Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 7

KEEWWATA TOKKO

BARREFFAMA HUNDEFFAMA PLC

“MULATA KAROMA TRADE WORK P.LC” Waldaa dhuunfaa itti gafaatamummaan isaa
Murtaa’e

Nutti maqaan keenyaan fi teessoon keenyaan kan armaan gaditti tarreffaame bu’uura seera
daldala Itoophiyaa bara 1952 ba’eee keewwata 510 hanga 543 jiruun barreeffama
hundeeffama fi danbii ittiin bulmaataa waliin qaama seeraa “MULATA KAROMA TRADE
WORK P.L.C” waldaa daldala dhuunfaa itti gaafatamuummaan isaa murtaa’ee ta’ee akka
tajaajiluu waliigallee hundeessineerra.

Keewwata Lama

Maqaa Waldaa

Maqaan Waldaa kana “MULATA KAROMA TRADE WORK P.L.C” waldaa daldala dhuunfaa itti
gaafatamuummaan isaa murtaa’ee ta’ee jechuun mogaaffameera.

Keewwata Sadii

Teessoo Waldichaa

1. Waajjiri Ol’aanaa waldichaa Naannoo Oromiyaa Godina Ho/Gu/Wallagaa Aanaa


Abaaboo Guduruu Magaala Daduu Ganda 01 Lakk.. Manaa haaraadha.
2. Waldichii akkaata barbaachisummaa isaatti biyya keessaatti dameelee adda addaa
banachuu fi babaalifachuu ni danda’a.
Keewwata Afur
Maqaa Miseensota, Lammummaa fi Teessoo

Teessoo
Lakk Maqaa Guutuu
Lammuumma Godina Magaalaa Ganda Lakk. Manaa
1 Mootummaa Faradaa Waaqjiraa Itoophiyaa Finfinnee Ku/Bul/Lidata 08 Haaraa
2 Zinaabuu Faradaa Waaqjiraa Itoophiyaa Finfinnee Ku/Bul/Boolee 10 Haaraa
3 Tolaasaa Bayyanaa Waaqjiraa Itoophiyaa W/Bahaa Naqamtee 07 Haaraa
Keewwata Shaan

Kaayyoo Waldichaa

Seerri daldalaa Itoophiyaa haala eeyyamuun waldichii kaayyoolee hojii armaan gadii
raawwachuuf dhaabbateeraa.

