqisnee ykn wal-diddaan
keessatti hin uumanee jaarmiyaa nama du’atin ijaarame qofa dha.

Namni lubbuu qabu ni yaada. Yaadi nama ammoo yeroo hunda tokko ta’uu hin danda’u. Yaadi
adda addaa kuni akkamitti kara tokkotti qajeelee, jaarmiyaa jabaa ta’a jedhanii yaaduun tooftaa
fi tarsiimoo hojjetaa fi aadaa jaarmiyaa jaba barbaachisa.

Jaarmiyaa Oromoo hedduu yoo ilaalle, yeroo hedduu yaada irratti otoo hin taane namoota
dhuunfaa irratti kan ijaaramee dha. Kana jechuun namoota maqaa nama tokko tokko ilaalanii
jaarmiyaa wayii deggaran ykn ammoo maqaa nama garii ilaalanii jibban ni jiru. Jarri akkasii
maqaa namaa ilaalanii walgayii dhaqu ykn hafu. Walgayii gartuun isaanii irraa shakkii qabaniin
adeemsifamu hin dhaqan. Akkuma waan yaanni namaa walgayicharratti akka dhukkuba
koronaa hafuuraan darbuutti sodaatu.

Kanaaf yeroo hunda waanuma ofii fedhan dhaga’u. Yoo dubbatanis warruma duruu yaada akka
isaanii qaban qofaatti dubbatu. Kanaaf walgayiin suni homaa hin jijjiruu jechuu dha.

Nama durayyuu yaada nuun walfakkaatu qabu waliin yaaduma durii sana irra deedeebi'anii
dubbachaa oolun maratummaa irraa garagarummaa hin qabu.

'Yaanni koo gaarii dha; fudhatama qaba' namni jedhuu fi namni ofitti amanumummaa qabu
tokko bakki inni yaadaa isaa itti tarkaanfachiisu fi lallabuu qabu, warra yaada akka sana sana
hin qabnee biraatti dha.

Yoo akkas godhee adeemsa keesssa nama haarawa gara yaada isaatti fidaa deema. Namni isa
deeggaruus lakkoofsaan dabalaa deema.

Yoo yaanni isaa suni warra yaada isaa mormu sana bifa gahaa ta’e tokkoon hin amansiisne,
laafina (dadhabina) yaada isaas baree yaada isaa sana gadi fageenyan qarachuu (sharpen),
sirreffachuu ykn akka ta'utti soneffachuu (rearticulate) ni danda’a. Bakka walgayiis yoo dhaqan
yaada kennamurratti otoo hin taane namicha yaada kennerratti yaada kennatu.
Yeroo garii immoo waan namichi suni ammatti dubbataa jiru irratti otoo hin taane waan wagga
30 dura ykn 40 dura inni dubbataa (yaadaa) ture irratti yaada kennu ykn ammoo seeteedhaan
(prejudice) guutamanii dhaqu.

Waan wal ga'icharratti arganii fi dhagahan otoo hin taane, waan duraan mataa isaanii keessa
jiruun wal diddaa uumu (wal lolu).

Namni tokko adeemsa bara dheeraa kessa yaada isaa jijjirrachuu ni danda'a. Waan inni yeroo
sanatti dubbatu ilaalanii sirrummaa (validity) yaada sanaa madaluu dha malee waan inni amma
dubbatu dhiisanii waan inni wagga 40 dura dubbataa ture waliin wal-loluun homaa hiika hin
qabu.

Namni jireenya fi muuxannoo isaatirraa waa barataa deema waan ta’eef dirqama umrii guutuu
yaada wal fakkaataa fannifatee hin deemu.

Yeroo hedduu namoonni durii qabsoo Oromoo irratti ilaalcha biraa qaban amma yoo sochii
Oromootti dhufan ilaalcha akkanaa kanatu rakkoo itti uuma. Gariin isaanii, namni walgayii tokko
yoo dhaqee keessayyuu bakka isaan jibban taanan, guyyaa biraa namaan oodu. Ilma nama kana
akkuma qaruuraa (xaarmusii) duwwaattii ilaalu. Bakkuma dhaqeetti abbaan fedhe waanuma
fedhe guyyuma tokkoon itti guttata jedhanii yaadu. Namni akkasitti yaadu warruma yaada
ofiitirratti amantaa hin qabne dha. Ammalli akkanaa kuni jaarmiyaa Oromoo kessatti bal'inaan
mul’ata.

