Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 3

WALDAA MASARATA KIRISTOOS GAFARSAA

BURRAAYYUUTTI GABAASA HOJII WAGGAA


KOREE MISOOMAA
SEENSA

Koreen misoomaa waldaa masarata kiristoos gafarsaa burraayyuu bara


baajataa bara 2015 kana keessatti hojiwwan hojetamuu qaban akka karoorfatee
hojii eegaluun isaa ni beekama haaluma kanaan ayyaanni waaqayyoo nugargaaree
jennaan hojiiwwan bara kana keessa hojjetaman miseensonni koree fi
jaarsooliin ,akkasumas koreewwaan waldaa keenya keessa jiran
hirmaachisuudhaan kan raawwataman hojiileen gurguddoon nijiru haata’u malee
akka karoora keenyaatti guutummaa guututti milkeessuun hindanda’amne kunis
akka armaan gaditti karoorfamanii kan raawwatamanii fi karoorfamanii kan hin
raawwatamiin jechuun gabaasa keenya gabaabsinee dhiyeessineerra.

1. KAROORA KURMAANA KANA TURE


1. Karoora waggaabaasuu.
2. Koree Misoomaatiif leenjii kennamu
3. Gabasa Kurmanaan KM qophessuu
4. Waltajjii maree KM
5. Kadhanna koree misoomaa taasisuu.
6. Barattoota harkaqalleeyyii gargaaruu
7. Guyyaa ayyaanatti maatii hark qalleeyyii gargaaruu.
8. Amantoota mana adabaa jiraniif gargaarsa gochuu.
9. Gumaachaa hojii ijaarsa waldaa tiif miseensa waldaa irraa waltti qabuu
10.Caalbaasii adda addaa geggessuu
11.Miseensonni Gumii Misoomaa buusii ji’aa kurmanaan akka walittin
qabamu gochuu.
12.Barattoota waldittii keessaa qabxii oolaana fidaaniif badhaasa kennuu.
13.Miseensota waldaatti hoji dhabeeyyii ta’aniif leenjii hubanna kennuu.
14.Tajaajila Afooshaa cimsuun haaromsuu.
15.Galma waqeffanaa ballisuu.
2. RAAWWII KAROORA.
2.1 Amantoonni waldaa keenya hirmaannaa isaan godhaniin bara kana keessa
qarshiin barattoota harka qalleeyyiif walitti qabamuuf yaadame
a. Kan waadaa galame=16,480.ooqr
b. Kan kaffalame=15,220.00qr
c. Hafteen amantootarratti hafe=1200.00qr
2.2Karoora waggaa koree misoomaa qopheessuu .
Koreen misoomaa karoora qopheessuun bu’uura hojii ta’uu isaa
beekee akkataa qajeelfama waldattiirratti hundaa’uun hojjetee
geggeessitoota waldaatiif galii taasiisera.
2.3Barattoota harka qalleeyyii waldaa keenya keessa jiran gargaaruu.
Akkaata data waldaa keessaa arganneen barattoota harka qalleeyyii
ta’an bayyinan 15n kan ta’an kutaa barnoota sadarka garaagaraa kan
barataniif hirmaannaa amantootaan dabtara 174fi qalama 36 n
akkasumas qubeessaa ,qartuufi sirreessituu 4 walitti qabame keessa
dabtara 174fi qalama 36 gargaaruun danda’ameera.
 Gara qarshiitti yommuu jijjirru deggersa barattoota 15f
taasifame
 Dabtara namoota 15f= 9,720.00
 Degersa Maatii Tokkoof= 2,000.00
Kaashiin baasii irraa hafe = 3,500
 Baasiin waliigala ba’e =11720qr
2.4Maree koree misoomaa taasisuu .
Koreen kun walga’ii torbaan torbaniin kantaasisu yommuu ta’u
raawwiin jiru bara baajataa kana keessa yeroo 3f walga’uun
danda’ameera.
3. HANQINOOTA TURAN .
3.1Hojiiwwan karoorfaman yeroo kenname keessatti raawwatamuu dhabuu.
3.2Hojiiwwan hojjetaman haalan hordoofuu dhabuu.
3.3Gabaasa yeroo barbaadametti dhiyeessuu dhabuu.
3.4Koreen yerootti walga’uu dhabuu.
3.5Tajaajila hawwasumma kan ta’e afoshnii waldaa deemsa dhaabuu.
3.6Namoonni waadaa galan yerootti kaffaluu dhabuu.

4. KAN MIRKANEESSAN MALLATTOO


1. Obbo hundeessa Haaga ----------------------------
2. Obbo Balaay Taaddesaa - --------------------
3. Obbo Gabayyoo Gammadaa ---------------------

You might also like