1. Meeshaalee Biroo fi mana keessaaf barbaachisaan biyya alaatti galchuuf, akkasumaas


erguuf dhiyyeesuu fi sadarkaa isaa ol guddisuuf dhaabbateeraa.
2. Meeshaalee Farnicheeriif barbaachisaan hunda dhiyyeessuuf, akkasumaas kontaraata
fudhatee hojeechuuf dhaabbateera.
3. Meeshaalee Elektirooniksiif barbaachisaan dhiyyeessuu fi rabsuuf sadarkaa isaa ol
godisuuf dhaabbateeraa.
4. Meeshaalee jijjiraa konkoolaataaf barbaachisaan (sper part) dhiyyeessuuf dhaabbateera.
5. Konkolaaata, Baajaajii fi Motorsiyikilii dhiyyeessuuf dhaabbateera.
6. Meeshaalee Isteeshineeriif barbaachisaan dhiyyeessuu fi rabsuuf sadarkaa isaa ol
godisuuf dhaabbateeraa
7. Hojilee maxxansaa fi beeksisaa hojeechuuf , tisheertii adda addaa hojeechuuf, uffata
wal fakkaataa kan baraatootaas ta’e kan waajirra mootummaa fi miti mootummaa
hojeechuuf dhaabbateeraa.
8. IJaarsa waligalaaf barbaachisuu hunda hojechuu, ijaaruu, kontaraata fuudhee ijaaruu fi
meeshaalee dhiyyeessi ijaarsaaf barbaachisu hunda dhiyyeessuu fi hojeechuuf
dhaabbateera.
9. Ijaarsa manneenni sadarkaa isaa eeggate (Real state) hojeechuu, gamoo sadarkaa
olaanaa ta’e hojeechuu fi sadarkaa isaa ol guddisuuf dhaabbateeraa.
10. Ijaarsa manneenni sadarkaa olaanaas ta’e giddu galleessaa ijaaruuf, laga hidhaa
hojjechuuf , diichii hojeechuu fi dameelee isaa ol guddisuuf dhaabbaateeraa.
11. IJaarsa daandiiwwaan gannaa fi bonaa deemsisuu Asfaaltii sadarkaa isaa eeggate
hojechuu fi riqicha ijaaruu fi hojeechuuf akkasumaas meeshaalee ijaarsaa kanaaf
barbaachisaan dhiyyeessu fi rabsuuf dhaabbateeraa.
12. Dhagaa ijaarsaaf ooluu hojeechuu, daakuu ykn horooruudhaan dhiyyeessuu, muka
poolii hojeechuu, bilookeetii oomishuu fi gabaaf dhiyyeessuu sadarkaa isaa ol guddisuu
dhagaa daakamu kontaraata isaa fudhatee hojeechuu fi horooree dhiyyeessuuf
akkasumaas ijaarsa waligalaa hojeechuuf meeshaalee ijaarsaa waligalaaf barbaachisaan
hunda dhiyyeessu fi rabsuuf hojeechuuf dhaabbateeraa.
13. Meeshaalee waldhaansaa fi maasinootaa waldhaansaaf oolaan biyya alaa irraa
fichiisiisuu fi dhiyyeessuf dhaabbateeraa.
14. Sektera Fayyaa fi barnoota irraatti hojeechuuf sadarkaa isaa ol godisuuf dhaabbateeraa
15. Albuudaa fi sektera albuudaa irratti qorachuu fi baasuuf hojjechuuf dhaabbateeraa.
16. Bu’aalee koosmootiksii jimilaas ta’e chirchaaroodhaan gabaaf dhiyyeessuu fi hojjechuuf
dhaabbateeraa
17. Bu’aalee waraqaa soofti, meeshaalee qulqullinaaf barbachisaan oomishuu fi kan
gargaaruu dhiyyeessuu fi hojjechuuf dhaabbateeraa
18. Oomisha saamunaa dhangala’aa fi daakuu oomishuu fi gabaatti dhiyyeessuuf
dhaabbateeraa.
19. Hojii hoteelaa fi tuuristiif barbaachisaan hojjeechuuf dhaabbateeraa.
20. Hojii qonnaa bifa indaastiriin hojjetamuu fi meeshaalee qonnaaf barbaachisaan
dhiyyeessuu, abbootii qabeenyaa biyya keessaas ta’e biyya alaa waliin hojjechuuf
dhaabbateeraa.
21. Abbaa qabeenyaa biyya alaas ta’e gorsa daldalaa fi hojii inveestimeentii irratti
hojjeechuuf kan dhaabbateedha.
22. Hojii qonnaa irraatti kan hojjetu ta’ee, booyyee hoorsisuu, kaannisa hoorsisuun damma
oomishuu, akkasumaas horii furdisuu fi horsiisuu sadarkaa isaa ol guddisuuf
dhaabbateera.
23. Dhaabbata leenjii konkolaachistootaa dhaabuu fi leenjisuuf dhaabbateera.
24. Tajaajila geejibaa uummataaf laachuuf (tajaajiluuf) dhaabbateeraa.
25. Meeshaalee qonnaaf barbaachisaan bifa ammaayyaadhaan kan hojjetubiyya keessaa
galchuu fi dhiyyeessuuf dhaabbateeraa.
26. Albuuda awwaalaamaani jiraan barbaadudhaan ykn qorichuummadhan baasuu fu
gurguruuf dhaabbateeraa.
27. Dhagaa cilee ykn qoraachuuf baasee gabaaf dhiyyeessuuf dhaabbateera.
28. Meeshaalee ijaarsaaf barbaachisaan ykn maashinoota ijaarsaaf barbaachisaan
kirreessuu fi dhiyyeessuf dhaabbateeraa.
29. Hojii Itiyoo- Teleekomiin hojjetuu waligaaluun SIM kaardii, qafoo, neetiwoorkii
dirsiisuu kontaraata fudhatee hojjjeechuuf dhaabbateeraa.
30. Zayita nyaataa oomishuu ykn cuunfaa zayitaa hojjeechuu fi gabaa biyya keessaa fi alaaf
dhiyyeessuuf dhaabbateraa.
31. Hojji daldalaa bunaa biyya alaatti dhiyyeessuu fi raabsuuf dhaabbateeraa.
32. Hojii leenjii barnootaaf barbaachisaan mana barumsaa oolmaa daa’immanii irraa
eegalee hanga yuuniveersiitii koolleejjii dhaabee leenjisuuf dhaabbateeraa.
Keewwata Ja’a
Kaapitaala Waldichaa
Waldichii kaapitaalaa qarshii 1,500,000.00(Miliyoonaa tokkoo fi kuma dhibba shaan)
ta’e gatii Aksiyoona tokkoo qarshii 500,000.00 (kuma dhibba shaan) yommuu ta’uu
baayyini aksiyyoonota (sadiitti) qoodamaaniru. Kaapittaalli walii gala kun qarshii
maallaaqa dheedhiittiin galii ta’eera.
Keewwata Toorba
Hirmaanna Aksiyoonaa