Amalli jaarmiyaaleen Oromoo qaban kan biraan ammoo, hedduun isaanii maqaa Oromootiin haa
ijaaraman malee, yoo itti siqanii ilaalan maandhee (core group) wayii of kessaa qabu. Hundeen
kuni namoota naannoo tokkoo dhufan, ykn umuriin walitti dhiyoo jiran ykn ammoo hiriyoota
(firoota) ta’uu ni malu.

Kanaaf miseensonni isaanii yeroo hedduu bakka lamatti qoodamu.

(isaan Kana jala naaf sararaa)

* Warra gartuu maandhee iciitii keessaa (Core Group) kanaan kallattiin walitti hidhatee jiruu fi *
Miseensota moggaa (peripheral members) jechuu dha.

Kana jechuun, Jaarmiyaa tokko kessa jaarmiyaan biraa jira jechuu dha. Warri moggaa kun
naannoon ykn umriin warra jaarmiyaa sanatti abbummaa qaban (core group) kanaaf faaya ykn
golgaa (decoration or cover) ta’u malee yaadni fi ilaalchi isaanii hagas mara murtiiwwan
murteeffaman irratti dhiibbaa hin qabaatu.

Jaarmiyaleen Oromoo jiran hundi isaanituu otoo tokko tokkoon maqaa kaasnee ilaalle eenyu
gartuun akkamii akka kessatti madheffatee jiruu fi eenyu maqumaaf jaarmiyaa sana keessa
akka jiru baruun ni danda’ama.
Gariin isaanii namni mandhee keessaa (core group) sana irraa adda ta’e hedduu waan hin
qabneef, hanga danda’anitti namni addaa suni tokko illee yoo ta’e akka inni fuula (public) isaanii
ta’e mul’atu gochuuf tattafatu. Amala kana seeraan barreffatanii hin qaban. Garuu akkuman
armaan olitti jedhe, namni, aadaa (bartee) nama yaada isaarraa fagoo jiru dubbisuu fi waliin
hasawuu waan hin qabneef namuma isa fakkaatu/naannoo isaatti dhalatee walitti dhufenyaa
maatitii fi firummaa (informal network) irratti ijaarama. Garuu jaarmiyaa hunde bal’aa qabu
fakkessuuf namoota tokko tokko barbaadanii itti dabalu.

Warri mandhee akkasii qaban kun yeroo Oromoo keessa garaagarummaan ykn babarrummaan
(diversity) akka jiru dubbiin ka’e fi jaarmiyaan kuni Oromoo hin callaqqisuu (reflect) yoo jedhanii
akka malee ofirraa-ittissu (defensive).

Garuu uummanni jiruu isaanii guyya guyyaa fi eenyu walgayii isaanirratti akka hirmaatu, eenyu
guyyaa isaan walgayii waaman yoo dhaqee gaaffii akka gaafatuu fi gaaffii akkamii akka
gaafatuu beekuun jaarmiyaa tokko kan gartuu warra akkamii dha waan jedhu akka salphaatti
deebisa, garuu iftoominaan hin dubbatu.

Kanaaf namni ifaatti isaanin jechuu baatus, keessoon isaanii garuu eenyuma (character) isaanii
akka salphaatti ibsa.

Haalli kuni akkuma salphaatti waan baramuuf miseensotni moggaa kuni yeroo gara yerootti
keessaa harca’aa yoo deeman gartuun suni qullaa ta’eetu warruma maadhee keessaattiin
hidhata qaban sanatti qullayaa deema ykn ammoo waggoota 10 booda illee yoo itti deebitee
ilaalte bakka turan sana irraa yoo gad-deeman malee isaanii ol-deemu (gudatu) hin argitu.

Jaarmiyaan ilma namaa lubbuu qabuun ijaarame tokko keessatti jijjiiramnii fi guddinni jiraachuu
qaba. Yoo jijjiramnii fi guddinii jirachuu baate jaarmiyaan suni du’ee jira ykn warri jaarmiyaa sana
keessa jiran yaadi isaanii du'ee jira jechuu dha.

Haalli kun sochii Oromoo kana kessatti baldhinaan muldhata. Namoonni jaarmiyaa akkanatti
du’an kana kessa jiraatan fi achuma kessa ho’ifatanii (comfort zone) keessa jiraachuun isaan
nufisiisee ka’aniituma jaarmiyaa biraatti ce’u. Aadaan kun illee jaarmiyaleen addaan baba’uu fi
eega addaan baba’aniis homaa waan qabatamaa ta’e tokko hojjachuu akka hin dandeenye
godhee jira.

Walumaa gala rakkooleen ani olitti xuxxuquuf yaale kunii fi rakkooleen biraa ABOs dabalatee
jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo akka addaan diigamaa deemanii fi akka isaan hin guddannee
taasisee jira jedheen amana!!

You might also like