Lakk. Maqaa Guutuu Baayina Gatii Aksiyoonaa Maallaqa dheedhii


Aksiyoonaa tokko sassaabame
1 Mootummaa Faradaa Waaqjiraa 1 500,000.00 500,000.00
2 Zinaabuu Faradaa Waaqjiraa 1 500,000.00 500,000.00
3 Tolaasaa Bayyanaa Waaqjiraa 1 500,000.00 500,000.00
Ida’ama 1,500,000.00 1,500,000.00
Keewwata Saddeeti
Miseensota Haaraa Dabalachuu

Waldichi yeroo yerootti miseensota haaraa dabalachuu ni danda’aa. Kunis kan ta’uu danda’uu
3/4n miseensota waldichaa yoo mirkaanneessaan ta’a.

Keewwata Sagaal
Itti Gaafatamuummaa Miseensootaa

Miseensoonni murtoo kaapitaalaa armaan oolitti heeramaanii maallaqa dheedhii kaffaluu


isaaaniif qarshii harka 25% hafe tokkumaa fi dhuunfaadhaan mirkaannessaaniruu. Waan
ta’uuf itti gaafatamummaa miseensoota baayinaa aksiyoonoota waldichaa keessaa qabaaniin
kan murtaa’eedha.

Keewwata Kudhaan
Qoodinsa Bu’aa fi Kisaaraa

Haala adda ta’een miseensoonni yoo waliigalaan malee bu’aa waligalaa bara bajeetichaa
keessaa maallaqa of eeggaannoo fi baasiwwaan walii gala biro sirreeffamaanii erga hirra’atee
booa akkaataa baayinaa aksiyoonaa miseensootiin qabaataaniin qoodama. Kisaaraan illee yoo
jiraate haala walfakkaatuun miseensootaaf nii qoodama. Haata’u malee haala kaminiyyuu
misseensoonni kaapitaala aksiyoonaa waldichaa keessaa kan qabaan oolitti itti gaafatamuu hin
danda’aan.
Keewwata Kudha Tokko
Hoji Geggeessa.
1. Hojiin waldichaa aangoo fi itti gaafatamummaa dambii ittiin bulmaatichaa keessaatti
kan tarreeffamaan ta’ee hoji geggeessaan miseensoota keessaa ykn alaa miseensoota
waldaatiin kan filataamuun ni geggeeffama. Haaluma kanaan Obbo Mootummaa
Farradaa Waaqjiraa hoji geggeessaa waldichaa ta’aanii muudamanii jiru.
2. Itti Aanaa hojji geggeessaa Obbo Tolaasaa Bayyanaa Waaqjiraa Itti Aanaa waldichaa
ta’aani hojjeechuuf muudamanii jiru.
3. Hoji geggeessaaan tokko dhuma bara baajeta tokko yoo ta’u barri hojji geggeessa tokko
yoo xumuraamee yoo miseensoota jiraan keessaa harki 50% ol yoo argate yeroo
fillaannoon geggeeffamu keessaatti filamuu ni danda’a.
Keewwata Kudha Lama
Aangoo fi Ga’ee Hoji Geggeessa.

1. Hojii geggeessaan waldichaa aangoo fi itti gaaffatamuummaa dambii ittiin


bulmaatichaa keessaatti kan tarreeffame ta’ee miseensoonni waaldaaatiin kan filaatamu
nii ta’a.
2. Hojii geggeessaan waldichaa hojilee armaan gadii ni raawwata.
2.1. Herrega baanki maqaa waldichaattiin banameetti mallaqa galii nii godha.
Herregicha mallattoo isaatiin hanga qarshii 1,500,000.00 (Miliyoona tokko fi
kuma dhibba shaan) ni sochoosa ykn baasii godha. Haata’u malee osoo mallaqa
baasii ta’e of irraa hin buusiin lammata qarshii biraa ajaajuu hin danda’uu.
2.2. Maallaqa waldichaaf kaffalaamaan qarshii irraatti caqqaffameen ol ta’e
kammiyyuu miseensoota osoo hin dabalaatiin qofaa isaa mallaateeessee fuudhu
hin danda’u.
2.3. Kaffaltii waldichaaf kaffalamuu qaamni kaffalu akka lakk. Herregaa
waldichaatti galii godhe ni hordofa, ni mirkaanneessa.
2.4. Waldichi mana murtii kamitti iyyuu yoo himaate, yoo himaatame ykn dhimma
keessa galu hunda irratti waldicha bakka bu’uun waan barbaachisu mara ni
raawwata. Aangoo qaama saddeeffaa bakka buusuu ni qaba.
2.5. Kaayyoo waldichaa galma akka ga’u yeroo barbaachisaa ta’ee argameetti
hojiwwaan armaan olitti xuqamaan keessaa kam iyyuu nama biraa
saddeeffaatiin akka raawwatamuuf maqaa waldichaatiin bakka bu’insa
kennuuun ni danda’ama.
2.6. Bakka bu’aa ykn hojeetaa waldichaa ni qacara isaas ni mirkaanneessa, ni
geggeessa, kaffaltii miindaa isaa fi kanneen biro haalawwaan qacaraa fi
geggeessaa waliin wal qabaataan ni murteessa.
2.7. Daldala waldichaa waliin kan wal qabate sochii daldalaa kamiyyuu qaama 3ffaa
waliin walii galtee nii uuma.
2.8. Kaayyoo waldichaa galmaan akka ga’u yoo barbaachisaa ta’e argameetti
hojiwwaan akka raawwatamuuf maqaa waldichaatiin bakka bu’insa kennuu ni
danda’a.
Keewwata Kudha Sadii
Qarshi Qabaa Waldichaa

Miseensa waldichaa kan ta’aan Obbo Zinaabuu Faradaa Waaqjiraa qarshii qabaa waldichaa
yoo ta’aan aangoo armaan gadii qabaatu.

1) Qarshii waldichaa ni qabu.


2) Qabeenyaa waldichaa ni qabu.
3) Qarshii waldichaa baankitti galii ni godhu.
4) Yeroo gaafatamaan qarshii fi qabeenyaa waldichaa odiitii ni gochiisisu.
5) Kaffaltii adda addaa ni raawwatu.
Keewwata Kudha Afur
Odiitera

Waldichi Odiitera ykn odiitaroota yaa’ii waliigalaatiin alaa fi keessaa filataamaan ni qabaata.
Oditaari muudamees hojii fi aangoo bu’uura seera daldalaa lakk. 374/378 fi 538 irraatti
ibsame qabaata.

Keewwata Kudha Shaan


Barreeffama Dambii Fooyyeessuu

¾
Barreeffamni dambii kun yaada sagalee miseensootaatiin deggeramee yoo dhiyaatu
fooyya’uu ni danda’a.

Keewwata Kudha Ja’a


Hundeeffama Waldichaa

Barreeffamni hundeeffamaa kun guyyaa hara’a ______________ miseensota bu’uuraatiin


dubbiffamee magaalaa shaambuutti mallatteeffameera.
Miseensoota Hundeesitootaa

Lakk. Maqaa Guutuu Mallattoo Guyyaa


1 Mootummaa Faradaa Waaqjiraa
2 Zinaabuu Faradaa Waaqjiraa
3 Tolaasaa Bayyanaa Waaqjiraa

You might also like